TIKVAH AFAAN OROMOO @tikvahethafaanoromoo Channel on Telegram

TIKVAH AFAAN OROMOO

@tikvahethafaanoromoo


TIKVAH AFAAN OROMOO (Amharic)

በማስታወቂያዎች እና መረጃዎች እንኳን በTIKVAH AFAAN OROMOO በተከታታይ ምሽት እና ከምስራቅ ተካንሶ የሚሠሩ ሰአቶች እና ወንድማማችን ታምራት ከሆነ፣ ውድነትን እንግዳ ስጪኖችን በየትኛው ሺህ ዓመት ውስጥ ማስከበያ ይኖራል። TIKVAH AFAAN OROMOO ለመጠቀም ፈጣን መሳቅ ማለት ነው ማለት። ሰአት ካለ ደግሞም የፊልም ባለስምም ፕሮግራም አስተሳሰብ ይችላሉ። ወደ TIKVAH AFAAN OROMOO እንደገና በመጠቀም በጣም እንሂድ።

TIKVAH AFAAN OROMOO

14 Jan, 13:02


"Daandiin Baaburaa Itoophiyaa-Jibuutii Yeroo jalqabaaf bu'aa argateera":- Taakkalaa Uumaa

Dhaabbatni Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii erga hojii jalqabee as yeroo jalqabaaf kurmaana dhumaa bara 2024tti bu’aa argachuu isaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taakkalaa Uumaa beeksisaniiru.

“Bu’aan argame kun karoora tarsiimowaa waggoota sadii dhufaniif dhaabbaticha gara bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf qabanneef bu’uuraa kan ta’uu dha jedhaniiru.

Hammi fe’umsaa baaburichaa waggaatti toonii miiliyoona 6.3 ta’u qaba ture. Garuu yeroo ammaa waggaatti toonii miiliyoona 2.4 qofa hojjechaa jirra akka jiru ibsameera.

Kunis hamma fe’umsa guutuu isaa keessaa 38% qofa akka ta’e ibsaniiru.

Kiiloo meetira 750 ol kan dheeratu fi Finfinnee buufata doonii Jibuutii waliin kan walqunnamsiisu pirojektiin daandii baaburaa kun walta’iinsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Chaayinaatiin kan ijaarameedha. 

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

13 Jan, 11:06


"Magaalaan Loos Anjalas guutuun isaa sodaa balaa ibiddaa jala jira" - aanga'oota

Ameerikaatti Ibiddi bosona Los Anjalas ammallee to'annaan ala kan jiru yoo ta'u, lakkoofsi namoota du'anii 24 gaheera. Namoonni 16 eessa akka seenan hin beekamne.

Haga Ammaatti naannoon Los Anjalas 3 gubataniiru.

Yeroo ammaa ibiddi guddaan kan jiru Palisadas yoo ta’u, lafa hektaara 9,307 kan gubee fi dhibbeentaa 11'n to’atameera.

Ibiddi Iiton isa 2ffaa yoo ta’u, lafa hektaara 5,665 ol gubeera. dhibbeentaa 27 to'annoo jala ooleera.

Ibiddi Heerast guutummaatti too'annaa jala kan oolee yoo ta'u, lafa hektaara 323 gubee jira.

Gareen balaa ibiddaa ibidda guddaa kana to'achuu jalqabaniiru, garuu qondaaltonni bubbeen itti fufee jiru ''haala qilleensaa balaa guddaa geessisuu akka danda'uu fi naannoon Los Anjalas guutuu balaa ibiddaaf saaxilamuu akka danda'u akeekkachiisaniiru."

Ibiddi kun seenaa Ameerikaa keessatti balaa guddaa kan geessise jedhamuuf dhihaateera.

Dhaabbanni dhuunfaa tilmaamaa "Akuweezar" jedhamu qabeenyi sababa ibidda kanaan dhufu doolaara biiliyoona 250 hanga 275 akka ta'u tilmaameera. #BBC

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

13 Jan, 03:20


" Barataan hin galmoofne hin qoratamu" - Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaata

Galmeen barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa, bara 2017tiif taasifamu Kibxata, Ammajji 6, 2017 guyyaa keessaa sa'aatii 11:00tti akka xumuramu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksise.

Barattoonni sababoota adda addaatiin hin galmoofne guyyoota lamaan hafan kana qofatti akka galmaa'an dhaamaniiru, "kanneen hin galmoofne hin qorataman" jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

12 Jan, 10:00


#Ameerikaa #LosAnjalas

Sababa ibidda bosona Los Anjalasitti to’annaan ala ta’een yoo xiqqaate namoonni 16 du’uun isaanii mirkanaa’ee, namoonni kuma 137 ol ta'an ammoo bakka sanaa godaananii jiru.

Manni namoota hedduu barbadaa'ee jira.

Miidhaan balaa ibiddaa bosona kanaan qaqqabe doolaara biiliyoona 135tti kan tilmaamamuu fi ni dabala jedhamee eegama.

Tattaaffiin ibidda kana to'achuuf godhamu itti fufus, iddoo beekkamaa fiilmii fi sagantaaleen TV Ameerikaa itti hojjetamani "Hollywood"tti dhihaachaa akka jiru himameera.

Guyyoota dhufan keessatti maaltu akka ta'u tilmaamuun kan hin danda'amne ta'us, jiraattonni akka baqatan ykn akka ba'uuf qophaa'an itti himamuu BBC'n gabaaseera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

11 Jan, 08:26


#Update

Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan

Barattoonni Muslimaa kutaa 12ffaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.

Barattoonni kunniin manneen barnootaa magaalattii keessatti hijaaba yoo ofirraa baasan malee qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne isaan dhorkan. Kunis seera amantaa isaanii kan cabsu ta’uu himaniiru.

Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko maqaa yaada Addis Standard’tti laatteen, “Amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.

Barsiisaan magaalaa Aksum irraa Addis Standard dubbise tokko, galmeen barattoota idilee kutaa 12ffaa qaamaan gaggeeffamu torban darbe xumuramuu isaa mirkaneesseera.

Haa ta’u malee, galmeen karaa manneen barnootaan toora intarneetii irratti gaggeeffame ifatti kaleessa sa’aatii 10:00 xumuramuu hime.

Barattoonni kunneenis Osoo hin galmaa'in akka hafan ibsameera. #AS

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

10 Jan, 08:23


Godinaalee Gujiifi Booranaa, Akkasumas naannolee kibba Itiyoophiyaatti kaleessa galgala taateen maalummaan isaa adda hin ba'iin mul'achuun himame.

Naannolee kibba Itiyoophiyaa fi biyya ollaa Keeniyaattis kaleessa galgala taateen maalummaan isaa adda hin ba'iniifi qaanqee ibiddaa fakkaatu wal hordofaa mul'achuun himameera.

Jiraattonni godinaalee kanneenii taateen akkasii haaraa ta'uu himaniiru.

Jiraattonni tokko tokkommoo baatiiwwan muraasaan dura taateen walfakkaatu mul'achuu himu.

Qaanqee ibidda fakkatu ijaan arguufi maal akka ta'e adda baafachuuf rakkachuu jiraattonni dubbataniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

09 Jan, 12:27


Paarlaamaan labsii qabeenya deebisiisuu hanga waggaa 10 duubatti deebi’ee hojjatuu raggaasise

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuu raggaasiseera. Labsiin har’a Amajjii 09, 2025 raggaasifame kun mootummaan qabeenya madda isaanii hin ibsamne akka to’atuufi deebisiisuuf aangoo kan kennuudha.

Seerri haaraan kun liqii baankii, aksiyoonaa, boondii fi qabiinsa diinagdee qaban biroo dabalatee qabeenya waggoota kurnan darban keessatti argaman tilmaamni isaanii Birrii miiliyoona 10 ol ta’an irratti kan xiyyeeffatuu dha.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

08 Jan, 18:45


Daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalate

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalachuu ibsame.

Daa'imni kun Hospitaala sadarkaa jalqabaa Naaddaatti yaala baqaqsanii yaaluun dhalachuu Ispeeshaalistiin yaala Baqasanii yaaluu Hospitaalichaa Dooktar Dassaalenyi Tasafaayee himaniiru.

Yeroo ammaa daa'imniifi haati sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsameera. #OBN

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

08 Jan, 12:54


#Koree

Haleellaa hidhattoonni raawwatan jedhameen waggoota sagalii oliif ajjeechaan namoota qulqulluu irratti taasifamu furmaata kan dhabee yoo ta'u, ammas naannoo kibba Itoophiyaa godina Koreetti "namootni qulqulluun ajjeefamaniiru" jedhame.

Qaamni godinichaa maqaan isaa akka hin dhahamne barbaadu ibsa 'Tikvah Ethiopia'f kenneen, ''haleellaa hidhattoonni raawwataniin sa'aatii 48 darban keessatti namoonni lama du'aniiru'' jedheera.

Gandoota godinichaa Kareedaa fi Jalloo jedhaman keessatti namni Antaayyo Zhoolaa fi Adimaasu Asaffaa jedhaman haleellaa kanaan akka ajjeefaman maatii isaanii irraa mirkaneessaniiru.

Obbo Antaayyo kan ajjeefaman "hidhattoota aanaa Galaanaa Shaamolee Shiddaa irraa hidhatanii dhufaniin" jedhaniiru.

Isaan kunis, "Haleelaa kanaan dabalataatti beeyladoota manaa saamanii deeman" jedhaniiru.

"Hidhattoonni Adimaasu  ajjeesan ammoo aanaa Galaanaa Bultoo Jaldeessaa irraa kanneen dhufaniidha" jedhaniiru.

"Guyyoota darban keessa sodaan sochiin haleellaa ni jiraata jedhu baay'ee akka ture yaada ummataa irraa hubatamaa ture." Odeeffannoon kun aanaalee Jaaloo, Keraddaa, Zoqasaa, Gaamulee, Shaaroo, Golbee, Qobboo, fi Dorbaddee irraa kan sassaabameedha" jedhan

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

08 Jan, 10:30


Dhaabbilee Barnootaa olaanoo dhuunfaa 84 irratti tarkaanfiin fudhatame

Dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa irra deebiin akka galmaa’an waamichi dhiyaateef 102 keessaa 84 galmee irra deebiin hin galmoofnee fi tarkaanfiin irratti fudhatamuu Abbaan Taayitaa Barnootaa fi Leenjii beeksise.

Hojimaanni kenniinsa eeyyamaa walfakkaatu hojiirra akka oolu Dhaabbileen Barnootaa Olaanaa Dhuunfaa Irra deebiin akka galmaa’an hojjetamaa jiraachuu Abbaa taayitichaatti Hojii Raawwachiiftuun Hariiroo ummataa fi Kominikeeshinii Maartaa Admaasuun himaniiru.

Dhaabbileen kunis irra deebiin Galmee akka raawwatan kan barbaachise sanada dogongoraa yoo qabaatan akka sirreessanii fi kan hir’ate yoo jiraate akka guutaniif ta’uu dubbataniiru.

Dhaabbileen kunneenis fedhii isaaniin adeemsa baruu fi barsiisuu keessaa akka of baasanitti kan ilaallaman ta’uu eerameera.

Adeemsa baruu fi barsiisuu keessaa bahuu isaanii foormii akka guutaan torbeen lama kennamuufii himaniiru.

Dhaabbileen 5 qofti adeemsicha kan eegalan ta’uu eeruun, kanneen gara hojichatti hin seenne yakkaan kan gaafataman ta’uu dubbataniiru. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Jan, 15:58


#Boba_aa

Beenzilli liitira tokkoo birrii 101.47 yoo galu, Naafxaan (diizilli) liitira tokkoo birrii 98.98 ta'ee jira.

Guyyaa har’aa gatiin gurgurtaa oomishaalee boba’aa dabaleera.

Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa Muddee 29, 2017 galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee magaalaa Finfinneetti gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa hojii irra ooluu beeksiseera.

Haaluma kanaan:

➡️Benzila liitira tokkoo Birrii 101.47

➡️Naafxaan liitira tokko Birrii 98.98,

➡️Keeroosiinii liitira tokko Birrii 98.98

➡️Boba'aan xiyyaaraa Birrii 109.56

➡️Naafxaa gurraacha ulfaataa liitira tokko Birrii 105.97  fi

➡️Naafxaan gurraachi salphaa liitira tokko Birrii 108.30n akka gurguramu murtaa'eera.

#boba'aa #Itoophiyaa

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Jan, 06:59


Hordoftoota Amantii Kiristaanaa Hundaaf Baga Guyyaa Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoosin Isin Gahe.

Ayyaana Gaarii!!

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

06 Jan, 14:22


Obbo Bulchaa Dammaqsaan du'aan addunyaa kanarraa boqotan 

Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (OFDM) hundeessuun beekamu.

Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u Baankii Awaash hundeessuun, boodarras hojii gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru. 

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Jan, 13:24


Aanaa Awaash Fantaallee ganda Saaburee keessatti manneen barnootaa lama kirkira lafaatiin miidhamaniiru.

Manneen barnootaa kunneenis mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Ungaayituu fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saaburee ti.

Akka waajjirri misoomaa fi ijaarsa magaalaa aanichaa ibsetti dareelee barnootaa 12 m/b sadarkaa 1ffaa Ungaayituu keessaa jaha fi Dareelee barnootaa m/b sadarkaa 2ffaa Saaburee 16 keessaa saddeet foddaan isaanii irraa caccabee jira.

Akkasumas Kutaawwan kunniin babbaqaqanii haala jiguu keessa jiru.

Manni Barumsaa Ungaayituutti sababa Kirkira lafaatiin dareewwan barnootaa akka malee erga miidhamaniin booda muka jalaa fi dunkaana keessatti barattoota barsiisaa tureera.

Guyyaa Kibxata Muddee 22, 2017 ganama sa’aatii 2:30 irratti kirkirri lafaa kun bifa hammaataa ta'een waan muudateef barattoonni sana booda rifachuudhaan mana barumsichaatii ba’aniiru.

Manni barumsichaa maatii isaanii waamee erga haasofsiisee booda "Ijoolleen keenya nu bira yoo turani wayya" jedhanii, adeemsi baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira.

Gandoota aanichatti argaman 6 keessaa 4 kirkirri lafaa yeroo baay’ee mudachuu isaa hordofuun jiraattonnis bakka fooyya’aa ta’etti qubachiifamaa akka jiran himameera.

Gama biraatiin ammoo kirkira lafaa aanaa Hanrukaatti mudateen manni barumsaa tokko miidhameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Jan, 13:24


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

04 Jan, 07:44


‘’Kan ammaa hundaa irra jabaadha’’Jiraattota

Jiraattonnis qe'ee gadhiisanii dheessaa jiru.

Halkan edaa naannoo sa'aatii 9:20 irratti kirkira lafaa kan hanga ammaa irraa olaanaa ta'e Reektar iskeelii 5.8 muudachuun dambaliin isaa hanga Finfinnee dhagahamuun rifaatuu guddaa uumeera.

Naannoo Affaar aanaa Dulachaa gaara Dufaan irratti kirkira lafaa irra deddeebiin mudachaa jiruufi Volkaanoo dhohe hordofee aanga'oonni naannichaa jiraattota iddoo sanaa baasaa jiraachuu ibsame.

Gaara Dufaan irratti dhohiinsi mudatee bakka lamatti aarri akka mul'atu kan himan bulchaan godina Gaabii Raasuu Abdullaah Alii, geejjibni qophaa'ee jiraattota naannoo sanaa baasuutti jirra jedhan.

Taateen kirkira lafaa kan torbee kanaa olaanaa ta'uu eeruun, gandoota 10 balaadhaaf saaxilamoo ta'an adda baafamanii jiraattota gara iddoo biraa geessuu gaggeeffamaa jiraachuu himan. 

Naannoo Affaar Awaash Fantaalleetti kirkira lafaa tibbana irra deddeebiin mudachaa jiruun namoonni hedduun qe'ee fi qabeenya isaanii dhiisanii gara naannolee ollaatti dheessaa jiraachuu himameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

03 Jan, 18:10


#Earthquake

Har'a galgala sa'aatii 2:01 irratti kirkirri lafaa humna(Reektar ) Iskeelii 5.5 ta’e akka mudate taateewwan kirkira lafaa addunyaa irratti raawwataman kan hordofu qorannoo ji’ooloojii Yunaayitid Isteetis (USGS) beeksiseera.

Kirkirri lafaa kun Awaash irraa fageenya km 44 irratti akka mudate gabaafameera.

Kirkirri lafaa galgala kanaa kan yeroo kamiyyuu caalaa ol'aanaadha.

Sochiin isaa Finfinnee fi magaalota biroo keessatti guddaa dhaga'ameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

03 Jan, 09:12


Aanaa Dulachaatti Volkaanoon dho'e

Naannawaa tibbana kirkirri lafaa itti mudataa ture keessaa Aanaa Dulachaa Gaara Doofan irratti Volkaanoon dhowuun eerame.

Dhohiinsa Volkaanichaa hordofee jiraattota naannawichaarra miidhaan akka hingeenyeef tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Naannoo Afaaritti Bulchaan Godina Gaabii Rasuu Abduu Alii Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan hojiin jiraattota buufata yeroo qubsiisuu hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Kirkirri lafaa irraa deddeebiin mudachuun itti fufuu kaasanii, dhohiinsi Volkaanoo har’a uumamuu fi kirkirri turees kan duraan mudachaa tureerra cimaa ta'uu himaniiru. #FBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Jan, 17:33


#Somaaliyaa #SuudaanKibbaa

Humna elektirikii Itoophiyaa irraa fayyadamuuf gaaffii dhiyeessan

Biyyoonni ollaa Itoophiyaa lama, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaan, fayyadamummaa humna elektirikiif gaaffii dhiyeessuu isaanii Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Biyyoota dhiyeessii elektirikii argachuuf Itoophiyaaf gaaffii dhiyeessaaniif adeemsaan deebii kennuuf hojjetamaa jiraachuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Humni Elektirikii Itiyoophiyaa Ashabbir Baalchaa ibsaniiru.

Adeemsa hanga ammaatiin biyyoonni ollaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaa Itiyoophiyaa irraa fayyadamtoota humna elektirikii ta’uu eeruun, dhiyeenyattis gara Taanzaaniyaa gurguruuf diriirsi bu’uuraalee misoomaa xumuramuu dubbataniiru.

Itoophiyaan humna elektirikii maddisiistu keessaa 90% fedhii biyya keessaaf, 10% ammoo biyyoota garaagaraaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

01 Jan, 10:34


#Faayidaa

Lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa 'Faayidaa' ulaagaa ta’uu eegale

Baankileen magaalaa Finfinnee keessatti argaman maamilli lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa diijitaalaa Faayidaa ulaagaa jalqabaa ta’uu beeksisan.

