JECHOOTA GAMNAA @jechootagamnaa Channel on Telegram

JECHOOTA GAMNAA

@jechootagamnaa


Jechoota psychology ykn Xinsammuu fayyadan irraa argachuu dandeessaa.
☞︎︎︎Jechoota Hayyoota ☞︎︎︎Gorsa BEEKTOTAA fi Gorsa JIREENYA

JECHOOTA GAMNAA (Oromo)

JECHOOTA GAMNAA kan hojiiwwan qorannoo keessatti argame yoojannoo Oromoo fi Afaan Oromoo cimaa ture. Kan bakka bu'uurraa itti argaman jechootni dhaggeeffadhaa, xiqqoo fi xinnaa hundaa irratti argamuun kan biraa daandii dandeessa. Jechoonni kun itti fayyadamaa yeroo fi yeroon guutuu waliin gamta. Kan jechoonni irraa fuula dandeessuuf labsee warra irra fuula dandeessuuf cima guddaa qaba. Kan jechoota Hayyoota fi kan Jaalatan keessaa labsame kanaaf kan kabajan gamnaa itti fayyadan dandeessu. Kan bakka bu'uurraa itti fayyadamuun hin argamne dabalatee qaba. Jechoonni kanneen kun jechoota xiqqoo fi xinnaa hundaa irratti argaman hin beekne kan isiniif qabe gamanaa jira. Jechoonni kanas kan hojiiwwan qorannoo keessatti argaman kana bakka bu'uurraa itti fayyadamuun hin dandeessanina. JECHOOTA GAMNAA itti fayyada!

JECHOOTA GAMNAA

11 Jan, 19:10


Atuu Kitaaba

Kitaabni addunyaa kanarratti dubbifame fi qoratamee bira hin ga'aamne nama.Namni uumama raajii fi humna addaa qabuudha. Kanaafuu, ofii kee kitaaba keessa barbaaddee of hin argatu.

Ati of keessa baddee jirta of barbaadi,of dubbisi. Ogummaan jalqabaa of beekuudha.

JECHOOTA GAMNAA

09 Jan, 23:06


Argadheeni…malee Naaf
Kennamee miti🤷🏽‍♂️ Usain Bolt🙌

Jechi kun waan hedduu na barsiise namootni jireenya keenya keessatti wanti gaariin yeroo nu mudatu argadheeni jenna yeroo hamtuu argannu ammoo naaf kennamee jenna🥰 Yuunivarsitii yeroo turre A fi B argadheenii jedhu C, D fi F ammoo barsiisaatu naaf kennee jedhu🤷🏽‍♂️

Jireenya keenya keessatti gaariis ta’e hamtuu harka keenyaan ofiif kenninee arganna malee namni nuuf kennu hin jiru.

Kanaafuu Mahaandisii jireenyakee suma qofaadha, kufaatii keetiif namatti hin qabatiin. Jireenyakee jijjiruuf ammoo #ZooniiMijataa (Confort Zone) kee keessaa bahi, jabaadhu hojjedhu Waaqni/rabbin/umman kee si gargaara

JECHOOTA GAMNAA

06 Jan, 00:05


Namoonni gatii gaarii ofiif kennan yeroo hundaa addunyaa mataa isaanii keessa jiraatu. Waan isaan biratti fudhatama argate jajanii jaallachuun, wanta isaan biratti kiiloo hin kaafne tuffatanii dhiisu. Tuutni gurmaa'ee waan harka irratti reebeef yaadota hin keessummeessan; koreen hundaa'ee yaadota kuffiseefis waliin yaadatti dugda hin galan. Koreen ajandaa isaas, miseensi gurmii isaas of mataa isaaniiti.

JECHOOTA GAMNAA

01 Jan, 01:21


Waan qabduun gammadi waan barbaaduf hojjacha.👑

JECHOOTA GAMNAA

01 Jan, 01:20


Daandiin ani irraa adeemaa jiru mijataa miti jettee duubaatti hin deebi'in. yeroo baay'ee karaawwan rakkisoo ta'an gara bakka bareedaatti waan nama geessanif

JECHOOTA GAMNAA

01 Jan, 01:20


Waan feetu fi hawwitu yoo dhabde uumaa keettii hin gaddiin , inni waan barbaaddee osoo hin taane , waan si barbaachisuu siif rawwataa!

