"Magaalaa Jimmaatti ayyaanni hundeeffama Paartii Badhaadhinaa karaa milkaa'aa ta'een kabajame."- Obbo Waasee Girmaa
Jimmaa, Sadaasa 12/2017 (WKMJ)
Magaalaa Jimmaatti ayyaanni hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa karaa galmaafi kaayyoo yaadame milkeesseen gaggeeffamee kan xumurame ta'uu Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Jimmaa Obbo Waasee Girmaa ibsaniiru.
Ayyaana hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa qophiiwwan garaagaraatiin abbaa paartichaa kan ta'an hawaasa waliin bifa ho'aan kabajuu ibsani.
Ayyaanicha marii seelii, konfaransii, marii paanaalii, daawwannaa hojiiwwan misoomaafi hojiiwwan tajaajaila lammummaa garaagaraa hojjechuun karaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuufi jijjiirama jalqabame itti fufsiisuun danda'amuun kan kabajame ta'uu obbo Waaseen eeraniiru.
Yemmuu ayyaana kana kabajnu hawaasni keenya bu'uura irraa barbaachisummaa hundeeffama paartichaa sirnaan hubachuun injifannoowan gurguddoo waggoottan shanan darban argaman irra dhaabbatee mul'ata Oromiyaa fi Itoophiyaa keessatti tokkummaa fi walqixxummaan sabaafi sablammootaa mirkanaa'ee fi biyya Afrikaa keessatti fakkeenya Badhaadhinaa taate ijaaruuf Paartichi qabatee jiru milkeessuu keessatti ga'ee isaa akka ba'atu bifa onnachiisuu danda'uun kan kabajame ta'uus himaniiru.
Obbo Waaseen hawaasni Magaalaa Jimmaa bu'uura Badhaadhinaa ta'uu himanii, hojii nageenyaafi misoomaa irratti tumsa taasisaa jiru hawaasni cimsee akka itti fufu dhaamaniiru.
Kominikeeshinii Magaalaa Jimmaa