Qubee TV @qubeetv Channel on Telegram

Qubee TV

@qubeetv


Qubee TV is an entertainment, Educational and news media established with a great vision to be the best television in our country

Qubee TV (English)

Welcome to Qubee TV, your go-to destination for entertainment, education, and news. Our channel, @qubeetv, is a diverse platform that offers a wide range of content to cater to all your needs. Whether you're looking for the latest news updates, educational programs, or simply want to unwind with some entertainment, Qubee TV has got you covered. Qubee TV was established with a great vision to be the best television channel in our country. Our team of dedicated professionals works tirelessly to bring you high-quality content that is both informative and entertaining. From thought-provoking documentaries to exciting reality shows, there is something for everyone on Qubee TV. At Qubee TV, we believe in the power of media to educate, inspire, and entertain. That's why we strive to create content that not only entertains but also informs and educates our viewers. Whether you're interested in current affairs, history, science, or pop culture, Qubee TV has something for everyone. Join us on this exciting journey as we continue to grow and expand our reach. Follow us on @qubeetv for the latest updates and exclusive content. With Qubee TV, you'll never be bored again. Stay tuned for more exciting programs and shows coming your way. Qubee TV - your ultimate source of entertainment, education, and news.

Qubee TV

01 Feb, 16:31


Ollaan daa'ima kanaa guyyaa ajjeechaan kun raawwate poolisoonni dhufuun ''suuraa kaasanii deeman,'' jechuun taatee guyyaa sanaa ibsan.

Maatiifi ollaan 'Simboon gudeedamtee fannifamtee' argamuu ibsaniiru.

''Manni yaalaa asii ilaalee gudeeddiitu irratti raawwate jedhe'' jechuun ollaan ibsan, wanti kun hawaasa keessa rifaatuu uumuu himuun ''safuutu cabe'' jedhan.

Bulchaa Aanaa Meettaa Walqixxee Obbo Birhaanuu Ajjamaa garuu namoonni shakkaman to'atamuu ibsan.

Qubee TV

01 Feb, 16:31


Gudeeddiifi Ajjeechaa suukaneessaan daa'ima Simboo Birhaanu irratti Aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Eelaatti raawwatame.

Qubee TV (Gurraandhala 1, 2025) Finfinnee!
Gudeeddiifi Ajjeechaa suukaneessaan daa'ima Simboo Birhaanu irratti raawwatame kun Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Eelaatti guyyaa Roobii raawwate.

Daa'immanii kun mana ishee irraa erga fuudhamtee booda  gudeedamuun ajjeefamte argamuun ishee dheekkamsa guddaa kaase.

Maatiin Simboo "wanti nu mudate nama biraa mudachuu hin qabu" kan jedhan yakka fokkisaa daa'ima isaanii xiqqoo kana irratti raawwatameef haqa barbaadaa akka jiran himan.

Daa'imni ol-guddattuun ganna 10 taatu, Simboo Birhaanu Barattuu kutaa tokkoffaati, Torban darbe kana, Roobii Erga mana barumsaatii deebitee laaqana erga nyaattee booda mana isheetii fudhanii yakka suukaneessaa irratti raawwatan.

Akkaataa daa'imni kun ajjeefamte irratti poolisiin ammatti waan ifa godhe hin qabu, Hospitaallis qorannoo ifa hin goone.

Qubee TV

01 Feb, 08:44


#Iyyaafannoo

Maqaan isaa Heeraan Jamaal bakrii jedhama Erga gaafa Roobii 23/5/2017 bakka jireenya isaa Magaalaa qobbootii badee hanga ammaa hin argamne, Namni mucaa suuraa irra jiru kana argitan lakkofsa bilbilaa kanaan nuuf bilbilaa jechuun maatiin dhaammatan.
0925608318 - Kaalid Bakrii Hasan
0911971305 - Leencoo Bakrii.

Qubee TV

01 Feb, 07:18


Xiyyaarri yaalaa 'Learjet 55' kufe kun gara Meksikootti osoo deemaa jiruu boba’aa guutuuf buufata xiyyaaraa 'Springfield'tti bu’uuf karoorfate imalaa ture jedhame.

Haa ta'u malee xiyyaarichi buufata irraa erga ka'ee sekondii 30 booda kufuun isaa gabaafame.

Hojjettoonni balaa tasaa xiyyaarri yaalaa xiqqaan kun erga kufee booda namoota lubbuun hafan baraaruuf gargaaruuf gara Kaaba Baha 'Filadelfiyaa'tti imalanii jiru.

Balaa kana dabalachuun Ameerikaatti torbee darbe keessa qofa balaan xiyyaaraa sadii mudatee jira.

Imaltoonni kunneen lubbuun jiraachuufi du'uu isaanii ilaalchisee hanga ammaatti wanti ifa ta'e hin jiru jechuun CNN gabaase.

Qubee TV

01 Feb, 07:18


Ameerikaatti balaan xiyyaaraa sadaffaan jimaata halkan mudate.

Qubee TV (Gurraandhala 1, 2025) Finfinnee!
Ameerikaatti Xiyyaarri dhukkubsataafi hojjettoota qabattee gara Meeksikoo deemaa turte naannoo 'Filadelfiyaatti' kufte.

Shamarreen Filadelfiyaatti yaalamaa turteefi haati ishee hoosistuu gara mana isaanii Meksikootti osoo deemaa jiranii xiyyaarri isaan ittiin deemaa turan Jimaata halkan kufuun balaa qaqqabsiise.

Balaa kana hordofuun suuraa socho'aa manneeniifi konkolaattonni ibiddaan gubatan agarsiisan mul'achaa jiru, balaa mudate kana poolisiin magaalichaas mirkaneesseera.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaas xiyyaara kufe kana keessa namoonni jaha akka turan beeksisuun Isaan keessaa afur hojjettoota xiyyaaraa yoo ta'an, kanneen hafan ammoo daa'ima dhukkubsatteefi haadha hoosistu turan.

Ministeerri Dhimma Alaa Meeksikoo haadhaafi daa’ima malees, balaliisaafi gargaaraa balaliisaa, akkasumas ogeeyyiin fayyaa lama xiyyaaricha keessa kan turan yoo, hundi isaanii lammiilee Meeksikoo ta’uu beeksise.

Qubee TV

31 Jan, 16:30


Sirni Baniinsaa Yaa’ii idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa gaggeeffame.

Qubee TV (Amajjii 31, 2025) Finfinnee!
Sirni Baniinsaa Yaa’ii idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa galma yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffame.

Yaa’ichi mata duree “Waadaa hanga Aadeffannaatti” jedhuun Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegale.

Sirnicharratti Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaafi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad, Itti Aantoonni Pireezidaantii Paartichaafi Hoggaantoonni Olaanoo biroon argamaniiru.

Akkasumas hoggantoonni olaanoo paartiilee obbolaa biyyoota ollaafi paartii obbolaa biyyoota miseensa BRICS argamuun erga dabarsaniiru.

Qubee TV

31 Jan, 12:17


Tapha injifatanii darbuu Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan Riyaal Maadriid Maanchiisteer Siitii waliin taphata.

Qubee TV (Amajjii 31, 2025) Finfinnee!
Tapha injifatanii darbuu Shaampiyoonsi liigii Awurooppaan kilabni Ispeen Riyaal Maadriid kilaba Ingilaand Maanchiisteer Siitii waliin taphata.

Carraan Dorgommii Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa har'a bahee jira.

Taphni marsaa jalqabaa gareewwan kubbaa miilaa lamaan gidduutti taasifamu Itihaaditti kan gaggeeffamu yoo ta'u, taphni deebii ammoo Santiyaagoo Bernaabootti kan gaggeeffamu ta'a.

Taphoota xumuraa biroon Brest PSG waliin, Seeltik Baayermuunik waliin, Juventus PSV waliin, Feyenoord S. Milan waliin, Sporting Lisbon ammoo Dortmund waliin ni morkatu.

Gareen saddeet marsaa jalqaba injifatanii darbuu kana injifatan gara marsaa 16ffaatti ni darbu.

Liivarpuul, Baarseloonaafi Arsenaal dabalatee gareewwan kubbaa miilaa 8 kallattiin gara marsaa 16ffaa darbuun isaanii kan yaadatamuudha.

Qubee TV

31 Jan, 09:03


Daqiiqaa muraasaan dura kirkirri lafaa cimaan naannoo Awaashitti mudachuun hollannaan isaa Finfinneetti dhaga’ame.

Qubee TV (Amajjii 31, 2025) Finfinnee!
Daqiiqaa muraasaan dura kirkirri lafaa cimaan naannoo Awaashitti mudachuun hollannaan isaa Finfinneefi magaalota biroo keessatti dhaga'ame.

Qubee TV

31 Jan, 08:20


Muddannoo ishee hidhaa keessaatti keessa dabarte yeroo himtu, “baay'ee tokko ulfaata. Reebichi, beeluunis wanta baay'eetu jira. Nyaanni hin jiru. Guyyaatti si'a tokko qofa nyaanna,” jette.

Waggaa darbe barnoota kutaa 11ffaa adda kuttee gara Liibiyaa deemuu kan yaadachiistuu Na'iimaan, “wanta keessa darbe yoon yaadadhu hedduun gaabba” jetti. Itti dabaluun, “[Namoonni] osoo biyya isaanii keessa taa'anii wayya. Hiriyyoonnikoo karaarratti du'aniiru” jette.
Maddi: BBC

Qubee TV

31 Jan, 08:20


Shamarreen Liibiyaatti ugguramte dararamaa turte birrii 700,000 kaffalamee gadhiifamte.

Qubee TV (Amajjii 31, 2025) Finfinnee!
Shamarreen Oromoo baatii saddeet dura barumsa adda kuttee jireenya caaluuf magaalaa Shaashamannee irraa ka’un godaansarra osoo jirtuu Liibiyaatti hidhattootaan butamtee dararaan irratti raawwatamaa ture Na'iimaa Jamaal birrii 700,000 kaffalamee gadhiifamte.

Hidhattoonni ishee ugguran dolaara 6,000 (birrii 750,000) kaffaltan malee kanaan achi ''suuraa reeffa ishee isiniif ergina'' jechuun viidiyoo ergaa, maatii dorsisaa turan, Maatiinis maallaqa gaafatame kaffaluun akka itti cimuu himuun birmannaa gaafatanii turan.

Na'iimaan amma hiikamuu ishee mirkaneessiteetti. Erga gadhiifamte booda turtii BBC waliin taasifteen lammiileen Itoophiyaa ishee waliin kan ugguraman baay'ee ta'u eeruun, isheefi kaan muraasni kaffalameef qofti gadhiifamuu dubbatte.

Qubee TV

30 Jan, 12:40


Namni Qur'aana gubeefi rasaasaan ajjeefame kun mormii farra Islaamummaa otoo addaan hin kutin gaggeessuurratti duraanis Qur'aana kabaja dhorkaa ture.

'Salwan Momika' himanni kanaan dura irratti dhiyaachuun Murtiin Kamisa har'aa irratti kennamuuf kan ture yoo ta'u, garuu erga ''himatamtoota keessaa tokko du'uunsaa mirkanaa'ee booda yeroo biraatti darbeera'' jedheera Manni Murtii Aanaa Isteekhoolm

Qubee TV

30 Jan, 12:40


Siwiidiinitti namichi Qur'aana gubee jeequmsa kaase tamsaasa kallattii irra osoo jiruu rasaasaan ajjeefame.

Qubee TV (Amajjii 30, 2025) Finfinnee!
Siwiidiinitti namichi Qur'aana gubee jeequmsaafi mormii cimaa kaase miidiyaa hawaasummaa irratti tamsaasa kallattii irra osoo jiruu rasaasaan ajjeefame.

Miidiyaaleen biyyattii akka gabaasanitti namni kun rasaasaan rukutamee du'e.

Namni umrii waggaa 38 'Salwan Momika' mana jireenyaa waliinii (appaartimantii) magaalaa Istookhoolm keessatti ajjeefame jedhame.

Bara 2023 namni kun Masjiida giddugala magaalaa Istookhoolm fuulduratti erga Qur'aana gubee booda mormiin uummataa dhohee ture.

Poolisiin Istookhoolm rasaasaan ajjeefamuu 'Salwan Momika' hordofee namoonni shan seeraan to'atamaniiru jedhe.

Qubee TV

30 Jan, 12:02


Obbo Birhaanuu Adeelloon Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga namoomaa Itoophiyaa ta’uun mudaman.

Qubee TV (Amajjii 30, 2025) Finfinnee!
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii har'a gaggeesseen Obbo Birhaanuu Adeelloo Komishinara Olaanaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa taasisuun mudame.

Obbo Birhaanuunis fuuldura miseensota mana maree bakka bu'ootaatti dhiyaachuun sirna kakuu raawwatan.

Qubee TV

30 Jan, 11:49


Seenatarri Ameerikaa Ijiptirraa matta’aa fudhachuun Itoophiyaarratti dhiibbaa uumaa ture hidhaan waggaa 11 itti murame.

Qubee TV (Amajjii 30, 2025) Finfinnee!
Seenatarri Ameerikaa Ijiptirraa matta’aa fudhachuun Itoophiyaarratti dhiibbaa uumaa ture hidhaan waggaa 11 itti murtaa’e.

Namni faayidaa Ijiptii eeguuf biyyattiirraa maallaqa fudhatee waltajjii argate hundarratti dantaa Ijiptiiif falmaa Itoophiyaa qeeqaa ture kun biyyattii keessatti waggoota dheeraaf aangoorra ture.

Seenaatarri duraanii Niwujeers kan maqaan Boob Meendez jedhamu kun faayidaa dhuunfaasaaf gocha malaanmaltummaan maallaqaa, Konkolaataa Mersedis Beenzin warqiifi kanneen biroo Ijiptiirraa fudhateera jedhame.

Kunis uummataa Ameerikaa bakka bu’ee utuu jiruu faayidaa dhuunfaasaa guuttachuuf biyya biraa deeggare jedhamuun himatamee murtii waggaa 11 itti murtaa’e.

Qubee TV

30 Jan, 09:21


Haaluma kanaan himatamtoonni 1ffaa hanga 3ffaa jiran dhaddachaaf dhiyaachuun ibsi himannaa isaan kan qaqqabe yoo ta’u, himatamtoonni 4ffaafi 5ffaan ammoo teessoon isaanii argamuu dhabuu hordofee himanni isaanii akka adda citu taasifame.

Himatamtoonni kunneen ragaa ittisaa dhiyeeffatanii kan turan ta’us ragaan dhiyeeffatan ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse qolachuu dhabuu isaaniin himatamtoonni murteen balleessummaa itti murtaa’e.

Haaluma kanaan manni murtii dhaddacha har’a Amajjii 30, 2025 ooleen himatamaan 1ffaa Luba Balaay Mokonniin hidhaa cimaa waggaa shaniifi birrii 10,000'n, himatamtoonni 2ffaafi 3ffaa tokkoon tokko isaanii hidhaa waggaa 3fi ji’a 3fi birrii 3000 itti murteesse.

Qubee TV

30 Jan, 09:21


Luba Balaay Mokonniin hidhaa waggaa 5fi birrii 10,000'n akka adabaman itti murtaa’e.

Qubee TV (Amajjii 30, 2025) Finfinnee!
Lakkoofsa Herreega Gamtaa Afrikaa irraa Doolaara miiliyoona 6'fi kuma 50 waliin dhahuuf yaaluun yakka malaammaltummaan kan himataman Luba Balaay Mokonniin adabbii hidhaa waggaa shaniifi birrii 10,000 irratti murtaa’e.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti Dhaddachi Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa ramaddii 3ffaan oolmaa kanaan dura Amajjii 15, 2025 ragaalee bitaafi mirgaa dhiyaataan qorachuun himatamtoonni yakka himatamaniin balleessaa raawwachuu isaanii itti murteessuun ni yaadatama.

Shakkamtoonni shan galmee Luba Balaay Mokonniin jalatti himataman Gamtaa Afrikaa irraa kaffaltiin akka raawwatamuuf ajajni tokkooyyuu osoo hin jiraatiin Doolaarri miiliyoonni 6fi kumni 50 akka kaffalamuuf sanada sobaa baankiif dhiyeessuun kaffaltii gaafachuu isaaniin yakka waliin dhahuu cimaan himatamuun kan yaadatamuudha.

Qubee TV

30 Jan, 07:36


Ameerikaatti Xiyyaarri imaltootaafi helikooptarri waraanaa walitti bu'uun laga 'Potomak' jedhamu keessatti kufan.

Qubee TV (Amajjii 30, 2025) Finfinnee!
Ameerikaa magaalaa Washingitanitti Xiyyaarri imaltoota 60 qabatee jiruufi helikooptarri waraanaa qilleensarratti walitti bu'uun lameenuu laga 'Potomak' jedhamu keessatti kufuun gabaafame.

Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa biyyattii (FAA) helikooptara waraanaa keessa loltoonni 3fi Xiyyaara keessa ammoo imaltoonni 60 akka turan ibse.

Xiyyaara kufte keessaa hanga ammaatti namni lubbuun argame hin jiru jechuun BBC'n gabaase.

Qubee TV

29 Jan, 05:42


Appilikeeshinii Chaayinaa 'DeepSeek' irra haleellaan Saayiberii gahe.

Qubee TV (Amajjii 29, 2025) Finfinnee!
Appilikeeshiniin gargaaraa hubannoo namtolchee 'AI' jedhamuun maqaa DeepSeek'n as baheefi argannoo Chaayinaa ta'e kun hojiirra oolee yeroo muraasa keessatti fudhatama guddaa argatee ture kana irra haleellaa saayiberii gahe.

DeepSeek Appilikeeshinii Ameerikaa 'ChatGPT' jedhamuun kan dorgomuufi barbaadamummaansaas haalaan dabaluunsaa himamuu eegalee guyyoota muraasa gidduutti miidhaan saayiberii kun irra gahe jedhame.

Akka gabaasa 'The Guardian'nitti Appilikeeshinii kana namoonni dursanii banatan itti fayyadamnisaa kan jalaa hin badne ta'uuf maamiltoonni haaraan garuu banachuu akka hin dandeenyedha gabaase.

Qubee TV

28 Jan, 12:03


Kun ammoo “gocha walabummaa dhaabbattummaafi hojimaata mana murtichaa cabsu” waan ta’eef, poolisiin magaalaa Aksuum daarektaroota manneen barnootaa afur hidhee Guraandhala 07, 2017 ALI mana murtiitti akka dhiyeessu xalayaan ajajuu ibse.

Barattoonni muslimaa 160 ta'an sababa uffannaa isaaniin barnootaa ala ta’an, uggurri hijaabaa kun “mirga barnootaafi bilisummaa amantaa heera mootummaatiin kenname cabsa” jedhanii mormaa turuun isaanii ni yaadatama.

Qubee TV

28 Jan, 12:03


Hoggantoonni mana barnootaa Aksuum hijaaba dhorkan afur hidhamanii mana murtiitti dhiyaachuuf.

Qubee TV (Amajjii 28, 2025) Finfinnee!
Manni Murtii Aanaa Aksum daarektarota manneen barnoota magaalattii afur barattoota muslimaa irratti dhorkaa uffannaa hijaaba dabarsuun himataman akkaataa ajaja mana murtiin dhaddachatti hin dhiyaanne jechuun hidhamanii akka dhiyaatan ajaja dabarse.

Manni Murtichi dhaddacha Amajjii 06, 2017 ALI ooleen dhorki hijaabaa manneen barnootaa dabarsan ugguramee akka turuufi manneen barnootaa kunneen mana murtiitti dhiyaatanii jecha isaanii akka laatan ajaja dabarse ture.

Haa ta’u malee Biiroo Barnoota Magaalaa Aksum himatamaa tokkoffaan ala himatamtoota 2ffaa hanga 5ffaarra kan jiran manneen barnootaa afur “ajaja mana murtichaa kabajuu diduun” guyyaa beellamaa dhaddachatti akka hin dhiyaanne manni murtichaa ibsee jira.

Qubee TV

28 Jan, 11:17


Miidiyaa Hawaasummaa Tiiktook, bituuf dhaabbanni teeknooloojii biyya Ameerikaa Maayikiroosooft fedhii akka qabu ibsame.

Qubee TV (Amajjii 28, 2025) Finfinnee!
Miidiyaa Hawaasummaa Tiiktook, bituuf dhaabbanni teeknooloojii biyya Ameerikaa Maayikiroosooft fedhii akka qabu Pirezidaantiin Ameerikaa ibsan.

Dhaabbanni Tekinooloojii abbummaan isaa kan lammii Ameerikaa ta'e Maayikiroosooft Tiiktookii bituuf akka jiru, Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp himan.

Tiraamp tiiktookiin Ameerikaatti amanamummaa akka qabaatuuf yoo xinnaate qoodasaa dhibbeentaa 50 lammiilee Ameerikaatti gurguruu qaba amantaa jedhu qabu.

Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Joo Baayidan xumura bara aangoosaanii jala tajaajilli Tiiktookii Ameerikaa keessaa akka cufamu taasisanii turan; haata’u malee, Tiraamp aangootti dhufanii yeroo muraasa keessatti tajaajilatti akka deebi’u ta’e.

Qubee TV

28 Jan, 10:49


Biiroon Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Finfinneetti ragaan barnoota hojjattoota mootummaa 90,000 ol sakatta'amuuf jedha.

Qubee TV (Amajjii 28, 2025) Finfinnee!
Biiroon Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ragaa barnootaa hojjattoota waajjiraalee mootummaa 90,000 qulqulleeffachuuf qophaa'uu beeksise.

Itti gaafatamaan Biiroon Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Damee Hoggansa Qabeenya Namaa kana ta'an Obbo Malaakuu Taammiruu akka ibsanitti, ragaan barnootaa hojjattoota 90,000 oli qulqulleessuun ragaa sobaa adda baasuuf karoorfachuu himan.

Hojiin kunis yeroo gaabaabaa keessatti akka eegalu Obbo Malaakuun eeran.

Biirichatti Daayrekatarri Hordoffii, Deeggarsa Humna Namaafi Ooditii Obbo Malaakuu Tamasgeen gama isaaniin, gochaan kuni kenniinsa tajaajilaa magaalattii foyyeessuu keessatti gahee akka qabu himuu Komishiniin Farra Malaanmaltummaa ibse.

Qubee TV

28 Jan, 10:48


Iraan Diroonii haaraa hammaan guddaa ta'e Oomishte Gaaza maqaa jedhu itti moggaasuu ifoomsite.

Qubee TV (Amajjii 28, 2025) Finfinnee!
Iraan Diroonii haaraa hammaan guddaa ta'e Oomishte Gaaza maqaa jedhu itti moggaasuu ifoomsite.

Moggaasni maqaa diroonii kanaas kabaja Lammilee Palaastaayiin Gaazaatti wal dhabdee Haamaasiifi Israa'eliin hordofee gahee jiruufi yaadannoosaaf ta'uun ibsame.

Dirooniin kun meetira 22 kan dheeratu yoo ta'u, Kiilogiraama kuma 3fi 100 ulfaata.

Yeroo tokkotti meeshaa Kiilogiraama 500 ulfaatu baachuu kan danda'uufi  balalii tokkoon iddoowwan qiyyaafannaa saddet haleeluu danda'a jechuu 'The Economic Times' gabaase.

Qubee TV

27 Jan, 18:31


Gara kilaba kanaatti dabalamuu ishee yeroo ibsitutti ''Baayyee gammadeera. Dhugaa natti hin fakkaanne ture' jette.

Tapha Cheelsiin Arsenaaliin 1-'0 mo'ate irratti deeggartoota waliin wal barsiifamteetti.

''Taphattoota kilebichaa, aadaa kilebicha keessaafi xiinsammuu injifachuuf qabantu akkan Cheelsii galu na gargaare'' jette.

Garee biyyaalessaa US waliin dorgommii kubba miilaa Olompikii darbe irratti gaggeeffameen warqee injifataniiru.

Leenjistuun Cheelsii Naa'oomii Girmaa nu filachuu isheetti hedduu gammadeera jette.

Naa'oomiin bara 2023 taphattuu cimtuu Ameerikaa tahuunis filamteetti.

Qubee TV

27 Jan, 18:31


Rikardii jijjiirraa dubartootaa kan cabsite Naa'oomii Girmaa milkaa’ina koof abbaa kootu na kakaase jette.

Qubee TV (Amajjii 27, 2025) Finfinnee!
Maatii Itoophiyaa irraa Ameerikaatti godaanan irraa dhalachuun Rikardii jijjiirraa taphattootaa dubartootaa kan cabsitee Naa'oomii Girmaa milkaa’ina koof abbaa kootu na kakaase jette.

Abbaan ishee Itoophiyaa irraa akka godaaneen Garee Hawaasaa ijaaruun daa'imman waliin Kubbaa Miilaa akka taphatan taasisaa ture isheenis umrii waggaa 4fi 5ti kubbaa Miilaa garee sana keessatti taphachuu eegale jechuun turti miidiyaa Cheelsii waliin taasistee irratti dubbatte.

Yeroo ammaa kanas taphattuun sarara ittisaa garee biyyaalessaa Ameerikaa Naa'oomii Girmaa, gatii jijjiirraa taphattootaa dubartootaa rikardii taheen Cheelsii galte.

Taphattuun ganna 24 Naa'oomiin Cheelsii waliin hanga bara 2029tti waliigaltee tursiisuu mallatteessite.

Saan Deegoo irraa paawondii 900,000'n Cheelsii kan galte Naa'oomiin, Cheelsii filachuun ''anaaf salphaa ture'' jette.

