HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN. @baacoowwan Channel on Telegram

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

@baacoowwan


Kaayyoon keenya bashannansiisaa,kofalchiisaa,haqawwan
..
Youtube https://youtube.com/@odesitutube?si=uWwFA0Pk5UGOCn1m subscribe gochuun bohaaraa

Guddina artii, aadaafi afaan keenyaaf gahee nurraa eegamu haa baanu.
Yaada @Dhaloota nuun gahuu dandeessu

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN (Oromo)

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN kan akka miidiyaa sotsiyalee Telegramitti taasisuuf ykn baay'ee kan adda addaa deebii itti fufa. Kan itti saayinsii baay'een kan keessa baacoowwan keessa jiru ta'uu isa guddaa argachuuf. Kanumaan keessaa kaayyoon keenya bashannansiisaa, kofalchiisaa, haqawwan ykn hiriira sana barbachisaa. Beekaniin Youtubee odeesituube irratti jijjiiramaa guutuu kanneen balaa guddaa kennamu gochuu bohaaraa. Kan kanneen amanamaan faan keenya keessaa maqaa qabanii jiru. Kan jedhu dulomiin nurra eegamu haa baanu. Baacoowwan adda addaa 'baacoowwan' jedhamuudhaan Telegramitti taasisuuf, isa guddaa qooda fudhatama guyyaa guutuu kanneen akka hiriiran laala jiru. Yaadii kan kanneen kun waan nuun gahuu dandeessa. Baacoo fi taphawwan guyyaa jireenya keenyaa kanneen baay'een dhaloota sana jiraataan gahuu dandeessa.

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

11 Jan, 08:43


Maaliif wal-nayyaanna sabaa
Waldhaabnee gabaa badii
Maqaa walballeessinnee
Ifumaan guyyaa adii

Dhiisaa Tokko haa taanuu
Hin taanuu ilmaan bofaa
Yeroo nuti facaanee
Adeemne qofa qofaa
Kana nuu beekaa sabaa
Rakkinat nutti cophaa*2

Osoo tokkoomuun jiruu
Faca'uu maa filanne?
Dibata nagaa dhiisnee
Cilaattii maa dibanne?
Takkaa gad fiiguu malee
Maaliif ol hin tiranne ?
Gaaffiin isin gaafadhe
Deebiimmoo hin arganne?
Ammas numan gaafadha
Maaliif waliin kakanne?
Waljajjabeessuurraatti
Abbaa gadaa filannee?
Oromoon bara baraan
Lammata akka hin salphanne*2

Maaliifuu itti yaadaa
Rakkoo kana nuuf furaa
Beektonni keenya hunduu
Warri taatan nu duraa
Akka sabni guddaan kun
Hin dhandhamne gidiraa
Maaliif Obbolaan manaa
Arrabaan wal_cicciraa
Gaheera haa dhaabbatu
Gadicha nuu jijjiirraa*2

Jedheen ka'een goolabaa
Garuu asitti hin dhaabu
Deebi'een dhufuun dhabu
Isan gorsemmoo hin gaabbu*2

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

10 Jan, 15:00


Warra wal jaallataniin
Laga tokkoo warabee
Uumaan haa ulfaatu ka
Kan kabajaaf sin dhaabe

Fagoo dhaapheen sin arge
Hin iftu Biiftuu gamaa
Gooftaatu siniif kenne
Gaa'ila Eebbifamaa

Dhugaa namatti toltuum
Jaalalli keessan adda
Akka Harbuu dagaagaa
Waliin Aarrii filadhaa!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

09 Jan, 10:50


Eenyummaa Deevid Alaabaa kana beektuu?

Kan dhalate Jarmanitti.🇩🇪
Kan guddate Ostiriyaa keessatti 🇦🇹
Abbaan isaa #Naayijeeriyaawwii🇳🇬
Harmeen isaa Filiippiins🇵🇭
Haati manaasaa Denmaark dha🇩🇰
Akaakayyuun isaa Koongoo🇨🇩

Yeroo ammaa kana Ispeen 🇪🇸 keessa jiraata. Maatiinsaa Ingilaand keessa jiraatu🏴󠁧󠁢󠁥󠁮󠁧󠁿.

(Alaabaan hordofaa amantii Kiristaanaa yoo ta'u Abbaan isaa Musliima, Harmeen isaa hordoftuu amantii Budihizimiiti.)

@isportf

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

09 Jan, 07:10


Xib xib godhee imimmaan.

Boo'ee si deebisuufi
Hin arganne bakkakee
Kiisee sossobachuuf
Nan wallaalee akkakee

Akka nama ormaa
Garaa na dhokfattee
Gadoo qiimii guddaa
Narratti qabattee

Siif jedhee aaduukoo
Siif jedhee aaruukoo
Waan maraa dagattee
Utuun siif maraadhuu
Erga na baqattee

Anis maalan boo'aa
Xibxibgodhee imimmaan
Kan ofiin nama ganu
Jibbuu hin didu garaan

Kolfaan si geggeessaa
Beenu dhaqi dhimmakee
Anaaf sin qoodneefuu
Faannikee sigigaate

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Jan, 16:41


Oliif gadi Fiigdanii
Hin fakkaatinaa raatuu
Dubbii dharaa afarsuun
Dhala namaaf hin taatuu..!

Siyaasni gaayyaa miti
Kan abbaan fedhe aarsu
Osoon barin barsiisuun
Laga naman ceessisuu...!

Hin dubbanneef malee
Argaa jirra hundinuu
Wal hadheessuuf fiiguurra
Wal sirreessuuf haloonu.

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Jan, 14:16


kana dhageessanii?

Akka Saayokooloojiin jedhutti namootni baay'ee Depressed fi callisoo ta'an namoota biroo biratti akka Smart ilaalamu💥

Kanan dubbiserraayi! 😁😁😁

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Jan, 14:02


#makmaaksa_Oromoo


"Utuu Sareen gurra fayyaa qoda-bukoo koo arraabdee jette jaartiin" jedhan!

-Mammaaksa Oromoo!



#join_us

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Jan, 14:02


#Qacaramtootaaf


Namichi sooressi Chaayinaa akkas jedhe: “Muuzii fi qarshii Jaldeessa fuuldura yoo kaa’an, Jaldeessi muuzaa filata sababni isaas qarshiidhan muuzii hedduu bitachuu akka danda’u waan hin beekneef.” Dhugaa dubbachuuf, namootaaf qacarri HOJII fi BIIZINASII yoo dhiheessite, namoonni baay’een BUSINESS tokko qacarri mindaa caalaa MAALLAQA maddisiisuu akka danda’u waan hin beekneef mindeeffamanii hojjechuu filatu.

Hiyyeessi hiyyeessa ta’uuf sababni jalqaba carraa daldalaa beekanii sammuun isaanii leenjiif qophii ta'uu dhabuu isaaniiti. Yeroo baay'ee mana barumsaa keessatti dabarsu, mana barumsaa keessatti wanti baratan ofiif hojjechuu dhiisanii mindaa argachuuf hojjechuudha. Mindaan jireenya kee akka jiraattu si ta'uu danda'a, bu'aan isaa garuu qabeenya siif maddisiisuu.


#qacaramtootaaf

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Jan, 06:49


ilmoon Leencaa Leencumaa
Gootatu Goota Dhalcha
Ofii gootummaa qabaaf
goota biyyaaf gumaacha
Haceen wareegamullee
Yoom baderee maqaanii
Kaayyoo abbaa ceesisuuf
Nuuf dhuftekaa Wabiinii
Gootummaan Abbaa keetii
gadhee kan fincaasisuu
sis goota akka Hacee
Rabbi si haa Taasisuu

🖊️ Wabii Haacaaluu
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

07 Jan, 18:08


MAAL KOOTTI GAMMADU?

Hamma yaa bada anaa!
Maal koottan gammada?
Anoo yoon taa'ee yaadu
Kankoo namarraan addaa!

Maatiin irraa dhaladhe
Hiriyaan naannoo kootii
Kanan woliin guddadhe
Ormaaf aanteenkoo marti-

Malkaa gamas yoon laalu
Boqookiyya ol-qabee-
Dhiiguma aantee koorraan
Abdiif gammachuu dhabe.

Maatiinkoos mana keessaa
Afaan wol hin qabu
Dubbii tokko dubbatu
Tokko kokkeerra-ndarbu.

Manni keenya inni guddaan
Kan jaarraaf ijaarame-
Guurraa citaa isaan kan
Marrimaan na butame
Hidhaa dagalee-saatiif
Kan barruun na cirame
Hawaasni tu'oo dhaabuuf
Kan baraaf gidirame…

Hamma mana sinbirroo
Hanqate yaa namaa
dhimmuun nan raffisu
Qilleensaan diigama.

Ulaan keenya banaadha;
Sareetu keessa joora
Fardi luugamaan oollaan
Buddeenni harree soora.

Worri kiyya kunis
Kan afaan wol-n qabne-
Kan dhibee isaa taa'ee
Iccitiin hin Maryanne-.

Bara woldhabbiin xinnoon
gola keenyatti uumamtu
Iyyaa daandiitti kaatum
Akka waan maatii yartuu.

Wojjin kolfa worrikoo
Alagaa garaa bofaa
Madaakoo bara darbee
baranas wojjin horfa.
Maal koottan gammadaree?
Ilkaan maalii naa kolfa?

Akka seenaan baanutti
Dur qe'een worra kootii
Galma kabajaati;
qe'ee ulfinaati!

Harra garuu
innan barsiifadhe
Suucuu uffadhee cabee-
Qabeenyaa fi humnakoo
Daguuggadhee-tti dhabee…

Safuu! ormaaf ergama;
Anaan na erraanfatee
Kan kiyya haa badu
Eenyummaa-saa dagatee!

Maal koottin gammadee
Maal kootti obsuree?
Gaddaaf gammachuukoon
Addaan foo'uu dadhabe
Itillee ciisichakoon
Anoo amantaa dhabe!

