Addis Standard Afaan Oromoo @addisstandardao Channel on Telegram

Addis Standard Afaan Oromoo

@addisstandardao


Addis Standard Afaan Oromoo (English)

Addis Standard Afaan Oromoo is a Telegram channel dedicated to providing news, analysis, and insights in the Afaan Oromoo language. The channel covers a wide range of topics, including politics, culture, and current events, with a focus on the Oromo community. With a team of dedicated journalists and experts, Addis Standard Afaan Oromoo aims to be a reliable source of information for the Oromo-speaking audience. Whether you are looking for breaking news updates, in-depth analysis, or cultural stories, this channel has got you covered. Stay informed and engaged with Addis Standard Afaan Oromoo, the leading source of news and information for the Oromo community. Join now to stay up to date with all the latest developments and stories that matter to you.

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Jan, 11:03


Oduu: Daandiin Baaburaa #Itoophiyaa-#Jibuutii erga hojii eegalee as yeroo jalqabaaf bu’aa argachuu beeksise

Dhaabbatni Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii erga hojii jalqabee as yeroo jalqabaaf kurmaana dhumaa bara 2024tti bu’aa argachuu isaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taakkalaa Uumaa beeksisan.

“Bu’aan argame kun karoora tarsiimowaa waggoota sadii dhufaniif dhaabbaticha gara bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf qabanneef bu’uuraa kan ta’udha” kan jedhan Taakkalaan, itti dabaluun, “...gara fuulduraatti gara milkaa’ina caalutti gahuuf adeemsa gaariirra jirra” jechuun ibsan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5537

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Jan, 09:58


Saamsoon Mokonnin Daayrektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa ta’uun muudaman

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa yaa’ii har’a gaggeesseen Saamsoon Makonniiin (PhD) bakka Obbo Mohaammad Idriis Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gochuun muudamu isaanii raggaasiseera.

Yuunivarsiitii #Finfinneetti Pireezidaantii Itti aanaa Kominikeeshinii fi Hariiroo Idil-addunyaa, akkasumas yuunivarsiitichatti gargaaraa piroofeesara maarkeetingii fi kominikeeshinii kan ta’an Saamsoon Mokonniin muudamaa kanaan Ministira Muummee Abiy Ahimadiin kaadhimaa ta’uun dhiyaatan.

Haaluma kanaan manni marichi walgahii idilee 15ffaa bara hojii 4ffaa har’a gaggeeffameen muudama kana fudhachuun Saamsoon Mokonniin Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gochuun raggaasiseera.

Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa duraanii Obbo Mohaammad Idris Ministira Nageenyaa Itoophiyaa ta’uun muudamuun isaanii ni yaadatama.

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Jan, 09:32


Oduu: Ergamni Gamtaa Afrikaa araara #Itoophiyaa fi #Somaaliyaa jaje

Ergamni #Gamtaa_Afrikaa waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduutti raawwatame jajeera.

Itoophiyaafi Somaaliyaan handaara galaanaatiin walqabatee waldhabdee gidduusaanitti mudate furuufi hariiroo diiploomaasii biyyoota lamaan gidduu deebisanii ijaaruuf Turkii Ankaaraatti waliigaltee mallatteessuun ni yaadatama.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5534

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Jan, 08:42


Labsiin taaksii qabeenyaa har'a ragga'e yaada 'namoota galii murtaa'e argatan irratti dhiibbaa geessisa' jedhu irratti dhiyaate

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 15ffaa har’a gaggeesseen wixinee labsii Taaksii Qabeenyaa irratti mari’achuun sagalee mormii afur fi kan sagalee hin kennine 10’n sagalee caalmaan raggaaseera.

Akkaataa labsichaan qabeenya kamiifuu maallaqni taaksii itti kaffalamu gatii qabeenya kanaa qaama aangoo kennameefin shallagame %25 irraa kan murtaa’u ta’a. Kunis taaksiin mirga itti fayyadama lafaa waggaatti gatii qabeenyichaa %25 keessaa, %0.2 hanga %1 kan ta’u kaffalama.

Taaksiin gamoo ykn mana jireenyaa ammoo gatii qabeenyichaa %25 keessaa, %0.1 hanga %1 akka kaffalamu murtaa’a.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02GRNtmC9STyGs9yMXvxbGFth1ihNWEtsQxp3jQ71gKz4UfEcNnSBtnoEcy2Qoui9Zl

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Jan, 07:23


#Somaaliyaan ergama nagaa kabachiisaa haaraa keessatti #Itoophiyaa hirmaachisuuf hojjechaa akka jirtu ibsite

Somaaliyaan ergama nagaa kabachiisaa haaraa Gamtaa Afrikaan jalatti Somaaliyaatti bobbahu (AUSSOM) keessatti loltoonni Itoophiyaa akka hammatamaniif hojjechaa akka jirtu Ministirri Ittaanaa Dhimma Alaa Somaaliyaa Alii Mohaammad Omar beeksisan.

Marii dippiloomaasii biyyoota lamaan gidduu gaggeeffameen fooyya’insi gaarii jiraatus, sababa ramaddiin biyyoota loltoota isaanii ergama kanaaf gumaachan waan xumurameef hirmaannaa Itoophiyaa mirkaneessuu keessatti qormaanni mudachuu dubbatan. Haata’u malee, “Furmaata argachuuf hojjechaa jirra" jedhan.

"Gufuun guddaan Itoophiyaan AUSSOM keessatti akka hin hirmaanne dhorke waliigaltee ulaa galaanaa jalqaba 2024 #Somaalilaand waliin mallatteessiteen walqabata ture. Dhimmi sun amma furmaata argateera," jechuun Alii Mohaammad Omar ibsaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02qzhmYxppE4VYenGP2qkJTjeBbw2aENB2GwRaH4KFqXk7FEW2QngpNYDqSVfBmXEal

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Jan, 14:53


#Masrii fi #Eertiraan “tarkaanfii tokkummaa fi birmadummaa #Somaaliyaaa miidhu kamiyyuu waloon ittisna” jedhan

Ministiroonni Dhimma Alaa Masrii, Eertiraa fi Somaaliyaa dhimma waliigaltee sadarkaa gaggeessitoota biyyoota sadeen gidduutti irra ga’ame ilaalchisee Amajjii 11, 2025 Kaayirootti marii gaggeessuu ibsame.

Marichi xumuramuu hordofee ministiroonni dhimma alaa biyyoota kanneen ibsa waloo laatan irratti Ministirri Dhimma Alaa Masrii Badir Abdalaatii, “tarkaanfii tokkummaa fi birmadummaa Somaaliyaa miidhuuf taasifamu waliin ni ittisna” jechuu isaanii gaazexaa Ahraam gabaaseera.

Itti dabaluun, "biyyoonni qarqara Galaana Diimaa irratti daangaa hin qabne kamiyyuu humna galaanaa ykn buufata waraanaa Galaana Diimaa irratti hundeessuun fudhatama akka hin qabne" akeekkachiisaniiru.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02n14wBsPjK4NfKZo8DqLB1dE1xhckJtsrvhNRgx8sH9M6Ps4fDntgDKuYvpSaBf3Pl/

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Jan, 13:39


Xiinxala: Bifoota piroojektii kooridarii #Finfinnee lamaan; Seenaawwan jijjiiramaa fi buqqa’iinsaa

Finfinneen yeroo ammaa misooma kooridarii marsaa lammaffaa ji’a Fulbaana keessa eegale bal’ina waliigalaa hektaara 2,817 fi dheerina kiiloo meetira 132 irratti ijaaramu gaggeessaa jirti. Kaayyoo hedduu qabatee kan eegalame pirojektiin kun daldaltootaa fi jiraattota irratti dhiibbaa uumuun qeeqamaa jira.

Jiraataan magaalichaa tokko pirojektii koridoorii marsaa lammaffaa hordofuun, mana nyaataa fi suuqiiwwan daldalaa qaban “akeekkachiisaa dursaa tokko malee” jalaa diigamuu himan. Iddoo bakka bu’iinsaan kennamuuf waadaa galame kan duraan irraa gadi aanaa ta’uufi beenyaas akka hin arganne himan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee kanaan dura jiraattota sababa misooma koriidarii boqonnaa lammaffaa kanaan kaafamaniif lafa jijjiirraa hektaara 100 fi beenyaan birrii biiliyoona 5 qophaa’uu ibsanii turan.

Haa ta’u malee daldaltoonni Addis Standard dubbise akeekkachiisa dursaa, beenyaa fi lafa bakka bu’iinsaa malee buqqaafamuu isaanii himan.

Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5518

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Jan, 12:51


Oduu: #Mooyyaleetti ajjeechaan daa’ima ganna 14 'qaama nageenyaan' raawwatame dheekkamsa kaase

Naannoo Oromiyaa godina #Booranaa magaala Mooyyalee ganda Shawaa Barriitti daa’imni ganna 14 “miseeonsota poolisiin” ajjeefamuun jiraattota biratti dheekkamsa kaase.

Taatee kana hordofee bulchiinsi magaalichaa gocha raawwatame balaaleffachuun, yakka kana sakatta’uun yakkamtoota seeraatti dhiyeessuuf akka hojjatu ibseera.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5523

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Jan, 09:24


Naannolee #Oromiyaa fi #Amaaraa keessatti leenjiin haaromsaa loltoota duraanii eegalame

Komishiniin Haaromsa Biyyaalessaa miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) duraanii waliigaltee araaraa mootummaa naannichaa waliin taasifame hordofee galaniif leenjiin haaromsaa kennuu akka eegale beeksise.

Sagantaa leenjii eegalchiisuu kanarratti Komishinarri Komishinii Haaromsa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun, Komishinar Jeneraalaa Ittaanaa Poolisii Oromiyaa Zarihuun Dhugumaa fi qooda fudhattoonni biroon argamaniiru.

Loltoonni duraanii lakkoofsaan hin ibsamne kunneen Wiirtuu Haaromsaa Awaash Bishoolaatti leenjii fudhachuuf kan galan yoo ta’u, wayita wiirtuu kana galanitti meeshaalee waraanaa hiikkatan bakka bu’oota Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennamuu ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02SJBehiTA5tGzpbg1iSgTeYGYrBGc7fZhn7JneBScFssvDsxY5Q6mQZiA3Ct3R5X1l

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Jan, 07:51


Oduu: Kirkira lafaa #Itoophiyaa keessatti tibbana mudateen namoota lamarratti miidhaa ulfaataa gahuu #UN ibse

Sababa kirkira lafaa kutaalee naannoo #Affaar fi #Oromiyaa keessatti itti fufiinsaan mudachaa jiruun “namoota lama irratti miidhaa ulfaataa qaqqabuu” Waajjirri Qindeessaa Dhimmoota Namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (OCHA) beeksise.

Kirkirri lafaa kun manneen jireenyaa, buufataalee fayyaa, manneen barnootaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa irratti miidhaa guddaa geessisuu kan eere OCHA’n, maatii 2,250 ol qe’ee isaanirraa buqqa’uun gargaarsa malee hafuu ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5509

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Jan, 14:47


Pireezidantiin #Somaaliyaa daawwannaa hojiif Finfinnee galan

Pireezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad har'a Amajjii 11, 2025 waaree booda daawwannaa hojiif #Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Finfinnee, Buufata Xiyyaaraa Boolee gahan Ministira Muummee #Itoophiyaa Abiy Ahimadiin simatamaniiru.

Pireezidant Hasan Sheek gara Finfinnee kan imalan "affeerraa Ministira Muummee Abiy Ahimad godhaniin" ta'uu kan eere Waajjirri Pireezidantii Somaaliyaa, turtii isaaniin dhimmoota waloo biyyoota lamaan irratti akka mari'atan ibseera.

Pireezdaant Hasan Sheek Mohaammad daawwannaa kana kan taasisan Waliigaltee Ankaaraa dhiheenya gaggeessitoota Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu irra gahame hordofeeti.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0onGkY9EiNsD5dx89HnWxHuHrnqGLMXsb1tBotnPofEHWmFWxPhhhFsybs9w6vrncl/

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Jan, 10:36


Oduu: Lolli naannolee Oromiyaafi #Amaaraa akka dhaabbatuufi waldhabdee qondaalota naannoo Tigraay gidduu akka furamu paatriyaarkichi gaafate

Lolli naannolee #Oromiyaafi Amaaraa akka dhaabbatuufi waldhabdeen garee hoggansa naannoo Tigraay gidduutti uumame akka furamuu Paatriyaarkiin Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaa Qulqulluun Abuna Maatiyaas waamicha taasisan.

“Addunyaarratti waliigalteen araaraa hedduu raawwatamaniiru. Dhalli namaa garuu akka du'u irraanfachuun waliigaltee mallatteefamee osoo hin turin irra deebiin hokkora biraa uuma," dabalee jedheera.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5504

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Jan, 06:40


Oduu: #Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan

Barattoonni Musliimaa kutaa 12ffaa Naannoo #Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.

Barattuun Addis Standard dubbise, “amantiin keenya waan dhoowwuuf, galmee qormaata biyyaalessaaf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.

Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5501

Addis Standard Afaan Oromoo

10 Jan, 13:04


Oduu: Poolisiin Afrikaa Kibbaa dhalattoota Itoophiyaa 26 "baraare" jedhe

Poolisiin #Afrikaa Kibbaa godaantota #Itoophiyaa sanada gahaa hin qabne 26 qarqara magaala Johaanisbargitti daddabarsitoota namaatiin too'atamanii turan "bilisa baasuu" beeksise.

Dhalattoonni kunneen uffataafi waraqaa eenyummaa malee kan argaman yoo ta'u kan biroo lakkoofsaan 30 ta'an garuu foddaa cabsanii miliquu poolisiin beeksise.

Duulli kuni kan gaggeeffame magaala Kaaba Johaanisbargitti argamtu Saandriinghaam jedhamtutti
dhiironni 15 hidhamaniifi kanneen biroo 11 garuu miliquuf yeroo yaalanitti hubaman too'atamuun ibsameera.

Kana malees, namoota daddarbiinsa namaatiiniifi qawwee seeraan alaa hidhachuutiin shakkaman sadii too'annoo jala oolchuu poolisiin beeksiseera.

Oduu wal fakkaatuun, Itoophiyaanonni 80 ol ta'an Amajjii 2024 keessa haala sukanneessaa keessatti argamanii ture.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02CwLYqKKyd8dHVi8mtwejn2M3yMgBtGuqczgk3eMMgSXaUHqn7LNYnZmSDd72uAqzl/

Addis Standard Afaan Oromoo

10 Jan, 12:11


Oduu: #Somaaliyaan miseensa Mana Maree Nageenyaa #Gamtaa_Afrikaa tahuuf kadhimamaa gochuun of dhiyeessite

Torban muraasa dura #Itoophiyaan miseensa ta’uuf kaadhimamaa kan itti taate Mana Maree Nageenya fi Tasgabbii Afrikaaf, Somaaliyaanis kaadhimamaa of taasisuu ishee of beeksiste.

Miseensonni Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa bara 2025 hanga 2028tti tajaajilan walga’ii gamtichaa ji’a Guraandhala dhufuu Finfinneetti gaggeeffamu irratti dorgommii taasifamuun kan filatamu ta’a.

Mootummaan Somaaliyaa ibsa kaleessa Amajjii 09, 2025 baaseen, “kaadhimamummaan Somaaliyaa ajandaa nageenya fi tasgabbii Afrikaa keessatti gumaachuuf kutannoo biyyattiin qabdu kan argsiisudha” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5494

Addis Standard Afaan Oromoo

10 Jan, 09:14


Oduu: Ji'oota shan keessatti sharafni alaa Doolaara biiliyoona 2.6 diyaaspooraa irraa argame

Ji'oota shan darbe keessa sharafni biyya alaa Doolaara biliyoona 2.6 ta'u diyaaspooraa irraa argamuu Tajaajilli Dayaaspooraa #Itoophiyaa beeksise.

Jijjiiramni diinagdee guddaan mootummaan taasise sharafa alaa karaa seeraan alaan gurguramaa ture gara baankotaatiin akka taasifamu taasisuu daayreektarri tajaajilichaa Ambaasaaddar Fitsuum Araggaa himaniiru.

Kana malees, herreega baankii Doolaaraan kuufachuun Doolaaraan baafachuu eeyyamu hojiirra oolfamuun bu'aa kanaaf sababa ta'uu DPI gabaaseera.

Bara 2024 keessa biyyoota Gaanfa #Afrikaa keessaa diyaaspooraa irraa sharafa alaa guddaa kan argatte Keeniyaan, Doolaara biliyoona 4.8 argachuun tokkoffaa ta'uu Baankiin Addunyaa ifoomseera.

Somaaliyaan Doolaara biliyoona 1.73 fi Ugaandaan Doolaara biliyoona 1.49 argataniiru.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0baNWKymP1J8KUTmWtmV62Pjr7mmJSpaGas6NJkLtgRXcDH19FUpCXRJZTvtp8xUBl/

Addis Standard Afaan Oromoo

10 Jan, 08:45


#Itoophiyaatti tuuta qaanqee ibiddaa fakkaatuu samiirra socho'aa turan caccabaa hawaa ta'uu akka danda'an ibsame

Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa kaleessa galgala naannoo sa’aatii 1:30tti kutaalee Kibba fi Kibba Lixaa Itoophiyaa irratti tuuta qaanqee ibiddaa fakkaatuu walhordofaa samiirra socho'aa turan caccabaa hawaa ykn dhagaa meetiyoor ta’uu akka danda’an beeksise.

Godinaalee #Gujii fi #Booranaa keessatti qaanqeen kun samii keessa balali’aa turuu kan eere dhaabbatichi, wantoonni kunneen gara kallattii Kibba Itoophiyaatti wayita saffisaan socho’an mul’achuu ibseera.

Taateen kun taatee uumamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiin qulqulleessaa hojjetamaa jiraachuu eereera.

Dhiheenya kana #Keeniyaa, bulchiinsa Maakunii ganda Mukukuu jedhamutti sibiilli guddaan bal’ina meetira 2.5 fi ulfaatina kiiloo giraama 500 qabu samiirraa kufuu ni yaadatama.

Addis Standard Afaan Oromoo

10 Jan, 07:31


Affaaritti sababa kirkira lafaan manneen barnootaa 37 irratti miidhaan qaqqabe

Naannoo #Affaar keessatti kirkira lafaa mudateen manneen barnootaa 37 irra miidhaan qaqqabuu Biiroon Barnootaa Naannoo Affaar beeksise.

Hogganaan biirichaa Obbo Abduu Hasan FBC’tti akka ibsanitti, miidhaa balichaan manneen barnootaa 21 guutummaatti kan miidhaman yoo ta’u, 16 ammoo gartokkeen miidhamuu ibsaniiru.

Miidhan qaqqabe manneen barnootaa aanaalee Awaash Fantaallee, Dulasaa fi Haanruukaatti argamanirra ta’uun ibsameera.

Sababa kanaan barattoonni barnoota isaanirraa akka hin hafneef sadarkaa naannootti koreen hundeeffamuun hordoffii fi deeggarsi taasifamaa jiraachuu Obbo Abduun himaniiru.

Haaluma walfakkaatuun kirkirri lafaa kun Warshaa Sukkaaraa Kasam irratti miidhaa giddu galeessaa hanga cimaa akka qaqqabsiise hoji gaggeessaan warshichaa himan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Z1BvWgFyacEMNpaZhgxNqCSwAYPUZz4vCxfKb42dLhoMDSCQkMdfgEq4sy8QuBRrl

Addis Standard Afaan Oromoo

09 Jan, 13:47


Oduu: Hojjattoonni Warshaa Sukkaara Finca’aa 200 ol 'mana murtii osoo hin dhiyaatiin' ji’a tokko oliif hidhamanii argamu

Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti hojjettoonni Warshaa Sukkaara Finca’aa 200 ol ta’an sababa “hojii qonnaa seeraan alaarratti hirmaatan” jedhuun erga hidhamanii ji’a tokko darbuu maatii fi hojjettoonni warshichaa Addis Standard’tti himan.

Miseesni maatii hojjetaa tokko “hojjattoonni warshichaa mindaa gadi aanaa qaban hojii akkasiitiin jireenya isaanii utubachaa turan. Kunis wanta haaraa miti,” jedhe.

Hojjataa warshichaa kan biraan ammoo midhaan gosa garaagaraa hojjattoonni kunneen lafa kanarratti oomishan gara kuntaala 5,000 ta’u karaa iftoomina hin qabneen saamamuu hime.

Bal’inaan dubbisuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5491

Addis Standard Afaan Oromoo

09 Jan, 10:56


Oduu: Paarlaamaan labsii qabeenya deebisiisuu hanga waggaa 10 duubatti deebi’ee hojjetu raggaasise

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuu raggaasiseera. Labsiin har’a Amajjii 09, 2025 raggaasifame kun mootummaan qabeenya madda isaanii hin ibsamne akka to’atuufi deebisiisuuf aangoo kenna.

Seerri haaraan kun liqii baankii, aksiyoonaa, boondii fi qabiinsa diinagdee qaban biroo dabalatee qabeenya waggoota kurnan darban keessatti argaman tilmaani isaanii Birrii miiliyoona 10 ol ta’an irratti xiyyeeffata.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5487

Addis Standard Afaan Oromoo

09 Jan, 09:18


Labsiin namni daldala boba’aa seeraan alaarratti bobba'e hidhaa hanga waggaa 5 akka adabamu taasisu ragga’e

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii sirna bittaa fi gurgurtaa bu’aalee boba’aa irratti mari’achuun sagalee mormii lamaa fi kan sagalee hin kennine 1’n sagalee caalmaan raggaaseera.

Gatii gurgurtaa mootummaan kaa’een ala oomisha boba’aa daldaluu, akkasumas oomishaalee boba’aa wantoota badaa waliin walitti makuun hidhaa cimaa waggaa 3 hanga 5 fi maallaqa birrii kuma 300 hanga kuma 500 akka adabsiisu labsicha keessa eerameera.

Akkasumas namni oomishaalee boba’aa bakka hayyamameen alatti kuuse, bakka fi sirna daldalaa itti gurguramuu qabun alatti gurgure, ykn meeshaa balaa qaba jedhameen kan gurgure kamiyyuu qabeenya boba’aa irraa dhaalamuun hidhaa waggaa 3 hin caalleeni fi adabbii birrii kuma 350 hanga kuma 500 ni adabama.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02YRfJZDv4jRKAKXKfYnUpTjYrHQhKc3fcCwGHXQ7PRbSpiyPHS8CatFe7HhC62TqWl

Addis Standard Afaan Oromoo

09 Jan, 07:51


#Affaaritti jiraattoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin qe'eerraa buqqa'an bakka biraatti qubsiifaman

Naannoo Affaar godina Gabirasuu aanaalee Dulasaa fi Awaash Fantaallee irraa namoonni 58,000 ol sababa kirkira lafaatiin buqqa’an gara wiirtuuwwan gaaddisa yeroo saddee keessatti qubsiifamuun deeggarsa argachaa akka jiran komaand poostiin naannichi hundeesse beeksise.

Hogganaan Biiroo Aadaa, Dargaggootaa fi Ispoortii Naannoo Affaar, akkasumas qindeessaa komaand poostichaa Ahmad Ibraahim DhPI’tti akka himanitti, jiraattota 54,180 gandoota 8 irraa buqqa’anii fi hojjettoota Warshaa Sukkaaraa Kasam 4,058 ta’an deeggarsa namoomaa argachaa jiru.

Qindeessaan komaandii poostii kanaa kirkira lafaa hanga Rektar Iskeelii 5.8 gahu irra deddeebiin mudate hordofee hawaasni rifachuu guddaa keessa akka turaniifi kanneen loowwan isaanii waliin gara naannoo Amaaraatti imalanis jiraachuu himan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02sdiLYdy32nhy4CZ86qihh8AmMyAzP53dZMqdV9UZC1dRfRs8T1MB4zkhnTjEVHnkl

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Jan, 14:57


“Kaffaltiin kottee iddoo fe’umsaa fi bu’iinsaan alatti raawwatamu seeraan ala” - Obbo Ramadaan Waariyoo

Kaffaltiin ‘kottee’ dhimma fe’uu fi buusuun walqabtee bareedina magaalaa akkasumas dandiiwwan eeguu irratti konkolaattonni ga’ee isaanii akka bahataniif qofa kan yaadame ta’uu Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Galiiwwanii #Oromiyaa Obbo Ramadan Waariyoo dubbatan.

Kaffaltiin kottee kunis bakka fe’umsaa fi bakka itti bu’u, iddoo lamatti qofa akka kaffalamu himan. “Konkolaataan tokko iddoo fe’umsaa hanga iddoo bu’iinsa gahutti keellaawwan magaalota fi aanaalee gidduu jiran kaffaltii koottee kaffalchiisuu hin qaban,” jedhan.

Haata’u malee, konkolaachiftoonni hedduun kanneen Jibuutii fi Finfinnee gidduu deeman bakka kudhanii olitti kaffaltii kottee birrii 600 hanga 2,000 akka kaffalan himachaa turaniiru.

Dhimma kanarratti ibsa Hogganaa Itti Aanaa Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Obbo Ramadan Waariyoo FBC’f kennan daawaadhaa!

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Jan, 10:52


Oduu: Naannoo #Kibba_Itoophiyaatti qonnaan bultoonni lama hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo Kibba Itoophiyaa godina #Koree gandoota Kareedaa fi Jaloo jedhamanitti haleellaa hidhattoonni Amajjii 06, 2025 raawwataniin qonnaan bultoonni lama ajjeefamuu maatiin miidhamtootaa Addis Standard'tti himan.

Hidhattoonni haleellaa kana raawwatan “Naannoo #Oromiyaa Godina Gujii Lixaa irraa kan dhufan” ta’uu kan eere miseensi maatii tokko, haleellaa kanaan qonnaan bultoonni Antaayyoo Zholaanaa fi Admaasuu Asaffaa jedhaman ajjeefamuu himeera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5483

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Jan, 12:49


#Booranaa: Muuda Qaalluu Oodituu nagaan xumurame

Muudi Qaalluu Odituu hangafa laduu shanan Booranaa Iddoo Kuraa guyyoottan afran dabranitti Yaa'aa #Gadaa Arbooraa, Hawaxxuu fi Koonnituun gaggeeffamaa ture nagaan xumurame.

Godina Boorana Bahaa, Aanaa Areeroo Ardaa Jilaa Oligabbisaatti yaa'iin Gadaa sadan waggaa 8ffaa isaaniitti baallii gadoomaa eebbaan dabarsee kennuuf hangafa laduu shanan Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraa raadaa fi giromsaan muudaniiru.

Bulchaan Godina Booranaa Abdisalaam Waariyoo xumura muudi kanarratti ergaa dabarsaniin, qaamolee jila muudaa kana keessatti Aadaa dhalootaafi eebba hangafa laduu shanan Booranaan geggeeffamaa tureef gumaachan galateeffataniiru.

Muuda hangafa laduu shanan Booranaa Qaalluu Odituu Iddoo Kuraatti aanee torbee tokkoon booda galma dhawaa maxxaarrii dhaabuun jilatanii muudi Qaalluu Karrayyuu fi Qaalluu Maxxaarrii karaaraa kan itti fufu ta'uu Abbaan Gadaa Kuraa Jaarsoo himan.

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Jan, 09:45


Oduu: "Bulchiinsa Yeroo dadhabsiisanii #Tigraay bulchiinsa dhabsiisuun badiidha” – L/Janaraal Taaddasaa Warradaa

Gochaan Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay dadhabsiisuun naannicha bulchiinsa malee hambisuuf taasifamu “dogoggora” jechuun bulchiinsa yeroo cimsuuf hojjjatamuu akka qabu itti aanaan pireezidaantiifi hogganaan biiroo nageenya naannichaa L/Janaraal Taaddasaa Warradaa hime.

L/Janaraal Taaddasaan akkaataa dhimma yeroo naannichaarratti, ibsa laateen, tokkummaan paartii Adda Bilisummaa Ummata Tigraay [ABUT] cimuu akka qabus dubbateera. “ABUT paartii waliigaltee Piriitooriyaa mallatteesseefi seenaa waggaa 50 waan qabuuf cimsuuf hojjachuun barbaachisaadha,” Taaddasaan jedheera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5463

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Jan, 09:19


#Finfinneetti saaxilamummaa kirkira lafaan walqabatee koreen ogeeyyii hundaa'e

Magaalaa Finfinneetti carraa saaxilamummaa kirkira lafaa gara fuulduraa mudachuu malu hubannoo keessa galchuun qorannoo of eeggannoo duraa gaggeessuuf koreen ogeeyyii hundaa'eera.

Kaantiibaan magaalattii Aadde Adaanech Abeebeen hayyoota Yuuniversiitii Finfinnee Ji'oofiiziksii, Dhaabbata Saayinsii Hawaa fi Astiroonoomii, akkasumas Ji'ooloojikaal Sarveey waliin mari'ataniiru.

Kirkirri lafaa yeroo ammaa naannoo #Affaar keessatti irra deddeebiin mudachaa jiru hollannaan isaa magaalaa Finfinneetti mul'ataa jiraachuu qorannoon kan agarsiisu ta'uu hayyoonni maricharratti hirmaatan ibsaniiru.

Finfinneen gara fuulduraa carraa saaxilamummaa qabaachuu isheen qorannoo of eeggannoo duraa barbaachisu taasisuuf gargaaraan gaggeessuuf waloon hojjechuuf waliigalamuu ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02AKtU2QF7vf7wE1AEdB5d5kCvWfJg2bqK1zbMnd66yzguyXaNLPa9Dr76y2Jf9Nkl

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Jan, 07:34


Oduu: Qaamolee boba’aa "dhoksan" irratti tarkaanfii fudhachuu mootummaan ibse

Naannoo #Affaaritti konkolaattonni boba’aa fe’anii turan iddoo addaa Sardoo Admaas jedhamutti “dhokatanii” turan too’annoo jala oolfamuu abbaan taayitaa peetrooliyamiifi anniisaa beeksise.

Abbaan taayitichaa, ibsa Amajjii 05, 2025 baaseen, konkolaattonni bootteewwanii taankara boba’aa fe’anii turan kunneen boba’aa dhoksaniiru jedheera. Konkolaattonni kunneen “hir’ina dhiyeessii boba’aa uumuuf” hojjachaa jiraachuun ibsameera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5459

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Jan, 07:14


Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan

Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (#OFDM) hundeessuun beekamu.

Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u #Baankii_Awaash hundeessuun, boodarras hoji gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (#UN) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02QtATJPtWKutHxFTgaP52WZG8g2J5EiEy6rPNca2PdiXAAvnx69t8ksQdo68A2fqAl

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Jan, 06:24


Oduu: #Itoophiyaan bara 2024 sababa uggura intarneetiin doolaara miiliyoona 211 ol dhabde

Itoophiyaan bara 2024tti intarneetii cufuu fi uggura miidiyaa hawaasaa mootummaan kaa’een kasaaraa diinagdee Doolaara miiliyoona 211.2 irra gahuu marsariitiin taateewwan uggura intarneetii biyyoota addunyaa gamaaggamu Top10VPN beeksiseera.

Sadarkaa addunyaatti biyyoota kasaaraa guddaan isaan mudate akka #Paakistaan (doolaara biiliyoona 1.62) fi #Maayinamaar (doolaara biiliyoona 1.58) dabalatee biyyoonni 28 uggura intarneetii kanaan kan miidhaman yoo ta’u, waliigalaan doolaara biiliyoona 7.69 dhabaniiru.

Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5455

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Jan, 07:34


Oduu: #Awaash_Fantaalleetti kirkira lafaa Rektar Iskeelii 5.8 mudate; Jirattoonni qe'ee gadhiisanii dheessaa jiru

Naannoo #Affaar aanaa Dulachaa gaara Dufaan irratti kirkira lafaa irra deddeebiin mudachaa jiruufi Volkaanoo dhohe hordofee aanga'oonni naannichaa jiraattota iddoo sanaa baasaa jiraachuu ibsame.

Eda halkan keessa naannoo sa'aatii 9:20 irratti kirkira lafaa kan hanga ammaa irraa olaanaa ta'e Rektar Iskeelii 5.8 ta'e mudachuun dambaliin isaa hanga Finfinnee dhagahamuun rifaatuu guddaa uumeera.

Gaara Dufaan irratti dhohiinsi mudatee bakka lamatti aarri akka mul'atu kan himan bulchaan godina Gaabii Raasuu Abdullaah Alii, geejjibni qophaa'ee jiraattota naannoo sanaa baasuutti jirra jedhan.

Taateen kirkira lafaa kan torbee kanaa olaanaa ta'uu eeruun, gandoota 10 balaadhaaf saaxilamoo ta'an adda baafamanii jiraattota gara iddoo biraa geessuu gaggeeffamaa jiraachuu himan. 

Naannoo Affaar Awaash Fantaalleetti kirkira lafaa tibbana irra deddeebiin mudachaa jiruun namoonni hedduun qe'ee fi qabeenya isaanii dhiisanii gara naannolee ollaatti dheessaa jiraachuu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.

Dabalata dubbisuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5436

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Jan, 11:27


Oduu: “Gaaffiin keenya deebii yoo hin arganne hawaasa musliimaa mariisisuun tarkaanfii fudhanna” - Majliisa #Tigraay

Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay dhimma barattoota musliimaa magaalaa #Aksuumitti hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkaman irratti “gaaffiin keenya guyyaa sadi keessa yoo hin deebine hawaasa musliimaa waliin mari’achuun tarkaanfii ni fudhanna” jechuun hubachiise.

Majliisni naannichaa ibsa baaseen “barattoota musliimaa sababa waraanaan waggaa sadiif barnoota irraa fagaatanii turan deeggaruun osoo barbaachisu sababa hijaaba eenyummaa isaanii calaqqisu uffataniif qofa barnootaa ala gochuun seeraan alaadha,” jechuun qeeqe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5450

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Jan, 08:34


Oduu: #Itoophiyaatti sababa walitti bu'iinsaa fi buqqaatiin daa'imman miiliyoona sagal ol barnoota ala ta'aniiru: #UN

Dhaabbata Gargaarsa Daa’immanii Mootummoota Gamtooman (UNICEF) yeroo ammaa Itoophiyaa keessatti daa’imman miiliyoona sagal ol sababa walitti bu’iinsa, balaa uumamaa, fi buqqaatiin barnoota ala ta’uufi manneen barnootaa 6,000 ol cufamuu ibse.

Akka gabaasni haaraa bahe jedhutti, daa’imman barnootaan ala ta’an baay’inaan naannoo #Amaaraa (miiliyoona 4.4), #Oromiyaa (miiliyoona 3.2), fi #Tigraay (miiliyoona 1.2) keessatti argamu.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5447

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Jan, 07:56


Oduu: #Itoophiyaan ergama AUSSOM bu’a qabeessa taasisuuf #Somaaliyaa waliin tumsaan akka hojjettu ibsite

Itoophiyaan humna nagaa kabachiisaa haaraa Somaaliyaa keessatti ergama haaraa kennameef bobbaafamu (AUSSOM) bu’a qabeessa taasisuuf Somaaliyaa waliin tumsuuf waliigaluu ibsite.

Jilli Ministira Ittisa Itoophiyaa Aayishaa Mohaammadiin durfamu daawwannaa hojii kaleessa Somaaliyaatti taasiseen Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammadi fi Ministirri Ittisaa Somaaliyaa Abdulqaadir Nuur Jamaa waliin mari’ateera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5444

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Jan, 07:20


Ramaddii hoggantoota yuunivarsiitii "naannoo fi gandaan" taasifamu dhaabuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira

Ministirri Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa sirna ramadii hoggantoonni yuunivarsiitii "naannoo fi gandaan" taasifamu dhaabuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamaa jiraachuu beeksisan.

Pirof. Birhaanuun marii miseensota hawaasa Yuunivarsiitii Gaambeellaa waliin taasisaniin, “Yuunivarsiitiiwwan dhaabbilee beekumsa baruu fi barsiisuu idil-addunyaa malee kanneen namoota ganda tokko fudhatanii keessummeessan miti” jedhan.

Hojimaanni kunis ergama bu'uuraa yunivarsiitii waliin akka hin deemne ta’uu eeruun, pirezidaantonni yuunivarsiitii haaraa ramadamanii fi jijjiiraman akka qajeelfamaatti ramaddiin kun bu’uura dandeettii fi dorgommii qofaan raawwatamaa akka jiru mirkaneessaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0M2ifp23NxLHgVGeoQPNJnp3dJYiY5tLspqtqvn198BsU55FnxUu1aJ9vEBHTRqYCl

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Jan, 12:00


Oduu: #Somaaliyaa fi #Sudaan_Kibbaa humna elektirikii #Itoophiyaa irraa fayyadamuuf gaaffii dhiyeessuu ibsame

Biyyoonni ollaa Itoophiyaa lama, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaan, fayyadamummaa humna elektirikiif gaaffii dhiyeessuu isaanii Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Biyyoota dhiyeessii elektirikii argachuuf Itoophiyaaf gaaffii dhiyeessaaniif adeemsaan deebii kennuuf hojjetamaa jiraachuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Humni Elektirikii Itiyoophiyaa Ashabbir Baalchaa ibsaniiru.

Adeemsa hanga ammaatiin biyyoonni ollaa #Sudaan, #Jibuutii fi #Keeniyaa Itiyoophiyaa irraa fayyadamtoota humna elektirikii ta’uu eeruun, dhiyeenyattis gara #Taanzaaniyaa gurguruuf diriirsi bu’uuraalee misoomaa xumuramuu dubbataniiru.

Itoophiyaan humna elektirikii maddisiistu keessaa 90% fedhii biyya keessaaf, 10% ammoo biyyoota garaagaraaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02WQNBwgDJwpNS6K1ccheSazUA7xkHy21ypACSt4LpXWX25Dah61q7nEn6Kz3e5qKWl?_rdc=1&_rdr

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Jan, 10:20


Oduu: #Finfinneetti dhaabbilee 20,000 keessaa ulaagaa ittisa balaa kan guutan 42 qofa jedhame

Dhaabbilee magaalaa Finfinneetti argaman 20,000 keessaa ulaagaa balaa dandamachuu kan danda'an 42 qofaa akka ta'an Komishiniin Hoggansa Hojii Balaa fi Sodaa Ibiddaa Finfinnee ibse.

Hoteelonni, warshaalee, gamoowwan, raabsaaleen boba'aa, jidduugalli gabaa, man-kusaalee fi dhaabbileen kaan kan ulaagaa nageenya balaa guutan miti jechuun Ittaanaan Komishinara Damee Yaaddoo Balaa Hir'isuu Obbo Yikafalawu Waldamasqal BBC’tti himaniiru.

''Deeggarsi teeknikaa fi gorsi taasifamuuf yeroodhaa gara yerootti fooyya'u qabaatulleen, baayyeensaanii kan sadarkaa gahumsaa mirkanneessuu fudhachu irra gahan miti'' jedhu.

Komishinichi dhaabbilee ulaagaa guutaniif waraqaa ragaa akka kennu kan ibsan Yikafalawu, waggoota shanan darbaniitti dhaabbilee gara kuma 20tti siqan irratti qorannoo gaggeeffamuu ibsan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid028bvxPxFaSgavpiSgWjPyczQNCnjVh9hcqiHjC1kjQrgYb1eKCZp7BzLiUHzxKrD9l

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Jan, 09:20


Oduu: Dhimmi barattoota musliimaa magaalaa #Aksuum hijaaba dhorkaman akka furamu majliisni hubachiise

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa #Itoophiyaa dhimma barattoota Musliimaa naannoo #Tigraay magaalaa Aksuum keessatti sababa hijaaba uffachuu isaaniitiin barnoota irraa dhorkaman ilaalchisee hanga ammaatti “furmaanni laatame tokkollee hin jiru” jedhe.

Manni marichi ibsa Amajjii 01, 2025 baaseen “barattoonni Musliimaa sababa uffannaa amantii isaaniitiin ji’a tokkoo oliif mana barnoota akka hin seenne dhorkamaniiru” jedhe. Ibsichi itti dabaluun, “barattoonni tokko tokkoo fi maatiin isaanii hidhamanii turan” jechuun himateera.

Bali’naan dubbisuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5439

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Jan, 08:17


Oduu: Kirkira lafaa tibbana #Awaash_Fantaalleetti mudachaa jiru manneen 30 ol jigse, kumaatamni qe’ee irraa buqqa’aniiru

Sababa kirkira lafaa tibbana naannoo #Affaar, Awaash Fantaalleetti irra deddeebiin mudateen manneen 30 ol barbadaa’uu fi namoonni kumaatama qe’ee isaanii gadhiisanii gara naannoo ollaa baqachuu jiraattonni himaniiru.

Jiraattoonni Addis Standard dubbise sababa kirkira lafaa irra deddeebiin aanaalee Awaash Fantaallee fi Dulasaa keessatti mudachaa jiruun manneen guyyaa guyyaan jigaa jiraachuu fi manneen barnoota hedduu irrattis miidhaan qaqqabee barnoonni addaan cituu himan.

Jiraataan tokko yaada laateen, "namoonni hedduu qe’ee isaanii gadhiisanii bahaniiru. Warri qarshii qabu konkolaataan ba'a, kan hin qabne immoo miilaan baqachaa jira,” jedhe.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5436

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Jan, 07:29


Qoricha fi meeshaalee yaalaa birrii miiliyoona 76 ol baasan yeroon isaanii darbee faayidaa ala ta’uu ibsame

Tajaajilli Dhiyeessii Qorichaa Itoophiyaa liqii qorichaa Birrii biiliyoona 1.4 baasuu sassaabuu dhabuun, akkasumas qorichi fi meeshaaleen yaalaa Birrii miiliyoona 76 ol tilmaamamu yeroon isaanii akka darbu taasisuu isaatiin qeeqame.

Dhaabbaticha irratti qeeqni kun kan dhiyaate gabaasa raawwii odiitii bulchiinsa dhiyeessii qorichaa tajaajilichaa irratti marii Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaa fi To’annoo Baasii Mootummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kaleessa gaggeesse irrattidha.

Walitti qabduun koree dhaabbii kanaa Yashimmabet Damissee, tajaajilichi liqii qorichaa birrii biiliyoona 1.4 akka hin sassaabne eeraniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid08N4aFSJMySQPwDw1M4xUZbmDgGkMk6BXfobnprnNQatwbuBSNirdTTkE8qWjf2Bjl

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Jan, 11:40


Oduu: Waldichi naannolee #Oromiyaa fi #Amaaraa keessatti hojjettoota fi ambulaansii isaarratti haleellaan raawwatamuu ibse

Waldaan Fannoo Diimaa Itoophiyaa naannoo Oromiyaa godina #Wallagga_Bahaa fi naannoo Amaaraa godina #Gondar_Kaabaa keessatti haleellaa hidhattoonni ambulaansii lama irratti raawwataniin konkolaachiftoota irratti miidhaa ulfaataa qaqqabuu beeksise.

Itti gaafatamaan Komunikeeshinii Waldaa Fannoo Diimaa Itoophiyaa Obbo Masfin Darajjee, konkolaachiftoonni ambulaansii lamaan irratti miidhaan cimaa irra gahee hospitaalatti yaalamaa akka jiran Addis Standard’tti akka himan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5432

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Jan, 09:42


#Finfinneetti lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa 'Faayidaa' ulaagaa ta’uu eegale

Baankileen magaalaa Finfinnee keessatti argaman maamilli lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa diijitaalaa #Faayidaa ulaagaa jalqabaa ta’uu beeksisan.

Hojimaanni kunis har’a Amajjii 01, 2025 eegalee hojiirra oola jedhame.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyaalessaan guyyaa har’aa eegalee baankileen magaalaa Finfinneetti argaman hundi hojimaaticha hojiirra oolchuu jalqabuu ibsameera.

Ulaagaan kunis adeemsa keessa guutuu biyyattii naannolee hunda keessa akka hojiirra oolu eerameera.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Jan, 08:24


Oduu: Aanaa #Amuruutti namoonni 17 “ijoolleen isaanii hidhattootatti makamaniiru” jedhamanii hidhaman

Naannoo #Oromiyaa godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Amuruutti maanguddoo ganna 75 dabalatee namoonni 17 “ijoolleen keessan hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO)tti makamaniiru” jedhamanii hidhamuu jiraattoonni himan.

Aanichatti qonnaan bultoota hidhaa ji'a torba booda gadhiifaman keessaa namoonni "ijoolleen keessan bosonarraa hin deebine" jedhamuun hidhaman jiraachuu Sagaleen Jarman (DW) gabaaseera.

Maanguddoon ganna 75 tokko himannaa wal fakkaatuun irra deebiin to'annoo jala ooluu isaanii ilmi isaanii DW’tti himeera.

Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Dinsaa Dhugumaa "maatiin ijoollee isaanii hidhattootaatti makaman akka fidan kallattii kaa’ameen" miseensonni maatii hidhaman akka jiran mirkaneessaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0mSX1cw9Sf3cN7kB7NdgPoZAEsvcsuWf6P1KW3mELeNv6coR1Dan8BD6rvm6r8VZUl

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Jan, 07:36


Oduu: #Goojjam_Lixaa Aanaa Quwaarititti sababa “caasaan mootummaa diigameef” miindaan hojjettoota mootummaa ji’a sadiif harkifate

Naannoo #Amaaraa godina Goojjam Lixaa aanaa #Quwaarit keessatti “caasaan mootummaa waan diigameef” hojjettoonni mootummaa ji'oota sadiif miindaan isaanii akka hin kaffalamne fi rakkoo ulfaataa keessa akka jiran Addis Standard'tti himan.

Hojjataan mootummaa Addis Standard dubbise aanichi yeroo ammaa to’annoo hidhattoota #Faannoo jala akka jiru eeruun, "miindaan erga nuuf kaffalame ji'a sadii ta'eera. Nyaata guyyaallee guutuu dadhabnee mana firoota keenyaatti galleerra” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5429

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Dec, 12:55


Oduu: Ji'oota shan keessatti al-ergii warqee irraa Doolaara Biiliyoona 1 ol argamuu ibsame

Bara baajataa 2017 ALI ji’oota shanan keessatti al-ergii oomisha warqee irraa galii Doolaara biiliyoona tokkoo ol Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahun Gofee (PhD) dubbatan.

Manni Maree Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Itoophiyaa yaa’ii biyyaalessaa 3ffaa har’a gaggeesse irratti kan argaman Kaasahun Gofee, galiin al-ergii warqee barana ji’oota shan keessatti argame kan bara darbe waggaa guutuu argamerraa dachaa lamaa ol akka caalu kaasaniiru.

Bara darbe waggaa guutuu galiin al-ergii warqee irraa argame Doolaara miiliyoona 350 ture jedhan.

Daldaltoota idilee deeggaruu fi jajjabeessuun cinaatti daldaltoonni daldala seeraan alaa fi kontiroobaandii keessatti hirmaatan akka hin jirre taasisuuf guyyaa guyyaan hordoffii fi to’annoon taasifamaa jiraachuu himaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0X67pSxv8nVWtiydUmD7m8G3ZVdVg7J9paq8XvwUoadsZzMCDPhBX89HbZohWmafel

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Dec, 11:40


Tajaajilli Elektirikii #Itoophiyaa hoggansa dabalatee hojjettoota isaa 20 irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu ibse

Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa hoggantoota dabalatee hojjettoota naamusa dhaabbatichaa sarban irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu dhaabbatichatti Daayirektarri Kutaa Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Obbo Hibrawarq Yimanuu ibsan.

Dhaabbatichi komii maamiltoota irraa dhufu irratti hundaa’uun qorannoo gaggeesseen hoggantoota fi hojjettoota dhaabbatichaa 20 irratti tarkaanfii bulchiinsaa akeekkachiisa barreeffamaa eegalee hanga adabbii mindaa fudhachuu himaniiru.

Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame fe’iinsi humnaa dandeettii tiraansifoormarii ol hayyamuun akka gubatu kan taasisan, maamiltoota haaraa seeraan alaa keessummeessuun maamiltoota durii irratti humni elektirkii akka addaan ciccituu kan taasisan, galii dhaabbatichi argachuu malu kan dhabsiisan ta’uu ibsame.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0dF1wTHPchLE2vkjBM3akSnWQC7d5kbMhkurLV1zu2V1RbujGXbjskouj3dVJ7vtPl

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Dec, 09:03


Oduu: #Walloo_Kaabaatti daangeeffama hidhattoonni kaa’aniin namoonni 77,000 ol rakkoo namoomaa hamaaf saaxilaman

Naannoo #Amaaraa godina Walloo Kaabaa aanaalee #Bugnaa fi #Laastaatti daangeffama “hidhattoonni naannichatti socho’an” kaa'aniin buqqaatota 10,000 dabalatee namoonni 77,000 ol rakkoo namoomaaf hamaaf saaxilamuu gabaasni tokko mul’ise.

Akka gabaasa Eegumsa Hawaasaa fi Hojii Gargaarsa Namoomaa Awurooppaa baasetti dubartoonni ulfaa fi harma hoosisan keessaa 79% fi daa’imman 70% hanqina nyaataa cimaa kan qaban yoo ta’u, 9.2% kan ta’an ammoo haala hamaa keessa jiru.

Gabaasa guutuuf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5426

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Dec, 07:25


Buufataalee Boba'aa 34 daldala boba’aa seeraan alaarratti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatame

Qaamoleen Boba'aa seeraan alaa gurguraa turanirratti tarkaanfiin seeraa fi bulchiinsaa fudhatamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahuun Goofeen gurgurtaa boba'aa seeraan alaa raawwatamu ittisuuf karaa qindoomina qabuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Haaluma kanaan hojii sakatta’iinsa baatilee muraasa darban keessarri gaggeeffameen buufataalee boba'aa 34 irratti tarkaanfiin fudhamuu Ministirichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeraniiru.

Kana malees boba'aan seeraan ala daddabarfamaa ture leetirri 385,947 to'atamee gurguramuun Birriin miiliyoona 27.9 ol mootummaaf galii ta'uu himaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0mMPHCB2wBo3StStqU5EBY4381d51qgeF1RQ2KZF2h3VE75GTJRzJQDFE1xnx7DrEl

Addis Standard Afaan Oromoo

30 Dec, 14:36


Oduu: #Adaamaatti hanqinni boba'aa mudate gabaa gurraachaaf karaa saaqe, gatiin boba’aa daran dabaleera

Konkolaachiftoonni magaalaa Adaamaa keessatti argaman magaalattii keessatti hanqina boba'aa olaanaa mudachuu himan. Hanqinni kun kan maddu daldala boba’aa seeraan alaa babal’achuu isaatin ta’uu himu.

Konkolaachisaan konkolaataa fe’umsaa magaalaa Adaamaa keessa jiraatu tokko akka Addis Standard’tti himetti, boba’aan buufata boba’aa irraa argachuun ulfaataa ta’uu hima. “Guyyaa guyyaan boba’aan jiru gahaa miti ykn guutummaatti hin argamu,” jedhe.

Biiroon Daldalaa #Oromiyaa gama isaatin sakatta’iinsa godinaalee hunda keessa gaggeesseen namoota daldala boba’aa seeraan alaa keessatti hirmaatan 44 irratti tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa fudhatamuu ibse.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5421

Addis Standard Afaan Oromoo

30 Dec, 13:49


Oduu: Sandaafaatti konkolaachiftoonni baajaajii "leenjii dirqamaa" akka fudhatan ajajaman

Naannoo #Oromiyaa magaala Sandaafaatti konkolaachiftoonni baajaajiifi gaarii fardaa "dirqamaan akka leenji’an" ajajni darbuu konkolaachiftoonni Addis Standard'tti himan.

Akkaataa qajeelfama kanaatiin, konkolaachiftoonni baajaajiifi gaarii fardaa hundi ganama sa’aatii 12:30 hanga 3:00 tti leenjii akka fudhatan ajajamaniiru. Qajeelfamni kuni tajaajila geejjibaarratti dhiibbaa uumeera.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5415

Addis Standard Afaan Oromoo

30 Dec, 10:10


Oduu: #Burundiin ergama nagaa kabachiisaa haaraa #Somaaliyaa keessatti bobbaafamu keessaa bahuu ibiste

Humna nagaa kabachiisaa haaraa guyyoota muraasa booda Somaaliyaatti bobbaafamee hojii eegaluuf biyyoota loltoota isaanii ni gumaachu jedhaman keessaa tokko kan turte Burundiin loltoota ishee akka hin gumaachine ifatti beeksifte.

Biyyattiin murtee kanarra kan geesse lakkoofsa loltoota ergama itti aanuuf Somaaliyaa keessatti bobbaafaman irratti waldhabdee uumameen booda ta’uu ibsameera. Burundii ergama kanaaf loltoota 2,000 gumaachuu barbaaddus, Somaaliyaan garuu loltoota 1,041 qofa hayyamteef.

Aanga’aan Burundii tokko yaada gaazexaa ‘Chimp Report’ jedhamuuf laataniin, ''nuti Somaaliyaa keessatti duula al-Shabaab irratti taasifneen wareegama guddaa kan kaffalle ta'us, gama aanga’oota Somaaliyaa irraa gocha gantummaa fi galata dhabuu hubanneerra,” jedhan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0hCFNXSwTWKEWy7Y4gJPPxnaHkpT5mfGCkBAGyxn25HmPwXdDr8SajC4LWchfsJFnl

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Dec, 11:13


Oduu: #Itoophiyaa fi #Somaalilaand walitti bu'iinsa Da'awaleeyitti mudate dhaabuuf waliigalan

Itoophiyaa fi Somaalilaand walitti bu’iinsa naannoo #Somaalee aanaa Harshiin ganda Da’awaleeyitti mudateefi lubbuun namoota hedduu galaafate dhaabuuf waliigalan.

Walitti bu’iinsa gosoota Isaaqii fi Ogaadan gidduutti Muddee 25, 2024 mudateen lubbuun namoota 35 ol darbuufi hedduun madaa’uu Addis Standard gabaasee ture. Namoonni Somaalilaand irraa dhufan walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaachuu maddeen himanii ture.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5411

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Dec, 08:31


Oduu: Manni Maree Nageenyaa #UN murtoo humni nagaa kabachiisaa haaraa #Somaaliyaa keessatti akka bobbaafamu hayyamu raggaasise

Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii walgahii Muddee 27, 2024 gaggeesseen, wixinee murtii haala Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa (ATMIS) kan Somaaliyaa keessatti bobba’ee ture bakka buufamu irratti murtee dabarse.

Humni nagaa kabachiisaa ATMIS bakka bu'ee bobbaafamu turtiin isaas ji'a 12 akka ta'u hayyameera.

Manni Maree Nageenyaa UN walgahii kaleessa Muddee 27 gaggeesseen, humna nagaa kabachiisaa ATMIS bakka bu'u Mana Maree Nageenyaa Gamtaa Afrikaa dhiheesse biyyattii keessa akka bobbaafamu murteesseera.

Bobbiin humna nagaa kabachiisaa kun mootummaan Somaaliyaa loltoota al-Shabaab fi ISIS dadhabsiisuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti akka gargaaru murtee kana keessatti eerameera.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02fvdzjvRtqFeXLJ7FKxewzVu2h2EyquSNLCZLaRYqocdmCBN4JnN8T7wQvUnDx9g4l/

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 13:34


Oduu: Magaala Aksuumitti barattoonni hijaaba uffatan gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkaman

Naannoo Tigraay godina Giddugaleessaa magaalaa Aksuumitti barattoonni "hijaaba uffatanii gara amana barnootaa akka hin galle dhoorkamaniiiru jechuun gochaan kuni “walabummaa barnootaafi amantaa dhiiba” jedhame.

Barattuun maqaanshee akka hin eeramne gaafatte Addis Standard’tti akka himtetti, gara mooraa mana barnootaa akka hin seene dhoorkamuu himteerti. Murteen kuni mormii kaasuus eerteerti.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5382

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 12:22


Oduu: Sibuu Sireetti balaa tiraafikaan lubbuun namoota 11 darbe

Godina Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti balaa tiraafikaa mudateen lubbuun Namoota 11 darbe.

Konkolaataa ‘Skiinoo Tiraakii’ jedhamuu Magaalaa Naqamterraa gara Aanaa Sibuu Siree imalaa ture minibaasii geejjiba ummataa 5L jedhamee beekamuun walitti bu'uun lubbuun namoota 11 yeroo darbu, namoota 12 irraa midhaa cimaa fi salphaan qaqqabuu Itti Gaafatamaan biiroo nageenya tiraafikaa Aanaa Sibuu Siree inspeektar Fayyoo Bulii himaniiru.

Balaa qaqqabeen namoonni midhaman hospitaalatti geeffamuun wal’aansi taasifamaa jiraachuu himaniiru. AS
Madda: FMC

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 11:39


Oduu: Komishinichi dhiibbaan dhaabbilee mirga namoomaarratti taasifamu akka dhaabbatu gaafate

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) uggurri dhaabbilee siviliirratti taasifamaa jiru yaaddeessaa ta’uu ibse.

Abbaa taayitaa dhaabbilee sivilii dhaabbilee sivilii shan ta’an torbanoota lamaan darban keessatti ugguruu gabaafameera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5380

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 10:39


Oduu: Abbaa Taayitaa Aviyeeshinii Sivilii #Naayjeeriyaa daandii qilleensaa Itoophiyaa dabalatee daandiilee 5 irra qoqqobbii kaa’e

Abbaan taayitaa Aviyeeeshinii Naayjeeriyaa Daandii Qilleensaa #Itoophiyaa dabalatee daandiilee qillleensaa “mirga imaltootaa cabsan” jedhe shan irra qoqqobbii kaa’uu beeksise.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02T3y7dp2ZtpAb14jtv

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 08:49


Oduu: Mootummaan himata “manneen daldalaa buusii misooma kooriidarii hin kaffalin cufaman" jedhu haale

Naannoo Harariitti “manneen daldalaa buusii misooma kooridarii hin kaffalin cufaman” himata jedhu haaluun manneen kunneen sababa “dambii ijaarsaa cabsaniif” saamsamuu mootummaan naannichaa ibseera.

Naannichi, ibsa baaseen, manneen kunneen sababa gamoo ijaaramee hin xumuramin keessatti daldala eegaluutiin cufamuu eereera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5377

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 08:01


Oduu: Manni marichaa humna ergama Ce'umsaa Gamtaan Afrikaa Somaaliyaatti gaggeessu (ATMIS) bakka buusuuf sagalee kennuuf akka jiru gabaafame

Manni Marii Nageenyaa Mootumoota Gamtooomanii humna nageenyaa ergama Ce'umsaa Gamtaa Afrikaatiin Somaaliyaatti gaggeeffamu (ATMIS) bakka buusuuf sagalee kennuuf marii taasisuuf jiraachuu ibsame. Maricharratti Itoophiyaafi Somaaliyaan kan hirmaatan ta’a.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02QBy9mkq8mj7xJfdWQJVUbxT5X6GZvAs8hfMbUyGJHkX6htSdPeaFGL3H3TByYfK3l

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Dec, 06:48


Oduu: Ajajaan al shabaab haleellaa dirooniitin Somaaliyaatti ajjeeffame

Ajajaan olaanaa garee #al_shabaab Mohaammad Miiree haleellaa dirooniitiin #Somaaliyaa naannoo Shabalee Gadiaanaa iddoo Kuuniyoo Baaroo jedhamutti dhiyootti ajjeefamuu garichi beeksise.

Garichi ajjeechaa kanaaf Ameerikaa himate.

Gabaasa guutuu https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0v8X8eqQk3e3Mkdwa48iAJtJoNG5tqo8B7JfqinsAFKCPE4xr3ni72YWjccD113M9l

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Dec, 13:33


Oduu: Manni Marii Abukaatoo Mirga Namoomaa uggurame

Dhaabbanni mitimootummaa Mana Marii Abukaatoo Mirga Namoomaa jedhamu xalayaa Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Sivilii guyyaa kaleessaa barreesseen ugguramuu ibseera.

Abbaan taayitichaa tarkaanfii kana kan fudhate himata manni marichaa “kaayyoo ijaarameefii ala ta’e" hojjateera jedhuun ugguruu beeksiseera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5372

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Dec, 11:26


Oduu: Naannoo Somaaleetti walitti bu’iinsa tikfattootaafi milishaa mootummaa gidduutti uumameen namoonni 35 ajjeefaman jedhame

Walitti bu’iinsa godina Somaalee Godina Fafan aanaa Harshiin ganda Da’aawaaleey keessatti tikfattootaafi milishaa mootummaa gidduutti guyyaa kaleessaa mudateen namoonni 35 ajjeefamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan dhimmichatti dhiyeenya qabu maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti akka himetti, walitti bu’iinsi kuni kan eegale haleellaa poolisiifi milishaan aanaa Yo’aaleen tikfattoota ganda Da’awaleey irratti bananiiin ta’uu hima.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5368

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Dec, 10:05


Oduu: Somaaliyaan balallii gara Kismaayoo taasifamu dhaabsisfte

Balalliin Daandii Qilleensaa Haallaa hayyama malee gara godina Geedoo magaalaa Doolowitti akka jijjiiramu taasifamuu hordofee balalliin gara Kiismaayoo taasifamu akka addaan citu mootummaan Somaaliyaa ajaja dabarse.