Qubee TV

27 Jan, 14:37


Lammiileen Filiisxeem qa’ee isaanitti deebi’uu eegalan.

Qubee TV (Amajjii 27, 2025) Finfinnee!
Waliigaltee Dhukaasa dhaabuu Israa’eliifi Hamaas gidduutti taasiifame hordofee Lammiileen Filiisxeem qe'eerraa buqqa'anii turan hedduun gara Kaaba Gaazaatti deebi’uu eegalan.

Sababa waraana Israa’eeliifi Hamaas gudduutti geggeefamaa tureen Lammiileen qa’eefi qabeenya isaanirraa buqqa’aanii turan hedduun lafoofi Geejjibaan gara Kaaba Gaazaatti imalaa jiru.

Akkaataa waliigalateen Lammiileen buqqa’an kunneen Sambata darbee eegalee gara qa’ee isaanii deebi’uun irra jiraatus sababa Hamaas Lammii Israa'el tokko gadi lakkisuu dhabeef hanga har’aatti turamuun eerame.

Haa ta’uutii lammii Israa’eel dubartii umrii waggaa 28 Hamaasiin ugguramtee turte kana Kamisa dhufuu eegalee Waldaa Qaxxaamura Diimaaf dabarsee kennuuf waliigalamuu hordofee lammiileen hedduun gara Gaazaa imalaa jiraachuun gabaafame.

Qubee TV

27 Jan, 08:11


Paartiin Biyya bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa Yaa'ii isaa 2ffaa geggeessuuf jedha.

Qubee TV (Amajjii 27, 2025) Finfinnee!
Paartiin Biyya bulchaa jiru Paartiin Badhaadhinaa Yaa'ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 magaalaa Finfinneetti geggeessuuf akka jedhu Obbo Adam Faaraah himan.

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan guguddan kan murtaa’an ta’uu Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii Itti Aanaan Paartichaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan geggeessuu ta’uu eeran.

Yaa'iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan guguddoon kan irratti murta'aniifi kallattiin fuulduree paartichaa kan kaa'amu ta'uus himan.

Qubee TV

27 Jan, 07:59


Daqiiqaa muraasaan dura kirkirri lafaa cimaan naannoo Awaashitti mudachuun hollannaan isaa Finfinneetti dhaga’ame.

Qubee TV (Amajjii 27, 2025) Finfinnee!
Daqiiqaa muraasaan dura kirkirri lafaa cimaan naannoo Awaashitti mudachuun hollannaan isaa Finfinneefi magaalota biroo keessatti dhaga'ame.

Jiraattonni naannawa Awaash akka jedhanitti kirkirri lafaa torban kana tasgabbaa'u himuun kan har'a mudate garuu sodaachisaadha jedhan.

Qubee TV

26 Jan, 08:28


https://youtu.be/Gf7Yo9rjFJc

Qubee TV

25 Jan, 17:52


Kitaabni "seenaa bunaafi siyaas-dinagdee shanan gibee"jedhu magaalaa jimmaatti eebbifame.

Qubee TV (Amajjii 25, 2025) Finfinnee!
Kitaabni "seenaa bunaafi siyaas-dinagdee shanan gibee"jedhu kan Gaazeexeessaa Saaliim Aminiin barreeffame Magaalaa Jimmaa galma Yuunivarsiitii jimmaatti eebbifame.

Kitaabni kun fuula 330 kan qabu yoo ta'u haala hundeeffama mootoota shanan gibee, siyaasaafi xinsammuu qaroominaa mootoota kanaa kan hammate ta'uu barreessaan kitaabichaa Gaazeexeessaa Saalim Amiin eebbichaarratti dubbate.

Kitaabileen seenaa yeroo ammaa dargaggootaan barreeffaman dhaloota borii barsiisuuf gahee olaanaa qaba jechuun Dippiloomaatii olaanaafi jaarsa biyyaa ta'uun kan tajaajilan Akaakayyuu Mootii Abbaa Jufaar Abbaa Biyyaa Abbaa Joobir dubbatan.

Sirna eebbaa kanarratti Dooktar Gammachuu Magarsaa dabalatee hayyootni Yuuniversiitii Jimmaa, barsiisota amantaa abbootii Gadaafi rogeeyyiin garaagaraa argamuun eebbisiisan.

Qubee TV

25 Jan, 06:59


Yuunivarsiitii Diillaatti barattootni #Muslimaa niqaaba uffatan 44 moora seenu dhorkamanii masjiida bulaa jiraachuun himame.

Qubee TV (Amajjii 24, 2025) Finfinnee!
Yuunivarsiitii Diillaatti #barattootni Muslimaa 44 ta’an sababa “sodaa nageenyaatiif” jedhuun uffannaa amantiisaanii kan ta’e niqaaba uffataniin mooraa yuunivarsiitichaa akka hin seenne dhorkamuun hedduun isaanii yeroo ammaa masjiida keessa bulaa akka jiran himan.

Yuunivarsiiticha keessatti uffannaan Niqaaba waggoota darbaniif bilisaan kan uffatamaa ture ta’uu kan yaadachiisan barattoonni kun, dhorkii kun erga eegale ji’a tokko darbuu himan.

Bakka bu’aan barattoota muslimaa yuunivarsiitichaa Nuraddiin Abdallaah, “barattoonni muslimaa hedduun #masjiida keessa buluu erga eegalanii guyyootni 5 darbeera. Yeroo kanattis qormaatafi barnoonni isaan darbaa jira,” jedhe jechuun Addis Standard gabaase.

Qubee TV

25 Jan, 06:06


Haaromsa Masaraa mootummaa #Abbaa_Jifaariifi #piroojektii Maaddii dhalootaa Suuraan.

Qubee TV

24 Jan, 16:53


Misooma Koriidarii magaalaa Jimmaa Suuraan.

Qubee TV

21 Jan, 13:09


“Manni murtiifi biiroon barnootaa ajaja ifa ta’e dabarsanis ijoolleen keenya barnoota akka hin arganne dhoorkamaniiru. Biyya seenaa Islaamummaa jaarraa hedduu qabdu keessatti gochaan akkasii daran yaaddeessaadha,” jedhan Sheek Adam. 

Hiriirri mormii kun kan taasifame mariifi gaaffii aanga’oota wajjiin irra deddeebiin taasifame hordofee ta’uu himuun. “Rakkoon jiru ammallee hin furamne ijoolleen keenya barnoota akka hin arganne dhoorkamaniiru." Jechuun ibsan.

Akka Sheek Adam jedhanitti, rakkoon akkasii kanaan dura mudatee ture. “Waggaa tokko dura barattoonni Islaamaa hijaaba uffataniii turan lubbuun darbuu eeruun ammammoo hijaaba uffatanii dirqama barachuu qabu,” jedhan.

Hiriirri ture kun karaa naga-qabeessa ta’een gaggeeffamuu Sheek Aadam dubbachuun. “Mormitoonni sagaleesaanii karaa naga-qabeessa ta’een dhageessisaniiru. Hiriira kana karaa tasgabbaa’eefi seera kaabjeen akka gageeffamuuf too’anoo taasisaa jirra,” jedhan.

Hiriirri mormii kun rakkoo hin furamin kan akka barattoota Musliiimaa kutaa 12 magaalaa Aksuum qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne dhoorkuu hordofeeti.

Dhoorkaa uffanaa hijaabaa manni barumsaaa dabarse barattoonni mormanii ture. Barattoonni murtee kana morman 160 ta’an qormaata biyyooleessaatiif akka hin galmoofne dhoorkamanii ture guyyaan galmee jala darbeera.

Bakka bu’oota hawaasa Islaamummaa waliin Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa guyyaa har’aa hiriira mormii booda marii gaggeessaniiiru. Heerri biyyattii mirgi amantaa akka kabajamu kan eeyyamuu ta’uu eeruun, “Barattoonni Musliimaa sababa hijaaba uffataniif barnootarraa ari’atamuu hin qaban,” jedhan Obbo Geetaachoon.

Rakkoon kun hangana babal’achaa dhufuusaatti gadduu Obbo Geetaachoon ibsuu Dimtsi wayyaaneen gabaaseera. Barattoonni kunneen barnoota dhoorkamuu akka hin malles Obbo Geetaachoon ibsan.

“Akka mootummaatti heerri keenya ifadha,” jechuun hiriirri mormii hawaasni musliimaa karaa nagaatiin dhageessisan kabajamaa ta’uu eeruun deebii argachuu akka qabu Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Geetaachoon dubbatan.

Qubee TV

21 Jan, 13:08


Maqaleetti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman dhoorkaa hijaabaarra kaa’ame mormuun guyyaa har’aa hiriira bahan.

Qubee TV (Amajjii 21, 2025) Finfinnee!
Naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetti namoonni kumaatamaan lakkaa’aman dhoorkaa baratoota musliimaa hijaaba uffatan irra kaa’ame mormuun guyyaa har’aa hiriira bahan.

Manneen barnoota magaalaa Aksumiitti argaman ajaja manni murtiifi biiroon barnoota Tigraay dabarse mormuun barattoonni hijaaba uffatanii akka hin barannee dhoorkuu hordofuun hiriirri mormii kun ba'ame.

Hiriirri mormii Manni Marii Dhimma Islaamummaa Tigraay qindeesse dhaadannoo “hijaaba uffattee ni baratti” jedhuun magaala Maqalee marfata Roomaanaatitti gaggeeffamaa oole.

Pireezidaantiin Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Tigraay Sheek Adam Abdulqaadir dhiibbaan amantaa Islaamaarratti taasifame kun yaaddeessaa ta’uu himan.

Qubee TV

21 Jan, 11:50


hojii tajaajila lammummaa kanarraa hawaasni fayyadamaa ta'aa jira jedhan.

Guyyaa har'aa daawwannaan ogeeyyii miidiyaa qindeessummaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaafi Biiroo Maallaqaa Oromiyaatiin gaggeeffame.

Naannoo Oromiyaatti waggoottan shanan darban tajaajila lammummaan hojiin Birrii biiliyoona 500fi biiliyoona 50 olitti tilmaamamu hojjetamuu ibsame.

Qubee TV

21 Jan, 11:50


Hojiiwwan misoomaa tajaajila lammummaan hojjetaman hawaasa fayyadamoo taasisaa jiru jedhame.

Qubee TV (Amajjii 21, 2025) Finfinnee!
Jiraattonni Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Boolee ganda Gooroo gaara Coqonuurratti waldaan gurmaa'uun gaaricha misoomsaa ofiis fayyadamoo ta'uu himan.

Hawaasni Naannoo Somaalee irraa buqqa’an Naannoo gaara kanaa jiraachaa kan jiran yoo ta’u bakka jiran kana haalaan misoomsuun jireenya isaanii geeggessaa jiraachuu himan.

Haaji Tamaam Mohaammad miseensa waldaati. Bara 2012 gaaricharratti waldaan gurmoofnee oomisha dammaa, kuduraafi muduraarratti misoomsuun maatii jiraachifataa jirra jedhan.

Jiraattonni naannawa gaarichaa jiraatan gaarri duraan hongaa'ee ture amma misoomee hawaasa naannawichaaf miidhaginaafi galii dabalataa ta'ee jira jedhan.

Yeroo ammaa dameewwan 58 ta'an irratti hojiin tajaajila Lammummaa hojjetamaa jiraachuu Hogganaan Itti aanaa Biiroo Maallaqaa Oromiyaafi Ittigaafatamaan Damee Tajaajila Lammummaa Dooktar Mohaammadnaasir Abbaa Jamaal eeran.

Qubee TV

20 Jan, 17:10


Doonaald Tiraamp Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun sirna kakuu raawwatan.

Qubee TV (Amajjii 20, 2025) Finfinnee!
Doonaald Tiraamp Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun daqiiqaa muraasa dura sirna kakuu raawwatan.

Qubee TV

20 Jan, 09:59


Sagantaa hubannoo namtolchee jabeessuu, Biiroo Gahuumsa Mootummaa hundeessuu, ajjeechaa pirezidaantii duraanii Joon F Kenedii kan bara 1963 rawwate ilaalchisee ragaaleen akka ifa ta'an gochuufi sirna ittisaa humna waraanaa “Iron Dome” jedhamu akka hojjetuufi humna waraanaa keessatti imaammanni daneessummaa, qixa fayyadamummaa, hammatamummaa haquufi ajajawwan biroo akka mallatteessan beeksisan.

Qubee TV

20 Jan, 09:59


Doonaald Tiraamp har'a sirna kakuu raawwachuun waggaa afur booda masaraa mootummaatti deebi'u.

Qubee TV (Amajjii 20, 2025) Finfinnee!
Baatii Sadaasaa darbe kan filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa kan injifatan Doonald Tiraamp teessoo pireezidaantummaa akkuma qabataniin ajajawwan garaagaraa 200 ni mallatteessuu jedhame kan eegamuu ta’uun gabaafame.

Sagantaa jala bultii guyyaa kakuu galuu qophaa'erratti haasawaa kan taasisan Tiraamp, kakuu raawwatanii sa'aatii muraasa booda godaantonni biyyaa akka bahan gochuu dabalatee ajajawwan garaa garaa akka mallatteessan akeekan.

Ameerikaaf dursa kennina jechun kan dhaga’aman Doonaald Tiraamp kunis har’a wayitaa teessoo qabatan irraa ka’ee kan eegaluudha jedhan.

Kanaanis ajajawwan 200 ol ni mallatteessa jedhamee kan eegamuu ta’uu BBC’n gabaase.

Qubee TV

20 Jan, 07:16


Lammiilee Itoophiyaa 310 Libaanos irraa gara biyyaatti deebifaman.

Qubee TV (Amajjii 20, 2025) Finfinnee!
Lammiileen Itoophiyaa Libaanositti haala rakkisaa keessa turan 310 gara biyyaatti deebifamuu Ministeerri Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa beeksise.

Lammiileen kunneen Wiixata torban darberraa eegalee gara biyyaattii kan deebi’an yoo ta’u, deebitoota keessaa 301 dubartoota, 9 ammoo daa’imman ta’uu ragaan ministeericha irraa argame ni mul’isa.

Gama biraatiin lammiileen Itoophiyaa 99 Sa’udi Arabiyaa irraa gara biyyatti deebifamuun ibsame. Deebitoota kanneen keessaa 83 dubartoota, sadii dhiirotaafi 13 ammoo daa’imman reefu dhalatan ta’uun ibsame.

Lammiileen kunneen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’an deeggarsaafi kunuunsa barbaachisaa taasisuufiin hojiin maatii waliin quunnamsiisuu hojjetamuun ibsame.

Ebla 2016 ALI irraa eegalee hojii lammiilee gara biyyaatti deebisuu hojjetamaa jiruun lammiileen 89,898 gara biyyaatti deebi’uun ibsame.

Qubee TV

19 Jan, 14:25


Ayyaanni Cuuphaa kutaalee biyyattii iddoo garaagaraatti kabajamee oole.

Qubee TV (Amajjii 19, 2025) Finfinnee!
Hordoftoota Amantii Kiristiyaanaa Ayyaana Cuuphaa kutaalee biyyattii iddoo garaagaraatti kabajaa oolan.

Ayyaanni Cuuphaa Dhaabbata Barnoota, Saayinsaafi Aadaa Mootummoota Gamtoomaniitti (UNESCO) hambaa kiliyyaa ta’uu galmaa’uun ni yaadatama.

Qubee TV

19 Jan, 10:41


Dargaggeessi Masrii tokko yeroo tokkotti haadha manaa sadii fuuchuun addunyaa raajjeffachiise.

Qubee TV (Amajjii 19, 2025) Finfinnee!
Dargaggeessi Masrii tokko yeroo tokkotti haadha manaa sadii fuuchuun addunyaa raajjeffachiise.

Dargaggeessi kun ayyaama shamarran kanaa argachuun cidha guyyaa tokkoon haadha manaa sadii kan maqaan isaanii Asmaa, Bouziifi Amiiraa jedhaman fuudhee jira.

Dargaggeessi kun dhimma taatee kanaa yeroo dubbatu jalqaba shamarree ollaa isaa kan taate Amiiraa irraan jaalalaan qabame jedha. Boodarraa Bouziin jaallate achumaan sadaffaarratti Asmaa waliin wal arguufi jaalalaan qabamuu isaa hima.

Kanumaa irraa ka'uun Sadan isaaniiyyuu hayyama argachuun guyyaa tokkotti akka fuudheefi gaa'ila ijaarrachuu dubbate.

Qubee TV

19 Jan, 10:25


"Ani akkan odeeffannoo qabutti jaarrolee kanaan waraana bosona jiru galchaa jechuun gaafachaa turan. Waraannilee gaaffii manguddoo kana hin fudhannee isaanillee omaa gochuu hin dandeenye, kanumaaf hidhuu hin oolle," jedhan.

Haata'u malee bulchaan aanaa Fantaalleefi Itti gaafatamaan bulchiinsaafi nageenyaa aannichaa namni haala jedhame kanaan hidhame tokkollee akka hin jirree waakkachuun BBC'tti himan.

Qubee TV

19 Jan, 10:24


Miseensota jila Gadaa Karrayyuu hedduun 'waraana galchuu diddan' jedhamanii hidhamuu himame.

Qubee TV (Amajjii 19, 2025) Finfinnee!
Miseensota jila Gadaa Karrayyuu dhiyeenya sirna buttaa qaluu raawwataniifi jaarsoliin biyyaa lakkoofsaan 20 ta'an torban lama dura hidhamuun bakki jiran hanga yoonaa akka hin beekamne maatiifi jiraattoonni himan.

Namni miseensi maatiin isaanii lama jalaa butame tokko akka jedhanitti, Amajjii 6, 2025 bulchiinsi aanaa walga'iif akka isaan barbaade beeksisuun, jiraattoota gara Aanaa Fantaalletti akka waameefi bakka namoonni walitti qabamanii humnoota nageenyaan fudhatamuu odeeffachuu BBC'tti himan.

Namoota walitti qabaman keessa tokko gara maatiitti bilbiluun, "jaarsolee biyyaafi abbootii Gadaa qofaatti adda nu baasanii eessa akka nuun dhaqan hin beeknu" jedhee odeeffannoo maatiif kenne ture jedhan.

Qubee TV

18 Jan, 05:12


Viidiyoon kun akka mul’isutti gochi kun namoota hedduu fuulduratti raawwatame.

Hanga ammaatti Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa dabalatee qaamni waa'ee viidiyoo kanaas ta'e taatee kanaa ifatti dubbate hin jiru.

Qubee TV

18 Jan, 05:12


Namni uffata humna nageenyaa sirritti uffateefi hidhate dargaggeessa tokko harka dugda duubaan hidhame rasaasaan rukutaa osoo jiru viidiyoon mul’isu miidiyaa hawaasaa irra naanna'aa jiru komii kaase.

Qubee TV (Amajjii 18, 2025) Finfinnee!
Namni uffata humna nageenyaa sirritti uffateefi hidhate dargaggeessa tokko harka dugda duubaan hidhame rasaasaan rukutaa osoo jiru viidiyoon mul’isu miidiyaa hawaasaa irra naanna'aa jiru komii kaase.

Dhimmi viidiyoo yeroo ammaa miidiyaa gubbaa naannawaa jiruu maali? Dargaggeessi ajjeefame eenyu? eessatti ? Taateen kun yoom Yoom ta'e? Kan jedhuuf Odeeffannoo isaa akka nu qaqqabeen kan isiniif qoodna ta'a.

Viidiyoon kun eessatti ykn yoom akka waraabame sirriitti kan hin beekamne ta’us, gocha hammeenyaa ilaaluun ulfaata ta’e akka raawwatame viidiyoon kun ni agarsiisa.

Viidiyoo kana keessatti namoonni 5 uffata humna nageenyaa uffatan, sirnaan mul'atu.

Isaan keessaa tokko dargaggeessa dugda duubatti hidhame qabatee, duubaan mataa isaa keessa rasaasaan yeroo rukutu mul'ata.

Qubee TV

17 Jan, 16:55


Dhaabbilee misoomaa kanneen keessaa tokko kan ta'e ECAFCO irratti rifoormii taasifameen teeknolojii, humna namaa ogummaa yeroon barbaadu akka hidhatu taasisuun konkolaattoota Mootummaafi dhuunfaa qulqullinaan suphuu akkasumas meeshaalee manifaakchariingii qulqullinaan oomishuun galma dhaabbateef milkeessaa jiraachuu dubbatan.

Guyyaa har'aas qorannoo dhaabbaticha humnaafi teeknolojii yeroon barbaadu akkasumas iddoo hojii hammayyaa'aa ta'e qabaachuun baay'ina ariitiifi qulqullinaan suphuufi oomishuu dandeessisu dhiyaate hojiirra akka oolu kallattiin kan kaa'ame ta'uu Obbo Awwaluun ibsan.

Qubee TV

17 Jan, 16:55


Obbo Awwaluun dhaabbilee misoomaa Mootummaa keessaa tokko kan ta'e sochii ECAFCO daawwatan.

Qubee TV (Amajjii 17, 2025) Finfinnee!
Pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ObboObbo Awwaluun dhaabbilee misoomaa Mootummaa keessaa tokko kan ta'e sochii ECAFCO daawwatan.

Dawwannaa isaanii kanaan Obbo Awwaluun humna dhaabbilee misoomaa Mootummaa cimsuun qabeenya maddisiisuun fayyadamummaa ummataa akka mirkaneessan xiyyeeffannaadhan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Jijjiiramaa as dhaabbilee misoomaa Mootummaa bifa haaraan gurmeessuun rifoormii taasifameen humni isaanii cimuun gabaa keessatti qaawwa jiru akka duuchan taasifamuu ibsan.

Qubee TV

17 Jan, 16:46


Komishinar Jeneraala Dammallaash Gabramikaa'eel itti dabaluun, teeknooloojiin kun poolisiin hidhannoo ammaayyaa hidhachuun akkaataa mirga namoomaa kabajeen hojii ga'umsa qabu hojjechuuf kan gargaaru ta'uu dubbatan.

Haaluma walqabatuun ayyaanni cuuphaa dhuma torbee kanaa kabajamu yaaddoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf hojiin nagaa eegsisuu dirooniidhaan deeggarame akka hojjetamu Biiroon Nageenyaa Magaalaa Finfinnee tibbana beeksisuun isaa ni yaadatama.

Qubee TV

17 Jan, 16:46


Poolisiin Federaalaa giddugala leenjii balaliisaa diroonii eebbisiise.

Qubee TV (Amajjii 17, 2025) Finfinnee!
Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa giddugala leenjii balaliisaa ykn ‘paayilatii’ diroonii yeroo jalqabaatif waajjira muummee dhaabbatichaatti gurmaa'e kaleessa eebbisuun hojii eegalchiise.

Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa'eel, giddugalli teeknooloojii diroonii kun biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif kan hundeeffame ta’uu ibsan.

Giddugalli kunis dargaggoonni poolisii leenjii teeknooloojii fudhatanii tajaajila fooyya’aa akka kennan kan taasisu ta’uu Komishinar Jeneraala Dammalaash dubbatan.

Dirooniiwwan haaraan galan nageenya magaalaa to'achuurra darbee eegumsa naannawaa daangaafi daddabarsa kontiroobaandii ittisuuf kan dandeessisan ta'uus dabalanii ibsan.

Qubee TV

16 Jan, 15:04


Namoonni Maallaqa Noottii sobaa Birrii kuma 25 ol qabatanii socho’aa turan to’ataman.

Qubee TV (Amajjii 16, 2025) Finfinnee!
Magaalaa Finfinneetti Namoonni dhuunfaa Maallaqa Noottii sobaa Birrii kuma 25 ol qabatanii socho’aa turan to’atamuu ibsame.

Namoonni kunneen Kutaa Magaalaa Lidataa aanaa 8 bakka Taklaayimaanoot jedhamuun waamamutti to’atamuu qajeelchi Poolisii kutaa magaalichaa ibse.

Namoonni 3 Noottii sobaa abbaa Birrii 200 waliin to’annoo jala oolun kunneen qoratamaa jiraachuu ragaan Poolisii Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

16 Jan, 07:23


Haleellaa qilleensarra Israa’el waligalteen dhukaasa dhaabuu erga mallatteeffame raawwatteen namoonni 32 ajjeefaman.

Qubee TV (Amajjii 16, 2025) Finfinnee!
Haleellaa qilleensarra Israa’el Gaazaatti waligalteen dhukaasa dhaabuu erga mallatteeffame sa’aatii muraasa booda raawwatteen namoonni 32 ajjeefaman.

Haleellaan kun Roobii erga waligalteen dhukaasa dhaabuufi hidhamtoota gadhiisuu mallatteeffame booda raawwatame.

Qubee TV

16 Jan, 06:41


Israa’eliifi Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra gahuu hordofee lammiileen Falasxiin gammachuu ibsachaa jiru.

Qubee TV (Amajjii 16, 2025) Finfinnee!
Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatuuf Israa'eliifi Hamaas waliigalaniiru oduun jedhu gama Kaataarii dhagahamuu hordofee lammiileen Falasxiin karaatti bahuun gammachuu ibsachaa jiru.

Bakka buutonni marii Israa'elifi Hamaas har'a waaree booda Ministiira Muummee Kaataar wajjiin qofa qofaatti wal-arguun erga mariyatanii boodadha dhukaasa dhaabuf walii galuunsaanii kan dhagahame.

Kana hordofuun lammiileen Gaazaa alaabaa Falasxiin mirmirsaa karaatti bahanii gammachuu ibsachaa eegalan.

Minitirri Muummee Kaatar Al Taananin ibsa miidiyaaleef kennaniin, qaamoleen lamaan waliigalteerra gahuu mirkaneessuudhaan waliigaltichi gaafa Dilbata dhufu, Amajjii 19 irraa kaasee hojiirra akka oolus ibsan.

