<<Kunoo ani waan hundumaa haaraa nan taasisa>>
Mul. 21:5
Uummatni keenya martinuu baga waggaa haaraa 2017 nagaan geessan!
💚❤️🌾🌾🌾🌾🌾💙💙🕯😂👉👭💚
Baroota dhufanii darbanitti jireenya moofaafi ilaalcha moofaan, yaada moofaafi adeemsa moofaan itti ce’uun barbaachisaa miti. Barri haaraan jireenya haaraa, ilaalcha haaraa, adeemsa haaraa, guddina haaraafi kkf kan barbaadu yoo ta’ellee kanneen tattaaffatanii isaan kana gonfatan baay’ee miti.
Barri moofaan bara haaraan wayita bakka bu’u, boqonnaan moofaan cufamee boqonnaa haaraan ifa ba’uuf, yeroo bara dhufu simannu qalbiin keenya waan darbe yaadachaafi egeree abdii haaraa keessummeessun hin oolu. Baricha yeroo gaggeessinu yaadannoowwan hedduun gaarii ta’aniifi taatewwanniin guutamee dha.
Bara haaraas wayita simannu abdiin keenya akka ilillii birraa daraaree, firii gaarii buusuu akka agarru, kanneen nageenya keenya booreessanirraa akka qulqulloofnu, barri dukkanaa darbee ifti akka ba’uu ni amanna. Amantaan kun akka milkaa’u nutis bara haaraa waliin jijjiiramuutu nurraa eegama.Yoo hin jijjiiramne, yaada moofaa yoo hin gatne, barri tokko darbee barri biraa yoo dhufe jijjiiramni yeroo lakkoofsa qofa ta’uu danda’a.
Yeroo ammaa hojii bal’aan kan ittiin hojjetamu danda’uu qabeenyi hedduun fuullee keenyatti kuufameera. Barichi baraa carraa jijjiiramuu qabatee waanta’eef barichaatti fayyadamnes itti fayyadamuu baannes darbuun isaa hin hafu. Dhihuu fi bari’uu, torbanii fi ji'ootnu, waggoonii fi baroonni to’annoo keenyaan ala, waqtiifi ji'a lakkaa’uu qofti, jiraachuu hin mul’isu.Yeroodhaan imaluun gara yeroon geessutti imaluu utuu hin taane yeroo keessatti galmaa milkeessuu barbaannu qofaaf imaluu dha.
Dhimmoota furmaata haaraan kan bakka buusan, qormaata turan dawaa haaraan kan fayyisan, gufuuwwan turan buqqisuun daandii haaraa kan ijaaran, seenaa turan boqonnaa seenaa haaraan kan bakka buusan, seenaa beelaa badhaadhummaan, seenaa waraanaa nageenya waaraan, seenaa qoqqooddaa tokkummaa sabdaneessummaan, seenaa walitti bu’iinsaa obbolummaan, seenaa boodatti hafummaa ammayyummaatti kan jijjiiran gootota jiraatoo barbaaddi. Barri haaraan dhugumaatti haaraa akka ta’uuf seenaa haaraa kan barreessan barbaaddi. Barri jijjiiramuun waan hin hafnee ta’us, bara jijjiiruun hojii goototaati.
Isaan kunneen argisiistuu haa ta’an malee, kenniinsa tajaajilaa hattootarraa qulqulleessuu, sirna haqaa bu’aa qabeessa taasisuu, dhiibbaa qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu, gahee damee oomishaa guddisuu, tokkummaa biyyaalessummaa cimsuu, walitti bu’iinsa dhabamsiisuu, qonna caalmaan ammayyeessuu, qindoomina cimsuu, bulchiinsa gaarii mirkaneessuu, diimookiraasii bu’uuressuu, qabeenya umamaa qabnu sirnaan fayyadamuufi kanneen biroorrattis hojiileen nu hafan jiru. Bara ofii isaan darbee, ofii isaan dhufu moofaafi haaraa jechuun hiikaa waan hin qabneef bara haaraa, haaraa haa taasisnu.
Jijjiirama bara darbe hin turre, hojiifi waan dinqisiisa yoo uumne barichi haara ta’a aanaa keenyaaf hojmaata ammayyaa’aa, furmaataa, daandii, ilaalcha, ashaaraa, oomisha, aartii, teeknooloojii, argannoo, falaasama, kenniinsa tajaajilaa, bu’uuraalee misoomaa, agarsiistuu beekumsaa, aadaa qonnaa haaraa fiduunfi gurmaa'insa haaraa bakka hundatti bu'uura cimaa irratti ijaaruun baricha haaraa haa taasisnuun ergaa kooti.
💚💚🌾🌾🌾💙💙🥀👘🌹⚖️🍇🍇🍇
"Waaqayyo Ijoollee isheefi biyya keenya gidduu isaa lalisaan; handaara ishee dallaa abiddaan haa tiksu”
AMEEN🍍
🌿🌱🍀🍀🍀🌴🎍🌳🎄🌵🌿☘️🍄🥀🌷🌼🌸🌺🌼
Ayyaana Gaarii!!!
🍍🍓🍐🍊🍓🍉🍉🍇🍓🍍🍉🍇🌺🌼🌼💚💚🍓💚
Obbo Takilee Fiixaa Bulchaa Bulchinsa A/J/Arjoo
👇filmaatawwan toora miidiyaalee hawaasaa keenya garagaraan nu hordofuu ni dandeessu.
Facebook account https://www.facebook.com/arjoo.kominikeeshiin
Page https://www.facebook.com/profile.php?id=100068098909832
Telegram https://t.me/JimaArjoCommunicationaffairs
YouTube https://m.youtube.com/channel/UCzCH2NCidgEvYMhuBFb8HmQ
TIKTOK https://vm.tiktok.com/ZMF7BcvRV/
Twitter : https://twitter.com/Jimaarjo