Abbaa Taayitaa Siiviil Aviyeeshinii #Somaaliyaa akka ibsetti, balalliin Moqadishuurraa gara Kiismaayoo taasifamuuf ture “qunnamtiinsaa akka hin hojjanne taasifamuun” eeyyama malee gara biraa akka imaluu taasifamuu addeesseera.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid08aj7jq6K7Ag3kTAT1pn3HWJiWz2tCqfqvT2uFu3vCnZEuZwsmgAsqpAGFsFKxh2Wl

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Dec, 09:07


Oduu: Walitti bu’iinsi karaa nagaa akka furamuufi rakkoon hojjattootaa akka furamu konfedereeshinichi gaafate

Konfedereeshiniin Waldaalee Hojjetoota Itoophiyaa "walitti bu’iinsi naannolee keessatti adeemsifamaa jiru kan "lubbuu dabarsaa, qaama miidhaafi buqqaatii lammiileef” sababa ta’aa jiru yaaddessaa ta’uu ibseera.

Qaamoleen walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan hundi waldhabdee karaa nagaatiin hiikuuf "haal-duree tokko malee" tarkaanfii akka fudhatan gaafateera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5364

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Dec, 08:04


Oduu: Yuunivarsitiileen “hojii milkaa’inaa” hin galmeessifne itti fufuu akka hin dandeenye ministeerri barnootaa beeksise

Yuunivarsitiilee biyya keenyaa keessaa kan “hojii milkaa’ina qabu” hin galmeessifne itti fufu akka hin qabne ministeerri ministeera barnootaa Pirof. Birhaanuu Naggaa beeksise.

Birhaanuun kana kan dubbate marii ministeerri barnootaa boordii hoggansa yuunivarsitiilee biyya keessaa waliin guyyaa kaleessaa gaggeesseerrattiidha.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5362

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Dec, 06:38


Godina Shawaa Kaabaatti milishoonni sadii Alaltuutti qawweedhaan doorsiisanii maallaqa saaman adabaman

Godina Shawaa Kaabaa aanaa Alaltuutti milishoonni sadii qawwee hidhataniin nama dhuunfaa sodaachisuun saamicha maallaqaa raawwatan hidhaa waggaa saddeetiifi ji'a shaniin adabaman.

Milishoonni sadan kunneen Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Alaltuutti 'faayidaa isaaniif hin malle' argachuuf jecha nama dhuunfaarraa birri 20,000 fudhatan jechuun poolisiin hime.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02EBJEXhdExBkoU8hv2pzgkxTbU2JaacPyHS2YwN7J9EuWBgWw73hmPRnWPjaMBpPVl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 14:03


Qaamoleen hidhatanii socho’an karaa nagaatiin galuu hordofee nageenyi biyyaa foyya’aa jiraachuu Obbo kabbadaa Deessisaa ni dubbatu

https://business.facebook.com/AddisstandardAO/videos/640458434975001/

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 13:42


Oduu: #Itoophiyaatti weerarri koleeraa gadi bu'aa dhufe jedhame

Itoophiyaa weerara Koleeraa too’achuu keessatti jijjiirama gaariii agarsiisuun sadarkaan weerarichaa gadi bu’uun ibsame.

Weerara Koleeraa Hagayya 2022 keessa aanaalee 65 keesatti mul’ate ture dhuma Fulbaanaa keessa gara aanaalee 25 gadi bu’uu himameera. Dhibeen Koleeraa torbaniin mudatu 200 ture gara 59tti gadi bu’uun akkasuma Seektarri Fayyaa Itoophiyaa ifoomseera.

Fooyya’iinsi kuni akkuma jiruttii ta’ee buqqaatonni naannoo Amaaraa gara naannoo Beeenishaanngul Gumuzitti baqachuun walqabatee dhibeen Koleeraa haaraan naannicha keessatti mul’achuu eerameera. AS

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 13:25


Oduu: Ameerikaan Qondaala waraanaa #Somaaliyaa duraanii biyyaa ariite

Waajjiirri Immigireeshinii #Ameerikaa qondaala waraaanaa Somaaliyaa duraanii Yuusuuf Abdii Alii, 71, biyyaa ari'e.

Yuusuf Abdii kan maqaa “Tuukeeh” jedhamuun beekamu lammii Somaaliyaafi liiyuutnaant koloneelii raayyaa ittisa Somaaliyaa ta'uun bara 1987 hanga 1988 tajaajilaa ture Muddee 202, 2024 gara Somaaliyaa gaggeessiteerti.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0rZ8SQGFRZ7eBDnzZy211p3qMZ5TJeoRW2XuAoNfwnNYRTfQZU7B4Y1gfMgP2CSBAl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 12:31


Oduu: Naannoo #Oromiyaatti UNICEFfi waahillan gargaarsa nyaataafi fayyaa taasisaa jiraachuu ibse

Dhaabbanni idiladdunyaa daa'imman gargaaru (#UNICEF) fi waahillansaa naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti gargaarsa nyaataafi fayyaa taasisaa jiraachuu ibsame.

Dhibee busaa biyyattiitti mudate keessaa 50% naannoo oromiyaa keessatti mul’achuu eeruun naannichatti gargaarsa namoomaa taasisaa jiraachuu UNICEF gabaaseera.


https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid026VwRTDpK4KxK3wDV8mctdQ8Ru9Pus3temfv3Ti3WhUtnBpsGM12BNgypcYNF89VPl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 08:52


Oduu: Dhaabbanni Chaayinaa BYD jedhamu MOENCO waliin ta’uun konkolaattota elektirikii Itoophiyaa keessatti gurguruu jalqabsiise

Dhaabbanni konkolaataa Chaayinaa BYD jedhamu gosa konkolaataa kompaaktii Haachbaak Seeguliifi Taang SUV dabalatee moodeelota konkolaataa elektirikii baatirii (BEV) shan Itoophiyaa keessatti gurguruu eegaluu beeksiseera.

Dhaabbatichi konkolaataa elektiriikaa anniisaa haaraa (NEV) jedhaman omishuu keessatti qooda guddaa kan qabu yoo ta’u, sagantaa eebba maqaa (brand) dhiheenya kana Finfinneetti gaggeeffameen gabaa seenuu isaa kan beeksisee ture.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5358

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 07:44


Oduu: Aanga’aan Jarmanii garee Itoophiyaanotaaf viizaan akka kennamu diriqisiisuun himatame

Ministeerri dhimma alaa #Jarmanii garee Itoophiyaanotaaf viizaan akka laatamu qonsila Jarmanii Finfinneetti argamu dirqisiisuun himatame.

Akka gabaasa kanaatti, viizaan Itoophiyaanota kanneeniif akka raggaasifamu xalayaa barreessuun qonsila Finfinneetti argamu aanga'ichi ajajeera jedhame.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0vuWidPoVBCyuCQ27wGX68gkXJtyZCfxCXcUiWbKCEfDLnSzkS3nL8vw6Lxw1ooKcl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Dec, 06:40


Oduu: Dhoohiinsi Gaara Fantaallee jiraattotarratti sodaa uume

Kirkira lafaa tibbana Godina #Shawaa_Bahaa aanaa Fantaalleetti mudate walqabatee dhohiinsa Gaara Fantaalleetti uumameen jiraattonniifi horsiise bultoonni sodaa nageenyaa keessa jiraachuu himu.

Dhohiinsi mudateen walqabatee sodaa nageenyaa hawaasa keessatti uumameen jiraattonni naannawa sanatti argaman qe’eesaanirraa akka baqataniifi loon akka godaansifatan taasisuun himame.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0wKeaEBbgM1rDswZN9fEKfgyQbwug8nTuenNhYLDRAB6vVo4YFypiHRnzMDpTGAqRl

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Dec, 12:18


Oduu: Ministeerri dhimma alaa #Itoophiyaa himanni Somaaliyaan Itoophiyaarratti bante "sobadha" jedhe

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa himata mootummaan Somaaliyaa humna nageenyaa Itoophiyaarratti baneen mufachuu ibsuun himatichi "sobadha" jedhe.

Ministeerichi, ibsa har’a baaseen, ibsi mootummaan Somaaliyaa muddee 23, 2024 baase, humnoonni Itoophiyaa magaala Doolowitti haleellaa raawwataniiru jedhutti mufachuu ibsuun himanni kuni “sobadha” jedheera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5355

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Dec, 11:23


Oduu: Itoophiyaan marii jila Somaaliyaa waliin taasifte booda waliigaltee Ankaaraa "guutumaan guututti hojiirra oolchuuf" waadaa galte

Ministeeri dhimma Alaa Itoophiyaa waliigaltee Somaaliyaa waliin Ankaaraatti mallatteeffame “guutumaan guututti hojiirra oolchuuf" waadaa galuu ibsite.

Ministeerichi kana kan jedhe, marii ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa jila Somaaliyaa Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Alii Omar durfamu waliin marii Finfinneettti marii taasisuu hordofeeti.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5351

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Dec, 08:14


Oduu: Masriin “humnoonni alaa” Galaana Diimaa keessatti argamuun “fudhatama hin qabu” jette

Biyyoota qarqara Galaana Diimaa qooddataniin alatti humnoonni biyyoota biroo galaanicharra socho’uun “fudhatama kan hin qabne” ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa Masrii Baadr Abdallaattiin dubbachuun gabaafameera.

Ministeerichi akkas kan jedhe marii ministeera dhimma alaa Somaaliyaa Ahmad Moo’aallim walii Wixata darbe Kaayirootti taaasifameerrattiidha.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02R73U5K5CbpxUZYANC8n1QsFzjeusdLE316Z8hG6oShr3MZSVdrbzySgZ5DAc1gcPl

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Dec, 07:23


Oduu: Aanaaleen godina Shawaa Kaabaa “wiirtuu yaaddoofi dararaatti” jijjiiramuu jiraatonni himan

Sochiifi hokkora hidhattooni aanaalee godina Shawaa Kaabaatti raawwataniin walqabatee aanaaleen hedduu gara wiirtuu yaaddoofi dararaatti” jijjiiramuu jiraattonni aanichaa ni himu.

Akka Jiraattonni godinichaa jedhanitti, sochiin qaamolee hidhatanii kuni aanaalee Kuyyuu, Yaayyaa Gullallee fi Dagamitti kan eegale yoo ta’u gara aanaaleefi gandoota birootti babal’ateera.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02q3DJuRWV74Wff57HYfgpnz6Fgro5soEXmumd5EA2gEdpokKZrSYLHZTEjYYAK7s8l

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Dec, 06:46


Oduu: Somaaliiyaan “weerara ifa ta’een” humnoota tika nageenyaa Itoophiyaa himatte

Mootummaan federaalaa Somaaliyaa humnoonni Itoophiyaa godina Geedoo magaala Doolow keessatti “weerara ifa ta’e” raawwataniiru jechuun balaaleeffateera.

Oduun kuni kan himame, bakka bu’oonni Somaaliyaa kan ministeera ministeera dhimma alaafi tumsa idiladdunyaa Alii Omariin durfamu waliigaltee Ankaaraarratti mari’achuuf guyyaa har’aa gara Finfinnee akka imalu ifoomuu hordofeeti.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5348

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Dec, 12:52


Oduu: Somaaliyaatti dooniiwwan biyyoota biroo “seeraan ala” qurxummii kiyyeessan saamtonni galaanarraa akka baay’atan taasise

Somaaliyaatti dooniiwwan biyyoota biroo karaa seeraan ala ta’een bishaan Somaaliyaarraa qurxummii qabatan saamtonni galaanarraa akka baay’ataniif sababa ta’aa jiraachuun BBC’n gabaaseera.

Dooniiwwan biyyoota biroo kunneen hojii qurxummii kiyyeessuu kiyyeessitooni Somaaliyaa hojjatan danquu hordofee kiyyeessitoonni Somaaliyaa kunneen hojii doonii saamuutti akka boba'an taasisuu himameera.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid037YmTLR2R3tLDYmgmjEbAfp2bmaBeLwVpRLcnkDfg3jzdRpS7qJmfXiuoQMWZk9Ndl

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Dec, 08:44


Geetaachoo Raddaan aangoorraa akka kaafaman gaaffii Dabratsiyoon dhiyeessan MM Abiy fudhachuu didan

Ji'oota jahaa oliif waldhabdeerra kan jiran Dura Taa'aa #TPLF Dabiratsiyoon Gabramikaa'el fi Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo #Tigraay Geetaachoo Raddaa marii tibbana MM Abiy Ahimad waliin taasisan irratti wal-himachuu isaanii gabaafame.

Gareen TPLF Dabratsiyooniin hogganamu rakkoo Tigraay keessatti uumamaa jiruuf dadhabina bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uu eeruun, ''Geetaachoon aangoorraa ka'ee iddoosaa ittaanaan isaanii Lt. Jeneraal Taaddasa Warrada akka qabatan" yaada dhiyeessan.

Geetaachoo Raddaan gama isaaniin, "bulchiinsi yeroo sirnaan hojiisaa akka hin dalagne gufuu kan taatan isinii" jechuun Dabrtsiyoon fa'a himatan.

Dabratsiyoon Obbo Geetaachoon aangoorraa ka'anii iddoosaanii Lt. Jeneraal Taaddasaan bakka haa bu'an isa jedhan Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka hin fudhanne BBCn gabaaseera.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cd9xn114d7qo

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Dec, 06:53


#OdaAward | Badhaasa Odaa marsaa 8ffaan artistoota hedduu badhaafaman

Badhaasni 'Oda Award' marsaa 8ffaan kaleessa Finfinnee, Hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffameera.

'Odaa Award' waggaa waggaan Artistoota hojii Aartii adda addaarratti hirmaatan dorgomsiisee badhaasa fi beekamtii kenna.

Sagantaa badhaasaa kan baranaan albamni sirbaa Guutuu Abarraa 'Gaaffii Koo" jedhu Albamii Filatamaa bara 2016 jedhamuun filatameera.

Andu'aalem Gosaa ammoo sirba 'Bilillee' jedhuun dameewwan Kiliippii Muuziqaa  Filatamaa fi Sirba Qeenxee Filatamaan badhaasota lama injifateera. 

Dabalataan,

• Sirba garee ykn cimdii filatamaa bara 2016 - Adam Mohaammadiifi Caaltuu Buttoo (Gadaa Malee)

• Sirba dhageettii guddaa argate - Yoosan Geetaahun (Baala Gizee)

• Weellistuu dubartii cimtuu - Lamlam H/mikaa'el (Waliini)

• Wellistuu haaraa cimtuu- Asaantii Aschuu (Miraara koo)

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0bBCXACLXa3PtQpoNWsPx18svKpWHvaPSqDFQmidz77vnTPo6oNyJLVQ4fkTdd6iwl/

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Dec, 13:02


Oduu: “Nagaa biyyaatiif jennee qawwee keenya gadi qabnee waliigaltee taasisne” - Sanyii Nagaasaa

Tibbana mootummaa waliin waliigaltee araaraa mallatteessanii kan galan qondaala Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) duraanii Sanyii Nagaasaa, waliigalteen “dhimmoota nageenyaafi hiree waraanaa irratti xiyyeeffata” jedhan kun guyyoota lama booda hojiitti akka seenu ibsan.

Marii mootummaa waliin taasifameen waliigaltee keeyyatoota 13 qabu mallatteeffamu eeruun, “waraanni waggootaaf dirree #Oromiyaa irratti taasifame ummata nagaa miidhuu malee faayidaa waan hin qabneef” gara waliigalteetti isaan geessuu himan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5243

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Dec, 10:40


Seerri Aadaa hawaasa #Somaalee hambaa kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’e

Seera Aadaa “Heer Isee” jedhamu, kan hawaasni Somaalee biyyoota #Itoophiyaa, #Somaaliyaa fi #Jibuutii keessa jiraatan ittiin tajaajilaman hambaa kiliyaa addunyaa ta’uun galmaa’uu ibsame.

"Heer Isee" seera aadaa hawaasa Somaalee gosa #Isaa yoo ta'u, walgahii 19ffaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) Paaraaguwaay keessatti gaggeeffame irratti hambaa kiliyaa addunyaa ta'ee galmaa'eera.

Hambaan kun akka galmaa’uuf Itoophiyaa, Jibuutii fi Somaaliyaa waliin ta’uun gaaffii akka dhiyeessan ibsameera. Itoophiyaa bakka bu’uunis Itti aanaan Pireezidaantii Naannoo Somaalee Ibraahiim Usmaan Faaraah walgahii kana irratti hirmaataniiru.

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Dec, 09:02


Oduu: Namoonni waraqaa eenyummaa 'Faayidaa' baafatan miliyoona 10 gahuu ibsame

Namoonni waraqaa eenyummaa dijitaalaa 'Faayidaa' fudhatan miliyoona kudhan gahuu Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaaleessaa beeksise.

Hogganaan Biiroo Sab-qunnamtii Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaaleessaa Obbo Abeneezar Fallaqaa waraqaan dijitaalaa “tajaajila hunda hammataafi amansiisaa” kennuuf fayyada jedheera. “Hojimaata seeraan alaa ittisuufi tajaajila ammayyeessuu” keessatti gahee qabas jedhame.

Kana malees, waraqaan eenyummaa dijitaalaa kuni gara fulduraatti dhaabbilee hedduu keessatti akka ulaagaatti kan tajaajilu ta’uu himameera.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0n3ER89mFVmvPERrscWg23HuArpgY8z3FeZ7Mvh3ZcuLD1tKQC9tEPurHf5TMFtpGl

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Dec, 07:54


Oduu: Naannoo #Oromiyaatti daa'ima ganna 11 dabalatee namoonni hedduun humnaan "leenjii waraanaaf" qabamuu #KMNI ibse

Qaamoleen nageenyaa fi aanga’oonni Naannoo Oromiyaa daa'immanii fi dhukkubsattoota sammuu dabalatee namoota hedduu leenjii Raayyaa Ittisa Biyyaatif jecha humnaan qabuufi gadhiisisuuf maallaqni guddaa akka kafalamu dirqisiisuu isaanii Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.

Komishinichi wiirtuuwwan tursiisaa magaalota #Adaamaa, #Bishooftuu, #Jimmaa fi #Shaashamannee keessa argamanitti daawwannaa taasiseen, daa’ima ganna 11 dabalatee daa’imman umuriin isaanii 18 gadi ta’e hedduu "gara leenjii waraanaa galtu" jedhamanii akka qabaman mirkaneessuu ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5237

Addis Standard Afaan Oromoo

06 Dec, 07:25


Oduu: Waldhabdee garee ABUT lamaan gidduutti mudateen walqabatee biiroon kantiibaa #Maqalee saamsame

Waldhabdee garee #ABUT lamaan gidduutti mudateen walqabatee biiroon kantiibaa magaala Maqalee saamsamuun ibsame.

Waldhabdee garee hoggantoota ABUT gidduutti mudate hordofee biiroo kantiibaa magaala Maqaleerratti barreeffamni “saamsameera” jedhu maxxanfamuu VOA’n gabaaseera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02pkGwZbp6tz7oe8RYpSdaPgirVh871EQcVAXWBMywpoQ1NwefUde98fNzSD5Eq82ql

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Dec, 11:22


Oduu: Obbo Taayyee Danda’aan hidhaa waggaa tokko booda gadhiifamanii maatii isaanitti makaman

Hidhaa waggaa tokko booda kaleessa mana hidhaa Qilinxoo irraa yeroo bahan balbalatti qaamolee nageenyaan fudhatamanii gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti kan geeffaman Taayyee Danda’aa, har’a gadhiifamanii maatii isaanitti makamuu haati warraa isaanii Addis Standard’tti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon, “ganama isa gaafanne erga deebine booda guyyaa walakkaa nutti bilbilee baheera kottaa na fudhaa nuun jedhe. Nuti qaqqabuu waan hin dandeenyeef maatiin dhiyoo jiru dhaqee fudhatee amma mana galeera,” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5229

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Dec, 10:54


Oduu: #Tigraay keessatti waraana booda tamsa’inni dhibee #HIV dachaa lamaan dabaluu qorannoon akeeke

Qorannoon dhiheenya kana Inistiitiyuutiin Qorannoo Fayyaa Tigraay gaggeesse naannoo Tigraay keessatti tatamsa’inni HIV/AIDS dabaluu mul’ise. Kunis waraana waggaa lamaaf gaggeeffameen dura 1.4% ture irraa gara 3% ol guddachuu ibsameera.

Qorannoon aanaalee 30 keessatti gaggeeffame kun kutaalee hawaasaa saaxilamoo ta’an kanneen akka buqqaatotaa biratti tatamsa’inni dhibee kanaan 5.5%, dubartoota daldala saalqunnamtii irratti bobbahan biratti ammoo 8.5% gahuu ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5226

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Dec, 09:25


Oduu: Naannoleen #Somaalee fi #Affaar hidhamtoota waljijjiiran

Naannolee Somaalee fi Affaar walitti bu’iinsa daangaa gidduu isaanitti tureen walqabatee hidhamtoota qabanii turan wal jijjiiruu isaanii Ministeerri Nagaa Itoophiyaa ibse.

Naannolee lamaan hidhamtoota qabanii turan kan wal jijjiiran marii Ministeerri Nagaa aanga’oota naannolee lamaan, Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin taasise hordofee ta’uun ibsameera.

Adeemsi kun waldhabdee naannoo sanatti uumame hiikuudhaan nagaa buusuuf, akkasumas dhimmoota deebi’anii walitti bu’iinsaaf geessan furmaata waaraa akka argataniif mariif balbala ni bana jedhameera.

Kanaan dura waldhabdee naannolee daangaa naannoo Affaarii fi Somaaleetti uumaman mariidhaan hiikuuf waliigalteerra ga’amuu isaa pireezidaantonni naannolee lamaan waloon ibsanii turan.

Ji'a Waxabajjii 2016 ALI walitti bu’iinsa daangaa naannolee lamaanitti uumameen namoonni hedduun du'uu, madaa’uu fi qe'ee isaanii irraa buqqa'uu Addis Standard gabaasuun isaa ni yaadatama.

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Dec, 08:09


Oduu: Balbala mana hidhaatii kan fudhataman Obbo Taayyeen gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaa geeffamuu maatiin himan

Mirgi wabii eegameefi mana amala sirreessaa Qilinxoo irraa yeroo bahuuf jedhan balbalatti qaamolee nageenyaan kan fudhataman Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda’aa, gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti geeffamuu maatiin Addis Standard’itti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon har’a ganama Waajjira Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, Finfinnee naannawa Meeksikoo argamu dhaqanii isaan argachuu himan. “Isa arganne baaneerra, waan kana booda ta’ummoo hin eegna,” jedhan.

Obbo Taayyeen kaleessa mana hidhaatii yeroo bahan namoota “maaskii uffataniin” fudhatamuu aadde Sintaayyoon himaniiru. “Osoo maatii hin argatiin ‘ni barbaadamta’ jedhaniin fudhatanii deeman. [Qaamoleen nageenyaa] waraqaa qaama olii irraa barraa’e jedhan qabataniiru.”

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5221

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Dec, 15:36


Oduu: Korporeeshiniin Manneenii #Finfinnee manneen 120,000 ol ijaaruuf karoorsuu ibse

Magaalaa Finfinneetti walta'insa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaatin manneen 120,000 ol ijaaruuf karoorfamuu Korporeeshiniin Manneenii Finfinnee beeksise.

Manneen kunneen keessaa kanneen 60,000 ta'an kan ijaaraman dhaabbata Ovid Riil Isteetiin ta’uu eerameera.

Korporeeshinichi waggoota torba dura liqii birrii biiliyoona 54 akka irra ture kan ibsan Daayreektarri Itti Aanaa Damee Ijaarsaa Injinar Fiqaaduu Alamuun, mala adda addaa hojiirra oolchuun liqii dhaabbatichaa gara birrii biiliyoona 32tti gadi bu’uu eeraniiru.

Yeroo ammaa kana liqii kanaaf dhala guyyaatti birri miiliyoona saddeet kaffalamaa akka jiru eeruun, liqiin guutummatti waan hin kaffalamneef baajata haaraa ijaarsaaf oolu argachuun akka hin danda’amne himaniiru.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0WhH5n99cXv3VhgfPLsZoqpJK8t6N7chAbM5o4eYVtgqEJLHVHdHCncqZL2cmvpESl/

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Dec, 12:24


Oduu: Mootummaan waliigaltee booda hidhattoonni #WBO galaa jiraachuu ibse; WBOn gabaasa mootummaa kuffise

Mootummaan Naannoo #Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahuu ibse kan qondaala WBO duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin mallatteesse hordofee miseensonni WBO kallattii hundaan gara wiirtuu qophaa'efitti galaa jiraachuu ibse.

Mootummaan lakkoofsa hidhattoota galan ifatti ibsuu baatuus, hidhattoonni godina #Shawaa_Lixaa aanaalee jahaa keessa socho’aa turan 800 ol waamicha fudhachuun galuu miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

Jaarmiyaa hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen, loltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan galaa akka jiran ibsamuu “diraamaa qindaa’e” jechuun kufaa taasiseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5214

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Dec, 09:38


#Somaalilaand fi #Ameerikaa marii tumsa waloo cimsuu gaggeessan

Bulchiinsi dhiyeenya kana filannoo pireezidaantummaa gaggeessite Somaalilaand fi Ameerikaan marii tumsa waloo cimsurratti xiyyeeffate gaggeessaniiru.

Jilli Ameerikaatti Ambaasaaddara #Somaaliyaa Riichaardi Raayilii fi Komaandara Humna Waloo Afrikaa Bahaa Meejar Jeneraal Biriyaan Tii Kaashmaaniin durfamu Pireezidaantii haaraa Somaaliilaandii waliin Hargeessaatti mari’ateera.

Marii isaaniin jilli Ameerikaa kun filannoo Pireezidaantummaa Somaalilaandi gaggeessite dinqisifachuun, Pireezidaantii Haaraa Somaaliilaandi ta’uun kan filataman Abdurrahmaan Mohammad Abdullaahii Iroof ergaa baga gammadanii dabarsaniiru.

Somaalilaand nageenya Bahaa Afrikaa mirkaneessuu fi hariiroo Somaaliilaandii fi Ameerikaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf mariin gaggeeffamuun ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0zVDfyX37GZ83fwGTCYxMDJvsUjXcyBKhBTRQ11Pw43sBU59BZGUb6dJtVvRc4oazl

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Dec, 08:16


Aanga’aan Godina #Haadiyyaa duraanii mana hidhaatii miliquun dhagahame

Naannoo Giddu-galeessa Itoophiyaa godina Haadiyyaatti hogganaa waajjira faayinaansii fi misooma diinagdee kan turan Obbo Xilaahun Mollaa yakka aangoo seeraan ala fayyadamuun shakkamanii buufata poolisii to’annoo jala turan keessaa miliquu ibsame.

Obbo Xilaahun yakka malaammaltummaan shakkamanii Qajeelcha Poolisii Godina Haadiyyaa keessa hidhamanii kan turan yoo ta’u, Sadaasa 08, 2017 ALI galgala naannoo sa’aatii 2’tti buufata tursiisa hidhamtootaa kana keessaa miliquu qajeelcha poolisii godinichaa beeksise.

Miseensota poolisii guyyaa sana eegumsarra turanis to'annoo jala oolchuun seeraan akka gaafataman taasifamuu ibseera.

Ajajaan Poolisii Godina Haadiyyaa Inispektar Tashoomaa Baatisoo, namni yakkaan shakkamu kun seeratti akka dhiyaatu poolisiin hordoffii cimaarra akka jiru ibsaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02NYqMjQuWpEvsyVcrXmtf4GmS91Gbr1NauZULe46JU6GRDC6kUFmrPyEfo1m3a4aCl

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Dec, 07:32


Bulchiinsi magaalaa #Jimmaa Artist Sittiinaa Abbaa Duulaa fi Nafiisaa Abdulhaakimiif lafa mana jireenyaa kenne

Bulchiinsi magaalaa Jimmaa Artisti gameettii sirba 'burtukaanii miti hadha'adha, kun jaalala mitii maraachaadha' jedhuun beekamtu Sittiinaa Abbaa Duulaa fi obboleettii ishee quxusuu Artist Nafiisaa Abdulhaakimiif lafa mana jireenyaa kennuu beeksise.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, artistoonni lamaan aadaafi duudhaa hawaasa godinichaa beeksisuu keessatti gahee isaani bahachuu eeruun, kanaafis bulchiinsi magaalichaa lafa mana jireenyaa itti ijaarratan kennuu dubbatan.

Sittiinaan sirboota aadaatii hanga qabsoo Oromoo, Jimmaa hanga Finfinneetti wellistoota Oromoo gameeyyii waliin wellisaa turte. ‘Burtukaaniin’ alas Sittiinaan sirboota akka Oromiyaa, Ushururuu, Siin waama yaa boonaa fi Hamma deemuu kiyyaa jedhamaniin beekamti.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid032fTw2acR2pidCzvd8avLTj3mGPEFPKKwDpFjhm4AyPaiXp7ZNmpd4t9V8nfjZYHXl

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Dec, 12:13


Oduu: Keellaawwan seeraan alaa 283 guutuu biyyattiitti akka argaman ibsame

Keellaawwan akka kaafamaniif mootummaan murteessuus sababoonni garaagaraa barbaadamuun keellaawwan seeraan alaa 283 sadarkaa biyyattiitti babal’atanii akka argaman Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahuun Goofee ibsan.

Ministirichi har’a Muddee 03, 2024 Mana Maree Bakka Bu’ootaa Ummataatti dhiyaatanii gaaffilee miseensota mana marichaarraa ka’aniif deebii kennaniin keellaawwan 283 saffisa loojistiksii fi sochii oomishaalee daangessan sadarkaa biyyaatti akka argaman himaniiru.

