Oromia Communications Bureau @oromiacommunicationaffairsbureau Channel on Telegram

Oromia Communications Bureau

@oromiacommunicationaffairsbureau


This is official Telegram page of Oromia Communications Bureau

Promotional Article for Oromia Communications Bureau Telegram Channel (English)

Welcome to the official Telegram page of the Oromia Communications Bureau! This channel, with the username @oromiacommunicationaffairsbureau, is dedicated to providing the latest news, updates, and information from the Oromia region of Ethiopia. The Oromia Communications Bureau is a government agency responsible for managing and disseminating information related to the region. They work to ensure transparency, accountability, and communication between the government and the people of Oromia. On this Telegram channel, you can expect to find press releases, announcements, and updates on various government programs, initiatives, and events happening in Oromia. Whether you are a resident of the region, a journalist, or simply interested in staying informed about the latest news from Oromia, this channel is the go-to source for reliable and timely information. Stay connected with the Oromia Communications Bureau by joining their Telegram channel today. Be the first to know about important developments, policies, and news coming out of Oromia. Don't miss out on this valuable opportunity to stay informed and engaged with the latest updates from one of Ethiopia's most vibrant regions. Join the conversation, ask questions, and be a part of the ongoing dialogue on important issues affecting Oromia. Get involved, get informed, and be a part of the Oromia Communications Bureau community on Telegram. Together, let's work towards building a more transparent, communicative, and connected Oromia for all its residents. Join us today and stay up to date with the latest news and information from the heart of Ethiopia's largest region.

Oromia Communications Bureau

20 Nov, 06:45


https://www.facebook.com/100057437291356/posts/pfbid0SNjzMkdhuFuDTeMtBM57PqFvbAnMsVGdxaRSvhnWr3FqMUwQaetqjaizrHZVNiJwl/?app=fbl

Oromia Communications Bureau

19 Nov, 08:07


https://www.facebook.com/100057437291356/posts/pfbid0o45ztDVZRBK1aMcS6W2UfPQPaUmKCJ4zdR6p4bWsNbxgMAtu1STXRh7hbr884QK7l/?app=fbl

Oromia Communications Bureau

19 Nov, 02:31


https://www.facebook.com/share/v/18xEfNsvmg/?mibextid=CTbP7E

Oromia Communications Bureau

18 Nov, 06:23


Nagaa Koof Nan Dhaabbadha, Biyya Koos Nan Eeggadha!

Odeeffannoo Dabalataa Argachuuf
Facebook:
https://www.facebook.com/oromiabc
------
Telegram: https://t.me/Oromiacommunicationaffairsbureau
------
Twitter: twitter.com/OromiaBureau
------
YouTube:
https://www.youtube.com/@OromiaCommunicationBureau
------
TikTok: tiktok.com/@oromiacommunicationbureu
------
Website: https://www.oromiacommunication.gov.et/
------
kallachaOromia: https://m.facebook.com

Oromia Communications Bureau

16 Nov, 06:56


Waamicha Nagaa Haadha Siinqee Booranaa

Oromia Communications Bureau

16 Nov, 03:51


https://www.facebook.com/oromiabc/videos/542683361869832/?mibextid=QHi97vXeaPhvBiRL

Oromia Communications Bureau

15 Nov, 19:00


Uummata ofii kabajuun ulfina!

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Waamicha uummatni taasise simachuun humnoonni hidhannoon socho'aa turan Sagal hidhannoo guutuu waliin galanii jiru. Qaamoleen Mootummaafi uummannis ijoollee galan kana simataniiru.

Nagaa Nagaa Nagaa!

Oromia Communications Bureau

15 Nov, 19:00


https://www.facebook.com/share/p/1B7rvXvMMk/

Oromia Communications Bureau

15 Nov, 11:03


Hundaa’ol, hiriira nagaa ummatni fedhii isaatiin nageenya dheebochuu irraa ka’ee bahu, akka qaamaa mootummaan qindaa’eetti muldhisuuf yaaluun dhugaa irraa kan fagaateefi madaa ummataa mukaan horfuu akka ta'etti kan yaadamudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, ejjannoo isaa furmaanni karaa nagaa hunda caala jedhu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaa, gaaffii ummanni keenya, rakkoon nageenyaa naannoo Oromiyaa mudate marii nagaan akka hiikamu, hiriira bahuun dhiyeesse kan kabajuufi fudhatu yoo ta'u waldhabdee kana marii nagaan fixuuf daandii dheeraa kamuu kan imaluufi marii hidhattoota waliin taasifamu kamiifuu qophii ta’uu carraa kanaan irra deebiin mirkaneessuun barbaada.

Waamicha Ummataatti Qoosuun Itti Gaafatamummaa Seenaa Hordofsiisa!
Sadaasa 6/2017
Finfinnee

Oromia Communications Bureau

15 Nov, 11:03


Ibsa Ejjennoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa kenname.

Nagaa Nagaa Nagaa!!!