Maal koottan gammadaree
Anoo baraan baraneedha
Aannan irra taa'een
Bishaan booruu dheebodha.

Dhiiga kankoon jibba;
boo'ichakoon sirba

Hameessakoo ajjeeseen
Gadda-sheef gaala qala
Gola ormaa ijaareen
Kan kiyya diigaa bula.

Utuun ka'ee qoradhee
Worrikoo waa dhabaaree?
Ayyaantuu kamtu raagee
Qaalluu kamtu himaree?
Badii maaliin dalage
Maaltu akka na abaare?

Maaltu iddoo akka dabe
Utuun baree bu'uura
Anuu yaaroo hin laadhu;
Harran kuta afuura!

Lolchiisaa muree horde
korma daalacha qalee
daadhii jaaloodhaan dhaabee
Aarsaa Mirreen kanfalee

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

06 Jan, 08:31


Amala nama kophaa galuu.

1) Bakka wacaa hin jaalatu.
2) Ciqicciqii baay'ee jibba.
3) Nyaanni isaa baay'inaan Faffatoo, timaatimii, shiroo, fi indomii....dha.
4) Ganama hirribaa dafee hin ka'u.
5) Ofii isaa irratti 'Sanafiidha'.ykn dhibaa'aadha.

6) Comment jalatti kan hafe barreessa.👩‍🦯

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

06 Jan, 07:00


Hin gaddu maafan gadda.
Waggaa Kuma hin jiraadhuu.
Siitu na miidhe jedhees
Quba namatti hin laadhu.

Qabaadhus of hin tuulu
Rakkina koos Nan baadhaa.
Jireenyaaf fuula hin guuru
Fataa jedheen jiraadha.

America jiraadhee
Sa'aatiin hin hojjedhu
Anis anaaf jireenya
Eenyullee hin komadhu.

Maaf na arguu jibbita
Aniis qooda koon nyaadhaa.
Deeggarsa si hin gaafannee
Dalagadheen jiraadhaa.

Waan tokko naaf hin gootu
Na miidhuus hin dandeessu.
Ani of ta'een hiraadhaa
Sitti of hin fakkeessuu

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

05 Jan, 10:59


Qabeenya Dagatame tokko beektaa?

↗️Qabeenyi bakka malee kufee fi Dagatame dhala namaati.

↗️Qabeenyi guddaan addunyaa kanaa dhala namaati.

↗️Dhalli namaa garuu qabeenya addunyaa ta'ee osoo jiruu addunyaan qabeenya qabdu barbaaduutti yeroo fi bara isaa fixa.

↗️Dhala namaa malee addunyaan duwwaadha.

↗️Dhala namaa malee addunyaan balballi ishee cufaadha.
↗️Seenaa keessatti albuudni dhala namaa barbaadee argatee hin beeku.

↗️Garuu dhalli namaa albuuda barbaadee argateera. Argataas jira.

↗️Albuudni guddaan addunyaa kana bareechuu fi Addunyaa tarkaanfachiisu dhala namaati.
↗️Qabeenyi Addunyaan qabdu anaafi sidha.

↗️Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru.
↗️Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalate malee.

↗️Addunyaa irratti namni ba'aa ta'ee dhalate hinjiru.
↗️Ba'aa Addunyaa irraa kaasuuf dhalata malee.

↗️Addunyaa kana irratti nama barbaachisaafi kaayyoof dhalate taatee argamuuf waantota 4 kana fuulduraaf qabadhu.

1 Gonkumaa hin Ariifatiin.
2 Gonkumaa hin Dhiphatiin .
3 Gonkumaa Abdii hin kutatiin.
4 Gonkumaa waanta xiqqoof qabamtee karaatti addaan hin dhaabbatiin.

↗️Dammaqi waan haaraa siin dalagamutu jira.
↗️Waanti haaraan siin dalagamu immoo gatii sikaffalchiisu of keessaa qaba.

Maaliif beektaa?
↗️Beektonni yeroo baayye akkas jedhu;"Wanta haaraa tokko hojjechuuf mataan isaayyu gufuudha" jedhu.

↗️Wanta haaraa gumaachuuf dhalatte.

↗️Qabeenyi biyyi lafaa dagattu dhala namaa yoo ta'ellee gonkumaa qabeenya dagatame taatee hin hafiin.

Share gochuun dagatina

#join_us


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

05 Jan, 06:09


Gugee garaan taliilaa
Ya shee mudhiin sabbataa
Aarsaan ati naaf taate
Fuuldura koo dhaabbata

Onnee keetu naaf ife
Akka shaamaa bobaatee
Baay'eeman si jaalladha
Baguma kan koo taate.

Ofii kee daartee harmee
Anaan daara na baastee
Naaf jecha gidirfamtee
Imimmaan kee lolaastee

Nama har'aa na goote
Gundoo fi jirbii footee
Akkami nagaa keetii?
Eda sittan abjoote

Osoo ati fuula ifaan
Keessummaa kee simattuu
Osoo qabduu waakkachuu
Itti hin beektu durattuu

Osoo ati amalaan
Teessistee nu gorsituu
Ofii kee shaamaa taatee
Dukkana nuuf ibsituu

Barruu kee eebbifamaa
Rakkoon daaraa fakkeesseen
Osoo ati nu eebbistuu
Harka kee nurra keessee

Osooti
Oliif gadi bututaa
Qaawwa keenya duuchituu
Ofii keetii beela'aa
Of dhiistee nu gurshituu

Bara kee guutuu isaa
Bokkaaf aduu dandeessee
Osoo harka hin kenniin
Kunoo har'aan nu geesse

Mar'immaan qoonqoon miitee
Dugda sabbataan hiitee
Gundoofi jirbii footee
Nama Har'aa na goote

Dhala keef jecha harmee
Guyyaf halkan dhiphattee
Imimmaan lakkuu roobsee
Ijji kee si diimatte

Rakkoof aarri qoraanii
Fuula kee si guggubee
Miidhamni kee jabaatee
Bakka kee na dhukkube

uuuufffff

Na guddisuudhaaf jettee
Guddaa xiqqaa dandeessee
Galata narraa qabda
Baattee asiin na geesse

Ani yoon dogongores
Situ dhufee na gorsa
Harmee koo naa jiraadhu
Si qabaachuun na boonsa

Gaafan nyaara koo guuru
Garaa keetu hin danda'u
Bakka jirtutti nagaa
Nagaan koo si haa ga'u

Warri harmee keessan Jaallattan
Nagaan koo si haa ga'u jedhaan.

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

04 Jan, 12:41


WALALOO DABALLII MINDAA.

Dhalachuu kee malee
hin dhageenyee duute !
Maaliif nu baqatte ?
qalbii keenya fuutee!

Nii dhuftaa dhageenyee
simannaa keef baanee
osoo ol si eegnuu
amajaajii taane!

Makiinaa yaabbattee
fedeeraalaa kaatee
Budaa akkamiitu
daandiitti si nyaatee?

Dhufte kunoo jennee
Gaafa laallu amma kee
Abjuu taate kunoo
Dhufuuf daballiin kee.

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

03 Jan, 16:07


Maalan beekaree gooftaa
Wanta ati anaaf yaadduu
Har'a nyaadhee buleera
Borummoo wantan nyaadhu?

Wanti jiru uumaa koo
Hunduu harka kee jiraa
Haalli kamiyyuu dhufee
Adda nan baasu sirraa

Nyaadhee kala kaafadhes
Dhabees hagabuu bule
Yoomiyyuu nan si faarsa
Galataa bishiin tuulee

Galatan sii dhiyeessa
Yoo toles toluu baate
Akka haadhaa akka abbaa
Waan hundumaa naaf taate!

Cubbuu meeqa naaf obsaa
Amala koo dandahee
Eenyuyyuu miti gooftaa
Situ har'aan na gahe

Aalfaa fi Oomegaatu si'iim
Kan jalqabaaf kan dhumaa
Osoo at na faana jirtuu
Maal dhabeetan gunguma?

Dur'a bu'aa hundumaa
Kan banu daandii cufaa
Dhaloonni lafaa marti
Si faarsuu itti fufa


@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

03 Jan, 10:41


Amala dhiirota #faa-raa



1) Jimaa qama'uu ulaagaa araadummaa jedhee amana😑
2) Chiikii tokko jaallatee amanamuufii goww--ummaa seha
3) jaalallee isaarra yeroo adda bahu silayyuu isheetu natti maraata malee anoo dhimmashee hin qabu jedhee afuufa. #ihi'i

4) waa'ee fuldura isaa yaaduu caalaa har'uma miidhagee mullachuu irratti xiyyeeffata.

5) jaalallee isaa faana yeroo adda bahu birrii ittiin kaardii siif guute naa deebisi jedhee boo'a.

6) qarshii argatu dhugaatii garaagaraa dhuguutti daaraa botoroo godha☹️
7) daandirra taa'ee boroo chiikotaa laalee afaan banaa oola. #nan_sobee?

8 ) Hojii argate hojjechuurra hojii utuu tuffatuu kiisiin isaa lafa onaa taha.

9) dhiirri hundi hunda keessa tahuu yoo baateyyuu 1 keessatti ofii isaa arguu danda'a.

10 faar--aa pro max immoo Isa dhufee komentiidhaan na arrabsudha😎

Rehobot

Otooma taphannuu #faaraa kana Oroomessaamee. Dafaa ariifadhaa


#share


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

02 Jan, 16:31


Amaloota shamarran dulloomtee!

1) Suuraa ka'uu jibbiti.
2) Shaarbii uffachuu baay'ifti.
3) Buna hanga 3ffaatti dhugdi.
4) Kophee gogaa irraa hojjatamu uffatti.
5) Kootii(Jaakkettii) malee hin uffattu.
6) Kophee Taakkoo(👡) lafa reebaa deemti.
7) Lakkafaa jinjanaa seeti.
8) Dhiirota ishii gaafatan odeeffatti.
9) Bilbila sagalee ol kaastee haasofti.
10) Amma dhuftee comment jalatti na arrabsiti.

