GIBEE MEDIA @gibeemedia Channel on Telegram

GIBEE MEDIA

@gibeemedia


Qoosaa garaagaraaf
Asoosama sagaleedhan
Wolaloo bifoota midhaagadhan

Kana males kaayyoon channel keenyaa namoota dandeettii addaa qaban beeksisuudhaa


yaadaf @amaar70_bot @gibeeMedia

Nu qunnamuuf @Abu_Amaar1

GIBEE MEDIA (Oromo)

GIBEE MEDIA kan biroo qabannee abbootii fi miseensota Oromoo sagaleedhaan walaloofi midhaa suukaneessa. Kan itti fufee kanumaa barreessuufi qoosaa garaagaraafi asoosama sagaleedhaf sagaleedhaan Oromoo irratti dandeettii adda qaban beeksisee qabamee jiru. GIBEE MEDIA akka dandeettii addaa qaban jedhee mulā'ataa qabateera. Isaan keessatti sirnicha kanaa hawaasa Oromoo keessatti beeltaa turan labsame. GIBEE MEDIA walitti deebi'anii sirna kamiyyuu, qabsoo fi barumsa adda addaa kana irratti argamutti of qopheessu ture. GIBEE MEDIA yoo ta'uu, nu qunnamuuf @Abu_Amaar1 fi yaadaa @amaar70_bot @gibeemedia jedhamanii dhiibbaa qabuuf jecha jedha.

GIBEE MEDIA

04 Dec, 18:29


🇹🇷🇹🇷አስደሳች ዜና😁🇹🇷🇹🇷

🇹🇷ቱርክኛን በቀላሉ ለመማር ለምትፈልጉ በሙሉ👇
🫥እንኳን ወደ ቻናላችን በደህና
መጡ(Kanalımıza hoş geldiniz)
🧿በዚህ ቻናል ቱርክኛን ለማወቅ የሚረዳችሁ ነገር ሁሉ ይለቀቃል።
Yok ዮክ = የለም
Hayır ሀይር = አይሆንም
Rahat ol ረሃት ኦል = ቀላል ያርግልህ/ሽ
Çabuk ቸቡክ = ፍጠን-------𝗟𝗲𝗮𝗿𝗻 𝗠𝗼𝗿𝗲 👇👇
🇹🇷⫷ⓁⒺⒶⓇⓃⓄⓇⒺ⫸ተጫኑና መማር ጀምሩ!

🇹🇷𝐀𝐝𝐝 𝐘𝐨𝐮𝐫 𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 🇹🇷
        👇👇👇👇
🛰WAVE :-@HudHud_waver

GIBEE MEDIA

04 Dec, 18:18


Itiyoopiyaa keessatti interneetii bilisaan fayyadamuun deebi'ee eegale. Fayyadamuuf "ADD" bakka jedhu tuqi.

📥@Wbb_soll

GIBEE MEDIA

04 Dec, 18:02


😱😱😱🎉Gaaffii badhaasa qabu daqiiqaa 20 booda ni haqama.
Nama dursee deebise nama 10nif badhaasa qarshii 500

5+5×10×20=

📥@wbb_soll

GIBEE MEDIA

04 Dec, 17:59


♨️ኢስላማዊ ጥያቄ ⁉️ቁጥር (15)

🖍ያላ አባትና እናት የተፈጠረ ነብይ ማነው⁉️

♨️ ፍጠኑ ፍጠኑ😱 ቀላል ጥያቄ ነው 😱‼️

GIBEE MEDIA

04 Dec, 12:57


Oduu: Mootummaan waliigaltee booda hidhattoonni #WBO galaa jiraachuu ibse; WBOn gabaasa mootummaa kuffise

Mootummaan Naannoo #Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahuu ibse kan qondaala WBO duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin mallatteesse hordofee miseensonni WBO kallattii hundaan gara wiirtuu qophaa'efitti galaa jiraachuu ibse.

Mootummaan lakkoofsa hidhattoota galan ifatti ibsuu baatuus, hidhattoonni godina #Shawaa_Lixaa aanaalee jahaa keessa socho’aa turan 800 ol waamicha fudhachuun galuu miidiyaaleen mootummaa gabaasaniiru.

Jaarmiyaa hidhattootaa Waraana Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen, loltoonni WBO waamicha nagaa fudhatan galaa akka jiran ibsamuu “diraamaa qindaa’e” jechuun kufaa taasiseera.

GIBEE MEDIA

04 Dec, 08:51


Bulchiinsi magaalaa #Jimmaa Artist Sittiinaa Abbaa Duulaa fi Nafiisaa Abdulhaakimiif lafa mana jireenyaa kenne

Bulchiinsi magaalaa Jimmaa Artisti gameettii sirba 'burtukaanii miti hadha'adha, kun jaalala mitii maraachaadha' jedhuun beekamtu Sittiinaa Abbaa Duulaa fi obboleettii ishee quxusuu Artist Nafiisaa Abdulhaakimiif lafa mana jireenyaa kennuu beeksise.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar, artistoonni lamaan aadaafi duudhaa hawaasa godinichaa beeksisuu keessatti gahee isaani bahachuu eeruun, kanaafis bulchiinsi magaalichaa lafa mana jireenyaa itti ijaarratan kennuu dubbatan.

Sittiinaan sirboota aadaatii hanga qabsoo Oromoo, Jimmaa hanga Finfinneetti wellistoota Oromoo gameeyyii waliin wellisaa turte. ‘Burtukaaniin’ alas Sittiinaan sirboota akka Oromiyaa, Ushururuu, Siin waama yaa boonaa fi Hamma deemuu kiyyaa jedhamaniin beekamti.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid032fTw2acR2pidCzvd8avLTj3mGPEFPKKwDpFjhm4AyPaiXp7ZNmpd4t9V8nfjZYHXl

GIBEE MEDIA

03 Dec, 08:50


Oduu: Paarkiileen Industirii 10 gara Zoonii Diinagdee Addaatti guddifaman

Paarkiilee industirii 13 Korporeeshinii Misooma Industirii Paarkii jala bulan keessaa 10 gara Zoonii Diinagdee Addaatti guddifamuu korporeeshinichi beeksise.

Paarkiileen gara godina diinagdee addaatti guddifaman kunneen Industirii Paarkii Adaamaa, Industirii Paarkii Baahir Daar, Industirii Paarkii #Boolee_Lammii, Industirii Paarkii Dabtra Birhaan, Indusitirii Paarkii Hawaasaa, Industirii Paarkii #Jimmaa, Industirii Paarkii Qilinxoo Industirii Paarkii Maqaleefi Industirii Paarkii Samaraa ta’uu korporeeshinichi ifoomseera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02Lo3r64DMtoEWGu1W7ujzEMYkWYr7ddKczZhiAQjSDhwp4BzvJa8CdHbwCVg2t87sl

GIBEE MEDIA

02 Dec, 18:10


"#Eertiraan gonkumaa #Itoophiyaa jeequuf fedhii hin qabdu," - Isaayyaas Afawarqii, Pirezidaantii Eertiraa

Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii Sanbata darbe af-gaaffii miidiyaa biyyattii waliin taasisaniin, humnoota alaa dhimma marii gam-sadee biyyattiin #Somaaliyaa fi #Masrii waliin tibbana Asmaraatti gaggeessite irratti ''odeeffannoo sobaa tamsaasaa jiru'' jedhan qeeqaniiru.

Walgahiin gam-sadee Somaaliyaa, Masrii fi Eertiraa walitti fide kun Onkoloolessa 10 Asmaraatti gaggeeffame. Walgahii kana irrattis tarkaanfiiwwan dandeettii Somaaliyaa “daangaa lafaa fi galaanaa ishee eeguu ishee dandeessisu” tumsuuf fudhataman irratti waliigalaniiru.

"Eertiraan Itoophiyaa jeequuf gonkumaa fedhii hin qabdu" kan jedhan pirezidaant Isaayyaas, gochaan odeeffannoo sobaa tamsaasu kunis ''yaaddoo dhugaa Itoophiyaa irraa kan madde miti'' jedhan.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid035FX48aLYw1BcHF4Ej2AekvFwXmH7X2QPx1HB8GKs6vynobMevJGjS6c68wbFCnyGl/

GIBEE MEDIA

02 Dec, 17:32


Oduu: Obbo Taayyee Danda’aa wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa'e

Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Taayyee Danda'aa wabiidhaan akka gadhiifaman Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa murtee dabarsuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo Addis Standard’tti himan.

Aadde Sintaayyoon Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa har’a Muddee 02, 2024 ooleen Obbo Taayyeen wabiidhaan akka gadhiifaman murtaa’u mirkaneessaniiru.

Haaluma kanaanis, ajaja mana murtii kana raawwachiisuuf adeemsa barbaachisaa ta’ee raawwachaa jiraachuus dabalanii himaniiru.

GIBEE MEDIA

02 Dec, 09:50


Godina #Arsii Aanaa Shirkaatti namoonni sagal hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo #Oromiyaa Godina Arsii Aanaa #Shirkaatti haleellaa hidhattoonni Kamisa darbe raawwataniin dubartootaa fi maanguddoota dabalatee yoo xiqqaate namoonni sagal ajjeefaman. Jiraattonni ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) himatan.

Jiraataa aanichaa tokko yaada VOA’tti laateen, obboleessi isaa quxusuu hidhattootaan manaa fudhatamee lagatti ajjeefamuu hime. Jiraataan kan biraa ammoo namoota afur hidhattootaan butamuufi eessa buuteen isaanii hanga ammaatti akka hin beekamne himeera.

Viidiyoon awwaalcha jumlaa agarsiisu addatti mirkanaa’u baatuus miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa tureera. Gorsaan ajajaa WBO Jireenyaa Guddataa yaada VOA’tti laataniin, gareen hidhattootaa kun ajjeechaa tibbanaa irratti hirmaannaa qabaachuu haalaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid01GKgEjitbe2hWconGZfe77wQ4sPRUxAiC1C8wG5aqj7T7rztLKruNY4ESUfzjPFxl

GIBEE MEDIA

02 Dec, 09:50


Atileet Taammiraat Tolaa fi Simboo Alamaayyoo ‘atileetii cimoo bara 2024’ jedhaman

Atileetonni #Itoophiyaa Taammiraat Tolaa fi Simboo Alamaayyoon badhaasa atileetii cimaa fi cimtuu waggaa kanaa injifatan.

Atileet Taammiraat Tolaan badhaasa atileetii cimaa Istaadiyeemiin alaa injifateera. Atileet Simboo Alamaayyoon gama isheetin badhaasa atileetii guddattuu cimtuu injifatte.

Atileet Taamraat Tolaa bara dorgommii kanatti rikoordii maaraatoonii Olompikii fi Barliin fooyyeessuun injifachuun isaa ni yaadatama.

Akkasumas dhalattuun Itoophiyaa lammiin #Neezarlaand Atileet Siifan Hasan badhaasa atileetii cimtuu istaadiyeemiin alaa akkasumas waliigalaan atileetii cimtuu bara 2024 injifatte.

GIBEE MEDIA

01 Dec, 13:58


Mootummaan #Oromiyaa garee hidhattoota #WBO irraa adda bahe waliin waliigaltee nagaa mallatteesse

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahe, kan ajajaa zoonii giddu galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise.

Bal’inni waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaa’e kanaa hanga ammaatti ifatti hin ibsamne.

Ji’a Fulbaana darbe Sanyii Nagaasaan gareen isaanii kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan. Mootummaa waliinis mari'achuuf fedhii akka qaban himanii turan.

Yeroos Waajjirri Sab-qunnamtii ABO-WBO, Sanyii Nagaasaan ji’oota dura “sababa gocha gantummaatiin” garee kana keessaa ari’amuu ibsee ture. WBOn dhimma waliigaltee araaraa har'a mallatteeffame ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhe hin jiru. AS

GIBEE MEDIA

01 Dec, 11:20


Oduu: Keeniyaafi Ugaandaan Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti araarri akka bu'u hojjatu jedhame

Keeniyaafi #Ugaandaan waldhabdee somaaliyaafi #Itoophiyaa gidduutti mudate akka furamu haala mijeessuufi rakkoo tasgabbii #Somaaliyaa furuuf kan hojjatan ta'uu Pireezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoon dubbatan.

Waliigaltee handaara galaanaa Itoopgiyaafi Somaaliilaand gidduutti jalqaba Amajjii 2024 keessa mallatteeffame hordofuun Somaaliyaan "tokkummaa biyya koo kan hubuudha" jechuun waliigaltichi "fudhatama hin qabu" jettee ture.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0zLb9ZLDQjDxzSEb3ejaKA4b4ii7t6kKGPMLHkuAimPMgWeXmvMLaR6ywpxFQLLosl/

GIBEE MEDIA

30 Nov, 10:08


Oduu: Jubaalaand loltoonni Somaaliyaa guyyaa 15 keessatti akka bahan akeekkachiifte

Pireezidaantiin #Jubaalaand Ahmad Maadoobee loltoonni #Somaaliyaa guyyaa 15 keessatti Jubaalaand gadhiisanii hin bahan taanaan "tarkaanfii cimaa" akka fudhatu ibse.