Qubee TV

11 Jan, 15:08


Leenjiin Ogeessota Qabeenya Uumamaafi Wabii Nyaataaf Adaamaatti kennamuu eegale.

Qubee TV (Amajjii 11, 2025) Finfinnee!
Leenjiin leenjistootaa Qabeenya Uumamaa
fi Wabii Nyaataa Biiroo Qonnaa Oromiyaatiin Magaalaa Adaamaatti kennamuu eegale.

Leenjii kana kan eegalchiisan Hoogganna Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu  Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojii qonnaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjata jiraachu eeeruun
Keesumaa hojii  kunuunsa qabeenya Uumamaa Lubbuu qabeeyyii hundaaf dhimma jiraachuufi jiraachu dhabuuti jedhan.

hojiin kunuunsa  qabeenya uumamaa  bara kanaa tokkummaan waliin ta'uun gara hojiitti seenuu qabna jedhan.

Bara kana akka Naannoo Oromiyaatti sululawwan kuma 6 ol lafa  KM. Miiliyoona 3.2 ol ta'an hojjachuuf karoofamuu ibsan.

Hojiiwwan gama qonnatiin hojjatamaa jiran gabaasa sobaa hambisuun  dhugaafi haqaan wanta hojjatame gabaasaa jechuun dhaaman Obbo Geetuun.

Qubee TV

11 Jan, 14:55


Pireezidantiin Somaaliyaa daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

Qubee TV (Amajjii 11, 2025) Finfinnee!
Pireezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad har'a Amajjii 11, 2025 waaree booda daawwannaa hojiif Finfinnee galan.

Pireezidaantichi wayita Finfinnee, Buufata Xiyyaaraa Boolee gahan Ministira Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad simatan.

Pireezidant Hasan gara Finfinnee kan imalan "affeerraa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad godhaniin" ta'uu kan eere Waajjirri Pireezidantii Somaaliyaa, turtii isaaniin dhimmoota waloo biyyoota lamaan irratti akka mari'atan ibse.

Qubee TV

10 Jan, 08:57


Taateen hin baratamiin kaleessa Itoophiyaatti samiirra socho'aa ture caccabaa hawaa ta'uu akka danda'an ibsame.

Qubee TV (Amajjii 10, 2025) Finfinnee!
Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa kaleessa galgala naannoo sa’aatii 1:30tti kutaalee Kibbaafi Kibba Lixaa Itoophiyaa irratti tuuta qaanqee ibiddaa fakkaatuu walhordofaa samiirra socho'aa turan caccabaa hawaa ykn dhagaa 'meetiyoor' ta’uu akka danda’an beeksise.

Godinaalee Gujiifi Booranaa keessatti qaanqeen kun samii keessa balali’aa turuu kan eere dhaabbatichi, wantoonni kunneen gara kallattii Kibba Itoophiyaatti wayita saffisaan socho’an mul’achuu ibse.

Taateen kun taatee uumamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiin qulqulleessaa hojjetamaa jiraachuu eere.

Dhiheenya kanas Keeniyaa, bulchiinsa Maakunii ganda Mukukuu jedhamutti sibiilli guddaan bal’ina meetira 2.5fi ulfaatina kiiloo giraama 500 qabu samiirraa kufuun ni yaadatama.

Qubee TV

10 Jan, 08:10


Balaa Ibiddaa Kaaliifoorniyaatti mudateen lakkoofsi namoota du’anii 10 qaqqabe.

Qubee TV (Amajjii 10, 2025) Finfinnee!
Balaa Ibiddaa Kaaliifoorniyaatti qabachuun hanga Loos Anjelesitti fulla’een lakkoofsi namoota du’anii 10 gahuu gabaafame.

Bubbee cimaan naannawicha jiru ibiddichi saffisaan akka babal’atu taasiisuu eerame.

Gama biroon namoonni balicha akka carraatti fayyadamuun saamicha raawwachaa turan 20 to’annoo jala ooluu BBC'n gabaase.

Balaan kun hanga guyyaa kaleessatti qabeenya Doolaara biiliyoona 57 olitti tilmaamamu barbadaassuun isaas gabaafamee ture.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

08 Jan, 12:08


Chaayinaatti Kirkira Lafaa mudateen namoonni 126 du'uun ibsame.

Qubee TV (Amajjii 8, 2025) Finfinnee!
Kibba Lixa Chaayinaa kutaa bulchiinsa Tiibeetiitti Kirkira Lafaa mudateen lakkoofsi namoota du’aanii 126 yoo qaqqabu, namoota 188 irra miidhaan qaamaa gahuu ibsame.

balichaan qabeenyi hedduun barbadaa’uufi namoonni kuma 30 caalaan qa’eefi qabeenya isaanirraa buqqa’uu eerame.

Hojii lubbuu baraaruu hojjetameen hanga ammaatti namoota 407 lubbuu baraaruun danda’amuu himame.

Hojiin lubbuu baraaruu kun ammallee ciminaan hojjetamaa jiraachuu Zyinawaan gabaase.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

08 Jan, 08:23


Itoophiyaatti gatiin beenzila yeroo jalqabaatif birrii 100 caale; gatiin naafxaafi keeroosinii dhibbeentaa 10'niin dabaleera

Qubee TV (Amajjii 8, 2025) Finfinnee!
Mootummaan gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa irratti sirreeffama taasisuu hordofee, gatiin beenzilaa seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif liitirri tokko birrii 100 caale. 

Kaleessa Amajjii 07, 2025 irraa eegalee gatiin beenzilaa liitira tokkoo dhibbeentaa 11.5niin dabaluun gara birrii 101.47tti ol guddate.

Kana malees gatiin naafxaafi keeroosinii dhibbeentaa 10 dabaluun birrii 98.98 akka ta’e Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise. 

Akka Ministeerichi jedhutti murtoon gatii boba’aa dabaluu kun kan darbe aangoo Manni Maree Ministirootaa irraa kennameefin yoo ta’u, kunis ji’a ji’aan gamaaggamaafi sirreeffama gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa kan hayyamudha. 

Qubee TV

06 Jan, 14:22


Paaphaasiin Mana Amantaa Kaatooliikii Kaardinaal Birhaane Iyyesuus Suraafeel gama isaaniin, hordoftoota amantichaa guutuu addunyaarratti argaman maraan baga geessan jedhan.

Hordoftoonni Amantaa Kiristaanaa ayyaana Dhalachuu Iyyesuus Kiristoos waayita kabajan kan rakkate garaagaraa, kan dhukkubsate gaafachaa akka kabajan waamicha dhiyeessan.

Pireezidaantiin Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Amantoota Wangeelaa Paaster Tsaadiquu Abdoonis, Ayyaanni dhalachuu Iyyesuus Kiristoota ayyaana nageenyaa, fayyaafi Badhaadhinaa akka ta’u hawwan.

Waareegama Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf kaffale yaadachaa ayyaanicha jaalalaafi tokkummaan kabajuun barbaachisaa ta’uu dhaaman.

Itoophiyaa ijaaruuf tattaaffii taasiifamu keessatti qooda nurraa eegamu bahuu qabnas jedhan.

Ayyaanni Qillee bara 2017 ayyaana nageenyaa, jaalalaa, kabajaa, fayyaafi araaraa akka ta’u Abbootiin kunneen hawwan.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

06 Jan, 14:22


Iyyesuus dhala namaaf wareegama kaffale yaadachuun murteessadha jedhan Abbootiin Amantaalee 

Qubee TV (Amajjii 6, 2025) Finfinnee!
Ayyaanni Qillee waayita kabajamu Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf wareegama kaffale yaadachaa jaalalaafi araaraan kabajuun murteessaa ta’uu Abbootiin Amantaalee ibsan.

Abbootiin Amantaalee garaagaraa ayyaana Qillee bara 2017 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan.

Hawaasni Kiristaanaa waayita ayyaana kana kabaju wareegama Iyyesuus Kiristoos dhala namaaf kaffale yaadachaa tokkummaafi waldeeggaruun kabajuu akka qaban kaasan.

Paatriyaarikiin Mana Amantaa Ortodoksii Waloomaa eebbifamoo Abunee Maatiyaas Dhaloonni Iyyesuus Kiristoos Waaqayyoon dhala namaa akka jaalatu agarsiiftuu olaanaa ta’uu ibsan.

Ayyaana kana wayita kabajnu jaalala, araaraafi nageenya hawaasaa mirkaneessuun ta’uu qaba jedhan.

Ayyaannichi Kutaalee hawaasaa galii gadaanaa qaban deeggaraa tokkummaan kabajamuu akka qaban waamichas dhiyeessan.

Qubee TV

06 Jan, 07:11


Obbo Bulchaa Dammaqsaan Du'aan Addunyaa kanarraa boqotan

Qubee TV (Amajjii 6, 2025) Finfinnee!
Hayyuufi qabsaa'aa gameessi Obbo Bulchaa Dammaqsaan du’aan Addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (OFDM) hundeessuun beekamu.

Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u Baankii Awaash hundeessuun, boodarras hoji gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Kana malees miseensa boordii Baankii Addunyaa, akkasumas Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) keessatti ogeessaa diinagdee ta’uun tajaajilaniiru.

Haala siyaasaa biyyattii ilaalchisees yaada yeroo garaagaraa paarlaamaafi waltajjiiwwan irratti ibsaniin alattis, kitaabootas barreessuun seenaa beekan dhaloota dhufuuf akka darbu taasisaa turan.

Qubee TV

05 Jan, 14:13


Kirkira lafaa ilaalchisee dhaamsa hayyoonni dhimmicha irratti kennan hojiirra oolchuun miidhaa ga’uu malu hambisuuf tattaaffii taasisuun murteessaadha.

Qubee TV (Amajjii 5, 2025) Finfinnee!
Kirkirri lafaa sochii humnoonni keessa lafaa  taasisaniin kan uumamu yoo ta'u, Addunyaa kana irratti yeroo gara garaa mul’ateera. Biyya keenya keessattis hammaan xiqqaa ta’us yeroo  kan mul’achaa ture yoo ta’u; bara kana garuu sochiin lafaa kan duraa irraa adda ta’e hanga Riitcher Iskeelii 5.8 lakkoofsise uumamuu danda'eera.

Dhimma kana ilaalchisuun of eeggannoo hawaasni gochuu qabu irratti gorsa Hayyootni kennan hojiirra oolchuun miidhaa ga’uu malu ittisuun itti gaafatamummaa keenya bahachuu qabna.

Wayita kirkirri lafaa uumamu sodaa keessaa bahuufi tasgabbaa’uun tarkaanfiiwwaniifi of eeggannoo fudhatamuu qaban hordofuun hojiirra oolchuu akkasumas odeeffannoo madda sirrii hin taaneerraa argaman fudhachuu dhiisuufi babal’isuurraa of qusachuun waantota barbaachisanidha.

Rakkoon nageenyaa Maatiifi nama dhuunfaa kamiiyyuu akka hin mudanneef qaamolee nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun murteessaa yoo ta'u, dabalataanis iddoowwan sodaa balaatiin daangeeffaman keessa socho’uu dhiisuufi ergaawwan of eeggannoo armaan gadiis hojiirra oolfamuun baay'ee barbaachisaadha.

#Kirkirri lafaa osoo hin mudatin dura wantoota nuti taasisuu qabnu;

Mana ykn gamoo keessaa akkamitti bahuun akka danda’amuufi iddoo kamiitti walitti qabamuuf turuu akka qabnu beekuu,
Yeroo balaan uumamu meeshaalee bakka ol ka’aa irra kufan irraa of baraaruuf minjaala, deeskii, utubaawwan jiran adda baafachuun murteessaadha.

Sararootni bobo’aa, bishaaniifi ibsaa akkamiitti akka cufamuu qaban dursanii shaakaluu akkasumas yeroo kirkirri lafaa uumamu meeshaalee gurguddoo kufaniifi miidhaa qaqqabsiisuu malan adda baasuun dursanii dhabamsiisuun daraan barbaachisaadha.

Keemikaalootaafi dhangala’oo boba’an ykn balaa qaqqabsiisan minjaaloota ol ka’iinsa hin qabne keessatti kaa’uu ykn dhabamsiisuufi meeshaalee yeroo muddamaatti barbaachisan (qoricha, baatirii harkaa, raadiyoofi uuffata) adda baasuufi qopheessuunis gaarii ta'a.

Yeroo balaan uumamu maatiin bittinnaa’uu malu iddoo kamiitti akka wal argu dursanii murteessuu , lakkoofsota bilbilaa adda baasuufi  Mana yookaan gamoo salphaatti diigamuu danda’u irraa ofiis ta’e maatii fageessuufi gorsa ogeessaatiin iddoo tursiisa yeroo turuun murteessadha.

#Gama biraan wayita kirkirri lafaa uumamutti gamoo yookan mana keessa yoo ta’e;

Iddoo jiranitti tasgabbaa’anii taa’uufi wantoota qabatamuu qaban qabachuu akkasumas mataa ofii balaa irraa eeggachuufi Kutaa mana tokkorraa gara kutaa biraatti socho’uufi fiiguuf yaaluu dhiisuun murteessaadha.

Meeshaalee kufan irraa of eeggachuuf wantoota salphaatti hin cabne kanneen akka Minjaalaa, deeskii, utubaawwan manaafi siree jalatti gadi jedhuun of baraaruu akkasumas fooddaadhaan yookaan liiftiidhaan of miliqsuu yaaluu dhiisuun baay'ee barbaachisaadha.

Fuula gara balbalaatti naanneessuun fooddaawwaniifi meeshaalee gurguddaa irraa of eeggachuufi Kirkirri lafaa hanga dhaabbatutti iddoo jiranitti tasgabbaa’anii taa’uufi socho’uu dhiisuunis fala waaraa ta'uu mala.

Manaa alaa jirra yoo ta'e ammoo;

Iddoo tokkorraa gara iddoo biraatti fiiguufi socho’uu yaaluu dhiisuufi hanga kirkirri lafaa dhaabbatutti socho’uu dhiisuu akkasumas mana, gamoo, sararoota humna ibsaafi utubaawwan irraa fagaachuun iddoo banaa ykn dirreerratti gadi jechuun madaala ofii eeggachuun taa’uu ykn dhaabbachuun filatamaadha.

#Konkolaachisaan yeroo konkolaachisaa jirutti hammi kirkirri lafaa olaanaa yoo ta’e;

Yeroo konkolaachisnutti iddoo banaa filachuun dafanii dhaabbachuu, mootora dhaamsuufi seerota of eeggannoo yeroo balaa hojiirra oolchuun konkolaataa keessa taa’uufi Konkolaataa daandii daddabarsa ykn dildila irraafi sarara humna ibsaa jala dhaabuu dhiisuun gaariidha.

Kana malees  konkolaataa keessaa bahuun dirqama ta’ee yoo argame iddoo diriiraa irra turuun barbaachisaadha.

#Kirkirri lafaa erga uumamee booda waanti  nuti gochuu qabnu;

Qubee TV

05 Jan, 14:13


Kirkira lafaa uumame hordofuun wantoonni balaan ibiddaa, sigiga lafaa, balaa bishaaniifi balaawwan biroo qaqqabsiisuu danda’an yoo jiraatan  balaa dabalataa akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo gochuunis daraan murteessaadha.

Gama biraatiin namoonni miidhaman/madaa’an jiraachuu isaanii mirkaneeffachuun yaalii dursaa kennuun yaalii ga’aa akka argatan gochuufi bu’uurri gamoo, sararoota aarri ittiin bahuufi kan biroo babbaqaquufi miidhamuu isaanii mirkaneessuufi miidhaa akka hin qaqqabsiifne of eeggannoo gochuun nurraa eegama.

Kirkirri lafaa uumame kan itti fufu ta’uun yoo mirkanaa’e iddoo tursiisa yeroo qophaa’e turuu, naannichi sodaachisaa ta’uun isaa mirkanoofnaan iddoo tursiisa yeroo biroo qopheessuun irraa fagaachuufi yeroo muddamaaf meeshaalee bu’uraa barbaachisan nyaata, bishaan, uuffataafi qorichi jiraachuu isaanii mirkaneessuunis barbaachisaadha.

Kirkira lafaa uumame hordofuun irra deebiin kirkira lafaa uumamuu danda’uuf qophii gahaa taasisuun dirqama akka ta’e ogeessonniifi qorattoonni dhimmicha ilaachisuun ergaa ni dabarsu.

Kanaaf uummanni keenya gorsaafi dhaamsa kana hojiirra oolchuufi waliif dabarsuun balaa dhaqqabuu malu haa ittifnu!

Mudde 2017
Finfinnee

Qubee TV

05 Jan, 12:53


Daqiiqaa muraasa dura kirkirri lafaa mudachuun Finfinneetti hollannaan cimaan dhagahamee ture.

Qubee TV (Amajjii 5, 2025) Finfinnee!
Daqiiqaa muraasa dura kirkirri lafaa mudachuun Finfinneetti hollannaan cimaan dhagahamee ture.

Kirkirri lafaafi Hollannaan isaa irra deddeebiin mudachaa waan jiruuf ofeegannoo akka gootan gamanumman dabarsina.

Qubee TV

05 Jan, 09:02


Buufatni Xiyyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu Roobeetti ijaarsifame eebbifame.

Qubee TV (Amajjii 5, 2025) Finfinnee!
Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Hojii Raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw Tarminaal Keessummeessa Maamiltootaa Buufata Xiyyaaraa Jeneraal Waaqoo Guutuu eebbisisan.

Eebbba kana irratti Pireezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi Hojii Raawwachiisaa olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Obbo Masfin Xaasaw dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaafi Naannolee Tarminaal Magaalaa Roobeetti ijaarame kana irratti argamuun eebbisiisan.

Tarminaalli kun Birrii biiliyoona 1.1 oliin ijaaramuun eebbifame.

Ijaarsi bu'uuraalee misoomaa daldalaafi Invastimantii naannichaa guddisuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Obbo Shimallis sagantaa eebbicharraatti haasawa taasisaniin eeran.

Buufanni kun Baalee dachee misooma qonnaafi qabeenya Tuuriziimiin badhaateetti ijaaramuun adda isa taasiisa jedhan.

Qubee TV

04 Jan, 20:33


Daqiiqaa muraasa dura kirkirri lafaa mudachuun Finfinneetti hollannaan isaa dhagahamee ture.

Qubee TV (Amajjii 4, 2025) Finfinnee!
Daqiiqaa muraasa dura kirkirri lafaa mudachuun Finfinneetti hollannaan isaa dhagahamee ture.

Namoonni Mana keessa jiran, karaarraa kan jiraniifi rafanii sirree irra kan turanitti hollannaan kun dhagahamee jira.

Kirkirri lafaafi Hollannaan isaa irra deddeebiin mudachaa waan jiruuf ofeegannoo akka gootan gamanumman dabarsina.

Qubee TV

04 Jan, 11:33


Abbootiin qabeenyaa carraalee jiran fayyadamuun Shaggariin akka misoomsanis dhaaman.

Rizoortichi tajaajila ammayyaa kan kennu yoo ta'u, keessummoota sadarkaa Idil Addunyaa keessummeessu kan danda'uu ta'uu Abbaan qabeenyaa Riizoortichaa Obbo Taadiyoos Geetaachoo ibsan.

Riizortichi manneen biyyoota Afrikaa 54'n bakka bu'an kan qabateefi carraa hojii namoota 800'f kan uume ta'us himan.

Sirna eebbichaarratti dippiloomaatonni, ministiroonniifi hoggantoonni olaanoon argamuun eebbisiisan.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

04 Jan, 11:33


Pireezidaantiin MNO Obbo Shimallis Rizoortii Kurriftuu Manneen biyyoota Afrikaa 54'n moggaafaman qabate eebbisiisan.

Qubee TV (Amajjii 4, 2025) Finfinnee!
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Rizoortiifi Ispaan Kurriftuu Afrikaa Viilejii, Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti ijaarame eebbisiisan.

Xiyyeeffannaa sosochii investimentiif akka biyyaatti kenname bu'uureffachuun, abbootiin qabeenyaa naannichatti hojiilee invastimantiirratti bobba’an bu'a qabeessa ta'aa dhufaniiru  jedhan Obbo Shimallis.

Riizoortiifi Ispaan Kurriftuu Afrikaa Viileejii eebbifamees  tuurizimii naannichaa cimsuu caalaa akka biyyaatti qabeenya jiru beeksisuuf gahee olaanaa akka qabu dubbatan.

Dabalataan maqaa biyyaa ijaaruun Afrikaa beeksisuu keessatti gahee isaa bahachuuf gumaacha akka qabus kaasan.

Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaan gama isaaniin, hojiilee xiyyeeffannaa investimetiif kennameen hojiileen bu'aa qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiru ibsanii jiru.

Qubee TV

04 Jan, 03:33


kirkirri lafaa Rikter Iskeeliin isaaolaanaa ta'e Itoophiyaatti mudate.

Qubee TV (Amajjii 4, 2025) Finfinnee!
Halkan edaa saatii 9fi daqiiqaa 53ti kirkirri lafaa Itoophiyaatti mudate kun Rikter Iskeelii 5.8'tiin galmaa'e.

Taateen kunis Affaar Awwaash irraa KM 57 irratti  kan mudate yoo ta'u hollannaan lafaa olaanaan Magaalota Adaamaafi Finfinneetti  dhaga’ame.

Qorannoon dhimma Lafaa Ameerikaa akka beeksisetti kirirri lafaa mudate kun isa olaanaadha.

Qubee TV

03 Jan, 12:26


Ramaddii hoggantoota Yuunivarsiitii "naannoofi gandaan" taasifamu dhaabuuf tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhe Ministeerri Barnootaa.

Qubee TV (Amajjii 3, 2025) Finfinnee!
Ministeerri Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa sirna ramadii hoggantoonni Yuunivarsiitii "naannoofi gandaan" taasifamu dhaabuuf tarkaanfiiwwan hedduun fudhatamaa jiraachuu beeksisan.

Pirof. Birhaanuun marii miseensota hawaasa Yuunivarsiitii Gaambeellaa waliin taasisaniin, “Yuunivarsiitiiwwan dhaabbilee beekumsa baruufi barsiisuu idil-addunyaa malee kanneen namoota ganda tokko fudhatanii keessummeessan miti” jedhan.

Hojimaanni kunis ergama bu'uuraa Yuunivarsiitii waliin akka hin deemne ta’uu eeruun, pirezidaantonni Yuunivarsiitii haaraa ramadamaniifi jijjiiraman akka qajeelfamaatti ramaddiin kun bu’uura dandeettiifi dorgommii qofaan raawwatamaa akka jiru mirkaneessan.

Qubee TV

03 Jan, 12:06


Majliisni Naannoo Tigiraay “Gaaffiin keenya deebii yoo arganne hawaasa musliimaa mariisisuun tarkaanfii fudhanna” jedhe.

Qubee TV (Amajjii 3, 2025) Finfinnee!
Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa Tigraay dhimma barattoota musliimaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksuumitti hijaaba uffatanii akka hin baranne dhorkaman irratti “gaaffiin keenya guyyaa sadi keessa yoo hin deebine hawaasa musliimaa waliin mari’achuun tarkaanfii ni fudhanna” jechuun akkeekkachiise.

Manni marichi ibsa har’a Amajjii 03, 2025 kenneen “Ministeerri Barnootaa uffannaa barattoota muslimaa ilaalchisee seera baase akka kabajamu gaafanna” jedhe.

Majliisni naannichaa ibsa ejjennoo qabxii 11 baaseen dhorkiin hijaabaa kun mirga namoomaa lammiilee, heera mootummaa, akkasumas seerota ministeera barnootaafi naannichaa kan cabse ta’uu eeruun, naannichi rakkoo siyaasaa hamaa keessa osoo jiruu rakkoo dabalataaf karaa kan saaqu akka ta’e ibse.

Qubee TV

02 Jan, 10:28


Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Xiyyaara Eer Baasii A350 -1000 3ffaa fudhate.

Qubee TV (Amajjii 2, 2025) Finfinnee!
Daandiin Qilleensa Itoophiyaa barii bara haaraa 2025tti Xiyyaara Eer Baasii A350 -1000 3ffaa fudhachuu beeksiise.

Daandiin qilleensichaa Xiyyaaroota mijatoofi ammayyaa hojiirra oolchuun maamiltootaaf tajaajila si’aataafi amansiisaa kennaa jiraachuu ibsame.

Damee Aviiyeeshinii Afrikaatti milkaa’ina olaanaa itti goonfate sadarkaa idil addunyaattis dorgomtummaa isaa caalmaatti cimsuuf hojjechaa jiraachuu ragaan miidiyaa hawaasummaa Daandii Qilleensa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

02 Jan, 07:43


Dhaabbatichi sirna bulchiinsa odeeffannoo dameewwan isaa hunda keessatti dijiitaala gochuun sirna odeeffannoo fayyaa yeroo isaa eeggate hojiirra oolchuu akka qabus cimsanii hubachiisan.

Walitti qabduun koree dhaabbichaa qabiinsa qorichaa irratti xiyyeeffannaan guddaa kennamuu qaba jedhan. Dhaabbatichi nageenya mana kuusaa qorichaa ofiis ta’e kireeffatee fayyadamu mirkaneessuun dirqama ta’uu ibsan.

Daarektarri Olaanaa Tajaajila Dhiyeessii Qoricha Itoophiyaa Dooktar Abduqaadir Galgaloo ibsa kennaniin, dhaabbatichi yeroo dheeraaf odiitii taasifamuu dhabuun qaawwi odiitii akka uumamu taasisuu himan.