Keellaawwan seeran alaa kunneen sochii bilisaa oomishaalee fi saffisaa loojiistiksii kan daangessan ta’uus dubbataniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0he1MCp2eNjwqs1afKHDH3Lqd4ePN5kGiQjV2s1FC9hH74aRGpbb4c2jAp7XVN96Vl

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Dec, 09:50


Oduu: Mootummaan dhaabbilee mirga namoomaaf falman dararuu akka dhaabu HRW gaafate

Mootummaan gochaa dhaabbilee mirga namoomaaf falman rakkisuu akka dhaabu Dhaabbanni idiladdunyaa mirga namoomaaf falmu Hiyuumaan Raayts Waach (HRW) gaafate.

HRW ibsa Muddee 03, 2024 baaseen, murteen mmotummaan dhaabbilee sivilii mirga namoomaaf falman ugguruuf dabarse irra deebiin gamaaggamuun murtee kana akka jijjiiru gaafateera.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5211

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Dec, 08:48


#Hawaasaatti namoonni boba’aa seeraan alaa daldalan 34 to’annoo jala oolan

Naannoo #Sidaamaa magaalaa Hawaasaatti namoota seeraan alaa qaruuraa pilaastikaan boba’aa gurguruuf yaalan 32 akkasumas hojjetoonni biiroo daldalaa fi indaastirii lama buufanni gurgurtaa boba’aa erga cufameen booda gurgurtaa seeraan tumsaa turan to’atamuu poolisii magaalichaa beeksise.

Dabalataan buufata gurgurtaa boba’aa seeraa fi qajeelfama Biiroo Daldaala fi Indaastirii hin kabajne tokko maallaqaan yoo adabamu, buufanni biraan tajaajila akka hin kennine saamsamuu ibsameera.

Kanaan dura Addis Standard hanqinni boba’aa magaalaa Hawaasaatti hammaachaa dhufuun gabaa gurraacha irratti liitira tokko qarshii 170n gurguramaa jiraachuu gabaasuun isaa ni yaadatama. Hanqina boba'aa kanaaf sababni guddaan gurgurtaa boba'aa seeraan alaa ta'uu konkolaachiftoonni ibsaniiru.

Gabaasicha dubbisaa፦ https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5084

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Dec, 08:07


Oduu: Paarkiileen Industirii 10 gara Zoonii Diinagdee Addaatti guddifaman

Paarkiilee industirii 13 Korporeeshinii Misooma Industirii Paarkii jala bulan keessaa 10 gara Zoonii Diinagdee Addaatti guddifamuu korporeeshinichi beeksise.

Paarkiileen gara godina diinagdee addaatti guddifaman kunneen Industirii Paarkii Adaamaa, Industirii Paarkii Baahir Daar, Industirii Paarkii #Boolee_Lammii, Industirii Paarkii Dabtra Birhaan, Indusitirii Paarkii Hawaasaa, Industirii Paarkii #Jimmaa, Industirii Paarkii Qilinxoo Industirii Paarkii Maqaleefi Industirii Paarkii Samaraa ta’uu korporeeshinichi ifoomseera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Lo3r64DMtoEWGu1W7ujzEMYkWYr7ddKczZhiAQjSDhwp4BzvJa8CdHbwCVg2t87sl

Addis Standard Afaan Oromoo

03 Dec, 07:32


#Oromiyaatti albuudota qorannoon adda baafaman keessaa 70% ol gabaaf dhiyaachuu ibsame

Naannoo Oromiyaatti gosoota albuudaa 72 adda baafaman keessaa dhibbeentaan 70 ol gabaa biyya alaa fi keessaaf dhiyaachaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa beeksise.

Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaatti ogeessa ji'ooloojii kan ta’an Alamaayyoo Oljiraa DhPI’tti akka himanitti, naannichatti iddoowwan adda addaatti albuudni ijaarsaa, industirii fi faaya gosa 72 akka argamu qorannoon adda baafameera.

Albuudota qorannoon adda baafaman keessaa dhibbeentaan 72 ol gabaa biyya keessaa fi alaaf dhiyaachaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees, albuudota biyya alaatii galfaman oomisha biyya keessaatiin bakka buufamuu akka danda’an himaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0zAYW5dLYgHawiRCVd7D2tsh5QVV3MoEtWpSE6LB7K98AMfg6ecT1v8bxgRmbVAafl

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Dec, 14:57


"#Eertiraan gonkumaa #Itoophiyaa jeequuf fedhii hin qabdu," - Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantii Eertiraa

Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii Sanbata darbe af-gaaffii miidiyaa biyyattii waliin taasisaniin, humnoota alaa dhimma marii gam-sadee biyyattiin #Somaaliyaa fi #Masrii waliin tibbana Asmaraatti gaggeessite irratti ''odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiru'' jedhan qeeqaniiru.

Walgahiin gam-sadee Somaaliyaa, Masrii fi Eertiraa walitti fide kun Onkoloolessa 10 Asmaraatti gaggeeffame. Walgahii kana irrattis tarkaanfiiwwan dandeettii Somaaliyaa “daangaa lafaa fi galaanaa ishee eeguu ishee dandeessisu” tumsuuf fudhataman irratti waliigalaniiru.

"Eertiraan Itoophiyaa jeequuf gonkumaa fedhii hin qabdu" kan jedhan pirezidaant Isaayyaas, gochaan odeeffannoo sobaa tamsaasu kunis ''yaaddoo dhugaa Itoophiyaa irraa kan madde miti'' jedhan.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid035FX48aLYw1BcHF4Ej2AekvFwXmH7X2QPx1HB8GKs6vynobMevJGjS6c68wbFCnyGl/

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Dec, 13:57


Oduu: Godina #Shakkaatti haleellaa hidhattoonni raawwataniin namoonni 20 ajjeefaman

Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaa godina Shakkaa aanaa Andaaraachaatti haleellaan hidhattoonni torban darbe raawwataniin bulchaa gandaa dabalatee namoonni 20 ajjeefamuu jiraattonni himan.

Hidhattoonni kunneen naannoo #Gaambeellaa godina Saba Mazhingaatii kan dhufan ta’uu jiraattota wabeeffachuun Sagaleen Ameerikaa gabaaseera.

Haleellaa kanaan namoota ajjeefaman keessaa irra caalaan qonnaan bultoota yoo ta’an, bulchaan ganda Shakeebidoo Gazzaahany Wandimmuu jedhamus ajjeefamuu himameera.

Bulchaan aanaa Andaaraachaa Obbo Ayyalaa Agaloo, haleellaan irra deddeebiin kan raawwatamu ta’uu eeruun hidhattoonni naannoo Gaambeellaa godina Saba Mazhiing irraa dhufan irra deddeebiin haleellaa raawwataniiru jedhu.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid09SQNzX2YecuNKJgTKVRRJ4V1tJsGjmG9erGSn7x2rAqhsyd6qkuU7So6s3hCmQUxl

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Dec, 12:28


Oduu: Obbo Taayyee Danda’aa wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa'e

Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda'aa wabiidhaan akka gadhiifaman Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa murtee dabarsuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo Addis Standard’tti himan.

Aadde Sintaayyoon Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa har’a Muddee 02, 2024 ooleen Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa’u mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaanis, ajaja mana murtii kana raawwachiisuuf adeemsa barbaachisaa ta’ee raawwachaa jiraachuus dabalanii himaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5208

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Dec, 09:10


Godina #Arsii Aanaa Shirkaatti namoonni sagal hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo #Oromiyaa Godina Arsii Aanaa #Shirkaatti haleellaa hidhattoonni Kamisa darbe raawwataniin dubartootaa fi maanguddoota dabalatee yoo xiqqaate namoonni sagal ajjeefaman. Jiraattonni ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) himatan.

Jiraataa aanichaa tokko yaada VOA’tti laateen, obboleessi isaa quxusuu hidhattootaan manaa fudhatamee lagatti ajjeefamuu hime. Jiraataan kan biraa ammoo namoota afur hidhattootaan butamuufi eessa buuteen isaanii hanga ammaatti akka hin beekamne himeera.

Viidiyoon awwaalcha jumlaa agarsiisu addatti mirkanaa’u baatuus miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa tureera. Gorsaan ajajaa WBO Jireenyaa Guddataa yaada VOA’tti laataniin, gareen hidhattootaa kun ajjeechaa tibbanaa irratti hirmaannaa qabaachuu haalaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid01GKgEjitbe2hWconGZfe77wQ4sPRUxAiC1C8wG5aqj7T7rztLKruNY4ESUfzjPFxl

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Dec, 08:00


Oduu: Itoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaan hariiroo gidduu isaanii jiru guddisuuf waliigalan jedhame

Itoophiyaa fi Sa’uudii Arabiyaan hariiroo gidduusaaanii jiru guddisuuf waliigaluu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa beeksise.

Deetaan ministeera alaa Misgaanuu Araggaa ministeerri dhimmaa alaa Sa’uudii Injinar Waaliid Abdulkariim waliin Riyaaditti marii gaggeessaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru gara “sadarkaa olaanaatti guddisuun” faayidaa waloo mirkaneessuuf argachuuf aanga’oonni waliigalaniiru jedhame.

Aanga’oonni kunneen waliigaltee biyyoota lamaan gidduu jiru hojiitti hiikuuf waliigaluu odeeffannoon Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa baase ni agarsiisa.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Dec, 12:16


Mootummaan #Oromiyaa garee hidhattoota #WBO irraa adda bahe waliin waliigaltee nagaa mallatteesse

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahe, kan ajajaa zoonii giddu galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise.

Bal’inni waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaa’e kanaa hanga ammaatti ifatti hin ibsamne.

Ji’a Fulbaana darbe Sanyii Nagaasaan gareen isaanii kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan. Mootummaa waliinis mari'achuuf fedhii akka qaban himanii turan.

Yeroos Waajjirri Sab-qunnamtii ABO-WBO, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu ibsee ture. WBOn dhimma waliigaltee araaraa har'a mallatteeffame ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhe hin jiru. AS

Addis Standard Afaan Oromoo

30 Nov, 15:25


Oduu: Keeniyaafi Ugaandaan Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti araarri akka bu'u hojjatu jedhame

Keeniyaafi #Ugaandaan waldhabdee somaaliyaafi #Itoophiyaa gidduutti mudate akka furamu haala mijeessuufi rakkoo tasgabbii #Somaaliyaa furuuf kan hojjatan ta'uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon dubbatan.

Waliigaltee handaara galaanaa Itoopgiyaafi Somaaliilaand gidduutti jalqaba Amajjii 2024 keessa mallatteeffame hordofuun Somaaliyaan "tokkummaa biyya koo kan hubuudha" jechuun waliigaltichi "fudhatama hin qabu" jettee ture.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0zLb9ZLDQjDxzSEb3ejaKA4b4ii7t6kKGPMLHkuAimPMgWeXmvMLaR6ywpxFQLLosl/

Addis Standard Afaan Oromoo

30 Nov, 06:40


Oduu: Jubaalaand loltoonni Somaaliyaa guyyaa 15 keessatti akka bahan akeekkachiifte

Pireezidaantiin #Jubaalaand Ahmad Maadoobee loltoonni #Somaaliyaa guyyaa 15 keessatti Jubaalaand gadhiisanii hin bahan taanaan "tarkaanfii cimaa" akka fudhatu ibse.

Ahmad Maadoobee haasaa Masjiida Kismaayootti argamutti taasiseen, loltoonni Somaaliyaa iddoo qarqarqa Keeniyaatti argamtu Raaskaamboonii jedhamtu keessa buufatanii jiraachuu eeruun guyyaa 15 keessatti gadhiisanii akka bahan akeekkachiiseera. Guyyaa 15 keessatti hin bahan yoo ta'e "gatii kaffalu" jedheera.


https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0t85zvKqNBWb7ADmcdryE4wft8DBpgcHkb2UDTGpGTeQ51xMzQPrFaSMzFAoxxno2l/

Addis Standard Afaan Oromoo

29 Nov, 13:42


#Booranatti namoonni dubartii tokko mukatti hidhanii reebsisan hidhaa hanga waggaa 7 irratti murtaa’e

Godina Boorana Bahaa aanaa #Waacileetti namoota dubartiin haadha ijoollee sadii taate tokko abbaa warraasheetin gara jabinaan akka reebamtee miidhaa qaamaa cimaa akka gahu taasisuun himataman hidhaa cimaan adabaman.

Viidiyoon gocha kana mul’isu ji'a tokkoon dura miidiyaarratti qoodamuu hordofee namoota yakka kanaan shakkaman himatamtoonni 1ffaa Galgaloo Waariyoo [abbaa warraa miidhamtu], 2ffaan Jaarsoo Boruu, 3ffaan Galgaloo Jaatani fi 4ffaan Dhibaa Goollicha jedhaman to’annoo jala oolaniiru. 

Himata irratti dhiyaateen miidhamtuun waldhabbii ishiif himatamaa 1ffaa (abbaa warraashee) gidduu jiruun himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan jaarummaan taa'uun miidhamtuun akka mukatti hidhamte abbaa warraatin reebamtu taasisuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu ibsameera.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0PKPbLgG29N6BJaNV4sgqLsUPVVmLNnsUWYXfWAMLPgpSmeh59uudpBsb6AzaBsc4l/?app=fbl

Addis Standard Afaan Oromoo

29 Nov, 11:56


Taarifa kaffaltii geejjiba baaburaa #Finfinnee irratti daballiin taasifame

Guyyaatti imaltoonni kuma 10 olitti tilmaamaman kan keessummeessu geejjiba baaburaa magaalaa Finfinnee irratti daballii taarifaa birrii 10 taasifamuu biiroon geejjibaa magaalattii beeksise.

Taarifa tajaajila geejjiba baabura yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru Birrii 10 irraa gara Birrii 20’tti daballiin akka taasifamu eerameera. Daballiin kunis Muddee 1, 2017 ALI irraa eegalee hojiirra akka oolu biirichi ibseera.

Ji’a Onkoloolessa darbe magaalaa Finfinneetti har'a Onkoloolessa 06, 2017 ALI eegalee taarifa geejjibaa ummataa akka taaksii fi awutoobisii irratti daballii taasifamuu ni yaadatama.

xixiqqaa fi awutoobisiiwwan magaalaa hojii tajaajila geejjiba ummataa irratti bobba'an irratti hojiirra akka oolu ibsameera.

Daballii qaala’insa gatii boba’aa tilmaama keessa galchuun taasifame kanaan kaffaltiin tajaajila geejjibaa inni xiqqaa birrii 10, inni guddaan ammoo birrii 65 ta'eera.

Addis Standard Afaan Oromoo

29 Nov, 09:46


Oduu: Baqattoota #Eertiraa Finfinnee jiran gara naannoo #Affaaritti dabarsuuf karoorfamuu ibsame

Baqattoota Eertiraa magaalaa #Finfinnee keessa jiran gara wiirtuu gaaddisa baqattootaa naannoo Affaaritti qophaa’aa jiru keessa qubachiisuuf karoorfamuu Tajaajilli Baqattootaa fi Deebitoota Itoophiyaa beeksise.

Dhaabbatichatti Daayreektarri Eegumsa Baqattootaa Dhaabaa Lammeessa, baqattoota Eertiraa kunneen naannoo Affaar iddoo Ab’alaa jedhamutti wiirtuu gaaddisa baqattootaa qophaa’aa jiru keessa qubsiisuuf karoorfamuu VOA’tti himaniiru.

Wiirtuu kana qopheessuuf Komishinara Olaanaa Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii irraa baajata eegamaa akka jiru eeraniiru.

Baqattoonni Eertiraa Finfinnee keessa jiran gama isaaniin sanada seera qabeessaa dhiheessan waan hin qabneef hidhaaf saaxilamuu ibsan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0TeFCCyFEmXbJyQ3dMkgLZgqSW2jde42jCsUHVS4TaxL4HEBr5eXRntt7jDYPe15cl

Addis Standard Afaan Oromoo

29 Nov, 08:43


Oduu: Ugguramuun dhaabbilee siivilii sadii qeeqamaa jira; Mootummaan “yeroo gabaabaatti murtii dhumaa ni laatama” jedhe

Dhaabbatni mirga namoomaa idil addunyaa ‘The World Organisation Against Torture’ jedhamu murteen mootummaan dabarse kun “dirree dhaabbilee siviilii dhiphisa” jechuun qeeqe.

Mootummaan murtee kanaaf akka sababaatti dhaabbilee siviilii kunneen ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ kan jedhe ta’uus, dhaabbatni idil addunyaa kun ibsa isaatin sababni mootummaan kaa’e “bu’uura hin qabu” jedhe.

Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siviilii Itoophiyaa ibsa kaleessa laateen, taateewwan tokko tokko eeruun “dirreen dhaabbilee siviilii dhiphate jedhanii gudunfuun sirrii miti” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5200

Addis Standard Afaan Oromoo

29 Nov, 08:16


Oduu: Hidha Haaromsa Guddicha #Itoophiyaa irraa qurxummii toonii 561 ol oomishame jedhame

Adoolessa 2024 kaasee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irraa qurxummii toonii 561 ol oomishuu waldaaleen omisha qurxummuu ibsan.

Waldaaleen 22 seeraan gurmaa’uun hidha haaromsaatii qurxummii omishaa jiraachuu itti aanaan Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo #Beenishaanguul_Guumuz Birhaanuu Itichaa (PhD) himaniiru.

Omishni qurxummii kun gabaa naannawa hidhichaattiifi giddugaleessa Itoophiyaatti argamaniif dhiyaachaa jira jedhame.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Anniisaa maddisiisurra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuu Birhaanuun eeraniiru. AS

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Nov, 13:43


Oduu: Hir’ina boba’aa naannoo Amaaraatti mudate konkolaachiftoonni torbanitti altokko qofa akka guuttatan taasise

Hir’ina boba’aa naannoo #Amaaraa keessatti mudateen walqabatee qajeelfama baheen konkolaachiftoonni torbanitti altokko qofa boba'aa akka guuttatan qajeelfamni bahuu himame.

Jiraataa Baahirdaar Tomaas Gabramaariyaam tokko afgaaffii Addis Standard waliin taasiseen akka himetti, gabaan seeraan alaafi gabaan gurraachaa boba’aa argachuun rakkisaadha.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5195

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Nov, 12:34


Oduu: ‘#Tigraay keessatti adeemsi loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuu ittiin hogganamaa jiru sirrii miti’ - #ABUT

Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Dabratsiyoon Gabramikaa’eliin hogganamu, adeemsi hidhattoota duraanii hidhannoo hiikkachuu fi deebisanii ijraaruu (DDR) Tigraay keessatti gaggeeffamaa jiru “haala itti hogganamaa jiru sirrii miti” jedhe.

Dura taa’aa Itti aanaa dhaabichaa Amaanu’eel Asaffaa ibsa kaleessa laataniin, loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisuun dura “humnoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa ala ta’an Tigraay keessaa bahuu qabu” jedhan.

Itti dabaluun, "bulchiinsi yeroo naannichaa [Geetaachoo Raddaan hogganamu] haala Waliigaltee Piritooriyaa waliin wal hin simneen harka namoota dhuunfaatti kufeera” jechuun qeeqaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5190

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Nov, 09:36


Oduu: Naannoo #Oromiyaatti namoonni miiliyoona 39 ol dhibee busaaf saaxilamoo ta’uu ibsame

Weerara dhibee busaa naannoo Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyattii hedduu keessa tatamsa’aa jiru ittisuuf qaamni hunduu akka tumsu Biiroon Fayyaa Oromiyaa waamicha dhiyeesse.

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warquu ibsa miidiyaaleef kennaniin, tatamsa'inni dhibichaa godinaalee Oromiyaa 18 fi magaalota 10 keessatti hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himan.

Naannichatti hawaasni miiliyoona 39.5 dhibichaaf saaxilamoo ta'uu eeruun, ittisa dhibichaa irratti qaamni hunduu akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.

Pirofeesar Nastaannat ibsa isaaniin weerarri dhibee busaa rakkoo fayyaa qofa osoo hin taane “gufuu misoomaa” ta’aa dhufuu ibsuun, “kanaaf dhibee kana to’achuuf biirichi ciminaan hojjachaa jirra” jedhan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid036Q2Reb8hGgb1wrkNXrVkf5vuH3KvsN83xtf1RbxQPojdGkQc8sxompNZRLAHH3Q9l

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Nov, 07:58


Oduu: Itoophiyaan liqii Doolaara miliyoona 251 Fandii Maallaqa Addunyaa irraa argachuuf waliigalte

Itoophiyaan liqii dabalataa Doolaara miliyoona 251 Fandii Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa argachuuf waliigalteerti.

IMF, ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen, gulaallii lammaffaa ji'oota afur dura Waxabajjii 2024 keessa gaggeesseen waggoota afur keessatti maallaqa Doolaara biliyoona 3.4 Itoophiyaaf liqeessuuf murteesse ture keessaa Doolaara miliyoona 251 eeyyamuuf waliigaluu ifoomseera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5184

Addis Standard Afaan Oromoo

28 Nov, 06:21


Oduu: #ONLF waldhabdeen mootummaa federaalaa #Somaaliyaa fi bulchiinsa #Jubaalaand gidduu jiru akka tasgabbaa'u hubachiise

Naannoo Somaalee keessa kan socho'u Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) muddamni bulchiinsa Jubaalaand, keessattuu naannawaa Raad Kimboniitti mudate hammaachaa dhufuun akka isa yaaddeesse ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen beeksiseera.

Qaamoleen lamaan filannoo Jubaalaandiin walqabatee seera filannoo irratti waldhaban. Ergasii Pireezidaantiin Jubaalaand Ahimad Maadobee yeroo sadaffaaf filatamuu isaanii hordofee waldhabdeen kun hammaate.

Yeroo ammaa kana mootummaa federaalaa Somaaliyaa loltoota isaa naannawaa bulchiinsa Jubaalaanditti kan qubchiise yoo ta'u, bulchiinsi Jubaalaandis humnoota nageenya isaa sochoosuun cimsaa jiraachuu ibsameera.

ONLF ibsa isaatin, "muddamni uumame Jubaalaand qofa osoo hin taane guutummaa Somaaliyaa tasgabbii dhabsiisa" jedhe.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid028V2jq8e3VpWAkMTXUGWciWW8iEd8UvfNsKf3ypbMoogv4MDDATQX5kRX6dqT771ml/

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Nov, 12:00


Oduu: Naannoo Amaaraatti manneen barnootaa 40% ta'an barattoota galmeessuu hin eegalle

Naannoo #Amaaraa keessatti manneen barnootaa 40% ta'an keessa galmee barattoota kan hin eegalin ta'uufi aanaalee 17 keessatti manni barumsaa tokkoyyuu akka hin banamin biroon barnoota naannichaa ifoomse.

Hooggantuun biiroo barnoota naannichaa Mulunash Dasee (PhD) qophii barnootaa bara 2017 wal qabatee gabaasa dhiyeessiteen, barattoonni miliyoona 4.5 ol ta'an barnootaa akka hin eegalin himteerti.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0HPGUP8XmVZL3VWySBoFcy8RC4wxGksGxHcD5cDrjkpNCZNkZYEcYXVGQQ5YGhSqBl

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Nov, 10:43


Daandiin Qilleensa Itoophiyaa balalii gara #Dambi_Dolloo taasisu torbanitti gara guyyaa 7tti ol guddise

Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa balalii torbanitti guyyoota sadi Finfinnee irraa gara Dambi Dollootti taasisaa ture Sadaasa 27, 2017 ALI irraa eegalee balalii guyyuu taasisuu beeksise.

Daandiin Qilleensichi balalii idilee Finfinnee irraa gara Dambi Dolloo waggootaaf addaan citee ture torbanitti guyyaa 3 Guraandhala 18, 2016 ALI deebisee eegaluun isaa ni beekama.

Haaluma kanaanis Wiixata, Roobii fi Jimaata hunda gara Dambi Doollootti balali'aa tureera.

Balaliin gara Dambi Doollootti gaggeeffamu sababa rakkoo nageenyaa naannoo sanaatiin yeroo dheeraaf addaan citee ture jechuun hawaasni komachaa turuun isaa ni yaadatama.

Balaliin guyyoota sadiif ture kun gara torbatti ol guddachuunis gaaffii hawaasaa guutummaatti akka furu ni eegama.

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Nov, 08:45


Oduu: Dhiibbaan dhaabbbileen Siviliirra gahu biyyaa akka baqatan taasisaa jiraachuun himame


Dhiibbaan dhaabbilee siviliirratti gaggeeffamaa jiru dhaabbileen kunneen biyyaa akka baqatan taasisaa jiraachuu Giddugalli Abukaatoo Mirga Namoomaa Itoophiyaa beeksise.


Giddugalichi ibsa guyyaa kaleessaa baaseen, dhaabbilee siviliirratti dhiibbaan taasifamaa jiraachuu ibsuun mootummaan "tarkaanfii barbaachisaa" akka fudhatu gaafateera.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5178

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Nov, 08:43


Fooramiin Humna Qilleensaa #Afrikaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira

Humni Qilleensaa #Itoophiyaa hundeeffama isaa waggaa 89ffaa Sadaasa 29, 2024 kabajuuf jala bultiisaa sagantaalee garaagaraan kabajaa jira.

Guyyaa har’as qaama sagantaalee kanaa kan ta’e Fooramiin Humna Qilleensaa Afrikaa lammataa bakka ajajoonni humna qilleensaa biyyoota Afrikaa argamanitti #Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Fooramicha irratti ajajoonni humna qilleensaa #Morookoo, #Yugaandaa, #Taanzaaniyaa, #Maalii, #Keeniyaa, #Ruwaandaa, #Jibuutii, #Naayijeeriyaa, #Koongoo Biraazaaviil fi #Niijar argamaniiru.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fooramicha irratti akka jedhanitti, teeknooloojiin indaastirii aviyeeshinii guyyaa guyyaan ammayyaa tahuun bifa haaraa qabachaa jiraachuu himan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0ngo5b3iWnAMbqZp5p8ZKDtMA6GL4QVL5jKpcXtZr9Ux5i1nY5kE2TwpUWTRTYKY2l

Addis Standard Afaan Oromoo

27 Nov, 07:18


Birriin tiriiliyoonni 3.25 karaa #Teeleebirriin daddabarfamuu ibsame

Appilikeeshinii #Itiyoo_Telekoom waggaa sadii dura Caamsaa 2021 gara hojiitti seene ‘Teeleebirrii’ hanga ammaatti Birrii tiriiliyoonni 3.25 daddabarsuu Itiyoo-Teelekoom beeksise.

Itiyoo Telekoom sirna daldala dijitaalaa fi mala gabaa elektirooniksii irratti bakka bu’oota indaastirii omishaa fi qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

Marii kana irratti hojii raawwachiistuun dhaabbatichaa Firehiiwoot Taammiruun akka ibsanitti, Itoophiyaatti Teeleebirriin daddabarsa maallaqaa dijitaalawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Yeroo ammaas fayyadamtoonni appilikeeshiniichaa miiliyoona 51.3 qaqqabuu eeruun, appilikeeshinichi erga hojiirra ooluu eegalee Birrii tiriiliyoonni 3.25 ittiin daddabarfamuu dubbataniiru.

Itiyoo Teelekoom ‘Dijitaal Itoophiyaa’ galmaan ga’uuf tattaaffii eegaleen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Nov, 12:44


Aanga’aan #Sudaan dhimma #Hidha_Haaromsaa irratti yaada laataniin #Itoophiyaa mufachiisanii turan Geediyoon Ximotiwoos waliin mari’atan

Tibbana dhimma Hidha Haaromsaa ilaalchisee yaada laataniin gama Itoophiyaa irraa komiin irratti dhiyaate kan turan Ministira Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf Ahmad Al-Shariif gara #Finfinnee imaluun Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa waliin mari’achuu ibsame.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotiwoos har’a ganama Ambaasaaddar Alii Yuusuf Ahmad Al-Shariif waajjira isaaniitti simachuun dhimmoota biyyoota lamaanii fi haala yeroo Sudaan irratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministira Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf Ahmad Al-Shariif tibbana televijiinii biyyattii irratti dhiyaatanii af-gaaffii taasisaniin, ''dhimma Hidha Haaromsaa irratti wantoota furmaata hin arganne gara waraanatti ce’u malu'' jedhanii turan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0gSYZPZcyYBgS7jGiKRPdC26BNNHyMQHtemKY6ZJDqqkdr7UjCwrdtPex3mTjTTE7l

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Nov, 09:43


Oduu: Manni marichi baajata dabalataa birrii biliyoona 581.98 raggaasisuun baajata waliigalaa birrii tiriiliyoona 1.5 akka ta'u murteesse

Manni marii bakka bu'oota ummataa yaa'ii har'a gaggeesseen baajata dabalataa birrii biliyoona 581.98 raggaasisuun baajanni waliigalaa bara 2017 birrii tiriiliyoona 1.5 akka ta'u murteesse.

Mana marii bakka bu'ootaatti itti gaafatamaan mootummaa kan ta'e Tasfaayee Baljigee (PhD) wixinee labsii daballii baajataa manni marii bakka bu'ootaaf dhiyeessuu hordofee manni marichaa sagalee deeggarsaa caalmaatiin raggaasiseera.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Qazg97VZ5Ac5zkqKwWEFZTFsUmMtnEx6xhxYEMyDBZLqAfi6h2WfutiYkjeATrZBl

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Nov, 08:34


Oduu: #Afrikaatti buqqaatonni harka 80 ta’an #Itoophiyaa dabalatee biyyoota shan keessatti akka argaman ibsame

Afrikaa keessatti waggoota 15 darbanitti lakkoofsi namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an dachaa sadiin dabaluufi kanneen keessa dhibbeentaa 80 kan ta’an Itoophiyaa dabalatee biyyoota shan keessa akka argaman Giddugalli Hordoffii Buqqa’iinsa Biyya Keessaa Addunyaa (IDMC) beeksise.

Akka gabaasa dhaabbatichaatti, hanga bara 2023tti lakkoofsi lammiilee Afrikaa qe’ee isaanirraa buqqa’anii miiliyoona 35 gaheera. Kunis lakkoofsa buqqaatotaa sadarkaa idil addunyaa jiru keessaa walakkaan lammiilee Afrikaa ta’uu kan agarsiisu ta’uu hogganaan dhaabbatichaa Aleksaandiraa Bilaak himaniiru.

Afrikaa keessatti buqqaatonni irra caalaan (80%) Itoophiyaa dabalatee #Somaaliyaa, #Sudaan, Rippabiliika Dimookiraatawaa #Koongoo fi #Naayijeeriyaa keessa kan argaman ta’uu AFP gabaaseera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02FiqJTiZWUF7c9Z6RsF2p9TE5oTLGuupVVNFynRSV9dp18FPw2kS47Vh8cqXjLEYZl

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Nov, 07:38


Oduu: Raayyaa Qobbootti sodaan nageenyaa manneen barnootaa akka cufaman taasise


Godina Walloo Kaabaa aanaa Raayyaa Qobbootti sodaa nageenyaa mul'atu hordofee manneen barnootaa hedduu cufamuu barsiisonniifi hoggansi mannneen barnootaa himan.