Hojimaanni kunis har’a Amajjii 01, 2025 eegalee hojiirra oola jedhame.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyaalessaan guyyaa har’aa eegalee baankileen magaalaa Finfinneetti argaman hundi hojimaaticha hojiirra oolchuu jalqabuu ibsameera.

Ulaagaan kunis adeemsa keessa guutuu biyyattii naannolee hunda keessa akka hojiirra oolu eerameera.

#tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Dec, 14:03


Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa hoggansa dabalatee hojjettoota isaa 20 irratti tarkaanfii naamusaa fudhachuu ibse

Tajaajilli Elektirikii Itoophiyaa hoggantoota dabalatee hojjettoota naamusa dhaabbatichaa sarban irratti tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuu dhaabbatichatti Daayirektarri Kutaa Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Obbo Hibrawarq Yimanuu ibsan.

Dhaabbatichi komii maamiltoota irraa dhufu irratti hundaa’uun qorannoo gaggeesseen hoggantoota fi hojjettoota dhaabbatichaa 20 irratti tarkaanfii bulchiinsaa akeekkachiisa barreeffamaa eegalee hanga adabbii mindaa fudhachuu himaniiru.

Kanneen tarkaanfiin irratti fudhatame fe’iinsi humnaa dandeettii tiraansifoormarii ol hayyamuun akka gubatu kan taasisan, maamiltoota haaraa seeraan alaa keessummeessuun maamiltoota durii irratti humni elektirkii akka addaan ciccituu kan taasisan, galii dhaabbatichi argachuu malu kan dhabsiisan ta’uu ibsame. #AS

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Dec, 14:02


iraamaan Abbaa Karraa bashanannaa irraa barattan eegaluuf guyyaa tokko qofatu hafe🔥

#Abbaa Karraa yeroo hunda Roobii Galgala 3:00tti daawwadhaa📺!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Dec, 11:40


#Update #Earthquake

Kaleessa galgala sababa kirkira lafaa naannoo Affaaritti mudateen manneen jireenyaa fi daldalaa 20 ol jiganiiru.

Sababa kirkira lafaa kaleessa naannoo Affaariitti muudateen, godina Gaabii Rasuu, aanaa dulasaa ganda Durufuliitti manneen jireenyaa fi daldalaa 20 ol ta'an jiguu isaanii jiraattonni naannoo fi bulchaan aanichaa "Ethiopia Insider"'f himaniiru.

Jiraattonni kunneen akka jedhanitti kirkirri lafaa kun har'as akka hin dhaabbannee fi ''Balaa guddaa'' keessa akka jiran himaniiru.

Dhaabbilee taateewwan kirkira lafaa addunyaa guutuutti galmeessan, guyyaa kaleessa Wiixata, Muddee 21, 2017 naannoo Awaashitti kirkirri lafaa saddeet muudachuu beeksisee jira.

Kanneen keessaa lakkoofsi guddaan, Reektar Iskeelii 5.1 yoo ta'u, kirkirri lafaa kun naannoo sa'aatii 7:00tti kan mudate ta'uu odeeffannoon giddugala Qorannoo Ji'oosaayinsii Jarmanii irraa argame ni mul'isa.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Dec, 22:14


#EarthQuake

Galgala kana naannoo Awaash Fantaaleetti sochiin lafaa irra deddeebiin kan mudate yoo ta'u, raafamni isaa hanga finfinneetti sirritti dhaga'ameera.

Jiraattonni manneen waliin jireenyaa finfinnee sochii cimaan akka itti dhagahame Tikvah Ethiopia'f akeekaniiru.

Finfinnee naannoo Ayaat, Xaafoo, Arraabsaa, Jamoo... naannoleen biroo irra deddeebiin sochiin dhagahamaa tureera.

Miseensonni Tikvah naannawa Awaash immoo kirkirri lafaa kun baay’inaan mul’achaa akka jiruu fi sodaa akka qaban ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Dec, 13:57


#NGAT

Galmeen iyyattoota Qormaata biyyaalessaa seensa Sagantaa Digirii Lammaffaa (NGAT) Muudde 21 hanga 25/2017tti gaggeeffama.

galmaa’uuf
HTTPS://NGAT.ETHERNET.EDU.ET

Gaaffii galmee waliin walqabatu kamiifuu sa’aatii hojiitti imeelii [email protected] ykn lakkoofsa bilbilaa 0920157474 (Enatnesh Gabeyyoo fi 0911335683 (Faasil Tsaggaayee) ibsa gaafachuu akka dandeessan ibsameera.

Qormaataaf 'USER NAME' fi 'PASSWORD' karaa poortali galmeetiin kan ergamu yoo ta'u, kaffaltiin galmee 750 karaa Teeleebirrii qofaan akka kaffaltan jedhameera.

Ministeerri Barnootaa yeroo qormaatichaa galmee booda akka beeksisu ibseera.

#MoE

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Dec, 10:51


Hanga ammaatti barattoonni 499,000 ol qormaata seensaa yunivarsiitii fudhachuuf galmaa'aniiru. - Tajaajila madaallii barnootaa fi qormaataa

Qormaata xumura kutaa 12ffaa bara 2017 fudhachuuf barattoonni 499,200 galmaa’uu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksise.

Waliigalatti barattoonni 750,000 qormaaticha fudhachuuf ni galmaa'u jedhame kan eeggamu yoo ta'u, barattoonni idilee kuma 600 fi dhuunfaan barattoonni kuma 150 ni galmaa'u jedhamee eeggamaa jira.

Galmeen barattoota idilee Mudde 8/2017 irraa eegalee toora interneetii irratti raawwatamaa akka jiruu fi Amajjii 6/2017 akka xumuramu ibsmeera.

Bakkeewwan filannoo intarneetiin hin jirretti barattoonni erga waraqaa irratti galmaa’anii booda gara naannoo intarneetiin jiru dhaquun odeeffannoo isaanii toora interneetii irratti galmeessuu akka danda’an himameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Dec, 06:53


#Sidaamaa #Gadda

Balaa tiraafikaa mudateen namoonni 71 du’an
!

Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa laga Gaalaanarratti balaa tiraafikaa Muddee 29, 2024 mudateen lubbuun namoota 71 darbuu ibsame.

Konkolaataan namoota cidha dhaqan fe'ee imalaa ture godina Baha Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa riqicha laga Galaanaarraa kufuun balaa kana qaqqabsiisuu eerameera.

Balaa kanaan lubbuun namoota 71 yoo darbu, namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Waliigalaa Boonaatti yaalamaa jiraachuu ibsameera.

Mootummaan Naannoo Sidaamaa gadda itti dhagahame ibsuun, maatii miidhamtootaaf jajjabina hawweera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

29 Dec, 12:40


#Earthquake : Guyyaa kaleessaa halkan dabalatee irra deddeebiin kirkirri lafaa muudachu maatiin tikvah Ethiopia Affaar irraa ibsaniiru.

kirkira lafaa irra deddeebiin dabalaa jira jedhaniiru.

Miseensi maatii keenyaa tokko "Rabbiin furmaata nuuf haa kennu. Nuuf haa tagabbeessu malee, baay'ee nama sodaachisa. Rabbiin uumaa addunyaa dhuma keenya haa bareechu" jedheera.

Sochiin lafaa kun magaalota adda addaa keessattis akka dhaga’ame hubachuu dandeenyeerra.

Kirkirri lafaa guddina adda addaa qabu naannoo Fantaaleetti yeroo baay’ee kan mul’atu yoo ta’u, kaleessa ammoo kirkirri lafaa ol’aanaan iskeelii Reektarii 5'n galmaa’e muudateera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

28 Dec, 11:55


Aksuumitti barattoonni hijaaba uffatan gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkaman

Naannoo Tigraay godina Giddugaleessaa magaalaa Aksuumitti barattoonni “hijaaba uffatanii gara mana barnootaa akka hin galle dhoorkamaniiiru.

Gochaan kuni “walabummaa barnootaafi amantaa dhiiba” jechuun ibsameera.

Barattoonni musliima gara mooraa mana barnootaa akka hin seene akka dhoorkamaniifi  mormii kaasuus himameera.

“Manneen barnootaa mirga barachuun keenya nu dhoorkaa kan jiran sababa akkaataa dambii amantii keenyaatiin hijaaba uffanneefiidha. Hijaaba uffata dambii barattootaa waliin wal fakkaatu akka hin uffanneeyyuu nu dhoorkaniiru,” jechuun barattoonni himaniiru.

Bakka bu’aan dhimma Islaamummaa godina Giddugaleessa Obbo Geetuu Kaahsaay rakkoon kuni ji’ooota lama dura eegaluu ibsuun qaama dhimmi ilaallatuuf xalayaa barreessuu beeksiseera.

Haa ta’u malee, torban lama booda irra deebiin barattoonni kunneen gara mana barumsaa akka hin galle dhoorkamuu Obbo Geetuun himeera.

Kana malees, biiroo dhimma Islaamummaa magaalaa Aksuum rakkoo kana furuuf yaalii taasisaa turuu ibseera.

“Rakkichi yeroo dhiyootti hiikamee hiriyoota gareesaaniitti akka makaman ni taasifna jennee amanna,” Geetuun jedheera.

Biiroon dhimma Islaamummaa Aksuum, xalayaa Kamisa Fulbaana 30, 20217 ALI barreesseen, manneen barnootaa Wara, kindeeyaa, Addabaabaayfi mana barumsaa qophaa’inaa dabalatee walumaagalatti barattoonni 140 ta’an qormaata biyyaalessaa akka hin fudhanne dhoorkamuu Geetuun eeree ture.

Barreessaan Biiroo dhimma Islaamummaa naanno Tigraay Haajii Mohaammad gochaa manneen barnootaa kana qeequun barttoonni gara mooraa manneen barnootaatti akka hin galle dhoorkamuun isaanii qormaata biyyaalessaaf osoo hin galmaa’in hafuu eereera.

“Hijaabni dubartoota Musliimaaf hiikaa guddaa qaba,” jechuun mirga kana dhoorkuun walabummaa amantaarratti dhiibbaa uumuu ta’uu Haajiin Addis Standard’tti himaniiru.

Gochaa walabummaa amantaa dhiibu kuni heera biyyattii kan faallessuu ta’uu eeruun, “hoggantonni manneen barnootaa hijaaba uffachuu akka siyaasaatti ilaaluun” dogoggora ta’uu himeera.

“Dhaabbileen barnootaa sabdaneeessummaa kabajuufi naannawa nageenyi barattoota hundaa itti kabajamu uumuu qabu,” jechuun manneen barnoota garuu faallaa hojjachaa jiraachuu Obbo Haajiin dubbataniiru.

Uffata amantaa dhoorkuun hariiroo hawaasa gidduu jiru miidhuu akka danda’u himameera. #AS

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

28 Dec, 11:54


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

27 Dec, 10:24


" Tajaajilli geejjibaa ummataa hanga galgala sa'aatii 4:00tti akka kennamu murtaa'eera" - Waajjira Geejjibaa Finfinnee

Kaabineen bulchiinsa magaalichaa Finfinneetti dhaabbileen tajaajila geejjibaa ummataa kennan hanga galgala sa'aatii 4:00tti tajaajila geejjibaa akka kennan murteesseera.

Akka murtee kanaatti dhaabbileen tajaajila geejjibaa ummataa kennan:
- Awutoobisii, .
- MiiniiBaasii fi
- Midibaasii jedhamuun beekaman daandii guyyaa idilee  fi akkaataa gatii seera qabeessa guyyaa itti dalaganiin hanga galgala sa'aatii 4:00tti akka hojjatan akeekkachiiseera.

Fayyadamtoonni tajaajila geejjibaa hanga galgala sa’aatii 4:00tti tajaajila akka argataniifi hojjettoonni to’annoo geejjibaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu hordoffii fi to’annoon raawwiif gahee isaanii akka ba’an waajjirichi waamicha dhiyeessee jira.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Dec, 11:37


Xiyyaarri namoota 67 fe'ee Kazaakistaanitti kufe keessaa 38 du'uusaanii aanga'oonni himan

Xiyyaarri kan daandii qilleensaa Azarbaajaan ta'ee fi lakkoofsi balalii isaa J2-8243 ta'e tokko osoo gara Raashiyaa, Girooznii imalaa jiruu Kazaakistaan magaalaa Aktaawu jedhamtu keessatti kufee caccabe.

Xiyyaarri kun sababa duumessa hamaatiin of duuba deebi'ee qubachuuf akka dirqame daandiin qilleensichaa BBC'f ibseera.

Xiyyaarichi hoomaa simbirrootaan walitti bu'uu akka hin oolle miidiyaan Raashiyaa gabaaseera. Gabaasi kun dhugaa ta'uunsaa garuu sirriitti hin mirkanoofne.

Abbaan Alangaa waliigalaa Azaarbaajaan balaa kanaan walqabatee taateewwan hundinuu gadi fageenyaan qoratamaa jiraachuu ibsan.

Pirezidanti Ilhaam Aliyev ammoo, kana jedhanii dubbachuuf ammatti yeroonsaa ganaadha jedhan.

Xiyyaarri kun erga kufee caccabeen booda lubbu baraartonni bakkichatti argamuun hojiisaanii itti fufaniiru. #BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

25 Dec, 12:35


Warshaaleen Sukkaaraa suphamuun oomishuu eegalan

Warshaaleen Sukkaaraa baatiiwwan gannaa 2016 keessa suphaan waliigalaa tasifameef hojii oomisha idilee eegaluu Gareen Indaastirii Sukkaraa Itiyoophiyaa beeksise.

Suphaan boodas oomishutti kan deebi’an, Warshaalee Sukkaaraa Wanjii Shawaa, Matahaaraa, Oomoo Kurraaz Lakkoofsaa 1, 2 fi 3, akkasumas Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa ta’uu ragaan garicharraa argame ni mul’isa.

Warshaaleen kunneen baatiiwwan Gannaa maashinaroota qonnaa fi jalliisiif suphaan waliigalaa taasifamaa turuun ibsameera.

Warshaleen kunneen hojii oomishuutti deebi’uu hordofee Sukkara Kuntaalaa kuma 300 oomishuun ibsameera. #FBC

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

24 Dec, 14:37


Gatiin Kitaaba Jawaar Ifoomeera.

Qabsa'aa fi hayyuun siyaasaa Jawaar Mohammed kitaaba mata dureen isaa " Hin Gaabbu " jedhu barreesse qopheessuu isaa ibsee ture.

Kitaabni kun Keeniyatti eebbifama jedhamus haala hin beekkamneen osoo hin eebbifamin hafeera.

Haa ta'u malee Jawaar gatii kitaabicha fuula 'Facebookii' isaa irratti beeksisee jira.

Haaluma kanaan gatiin kitaaba tokkoo:-
👉 Birrii Itiyoophiyaa 1000
👉 Doolaara Ameerikaa 50 fi
👉 Shilingii Keeniyaa 2000'n akka gurguramu ibsameera.

Kitaaba waan baayyee of keessaa qaba jedhame kana biyyoota Awuroppaa fi Ameerikaa gara garaattii eebbisiisuuf qophiin taasifamaa jirachus ibsameera.

Kitaabicha kanneen dubbisu barbaadaniif eessaa argachuu akka danda'an fuula duratti kan isin beeksifnu ta'a.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

24 Dec, 03:50


Gaara Fantaalleetti kirkirri lafaa dhohiinsaa fi aara qabu mudate.

Naannoo Oromiyaa godina shawaa Bahaa aanaa Fantaallee fi Naannoo Affaar Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa sababa dhohiinsa fi aara gaara fantalleetiin uumameera.

Guyyaa kaleessaa sa'aatii 9:00 irraa eegalee kirikirri lafaa olaanaan Reektar iskeelii 4.6 galmeesse muudachuu ogeessonni himan.

Taaticha hordofee kirkirrii fi mallattoon jijjiguu gaaraa mul’achuu jiraattoonni ibsaniiru.
 
Kirkirri lafaa naannawichatti mul’atu guyyuu dabalaa jiraachuu ibsanii, jiraattotarratti rakkoo akka hinhordofsiifneef itti dhiyeenyaan hordoffii taasisuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Bulchaan Godina 3 Naannoo Afaar Obbo Abdoo Alii Abubakar gama isaaniin kirkirri amma mudate sagalee dhohiinsaa dhageessisuu fi aaraa kan mul’ise ta’uu himaniiru.

Jiraattoonnis sagalee dhaga’amee fi kirkiraa mudateen yaaddoo keessaa galuu ibsan.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

23 Dec, 04:26


#KFO

Waajjirri Muummeen Koongireesii Federaalawaa Oromoo Haaraan Eebbifame.

Waajjirri muummeen Koongireesii Federalawaa Oromoo(KFO) Inni duraa Caffee Aannanii (Meeksikoo) ture sababa misooma koridariitiin gara gamoo naannawa Addababayii Qabbannaa buufata raabsa boba’aa cinaa argamutti jijjiramee guyyaa kaleessaa eebbifamee jira.

Waajjirri haaraan kun Dilbataa kaleessaa Mudde 13/2017 ALI waaree booda sa’aa 8:00 irraa eegale sirna hoo’aan bakka hoggantoota, miseensota paartichaa fi hooggantoota Gamtaa Paartilee Morkattootaa (Caucus of Opposition Parties) argamanitti sirna eebbifame.

Waltajjii kana irratti dura taa'aan KFO Piroofeesar Mararaa Guddinaa ergaa dabarsaniin biyyattiin yeroo ammaa rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsanii rakkoon nageenyaa hunda dura furmaata atattamaa argachuu akka qabu himan. Kanaaf immoo rakkoolee siyaasa walwaraansatti geessan mariin furuun akka barbaachisu dhaaman.

Fedhiin ummata Oromoos ta'e sabaaf sablammoota Itoophiyaa guutuu, Nagaa Waaraa, Sirna Diimokraasii Cimaa fi Diinagdee Guddate argachuudha kan jedhan yoo ta'u; kana galmaan gahuuf KFO dabalatee gamtaan paartilee morkattootaa qabsoo isaanii cimsanii akka itti fufan ibsanii jiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Dec, 15:39


#Finfinnee

Barbareen tajaajila nyaataaf ooluu hin qabne too'atame.

Magaalaa Finfinneetti Barbareen tajaajila nyaataaf ooluu hin qabne gabaaf rabsamaa ture Kiiloo Giraamni kumni 22 fi 700 eeruu ummataan to’atamuun dhabamsiifame.