Sirna kuusaafi qabannaa sadarkaa gadi aanaa ta’een qorichi tajaajila osoo hin kennin faayidaa ala ta’aa jiraachuu kan eeran daarektarichi, kanaafis mana kuusaa sadarkaa idil addunyaa eeggate doolaara miiliyoona 100'n ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Maddi: Addis Standard

Qubee TV

02 Jan, 07:43


Itoophiyaatti Qorichafi meeshaalee yaalaa birrii miiliyoona 76 ol baasan faayidaan ala ta’uun ibsame.

Qubee TV (Amajjii 2, 2025) Finfinnee!
Tajaajilli Dhiyeessii Qorichaa Itoophiyaa liqii qorichaa Birrii biiliyoona 1.4 baasuu sassaabuu dhabuun, akkasumas qorichiifi meeshaaleen yaalaa Birrii miiliyoona 76 olitti tilmaamamu yeroon isaanii akka darbu taasisuu isaatiin qeeqame.

Dhaabbaticha irratti qeeqni kun kan dhiyaate gabaasa raawwii odiitii bulchiinsa dhiyeessii qorichaa tajaajilichaa irratti marii Koreen Dhaabbii Dhimmoota Bulchiinsaafi To’annoo Baasii Mootummaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kaleessa gaggeesse irratti.

Walitti qabduun koree dhaabbii kanaa Yashimabeet Damissee, tajaajilichi liqii qorichaa birrii biiliyoona 1.4 akka hin sassaabne eeran.

Gama biraatiin dhaabbatichi meeshaalee fayyaa bara 2013 hanga 2015 ALI bulchaa ture keessaa qorichaafi meeshaaleen yaalaa birrii miiliyoona 76 ol baasan yeroon isaanii darbee faayidaa ala ta’uu himan.

Qubee TV

31 Dec, 08:24


Buufataalee Boba'aa 34 daldala boba’aa seeraan alaarratti hirmaatan irratti tarkaanfiin fudhatame

Qubee TV (Muddee 31, 2024) Finfinnee!
Qaamolee Boba'aa seeraan alaa gurguraa turan irratti tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa fudhatamuu Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Obbo Kaasahuun Goofeen gurgurtaa boba'aa seeraan alaa raawwatamu ittisuuf karaa qindoomina qabuun hojjetamaa jiraachuu himan.

Haaluma kanaan hojii sakatta’iinsa baatilee muraasa darban keessa gaggeeffameen buufataalee boba'aa 34 irratti tarkaanfiin fudhamuu Ministirichi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin eeran.

Kana malees boba'aan seeraan ala daddabarfamaa ture leetirri 385,947 to'atamee gurguramuun Birriin miiliyoona 27.9 ol mootummaaf galii ta'uu himan.

Qubee TV

30 Dec, 09:00


Waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaan Ankaaraatti mallatteessan masriin hordofaan jiraachuu ibsite.

Qubee TV (Muddee 30, 2024) Finfinnee!
Pireezidaantiin Masrii Abdal Fattaah Al Siisiin waliigaltee Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti Turkiyyee Ankaaraatti raawwatame “itti dhiyeenyaan hordofaa jiraachuu” eeruun waliigalteen kun Gaanfa Afrikaatti nagaa buusa abdii jedhu akka qabu ibsan.

Pireezidaantichi, marii bilbilaan Pireezidaantii Faransaay Imaanu’eel Maakroon waliin taasiseen, waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti Ankaaraatti mallattaa’e “itti dhiyeenyaan” hordofaa jiraachuu eeeruun waliigalteen kun akkaataa seera idil addunyaa kabajeen akka raawwatamuufi nageenya Gaanfa Afrikaatiif gumaacha akka taasisu abdii akka qabu ibse.

Kana malees, hariiroo diinagdee Masriifi Faransaay gidduu jiru cimsuufi kaampaaniiwwan Faransaay misooma Masriiirrati akka hirmaatan mari’achuu ibsame.

Qubee TV

29 Dec, 19:54


Kirkirri lafaa Fantaalleetti mudateen hollannaan lafaa Finfinneetti dhagahamuun ibsame.

Qubee TV (Muddee 29, 2024) Finfinnee!
Kirkirri lafaa Reektar Iskeelii 5 galmeesse Fantaalleetti mudateen hollannaan lafaa magaalaa Finfinneetti dhagahamuu Yuunivarsiitiin Finfinnee ibse.

Aanaa Awaash Fantaallee naannawaa Matahaaraatti Kirkirri lafaa irra deddeebiin mudachaa jiraachuu Yuunversiitii Finfinneetti Itti Gaafatamaan Kutaa Barnoota Seesmooloojii Piroofeesar Attaalaay Ayyalaan dubbatan.

Kirkirri har'a galgala naannawaa sa'aatii 2:10tti mudate isa tibbanaarra olaanaa ta'uufi hollannaan isaa Magaalaa Finfinneetti dhagahamuu himan.

#Oromiyaa #Itoophiyaa@Qubeetv

Qubee TV

29 Dec, 18:54


Sidaamaatti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 71 darbe.

Qubee TV (Muddee 29, 2024) Finfinnee!
Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa laga Gaalaanarratti balaa konkolaataa mudateen lubbuun namoota 71 darbuun ibsame.

Konkolaalaataan Namoota Cidha dhaqan fe'ee imalaa ture Godina Baha Naannoo Sidaamaa aanaa naannawaa Boonaa Riqicha Laga Galaanaarraa kufuun balaa kana qaqqabsiisuun eerame.

Namoonni miidhaan irra qaqqabe Hospitaala Waliigalaa Boonaatti yaalamaa jiraachuu ibsame.

Mootummaan naannoo Sidaamaa gadda itti dhagahame ibsuun, maatii miidhamtootaaf jajjabina hawwe.

#Oromiyaa #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

29 Dec, 15:52


Balaa Xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaatti mudate hordofee gaddi biyyaalessaa guyyoota 7'f labsame

Qubee TV (Muddee 29, 2024) Finfinnee!
Kooriyaan Kibbaa Balaa Xiyyaaraa halkan edaa mudate hordofee gadda biyyaalessaa guyyoota 7'f labsite.

Xiyyaarri Taayilaand Baankuukii imaltoota 175fi hojjettoota 6 fe'ee Kooriyaa Kibbaa Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Mu'aanitti waayita qubachuuf yaalu kufee caccabuun lubbuu namoota 177 galaafachuu hordofee biyyattiin gadda biyyaalessaa kana labsuu ibsame.

Hojjettoonni lama lubbuun yoo argaman, carraan namoota hanga ammaatti hin argamnee maal akka ta'e hin beekamne jedhame.

Xiyyaarri qabeenyummaan isaa kan Daandii Qilleensaa Jaaju jedhamu ta'e, Booyingi 737 - 800 waayita qubachuuf jedhu dallaatti bu'uun balaa kana qaqqabsiisuu BBC'n gabase.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa balaa gaddisiisaa qaqqabeef dhiifama gaafachuu eerame.

#Oromiyaa #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

29 Dec, 09:20


https://youtu.be/N_7jSfvDOeo?si=mw9l7OewGAG2PpDA

Qubee TV

27 Dec, 07:07


Waltajjiin Marii Gumii Balal mataduree 'Waraana irraa gara nageenya waaraatti!' Jedhuun geggeefamaa jira.

Qubee TV (Muddee 27, 2024) Finfinnee!
Waltajjiin Marii Gumii Balal marsaa 40ffaan mataduree 'Waraana irraa gara nageenya waaraatti!' Jedhuun geggeefamaa jira.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaan garaagarummaa yaadaa jiru hiikuun sagaleen qawwee Oromiyaa keessaatti akka hin dhagahamnee taasisuuf mootummaan kutannoo olaanaa agarsiiseen bu'aan argamuu ibsan.

Nagaa waaraa milkeessuuf ilaaf ilaalmee irratti bu'uureffachuun murteessaa ta'uu Obbo Haayiluun himan.

Nageenya mirkaneessuun Oromiyaa dabalatee bu'uura nageenyaa akka biyyaatti mirkaneessuun guddina biyyaa kan itti fufsiisu ta'uus himan.

Waltajjii Gumii Balal kanarratti qorannoon adda addaa dhiyaachuun bal’inaan kan irratti mari’atamu ta’uunis ibsame.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

25 Dec, 12:13


Kaazaakistaanitti xiyyaarri imaltoota 62 fe’e kufe

Qubee TV (Muddee 25, 2024) Finfinnee!
Kaazaakistaanitti xiyyaarri imaltoota 62fi hojjettootaa xiyyaarichaa shan fe’e naannawaa Magaalaa Aktaawutti kufuun himame.

Balaa mudate kanarraa imaltoonni lubbuu baraaraman jiraachuu Ministeerri Balaa Tasaa Eeshiyaa Giddugaleessaa ibsa baaseen beeksiseera.

Naannawaa xiyyaarichi kufetti Tajaajilli Yeroo Balaa, hojii lubbuu baraarsaarratti bobba’uun ibsame.

Tajaajilli Oduu Raashiyaa akka gabaasetti, xiyyaarichi Raashiyaa Cheechiiniyaa irraan gara Giroozniitti balali’aa turuufi sababa huurrii Giroozniitti mudateen kallattii biraarra akka balali’u taasifamuun ibsame.

Daandiin Qilleensaa Azarbaajaan dhimmicha ilaalchisuun ibsi baase akka hin jirre himame.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

25 Dec, 08:40


Kirkirri lafaa kun irra deddeebiin akka mudate eeruun sodaa hawaasa keessatti uumame hodofuun jiraattonni mana jireenyaasaanii dhiisuun raasaa keessa buluufi loonsaanii godaansisuu himu. Kirkira kanaan dallaan jiguufi manneen baqaquu jiraattonni himan.

"Wanti kun hedduu nu sodaachise. Yeroo yeroon irra deddeebi'ee dhagahama" kan jedhan jiraataan magaalaa Mataahaaraa Boruu Abdallaa, "Eda mana keessa hinbulle. Mana keessa sodaannee ala iddoo elektiriikiinis hinjirre iddoo bal'oo keessa afanneetuma maatii wajjin ala bulle" jechuun BBC'tti himan.

Lubbuu namaarratti miidhaan qaqqabuu baatus magaalaa Mataahaaraa keessatti dallaan jiguufi manni baqaquu kan hime Mahaammad Boruu immoo, "Kirkirri kun kan duraaniirra wanti adda isa taasisu gaarri Fantaallee ciccituu isaati" jedhe.

Dhohiinsi Wiixata ALI Muddee 15, 2017 naannoo walakkaa guyyaatti gaara Fantaalleerratti uumame kun jiraattota naannichaa kan yaaddesse akka tures himame.

Jiraataan magaalaa Mataahaaraa Mahaammad Boruu, "Gaaratu citee foxxoqa. Lafti yoo kirkiru gaarri ni baqaqa; yoo lafti citu dhukkee lafaa ka'utu aara fakkaatee mul'ata" jechuun haalicha ibse.

Qubee TV

25 Dec, 08:40


Kirkira lafaan Dhoohiinsi Gaara Fantaallee irratti mudate jiraattotarratti sodaa uume.

Qubee TV (Muddee 25, 2024) Finfinnee!
Kirkira lafaa tibbana Godina Shawaa Bahaa aanaa Fantaalleetti mudateen walqabatee dhohiinsa Gaara Fantaalleetti uumameen jiraattonniifi horsiise bultoonni sodaa nageenyaa keessa jiraachuu himan.

Dhohiinsa mudateen walqabatee sodaa nageenyaa hawaasa keessatti uumameen jiraattonni naannawa sanatti argaman qe’eesaanirraa akka baqataniifi loon akka godaansifatan taasisuun himame.

Kirkirri lafaa guyyoota muraasaa as naannawa Aanaa Fantaalleefi Magaalaa Mataahaaraatti irra deddeebiin uumamaa jiru sadarkaa yaaddessaarra gahuu jiraattonni naannichaa himan.

"Guyyaa lamaan kana dheengaddaafi kaleessa baayyee ulfaataadha. Gaarri Fantaallees kaleessa dhohee ciccitaa ture," jiraataan magaalaa Mataahaaraatu jedhe.

Qubee TV

23 Dec, 14:29


Buukaayoo Saakaan miidhama isa mudateen torbanootaaf dirreerraa faagata jedhame.

Qubee TV (Muddee 23, 2024) Finfinnee!
Taphataan sarara cinaa Arsenaal Buukaayoo Saakaan miidhama isa mudateen torbanootaaf dirreerraa kan faagatu ta’uu Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaan ibsan.

Taphataan Arsenaal Bukaayoo Saakaan tapha Sanbata darbe Arsenaal galchii 5fi 1'n Kiristaal Paalaasiin injifate irratti miidhamee dirree keessaa bahuun kan yaadatamuudha.

Saakaan torbeewwan hedduuf garichaan ala ta’uu kan danda’u ta'uu Mikeel Arteettaan ibsa miidiyaaleef kennaniin himuun, barri taphichaa osoo hin xumuramin gara dirreetti akka deebi’u abdiin qaba jedhan.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

23 Dec, 05:08


https://youtu.be/lDQkY-P5njw?si=K9D3r5G9o_1RYuhS

Qubee TV

22 Dec, 21:22


https://youtu.be/a0y4ScUzmHM?si=VBRmKdzkL89GZWrR

Qubee TV

22 Dec, 13:13


Waajjirri Muummeen Koongireesii Federaalawaa Oromoo Haaraan Eebbifame.

Qubee TV (Muddee 22, 2024) Finfinnee!
Waajjirri muummeen Koongireesii Federalawaa Oromoo(KFO) haaraan naannawaa Addababayii Qabbannaatti baname eebbifame.

Waajjirri KFO duraan Caffee Aannanii (Meeksikoo) ture sababa Miisooma koridarii gara gamoo naannawa Addababayii Qabbannaa buufata raabsa boba’aa cinaa argamutti jijjiramee jira.

Waajjirri haaraan kun Dilbataa har'aa Mudde 13/2017 ALI waaree booda sa’aa 8:00 irraa eegale sirna hoo’aan bakka Hoggantonni paartichaafi paartileen mormituu kan biraa jiranitti eebbifame.

Qubee TV

21 Dec, 15:38


Pirezidaantiin Faransaay Immaanu'eel Maakroon Finfinnee galan

Qubee TV (Muddee 21, 2024) Finfinnee!
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahmad Pirezdaantii Firaansi Immaanu'eel Maakroon Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti simataman.

Guyyaa har'aa deeggersa mootummaa Faransaay masaraan biyyaalessaa haaromfamaa ture bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Pirezdaantiin Firaansi Immmaanu'eel Maakrooniifi keessummoonni garagaraa argamanitti eebbifama.

Qubee TV

21 Dec, 09:17


Waloon kun walaloo walaleessuu kan jalqabe dur yeroo gumii miidiyaa keessa hojjechaa turee yoo ta'u Gumicha keessa yeroo ture irra jireessaan walaloowwan namoota birootiin barreeffaman dubbisaa ture.

Amanaan Yeroo ammaa kana karaa miidiyaa hawwaasummaan walaloowwan adda addaa qooduudhaan kan beekamu yoo ta’u, Dilbataa borii galma giddu gala Aadaa Oromootti kitaaba kuusaa walaloo barreessuun qopheesse ni eebbisiisa.

Qubee TV

21 Dec, 09:17


Kitaabni Kuusaa Walaloo Matadureen isaa Barruu jedhu Dargaggoo Amanaa Tafariin barraa'e eebbaaf qophaa’e.

Qubee TV (Muddee 21, 2024) Finfinnee!
Kitaabni Kuusaa Walaloo Matadureen isaa Barruu jedhu Dargaggoo Amanaa Tafariin barraa'e bor Finfinnee giddu gala Aadaa Oromootti ni eebbifama.

Waloo Amanaa Tafarii Godina Qellem Wallaggaa, Aanaa Anfilloo, Ganda Suddiitti dhalate. Mana barnootaa sadarkaa 1ffaa kutaa 1ffaa hanga 7ffaatti Mana Barnootaa Suddii sadarkaa tokkoffaatti barate. Kutaa 8ffaa Mana Barnootaa Adiveentistiitti Magaalaa Dambi Dollootti argamutti barate.

Kutaa 9ffaa hanga 12ffaatti ammoo Mana Barnootaa Qellem sadarkaa 2ffaa kan Magaalaa Dambi Dollootti argamutti barate. Bara 2014 kutaa 12ffaa xumuruun yeroo ammaa Finfinnee, Mana Barumsaa Akkaadaamii Aaktiingii Abbaa Lataa (Abbaa Lataa Acting Academy)tti barachaa jira. Akkasumas Kollejii Kompuutaraa “Akmonlink” jedhamu kan Laga Xaafootti argamuttis barachaa jira.

Qubee TV

21 Dec, 08:25


Fayyadama humna elektirikii irratti kaffaltii taaksii dabalataa hojiirra oole.

Qubee TV (Muddee 21, 2024) Finfinnee!
Tajaajilli Humna Elektiriikii Itoophiyaa kaffaltii tajaajila elektirikii maamiltoota sa’aatii kiiloowaatii 200 ol fayyadamaniifi maamiltoota haaraa walqunnamsiisuu dabalatee kaffaltii tajaajilaa adda addaa maamiltoonni kaffalan irratti taaksii dabalata qabeenyaa hojiirra ooluu beeksise.

Akkaataa labsii Ministeerri Maallaqaa hanga fayyadama elektirikiifi bishaanii manneen taaksii dabalataa irraa bilisa ta’an murteessuuf baaseen kaffaltiin kun baatii Fulbaana irraa eegalee hojiirra ooluu isaa tajaajilichi ibse.

Akka qajeelfama kanaatti maamiltoonni tajaajila kanaa fayyadaman irraa taaksii dabalataa ji’a ji’aan sassaabuun maallaqni walitti qabame Ministeera Galiiwwaniif galii ta’a.

Dhaabbatichi taaksii dabalata qabeenyaa hojiirra kan oolche ji'a Sadaasa eegalee yoo ta’u, maamiltoonni kaffaltii taaksii ji'a Fulbaana eegalee irraa eegamu shallagee Muddee keessa kan kaffalan ta’uu ibse.

Qubee TV

20 Dec, 15:09


Taphoonni Piriimeer Liigii Itoophiyaa torbee 12ffaa hanga 19ffaa Adaamaatti taphatama jedhame

Qubee TV (Muddee 20, 2024) Finfinnee!
Taphoonni Piriimeer Liigii Itoophiyaa torbee 12ffaa hanga 19ffaa Istaadiyeemii Yuuniversiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Adaamaatti kan taphatamu ta’uu ibsame.

Taphoonni torbee 12ffaa kun Mudde 25, 2017 eegalee kan taphatamu ta’uu Waldaan Aksiyoonaa Piriimeer Liigii Itoophiyaa beeksise.

#Oromia #Ethiopia@Qubeetv

Qubee TV

20 Dec, 09:20


Lammiileen Itoophiyaa 319 Sawud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebi’an.

Qubee TV (Muddee 20, 2024) Finfinnee!
Lammiileen Itoophiyaa 319 Sawud Arabiyaatti haala rakkisaa keessa turan gara biyyaatti deebi’an.

Mudde 7 bara 2017 hanga Mudde 11 bara 2017tti Lammiileen 319 gara biyyaatti deebi’aniiru.

Lammiilee kunneen keessaa 20 dhiirota yoo ta'an 274 dubartoota, akkasumas 25 daa'imman ta'uu beekame.

Qubee TV

20 Dec, 07:18


Magaalaa Finfinneetti dhaabbileen barnoota leenjii teekinikaafi ogummaa 82 sadarkaadhaan gadi ta’uun ibsame.

Qubee TV (Muddee 20, 2024) Finfinnee!
Kollejjiiwwaniifi dhaabbileen barnoota leenjii teekinikaafi ogummaa magaalaa Finfinnee keessatti argaman 82 sadarkaa gadi ta’uu Abbaan Taayitaa Leenjiifi Hordoffii Qulqullina Barnoota Magaalaa Finfinnee beeksise.

Abbaan Taayitichi haala madaallii barnoota leenjii teekinikaafi ogummaa irratti kaleessa qooda fudhattoota waliin mari’ate.

Haaluma kanaan abbaan taayitichi dhaabbilee barnoota leenjii teeknikaafi ogummaa magaalicha keessatti argaman 261 irratti sakatta’iinsa taasiseen, kanneen keessaa 82 sadarkaa gadi ta’uu mirkaneessuu ibse.

Abbaan Taayitichaa qulqullina barnoota eegsisuuf qooda fudhattoota waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru ibsuun, dhaabbilee gahoomsu cinaatti kanneen sadarkaa barbaadamu hin guunne irrattis tarkaanfii akka fudhatu ibse.

Qubee TV

19 Dec, 12:50


Waldaan Intarpireenaraa Shaggar Baankii Daldalaa Itoophiyaa Waliin Waliigaltee wal hubannoo Mallatteesse.

Qubee TV (Muddee 19, 2024) Finfinnee!
Waldaan Intarpireenaraa Shaggar deeggarsa abbootii qabeenyaa dargaggootaaf kennamu cimsuuf Baankii Daldala Itoophiyaa waliin waliigaltee wal hubannoo mallatteessan.

Walta’iinsi kun qaqqabummaa qabeenya faaynaansii guddisuufi gorsa ogeeyyii dhiyeessuufi dhaabbileen daldalaa Itoophiyaa keessatti akka guddatan gargaaruuf kan kaayyeffatedha.

Waliigalteen kun dhaabbilee jalqabaafi daldala sadarkaa jalqabaa humneessuu keessatti tarkaanfii barbaachisaa yoo ta’u kunis guddina dinagdee kan argamsiisuufi dargaggoota guutuu biyyattii keessa jiraniif carraa kan uumudha jechuun waldichi fuulamiidiyaahawaasummaa isaa irratti ibse.

Qubee TV

09 Dec, 15:45


Dubbi himaan Raashiyaa itti dabaluudhaan, Raashiyaan al-Asaadiifi maatii isaaf koolugaltummaa yoo kennite, hayyama Pireezidaantichaa qofaan kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru; Jedhan.

Dhimma kana irratti walgahiin Pireezidaantichi waame ykn murteen addaa akka hin jirre dubbatan, ta'us garuu Ilmi Bashar al-Asad Moskootti barachaa akka jiru gabaasni tajaajila oduu Faransaay ni mul'isa.

Wiixata darbe maddeen oduu Moskoo keessa jiraan odeeffannoo maddoota Kremlin irraa argatan wabeeffachuun Pireezidaant Bashar al-Asad Moskoo gahuu isaanii gabaasaniiru.

Bashar al-Asaad waggoota 24 darbaniif bara 2000 irraa eegalee Pirezidaantii Sooriyaa turan, waggoota Kana keessaa walakkaa ol waraanaafi diigumsaa keessatti dabarsaa ture.

Qubee TV

09 Dec, 15:45


Raashiyaan Pireezidaantii Sooriyaa Bashar Al-Asad kan biyyaa baqatan koolugaltummaa akka hin kennine haaltee jirti.

Qubee TV (Muddee 9, 2024) Finfinnee!
Raashiyaan Pireezidaantii Sooriyaa Bashar Al-Asad kan biyyaa baqatan koolugaltummaa akka hin kennine haaltee jirti.

Raashiyaan kana kan haalte erga maddeen oduu tokko tokko Raashiyaan Pireezidaantii Sooriyaaf koolugaltummaa kennuufi ishee gabaasanii booda.

Dubbi himaan Kremlin Dimitiri Peeskov har’a ganama gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin, “Al-Asaad eessa akka jiru waanan isinitti himu hin qabu” jedhan.

Itti dabaluunis finciltoonni Sooriyaa yeroo gabaabaa keessatti mootummaan Asaad aangoo irraa kaasuu isaanii Raashiyaa ajaa’ibsiifatte jedhan.

Kaleessa ganama finciltoonni magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqoo osoo hin to’atin dura Pirezidaantiin Sooriyaa Bashar Al-Asad maatii isaanii waliin xiyyaaraan baqachuu isaanii gabaafameera. Yeroo sanatti bakka Al-Asaad deemu hin beekamu ture.

Qubee TV

09 Dec, 15:01


Baajatni nyaata barataa Yuunivarsiitii tokkoof ramadamu guyyaatti birrii 22 irraa gara 100tti guddate.

Qubee TV (Muddee 9, 2024) Finfinnee!
Barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattii keessa barataniif baajatni nyaata guyyaan kanaan dura birrii 22 ture gara birrii 100 akka ol guddatu taasifamuu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Dabalataan filmaata nyaataa (menu) dhaabbilee barnoota olaanoo biyyattii walfakkaataa akka ta’uuf ogeeyyiin dhaabbilee barnoota olaanoo irraa babbahan hojjechaa jiraachuu ibsame.

Ministeerichaatti hojii gaggeessaan damee bulchiinsaafi bu’uuraalee misoomaa Dr. Solomoon Abrahaa akka ibsanitti, daballiin baajata nyaataa guyyaa kan taasifame qaala’insa gatii nyaataa yeroo ammaa jiru irratti qorannoo ministeerichi gaggeesse irratti hundaa’uun jedhan.

Akkaataa sirreeffama baajata haaraatiin dhaabbileen barnoota olaanoo akkaataa baay’ina barattoota qabaniin maallaqni akka kennamuuf ibsame.

Qubee TV

09 Dec, 15:01


Yuunivarsiitiwwan sababa qaala’insa gatiin sadarkaa barattoota isaanii sorachuu dadhaburra gahuu ibsachaa turan.