Dura bu'aan mana barumsa Kaatolikii sadarkaa Tokkoffaa Nigus Taganuu mana barnootaa inni hogganuufi kanneen biroo naannichatti argaman keessatti adeemsi baruufi barsiisuu addaan cituu himeera.


Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5173

Addis Standard Afaan Oromoo

26 Nov, 06:48


Lubni Balaay “sobaan narratti qindaa'ee to'atame” jechuun mana murtiitti himan

Yakka malaammaltummaa gowwomsuu cimaan kan himataman Luba Balaay Mokonnin dhaddacha kaleessa ooleen jecha ragaa ittisaa yeroo dhiheeffatan ''sobaan irratti qindaa'ee'' akka to'aman dubbatan.

Luba Balaay, sanadoota sobaa waliigalatti doolaarri miliyoona 6 fi kuma 50 lakkoofsa herreega baankii Gamtaa Afrikaa keessaa bahii ta’ee namoota afuriif akka kaffalamu gaafatan Baankii Daldalaa Itoophiyaa Damee Gamtaa Afrikaaf dhiyeessaniiru jechuun himataman.

Gochaa ittiin shakkamanii to’annoo jala oolan “na himachiisuuf miti gaaffiif kan na dhiyeessu miti” kan jedhan Luba Balaay, yakka ittiin himataman akka hin raawwanne mana murtiitti irra deddeebiin himan.

''Ani nama diina qabu'' kan jedhan himatamaan, sanada sobaa kaffaltiin akka ittiin raawwatamu dhiyaaterratti maqaanis ta’e lakkoofsi herreega baankii isaanii akka hin jirreefi sanadicha harkaanuu akka hin tuqne himan.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c79z0xev9qlo

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Nov, 13:12


Godina #Kamaashiitti daa'imman 20 sababa dhibee gifiraan lubbuun isaanii darbe

Naannoo #Beenishaangul_Gumuz godina Kamaashiitti daa'imman 20 sababa dhibee gifiraatiin lubbuun isaanii darbuu Biiroon Fayyaa Godina Kamaashii beeksise.

Godinichatti bara 2015 ALI irraa eegalee mallattoowwan dhibee gifiraa bal’inaan mul’achuu hogganaan biiroo eegumsa fayyaa godina Kamaashii obbo Daargee Wadaajoo, sababa dhibee kanaan daa’imman 20 lubbuun isaanii darbuu DW’tti ibsaniiru.

Dhibichii aanaalee lama keessatti bal’inaan kan mul’ate yoo ta’u, qorannoo hanga ammaa gaggeeffameen namoonni 982 gifiraan qabamuu eerameera.

Hogganaan biiroo fayyaa godinichaa akka ibsanitti, tamsa'ina dhibee kanaa ittisuuf aanaalee shan keessatti daa’immaniif talaalliin kennameera.

Haa ta’u malee, aanaalee godinichaa shan keessatti dhibeen gifiraa bifa weeraraan babal'achuu jiraattonni himaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0bhLPHc3pCxgGNggcCJaej87jv83wp9e8LrTHgU2cRZKdJg1NgqB3BgZqNR6Ttbckl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Nov, 11:39


Oduu: "Gochaan hojii bulchiinsa yeroo danquu gara sadarkaa hammaataatti ce'e" - Geetaachoo Raddaa

Gochaan hojiilee misoomaa Bulchiinsi Yeroo Tigraay raawwachaa jiru danquu gara sadarkaa yaaddeessaatti darbaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo Geetaachooo Raddaa himan.

Pireezidaantichi ibsa Sadaasa 15, 2017 ALI miidiyaaf laateen, "Siyaasni Tigraay rakkoo kana caalutti galaa jira," jedheera.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5168

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Nov, 09:16


Oduu: Jiraattonni Aanaa #Darraa ajjeechaafi dararaa irra gahaa jiru miidiyaatti himatan 16 hidhamuu maatiin himan

Godina #Shawaa_Kaabaa aanaa Darraatti jiraattonni 16 ajjeechaa gara jabinaafi suukaneessaa hidhattoota #Faannootin raawwatamaa jiru viidiyoo miidiyaa hawaasa gubbaatti qoodameen himatan to’annoo jala ooluu maatiin Addis Standard’tti himan.

Jiraataa aanichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, namoota hidhaman keessaa haati isaa akka argaman himeera. Jiraataan kan biraa ammoo, “birmannaaf iyyachuu isaaniin shororkeessummaa irratti bobba’an jedhamanii maqaa itti moggaafame” jedhe.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5162

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Nov, 08:04


#Itoophiyaan waggoota 10 dhufanitti konkolaattota elektirikii hanga kuma 500 fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Itoophiyaan waggoottan 10’n dhufan keessa konkolaattota elektirikii %95 fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Guyyoota sadan darbaniif Finfinneetti gaggeefamaa kan ture Siimpooziyamii fi Egzibiishiniin Idil Addunyaa “Ethio-Green Mobility” xumurameera.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Bara’oo Hasan, Itoophiyaan humna haareffamaa fayyadamuuf karoora bal’aa qabachuun hojjechaa jirti jedhan.

Damee geejjibaan oomisha konkolaattota elektirikii babal’isuun baasii boba’aa hir’isuu fi naannawaa magariisaa ijaaruuf hojjetama akka jiru ibsaniiru.

Manni hojii ministeerichaas waggoottan 10’n dhufan keessa konkolaattota elektirikii 432,000 hanga kuma 500 faayidaarra oolchuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02bHrUWot7B8NB6qxviwHUGiSd6EkezPMMcuV9i5RVuTa16bn8KbRDwmGzEDgMZaVkl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Nov, 06:54


#Keeniyaatti halkan Aadaa #Booranaa kabajame

Sagantaan halkan Aadaa Booranaa kan baranaa Sanbata Sadaasa 23, 2024 halkan Keeniyaa magaalaa #Naayiroobii galma Boomaas jedhamutti sirnoota addaa addaan jilatameera.

Halkan Aadaa Booranaa (Borana Cultural Night) waggaa waggaan aadaa Oromoo Booranaafi sirboota addaa addaa agarsiisuun Keeniyaa magaalota gugurddoo keessatti kabajama.

Akeekni isaas hawaasni Oromoo Keeniyaa keessa baay'inaan jiraatan aadaa fi eenyummaa isaanii beekanii akka cimsataniif yaadamee ta'uutu ibsame.

Jila "Borana Cultural night" kana irrattis weellistoota, abbootii #Gadaa dabalatee bulchitoota biyyattii sadarkaan jiran akka hirmaatan gabaasni OBN addeesseera.

Mootummaan Keeniyaas jila aadaa kanaaf beekamtii kennuun waggaa waggaan bifa ho'aan akka kabajamuuf deeggarsa adda addaa tolchuun hanga Pirezidaantii yookiin nama bakka buusuun irratti hirmaachuun ni hordofa.

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Nov, 09:15


Bulchiinsa #Kibbaa_Itoophiyaatti barsiisonni 60 ol mindaan jalaa muramuu morman hidhaman

Naannoo Kibba Itoophiyaa godina #Koree aanaa Sarmalee keesaa barsiisonni 66 fedhii isaanii malee mindaan irraa cituu mormuudhaan hojii dhaaban hidhamuu maatiin isaanii VOA'tti ibsaniiru.

Barsiisonni hidhaman kunneen poolisootaan reebicha irra gahuu fi kanneen miidhaa hamaa irra gahee hanga ammaatti wal'aansa dhorkaman jiraachuu maatiin himan. 

Pirezidaantiin Waldaa Barsiisota Kibba Itoophiyaa obbo Amaanu’eel Phaawuloos, barsiisonni hidhamuufi reebamuu isaanii ilaalchisee akka gabaasni isaan qaqqabe ibsaniiru.

Osoo mariin irratti hin taasifamin mindaa barsiisotaa kutuu fi warreen morman hidhuun sarbiinsa mirga namoomaa akka ta’es dubbatan.

Bulchaan aanaa Sarmalee obbo Goshuu Getaachoo, "barsiisonni kunneen kan hidhaman barsiisonni biroo akka hin barsiifnee dhorkuu waan yaalaniifi" jedhan.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02ywkzjQBLsTrNoZ7Y6sTJ8ErUqQzUymKisBp5AP4XhG6eXEYMsRRdsKxz5JEAhYPAl/?app=fbl

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Nov, 07:57


Gurgurtaa humna elekrikii irraa baatiwwan sadi keessatti galii Birrii biiliyoona 15 ol argame

Humni Elekrikii Itoophiyaa baatiwwan sadan darban gurgurtaa humna biyya keessaaf dhiyeessarraa galii Birrii biiliyoona 8.7 ol argachuu beeksiseera.

Dabalataan humna elektirikii Daataa Maayiniingiif dhiyaaterraa galiin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 59.4 (Birrii biiliyoona 7 ol) argamuu gamaaggama raawwii hojii kurmaatan 1ffaan ibsameera.

Bara baajataa kana piroojektoonni anniisaa meegaa waattii kuma 7 fi 200 ol maddisiisuu danda’an 5 ijaaramaa jiraachuu ka’eera.

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa humna saa’aatii giigaa waattii kuma 6 fi 501 maddisiisuun danda’amuu dhaabbatichi ibseera.

Addis Standard Afaan Oromoo

22 Nov, 13:28


Oduu: Abbaan Taayitichi dhaabbitni siivilii #CARD “gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaate” jechuun uggure

Abbaan Taayitaa Dhaabbilee Siivikii Federaalaa dhaabbatni siivikii Giddugala Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (CARD) "siyaasa irraa walaba ta'uu osoo qabuu, kaayyoo isaatiin ala socho'uun gochaalee dantaa biyyaa miidhan irratti hirmaate" jechuun uggure.

Uggura kana hordofee dhaabbatichi ibsa baaseen gochaalee uggura kanaaf akka sababaatti eeraman “dhugaa irraa kan fagaate” jechuun ibseera. Murtiin kennamees “hojimaata seeraa barbaachisaa ta’e hin hordofne” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5158

Addis Standard Afaan Oromoo

22 Nov, 10:56


Wixinee labsii oomishaalee pilaastikii yeroo tokkoof qofa fayyadan akka biyyaa hin seenne dhorku paarlaamaatti qajeelfame

Manni Maree Ministirootaa wixinee labsii oomishaalee pilaastikii yeroo tokkoof qofa oolan gara biyyaatti akka hin seenne dhorku Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelchuu ibsame.

Wixineen labsii kun biyyattii keessatti akkaataa balfa gogaa walitti qabuu, geejjibsiisuu, kuusuu, irra deebiin fayyadamuu fi gatuu irratti sirni akka diriirfamu kan taasisu ta’uu Daayreektarri Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Lalisee Name himaniiru.

Wixineen labsii gara Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelfamee kun mirga lammiileen naannoo qulqulluu fi fayya qabeessa ta’e keessa jiraachuu isaanii mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabus ibsameera.

Sirni balfa gatuu ammayyaa guddina biyyattii, babal’ina magaalotaa fi baay’ina ummataa dabalaa jiru gitu uumuuf kan gargaaru ta’uu ibsame.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Cfh8NpBZTNY9zfEfFunzFFvFrJu9putMH2bP3DfEt4HxhqMoPKQCGYvNyFzEfYYRl

Addis Standard Afaan Oromoo

22 Nov, 09:50


Oduu: Baqattoonni #Eertiraa fi #Sudaan Naannoo #Amaaraa keessa qubatanii jiran gara iddoo biraatti akka dabarfaman gaafatan

Naannoo Amaaraatti walitti bu’iinsa humnoota nageenyaa mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduu deemaa jiruun baqattoonni Eertiraa fi Sudaan kaampii baqattootaa garagaraa keessatti argaman lubbuun isaanii balaaf saaxilamuu himan.

Hidhattoonni guyyaa guyyaan dahoo baqattootaa irratti haleellaa akka raawwatan kan eeran baqattoonni Eertiraa fi Sudaan kunneen, gara naannoo nageenya fooyya’aa qabutti akka dabarfaman gaafachuu isaanii marsariitiin ‘New Humanitarian’ gabaaseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5153

Addis Standard Afaan Oromoo

22 Nov, 09:14


Oduu: Manni marii ministeerotaa baajata dabalataa birrii biliyoona 600 raggaasise, baajanni waliigalaa birrii triliyoona 1.5 gahe

Manni marii ministeerotaa wixinee labsii baajata dabalataa birrii biliyoona 581.98 raggaasisuun baajanni waliigalaa bara kanaa birrii triliyoona 1.5 akka ta’u taasise.

Waajjirri Ministira Muummee ibsa baaseen, manni marii ministeerotaa marii Sadaasa 21, 2024 taasiseen wixinee labsii baajata dabalataa eeyyamu raggaasisuun gara mana marii bakka bu’oota ummataatti ergeera.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5152

Addis Standard Afaan Oromoo

22 Nov, 07:52


Ambaasaaddarri #Itoophiyaa Pireezidaantii haaraa #Somaalilaand waliin mari’atan

Somaalilaanditti Hogganaa Qontsilaa Itoophiyaa Tashoomaa Shundeen Pireezidaantii haaraa Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdillaahi waliin mari’ataniiru.

Jilli Ambaasaaddar Tashoomaa, Attaacheewwan Waraanaa Itoophiyaa fi qondaaltota imbaasichaa of keessa qabate ergaa baga gammaddanii mootummaa Itoophiyaa irraa ergame pireezidaantichatti ga’uun ibsameera.

Kana malees, ambaasaaddar Tashoomaan pireezidaantii haaraa Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdillaahi waliin haala hariiroo Itoophiyaa fi Somaalilaand cimsuun danda’amu irratti mari’achuu isaanii 'Horn Diplomat' gabaaseera.

Filannoo pirezidantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa dura gaggeeffameen kaadhimamaan paartii mormituu ‘Waddaanii’ kan ta’an Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi injifachuu isaanii ni yaadatama.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02362nfe6FussQyQ3Uh3n82r3miQA1eWjGxi2ow5N7N2sxS169siarYsKRXPrGLc7gl

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Nov, 13:36


Oduu: Mootummaan Naannoo #Oromiyaa fi #ABO gocha suukaneessaa Darraatti “humnoonni #Faannoo” raawwatan balaaleffatan

Shawaa Kaabaa aanaa #Darraatti ajjeechaa suukaneessaa dargaggeessa tokko irratti raawwatame miidiyaa hawaasaa irratti qoodamuu hordofee Mootummaan Naannoo Oromiyaa fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) ibsa adda addaatti baasaniin balaaleeffataniiru.

Mootummaan Oromiyaa ibsa isaatin “gochi finxaaleyyii Faannoo kun tuffii sabaafi sablammootaafi uummata Oromoof qaban kan agarsiisu qofa osoo hin taane, finxaaleyyiin kunneen sammuu yaadu kan hin qabne ta’uu qabatamaan mul’iseera,” jedhe.

ABOn gama isaatin, “ajjeechaan suukaneessaan hidhattoota Faannoo fi humnoota mootummaatiin ummata keenya irratti raawwatamaa jiru yakka waraanaa ulfaataa fi hammaataadha,” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5149

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Nov, 12:49


Oduu: Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti namoonni yakka buttaafi ajjeechaa raawwatan hidhaan hanga umrii guutuutiin adabaman

Naannolee Oromiyaafi Amaaraatti namoonni yakka buttaafi ajjeechaa raawwatan irratti adabbiin hanga hidhaa umrii guutuu murtaa’uu Sagaleen Ameerikaa gabaase.

Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Walmaraa magaalaa Hoolataatti namoonni daa’ima umrii torbaa butuun beenyaa gaafatan sadii hidhaa umrii 11 adabamaniru.

Namooonni sadeen buttaa kan raawwatan Onkololeessa 24, 2107 ALI guyyaa sa’aatii 8:00titti daa’ima umrii torbaa Sabaamboo Geetaahun jedhamu yeroo suuqiidhaa deebi’u humnaan ukkaamsanii baajaajiidhaan butanii fudhatan.
https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5144

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Nov, 10:17


Xiinxala: Aanaa #Darraatti ajjeechaan suukaneessaa dargaggeessa tokko dheekkamsa kaase; Ji’oota afur keessatti namoonni 43 ol ajjeefamaniiru

Tibbana viidiyoon dargaggeessa hidhattootaan albeedhaan mormi irraa muramuu agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamuu hawaasa biratti dheekkamsa kaaseera. Dargaggeessi kun dhalataa aanaa Darraa ganna 17 Darajjee Amaare jedhamu ta’uu himame.

Waggoota dhiyoo asi aanaan Darraa dirree waraanaa gaaga’ama guddaa geessise taateetti. Keessattuu bara 2022 booda walitti bu’iinsi cimaan humnoota mootummaa, Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO), fi hidhattoota #Faannoo gidduutti gaggeeffamuun lubbuun namoota hedduu darbaa jira.

Addis Standard dhimma kana irratti jiraattota aanaa Darraa dubbisuun akka qorateetti Adoolessa hanga Onkoloolessa 2024 gidduutti haleellaa dirooniin dabalatee lammiileen nagaa 43 ol lubbuu isaanii dhabaniiru.

Taateewwan kanneen keessaa tokko Onkoloolessa 23, 2024 haleellaa diroonii aanicha keessa halkan keessa naannoo sa’aatii 8:00 raawwatameen namoonni sadi ajjeefamaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5139

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Nov, 08:34


Oduu: Ji’oota darban keessa Eritraanonni 20,000 ta’an gara Itoophiyaatti baqatan: Komishinii Dhimma Baqattootaa

Amajjii 2016 ALI kaasee Eritraanonni 20,000 ta’an gara Itoophiyaa baqachuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishiniin Dhimma Baqattootaa (UNHCR) ibse.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02RfTf4PiwDxcapTBz6hGG8T4CjaTVYrFvviZpFQttzk8xETP8AN5RTwShmTBXXAT4l

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Nov, 07:37


Oduu: Itoophiyaan humna ibsaa Taanzaaniyaaf gurguruuf qophoofte

#Itoophiyaan karaa #Keeniyaatiin humna ibsaa Meeggaawaatii 100 #Taanzaaniyaaf gurguruuf qophaa’uu waliigalteerra gahaa jiraachuu ibsame.

Hangi humna ibsaa gurguramu marii xumuraarratti kan sirrreeffamu ta’uu dubbihimaan humna ibsaa Itoophiyaa Mogas Makonnin addeesseera.

Haa ta’u malee, Itoophiyaan rakkoo humna ibsaa keessoo biyyattii jiru furuu hin dandeenye. AS
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid036gWfY5LkuAamikFBRNRuekTgwTZE6WpMiQ57dsNFNMkqxEJSx433xHEton7hfQSzl

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Nov, 07:05


#Jaappaan piroojektii manneen barnootaa Naannoo #Sidaamaaf deeggarsa doolaara miiliyoona 9.6 taasiste

Mootummaan Jaappaan Itoophiyaaf deeggarsa doolaara miiliyoona 9.6 taasisuuf waliigaltee mallatteesseera.

Deeggarsi taasifamees piroojektii manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa Naannoo Sidaamaatti hojjetamaa jiraniif kan oolu ta’uun ibsameera.

Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee fi Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shiibataa Hiroonoriin mallatteessaniiru.

Piroojektichi Naannoo Sidaamaatti arattoota 3,600 ol fayyadamoo kan taasisuu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaa irraa argame ni mul’isa.

Addis Standard Afaan Oromoo

20 Nov, 13:22


Oduu: #Oromiyaatti taateen namoota humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguun dabaluu jiraattonni himan

Naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti taateen namoota fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafatamuun hammaachuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan godina #Shawaa_Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee sababa nageenyaatif maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, aanicha gandoota 19 irraa barattoota, qonnaan bultoota fi daldaltoota dabalatee namoonni 250 ol humnaan leenjii waraanaaf fudhatamuu himeera.

Jiraataan godina #Jimmaa aanaa Saxxammaa Addis Standard dubbise gama isaatin, obboleessa isaa dabalatee namoonni 20 ol to’annoo humnoota mootummaa jala erga oolfamanii booda obboleessi isaa birrii 60,000 maatiidhaan kaffalameefi gadi lakkifamuu hime.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5129

Addis Standard Afaan Oromoo

20 Nov, 11:31


Oduu: Tigraayitti hojiin loltoota 75,000 deebisanii ijaaruu guyyaa boruu eegala: Komishinii Haaromsa Biyaalessaa

Hojiin loltoota #Tigraay duraanii deebisanii ijaaruu guyyaa boruu akka eegalu komishiniin haaromsa biyyaalessaa beeksise.

Hojiin hidhattoota naannolee torba keessaa dhufan 371,000 ol ta’an gara giddugala haaromsaatti galchuun raawwatamuu komishinarri komishinichaa Tamasgeen Xilaahun ibsa keennaniin ifoomsaniiru.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0q5GdW9bwEYFVqvWxSY3mPaFKFR8PVff2fVcSkKA6JseG8jaetAyGteTGqu8rRXfWl

Addis Standard Afaan Oromoo

20 Nov, 08:55


Oduu: Gamtaan #Awurooppaa dhorkii viizaa lammiilee #Itoophiyaa irratti dabarse akka kaasu gaafatame

Walgahiin garee hojii waloo Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa 4ffaan kaleessa Sadaasa 19, 2024 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Yaa’ichaan gamni lamaanuu hariiroo tarsiimowaa qaban jabeessuuf kutannoo qabaachuu ibsan.

Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Gamtaan Awurooppaa michuu tarsiimowaa Itoophiyaa ta’uu eeruun, Itoophiyaan michummaa gamticha waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdu dubbatan.

Itoophiyaan biyya ka’umsa, ce’umsaa fi galma godaansaa ta’uu ibsuun, dhimma godaansaa dhimmoota siyaasaa xiyeeffannoo barbaadan waliin madaala walqixa kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatin Gamtaan Awurooppaa uggura viizaa kanaan dura lammiilee Itoophiyaa irratti dabarsee ture kaasuuf tarkaanfii fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02D8ZGExvpKKUAfHPBM6qHbWZvX6wMHui2bRBp6DYj181Kf3akTcWCftijBCdMfwg7l

Addis Standard Afaan Oromoo

20 Nov, 08:06


Oduu: Lammiileen #Naayijeeriyaa Itoophiyaa keessa hidhamanii jiran gara biyya isaanii akka deebifaman manni murtii ajaja dabarse

Lammiilee Naayijeeriyaa 270 #Itoophiyaa keessatti hidhamanii argaman gara biyya isaanitti akka deebi'aniif Ministeerri Dhimma Alaa fi Komishiniin Daayaspooraa Naayjeeriyaa haala akka mijeessu Mana Murtii Olaanaa Naayijeeriyaa ajaja dabarse.

Hidhamtoonni Naayjeeriyaa 270 kunneen mana hidhaa Qaallittiitti kan argaman ta’uu eerameera. Manni murtichaa kuni ajaja kana kan dabarse sababa hir’ina baajataatiin Itoophiyaan hidhamtoota kana tursiisuu akka hin dandeenye ibsuu hordofeeti.

Manni murtii ajaja kan dabarse iyyannoo namoonni sadi Sandeey Maanduwaanguu, Heenrii Anyaanwuufi Liyoonaardoo Okaafoor jedhaman galchan hordofeeti.

Hidhamtoonni Naayjeeriyaa kunneen mana murtiitti osoo hin dhiyaatiniifi mirga abukaatoo osoo dhoorkamanii argamus jedhame.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0TSE8srYpa9UwQnZypFHJAkgTrN5Lq7YPEifRhtXThne25swkNquVGnRhwqbzrtx4l

Addis Standard Afaan Oromoo

20 Nov, 07:23


“Aadaa #Oromoo cimsuuf sochii taasisneen dhiphoota jedhamnee biyyaa ari’atamne” - Alamaayyoo Qubee

Aadaa fi duudhaan ummata Oromoo akka cimuufi bayyaanatuuf hayyoota tattaaffii cimaa taasisan keessaa tokko Obbo Alamaayyoo Qubeeti. Obbo Alamaayyoon ogummaa isaaniin barsiisaadha, waggoota 32f barsiisummaan tajaajilaniiru.

Bara 1998 barsiisummaaf gara Bishooftuu yeroo ramadamanitti haalli kabaja #Irreechaa baay'ee harca'aa ture deebi'e akka cimuuf gumaachaniiru. “Abbaa malkaa Hora Harsadii kan mootummaan Dargii biyyaa ari’e ture barbaannee duullee,” jedhu. 

Sochii isaan Aadaa fi Afaan Oromoo akka dagaaguu taasisaa turaniin walqabatee bara mootummaa Dargii si’a lama, bara ADWUI ammoo maatii isaanii waliin si’a lama [bara 2003 fi 2004] hidhamanii ergasii biyyaa bahuuf dirqamuu himu, Obbo Alamaayyoon. 

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4407

Addis Standard Afaan Oromoo

19 Nov, 13:11


Xiinxala Oduu: #Markaatootti to’annoo nagaheen walqabatee suuqonni cufamuun galii guyyaa namoota hedduu addaan cite

Giddugala gabaa magaalaa #Finfinnee kan ta’e Markaatootti sirna bittaa fi gurgurtaa nagahee irratti hundaa’e hojiirra ooluu hordofee suuqiiwwanii fi manneen daldalaa torban tokko oliif cufamuu isaanii hordofee sochiin daldalaa danqameera.

Daldalaan naannawaa ‘Boomb Taraa’ Addis Standard dubbise, murteen kuni sochii gabaa Markaatoo jeequufi galii guyyaa isaanii gadi buusuu himeera. “Namni hundi sodaa fi yaaddoo qaba. Sodaa kanaatiif suuqiiwwan hedduu cufamanii argamu,” jedhe.

Daldalaan kan biraa gama isaatin daldaltoota nagahee malee gurguran irratti adabbiin hanga birrii 100,000 kaa’amuun hedduu biratti sodaa uumuu hime. “Daldaltoonni hedduun nagaheedhaan hin gurguran ture. Oomishaaleen kunneen karaa al-idileetiin sakatta’insa seeraa miliquun gara biyyaa kan galaniidha,” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5124

Addis Standard Afaan Oromoo

19 Nov, 11:52


Aanga’aan bulchiinsa yeroo #Tigraay aggaammii ajjeechaa irraa ooluu himan

Naannoo Tigraayitti bulchaan Godina Giddu-galeessaa kan ta’an Obbo Solomoon Ma’aashoo Dilbata darbe hojiif magaalaa Aksuum irraa gara Maqalee imalaa osoo jiranii hidhattoota eenyummaan isaanii hin beekamneen yaalii ajjeechaa irratti raawwatamuu himan.

Obbo Solomoon turtii BBC Tigrinyaa waliin taasisaniin, taatee kun ''yaalii ajjeechaa'' isaanirratti xiyyeeffate ta'uu akka malu himan.

Aanga’aa kanas ta’ee eegduu isaanii fi konkolaachisaan isaan waliin konkolaataa keessa turan miidhaan tokkollee kan irra hin geenye ta’uus, konkolaataan isaanii bakka afuritti rasaasaan rukutamuu mirkaneessaniiru.

Yeroo haleellaan kun raawwatametti Obbo Solomoon hojiif Aksuum irraa gara Maqaleetti imalaa akka turan eeruun, naannoo Maayqinaxaal jedhamu yommuu gahan "rasaasni nutti dhukaafame" jedhan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Wpawh2fSMARSD7RMYjxT5TncK5m5F3uSkHT8YkhU95e4A3nevh6HT6KqGyn4w5wzl

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Nov, 13:51


Oduu: #Mooyyaleetti walitti bu’iinsa lafa gabaatti mudateen namoonni afur madaa’an

Naannoo Oromiyaa godina #Booranaa magaalaa Mooyyaaleetti walitti bu’iinsa har’a Sadaasa 18, 2024 ganama lafa gabaa re’eetti mudateen namoonni afur madaa’uu jiraataa fi aanga’aan magaalattii Addis Standard’tti himan.

Waldhabdeen kun sababa iddoo gabaa re’ee ture dhaabbii baajaajiitiif akka oolu bulchiinsi magaalichaa murtoo dabarseen kan uumame ta’uufi nama raasaan rukutame tokko dabalatee namoonni afur madaa’uu jiraataan Addis Standard dubbise himaniiru.

Kantiibaa Itti-aanaa magaalaa Mooyyalee Obbo Abdii Edin, namni rasaasa dhukaasuun miidhaa geessise to’annoo poolisii jala ooluu himaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5121

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Nov, 12:56


📸 Markaatootti manneen daldalaa gariin cufamanii jiru

Bulchiinsi magaalaa #Finfinnee qajeelfama daldalaa nagahee irratti hundaa'e hojiirra oolchuu hordofee daldaltoonni gabaa #Markaatoo torban tokko oliif manneen daldalaa isaanii cufaniiru.

Cufamuun manneen daldalaa kun sochii daldalaa idilee gabaa keessa jiru haalaan danquun dhaabbilee daldalaa fi fayyadamtoota irratti dhiibbaa uumeera.

Bulchiinsi magaalichaa olola "qabeenyi daldaltoota qajeelfama kana hin kabajne ni dhaalama" jedhu daldaltoota burjaajessuuf kan yaadame ta'uu ibseera. Qajeelfamni kun daldala seera qabeessaa ta’e akka eegamu mirkaneessuuf kan bahe ta’uu eere.

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Nov, 09:33


Oduu: "#Eertiraa waliin nagaa buusuu barbaanna" - Geetaachoo Raddaa, Pireezdaantiin Bulchiinsa Yeroo #Tigraay

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaan qormaanni siyaasaa hedduu jiraatuus, bulchiinsi isaanii Eertiraa waliin hariiroo nagaa uumuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.

Obbo Geetaachoon af-gaaffii gaazexaa biyya Xaaliyaanii ‘Avvenire’ jedhamu waliin taasisaniin, "Eertiraa waliin nagaa buufachuu barbaanna; kana booda waraanni filannoo ta'uu hin qabu," jedhan.