Ahmad Maadoobee haasaa Masjiida Kismaayootti argamutti taasiseen, loltoonni Somaaliyaa iddoo qarqarqa Keeniyaatti argamtu Raaskaamboonii jedhamtu keessa buufatanii jiraachuu eeruun guyyaa 15 keessatti gadhiisanii akka bahan akeekkachiiseera. Guyyaa 15 keessatti hin bahan yoo ta'e "gatii kaffalu" jedheera.


https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0t85zvKqNBWb7ADmcdryE4wft8DBpgcHkb2UDTGpGTeQ51xMzQPrFaSMzFAoxxno2l/

GIBEE MEDIA

29 Nov, 14:12


Oduu: Hidha Haaromsa Guddicha #Itoophiyaa irraa qurxummii toonii 561 ol oomishame jedhame

Adoolessa 2024 kaasee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irraa qurxummii toonii 561 ol oomishuu waldaaleen omisha qurxummuu ibsan.

Waldaaleen 22 seeraan gurmaa’uun hidha haaromsaatii qurxummii omishaa jiraachuu itti aanaan Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo #Beenishaanguul_Guumuz Birhaanuu Itichaa (PhD) himaniiru.

Omishni qurxummii kun gabaa naannawa hidhichaattiifi giddugaleessa Itoophiyaatti argamaniif dhiyaachaa jira jedhame.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Anniisaa maddisiisurra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuu Birhaanuun eeraniiru. AS

GIBEE MEDIA

28 Nov, 13:33


Oduu: Naannoo #Oromiyaatti namoonni miiliyoona 39 ol dhibee busaaf saaxilamoo ta’uu ibsame

Weerara dhibee busaa naannoo Oromiyaa dabalatee kutaalee biyyattii hedduu keessa tatamsa’aa jiru ittisuuf qaamni hunduu akka tumsu Biiroon Fayyaa Oromiyaa waamicha dhiyeesse.

Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warquu ibsa miidiyaaleef kennaniin, tatamsa'inni dhibichaa godinaalee Oromiyaa 18 fi magaalota 10 keessatti hawaasarraan miidhaa qaqqabsiisaa jiraachuu himan.

Naannichatti hawaasni miiliyoona 39.5 dhibichaaf saaxilamoo ta'uu eeruun, ittisa dhibichaa irratti qaamni hunduu akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.

Pirofeesar Nastaannat ibsa isaaniin weerarri dhibee busaa rakkoo fayyaa qofa osoo hin taane “gufuu misoomaa” ta’aa dhufuu ibsuun, “kanaaf dhibee kana to’achuuf biirichi ciminaan hojjachaa jirra” jedhan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid036Q2Reb8hGgb1wrkNXrVkf5vuH3KvsN83xtf1RbxQPojdGkQc8sxompNZRLAHH3Q9l

GIBEE MEDIA

28 Nov, 13:33


Oduu: Itoophiyaan liqii Doolaara miliyoona 251 Fandii Maallaqa Addunyaa irraa argachuuf waliigalte

Itoophiyaan liqii dabalataa Doolaara miliyoona 251 Fandii Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa argachuuf waliigalteerti.

IMF, ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen, gulaallii lammaffaa ji'oota afur dura Waxabajjii 2024 keessa gaggeesseen waggoota afur keessatti maallaqa Doolaara biliyoona 3.4 Itoophiyaaf liqeessuuf murteesse ture keessaa Doolaara miliyoona 251 eeyyamuuf waliigaluu ifoomseera.
Gabaasa guutuu.

GIBEE MEDIA

28 Nov, 07:12


Oduu: #ONLF waldhabdeen mootummaa federaalaa #Somaaliyaa fi bulchiinsa #Jubaalaand gidduu jiru akka tasgabbaa'u hubachiise

Naannoo Somaalee keessa kan socho'u Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) muddamni bulchiinsa Jubaalaand, keessattuu naannawaa Raad Kimboniitti mudate hammaachaa dhufuun akka isa yaaddeesse ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen beeksiseera.

Qaamoleen lamaan filannoo Jubaalaandiin walqabatee seera filannoo irratti waldhaban. Ergasii Pireezidaantiin Jubaalaand Ahimad Maadobee yeroo sadaffaaf filatamuu isaanii hordofee waldhabdeen kun hammaate.

Yeroo ammaa kana mootummaa federaalaa Somaaliyaa loltoota isaa naannawaa bulchiinsa Jubaalaanditti kan qubchiise yoo ta'u, bulchiinsi Jubaalaandis humnoota nageenya isaa sochoosuun cimsaa jiraachuu ibsameera.

ONLF ibsa isaatin, "muddamni uumame Jubaalaand qofa osoo hin taane guutummaa Somaaliyaa tasgabbii dhabsiisa" jedhe.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid028V2jq8e3VpWAkMTXUGWciWW8iEd8UvfNsKf3ypbMoogv4MDDATQX5kRX6dqT771ml/

GIBEE MEDIA

27 Nov, 15:30


Birriin tiriiliyoonni 3.25 karaa #Teeleebirriin daddabarfamuu ibsame

Appilikeeshinii #Itiyoo_Telekoom waggaa sadii dura Caamsaa 2021 gara hojiitti seene ‘Teeleebirrii’ hanga ammaatti Birrii tiriiliyoonni 3.25 daddabarsuu Itiyoo-Teelekoom beeksise.

Itiyoo Telekoom sirna daldala dijitaalaa fi mala gabaa elektirooniksii irratti bakka bu’oota indaastirii omishaa fi qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

Marii kana irratti hojii raawwachiistuun dhaabbatichaa Firehiiwoot Taammiruun akka ibsanitti, Itoophiyaatti Teeleebirriin daddabarsa maallaqaa dijitaalawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Yeroo ammaas fayyadamtoonni appilikeeshiniichaa miiliyoona 51.3 qaqqabuu eeruun, appilikeeshinichi erga hojiirra ooluu eegalee Birrii tiriiliyoonni 3.25 ittiin daddabarfamuu dubbataniiru.

Itiyoo Teelekoom ‘Dijitaal Itoophiyaa’ galmaan ga’uuf tattaaffii eegaleen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

GIBEE MEDIA

27 Nov, 15:30


Fooramiin Humna Qilleensaa #Afrikaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira

Humni Qilleensaa #Itoophiyaa hundeeffama isaa waggaa 89ffaa Sadaasa 29, 2024 kabajuuf jala bultiisaa sagantaalee garaagaraan kabajaa jira.

Guyyaa har’as qaama sagantaalee kanaa kan ta’e Fooramiin Humna Qilleensaa Afrikaa lammataa bakka ajajoonni humna qilleensaa biyyoota Afrikaa argamanitti #Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.

Fooramicha irratti ajajoonni humna qilleensaa #Morookoo, #Yugaandaa, #Taanzaaniyaa, #Maalii, #Keeniyaa, #Ruwaandaa, #Jibuutii, #Naayijeeriyaa, #Koongoo Biraazaaviil fi #Niijar argamaniiru.

Ajajaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa fooramicha irratti akka jedhanitti, teeknooloojiin indaastirii aviyeeshinii guyyaa guyyaan ammayyaa tahuun bifa haaraa qabachaa jiraachuu himan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0ngo5b3iWnAMbqZp5p8ZKDtMA6GL4QVL5jKpcXtZr9Ux5i1nY5kE2TwpUWTRTYKY2l

GIBEE MEDIA

27 Nov, 04:25


Assalaamu Alyekum warahmatullaah wabarakaatu kitaabini «ክርስቶስ ማነው» Kirstoos Enyu?"   jedhu kan hayyuu Seenaa ustaaz Ahmaddiin jabaliin barreeffame Jamaal kadiirin gara  Afaan oromootti hiikamuun dubbiftoota dhihaateera .kitaabini kun kitaabilee mata duree kana irratti barreefaman keessaa kitaaba akkaan bareeda yoo ta'u waa'ee Nibiyyullaah Iisaa(As) (Yesuus kiristoos)ilaalchisee  gaafilee murteessoo 303 of keessatti hammateera. Kitaabicha kana dubbisuun namootas dubbisiisuun akka sababa qajeellumaa taatan dhaamsa  kooti.

Teessoo kitaabicha itti argattan:-

Finfinnee
Naannoo masgiida Anwaar mana kitaabolee Islaamaa
Ayyarxeenaa
Odeeffannoo dabalataatiif
Lakkoofsa bilbilaa:

+251920781016
+251913463746

GIBEE MEDIA

26 Nov, 18:24


Oduu: Raayyaa Qobbootti sodaan nageenyaa manneen barnootaa akka cufaman taasise


Godina Walloo Kaabaa aanaa Raayyaa Qobbootti sodaa nageenyaa mul'atu hordofee manneen barnootaa hedduu cufamuu barsiisonniifi hoggansi mannneen barnootaa himan.


Dura bu'aan mana barumsa Kaatolikii sadarkaa Tokkoffaa Nigus Taganuu mana barnootaa inni hogganuufi kanneen biroo naannichatti argaman keessatti adeemsi baruufi barsiisuu addaan cituu himeera.

GIBEE MEDIA

26 Nov, 17:52


Aanga’aan #Sudaan dhimma #Hidha_Haaromsaa irratti yaada laataniin #Itoophiyaa mufachiisanii turan Geediyoon Ximotiwoos waliin mari’atan

Tibbana dhimma Hidha Haaromsaa ilaalchisee yaada laataniin gama Itoophiyaa irraa komiin irratti dhiyaate kan turan Ministira Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf Ahmad Al-Shariif gara #Finfinnee imaluun Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa waliin mari’achuu ibsame.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotiwoos har’a ganama Ambaasaaddar Alii Yuusuf Ahmad Al-Shariif waajjira isaaniitti simachuun dhimmoota biyyoota lamaanii fi haala yeroo Sudaan irratti mari’achuu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.

Ministira Dhimma Alaa Sudaan Alii Yuusuf Ahmad Al-Shariif tibbana televijiinii biyyattii irratti dhiyaatanii af-gaaffii taasisaniin, ''dhimma Hidha Haaromsaa irratti wantoota furmaata hin arganne gara waraanatti ce’u malu'' jedhanii turan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0gSYZPZcyYBgS7jGiKRPdC26BNNHyMQHtemKY6ZJDqqkdr7UjCwrdtPex3mTjTTE7l

GIBEE MEDIA

26 Nov, 07:24


Lubni Balaay “sobaan narratti qindaa'ee to'atame” jechuun mana murtiitti himan

Yakka malaammaltummaa gowwomsuu cimaan kan himataman Luba Balaay Mokonnin dhaddacha kaleessa ooleen jecha ragaa ittisaa yeroo dhiheeffatan ''sobaan irratti qindaa'ee'' akka to'aman dubbatan.

Luba Balaay, sanadoota sobaa waliigalatti doolaarri miliyoona 6 fi kuma 50 lakkoofsa herreega baankii Gamtaa Afrikaa keessaa bahii ta’ee namoota afuriif akka kaffalamu gaafatan Baankii Daldalaa Itoophiyaa Damee Gamtaa Afrikaaf dhiyeessaniiru jechuun himataman.

Gochaa ittiin shakkamanii to’annoo jala oolan “na himachiisuuf miti gaaffiif kan na dhiyeessu miti” kan jedhan Luba Balaay, yakka ittiin himataman akka hin raawwanne mana murtiitti irra deddeebiin himan.

''Ani nama diina qabu'' kan jedhan himatamaan, sanada sobaa kaffaltiin akka ittiin raawwatamu dhiyaaterratti maqaanis ta’e lakkoofsi herreega baankii isaanii akka hin jirreefi sanadicha harkaanuu akka hin tuqne himan.

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/c79z0xev9qlo

GIBEE MEDIA

25 Nov, 19:36


Oduu: "Gochaan hojii bulchiinsa yeroo danquu gara sadarkaa hammaataatti ce'e" - Geetaachoo Raddaa

Gochaan hojiilee misoomaa Bulchiinsi Yeroo Tigraay raawwachaa jiru danquu gara sadarkaa yaaddeessaatti darbaa jiraachuu pireezidaantiin bulchiinsi yeroo Geetaachooo Raddaa himan.

Pireezidaantichi ibsa Sadaasa 15, 2017 ALI miidiyaaf laateen, "Siyaasni Tigraay rakkoo kana caalutti galaa jira," jedheera.

GIBEE MEDIA

25 Nov, 13:18


Oduu: Jiraattonni Aanaa #Darraa ajjeechaafi dararaa irra gahaa jiru miidiyaatti himatan 16 hidhamuu maatiin himan

Godina #Shawaa_Kaabaa aanaa Darraatti jiraattonni 16 ajjeechaa gara jabinaafi suukaneessaa hidhattoota #Faannootin raawwatamaa jiru viidiyoo miidiyaa hawaasa gubbaatti qoodameen himatan to’annoo jala ooluu maatiin Addis Standard’tti himan.

Jiraataa aanichaa maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, namoota hidhaman keessaa haati isaa akka argaman himeera. Jiraataan kan biraa ammoo, “birmannaaf iyyachuu isaaniin shororkeessummaa irratti bobba’an jedhamanii maqaa itti moggaafame” jedhe.