Barbareen farra fayyaa namaa ta’e Birrii miiliyoona 4.5tti tilmaamamu dhabamsiifamnuu Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaalee magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Barbareen kun Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 7tti Mankuusaa nama dhuunfaa keessatti to’atamuu ibseera. #FBC

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Dec, 15:38


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Dec, 07:07


#Update

Kitaabni Jawaar Naayiroobiitti eebbisiisuuf ture 'sababa nageenyaan' hafe

Kitaabni Jawaar Mohaammad mata dureen isaa "Hin Gaabbu" jedhu Kamisa darbee magaalaa guddoo Keeniyaa, Naayiroobii keessatti eebbisiisuuf ture guyyaa biraatti darbuu Jawaar beeksisee ture.

Sababni isaa ''baay'ina hirmaattotaa fi nageenya'' isaaniin walqabatee bulchiinsa bakka galmi itti taasifamuun ka'en akka ta'e fuula Feesbuukii isaarratti barreesseera.

Jawaar kitaaba isaa 'Hin Gaabbu' jedhee moggaase keessatti waa'ee imala siyaasaa isaa fi kaan mana hidhaa keessa yeroo ture kan barreesse akka ta'e dhiheenya BBC'tti himeera.

Maddi biraa BBC'n irraa odeeffattee fi dhimmichi itti dhiheenyaan beekan ammoo Roobii galgala ''doorsisi/mormiin ifatti mootummaa Itoophiyaarraa dhufuu'' himan.

Doorsi kuni haala kamiin akkasumas qaama kamiif akka ergame wanti dubbatan hin jiru.

Jawaar Mohammed kana dura kitaaba isaa Itoophiyaatti eebbisiisu kan barbaadu ta'us ''...biyyicha keessa kitaaba eebbisiisuuf dhiisii afuura baafachuunuun ulfaataadha,'' jedhee ture.

Eebbi kitaaba isaas yoomitti akka ta'e fuulduratti kan ibsinu ta'a jedheera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

19 Dec, 10:25


‘Karaan amma deemaa jiran Itoophiyaa kasaarsa, Oromoottis diina baay'isa’ - Jawaar Mohaammad

Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad mootummaan amma Itoophiyaa bulchaa jiru walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuu hin barbaadu jechuun himate. Akkasumas biyyi balaatti adeemaa jirti jechuun 'callisnee hin ilaallu'' jechuun dubbate.

Jawaar turtii BBC waliin taasiseen mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduu mariin marsaa sadaffaa dhibuuf mootummaa himate. ''Yaalii sana kan dide warra WBO miti, mootummaadha” jedhe.

Gama biraan sochiin riphee loltootaa daangeeffamuu hime. “Ummanni riphee loltoota hin deeggaru. Ummanni lola ifateera. Riphee loltoonni kuni ummata keessa jiru. Dhahannaa onnee ummataa kana ni beekan. Kanaafin akka isaan fedhanitti deemaa hin jiru,'' jedha.

Itti dabaluun ''kuni mootummaadhaaf waamicha. Karaan amma deemaa jiran kuni Itoophiyaas kasaarsa, isaaniis kasaarsa. Oromootti immoo diina baay'isaa jiran,” jedhe. #BBC #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

18 Dec, 11:50


#Finfinnee

Dhaabbileen Daldalaa halkan hanga sa’aatii 3:30tti tajaajila kennuu eegaluu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Magaala Finfinneetti haala mijataa jirutti fayyadamuun dhaabbileen Daldalaa magaalichaa hanga halkan sa’aatii 3:30tti tajaajila akka kennan Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murteessuu hoggantuun Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee Aadde Habiibaa Siraaj miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Tajaajilli Geejjiba Mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaas hanga halkan sa’aatii 4:00 tajaajila akka kennan taasiifamuu himaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Dec, 15:58


Baankonni biyya alaa gara Itiyoophiyaa akka seenaan heyyamame.

Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 11ffaa har’a gaggeesseen labsii baankonni biyya alaa damee faayinaansii Itoophiyaa keessa akka seenan jedhu raggaasiseera.

Labsii kanaanis baankonni biyya alaa:-

👉 Dameelee hundeessuu,
👉 Waajjira bakka bu’aa banuu, ykn
👉 Baankota biyya keessa jiran irratti aksiyoona bitachuun akka danda'an kan hayyamuudha. 

Dabalataanis labsichi baankonni biyya alaa lammiilee biyya alaa akka hojii gaggeessitoota olaanoo gochuun akka qacaran kan hayyamuudha.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Dec, 13:46


#Raashiyaa #Yukreen

Jeneraalli olaanaa Raashiyaa Igoor Kiriiloov Mooskoo keessatti gamoo mana jireenyaa biratti boombii dhoheen ajjeefameera.


Oppereeshinii ajjeechaa qodaala olaanaa kana duuba ammoo Yukireen jiraachuu amanteetti.

Yukireen ajjeechaa Lentanaat Jeneraal Kiriiloov kan ganama kana Mooskootti raawwatame duuba akka jirtu maddeen nageenyaa Yukireen dubbachuu Rooyitars gabaaseera.

Igoor Kiriiloov jeneraala olaanaa Raashiyaa fi itti gaafatamaa Humna Ittisa Niwukilaraa, Baayoloojikaal-Keemikaalaa (NBC) biyyattii ture.

Kiriiloov humna hooggansa kanarratti kan mudaman Ebla bara 2017 ture. Akka miidiyaan mootummaa Raashiyaa Tass jedhutti, gama barnotaatiin Mana Barumsaa Ajaja Ittisa Keemikaalaa Olaanaa Kostromaa (Kostroma Higher Military Command School of Chemical Defence) keessatti barate.

Jeneraalli kun Daarektoreetii Hogganaa Loltoota Ittisa Raadiyeeshinii, Keemikaalaa fi Baayoloojii dabalatee, waraana Raashiyaa meeshaalee balaafamaa wajjin walqabatan keessatti gahee adda addaa irra tajaajilaniiru.

Kaleessa ammoo, Tajaajilli Nageenya Yukireen (SBU) Kiriiloov Yukireen keessatti meeshaa keemikaalaa dhorkame fayyadamuu isaatiin, bakka hin jirretti murtii irratti murteessuu isaa, Kiiv Indippeedanti gabaaseera.

SBUn Raashiyaan hoggansa Kirilloov jalatti gara yeroo 5,000tti meeshaa keemikaalaa akka fayyadamte himate.

Kiriiloov gahee inni waraanaa Raashiyaa keessaa baheen wal qabatee, UK , Kaanaad fi kanneen birootiin qoqqobbii irra kaa'anii ture.

Maddi:-BBC,Rooyiters

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Dec, 13:44


Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira namaa hawwatuu fi boohaarsaa nama bashannansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol #Oromia

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Dec, 15:38


Israa'el kufaatii Asaadiin booda Lafa Sooriyaa humnan qabatte bal'isuuf karoorfatte

Mootummaan Israa'el karoora Gaarreen Goolaan bakka to'atee jiru keessatti qubsama babal'ifachuu raggaasiseera.

Ministirri muummee Israa'el Benjaamiin Netaanyaahuun sababii erga bulchiinsi Sooriyaa Asaad kufee booda gareewwan finciltoota Sooriyaatiif ''addi haaraan'' karaa daangaa Sooriyaatiin waan banameef kunis sochii barbaachisaadha jedhan.

Netaaniyaahuun baay'ina ummata Gaarreen Golaan kan Israa'el bara 1967tti Waraana Guyyoota Jahaatiin qabattee fi seera addunyaa irratti akka seeraan alaatti ilaalamu dachaa lama guddisuu akka barbaadu dubbatan.

Humnoonni Israa'el guyyoota Asaad itti aangoorraa kaafameen booda gara naannoo ittisaa daangeefame (buffer zone) fi Goolaan Sooriyaa irraa adda baasutti kan ce'an yoo ta'u, Damaasqoo keessatti jijjiiramni to'annoo taasifamuunsaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu "diigeera" jechuudhas jedhaniiru. #BBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

08 Dec, 04:50


#Oduu_Simbirtuu

Sirni Bashiir al-Asaad kuffifame.

Sirni Pirezidaantii Sooriyaa Bashiir Al-Asaad kufee jira. Innis biyya keessaa bahee badeera.

Loltoonni Siiriyaa hidhannoo qaban torbee darberraa eegalee bulchiinsa prezidaantii Bashiir Al-Asad waggoota 24'f hidda godhatee ture kuffisuuf duula waraanaa cimaa geggeessaa turaniiru.

Keessattuu mormitoonni hidhattoota kaabaa waggoota dheeraa booda waraana biyyattii irratti haleellaa tasaa erga bananii booda yeroo muraasatti naannoolee hedduu dhuunfataniiru.

Torban tokko dura Aleppoo kan seenan.

Sana booda ittisni mootummaa guutuu biyyattii saffisaan kufa dhufeera.

Sababa fincila kanaatiin loltoonni kumaatamaan lakkaawaman ofirra qolachuu dadhabuun daangaa ce’anii gara Iraaq seenuun koolu galtummaa gaafachuuf dirqamaniiru.

Mormitoonni magaalotaa fi naannolee ijoo hedduu guyyoota muraasa keessatti sirna Asaad jalaa bilisa kan baasan yoo ta’u, halkan ammoo teessoo Asaad kan taate Damaasqoo akka seenan gabaafameera.

Asaad Damaasqoo gadhiisee akka bahe himama jira.

Ajajoonni waraanaa olaanoo lama pirezidaantichi Damaasqoo irraa gara Rooyitars deemuu isaanii mirkaneessaniiru.

Amma Asaad eessa akka jiru hin beekamu.

Ibsa mormitoonni hidhatan baasaniin ''cunqursaan Bashiir al-Asaad Damaasqoo gadhiisee jira'' jedhan.

"Damashq cunqursaa Bashar al-Asad jalaa bilisa baasneerra" jedhan.

Bashiir al-Asaad biyyaa bahuus beeksisaniiru.

Buufata televijiinii biyyaalessaas to'ataniiru.

Akka viidiyoon tokko tokkoo fi Rooyitars namoota ijaan argan wabeeffachuun ibsutti, lammiileen Sooriyaa daandii Damaasqoo irratti bahanii 'Bilisummaa! Bilisummaa! Dhaadannoo dhageessisaa fi gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 19:30


#Update

"Ibsaa guutuu biyyaatti deebi'aa jira" - Giddugala To'annoo Humna Biyyaalessaa

Giddugalli To'annoo Humna Biyyaalessaa, "Humni ibsaa galgala kana sababa tasgabbii dhabuu sistamaatiin addaan citee ture deebi'aa jira" jechuun beeksiseera.

Akka wiirtichi jedhetti voolteejii sirnichaa tasgabbeessuu fi humna addaan cite suuta suutaan deebisuuf hojjetamaa jira jedheera.

Finfinnee keessatti ibsaan naannolee fi magaalota naannoo tokko tokkotti addaan deebi’uu eegaluu ibsaniiru.

Rakkoon jiru guutummaatti furmaata hin arganne.

Hanga rakkoon guutumatti furmaata argatutti obsaan eeggadha jedheera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 19:30


Magaalaa jaalalaa Dirreetti Jaalalaan kan dhugame peepsiin badhaasa qabatee gale!!! Ho’ina guyyichaa qabbaneessuuf peepsii kan ajajate obbo Balaay Moolaaroo gammachuu isaa malee Elektrikiin isaa kan nama hin utaalchisne konkolaataa elektrikaa BYD Injifateera.

Sadaasa 28 bara 2017 Magaalaa Dirre Dawaatti sagantaa addaa badhaasni dhi’aate irratti abbaa carraa Obbo Belaay Moolaaroo woldaan dhaabbata Aksiyoonaa dhugaatii lallaafaa Mohaan, maamiltoota isaaf badhaasa qopheesse heedduu keessaa carraa 2ffaa kan ta’e konkolaataa elektrikaa BYD badhaasee jira. Warri Dirree baga gammaddan amma illee badhaasoonni baayyee baayyeen abbaa dabaree carraa eegaa jiru. Oomisha Mohaa dhuguun carraa keenya haa yaallu,
haa injifannu Peepsii, Miriindaafi 7-Up ni badhaasisu.

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 15:59


"Guutuu biyyattiitti humni ibsaa addaan citee jira" - Humna Ibsaa Itiyoophiyaa

Galgala kana rakkoo tasgabbii dhabuu siistamaa irraa kan ka'e guutuu biyyattiitti humni ibsaa addaan citeera jechuun Humni Elektirikii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Rakkoo kana furuuf fi humna ibsaa addaan cite deebisuuf warshaalee humna elektiriikaa fi buufataalee raabsaatiin tattaaffiin taasifamaa jiraachuus ibsaniiru.

Maamiltoonni hanga dhimmichi furmaata argatutti obsaan akka eegatan gaafachuun, odeeffannoo jirus dafee akka beeksisu ibseera.

#EEP

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 11:21


Muummichi ministeera gaafii Dabratsiyoon dhiyeesse fudhachu didan

Dabratsiyoon, obbo Geetaachoo Raddaa aangoorra akka kaafaman gaafi dhiyeesse ture.

Ji'oota jahaa oliif waldhabdeerra kan jiran Dura Taa'aa TPLF Dabiratsiyoon Gabramikaa'el fi Pireezidantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa marii tibbana MM Abiy Ahimad waliin taasisan irratti wal-himachuu isaanii gabaafame.

Gareen TPLF Dabratsiyooniin hogganamu rakkoo Tigraay keessatti uumamaa jiruuf dadhabina bulchiinsa yeroo naannichaa ta'uu eeruun, ''Geetaachoon aangoorraa ka'ee iddoosaa ittaanaan isaanii Lt. Jeneraal Taaddasa Warrada akka qabatan" yaada dhiyeessan.

Geetaachoo Raddaan gama isaaniin, "bulchiinsi yeroo sirnaan hojiisaa akka hin dalagne gufuu kan taatan isinii" jechuun Dabrtsiyoon fa'a himatan.

Dabratsiyoon Obbo Geetaachoon aangoorraa ka'anii iddoosaanii Lt. Jeneraal Taaddasaan bakka haa bu'an isa jedhan Ministirri Mummee Abiy Ahimad akka hin fudhanne BBCn gabaaseera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 08:26


#OdaAward

Badhaasni 'Oda Award' marsaa 8ffaan kaleessa Finfinnee, Hoteela Sharaatan Addisitti gaggeeffameera.

'Odaa Award' waggaa waggaan Artistoota hojii Aartii adda addaarratti hirmaatan dorgomsiisee badhaasa fi beekamtii kenna.

Sagantaa badhaasaa kan baranaan albamni sirbaa Guutuu Abarraa 'Gaaffii Koo" jedhu Albamii Filatamaa bara 2016 jedhamuun filatameera.

Andu'aalem Gosaa ammoo sirba 'Bilillee' jedhuun dameewwan Kiliippii Muuziqaa Filatamaa fi Sirba Qeenxee Filatamaan badhaasota lama injifateera.

Dabalataan,

• Sirba garee ykn cimdii filatamaa bara 2016 - Adam Mohaammadiifi Caaltuu Buttoo (Gadaa Malee)

• Sirba dhageettii guddaa argate - Yoosan Geetaahun (Baala Gizee)

• Weellistuu dubartii cimtuu - Lamlam H/mikaa'el (Waliini)

• Wellistuu haaraa cimtuu- Asaantii Aschuu (Miraara koo)

• Sirba ammayyaa filatamaa - C Boy (Ajab)

• Kitaaba asoosamaa filatamaa - 'Gungummii Eelaa' Jiinenus Dajanee

• Kitaaba walaloo filatamaa - 'Miilas Miilaanis' Gammachuu Taliilaa

Kana malees, Artiist Ilfinash Qannoo dabalatee artistonni 3 badhaasa umrii guutuu badhaafamaniiru.

Dabalataan, Odaa Award biyyarra darbe Artistoota biyyoota Baha Afrikaa 8’f badhaasa fi beekamtii kenneera.

Wellisaan Ugaandaa beekamaan Eedii Keenzoo badhaasa 'East African Superstar' jedhu argateera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 08:24


Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira namaa hawwatuu fi boohaarsaa nama bashannansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol #Oromia

TIKVAH AFAAN OROMOO

07 Dec, 05:35


Ayyaanni Sabaa fi Sablammoota itoophiyaa guyyaa boruu Arbaamincitti kabajama.

Miseensonni garee aadaa kutaawwan biyyattii garaa garaa irraa dhufan guyyaa saboota sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 19ffaa irratti hirmaachuuf magaalaa Arbaaminci galaa jiru.

Guyyaan saboota sablammootaafi ummattoota Itiyoophiyaa 19ffaan mata duree ' Walii galteen biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessaaf' jedhuun bor sadaasa 29 bara 2017 kabajama jedhameera.

Ayyaanni kunis bakka hoggantoonni olaanoo mootummaa federaalaa, naannolee, magaalotaafi gareewwan aadaa naannolee argamanitti naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Arbaamincitti kabajama.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

06 Dec, 15:54


Biiroon Kantiibaa Maqalee saamsame

Waldhabdee garee ABUT lamaan gidduutti mudateen walqabatee biiroon kantiibaa magaala Maqalee saamsamuun ibsame.

Waldhabdee garee hoggantoota ABUT gidduutti mudate hordofee biiroo kantiibaa magaala Maqaleerratti barreeffamni “saamsameera” jedhu maxxanfamuu VOA’n gabaaseera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

06 Dec, 10:47


#godaansa🚨

"Ji'oota 15 darban qofa keessatti dargaggoonni kuma 38 ol baqataniiru, isaan keessaa kuma 6 ol du'aniiru" - Biiroo Ispoortii fi Dargaggoota Tigraay

🚨"Rakkooleen jiran qeerroon abdii dhabee godaansa seeraan alaa akka filannoo tokkichaatti akka ilaalu taasisaa jira!"

Lola suukaneessaa fi jibbisiisaa Tigraay keessatti geggeeffamaa ture irraa kan ka’e godaansi seeraan alaa, miidhaa fi duuti dargaggoota irra ga’u hammaateera jedhame.

Hojiirra oolmaan Waliigaltee Piriitooriyaa seeran guutamuu dhabuu, hojiin ijaarsa deebisanii ijaaruu jalqabuu dhabuu, fi hoji dhabdummaan bal'achuun godaansi dargaggoota seeraan alaa akka dabalu sababa ta’uu himameera.

Kana kan dhageenye waltajjii Biiroon Ispoortii fi Dhimma Dargaggoota Tigraay dhaabbilee arjoomtootaa waliin ta'uun waltajjii "Godaansa Seeran Alaa" qopheesse irraayi.

Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa booda godaansa seeraan alaa lubbuu dargaggoota hedduu galaafachaa jiru ilaalchisee qorannoon aanaalee naannichaa 49 keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti ji’oota 15 darban qofa keessatti dargaggoonni kuma 38 gara biyya biraa godaananii jiru.

Baqattoota 38,000 keessaa bara darbe imalaa osoo jiranii 6,000 ol du’aniiru, Kanneen dhabamanii fi madaa'anis hedduudha.

Jalqaba bara 2017 irraa eegalee dargaggoonni kuma 6 ol ta’an seeraan ala kan baqatan yoo ta’u, isaan keessaa gara 300 ta’an du’aniiru.

Balaan kun naannichaaf balaa guddaa ta’uu isaa biirochi beeksiseera.

Biiroon Ispoortii fi Dargaggoota Naannoo Tigraay mootummaan federaalaa fi dhaabbileen arjoomtota deeggarsa isaanii dheeressuun rakkoon cimaan kun akka furamuuf waamicha dhiyeessee jira.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Dec, 11:48


#Update

Obbo Taayyee Danda’aan hidhaa waggaa tokko booda gadhiifamanii maatii isaanitti makaman.

Hidhaa waggaa tokko booda kaleessa mana hidhaa Qilinxoo irraa yeroo bahan balbalatti qaamolee nageenyaan fudhatamanii gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti kan geeffaman Taayyee Danda’aa, har’a gadhiifamanii maatii isaanitti makamuu haati warraa isaanii Addis Standard’tti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon, “ganama isa gaafanne erga deebine booda guyyaa walakkaa nutti bilbilee baheera kottaa na fudhaa nuun jedhe. Nuti qaqqabuu waan hin dandeenyeef maatiin dhiyoo jiru dhaqee fudhatee amma mana galeera,” jedhan. 

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Dec, 11:11


#Afar #Somale

Affaarii fi Somaaleen hidhamtoota isaanii wal jijjiiran.

Naannoon Somaalee fi Affaar walitti bu’iinsa daangaa gidduu isaanitti tureen walqabatee hidhamtoota qabanii turan wal jijjiiruu isaanii Ministeerri Nagaa Itoophiyaa ibse.

Naannolee lamaan hidhamtoota qabanii turan kan wal jijjiiran marii Ministeerri Nagaa aanga’oota naannolee lamaan, Poolisii Federaalaa fi Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin taasise hordofee ta’uun ibsameera.

Adeemsi kun waldhabdee naannoo sanatti uumame hiikuudhaan nagaa buusuuf, akkasumas dhimmoota deebi’anii walitti bu’iinsaaf geessan furmaata waaraa akka argataniif mariif balbala ni bana jedhameera.

Kanaan dura waldhabdee naannolee daangaa naannoo Affaarii fi Somaaleetti uumaman mariidhaan hiikuuf waliigalteerra ga’amuu isaa pireezidaantonni naannolee lamaan waloon ibsanii turan. #AS

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

04 Dec, 17:39


#Naamibiyaa

Naamibiyaatti Pirezidaantiin Dubartii jalqabaa filannoo injifatteerti.

Kaadhimamaa paartii biyya bulchaa jiruu Paartii Iswaappo (SWAPO) kan ta'an Netuumboo Naandi-Nidaayitiwaah sagalee dhibbeentaa 57 ol argachuun injifachuu isaa Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa beeksiseera.

Morkataan isaanii Paanduuleeni Eetullaa sagalee dhibbeentaa 26 argateera.

Rakkoo loojistikii fi harkifannaa sagalee kennuu naannoo tokko tokkotti guyyoota sadiif tureen mormitoonnni ykn paartiin Eetulla bu'aa filannoo akka hin fudhanne beeksisaniiru.

Kanarraa kan ka’e, halkan edaa magaalaa guddoo Wiind-hook keessatti yeroo bu’aan filannoo ifoomu paartileen siyaasaa mormitootaa hedduu hin argamne.

Pireezidaantiin filataman bu’aa filannoo kana hordofuun “Ummanni Naamibiyaa nagaa fi tasgabbii filateera” jedhaniiru.

Paartiin Iswaappo bara 1990 yeroo biyyattiin koloneeffannaa jalaa walaba baatee eegalee aangoo irra jira.

Pireezidaantiin filatamtuun kun itti aanaa pireezdaantii biyyattii ta'uun waggoota 25 darbaniif gitoota mootummaa adda addaa irratti tajaajilaa turaniiru.

Pirezidaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Hasan booda Afrikaa keessatti pirezidaantii dubartii lammaffaa ta'aniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

04 Dec, 10:23


Qondaaltonni WBO Jaal Sanyii Nagaasaan durfamu Kantibaa Adaanech Abeebee waliin mari’ate

Qondaaltonni Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Sanyii Nagaasaan durfamu Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin mari’ateera.

Jilichi hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee erga daawwatee booda Yaadannoo injifannoo Adwaatti Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin mari’ateera.

Aadde Adaanech hoggantoota kanneen simachuun baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Waamicha mootummaa fi ummataaf deebii hoggantoonni kunneen kennan galateeffataniiru.

Jaal Sanyii Nagaasaan gama isaaniin, simannaa taasiifameef galateeffachuun miidhaa fi gadadoo ummatarra gahaa jiru hambisuuf daandii nageenyaa filachuu isaanii himuu ragaan

(Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinnee)

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

03 Dec, 07:30


Tigraay Keessatti Kanneen Shamarree Butanii Ajjeesan Adabnii Itti Muramee Jira

Bulchiinsa naannoo Tigraay magaalaa Adwaa keessatti shamarree ol adeemtuu umriin 16 Maahleet Teklaay iggitanii kan ajjeesan namoonni lama adabbii du’aa fi hidhaa umrii guutuu irratti muaramee jira.

Manni murtii Godiina Maqalee wiixata kaleessa murtii kenne kanaan himatamaa 1ffaa Awwat Haagoos kan umriin 24 du’an, himatamaa 2ffaa Naahoom Fitsuum kan umriin 20 hidhaa umrii giituun akka adabaman murteessee jira.

Abbaan Maahleet Obbo Taklaay Girmaay murtii kana akka fudhatan ibsanii hojii irra akka olfamuufis gaafatanii jiru.

Waajirri Abbaa Alangaa kan magaalaa Maqalee gama isaan murtiin kennamee kun midhaan dubartoota irratti raawwatamuu akka itti hin fuufneef baruumsa kenna jedhe.

Bulchiinsii Naannoo Tigraay torban dabree miidhaan Dubartoota irra ga’u akka dhaabatu akkasumas midhamtootaaf murtiin haqaa akka kennamuu gochuuf waltajjii qopheessee jira jedhe. #VOA

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

03 Dec, 07:27


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Dec, 11:20


Obbo Taayyee Danda’aa wabiin akka gadhiifaman murtaa'e

Deetaa Ministeera Nagaa kan turan fi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii heeyyamuunsaa himame.

Ganama har’aa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu BBC’tti kan himan haati warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo dhaddachichi Obbo Taayyeef mirga wabii heeyyamuu himaniiru.

“Har’a Mana Murtii Ijibbaataatti dhiyaannee ture. Isa sana manni murtii mureefira” jedhan.

Dabalataan “Maallaqa 20,000 (birrii) qabsiisanii yookiin nama waammatanii akka bahuu danda’an murteessera. Adeemsa godhamuu qabu gochuudhaaf sa’aatii 8:00 irratti nubeellamaniiru” jedhan.

Bara darbe keessa aangoorraa erga kaafamanii booda to’annoo jala kan oolan Obbo Taayyeen, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himanni irratti banamuun isaanii kan yaadatamuudha.

Maddi:-BBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Dec, 09:20


#Shirkaa

Godina Arsii Aanaa Shirkaatti namoonni sagal hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Shirkaatti haleellaa hidhattoonni Kamisa darbe raawwataniin dubartootaa fi maanguddoota dabalatee yoo xiqqaate namoonni sagal ajjeefaman. Jiraattonni ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himatan.

Jiraataa aanichaa tokko yaada VOA’tti laateen, obboleessi isaa quxusuu hidhattootaan manaa fudhatamee lagatti ajjeefamuu hime. Jiraataan kan biraa ammoo namoota afur hidhattootaan butamuufi eessa buuteen isaanii hanga ammaatti akka hin beekamne himeera.

Viidiyoon awwaalcha jumlaa agarsiisu addatti mirkanaa’u baatuus miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa tureera.

Gorsaan ajajaa WBO Jireenyaa Guddataa yaada VOA’tti laataniin, gareen hidhattootaa kun ajjeechaa tibbanaa irratti hirmaannaa qabaachuu haalaniiru. #VOA

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Dec, 04:08


Itoophiyaan Atileetota cimoo waggaa 2 filachiiftee

Atileet Taammiraat Tolaa fi Simboo Alamaayyoon badhaasa Atileetii cimaa fi cimtuu waggaa injifataniiru.

Atileet Taammiraat Tolaan badhaasa Atileetii cimaa Istaadiyeemiin alaa injifateera.

Atileet Simboo Alamaayyoonis badhaasa Atileetii guddaattuu cimtuu injifatte.

Akkasumas dhalattuun Itiyoophiyaa lammiin Neezarlaand Atileet Siifan Hasan badhaasa Atileetii cimtuu Istaadiyeemiin alaa injifachuu ragaan Atileetiksii addunyaarraa argame ni mul'isa.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

01 Dec, 11:45


Araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO zooni G/G gidduutti mallatteeffame.

Guyyaa har’aa Hooggansa Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO zoonii G/g gidduutti walii galteen Araaraa mallatteeffameera.

Waliigaltee kanas gama Mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi gama WBOn ammoo qondaala olaanoo WBO kan ta’an jaal Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.

Ajajni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa Sanyii Nagaasaan durfamu jaarmiyaa hidhattootaa Jaal Marroo ykn Kumsaa Dirribaan hogganamu irraa adda bahuu isaa gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

Suura:OBN

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Nov, 06:28


#Update

Namoonni dubartii tokko mukatti hidhanii reebsisan hidhaa hanga waggaa 7 irratti murtaa’e

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti namoota dubartiin haadha ijoollee sadii taate tokko abbaa warraasheetin gara jabinaan akka reebamtee miidhaa qaamaa cimaa akka gahu taasisuun himataman hidhaa cimaan adabamaniiru.

Viidiyoon gocha kana mul’isu ji'a tokkoon dura miidiyaarratti qoodamuu fi gabaasun keenya ni yaadatama.

Kanumaan hordofee namoota yakka kanaan shakkaman himatamtoonni:-

👉1ffaa - Galgaloo Waariyoo [abbaa warraa miidhamtu],
👉2ffaan- Jaarsoo Boruu,
👉 3ffaan- Galgaloo Jaatani fi
👉 4ffaan- Dhibaa Goollicha jedhaman to’annoo jala oolanii turan. 

Himata irratti dhiyaateen miidhamtuun waldhabbii ishiif himatamaa 1ffaa (abbaa warraashee) gidduu jiruun himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan jaarummaan taa'uun miidhamtuun akka mukatti hidhamte abbaa warraatin reebamtu taasisuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu ibsameera.

Himatamaa 4ffaan ammoo hogganaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Ganda Qaqalloo yoo ta'u, miidhamtu osoo hin reebamiin dura gargaarsa yeroo gaafattu gargaaruu diduu fi erga reebamte booda milishaa ajajuun ishee hiisisuu isaatin himatameera.

Manni Murtii Aanaa Waacillee dhaddacha Sadaasa 19, 2017 ALI ooleen himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa irratti adabbii hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji'a 4, himatamaa 3ffaa irratti ammoo adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi ji'a 2 murteesseera.

Akkasumas himatamaan 4ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi qarshii 5,500 irratti murtaa'eera.

(kominikeeshinii aanaa Waacilee)

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Nov, 06:27


Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira namaa hawwatuu fi boohaarsaa nama bashannansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol #Oromia

TIKVAH AFAAN OROMOO

29 Nov, 16:05


#Taarifa

Finfinneetti tajaajila geejjibaa baabura salphaa irratti daballiin taarifaa taasifameera.

Tajaajilli amma jiru birrii 10 ka ture yoo ta'u, gara birr 20 akka dabalu beekkamera.

Dabalaa taarifa geejjibaa baaburaa kun muudde 1/2017 kan eegalu ta’uu odeeffannoo Biiroo Geejjibaa Finfinnee irraa argame ni agarsiisa.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

28 Nov, 07:44


Tigraayitti Hoomaan Simbira Girrisaa oomisha miidhaa jiraachuu ibsame

Godina Kibba Tigraayitti hoomaa Simbira Girrisaa mudateen oomishni Mishingaa lafa hektaara kuma 1 irra ture barbadaa’uu ibsameera.

Hoomaan Simbira Girrisaa kun Aanaa Raayyaa Carcaritti Oomisha Mishingii lafa hektaara kuma 1 irratti misoomee ture guutummaatti barbadeessuu ibsameera.

Hoomaan kun miidhaa caalu osoo hin qaqqabsiisuun qaamni dhimmi ilaallatu hojii ittisuu akka hojjetan qonnaan bultoonni aanichaa gaafataniiru. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

27 Nov, 17:50


"karameellaa siif kenna" jechuun namtichi daa'ima waggaa 9 gowwomsuun gudeede hidhaa waggaa 14'n adabame.

Magaala Yirgaa-caffeetti namtichi dhuunfaa daa'ima waggaa 9 dirqiin gudeede hidhaa waggaa 14 itti murtaa'eera.

Namtichi kun gudeeda kana kan raawwate gaafa guyyaa 10/9/2016 tilmaamaan naannoo sa'aatii 4tti magaala Yirgaa Caffee ganda Kaarra bakka addaa beetakiristaana Qiddis kidaana mihrat jedhamuun waamamutti dha.

Miidhamtuun dhuunfaa daa'imni waggaa 9 tun barattuu yoo taatu, barumsa dabalataaf waamamte osoo barattee deebi'aa jirtuu mana dhugaatii keessa taa'uun koottu Karameella fudhadhu jedhee waamun, karameellaa daasta jedhamu akkuma nyaatteen of wallaaluu ishee ibsameera.

Achiin booda daa'ima waggaa 9 tana gudeeduun yakka kana dalageera.

Yakkamaan kunis hidhaa waggaa 14 itti murtaa'uu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

27 Nov, 10:27


Birriin tiriiliyoonni 3.25 karaa #Teeleebirriin daddabarfamuu ibsame

Appilikeeshinii Itiyoo Telekoom waggaa sadii dura Caamsaa 2021 gara hojiitti seene ‘Teeleebirrii’ hanga ammaatti Birrii tiriiliyoonni 3.25 daddabarsuu Itiyoo-Teelekoom beeksise.

Itiyoo Telekoom sirna daldala dijitaalaa fi mala gabaa elektirooniksii irratti bakka bu’oota indaastirii omishaa fi qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

Marii kana irratti hojii raawwachiistuun dhaabbatichaa Firehiiwoot Taammiruun akka ibsanitti, Itoophiyaatti Teeleebirriin daddabarsa maallaqaa dijitaalawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Yeroo ammaas fayyadamtoonni appilikeeshiniichaa miiliyoona 51.3 qaqqabuu eeruun, appilikeeshinichi erga hojiirra ooluu eegalee Birrii tiriiliyoonni 3.25 ittiin daddabarfamuu dubbataniiru.

Itiyoo Teelekoom ‘Dijitaal Itoophiyaa’ galmaan ga’uuf tattaaffii eegaleen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

27 Nov, 09:58


#DambiiDoolloo #Airlines

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa balallii guyyuu gara Dambii Doollootti eegaluuf ta’uu beeksiseera.

Daandiin Qilleensichaa balallii guyyuu Sadaasa 27, 2017 irra eegalee gara Magaalaa Dambii Doollootti kan taasisuu ta’a.

Daandiin Qilleensichaa kanaan dura Torbanitti guyyoota sadii gara magaalatiitti balalii taasisaa turuun ni yaadatama.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Nov, 10:20


#Paaralaamaa #MMBBU

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa bajata dabalataa Mootummaa Fedeeraalaa birrii biiliyoona 582 raggaasiseera.

Mana marichaatti Waamamaan Mootummaa Doktar Tasfaayee Baljigee wixnee bajatichaa kan dhiyeessan yoo ta'u, gaaffiifi yaada miseensota mana marichaarraa dhiyaateef Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaafi deebii kennaniiru.

Manni marichaas erga bal'inaan irratti mari’atee booda sagalee guutuun raggaasiseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Nov, 10:19


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Nov, 06:56


Mootummaan karoora mindaa xiqqaa murteessuuf ture sodaa rakkoo uumaa jedhuun harkifachiiseera.

Mootummaan guutummaa biyyattiitti sadarkaa mindaa xiqqaa hojiirra oolu murteessuuf yaadaa jiraatus, miidhaan isaa bu’aa isaa caalaa sodaa jedhuun murteessuu irraa of qusateera jechuun gaazexaan Ripportaraa dubbisiiseera.

Qondaalli mootummaa olaanaa dhimmichatti dhihoo ta'an tokko, "seeraan mindaa xiqqaa murteessuun hojii dhabdummaa fi rakkoo hawaasummaa fiduu waan danda'uuf, haala kana ilaaluun barbaachisaa waan ta'eef harkifateera" jedhan.

Kana malees, mootummaan mindaa xiqqaa seera yoo baase, hojjechiistonni hojjettoota ogummaa qaban ni filatu, Kunis hojjettoota mindaa xiqqaa argatan irra caalaan isaanii hojii ala gochuudhaan rakkoo hawaasummaa uumuu danda'a jedhaniiru.

Pireezdaantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjetoota Itiyoophiyaa (KWHI) obbo Kaasahun Fooloo gama isaaniitiin, konfedereeshinichi mootummaan daangaa mindaa xiqqaa murteessuuf hojii gaggeeffamaa jirus ta'ee qorannoon gaggeefamuu isaa akka hin beekne ibsaniiru.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

23 Nov, 15:58


Qajeelfamni diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa ifoome

Qajeelfamni diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa ministeerri geejjibaa fi loojistiksii inistiitiyuutii imaammata misoomaa geejjibaa idil addunyaa waliin qopheesse ifoome.

Egzibiishinii fi Siimpooziyeemiin Itiyoo-giriin moobiliitii kaleessa baname ittifufeera.