JECHOOTA GAMNAA

30 Dec, 03:17


👍"Nothing is free. if you want to be successful, you have to pay a price."

"Wanti bilisa ta'e hin jiru. Milkaa'uu yoo barbaadde gatii kaffaluu qabda."

JECHOOTA GAMNAA

29 Dec, 01:30


Namni garaa isaa "beelaaf obsa barsiise" eenyuufuu hin mo'amu! Injifataa dha.💪

JECHOOTA GAMNAA

29 Dec, 01:30


kopha Deemuu kee osoo hin taane Daandii Sirrii irraa Akka Deema jiirtu Qofa mirkaneafadhu.

JECHOOTA GAMNAA

23 Dec, 04:06


Jibbì jaalalaan malee jibbaan hin badu. Akkasumas garaagarummaa yaada gidduu keenya jiru wal hubachuun malee falmiidhaan hin furamu.
@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

23 Dec, 03:51


Namoota waliin yoo ŵal falmitee ragaa ga'aa dhi'eessuun injifachuu dandeessa,garuu injifannoon̈kee injifannoo duwwaa yookaan hoomaa hin̈ qabneedha , sababnisaa ilaalcha gaarii mormitoota kee sanaa waan dĥabduf.
@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

22 Dec, 06:51


Gatii Nama Hin Dhabsiisin!

🚫 Shiggirreen yookaan haadduun akka malee qaradha, garuu muka muruu hin dandeessu.
🚫 Qottoon akka malee jabaadha garuu
rifeensa muruu hin danda'u. Namnis akkaataa yeroo fi kaayyoo isaatiin barbaachisaadha.
🚫 Gatii namaa waan hin beekneef gatii nama hin dhabsiisin!

Nama jaalattuuf share godhi!

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

21 Dec, 02:42


Warri har'a eessaa geessa siin jedhan.guyyaa tokko immoo baga geesse siin jedhu. yoo jabaatte afaan lama(2)nama dubbachiifta.
Kanaafuu jabaadhuu hojjedhu.

JECHOOTA GAMNAA

15 Dec, 02:10


🥶Bakka humna/Anniisaa kee Itti qisaasessuu hin qabne torba(7):⤵️

Humna kee namoota si hin deeggarre irratti hin qisaasessin.
Waan namoonni biroo waa'ee kee yaadan irratti humna kee hin qisaasessin.
Humna kee walitti dhufeenya hiriyummaa gama tokkoon qofaa irratti hin qisaasessin.
Humna kee namoota darbee darbee qofa si barbaadan irratti hin qisaasessin.
Humna kee Rakkoo kan kee hin taane irratti hin qisaasessin.
Yaadni kee akka hin hiramneef qofa waan tokko hojjechuu irratti humna kee hin qisaasessin.
Nama kee fedhii hin qabne dinqisiifachuuf humna kee hin qisaasessin.
Humnaa fi yeroo hangam akka gatii qabu caalaatti hubadhu.

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

15 Dec, 02:07


📩Jireenya kee keessatti namoota hedduu waliin wal barta. Hundi isaanii kaayyoo galmaan gahan qabaatu.📬⭐️Gariin waan haaraa si barsiisa gariin immoo si miidhe bakkeetti si dhiise deema.
⭐️Gariin kaayyoo ofittummaan ofiif jecha si jaallatu gariin immoo haal-duree tokko malee si jaallatu.
⭐️Gariin si gowwomsu, si sobu yookan immoo si duuba si hamatu.
Barumsa jireenyi si barsiisu irraa baradhu namoota jireenya kee keessatti ofii isaaniif haala mijeessuufi jecha  gonkumaa iddoo isiniif hin qabne irratti  yeroo kee hin gubin.
👎Namoonni gammachuu isaaniif akka sitti fayyadaman hin hayyaminiif.
💪Jabaa ta'i! wanti si cabsuu ykn si laaffisu jireenya kee keessa hin jiraatin. Jireenya kee keessatti namoota si barbaachisan filadhu.Atis Nama filatamaa ta'i!