GIBEE MEDIA

25 Nov, 13:17


#Itoophiyaan waggoota 10 dhufanitti konkolaattota elektirikii hanga kuma 500 fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu ibsame

Itoophiyaan waggoottan 10’n dhufan keessa konkolaattota elektirikii %95 fayyadamuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Guyyoota sadan darbaniif Finfinneetti gaggeefamaa kan ture Siimpooziyamii fi Egzibiishiniin Idil Addunyaa “Ethio-Green Mobility” xumurameera.

Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Bara’oo Hasan, Itoophiyaan humna haareffamaa fayyadamuuf karoora bal’aa qabachuun hojjechaa jirti jedhan.

Damee geejjibaan oomisha konkolaattota elektirikii babal’isuun baasii boba’aa hir’isuu fi naannawaa magariisaa ijaaruuf hojjetama akka jiru ibsaniiru.

Manni hojii ministeerichaas waggoottan 10’n dhufan keessa konkolaattota elektirikii 432,000 hanga kuma 500 faayidaarra oolchuuf karoorfatee hojjechaa akka jiru beeksisaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02bHrUWot7B8NB6qxviwHUGiSd6EkezPMMcuV9i5RVuTa16bn8KbRDwmGzEDgMZaVkl

GIBEE MEDIA

23 Nov, 13:50


Gurgurtaa humna elekrikii irraa baatiwwan sadi keessatti galii Birrii biiliyoona 15 ol argame

Humni Elekrikii Itoophiyaa baatiwwan sadan darban gurgurtaa humna biyya keessaaf dhiyeessarraa galii Birrii biiliyoona 8.7 ol argachuu beeksiseera.

Dabalataan humna elektirikii Daataa Maayiniingiif dhiyaaterraa galiin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 59.4 (Birrii biiliyoona 7 ol) argamuu gamaaggama raawwii hojii kurmaatan 1ffaan ibsameera.

Bara baajataa kana piroojektoonni anniisaa meegaa waattii kuma 7 fi 200 ol maddisiisuu danda’an 5 ijaaramaa jiraachuu ka’eera.

Kurmaana 1ffaa darbe keessaa humna saa’aatii giigaa waattii kuma 6 fi 501 maddisiisuun danda’amuu dhaabbatichi ibseera.

GIBEE MEDIA

22 Nov, 14:36


Ambaasaaddarri #Itoophiyaa Pireezidaantii haaraa #Somaalilaand waliin mari’atan

Somaalilaanditti Hogganaa Qontsilaa Itoophiyaa Tashoomaa Shundeen Pireezidaantii haaraa Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdillaahi waliin mari’ataniiru.

Jilli Ambaasaaddar Tashoomaa, Attaacheewwan Waraanaa Itoophiyaa fi qondaaltota imbaasichaa of keessa qabate ergaa baga gammaddanii mootummaa Itoophiyaa irraa ergame pireezidaantichatti ga’uun ibsameera.

Kana malees, ambaasaaddar Tashoomaan pireezidaantii haaraa Somaalilaand Abdirahmaan Mohaammad Abdillaahi waliin haala hariiroo Itoophiyaa fi Somaalilaand cimsuun danda’amu irratti mari’achuu isaanii 'Horn Diplomat' gabaaseera.

Filannoo pirezidantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa dura gaggeeffameen kaadhimamaan paartii mormituu ‘Waddaanii’ kan ta’an Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahi injifachuu isaanii ni yaadatama.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02362nfe6FussQyQ3Uh3n82r3miQA1eWjGxi2ow5N7N2sxS169siarYsKRXPrGLc7gl

GIBEE MEDIA

21 Nov, 18:11


🚫ከ1ሰዓት ቦኃላ ይጠፋል

🫥ኢስላማዊ ጥያቄ ⁉️ቁጥር (27)

📮አላህ ለመጀመርያ ግዜ የታመፀበት
ወንጀል ምን ነበር ⁉️⁉️

🚫ፍጠኑ ፍጠኑ 😱በጣም ቀላል ጥያቄ ነው‼️

GIBEE MEDIA

21 Nov, 17:47


𝐎𝐃𝐔𝐔 𝐆𝐀𝐌𝐌𝐀𝐂𝐇𝐈𝐈𝐒𝐀𝐀

𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐𝒇𝒊𝒊 𝑩𝒂𝒔𝒉𝒂𝒏𝒏𝒂𝒏𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒐𝒕𝒂 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒏 𝑩𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒂𝒏 𝑰𝒔𝒊𝒏𝒊𝒊𝒇 𝑸𝒂𝒃𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆 𝑫𝒉𝒖𝒇𝒏𝒆𝒆𝒓𝒓𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑱𝒐𝒊𝒏 𝑮𝒐𝒅𝒉𝒖𝒖𝒅𝒉𝒂𝒂𝒏 𝑵𝒖 𝑯𝒐𝒓𝒅𝒐𝒇𝒂𝒂.

𝐇𝐮𝐛𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐬𝐚: 𝑪𝒉𝒂𝒂𝒏𝒂𝒂𝒍𝒊𝒊 𝑨𝒇𝒂𝒂𝒏 𝑶𝒓𝒐𝒎𝒐𝒐 𝑻𝒂'𝒂𝒏 3𝑲 𝒇𝒊 𝑰𝒔𝒂𝒂 𝑾𝒐𝒍𝒊𝒊𝒏 𝑲𝒂𝒏 𝑯𝒐𝒋𝒋𝒂𝒏𝒏𝒖 𝑻𝒂'𝒂𝒂 𝑲𝒂𝒏𝒂𝒂𝒇𝒖𝒖 𝑵𝒂𝒎𝒏𝒊 𝑵𝒖𝒕𝒕𝒊 𝑫𝒂𝒃𝒂𝒍𝒂𝒎𝒖𝒖 𝑭𝒆𝒆𝒕𝒂𝒏 𝑨𝒔𝒊𝒊𝒏 𝑵𝒖 𝑸𝒖𝒏𝒏𝒂𝒎𝒂𝒂

𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥 𝐀𝐟𝐚𝐚𝐧 𝐎𝐫𝐨𝐦𝐨𝐨 𝐐𝐨𝐟𝐚 3𝐊+
𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐨𝐦𝐨𝐭𝐞𝐫: @Rafiiqul_Islaam2

Ads: 👇👇👇👇
https://t.me/+0puaGJwLzLgyY2U8
https://t.me/+zOTmz0fXj3pkMTk0
https://t.me/+HzNEski01TRkN2Jk

GIBEE MEDIA

21 Nov, 10:31


አዲስ ጫወታ መዋሸት አይቻልም የስማችሁን የመጀመሪያ ፊደል በመንካት የሚመጣላችሁን ቀላል ጥያቄ መመለስ..   ዳይ ወደ ስራ👇

🄰       🄱       🄲

🄳       🄴       🄵

🄶       🄷       🄸

🄹       🄺       🄻

🄼       🄽       🄾

🄿       🅀       🅁

🅂       🅃       🅄

          🅆       🅇
      
            🅈       🅉

   መልካም  ጨዋታ😍

𝐅𝐫𝐞𝐞 𝐖𝐚𝐯𝐞: @Rafiqul_Islaam

GIBEE MEDIA

20 Nov, 18:34


Oduu: #Oromiyaatti taateen namoota humnaan ukkaamsanii leenjii waraanaatti erguun dabaluu jiraattonni himan

Naannoo Oromiyaa magaalota hedduu keessatti taateen namoota fedhii isaanii malee humnoota nageenyaa mootummaatin ukkaamfamanii gara leenjii waraanaatti ergamuu fi gadhiisuuf maallaqa gaafatamuun hammaachuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraataan godina #Shawaa_Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullallee sababa nageenyaatif maqaan isaa akka hin eeramne gaafate, aanicha gandoota 19 irraa barattoota, qonnaan bultoota fi daldaltoota dabalatee namoonni 250 ol humnaan leenjii waraanaaf fudhatamuu himeera.

Jiraataan godina #Jimmaa aanaa Saxxammaa Addis Standard dubbise gama isaatin, obboleessa isaa dabalatee namoonni 20 ol to’annoo humnoota mootummaa jala erga oolfamanii booda obboleessi isaa birrii 60,000 maatiidhaan kaffalameefi gadi lakkifamuu hime.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5129

GIBEE MEDIA

20 Nov, 11:35


Oduu: Tigraayitti hojiin loltoota 75,000 deebisanii ijaaruu guyyaa boruu eegala: Komishinii Haaromsa Biyaalessaa

Hojiin loltoota #Tigraay duraanii deebisanii ijaaruu guyyaa boruu akka eegalu komishiniin haaromsa biyyaalessaa beeksise.

Hojiin hidhattoota naannolee torba keessaa dhufan 371,000 ol ta’an gara giddugala haaromsaatti galchuun raawwatamuu komishinarri komishinichaa Tamasgeen Xilaahun ibsa keennaniin ifoomsaniiru.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0q5GdW9bwEYFVqvWxSY3mPaFKFR8PVff2fVcSkKA6JseG8jaetAyGteTGqu8rRXfWl

GIBEE MEDIA

20 Nov, 10:17


Oduu: Gamtaan #Awurooppaa dhorkii viizaa lammiilee #Itoophiyaa irratti dabarse akka kaasu gaafatame

Walgahiin garee hojii waloo Itoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa 4ffaan kaleessa Sadaasa 19, 2024 magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Yaa’ichaan gamni lamaanuu hariiroo tarsiimowaa qaban jabeessuuf kutannoo qabaachuu ibsan.

Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Gamtaan Awurooppaa michuu tarsiimowaa Itoophiyaa ta’uu eeruun, Itoophiyaan michummaa gamticha waliin qabdu cimsuuf kutannoo akka qabdu dubbatan.

Itoophiyaan biyya ka’umsa, ce’umsaa fi galma godaansaa ta’uu ibsuun, dhimma godaansaa dhimmoota siyaasaa xiyeeffannoo barbaadan waliin madaala walqixa kan barbaadu ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatin Gamtaan Awurooppaa uggura viizaa kanaan dura lammiilee Itoophiyaa irratti dabarsee ture kaasuuf tarkaanfii fudhachuu akka qabu hubachiisaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02D8ZGExvpKKUAfHPBM6qHbWZvX6wMHui2bRBp6DYj181Kf3akTcWCftijBCdMfwg7l

GIBEE MEDIA

20 Nov, 10:16


Oduu: Lammiileen #Naayijeeriyaa Itoophiyaa keessa hidhamanii jiran gara biyya isaanii akka deebifaman manni murtii ajaja dabarse

Lammiilee Naayijeeriyaa 270 #Itoophiyaa keessatti hidhamanii argaman gara biyya isaanitti akka deebi'aniif Ministeerri Dhimma Alaa fi Komishiniin Daayaspooraa Naayjeeriyaa haala akka mijeessu Mana Murtii Olaanaa Naayijeeriyaa ajaja dabarse.

Hidhamtoonni Naayjeeriyaa 270 kunneen mana hidhaa Qaallittiitti kan argaman ta’uu eerameera. Manni murtichaa kuni ajaja kana kan dabarse sababa hir’ina baajataatiin Itoophiyaan hidhamtoota kana tursiisuu akka hin dandeenye ibsuu hordofeeti.

Manni murtii ajaja kan dabarse iyyannoo namoonni sadi Sandeey Maanduwaanguu, Heenrii Anyaanwuufi Liyoonaardoo Okaafoor jedhaman galchan hordofeeti.

Hidhamtoonni Naayjeeriyaa kunneen mana murtiitti osoo hin dhiyaatiniifi mirga abukaatoo osoo dhoorkamanii argamus jedhame.

https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0TSE8srYpa9UwQnZypFHJAkgTrN5Lq7YPEifRhtXThne25swkNquVGnRhwqbzrtx4l

GIBEE MEDIA

19 Nov, 18:04


Xiinxala Oduu: #Markaatootti to’annoo nagaheen walqabatee suuqonni cufamuun galii guyyaa namoota hedduu addaan cite

Giddugala gabaa magaalaa #Finfinnee kan ta’e Markaatootti sirna bittaa fi gurgurtaa nagahee irratti hundaa’e hojiirra ooluu hordofee suuqiiwwanii fi manneen daldalaa torban tokko oliif cufamuu isaanii hordofee sochiin daldalaa danqameera.

Daldalaan naannawaa ‘Boomb Taraa’ Addis Standard dubbise, murteen kuni sochii gabaa Markaatoo jeequufi galii guyyaa isaanii gadi buusuu himeera. “Namni hundi sodaa fi yaaddoo qaba. Sodaa kanaatiif suuqiiwwan hedduu cufamanii argamu,” jedhe.

Daldalaan kan biraa gama isaatin daldaltoota nagahee malee gurguran irratti adabbiin hanga birrii 100,000 kaa’amuun hedduu biratti sodaa uumuu hime. “Daldaltoonni hedduun nagaheedhaan hin gurguran ture. Oomishaaleen kunneen karaa al-idileetiin sakatta’insa seeraa miliquun gara biyyaa kan galaniidha,” jedhe.

https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5124

GIBEE MEDIA

19 Nov, 12:10


Qondaalonni #Ameerikaa dhimma walitti bu’iinsa naannolee #Oromiyaa fi #Amaaraa itti fufee jiru irratti Ministira Ittisaa #Itoophiyaa waliin mari’atan

Qondaalonni olaanoo Ameerikaa haala walitti bu’iinsa naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa jiru furuun danda’amu irratti Ministira Ittisaa Itoophiyaa Ayishaa Mohaammad waliin Finfinneetti mari’achuu isaanii Imbaasiin Ameerikaa Finfinneetti argamu beeksise.