Qajeelfamni (maanuwaaliin)diizaayinii daandii magaalota Itiyoophiyaa inistiitiyuutiin imaammata misooma geejjibaa idil addunyaa fi ministeerri geejjibaa fi lojistiksii qopheessan ifoomeera.

Qajeelfamni kun misoomota kooriidarii magaalotaa akkasumas daandiiwwan bisikileetii fi lafoo kan yaada keessa galche ta’uun eerameera.

Qajeelfamichi daandii konkolaattota geejjiba hawaasaa daandiin biskileetii fi lafoo bal’isuun tajaajilli geejjibaa mijataa akka jiraatu nitaasisa jedhameera.

Faalama qilleensaa addunyaatti gufuu ta’e kana ittisuuf geejjiboota humna haaromuun hojjetanitti fayyadamuu barbaachisa jedhan.

Itiyoophiyaan anniisaa haaromu qabdutti fayyadamuun sektara geejjibaa ammayyeessuuf tarsiimoo magariisaa baaftee hojjechaa akka jirtu eeraniiru.

Geejjiba hawaasaa fi biskileetii bal’isuun cinaatti daandiiwwan lafoo mijataa ta’an hojjechuun lammiin fayyabuleessi akka uumamu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. #TOI

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

23 Nov, 15:57


Mohaa dhaabbanni dhugaatii lallaafaa itti gaafatamummaan isaa
murtaa’e.maamiltoota isaaf badhaasa inni qopheesse keessaa carraan
konkolaataa elektrikaa Voolswaagen ID4(VW ID 4) magaalaa keenya
Finfinneetti haadha carraaf ba’ee jira.
Haati carraa Aadde Meqdes Asnaaqee badhaasa isaanii sadaasa 14 bara
2017 magaalaa Finfinneetti sagantaa badhaasa addaa qophaa’e irratti
fudhataniiru.
Kana dura jiraataa magaalaa hawaasaa kan ta’an obbo Ermiyaas carraa
konkolaataa elektirikaa Voolswaagen ID4 (VWID4) mo’achuun isaanii ni
yaadatama.
Ammas carraa heedduun abbaa carraa eegaa jiru. Oomisha peepsii
dhandhamachaa carraa keenya haa yaallu. Haa injifannu! Peepsii,
Miriindaa fi 7Up ni badhaassisu!

TIKVAH AFAAN OROMOO

23 Nov, 05:45


#Itoophiyaa

"Biyya alaatti isin ergina" sababa jedhuun "gowwoomfamne, saamamneerra" jechuun namoonni komii dhiyeessan baay'achaa jira" - Waajjira Haqaa Finfinnee

Amma amma Itoophiyaa keessatti namoonni hedduun, keessattuu dargaggoonni fedhiin gara biyya alaa deemuuf qaban dabalaa dhufeera.

Dargaggoonni kunniin biyyaa bahuuf yaalii adda addaa yeroo taasisan ni mul'ata.

Karaan isaan biyya alaa imaluuf yaalan keessaa tokko immoo karaa dallaalatiin, ejentoota imalaafi karaa kanneen birootiini.

Dargaggoonni barnootaan, hojii fi turizimiif biyyaa bahuuf yaalu.

Jireenya ofii fi maatii isaanii jijjiiruuf, umriin dargaggummaa isaanii osoo hin xumuramin waan tokko oomishuuf, maatii ijaaratanii jireenya gaarii jiraachuuf, hiyyummaa keessaa bahuuf jechaa yeroo carraalee biyya alaa yaalan gowwoomsitoota gara laafina hin qabne gowwoomfamuun isaanii ni mul’ata.

Fedhii dargaggootaa ilaalaa, Awurooppaa fi Ameerikaa isin ergina jedha bakka yakkaa fi nageenyi hin jirretti eegitoonni (dallaalonni) ergan baay’achaa dhufeera.

Magaalaa Finfinneettis bakka bu'oonni imalaa hojii seeraan alaa hojjatan sadarkaa sodaachisaa irra gaheera jedhame.

Waajjirri Haqaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee yaada Ahaaduuf kennaniin "Dhaabbileen imala biyya alaa fi gorsitootaa akkasumas ergitoonni (dallaalonni) "biyya alaa isin ergina sababa jedhuun gowwoomfamnee fi saamamnee jirraa" jechuun namoonni komatan dabalaa dhufuu isaa beeksiseera.

Komiin kun yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun isaa hubatameera.

"Komii kana erga dhageenyee booda callisuun sirrii miti" kan jedhe wajjirichi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf kallattiin gara Komishinii Finffinnee fi Poolisii Federaalaa erguun hojjataa jira jedheera.

Eeru namootaa hedduufi komii dhiyaate hordofuun kanaan dura ejentoota imala biyya alaa 40 ol hojii seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa waajjirichi ibseera.

Waajjirri Haqaa; "Hawaasni karaa adda addaatiin biyya alaa deemuu yeroo barbaade, Ministeerri Hojii fi Ogummaa Ejentoota seera qabeessa adda baasee raabsee waan jiruuf, miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti argachuu ni danda'u" jedheera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

23 Nov, 05:45


Kiloolee Boqqonnaa 2ffaa, qophii muziqaa irrattii xiyyeffatee weeliistoota beekamoo Afaan Oromoo ta'aan, barsiisaa muziqaa fi weliisaa Aniis Gabiin kan qophaa'ee dhiiyatu. 

#MaaddiiAbol DStv Ethiopia  Chaanaalii 489 irratti daawwadhaa📺!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Nov, 16:34


"Dargaggeessii ajjeechaan irratti raawwatame Darajjee Amaara Tasfaa jedhama. Barnoota kutaa 10ffaa isaa xumuree gara maatii isaa deeme ture"" - Jiraattonni

Ajjeechaa gara jabinaa dheekkamsa kaase kana irratti jiraattonni maal jedhu?

Tibbana kana godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti dargaggeessi tokko hidhattootaan qabamee bifa sukkanneessaa fi gara jabinaan yeroo ajjeefamuu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti erga mul'atee booda namoota hedduu dallansiiseera.

Jiraattonni naannoo sanaa dhimmicha ilaalchisee BBC Afan Oromoo'f yaada kennaniin, "ajjeechaan kun kan raawwatame hidhattoota Faannoo naannoo sana keessa socho'aniin" jedhaniiru.

Taateen kun ji'a 2 dura akka ta'es ibsaniiru.

Dargaggeessi ajjeefame kun eenyu?

Dargaggeessi Daani'eel Gammadaa jedhamu godina Shawaa Kaaaba aanaa Darraa imaluun maatii nama du'ee haasofsiisuu isaa ibseera.

Dargaggeessi ajjeechaan irratti raawwatame Darajjee Amaara Tasfaa akka ta'ee fi barnoota kutaa 10ffaa xumuree gara maatii isaa kan deeme ta'uu ibseera.

Viidiyoo suukaneessaa kana irratti kan mul'atu barataa kutaa 10ffaa kanaan dabalataatti, hiriyaan isaa Kamaal Huseen guyyuma sanatti ajjeefamuun ibsameera.

Guyyaa haleellaan kun raawwatame jiraattonni naannoo sanaa gara gaara Bakajammaatti baqatanii turan. Darajjee fi kanneen biroo garuu qe'ee isaanitti kan hafaniif beeyladoota dawooti hafan eeguuf ture.

Hidhattoonni naannoo sana jiran Darajjee fi Kamaal irratti dhukaasa banuu isaanii jiraattonni himaniiru.

Abbaa Darajjee kan ta'an Obbo Amaara Tasfaa Tolaa argee dubbiseera kan jedhu Daani'eel, "Guyyaa sana ari'uun itti dhukaasani miila isaa erga rukutanii booda, gara iddoo Sarkulaa jedhamutti geessan. Naannoo sanatti irra baay'innaan Faannoon kan socho'u"  jedhan.

Darajjeen gara jabummaadhaan ajjeefamee reeffi isaa bineensatti kan darbatame naannoo sanatti kan jedhan abbaan kun, ajjeechaa ilma isaa dhaga'anis reeffa argatanii awwaaluu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Haadhaa fi abbaan Darajjee sababa du'a ilma isaaniitiin rakkoo fayyaa sammuu isaanii sarbamuu ibsamee jira.

"Haati Darajjee sammuun ishee waan miidhameef hin dubbattu. Waan godhan hin beekan. Nama kamiifuu deebii hin kennan" kan jedhame.

Darajjeen maatii keessaa daa'ima quxisuu waan ta'eef obbolonni dhiiraa fi durbaas gaa'ila godhatanii manaa waan ba'aniif haadhaa fi abbaa isaa gargaaruuf isa qofaa akka ta'e hubatameera.

Mormiin barattoota yunivarsiitii maali ture?

Barattoonni yunivarsiitii adda addaa ajjeechaa gara jabinaa kana argan guyyaa har'aa hiriira bahaniiru.

Nyaata isaanii dhiisani ka'uun gaddaa fi dheekkamsa isaani ibsaniiru.

Haqni akka mirkanaa’u, itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uu fi yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan gaafataniiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa dhimmicha dhagahee qorannoo akka eegalee fi gara fuulduraatti bu'aa isaa kan ifoomsu ta'uu ibseera.

#Salaalee #Darraa #BBCAO

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

20 Nov, 16:54


Taateen namoota humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguun dabalaa jira.

Naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti taateen namoota fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafatamuun hammaachuu jiraattonni himaniiru. 

▶️Jiraataan godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee sababa nageenyaatif maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, gandoota 19 keessatti yeroo ammaa kana barattoota, qonnaan bultoota fi daldaltoota dabalatee namoonni 250 ol humnaan leenjii waraanaaf fudhatamuu himeera. 
 
Itti dabaluunis, humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguu kun osoo hin jalqabin dura gandoota adda addaa fi magaalaa Fittaal keessatti namoonni fedhii qaban leenjii waraanaaf akka galmaa’an beeksisni bahee akka ture himeera. 

Haa ta’u malee, namni “fedhii isaatiin galmaa’e waan hin jirreef” humnoonni mootummaa fi bulchitoonni gandaa dargaggoota naannoo sanaa humnaan leenjii waraanaatti galchuu akka jalqaban taasisuu hime.

Itti dabaluun, gandoota baadiyyaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti Waraanni Bilisummaa Oromoos dargaggoota leenjii loltummaaf ukkaamsaa jiraachuu hime.

“Jiraattonni aanaa Yaayyaa Gullallee humna mootummaa ykn miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo argan ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti akka hin ergamneef dhokachaa jiru.” 

Taateen walfakkaataa godinaalee Oromiyaa biroottis mudachaa jira. Jiraataan godina Jimmaa aanaa Saxxammaa Addis Standard dubbise, oboleessa isaa dabalatee namoonni 20 ol to’annoo humnoota nageenyaa mootummaa jala ooluun kanneen birrii gaafataman kaffalan gadi lakkifamuu fi kanneen hin dandeenye gara leenjii waraanaatti ergamuu hime. 

Jalqaba namoonni kunneen lafa dheedichaa bal’aa invastarootaaf dabarfamuu mormuu isaanii hordofee to’annoo jala oolan. Ergasii guyyootaaf buufata poolisii aanaa Saxxammaatti tursiifaman.

Jiraataan aanichaa kun obboleessi isaa Onkoloolessa 23, 2024 mana jireenyasaa irraa fudhatamuu eeruun, isa hiiksisuuf poolisiin tokkoon tokkoon hidhamtootaaf birrii 60,000 hanga 70,000 gidduu isaan gaafachuu hime. 

Maatiin qarshii gaafatame poolisii fi qondaaltota aanaaf kaffaluu yoo dadhaban hidhamtoonni gara leenjii waraanaatti ergamuu akka danda’an ibse. Boodarra birrii 60,000 kaffalanii isa gadhiisisuu hime.

”Ganda keenya qofa osoo hin taane gandoota 18 keessatti namoonni yeroo gabaa dhaqan milishaa fi aanga’oota aanichaan qabamanii gara leenjii waraanaatti ergamaa jiru,” jedhe. 

Taateen kun gandoota baadiyyaa irratti qofa kan daangeeffame miti. (AS)

Naannawa Keessan waan jiru fi haala taatee kana bal'innaan @tikvahorobot irratti nuuf erguu dandeessu.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

20 Nov, 02:57


#Salaalee

Godina Salaalee aanaa Dharraatti hidhattoonni Faaannoo nama nagaa irratti ajjeechaan suukkaneessaan raawwatachuun isaani dhagahame.

Viidiyoon miidiyaa hawaasa irratti qoodama jiru dheekkamsa guddaan uumeeraa.

Viidiyoo kana irratti hidhattoonni faannoo dargaggeessa tokko yeroo gadi cibsani akka horiitti billaan qalan fi afaan Amaariffatiin " Iradaw, Gaalla" yeroo jedhan dhagahama.

Akkasumas hidhattoonni kun godina gochoota sukkanneessaa raawwacha jiraachu himameera.

Oduu dabalataa isin biraan geenna!

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

19 Nov, 10:50


#Somaliland

Abdurrahmaan Mohammed Abdullahi "Iroo" filannoo pireezdaantii Somaaleelaand injifate.

Filannoo preezdaantummaa Somaaleelaand torbee darbe gaggeeffame irratti kaadhimamaa Paartii Waadanii kan ta'e Abdurrahmaan Iroo injifachuu isaa Komishiniin Filannoo har’a beeksisee jira.

Pireezidaanti Muusee Bihii Abdii fi Faayisal Alii Warbeen filannoo kanarratti hirmaatanis osoo hin milkaa'im'n hafan.

Paartiin Iiroo sagalee dhibbeentaa 63.92 argachuun filannoo kana injifateera. Pirezidaantiin aangoo gadhiisaa jiran Muusees Bihii kan Paartii Kulmiyee %34.81 argateera.

Somaaleelaand biyya Somaaliyaa irraa adda baatee of danda'eera jettudha. Waggoota muraasa darbaniif Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa waliin walitti dhufeenya tokkollee hin qabdu.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

19 Nov, 06:52


#USA

"Dhugaadha" - Tiraamp

Doonaald Tiraamp godaantota waraqaa ragaa hin qabne jumlaan biyyaa ari’uuf humna waraanaa fayyadamuun ni mala jedhameera.

Pirezidaantiin filatamaan Ameerikaa Tiraamp akkuma yeroo duula filannootti deeggartoota isaaniif waadaa galaniin godaantota waraqaa ragaa hin qabne miliyoonaan lakkaa’aman gara biyyoota dhaloota isaaniitti ni ari’u.

Haaluma kanaan, guutummaa biyyattii keessatti labsii yeroo muddamaa labsuun fi qabeenya waraana Ameerikaa fayyadamuun baqattoota ari’uu akka danda’an himamaa jira.

Pirezidaantiin dhaabbata Judishiyal Waach kan ta'an Toom Fiitoon guyyaa 10 dura miidiyaa hawaasummaa Tiraamp 'Truth' jedhamu irratti bulchiinsi itti aanu labsii hatattamaa biyyaalessaa labsuu fi qabeenya waraanaa fayyadamuun baqattoota baay’inaan biyyaa ari’uu ni mala jechuun barreessaniiru.

Tiraampiis odeeffannoon Fiitoon "Dhugaadha!" Jechuun raabsaniiru.

Akkuma Pirezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp aangoo qabataniin tartiiba hojii isaanii inni jalqabaa godaantota biyyaa ari’uudha. Sababa kanaan baqattoonni hedduun "Ameerikaa keessaa ari'amuuf jirra" jechuun dhiphina guddaa keessa jiru.

Godaantonni waraqaa eenyummaa hin qabne tokko tokko Tiraamp biyyaa kan ari'u 'yakkamtoota' qofa irratti kan xiyyeeffate jechuun abdii godhaniiru.

#USA #deportation

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

19 Nov, 06:51


Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira namaa hawwatuu fi boohaarsaa nama bashannansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol #Oromia

TIKVAH AFAAN OROMOO

18 Nov, 19:50


#Itoophiyaa #USA

Qondaaltonni olaanoo Ameerikaa Itoophiyaa jiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Masingaa, Itti aanaa gargaaraa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Ispeeraa, Itti aanaa gargaaraa ministeeraa Raayyaa Ittisa Ameerikaa Faareeli fi kanneen biroo dabalatee Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mohaammad waliin mari’ataniiru.

Marii kanaan Ityoophiyaan hariiroo waraanaa yeroo dheeraa Ameerikaa waliin qabdu iddoo guddaa akka kennituufi Ityoophiyaan tumsa kana cimsuuf fedhii akka qabdu injinar Aayishaan dubbachuu isaanii Raayyaan Ittisa Biyyaa ibseera.

Akka Imbaasiin Ameerikaa jedhutti garuu dhimmi waldhabdee naannoo #Amaaraa fi #Oromiyaatti jiru marii kana irratti ka'eera.

Mariin biraa hojiin loltoota duraanii humna irraa hiikuun ykn dhabamsiisuun hawaasa keessatti dhoksuuf (DDR)  taasifamaa jiru irratti mari'atameera.

Mariin tumsa waraanaa Ityoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu irratti xiyyeeffate akka ture odeeffannoon imbaasicharraa argame ni mul’isa.

#Embassy #USA

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

18 Nov, 09:43


Sa’udi Arabiyaan bara 2024 keessatti lammiilee #Itoophiyaa torba du’aan adabde

Saa’udi Arabiyaan bara 2024 keessa qofa lammiilee Itoophiyaa torba dabalatee lammiilee biyya alaa 100 ol du’aan adabuu ishee miidiyaaleen biyyattii gabaasan. Itoophiyaanota dabalataan lammiilee Naayijeeriyaa 10, Sudaan 3 fi #Eertiraa 1 ajjeefamaniiru.

Dhaabbata Mirga Namoomaa Awurooppaa-Sa’uudii (ESOHR) raawwiin murtii du’aa bara kanaa “kan kanaan dura mul’ate hin beekne” jechuun ibseera.

Adabbiin du’aa lammiilee biyya alaa irratti raawwatamu bara kana keessa kan dabale sababa yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee akka ta’e ibsameera. #AS

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

18 Nov, 09:39


Talaalliin ittisa kaansarii fiixee gadameessaa kennamuu eegale

Naannolee biyyattii garaagaraatti talaalliin ittisa Kaansarii Fiixee Gadameessaa kennamuu eegaleera.

Haaluma kanaan talaallichi Naannolee Amaaraa, Afaar, Beenishaangul Gumuzii fi kanneen birootti har'aa irraa eegalee kennamaa jirachuun eerameera.