Kana hafe barreessaa!👩‍🦯

Itti dabalaa

Ogeettii


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

01 Jan, 06:48


Maalan sii balleessee
😭😭😭😭😭😭😭😭🥳🥳🥳🥳

Otoo akka hantuutaa
Boolla du'aa naaf qottuu
Muldhistee osoo hin taane
Dhokkattee ana loltuu

Ana miidhuuf jechas
Gatii osoo baastuu
Rafte osoo hin buliin
Badii koo otoo yaaltuu

Na cabsuuf na miidhuuf
Dullaa osoo natti baattuu
Ganamas galgalas
Hamaa osoo naatti yaadduu

Ijaan argaa koo jibbaa
Ilkaanin natti kolfaa
Garaatti hamaa yaadaa
Madaa kiyya horfaa
Ammaa hoo maal jetaa
Sif ta'eraa
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

31 Dec, 15:28


Subscribe Godhaa Odeeffannoo dhimma Barnootaa irratti argattu

https://www.youtube.com/@TeacherD27

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

31 Dec, 14:47


Utuma ijaan agartuu
Rakkoo - gidiraa dhibba
Jaalalaafi nagaa malee
Hin beektu haaloofi jibba.
Qabsoon maal akka ta'e
Addunyaatti agarsiistee
Ati siyaasa qofa miti
Namummaa nu barsiiste!

@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

31 Dec, 12:44


Namaaf Ofkaltii(Obbaatii) yoo jenne Harreef____jenna?


@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

29 Dec, 15:38


Hin naaf beekta mitii?

Akkan keessa kootti
Haaloo hin qabanne
Akkan osoon gadduu
Kolfee hin taphanne

Akkan fakkeessuudhaaf
Sin jaalladha hin jenne
Akka siin eebbisee
Uumaan koo naaf kenne

Akkan

Hangam qoramullee
Si ganuu hin dandeenye
Akka abjuun dhuftee
Wal ilaallu teenyee

Akkan waanta darbe
Deebi'ee hin yaadanne
Akkan siin alatti
Eenyuunuu hin jaallanne

Hin naaf beekta mitii
Moo si yaadachiisuu
Baay'een si jaalladha
Garaan kee si haa ciisu

Isan

Akka suusii bunaa
Si dhabee mukaawu
Hanqina kee dhiisee
Tola kee lakkaawuu

Akkan haala ilaalee
Sitti hin jijjiiramne
Akkan si filadhee
Onnee koo siif kenne

Akkan si moosise
Warra jiran keessaa
Si yaadachiisuu laa
Dagachuu dandeessa!


Onnee kiyya keessa
Akka qofaa teessu
Akka tokko taatee
Hanga kumaa geessu

Akkan bulee ka'ee
Waanuma kee yaadu
Si waliin gammadee
Jiraachuu barbaadu


Kanan ittiin ilaalu
Naaf taatee agartuu
Akka qaama kiyyaatti
Akka na marartu

Akkan

Warra jiran mara
Siin qofa caalchisee
Qabeenya kee godhe
Onnee koo dhaalchise

Habtee


#share

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

29 Dec, 10:42


Maal nagoota?🙄

Duuban nakutta malee
Akka saree sodaattuu
Onnee qabaatteehoo
Fuulan natti hin dhiyaattu

Ejjennaa faana kootii
Taakkuu taakkuun lakkoofta
Guyyaatti maqaa kiyya
Yeroo dhibbaa ol dhoofta

Waanuma summii qofa
Anaaf deessa miixattee
Maqaa meeqa naaf caafta
Duuba kootiin hiixattee

Kana hunda beekeen
Callisee bira taree
Silaa waan gootu hin qabdu
Of dadhabsiisuu malee .

Tisiisafoo olmaadha
Dirreen mana fincaanii
Akkamitti kannisni
ijaajjare iddoo qaanii?
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Dec, 12:54


#makmaaksa_Oromoo




"Mucaa deenya malee mucaa hin geenyu" jette intalti of tuffatte.


"Wal akkeessee ollaan marqaa balleesse"jette intalti ofiin bultu.


"Ati qoosi kan dhiirsi daa'imaa" jette intalti abbaan manaa ishee jaarsaa.

"Har’allee moo jette haati ijoolleen beeloofne" jennaan isin bakka cidhaatii quuftee waan galteef.



#makmaaksa_Oromoo

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Dec, 11:25


Subscribe m
https://www.youtube.com/@TeacherD27

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Dec, 08:14


#_Jirtuuu_Ijoolleen_Jimmaa_Raaree

Gamanaa Bade Jedhuu
Gamasiis Bade Jedhuu
Daffaaruutu Hate Jedhu

Daffaaruun Bokkaadhaaree
Biyya Waliin Ga'aaree
Sangaan Magaala Botaa
Kuunno Boshaadhaa Qota

Abbaa Alangaa Dhibbakoo
Ati Hin dhufiin Jibbakoo
Maaloo Yaa Firdi Beetii
Dubbiinkoo Harka Keetii
Egaa Yaa Shaambal Baashaa
Dubbiikoo Akkuma Gaashaa

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Dec, 06:15


Ijoollee Abbaa caalii
Maasaraa abbaake dhaali!!!
Itti cabsii Loli
Wal furi
Maasaricha Isa kiiloo 4
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Dec, 04:06


Dhiira akka kormaa lukkuu Abbaa argetti batattisu dadhabne jetti intalli maal ishee godhe laata . please dhiiroch
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

26 Dec, 11:57


Baadiyyaattin dhaladhe
Qe'ee qananiif quufaa
Loon tiksaatan guddadhe
Urgaa jabbilee suufaa
Jaalala waakkii malee
Kan na badhaase Rabbi
Ilma qotee-bulaati
Seeqataa ilkaan cabbii...

Dhugaatiinkoo aannani
Nyaanni qamadiif garbuu
Gorsi maatiis hapheedha
Tasa nabira hin darbu
Boroo ba'een kutadha
Burtukaanaafi maangoo
Gulufsiisaan guddadhe
Yaabee fardaafi gaangoo

Jibba namaa hin qabu
Jireenyikoo jaalala
Afaan ormaa hin beeku
Yaadni firaa naagala
Summii warra alagaan
Faffaca'uu obbolaa
Nan gadda, nan rifadha
Miila kootu okkola!
Baaseen dubbadha malee
Jibban qabu garaadhaa
Daandiin Oromoof ta'u
Anaafillee karaadha!

Jiruunkoo isin fakkaata
Miirrikoo isin dubbisa
Gaafa gadditan gaddeen
Yoo gammaddan shubbisa
Jibbi garaakoo guutee
Natti hin ta'u ba'aa
Jaalalli keessa kootii
Darbee ormayyuu ga'a!
Warra ofirra darbanii
Wabii ta'anu kaanii
Baadiyyummaanin boona
Tasa hin qabu qaanii!

Boqonnaa sammuutiif
Gaafa feenu bakka
Kan baadiyyaa gitu
Jiraachuu nan shakka
Qilleensi qulqulluudha
Bosonni magariisa
Madda aara-galfiiti
Qalbii goggogde jiisa
Sagalee kilooleen
Simbiraaf bineensaa
“Hin deemin” siin jedhu
“Nuuf ta'i” miseensa

Yaa'iinsi qilleensaa
Mukkeen gaafa raasu
Sammuu si sooranii
Dharraakee sibaasu
Ofii kee dhaggeeffattee
Miira kan kee dubbifta
Xiyyaara yaadaa kortee
Addunyaarra bubbifta
Yaada sila hoongofte
Lalifteetu margita
“Ani eenyudha?” jettee
Barbaaddee of argita
Egeree karoorsita
Boqachiifattee sammuu
Hanga gola baadiyyaa
Lakki hin mi'aawu dammuu

Wabii magaalotaati
Wiirtuu bu'uura biyyaa
Jennata dirra lafaa
Maaltu akka baadiyyaa!
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

25 Dec, 08:32


Dhaabbatanii fincaa'uun uumama
Hurgufuun garuu eenyuun doorsisuuf jette intalli ollaa keenyaa

@Walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

24 Dec, 17:36


#jecha_beektotaa


"Namoonni kaayyoo keetti hin kolfine taanaan galmi kee baay'ee xiqqaadha."

Azim Premji



#ihi'i


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

24 Dec, 15:55


#makmaaksa_Oromoo



"Kan kee kana tottolaa isaa hin argani #tortoraa isaa malee" jedhe barsiisaa Badhaasaan dubbiin itti toluu dinnaan.



#ihi'i


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

23 Dec, 18:22


#Bulloo_koo

Beekaa saba guddaa
Isa dhugaa dubbatu
Kan si qeequ
Maalif ibiddaan taphatu?

