AQIIDAA ISLAAMAA GABAABAA
Kutaa 1ffaa
Islaamni: amantii Allaah ilmaan namaatiif file takkittiidha. Rabbiin amantii biraa ilmaan namaa fii jinniirraahis hin qeebalu. Rabbiin ol tahe akki je’e:
﴿وَمَن يَبتَغِ غَيرَ الإِسلامِ دينًا فَلَن يُقبَلَ مِنهُ﴾
“Nama Islaamummaa malee amantii biraa amantii godhachuuf barbaade Rabbiin isarraa hin qeebalu” Aal-Imraan: 75
Ammas Rabbiin ol taha akki je’e:
﴿إِنَّ الدّينَ عِندَ اللَّهِ الإِسلامُ﴾
“Amantiin Allaah biratti qeebalamtu Islaama qofa.” Aal-Imraan:19
Islaamni: Amantii Anbiyootaati hundaati. Rabbiin ol tahuu akki je’e:
“﴿وَما أَرسَلنا مِن قَبلِكَ مِن رَسولٍ إِلّا نوحي إِلَيهِ أَنَّهُ لا إِلهَ إِلّا أَنا فَاعبُدونِ﴾
“(Yaa Ergamaa kiyya Muhamma) siin duratti ergamaa tokkollee hin ergine yoo gama isaa haqaan gabbaramaan Ana Allaah tokkicha malee hin jiruu Ana qofa gabbaraa jechuun gama isaa beeysisa goonu malee” Al-Anbiyaa: 25
Ammas Rabbiin ol tahe akki je’e:
۞ إِنَّا أَوْحَيْنَا إِلَيْكَ كَمَا أَوْحَيْنَا إِلَىٰ نُوحٍ وَالنَّبِيِّينَ مِن بَعْدِهِ ۚ وَأَوْحَيْنَا إِلَىٰ إِبْرَاهِيمَ وَإِسْمَاعِيلَ وَإِسْحَاقَ وَيَعْقُوبَ وَالْأَسْبَاطِ وَعِيسَىٰ وَأَيُّوبَ وَيُونُسَ وَهَارُونَ وَسُلَيْمَانَ ۚ وَآتَيْنَا دَاوُودَ زَبُورًا (163) وَرُسُلًا قَدْ قَصَصْنَاهُمْ عَلَيْكَ مِن قَبْلُ وَرُسُلًا لَّمْ نَقْصُصْهُمْ عَلَيْكَ ۚ وَكَلَّمَ اللَّهُ مُوسَىٰ تَكْلِيمًا (164) رُّسُلًا مُّبَشِّرِينَ وَمُنذِرِينَ لِئَلَّا يَكُونَ لِلنَّاسِ عَلَى اللَّهِ حُجَّةٌ بَعْدَ الرُّسُلِ ۚ وَكَانَ اللَّهُ عَزِيزًا حَكِيمًا (165)
“Nuti gama kee beeysisa goone (yaa Muhammad) akkuma gama Nuuh fii Nabiyyoota isa boodaattis beeysisa gooneetti. Ammas gama Ibraahim, Ismaa’iil, Is’haaq, Yaaquub fii ilmaan isaatirraa, Iisaa, Ayyuub, Yuunus, Haarun, fii Suleeymaanittis beeysisa goone. Ammas Dawuudiif Zabuur kennine. Ergamtootarraa warra si dura ergame kan siif himneetu jira ammas warra siif hin himintu jira. Muusaa Rabbiin dhugaadhaan dubbiseeti jira. Ergamtoota gammachiisoo fii dinninnoo haala tahaniin ergine akka ilmaan namaatiif nurratti ragaan falmii isaaniif hin argamneef eega Ergamtoota ergine. Allaah injifataadha, ogeeysa waan hunda bakka isiin maltu kaayu” An-Nisaa: 163-165
Ammas Rabbiin ol tahe Nabiyyoota akka Nuuh, Ibraahim, Is’haaq, Yaaquub, Daawud, Suleeymaan, Ayyuub, Yuusuf, Muusaa, Haaruun, Zakariyaa, Yahyaa, Iissaa, Iliyaas, Ismaa’iil, Yasa’a, Yuunus, fii Luux eega maqaa tarreeyse boodaan akki je’e:
أُولَٰئِكَ الَّذِينَ هَدَى اللَّهُ ۖ فَبِهُدَاهُمُ اقْتَدِهْ ۗ
“Ormi kuni warra Allaah qajeelche, qajeelloo isaanii itti hidhadhu” Al-An’aam: 90
Amantiin Anbiyoota hundaa hundeen isaa tokkicha. Damee keeysatti wal dhaba, dameen ni jijjirama, hundeen hin jijjiramtu takkittiidha. Rabbiin ummata Israa’iil Muusaa fii Iisaa itti erge; Injiil Nabi Iisaarratti buuseen garii waan Towraat Nabi Muusaa keeysatti turee jijjire. Nabi Iisaan nageenyi irratti haa jiraatuu akki ja’u:
وَمُصَدِّقًا لِّمَا بَيْنَ يَدَيَّ مِنَ التَّوْرَاةِ وَلِأُحِلَّ لَكُم بَعْضَ الَّذِي حُرِّمَ عَلَيْكُمْ ۚ وَجِئْتُكُم بِآيَةٍ مِّن رَّبِّكُمْ فَاتَّقُوا اللَّهَ وَأَطِيعُونِ
“Towraat na dura buufame haala dhugoomsuuniin ergame, garii waan isinirratti dhorgaa godhamee isiniif hayyamuuf dhufe. Rabbi biraa ragaa ifa galaa taheen isinitti dhufeetin jiraa Allaah sodaadhaa ammas na dhagayaa” Aal-Imraan: 50
Muusaa fii Iisaan Nabiyyoota lama kan ummata tokkotti ergame hundee amantii osoo hin taane damee keeysatti jijjiramaa fii garaagarummaatu ture. Hoggaa ka isaanii akkas tahe Nabiyyoonni ummata adda addaatti ergaman dameen yoo wal dhabe maalayyaa maal gaafatta?!
Inshaa Allaah itti fufa
By jaafar bayan
@dubartiimuslimaa