Haa ta'u malee, waraana waggoota lamaaf gaggeeffame irratti yakka dubartoota dabalatee lammiilee nagaa irratti raawwatameef itti gaafatamummaan mirkanaa’uu akka qabu dubbatan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5117

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Nov, 08:31


Oduu: Markaatootti si'a lammaffaaf balaan abiddaa qaqqabuun qabeenya irratti miidhaan gahe

Balaan abiddaa #Finfinnee gabaa Markaatootti ka’e qabeenya irratti miidhaa salphaa qaqqabsiisuu Komishiniin Ittisa fi Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.

Akka ibsa komishinichaatti, balaa abiddaa Sadaasa 08, 2017 ALI guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 6:30tti Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa iddoo addaa gabaa markaatoo Jaabulaanii jedhamutti mudate.

Balaan kuni qabeenya barbadeessus to’annoo jala ooluu komishinichi ibseera.

Gama biraatin, balaa kanaan namoota jaha irratti miidhaa salphaa qaqqabuu Sagaleen Jarman (DW) gabaaseera.

Abdiddi kuni sa’aatii tokkoofi walakkaa keessatti to’annoo jala ooluun ibsameera. Balaa kanaan manneen kan miidhaman yoo ta’u, meeshaalee manaa baay’inaan oolchuun danda’amuu komishinichi eereera.

Balaa abiddaa walfakkaataa ji’’a darbe keessa Markaatootti mudateen qabeenyi barbadaa’uun ni yaadatama.

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Nov, 07:47


Oduu: Sa’udi Arabiyaan bara 2024 keessatti lammiilee #Itoophiyaa torba du’aan adabde

Saa’udi Arabiyaan bara 2024 keessa qofa lammiilee Itoophiyaa torba dabalatee lammiilee biyya alaa 100 ol du’aan adabuu ishee miidiyaaleen biyyattii gabaasan. Itoophiyaanota dabalataan lammiilee #Naayijeeriyaa 10, #Sudaan 3 f #Eertiraa 1 ajjeefamaniiru.

Dhaabbata Mirga Namoomaa Awurooppaa-Sa’uudii (ESOHR) raawwiin murtii du’aa bara kanaa “kan kanaan dura mul’ate hin beekne” jechuun ibseera.

Adabbiin du’aa lammiilee biyya alaa irratti raawwatamu bara kana keessa kan dabale sababa yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee akka ta’e ibsameera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5112

Addis Standard Afaan Oromoo

16 Nov, 08:25


Hojjettoota miindaan jiraataniif gibirri hojii akka hir’ifamu gaafatame

Pireezidaantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjetoota Itoophiyaa Obbo Kaasahuun Foolloo, hojjettoota miindaan jiraataniif gibira hojii hir’isuu dabalatee tarkaanfiiwwan biroo akka fudhatamu Ministira Muummee Abiy Ahimadiin xalayaadhaan gaafachuu isaanii ibsan.

Pireezidaantiin konfedereeshinichaa Kaasahun Foolloo VOA'tti akka himanitti, gatiin birrii gadi bu'aa dhufuu irraa kan ka’e hojjettoonni miindaa murtaa’e argatan rakkoo jireenyaa cimaan isaan mudachaa akka jiru ibsaniiru.

"Keessattuu hojjetaa galii xiqqaa qabu guyyaa hojjechaa halkan halkan hoteelota irraa nyaata hafe kadhachaa bulaa jira" kan jedhan Pireezidaantichi, dhiibbaan jireenyaa keessumaa kanneen paarkiiwwan industirii keessatti qacaramanii hojjetan irratti akka hammaatu eeraniiru.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0QDhDsXGFiiYHeWgDgHeiHwkxVT8jGpWxxLTgHncWV1ns4k7gWa1bAGuZpJ7vaEzdl/?app=fbl

Addis Standard Afaan Oromoo

16 Nov, 07:06


#Yirgaacaffeetti lafti awwaalchaa Musliimaa misooma kooridariif 'ni ka'a' jedhamuun komii kaase

Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Geede'oo magaalaa Yirgaacaffeetti lafti awwaalchaa warra Musliimaa gariinsaa misooma kooridariif ni ka'a jedhamuun komii kaasuu himame.

Lafti awwaalchaa #Bilaal jedhamu daandii babal'isuufi "lafa bashannanaa uummataaf" meetiriin 15 akka barbaachisu bulchiinsi magaalatti beeksisuu jiraattonni himan.

Lafti awwaalchaa waggaa 50'f ture daandii babal'isuuf meetira shan kan tahu ''biyyaaf'' jechuun eeyyamani kennamus meetirri 10 dabalataa barbaadamuun garuu muffii uume.

Walitti qabaan dhimmoota Islaamummaa Yirgaacaffee Hajii Jamaal Daarii hawaasa musliimaa fi bulchiinsa naannichaa gidduu waldhibdeen uumamuu fi komiin ka'e lafa bashannanaaf oola jedhameen akka walqabatu himan.

"Mootummaan safarri kuni hin geeddaramu jechuun cufe. Uummanni isa daandii babal'isuuf kennamuu ala hin eeyyamnu ejjennoo jedhu qabateera," jechuun garaagarummaa uumame ibsaniiru.

https://bbc.in/48PIA0Y

Addis Standard Afaan Oromoo

15 Nov, 13:28


Oduu: Mootummaan hiriira uummataa #Oromiyaa keessa gaggeeffame ‘qaama mootummaatin qindaa’e’ jedhamuu haale

Naannoo Oromiyaa godinaalee garaagaraa keessatti hiriirri waamicha nageenyaa kaleessa Sadaasa 14, 2024 gaggeeffame akka qaamaa mootummaan qindaa’eetti odeeffannoon tamsa’aa jiru “dhugaa irraa kan fagaatee” jechuun Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibse.

Mootummaan naannichaa ibsa baaseen, “hiriira nagaa ummatni fedhii isaatiin bahu akka qaama mootummaan qindaa’eetti muldhisuuf yaaluun madaa ummataa mukaan horfuu akka ta'etti yaadama” jedhe.

Hiriira kanaan walqabatee namoota siyaasaa akka Jawaar Mohaammad qeeqaan mootummaatti quba qabaniiru. Jawaar fuula feesbuukii isaarratti “mootummaan gama tokkoon marii araaraa marsaa 3ffaa didaa, gama biraan ummata miskiina adutti baasanii waywaachisuun sirrii miti,” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5108

Addis Standard Afaan Oromoo

15 Nov, 11:20


Hidhattoonni #Affaar keessa socho’an "karaa nagaan qabsaa’uuf" waliigaluu isaanii ibsame

Hidhattoonni Paartii Dimokraatawa Federaalawaa Affaar 'meeshaa waraanaa isaanii mootummaa naannichaatti dabarsanii kennuun nagaa fi misooma naannichaaf waliin hojjechuuf' waliigaluu isaanii Raayyaan Ittisa Biyyaa ibse.

Sirna magaalaa Ab’alaatti gaggeeffame irratti Pireezidaantiin Naannoo Affaar Awwal Arbaa nagaan bu’uura waan hundaa ta’e ibsuun, “hidhattoonni kunneen daandii nagaa filachuun isaanii nagaa naannichaaf gumaachuurra darbee nageenyaa fi tokkummaa biyyaatiif iddoo guddaa qaba” jedhaniiru.

Pireezidaantichi itti dabaluudhaan “nagaa fi misooma naannichaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka danda’an deeggarsi barbaachisu ni taasifama” jedhan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid027ovhppD7hxHAX4jLYbDfMnyWon8zVb4XUMTtpngwb7GCEUgnC494H7fjNwPQkAfgl

Addis Standard Afaan Oromoo

15 Nov, 08:53


Oduu: #Itoophiyaan dhimma Hidha Haaromsaa irratti yaada aanga’aan #Sudaan laataniin mufachuu ibsite

Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Alii Yusuuf ''dhimma #Hidha_Haaromsaa irratti dhimmoota murtee hin arganneefi hin furamne gara waraanatti ce’u malu'' jechuun yaada laatan hordofee Itoophiyaan ambaasaaddara Sudaan waamtee dubbisuu gabaafameera.

Ministirichi tibbana televijiinii biyyattii irratti dhiyaatanii af-gaaffii taasisaniin, mariin dhimma hidha haaromsa irratti taasifamu yoo hin milkoofne Sudaan #Masrii cinaa dhaabbachuu akka dandeessu dubbataniiru. “Waraanni mala fayyadamummaa bishaanii ittiin mirkaneessinu ta’uu danda’a,” jedhan.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Roobii darbe marii Ambaasaaddar Alzayin Ibraahim waliin taasiseen, yaada laatameen mufachuu eeruun hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf kutannoo qabu ibseera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0YSivXYJizoy4o8FD4VcThbZnfWxcagqiT8xFtKdpZN4bJdhdMnTeG4xnXaBvwiA6l

Addis Standard Afaan Oromoo

15 Nov, 07:42


#Dirree_Dhawaatti konkolaattota geejjibaa elektirikii 3000 ol hojii eegalchiisuuf waliigalteen mallatteeffame

*Waggoota sadan keessatti konkolaattota Bajaajii konkolaataa elektirikiitiin bakka buusuuf karoorfameera

Bulchiinsi magaalaa Dirree Dhawaa konkolaattota elektirikii ammayyaa tajaajila geejjibaa kennan 3000 ol hojii eegalchiisuuf guyyaa kaleessa dhaabbata Swiift Teeknooloojii fi Baankii Gamtaa Oromiyaa (#COOP) waliin waliigaltee mallatteesse.

Sagantaa waliigaltee kanarratti kan argaman kantiibaan magaalattii Obbo Kadir Juhaar haasawa taasisaniin, magaalaan Dirree Dhawaa zoonii daldala bilisaa dabalatee bakka argama industiriiwwan waan taateef biroo tajaajilli geejjibaa ammayyaa sadarkaa magaalattii gitu barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Kanaafis konkolaattonni elektirikii gara magaalattii galuun magaalattiin ammayyummaa ishee qabattee akka itti fuftuuf gumaacha guddaa akka qabu kaasan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0M6J6ARNQ1zBXkqWTRmqJ1TB9woFqUi9JDxHmag1GMJC5xRFaKyCydVoAEy3FE3G8l

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Nov, 13:27


Oduu: Aanaa #Amuruutti namoonni 130 ol ‘#WBO keessatti miseensa maatii qabdu’ jedhamanii ji’a torbaa oliif hidhamuu maatiin himan

Godina Horroo Guduruu #Wallaggaa aanaa Amuruutti namoonni nagaa 130 ol miseensi maatii isaanii “Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) waliin hidhata qaba” jedhamuun mana murtiitti osoo hin dhiyaatin ji'oota torbaa oliif hidhamanii akka argaman maatiin Addis Standard’tti himan.

Namoota mana hidhaatti argaman keessaa Tasfaayee Bayyanaa fi haati manaa isaanii Dosaa Toleeraa argamu. Obbo Tasfaayeen “ilma kee fidii koottu” jedhamanii ji’a torba dura hidhamuu ilmi isaanii kan biraan Dabalaa Tasfaayee Addis Standard’tti himeera.

“Abbaan koo lakkoofsa bilbilaa obboleessa koollee hin qabu,” kan jedhe Dabalaan haati isaanis torban darbe hidhamuu eeruun, maatiisaa dabalatee namoonni 130 ol mana murtii osoo hin dhiyaatiin hidhamanii akka jiran himeera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5102

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Nov, 11:46


Oduu: Namoonni “garee #alshabaabiif deeggarsa laatan” 5 hidhaafi kaffaltii maallaqaan adabaman

Manni murtii olaanaa dhaddacha Dirree Dawaa namoota “odeeffannoo garee alshabaabiif laataniiru” jedhe shan hidhaa cimaafi kaffaltii maallaqaatiin akka adabaman murteesse.

Himatamtoonni Shaalaqaa Halanee Nuriyyee Umar, Muhaammad Guhaad Adam, Nuur Haree (Nuur Muhaammad), Abdii Ahmad Abdullaahiifi Umar Yusuuf Hasan jedhaman humnoota tika nageenyaatiin naannoo Somaaleetti too’annoo jala oolfamanii ture.

Gabaasa guutuu https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02WNouJZ4vNpqaUGhfVnv7jK6VTdxkjVMsPAN4oJx1XDrtVCHZQmxtB8yHFX9sRrmel

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Nov, 09:48


Oduu: Baankii Biyyaalessaa al-ergitoonni sharafa alaa argatan keessaa walakkaa yeroo hin murtoofneef akka tursisan eeyyame

Al-ergitoonni har’a Sadaasa 14, 2024 eegalee sharafa alaa argatan keessaa 50% gurguruu fi 50% ammoo yeroo hin murtoofneef lakkoofsa herregaa isaanii Itoophiyaa qaban keessa kaa’uu kan danda’an ta’uu Baankii Biyyaalessaa #Itoophiyaa beeksise.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuun akka ibsanitti, al-ergitoonni sharafa alaa argatan birraa dhibbeentaa 50 battalumatti gurguruun kan hafe immoo baatii tokko keessatti akka gurguran dirqamsifamaa turuu yaadachiisaniiru.

Qajeelfama haaraa baheen garuu akka kana duraa sharafa alaa argatan baatii tokko keessatti gurguruuf kan hin dirqamne ta'uu eeraniiru.

Fooyya’insa imaammata diinagdee hojiirra ooluu hordofee sharafa alaa baankonni al-ergii irraa argatan ji’atti dolaaraa miiliyoona 500 gahuu eeraniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0N3LX6Zkov7KVi7VaXyq6Sy2gqdWnb4gLR9MUgvfMibLbRBVs1cnLc8UdWbE5ET6Nl

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Nov, 08:18


Oduu: #Jimmaatti weerarri dhibee busaa saffisaan dabalaa jira; Dhiyeessiin dhiigaa fi qorichaa akka guutamu gaafatame

Naannoo #Oromiyaa godina Jimmaatti weerara dhibee busaa ji’oota jahan darban keessa mudate ittisuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi namoota du’anii hir’achuus, weerarichi dabalaa akka jiru koreen dhaabbii mana maree bakka bu’ootaa ibse.

Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Koreen Dhaabbii Dhimmoota Fayyaa, Misooma Hawaasummaa, Aadaa fi Ispoortii aanaalee #Saqqaa_Coqorsaa, #Geeraa fi #Gommaatti daawwannaa taasisuun haala weerara dhibee busaa ilaaleera.

Miseensa koree dhaabbii fi qindeessituun garee kanaa Aadde Amiraa Mohaammad, aanaalee sadan keessatti weerara busaa ittisuuf carraaqqiin taasifamaa ture gaarii ta’uus, gama biraatiin tamsa'inni dhibee kanaa hammaataa dhufuu ibsaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5097

Addis Standard Afaan Oromoo

14 Nov, 06:20


Oduu: Kibba #Wallootti lola humnoota mootummaafi hidhattoota gidduu taasifameen lammiileen nagaa madaa’uu jiraattonni himan

Naannoo #Amaaraa godina Kibba Walloo aanaa #Ambaassal iddoo addaa Roobiit jedhammutti lola taasifameen lammiileen nagaa madaa’uufi manneen jireenyaa diigamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan eenyummaansaanii akka hin eeramne gaafatan humnoota mootummaafi hidhattoota #Faannoo jedhanii of waaman gidduutti “lolli cimaan” gaggeeffamuu himu.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5092

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Nov, 12:12


Lammiileen #Eertiraa Itoophiyaa keessaa bahuuf kaffaltii hanga doolaara 4000 gaafatamaa jiraachuu himan

Lammiileen Eertiraa #Itoophiyaa keessa jiraatan gara biyyoota biroo deemuu yeroo barbaadanitti viizaa bahumsaa argachuuf kaffaltii hanga doolaara kuma 4 akka kaffalan gaafatamaa jiraachuu himan.

Sababni kaffaltii kanaa ifaafi walfakkaataa akka hin taane kan eeran lammiileen Eertiraa kunneen, mootummaan Itoophiyaa kaffaltii kanaa irra deebi’ee akka ilaalu gaafachuu isaanii Sagaleen Ameerikaa gabaaseera.

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa gama isaatiin kaffaltiin gaafatamaa jiru viizaa bahumsaaf osoo hin taane, adabbii karaa seeraan alaa biyyattii keessa turaniif murtaa’u ta’uu ibseera.

Kaffaltiin kun baqattoota Eertiraa irratti qofa osoo hin taane lammiilee biyya hunda irratti kan raawwatamu ta’uu Daarektarri Galmeessaa fi To’annoo Lammiilee Biyya Alaa Obbo Adaane Dabbabaa ibsaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0LwffVB76qUGVZcyQhgGJMAp3FooqKNXoN1WArbC5VJ1NqBW282WQ6njAGUUYeohBl

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Nov, 10:36


Oduu: Labsiin fooyya’iinsa miidiyaalee ‘aangoon qaama tokkoon akka dhuunfatamu taasisa’ jedhamuun qeeqame

Wixineen labsii fooyya’insa miidiyaalee #Itoophiyaa tibbana Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti dhiyaate, walabummaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaaffii keessa galcha jedhamuun waldaalee ogeessota miidiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivikii 14n qeeqame.

Muudamni Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitichaa Ministira Muummeetif kennamuu, akkasumas itti gaafatamummaan eeyyama dhorkuu, haquu fi akeekkachiisa barreeffamaa kennuu kan bordii ture amma abbaa taayitichaaf kennamuu qeeqaniiru.

Wixineen labsii kanaa “qaama tokkoof aangoo kennuu fi adeemsa keessa dhiibbaa hin malleef balbala banuu bira darbee walabummaa abbaa taayitichaa gaaffii keessa galcha” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5087

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Nov, 08:49


Oduu: Dhaabbatni #EthSwitch bu'aa Birrii biiliyoona 1.5 argachuu beeksise

Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa dabalatee baankonni hundi abbaa aksiyoonaa kan itti ta’an dhaabbanni ‘EthSwitch’ bara baajataa darbe kaappitaala isaa Birrii biiliyoona 2.9 ol geessisuun bu’aa qulqulluu Birrii biiliyoona 1.55 ol galmeessuu beeksise.

Dhaabbatichi maashinoota ATM adda addaatiin maallaqa baasuu dabalatee baankiiwwan hunda walqunnamsiisuun tajaajila daddabarsa maallaqaa baankii irraa gara baankii (P2P) kennaa jira.

Yaa’ii Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa EthSwitch kaleessa gaggeeffame irratti Dura Taa’aa Boordii dhaabbatichaa Solomoon Dastaa gabaasa dhiyeessaniin, xiyyeeffannaan mootummaan damee dijitaalaaf kenne olaanaa waan ta’eef sirni faayinaansii dijitaalaa biyyattii guddina agarsiisuu ibsaniiru.

Bara faayinaansii kana keessatti maallaqa waliigalaa birrii biiliyoona 399.63 daddabarsuu eeraniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0nCPkE7yJHmRMANSzkVm8f6Q1xpC4orgv8CT7sT4eXdtrJ44AHkJhasXh4UrRazCRl

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Nov, 07:53


Oduu: Magaalaa Hawaasaatti hir’inni dhiyeessii boba’aa mudate, gabaa gurraachatti gatiin liitirii tokko 170 gale

Magaala guddoo naannoo #Sidaamaa Hawaasaatti hir’inni dhiyeessii boba’aa mudachuu hordofeen boba'aan gabaa gurraachaatti gatii ol ka'aadhaan gurguramaa jiraachuu konkolaachiftoonni Addis Standard’tti himan.

Konkolaachiftoonni magaalatti Addis standard dubbbise akka jedhanitti, boba’aa guuttachuuf hanga guyyaa afuriitti kan hiriiran ta’uu himu.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5084

Addis Standard Afaan Oromoo

13 Nov, 07:15


#Somaalilaand filannoo pireezidaantummaa gaggeessaa jirti

Bulchiinsi bara 1991 walabummaa labsatte garuu hanga ammaa beekamtii idil-addunyaa hin arganne Somaalilaand, guyyaa har’a filannoo pireezidaantummaa 4ffaa gagggeessaa jirti.

Somaalilaand jalqaba bara 2024 #Itoophiyaa waliin waliigaltee wal-hubannaa ulaa galaanaa mallatteessuu ishee hordofee #Somaaliyaa waliin atakaaroo keessa galteetti.

Filannoo ammaa kanarratti Pirezidaantii Somaalilaand kan ammaa Musee Bihii Abdii fi hoggantoota paartilee morkattootaa Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi fi Faayisal Alii Huseen ni morkatu.

Filannoon kun waggaa lama dura bara 2022 adeemsifamuu kan qabu yoo ta’u, Boordiin Filannoo Somaalilaand dhimma “maallaqaa fi teeknikaan” filannoo dheeresse.

Aangoon pirezidantiifi miseensota paarlaamaas waggoota lamaaf dheerate. Kunis paartilee waliin muddama uumee ture.

Har’a uummanni Somaalilaand miiliyoona 1.2 ta’u wiirtuuwwan filannoo kuma 2 fi 648’tti argamuun sagalee isaa kennaa jira.

Addis Standard Afaan Oromoo

12 Nov, 12:19


Oduu: Moootummaan #Somaaliilaand filannoo pireezidaantummaatiif lammiileen miliyoona 1 ol galmaa'uu ifoomse

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Somaaliilaand filannoo Roobii dhufu gaggeessuuf filattoonni miliyoona tokkoo ol galmaa’uu ifoomse.

Pireezidaantiin ammaa Musee Bihii Abdii dabalatee dorgomtoonni sadii filannicharratti ni dorgomu.

Gabaasa guutuu https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid035NAmjb75tjHkNJZzgby4Vi7VhmuUPeaQZxAmhMZskuJ8r3mXQrHRA2kX8PJ6LwB4l

Addis Standard Afaan Oromoo

12 Nov, 11:34


Oduu: Godina Kafaatti balaa konkolaataatiin namoonni 27 qaamaan miidhaman

Balaa konkolaataa naannoo Kibba Lixa #Itoophiyaa godina Kafaatti mudateen namoonni 27 qaamaan miidhamuu poolisiin godinichaa beeksise.

Gabaasa guutuu https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0u4nrhTF8ywZT8tq6ZnbgjcEBXvUQeMFwAEeJuGTTCjFw57VjYtzAZ2LwqxE8LuvZl

Addis Standard Afaan Oromoo

12 Nov, 11:08


Oduu: Gulaalliin #CPJ waggoota 5 darban walabummaan miidiyaa gadi bu’uu ifoomse

Koreen mirga Gaazexeessitootaaf falmu (CPJ) jedhamu #Itoophiyaa keessatti walabummaan miidiyaa waggoota shanan darban keessa gadi bu’uu ifoomse.

CPJ'n kana kan jedhe akkaataa qabiinsa mirga namoomaa waggoota shanan darbaniif Itoophiyaa keessa turerratti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Mana Marii Mirga Namoomaatiif gabaasa yeroo dhiyeesseetti guyyaa har’aati.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5074

Addis Standard Afaan Oromoo

12 Nov, 09:53


Oduu: Daballiin mindaa eegamaa ture ji’a Sadaasaatti akka hin taasifamin hojjatoonni mootummaa himan

Komishiniin Sivil Sarvisii daballiin mindaa hojjattoota mootummaatiif taasifamu ji’a Onkololeessaatiif kan gadhiifamu ta'uu haa ifoomsu malee daballiin mindaa ji'a kanatti akka hin taasifamin hojjattoonni biiroolee garaagaraa Addis Standard’tti himan.

Miseensi poolisii federaalaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise akka himetti, “Ji’a Sadaasaatti nuuf dabalama jennee eegaa turre. Haa ta’u malee, hanga yoonaatti daballiin mindaa nuuf hin kaffalamne," jedheera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/daballiin-mindaa-eegamaa-ture-jia-sadaasaatti-akka-hin-taasifamin-hojjatoonni-mootummaa-himan/

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Nov, 12:56


Oduu: Hogganaan Paartii Badhaadhina magaala Qobboo ajjeefaman, namoonni 4 madaa’an

Godina Walloo Kaabaatti hogganaan Paartii Badhaadhinaa magaala Qobboo Obbo Darribee Ballaxaa rasaasaa hidhattootaan dhukaafameen ajjeefamuun namoonni afur madaa’uu maddeen Addis Standard’tti himan.

Maddi keessoo sodaa nageenyaatiif maqaan akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti hime akka jedhetti, hogganaan paartichaa Hoteela Magaala Qobboo keessatti argamu Miki’eelee Salamoonitti guyyaa kalessaa ganama naannoo sa’aatii afuritti ciree nyaataa osoo jiranii rasaasaan ajjeefamuu himaniiru.

Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5066

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Nov, 09:25


Oduu: “Bulchiinsa yerooratti fonqolchi mootummaa ifatti raawwatamaa jira” – Bulchiinsa Yeroo Tigraay

Gareen Adda Bilisummaa Ummata Tigraay (ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin hogganamu bulchiinsa yeroo Tigraay irratti fonqolcha mootummaa “ifatti” gaggeessaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo naannichaa beeksise.

Pireezidaantiin bulchinsa naannichaa Getaachoo Raddaa, ibsa kaleessa baaseen, gareen ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu kan ji’a Hagayyaa keessa yaa’ii taasisee ture bulchiinsa yeroo naannichaarraa humnaan aangoo dhuunfachuuf fonqolcha gaggeessaa jira jedhe.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5061

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Nov, 08:14


Oduu: “Itoophiyaan ergama nageenyaa Somaaliyaatti hin hirmaattu”- Ministeera Raayyaa Ittisa Somaaliyaa

Egama Deeggarsa Tika Nageenyaa Gamtaan #Afrikaa Somaaliyaa (AUSSOM) keessatti gaggeessurratti Itoophiyaan akka hin hirmaanne ministeerri Ministeera Raayyaa Ittisa #Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nuur VOA’tti himan.

Aanga’ichi akka jedhanitti, Itoophiyaan ergama humna Gamtaan Afrikaa Amajjii 2025 keessa Somaaliyaatti bobbaasu keessatti lotloonni Itoophiyaa akka hin hirmaanne taasifama jedheera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02pZfgdwrYJV6UmiGMv3VZGa8QQs4fEV3PbMmQKyWP7msU3SXAbaybfoXp4kvZjPanl

Addis Standard Afaan Oromoo

11 Nov, 07:20


Oduu: Bulchiinsi Jubaalaand gamtaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin qabu addaan kutuu beeksise

Somaaliyaatti bulchiinsi Jubaalaand gamtaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin qabu addaan kutuu ifoomseera.

Murteen kuni kan darbe himata Somaaliyaan duula humnoota al-shabaab Jubaalaand keessaa Murteen darbe kuni himata Somaaliyaan duula humnoota al-shabaab Jubaalaand keessaa dhabamsisuufi mirga filannoo bilisaafi haqabeessa gaggeessuu danqaa jirti jedhuun kan walqabatu ta'uu ibsameera.

Murteen Jubaalaand dabarsite kuni waldhabdee qaamolee lamaan gidduu ture babal’achaa dhufuufi duulli finxaaleyyii dhabamsiisuu gufachiisuu akka danquu ibsameera. Jubaalaand bulchiinsa qaama Somaaliyaa yoo taatu murteewwan mootummaan federaalaa dabarsu mormaa turaniiru. AS
https://x.com/GaroweOnline/status/1855542365324193795

Addis Standard Afaan Oromoo

09 Nov, 07:26


Oduu: #Oromiyaatti qonnaan bultoota fi hojjettoonni mootummaa 'deeggarsa milishaaf' birrii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu himan

Qonnaan bulaan godina #Arsii Lixaa aanaa Kofalee tokko, jalqaba bara 2024 irraa eegalee jiraattonni sagantaa nyaata barattootaa, uffata milishaa, fi dhiyeessii nyaata milishaaf maallaqa akka gumaachan gaafatamuu himan.

Barbaachisummaa sagantaa nyaata barattootaa irratti kan amanan ta’us, hanga ammaa “nyaanni tokkollee barattootaaf hin kennamne” jedhan. Itti dabaluudhaan qonnaan bulaa dide hidhaan kan isa eeggatu ta'u eeran.

Hojjetaan mootummaa Addis Standard dubbise gama isaatin, "deeggarsa namoomaa ykn milishaaf akka ta’e osoo nu hin beeksisin mindaa keenya irraa hir’isu” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5057

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Nov, 13:12


Oduu: Daldaltoonni meeshaa alaa galchuuf maallaqa biyyaa alaa mataasaaniitiin bitachuun dhorkame

Mootummaan #Itoophiyaa daldaltoonni meeshaa gara biyyaa galchan maallaqa biyya alaa mataasaaniitiin (Franco Valuta) bitachuu akka dhaaban labse.

Daldaltoonni maallaqa biyya alaa ofiisaaniitiin meeshaa gosa muraasa alaa akka galchan Fulbaana 2024 kaasee ministeerri faaynaansii eeyyamee ture.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5054

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Nov, 11:53


Xiinxala: “Guyyaatti al-tokko yeroon itti nyaadhu hedduudha”: #Finfinneetti daballiin taarifa geejjibaa qaala’insa jireenyaa hammeesse

Magaalaa Finfinneetti taarifni geejjibaa haaraa hojiirra ooluun qaala’insa jireenyaa duraanuu dabalaa jiru daran hammeessuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Koyyee Faccee irraa deddeebi’uun magaala Finfinnee keessa kan hojjatan Obbo Wandasan Shifarraa, sababa daballii taarifaatiin jireenyi isaanii jeeqamuu dubbatu.

Abbaa ijoollee lamaa ta’uu kan dubbatan obbo Wandasan, “anaa fi haadha manaa koo ijoollee guddisaa jirruuf jecha nyaata gahaa hin soorannu. Laaqanaafi irbaata osoo hin nyaatin yeroo dabarsinu ni jira. Sababnisaas ijoollee of hin beekin xixiqqoo waan qabuufi,” jedhan.

Jiraataan magaalaa Finfinnee kan biraan, “baasii keenya shallagnee yeroo ilaallu ji’a kan geenyu leeyyoofneeti. Guyyaatti si’a tokko qofa yeroon itti nyaannu hedduudha” jechuun rakkoo qaala’iinsa jireenyaa akka furuuf mootummaatti iyyataniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5043

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Nov, 10:17


Oomishtoonni simmintoo raabsitoota barbaadaniif oomisha isaanii akka dhiyeessan eeyyamame

Walitti hidhamiinsa gabaa simmintoo kanaan dura gama Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaatin gaggeeffamaa ture har’a Onkoloolessa 29, 2017 ALI irraa eegalee akka hafu murtaa’uu ministeerichi beeksise.

Haaluma kanaan oomishtoonni simmintoo raabsitoota barbaadaniif oomisha isaanii akka dhiyeessan kallattiin kaa'amuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahuun Goofee ibsaniiru.