Ummata keetif jattee
Aarsaa kafala jirtaa
Takka dubbate
Baala hanga hidda sochofta

Hayyuu Afrikaa
Xiinxalaa Addunyaaf fala
Afaanin Fakkeessu malee
Enyuutu si madaala

Beekuun hasa'uu miti
Tolfatanii afaan damma
Oromoon si jaalata
Durii hanga ammaa

Nu bittee miti
Nuf kennitee #mallaqa
Sababni si jaalannuuf
Siitu dubbata dubbii haqaa

Sagalee keetu adda
Rasaasa ni caalti
Haqaf dhukaasta tanaf
Onnee nu seenti

Sababa keeti fi qeerrooti
Oromoon kan aangoo argate
Ni beekna nuti
Abbaa waadaa nyaate

Si Arrabsuuf yaalu
Jadhanii Abbaa girrisaa
Kunoo #Girrisaa ta'e
Dhiigni #qeerroo galanni isaa

Osoo beekaani jarri galata
Si kabajanii,si dhagaa'u
Qeerroon isaan mullise
Maqaan isa girrisa hin ta'u

Eyyeen ni gaha
Obsine hamma Har'a
Jabaadhu bulloo
Oromoonni si faana jirra

Afaanin yeroo hasaa'u
Yaada mo'ataa jadhu
Yoo dubbanne
Maalif doorsisa godhu

Eenyummaa kee ibsuuf
Oromo miti,si beeku ollaanu
Akka isaan nu ganan
Waaqnis isaan ha ganu

Si jibbee hin sa'iin
Callisuu #oromoo
Doorsiisa sodannee
Nu hubadhu yaa qomoo

Si fi #Lamma Ari'aanii
#Qeerroo girrisaa baasu
Wayyanee walin qeerroo galafatanii
Har'a Aangoorra of faarsu

Falli si bira jira
Dimookraasiin biyyaa
Dhugaaf dhabbatta
#Jawwee Ambassadara nagaya

Yaada mo'ataa yoo qabaatan
Filannoo bara dhufu Eegalu
Afaan qawwee dhiisaanii
Ummatan ha of madaalu

Jawwee qabsoon oromoo
Xumura ni argatti gaf-tokko
Itti muddi Jawwee
Si faana jirra #Bulloo_koo
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

23 Dec, 16:44


Lammii 😭😭😭😭

Jiraachuudhaaf dhalattee
Fala jireenyaa dhabdee
Gadi galtuu kaabaatiin
Hankaaktee lafee cabdee
Bubbiseetu lola'ee
Dhiignikee Akka galaanaa
Maaf callistuu oromoo
Maaliif teessuu jaranaa.....

Giddaakoo Yaa biyyakoo
Biyyakoo biyya dhiiraa
Qaqqaaliin kee kalee sun
Meerre har'a eessa jiraa?
Wayyoo lammii Yaa tiruu
Qomookoo Yaa dhiigakoo
Lubbuu keessan haa maaruu
Sin haa mil'uu waqnikoo👏

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

23 Dec, 12:03


Halkan guyyaa kaattanii
Kaayyoo kalee xumuraa
Yoo argattan nyaattanii
Dhabdan agabuu turaa
Warri sabaaf of laattan
Rakkina dandeessanii
Galatoomaa Ulfaadhaa
Nuti bu'aa keessanii
@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

21 Dec, 18:25


#isin biraahi akkami?

Gaazzexeessaan BBC News Afaan Oromoo haasa amma #live Jawar Mohammed waliin taasisan irratti;Abiyyi diinagdeen biyyaa baayyee guddatee itti fufeera jedha,atimmoo laamsha'ee kufeera jetta.kana irratti maal jenna jennaan,Jawar yoo maal jedha gaariidha?
Anas Abiyyis hin amaniin bilbilii warrakee gaafadhu! "Jireenya sinittti ulfaatee,qaala'eeramoo sinitti tolee jiraachaa jirtu jedhi" jedhe
Sin biraa akkami sinitti tolee jiraachaa jirtuu?

Asii ciree malee Buna dhugaa jirra! Kedhe Kumaan.


Otuma jennuu akkami isin biraa ?



#join_us

@bsacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

21 Dec, 12:56


#Abbaaf_ ilma

#mucaa ፡ Abbaa amallikoo akkam yoo ta'e sitti tola ?

#Abbaa፡ Akka kana ta'i ilmako

#mucaa ፡ Akkam?

#Abbaa ፡ Akka bishaanii ta'i rakkisaa wayita ta'etti abidda dhaamsus, yeroo barbaachisaa ta'etti biqiltuu guddisuu isaa hin dhiisuutii...... Akka ashaboos ta'i nyaata hundumaa keessatti barbaachisaa ta'eyyuu gatiinsaa qaala'aa mitiitii.....

😇Kana hundarra caalaa garuu akka Aannanii ta'i yeroo dhiisan hin badu haala biraadhaan argamuun faayidaa biraa kenna malee dhiibamus ol baha malee hin badu #dhadhaa ta'a akka jechuuti.

#mucaa፡ tole abbaako akka ani hin taane kan ati barbaaddu maaltu jira?

#Abbaanis jira malee ilmako akka kana hin ta'iin.

#mucaa ፡ Akkam?

#Abbaa፡ ilmako akka lilmoo hin ta'iin qaawwa nama biroo hedduu duuchaa otoo ooluu qaawwasaa xiqqoo duuchachuu hin danda'uutii ....... Akka ulee ykn dhadhaabbataas hin ta'iin namoota biroof hirkoo ta'ee ofiisaa garuu dhaabachuu hin danda'uutii.......

Waan hundumarra garuu akka bilbilaa🛎 ykn #dewwul hin ta'iin..........Hunda dursee dammaquun sagadaaf ilmaan namootaa dammaqsus inni ofiisaa hin waaqeffatuutii.
...............
Guyyaa gaarii