Caamsaa bara 2023 Ministirri Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa gabaasa paarlaamaatti dhiyeessaniin, baajatni nyaata barataa tokko birrii 15 ture irraa gara 22 dabalamuus qaala’insa jireenyaa jiru waliin walbira qabame yoo ilaalamu baay’ee gadi aanaa ta’uu himanii turan.

Qubee TV

09 Dec, 10:29


Finfinneetti sagaleen dhukaasaa miseensonni WBO dhageessisaniif poolisiin dhiifama gaafate.

Qubee TV (Muddee 9, 2024) Finfinnee!
Finfinnee naannawaa tokko tokkotti sagaleen dhukaasaa kaleessa dhagahame kan miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo waliigaltee araaraan booda gara giddugala leenjiitti imalaa turan ta’uu Komishiniin Poolisiin Magaalaa Finfinnee ibse.

Waliigaltee araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti Muddee 01, 2024 mallattaa’e hordofee miseensonni WBO hidhannoo isaanii waliin gara giddugala leenjii haaromsaa qophaa’etti imalaa jiraachuu poolisiin beeksise.

Haaluma kanaan hidhattoonni kunneen wayita Finfinnee qaxxaamuruun gara leenjii giddugala imalan dhiichisaa miira gammachuun dhukaasni meeshaalee waraanaa dhageessisan jiraattoota magaalaa Finfinneetti rifaatuu uumuu poolisii magaalichaa ibse.

Poolisiin rifaatuu uumameef dhiifama gaafachaa, yeroo itti aanu haalli akkasii akka hin mudanne of eeggannoofi sirreeffamni kan taasifamu ta’uu waadaa gale.

Qubee TV

09 Dec, 07:06


Jaal Sanyii Nagaasa miseensota WBO waamicha nagaa fudhatanii giddu gala leenjii Poolisummaa Awaash Bishoolee galan kaleessa daawwatan.

Qubee TV (Muddee 9, 2024) Finfinnee!
Hooggansi WBO Jaal Sanyii Nagaasaa walii galtee araaraa Mootummaafi WBO gidduutti raawwatame hordofee miseensota WBO waamicha nagaa fudhatanii giddu gala leenjii Poolisummaa Awaash Bishoolee galan kaleessa daawwatan.

Walitti bu’iinsa naannicha keessa tureen dararaa hamaaf kan saaxilame uummata ni qabsoofnaaf jennee baanedha, waamicha nagaa godhameef dubbiin walii galtee araaraan goolabuun wayita deebinus simannaan uummanni nuuf godhe hangam akka nagaa dheebote kan mul’isudha jedhan, Jaal Sanyiin.

Daawwannaa isaaniinis loltoonnisaanii akkaatuma walii galteen iddoo qopha'eefitti galuu mirkaneeffachuu himan.

Qubee TV

08 Dec, 14:29


Kunis Seenessi qeenxee akka babal’atu taasisuun uummattoota jidduutti hariiroo gaariin akka hin uumamne, walitti bu’insiifi hokkorri akka babal’atu dirqisiisuun ijaarsi biyyaas osoo hin xumuramiin rarra’ee akka hafu taasise.

Murni gita bittaas carraa argatetti fayyadamee sabdaneessummaa kabaja dhorkee sirni qeenxee akka ijaaramu taasiseera.

Mirgoonni namummaafi dimokiraasiis sarbaman. Kun ammoo qabsoon akka dhalatuufi golee hundattis babal’achuun sirni qeenxee akka jiguuf bu’uura buuseera.

Qabsoo Saboota, Sablammootaafi Uummattootni Itoophiyaa taasisaa turaniifi wareegama qaqqaalii kaffalaniinis caaseffamni mootummaa Federaalawaa hiree ofiin of bulchuu sabootaafi sablammootaaf wabummaa kenne hundaa’ee Heerri Mootummaa FDRI Sadaasa, 29/1987 ragga’e.

Heerri FDRI ragga’es dhugaa Sabdaneessummaa Itoophiyaatti ulfina kan hore murannoo akka biyyaatti sirna Federaalizimii sabdaneessaa bu’uura qabsiisuun tokkummaa, walqixxummaa, mirga ofiin of bulchuufi dimokiraasii ijaaruuf qabnuuf wabummaa kan kenne ture.

Haata’u malee hojiirra oolmaa isaa irratti qaawwii guddaan uumamuu isaatiin dambaliin uummattootaa irra deebiin uumamee bara 2010 mootummaan jijjiiramaa akka dhalatu taasise.

Barii jijjiiramaa irraa eegaluunis hanqinoota turan furuun mootummaa cimaafi biyya jabduu badhaadhina milkeessite galmaan ga’uuf rifoormii jajjabaan hojiirra oolfamee milkaa’innis argamaa jira.

Galmi keenya biyya waloo hundaaf taatu hunda fakkaattuufi hunda qixa tajaajiltu hundarraa hundaan hundaaf madaala sabboonummaa sabummaafi tokkummaa biyyaalessaa karaa eegeen Itoophiyaa haaraa ijaaruudha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galma kana milkeessuuf naannoolee obbolaafi mootummaa Federaalaa waliin kutannoon hojjechaa jira.

Erga Heerri keenya sabdaneessummaa olkaasee gaaffii mirga ofiin of bulchuu uummattootaa raggaasisee as guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa marsaa 19ffaaf waloon kabajanneerra; kabajachaas jirra.

Kanaanis sirni qeenxee waggootaaf ijaaramaa dhufe deebi’ee akka hin kaanetti cabeera; leellistootni sirnichaas sadarkaa dhiibbaa geessisuu hin dandeenye irraan ga’uuf kutannoon hojjetamaa jira. 

Uummanni naannoofi biyya keenyaa hundi baga guyyaa seena qabeessa kana geessan; baga waliin geenye jechuun barabaada.

Kuufama qormaatotaa keessa jirru hundaaf furmaatni waaraan humna Qawwee osoo hin taane mareefi marabbaa; fincilaafi hokkora osoo hin taane filmaata olaantummaa yaadaaf bakka kennuutti amanna.

Dallaa jibbiinsaa diignee riqichi jaalalaa ijaarrus gaaddisa sabdaneessummaafi walqixxummaa jalatti ta'uu hunduu hubachuu qaba.

Mareen araara biyyaalessaa jalqabamee jirus rakkoo keenya hundaaf furmaata waaraa waan ta'eef harki hunduu qajeelummaa kanaaf diriiruufi lammiin hunduu ergama guddaa kanaaf ba’achuun murteessaadha.

Biyya sagaleen Qawwee keessatti hin dhaga’amne, walqixxummaan keessatti mirkanaa’eefi sirna dimokiraasii bu’uureeffatte ijaaruuf dhaloota kanarraa imaanaa guddaatu eegama.

Madaa kaleessaa hooquu, boo’uufi boochisuun egeree gaarii ijaaruu hin dandeenyu; gaaddisa mareetti deebinee uummata keenya boqochiisuufi egeree keenyaaf dhaloota ijaaruu qabna.

Kanaafis imala nagaa waaressuufi biyya bu’uureessuu eegalameen naannoo keenyatti garaagarummaa jiru mareen furuuf Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota Waraana Bilisummaa Oromoo jidduutti waliigalteen nagaa mallatteeffame
boqonnaa haaraa saaquu danda’eera.

Waliigaltee nagaa boodas humni waraanaa bosona jiru kumaatamaan galaa jiraachuun fedhii nagaa qabaachuufi waamicha uummanni taasise dhaga’uu danda’uu kan mul’isedha.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa tarkaanfii Qondaaltonni Waraana Bilisummaa Oromoo waamicha uummataafi mootummaa fudhachuun kutannoo nagaaf qaban gochaan mul’isuu isaaniif galateeffachuun barbaada.

Isaan yoomiyyuu gootota nagaa uummataa mirkaneessuufi imimmaan uummataa haquuf murtee seena qabeessa murteessan ta’anii yeroo hunda yaadatamu. 

Ammas dachee Oromiyaa irratti sagaleen Qawwee akka hin dhaga’amne taasisuu qabna.

Qubee TV

08 Dec, 14:29


Gaaffiifi fedhiin uummataa ifaadha; misoomaaf nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf kan barbaadu ta’uu Qotiyyoo camadee, Harqota baatee, ulfoo qabatee waraanni nu haa ga’u jechuun gaafateera.

Uummanni qabnus tokkichuma kana waan ta’eef imalli Bosonaa galuufi mareefi marabbaan rakkoo furuu cimee itti fufuu qaba. Hundi keenyas gaaffiifi fedhii uummataaf bitamaa ta’uun barbaachisaadha.

Guyyaan Sabootaa, sablammootaafi uummattoota Itoophiyaa bara kana kabajnu yeroo gaaffii nagaa uummataa deebisuuf waliigalteen nagaa seena qabeessi mallattaa’etti ta’uun adda taasisa. Jalqabbii gaarii kana fiixaan baasuuf hundi kutannoo nagaaf qabu gochaan agarsiisuufi gaaffiin uummataa akka dursuuf akka hojjettan waamicha dhiyeessuun barbaada.          

Warri gaaffii uummataa lagataniifi boo’icha uummataas salphisanii ilaalan qalbiitti deebi’aniifi daandii nagaa filachuun uummata isaanii boqochiisuu qabu. Kanaaf dammaqanii ofittis ta'e uummatatti araaramanii injifannoo caalmaaf hojjechuun filannoo daandii haqaati. Balballi hunduu kanaaf banamuu, fedhiin hunduu kanaaf ijaaramuufi harki hunduu kanaaf diriiruu akka qabu yaadachiisuun barbaada. 

Kabajamtoota uummata naannoo keenyaa irra deebi'uun baga guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa geessan jechaa harka tokkoon hojiilee misoomaa jalqabne gama hundaan cimsuun karoora xiiqii qabanne milkeessuu harka biraatiin nageenya keenya tikfachaa daandii badhaadhinaa eegalle irraa osoo boodatti hin deebi'iin milkaa'inaaf akka imallu waamicha dhiyeessina. Egereen keenya aarsaa har'a kaffalluun milkaa'a.

"Heddumminaafi walqixxummaan keenya tokkummaa keenyaan galmaan ga'uuf waliigaltee biyyaalessaa tokkummaa sabdaneessaa irratti ijaaruuf hunduu kutannoon akka hojjetu dhaamaa ayyaanichi kan gammachuu, badhaadhinaafi waadaa keenya haaromsuun jecha gochaan dhugoomsaa imala ijaarsa biyyaa kan itti fufsiifnu nuuf haa ta'u.

Oromiyaa ni ijaarra,
Itoophiyaa ni utubna,
Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina
Waaqayyos nu gargaara.
Shimallis Abdiisaa: Pireezidaantii MNO
Sadaasa 2017
Finfinnee

Qubee TV

08 Dec, 14:28


Imala mareefi marabbaan nagaa waaressuuf eegalleen injifannoon waloo galmaa’aa jira Pir. Shimallis Abdiisaa.

Qubee TV (Muddee 8, 2024) Finfinnee!
Imala mareefi marabbaan nagaa waaressuuf eegalameen injifannoon waloo galmaa’aa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallis ergaa baga guyyaa Saboota, Sablammootaafi Uummattoota Itoophiyaa geessanii dabarsaniin ibsa armaan gadii kennan.

Guutuun ergaa isaanii akka itti aanutti dhiyaateera.

Itoophiyaan biyya guddoo seenaa ijaarsa biyyaa waggoota hedduu qabdu biyya heddumina qabaachuun bu’uureeffamteedha.

Biyyi gootummaafi heddumina qabaachuun beekamtu kun sirna ijaarsa biyyaa seenessa qeenxee keessummeesse hojiirra oolchuu isheetiin daneessummaan sabootaa kabaja osoo hin argatiin bubbule.

Qubee TV

07 Dec, 19:39


Humni Elektirikaa adda citee ture bakkatti deebi'aa jiraachuun ibsame.

Qubee TV (Muddee 7, 2024) Finfinnee!
Humni Elektirikaa galgala kana sababa rakkoo siistamaa mudateen adda citee ture bakkatti deebi'aa jiraachuu Giddugalli To'annoo Humna ibsaa Biyyaalessaa beeksise.

Hojiin sadarkaa humnicha guutummaatti deebisuu hojjetamaa jiraachuu ibse.

Haa ta'uutii rakkoon mudate guutummaatti hanga furamutti hawaasni obsaan akka eegatu gaafate.

Qubee TV

07 Dec, 06:11


https://youtu.be/CxUxBppBED4

Qubee TV

06 Dec, 20:00


https://youtu.be/nX6vEnSbkSo

Qubee TV

06 Dec, 10:35


Waliigaltichis guyyoota lama booda hojiitti kan seenu yoo tahu, dhimmi ijoo nageenyaafi hiree waraanaarratti akka xiyyeeffatu ta'u eeran.

Nagaa biyyaatiif jennee qawwee keenya gadiqabnee waan dhufneef mootummaanis waliigaltee kana ummataaf jedhee hojiitti hiikuun ittigaafatamummaasaa bahachuu akka qabu hubachiisan.

Miseensonni WBO olola adeemuufi sodaa keessootiin bosonatti hafan waliigalteen taasifame wabii waan ta'uufiif nagaadhaan akka galan dhaamsa dabarsan.

Akka waliigalaatti araarri akka dhufuuf sirni araaraa labsamee Abbootii Gadaafi jaarsoliin biyyaa akka irratti hojjetaniif waliigalteerra ga'amuu Jaal Sanyiin kaasuun, qabeenyi waraana kanaan barbadaa'eefi miidhaa qaqqabe bakka buusuuf kan hojjetamu ta'uus waliigalticha keessa jiraachuu himan.

Qaamni waliigaltee kana amanee hinfudhanne raawwiisaarrattis akka qooda keessaa hinqabne himan, raawwii waliigaltee kanaafis koreewwan addaddaa qaamolee lamaan hirmaachise hundaa'uu dubbatan.

Qubee TV

06 Dec, 10:34


Qondaalli WBO Jaal Sanyii Nagaasaa "Olololli WBO irratti odeeffamu sirrii miti" jedhan

Qubee TV (Muddee 6, 2024) Finfinnee!
Qondaalli Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) tibbana waliigaltee nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa wajjin mallatteessuun walqabatee ololli addaddaa taasifamu sirrii akka hintaane ibsan.

Jaal Sanyiin ibsa har'a miidiyaaf kennaniin, waldhabdee mootummaafi WBO gidduutti dirree Oromiyaarratti taasifamu ummata nagaa miidhaafi wareegama kaffalchiisaa jira malee faayidaa waan hinqabneef akka dhaabatuuf fedha qabanirraa ka'uun karaa nagaa ummatatti makamuufi mootummaa wajjin waliigaltee taasisuu eeranii, qaamoleen kana bu'uura godhachuun olola gaggeessan garuu sirrii akka hintaaneefi kanarraa of qusachuu akka qaban ibsan.

Marii mootummaa wajjin taasifameenis waliigalteen keeyyatoota 13 qabu mallatteeffamuu kan himan qondaalli kun, raawwiinsaas akka waliigaltee sanaatti akka raawwatamu abdii qabaachuufi kan hordofamus ta'uu himan.

Qubee TV

06 Dec, 09:20


Qondaalonni WBO Mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessan Ibsa miidiyaaleef kennaa jiru.

Qubee TV (Muddee 6, 2024) Finfinnee!
Qondaalonni WBO Mootummaa waliin waliigaltee nagaa mallatteessan Ibsa miidiyaalee biyya keessaaf hoteelaa Iskaay Laayititti kennaa jiru.

Qubee TV

06 Dec, 08:08


Maqaan kun akkatti Afaan Ingliiziin qubeeffamu Mohammediifi Mohammad sadarkaa tarree maqaa baay'inaan moggafamu 100 keessa galeera. Waajirri ONS maqaa kunneen akkaataa qubee isaaniin adda addatti ilaaluun sadarkaa kennaafi.

Maqaan haaraa daa'imman dubaraa tarree 100 jala gale Lilaa, Raayyaafi Heezil fa'i.

Qubee TV

06 Dec, 08:07


Bara 2023ti Muhaammad Inglaanditti maqaa jaalatamaa maatiin hedduun ijoollee isaaniif moggaasan ta'e.

Qubee TV (muddee 6, 2024) Finfinnee!
Ingilaandiifi Weelsi keessatti bara 2023 Muhaammad maqaa jaalatamaa maatiin hedduun ijoollee isaaniif moggaasan ta'e jedha gabaasni BBC.

Inglilaanditti ragaan daa'imman haaraa dhalataniifi maqaan moggafame bara baraan ifooma.

Biyyattii keessatti maqaan Oliiviyaafi Olivar maqaa jaalatamaafi namoota hedduuf moggaafamuun sadarkaa jalqabaarra ture.

Bara 2023tti garuu maqaa da'immaan haaraa dhalatanii sadarkaa tokkoffaa kan qabate Muhaammad ta'e.

Ingilaandiifi Weelsi keessatti bara 2023 maqaan daa'immanii dhiiraa baay'inaan bahee jiru Muhaammad tahe, Daa'imman dhiiraa 4,600 tahan maqaa kanaan moggaafaman.

Maqaan Muhaammad jedhamu kun bara 2016 irraa kaasee maqaa ijoollee sadarkaa tokkoo hanga 10 jiran keessaa ture. Amma garuu maqaa ijoollee dhiiraa sadarkaa tokkoffaarra ture Nohaa jedhamu akka caale Waajirri Istaatistiksii Biyyaalessaa(ONS) biyyattii hime.

Qubee TV

06 Dec, 07:23


Akkasumaas kadhannaa sagantaan baheef waajjira keenyatti manneen Amantaa miseensota gumii keenyaa ta'an walitti dhufuun waloofi dhunfaattiis Uumaan akka biyya keenyaafi ummata keenyaaf nagaa buusu, obboloota wal-dhaban jiddutti akka araara nuuf buusu kadhachaa turreerra.

Waamichaafi kadhannaa taasisaa tureen, Uumaan kadhaa/du'ayii keenya nuuf dhaga'ee yaada obbolootaa kan gargar fagaatee ture walitti nuuf dhiheesseera. Dhimmoota duugdaaf garaa taʼanii turan gara tokkotti nuuf fideera.

Waldhabdee obboloota jidduu tureen ummanni keenya rakkoo kallattii hedduu keessa bu'ee tureen kan nutiis akka Gumii keenyatti waamicha nagaa araaraaf taasisaa turre hubachuun qaamonni lamaan (Mootummaafi ABO/WBO) irraa ta'an sochii araara buusuu taasifame hordofuun abdiin ummanni keenya nagaa argachuuf qabu adeemsa jalqabuu isaatti guddaa gammanneerra.

Akkuma Kanaan duraa waamichi keenya harʼaa qaamonni haafaniis walitti dhiyaachuun, garaagarummaan yaadaa jiru karaa nagaan akka furamu, hordooftoonnii Amantaalees kadhannaa/du'ayiidhaan akka turtan maqaa Uumaatiin waamicha kabajaa ni taasisana.

Uumaan Biyya keenyaa haa Eeguu, haa Ebbisus! Gumii Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa

Qubee TV

06 Dec, 07:23


Walii galtee nagaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO gidduutti mallatteeffame ilaalchisee  ibsa GDHAO.

Qubee TV (muddee 6, 2024) Finfinnee!
Walii galtee nagaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO zoonii Giddugaleessaa gidduutti mallatteeffame ilaalchisee  ibsa Ibsa Gumii Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa

Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa dhimmoota ijoo irratti bu'ureeffame keessaa hangafni "Ijaarasa Nageenyaa" yoo ta'u, nageenyi ummataafi biyya keenyaa akka mirkanaa'u hojii guddaa hojjachaa ture jira. Ammaas hojjachaa jira.

Gaafa Rakkoon nageenyaa biyya keenya keessatti mudatee jalqabee Gumiin Dhaabbilee Amantaa Oromiyaa araarri akka buʼuuf waamicha nagaafi kadhannaa miidiyaalee biyyattiin dabarsaa tureera.

Qubee TV

05 Dec, 11:22


Obbo Taayyee Danda'aa mana hidhaatii gadhiifamuun mana ga'uu haati warraasaanii himan.

Qubee TV (muddee 5, 2024) Finfinnee!
Deetaan Ministeera Nageenyaa Itoophiyaa duraaniifi miseensi Caffee Obbo Taayyee Danda'aa har'a waaree booda mana hidhaatii gadhiifamuun manatti galuu haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo BBCtti himan.

Obbo Taayyeen waggaa tokkoof erga mana hidhaa turanii booda Roobii (Muddee 04, 2024) wabiidhaan erga gadhiifamanii booda qabamanii mana hidhaatti deebifaman.

Bakka itti hidhamanii turan mana hidhaa Qilinxoodhaa yeroo bahuuf jedhan balbala irratti poolisoota federaalaan fudhatamuufi har'a ganama Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaa Meeksikoo jirutti deemanii arguu Aadde Sintaayyoon himanii ture.

Kanumaan har'a waaree booda mana hidhaatii gadhiifamuun manatti galuu haati warraa isaanii ibsa.

Qubee TV

05 Dec, 08:38


Bu'uura waliigaltee nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaala WBO Jaal Sanyii Nagaasaa gidduutti mallatteeffame miseensonni WBO galaa jiraachuun ibsame.

Qubee TV (muddee 5, 2024) Finfinnee!
Bu'uura walii galtee nagaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO zoonii Giddugaleessaa duraanii gidduutti taasifameen yeroo ammaa kana miseensonni WBO gara wiirtuu isaaniif qophaa'eetti galaa jiraachuun ibsame.

Maddi: Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Qubee TV

05 Dec, 08:15


Balbala mana hidhaatii kan fudhataman Obbo Taayyeen Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti akka argaman maatiin himan

Qubee TV (muddee 5, 2024) Finfinnee!
Mirgi wabii eegameefi mana amala sirreessaa Qilinxoo irraa yeroo bahuuf jedhan balbalatti qaamolee nageenyaan kan fudhataman Deetaa Ministeera Nagaa duraanii Obbo Taayyee Danda’aa, gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti geeffamuu maatiin Addis Standard’itti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon har’a ganama Waajjira Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa, Finfinnee naannawa Meeksikootti argamu dhaqanii isaan argachuu himan. “Isa arganne baaneerra, waan kana booda ta’ummoo hin eegna,” jedhan.

Obbo Taayyeen kaleessa mana hidhaatii yeroo bahan namoota “maaskii uffataniin” fudhatamuu aadde Sintaayyoon himan. “Osoo maatii hin argatiin ‘ni barbaadamta’ jedhanii fudhatanii deeman. [Qaamoleen nageenyaa] waraqaa qaama olii irraa barraa’e jedhan qabataniiru,” jedhan.

Qubee TV

04 Dec, 09:57


Somaalilaandiifi Ameerikaan marii tumsa waloo cimsuu gaggeessan.

Qubee TV (muddee 4, 2024) Finfinnee!
Bulchiinsi dhiyeenya kana filannoo pireezidaantummaa gaggeessite Somaalilaandiifi Ameerikaan marii tumsa waloo cimsurratti xiyyeeffate gaggeessan.

Jilli Ameerikaatti Ambaasaaddara Somaaliyaa Riichaardi Raayiliifi Komaandara Humna Waloo Afrikaa Bahaa Meejar Jeneraal Biriyaan Tii Kaashmaaniin durfamu Pireezidaantii haaraa Somaaliilaandii waliin Hargeessaatti mari’ate.

Marii isaaniin jilli Ameerikaa kun filannoo Pireezidaantummaa Somaalilaandi gaggeessite dinqisifachuun, Pireezidaantii Haaraa Somaaliilaand ta’uun kan filataman Abdurrahmaan Mohammad Abdullaahii Iroof ergaa baga gammadanii dabarsan.

Somaalilaand nageenya Bahaa Afrikaa mirkaneessuufi hariiroo Somaaliilaandiifi Ameerikaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf mariin gaggeeffamuun ibsame.

Qubee TV

02 Dec, 10:18


Hojjetaan Daandii qilleensa Itoophiyaa Doolaara kuma 50 kufee argame abbaa qabeenyaaf deebise.

Qubee TV (muddee 2, 2024) Finfinnee!
Hojjetaan Daandiin qilleensa Itoophiyaa Obbo Fireezar Baqqalaa jedhamu Doolaara kuma 50 kufee argame abbaa qabeenyaaf deebise.

Obbo Fireezar Sadaasa 16, 2017 Doolaara kuma 50 imaltootaa harkaa kufe argachuu isaanii ibsame.

Namni dhuunfaan kun namuusa ogummaa eeguun maallaqa argatan kana amanamummaa abbaa qabeenyaaf deebisuu isaanii ragaan fuula Daandii Qilleensa Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Qubee TV

02 Dec, 10:06


Obbo Taayyee Danda’aa wabiin akka gadhiifaman Manni Murtii murteesse

Qubee TV (muddee 2, 2024) Finfinnee!
Deetaa Ministeera Nagaa duraaniifi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii heeyyamuunsaa himame.

Ganama har’aa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu BBC’tti kan himan haati warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo dhaddachichi Obbo Taayyeef mirga wabii heeyyamuu himan.

“Har’a Mana Murtii Ijibbaataatti dhiyaannee turre. Isa sana manni murtii mureefira” jedhan.

Dabalataan “Maallaqa 20,000 (birrii) qabsiisanii yookiin nama waammatanii akka bahuu danda’an murteessera. Adeemsa godhamuu qabu gochuudhaaf sa’aatii 8:00 irratti nubeellamaniiru” jedhan.

Bara darbe keessa aangoorraa erga kaafamanii booda to’annoo jala kan oolan Obbo Taayyeen, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himanni irratti banamee ture.