Kallattiin kun kan ifoome ministeerichi oomishtoota simmintoo waliin haala dhiyeessii fi fedhii jiru walsimsiisuun danda’amu irratti mariin gaggeesse irrattidha.

Dameen indaastirii ijaarsaa guddachaa dhufuu hordofee fedhiin simmintoo haalaan dabalaa jiraachuu Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02RjAaF3sTg838btp6XAeWRLuWKSJEbWBCZbkKEv23K1UziiQ2C35sHrfyn6DP5FQpl

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Nov, 08:31


Lagni #Shabalee guutuun naannoo #Somaalee aanaalee sadii keessatti miidhaa qabeenyaa qaqqabsiise

Lafa olka’aa Itoophiyaa keessaa madduun gara Kibba Somaaliyaatti kan yaa’u lagni Shabalee guutuun balaa lolaa qaqqabsiiseen naannoo Somaalee aanaalee sadii keessatti miidhaa qabeenyaa qaqqabsiise.

Lolaan kun godina Shabalee aanaalee Qalaafoo, Mustaahil fi Ferfer jedhaman keessatti miidhaa kan geessise yoo ta’u, keessumaa aanaa Qalaafoo gandoota torba keessatti qabeenya fi manneen jireenyaa irratti miidhaa qaqqabsiisuu miidiyaan naannichaa gabaaseera.

Balaa mudate hordofuun lammiileen naannoo sana jiraatan bidiruu xixiqqaatiin kan baafaman yoo ta’u, jiraattota sababa lolaa kanaan qe’ee isaanii irraa buqqa’anii fi miidhaman gargaaruuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsame.

Guutinsi laga Shabalee irra deddeebiin miidhaa kan geessise yoo ta’u, Hagayya 2016 ALI balaa lolaa aanaalee walfakkaataa keessatti mudateen maatiin 2,827 qe’eerraa buqqa’uufi midhaan lafa hektaara 6,186 irratti jiru miidhamuu ni yaadatama.

Addis Standard Afaan Oromoo

08 Nov, 07:40


Manni Marichi haala #Itoophiyaan miseensa #Liigii_Arabaa ta’u dandeessu irratti bakka bu’oota liigichaa waliin mari’ate

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa kaleessa waajjira isaanitti Hoggantuu Eeggattuu Liigii Arabaa Sa’idaa Muhaammad Umar simachuun mari’atan.

Pirezidaantichi bakka bu’aa Liigii Arabaa waajjira isaanitti simatanii yeroo dubbisan inni ammaa kan jalqabaa ta’uu marii kana irratti eerameera.

Marii kana irratti Itti gaafatamaan Kutaa Pireesii Liigii Arabaa Ibraahim Al-Sudaanii, Barreessaa Olaanaa Mana Marichaa Sheek Hamid Muusaa fi Itti gaafatamaan Damee Hariiroo Alaa Mana Marichaa Gargaaraa Piroofeesaraa Adam Kaamil argamaniiru.

Marii waajjira pireezidaantii mana marichaatti gaggeeffameen haalota Itoophiyaan miseensa Liigii Arabaa ta’uu dandeessu ka’anii irratti mari’atamuu ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02EcHCnJAHewMYQ5ZFdhiZoSdfbigTDc6uKjWzD17h82yqBqGsthamUedWS9EMkDsjl

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Nov, 13:09


Oduu: Qabeenyi Doolaara miiliyoona 151 ol ta’u dhaabbilee mootummaa adda addaa irraa ugguramee qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu ibsame

Dhaabbilee mootummaa adda addaa irraa Birrii miiliyoona 297 fi qabeenya Doolaara miiliyoona 151 olitti tilmaamamu ugguramee qorannoon yakkaa irratti gaggeeffamaa akka jiru Fooramiin Tumsa Qooda Fudhattootaa Argannoo Odiitii ibse.

Foramichi gamaaggama argannoo odiitii waggaa sadii irratti kaleessa Onkoloolessa 27, 2017 ALI Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti gaggeesseera.

Waggoota sadan darban keessatti Birrii miiliyoona 297 ol fi qabeenyi doolaara miiliyoona 150.5 irratti ajajni ugguraa bahuu gabaasichaan eerameera. Akkasumas manneen jireenyaa 46 fi gamoo tokko, konkolaattonni 86, aksiyoona birrii miiliyoona 2.5, fi qabiinsa lafa kaaree meetira kuma 81 ugguramuu ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02mfvFUUPD8StLyG4xstf9CvTNBwucXyYL5hY5h6jcZbSCzgehWviNzDXp1GzAzvPcl

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Nov, 10:21


#Itoophiyaa-#Somaalilaand: Inistiitiyuutii Dhimma Alaa fi Yuunivarsiitiin #Hargeessaa haala wal tumsuun danda’amu irratti mari’atan

Daayireektarri Itti-aanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Abdii Zannabaa kaleessa Yuunivarsiitii Hargeessaatti [kan Somaalilaanditti argamu] Daarektara Qorannoo Nageenyaa fi Waldhabdee Dr. Naasir Mohaammad waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni dhaabbilee lamaan dhimmoota pirojektoota qorannoo waloo, sagantaalee adda addaa waliin qopheessuu fi ijaarsa dandeettii dabalatee dhimmoota garagaraan waliin tumsu irratti xiyyeeffatanii “marii bu’a qabeessaa” taasisuu isaanii Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa ibseera.

Inistiitiyuutichi ibsa isaatin, "waltumsi tarsiimowaa kun tumsa damee barnootaa fi dandeettii dhaabbilee cimsuuf kutannoo qabnu kan hubachiisudha," jedheera.

Inistiitiyuutichi dhaabbata mootummaa hariiroo dhimma alaa irratti qorannoo fi xiinxala gaggeessudha. Kana malees kallattii imaammataa akeekuu, hojjettoota hariiroo alaa leenjisuu irratti gumaacha taasisa.

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Nov, 08:59


Oduu: Naannoo Amaaraatti “hidhaan jumlaa” raawwatamuu Amineestiin ibse, gochaan kuni akka dhaabbatus gaafate

Amineestii Intarnaashinaal naannoo Amaaraatti "hidhaan jumlaa" humnoota mootummaa federaalaafi naannichaatiin Fulbaana 28, 2024 irraa kaasee gaggeeffaamaa jira jechuun ” akka dhaabbatu gaafate.

Amineestiin ibsa Sadaasa 06, 2024 baaseen, naannoo Amaaraatti namoonni nagaa kumaatamaan lakkaa’aman buufataalee hidhaa yeroo alidileetti hidhamanii argamu jedheera.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5050

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Nov, 08:22


📸 Gadaan #Booranaa baallii dabarsuuf jala bultii jila gaggeessu itti fufeera

Abbaan Gadaa Tuulamaa fi Abbaan Gadaa Gabraa Aanaa Areerootti qe'ee yaa'a Arbooraa, Hawaxxuu, Koonnituu fi Qaalluu Odituu Odaa buluuf jilachaa jiranitti argamuun gumaata laataniiru.

Jilli Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaatiin durfamu qophii baallii walitti kennuuf jila Odaa buluu Abbootii Gadaa Booranaan jilatamaa jirurratti argamuuf torban kana Booranaa galuu ni yaadatama.

Suuraa: Kominikeeshinii Godina Booranaa

Addis Standard Afaan Oromoo

07 Nov, 06:44


Oduu: #Goojjam Lixaatti haleellaa dirooniin hidhattoota dabalatee namoonni 20 ol ajjeefamuu jiraattonni himan

Naannoo #Amaaraa godina Goojjam Lixaatti haleellaa diroonii Kibxata Sadaasa 05, 2024 raawwatameen hidhattoota dabalatee namoonni hedduun ajjeefamuu jiraattonni Addis Standarditti himan.

Jiraataan magaalaa Durbeetee tokko magaalattii keessatti lola cimaan akka tureefi haleellaan diroonii raawwatamuu himeera. “Haleellaan qilleensaa raawwatameen hidhattoonni #Faannoo 16 ta’an osoo leenji'aa jiranii ajjeefamaniiru" jedhe.

Haleellaan kun jiraattota nagaa irrattis miidhaa geessisuu himeera. “Naannoo ani jiraadhutti qofa namoota nagaa 3 ol lubbuu isaanii dhabaniiru," jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5046

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Nov, 14:50


📸 Xiyyaarri 'Airbus A350-1000' Afrikaatti isa jalqabaa ta'e Finfinnee gahe

Xiyyaarri Eer Baas A350-1000 Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa dhaabbata 'Eer Baas' irraa bite har'a waaree booda Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Boolee gaheera.

Xiyyaarri sadarkaa ardii Afrikaatti isa jalqabaadha jedhame kun 'Itoophiyaa Madda Dhala Namaa' (Ethiopia Land of Origins) jedhamuun moggaafameera.

Suuraa: Addis Standard

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Nov, 13:38


Aanaa #Darraatti imaamni masjiidaa hidhattootaan ugguramanii ajjeefamuun dheekkamsa kaase

Naannoo #Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti imaama masjiida Ganda Arabuu kan ta'an Sheek Muhaammad Makiin Haji Arafuu torban sadiif hidhattootaan erga ugguramanii booda ajjeefamuu isaanii jiraattota dheekkamsise.

Imaamichi isaan dabalatee miseensonni maatii isaanis wajjiin ugguramanii turuu kan gabaase Sagaleen Jarman (DW), waliigalaan namoota 14 akka ta'an ibseera.

Hidhattoonni Sheek Muhaammadii fi haadha isaanii gadhiisuuf birrii miiliyoona 1.5 gaafatanii, isa keessaa birrii miiliyoona 1.2 kaffalamee haati isaanii gadi lakkifamaniiru.

Ergasii imaama masjiidaa kana gadhiisisuuf maatiin qarshii barbaadaa otoo jiruu dhuma torban darbe ajjeefamuu isaanii hidhattoonni maatiitti himuu DW maatiirraa wabeeffachuun gabaaseera.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0VVhGQ75MFxBYERAVcYGuX7UaJgowX5RqePHU1Lq51Cj9nBy6pAFQhTcSkTPSaC2tl/

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Nov, 09:11


#Itoophiyaan liqii Doolaara miiliyoona 738.2 #Sudaan_Kibbaaf kennite

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa har’a gaggeesseen waliigaltee mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf liqii Doolaara miiliyoona 738.2 dhiyeessuuf mallatteesse raggaasise.

Liqiin kun Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandiin walqunnamsiisuuf kan oolu yoo ta’u, daandiin kun daangaa Itoophiyaa irraa ka’ee hanga Sudaan Kibbaatti kiiloo meetira 220 kan dheeratu ta’a.

Waliigalteen faayinaansii kun Caamsaa bara 2023 kan mallatteeffame yoo ta’u, Manni Maree Ce'umsa Biyyaalessaa Sudaan Kibbaa ji’a Waxabajjii darbe raggaasuu isaa ni yaadatama.

Waliigalteen liqii kun yeroo boqonnaa waggaa shanii kan qabu yoo ta’u, waggoota 10 keessatti kan deebi’u ta’uu ibsameera.

Akkaataan liqiin kun deebi’uus kaashii maallaqaan ykn boba’aan yoo ta’u, biyyi liqii fudhate boba’aadhaan kan deebisu yoo ta’e baasii mataa isaatin hanga Poort Sudaan geessuun dirqama ta’uu eerameera.

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Nov, 07:29


Oduu: "Walitti bu’iinsa #Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaadha" - Antoonii Bilinkan

Ministirri Dhimma Alaa #Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan haasa’uu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.

Marii bilbilaan taasisan irratti Antoonii Bilinkan, waldhabdeewwan kutaalee Itoophiyaa garagaraa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii ibsameera.

Itti dabaluun Ameerikaan walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru akka ishee yaaddeessu dubbachuu isaanii ibsichaan eerameera.

Dhimmoota haasawa isaaniin kaasan keessaa inni ijoon dhimma hojiirra oolmaa Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa ta’uu ibsameera. Antoonii Bilinkan biyyi isaanii waliigalticha hojiirra oolchuuf “tattaaffii Itoophiyaan taasiftu gargaaruuf qophii ta'uu” ibsaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02DGQq6rUaNLkaPzc4WbXrmkhpbzReBfjhQdRN5KaGEqaGdAYwxe1TzBXm85Hnc4cJl

Addis Standard Afaan Oromoo

05 Nov, 06:52


Oduu: Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa xiyyaara Afrikaatti jalqabaa A350-1000 bitachuu beeksise

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara akka #Afrikaatti isa jalqabaa ta’e A350 - 1000 jedhamu dhaabbata biyya #Faransaay ‘Eer Baas’ jedhamu irraa gara biyyaa galchuun hojii eegalsiisuuf akka jiru beeksise.

Xiyyaarri daandiin qilleensichaa Dhaabbata Eer Baasirraa fudhate kun Itoophiyaa madda dhala namaa (Ethiopia Land of Origins) jedhamuun kan moggaafame kun akka Afrikaatti kan jalqabaati.

Xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Faransaayi Tuluus irraa ka'uun guyyaa har’aa sa'aatii 8:00 irratti buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ni gaha jedhameera.

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Nov, 15:11


Oduu: Naannolee #Oromiyaa fi #Amaaraatti roobni waqtiisaa hin eegne oomisha irratti miidhaa geessisaa jiraachuu ibsame

Qonnaan bultoonni naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiran roobni waqtiisaa hin eegne roobuun oomishni isaanii sassaabbiif gahe miidhaaf saaxilamaa jiraachuu himan.

Qonnaan bulaa godina Horroo Guduruu #Wallaggaa aanaa Guduruu keessa jiraatan Tamasgeen Balaay, Onkoloolessa 24 kaasee roobni cimaa roobeen oomisha midhaanii bara kanaa irratti miidhaa guddaa geessisuu Addis Standard'tti himan.

Obbo Tamasgeen lafa hektaara 13 irratti midhaan akka garbuu, nuugii, fi xaafii kan facaasan yoo ta’u, kana keessaa oomisha xaafii hektaara lama ta’u lolaan barbadaa’u dubbatan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5040

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Nov, 10:03


#Oromiyaa gandoota 6,300 ol keessatti manneen murtii aadaa hundeeffamuun galmeewwan kuma 600 ol furmaata argatan

Naannoo Oromiyaa gandoota kuma 6 fi 300 ol ta’an keessatti manneen murtii aadaa hundaa’uun tajaajila kennaa jiraachuu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa beeksise.

Pireezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abaasimal DhPI’tti akka himanitti, naannichatti gandoota muraasa irraa kan hafe baay’ee isaanii keessatti manneen murtii aadaa hundeeffamanii jiru.

Pirezidaantichi manni murtii aadaa Oromiyaa osoo hin hundeeffamin dura barbaachisummaa isaa irratti qorannoon bal’aa akka taasifame eeruun, hundeeffamuun isaanii dhiibbaa mana murtii idilee hir’isuun ummanni dhiyoo isaatti haqa akka argatu taasisaa jiraachuu eeraniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0AZ3JWoAQBV58ZgpNcd2672qQWqHrGmXYMM2AgQ5Bs3AyhrtVcySz3fZxn1p7Z8qyl

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Nov, 08:42


Oduu: Somaaliyaan imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaatiin ala baasuuf karoorfachuu ibsite

Mootummaan Somaaliyaa imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaa Somaaliyaatiin ala baasuuf karoorfachuu ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa beeksise.

Mooraa Imbaasii Itoophiyaa iddoo kanaa dura turetti akka deebi’u kan taasifamu ta’uu ministeerichi ibsa miidiyaaleef laateen beeksiseera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid035P9WPprx1rZC548XsX6XbMKknsQqm33VNf2UafxHQbn8PZkCqio32NYR3RB3SQhCl

Addis Standard Afaan Oromoo

04 Nov, 07:22


Af-gaaffii: “#Somaalilaand biyya kamiinuu waliin waliigaltee taasisuuf mirga qabdi” - Mohaammad Abdillaahi Omar, hogganaa paartii mormituu

Filannoo pireezidaantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa booda gaggeeffamuun dura hoggantoonni Paartii Biyyaalessaa Somaalilaand ykn Waddani, paartii mormituu teessoo paarlaamaa harka caalu qabu, tibbana #Finfinnee daawwataniiru.

Hogganaa paartichaa fi Ministira Dhimma Alaa Somaalilaand duraanii Mohaammad Abdillaahi Omar dhimma turtii isaanii fi waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand fi #Itoophiyaa gidduu mallatteeffame ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasisaniiru.

Paartiin isaanii filannicha yoo injifate hariiroo Itoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo akka qabu mootummaa Itoophiyaaf mirkaneessuuf Finfinneetti argamuu kan eeran hogganichi, tumsa Itoophiyaa waliin jiru gama daldala, nageenyaa fi anniisaan babal’isuuf akka barbaadan ibsaniiru.

“Itoophiyaan buufata doonii argachuuf fedhiin qabdu dantaa seera qabeessaati,” kan jedhan Omar, paartiin isaanii Itoophiyaan buufata doonii Somaalilaand kan ta’e Barbaraa akka fayyadamtuuf fedhii qabaachuu himan. “Tumsi gama kanaan jirus, hoggansa keenya jalatti daran ni cima” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4981

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Nov, 07:30


#Awaash_Fantaalleetti kirkirri lafaa hanga Finfinneetti dhaga’ame irra deebiin mudate

Awaash Fantaalleetti kaleessa galgala kirkirri lafaa irraa deebiin mudachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Inistiitiyuutiin Ji’oofiiziksii Hawaa fi Astiroonomii beeksiseera.

Naannawaa fi Aanaalee Awaash Fantaalleetti kaleessa guyyaarra eegale kirkirri lafaa hanga garaagaraa qabu mudachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti hogganaan kutaa barnoota Sosimooloojii piroofesar Attalaay Ayalee dubbataniiru.

Eda halkan sa’aatii 6:30 irratti kirkirri lafaa Olaanaa Reektar Iskeelii 4.6 mudachuu ibsaniiru.

Kirkirri lafaa Awaash Fantaalleetti mudate magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa garaagaraatti mudachuu Piroofesar Attalaay Ayalee FBC'f himaniiru.

Addis Standard Afaan Oromoo

02 Nov, 06:22


Dhibeen busaa #Itoophiyaa keessatti yaaddoo fayyaa ta'uu itti fufeera

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (#WHO) waa'ee tatamsa’ina dhibee busaa Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee gabaasa haaraa baaseen, Amajjii 01 hanga Onkoloolessa 20, 2024 gidduutti namoota miiliyoona 7.3 ol dhibichaan qabamuu fi du’a namoota 1,157 galmaa'uu ibseera.

Akka dhaabbatichi jedhutti dhukkubni busaa ammallee yaaddoo fayyaa guddaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, lafti biyyattii dhibbeentaa 75 fi ummata ishee keessaa harki 69 keessumaa daa’imman balaa guddaadhaaf saaxilamu.

Yaaddoo dhibee busaa Itoophiyaa keessa jiru 'baay'ee hamaa' jechuun ramadeera. Kunis sababoota akka babal’ina bookee busaa  'Anopheles stephensi' jedhamu, hongee, wabii nyaataa dhabuu, jijjiirama qilleensaa, fi walitti bu’iinsa adeemaa jiruun kan hammaatu ta’uu ibsameera.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 15:46


Bulchaan Aanaa #Waacaalee hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo #Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti bulchaa aanaa Waacaalee kan ta'an Obbo Nugusee Kooruu guyyaa har'a Sadaasa 01, 2024 rasaasa hidhattootaan ajjeefaman.

Obbo Nuguseen har'a ganama naannawa Kaarraa jedhamutti rakkoo nageenyaa uumamee hordofuuf wayita socho'anitti rasaasa qaamolee hidhatan irraa itti dhukaafameen ajjeefamuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa ibseera.

Waajjirichi ajjeechaan kun "ABO Shaneetin [maqaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) ittiin waamu] raawwatame" jedhe.

Dabalataan qaamoleen nageenyaa 45 ol ajjeefamuu BBC'n gabaaseera.

Obbo Nuguseen kanaan dura godina Shawaa Kaabaatti bulchaa aanaa Alaltuu ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, aanaa Waacaalee akka bulchan kan muudaman torban lama dura ta'uu odeeffannoo godinicha irraa arganne ni mul’isa.

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa godinichaa ibsa baaseen ajjeechaa miseensa isaatin gadda itti dhagahame ibsuun, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwe.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 12:25


Oduu: #Naqamteetti namoota gudeeddii dubartoota lamaan shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessa harka qabaachuun shakkaman jaha to’ataman.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 11:18


Godina #Kontaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 6 darbe

Naannoo Kibba Lixaa Itoophiyaa godina Kontaa aanaa Naannawa Ammayyaatti balaa sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu poolisiin naannichaa beeksise.

Roobni cimaan kaleessa galgala ganda Caareetti roobe hordofuun, har’a ganama sa'aatii 2 irratti sigiga lafaa mudachuu Daarektarri Sab-qunnamtii Komishinii Poolisii Naannichaa Inispeektar Dajanee Asafaa dubbatan.

Namoonni balaa kanaan lubbuu isaanii dhaban miseensota maatii lamaa yoo ta’an maatii tokko keessaa namoota afur, maatii isa kaan keessaa ammoo lama lubbuun isaanii darbuu ibsaniiru.

Hojiin lubbuu baraarsaa cimee akka itti fufee eeruun, hanga ammaatti reeffi nama tokko argamuu ibsaniiru.

Erga yeroo dhiyoo asii balaan sigiga lafaa kutaalee biyyattii garagaraa keessatti mudachuun lubbuu namoota hedduu galaafachaa jira.

Guyyaa sadiin dura Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Walaayittaaatti balaa walfakkaataan lubbuun namoota 7 darbuufi miidhaan qabeenyaa qaqqabuu ni yaadatama.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 09:28


Oduu: Godinaalee #Gujii fi #Shawaa_Kaabaa keessa iddoowwan walitti bu’iinsi jirutti tajaajilli intarneetii addaan cituu himame

Naannoo #Oromiyaa godinaalee Shawaa Kaabaa fi Gujii keessa iddoowwan walitti bu’iinsi hammaatee jirutti tajaajjilli intarneetii fi bilbilaa ji’ootaaf addaan cituu jiraattonni himan.

Akka jirattonni godinaalee kanneenii VOA'tti himanitti, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee tajaajilli kuni ugguramee jira.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5028

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 09:05


Warshaan simmintoo #Lammii_Naashinaal oomisha gabaaf dhiyeessuu eegale

Baatiin tokkoon dura Ministira Muummee Abiy Ahimadiin eebbifamee hojii kan eegale warshaan simmintoo Lammii Naashinaal oomisha gabaaf dhiyeessuu eegaluu beeksise.

Naannoo #Amaaraa keessa kan argamu warshaan kun oomisha gabaaf dhiyeesuu saffisaan kan eegale gabaa simmintoo sadarkaa biyyaatti jiru tasgabbeesuuf akka ta’e ibsameera.

Warshichi oomisha gabaaf dhiyeessu sadarkaa isaa kan eeggate akka ta’uuf laaboraatoorii ammayyaa ijaaruufi ogeeyyii ramaduun gahumsaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Lammii Naashinaal guyyaatti simmintoo kuntaala kuma 150 oomishuu akka danda’u ibsameera.

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 08:13


Oduu: Barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnoota isaanitti akka deebi’an waliigalame

Magaalaa #Finfinnee keessatti barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Dhimmi barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu kun dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’urra darbee paarlaamaatti gaaffii ta’ee ka’eera.

Miseensa paarlaamaa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu dhimmi uffannaan walqabatee rakkoon uumame kun furmaata akka argatu gaafataniiru. “Barattoonni sababa niqaaba fi hijaaba isaaniin barnoota ala ta’an iddoo tokko tokkotti kumaatamaan lakkaawwamu,” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5024

Addis Standard Afaan Oromoo

01 Nov, 07:02


Gabaa maallaqaa baankonni walirraa liqeeffatan ifoome

Baankiin Biyyaalessaa #Itoophiyaa kaleessa Onkoloolessa 31, 2024 gabaa maallaqaa baankonni walirra liqeessanii fi liqeeffatan ifoomseera.

Baankichi ibsa baaseen, imaammata maallaqaa dhala irratti hundaa’ee hojiirra oolchuutti seenuu hordofee, karoora tarsiimawaa bara giddu galeessaa keessatti hojiirra ooluuf qabaman keessaa tokko bittaa fi gurgurtaa maallaqaa baankotaa gidduutti taasifamuu akka eegaluu ibseera.

Kunis bu’aa qabeessa akka ta’uuf itti gaafatamummaa fudhachaan hojjechaa turuu beeksiseera.

Kana galmaan ga’uuf baankichi akka qaama to’atutti qajeelfamaa fi dambii naamusaa baasuun akkasumas baankonni bittaa fi gurgurtaa maallaqaaf kan itti fayyadaman sirna daldala elektirooniksii raggaasisuun haala mijataa uumuu ibseera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid025QtpFMH6wZcJh2G5uVRGANjh3NYKj5sgz1cwcu9U1uzJDRGSzebFCGorK6vRzUVpl

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Oct, 14:10


Oduu: #Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu MM Abiy Ahimad ibsan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa #Galaana_Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu dubbatan. 

MM Abiy dhimma handaara galaanaa argachu ilaalchisee ibsa miseensota mana marichaaf laataniin “Itoophiyaan handaara Galaana Diimaa karaa nagaan argachuun akka ishee barbaachisu addunyaan dhagahu qaba" jedhan.

Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa #Somaalilaand waliin irra gahame ilaalchisee warreen seenessa "Itoophiyaan dachee #Somaaliyaa fudhachuuf waliigalte taasifte" jedhu uumuuf yaalan jiraachuu eeraniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5017

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Oct, 13:45


‘Xiyyaarri #Itoophiyaa balaliidhaaf qilleensa #Eertiraa akka hin fayyadamne hin dhorkamne’ - Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qilleensa Eertiraa irratti akka hin balaliine dhorkameera jedhamee odeeffannoon tamsa'aa jiru soba ta'uufi ammallee balalii idileef qilleesa Eertiraa fayyadamaa jiraachuu beeksise.

Daandiin qilleensichaa balaliidhaaf qilleensaa Eertiraa akka fayyadamu Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa irraa hayyamni kan laatameef ta’uufi naannoo qilleensaa kana balalii idileef akka fayyadamaa jiru mirkaneesseera.

Haaluma kanaan dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon marsaalee hawaasaa irratti naanna’aa jiru dogoggora ta’uu daandiin qilleensichi ibseera.

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Oct, 12:11


Oduu: 'Humni torban lamatti mootummaa fonqolchee Araat Kiiloo to’adha jedhe hin milkoofneef' - MM Abiy Ahimad

Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti haasawa taasisaniin, mootummaan miseensoota gareewwan hidhattoota naannoo #Amaaraa fi #Oromiyaa keessa socho’an “muraasa waliin” marii gaggeessaa jiraachuu dubbatan.

Miseensa paarlaamaa tokkorraa “mootummaan federaalaa ji’oota lamaan jalqabaa keessatti walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa to’achuu dadhabe” jedhamee yaada dhiyaateef deebii kan laatan MM Abiy, qeeqni dhiyaate sirrii miti jedhan.

“Inumaayyuu humni torban lamaa keessatti mootummaa kana fonqolchee masaraa Araat Kiiloo nan to’adha jedheetu hin milkoofneef,” jedhan.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5014

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Oct, 10:01


Imbaasiiwwan gabaa gurraachaa irratti hirmaachuun qabeenya #Itoophiyaa saaman jiraachuu MM Abiy Ahimad ibsan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad, Imbaasiiwwan teessoo isaanii Finfinnee taasisan tokko tokko “hojiin isaanii qabeenya Itoophiyaa saamuu fi daldala sharafa alaa ta’e” jiraachuu dubbatan.

Kana kan ibsan walgahii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa adeemsifamaa jiru irratti gaaffilee miseensonni mana marichaa irraa ka’aniif deebii yeroo kennanidha.

"Imbaasiiwwan hojiin isaanii gabaa gurraacha gaggeessuu ta'e jiru, nuti garuu haalli akka hin badneef jennee isaan obsine," kan jedhan MM Abiy Ahimad, itti dabaluun "Imbaasii hariiroo gaarii hin qabne kamiyyuu hin barbaannu," jedhan.

MM Abiy Imbaasiiwwan jedhaman kana maqaadhaan kan hin dhofne yoo ta’u, ta’uus hordoffiin cimaan akka irratti taasifamuu fi yoo hin sirreeffamne tarkaanfiin akka fudhatamu haasawa isaanii keessatti akeekaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0fC89oCUyV6vVZuUV7wVq9xyN5dJXQc26mVmJKkG4jNznBHbQ7H7RhEHtkFE9n4cJl

Addis Standard Afaan Oromoo

31 Oct, 09:27


Oduu: “Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata, ni deeggaraas; hiyyummaa garuu irratti haaloo baha” - MM Abiy Ahimad

Tarkaanfii fooyya’insa diinagdee mootummaan waggoota darban keessatti fudhateen bu’aawwan olaanaa fiduu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan. Bara oomishaa 2017 guddina diinagdee dhibbeentaa 8.4 galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

“Barri 2017 bara Itoophiyaan gama hundaan itti bayyaannattudha. Boqonnaa kaleessaa xumurree gara boqonnaa itti aanutti seenneerra,” kan jedhan MM Abiy, bara darbe guddinni diinagdeen Itoophiyaa kan karoorfameen oli galmaa’uu dubbatan.

Gama biraatin lammiilee galii gadaanaa argataniif baajanni deeggarsaa Birrii Biiliyoona 300-400 ramadamuu ibsan. “Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata, ni deeggaraas; hiyyummaa irratti garuu haaloo baha” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5011

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Oct, 09:06


Oduu: Komishiniin Marii Biyyaalessaa “yeroon hojii akka dheereffamu hin gaafanne” jedhe

Ji'oota shan keessatti yeroon hojiisaa kan goolabamu Komishinii Marii Biyyaalessaa #Itoophiyaa, “yeroon hojii akka dheereffamu hin gaafanne” jedhe.

Komishinichi tajaajila waggaa sadii akka laatuuf Guraandhala 2022 keessa kan hundeeffame ta’uus, hojii hojjachuu qabu gahumsaan osoo hin raawwatiin yeroon hojiisaa goolabamuuf ji’oota muraasa qofatu hafe.