Obboleessa keessan Amaan... irraa
#join_us

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

20 Dec, 15:51


🍀#Seera,Seeraa fi #safuu
``````````````````````````````
☘️Yoo ati qawwee qabatte ani immoo qawwee qabadhe waa'ee #Seeraa dubbachuu dandeenya.

☘️Yoo ati albee( 🤺) qabatte, ani immoo albee ( 🤺) qabadhe waa’ee #seeraa dubbachuu dandeenya.

☘️Yoo ati harka duwwaa dhuftee fi ani harka duwwaa ta'e #sababa dubbachuu dandeenya

🌿Garuu yoo ati qawwee qabatte ani immoo albee ( 🤺) qabadhe #dhugaan si harka jira.
🌿yoo ati qawwee qabaatte ani homaa hin qabu ta'e, kan ati qabatte #qawwee qofa miti #jireenya kooti

🍀Yaadni #seera, seera, fi #safuu hiika kan qabatu yeroo #walqixxummaa irratti hundaa’e qofa.
🌱Dhugaan hamaan addunyaa kanaa yeroo #maallaqni dubbatu (🎤) #dhugaan ni callisa.
🌱 yeroo #humni (🎤) dubbatu #maallaqni illee tarkaanfii sadi duubatti deebisa.

🍀Warreen #Seera uuman yeroo baay'ee warra jalqabaa cabsu.
☘️ #Seerri humna dadhabaaf, meeshaa cimaadha

🍃Addunyaa kana irratti wanti gaariin kamiyyuu, taphaa dursanii qabeenyaaf dorgomuudhaaf falmi.
Yeroo #dadhabdoonni qofti akka kennamuuf eegan #share.
☘️ #Kajeeltun beela hin baatu!

Godaannisa Seenaa

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

17 Dec, 05:22


Ol Gubbaa gaara jirra!

Abdii lafaa tasa hin qabnu
Meeqa cabsuuf nutti hiriira
Mucucaannee yoo kufneyyuu
Achii kaanee dura jirra!

Nu balleessuuf nutti hiriiru
Daangaan keenyi eegamaadha
Bollaa awwalaa qotanille
Itti hin kufnu beekamaadha!

Akka ilaalcha jallootaaf
Silaa yoona bannee jirraa
Amma garuu sunis hafee
Kunoo ol gubbaa gaara jirra!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

17 Dec, 03:02


Make sure that waggoota booda firummaan keessan akkas akka ta'u....

👇🏾

Waliin nyaachuuf dhuguu qofaaf hin ta'iin

Do you have someone akkas taana/ ta'uu dandeenya jettuu?🤔

❤️🙌🏼

#share

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

12 Dec, 10:57


Har’a sooftii taasifnee
Ganne malee rakkootti,
Jaalalli dur qaaliidha
Bara Akaakaa'f Akkoo'tti.

Aadaa keenya dagannee
Faranjii akkeessinee,
Jaalala kennaa Rabbii
Daldala fakkeessinee,

Onnee 'memory' goonee
Vaayiresiin xureessinee,
Mi'aa jaalala dhugaa
Walitti kureessinee,

Jaalala gitan qabne
Caalchifannee doolaarii,
Gurgurtaaf gabaa baafnee
Wal cabsinee 'mooraalii',

Torbee bulchuu dadhabnee
Akka meeshaa bara-ammaa
Dhalootatti hadheessinee,
Dhangaa akka nadhii dammaa,

Qabeenya qabaa bade
Goone malee naaf, situ
Bara Akaakaaf akkootti
Qarshiin jaalala hin bitu!

✍️... @walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

10 Dec, 10:48


Fayyaan erga maraatee
Maraatuun qalbiin fayyee
Waliif yaaduun ulfaate
Waliif dabuun salphate

Fayyaan kan doqnomee
Maraatuun kan arjoome
Komandii poosti miti
Namummaan isa abboome

Warri duubaan nagaa
Kan keessi maraatee
Dhangaa summiin makee
Kolfaa waliif laate

Waliif yaadaa malee.!

@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

10 Dec, 10:46


Teessee guyyaa hin lakkaa'iin
Guyyootni akka lakkaa'aman godhi


@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

10 Dec, 09:23


#makmaaksa_Oromoo



"Ani ofiif hin jenne, mucaan keessan kan hangafaa sun fuudha hin geenyee?" jette intalti mucaa kajeelte.



Hin duutiiree yoo gurbaan fuudha jibbe.


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Dec, 11:53


Eessa Turre?

Hiriyoonni lama otuu karaa deemanii addabaabayii guddaa tokko bira ga'u. Isaan keessaa inni tokko manneen Real state tarree nammanii ijaaraman ilaalaa "Waaqayyo gaafa manneen kana hunda namoota kanaaf hiru eessa turre garuu nuti?" jedheen.

Hiriyaan isaa kan biraa xiqqoo akka seequu jedhee harka isaatiin hoospitaala gama biraatin jirutti akeekaa "Waaqayyo gaafa namoota kana hundaaf dhukkuba hiru nuti eessa turre?" jedhee deebisee gaafate.

Egaa yaa namaa! Waan gaarii ilaaltee Waaqayyo maaf anaaf hin godhin jettee gaafachuu keen dura kan naaf goote hundaaf galata kee jedhiin. Wanti inni nuuf godhe kan nuti barbaadnun olidha.

😲

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

08 Dec, 11:42


Kennaakoo

Sin jaalladha hedduu
Humdumaa gararraa
Gonkumaas hin yaadu
Adda ba'uu sirraa
Bifaaf amalaan
Hundaan guutuu
Guddaaf kabaja
Xinnaaf Kan simattu
Aadaaf amantaakeef
Kabaja Kan laattu
Dhuguma ati kennaadha
Kan anaaf maltu
Yoomiyyuu an keeti
Qalbiinkoo si yaada
Sagalee kee suusii
Natti ta'e araada
Waadaa eeggannee
Waliin ha turru
Ormaaf bakka qabu
Ani sin jijjiiru❤️

---
Dibooraa


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

05 Dec, 06:46


#makmaaksa_Oromoo




"Ana bakki na dhukkubu as miti maraafuu bakkuma gooftaan kiyya jedhe san na koobaa" jette bookeen.


#makmaaksa_Oromoo

@makmaaksa

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

01 Dec, 09:31


#makmaaksa_Oromoo


"Beekaa bira dhahan, wallaalaa dirra dhahani."

"Bagan kufes bagan ka'es kan na qabuuf natti fiiges, kan na qaluuf natti fiiges arge" jette dullattiin sa'aa."


"Bakka oolan irra bakka bulantu caala." Jedhe Jaarsi gorora liqimse.


#join_us
@makmaaksa

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Nov, 12:13


#makmaaksa_Oromoo



"Dhugaa quufu malee dhugan hin quufani"


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Nov, 12:13


#kana_dhageessanii?


#News Ykn Oduu kan jedhu jecha afaan Ingilizii yoo ta'u kallattii Afur jechuunis jechoota jalqabaa "North" "East" "West" fi"South" walitti fiduun jecha uumamedha.

Oduu inni jedhu ykn #Zeenaa kan jedhu garuu akkasitti kan uumame nattin fakkaatu.😁😁😁



@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

24 Nov, 19:04


#MORMAKOOF_NAN_FALMADHA😭

Diinni mormakoo kutee
Dhiigakoo dhangalaase
Sabakoos gadoochisee
Qe'eesaas mamancaase
Gariin firakoo garuu
Homayyuu naafin taane
Coccobuun dhiigakootiis
Fuularrayyuu isan yaane
Ittuu anaan hadheesse
Arrabaan natti duulee
Baga jechuunsaan hafne
Waan qabu natti guure.

#justiceforsalale
#justiceforHorroGuduru
#justiceforOromo

@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

24 Nov, 05:53


#kana_dhageessanii?

Addunyaarraa biyyi alaabaan ishee roga afur hin qabne #Neeppaal jedhamti.
Kunis biyyoota jiran hunda keessaa adda ishee taasisa.

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

22 Nov, 10:41


#kana_dhageessanii?

Namni tokko sa'aatii tokko keessatti giddugaleessaan si'a 15.7 fuulasaa tuttuqa.

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

22 Nov, 10:33


#makmaaksa_Oromoo






"Bakka sareen jirutti, namatu dhuufee hin gaafatan."

"Kijibni nama oolcha malee, nama hin bulchu.


#makmaaksa_Oromoo

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

17 Nov, 14:50


Waan waliin jenneerru
Nuti qabnaam kalee
An sidhiisee hin deemu
Guyyaakeen eega malee!

Barruunkee naaf gaaddisa
Beeka jalatti rakkoo dheesse,
Nasf raawwatama hundisaa
Waanti ati naaf keesse!!
AMEEEN!😁🏥

@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

17 Nov, 10:00


Hin naaf beekta mitii?
Akkan keessa kootti
Haaloo hin qabanne
Akkan osoon gadduu
Kolfee hin taphanne

Akkan fakkeessuudhaaf
Sin jaalladha hin jennee
Akka siin bareechee
Uumaan koo naaf kenne

Ati eenyu caalaa
miira koo hubattaam
Halkan yoon ciisulle
Abjuudhaan mul'atta

Akkan

Hangam qoramullee
Si ganuu hin dandeenye
Akka abjuun dhuftee
Wal ilaallu teenyee

Akkan waanta darbe
Deebi'ee hin yaadanne
Akkan siin alatti
Eenyuunuu hin jaallanne

Hin naaf beekta mitii
Moo si yaadachiisuu
Baay'een si jaalladha
Garaan kee si haa ciisu

Isan

Akka suusii bunaa
Si dhabee mukaawu
Hanqina kee dhiisee
Jabina kee lakkaawuu

Akkan haala ilaalee
Sitti hin jijjiiramne
Akkan si filadhee
Onnee koo siif kenne

Na hubattee jirtaa?
Hangan si jaalladhu
Jaalalaaf yoo ta'e
Lubbuu koo siif laadhu

Akkan si moosise
Warra jiran keessaa
Si yaadachiisuu laa
Dagachuu dandeessa!

Onnee kiyya keessa
Akka qofaa teessu
Akka tokko taatee
Hanga kumaa geessu

Akka eenyu caalaa
Miirri kee naaf galu
Akka jaalalli kee
Guyyaadhaan dabalu

Akkan bulee ka'ee
Waanuma kee yaadu
Si waliin gammadee
Jiraachuu barbaadu

Kanan ittiin ilaalu
Naaf taatee agartuu
Akka qaama kiyyaatti
Akka na marartu

Akkan

Warra jiran mara
Siin qofa caalchise
Qabeenya kee godhe
Onnee koo dhaalchise

Hin naaf beekta mitii
Moo si yaadachiisu
Baay'een si jaalladha
Garaan kee si haa ciisu!


@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

16 Nov, 11:18


Rakkoo mara darbitee
Ga'uudhaf bakka guddaa
Dhokfadhu iccitii kee
Hin himatiin waan hundaa
~
Ejjennoo jabeessuudhaa
Kan galma keen si ga'uu
Dhufee sitti fakkeesseef
Namni hunduu firan ta'uu
~
Imala kee beekkadhuu
Adeemi suuta suutaa
Ilaallachaa ejjedhuu
Bineensa afaan buutaa
~
Galma kankee ni geessaa
Hin adeemiin caraanaa
Qoraattin dhoqqee keessaa
Eeggadhu si waraanaa.......!

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

16 Nov, 11:14


Ammuma murteessi!

➡️Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi!  Amma murteessi!  Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa!  Saatii  kana irraa eegaluun  waanan danda'u hunda nan raawwadha(godha) jedhii murteessi!

➡️Nama kutannoo hin qabne namni  barbaadu hin jiru!  Kutannoo hin qabdu taanaan  ofiifis  warra jaallattuufis humaa gochuu hin dandeessu.  Namni duubatti deebi'u ni qisaasama!  Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee duuba ta'uu isaa beekuun murannoo qabaachuu qabda!

➡️Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu;  Amma yoo jalqabde garuu xumura kee miidhagsuu dandeessa;  Nama fooyya'aa ta'uu qabda!  Ammuma murteeffadhu Waanuma murteeffatte keessa jiraatta waan ta'eef!

➡️Yeroo kee qaalii kana bakka hintaanee fi namoota hin taane wajjin hin qisaasessin. Hiriyaa filadhu bakka ooltus adda baafadhu.@walaloo430
@walaloo430 @walaloo430

"Nama hundumaaf gaarummaa yaadi, garuu hiriyyaa filadhu."  (Giriikota)

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

16 Nov, 10:45


Kana dhageessaniittuu?

Itoophiyaa keessatti guyyaatti hanga harroota 🫏🫏🫏 300 ni qalamu.

Kubbaaniyyoonni Chaayinaa baajeta guddaa ramadanii gara Itoophiyaa seenaniiru!

Harroota qaluuf jechuudha👺

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

14 Nov, 08:24


#LAKKI_JECHUU_BARADHU.

1. Kan Madaqsuu danda’u ta'i.
2. Lakki jechuu baradhu.
3. Obsi gaarummaa dha.
4. Hojiin cimaan yeroo hunda bu'aa qaba.
5. Namoota summii qaban irraa fagaachuu.
6. Fudhachuu caalaa kennuutu caala.
7. Yaadni namoota biroo akka si duubatti hin deebisne.
8. Yaada kee irratti hojjedhu!
9. Yaada kee toʼachuuf yaali.
10, Amaloota summii kee adda baafadhu!

#Beekumsi_humna!
11, Guyyaa guyyaan waan haaraa baradhu. Namoonni si too'achuu fi to'achuu kan danda'an yoo wallaalte qofa!

12, Dhimma mataa keetii fi fedha kee namootatti hin himin!

━━━━━━━━━━━
#Qabsoon_ittii_fufaa!

@walaloo430
@walaloo430
@walaoo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

14 Nov, 07:16


Sooromuu barbaaddaa? Naan jettiiyii👁👁👁👁

“Obboleessako karaa salphaa ittiin sooroman sitti himuu?” naan jette obboleettiin koo hiyyummaan akka koo irraa urgaa’u tokko.
“Ani beekaa… Matta’aa nyaachuudhaa laata?”n jedhe. Naannoo koo ilaallachaan jedhe. Karaa salphaan isa caale saamicha dha. Saamichi immoo ija jabina gaafata; qabamnaan mana hidhaa keessa bubbuluus of keessaa qaba.

“Lakki. Karaa seera-qabeessa ta’een…”
“Jiraa? Foon haadha koo jedhimee?”jedheen barruu koo jala qabe. Naa hin kakanne.
“Natti himikaa!”n jedhe obsa dhabee.
“Real Estate keenya irraa mana gatii salphaan bitatta. Mana kiraa irraa obbaafatta. Feetus in gurgurta. Sooromni kana caale jiraa?”
“Ihi…” Akka seequun ta’e. “Mangaagaa isheetti qadaadee mana hidhaa buluu?”jedhe garaa kootti.

“Ihii “jette isheenis. Seeqni koo garaa irraa akka hin taane barteetti.

Fuula kootummoo kana qaba. Furdaa bal’aadha. Fuula nama abbaan isaa miiliyoona 50 wayii akkawontii isaa keessatti irraanfatee du’ee, fuula nama aannaniin fuula dhiqatuu wayii…

“Hin barbaadduuree?”jette sagalee miidhagfattee anaa yaada malee yaadaan ishee dhiisee deeme qalbiitti deebisuuf.
“Mana qaba!”n jedhe.
“Eessaa?”
“Waaqarraa.”

Yoon ishee bira dhaabbadhee ture isuman qaba jedhe kanayyuu sii gurgurra naan jettii laata jedheen luka fudhe.

Isinii hoo mana qabduu? Waaqarraa?

Mootii tu barreesse


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

13 Nov, 08:38


#makmaaksa_Oromoo

"Hiyyeessa garaa murate, bishaan raafuutu gabbisa." Jedhe Weellisaan.

"Garaan murtii hin qabne, diina abbaati."


#yoo_fedhe



@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

13 Nov, 04:24


#Dhaamsa Hayyuutii dubbisaatii irraa waa baradhaa ..
~~~~
##JECHOOTA HAYYOOTAA.