Marii kaleessa gaggeeffameen karaaleen hariiroo Ameerikaa fi Itoophiyaa itti cimsuun danda’amu kaafamuu ibsameera.

Jila Ameerikaa maricha gaggeesse Ambaasaaddara Ameerikaa Erviin Maasingaa, Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Itti Aanaa Gargaaraa Ministiraa Afrikaa Bahaa Viisanti Dii Ispeeraa, Gargaaraa Ministira Ittisaa Maawriin Faareeli fi kanneen biroo ta’uu Imbaasichi ibseera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02aguLY5FRNyE8twv45UG6RMw23G8CfzbZGsKghfMenipnxWXZJZbQ6UUbyLhFNEZvl

GIBEE MEDIA

18 Nov, 13:52


Oduu: "#Eertiraa waliin nagaa buusuu barbaanna" - Geetaachoo Raddaa, Pireezdaantiin Bulchiinsa Yeroo #Tigraay

Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaan qormaanni siyaasaa hedduu jiraatuus, bulchiinsi isaanii Eertiraa waliin hariiroo nagaa uumuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru.

Obbo Geetaachoon af-gaaffii gaazexaa biyya Xaaliyaanii ‘Avvenire’ jedhamu waliin taasisaniin, "Eertiraa waliin nagaa buufachuu barbaanna; kana booda waraanni filannoo ta'uu hin qabu," jedhan.

Haa ta'u malee, waraana waggoota lamaaf gaggeeffame irratti yakka dubartoota dabalatee lammiilee nagaa irratti raawwatameef itti gaafatamummaan mirkanaa’uu akka qabu dubbatan.

GIBEE MEDIA

18 Nov, 13:51


Oduu: Markaatootti si'a lammaffaaf balaan abiddaa qaqqabuun qabeenya irratti miidhaan gahe

Balaan abiddaa #Finfinnee gabaa Markaatootti ka’e qabeenya irratti miidhaa salphaa qaqqabsiisuu Komishiniin Ittisa fi Hoggansa Sodaa Balaa beeksise.

Akka ibsa komishinichaatti, balaa abiddaa Sadaasa 08, 2017 ALI guyyaa keessaa naannoo sa’aatii 6:30tti Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa iddoo addaa gabaa markaatoo Jaabulaanii jedhamutti mudate.

Balaan kuni qabeenya barbadeessus to’annoo jala ooluu komishinichi ibseera.

Gama biraatin, balaa kanaan namoota jaha irratti miidhaa salphaa qaqqabuu Sagaleen Jarman (DW) gabaaseera.

Abdiddi kuni sa’aatii tokkoofi walakkaa keessatti to’annoo jala ooluun ibsameera. Balaa kanaan manneen kan miidhaman yoo ta’u, meeshaalee manaa baay’inaan oolchuun danda’amuu komishinichi eereera.

Balaa abiddaa walfakkaataa ji’’a darbe keessa Markaatootti mudateen qabeenyi barbadaa’uun ni yaadatama.

GIBEE MEDIA

18 Nov, 13:50


Oduu: Sa’udi Arabiyaan bara 2024 keessatti lammiilee #Itoophiyaa torba du’aan adabde

Saa’udi Arabiyaan bara 2024 keessa qofa lammiilee Itoophiyaa torba dabalatee lammiilee biyya alaa 100 ol du’aan adabuu ishee miidiyaaleen biyyattii gabaasan. Itoophiyaanota dabalataan lammiilee #Naayijeeriyaa 10, #Sudaan 3 f #Eertiraa 1 ajjeefamaniiru.

Dhaabbata Mirga Namoomaa Awurooppaa-Sa’uudii (ESOHR) raawwiin murtii du’aa bara kanaa “kan kanaan dura mul’ate hin beekne” jechuun ibseera.

Adabbiin du’aa lammiilee biyya alaa irratti raawwatamu bara kana keessa kan dabale sababa yakka daddabarsa qoricha sammuu namaa hadoochu waliin walqabatee akka ta’e ibsameera.

GIBEE MEDIA

16 Nov, 09:40


#Yirgaacaffeetti lafti awwaalchaa Musliimaa misooma kooridariif 'ni ka'a' jedhamuun komii kaase

Naannoo Kibba Itoophiyaa godina Geede'oo magaalaa Yirgaacaffeetti lafti awwaalchaa warra Musliimaa gariinsaa misooma kooridariif ni ka'a jedhamuun komii kaasuu himame.

Lafti awwaalchaa #Bilaal jedhamu daandii babal'isuufi "lafa bashannanaa uummataaf" meetiriin 15 akka barbaachisu bulchiinsi magaalatti beeksisuu jiraattonni himan.

Lafti awwaalchaa waggaa 50'f ture daandii babal'isuuf meetira shan kan tahu ''biyyaaf'' jechuun eeyyamani kennamus meetirri 10 dabalataa barbaadamuun garuu muffii uume.

Walitti qabaan dhimmoota Islaamummaa Yirgaacaffee Hajii Jamaal Daarii hawaasa musliimaa fi bulchiinsa naannichaa gidduu waldhibdeen uumamuu fi komiin ka'e lafa bashannanaaf oola jedhameen akka walqabatu himan.

"Mootummaan safarri kuni hin geeddaramu jechuun cufe. Uummanni isa daandii babal'isuuf kennamuu ala hin eeyyamnu ejjennoo jedhu qabateera," jechuun garaagarummaa uumame ibsaniiru.

https://bbc.in/48PIA0Y

GIBEE MEDIA

15 Nov, 17:29


Taphni kun nama 10 affeeruun qarshii Ethiopia 500 baasaa jiraa 😱😱😱

Dhugaa ta'uusa adda baasen jira

Hojichi reefuu jalqabaa jira waan taheef ammuma jalqabaa booda dhaabbachuu danda'a waan ta'eef

Kan isin irraa eegamu link gadii kanaan gara marsaritii taphicha deemun lakk. bilbila fi password itti galchun register gootu itti aansun verification code bilbila keessan irra isinif galun verify gochuun seentu.

Link marsaritiichaa

Register by this link

https://www.vivamoney.top?id=MjE1Mzg0NDEyMDI5NzQ3Mw==&from=OTQwNTM3MDEw|MjE1Mzg0NDAyNDg3NzA1Nw==&lang=en&cid=hbcp&channel=web

GIBEE MEDIA

15 Nov, 12:38


Hidhattoonni #Affaar keessa socho’an "karaa nagaan qabsaa’uuf" waliigaluu isaanii ibsame

Hidhattoonni Paartii Dimokraatawa Federaalawaa Affaar 'meeshaa waraanaa isaanii mootummaa naannichaatti dabarsanii kennuun nagaa fi misooma naannichaaf waliin hojjechuuf' waliigaluu isaanii Raayyaan Ittisa Biyyaa ibse.

Sirna magaalaa Ab’alaatti gaggeeffame irratti Pireezidaantiin Naannoo Affaar Awwal Arbaa nagaan bu’uura waan hundaa ta’e ibsuun, “hidhattoonni kunneen daandii nagaa filachuun isaanii nagaa naannichaaf gumaachuurra darbee nageenyaa fi tokkummaa biyyaatiif iddoo guddaa qaba” jedhaniiru.

Pireezidaantichi itti dabaluudhaan “nagaa fi misooma naannichaa keessatti dammaqinaan hirmaachuu akka danda’an deeggarsi barbaachisu ni taasifama” jedhan.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid027ovhppD7hxHAX4jLYbDfMnyWon8zVb4XUMTtpngwb7GCEUgnC494H7fjNwPQkAfgl

GIBEE MEDIA

14 Nov, 04:14


15K+ Channels!
       ↓Click and join us↓
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿👇🏿
👉🏿👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👇🏾👈🏿
👉🏿👉🏾👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👇🏽👈🏾👈🏿
👉🏿👉🏾👉🏽👇🏼👇🏼👇🏼👇🏼👇🏼👈🏽👈🏾👈🏿
👉🏿👉🏾👉🏽👉🏼👇🏻👇🏻👇🏻👈🏼👈🏽👈🏾👈🏿
👉🏿 👉🏾👉🏽  Click Here  👈🏽👈🏾👈🏿
👉🏿👉🏾👉🏽👉🏼👆🏻👆🏻👆🏻👈🏼👈🏽👈🏾👈🏿
👉🏿👉🏾👉🏽👆🏼👆🏼👆🏼👆🏼👆🏼👈🏽👈🏾👈🏿
👉🏿👉🏾👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👆🏽👈🏾👈🏿
👉🏿👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👆🏾👈🏿
👉🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👆🏿👈🏿
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
Waver: @Rafiqul_Islaam

   𝗛𝗢𝗣𝗘 𝗣𝗥𝗢𝗠𝗢𝗧𝗜𝗢𝗡
   𝐀𝐝𝐯𝐞𝐫𝐭𝐢𝐬𝐢𝐧𝐠 𝐓𝐞𝐥𝐞𝐠𝐫𝐚𝐦
     𝐂𝐡𝐚𝐧𝐧𝐞𝐥𝐬/𝐆𝐫𝐨𝐮𝐩𝐬
    @hope_promotions
        

GIBEE MEDIA

14 Nov, 03:24


Gaffii Fi deebii qopheesinee jiraa gaffii kan irratti hirmattan TON 😮badhafamuf immoo channel asii gadii join godhaa👍

Second 30 Booda waan 😬 join godhattii irratti hirmadha
Badhafama ta'aa 🎉🎉
🎉🎉📥📥📥@CR7siuuuuuuuugoal

GIBEE MEDIA

14 Nov, 00:45


😁እንዴት አያችሁት 😁

እረ #like አርጉት አይቆርጥም 😁
#join
ደሞ #share እንዳታረጉ 😁እንዳልታሰር 😁

GIBEE MEDIA

12 Nov, 14:03


Oduu: Daballiin mindaa eegamaa ture ji’a Sadaasaatti akka hin taasifamin hojjatoonni mootummaa himan

Komishiniin Sivil Sarvisii daballiin mindaa hojjattoota mootummaatiif taasifamu ji’a Onkololeessaatiif kan gadhiifamu ta'uu haa ifoomsu malee daballiin mindaa ji'a kanatti akka hin taasifamin hojjattoonni biiroolee garaagaraa Addis Standard’tti himan.

Miseensi poolisii federaalaa maqaansaa akka hin eeramne gaafate Addis Standard dubbise akka himetti, “Ji’a Sadaasaatti nuuf dabalama jennee eegaa turre. Haa ta’u malee, hanga yoonaatti daballiin mindaa nuuf hin kaffalamne," jedheera.

GIBEE MEDIA

11 Nov, 13:18


Oduu: Hogganaan Paartii Badhaadhina magaala Qobboo ajjeefaman, namoonni 4 madaa’an

Godina Walloo Kaabaatti hogganaan Paartii Badhaadhinaa magaala Qobboo Obbo Darribee Ballaxaa rasaasaa hidhattootaan dhukaafameen ajjeefamuun namoonni afur madaa’uu maddeen Addis Standard’tti himan.

Maddi keessoo sodaa nageenyaatiif maqaan akka hin eeramne gaafate Addis Standard’tti hime akka jedhetti, hogganaan paartichaa Hoteela Magaala Qobboo keessatti argamu Miki’eelee Salamoonitti guyyaa kalessaa ganama naannoo sa’aatii afuritti ciree nyaataa osoo jiranii rasaasaan ajjeefamuu himaniiru

GIBEE MEDIA

11 Nov, 11:45


Oduu: “Itoophiyaan ergama nageenyaa Somaaliyaatti hin hirmaattu”- Ministeera Raayyaa Ittisa Somaaliyaa

Egama Deeggarsa Tika Nageenyaa Gamtaan #Afrikaa Somaaliyaa (AUSSOM) keessatti gaggeessurratti Itoophiyaan akka hin hirmaanne ministeerri Ministeera Raayyaa Ittisa #Somaaliyaa Abdulqaadir Mohaammad Nuur VOA’tti himan.

Aanga’ichi akka jedhanitti, Itoophiyaan ergama humna Gamtaan Afrikaa Amajjii 2025 keessa Somaaliyaatti bobbaasu keessatti lotloonni Itoophiyaa akka hin hirmaanne taasifama jedheera.
https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02pZfgdwrYJV6UmiGMv3VZGa8QQs4fEV3PbMmQKyWP7msU3SXAbaybfoXp4kvZjPanl

GIBEE MEDIA

11 Nov, 07:30


Oduu: Bulchiinsi Jubaalaand gamtaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin qabu addaan kutuu beeksise

Somaaliyaatti bulchiinsi Jubaalaand gamtaa mootummaa federaalaa Somaaliyaa waliin qabu addaan kutuu ifoomseera.

Murteen kuni kan darbe himata Somaaliyaan duula humnoota al-shabaab Jubaalaand keessaa Murteen darbe kuni himata Somaaliyaan duula humnoota al-shabaab Jubaalaand keessaa dhabamsisuufi mirga filannoo bilisaafi haqabeessa gaggeessuu danqaa jirti jedhuun kan walqabatu ta'uu ibsameera.