Qubee TV

02 Dec, 08:44


Atileet Siifan Hasan, Taammiraat Tolaafi Simboo Alamaayyoo ‘atileetii cimoo bara 2024’ jedhaman.

Qubee TV (muddee 2, 2024) Finfinnee!
Dhalattuun Itoophiyaa lammiin Neezarlaand Atileet Siifan Hasan badhaasa atileetii cimtuu istaadiyeemiin alaa akkasumas waliigalaan atileetii cimtuu bara 2024 yeroo taatu Atileetonni Itoophiyaa Taammiraat Tolaafi Simboo Alamaayyoon badhaasa atileetii cimaafi cimtuu waggaa kanaa injifatan.

Atileet Taammiraat Tolaan badhaasa atileetii cimaa Istaadiyeemiin alaa yoo injifatu, Atileet Simboo Alamaayyoon gama isheetin badhaasa atileetii guddattuu cimtuu injifatte.

Atileet Taamraat Tolaa bara dorgommii kanatti rikoordii maaraatoonii Olompikii fi Barliin fooyyeessuun injifachuun isaa ni yaadatama.

Qubee TV

01 Dec, 09:25


Yeroo ammaas Mootummaan Naannoo Oromiyaa egereefi hiree ummata Oromootiif jecha garaagarummaa jiru dhiphisuun naannicha keessatti nageenya waaraa fiduuf qondaaltootaafi miseensota WBO waamicha nageenyaa fudhatan waliin mariin taasifamaa jiru milkaa’aadha.

Guyyaa har’aas Hooggansa Olaanoo Mootummaa  Naannoo Oromiyaafi qondaaltota WBO gidduutti walii galteen araaraa mallatteeffameera. Walii galtee kana gama mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Andiisaa yoo ta’an, gama WBOn ammoo qondaala olaanoo WBO kan ta’an Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.

Pirezedaant Shimallis saganticha irratti WBO Waamicha Uummataafi Mootummaa simatanii qabsoo Karaa nagaa filatan galateeffatanii wal dhabdeen keessoo Oromoo diinotaaf Karaa banuu irraa kan hafe Oromoof faayidaa homaa akka hin qabne kaasaniiru.

Qondaalli WBO Sanyii Nagaasaan kan nufide waamicha uummanni taasise simachuufi dararaan Oromoo hafee qilleensi nagaan Oromiyaaf akka bubbisu yaadneeti jedhan.

Araarri bu'uura Nageenya waaraati!
Tokkummaan Oromoo ijaarsa biyyaaf!
Mareef marabbaan duudhaa sirna Gadaati! Elaaf elaameen waldhabdee furuun Nageenya Waaressa!

Qubee TV

01 Dec, 09:25


Walii galteen nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti mallatteeffame

Qubee TV (muddee 1, 2024) Finfinnee!
Biiroon kominikeeshinii Oromiyaa ibsa karaa miidiyaa hawwaasummaa isaan baaseen "Walii galteen nageenyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Qondaaltota WBO gidduutti mallatteeffame" jedhe.

Ibsi Guutuun Biirichaas kunooti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa naannicha keessatti qilleensi nagaa bubbisee uummanni Oromoos  boqonnaa argatee hojii hawaas dinagdee irratti fuuleffachuun badhaadhina maatiifi biyyaa keessatti shoora isaa akka bahatuuf xiyyeeffannaan hojjechaa tureera, hojjechaas jira. Dhibdeen Oromoofi Oromiyaa Karaa nagaa akka furamuufis nuffi tokko malee walitti fufiinsaan waamicha nagaa taasisaa tureera.

Qaamoleen quuqamni Oromummaa Manaa isaan baaseefi dhibdeen siyaasa Oromoo afaan qawween qofaan fala argata jedhanii yaadaa turan miseensonni WBO hedduunis  ejjennoo mootummaan Nageenya waaressuuf qabuufi waamicha isaaniif dhihaachaa ture fudhatanii karaa nagaa galaa turaniiru.

Qubee TV

01 Dec, 07:07


https://youtu.be/ZJSpx2qshhk?si=izJ_AkPIh4CDNwpc

Qubee TV

30 Nov, 12:43


MM Dr. Abiyyi haasaa har’a taasisaniin lakkoofsi miseensota Paartii Badhaadhinaa miiliyoona 15.7 gahuun paartii Afrikaa keessaa isa guddaa ta’uu ibsan.

Hojiiwwan dippilomaasii, diinagdeefi siyaasaa paartiin isaanii Adoolessa 21, 2012, yeroo aangootti dhufee kaasee raawwachaa tures ibsan.

Diinagdee ilaalchisee waggoota 5n darbanitti biyyattiin qamadii gannaa oomishuu eegalte, indaastiriiwwan hojiitti galuu, pirojektoonni gurguddoon eebbifamuu isaaniis ibsan.

Haasawa dippilomaasii ilaalchisee taasisaniin, Itoophiyaan bara EPRDF ollaa ishee hunda waliin walitti bu’uu ishee ibsuun, waggoota 5n darban keessa garuu Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin michoomaafi tumsaan hojjechaa turte, garuu dhukaasa takka waljijjiirraa hin turre jedhan.

Siyaasa ilaalchisee erga Paartiin Badhaadhinaa aangootti dhufee shaakala siyaasaa haaraa Itoophiyaa keessatti jalqabneerra jedhan.

Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad, kanaan dura dhaabota siyaasaa walmorkatan waliin hojjechuun Itoophiyaa keessatti akka hin baramne kaasuun, garuu erga Badhaadhinni gara aangootti dhufee as amala jaarmiyaalee siyaasaa waliin diinummaan wal arguu dhabamsiiseera jechuun dubbatan.

Muummichi ministeeraa haasaa isaanii keessatti paartiin isaanii waggaa 10ffaa yeroo kabaju Itoophiyaan biyya gargaartu, biyyoota alaa akka araarsan kadhattu osoo hin taane, biyya araarsitu taati jedhan.

Qubee TV

30 Nov, 12:43


Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad, "Hidhattoonni Oromiyaafi Amaaraa keessa jiran waggoota kuma tokkoof yoo lolanis hin injifatan" jedhan.

Qubee TV (Sadaasa 30, 2024) Finfinnee!
Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad sagantaa cufiinsa Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa Muuziyeemii Adwaatti gaggeeffamerratti haasaa taasisaniin "Hidhattoonni Oromiyaafi Amaaraa keessa jiran waggoota kuma tokkoof yoo lolanis hin injifatan" jechuun dubbatan.

Dr. Abiyyi Ahimad humni hidhatee naannoo Amaaraafi Oromiyaa keessa socho'u lolaan akka hin injifanne beekanii mariidhaan yoo seenan gaariidha jedhan.

Qubee TV

29 Nov, 14:14


Himatamaa 4ffaan ammoo hogganaan Waajjira Nageenyaafi Milishaa Ganda Qaqalloo yoo ta'u, miidhamtu osoo hin reebamiin dura gargaarsa yeroo gaafattu gargaaruu diduufi erga reebamte booda milishaa ajajuun ishee hiisisuu isaatiin himatameera.

Manni Murtii Aanaa Waacillee dhaddacha Sadaasa 19, 2017 ALI ooleen himatamtoota 1ffaafi 2ffaa irratti adabbii hidhaa cimaa waggaa 6fi ji'a 4, himatamaa 3ffaa irratti ammoo adabbii hidhaa cimaa waggaa 7fi ji'a 2 murteesseera.

Akkasumas himatamaan 4ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4fi qarshii 5,500 irratti murtaa'uu odeeffannoo kominikeeshinii aanaa Waacillee irraa arganne ni mul'isa.

Qubee TV

29 Nov, 14:14


Booranatti namoonni dubartii tokko mukatti hidhanii reebsisan hidhaa hanga waggaa 7'n adabaman.

Qubee TV (Sadaasa 29, 2024) Finfinnee!
Godina Boorana Bahaa aanaa Waacilleetti namoota dubartiin haadha ijoollee sadii taate tokko abbaa warraasheetiin gara jabinaan reebamtee miidhaa qaamaa cimaa akka irra gahu taasisuun himataman hidhaa cimaan waggaa 7'n adabaman.

Viidiyoon gocha kana mul’isu ji'a tokkoon dura miidiyaarratti qoodamuu hordofee namoota yakka kanaan shakkaman himatamtoonni 1ffaa Galgaloo Waariyoo [abbaa warraa miidhamtu], 2ffaan Jaarsoo Boruu, 3ffaan Galgaloo Jaataniifi 4ffaan Dhibaa Goollicha jedhaman to’annoo jala oolaniiru.

Himata irratti dhiyaateen miidhamtuun waldhabbii ishiif himatamaa 1ffaa (abbaa warraashee) gidduu jiruun himatamtoonni 2ffaafi 3ffaan jaarsummaa taa'uun miidhamtuun akka mukatti hidhamte abbaa warraatiin reebamtu taasisuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu ibsame.

Qubee TV

29 Nov, 12:49


Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irraa qurxummii toonii 561 ol oomishame jedhame

Qubee TV (Sadaasa 29, 2024) Finfinnee!
Adoolessa 2024 kaasee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa irraa qurxummii toonii 561 ol oomishuu waldaaleen omisha qurxummuu ibsan.

Waldaaleen 22 seeraan gurmaa’uun hidha haaromsaa irratti qurxummii omishaa jiraachuu itti aanaan Hogganaan Biiroo Qonnaa naannoo Beenishaanguul Guumuz Dr. Birhaanuu Itichaa himan.

Omishni qurxummii kun gabaa naannawa hidhichaattiifi giddugaleessa Itoophiyaatti argamaniif dhiyaachaa jira jedhame.

Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Anniisaa maddisiisurra darbee dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumaa jiraachuu Dr. Birhaanuun eeran.

Qubee TV

29 Nov, 06:34


Magaalaa Ambootti guyyaa sabaaf sablammootaa 19ffaa sababeeffachuun fiigichi Meetira kuma 5 gaggeeffame.

Qubee TV (Sadaasa 29, 2024) Finfinnee!
Guyyaa sabaaf sablammootaa 19ffaa akka Oromiyaatti Sadaasa 22, 2017 Magaalaa Ambootti kabajamu sababeeffachuun fiigichi Meetira kuma 5 gaggeeffame.

Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa, Waajjira Caffee Oromiyaa, Bulchiinsa Godina Shawaa Lixaafi Magaalaa Amboo waliin ta'uun kan qopheessaan ta’uu ragaan Kominikeeshinii Godina Shawaa Lixaarraa argame ni mul'isa.

Qubee TV

28 Nov, 15:33


Dr. Abiyyi Ahimad Xiyyaarri Humna Qilleensaan Itoophiyaan hojjetamte “Tsahaay 2”  balaliif geesse jedhan.

Qubee TV (Sadaasa 28, 2024) Finfinnee!
Xiyyaarri Humna Qilleensaa Itoophiyaan hojjetamte “Tsahaay 2” jedhamtu balaliif ga’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Dooktar Abiyyi Ahimad gama miidiyaa haawaasummaa isaaniin akka jedhanitti, Riifoormiin dhaabbilee nageenyaafi tasgabbiirratti taasifame dhaabbilee Itoophiyaa madaalaaniifi dhalootatti ce’an ijaaruuf bu’uura kan kaa’eedha.

Dhaabbilee kanneen keessaa Humni Qilleensaa Itoophiyaa kan eeramuudha.

Humni qilleensichaa waggaa 89ffaa hundeeffama isaa kabajaa wayita jirutti Xiyyaarri humna qilleensichaan hojjetamte “Tsahaay 2” jedhamtu balaliif ga’uu himan.

Xiyyaarittiin dirqama ga’umsan raawwachuuf kan dandeessisu teeknooloojii kan hidhatteedha jedhanii, kunis bara 2030’tti Afrikaatti Humna Qilleensichaa maqaa olaanaa qabu ta’uuf mul’ata qabate galmaan ga’uuf daandii sirriirra jiraachuu kan akeekuudha jedhan.

Qubee TV

28 Nov, 06:51


Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen waldhabdeen mootummaa federaalaa Somaaliyaafi bulchiinsa Jubaalaand gidduu jiru akka tasgabbaa'u hubachiise.

Qubee TV (Sadaasa 28, 2024) Finfinnee!
Naannoo Somaalee keessa kan socho'u Adda Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) muddamni bulchiinsa Jubaalaand, keessattuu naannawaa Raad Kimboniitti mudate hammaachaa dhufuun akka isa yaaddeesse ibsa Sadaasa 27, 2024 baaseen beeksise.

Qaamoleen lamaan filannoo Jubaalaandiin walqabatee seera filannoo irratti waldhaban. Ergasii Pireezidaantiin Jubaalaand Ahimad Maadobee yeroo sadaffaaf filatamuu isaanii hordofee waldhabdeen kun hammaate.

Yeroo ammaa kana mootummaa federaalaa Somaaliyaa loltoota isaa naannawaa bulchiinsa Jubaalaanditti kan qubachiise yoo ta'u, bulchiinsi Jubaalaand gama isaatiin humnoota nageenya isaa sochoosuun cimsaa jiraachuu ibsame.

Qubee TV

26 Nov, 10:30


Yaa'iin Mana Maree Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar gaggeeffame.

Qubee TV (Sadaasa 26, 2024) Finfinnee!
Yaa'iin Mana Maree Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar 2ffaan Gaggeeffame.

Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa, Pireezidaantiin Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaan Gargaartuu Komishinaraa Atileet Daraartuu Tulluu, Hoogganaa Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa, Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraa dabalatee hooggansi magaalaa Shaggariifi keessummoonni waamichi taasiifameef yaa’icharratti argaman.

Magaalaa Shaggaritti Qaqqabummaafi qulqullina ispoortii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojii hojjetameefi hogganameen injifannoo galmeessuun danda'amuu ibsame.

Gara fuulduraatti injifannoo caalu galmeessuuf Bu'uuraalee misoomaa ispoortii guutuuf deeggarsi barbaachisu kan taasifamu ta'uu yaa’icharratti himamuu ragaan Kominikeeshinii magaalichaarraaa argame ni mul’isa.

Qubee TV

25 Nov, 14:31


Ayyaanni Hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa iddoolee garaagaraatti kabajamaa jira.

Qubee TV (Sadaasa 25, 2024) Finfinnee!
Ayyaanni Hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa iddoolee garaagaraatti sagantaalee adda addaan kabajamaa jira.

Qubee TV

25 Nov, 13:14


Finfinnee Naannawaa addaa Dajjaach Wubeetti balaan ibiddaa mudate.

Qubee TV (Sadaasa 25, 2024) Finfinnee!
Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaa Naannawaa Addaa Dajjaach Wubee jedhamutti balaan ibiddaa mudate to’achuuf hirmaannaan taasifamaa jiraachuun ibsame.

Balaan ibiddichaa naannawichatti Dhaabbannii Hojiilee Ijaarsaa Jaangize irratti kan mudate yoo ta’u, balicha to’annoo jala oolchuuf hojjettoonni yeroo balaa tasaa hirmaannaa taasisaa jiru jedhame.

Qubee TV

25 Nov, 12:17


TPLF rakkoo keessoo isaa furachuu yoo hin dandeenye Badhaadhinni aangoo isaa ni fudhata jedhan Obbo Geetaachoon.

Qubee TV (Sadaasa 25, 2024) Finfinnee!
Preezidaantiin bulchiinsa yeroo, Geetaachoo Redaan "TPLF rakkoo keessoo isaa furachuu yoo hin dandeenye Badhaadhinni aangoo isaa ni fudhata jedhan.

Obbo Geetaachoo Gochaan hojiilee misoomaa Bulchiinsi Yeroo Tigraay raawwachaa jiru danquu gara sadarkaa yaaddeessaatti darbaa jiraachuu himan.

Pireezidaantichi ibsa Sadaasa 15, 2017 ALI miidiyaaf laateen, “Siyaasni Tigraay rakkoo kana caalutti galaa jira,” jedheera.

Gochaaleen sadarkaa godinootaafi aanaaleetti gaggeeffaman hojiilee misoomaa bulchiinsa yeroo danquuf hojiileen seermalee gaggeeffamaa jiru jedhame.

Obbo Geetaachoon rakkooon bulchiinsa Adda Bilisummaa Tigraay (ABUT) gidduutti uumame siyaasaafi diiinagdee uummata naannichaarratti dhiibbaa guddaa uumuu himan.

Gareen dantaa siyaasaa fedhii nagaafi tasgabbii uummataa ilaalcha keessa hin galchine aangoodhaaf jecha hokkora uumaa jiraachuus eeran.

“Gareen yaa’ii gaggeesse caasaa godinootaafi aanaalee keessaa qabu fayyadamuun hojii mootummaa akka laamsha'u taasisuun fonqolcha mootummaa gaggeessaa jira, Gareen yeroo dheeraaf aangoorra ture” wanta hundaa humnaan ukkaamsuun aangootti deebi’uuuf hojjachaa jiraachuu dabaluudhaan ibsan.

“Xiyyeeffannoon guutuun keenya lammiilee deebisuu, nageenya uummata Tigraay mirkaneessuu ta’a jenneen kaayyoo karoorfanne cinaatti dhiisuun aangoo qabachuuf walirratti qabsaa’uuf dirqamneerra,” jedhan.

“Gareeen kanaan dura aangoo dhuunfatee ture karaa tokkos ta’ee biraatiin aangoo dhabee deebifachuuf sochii taasisaa jira,” jiraachuu ibsuun gareen kun dhimmoota dursi kennamuufi malu cinaatti irraanfachuu Obbo Geetaachoon dubbataniiru. Rakkoon kuni siyaasa Tigraay daran hammeessaa jiraachuun eeran.

“Fonqolchi mootummaa loltoota qofaan kan gaggeeffamuu miti, jechuun caasaan godinaafi aanaa fonqolcha kana milkeessuuf hojjachaa jiraachuu Obbo Geetaachuun ibsan.

Hojiin buqqaatota qe’eetti deebisuu sababa rakkoo siyaasaa kanaan danqamuu eeruun hojiin buqqaatota deebisuu haala gaarii ta’een raawwatamaa jiraachuu pireezidaantichi ibsan.

Namoota qe’eerraa buqqa’an deebisuuf bulchiinsi yeroo mootummaa federaalaa waliin hojjachaa jiraachuus eeran.

Qoodamni siyaasaa kuni hojiirra oolmaa Waliigaltee Piriitooriyaa keessumaa buqqaatota Raayyaafi Tsallamtii deebisanii ijaaruurratti dhiibbaa uumuun Obbo Geetachoon dubbatan.

Qubee TV

25 Nov, 10:26


Hizboolaan Misaa’elaafi Dirooniidhaan Israa’eeliin haleele.

Qubee TV (Sadaasa 25, 2024) Finfinnee!
Hizboolaan Misaa’elootaafi Diroonii hedduun Israa’eeliin haleeluu Raayyaan Ittisaa Israa’eel beeksise.

Waraanni Israa’eeliifi Hidhattoota Libaanoos Hizboolaa gidduutti adeemsifamaa jiru cimee itti fufuu eerame.

Israa’eel tibbana qabiyyeewwan Hizboolaa Libaanoos Magaalaa Beeruutiitti argaman irratti xiyyeeffachuun haleellaa raawwachuu BBCn gabaase.

Kana hordofee Hizboolaan Misaa’eelootaafi Diroonii 340 ta’an fayyadamuun haleellaa haloo bahuu Israa’eelirratti raawwachuun ibsame.

Haleellaa kanaan qabeenyi hedduun barbadaa’uufi namootarras miidhan qaqqabuu himame.

Qubee TV

25 Nov, 07:56


Halkan Aadaa Booranaa (Borana Cultural Night) ollaa Itoophiyaa Keeniyaatti kabajame.

Qubee TV (Sadaasa 25, 2024) Finfinnee!
'Halkan Aadaa Booranaa(Borana Cultural Night) waggaa waggaan aadaa Oromoo Booranaafi sirboota addaa addaa agarsiisuun biyyaa ollaa Itoophiyaa Keeniyaa magaalota gurguddoo keessatti kabajama.

Kaayyoon isaa hawaasni Oromoo keeniyaa keessa baay'inaan jiraatan aadaafi eenyummaasaanii beekanii akka cimsataniif yaadamee ta'uutu ibsame.

Jila "Borana Cultural night" kanarrattis weellistoota, abbootii Gadaa dabalatee bulchitoota biyyattii sadarkaan jirantu hirmaata.

Mootummaan Keeniyaas jila aadaa kanaaf beekamtii kennuun waggaa waggaan bifa ho'aan akka kabajamuuf deeggarsa adda addaa gochuun hanga Pirezidaantii yokiin nama bakka buusuun irratti hirmaachuun ni hordofa.

"Borana Cultural Night" marsaan miilanaas eda halkan Keeniyaa magaalaa Naayiroobii galma Boomaas jedhamutti sirnoota addaa addaan kabajame.
Gabaasni kan OBN

Qubee TV

23 Nov, 07:05


Qoricha “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hinfayyadamne Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaalee Itoophiyaa akeekkachiise.

Qubee TV (Sadaasa 23, 2024) Finfinnee!
Qoricha seeraan alaa “RELIEF” jedhamu hawaasni akka hin fayyadamne Abbaan Taayitaa Nyaataafi Qorichaalee Itoophiyaa akeekkachiise.

Abbaan taayitichaa akeekkachiisaa baaseen qorichi seeraan alaa kun elementoota fayyaarraan miidhaa geessisuu danda’an akka qabu eeruun, faayidaaf akka hinoolle hubachiise.

Qorichichi gabaarratti bal’inaan dhiyaataa jiraachuufi abbaa taayitichaan kan hin galmoofne ta’uun, qulqullinni, nageenyummaafi bu’aa qabeessummaansaa hin beekamu jedhe Abbaan taayitichaa.

Fedhii nyaataa dhabuu, teessisaa, dhukkubbii garaa, oltuttuqaa, guraaruu, hirriba dhabuu, dadhabbii, sirriitti arganuu dhabuu, raatessuu, dhukkubbii mataa, rakkoo gogaa, inzayimoonni tiruu dabaluufi yeroo dheeraaf yoo fayyadaman miidhamuu kalee kan hordofsiisu ta’uun miidhaalee gartokkee qorichichaa ta’uu ibse.

Qubee TV

23 Nov, 06:43


Paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo ajjeechaafi buqqaatii Ummataa Salaalee aanaa Dharraatti raawwatame dhaabbachuu qaba jedhe.

Qubee TV (Sadaasa 23, 2024) Finfinnee!
Paartiin Kongiresii Federaalawaa Oromoo ibsa kaleessa Sadaasa 22 baaseen ajjeechaafi buqqaatii Ummataa Salaalee aanaa Dharraatti raawwatame dhaabbachuu qaba jedhe.

Paartichi ibsa isaa kanaan Dhiiga ummataa dhangalaasuun hatattamaan dhaabbachuu qaba jedhe.

Ibsi guutuun armaan gaditti Suuraan ibsameera.

Qubee TV

23 Nov, 06:29


Piriimeer Liigii Ingilaandiin taphni Maanchiister Siitiin Tootenhaam keessummeessu ni eegama.

Qubee TV (Sadaasa 23, 2024) Finfinnee!
Tapha Piriimeer Liigii Ingilaandiin taphni Maanchiister Siitiin Tootenhaam keessummeessu ni eegama.

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 12ffaan tapha har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee Leesister Siitiin Cheelsii keessummeessuun eegalama.

Galgala sa’aatii 12:00 irraa jalqabee taphoonni 5 kan taphataman yoo ta’u, Boornimaawuuz – Biraayitan, Arsenaal – Nootiingihaam Forest, Astoon Viillaan – Kiristaal Paalaas, Eevartan – Bireentifoordi waliin yoo falmatan, Fuulhaam – Woolviis waliin taphata.

Har’a Halkan sa’aatii 2:30 eegalee taphni Maanchiister Siitiin Tootenhaam keessummeessu tapha haalaan kan eegamuudha.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 172 keessaa Siitiin yeroo 68 yoo injifatu, Tootenhaam si’a 67 injifachuun yeroo 37 ammoo qixa bahan.

Qubee TV

22 Nov, 16:01


Ministeerri Geejjibaafi loojistiksii agarsiisa idil addunyaa ‘ethio green mobility 2024’ Finfinneetti eegalchiise.

Qubee TV (Sadaasa 22, 2024) Finfinnee!
Ministeerri Geejjibaafi loojistiksii agarsiisa idil addunyaa ‘ethio green mobility 2024’ Finfinnee warshaa’ Huajian international light industry city’ keessatti eegalchiise.

Agarsiisichi konkolaattota humna ibsaadhaan hojjetaniifi faalama qilleensaa to’achuu keessatti gahee olaanaa akka qabu himame.

Agarsiisicharratti Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taagasee Caafoo, ministirri Geejjibaafi loojistiksii Dr. Alamuu Simeefi angawoonni mootummaa olaanoon biroon argamuun eegalchiisan.

Qubee TV

15 Nov, 09:14


Magaalaa Dirree Dhawaatti konkolaattota elektirikii 3000 ol hojii eegalchiisuuf waliigalteen mallatteeffame.

Qubee TV (Sadaasa 15, 2024) Finfinnee!
Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dhawaa Waggoota sadan dhufan keessatti Bajaajii konkolaataa elektirikiitiin bakka buusuuf waliigalteen mallateefame.

Dirree Dhawaatti konkolaattota elektirikii ammayyaa tajaajila geejjibaa kennan 3000 ol hojii eegalchiisuuf guyyaa kaleessa dhaabbata Swiift Teeknooloojiifi Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa waliin waliigaltee mallatteesse.