■1)Ati of daangesitee teenyaan eenyutu daangaa si ceesisa?

■2)Osoo nama hin ta'in, namaaf ta'uun hin jiru.

■3)Of beekuuf murtoo hin qabdu taanaan; of beektes murtoo hin murteessitu.

■4)Barachuun beekuu miti. Beekun garuu barachuudha.

■5)Gad-aantummaa×Hirkattummaa×of awwaaluu= Of wallaaluudha.
Of Wallaaluun of awwaaluudha.

■6)Qabeenyi bakka malee kufeefi dagatame Ilma namaati.

■7)Namni lakkoofsa guutuuf dhalate hin jiru. Lakkoofsa guutuu ta'ee dhalata malee.

■8)Addunyaa keessa jirramoo Addunyatu nu keessa jira?

■9)Yoo qophaa'aa taate guyyaan borii qabeenya ati qooddachuuf eeggattuudha.

■10)Jaarraan kun Jaarraa mul'ataan injifatan malee;Jaarraa mufachuun injifataniimiti.

■11)Addunyaan sammuu kee fi jecha ati waa'ee keef qabdu keessa jirti.

■12)Nama jechuun bu'aa yaada Isaati. Namni waanuma yaadu fakkaata.

■13)Barrisuu kan dandeessu; hanga barrisuu dandeessu yoo amante qofa.

■14)Of hin shakkin Inni namni biraa si shakkuuyyuu si ga'aa.

15)Dirree injifatamtetti lubbuun jiraachuu caalaa; Dirree injifatte keessatti duutee awwaalamuu wayya.

16)Meeshaa ammayyaa Caalaa; sammuu
Injifannoo qabaadhuutii gara dirree seeni.

17)Tulluun Ofiin beekee si duraa kufu hin jiru. Tulluun ati dhiibdee si duraa kufuu didus hin jiru.

18)Sammuu injifannoo malee hidhamee jiru qabaachuun rakkisaadha.

19)Sammuu hidhamaan addunyaa hiikkamaa keessa jiraachuu irra qaamaan hidhamanii sammuu hiikkamaa qabaachuu wayya.

20)Rakkina kaleessa sirra ga'e har'as rakkina jettee dubbatta taanaan, har'aayyuu namatu si hin argine malee ati rakkina kaleessa caalu keessa jirta.

21)Of Booda hin ilaaliin! Borii kee namni siif ilaalu hin Jiru::

Maddi:-MIRATUU SHAANQOO"

@walaloo430
@walaloo430
@walaloo430

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

12 Nov, 19:54


Dr. Mehdi'n ogeessa baqaqsanii hodhuu waliigalaa biyya Iraaq ture. Bara 1995tti haadha isaaf yaala baqaqsanii hodhuu otuu hojjechaa jiruu haati isaa rakkoolee tokko tokko mudateen harka isaa irratti duute. Ergasii booda miidhaa sammuu isarra gahe irraa dandamachuu waan hin dandeenyeef, daandii naannoo isaa irra naanna'ee, dallaa irratti "Haadhakoo dhiifama naaf godhi, baay'een si jaalladha, garuu si oolchuu hin dandeenye." Jedhee barreessaa oola.

Sadarkaan haadha tokkoo maal akka ta'e ofuma keessanii tilmaamaa, kanaaf warri haati keessan lubbuun jirtu akka gaariitti kunuunsaa. Warri haati keessan du'aan boqotte hundaaf immoo Waaqayyoo isin haa jabeessu!

#haadha❤️
Tadele F


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

11 Nov, 12:29


Lapheen Inni Durii
Inni Hin Qabne Xurii...
Dhiigarraa Hojjatame
Dhiiga Kennaa Waaqaa
Nama Kan Ta'e Hundaaf
Balbala Isaa Saaqa!
--
Lapheen inni ammaa
Gagaan irri dammaa...
Birrii irraa hojjetame
Birrii abbaa dhibbaa
kanaaf sooreessa jaallatee
Hiyyeessammoo Jibba!


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

11 Nov, 12:14


Kibba Eeshiyaatti gosa mukaa jaallatamaa #shimala gurguddaa.

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

11 Nov, 12:12


Paws yeroo dhiyoo keessatti hordoftoota hedduu horateera.
Warrin eegalle eegalaa

https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=OfJgg3Pm

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

11 Nov, 12:09


kana dhageessanii


👁Amantanis amanuu baattanis manguddoon Chaayinaa isin argitan kun waggaa 92 dha.
Waggaa 60 ol garaa isaanii keessa baatanii kan turan (#ulfa du'aa) bara 2009 GC keessaa baheefiira

Mudannoon akkanaa stone pregnancy jedhama.

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

10 Nov, 17:28


Kana dhageessaniittuu?


Qorannoo fi qo'annoon garaa garaa akka addeessutti dhiirota rifeensa qaban irra caalaa dhiiroti moluu ykn #malaaxaa ta'an dubartoota sossobuun kan isaanii godhachuu danda'u.

Qorannootu jedhe



@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

09 Nov, 14:13


Sababoota kanaaf hin fuudhiin ykn hin heerumiin!

1). Wal Qunnamtii Saalaaf jette hin fuudhin.

2). Dulloomaa waan jirtuuf hin fuudhin.

3). Umuriin isii ijoollee waan taateef hin fuudhin.

4). Kophaa waan taateef hin heerumin.

5). Nama Maallaqaan si deeggaru waan si barbaachisuuf hin heerumin.

6). Dogoggoraan isaaf Ulfa waan taateef hin heerumin.

7). Nama sana dhabuu waan hin barbaanneef hin heerumin.

8). Sababa Dhiibbaa maatiitiin hin fuudhin.

9). Yaada Fuudhaa fi Heerumaa waan sitti toleef hin heerumin.

10. Sababa Mararfannaatiin ykn Mararfannaa irraa kan ka'e hin heerumin.

11). Sababa Gosaan hin fuudhin.

12). Uffaata cidhaa waan dinqisiifattuuf hin heerumiin.

13). Ijoollee waan jaallattuuf hin heerumin.

14). Hiriyoonni kee hundi Fuudhaa waan jiraniif hin fuudhiin.

15). Sababa Ulaagaa Qaamaa/ Barnootaatiin hin heerumin.

16). Hiree guutuu waan barbaaddeef fuudhi.



@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

09 Nov, 10:45


#jecha_beektotaa



"Guyyaa hin lakkaa'in, guyyootni akka lakkaa'aman godhi".

🫸Mohaammad Alii



#jecha_beektotaa


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

05 Nov, 12:20


#kana_dhageessanii?

🖌Callisaa jedhamuun moggassa maqaa kan argate namticha lammii Ingilaand.

Waggoota torba darbanitti karaa Swaansii irra dhaabachuun daandii tiraafikii dhiphiseera.

Dubbii tokkollee waan hin dubbanneef maaliif waan akkasii akka inni godhu kan beeku hin jiru.
Gochasaa kanaafis si'a 9 hidhameera. Yeroo dhumaaf waggaa 3 hidhamee erga bahee booda bifa haaraadhaan karaa cufuusaa itti fufeera.


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

04 Nov, 12:13


Guyyaa 5 dura Tiraamp filannoo pirezedaantummaa garaagarummaa 33% dursaa ture.

Har'a garuu lamaan isaaniiyyuu wal qixarra jiru 😏?

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

04 Nov, 10:37


Kana dhageessanii?

🔵Abjuu keenyatti otoo duunuu yoo of argine lubbuun keenya bahuuf yoo jettu hirriba keenyarraa dammaqna.
Sababnisaas sammuun keenya du'a booda maaltu akka ta'u waannhin beekneefidha.

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

04 Nov, 08:52


#jecha_beektotaa


"Akkuma sibiilli yoo qarame malee hin calaqqifne akkasuma namnis yoo rakkinaan qoramee bahe malee addunyaatti mul’achuu hin danda’u."
🫳Konfiishiyees

"Sodaa kee of keessa dhokfadhu. Dhimma biraa garuu hiriyoota keetiin mari’adhu."
🫳Robert Luis Stevens

"Sammuun keenya qaamota keenyatti amanuu dhiisuuf aangoo qaba."
🫳Andire Morwa

"Namni namoota injifatu nama cimaadha. Namni ofiisaa injifatummoo nama hundumaa caala."
🫳Laawoo 8ffaa

"Dadhabinni jireenya keessatti nama quunnamu tokko qofa.Innis waan beekuu qaban beekuu dhabuudha."

🫳Kanan Frederik Furar


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

03 Nov, 16:31


#jechoota_si'eessituu


"Sammuun kee foddaa ati ittiin addunyaa kana ilaaltu waan ta’eef yeroo hundumaa banaa taasisi."