JECHOOTA GAMNAA

13 Dec, 22:39


Waan yaadde argachuuf, waan qabdu dhabda, Yoo hin obsine lameenuu dhabda, kanaafuu obsa qabaadhu👍

JECHOOTA GAMNAA

13 Dec, 22:38


Waan feetuu fi hawwitu yoo dhabde Waaqatti hin gaddin..
Waaqni waan ati barbaaddu utuu hin taane waan si barbaachisu siif kenna.🥰 #Believe it @JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

13 Dec, 22:38


Yeroo tokko tokko si miidhu. Yeroo tokko tokko balaadhaaf si saaxilu. Yeroo tokko tokko maqaa si balleessu. Yeroo tokko tokko haala kee hin hubatan. Yeroo tokko tokko ni dhukkubsatta. Yeroo tokko tokko hiyyeessa taata... Tasumaa hin gaddin!

👍 Sababni isaas: Rakkina Booda Fayyina, Obsa Booda Boqonnaatu Jira, Halkan Booda Bariitu Jira, Rakkina Booda Bal'inaatu jira, Guyyaa Gaddaa Booda Gammachuutu jira.

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

13 Dec, 22:38


Osoo namni hunduu dhimma nama biraa dhiisee dhimma mataa ofiitiin dhama’ee, dhama’aan jidduutti bakka dhabaa, hubadhu! 😉

JECHOOTA GAMNAA

01 Dec, 17:03


Eessaa geessa warroonni siin jedhan

Dhumarratti baga geesse ,baga gammaadde,baga maqaa nu yaamsiste siin jechuuf jiru! Ati abdii hin kutin jabaadhu.

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

07 Nov, 04:21


Leenci iddoo tokko deemuu yoo barbaade karaa inni deemu irra bineensi baayyatus isa hin yaaddessu.

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

06 Nov, 13:36


sammuu kee qopheessi! Altokko waan kana itti yaadi, dogoggora kee hundaaf yaada garaa kee geeddari! Guyyoota dabarsite keessatti bu'aa hojii Keetii herreegi! Waan guddaa hojjettee yoo jiraatte galateeffadhu. Yoo itti gaddite gatii dhiisi malee waa'ee waan darbee utuu gaabbituu yeroo kee hin balleessin! Murteessii jireenya haaraa jalqabi! Boqonnaa isa jalqabaa irratti uumaa kee galateeffadhuu eegali. Isa itti aanu hundumaatti mo'icha galmeessita. Sammuu kee beekumsa baachisi malee oduu bara si'anaan hin butuchin. Gurra kee gara barsiisa gaariitti qabi! Humna kee immoo waan hundee qabu irratti bobbaasi! Yoo dandeesse amala nama wajjin si jiraachisu horadhu. Nama naamusa qabu ta'i. Nama rakkate gargaaruu hojii kee godhadhu!

Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyoota kee onnachiisi! Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduu fi gargaaruudha.

⏰️ "Gatiin jireenyaa dheerina guyyootaa keessa utuu hin taane akkaataa itti fayyadama guyyoota sanaa keessa jira. Namni tokko waggaa dheeraa jiraatee jireenya xiqqoo jiraachuu danda'a." (Michel Montaigne)

👍 Dhugaan jiru jireenya kee akka feete gochuu dandeessa. Garuu si'a tokkoo ol jiraachuu hin dandeessu. Namootni guddaa yaadan jireenya isaanii guutummaatti jiraatu. Isaan muuxannoo isaanii guddifachuun addunyaa isaanii bal'ifatu. Kanaaf yeroo baay'ee namoota sammuu dhiphaa caalaa milkaa'odha.

📌 Gatii Yeroo

Yeroon jireenya, jireenyi yeroo dhaan murtaa'a. Yeroon akkaataa jireenyi keenya bu'a qabeessa ta'u murteessa. Yeroo hogganuu hin dandeessu, yeroo keessatti garuu jireenya kee hogganuu dandeessa. Yeroon qabeenya qabeenya caaluudha. Yerootti fayyadamuu jechuun ofiif yaaduu jechuudha. Ammas yerootti fayyadamuun jireenya kee gaggeessuuf murtoo jalqabaa fi olaanaadha. 🕖

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

02 Nov, 15:58


#ILAALCHA_KEENYA!