Sagantaa waliigaltee kanarratti kan argaman kantiibaan magaalattii Obbo Kadir Juhaar, magaalaan Dirree Dhawaa zoonii daldala bilisaa dabalatee bakka argama industiriiwwan waan taateef tajaajilli geejjibaa ammayyaa sadarkaa magaalattii gitu barbaachisaa ta’uu ibsan.

Kanaafis konkolaattonni elektirikii bu’aa teeknooloojii ammayyaa ta’an gara magaalattiitti galchuun magaalattiin ammayyummaa ishee qabattee akka itti fuftuuf gumaacha guddaa akka qabu dubbatan.

Qubee TV

15 Nov, 07:20


Kantibaan Magaalaa Finfinnee Naannawaa Kaazaanchiis deebisanii misoomsuuf abbootiii qabeenyaa waliin mari’atan.

Qubee TV (Sadaasa 15, 2024) Finfinnee!
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee naannawaa Kaazaanchiis walta’iinsaan deebisanii misoomsuun haala danda’amurratti abbootii qabeenyaa waliin mari’atan.

Aadde Adaanech maricharratti, Magaalaa Finfinnee naannawaa jireenyaaf mijattuu taasisuuf misooma kooriidarii eegalameen, akkuma marsaa jalqabaa marsaa 2ffaas hawaasaafi abbootii qabeenyaa hirmaachisuun qulqullinaafi saffisaan xumuruuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan.

Abbootiin qabeenyaa naannawaa Kaazaanchiis gama isaaniin, misoomni koridariifi hojii deebisanii misoomsuutti hedduu kan gammadan ta’uu ibsan jechuun FBCn gabaase.

Qubee TV

14 Nov, 15:20


Dubartoonni Ameerikaa Kiniinii Ulfa baasuu baayyinaan bitachaa jiru.

Qubee TV (Sadaasa 14, 2024) Finfinnee!
Dubartoonni Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo injifachuu hordofee dorka ulfa baasuu biyyaalessaa yeroo aangootti deebi’an waan kaa'uu malaniif Kiniinii ulfa baasuu baayyinaan bitachaa jiru.

Akka gabaasa Waashingitan Postitti dubartoonni kunneen erga Tiraamp aangoo qabatanii booda qoricha kana argachuun ni daangeffama jedhanii sodaa waan qabaniif heddumminaan bitachaa jiru.

Qubee TV

14 Nov, 14:47


Baankii Biyyaalessaa al-ergitoonni sharafa alaa argatan keessaa walakkaa yeroo hin murtoofneef akka tursisan eeyyame.

Qubee TV (Sadaasa 14, 2024) Finfinnee!
Al-ergitoonni har’a Sadaasa 14, 2024 irraa eegalee sharafa alaa argatan keessaa dhibbeentaa 50 gurguruufi dhibbeentaa 50 ammoo yeroo hin murtoofneef lakkoofsa herregaa isaanii Itoophiyaa qaban keessa kaa’uu kan danda’an ta’uu Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihraatuun akka ibsanitti, al-ergitoonni sharafa alaa argatan birraa dhibbeentaa 50 battalumatti gurguruun kan hafe immoo baatii tokko keessatti akka gurguran dirqamsifamaa turuu yaadachiisan.

Haata’u malee qajeelfama haaraa baheen garuu akka kana duraa sharafa alaa argatan baatii tokko keessatti gurguruuf kan hin dirqamne ta'uu eeran.

Qubee TV

12 Nov, 12:15


Waltajjiin marii Aartii ijaarsaafi guddina biyyaaf jedhu geggeefame.

Qubee TV (Sadaasa 12, 2024) Finfinnee!
Ministeerri Aadaafi ispoortii Waltajjiin marii Aartii ijaarsaafi guddina biyyaaf jedhu ogeeyyii aartii waliin geggeesse.

Mata duree "Aartiin misooma hunda galeessaafi ijaarsa mootummaatiif" jedhuun waltajjii marii ogeeyyota seektara aadaafi ispoortiitiin qophaa'e irratti Ministeerri Aadaafi ispoortii aadde Shaawiit Shaankaa seenaa addunyaa keessatti hojilee biyya tokko guddisanii agarsiisuu keessatti aartiin gahee olanaa qabaata jechuun, akkuma durii ogeeyyiin Aartii hojilee biyyaa cimsanii akka hojjaatan dhaaman.

Qubee TV

10 Nov, 15:50


Dr. Abiyyi Ahimad 'Mandara Beenuunaa' eebbisiisan.

Qubee TV (Sadaasa 10, 2024) Finfinnee!
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad 'Mandara Beenuunaa' kan qarqara Haroo Basaqaatti Ijaarame eebbisiisan.

‘Mandarri Beenuunaa’qarqara Haroo Basaqaatti kan argamu yoo ta’u kutaalee ciisichaa ammayyaa, galma, mana siniimaa, bakka bashannanaa, ispaa, akkasumas oyruu kuduraafi muduraafi Maaddii Guutuu kan hammate ta’uun ibsame.

Ijaarsi mandara kanaa aadaa ijaarsa manaa ijaarsa ammayyaa waliin qindaa’ee kan hojjetame ta’uu himuun, naannawaa sanaaf humna turizimii dabalataa kan uume bakka hawwata tuuriizimii jaallatamaa ta’uu ibsan.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahimad sirna eebbichaarratti ergaa dabarsaniin, ‘Mandarri Beenuunaa’ ni danda’amaa qabatamaan kan argisiiseedha jedhan.

Naannawichi haala qilleensaafi teessuma lafaa rakkisaa akka qabu eeruun, kana dandamachuun mandara bareedaa dhugoomsuun akka danda’ame dubbatan.

Qubee TV

09 Nov, 14:34


Misooma Haroo Basaqaa Yeroo ammaa Suuraan.
📷 Miidiyaa hawaasummaa MM Dr. Abiyyi Ahimad

Qubee TV

09 Nov, 13:50


Hojjettoonni mootummaafi Qonnaan bultoonni dirqamaan 'deeggarsa qarshii milishaaf' taasisaa jiraachuu himan.

Qubee TV (Sadaasa 9, 2024) Finfinnee!
Naannoo Oromiyaa Iddoowwan garaagaraatti qonnaan bultoota, hojjettoota mootummaa dabalatee jiraattonni deeggarsa sagantaa nyaata barattootaan cinaatti baasii milishaatif oolu jedhamee birrii akka buusan dirqisiifamaa jiraachuu himan.

Qonnaan bulaan godina Arsii Lixaa aanaa Kofalee maqaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan, jalqaba bara 2024 irraa eegalee jiraattonni sagantaa nyaata barattootaa, uffata milishaafi dhiyeessii nyaata milishaaf maallaqa akka gumaachan gaafatamuu himan.

”Bulchaa gandaa miseensota milishaa waliin ta’uun gara mana keenya dhufa. Maallaqa uffataafi nyaataa milishootaaf oolu akka kenninu nu gaafatu,” jedhan.

Qonnaan bulaan kun itti dabaluudhaan haala irra deddeebiifi maalummaa gaaffiiwwan kanaa garaagarummaa qabaachuu hime. “Jalqaba irratti yuunifoormii milishaadhaaf maallaqa gaafatu. Guyyoota muraasa booda kan nyaata milishaaf oolu nu gaafatu,” jechuun himan.

Yeroo baay’ee maallaqni gaafatamu bal’ina lafa qonnaan bulaa sanarratti kan hundaa’u ta’uu eeruun, isaan dhiheenya kana nyaata barattootaaf, nyaataafi uffata milishaaf birrii 1,000 akka kennan gaafatamuu isaanii dubbatan.

Barbaachisummaa sagantaa nyaata barattootaa irratti kan amanan ta’us, hanga ammaa “nyaanni tokkollee barattootaaf hin kennamne” jedhan.

Qonnaan bulaan kun itti dabaluudhaan gaaffiiwwan kana mormuun balaa akka qabu himuun. ”Yoo mormine gara waajjira poolisiitti geeffamna,” jechuun dhimma ollaa isaanii maallaqa gaafatame kaffalu diduun guyyoota torbaaf hidhamanii turan akka fakkeenyaatti kaasuun dubbatan.

Haaluma walfakkaatuun magaalaa Shaashamanneetti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kan ta’e Tasfaayee Tolosaa (maqaan kan jijjiirame) mindaa ji’aa birrii 6,000 irraa maallaqa hir’ifamuun yaaddoo qaban ibsan. Qaala’insa jireenyaa dabalaa dhufuun duraanuu fedhii bu’uuraa maatii isaa guutuuf akka rakkisaa itti taasise ibse.

Tasfaayeen ji’atti birrii 600 hanga 700 ta’u deeggarsa milishaa jedhamee akka irraa kutamu hime. “Kun jireenya barsiisotaafi hojjettoota mootummaa ulfaataa taasisaa jira,” jedhan. “Yeroo tokko tokko deeggarsa namoomaa ykn milishaaf akka ta’e osoo nu hin beeksisin mindaa keenya irraa hir’isu” jedhan jechuun Addis Standard gabaase.

Qubee TV

09 Nov, 11:23


Dubartoonni Ameerikaa waggoottaan 4'n dhufan dhiira waliin walqunnamti saalaa akka hin goone uggura eegalan.

Qubee TV (Sadaasa 9, 2024) Finfinnee!
Ulfa baasuun bilisummaadha dubartoonni mirga qaama isaanii irratti murteessu qabu jechuun duula filannoo geggeessaa kan turte Kamalaa Haaris injifatamuu hordofee dubartoonni Ameerikaa dhiira waliin walqunnamti saalaa hin goonu jechuun uggura eegalan.

Mormiin salquunnamtii dhiira waliin hin goonu jedhu Ameerikaatti tibbana haalaan deddeemaa jira. Kunis dubartummaa keenya kabachiifanna jechuun, dhiirri waliin ta’uun wal filatee Pirezidaantii wal taasise jechuun deggartootni Kamalaa Haaris akkasuma dubartoonni Ameerikaa dhiira bira hin geenyu jechuun duula eegalan.

Duula kana kan jalqaban marsariitiiwwan hawaasaa irratti dubartoonni dhiironni bilisummaa keenya nurraa fudhatan qaama keenyatti gammaduu hin qaban nii dhowwanna jechuun ture.

Uggurri kun waggoottaan arfan dhufan bara bulchiinsa Tiraamp guutuu kan itti fufu yoo ta’u, Dubartoonni bilbila isaanii irraa Applikeeshiinii jaalalaa akka haqan waamicha kan taasisuudha.

Tiraamp bara 2017 Hiilaarii Kilinten injifachuun bara 2025 ammoo Kamalaa Haaris injifachuun si’a lama dubartiin yeroo jalqabaaf akka carraa pirezidaantii Ameerikaa ta’uu hin arganne taasisan.

Doonaald Tiraamp yeroo duula filannoo isaaniifi bara aangoo isaanii Ulfa baasuun sababan malee hin danda'amu jechuun kutaalee biyyattii hedduu keessatti dorka ulfa baasuu biyyaalessaa baasuun isaanii ni yaadatama.

Qubee TV

08 Nov, 12:23


Dubartiin duula filannoo Tiraamp qindeessaa turte hoggantuu Waayit Haawus ta’uun muudamte.

Qubee TV (Sadaasa 8, 2024) Finfinnee!
Doonaald Tiraamp dubartii duula filannoosaa qindeesitee milkoofte Suuzii Waayils hoggantuu waajjira Waayit Haawus taasisuun muudan.

Haadha iccitiifi Tarsiimoo jedhamuun kan beekamtu Suuzii Waayils Itti-gaafatamtuu Waajjira Waayit Haawus taasiisuun muudaniiru.

Dubartiin kun namoota Tiraamp aangoo gurguddaarratti tibba kana ni muudu jedhamanii eegaman keessaa ishee tokkodha.

Suuzii Waayils aangoo olaanaa Waayit Haawus argachuun dubartii jalqabaa ta’uu ibsame.

Suuzii Waayils, guyyoota 73 booda Waayit Hawuus kan seenaan Doonaald Tiraampiif gorsituu Imaammataafi hojmaata guyyaa guyyaa ta’uun tajaajilti jedhame.

Waayils duula filannoo keessatti qooda olaanaa kan baate dubartii cimtuu, qaruuxeefi haadha kalaqaa ta’uu ishee Doonaald Tiraamp erga mudama kennanii booda haasawa taasisaniin ibsuu BBCn gabaase.

Qubee TV

08 Nov, 06:56


Qeellam Wallaggaatti himatamaan mana sirreessaa miliquun obboleettiisaa ajjeese duuti itti murame.

Qubee TV (Sadaasa 8, 2024) Finfinnee!
Godina Qeellam Wallaggaatti himatamaan Geetaachoo Mootii jedhamu mana sirreessaa miliquun obboleettiisaa ajjeese duuti itti murtaa’e.

Himatamaa Geetaachoo Mootii jedhamu kun hojjechiisaa isaa waliin waldhabdee keessa seenuun bara A L I 2013 yakka yaalii ajjeechaa cimaadhaan shakkamee to’annoo jala oolfame.

Maddi waldhabdees dhimma maallaqaa yommuu ta’u, himatamaan Obbo Geetaachoon hojjechiisaa isaa irratti yakka yaalii ajjeechaa cimaa akka raawwate Waajjira Abbaa Alangaa Godina Qeellam Wallaggaatti, Abbaa Adeemsaa Dhimmoota Yakka Adda Addaa kan ta’an Qabbannaa Hundasaa himan.

Kanaanis to’annoo seeraa jala erga olee booda, galmeen irratti qulqullaa’ee yakka yaalii ajjeechaa namaa cimaatiin hidhaan cimaa waggaa kudhanii irratti murtaa’ee akka ture himan.

Haata’u malee, sirreeffamaa Obbo Geetaachoonis A L I Waxabajjii 7 bara 2014 rakkoo nageenyaa magaalaa Dambi Doolloo keessatti uumamee ture akka carraatti fayyadamuudhaan mana sirreessaatii miliqe bahuun Laaloo Qileetti imaluun obboleettiisaa waliin jiraachuu eegale.

Haata’u malee Himatamaan kun obboleettiisaa waliin yeroo dheeraa osoo hin jiraatin, ALI Amajjii 17 bara 2016 ganama naannoo sa’aa 4:00 yoo ta’u, obboleettiisaa Leelluu Mootii waliin wal dhabdee keessa galan.

“Waldhabdeen isaanii ‘maallaqa naaf kenni; hin kennu’ kan jedhu ture” kan jedhan Abbaa Alangaa Qabbannaan, himatamaan naannichatti namni jiraachuu dhabuusaa akka carraatti fayyadamuun obboleettiisaa irratti miidhaa geesisuu akka jalqabe himan.

“Haala mijataa kana erga argatee booda muka mooyyeetiin mataashee walakkaa rukkutee afaaniifi funyaaniin dhiiga baase. Dabalees halbeedhaan mormasheefi qaamashee iddoo adda addaa waraanee ishee ajjeese,” jedhan.

Himatamaan kun yakkicha erga raawwatee boodas maallaqa obboleettiisaa birrii kuma 15 kan ta’u keessaa muraasa lafatti harcaasee kaan fudhatee miliqe jedhan.

Kanuma bu'uureffachuun, hordoffii qaamoleen nageenyaa taasisaniin boodarra to’annoo jala oolfame.

Poolisiin aanaa Laaloo Qilees himatamaa to’annoo jala erga olchee booda Abbaa Alangaa Aanaa Laaloo Qilee waliin ta’uun, ragaalee namaafi sanadaa qixeeffatan. Galmeenis gara Waajjira Abbaa Alangaa Godina Qeellam Wallaggaatti darbe.

“Abbaan Alangaa Godinaas ‘himatamaan kun yakka ajjeechaa namaa cimaa raawwateera kan jedhu ilaaluun Seera Yakkaa bara 1996 fooyya’ee bahe Keewwata 539/1/A jalatti himannaa hundeesse,” jedhan Abbaan Alangaa Qabbannaa Hundasaa.

Abbaan Alangaa ragaaleesaa dhiyeeffatee jecha saanii akka kennan kan taasise yemmuu ta’u himatamaan garuu himata irratti dhiyaate ofirraa ittisuu hin dandeenye.

Namni keewwata 539/1/A’n balleessaa jedhame murtee hidhaa umurii guutuu yookiin murtee du’aa kan adabsiisu akka ta’e kan eeran Abbaan Alangaa, himatamaan kuusaa yakkaa qabaachuunsaa akka yaada adabbii cimsutti dhiyaachuusaa himan.

Abbaan Alangaas himatamaan amaleeffataa ta’uusaa eeruun murteen du’aa akka irratti murtaa’u gaafate.

Dhimmicha qorachaa kan ture Manni Murtii Olaanaa Godina Qeellam Wallaggaas dhaddacha Onkololeessa gaafa 25 bara 2017 ooleen fakkaattotasaa ni barsiisa jechuun himatamaa Obbo Geetaachoo Mootii irratti murtee du’aa murteesse jechuun BBC'N gabaase.

Qubee TV

07 Nov, 09:06


Konfiraansiin Addunyaa beelarraa bilisaa jedhu Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Qubee TV (Sadaasa 7, 2024) Finfinnee!
Konfiraansiin Addunyaa beelarraa bilisaa jedhu Finfinneetti bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad jiranitti gaggeeffamaa jira.

Dr. Abiyyi konfiraansii kana irratti ergaa dabarsaniin Beelli deebii tumsa idil addunyaa kan barbaadu ta’uu ibsan.

Qonna jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuu danda’u mirkaneessuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf bu’ura ta’uu Dooktar Abiyyi Ahimad Konfiraansicharratti ibsan.

Tarsiimoon waaraa wabii nyaataa tumsa kan barbaadu ta’uus eeran.

Keessattuu qonnaan bultoota dubartootaaf tumsa taasiisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasan.

Beela addunyaarraa baleessuun murannoo siyaasaa kan barbaadu ta’uu Daayrektarri Olaanaan Dhaabbata Misooma Indaastirii Mootummoota Gamtoomanii Gardi Mulaar ibsan.

Biyyoonni guddatan beela balleessuuf waadaa kana dura galan eeguu akka qabanis gaafatan.

Qubee TV

06 Nov, 14:17


https://youtu.be/58RhL1uqzks?si=X-E9wygT4XB4qEmm

Qubee TV

06 Nov, 08:44


Dooktar Abiyyi, Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa Doonaald Tiraampiif ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Qubee TV (Sadaasa 6, 2024) Finfinnee!
Ministirri Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiyyi Ahimad, Doonaald Tiraamp Pireezidaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun filatamuu isaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan.

Qubee TV

06 Nov, 07:13


Doonaald Tiraamp Pirezidaantii Ameerikaa haaraa ta'anii filatamuu 'Fox News' Addaan baafachuu beeksise.

Qubee TV

06 Nov, 04:45


Filannoo pirezidaantummaa Ameerikaa irratti Tiraamp baay’ina bakka bu’ootaatiin dursaa jiru.

Qubee TV (Sadaasa 6, 2024) Finfinnee!
Ameerikaa keessatti kutaalee biyyattii hedduu keessatti buufataaleen filannoo cufamanii sagaleen filannoo lakka'ama kan jiran yoo ta’u, Tiraamp filannoo kana ni injifatu jedhamee bal’inaan eegama.

Adeemsa filannoo kana kallattiin gabaasaa kan jiru CNN, hanga ammaatti filannoo bakka bu’oota 230'n Tiraamp dursaa jira.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, Kamalaa Haaris hanga ammaatti sagalee bakka bu’aa 192 argattee jirti.

Filannoo kana injifachuuf sagalee bakka bu'aa 270 barbaachisa.

Qubee TV

05 Nov, 11:46


Xiyyaarri Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Bitee A350-1000 Finfinnee seene.

Qubee TV (Sadaasa 5, 2024) Finfinnee!
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Dhaabbata “Air Bus” irraa xiyyaarri bite A350-1000 Faransaay irraa ka’uun Finfinnee gale.

Daandiin qilleensichaa xiyyaraa Afrikaarraa kan jalqabaa ta’e kanas “Itoophiyaa Argama Dhala Namaa” jedhu moggaase.

Qubee TV

05 Nov, 11:34


Mirgii Ulfa baasuuf dhiisuu dubartootaa Filannoo Ameerikaa har'a geeggeeffamaa jiru irratti maaliif xiyyeeffannoo argate

Qubee TV (Sadaasa 5, 2024) Finfinnee!
Kamalaa Hariisiifi Doonaald Tiraamp duula filannoo pirezidaantummaa isaanii keessatti mirgi ulfa baasuu maaliif caalaatti irratti xiyyeefatan

Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, bara 2024tti kaadhimamaa Paartii Rippabilikaan ta'uun filannoo geggeessaa jiru guyyaa har’aa, bara 2017- 2021 bar aangoo isaanii yeroo jalqabaaf abbootii murtii Mana Murtii Olaanaa sadii muudanii turan hundi isaanii iyyu mirga ulfa baasuu guutuu biyyatti kuffisuuf sagalee kennan yeroo sanitti.

Tiraamp murtee kanaan akka boonan duula filannoo isaaniin ibsaniiru, keessumaa jalqaba baatii Adoolessaa keessa morkataa isaanii paartii Dimookiraatotaa, Itti Aantu Pirezidaantii yeroo ammaa Kamalaa Haaris waliin falmii tamsaasa kallattiin taasisaniin "murteessu kootiin tajaajila guddaa hojjedheera," jechuun, "murteessuuf ija jabina barbaada ture, Manni Murtii Olaanaanis kana hojjechuuf hamilee guddaa qaba ture" jedhan.

Haaris mirga ulfa baasuu duula filannoo ishee keessatti qaama barbaachisaa taasisteetti Haasaa taasifteenis, Tiraamp uggura ulfa baasuu kutaalee biyyattii 20 ol keessatti tumame waliin hidhata qaba jette. Akka pirezidaantitti yoo na filattan dubartoonni Ameerikaa keessa jiraatan kutaa biyyaa kamiyyuu osoo hin qoodin ulfa baasuu akka danda'an gochuuf akka hojjettus dubbatte.

Haaris Kibxata darbe Waashingitan diisii keessatti haasawa duula filannoo irratti, “Wanta Doonaald Tiraampiifi abbootiin murtii Mana Murtii Olaanaa harkaan filataman dubartoota Ameerikaa irraa fudhatan deebisuuf nan qabsaa’a,” jette. Ji’a Adoolessaa keessa falmii isaanii irratti Haaris Tiraamp yoo filataman uggura ulfa baasuu biyyaalessaa ni tuma jettee turte.

Kamalaa Hariis ulfa baasuun bilisummaadha jechuun dubartoonni mirqa qaama isaanii irratti murteessu qabu yeroo jettu Tiraamp ammoo sababa malee ulfa baasuun hin danda'u jechuun bara aangoo isaa ugguree ture.

Filannoo Ameerikaa har'a geeggeeffamaa jiruunis sagaleen dubartootaa xiyyeeffannoo argateera.

Qubee TV

05 Nov, 09:19


Itoophiyaan liqii Doolaara miiliyoona 738.2 Sudaan Kibbaaf kennite.

Qubee TV (Sadaasa 5, 2024) Finfinnee!
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 4ffaa har’a gaggeesseen waliigaltee mootummaan Itoophiyaa Sudaan Kibbaaf liqii Doolaara miiliyoona 738.2 dhiyeessuuf bara darbe mallatteesse raggaasise.

Liqiin kun Itoophiyaafi Sudaan Kibbaa daandiin walqunnamsiisuuf kan oolu yoo ta’u, daandiin kun daangaa Itoophiyaa irraa ka’ee hanga Sudaan Kibbaatti kiiloo meetira 220 kan dheeratu ta’a.

Waliigalteen faayinaansii kun Caamsaa bara 2023 kan mallatteeffame yoo ta’u, Manni Maree Ce'umsa Biyyaalessaa Sudaan Kibbaa ji’a Waxabajjii darbe raggaase.

Waliigalteen liqii kun yeroo boqonnaa waggaa shanii kan qabu yoo ta’u, waggoota 10 keessatti kan deebi’u ta’uun ibsame.

Akkaataan liqiin kun deebi’uus kaashii maallaqaan ykn boba’aan yoo ta’u, biyyi liqii fudhate boba’aadhaan kan deebisu yoo ta’e baasii mataa isaatin hanga Poort Sudaan geessuun dirqama ta’uu eerame.

Maddi: AS

Qubee TV

04 Nov, 10:20


Duulli Filannoo Ameerikaa har'a xumurama sagalee kennuun ammoo guyyaa boruu gaggeeffama.

Qubee TV (Sadaasa 4, 2024) Finfinnee!
Wal morkiin guddaan geggeefama kan ture duulli Filannoo Ameerikaa har'a xumurama sagalee kennuun ammoo guyyaa boruu gaggeeffama.

Filaannoon Ameerikaa kun ummata biyyattii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti filannoo xiyyeeffannoo olaanaa qabuudha.

Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Hariis pireezidantii Ameerikaa ta'uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.

Guyyaa dhumaa kanatti gareen duula filannoo Hariis gara Pensilvaaniyaatti yoo duulu, Tiraamp ammoo gara Kaaba Kaarolayinaa, Pensilvaaniyaafi Michigaan imala.

Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte.

Tirmaap gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jedhu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.

Oduun sobaafi waliin dhahuun filannoo Ameerikaa burjaajii hamaa uumuu BBC'n gabaase.

Qubee TV

04 Nov, 09:33


Somaaliyaan imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaatiin ala baasuuf ta’uu ibsite.