🫳George Barnaad show


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

03 Nov, 13:09


TikTok account kana ariifachiisaadhaan gatii madaalamaatiin namni bituu barbaaddan Keessaan na dubbisaa yookiin naaf bilbilaa amma!

👉 @tsegish27

📞 •➤ 0942756112
📞 •➤0964594121

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

03 Nov, 12:21


#jechoota_si'eessituu


"Namoonni dhukkubaan hin du’an, dhiphina keessa isaaniitiin malee…"

🫳wiiliyaam Muuldan


"Yeroo hundumaa tarkaanfii tokko tarkaanfachuu yommuu yaaddu, gufuu tarkaanfii tokko si ittisuu danda’utu si dura dhaabbata.

🫳 Antuwan Tekov

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

02 Nov, 07:55


#makmaaksa_Oromoo


"Jaartiin ofiin teessuma baddee na jala ilaaltan" jetti jedhani


Ihi'i

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

02 Nov, 07:34


💎Paws guyyaa 4 keessatti 15M Active users horachuu danda'eera.

➡️Akkuma beekamu Blum co-founder kan ta'e smerkis paws akka jalqabameen jalqabarra ykn top ላይ ture

➡️ Airdrop gaarii akka ta'e shakkii hin qabu

➡️Task hojjechuun deemuu dandeessu

Eegaluuf
https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=OfJgg3Pm

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

02 Nov, 05:24


Tarii dacheen kunuu...
Dacheen nama baattu,
Giiftiin hundaan firaa
Dandeessuu fakkaattu
~
Gar-tokkeen ishee citee
Sululaan moogga'a
Gam-tokkeen ishee lixee
Hallayyaa faa ta'a.
~
Dugdi ishee jabaataan
Gamoo meeqa baatee
Dirri ishee hammaataan
Kichuu meeqa nyaate
~
Tarii dacheen tunuu
Kan jalli bishaanii.....
Kan irri waan hundaa,
Nan shakkan amanu
Giggidduu qaama ishee,
wal-akkaan ibidda!

✍️Diribe

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

01 Nov, 19:44


Airdrop kana binance beeksisaa jira #waxxaraa hojjedhaa

Airdrop isin darbuu hin qabnedha. Fayyadamaa

https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=OfJgg3Pm

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

01 Nov, 13:38


Si jaalladhee siif of kennee
Yoon of dhabu
Siif dhidhiibee si wal'aanee
Gaafan cabu
~
Haalbeen tumee siif bareeche
Yoo na haamu
Dungoo ta'ee siif boba'ee
Gaafan dhaamu
~
Sababni isaa...!
Rakkoo kee gadi jedhee
Eelee kanin baadheefii
Naaf deebiftaadhaaf miti
Waanan si jaalladheefii!

Fb

@baacoowwan


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

01 Nov, 07:50


Itoophiyaan hiyyummaadhaan addunyaarraa meeqaffaarratti argamti?

Uummata addunyaa biliyoona 6.3 keessaa biliyoona 1.1 kan ta'an hiyyummaa bifa adda addaa qabu keessa jiraatu.
Uummata hiyyummaa keessa jiru hedduu qabaachuun ammoo Afrikaa keessaa tokkoffaan Itoophiyaadha jedha gabaasni haaraan. #innaat_hager_jedhan



BBC Afaan Oromootu jedhe🫣


#haaxaraawu jedhe Mardaasaan.


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

01 Nov, 07:44


Abbaan intala isaatiin akkas jedhe

"Intala koo, akka ani hojii qulqulleessuu hojjedhu eenyuttuu hin himiin, sitti kolfuu danda'u" jedhee namni kun intala isaa gorsa. Intalli isaa garuu, suura kana gadii social Media irratti qooduun " Abbaan koo hojii qulqulleessuu hojjeta; ani baay'een itti boona" jechuun maxxansite.

Abbaan utubaa manaati! 🥰💥



@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

31 Oct, 15:57


Airdrop kana binance beeksisaa jira #waxxaraa hojjedhaa

Airdrop isin darbuu hin qabnedha. Fayyadamaa

https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=OfJgg3Pm

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

31 Oct, 11:50


Sinbirroo koo barrisii
Samii keessa kaadhuu
Dhaamsa koo ballisii
Lubeetti naaf laadhuu
~
Hundinuu nattin toluu
Keessako waadeeraa
Kan abdii natti horuu
Sagaleeke yaadeeraa...!
Baayyeen si jaalladha
Si dhabuun naaf cabaa
Haqa kee hin dhoksuu
Dhugaa keen lallabaa
Ati hin beektu ciiftee
Irbuu dhiigaa baattaa
Jiruu dhuunfaa dhiiftee
Bultii keenyaaf kaattaa
Burqaa shiraaf dabaa
Karra isaa kan cuftuu
Abdii guddaan qabaa
Milkiin akka dhuftuu....!
~
Allaattii koo joobiraa
Samii keessa kaadhuu
Jedhiiti dhaamsa koo
Lubeetti naaf laadhuu...!