Murteen Jubaalaand dabarsite kuni waldhabdee qaamolee lamaan gidduu ture babal’achaa dhufuufi duulli finxaaleyyii dhabamsiisuu gufachiisuu akka danquu ibsameera. Jubaalaand bulchiinsa qaama Somaaliyaa yoo taatu murteewwan mootummaan federaalaa dabarsu mormaa turaniiru. AS
https://x.com/GaroweOnline/status/1855542365324193795

GIBEE MEDIA

09 Nov, 08:38


Oduu: #Oromiyaatti qonnaan bultoota fi hojjettoonni mootummaa 'deeggarsa milishaaf' birrii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu himan

Qonnaan bulaan godina #Arsii Lixaa aanaa Kofalee tokko, jalqaba bara 2024 irraa eegalee jiraattonni sagantaa nyaata barattootaa, uffata milishaa, fi dhiyeessii nyaata milishaaf maallaqa akka gumaachan gaafatamuu himan.

Barbaachisummaa sagantaa nyaata barattootaa irratti kan amanan ta’us, hanga ammaa “nyaanni tokkollee barattootaaf hin kennamne” jedhan. Itti dabaluudhaan qonnaan bulaa dide hidhaan kan isa eeggatu ta'u eeran.

Hojjetaan mootummaa Addis Standard dubbise gama isaatin, "deeggarsa namoomaa ykn milishaaf akka ta’e osoo nu hin beeksisin mindaa keenya irraa hir’isu” jedhe.

GIBEE MEDIA

08 Nov, 12:20


Manni Marichi haala #Itoophiyaan miseensa #Liigii_Arabaa ta’u dandeessu irratti bakka bu’oota liigichaa waliin mari’ate

Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Sheek Haaji Ibraahim Tufaa kaleessa waajjira isaanitti Hoggantuu Eeggattuu Liigii Arabaa Sa’idaa Muhaammad Umar simachuun mari’atan.

Pirezidaantichi bakka bu’aa Liigii Arabaa waajjira isaanitti simatanii yeroo dubbisan inni ammaa kan jalqabaa ta’uu marii kana irratti eerameera.

Marii kana irratti Itti gaafatamaan Kutaa Pireesii Liigii Arabaa Ibraahim Al-Sudaanii, Barreessaa Olaanaa Mana Marichaa Sheek Hamid Muusaa fi Itti gaafatamaan Damee Hariiroo Alaa Mana Marichaa Gargaaraa Piroofeesaraa Adam Kaamil argamaniiru.

Marii waajjira pireezidaantii mana marichaatti gaggeeffameen haalota Itoophiyaan miseensa Liigii Arabaa ta’uu dandeessu ka’anii irratti mari’atamuu ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02EcHCnJAHewMYQ5ZFdhiZoSdfbigTDc6uKjWzD17h82yqBqGsthamUedWS9EMkDsjl

GIBEE MEDIA

07 Nov, 15:09


#Itoophiyaa-#Somaalilaand: Inistiitiyuutii Dhimma Alaa fi Yuunivarsiitiin #Hargeessaa haala wal tumsuun danda’amu irratti mari’atan

Daayireektarri Itti-aanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Abdii Zannabaa kaleessa Yuunivarsiitii Hargeessaatti [kan Somaalilaanditti argamu] Daarektara Qorannoo Nageenyaa fi Waldhabdee Dr. Naasir Mohaammad waliin mari’ataniiru.

Hoggantoonni dhaabbilee lamaan dhimmoota pirojektoota qorannoo waloo, sagantaalee adda addaa waliin qopheessuu fi ijaarsa dandeettii dabalatee dhimmoota garagaraan waliin tumsu irratti xiyyeeffatanii “marii bu’a qabeessaa” taasisuu isaanii Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa ibseera.

Inistiitiyuutichi ibsa isaatin, "waltumsi tarsiimowaa kun tumsa damee barnootaa fi dandeettii dhaabbilee cimsuuf kutannoo qabnu kan hubachiisudha," jedheera.

Inistiitiyuutichi dhaabbata mootummaa hariiroo dhimma alaa irratti qorannoo fi xiinxala gaggeessudha. Kana malees kallattii imaammataa akeekuu, hojjettoota hariiroo alaa leenjisuu irratti gumaacha taasisa.

GIBEE MEDIA

07 Nov, 07:18


Oduu: #Goojjam Lixaatti haleellaa dirooniin hidhattoota dabalatee namoonni 20 ol ajjeefamuu jiraattonni himan

Naannoo #Amaaraa godina Goojjam Lixaatti haleellaa diroonii Kibxata Sadaasa 05, 2024 raawwatameen hidhattoota dabalatee namoonni hedduun ajjeefamuu jiraattonni Addis Standarditti himan.

Jiraataan magaalaa Durbeetee tokko magaalattii keessatti lola cimaan akka tureefi haleellaan diroonii raawwatamuu himeera. “Haleellaan qilleensaa raawwatameen hidhattoonni #Faannoo 16 ta’an osoo leenji'aa jiranii ajjeefamaniiru" jedhe.

Haleellaan kun jiraattota nagaa irrattis miidhaa geessisuu himeera. “Naannoo ani jiraadhutti qofa namoota nagaa 3 ol lubbuu isaanii dhabaniiru," jedhe.

GIBEE MEDIA

06 Nov, 20:54


❤️ማርያምን መሳቅ ለሚፈልግ ብቻ❤️

😁በሳቅ ገዳይ😁

የሆኑ 👉🏻 meme😁
👉🏻ቀልድ ❤️
ቶሎ request ሚለዉን ይንኩ ፈታ ዘና ይበሉ ❤️
https://t.me/+se9uhirY3SVmYTNk

GIBEE MEDIA

06 Nov, 12:12


Doonaald Tiraamp filannoo #Ameerikaa injifatan

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa 47ffaan kaleessa Sadaasa 05, 2024 gaggeeffame Doonaald Tiraamp sagalee caalmaan injifachuun gara Waayit Haawusitti deebi’an.

Kaadhimamaan Paartii Rippablikaan Doonaald Tiraamp kanaan dura bara 2016 hanga 2020 Pireezidaantii Ameerikaan ta’uun kan tajaajilan yoo ta’u, amma marsaa lammataaf filatamaniiru.

Kaadhimamaan tokko filannicha injifachuuf sagalee 270 argachuun dirqama yoo ta’u bu’aa hanga ammaa ifoomeen Doonaald Tiraamp sagalee 279, kaadhimamtuun Paartii Dimokraat Kaamaalaa Hariis ammoo 223 argataniiru.

Kana malees Paartiin Rippabilikaan teessoo Seenetii harka caalu argachuun injifateera. Rippablikaanonni teessoo 51 yoo argatan, Dimokraatonni gama isaaniin teessoo 42 argataniiru.

Doonaald Tiraamp duula na filadhaa wayita gaggeessan yaalii ajjeechaa irratti taasifame miliquun injifataniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0Wv3HuPRcvo4hMXDB9QLAoGHER2jFd4xS8KcmC2r18JZb3UoNx7McY2Nsx3B1BU8Dl

GIBEE MEDIA

06 Nov, 08:58


Doonaald Tiraamp Pireezidaantii #Ameerikaa 47ffaa ta’utti dhiyaataniiru

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa 47ffaan kaleessa Sadaasa 05, 2024 gaggeeffame irratti Doonaald Tiraamp dursaa jiraachuu gabaafame.

Bu’aa filannoo hanga ammaatti beekameen bakka bu’aan paartii Rippablikaan Doonaald Tiraamp Dimookraatota kan bakka buute Kaamaalaa Haariisin dursaa jira.

Kaadhimamaan tokko filannicha injifachuuf sagalee 270 argachuu kan qabu yoo ta’u bu’aa hanga ammaa ifoomeen Doonaald Tiraamp sagalee 267, Kaamaalaa Hariis ammoo 214 injifachuu CNN gabaaseera.

Tiraampi bulchiinsota murteessoo ta’an keessaa Kaaba Kaaroolaayinaa fi Joorjiyaa injifachuu isaanii eerameera. Bu’aa waliigalaa beekuuf bu’aan filannoo bulchiinsoota 7 injifannoo filannichaaf murteessoo ta’an eegamaa jira.

GIBEE MEDIA

05 Nov, 15:55


Aanaa #Darraatti imaamni masjiidaa hidhattootaan ugguramanii ajjeefamuun dheekkamsa kaase

Naannoo #Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti imaama masjiida Ganda Arabuu kan ta'an Sheek Muhaammad Makiin Haji Arafuu torban sadiif hidhattootaan erga ugguramanii booda ajjeefamuu isaanii jiraattota dheekkamsise.

Imaamichi isaan dabalatee miseensonni maatii isaanis wajjiin ugguramanii turuu kan gabaase Sagaleen Jarman (DW), waliigalaan namoota 14 akka ta'an ibseera.

Hidhattoonni Sheek Muhaammadii fi haadha isaanii gadhiisuuf birrii miiliyoona 1.5 gaafatanii, isa keessaa birrii miiliyoona 1.2 kaffalamee haati isaanii gadi lakkifamaniiru.

Ergasii imaama masjiidaa kana gadhiisisuuf maatiin qarshii barbaadaa otoo jiruu dhuma torban darbe ajjeefamuu isaanii hidhattoonni maatiitti himuu DW maatiirraa wabeeffachuun gabaaseera.

https://www.facebook.com/100072136776579/posts/pfbid0VVhGQ75MFxBYERAVcYGuX7UaJgowX5RqePHU1Lq51Cj9nBy6pAFQhTcSkTPSaC2tl/

GIBEE MEDIA

05 Nov, 14:06


📸 😍 || እንደዚህ ፎቷችሁን ውብ አድርጋችሁ ማሳመር ትፈልጋላችሁ ወይስ የእኛን Effect ተጠቅመው ፎቷችሁን ገራሚ ማድረግ ይፈልጋሉ ? 🥰

የሚፈልጉትን ይምረጡ እና 𝗝𝗢𝗜𝗡 በሉ
👇

https://t.me/addlist/M75yL-wZuPgwODFk
https://t.me/addlist/M75yL-wZuPgwODFk

GIBEE MEDIA

05 Nov, 09:20


#Itoophiyaan liqii Doolaara miiliyoona 738.2 #Sudaan_Kibbaaf kennite

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa har’a gaggeesseen waliigaltee mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf liqii Doolaara miiliyoona 738.2 dhiyeessuuf mallatteesse raggaasise.

Liqiin kun Itoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daandiin walqunnamsiisuuf kan oolu yoo ta’u, daandiin kun daangaa Itoophiyaa irraa ka’ee hanga Sudaan Kibbaatti kiiloo meetira 220 kan dheeratu ta’a.

Waliigalteen faayinaansii kun Caamsaa bara 2023 kan mallatteeffame yoo ta’u, Manni Maree Ce'umsa Biyyaalessaa Sudaan Kibbaa ji’a Waxabajjii darbe raggaasuu isaa ni yaadatama.

Waliigalteen liqii kun yeroo boqonnaa waggaa shanii kan qabu yoo ta’u, waggoota 10 keessatti kan deebi’u ta’uu ibsameera.

Akkaataan liqiin kun deebi’uus kaashii maallaqaan ykn boba’aan yoo ta’u, biyyi liqii fudhate boba’aadhaan kan deebisu yoo ta’e baasii mataa isaatin hanga Poort Sudaan geessuun dirqama ta’uu eerameera.

GIBEE MEDIA

05 Nov, 08:13


Oduu: "Walitti bu’iinsa #Itoophiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaadha" - Antoonii Bilinkan

Ministirri Dhimma Alaa #Ameerikaa Antoonii Bilinkan Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waliin bilbilaan haasa’uu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa beeksise.

Marii bilbilaan taasisan irratti Antoonii Bilinkan, waldhabdeewwan kutaalee Itoophiyaa garagaraa keessatti gaggeeffamaa jiran furuuf mariin siyaasaa barbaachisaa ta’uu dubbachuu isaanii ibsameera.

Itti dabaluun Ameerikaan walitti bu'iinsa naannoo Amaaraa keessatti deemaa jiru akka ishee yaaddeessu dubbachuu isaanii ibsichaan eerameera.

Dhimmoota haasawa isaaniin kaasan keessaa inni ijoon dhimma hojiirra oolmaa Waliigaltee Nagaa Piritooriyaa ta’uu ibsameera. Antoonii Bilinkan biyyi isaanii waliigalticha hojiirra oolchuuf “tattaaffii Itoophiyaan taasiftu gargaaruuf qophii ta'uu” ibsaniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02DGQq6rUaNLkaPzc4WbXrmkhpbzReBfjhQdRN5KaGEqaGdAYwxe1TzBXm85Hnc4cJl

GIBEE MEDIA

05 Nov, 07:13


Oduu: Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa xiyyaara Afrikaatti jalqabaa A350-1000 bitachuu beeksise

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa xiyyaara akka #Afrikaatti isa jalqabaa ta’e A350 - 1000 jedhamu dhaabbata biyya #Faransaay ‘Eer Baas’ jedhamu irraa gara biyyaa galchuun hojii eegalsiisuuf akka jiru beeksise.