#Ilaalcha jeechuun akkaataa sammuu keenya wanta tokko itti hubatu jeechudha. Jireenya namaaf murteessaan ilaalcha keessa isaati. Namni hanga ilaalcha isaarra darbee jireechuu hin danda'u. Wanta hundumaaf bu'uurri ilaalcha nuti wanta sana irratti qabnuudha. Ilaalchi gaariin hundee milkaa'inaati. Ilaalcha gaarii qabaadhu, milkaa'inni kan warra ilaalcha gaarii qabanii waan ta'eef.
~
Jireenyi keenya ilaalcha nuti ilaalluun murteeffama. Kana jechuun waanti kamiyyuu akka nuti ilaalle ta'a. "Haala si mudatu waliin jireenya kee wal simsiisuu yaalii godhi malee akkan barbaadu ta'uun qaba" hin jedhiin.

#Abrahaam_Liinkan. Jecha nama kanaarraa waan baayyee baranna. Namoonni baay'een yeroo jireenyi manii #Target isaanii keessa seenuufi didutu jira. Dubbiin namicha kanaa anaan waan baayyee na barsiiseera. Innis yeroo baayyee dhugaa wantichaa hubachuu dadhabnee akkasan ta'uu qaba, kana hojjechuun qaba, isa kanaan milkaa'uun qaba jenna.
~
#Garuu hamma murtaa'e erga tarkaanfannee booda haalli sun akka nuti yaalle ta'uu dhiisaa waanti nuti hin yaalle nu quunnamee faallaa wanta yaadnee taanee argamna. Kun immoo rakkoo ilaalchaa irraa kan dhufeedha. Yeroon jedhus akka nuti itti yaadnetu rakkoon hin jiru ilaalcha jedhu qabaatee waan ba'eef malee rakkoon akka jiru of amansiifnee jireenya keenya rakkichaan wal simsiisuu dadhabnee hin argamu ture. Haalli si mudate gaarii yoo ta'es ilaalcha jireenya kee haala gaarii sanaan wal quunnamsiisi.

Akkasumas haalli si mudate badaa yoo ta'es jireenyakee haalicha dheessuu osoo hin taane isaan isa wal quunnamsiisi. "Gaabbiin kan nu quunnamu yeroo wanta darbe irraa hin baratiin hafnuudha. Atimmoo gaabbii tokko malee bekumsa haaraan gara fuulduraatti hiixadhu. Kufaatii kaleessaa teellaa deebitee hin suufini! "

'#KaatirinPuulsier' Addunyaa kanarraa rakkoon namootaa baayyee inni guddaan waan darbe irraa hin baratan jireenya haaraa fi ilaalcha haaraa burqisiisuu hin barbaadan. Kunimmoo akka isaan jireenya kaleessaa, ilaalcha kaleessaa irra deddeebi'anii yaaduudhaan boruu isaanii balleessaa jiraatan isaan taasisa.

Kaleessi darbeera namni hojii kaleessaa irra deebi'ee hojjetu hin jiru. Jireenya kaleessaa irra deebi'ee jiraatu hin jiru, wanta kaleessa yaadee fi hojjete har'a isa kan bakka buusu hin jiru. Kufaatii hundumaa keessaa inni hamaa fi gadheen ilaalcha nama gammachiisuu fi nama biratti fudhatamummaa argachuuf fiiguudha. @JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

25 Oct, 08:15


Project was one of the most important player on Mini-App market and only thing left - is listing 🕯Don’t miss this chance😎stay ahead of the game join SQUARD❗️ 

https://t.me/major/start?startapp=1116523567-946907482
⚠️  November list⚠️

JECHOOTA GAMNAA

18 Oct, 22:47


Telegram Subscribers guddifachuuf

Inbox 🥷🏽 @Khaveen

__
Channel keessan nu waliin tolaan beeksifachuuf nu qunnamaa.

1k ---10k
20k ---40k
50k ---100k

@Khaveen

JECHOOTA GAMNAA

15 Oct, 21:55


Nama hanqina sirra barbaaduuf deebii hin kennin isaaf beekkamtii kennuu taati.❤️

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

15 Oct, 21:55


Waan harka qabdu gaafa tuffatte khasaarte beeki

@jechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

15 Oct, 21:55


kana beeki!