Talaallichi shamarran umriin isaanii 9-14 gidduu jiraniif kan kennamu yoo ta’u, dhaabbilee fayyaa, barnootaa fi buufata yeroo hundeeffamutti duulaan kan kennamu ta’uun ibsameera. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Nov, 13:36


Balaan Ibiddaa Markaatootti mudatee ture to'atame

Balaan Ibiddaa magaalaa Finfinnee Markaatoo naannawaa Gamoo Jaabulaanitti mudatee ture to'atamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa magaalichaa beeksise.

Balaan Ibiddaa har'a guyyaa naannawaa sa'aatii 6:30 Markaatoo Naannawaa Gamoo Jaabulaanii bakka addaa Barandaa Dinnichaa jedhamuun waamamutti mudatee ture babal'achuun miidhaa caalu osoo hin qaqqabsiisiin guutumaan guutuutti to'atamuu ragaan fuula komishinichaarraa argame ni mul'isa.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Nov, 05:57


Itiyoophiyaan Daandii Xiyyaaraa Filatamaa Afrikaa injifatte

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa damee imaltoota bizinasiin badhaasa "Daandii Xiyyaaraa Filatamaa Afrikaa” 2024 injifateera.

Badhaasichaas walitti fufiinsaan yeroo 5ffaaf kan injifate yoo ta'u, deeggarsa imaltoonni taasisaniif galateeffachuu ragaan daandicharraa argame ni mul’isa.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

14 Nov, 07:27


BGI Itiyoophiyaan mana barumsaa magaalaa Baatuutti ijaare eebbisuun hawaasaaf dabarsee kenneera.

"BGI Ethiopia" sirna eebbaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa galma Abbaa Gadaa Magaalaa Baatuutti eebbiseera.

Ijaarsi mana barumsichaa ji'oota 6 keessatti kan xumurame yoo ta'u bara barnootaa haaraatti barattoonni barnoota eegaluu isaanii himameera.

Hojii gaggeessaan 'BGI' Hervee Milhaawud akka jedhanitti, manni barumsaa kun Birrii miiliyoona 9'n ijaaramuun, daa’imman 600 dabareen fayyadamoo taasisa jedhaniiru.

BGIn itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuuf bara kana pirojektoota barnoota, fayyaa, fi bishaan dhugaatii qulqulluu irratti Birrii miiliyoona 70 ol baasuu hojii gaggeessaan olaanaa eereera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

13 Nov, 12:54


"Namni isa caalu hin jiru" - Tiraamp

Pireezidaantiin Ameerikaa filatamaa Doonaald Tiraamp godaantota waraqaa ragaa hin qabne miliyoonaan laakkaa’aman biyyaa ari’uuf waadaa galan raawwatuuf hoji gaggeessaa Toom Hoomaan muude.


Paatroolii Daangaa Ameerikaa ta'uun kan muudaman abbaan Taayitaa kun, yeroo tokko itti aanaa daayreektaraa waajjira muummee Immigireeshinii fi Gumuruuka biyyattii kan turaniidha.

Tiraamp, 'daangaa keenya eeguu fi to'atuf namni isa caalu hin jiru,'' jedhan.

Kana malees, dhimma immigireeshinii irratti ejjennoo hundee kan qabu Isteevan Miler jedhamu waajjiricha keessatti itti aanaa gochuun muudaniiru.

Tiraamp yeroo aangoo qabatan hojiin jalqabaa godaantota waraqaa ragaa hin qabne hedduu biyyattii keessa jiran biyyaa ari’uu akka ta’e himamaa tureera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

12 Nov, 15:41


Atileet Simboo Alamaayyoon Atileetii dubartii cimtuu taate filatamte!

Atileet Simboo Alamaayyoon Atileetii dubartii cimtuu waggaa 20 gadii badhaasa bara Faranjootaa 2024'f kaadhimaman sadi keessaa tokko ta'uu Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaa beeksise.

Atileet Simboon badhaasaa Atileetii cimtuu abdannaa qaban kan waggaa 20 gadii bara 2024’f kaadhimaman keessaa Atileet Simboo Alamaayyoon ishee tokko taateerti.

Atileet Simboon fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Peeruu Magaalaa Liimaatti gaggeeffameen meedaaliyaa warqee argamsiisuun kan yaadatamuudha.

Gama biroon Atileetiin Sarbiyaa Anjeeliinaa Toopich Utaalchaan, Atileetiin Chaayinaa Yaan Ziizyuun darbannaa eeboon Atileetoota Simboo waliin filannoo xumuraaf darbaniidha.

Kaadhimamtoonni sadan kunneen ga’umsa olaanaa bara kana dorgommiiwwan garaagaraarratti agarsiisaniin badhaasa xumuraaf darbuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

12 Nov, 15:39


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

12 Nov, 12:28


#Tigraay

"Gareen Dabratsiyooniin Durfamu Fonqoolcha Mootummaa Gaggeessaa Jira," Jedhu Geetaachoo Raddaa

Bulchiinsi yeroo Tigraay kan Obbo Geetaachoo Radaatiin durfamu garee Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (ABUT) kan Dr.Dabratsioon Gabramikaa’eliin durfamuu “fonqolcha mootummaa gaggeessaa jira” jechuun himateera.

Garee Oboo Geetaachoon durfamu kun Ibsa Dilbata darbe baaseen “Adda Bilisummaa Uummata Tigraay baraaruuf mari’achuuf qophii dha malee aangoo qooddachuuf qophii mitii” jedheera.

Gama kaaniin dhaabbileen waldaalee siivilii kan Tigraay torba kaleessa ibsa baasaniin, “walfalmiin hoggantoota ABUT gidduutti uumame hojiirra oolfamuu waliigaltee Piriitooriyaa irratti danqaa ta’a” jedhan.

Obbo Geetaachoo Raddaa fi Dr Dabaratsiyoon Gabramikaa’el tibbana kan wal argan yoo ta’u kunis Phaaphaasonni amantii ortoodoksii kan Tigraay maanguddummaan eega gidduu seenanii booda.

Angawoonni lamaan garaagarummaa isaanii karaa nagaa hiikuuf waadaa galuu isaanii gabaafamee jira. #VOA

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

11 Nov, 17:28


#Finfinnee

Dambiin uffannaa ogeeyyii hoteelaa fi itti fayyadama faaya miidhaginaa murteessu bahuu Waajjirri Haqaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Kunis Dambii Lakk.178/2017 ta’ee kan baheedha.

Dambiin kun "ogeessota hoteelotaa fi tajaajila kana fakkaatan keessatti hojjetaniif sirna uffannaa, faayaafi meeshaalee miidhaginaa walfakkaatu hundeessuun aadaa fi gatii biyyattii eeguuf dambii baheedha" jedhan.

Fakkeenyaaf seera uffannaa irraa:

➡️ Uffannaan qaama laphee hin uwwisnee ykn uffanna mormaa gadi uwwisu yoo hin uffannee,

➡️ Uffannaan dubartoota dheerinna isaa fi tarsoofni isaa jilba ol yoo ta'e,

➡️ Qubeelaa cidhaa malee ala faaya biraa naannoo mul'atutti uffachuun adabbii akka qabu kaa'ameera.

Danbiin kun, ogeessota hoteelotaa fi dhaabbileen tajaajila kana fakkaatan irratti kan bu’uureffate yoo ta'u, dambii kanaan hojjechaa jiraachuu fi dhiisuu isaanii yeroo yeroon hordoffiin ni taasifama jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

11 Nov, 08:19


Barattoota Qabxii olaanaa galmeessaniif badhaasni kennameera.

Barattoota Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa (WMO)tti qabxii olaanaa galmeessaniif sagantaan beekamtii fi badhaasa magaala Adaamatti gaggeeffameera.

Barattoota bara 2016tti qormaata kutaa 12ffaa fudhatanii qabxii olaanaa galmeessaniif akka kenname ibsameera.

Hogganaan Itti Aanaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa'el manneen barnootaa kuma 32 keessaa manni barumsaa bultii addaa barattoota qormaata fudhatan hunda dabarsuu himaniiru.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

11 Nov, 08:18


Kiloolee Boqqonnaa 2ffaa, qophii muziqaa irrattii xiyyeffatee weeliistoota beekamoo Afaan Oromoo ta'aan, barsiisaa muziqaa fi weliisaa Aniis Gabiin kan qophaa'ee dhiiyatu.

#MaaddiiAbol DStv Ethiopia Chaanaalii 489 irratti daawwadhaa📺!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

09 Nov, 06:24


Daldaltoonni meeshaa alaa galchuuf maallaqa biyyaa alaa mataasaaniitiin bitachuun dhorkame

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa meeshaaleen akka zayitii nyaataa, shukaara, ruuzii fi aannan daa'imman sooratan eeyyama sharafa alaa tokko malee (Franco valuta) karaa gumuruuka biyyattii kallattiidhaan akka galuu danda'an murteessuu isaa beeksise.

Murteen kun kan darbe gatii meeshaalee akkaan dabale tasgabbeessuuf ta'uu eere ministeerri kun gama miidiyaa hawaasummaa isaarratti.

Lammiileen Itoophiyaa eeyyama jireenyaa biyyoota alaa qaban, mirgi Franco valuta akka eeyyamamuuf gaafachuusaanii hordofee tarkaanfiin kun fudhatame.

Haalota kunneen ilaalcha keessa galchuun zayitii, shukkaara, ruuzii fi aannan ji'oota ja'an itti aananiif eeyyama sharafa alaa tokkollee osoo hin gaafatamin namuu karaa gumuruukaa galfachuu akka danda'u eeyyamameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

08 Nov, 11:39


Gadameessa dubartii tokkoo keessaa Xannachi Kiiloo Giraama 5 ulfaatu bahe

Hospitaala Waliigalaa Baatuutti Gadameessa dubartii tokkoo keessaa yaala baqaqsanii yaaluun Xannachi Kiiloo Giraama 5 ulfaatu bahuu ibsameera.

Dubartiin yaala baqaqsanii yaaluun Xannachi kun keessa bahe yeroo ammaa haala gaarirratti kan argamtu ta’uu hojii Gaggeessaa Olaanaan Hospitaalichaa Edriis Shaarbeen himaniiru. #FBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Nov, 16:31


#Ameerikaa #Filannoo

Filannoon Pireezdaantummaa Ameerikaa kutaalee biyyatti adda addaa keessatti eegaleera.

Filattoonnis sagalee isaanii kennuu eegalaniiru.

Kaarolayinaa Kaaba, Indiyaanaa, Keentaakii, Niiw Jeersii, Niiw Yoork, Filaadelfiyaa, Penisilvaaniyaa, Varjiiniyaa fi Joorjiyaan kutaalee filattootni sagalee kennuu itti jalqaban keessaa muraasaadha.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Nov, 14:06


#Itoophiyaa #USA

Ameerikaan waldhabdeen naannoo Amaaraatti hammaataa dhufeef yaaddoo akka qabdu ibsiteetti.

Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Antooniyoo Biliinken, ''waldhabdee kana furuuf mariin siyaasaa gaggeeffamuu qaba'' jedhan.

Antooniyoo Biliinken kana kan dubbatan MM Abiy Ahimad (Dr.) waliin bilbilaan haasawa taasisaniin.

Biliinken, "walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru na yaaddesseera" jechuun, walitti bu'iinsa Itiyoophiyaa biroo dabalatee walitti bu'iinsa keessoo hiikuuf mariin siyaasaa akka barbaachisu hubachiisaniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa haasaa bilbilaa Muummicha Ministeera Dr.Abiy waliin taasisaniin “waa’ee waliigaltee Piritooriyaa fi hojiirra oolmaa isaa” haasa’uus ministeerri dhimma alaa Ameerikaa ibseera.

Itiyoophiyaan waliigaltee kana hojiirra oolchuuf tattaaffii taasiftu irratti gargaarsi biyya isaanii adda akka hin cinne Ministirri Dhimma Alaa ibsaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Antooniyoo Biliinken naannoo Gaanfa Afrikaatti waldhibdeen uumame hammaataa jira jechuun, waldhabdeen kun  tasgabbaa’a akka dhufu gaafachuu isaanii gabaafameera.

#AFP #DW

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Nov, 14:02


Jabeettii
Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Chaanaalii 489 irratti.

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
https://bit.ly/3RFtEvh

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

05 Nov, 11:06


Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif liqii biyya alaa kennite

Liqiin biyya addunyaaf haara taate Sudaan Kibbaaf Ken name kin ijaarsa daandii biyyoota lamaan walqunnamsiisuuf kan ooludha.

Liqiin kun waggoota 10 keessatti qoqqodame kan deebi’u yoo ta’u, Doolaara America’s miiliyoona 738 olio dha.

Daandiin kiiloo meetira 220 daangaa Sudaan Kibbaatti ijaaramuuf kontiraaktarootaa fi gorsitoota Itiyoophiyaan akka raawwatamuuf biyyoonni lamaan waliigalteerra gahuu isaanii ibsamee jira.

Liqiin kun bifa maallaqaa dheedhii fi boba’aan akka deebi’u eerameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

04 Nov, 12:52


Ramaddiin barattoota sagantaa fooyya'iinsaa(Remediyaalii) ifoome.

Bara barnootaa 2016tti barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii seensaa sagantaa fooyya'iinsaa fidaniif ramaddiin ifoomeera.

Haaluma kanaan barattoonni remediyaalii:-

Marsariitii: https://placement.ethernet.edu.et 

Telegraamiidhaan:- https://t.me/moestudentbot irratti ilaaluu akka dandeettan ministeerri barnoota beeksisee jira.

Barattoonni akkaataa waamicha dhaabbilee irraa bahuun sagantaa remediyaalii akka hordofan dhaamameera.

Ministeerri Barnootaa gaaffii jijjiirraa dhaabbataa akka hin fudhanne ibseera.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

04 Nov, 10:57


#Ameerikaa 

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa guyyaa boruu sagaleen kennamuuf duulli nafiladhaa har'a raawwata.

Filaannoon Ameerikaa kun ummata biyyattii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti filannoo xiyyeeffannoo olaanaa qabuudha.

Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Hariis Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.

Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte.

Tiraamp gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jedhu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.

Oduun sobaa fi waliin dhahuun filannoo Ameerikaa burjaajii hamaa uumuu BBCn gabaaseera.

Filannoon guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta'a.

@Tivakhethafaaoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Nov, 15:52


#WalaayittaaSooddoo

Itiyoo Telekoom tajaajila Neetwoorkii dhaloota 5ffaa (5G) Magaalaa Walaayittaa Sooddootti jalqabsiise.

Saganticha jalqabsiisa tajaajilichaarratti Hoji Raawwachiistuu Itiyoo Telekoom Firehiiwot Taammiruun, tajaajilli interneetii dhaloota 5ffaa teeknoolojii olaanaa jabana kanaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajilichi Dijital Itiyoophyaa galmaan ga’uun maddiitti carraa hojii lammiileef akka uumuu ibsaniiru.

Dabalataan, sochii diinagdee hawaasaa kan saffisiisu fi faayidaalee hedduu akka qabu kaasaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Nov, 15:48


Mohaa woldaa Aksiyoona Indaastirii dhugaatii lallaafaa 

Mohaa woldaa Aksiyoona Indaastirii dhugaatii lallaafaa maamiltoota isaaf badhaasoota hedduu qopheesse jira.

Isaan keessaa inni jalqabaa carraan  konkolaataa elektrikaa vools waagan ID 4 magaalaa hawaasaatti abbaa carraa qaqqabeera.

Abbaan carraa obbo ermiyaas biraanuu badhaasa isaanii Onkoloolessa 23 bara 2017 magaalaa
hawaasaatti sagantaa badhaasaa addaa qophaa’e irratti fudhataniiru.

Kanaan dura magaalaa Finfinnee naannoo kotobee naannoo ganda 04  badhaasni konkolaataa elektrikaa BYDn abbaa carraaf ba’uun isa ni yaadatama.

Ammaas badhaasoonni heedduun abbaa carraa eegaa jiru.

Oomisha Peepsii dhandhamachaa carraa keenya haa yaallu! haa injifannu! miriindaafi 7-upiin nama gomjaassisuu, ni badhaasisu.

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Nov, 07:08


Barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnoota isaanitti akka deebi’an waliigalame

Magaalaa Finfinnee keessatti barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Dhimmi barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu kun dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’urra darbee paarlaamaatti gaaffii ta’ee ka’eera.

Miseensa paarlaamaa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu dhimmi uffannaan walqabatee rakkoon uumame kun furmaata akka argatu gaafataniiru. “Barattoonni sababa niqaaba fi hijaaba isaaniin barnoota ala ta’an iddoo tokko tokkotti kumaatamaan lakkaawwamu,” jedhan. AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

02 Nov, 07:07


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

01 Nov, 17:38


#Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, aanaa Waacaaleetti haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Haleellaa har'a ganama aanaa Waacaalee keessatti raawwatameen bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Bulchaa Aanaa Alaltuu kan turanii fi torbaan lama dura bulchaa Aanaa Waacaalee ta'uun kan muudaman obbo Nugusee Kooruu ajjeefamuun isaanii mirkanaa'ee jira.

Jiraataan aanichaa yaada isaa Raadiyoo Dochee Vilaa'f kenneen "Hogganaa aanaa dabalatee namoonni hedduun du'aniiru. Hammi miidhaa gahee hanga ammaatti beekkame natti hin fakkaatu." Jedhaniiru

Namoonni miidhaman hospitaala seenuu isaanii himameera.

Magaalaan guddoon aanichaa Muka xurii, Finfinnee irraa kiiloo meetira 82 fagaattee argamti.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

01 Nov, 13:35


#Update

Naqamteetti namoota gudeeddii dubartoota lamaaniin shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessaa harka qabaachuun shakkaman jaha to’atamaniiru.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan. #BBC

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

01 Nov, 11:50


#Koontaa

Guyyaa har'aa balaa sigiga lafaa Koontaatti muudateen lubbuun namoota 6 darbeera.

Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Koontaa Aanaa Amayaa ganda Caaree Dooqqeetti balaa Sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin naannichaa beeksiseera.

Gandichatti rooba cimaa kaleessa galgala roobe hordofee sigigni lafaa har’a ganama sa’aatii 2:00tti mudachuun ibsameera.

Namoonni lubbuun darban lama maatii tokko keessa, namoonni biroon 4 maatii tokko keessaa ta’uun eerameera.

Hanga ammaatti reeffii nama tokko qofti argamuun ibsameera.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Oct, 14:09


‘Xiyyaarri Itoophiyaa balaliidhaaf qilleensa Eertiraa akka hin fayyadamne hin dhorkamne’ - Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qilleensa Eertiraa irratti akka hin balaliine dhorkameera jedhamee odeeffannoon tamsa'aa jiru soba ta'uufi ammallee balalii idileef qilleesa Eertiraa fayyadamaa jiraachuu beeksise.