Xiyyaarri daandiin qilleensichaa Dhaabbata Eer Baasirraa fudhate kun Itoophiyaa madda dhala namaa (Ethiopia Land of Origins) jedhamuun kan moggaafame kun akka Afrikaatti kan jalqabaati.

Xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Faransaayi Tuluus irraa ka'uun guyyaa har’aa sa'aatii 8:00 irratti buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ni gaha jedhameera.

GIBEE MEDIA

04 Nov, 13:38


#Oromiyaa gandoota 6,300 ol keessatti manneen murtii aadaa hundeeffamuun galmeewwan kuma 600 ol furmaata argatan

Naannoo Oromiyaa gandoota kuma 6 fi 300 ol ta’an keessatti manneen murtii aadaa hundaa’uun tajaajila kennaa jiraachuu Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa beeksise.

Pireezdaantiin Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Gaazaalii Abaasimal DhPI’tti akka himanitti, naannichatti gandoota muraasa irraa kan hafe baay’ee isaanii keessatti manneen murtii aadaa hundeeffamanii jiru.

Pirezidaantichi manni murtii aadaa Oromiyaa osoo hin hundeeffamin dura barbaachisummaa isaa irratti qorannoon bal’aa akka taasifame eeruun, hundeeffamuun isaanii dhiibbaa mana murtii idilee hir’isuun ummanni dhiyoo isaatti haqa akka argatu taasisaa jiraachuu eeraniiru.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid0AZ3JWoAQBV58ZgpNcd2672qQWqHrGmXYMM2AgQ5Bs3AyhrtVcySz3fZxn1p7Z8qyl

GIBEE MEDIA

04 Nov, 08:45


Oduu: Somaaliyaan imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaatiin ala baasuuf karoorfachuu ibsite

Mootummaan Somaaliyaa imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaa Somaaliyaatiin ala baasuuf karoorfachuu ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa beeksise.

Mooraa Imbaasii Itoophiyaa iddoo kanaa dura turetti akka deebi’u kan taasifamu ta’uu ministeerichi ibsa miidiyaaleef laateen beeksiseera.

GIBEE MEDIA

04 Nov, 07:23


Af-gaaffii: “#Somaalilaand biyya kamiinuu waliin waliigaltee taasisuuf mirga qabdi” - Mohaammad Abdillaahi Omar, hogganaa paartii mormituu

Filannoo pireezidaantummaa Somaalilaand guyyoota muraasa booda gaggeeffamuun dura hoggantoonni Paartii Biyyaalessaa Somaalilaand ykn Waddani, paartii mormituu teessoo paarlaamaa harka caalu qabu, tibbana #Finfinnee daawwataniiru.

Hogganaa paartichaa fi Ministira Dhimma Alaa Somaalilaand duraanii Mohaammad Abdillaahi Omar dhimma turtii isaanii fi waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand fi #Itoophiyaa gidduu mallatteeffame ilaalchisee Addis Standard waliin turtii taasisaniiru.

Paartiin isaanii filannicha yoo injifate hariiroo Itoophiyaa waliin qabu cimsuuf kutannoo akka qabu mootummaa Itoophiyaaf mirkaneessuuf Finfinneetti argamuu kan eeran hogganichi, tumsa Itoophiyaa waliin jiru gama daldala, nageenyaa fi anniisaan babal’isuuf akka barbaadan ibsaniiru.

“Itoophiyaan buufata doonii argachuuf fedhiin qabdu dantaa seera qabeessaati,” kan jedhan Omar, paartiin isaanii Itoophiyaan buufata doonii Somaalilaand kan ta’e Barbaraa akka fayyadamtuuf fedhii qabaachuu himan. “Tumsi gama kanaan jirus, hoggansa keenya jalatti daran ni cima” jedhan.

GIBEE MEDIA

03 Nov, 20:12


Daandiin qilleensichaa Xiyyaara Afrikaatti kan jalqabaa ta'e A350 - 1000 guyyaa lama booda ni fudhata

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Xiyyaara Imaltoota Afrikaatti kan jalqabaa ta'e A350 - 1000 jedhamu guyyaa lama booda ni fudhata.

Daandiin qilleensichaa Xiyyaarri Dhaabbata Eer Baasirraa fudhatu "Ethiopia Land of Origins” jedhamuun moggaafame kun akka Afrikaatti akaakuun kan jalqaabaati jedhame.

GIBEE MEDIA

02 Nov, 08:29


Dhibeen busaa #Itoophiyaa keessatti yaaddoo fayyaa ta'uu itti fufeera

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (#WHO) waa'ee tatamsa’ina dhibee busaa Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee gabaasa haaraa baaseen, Amajjii 01 hanga Onkoloolessa 20, 2024 gidduutti namoota miiliyoona 7.3 ol dhibichaan qabamuu fi du’a namoota 1,157 galmaa'uu ibseera.

Akka dhaabbatichi jedhutti dhukkubni busaa ammallee yaaddoo fayyaa guddaa ta’ee kan jiru yoo ta’u, lafti biyyattii dhibbeentaa 75 fi ummata ishee keessaa harki 69 keessumaa daa’imman balaa guddaadhaaf saaxilamu.

Yaaddoo dhibee busaa Itoophiyaa keessa jiru 'baay'ee hamaa' jechuun ramadeera. Kunis sababoota akka babal’ina bookee busaa  'Anopheles stephensi' jedhamu, hongee, wabii nyaataa dhabuu, jijjiirama qilleensaa, fi walitti bu’iinsa adeemaa jiruun kan hammaatu ta’uu ibsameera.

GIBEE MEDIA

01 Nov, 20:46


Bulchaan Aanaa #Waacaalee hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo #Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti bulchaa aanaa Waacaalee kan ta'an Obbo Nugusee Kooruu guyyaa har'a Sadaasa 01, 2024 rasaasa hidhattootaan ajjeefaman.

Obbo Nuguseen har'a ganama naannawa Kaarraa jedhamutti rakkoo nageenyaa uumamee hordofuuf wayita socho'anitti rasaasa qaamolee hidhatan irraa itti dhukaafameen ajjeefamuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa ibseera.

Waajjirichi ajjeechaan kun "ABO Shaneetin [maqaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) ittiin waamu] raawwatame" jedhe.

Dabalataan qaamoleen nageenyaa 45 ol ajjeefamuu BBC'n gabaaseera.

Obbo Nuguseen kanaan dura godina Shawaa Kaabaatti bulchaa aanaa Alaltuu ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, aanaa Waacaalee akka bulchan kan muudaman torban lama dura ta'uu odeeffannoo godinicha irraa arganne ni mul’isa.

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa godinichaa ibsa baaseen ajjeechaa miseensa isaatin gadda itti dhagahame ibsuun, maatii fi firoottan isaaniif jajjabina hawwe.

GIBEE MEDIA

01 Nov, 15:39


Oduu: Godinaalee #Gujii fi #Shawaa_Kaabaa keessa iddoowwan walitti bu’iinsi jirutti tajaajilli intarneetii addaan cituu himame

Naannoo #Oromiyaa godinaalee Shawaa Kaabaa fi Gujii keessa iddoowwan walitti bu’iinsi hammaatee jirutti tajaajjilli intarneetii fi bilbilaa ji’ootaaf addaan cituu jiraattonni himan.

Akka jirattonni godinaalee kanneenii VOA'tti himanitti, lola humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (#WBO) gidduutti gaggeeffamaa jiruun walqabatee tajaajilli kuni ugguramee jira.

GIBEE MEDIA

01 Nov, 10:11


Oduu: Barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnoota isaanitti akka deebi’an waliigalame

Magaalaa #Finfinnee keessatti barattoota musliimaa shamarranii sababa uffannaa isaaniin torban lamaa oliif barnoota ala ta’an “yeroodhaaf haala duraan barachaa turaniin barnootatti akka deebi’an” waliigalamuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Dhimmi barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuu kun dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’urra darbee paarlaamaatti gaaffii ta’ee ka’eera.

Miseensa paarlaamaa kan ta’an Ustaaz Kaamil Shamsuu dhimmi uffannaan walqabatee rakkoon uumame kun furmaata akka argatu gaafataniiru. “Barattoonni sababa niqaaba fi hijaaba isaaniin barnoota ala ta’an iddoo tokko tokkotti kumaatamaan lakkaawwamu,” jedhan.

Odeefannoo dabalataaf
: @Gibeemedia

GIBEE MEDIA

31 Oct, 19:50


Oduu: #Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu MM Abiy Ahimad ibsan

Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa #Galaana_Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu dubbatan. 

MM Abiy dhimma handaara galaanaa argachu ilaalchisee ibsa miseensota mana marichaaf laataniin “Itoophiyaan handaara Galaana Diimaa karaa nagaan argachuun akka ishee barbaachisu addunyaan dhagahu qaba" jedhan.

Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa #Somaalilaand waliin irra gahame ilaalchisee warreen seenessa "Itoophiyaan dachee #Somaaliyaa fudhachuuf waliigalte taasifte" jedhu uumuuf yaalan jiraachuu eeraniiru.

GIBEE MEDIA

31 Oct, 18:09


Oduu: 'Humni torban lamatti mootummaa fonqolchee Araat Kiiloo to’adha jedhe hin milkoofneef' - MM Abiy Ahimad

Ministirri Muummee Abiy Ahimad har’a Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti haasawa taasisaniin, mootummaan miseensoota gareewwan hidhattoota naannoo #Amaaraa fi #Oromiyaa keessa socho’an “muraasa waliin” marii gaggeessaa jiraachuu dubbatan.

Miseensa paarlaamaa tokkorraa “mootummaan federaalaa ji’oota lamaan jalqabaa keessatti walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa to’achuu dadhabe” jedhamee yaada dhiyaateef deebii kan laatan MM Abiy, qeeqni dhiyaate sirrii miti jedhan.

“Inumaayyuu humni torban lamaa keessatti mootummaa kana fonqolchee masaraa Araat Kiiloo nan to’adha jedheetu hin milkoofneef,” jedhan.

GIBEE MEDIA

31 Oct, 11:18


Oduu: “Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata, ni deeggaraas; hiyyummaa garuu irratti haaloo baha” - MM Abiy Ahimad

Tarkaanfii fooyya’insa diinagdee mootummaan waggoota darban keessatti fudhateen bu’aawwan olaanaa fiduu Ministirri Muummee Abiy Ahimad dubbatan. Bara oomishaa 2017 guddina diinagdee dhibbeentaa 8.4 galmeessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

“Barri 2017 bara Itoophiyaan gama hundaan itti bayyaannattudha. Boqonnaa kaleessaa xumurree gara boqonnaa itti aanutti seenneerra,” kan jedhan MM Abiy, bara darbe guddinni diinagdeen Itoophiyaa kan karoorfameen oli galmaa’uu dubbatan.

Gama biraatin lammiilee galii gadaanaa argataniif baajanni deeggarsaa Birrii Biiliyoona 300-400 ramadamuu ibsan. “Badhaadhinni hiyyeessa ni jaallata, ni deeggaraas; hiyyummaa irratti garuu haaloo baha” jedhan.

GIBEE MEDIA

31 Oct, 07:46


Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walgahii idilee gaggeessaa jira

Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'a bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad argamanitti walga'ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Walga’icha irratti ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasisan, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantii fi hoggantoonni mootummaa argamaniiru.

Miseensonni mana marichaas MM Abiy Ahimadiif gaaffilee fi yaadaa garaa garaa dhiyeessaa jiru, deebiis laatamaa jira.

Gabaasni dabalataa qindaa'aati jira...

GIBEE MEDIA

30 Oct, 16:12


Oduu: Kaappitaalli maallaqaa Baankii Daldala Itoophiyaa birrii tiriliyoona 2.6 gahe

Kaappitaalli maallaqa waliigalaa ykn maallaqa kuufamaa waliigalaa Baankii Daldala Itoophiyaa birrii tiriliyoona 2.6 gahuu ibsame.

Odeeffannoon kuni kan ifoome yeroo gamaaggama raawwii hojii kurmaana jalqabaa irratti hoggantoota fi hojjettoota baankichaa marii taasisan irrattidha.

Gamaaggamni raawwii kurmaana tokkoffaa bara 2017 ALI akka agarsiisutti gudinni diinagdee bara 2017 keessa galmaa’e kan isa yeroo walfakkaataa bara 2016 galmaa’e dhibbeentaa 30 kan caalu ta’uu himameera.

Yeroo ji’oota sadii kana keessatti birrii biliyoona 121.5 liqiidhaan kennamuun eerameera.

Kurmaana jalqabaatti daddarbiinsi maallaqaa lakkoofsaan miiliyoona 640 ta'u karaa dijitaalaan kan raawwatame yoo ta’u kunis yeroo walfakkaataa bara darbe ture waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina dhibbeentaa 46 agarsiisuu ibsameera.

https://facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid04jUADhoKiRcA89nga8M4oomQJnExdobJDyhYyCoHeRdJLfx9ERyCqbNHp4amF3JDl

GIBEE MEDIA

30 Oct, 13:58


Oduu: #Finfinneetti barattoonni musliimaa sababa uffannaa isaaniin ittifaman gara barnootaatti akka deebi’an majliisni gaafate

Tibbana magaalaa Finfinneetti barattoonni musliimaa shamarranii #niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuufi sababa kanaan barattoonni hedduu torban lamaaf barnoota ala ta'uu isaanii dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’eera.