Nyaata garaa guuttachuun
~Qalbii si goggeysaa
~Qaama si ulfeessa
~Akka daftee waa sin galle sigodha.
kanaaf Likkuma soorachuu si barbaachisa.

@JechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

15 Oct, 21:55


"...Gatiin kee kan namni siif murteessee ittiin si gurguruuf kajeelu ykn si bituuf kajeelu miti. Ati gatii fi bakka sanii oli irra jirta."

Dr Mihiratuu Shanqoo

@jechootaGamnaa

JECHOOTA GAMNAA

11 Oct, 14:03


"#Kufaatiin qamaa #Jireenyaati, hin kufnu taanan hin barannu, hin barannu taanan Gonkumaa hin jijjiiramnu. "

GALMA namni qabu nama kayyoo qabu namni kayyoo qabu immoo rakkoo miti rakkoof furmaata arga jireenya hadhaa'aa har'aan miti qabeenya har’aa qabuuniis miti kayyoo jiraatuf beeke jireenya guutuu abdii keessa isaan jiraata

Yeroo tokko tokko taate har’aa rawwaatnu ilaalame namoota tokko tokkof waan kayyoo hin qabne itti fakkaata dhugaan isaa garuu jireenya keessatti dogoggorri karaa lamaa akka uumamu beekuudhaan kan jalqabaa maatii, oollaa, hiriyoota ykn gaggeessaa keenyaan dhiibbaa nurraa Ga'uu ta'u danda'a ; kan lammaaffaa jireenya nuti haalota bakkeen mul'atan to'aachuuf tasifnuudha . yoo ati amantee ni fudhaata taate ilaalchi jal'aan jireenya kee irraatti dhiibbaa hamaa ati tasumaa mo'aachu hin dandeenye siif uume darba.

Namootni si qeequf aango guutuu qabu Sababni isaa eenyummaa kee isaa sirri si caala kan beeku hin jiru Kanaaf namootan nan qeeqiin jechuuf aangoo hin qabdu guddummaa fi kabaja kee garuu situ eeggachuu danda'u qaba.

Yoo Dhugumaa kayyoo hin qabdu taate galma hin qabdu ceephoon namoota jireenya kee irraatti ba'aa guddaa ta'uu danda'aa.

Jireenyi kayyoo hin qabne garba nama godhaa garbummaan immoo nama qofaan miti Waantootni jireenya nama hin jijjiirre kamiyyuu garba namaa godhaatanii kayyoo ofii irraa addaa nama baasu.

Namni kayyoo isaa hin beekne immoo jireenyi isaa borii duwwaadha Kanaafan jiraadha waan jedhuu tokko hin qabu. namni waan bor jiraatuf hin qabne immoo abdii hin qabu namni abdii hin qabne jireenyi isaa gammaachuu hin qabu namni gammaachuu hin qabne uuma wajjiin wal komata.

Qabeenyi gatii jabeessi karaa duraa hin jiru bu'aa ba'ii hedduu bodaa kan argachuun danda'amu yoo Dhugumaa badhadhummaan jirachuu barbadnaa taane dandeetti dhokataa keessa keenya jiru beekne itti hojjeechu qofan.

@JechootaGamnaa ™️

JECHOOTA GAMNAA

20 Sep, 19:46


Ofitti ɑmɑni! dɑndeettii kee beeki! utuu beektuu hin mufɑtin!!!dɑndeettii keetti fɑyyɑdɑmi dogoggorɑ kee irrɑɑ bɑrɑdhu!

@JechootaGamnaa ™️

JECHOOTA GAMNAA

20 Sep, 14:35


Simbirroon damee mukaa irra teessu
dameen jalaa cabuu gonkumaa hin sodaattu sababni isaas abdiin isii damee irratti osoo hin taane baallee isii irratti waan ta'eef. @JechootaGamnaa ™️

JECHOOTA GAMNAA

20 Sep, 14:34


"Dargaggeessa qophaa'eef balballi Addunyaa kanaa banaadha.Garuu Isa hin qophaa'iniif balballi mana isaatuu cufaadha".

Gargaraa profeesaraa Miratuu Shaanqoo.