✍️Amena teferi

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

30 Oct, 17:09


Afaan jaalala
~~~
maal jedheen sitti himaa
akkan si jaaladhuu
mallattoo miira kooo
atoo na hin hubattuu
~~~~
Ija koo na cabsaa
laboobaa nyaara koo
yoon sitti himuuf ka'e
na luugama arrabnikoo
~
Si arguuf sardameen
sittimuuf holladhaa
osoon afaan beekee
miira koon baafadhaa
~~~
Beeka afaan dubbii
qooqa walii galaa
maaf naa dumdumaa
qooqni afaan jaalalaa.

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Oct, 18:35


Kan akka Kee hin jiru
Dachii kana gubbaa
Rakkadhus qanna'us
waa'een Koo si guba
Isan Mana ba'ee
bultii koof dhibamu
Mataa Kan Koo caalaa
si'i kana cinqamu
Fakkaattuun akka Kee yoomillee hin argamu
Inni hamaa Kee fedhu
si jalaa haa dhabamu
Hayyiyyoo too harme
si ibsuu yaalullee
jechi siinargamu*2

Maal jedhuree ka'ee yookaan haa raawwadhu
Akka ati gammadnaan ijaan si daawwadhu
Boqonnaas Argadhu*2?
Si ibsuudhaaf yaalee
jechoota tarreessus
Ganamaa fi guyyaa
hunduma barreessus
Qubaan katabullee
fayyadamees Kobbee
Siif jedhee fiffiigee
narraa dhumus kopheen
Siif jechas Yoon boo'ee imimmaan na cobes
Innootii sin ibsu harmee harmi cobe*2

FaFarid Fira


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Oct, 19:12


😱 Namoota online irra Jirtan Qofaf Badhasa Birr 1000 Namoota 5 Durse join Godhef Qopheesine jirra dafa Abba carra ta'a Iddo Add jedhu tuqun

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Oct, 16:42


Tapha Eegama premier league England Arsenal fi Liverpool Kallatin Mana keessan teetani Kara salphaan daawachu yo barbadan Iddo live jedhu tuqun Daawwadha.

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Oct, 13:22


😱Dafi amuma Join Godhi Qarshii dhibba 🤑tokko badhafami Channal asi gad jiru join gochun lakkofsa tokko barreesi Kaardi Abba dhiiba badhafami nama 🙈10 qofatu badhaafama

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Oct, 11:27


Biiftuu gamaan baate
Taatee calaqqifta
Lubbuu si jaalattu
Manaaban harkifta
Mee akkam off godhu
Na keessaa nyaqqifta

Akka an si yaadu
Caalatti na yaaddee
Fuula Kee bareedaa
boo'ichaan dabaaltee
Erga natti ergite
Abjuun suura kaaftee
Kolfi na waakateet
Qalbiin Koo na irkifte
Siif birmannaa dhayxe
Dhimma Koo lakkiftee
Dheebuu si baasudhaaf
Iji Koo nyaqqiftee
Imimmaan jaalalaa
Walitti cimmifttee
Mallaa lamaan gubbaan
Dakatti kaachiftte
Qalbii kootin wajjiin
Qilleensat fanniftte
Lubbuun too onneen too
Jaalalaan ichimtte
Erga siif ergite
Guyyaansii bubbultte
Jaala too akkami
Ergaan too si geeyse
Moo achumaan qilleensi
Dirree gubbatti nyaate??

✍️filee bar


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

24 Oct, 11:07


SITTI #HIMACHUUN_SODAADHE

Akkana jedheetin
Lubbuu tootti himaa
Aduun dhi'ee rafi
Obsiitii ganamaa

Lafti yoo bari'es
Nan jedha galgalaa
Sitti himachuu dhufeen
Si daaw'adhee galaa

Jaalalan siif qabu
Ibsuun natti cimee
Waanin du'un of se'a
Yoon baasee sitti himee

Sodaa biraa mitii
Si dhaban sodaadhee
Yoonin jaalala koo
Ol baasee himadhee

Vaayirasiin dhukkuba
Sammuu namaa hubaa
Laalaan jaalala dhoksaa
Baay'ee nama gubaa

Atoo naaf hin beektu
Akkan sijaaladhuu
Tole naaf jettaaree
Baasee sitti himadhuu

Waggaa baay'ee fan
Kophaa koo gubadhee
Akkan sijaaladhu
Sitti himuu sodaadhee

Onneet bishaan na ta'a
Hogguun si dhiyaadhuu
Ibsuus hin danda'u
Hangan sijaaladhuu

Naaf beeki rakkoo koo
Gaqqabii hubadhuu
Dhugaan sijaaladhee
Atis najaaladhuu

Ati dawaa onneeti
Kennaa dha rabbirraa
Akkan sijaaladhus
Naaf beeki onnerraa

Yeroo dheeraa dhaafin
Sitti himuu sodaadhee
Waan jette naañ jedhi
Kunoo sijaaladhee

Qillisa Seenaa


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

23 Oct, 10:36


#makmaaksa_Oromoo



“Akka aadaa keenyaa gaara gubbaa baanee teenya" jedhe harmi ykn guntutni dubartootaa.


Yeroo inni akkasitti afaanii baasee dubbatu dhaggeeffachuun koo na ajaa'ibeera.





#Makmaaksa_Oromoo

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

22 Oct, 05:48


#makmaaksa_Oromoo

"Loon kana ooftee ooftee abbaan geessa" jedhe namichi hatticha dhama'aa loon oofu sanaan.


#Dhama'aa

#makmaaksa_Oromoo


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

18 Oct, 12:00


#makmaaksa_Oromoo


"Kaleessa dhaqna qabanne, har’a gurra uranne - irraafi jalaan gubanne” jette intalli.


#makmaaksa_Oromoo

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

14 Oct, 12:13


- Namni kun Paul Biya jedhama.
- Pirezedaantii biyya Cameroon
- Umuriinsaa waggaa 91.
- Waggaa 40 oliif biyya Cameroon bulche, ammas filannoo itti aanutti hirmaachuuf qophiitti jira😏
- Erga ji’a tokkoo asiimmoo ija uummataa duraa badee, hin argamne.
- “Ni dhukkubsate moo maal ta’ee bade laata?” jedhee haasa’a uummanni
- Dheengadda mootummaan seera haaraa baase.
“Kana booda waa’ee fayyaa pirezedaantichaa ilaalchisee namni waa dubbate yookaan yaada kenne adabbii cimaafi hamaatu eeggata” jedha seerichi.

“Pirezedaantiin keenya maaf bade, ni dhukkubsatee laata?” jechuutu yakka. Isayyuu pirezedaantii waggaa 91ti bar🫤
Ayi Afriikaa!

Nagumaa isin?

Lataa Qana'ii


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

11 Oct, 12:33


Randatti na baastee
Laphee koorra ciistee
Siree kiyya jiistee
Miira kiyya kiistee

Gorora unachaa
Jaalalaan taphataa
Laphee koo jaalalaan
Garaa koo amalaan
Waan meeqa aarsitaa?

Kachalu
@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

09 Oct, 05:55


#makmaaksa_Oromoo



"Kan dhadhaa baqsite osoo jirtuu kan raafuu affeelte michiin dhahe."

"Korma dhugaan booratu biyyeen ija hin buutu."

#makmaaksa_Oromoo


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

07 Oct, 12:23


#makmaaksa_Oromoo


"Humna qabaannan sagaliin lolu, dhabnaan sagalee tolu." Jedhe abbaan Qalbeessaa.

"Humnaan nyaataniif humna namaaf hin ta'u." Jedhe Boxoon.
Ayi Boxoo kanaa!😔

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

06 Oct, 11:19


#makmaaksa_Oromoo



"Haati yoo jajjabeessite intalli heerumti!" Jette Haati Hawwinee ollaatii intala haftuu warra qaban garaa hammeessuuf.

 

#share


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

05 Oct, 13:44


➡️ Kurupheen 🦌 ganamaan yeroo kaatu ishee nyaachuuf kan jiru Leenca jalaa fiigdee miliqxee bahui akka qabdu yoo ta'uudhaabaate garuu akka nyaatamtu beekteetu

➡️ Leencis 🐆 ganama yeroo hirribaa dammaqu ariitii kuruphee ol fiiguu akka qabu yoo hin fiigu ta'e garuu beelaan akka du'u ni beeka beeka.

Kuruphees ta'i Leencas ganama yeroo hirribaa kaatu jiraachuuf ykn jireenyaaf fiiguun akka sirra jiraatu beeki.


🔻 @baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

04 Oct, 03:32


Nama gaddisiisa.
Sababa #Qumaara kanaa namoonni lubbuu ofii balleessan baay'achaa jiru. hanga yoonaatti nama 6 dhaga'eera! Lakkii jarana qarshii hojjattanii argattuu lubbuu ofii hin baasinaa! Via Alex Taye

Ammayyuu #Qumaara adda addaa irraa of eeggannoo godha bu'aa qumaara kan fakkaata


Sanyii G

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

02 Oct, 10:07


📍kana dhageessanii?


🫵Dubartoota Gibxoota durii ulfa ta'uu isaanii mala ittiin test godhan

Qamadii fi garbuu irratti fincaan isaanii fincaa'uun yoo ta'u Qamadii sun yoo guddate dubara, Garbuun yoo guddate dhiira.

Homtuu yoo hin biqiliin hafe ulfi hin jiru jechuudha.

#Kanan_dubbiserraayi


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

29 Sep, 16:47


Kana dhageessanii?


Ispeesii irratti boo'uun akka hin danda'amne beektuu laata?

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Sep, 13:46


🤞Kana dhageessanii ⁉️

📍Xiyyaara Jumbo Jet jedhamuun kan beekamu (Boeing 747) keessatti Gaazii ykn #nadaajii xiyyaara kanaaf naqamu keessatti argamu konkolaataa tokkoof otoo guutamee konkolaataan sun addunyaa kana si'a lama naannessuu danda'a.🤯

Jedhaniidha egaa 🫂 ani nuti warra 🦶kanaati

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

28 Sep, 13:38


CATS AND DOGS

airdrop kun Cats & dogs waliin ta'uun kan eegalan yoo ta'u guyyaa 10 dura eegalee yeroo gabaabduu kana keessatti hordoftoota 6 M ol Community isaaniirraa argachuu danda'aniiru 😳🔥

Wayita seentan akkuma Dogs fi Cats umurii account telegram keessan irratti hundaa'uun point kenna. Dabalataanis dogs ykn Cats keessaa tokko filachuun percent sassaabdanirratti hundaa'uun garaagarummaa sa'aatii 8,n seentanii $FOOD claim gochuu dandeessu 🔥

Bultii 10 keessatti taphattoota 12 M ol horachuu danda'aniiru

Eegaluuf :- CATS_AND_DOGS

https://t.me/catsdogs_game_bot/join?startapp=684510892

@orocyrpto

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

27 Sep, 07:57


QALBII-Hangafa Gaggessuummaa

Barreessaan:- Zakaariyaas Adduunyaa

Kitaabota goosa adda addaa dhimma Oromoo fi kan biroo irratti barreefaman argachuu yoo barbaaddan Chaanaalii kanatti makamaa.


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

26 Sep, 08:06


Kana dhageessani

#Saawwa

❖ saawwan xannachi dafqaa isaanii kan jiru funyaan isaanii keessa waan jiruuf qaama isaanii keessaa kan dafqu funyaan isaaniidha.

❖ saawwi biyya Indiyaa keessatti beellada qulqulluudha.

❖ saawwi 1 guyyaatti hancufa hanga litira 180 oomishuu dandeessi.

❖ Saawwi gamoorra (darajaarra) bahuu malee bu'uu hin dandeessu.

* Saawwi 1 bara jireenya ishee keessaa aannan hanga qaruura 200,000 kenniti.

Dubbistanii yoo jaalattan 👍 tuqaa

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

25 Sep, 09:27


Kana dhageessanii💨


🚨Balalliin xiyyaraa yeroo jalqabaaf kan taasifame December 17 1903 GC ture. Waktii sanas Obboleewwan lamaan Wilber fi Oliver raayit jedhaman kaaba Kaalifoorniyaa Kiitii hawuk keessatti balallii gabaabaa Afur taasisan.


#fly🥉🥈🥇

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

25 Sep, 04:34


#xiqqoo_seeqaa

Abbaa manaa👨 😋 bultii erga ijaarrannee waggaa 20 guutuu bara waliin jiraanne keessatti dubbii koorraa yeroo hundumaa dogoggora barbaadda😓

Haadha manaa 👩 ☺️waggaa 20 miti 21 dha malee kan waliin jiraanne😒

share
⚠️join


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

24 Sep, 10:17


Telegram iccitii maamiltootasaa mootummaaf dabarsee kennuuf akka ta'e beeksise.

Odeeffannoo kana kan kennus qaama mootummaa seera guutee argameef lakkoofsa bilbilaa fi IP adress maamila isaa dha

@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

23 Sep, 12:21


Tortoraaf suunqoo qotu
samaan suunqoo nagadu
Shafoo akka kee kanaaf
maalif Kan qalbiin na badu?
.
Atoo kabeelaa kanaa
haftuu dubartii beeraa
Onneen koo si kanarraa
maal dhabee maal kejeelaa?
.
Atoo fokkiftuu kanaa
fokkiftuu budaan jibbu
Atoo coolligduu kanaa
maalif na duraan dhibduu?
.
Sifaan boobee tumaaree?
Siifaan boo'ee du'aaree?
.
Maagaalleen gatiin dhibba
diimtuun gatiin shantamaa
Kan akka keetii kanaaf
hin kaffaluum digdama!
.
Sababa keen hurreessa
hin kabaju siif duudhaa
Farda malee dhufeetaan
gabbara malee si fuudhaa
.
Siifan boobee tumaaree?
Siifan boo'ee du'aaree?


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

22 Sep, 19:08


✍️"Obsi golgituu madaa dhala namaati"


konkolaachistoota Baajaajii adabbiin itti hammaatetu barreeffate.


@baacoowwan

HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.

21 Sep, 08:32


Raajii Hamster 😎

Faarmaasistiin lammii Naayijeeriyaa tokko Chief director isaaf xalayaa barreesseera. Sababni isaas HAMSTER irraa maallaqa guddaa nan argadha jedhee yaaduun, maallaqa guddaa argatuunis Pharmacy Manufacturing akka banu karoorsuun dhaabbata hojjetu keessaa mindaa isaa kan ji'a September dhiisuu isaa xalayaa olii kanaan beeksiseera.

Har'a garuu😥

Haa ta'u malee sababa cheating card irraa kan ka'e akka jedhame dubbateera.

@orocyrpto