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee dhimma kana ilaalchisee xalayaa biiroo barnoota magaalichaatti barreesseen, barattoota musliimaa shamarranii irratti sababa uffannaa isaaniin "dhiibbaa fi dararaa amantaarratti xiyyeeffate" gahaa jiraachuu ibseera.

Dhiibbaan manneen barnoota tokko tokko keessatti barattoota musliimaa irratti gahaa jira jedhe kunis torban lama ol lakkoofsisuu ibseera.

Dabalataaf: https://addisstandard.com/Afaanoromoo/?p=5006

GIBEE MEDIA

30 Oct, 13:39


#Masriin atakaaroo #Itoophiyaa waliin qabduuf #Somaaliyaatti fayyadamaa jirti’ - Pireezidantii Somaalilaand

Pireezidantiin #Somaalilaand Musee Bihii Abdii tibbana turtii BBC Somaalee waliin taasisaniin, waliigalteen fayyadama ulaa galaanaa Itoophiyaa waliin taasisan hanga ammaatti osoo xumura hin argatiin kan tureef sababa Gaanfa Afrikaatti “atakaaroo uumameeni” jedhan.

Raawwiin waliigaltichaa akka harkifatuuf sababa kan ta’e mootummaan Somaaliyaa ta'uu eeraniiru. "Itoophiyaan waliigaltee kan taasifte Somaalilaand waliinidha. Hasan Sheek [pireezidantii Somaaliyaa] garuu ammallee Somaaliilaand qaama Somaaliyaati jedha.”

“Lafa kan keenyadha jedhu dhufee fudhacuu akka hin dandeenye; to'annoo kamillee akka hin qabne ni beeka. Waggoota 34 darbaniif biyyoota walabaa adda addaa taanedha. Kana ammoo hunduu ni beeka," jedhan.

Kana malees waliigaltichaan booda Masriin dhimmicha keessa galuun muddama uumuu dubbataniiru. "Masriin Somaaliyaatti fayyadamaa jirti."

https://www.bbc.com/afaanoromoo/articles/cd6v0e10602o

GIBEE MEDIA

30 Oct, 12:57


Oduu: #Somaaliyaan dippilomaatiin #Itoophiyaa 'sa'aatii 72 keessatti biyyattii gadhiise akka bahu' ajaja dabarsite

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa dippilomaatiin Itoophiyaa tokko “hojii gahee dippilomaasii isaa waliin wal hin simne irratti bobba’e” jechuun sa’aatii 72 keessatti biyyattii gadhiisanii akka bahan ajaja dabarse.

Dippilomaatiin ajajni kun irratti darbe Imbaasii Itoophiyaa Moqaadishoo argamutti Gorsaa ta’uun tajaajilaa kan jiran Alii Mohaammad Adan yoo ta’an, ministeerichi “amma booda Somaaliyaa keessa kan hin simatamne (persona non grata)” jechuun isaan labseera.

Ministeerichi ibsa isaatin ''gochi Adan seera hariiroo dippilomaasii Waliigatee Viyeenaa keewwata 41 fi 42 jalatti tumame, kan dippilomaatonni biyya alaa dhimma keessoo biyya isaan keessummeesse keessatti galuurraa akka of qusatan hubachiisu, kan cabsudha” jedhe

GIBEE MEDIA

29 Oct, 15:31


Oduu: Waraqaan eenyummaa biyyaalessaa sanada imalaa balallii biyya keessaaf akka tajaajilu taasifame

Waraqaan eenyummaa biyyaalessaa balallii biyya keessaaf sanada imala ta’ee akka tajaajilu waliigalteen mallattaa'e.

Waliigalteen kuni Daandiin Qilleensaa #Itoophiyaa fi Sagantaa Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa gidduutti mallattaa’e.

Dhaabbileen lamaan hojimaata isaanii qindeessuun Waraqaa Eenyummaa biyyaalessaa akka sanada imalaatti balallii biyya keessaaf fayyadamuuf waliigaluu ragaan Daandii Qilleensaa Itoophiyaa irraa aragme ni mul’isa.

GIBEE MEDIA

28 Oct, 14:18


Atileetonni #Itoophiyaa 4 badhaasa ‘Atileetii Filatamoo bara 2024’f kaadhimaman

Atileetonni Itoophiyaa Taammiraat Tolaa, Yoomiif Qajeelchaa, Tigist Asaffaa fi Suutumee Asaffaa atileetota istaadiyeemiin ala filatamoo bara 2024f kaadhimaman.

Atileetonni kunneen bara dorgommii kana keessatti dorgommii daandii adda addaa irratti qabxii galmeessan irratti hundaa’uun kaadhimamuu danda’aniiru.

Atileet Taamraat Tolaa bara dorgommii kanatti rikoordii maaraatoonii Olompikii fi Barliin fooyyeessuun injifachuun isaa ni yaadatama.

Akkasumas atileet Yoomiif Qajeelchaa fiigicha walakkaa maaraatoonii Vaaleenshiyaatti gaggeeffameen rikoordii addunyaa galmeessuun isaas ni beekama.

Gama dubartootaan atileetonni Itoophiyaa Tigist Katamaa fi Suutumee Asaffaa, akkasumas atileetiin #Nezarlaand Siifan Hasan badhaasa kanaaf kaadhimamuu isaanii odeeffannoo Atileetiksii Addunyaa irraa argame ni mul’isa.

GIBEE MEDIA

26 Oct, 08:42


Taphni kubbaa miilaa #Itoophiyaa fi #Eertiraa gidduu godhamuuf ture haqame

Tapha gulaallii dorgommii 'CHAN' irratti gareen biyyaalessaa Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu gaggeeffamuuf ture haqamuu Konfedereeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa beeksise.

Sababni haqamuu tapha kanaa Eertiraan dorgommicha irraa of baasuu isheetin akka ta’e ibsameera.

Itoophiyaan marsaa itti aanuun tapha Taanzaaniyaa fi Sudaan irraa biyya injifate waliin akka morkartu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa beeksiseera.

Tapha gulaallii dorgommii Shaampiyoonshiippii Biyyoota Afrikaa 'CHAN'n Itoophiyaa fi Eertiraa Kamisa dhufu Sudaan Kibbaa, Juubaatti akka taphatan ibsame ture.

GIBEE MEDIA

26 Oct, 08:07


#Israa'el bakkeewwan waraanaa #Iraan irratti haleellaa qilleensaa raawwatte

Israa'el Sanbata barii eegalee haleellaa qilleensaa Iraan keessatti raawwachuu akkuma eegalteen Tehiraan keessa dho'insi dhagahame.

Waraanni Israa’el haleellaan kuni ‚‘‘haleellaa baatiwwaniif’’ Iraaniifi michoonni ishee raawwataniif deebiidha jedheera.

‘’Haleellaan daangeffame’’ kunis xiyyeeffannoon isaa bakkeewwan waraanaa akka ta’e BBC'n gabaaseera.

Waraanni Israa’el haleellaa banuu mirkaneessuu dura miidiyaaleen mootummaa Iraan magaalaa Teehiraaniifi naannawa magaalaattiitti dho’insi dhagahamuu gabaasaniiru.

Miidiyaan waraana warraaqsaa Iraanitti dhiheenya qabu kuni buufatoonni waraanaa lixaafi kibba-lixa Teehiraanitti argamanirratti xiyyeefatamuu gabaaseera.

Ta'uus, miidiyaaleen Iraan haleellaan Israa’el kuni miidhaa hin dhaqqabsiifne jechuun gabaasaa jiru.

Torban sadii dura Israa’el lafa Iraan irratti hogganaa siyaasaa Hamaas ajjeefte haaloo bahuuf Iraan misaa’eloota baalistikii 200 ol gara Israa’el dhukaaftee turte.

GIBEE MEDIA

25 Oct, 07:47


#Itoophiyaan waggoota dhufan keessa galii gibiraa birrii biiliyoona 57 ol sassaabuu akka dandeessu akeekame

Diinagdeen dijitaalaa Itoophiyaa bara 2028 oomisha biyya keessaa waliigalaa (GDP) biyyattiif Birrii tiriiliyoona 1.3 akka gumaachu gabaasa dhaabbata #GSMA jedhamu baase akeeke.

Waltajjiin marii diinagdee dijitaalaa Itoophiyaa irratti xiyyeeffatee dhaabbata Itiyoo Telekoomii fi dhaabbata GSMA waloon qopheessan kaleessa Finfinneetti gaggeeffameera.

Waltajjii marichaa irratti hoji raawwachiistuu Itiyoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu, qondaala dhaabbata GSMA Joon Giyuustii dabalatee qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.

Waltajjicha irratti gabaasni ce’umsa diingdee dijitaalaa Itoophiyaa kan ifoome yoo ta’u, Itoophiyaatti invastimantii teeknooloojii moobaayilaa fi fooyyessiin telekoomii, damee qonnaa fi dameewwan biroon guddina saffisaa galmeessaa jiraachuun eerameera.

GIBEE MEDIA

24 Oct, 14:07


Oduu: #Somaaliyaan biyyoota ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaaf loltoota gumaachan filachurratti ‘ofii nan murteessa’ jette

Ministeerri Dhimma Alaa Somaaliyaa ergama nagaa kabachiisaa Gamtaa Afrikaa dhufuuf biyyi kamtu loltoota gumaachuu danda'a kan jedhu ''murteessuuf aangoo kan qabdu'' Somaaliyaa ta’uu ibse.

Itti dabaluun, kanaan dura loltoonni #Itoophiyaa Somaaliyaa keessa bobbaafamuun “sochiin al-Shabaab akka dabalu taasiseera” jedhe.

Biyyattiin Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (#ATMIS) irraa gara ergama nagaa kabachiisaa haaraa (#AUSSOM) yeroo ceetu, murteen gumaacha loltootaa "dantaa biyyaalessaa fi birmadummaa Somaaliyaa waliin walsimuu qaba" jedhe

GIBEE MEDIA

24 Oct, 11:53


Waggaa 36 dura yaalii ajjeechaa Israa’el jalaa kan miliqan Kaalid Maashaal hoogganaa haaraa Hamaas ta’uun yeroof muudaman.

Kaalid Maashaal hundeessitoota Hamaas keessa tokko ture. yeroo ammaa Tuurkii kan jiraatan yommuu ta’u Israa’el ajjeechaa hoogganaa Yahyaa Sinwaar irratti taassifteef ni gaabbisiisne jechuun dhaadataniiru.

GIBEE MEDIA

24 Oct, 09:49


Oduu: #Itoophiyaa fi #Yunaayitid_Kingidam ‘dhimma haala yeroo #Galaana_Diimaa fi tumsa ittisa shororkeessummaa’ irratti mari’atan

Dhaabbileen Tajaajila Tikaa Itoophiyaa fi Yunaayitid Kingidam ‘dhimma haala yeroo Galaana Diimaa, akkasumas haala shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce’an waloon ittisuu danda’amu’ irratti mari’achuu isaanii Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa beeksise.

Jilli hogganaa Tajaajila Tikaa Yunaayitid Kingidam (MI6) Riichaard Piitar Muuriin durfamu Finfinneetti qondaaltota olaanoo Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenyaa Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin dhimmoota naannoo, biyyaalessaa fi idil-addunyaa irratti mari’achuu ibsameera.

Maricha irratti Daarektarri Itti aanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa Sisaay Tolaa “qaamoleen tokko tokko itti yaadanii sochii Itoophiyaan karra galaanaa argachuuf jalqabde olola sobaaf itti fayyadamuuf yaalaa akka jiran” jila Yunaayitid Kingidamiif ibsaniiru

GIBEE MEDIA

23 Oct, 09:42


Oduu: Ministeerri nagaa dhaabbata Ameerikaa Koree Tajaajila Hiriyootaa jedhamuu waliin waliigaltee mallatteesse

Ministeerri nageenyaa “hojii ijaarsa nageenyaa” dhaabbata tolaoltummaa Ameerikaa Koree Tajaajila Hiriyootaa (American Friends Committee) jedhamu waliin waloon hojjachuuf sanada waliigaltee mallatteessuu beeksise.

Ministeerichatti deetaa ministeera ijaarsa nageenyaafi waliigaltee biyyaalessaa Kayraddiin Tazarraa (PhD) sanadni waliigaltee kuni aadaa nageeenya ijaaruufi akkaataa waldhabdee hiikuu hawaasa keessattti dagaagsuuf waloon hojjachuu kan dandeessisu ta’uu himeera.

Kana malees, waliigalteen kuni tumsa dhaabbilee lamaan gidduutti uumuun hojiileee karooraa eegalaman galmaan gahuu kan hojjatamu ta’uu eerameera. AS https://www.facebook.com/AddisstandardAO/posts/pfbid02wDpkMhc72cqBN5AC8xFDgS1dbqoSngNC5rLxBfdDEWPPAfvGS3i2GntQctR3XEEKl

GIBEE MEDIA

22 Oct, 20:22


#Saafaarikoom gahee gabaa telekoomii #Itoophiyaa keessa qabu 5.5% gahuu ibsame

Dhaabbatni Saafaarikoom Itoophiyaan hayyama tajaajilaa argatee hojii erga eegale ji'oota 22 keessatti lakkoofsa maamiltootaa gara miiliyoona 4.6tti guddisuun, gahee gabaa telekoomii biyyattii keessaa qabu dhibbeentaa 5.5 geessisuu ibsame.