@JechootaGamnaa ™️

JECHOOTA GAMNAA

20 Sep, 14:34


Waan gaarii yaadii godhi, sababiinsaa waan kamuu yoo dhabdee waan guddaa tokko garuu hin dhabduu. Innis boqonnaa sammuuti. Boqonnaa sammuu yoo qabaattee immoo hunda qabaachuu dandeessa.

@JechootaGamnaa ™️

JECHOOTA GAMNAA

19 Sep, 05:07


#Karoora jechuun waan tokko galmaan ga'uuf yaada qopheeffame ykn sagantaa ifaa fi tartiiba qabuu dha. Karoora gaarii qabaachuun hojii kamiyyuu keessatti milkaa’ina argamsiisuuf murteessaa dha. Akkaataa karoora hojimaata keessatti fayyadamuun bu'aalee addaa qaba:

#Kaayyoo fi galma ifatti murteessuu: Karoora keessatti kaayyoo ykn galma ifatti mul'atu qabaachuun barbaachisaa dha. Fakkeenyaaf, hojiin sun eessa akka geessu fi maal akka galmaan gahuuf ta'e adda baafame qabaachuu qaba.
#Tartiiba fi haala hojii ifa godhuu: Karoora keessatti wantoota hojjetamuu qaban tartiiba irratti tarreessuun hojii sirna qabu kan wal duraa duubaan raawwatamu taasisuu danda’a. Kunis yeroo, humna fi madda gargaarsa fayyadamuun salphisa.

#Qophii fi mala furmaataa qabaachuu: Karoora tokko irratti hojjachuu yeroo jalqabu rakkooleen mudachuu danda’an qoratamuun mala furmaataa qabaachuun barbaachisaa dha. Kanaaf, yeroo rakkoon uumamu itti fufinsa hojiirra oolmaa karooraa hin gufachiisu.

#Mudannoofi Yaad-rimeewwan adda addaa qabaachuu: Karoora keessatti wantoota hedduu yaadachuuf yeroo mijeessa. Hojii kamiyyuu jalqabuuf karoora gaarii qabaachuun akkaataa fi tarsiimoo filannoo hedduu akka keessa galchitutti si qopheessa.

#Sirnaan raawwachuu fi hordofuu: Karoora keessa tarsiimoo fi tartiibni tokko jiruuf, haala ittiin raawwatamu fi dhiibbaa keessa jiru ilaalchisee hordoffii barbaachisu gochuun dirqama. Kunis milkaa’ina karooraaf murteessaadha.

#waa’ee karooraa yoo ilaallu, hojii ykn kaayyoo tokko milkeessuuf qophii dursa godhamuu fi qajeelfama akkaataa itti milkaa’u ifa gochuudha. Karoora gaarii qabaachuun milkaa’ina hojii kamiyyuu saffisa fi haala gaariin galmaan ga’uu danda’a.
@JechootaGamnaa ™️

Telegram Stars ⭐️

JECHOOTA GAMNAA

17 Sep, 16:58


If you don't start 🎉

Start now

📈40M level to 40😍


𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥𝆺𝅥
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️

JECHOOTA GAMNAA

16 Sep, 20:15


(Personality) Gaarii Gabbifachuuf Fayyadan.

1ffaa: Itti gaafatamummaa fudhachuu!
2ffaa: Namoota biroof dursa kennuu!
3ffaa: Atis namootni biroonis akka injifatan hawwi!
4ffaa: Jechoota dubbattu of eeggannoon filadhu!
5ffaa: Namoota hin ceepha'in, hin mormin!
6ffaa: Kolfi; nama gaarii ta'i!
7ffaa: Amala namoota gara gaaritti hiikkadhu!
8ffaa: Namoota sirriitti dhaggeeffadhu!
9ffaa: Dharraa injifachuu qabaachuu!
10ffaa: Namoota garaa kee irraa jaji!
11ffaa: Wayita dogoggortu amanii irra darbi!
12ffaa: Mari'adhu; malee hin falmin!
13ffaa: Jette-jettee hin odeessin!
14ffaa: Waadaa kee gara kakuu jabaatti jijjiiri!
15ffaa: Namoota galateeffadhu, garuu akka si galateeffatan hin eegin!
16ffaa: Amanamtummaa qabaadhu!
17ffaa: Haaloo garaatti qabattee hin turin!
18ffaa: Waan gootu hundumaa dhugaa irratti hundaa'ii godhi!
19ffaa: Of hin guguddisin!
20ffaa: Namoota hubadhu fedhii isaaniif bakka kenni!
21ffaa: Guyyuu amala gaarii bartee godhadhu!
22ffaa: Qoosaa Amaleeffadhu!
23ffaa: Qoosaa hamilee namootaa buusu hin qoosin!
24ffaa: Hiriyaa gaarii argachuuf jalqaba ofii keetii nama gaarii ta'i!
25ffaa: Bakka namootaa bu'ii yaadi!