Daandiin qilleensichaa balaliidhaaf qilleensaa Eertiraa akka fayyadamu Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa irraa hayyamni kan laatameef ta’uufi naannoo qilleensaa kana balalii idileef akka fayyadamaa jiru mirkaneesseera.

Haaluma kanaan dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon marsaalee hawaasaa irratti naanna’aa jiru dogoggora ta’uu daandiin qilleensichi ibseera. #AS

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Oct, 10:15


Ministirri Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'ootarra dhihaataniif deebii fi ibsa kennaanii jiru.

Muumichi ministeera Dr. Abiy Ahimad gaafilee gaafatamaniif ibsaa bal'aa fi deebii kennan keessatti maal jedhan:-

▶️ Bara baajataa kana lammiilee kuma 700'f carraa hojii biyya alaa uumuuf karoorfameera.

▶️Bara bajataa 2016 Itoophiyaatti guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.1 galmaa'eera. Bara bajataa kana ammoo guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.4 akka galmaa'uu ni eeggama.

▶️Baatiiwwan sadan darban galiin birrii biiliyoona 180 walitti qabameera.

▶️ Buufanni Xiyyaaraa haaraan waggaatti namoota miiliyoona 130 imalchiisuu danda’u ijaaruuf qorqnnoon xumuramuusaa himaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota haaraa 124 bituuf ajajee Afriikaarraa daandii qilleensaa isa guddicha ta’uusaa ittifufsiisuuf dachaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

▶️Ji'oota sadan darbanitti invastimantiin kallattiin alaa dhufu dhibbeentaa 6.4 guddina galmeessuun danda'ameera.

▶️ Dhiyeessii lafaa, kenniinsa tajaajilaa fi dameewwan birootiin haala mijataa uumuun guddinna invastimantii kallattiin alaa dhufu dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru.

▶️Bara bajataa kana pirojeektoonni Indastirii gurguddoon 72  hojii ni jalqabu jechuun Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Oct, 10:00


Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walgahii idilee gaggeessaa jira.

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'a bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad argamanitti walga'ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Mummichi ministeeraa gaafilee miseensota irraa ka'aniif deebii kennanii jiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

31 Oct, 06:38


#Gocha_Sukkaneessaa

Shamarree lama irratti gudeeddii gareedhaan raawwatame - Taatee Naqamteetti raawwate

Viidiyoon shamarran lamaa yeroo gareedhaan gudeedamanii mul’isu miidiyaa hawaasummaa irratti qoodameera.

Taateen kun kan raawwate magaala Naqamtetti yoo ta'u, barattoonni kutaa 7 lama umriin isaanii 15 ta'u yeroo dhiirotaan gareedhaan gudeedaman viidiyoon mul'isu miidiyaa hawaasaa irratti qoodameera.

Viidiyoo kanarratti akka mul’atutti shamarran lama walcinaatti dargaggootaan yoo gudeedaman dhiironni kan biraa ammoo viidiyoo waraabaa yoo itti qoosan dhagahama.

Gochi kun gudeeddii gareedhaan raawwatame ta’uu kan akeeku ammoo kanneen dhaabbatanii ilaalan ‘dabareedhaan raawwachuu akka qabanii fi ‘iddoo jijjiiranii fi xiqqoo boqotanii’ gocha kana raawwachuuf yoo dubbatan dhagahamuusaati.

Poolisiin magaalaa Naqamtee akka mirkaneessetti taatee kun ALI, Fulbaana 7, 2017tti raawwatame jedheera.

"Namoonni shakkaman lama barbaadamaa jiru. Namni to'atame hin jiru," jechuun dhimmicha qorataa akka jiran himaniiru.

Viidiyoon gocha al-seerummaa fi safuu hawaasaa cabse kun erga miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame booda namoonni hedduun miira dallansuutiin dhimmicharratti barreessaa jiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Oct, 05:39


Atileetonni Itoophiyaa 4 badhaasa ‘Atileetii Filatamoo bara 2024’f kaadhimaman

Atileetonni Itoophiyaa kunis

👉Taammiraat Tolaa,
👉Yoomiif Qajeelchaa,
👉Tigist Asaffaa fi
👉Suutumee Asaffaa ti.

Atileetonni kunis dorgommii daandii adda addaa irratti qabxii galmeessan irratti hundaa’uun istaadiyeemiin ala filatamoo bara 2024f kaadhimamaniidha.

Atileet Taamraat Tolaa rikoordii maaraatoonii Olompikii fi Barliin fooyyeessuun injifachuun isaa ni yaadatama.

Akkasumas atileet Yoomiif Qajeelchaa fiigicha walakkaa maaraatoonii Vaaleenshiyaatti gaggeeffameen rikoordii addunyaa galmeessuun isaas ni beekama.

Gama dubartootaan atileetonni Itoophiyaa Tigist Katamaa fi Suutumee Asaffaa, akkasumas atileetiin #Nezarlaand Siifan Hasan badhaasa kanaaf kaadhimamanii jiru.

(Atileetiksii Addunyaa)

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

30 Oct, 05:38


Kiloolee Boqqonnaa 2ffaa, qophii muziqaa irrattii xiyyeffatee weeliistoota beekamoo Afaan Oromoo ta'aan, barsiisaa muziqaa fi weliisaa Aniis Gabiin kan qophaa'ee dhiiyatu. 

#MaaddiiAbol DStv Ethiopia  Chaanaalii 489 irratti daawwadhaa📺!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

28 Oct, 09:55


Lammiileen Itoophiyaa 125 Libaanos irraa gara biyya isaaniitti deebi’an.

Lammiileen Itiyoophiyaa Libaanos keessatti haala rakkisaa keessa turan 125 gara biyya isaaniitti deebi’uu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministeerichi, Ityoophiyaanota Libaanos keessatti haala rakkisaa keessa jiran gara biyya isaaniitti deebisuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jiraachuu ibseera.

Guyyaa Kaleessaa 61 fi har'a immoo lammiileen 65 Libaanos irraa deebi'uu akka danda'an eeraniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Waajjira Qoonsilaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Beerutitti argamu waliin ta’uun lammiilee saaxilamoo ta’an biroo gara biyya isaaniitti deebisuuf tattaaffii barbaachisu taasisaa jiraachu himeera.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

28 Oct, 07:19


Baankiin biyyoolessaa Itoophiyaa Walga’ii Baankii Addunyaa fi IMF irratti hirmaate.

Bankiin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa walga’ii waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata maallaqaa Addunyaa (IMF) irratti hirmaachuun maqaa gaarii Itiyoophiyaa ijaaruu, daldalaa fi invastimantii babal’isuuf kan gargaaru ta’uu Bulchaan Baankichaa Maammoo MIhiretuun dubbatan.

Jilli Itiyoophiyaa Walga’ii Waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa fi Baankii Adduyaarratti hirmaateera.

Walga’icharratti hirmaannaan Baankiin Biyyaalessaa Itiyoophyaa taasise ilaalchisuun Obbo Maammoo Mihiratuun ibsa kennaniin, diinagdeen Addunyaa bara faranjootaa 2024/25 %3.2 akka guddatu raagameera jedhan.

Qaala’iinsi gatii sadarkaa addunyaa imammataa tarsiimawaa baankonni giddugaleessaa fudhataniin tasgabbaa’aa jiraatus, ammallee qaala’insi jireenyaa olkaa’aa akka ta’e ibsamuu himaniiru.

Sadarkaa Addunyaatti idaan mootummaa dabaluu fi tiriiliyoona 10 qaqqabuu walga’ichaan akka sodaatti kaafamuu dubbataniiru. #FBC

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Oct, 18:23


#Itoophiyaa

Ajaja Ministeera Maallaqaatiin konkolaattonni elektirikii 30 tajaajila waajjira baajataaf oolu bitamanii galuun dhagahameera.

Konkolaattota kunneen birrii miiliyoona 192 fi kuma 286 fi 516 fi saantima 76 kan galan jedhame.

Ajaja Ministeera Maallaqaatiin Tajaajilli Bittaa Mootummaa sirna bittaa elektirooniksii mootummaatiin konkolaattota elektirikii 30 bituuf caalbaasii baasee ture.

Haaluma kanaan guyyaa har'aa gatii dhiyeessa dorgomuun  dhiyeessitoonni mo’atan lamaan:

☑️Abbaa teessoo 7 kan ta'e Volkswagen ID 6 Electric Vehicles baay'inna 20 units

☑️️ Abbaa Teessoo 5 kan ta'e Kia e5 Electric Vehicles baay'inna 10 Units

Waliigala waliigaltee tajaajila kana waliin taasifameen Birrii 195,286,516.76 dhiyeessaniiru jedhame.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Oct, 11:08


#Itoophiyaa #Maaleezhiyaa

Dureeyyiin Maaleezhiyaa carraalee invastimantii Itiyoophiyaan qabdutti fayyadamanii Invast akka godhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waamicha dabarsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad garee jila ministirootaa waliin ta’uun Maaleezhiyaa Kuwaalaalaampuur daawwataniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Oct, 11:06


Oromoo biratti fuudhaa fi heerumni sirnoota aadaa kaan irraa haala adda ta’een ilaalama, kabajaas qaba. Bu’uura hawaasaa fi biyyaa kan ta’e maatiin kan ijaaramu, dhalooti kan itti fufu karaa aadaa fuudhaa fi heerumaati.

#DStvEthiopia

TIKVAH AFAAN OROMOO

26 Oct, 07:52


Israa'el Iraan irratti haleella geessite !

Waraanni Israa'el har'a ganama Iraan irratti haleellaa raawwachuu beeksiseera. Haleellaan kun haleellaa misaa'ela balistikii Iraan kanaan dura Israa'el irratti raawwatteef deebii kennuudhaan ta'uu raayyaan ittisa biyyaa beeksiseera.

Balaan Iraan fi Israa’el waraana guutuu keessa seenuu fi naannoon Baha Giddu Galeessaa jeequmsa adda addaa keessatti kufa jedhame sodaatamaa ture amma baay’ee hamaateera.

Israa'el haleellaan kun dhaabbilee waraanaa irratti akka ta'ee fi madaalama ta’uu ibsiteerti.

Haleellaan marsaa sadiin raawwatame kun haleellaa Iraan raawwatteef deebii kennuun karoora ishee xumuruu ibsiteerti.

Yeroo darbe Iraan haleellaa misaa’ela balistikii 200 ol Israa’el irratti erga banteen booda Israa’el deebiin kamiyyuu rakkoo hamaa akka fidu akeekkachiiftee turte.

Kanuma waliin, haleellaa Israa’el har’a deebii kennuuf raawwatteef Iraan deebii bira yoo raawwatte haleellaa walfakkaatu akka itti fuftu ibsiteerti.

Ameerikaan gama isheetiin haleellaa Israa’el yeroo ammaa raawwatte akka hin beekne fi harka keessaa akka hin qabne isiteerti. Iiraan haleellaa wal fakkaatu kana irratti deebii(haaloo) akka hin baane ibsiteerti.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

25 Oct, 15:58


"Bara barnootaa 2017 irraa eegalee madaalliin xumuraa barattoota sirreeffamaa %100 Keessaa giddugalaan kennama" - Ministeera Barnootaa

Ministeerri Barnootaa madaallii Sagantaa Sirreeffamaa(Remediyaalii) irratti jijjiirama taasiseera.

Bara 2015 irraa eegalee barattoonni qormaata ba’uumsa kutaa 12ffaa irratti qabxii %50 gadi galmeessan keessaa filatamuun dhaabbilee barnoota olaanootti ramadamanii barnoota #sirreeffamaa akka fudhatan godhamaa jira.

Bu’uura kanaan madaalliin barattoota sirreeffamaa giddu galeessatti %70, inistiitiyuutota keessatti ammoo %30 qabama turuun isaa ni yaadatama.

Haa ta’u malee, Ministirri Barnootaa yunivarsiitiiwwan mootummaa fi dhaabbilee barnoota olaanoo dhuunfaa hundaaf sarkiyuulariin akka ibsanitti sadarkaa dhaabbileetti %30 kennamu irratti walsimannaan akka hin jirre ibsaniiru.

Haaluma kanaan, bara 2017 irraa eegalee madaalliin xumuraa barattoota sirreeffamaa %100 giddu galeessaan akka kennamu ministeerri barnoota beeksiseera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

24 Oct, 12:42


Ramaddiin Yunivarsitii ifoomee.

Barattoonni bara 2016 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhatanii yuunivarsiitiiwwan mootummaatti ramadamuuf qabxii darbiinsaa galmeessan yeroo ammaa irraa eegalee karaa liinkii armaan gadiitiin Yunivarsitii itti ramadaman ilaaluu ni danda'u.

Ramaddii keessan ilaaluuf👇

Karaa Marsariitii👇
https://placement.ethernet.edu.et

Bootii Telegiraamii👇
https://t.me/moestudentbot

Ministeerri Barnootaa gaaffii jijjiirraa Yuunivarsitii akka #hin_fudhanne ibseera.

Yuunivarsitii itti ramadamtan irraa waamicha eeggachuun barnoota keessan itti fufu ni dandeettu jedhameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

24 Oct, 06:59


#sharafaAlaa

Sharafni gatii doolaaraa dabaleera.

Guyyoota darban baankii daldala Itoophiyaatti doolaarri Ameerikaa tokko Birrii 113 fi saantima 1308 bitamee Birrii 115 fi saantima 3934'n gurguramaa tureera.

Sharafa guyyaa har'a ifoomeen garuu doolarri Ameerikaa tokko Birrii 3 ol dabaleera.

Haaluma kanaan, baankichi doolaara tokko Birrii 116 fi saantima 6699'n kan bitu yoo ta'u, kan gurguru immoo birrii 3 ol dabaluun Birrii 119 fi saantima 0033 akka ta'e ibseera.

Haaluma walfakkaatuun maallaqni biyya alaa biroos daballiin mul’ateera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

23 Oct, 11:17


#BRICS

Yaa’iin ‘BRICS’ 16ffaan bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Ruusiyaa magaalaa Kaazaanitti taa’amaa jira.

Hooggantoonni biyyoota garagaraa, pirezidaantonni akkasumas ministiroonni dhimma alaa yaa’icharratti hirmaataniiru.

Yaa'ii kana irratti Tumsa dinagdee fi Teeknooloojii biyyoota miseensotaa gidduu jiru irratti ni mari'atama.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota ‘BRICS’ haaraa kan ta’an Emereetota Araba Gamtoomanii, Iraan, Gibxii fi Saa’udii Arabiyaan yeroo jalqabaaf yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’iin hooggantoota biyyoota miseensa ‘BRICS’ waggaa waggaan kan taa’amu yoo ta’u, A.L.Atti bara 2023 Afriikaa Kibbaa Johaanisbargitti taa’amuunsaa niyaadatama.

Walgahiin kun dura teessoo ‘BRICs’ yeroo kanaa kan taate Raashiyaadhaan gaggeeffama. #TOI

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

22 Oct, 09:56


Suuraa: Balaa ibiddaa 'Markaato Shamma Taraa' halkan edaa mudateen booda guyyaa har'a suuraa armaan olii irratti kan argitan kana fakkaata.

Balaan ibiddaa kun manneen qorqorroo fi konteenaroota irraa eegaluun, gara gamoo giddugalaa gabaa duraanii jedhutti kan ceehe yoo ta'u, kutaa gamoo gara tokko guutumatti miidhee jira

Hanga ammaatti miidhaan nama irra gahe hin jiru.

Balaa ibiddaa galgala edaa mudate hamaa ta'us, hammi miidhaa gahee hin ibsamne.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

22 Oct, 09:56


Ardaa Jilaa

Seenaan ummata Oromoo haala ajaa’ibsiisaatiin seeneeffamaa Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira nama hawwatu fi boohaarsaa nama bashanansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol

TIKVAH AFAAN OROMOO

22 Oct, 08:41


#BRICS+

Yaa’iin BRICS 16ffaan har’a Raashiyaatti eegala.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad (Dr.) Yaa'ii kanarratti hirmaachuuf Kaazaan galaniiru.

Hogganaa Itoophiyaa dabalataatti:
- Pireezidaantii Yunaayitid Arab Emireets Sheek Mohaammad bin Zaayid Al Nahyaan,
- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii,
- Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Raashiyaa magaalaa Kaazaan galaniiru.

Pireezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinping, akkasumas Pireezdaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Siisii, hoggantoonni biroo fi bakka bu’oonni biyyootaa gara Raashiyaa imalaa jiru.

Madda Viidiyoo - RT

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

22 Oct, 05:01


Itoophiyaan waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf dandeettii qabdi - Ministira Muummee Abiy Ahimad (Dr.)

Ityoophiyaan waancaa Afrikaa bara 2029 keessummeessuuf dandeettii akka qabdu himuun, muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad (Dr.) gaafii dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad Masaraa Guddichatti CAF, Pireezidaantota FIFA fi hoggantoota olaanoo koree hojii raawwachiiftuu CAF'f affeerraa irbaata qopheessaniiru.

Sagantaa kanarratti Ministirri Muummee, Itiyoophiyaan waancaa Afrikaa bara 2029 akka keessummeessitu ifatti gaafataniiru.

Pirezidaantiin FIFA Infaantinoo :- "Itoophiyaan biyya namatti toltuudha, qilleensi ishee mijataa dha. Ummannis nama gammachiisa, jaalala kubbaa miilaa ni qabu! "WOOW ETHIOPIA"! Itiyoophiyaan bakka dhaloota ilma namaa, nuufis biyya keenyaa dha," jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Oct, 19:58


#Update

Balaan Ibiddaa Markaattoo 'Shamma Taraatti' muudate hanga ammaatti hin dhaabbanne.

Ibiddi kana to'achuun hin danda'amne.

Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee "balaa ibidda kana too'achuuf daandiin naannoo sanaa banaa ta'uu dhabuun isaa konkolaataa abiddaa akka socho'uuf waan rakkiseef balaa kana saffisaan akka hin too'atamne taasisee jira" jedhan.

"Yeroo ammaa Helikooptara fayyadamuuf yaalaa jirra" jedhan.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Oct, 17:31


"Ibiddi cimaadha; ammallee hin dhaamne; namoonni qabeenya isaanii guurataa jiru" - namoota bakka sanatti argaman irraa

Finfinnee naanno Markaatto "Shaama taraa" jedhamuun beekkamutti balaan ibiddaa mudateera.