Ummanni naannoo keenyaa, rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf isaa rakkisaa ture, karaa nagaa akka goolabamu yeroo garaa garaa hiriira nagaa gurguddoo gochuun waamicha dhiyeessera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa waamicha kana kan kabaju, cimsee deeggaruufi kan owwaatuuf yoo ta’u, akkuma yeroo maraa, waldhabdee naannicha keessatti deemaa jiruuf furmaanni dorgomaa hin qabne marii karaa nagaa taasifamu ta’uu cimsee amana.

Mootummaan harka jalqabbii waldhabdee kanaa irraa kaasee nagaaf diriirsaa ture hardhas kan hin dachaasne yoota’u, ejjennoo daandiin qaama kamuu injifataa taasisu marii nagaati jechuun tarkaanfachiisus hin laaffisne. Kunis nageenyaafi misooma ummataaf kan dursa kennuufi mararfannaa hawaasaaf qaburraa kaa’eti. Kutannoo waamicha karaa nagaa itti fufiinsa qabu taasisuu cinatti, gufuu daldaltoonni siyaasaa kaa’an tarkaanfachuun marii nagaa marsaa lamaaf biyya Taanzaaniyaatti adeemsifame mijeessuufi hirmaachuun mirkaneessee jira. Fedhii guddaan mariiwwan kunneen waliigalteen xumuree, nageenya ummataa mirkaneessuufi irree gamtoomeen misooma naannichaa finiinsuuf qabu milkaa’uu dhabuun taatee gadda guddaadhaan yaadatamudha.

Haata’u malee, hidhattoonni kumaatamaan lakkaa’aman meeshaa waraanaa lafa kaa’anii karaa nagaa galuun, kutannoo mootummaan rakkoo kana karaa nagaa furuuf qabuuf ragaa baahuu irratti argamu. Akkuma yeroo maraa, Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun galaniif kabajaaf dinqisiifannaa olaanaa kan qabu ta’uu asumaan mirkaneessuun barbaadna.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa, hiriirri ummataa waldhabdeen naannicha keessa jiru karaa nagaa akka furmaata argatu kutaalee Oromiyaa garaa garaatti adeemsifame fedhii cimaa ummanni nagaafi tasgabbiin akka deebi’u qaburraa kan madde ta’uu guutummaan kan fudhatuudha. Yeroo gara garaattis ummanni keenya Farda luugamee, Waanjoo baatee, buuqqee duudaa qabatee, Callee harkanee, kallachaa baasee nagaa gaafateera; kadhateera.

Wanti nama gaddisiisu garuu, gareen daldaltoota siyaasaa adeemsa marii nagaa danquun dararaa ummataa madda galii godhatee ture, waamicha dhugaa ummanni gadadoon isaa akka dhuma argatuuf taasise irratti olola gaggeessuun, qoosaa egeree saba irratti taasisuu bare itti fufeera. Ololli garichi burjaajii ummataa ittiin dabaluuf oofu kana qofa miti; dhiheenya kanas humnoonni nageenyaa mootummaa, gocha maallaqaaf nama ukkamsuu, galma qabsoo humnoota hidhatanii ta’e keessatti hirmaachuu tamsaasuun olola bu’uura hin qabne hafarsaa turee jira.

Garichi olola akka kanaa kan adeemsisu, fudhatamummaafi aarsaa amma lubbuutti humnoonni nageenyaa keenya misoomafi nagaa ummataaf kanfalaa jiru xureessuun, itti fufiinsaan jeequmsa madda galii godhachuuf karoorsuuni. Maqa balleessiin akka kanaa wareegama qaalii, nagaa ummataa bakkatti deebisuuf humni nageenyaa keenya kaffalu waakkachuurraa kan maddu yoo ta'u, itti gaafatamummaa seenaas kan hordofsiisudha. Dabalataanis, Mootummaan naamusni akka kabajamuufi nagaan namootaa akka eegamu, gocha humnoota nageenyaa isaa itti dhiyeenyaan kan hordofu yoo ta’u, rakkoolee naamusaa xixxiqqaa illee kan hin obsine ta’uu mirkaneessuu barbaada.

Haat'u malee, gareen faayidaa ummata keenyaa hunda dhidhimsuu amaleeffate kun gaaffii nagaa, ummanni hiriira bahuun gaafate dhimma mootummaan harka keessaa qabu fakkeessee salphisuuf yeroo yaalu muldhateera. Gochi kun fedhiifi dhiibbaan ummataa humnoota hidhatanii socho’an biratti akka hin dhagaahamne taasisuuf kan raawwatamedha. Bakka nagaan bu’etti, bakka walqoodinsi hafetti, bakka gidiraan ummataa dhaabbatetti, ajandaan mararfataafi dhimmamaa ummataa of-fakkeessee hafarsuun “sabboonummaa" ittiin goonfatu, akkasumas bu’aa dinagdee argatu waan dhabuuf, gaafffii marii nagaa akka har’aa kana xiqqeessufi danquun isaa kan barame. Adeemsi kun umamaafi amala garee "sabboonummaa fakkeessaa itti jiraatuufi odeessee bulaa kanaati.