@JechootaGamnaa ™️

Telegram Stars ⭐️

JECHOOTA GAMNAA

13 Sep, 02:58


ᴄʜᴀɴɴᴇʟ ᴛᴇʟᴇɢʀᴀᴍ

📂 Folder Join Us 📂

If you don't have 🙏🎉

JECHOOTA GAMNAA

10 Sep, 14:22


Never give up 🎁

wanti gadhee (jibbisiisaa) akkuma jiru

wanti gaariinis jira

rakkinni akkuma jiru

furmaanni isaas nii jira

milkaa'uu dhabuun akkuma jiru

milkaa'unis nii jira

wanti jabaan akkuma jiru

wanti laafanis nii jira

ABDII HIN KUTIN

@JechootaGamnaa ™️

Telegram Stars ⭐️

JECHOOTA GAMNAA

09 Sep, 05:19


Akkuma Not coin abbummaansaa kan Telegiraamaa kan ta'e Major'n TON irratti launched ta'uuf deema. Hanga ammaa hiriyoonnikoo (warri link kiyyaan seenan) baay'een stars 5,000 ol walitti qabataniiru. Kun osoo birriitti jijjiiramee birrii 5,000 gadi miti. Warri link seentaniima dhiiftan please task sasalphaa qofa hojjachuudhaan guyyaatti stars 1,200 ol akka walitti qabachuu dandeessan hin dagatinaa. Warri hin jalqabin link'n kunooti👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482

major'n  Bonus addaa hiraa jira.l (10,000 stars). Earn keessan akkuma seentaniin "Share to Telegram story" kan jettu jirti. Yoo barbaaddan share godhaa garuu calliftanii "Share" tuqxanii yoo "check gootan gahaadha. Share gochuuf Telegiraama keessan Update gochuu isin gaafata waan ta'eef. Ammoo, Telegram keessan update godhadhaa hundi keessanuu.
Warra sichi Major jalqabdaniif👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482


Major'n feature haaraa "hold and earn" jedhamu dabaleera. Reward kan jettuun seentanii daqiiqaa tokkoof saantima gadi qabdanii turtu. Stars hanga 1000 siniif kenna. Sa'aatii saddeet saddeetiin(guyyaatti yeroo sadi) seentanii akkasuma gootu. Warra birrii baasee stars bituu hin dandeenyeef gaaridha. Malee capitalist'ooota faana dorgomuun in cima. Isaan yeroo gahaa hin qaban waan ta'eef👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Telegram star ⭐️
Carraa kana fayyadamuu qabdu
Telegram star gatii guddaatti gurguramuu danda'a
Namni star 100 qabu qarshii 223.99tti gurgurata

Namni star⭐️ 2500 qabu qarshii 529.00 tti gurgurata

Major'n feature haaraa "hold and earn" jedhamu dabaleera. Reward kan jettuun seentanii daqiiqaa tokkoof saantima gadi qabdanii turtu. Stars hanga 1000 siniif kenna. Sa'aatii saddeet saddeetiin(guyyaatti yeroo sadi) seentanii akkasuma gootu. Warra birrii baasee stars bituu hin dandeenyeef gaaridha. Malee capitalist'ooota faana dorgomuun in cima. Isaan yeroo gahaa hin qaban waan ta'eef👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482
10 000 Stars
25 000 Stars
50 000 Stars

ETB739.00
ETB1,039.00
ETB1,549.00
ETB2,059.00
ETB3,099.00
ETB5,099.00
ETB10,199.00

Namoonni baay'een Dolaara Kumaatamaan lakkaa'amu baasanii Major irratti Stars walitti qabachaa jiru. Nus isa tola sassaabbannu cinaatti hamma humna keenyaatti birrii baasnee sassaabbachaa jirra. Tola sassaabbadhaa yeroo jedhamu namoonni salphaatti ilaalan jiru. Airdrop biraa osoo ta'ee ani akkas itti isin hin dhiibu. Barbaachisummaa Stars yeroo dhiyootti arguuf jirra.
Ammallee yeroo qabdu👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482
https://t.me/major/start?startapp=946907482
Kanaafuu ammuma dafaa eegalaa👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482
https://t.me/major/start?startapp=946907482

Telegram Stars Free Stars ⭐️ Guyyaa guyyaadhaan walitti qabadhaa!