Ibiddi kun daqiiqaa hedduu turus, to'achuun akka hin danda'amne miseensonni maatii keenya bakka balaan kun itti dhaqqabe jira himaniiru.

"Ibiddichi cimaadha. Bakka sanatti balaa ibiddaa to'achuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, dhaamuu hin dandeenye. Hojjettoota balaa tasaa iddoo sana jiraniif gargaarsi barbaachisaadha, bishaan qofaan kan dhaamuu miti," jechuun himaniiru.

Itti dabaluunis, "Namoonni naannoo sana jiran ibiddi kun waan dhaama hin jirreef qabeenya isaanii achii fageessaa jiru," jedhaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Oct, 13:00


#MoE

Ministeera Barnootaa; Ramaddiin barattoota yunivarsiitii yeroo dhiyootti kan ifoomu ta'uu beeksisaniiru.

Ministirri kunis "Barattoonni qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 fudhatanii bu'aa seensa yunivarsiitii argatan yeroo dhiyootti ni ramadamu" jedheera.

Barattoonni obsaan akka eeggatanis waamichaan dhiyeessaniiru.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Oct, 10:18


Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad Istaadiyeemii Adeyi Ababaa daawwatan

Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad pirezdaantii konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) Paatirees Mootispee Istaadiyeemii Adeyi Ababaa ijaarsarraa jiru daawwataniiru.

Itiyoophiyaan Waancaa Afriikaa bara 2029 qopheessuuf gaafachuushee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuunsaanii ni yaadatama.

Gaaffiin Itiyoophiyaa fudhatama akka argatus taphataan kubbaa miilaa Naayijeeriyaa duraanii Daani’eel Amokaachii fi Nwaankuu Kaanuu ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’anii carraaqqii jalqabuunsaanii eeramera

Yaa’iin waliigalaa konfedereeshinii kubbaa miilaa Afriikaa (KKMA) 46ffaan boru Onkoloolessa 12 bara 2017 Finfinneetti adeemsifama.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

21 Oct, 05:24


Aanaa Jaldutti milishoonni 18 ajjeefamaniiru.

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Jalduutti haleellaa tibbana raawwateen abbaa fi ilma dabalatee, namoonni miseensoota milishaa gandoota gara garaa 18 hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)n ajjeefamuu miseensoonni maatii miidhamtootaa himaniiru.

Namoonni ajjeeffaman kun qindeessummaa caasaa nageenya Aanichaatiin milishoonni gandoota aanichaa gara garaa keessaa walitti qabamuun hidhatanii gara ganda Aabboo Kilbeetti akka ergamanii fi achitti ajjeefamu jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Ajjeechaa kanaan wal qabatee qaama mootummaa fi WBO irraa qulqulleeffatuun hin danda'amne.

Maddi:-BBC Afaan Oromoo

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

19 Oct, 08:02


Booranatti dubartiin haadha ijoollee sadii taate mukatti hidhamtee bakka ummanni dhaabbatee ilaalutti abbaa warraatiin reebamuun miidhaa cimaan irra gaheera.

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti dubartiin haadha ijoollee sadii lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraasheetiin reebamtee midhaan cimaan irraa gahuun hospitaala seente jirti.

Irra caalaatti haleellaa kana sukaneessaa kan taasise ammoo murtiin kun jaarsoliidhaan ajajamee lafa gabaa bakka namni hedduun dhaabbatee ilaalutti reebichi hamaan yoo irratti raawwatamu viidiyoon miidiyaa hawaasa irratti mul’achuusaati.

Ulfaatinna jireenyaa irraa kan ka'e, abbaan manaa ishee horii dhabanii jennaan ijoollee isaa fi haadha warraasaa dhiisee raayyaa ittisa biyyaa seene. Naannoo waggaa afurii olii akka tures himu.

Erga achii deebi'ee boodas si’a hedduu waldhabbiin baayyatee jalaa baatee yeroo hedduu akka deebite maatiin miidhamtu kanaa himeera.

Boodarra rakkoon isaanii fooyya’iinsa dhabee jennaan jalaa baatee warra gosa abbaasheetti baqatte. Jaarrooleen Boorana wal dubbisanii dubbiikee manuma keetti siiqorra gali jedhaniin. Isheen ammoo na ajjeesa dubbii tana sirritti naaf ilaaltan malee hin galu jettee didde,” jedhu maatiin warra miidhamtu.

Jaarroliin dubbii kana ilaalan intalti dubbii jaarsaa fudhachuu waan diddeef mukatti hidhamtee akka reebamtu murteessan jedhameera.

Haati ijoollee kun garmalee miidhamuun mana yaala galuu dandeesse jirti.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa gocha gara jabinna irratti raawwatamee hadheeffatee balaalleeffate jira.

Qaamolee miidhaa suukkaneessaa kanarratti hirmaatan hunda irratti tarkaanfiin barsiisaan akka fudhatamuuf hojjatamaa jiraachus ibsameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

19 Oct, 08:01


Oromoon saba aadaa fi duudhaa dilbii qabudha. Malkaa bu’ee irreeffatee, ardaa bahee jilatee aadaa isaa dhalootaa dhalootatti dabarsaa har’a gahe. Ardaan Jilaa bakka aadaan itti mul’atu, irraa baratamu, dhalootatti dabarfamudha.

Maaddii Abooliin Chaanaalii 489liin DStv irratti dookumantarii miira namaa hawwatuu fi boohaarsaa nama bashannansiisu 💪🔥!

Kaffaltii kaffaluuf, paakeejii kessan jijjiruuf, akkasumas tajaajiila DStv kanneen biroo argachuuf;

Linkii My DStv tuqaa!
👇👇
http://bit.ly/3IYTcii

#Hunduukanjirunubira #DStvEthiopia #MaaddiiAbol #Oromia

TIKVAH AFAAN OROMOO

18 Oct, 10:45


Kaansariin Harmaa maalii ?

Kaansariin harmaa sababa rakkoo seeliin harmaa jijjiiramuu fi of baay’isuudhan kan muudatu ta’ee, gosoota kaansarii du’aatii fidaan keessaa sadarkaa jalqabaa irratti argama.

Kaansarii Harmaatiif Waantota nama saaxilan:

• Umuriin namaa dabalaa deemuu fi umurii xiqqaatti ulfaa’uu

• Furdina gar-malee

• Tamboo xuuxuu fi alkoolii baay’isanii dhuguu

• Maatii fi firoota keessaa namni kaansarii kanaan dhukkubsatan yoo jiraate

• Namoota yaaliin cararii (radiation therapy) taasifameef

Mallattoolee mul’atan:

• Guddinnii fi bocni harmaa jijjiiramuu

• Bifni gogaa harmaa yookiin fiixee harmaa jijjiiramuu

• Dhangala’aan fiixee harmaa keessaan ba’uu

• Waan jajjabaataan/dhiitoo xiqqaan harma keessatti argamuu

• Dhiitoon naannoo harmaa/ bobaa jalatti mul’achuu

Toftaalee Ittisaa fi waantoota taasifamuu qaban:

– Fayyummaa harmaa fi haala jijjiirama isaa yeroo yeroon hordofuu

– Furdina hir’isuu, tamboo fi alkoolii dhiisuu

– Mallattooleen dhukkubbii fi jijjiiramni harma irratti yoo jiraate dafanii yaalii barbaachisaa argachuu fi hordoffii taasisuu ni gorfama. (FBC)

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Oct, 18:25


Hogganaan garee Hamaas, Yahyaa Sinwaar Gaazaatti ajjeefamuu Ministirri Dhimma Alaa Israa'el himeera.

Ministirri Dhimma Alaa Israa’el Kaatizii du’a hogganaa Hamaas Yahyaa Sinwaar beeksisuu isaanii miidiyaaleen addunyaa gabaasa jiru.

Waggaa tokko dura ''haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 narratti raawwate duuba kan jiran keessaa Yahyaa Sinwaar nama ijoodha'', Israa'el kan jette yoo ta'u, duula har'a gaggeeffameen ajjeefameera jechuun ministirri dhimma alaa Israa'el himeera.

Ajjeechaa Sinwaar mirkaneessu ibsi ofiisaa Hamaas irraa kenname jiraachuu baatus, maddeen Hamaas Sinwaar ajjeefamuu isaanii akka ibsan Rooyitars ibseera.

Rooyitars akka dubbisetti miidiyaaleen Israa’el hojiin kun Sinwaar ajjeesuuf kan kaayyeffate akka hin taane kan gabaasan yoo ta’u, Sinwaar haleellaa akka tasaa raawwatameen akka ajjeefame gabaafameera.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Oct, 13:31


Ogeettiin Odiitii taaskii Biiroo Galiiwwanii Matta'aa birrii kuma 50 osoo fudhattu qabamte.

Bulchiinsa magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Eekkaa Ogeettiin Odiitii taaskii Amaarech Balaachoo wajjira Galiiwwanii damee kanfaltoota gibiraa jiddugaleessaa osoo malaammaltummaa raawwattu fuula fuulatti qabamte.

Ogeettiin kunis nama dhuunfaa kanfalaa gibiraa ta'eef kiliraansii kennuuf osoo matta'aa birrii kuma 100 fudhachuuf waliigalaa jirtuu eeruun akka qaqqabe wajjirri kantiibaa beeksiseera.

Bu'uuruma eeruu qaqqabeen hordofuun osoo isheen biiroo keessatti birrii kuma 50 fudhattuu fuula fuulatti qabuun Poolisiin to'annoo jala oolchuun qorachaa akka jiru eereera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

17 Oct, 12:27


Yakka seeraan alaan namoota deddeebisuun kanneen balleessaan hidhaa cimaa waggaa 25 gahuun adabaman

Kanneen yakka seeraan ala namoota deddeebisuun balleessaadha jedhamanii galmee 13'n himataman hidhaa cimaa waggaa tokkoo amma waggaa 25tti adabamaniiru.

Galmee himataa 13'n himatamanii murteen kan irratti kenname:-

- Takkaa W/Maariyam hidhaa cimaan waggaa 25 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 28, galmee himataa kan biraatiin ammoo hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6 ,

- Lammaa Tamaaroo hidhaa cimaa waggaa 10,

- Mallasee Kaahsaay hidhaa cimaa waggaa 11 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 76,

- Dammaqech Maagujii hidhaa waggaa 15 fi  adabbii maallaqaa birrii kuma 30,

- Simi’oon Tawaldee hidhaa waggaa 3 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 4 fi 500,

- Yohaannis Fissihaayyee hidhaa waggaa 5 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 7 fi 500,

- Haannaa Diinoo hidhaa waggaa 3 fi baatii 3 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 2 fi 500,

- Gargaaraa Saajin Mahaammad Ahimad hidhaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma8,

- G/Tinsaa’ee Hagos hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 80,

- Abdul Shikur Yimaam hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 11,

- Muhiddiin Amaan Mahaammad hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 11,

- Abdulaziiz Raahimatoo Daanteeboo hidhaa waggaa 5 fi adabbii maallaqaa birrii kuma6,

- Zalaalam Birhaanuu hidhaa waggaa 5 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 3,

- Naardoos Haabtee Dabalee hidhaa waggaa 4 fi baatii 5 fi adabbii maallaqaaa birrii kuma 3 fi 500,

- Fireehiywoot Balaay Girmaa hidhaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 110, adabamanii jiru.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Oct, 15:25


Itiyootelekoom aksiyoona isaa dhibbantaa (10%) gurguruu akka eegalu beeksisee jira.

Ethio Telekoom gurgurtaan aksiyoonaa isaa marsaa lama qabaachuu ibseera.

Gurgurtaan aksiyoona idilee marsaa jalqabaa:-

- Waliigalaan qooda waliini = Birrii biiliyoona 100

- Gurgurtaa aksiyoonaa idilee marsaa jalqabaa irratti kan dhiyaate = Birrii miiliyoona 100

- Hanga aksiyoona xiqqaan bitamuu danda'u aksiyoona 33 yoo ta'u, yeroo maallaqaan kuufamu Birrii 3,333 ta'a.

- Lakkoofsi aksiyoonaa ol’aanaa bitamuu danda’u 9,900 yoo ta’u, kunis yeroo maallaqaan 999,900 ta’a.

- Bituun kan danda'amu Onkoloolessa 6 hanga Muddee 25tti ta'a.

- Miseensonni aksiyoonaa kan beekaman Ammajjii 23/2017 dha.

- Gurgurtaanis teeleebirriidhaan kan rawwatamuudha.

- Kaffaltii isaa sa'aatii 48 keessatti raawwatamuun ni danda'ama.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Oct, 15:14


#Saafaarikoom

Dhaabbatni telekoomii Saafaariikoom karaa M-Pesa’tiin tajaajila maallaqa Keeniyaa irraa gara Itoophiyaa erguu eegaluu beeksise.

Maamiltoonni Saafaarikoom karaa M-Pesa’tiin maallaqa fudhachuu kan danda’an ta’uu Saafaariikom ifoomseera.

Tajaajilli kuni rakkoo seektara faayinaansiitiif furmaata guddaa ta’a jedhame.

Hoggantuun tajaajila Faaynaansii Saafaariikom Keeniyaa Eestar Wayitiitu, "daddabrsa maallaqaa daangaa biyyaarra darbe baasii gadi aanaa ta’een dhugoomsuun namoota dhuunfaafi daldaltoota naannicha keessatti argaman jajjabeessaa jirra,” jedhan.

Tajaajilli kuni Itoophiyaanota M-Pesa fayyadaman hundaaf banaa ta’uu ibsameera. M-Pesa biyyoota 190 keessatti tajaajila faaynaansii kennaa jiraachuun eerameera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Oct, 13:58


#Naayijeeriyaa

Taankariin boba’aa dhowuun lubbuun namoota 94 darbeera.

Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibidaa uumameen lubbuun namoota 94 darbuun, namoota 50 irra ammoo miidhaan qaqqabuun ibsameera.

Konkolaataan boba’aa fe’uun imalaa ture tasa dhowuun balaa ibiddaa hordofsiiseen miidhaa kun gahuu danda'eera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Oct, 12:49


#AddisAbaba 🛬 #DireDawa

Guyyaa har’aa Xiyyaara ET248 Finfinneerraa gara Dirree Dhawaatti babali’e irraa #aarri mul'ateera.

Xiyyaarichi nagaan qubachuu fi imaltoonnis nagaan ba’uu ibseera.

Rakkoon xiyyaaricha mudate qoratamaa jiraachuu Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa beeksise.

Daandichi akka beeksisetti xiyyaarri gara Dirree Dhawaa balali’e wayita Buufata Xiyyaaraa Dirree Dhawaa qubachuuf jedhutti keessa xiyyaarichaatti aarri mul’ateera.

Ka’umsi aara mul’atees qoratamaa jiraachuu himuun rakkoo mudateef imaltoota dhiifama gaafachuu ragaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

@tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

16 Oct, 07:09


Finfinneetti kaffaltiin Taarifa geejjibaa ummataa fooyya’e.

Magaalaa Finfinneetti guyyaa har'aa eegalee kaffaltiin Taarifa geejjibaa ummataa fooyya’eera.

Taaksiwwan, Awutoobisiiwwan xixiqqaa fi Awutoobisiiwwan magaalaa hojii tajaajila Geejjiba ummataarratti bobba'anirratti dalaballiin kaffaltii Taarifaa taasiifamuu ibsameera.

Daballii kun guyyaa har'aa Onkololeessa 6, 2017 eegalee hojiirra kan oolu ta'uu Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Fakkeenyaaf taarifni konkolaattoota Miinii Baasii kana dura Birrii 4.5 ture amma Birrii 10tti, Birrii 8.5 kan ture Birrii 15tti ol guddachuu ibsa isaan himeera.

Taarifni Konkolaattoota giddugaleessaa kana dura Birrii 7 ture Birrii 10tt, Birrii 11 kan ture Birrii 15 ta'uu ibseera.

Taarifni Awutoobisiiwwan Magaalaa Birrii 10 ture ammas Birruma 10, Birrii 15 kan ture 20 ta'uu eereera.

@Tikvahethafaanoromoo

TIKVAH AFAAN OROMOO

15 Oct, 17:29


#Mpox #Keeniyaa

Keeniyaatti sababa 'Mpox' duuti jalqabaa galmaa'eera.

Keeniyaatti godinaalee biyyattii 10 keessatti namootni 13 dhibee Maariyyee Jaldessaa (M.Pox) kan qabaman yoo ta'u, sababa weerara vaayirasii kanaan lubbuun namoota jalqabaa galmaa'uu Ministeerri Fayyaa biyyattii beeksiseera.

Biyyattii keessatti dhukkubsattoonni dhibee kanaan qabaman 8 fayyaniiru, namootni 4 ammoo kutaa fayyinaa keessa akka jiran himameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerara Maariyye jaldeessaa yaaluuf meeshaalee yaalaa Keeniyaaf arjoomeera.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot

TIKVAH AFAAN OROMOO

15 Oct, 12:55


Warra Jaarsootti namtichi dubartii of fakkeessuun halkan mucaa dhiiraa warra mana bulee gudeede hidhaa'n adabame.

Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Warra Jaarsootti namtichi dubartii of fakkeessuun keessummaa ta’ee mana namaa erga buleen booda halkan ka’uudhaan mucaa dhiiraa umuriin waggaa 17 ta’e gudeede hidhaa waggaa 4 fi Ji'a Shaniin adabamuu manni murtii aanichaa himeera.

Gochi safuu hawaasaa cabse kun kan raawwatame Warra Jaarsoo bakka addaa Leencoo jedhamutti.

Himatamaan maqaa isaa Adaanaa Caannee jedhamuu fi uffata dubartii uffachuun dubartii yeroo fakkaatutti ammoo Maqaa Meerii jedhamuun waamamu ALI gaafa 05/09/2016 mana keessummummaan buleetti gocha qunnamtii saala walfakkaataa raawwateera.

“Himatamaan kun uffata Taayitii jedhamuu fi guutumatti dubartii of fakkeesuun mucaa mana warra bulee halkan naannoo sa’aatii 8ti ka’uun yakka kana raawwate” jedhan.

Qorannoon poolisii akka ibsetti, himatamaan kuni bakka maatiin hundi rafetti miidhamaan kuni akka hin iyyine uffata halkaniitiin afaan ukkaamsuun yakka qunnamtii saala walfakkaataa raawwateera.

Manni murtii Warra Jaarsoo dhaddacha guyyaa 04/2/2017 ooleen adabbii yakkamaa kanaa fi fakkattoota isaa barsiisuu danda'u hidhaa cimaa waggaa 4 fi baatii shaniin adabee jira.

@tikvahethafaanoromoo  @tikvahorobot