Spider Media : Shaabaan 21, 1446 AH
Manni marii dhimmoota Islaamummaa magaalaa Shaggar guyyaa har'aa daayirektoreetiifi koreewwan garaa garaa hundeesseera.
Haaluma kanaan Yaa'iin Ulamaa'ota Shaggar, Odiitiin Majlisa Shaggar, koreen inispeekshiinii, Liigiin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Shaggariifi Liigiin Dubartootaa Muslimaa Magaalaa Shaggar hundaa'uun beekamtiifi muudamnis kennameeraafi.
Yaa'ii Ulamaa'ota Magaalaa Shaggar kan miseensota 14 qabutti Sheyik Abdullaxiif Sheyik Xahaa walitti qabaa ta'uun yoo muudaman Ustaaz Shahbuddiin Haji Nuuraa, Ustaaz Gazaaliifi Obbo Najiin Aliyyii koree Odiitiifi inispeekshiinii Majlisa Magaalaa Shaggar ta'uun muudamaniiru.Majlisni Magaalaa Shaggar Koreewwan garaa garaa moggaase
Manni marii dhimmoota Islaamummaa magaalaa Shaggar guyyaa har'aa daayirektoreetiifi koreewwan garaa garaa hundeesseera.
Haaluma kanaan Yaa'iin Ulamaa'ota Shaggar, Odiitiin Majlisa Shaggar, koreen inispeekshiinii, Liigiin Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Shaggariifi Liigiin Dubartootaa Muslimaa Magaalaa Shaggar hundaa'uun beekamtiifi muudamnis kennameeraafi.
Yaa'ii Ulamaa'ota Magaalaa Shaggar kan miseensota 14 qabutti Sheyik Abdullaxiif Sheyik Xahaa walitti qabaa ta'uun yoo muudaman Ustaaz Shahbuddiin Haji Nuuraa, Ustaaz Gazaalii Abbaafiraafi Obbo Najiin Aliyyii koree Odiitiifi inispeekshiinii Majlisa Magaalaa Shaggar ta'uun muudamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun Dargaggoo Usaamaa Abdusamad Walitti qabaa Liigii Dargaggoota Muslimaa Magaalaa Shaggar ta'uun muudameera.
Manni marechaa erga hundaa'e yeroo gabaabaa ta'ullee magaalichi bakka gaaffiin hawaasa muslimaa hedduun deebii itti hin arganne waan ta'eef hawaansi Muslimaa marti sochiinm inni taasisu kanaaf tumsa gamasaa akka taasisu waamicha taasiseera.
© #Amartemam
Nu hordofaa:
YouTube https://youtube.com/@Spidermedia1
Facebook https://www.facebook.com/SpiderMedia01
Telegram channel https://t.me/spidermediaa
>#SpiderMedia