Dhaabbatichi waggaa sadiin dura hayyama erga argateen booda gabaa yeroo dheeraaf dhaabbata Itiyoo Telekoomiin qabamee ture irratti bobba’uu ni beekama.

Gama biraatiin dhaabbatni Itiyoo Telekoom yeroo gurgurtaa aksiyoona jalqabaa tibbana ifoomsu akka beeksisetti, dhaabbatichi maamiltoota miiliyoona 78.3 qabaachuun gabaa telekoomii biyyattii keessatti qoodni inni qabu dhibbeentaa 94.5 ta’uu ibsameera.

Waggoota dheeraaf gabaa telekoomii biyyattii dhuunfatee kan ture Itiyoo Telekoom amma aksiyoona isaa dhibbeentaa 10 ummataaf gurguruu eegaluusaa beeksiseera.

GIBEE MEDIA

22 Oct, 11:53


Oduu: MM Abiy Ahimad yaa'ii #BRICS irratti hirmaachuuf #Raashiyaa galan

MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yaa'ii dureewwan BRICS irratti hirmaachuuf Raashiyaa galuu waajjirri pireezidaantii bulchiinsa Taataarstaan beeksise.

Ibsi waajjiricha irraa bahe akka jedhetti, MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yaa'ii dureewwan BRICS irratti hirmaachuuf Buufata Xiyyaara Idiladdunyaa Kaazaan yeroo gahanitti Pireeezidaantii bulchiinsa Taataarstaan kan ta'an Rustaam Mninikaanoov simannaa taasisaniiru."

Marii Raashiyaa, Kaazaanitti taasifamu kanarratti gaggeessitoonni biyyoota 30 olii ni argamu jedhamee akka egamu tajaajilli oduu Raashiyaa gabaaseera.

Pireezidaantiin Imireetota Arabaa Gamtoomanii (#UAE) Biin Zaayid, Pireezidaanntii #Iraan Maasuud Pezeeshkiiyaanii fi Pireesidaantii #Hindii Naarenraa Moodii gaggeessitoota argaman keessaa isaan ijoodha.

Itoophiyaan jalqaba bara 2024 miseensa BRICS ta’uun ifatti makamuun ishee ni beekama.

GIBEE MEDIA

22 Oct, 08:14


Maanguddoon #Arsii maatii 500 horuun Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'an boqotan

Godina Arsii Lixaa Aanaa #Nansabootti jiraachaa kan turan maanguddoon Abbaadaaluu Jaarsoo Onkoloolessa 20, 2024 du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Kominikeeshinii Aanaa Nansaboo beeksise.

Maanguddoon kun umrii dheeraa qabaachuu fi maatii 500 ol horuun waggaa tokko dura Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'uun isaanii ni yaadatama.

Wayita Galmee Dinqisiisoo Afrikaa irratti galmaa'anitti umriinsaanii waggaa 180 jedhamaa ture. Galmeen riikardii kun garuu umurii isaaniin osoo hin taanee baay’ina maatii horataniin akka galmeesse hojii gaggeessaan dhaabbata isaan galmeesse yeroos BBC'tti himanii turan.

“Haa ta’u malee, qorannoowwan tokko tokko taasifneen Abbaadaaluun maatii 500 ol akka horatan odeeffannoo arganne,” jechuun himu.

GIBEE MEDIA

21 Oct, 17:31


Oduu: Kaaba #Gondaritti dhuma torban darbe lolli cimaa gaggeeffamuu jiraattonni himan

Godina Kaaba Gondar naannawa magaala #Dabaarqitti Sanbata darbe humnoota mootummaafi hidhattoota #Faannoo gidduutti lolli gaggeeffamuu jiraattonni Addis Standard’tti himan.

Jiraattonni Addis Standard dubbise, waraanni gaggeeffamaa ture “ulfaataa” ture jedhan.

Waraanni kuni Onkololeessa 09, 2017 ALI eegaluun hanga Onkololeessa 10 sa’aatii boodaa itti fufee turuu jiraattonni eeraniiru.

GIBEE MEDIA

21 Oct, 13:55


Si’eessituu sammuu
Burqisiistuu yaadaa
Jallatamtuu dhangaa
Addunyaaf araadaa.

Qorsa dhibee mukuu
Dawaa qaamaa-qalbii
Simboo Eebbaan uumee
Nu badhaase Rabbi...

Urgaa funyaan taree
Ruuhiin nama suufu
Dhugaa kan si bare
Unatee sin quufu.

Albuuda mi’ooftuu
Nu keessaa magartee
Miidhagdee qaaloftee
Aalamaaf dabarte.

Bu’uura dinagdee
Biyyaaf wabii taatee
Afrikaa, Ameerkaa
Biraaziliin baate.

'Shammattuu' doolaarii
Hammattuu mooraalii....

Marartuu faannikee
Addunyaa weerare,
Meeqatu siif sirbee
Maqaa keen geerare.

Namaaf firii laatta
Kanniisaaf daraaraa,
Guca nagaa ollaa
Yaa faajjii araaraa...

Tokkittii suusii koo
Ulfoo haadha sugaa
Jiraadhu yaa bunaa
Jiraadheen si dhugaa!

✍️... Riyaad Raayyaa

GIBEE MEDIA

21 Oct, 12:32


Oduu: Pireezidaantiin #Somaaliyaa biyyoota Gaanfa Afrikaa daawwachaa jiru; #Itoophiyaa kan hin daawwanne ta'uu ibsameera

Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad torban darbee kaasee biyyoota ergama nagaa kabachiisaa Somaaliyaatti loltoota isaanii bobbaasan daawwachaa kan jiran yoo ta’u, Itoophiyaa garuu hin daawwatan jedhameera.

Pireezidaantiin Somaaliyaa Sanbata darbe kana Ugaandaa, Burundii fi Jibuutii daawwataniiru. Haata'u malee, pireezidaantichi Itoophiyaa akka hin daawwanne dubbi himaan pireezidaantii Somaaliyaa Abdulqaadir Digee wabeeffachuun VOA gabaaseera.

GIBEE MEDIA

21 Oct, 07:19


Oduu: Antooniyoo Guutareez waltajjii marii #Gamtaa_Afrikaa fi #UN irratti hirmaachuuf Finfinnee galan

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Itoophiyaatti turtii hojii taasisuuf kaleessa Onkoloolessa 20, 2024 Finfinnee galuu isaanii ibsame.

Antooniyoo Guutareez gara Finfinnee kan dhufan waltajjii marii olaanaa Gamtaa Afrikaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sadattaffaa irratti hirmaachuuf akka ta’e eerameera.

Waltajjii har’a Onkoloolessa 21, 2024 eegale kana Komishinara Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii Mahaammat waliin ta’uun dura taa’ummaan akka geggeessan ibsameera.

Waltajjichi raawwii hammattoowwan tumsa dhaabbilee lamaanii kan gamaaggamu yoo ta’u, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii dabalatee dhimmoota adda addaa irratti bal’inaan ni mari’atuun eegama.

GIBEE MEDIA

20 Oct, 13:52


Humni Qilleensaa haleellaa kallattii kamiiyyuu qolachuu danda'u ijaaramuu Ajejaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsan.

Humna balaa kallattii kamiiyyuu qolachuu danda'u ijaaruun danda'amuu eeraniiru.

Hojiileen riifoormii hojjetame bu'aa olaanaa galmeessuu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.

Ijaarsa humna namaa, hidhannoo fi damee waraanaan bu'aa olaanaan argamuu kaasaniiru.

Humna Qilleensaa biyya madaalu ijaaruuf tattaaffii taasiifamu dhugoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Gootota wareegama lubbuu kaffaluun biyya tursiisaniif kabajni kan malu ta'uu dubbachuu ragaan fuula miidiyaa hawaasummaa Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul'isa.

GIBEE MEDIA

19 Oct, 11:07


Oduu: #Itoophiyaa fi biyyoonni loltoota gumaachan biroo ergama nagaa kabachiisaa #Somaaliyaa haaraa keessa itti fufuuf fedhii qabaachuu ibsan

Itoophiyaa dabalatee Ministiroonni Ittisaa biyyoota Somaaliyaatti Ergama Ce’umsaa Gamtaa Afrikaa (#ATMIS) irratti loltoota gumaachan biroo ergama haaraatiin Somaaliyaa keessatti hojii nagaa eegsisuu isaanii itti fufuuf “fedhii qabaachuu fi qophii ta'uu” isaanii ibsan.

Yaa'ii Hoggantoota Raayyaa Ittisaa Afrikaa tibbana Finfinneetti gaggeeffameen cinaatti ministeeronni Somaaliyaatti loltoota gumaachan kanneen akka #Burundii, #Jibuutii, #Itoophiyaa, #Keeniyaa fi #Ugaandaa walgahiin Onkoloolessa 16, 2024 taasisan irratti yaada kana ibsan.

Ibsi waloo ministiroota kanneen Addis Standard ilaale, “waggoota kudha torba darban keessatti biyyoota loltoota gumaachan Somaaliyaa keessatti qabsoo shororkeessummaa irratti godhanii fi biyyattii tasgabbeessuu keessatti wareegamni kaffalan” olaanaa ta'uu ibsaniiruu

GIBEE MEDIA

19 Oct, 07:43


"Ijoolleen ishee osoo itti boossuu mukatti hidhanii gabaa keessatti reeban" - Maatii

#Booranatti dubartiin haadha ijoollee sadi taate "haala aadaa Booranaa bakka hin buuneen" mukatti hidhamtee bakka ummanni dhaabbatee ilaalutti abbaa warraatiin reebamte miidhaa cimaarra akka jirtu maatiifi oggeessa seeraa himan.

Dubartiin Kushuu Bonayyaa jedhamtu kun Godina Boorana Bahaa aanaa #Waacileetti murtii jaarsoliidhaan lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraashee Galgaloo Waariyootiin gara jabinaan yoo reebamtu viidiyoon mul’isu miidiyaarratti qoodame ijoo dubbii ta’ee ture.

Miseensa maatii miidhamtuu kanaa kan tahan Obbo Jaarsoo Bulee yaada BBC'tti laataniin, “mukatti hidhanii ganda isaan keessa jiraatan keessatti ummata itti baasanii reebsisan. Ilmoon ishee osoo itti boossuu, ummanni dhaabbatee osoo ilaaluu akkana tolchan. Namni tokkollee akka irraa hin dhorkine godhanii akkanaan dararan,” jedhan.

GIBEE MEDIA

19 Oct, 07:42


Gocha qaanii tibbana biyya keenya keessatti raawwatame

Dubartii Oromiyaa keessatti mukatti hidhamuun abbaa manaa isheen reebamte.

Viidiyoon kun marsaalee hawaasummaa irratti tamsa’e. Ummatis mormii guddaa dhageessise, gochaa qaanii jechuunis qeeqe.

Gochi Godina Boorana Bahaa Aanaa Waacilee Ganda Qaqallootti Aadde Kushuu Boonayyaa irratti raawwatame gocha qaaniiti.

Aadde Kushuun gaa'ela obbo Geelgelo Waariyoo waliin erga godhatanii waggoota 12 lakkoofsisuun ijoollee sadii qabu.

Abbaan warraa Aadde Kuushuu humna ittisa biyyaatti makamuun waggaa 4f tajaajilaa kan ture yommuu ta’u , waggaa afur kophaa ishee ijoollee sadii guddisaa kan turte

Abbaan warraa ishee waggaa afur booda gara manaatti deebi'a.

Obbo galgaloon wayita manatti deebi’i kana araada garaa garaan qabamuun mana isaa keessatti jeequmsa uumuu eegale. gaa'elli isaanii akka durii nagaa ta'uu akka dadhabe.

Aadde Kushuun gaa'ela ishee akka hin diigne jaarsa tokkoon irra deddeebiin gorfamus abbaan manaa ishee humna ishee ol waan ta'eef gara maatii ishee deemte.

Yeroo kanatti Obbo Galgaloon jaarsolii erguun gara manaatti akka deebitu gaafate, Aadde Kushuun miidhaan koo hin mul'atu jechuun gaaffii jaarsolii kana didde.

Daftee gara manaatti yoo hin deebine si adabna jedhanii maanguddoonni akeekkachiisaa isheetti kennan.

Aadde Kushuun garuu diduu ishee cimsitee itti fufte. Maanguddootaanis murtiin itti murtaa'e.

Murtii Maanguddoonni itti murteessan ijoollee ishee fi ummata fuulduratti abbaan warraa ishee akka funyoodhaan mukatti hidhee reebu ture.

Viidiyoon reebamuu ishees miidiyaa hawaasaa irratti erga bahee booda namoonni aarii isaanii ibsachuu jalqaban.

Jaarsoliin murtee kana dabarsan Jaarsoo Booruu, Galgaloo Jaatanii, Didaa Walee, Diidaa Jaatanii, Aleekaa Jaarsoo, Barchii Iyaa, Dibaa Golichaa yoo ta'an, jaarsoliin kun guyyaa 5f hidhamanii gadhiifaman.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