Qooda fudhattoota fi kutaalee hawaasa wajjiin bifa hawwataa ta'een kabameera
[Kom.Mag.Nageellee Arsii~Sadaasa 10/2017]
Godina Arsii Lixaa Bulchiinsaa Magaalaa Nageellee Arsiitti Torbeen Nageenya Tiraafikaa
fi qophiin bunaaf shaayii simannaa imaltootaa qooda fudhattoota fi kutaalee hawaasa wajjiin bifa hawwataa ta'een kabameera yoo ta'uu, sagantichaa irratti haasa baniinsa kan taasisan Ittigaafatamaan Ejjensii Geejjiba Magaalichaa Obbo Obsaa Fu'aad rakkoolee balaa tiraafiikaa hirdhisuuf sababa balaa tiraafiikaatiin lubbuu fi mancaatii qabeeenya hambisuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniru.
Kabajaa sagantichaa irratti Ittigaafatamaan Daareektara Siyaasaaf Sab-qunnamtii Ummata Magaalichaa Obbo Wonduu Roobaa sosochiin nageenya Tiraafikaa fi mallattoolee nageenya tiraafiikaa qindoomina Waajjiraalee dhimmi ilaallatuu fi kutaalee hawaasaa garagaraatiin hojjitti hiikuun rakkoolee balaa tiraafiikaa hambisuuf karaa qindoominan hojjachuun murteessa ta'uu ibsaniru.
Hubannoo kanaa irratti Abbaa Adeemsa Ittisa Yakkaa fi Nageenyaa Naannoo Mirkaneessa
Magaalichaa Inispektar Aadam Saafayoo rakkoole balaa tiraafiika xiqqessuf akkasumas ayyaanoota masqalaa fi Irreechaa bara kana karaa nagaaf tasgabbii naamusa duudhaa hawaasa keenya eeguun karaa qixa sirriitiin kabajuuf konkolachistootni,qooda fudhattootni fi hawaasni keenya hundi qajeelfamaf dambii seera tiraafiika kabajuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf karaa qindoomina qabuun hojjachuun murteessa akka ta'e ibsaniru.
Qindeessaa Nageenya Tiraafiikaa Ejeensii Geejjiba Godina Arsii Lixaa obbo Muhaammad Baalchaa akka jedhanitti qajeeltoowwaan nageenya tiraafiikaa hojjittii hiikuun rakkoolee sababa bala tiraafiikaatiin lubbuu lammiilee fi mancaatii qabeeenya irratti dhaqqabaan furuuf
hubannoo nageenya tiraafiikaa cimsuun karaa qixa sirriitiin hojjatamuu akka qabuuf ibsaniru.
Hoogganaan Qajeelcha Poolisii Godina Arsii Lixaa Komaandar Tolasaa Malkaa hawaasni keenya yeroo amma sababa balaa tiraafiikaatiin iddoo adda addaatti lubbuun isaa yeroo gara yerootti badaa kan jiruu fi qabeenyi hedduu barbaada'aa jirachuu hubachuun qaamoleen dhimmi ilaaluuf qooda fudhattoonni kutaalee hawaasaa keenya hundi qindoominan cimsuun xiyyeefannoon hojjachuun barbaachisaa ta'uu dhaamaniru.
Odeeffannoo Dabalata Argachuuf
Kara Fuulaa Page Keenyaa Negele Arsi Town Communication Like,Follow gochuun
Telegram Channel Keenyaa Join, Subscribe Godha
https://t.me/kominikeshiiniimagaalaanageellee