Haata'u malee Komishinarri Komishinichaa Piroofesar Masfin Araayaa, “haala amma jiru kanaan yeroo hojii komishinichaa akka dheereffamu hin barbaadu, akka dheereffamus hin gaafanne” jedhan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4971

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Oct, 08:19


Obbo Taadiyoos Taantuu hidhaa waggaa 6 fi ji’a 3'n akka adabaman murtaa’e

Haasaa jibbiinsaa fi walitti bu’iinsa kakaasuun himatamanii kan turan Taadiyoos Taantuu, hidhaa waggaa jahaa fi ji’a sadi, akkasumas adabbii maallaqaa birrii 20,000 irratti murtaa’eera.

Obbo Taadiyoos Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Dhaddacha ramaddii Lidataatti yakkoota sadii ittiin himatamanii fi balleessaa ta’uun isaanii mirkanaa’e irratti hidhaa cimaa fi adabbii maallaqaa irratti murtaa’eera.

Himatamaan Taadiyoos Taantuu karaa marsaalee Yuutuubii garaagaraa haasawa jibbiinsaa taasisuu, odeeffannoo sobaa tamsaasuu fi walitti bu’iinsa uummataa kakaasuun shakkamanii Waxabajjii 20, 2014 ALI himatni afur irratti banamuu ni yaadatama.

Obbo Taadiyoos yakkoota ittiin himataman “hin raawwanne” jechuun kan waakkatan ta'uus, himata irratti dhiyaate seeraan ittisuu waan hin dandeenyeef himata sadiif balleessaa jedhamaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0i5KbPbs86w8zX6zFmBD5g6ziLY7B37iphRPY2h3Qv4iQndXEy2D581rdpjEviRwRl

Addis Standard Afaan Oromoo

25 Oct, 07:18


#Itoophiyaan waggoota dhufan keessa galii gibiraa birrii biiliyoona 57 ol sassaabuu akka dandeessu akeekame

Diinagdeen dijitaalaa Itoophiyaa bara 2028 oomisha biyya keessaa waliigalaa (GDP) biyyattiif Birrii tiriiliyoona 1.3 akka gumaachu gabaasa dhaabbata #GSMA jedhamu baase akeeke.

Waltajjiin marii diinagdee dijitaalaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffatee dhaabbata Itiyoo Telekoomii fi dhaabbata GSMA waloon qopheessan kaleessa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjii marichaa irratti hoji raawwachiistuu Itiyoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu, qondaala dhaabbata GSMA Joon Giyuustii dabalatee qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.

Waltajjicha irratti gabaasni ce’umsa diingdee dijitaalaa Itoophiyaa kan ifoome yoo ta’u, Itoophiyaatti invastimantii teeknooloojii moobaayilaa fi fooyyessiin telekoomii, damee qonnaa fi dameewwan biroon guddina saffisaa galmeessaa jiraachuun eerameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02PVR7e3jPfFjXkRsvrfQVkFY1EDT7Tr6wZacH7VAtySHRG6EEFYGX6TKxWcbnCEJul

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Oct, 12:50


Gadaan #Booranaa marsaan 71ffaa baallii kennuuf xumura jilaa gaggeessaa jira

Yaa'iin #Gadaa sadeen Booranaa ardaalee jilaa godina Boorana Bahaa aanaa Areeroo keessa jiranitti galma Odaa dongoruun jilachaa jiru.

Galma aadaa kanas kan yayyabu ykn ijaarsa kan eegalchiisu jaarsa kosii jedhama. Jaarsa Kosii ta'uu kan danda'u nama kabajamaa Amala dansaa qabuufi uummata biratti fudhatamummaa qabudha.

Kunis gosa Booranaa Maxxaarrii mana torba Meettaa, Gaadullaa, Manqata, Doorannii, Kuukkuu, Karaaraa fi Garjeeda keessaa filatama.

Gosti kun wayyuu waan ta'aniif yaa'ii ardaa qubate galma isaanii keessatti buttee dhaabuun itti dhibaafatu. Kunis kabaja Waaqaa argarsiisuuf, aannaan loonii galgala cufa geessanii hanga xumura jila Odaa buluutti itti dhibaafatu.

Yeroo dhibaafatan kanas “sa'aa namaan nu mijeessii, mijuu siif kenninee mijuun nu guuti” jedhanii uumaa galateeffachaa kadhatu.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0reSnUun8CY1eTD9bWMZuLsvY1pGzu2Q7SMfb7k9vK3pvex75BodaeWaAYixrSXPbl

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Oct, 10:25


Oduu: Naannoo Amaaraatti ji’oota sadan darban keessa lubbuun namoota 37 dhibee busaatiin darbe

Naannoo Amaaraa tti ji’oota sadan darban keessa dhibee busaatiin lubbuun namoota 37 darbuu insitutiin fayyaa hawaasaa addeesse.

Naannichatti ji’oota sadan darbe keessa namoonni 600,000 ol dhibee busaatiin qabamuun lubbuun namoota 37 darbuu qindeessaan ittisa dhibee busaa Obbo Daamxee Laankariin wabeeffachuun VOA gabaaseera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02o5bmyqQpSJstV9UV4D9jAZdCNJewrG9jZk2TRJrRUQJJ4qsT6w85efGS3bAvK8okl

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Oct, 09:06


Oduu: #Somaaliyaan biyyoota ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaaf loltoota gumaachan filachurratti ‘ofii nan murteessa’ jette

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa dhufuuf biyyi kamtu loltoota gumaachuu danda'a kan jedhu ''murteessuuf aangoo kan qabdu'' Somaaliyaa ta’uu ibse.

Itti dabaluun, kanaan dura loltoonni #Itoophiyaa Somaaliyaa keessa bobbaafamuun “sochiin al-Shabaab akka dabalu taasiseera” jedhe.

Biyyattiin Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (#ATMIS) irraa gara ergama nagaa kabachiisaa haaraa (#AUSSOM) yeroo ceetu, murteen gumaacha loltootaa "dantaa biyyaalessaa fi birmadummaa Somaaliyaa waliin walsimuu qaba" jedhe.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4968

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Oct, 07:53


Oduu: #Itoophiyaa fi #Yunaayitid_Kingidam ‘dhimma haala yeroo #Galaana_Diimaa fi tumsa ittisa shororkeessummaa’ irratti mari’atan

Dhaabbileen Tajaajila Tikaa Itoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam ‘dhimma haala yeroo Galaana Diimaa, akkasumas haala shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’an waloon ittisuu danda’amu’ irratti mari’achuu isaanii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Jilli hogganaa Tajaajila Tikaa Yunaayitid Kingidam (MI6) Riichaard Piitar Muuriin durfamu Finfinneetti qondaaltota olaanoo Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin dhimmoota naannoo, biyyaalessaa fi idil-addunyaa irratti mari’achuu ibsameera.

Maricha irratti Daarektarri Itti aanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Sisaay Tolaa “qaamoleen tokko tokko itti yaadanii sochii Itoophiyaan karra galaanaa argachuuf jalqabde olola sobaaf itti fayyadamuuf yaalaa akka jiran” jila Yunaayitid Kingidamiif ibsaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4965

Addis Standard Afaan Oromoo

24 Oct, 07:01


Oduu: Godina Konsootti hidhattoonni namoota 2 ajjeessuun, 2 madeessan

Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Koonsoo magaalaa Saganitti haleellaa hidhattoonni raawwataniin lubbuun namoota lamaa darbuun lama madaa’uu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataa naannichaa kan ta’e maqaansaa akka hin eeramne gaafate haleellaan kuni Kibxata galgala naannoo sa’aatii 12:00’tti magaala Saganitti raawwatamuu himeera. Hidhattoonni kunneen Gumaayad irraa kan dhufan ta’uu akka malu jiraattonni eeraniiru.
Gabaasa guutuu https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4958

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Oct, 13:14


Oduu: “Humnoonni mootummaa namoota humnaan dhabamsiisuuniifi dhoksuun yeroo dheeraaf hidhu” – KMNI

Itoophiyaa keessatti iddoo garaagaraatti keessumaa Finfinnee, Oromiyaafi naannoo Amaaraa keessatti namoonni humnoota nageenyaa mootummaatiin hidhamanii iddoon jiran osoo hin beekamin yeroo dheeraaf tursiifamuu Komishiniin mirga namoomaa Itoophiyaa (KMNI) beeksise.

Itti aantuun KMNI Aadde Raakeeb Mallasaa, “Ammas namoota iddoo jiran hin beekamneen walqabatee qaamoleen tika nageenyaa deebii hatattamaa haa laatu,” jechuun dubbatteerti.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4955

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Oct, 12:35


Oduu: Baankiin biyyaalessaa reetii dhalaa ol kaasuun qaala’iinsa gabaa too’achuuf karoorfate

Qaala’iinsa gabaa jijjiirama imaammata diinagdee guddaa hordofee mudate furuuf bara 2024 keessa dhala liqii guddisuu itti fufuuf karoorfachuu baankiin biyyaalessaa beeksise. Baankichi ji’a Adoolessaa keessa dhala ijoo gara 15%tti ol kaasuun qaala’iinsa jireenyaa 29% ture gara 17.5%tti gadi buusee ture.

Bulchaan baankii biyaalessaa Maammoo Mihratuu (PhD) marii Fandii Maallaqa Addunyaa Waashingtanitti gaggeeffamerratti, “wanti salphifamu hin jiru,” jedheera. “Too’annoo imaammata maallaqaa kana of duraaf itti fufsiifna.”

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0EyEucVY4hjRa8HCZ3dYViigV8BoNDCQjEWYftTUtKCoUkLz4fHjUhmEaPMdMwm9yl

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Oct, 10:32


Oduu: Finfinneetti iddoolee sababa qarqara misoomaatiin gadhiifaman dabalatee lafti heektaara 14.3 caalbaasii liiziitiin gugurtaaf dhiyaate

Magaala #Finfinneetti iddoo qarqara misoomaatiif gadhiifame dabalatee lafti heektaara 14.3 ta'uu caalbaasii liiziitiin gurgurtaaf dhiyaachuu bulchiinsi magaalattii beeksise.

Odeeffannoon biiroo bulchiinsa lafaa magaalattii ifoomse akka agarsiisutti, caalbaasiin kuni Onkololeessa 08 hanga 21, 2017 ALI kan turuudha.

Gabaasa guutuu https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02imqSds43aUAJeFsqBAg9eeJo1agY7Hz52EoSiSRUbPAeCvckEytoaHuYUwdJFAi4l/

Addis Standard Afaan Oromoo

23 Oct, 07:14


Oduu: Ministeerri nagaa dhaabbata Ameerikaa Koree Tajaajila Hiriyootaa jedhamuu waliin waliigaltee mallatteesse

Ministeerri nageenyaa “hojii ijaarsa nageenyaa” dhaabbata tolaoltummaa Ameerikaa Koree Tajaajila Hiriyootaa (American Friends Committee) jedhamu waliin waloon hojjachuuf sanada waliigaltee mallatteessuu beeksise.

Ministeerichatti deetaa ministeera ijaarsa nageenyaafi waliigaltee biyyaalessaa Kayraddiin Tazarraa (PhD) sanadni waliigaltee kuni aadaa nageeenya ijaaruufi akkaataa waldhabdee hiikuu hawaasa keessattti dagaagsuuf waloon hojjachuu kan dandeessisu ta’uu himeera.

Kana malees, waliigalteen kuni tumsa dhaabbilee lamaan gidduutti uumuun hojiileee karooraa eegalaman galmaan gahuu kan hojjatamu ta’uu eerameera. AS https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02wDpkMhc72cqBN5AC8xFDgS1dbqoSngNC5rLxBfdDEWPPAfvGS3i2GntQctR3XEEKl

Addis Standard Afaan Oromoo

22 Oct, 14:43


Balaa ibiddaa gabaa #Markaatootti mudateen namoota 9 irratti miidhaa salphaa fi ulfaataa qaqqabe

Magaalaa #Finfinnee gabaa Markaatoo keessaa naannawa 'Shammaa Taraa' jedhamuun beekamitti balaa ibiddaa kaleessa Onkoloolessa 11, 2017 ALI mudateen miidhaa ulfaataa qabeenyarra gahe dabalataan namoota sagal irratti miidhaan qaqqabuu ibsame.

Balaa galgala sa'aatii 1:00 hanga halkan walakkaa ture kanaan namoota lama irratti miidhaa ulfaataa, namoota torba irratti ammoo miidhaa salphaa qaqqabuu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

Gama biraatiin poolisiin magaalichaa namoota balaa kana akka carraatti fayyadamuun hanna raawwachuun shakkaman 33 to’annoo jala oolchuu beeksiseera.

Yeroo balaan kun qaqqabutti mana gurgurtaa uffata aadaa dabalatee manneen daldalaa hedduu irratti yakka hannaa raawwatamuu Addis Standard namoota ijaan argan irraa odeeffateera.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid02Nwxmejotvz3pETUASksQgVrjaFbxWeTn8Ymz66BrwoqBdeaWVMxTVzvFByxH5X11l/

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Oct, 14:11


Oduu: Kaaba #Gondaritti dhuma torban darbe lolli cimaa gaggeeffamuu jiraattonni himan

Godina Kaaba Gondar naannawa magaala #Dabaarqitti Sanbata darbe humnoota mootummaafi hidhattoota #Faannoo gidduutti lolli gaggeeffamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraattonni Addis Standard dubbise, waraanni gaggeeffamaa ture “ulfaataa” ture jedhan.

Waraanni kuni Onkololeessa 09, 2017 ALI eegaluun hanga Onkololeessa 10 sa’aatii boodaa itti fufee turuu jiraattonni eeraniiru.

Gabaasa guutuu: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4948

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Oct, 09:37


Oduu: Pireezidaantiin #Somaaliyaa biyyoota Gaanfa Afrikaa daawwachaa jiru; #Itoophiyaa kan hin daawwanne ta'uu ibsameera

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad torban darbee kaasee biyyoota ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaatti loltoota isaanii bobbaasan daawwachaa kan jiran yoo ta’u, Itoophiyaa garuu hin daawwatan jedhameera.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Sanbata darbe kana Ugaandaa, Burundii fi Jibuutii daawwataniiru. Haata'u malee, pireezidaantichi Itoophiyaa akka hin daawwanne dubbi himaan pireezidaantii Somaaliyaa Abdulqaadir Digee wabeeffachuun VOA gabaaseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4942

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Oct, 09:16


Oduu: Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen adeemsa marii biyyaalessaa keessaa bahuu beeksise

Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo #Somaalee keessatti marii qooda fudhattootaa gaggeessaa wayita jirutti, paartiin naannicha keessa socho’u Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (#ONLF) adeemsi marii kanaa “iftoomina hin qabu” jechuun lagachuu beeksiseera.

Dhaabichi ibsa kaleessa baaseen, naannoo Somaalee keessatti paartiin biyya bulchu [Paartii Badhaadhinaa] "hirmaattoota marichaa qofaatti filachuu, waliigaltee paartilee siyaasaa waliin taasifame cabsuu fi sagalee qaamolee kaan cinaatti dhiisuu" ibseera.

Kana malees, marii qooda fudhattoonni siyaasaa ijoo naannolee #Amaaraa, #Oromiyaa fi #Tigraay irraa itti hin hirmaanne gaggeessuun "marichi loogummaa qabaachuu fi nageenya dhugaa kan hin fidne ta’uu agarsiisa” jechuun ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4938

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Oct, 08:02


Xiinxala: Walitti bu’iinsi godinaalee #Gujii lamaanitti itti fufee jiru dhiittaa mirga namoomaa bal’aa hordofsiise

Naannoon #Oromiyaa waggoota jahaan darbaniif walitti bu’iinsa Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) fi humnoota mootummaa gidduutti adeemsifamaa jiruun daran miidhamaa tureera. Mariin nagaa marsaa lamaan gaggeeffame hanga ammaatti furmaata hin fidne. Walitti bu’iinsa kana gidduu jiraattonni godinaalee Gujii fi Gujii Lixaa rakkoof saaxilamaniiru.

Mootummaan Guraandhala 2023 daangaa bulchiinsa godinaalee irra deebiin caaseessuuf murtee dabarseen walqabatee mormii ka’e hordofee sarbamni mirga namoomaa godinaalee kanneen keessa jiru daran hammaateera. Sochiin daangeeffamee, sarbama mirga namoomaa bal’aa raawwatameera.

Qorataa mirga namoomaa kan ta’e Margaa Fiqaaduu, godinaalee kanneenitti jiraattoonni sababa walitti bu’iinsaan hubamuu fi sarbamni mirga namoomaa mudannoo guyyaa guyyaa ta’uu hima. Gadadoo hawaasni Gujii keessa darbaa jiru addunyaan argaa akka hin jirre hime. “Rakkoon jiru ulfaataa haa ta’u malee xiyyeeffannoo hin arganne.”

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4929

Addis Standard Afaan Oromoo

21 Oct, 07:18


Oduu: Antooniyoo Guutareez waltajjii marii #Gamtaa_Afrikaa fi #UN irratti hirmaachuuf Finfinnee galan

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Itoophiyaatti turtii hojii taasisuuf kaleessa Onkoloolessa 20, 2024 Finfinnee galuu isaanii ibsame.

Antooniyoo Guutareez gara Finfinnee kan dhufan waltajjii marii olaanaa Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sadattaffaa irratti hirmaachuuf akka ta’e eerameera.

Waltajjii har’a Onkoloolessa 21, 2024 eegale kana Komishinara Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat waliin ta’uun dura taa’ummaan akka geggeessan ibsameera.

Waltajjichi raawwii hammattoowwan tumsa dhaabbilee lamaanii kan gamaaggamu yoo ta’u, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii dabalatee dhimmoota adda addaa irratti bal’inaan ni mari’atuun eegama.

Addis Standard Afaan Oromoo

19 Oct, 10:45


Oduu: #Itoophiyaa fi biyyoonni loltoota gumaachan biroo ergama nagaa kabachiisaa #Somaaliyaa haaraa keessa itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsan

Itoophiyaa dabalatee Ministiroonni Ittisaa biyyoota Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (#ATMIS) irratti loltoota gumaachan biroo ergama haaraatiin Somaaliyaa keessatti hojii nagaa eegsisuu isaanii itti fufuuf “fedhii qabaachuu fi qophii ta'uu” isaanii ibsan.

Yaa'ii Hoggantoota Raayyaa Ittisaa Afrikaa tibbana Finfinneetti gaggeeffameen cinaatti ministeeronni Somaaliyaatti loltoota gumaachan kanneen akka #Burundii, #Jibuutii, #Itoophiyaa, #Keeniyaa fi #Ugaandaa walgahiin Onkoloolessa 16, 2024 taasisan irratti yaada kana ibsan.

Ibsi waloo ministiroota kanneen Addis Standard ilaale, “waggoota kudha torba darban keessatti biyyoota loltoota gumaachan Somaaliyaa keessatti qabsoo shororkeessummaa irratti godhanii fi biyyattii tasgabbeessuu keessatti wareegamni kaffalan” olaanaa ta'uu ibsaniiru.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4935

Addis Standard Afaan Oromoo

19 Oct, 07:42


"Ijoolleen ishee osoo itti boossuu mukatti hidhanii gabaa keessatti reeban" - Maatii

#Booranatti dubartiin haadha ijoollee sadi taate "haala aadaa Booranaa bakka hin buuneen" mukatti hidhamtee bakka ummanni dhaabbatee ilaalutti abbaa warraatiin reebamte miidhaa cimaarra akka jirtu maatiifi oggeessa seeraa himan.

Dubartiin Kushuu Bonayyaa jedhamtu kun Godina Boorana Bahaa aanaa #Waacileetti murtii jaarsoliidhaan lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraashee Galgaloo Waariyootiin gara jabinaan yoo reebamtu viidiyoon mul’isu miidiyaarratti qoodame ijoo dubbii ta’ee ture.

Miseensa maatii miidhamtuu kanaa kan tahan Obbo Jaarsoo Bulee yaada BBC'tti laataniin, “mukatti hidhanii ganda isaan keessa jiraatan keessatti ummata itti baasanii reebsisan. Ilmoon ishee osoo itti boossuu, ummanni dhaabbatee osoo ilaaluu akkana tolchan. Namni tokkollee akka irraa hin dhorkine godhanii akkanaan dararan,” jedhan.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cdjevrv71dyo

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Oct, 12:56


Oduu: Komishiniin Marii Biyyaleessaa naannolee #Amaaraa fi #Tigraay keessatti hojjachuuf rakkachuu ibse

Walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiruufi “haala yeroo” naannoo Tigraay keessa jiru hojiisaa ulfaataa taasisuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ibse.

Dubbi himaan komishinichaa Xibabuu Taaddasaa turtii Addis Standard waliin taasisaniin akka himanitti, walitti bu'iinsi naannoo Amaaraa keessa jiru "hojiilee barbaachisoo" ta'an akka hin hojjatamne danquu ibsaniiru.

Obbo Xibabuun, komishinichi haala nageenyaa naannicha keessa jiruun walqabatee aanaalee garaagaraa keessatti qaamolee tumsaniif leenjii kennuu rakkachuun akka hin danda’amne ibsan.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4932

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Oct, 11:59


Xiinxala: Walitti bu’iinsi godinaalee #Gujii lamaanitti itti fufee jiru dhiittaa mirga namoomaa bal’aa hordofsiise

Walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) gidduutti waggoota jahan darbaniif itti fufee jiruun jiraattoonni godina Gujii fi Gujii Lixaa dararaa fi buqqaatiif saaxilamanii jiru.

Godinaaleen Gujii lamaan giddugala hokkoraa ta’uun gaaga’ama fi sarbama mirga namoomaa akka ajjeechaa, miidhaa saalaa fi hidhaa jumlaan goolamaa jiru. Gabaasni dhaabbata miti mootummaa #CARD jedhamu tibbana baase rakkooleen dhiittaa mirga namoomaa daran hamaachuu agarsiisa.

Namoota haala kanaan miidhaman keessaa barattuu ganna 18 kan taate Dureettii Jirmaa argamti. Dureettiin waggaa sadi keessatti yeroo lama miidhaan irra gahuu himti. “Isa jalqabaa dandamadhe jedhee osoon yaaduu si’a lammataatiif rakkoon akkasii na mudate. Rakkoo kana jalaa bahuun waanan danda’u natti hin fakkaatu,” jette.

Taateen kun Dureettii qofa irratti kan mudate miti. Jiraataa godina Gujii Lixaa fi barsiisaa yuunivarsitii Bulee Horaa kan ta’e Jaarsoon ji’a Adoolessaa keessa poolisoonni mana jireenya isaarraa fuudhanii dhiittaa jabaa irraan geessisu hime. Manni murtiidhaan si’a lama bilisa jedhamuus ji’ootaaf hidhame ture.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4929

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Oct, 08:20


Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa #Itoophiyaa ta’uun muudaman

Ministirri Muummee Abiy Ahimad (PhD) guyyaa har’a waajjiraalee ministeerota sadiif muudama laatan. Haaluma kanaan Ministira Haqaa kan turan Geediyoon Ximootiwoos (PhD) Ministira Dhimma Alaa taasisuun muudaniiru.

Ministira Dhimma Alaa kan turan Ambaasaaddar Taayyee Atsiqasillaasee Pireezidaantii Itoophiyaa ta’uun muudamuu isaanii hordofee bakka isaanii Geediyoon Ximootiwoos muudamaniiru.

Dabalataan Deetaa Ministira Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa kan turan Salaamaawit Kaasaan Ministira Ministeera Tuurizimii kan turan Naasisee Caalii bakka bu’uun muudamaniiru.

Akkasumas Komishinara Komishinii Invastimantii kan turan Hannaa Araayaasillaasee Ministira Haqaa ta’uun muudaman.

Addis Standard Afaan Oromoo

18 Oct, 07:16


Israa’el hogganaa #Hamaas Yaahiyaa Sinwaar ajjeesuu beeksifte

Israa'el loltoonni ishee #Gaazaa keessa jiran hogganaa Hamaas waggaa tokko oliif barbaadaa turte Yaahiyaa Ibraahim al-Sinwaar ajjeesuu beeksifte.

Jalqaba haleellaa Hamaas kan namoonni gara 1,200 ta’an ittiin ajjeefaman booda ifatti mul'ate kan hin beekne Sinwaar, hanga hogganaa waliigalaa ta'ee filamutti Gaazaatti itti gaafatama Hamaas ta'uun tajaajilaa ture.

Boodarra qondaalli olaanaan Hamaas Ismaa'el Haniyyaa #Iraan keessatti ajjeefamuu hordofee hogganaa garichaa ta'uun filame.

Akka BBC’n gabaasetti, Israa'el Gaazaa keessatti Sinwaar bakka inni itti argamu baruu fi ajjeesuf waggaa tokkoof yaalii garaagaraa gochaa turte.

Loltoonni Israa'el kumaatamaan lakkaa'aman diroonii, meeshaalee elektirooniksii dhaggeeffachuu fi odeeffattoota namaatiin deeggaramuun bakka inni jiru baruuf yaalaa turaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02xi6ajANMZa7T5b994JbQkGrNYWYmhjQhwL1r3uNCJR3CoBU6mHXGMP47AMHuNc8fl

Addis Standard Afaan Oromoo

17 Oct, 12:32


Oduu: 'Humnoonni nageenyaa #Itoophiyaa baqattoota #Sudaan irratti sarbama mirga namoomaa raawwatan’ - #HRW

Baqattoota Sudaan naannoo #Amaaraa keessatti qubatanii jiran irratti humnoonni nageenyaa mootummaa “sarbama mirga namoomaa raawwachaa jiru” jechuun dhaabbatni mirga namoomaa idil-addunyaa Hiyumaan Raayitis Waach (HRW) qeeqe.

Mootummaan gama isaatiin himatni dhiyaate “bu’uura kan hin qabne fi dhara” jechuun deebii akka laate Hiyumaan Raayitis Waach gabaasa isaa keessa eereera.

Baqattoonni waraana dheessuun gara Itoophiyaa galan kunneen waggaa tokko oliif hojii humnaa irratti akka bobba’an hidhattoota naannichatti socho’aniin dirqisiifamurraa eegalee ajjeechaa, reebichaa, saamicha fi uggurri irratti raawwatamaa jiraachuu HRW ibseera.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=4926

Addis Standard Afaan Oromoo

17 Oct, 10:52


Birriin #Itoophiyaa tarree maallaqa biyyoota Sahaaraa gadii humna bittaa isaanii gadi aanaa ta'etti ramadame

Birrii Itoophiyaa dabalatee Naayiraa #Naayijeeriyaa fi Paawundiin #Sudaan_Kibbaa maallaqa biyyoota Sahaaraa gadii humni bittaa isaanii gadi aanaa ta’e keessatti ramadamuu isaanii gabaasni Baankii Addunyaa beeksise.

Gabaasichi, "Hagayya 2024 irraa eegalee maallaqa biyyoota sahaaraan gadi argaman keessaa Birriin Itoophiyaa, Naayiraa Naayijeeriyaa fi Paawundii Sudaan Kibbaa humna bittaa gadi aanaa agarsiisaniiru," jedhe.

Faallaa kanaatiin maallaqni shilingii #Keeniyaa fooyya’insa dhibbeentaa 21 agarsiisu isaa kan ibsame yoo ta’u, biyyoonni Afrikaa hedduun garuu rakkoo sharafa alaa isaan mudachaa jiru itti fufuun diinagdee isaanirratti dhiibbaa geessise baankichi ibseera.

Naayijeeriyaa fi biyyoonni naannichaa biroo hanqinni sharafa alaa olaanaa fi dhiibbaa sharafa alaa isaan mudachaa jiraachuu gabaasni baankii addunyaa kun akeekeera.

Addis Standard Afaan Oromoo

17 Oct, 09:30


#ONLF ‘waliigaltee nagaa bara 2018 mootummaa #Itoophiyaa waliin mallatteesse gamaaggamuuf’ walgahii waame

Naannoo #Somaalee keessa kan socho’u Adda Bilisummaa Biyyaaleessaa Ogaadeen dhimma waliigaltee nagaa waggaa jaha dura mootummaa Itoophiyaa waliin mallatteesse fi haala yeroo #Gaanfa_Afrikaa irratti mari’achuuf walgahii koree giddu galeessaa waame.

Xalayaan dura taa’aa dhaabichaa Abdirahmaan Mahdi irraa miseensota koree giddu galeessaaf barreeffame akka agarsiisutti, walgahichi Onkoloolessa 26-27, 2024 gaggeeffama.

Ajandaaleen walgahichaas guyyaa yaa’ii waliigalaa dhaabichaa murteessu, waliigaltee nagaa bara 2018 mallatteeffame gamaaggamu fi haala yeroo Gaanfa Afrikaa irratti mari’achuu ta’uu ibsameera.

Dhaabichi ibsa ji’a tokkoon dura baaseen dhimma haala yeroo Gaanfa Afrikaa fi waliigaltee nagaa mootummaa waliin mallatteesse kaasuun mootummaan Itoophiyaa himachuu ni yaadatama.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0EUBpJhfD3GtrYdS89MxfjiXSfmb5Y7sJUEChA5M9JV7aEg7HLjyep4hrw2R9aRhBl

Addis Standard Afaan Oromoo

17 Oct, 08:07


Dargaggoonni #Itoophiyaa dorgommii kalaqa teeknooloojii #Afrikaa sadarkaa 3ffaan xumuran

Dorgommii kalaqa teeknooloojii Hubannoo Nam-tolchee Afrikaa ji’ootaaf gaggeeffamaa ture irratti dargaggoonni Itoophiyaa bakka bu’an sadarkaa saddaffaa argachuun maallaqa Doolaara 4000 badhaafaman.

Dargaggoonni Itoophiyaa kunneen sadarkaa kana kan argatan bakka bu’oota biyyoota Afrikaa 48 waliin dorgomuun yoo ta’u, sagantaa xumuraa dorgommichaa kaleessa Finfinneetti gaggeeffame irratti badhaasa isaanii fudhataniiru.

Dorgommii kalaqa teeknooloojii kanarratti dargaggoonni #Tuuniziyaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa qabachuun Doolaara kuma 16 badhaafamuu isaanii TOI gabaaseera.

Dorgommii jalqaba ji’a Waxabajjii bara 2024 eegalee walta’insa Mana Kitaabaa Abirihoot fi dhaabata ‘Africa to Silicon Valley’ jedhamutin mata duree “hubannoo nam-tolchee dhiibbaa gaariif” jedhuun dargaggoota 4,928 biyyoota Afrikaa 48 irraa walitti babbahan keessummeessaa tureera.