Link armaan gadii tuquudhaan namoonni haaraanillee jalqabaa! 👑
https://t.me/major/start?startapp=946907482

Telegram Stars ⭐️
Ittuma fufuun Free Telegram Stars ⭐️


https://t.me/major/start?startapp=946907482

inviting another Majors, sending gifts etc) and getting ⭐️Stars.

⭐️Good Luck!⭐️Stars

⭐️ Telegram stars


Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira.

Yeroo nama 1 affeertan urjii 750⭐️⭐️ argattu

Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef, ammuma jalqaba.


link armaan gadii kana cuqaasuun ammuma jalqabaa👇
https://t.me/major/start?startapp=946907482

⭐️Stars Telegram Stars 🌟

⭐️STARS TELEGRAM STARS 🌟START✨️
🎁SAVE FOLDERS🎁

https://t.me/addlist/sZz1Dk49-p9kNDU0
https://t.me/addlist/sZz1Dk49-p9kNDU0
https://t.me/addlist/sZz1Dk49-p9kNDU0
https://t.me/addlist/sZz1Dk49-p9kNDU0
♻️Ergaa dabalataa argachuuf👇
                   @Oromoo_Inspire

💲 It’s time to become the best of the best!$

⭐️STARS TELEGRAM STARS 🌟

JECHOOTA GAMNAA

08 Sep, 20:29


👑 Join me in game and earn $ token soon!

ㅤㅤㅤㅤㅤㅤ💰👇👇👇💰

JECHOOTA GAMNAA

08 Sep, 16:04


Wanti ati kun "hin danda'amu baay'ee ulfaataadha" jettu caaladhumattiyyuu sitti ulfaata. Faallaa kanaa wanta ulfaatu kamuu kutannoodhaan itti deemnaan baay'ee salphaadha.

Injifannoon kee harka kee keessa jira. Abjuun kees hiika qaba. Waan abjootte immoo hiika itti kennuuf ammuma irraa dhama'i! Dhamaatii fi milkaa'inni kee hiika abjuu keeti.

Abjuu kee of keessatti awwaaltee hafta taanaan ati ofiifuu hin taatu. Osoo ofiif hin taane namaaf ta'uun hin jiru waan ta'eef. Ofiif yoo taate kaaniif taata.

Jalqabni Milkaa'ina kee garuu anaa miti, isaa miti, ishee miti, isaan miti, nu'is miti, si'uma si'i mataa keeti. SITU SIIF HIIKA QABA. Hiika ofiif kenni namaa gaditti of hin ilaalin, namni ati ofii ol gootu hundinuu akkuma kee ji'a 9 tti dhalatee yeroo sana Maaliin si caala ture mee? Nuti hundinuu yeroo dirra lafaa kanatti dhufnu homaanuu wal hin caallu. Eegas booda namni akkaataa tattaaffii isaatiiniif akkaataa ilaalcha isaatiin wal caaluu jalqaba malee.

Kanaaf gabaabamatti wanti jechuu barbaadu, ilma namaa kana hundaaf yeroon wal qixa kenname. Siifi diina keetiifis wal qixa kenname, akkasumas atiif nama ati ofii olitti ilaaltuufis waluma qixa kenname.

Diina ofiitii gadi ta'anii diina ofiitti hajamuu caala wanti nama jibbisiisuu fi hamilee nama buusu hin jiru.
Kanaaf teessee diina keetii gaditti ofi hin yaadiniitii yeroo walqixa siif kennamte kana isaa olitti fayyadamuuf yaali yoos caaluu dandeessaati.

@JechootaGamnaa ™️

Telegram Stars ⭐️