Qubee TV (Sadaasa 4, 2024) Finfinnee!
Mootummaan Somaaliyaa imbaasii Itoophiyaa mooraa masaraa mootummaa Somaaliyaatiin ala baasuuf ta’uu ministeerri dhimma alaa Somaaliyaa beeksise.

Mooraa Imbaasii Itoophiyaa iddoo kanaan dura turetti akka deebi’u kan taasifamu ta’uu ministeerichi ibsa miidiyaaleef kenneen beeksise.

Teessoon imbaasii Itoophiyaa masaraa mootummaa Somaaliyaa keessa turuu ibsuun taateen kun Somaaliyaanota hedduu mufachiisuun ibsame. Kanaafuu, imbaasiin Itoophiyaa “iddoo duraan turetti” akka deebifamu akka taasifamu ibse.

“Iddoon imbaasiin Itoophiyaa duraan ture tajaajila homaa hin qabu waan ta’eef mooraa sana haaromsine imbaasichi garasitti akka deebifamu taasifna,” jedhan.

Qubee TV

02 Nov, 14:42


Shaampiyoonaan Kubbaa harkaa dargaggoota Afriikaa Finfinneetti geggeefamuu eegale.

Qubee TV (Sadaasa 2, 2024) Finfinnee!
Shaampiyoonaan Kubbaa harkaa Dargaggootaafi guddattoota Afriikaa qopheessummaa Itoophiyaan dorgomamu Akkaadamii Ispoortii Itoophiyaatti geggeefamuu eegale.

Dorgommii kanarratti Itoophiyaa dabalatee Ispoortessitoonni umriinsaanii 18fi 20 gadii biyyoota Afriikaa 10 irraa walitti bahan qooda fudhatu jedhame.

Dorgommichi hanga Onkoloolessa 27’tti kan turu yoo ta’u, Itoophiyaan taphashee jalqabaa garee umrii 18 gadiitiin boru Zaambiyaa waliin morkatti.

Qubee TV

02 Nov, 13:04


Waltajjiin fooramii waloo miidiyaalee Afaan Oromoofi Qunnamtii Uummataa Adaamaatti gaggeeffame.

Qubee TV (Sadaasa 2, 2024) Finfinnee!
Waltajjiin fooramii waloo miidiyaalee Afaan Oromoofi Qunnamtii Uummataa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffame.

Fooramicha irratti haasaa kan taasisan Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa Fooramiin Miidiyaafi Quunnamtii uummataa dantaa uummataa eegsisu galma godhatee hojjeta jira jedhan.

Fooramiin waloo miidiyaalee Afaan Oromoofi Qunnamtii Uummataa kun yaa'iinsa odeeffaannoo hogganuuf xiyyeeffannoon kan hojjetu ta'uus dubbatan.

Ilaalcha faallaa sabdaneessuummaa ta'an cabsuufi seennessa waloo ijaaruu keessattis hojjechaa jiraachuu himan.

Waltajjiin fooramii waloo kunis bakka Hoggantonni Biiroo Kominikeeshinii Naannoo Oromiyaa, Miidiiyaalee Afaan Oromoofi Daayrektaronni argamanitti gaggeeffamuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.

Qubee TV

02 Nov, 07:12


Kirkirri Lafaa kaleessa halkan sa’aatii 6:30 irra deebiin Awaash Fantaalleetti mudate.

Qubee TV (Sadaasa 2, 2024) Finfinnee!
Awaash Fantaalleetti kaleessa halkan sa’aatii 6fi 30'n kirkirri lafaa irraa deebiin mudachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Inistiitiyuutiin Ji’oofiiziksii Hawaafi Astiroonomii beeksise.

Awaash Fantaalleetti kaleessa guyyaarra eegale kirkirri lafaa hanga garaagaraa qabu mudachuu Yuunivarsiitii Finfinneetti hogganaan kutaa Barnoota Sosimooloojii piroofesar Attalaay Ayalee dubbatan.

Eda halkan sa’aatii 6:30 irratti kirkirri lafaa Olaanaa Reektar Iskeelii 4.6 mudachuus ibsan.

Kirkirri lafaa Awaash Fantaalleetti mudate magaalaa Finfinnee kutaalee magaalaa garaagaraatti dambaliin isaa mudachuu Piroofesar Attalaa himan.
Maddi: FBC

Qubee TV

02 Nov, 06:19


Tapha Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 10ffaan morkiin Maanchiister Yuunaayitiid, Cheelsii waliin taasisu ni eegama.

Qubee TV (Sadaasa 2, 2024) Finfinnee!
Tapha Piriimeer Liigii Ingilaand torbee 10ffaan morkiin Maanchiister Yuunaayitiid, Cheelsii waliin dilbataa borii taasisu ni eegama.

Taphoota torbee 10ffaa keessaa taphni Niiwkasiil – Arsenaal, Maanchiister Yunaayitiid – Cheelsii, Liivarpuul – Biraayitan keessummeessan taphoota hawwii guddaan eegamudha.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee Niwuukaasiil Yuunaayitiid Arsenaal waliin morkiin taasiisu xiyyeeffannoo argateera.

Galgala sa’aatii 12:00 irraa jalqabee Boornimaawuuz – Maanchiister Siitii, Ipsiwiich Taawoon – Leesister Siitii, Liivarpuul – Biraayitan, Notiingihaam Forest – Weesthaam, akkasumas Saawuuzhampiton – Eevartan waliin ni morkatu.

Halkan sa’aatii 2:30 jalqabee Woolviis – Kiristaal Paalaas waliin ni morkata.

Qubee TV

01 Nov, 16:06


Shawaa Kaabaatti Bulchaan Aanaa Waacaalee hidhattootaan ajjeefaman.

Qubee TV (Sadaasa 1, 2024) Finfinnee!
Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti bulchaa aanaa Waacaalee kan ta'an Obbo Nugusee Kooruu guyyaa har'a Sadaasa 01, 2024 rasaasa hidhattootaan ajjeefaman.

Obbo Nuguseen har'a ganama naannawa Kaarraa jedhamutti rakkoo nageenyaa uumamee hordofuuf wayita socho'anitti rasaasa qaamolee hidhatan irraa itti dhukaafameen ajjeefamuu Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa ibse.

Waajjirichi ajjeechaan kun "ABO Shaneetin [maqaa mootummaan Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ittiin waamu] raawwatame" jedhe.

Obbo Nuguseen kanaan dura godina Shawaa Kaabaatti bulchaa aanaa Alaltuu ta'uun tajaajilaa kan turan yoo ta'u, Aanaa Waacaalee akka bulchan kan muudaman torban lama dura ta'uu odeeffannoo godinicha irraa arganne ni mul’isa.

Waajjirri Paartii Badhaadhinaa godinichaa ibsa baaseen ajjeechaa miseensa isaatin gadda itti dhagahame ibsuun, maatiifi firoottan isaaniif jajjabina hawweera.
Maddi: Addis Standard

Qubee TV

01 Nov, 12:45


Namoonni gudeeddii shamarran lamaan viidiyoon isaanii qoodamaa tureen shakkaman jaha to’ataman.

Qubee TV (Sadaasa 1, 2024) Finfinnee!
Namoota torbee kana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessa harka qabaachuun shakkaman jaha to’ataman.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuufi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluun ibsame.

Waajjira dhimma dubartootaafi daa’immanii magaalaa Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwateefi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan.

Qubee TV

01 Nov, 12:32


Ruuban Amooriim leenjisaa Maanchiister Yuunaayitiid ta’uun mallatteessan.

Qubee TV (Sadaasa 1, 2024) Finfinnee!
Lammiin Poorchuugaal Ruuban Amooriim Bakka Eriik Teen Hag bu'uun leenjisaa olaanaa Maanchiister Yuunaayitiid ta’uun mallatteessan.

Leenjisaa Ispoortiing Liizban kan turan Ruuban Amooriim hanga bara 2027tti Olt Tiraafoord turuuf waliigaltee mallatteessan jedhame.

Qubee TV

01 Nov, 07:07


MM Dr. Abiyyi Itoophiyaan Galaana Diimaa karaa nagaan argachuun akka ishee barbaachisu addunyaan dhagahu qabdi” jedhan.

Qubee TV (Sadaasa 1, 2024) Finfinnee!
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad kaleessa Onkoloolessa 31, 2024 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti gaaffii dhiyaateef wayita deebii laatan Itoophiyaa Galaana Diimaa irratti “dantaa biyyaalessaa hin raafamne” akka qabdu dubbatan.

Dr. Abiyyi dhimma handaara galaanaa argachu ilaalchisee ibsa miseensota mana marichaaf laataniin “Itoophiyaan dantaa biyyaalessaa hin raafamne qabdi. Itoophiyaan Galaana Diimaa karaa nagaan argachuun akka ishee barbaachisu addunyaan dhagahu qabdi” jedhan.

Dhimma Galaana Diimaa irratti of dhoksuufi boodatti deebi’uun akka hin barbaachifne kan ibsan Dr. Abiyyi, itti dabaluudhaan “nuti waraanas ta’e humnaan argachuu hin barbaannu. Garuu seeraafi muuxannoo biyyootaa kamuun argachuuf ni hojjenna” jedhan.

Kana malees, gaaffiin Galaana Diimaa ragaafi sababa gahaan kan deeggarame ta’uu ibsuun, “gaaffii kana nuti yookaan ijoolleen keenya galmaan ga’u” jedhan.

Dhimma waliigaltee ulaa galaanaa Somaalilaand waliin irra gahame ilaalchisee warreen seenessa “Itoophiyaan dachee Somaaliyaa fudhachuuf waliigalte taasifte” jedhu uumuuf yaalan jiru. Nuti garuu liizii waggaa 99 isaan gaafannee kan nuuf eeyyaman kan waggaa 50ti” jedhan.

Itti dabaluunis, “Liiziin waggaa 50 akkamitti saamicha lafaa ta’uu danda’a?” jechuun gaafatan.

“Nuti Somaaliyaatti aanee biyya hawaasa Somaalee baayyee qabu waan taaneef obboloota keenya waliin ajandaa biraa hin qabnu. Wanti nuti jechaa jirru karra galaanaa xiqqaa nuuf kennaadha,” jedhan.

Itoophiyaan biyya kamiinuu waliin wal waraanuuf fedhii akka hin qabne ibsan. Itti dabaluun, “har’a eenyullee humnaan Itoophiyaa weeraruu hin danda’u, eenyullee!” jedhan.

“Ofirraa ittisuuf dandeettii gahaa qabna. Wantoota duraan bituuf rakkannu amma oomishuu jalqabneerra. Gootas qabna, yoo nu tuqan duubatti hin deebinu” jedhan.

Qubee TV

01 Nov, 06:14


https://youtu.be/DfFvUnJTnKQ?si=7rwNrhsIoIj4Uy2E

Qubee TV

31 Oct, 14:19


Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Dameewwan Ismaartii (SMART Branches) 200 Hojii Eegalchiisuusaa Ifoomse

Qubee TV (Onkolooleessa 31, 2024) Finfinnee!
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa dameelee Ismaastii 200 ol ta'an guutuu biyyaatti eebbisuun hojii eegalchiise.

Tarkaanfiin fudhatame kun qaqqabummaa tajaajila baankii lammiilee hundaan ga'uu kan kaayyeffate yoo ta'u, maamiltoonni, taabileetota ammayyaa'oo haala mijataa ta'een dameelee baankichaa keessa ka'aaman fayyadamuun tajaajila baankii barbaadan hunda karaa fayyadama waraqaa (Maanuwaalii) irraa walaba ta'een akka argatan kan dandeessisuudha.

Haaluma kanaan maamiltoonni, kennawwan tajaajila baankii barataman kan waraqaa irratti hundaa'an irratti osoo hin hirkatin, tajaajiloota akka maallaqa galchuu, baasuufi dabarsuu/erguu/salphaatti argachuu danda'u.

Qubee TV

31 Oct, 10:08


Imbaasiiwwan gabaa gurraachaa irratti hirmaachuun qabeenya Itoophiyaa saaman jiraachuu MM Abiyyi Ahimad ibsan.

Qubee TV (Onkolooleessa 31, 2024) Finfinnee!
Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad, Imbaasiiwwan teessoo isaanii Finfinnee taasisan tokko tokko “hojiin isaanii qabeenya Itoophiyaa saamuufi daldala sharafa alaa ta’e” jiraachuu dubbatan.

Muummichi Ministiraa kana kan ibsan walgahii idilee Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa adeemsifamaa jiru irratti gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka’aniif deebii yeroo kennanidha.

"Imbaasiiwwan hojiin isaanii gabaa gurraacha (dadabarsa maallaqa seeraan alaa) gaggeessuu ta'e jiru, nuti garuu haalli akka hin badneef jennee isaanii obsine," kan jedhan Dr. Abiyyi, itti dabaluun "Imbaasii hariiroo gaarii hin qabne kamiyyuu hin barbaannu," jedhan.

Dr. Abiyyi Imbaasiiwwan jedhaman kana maqaadhaan kan hin ibsine yoo ta’u, ta’uus hordoffiin cimaan akka irratti taasifamuufi yoo hin sirreeffamne tarkaanfiin akka fudhatamu haasawa isaanii keessatti akeekan.

Itti dabaluunis namoota maqaa dhaabbataatin, maqaa Firaankoo Vaalootaan, akkasumas maqaa daldala warqeetiin gabaa Itoophiyaa jallisan jiraachuus kaasan.

Doolaarri gabaa gurraachaafi warqeen karaa geejjiba baaburaafi konkolaataan biyyaa akka bahu kan ibsan MM Abiyyi, itti dabaluudhaan saamicha kana ittisuun barbaachisaa ta’uu ibsan.

Qubee TV

31 Oct, 07:35


Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walgahii idilee gaggeessaa jira

Qubee TV (Onkolooleessa 31, 2024) Finfinnee!
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa har'a bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad argamanitti walga'ii idilee 3ffaa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa gaggeessaa jira.

Walga’icha irratti ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa teessoo isaanii Finfinnee taasisan, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantiifi hoggantoonni mootummaa argamaniiru.

Miseensonni mana marichaas MM Abiyyi Ahimadiif gaaffileefi yaadaa garaa garaa dhiyeessaa jiru, deebiis laatamaa jira.

Qubee TV

30 Oct, 16:52


Magaalaa Finfinneetti Barattoonni Musliimaa sababa uffannaa barnoota irraa dhorkaman akka deebi’an Majliisni gaafate.

Qubee TV (Onkolooleessa 30, 2024) Finfinnee!
Magaalaa Finfinnee manneen barnoota tokko tokko keessatti barattoota musliimaa shamarranii irratti sababa uffannaa isaaniin “dhiibbaafi dararaa amantaarratti xiyyeeffate” irratti gahaa jiraachuu Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee ibse.

Manni marichi dhimma kana ilaalchisee xalayaa Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinneetti ergeen, “dhiibbaan” barattoota musliimaa irratti gahaa jira jedhe kun torban lama lakkoofsisuu ibse.

Tibbana barattoonni musliimaa shamarranii niqaaba uffatanii mooraa mana barumsaa keessa akka hin seenne dhorkamuufi sababa kanaan barattoonni hedduun torban lamaaf barnootaa ala ta’uu isaanii dhimma ijoo miidiyaa hawaasaa ta’eera.

Sana hordofee majliisni Finfinnee xalayaa barreesseen rakkoon kun erga uumame kaasee caasaan majliisa aanaaleefi kutaalee magaalaa manneen barnoota kanneen keessatti argaman jiru marii bal’aa taasisuun furmaata fiduuf yaalii taasisuu ibse.

Haaluma kanaan waliigaltee manneen barnootaa muraasa waliin irra gahameen barattoonni kunneen gara barnoota isaanitti akka deebi’an kan taasifame ta’uus, “guyyoota muraasa booda haala waliigalticha irraa baheen barattoonni haguuggii afaanillee akka hin godhanne dhorkamaniiru,” jedhe.

Uffannaan barattoota musliimaa kanneen “qajeelfama naamusaa biiroon barnoota magaalichaa baase kan hin cabsine” ta’ee otoo jiruu, sababa hoggantoota tokko tokkoon barattoonni barnoota isaanirraa akka ittifaman taasifamuun barattoota irratti dhiibbaa xiin-sammuu uumuu ibse.

Gochi kun “deeggarsa seeraa kamuu kan hin qabneefi hawaasa musliimaafi mootummaa walitti buusuuf” kan yaadame ta’uu ibsuun, barattoonni mirgi isaanii eegamee gara barnoota isaanitti akka deebi’an gaafate.

Dhimma kana ilaalchisee biiroon barnootaa magaalichaa hanga ammaa waan ifatti ibse hin qabu.
Maddi: Addis Standard

Qubee TV

30 Oct, 12:00


Shaampiyoonaan Kubbaa harkaa Afrikaa Sadaasa 2 hanga 6, 2024tti Finfinneetti geggeefama.

Qubee TV (Onkolooleessa 30, 2024) Finfinnee!
Shaampiyoonaan Kubbaa harkaa Dargaggootaafi guddattoota Afrikaa Sadaasa 2 hanga 6, 2024tti Finfinneetti geggeefama.

Dorgommii Kubbaa harkaa kana irratti biyyoonni Afrikaa 11 kan hirmaatan yoo ta’u, hirmaattonni dorgomichaa dargaggoota umrii 20 gadiifi guddattoota umrii 18 gadii ta’uun himame.

Shaampiyoonaan Kubbaa harkaa Afrikaa kun mataduree Ispoortiin misooma Afrikaaf jedhun kan qophaa'u ta’u Pireezidaantii Federeeshinii Kubbaa harkaa Itoophiyaa Dooktar Fitii Waldesanbat himan.

Shaampiyoonaa kana irratti Itoophiyaan guddattoota umrii 18 gadiin kan hirmaattu ta’u Pireezidaantichi ibsan.

Hirmaattonni dorgommii kanaa har'a irraa eegaluun Itoophiyaa kan seenan ta’uun himame.

Qubee TV

30 Oct, 10:11


Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa bor walgahii idilee ni taa'aa.

Qubee TV (Onkolooleessa 30, 2024) Finfinnee!
Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa bakka Ministirri Muummee Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti bor walgahii idileesaa akka taa'u ibsame.

Walgahii Idileessaa kanaan yaadaafi gaaffii bakka bu'oota uummataa irraa dhiyaateef Dr. Abiyyi deebii akka kennan ibsame.

Qubee TV

29 Oct, 19:24


Somaaliyaan dippiloomaatonnii Itoophiyaa sa’aatii 72 keessatti biyyichaa akka ba'aniif ajaje.

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Somaaliyaan dippiloomaatonnii Itoophiyaa dhimmoota keessoo isaan hin ilaalanne keessa seenan jechuun sa’aatii 72 keessatti biyyichaa akka ba'aniif ajaje.

Namni Somaaliyaatti dhimmi kun isaan ilaalatu Alii Muhammad Adaan, sa’aatii odeeffannoon kun tamsa'e irraa ka'ee sa’aatii 72 keessatti dippiloomaatonnii Itoophiyaa biyyichaa akka ba'aniif ajajni darbuu ibsan.

Ali Muhammad dippiloomaatonnii Itoophiyaa dhimma keessoo somaaliyaa keessa seenan jedhan malee dhimmicharratti waan jedhan hin qaban.

Qubee TV

29 Oct, 14:14


Itoophiyaan humna elektirikii gara biyyoota ollaatti erguun ji’oota sadi keessatti Doolaara miiliyoona 31 ol argatte

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Itoophiyaan ji’oota sadan darban keessatti humna elektirikii gara biyyoota ollaa sadi Keeniyaa, Jibuutiifi Sudaan erguun galii Doolaara miiliyoona 31 ol akka argatte Humna Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Ji’oota sadan darbanitti humni elektirikii meeggaa waattii 314,931 gara Keeniyaatti kan ergame yoo ta’u, kanaan maallaqni Doolaara miiliyoona 20.5 argamuu hogganaan gurgurtaafi bulchiinsa galii dhaabbatichaa Minilik Geetaahuun himan.

Itoophiyaan yeroo ammaa kana humna elektirikii Jibuutii, Sudaaniifi Keeniyaatti gurguraa akka jirtu kan eeran hogganichi, ji’oota sadi keessatti humna elektirikii meeggaa waattii kuma 169 ol gara Jibuutii erguun doolaara miiliyoona 10 ol argamuu ibsan.

Qubee TV

29 Oct, 11:55


Hiizboolaahaan Naa’iim Qaasiimiin hogganaa garichaa taasisuun filate.

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Gareen Hidhattootaa Libaanoos Hiizboolaahaan Naa’iim Qaasiim hogganaa garichaa taasisuun filate.

Hogganaa garichaa kan turan 'Hasan Naasiraallaah'n haleellaa Israa’eeliin ajjeeffamuu hordofee Naa’iim Qaasiim hogganaa Hiizboolaah ta’uun filataman.

Maanguddoo umrii 71 kan ta’an Naa’iim Qaasiim kana dura garicha keessatti sadarkaa garaagaraatti tajaajilaa turuu isaanii ‘Reuters’ gabaase.

Hasan Naasiraallaah bakka bu’u jedhamee eegamaa kan ture Haashiim Seefayyeeddiin torbee dura ajjeeffamuun kan yaadatamuudha.

Qubee TV

29 Oct, 08:23


Viidiyoon safuu hawaasaa cabseefi shamarran lama walcinaatti osoo gareedhaan gudeedamanii mul’isu Magaalaa Naqamtee ta'uun mirkana'e.

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Dilbata Onkololeessaa 27, 2024 guyyaarraa eegaluun viidiyoon safuu hawaasaa cabseefi shamarran lama walcinaatti osoo gareedhaan gudeedamanii mul’isu miidiyaa hawaasummaa irratti qoodamaa ture magaalaa Naqamtee ta'uun mirkana'e.

Viidiyoo kanarratti akka mul’atutti shamarran lama walcinaatti dargaggootaan yoo gudeedaman dhiironni kan biraa ammoo viidiyoo waraabaa yoo itti qoosan dhagahama.

Shamarran lamaan kanneen bifa ijoollummaa qabaniifi fuullisaaniis viidiyoo sanarratti mul’atu gochaan kanaan miidhamuu sagalee isaan dhageessisan irraa ni hubatama.

Viidiyoon gocha al-seerummaafi safuu hawaasaa cabse kun erga miidiyaa hawaasummaa irratti qoodame booda namoonni hedduun miira dallansuutiin dhimmicharratti barreessaa turan.

Yakki kun magaala Naqamtee keessatti raawwachuu Hogganaan Qajeelcha Poolisii Magaala Naqamtee Komishinar Shaalloo Galataa BBC'f mirkaneessan.

Akka isaan jedhanitti taaten kun kan raawwate amma osoo hin taane ALItti Fulbaana 7, 2017 raawwate jedhan.

"Namoonni shakkaman lama barbaadamaa jiru. Namni to'atame hin jiru," jechuun dhimmicha qorataa akka jiran himan.

Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daaa’immanii Oromiyaas gamasaan, viidiyoo kana akkuma arganiin hojii qulqulleeffachuu jalqabuu Hoggantuun biirichaa Aadde Mabraatee Baacaa himan.

Ijoolleen dubaraa lamaan yakki gudeeddii garee vidiyoodhaan deeggarame irratti raawwatame kunneenis barattootaa ta’uus himan.

“Ijoolleen dhiiraa yakka kana raawwatanis afur akka ta’aniifi ijoolluma baajaajii hojjetan akka ta’e adda baafanneerra. Inni tokko baajaajii achumatti gatee akka miliqee odeeffannoo qaba. Kaanis akka too’ataman caasaa nageenyaaf kallattiin kennameera,” jedhan.

Ijoollee yakkichi irratti raawwatame keessaa maatii miidhamtuu tokkoo qunnamanii akka yaala argataniif hojjetamaa jiraachuus dubbatu.

Qubee TV

28 Oct, 21:53


Taphataan sarara gidduu Ispeeniifi Maanchistar Siitii Roodriin Baaloon D'Or 2024 injifate.

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Taphataan sarara gidduu Ispeeniifi Maanchistar Siitii Badhaasa Baaloon D’Or bara 2024 injifate.

Qubee TV

28 Oct, 21:36


Badhaasa Baaloon D'Or 2024 dubartootaan taphattuun Baarseloonaa Aayitaanaa Bonmetti injifatte.

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Badhaasa Baaloon D'Or 2024 yeroo 68ffaaf har'a Faransaayitti geeggeeffamaa jiruu dubartootaan taphattuun Baarseloonaa Aayitaanaa Bonmetti yeroo 2ffaaf injifatte.

Qubee TV

28 Oct, 21:27


Laamiin Yamaal Badhaasa Koppaa Tiroofii taphataa ganna 21 gadiif kennamu injifate.

Qubee TV (Onkolooleessa 29, 2024) Finfinnee!
Badhaasa Koppaa Tiroofii jedhamu taphataa cimaa ganna 21 gadiif kennamu Laamiin Yamaal, Baarseloonaa irraa injifate.

Taphataan umurii 17 gadii badhaasicha yoo injifatu kun isa jalqabaati.

Ardaa Guuler, Riyaal Maadirid irraa lammaffaa, taphataan Maanchister Yuunaayitid Koobii Mayinuu sadaffaan xumuran.

Qubee TV

28 Oct, 12:05


Leenjisaan Maanchiisteer Yuunaayitiid Eerik Teen Hag hojiirraa gaggeeffaman

Qubee TV (Onkolooleessa 28, 2024) Finfinnee!
Leenjisaan Maanchiister Yuunaayitiid Eerik Teen Hag hojiirraa gaggeeffaman.

Qubee TV

28 Oct, 11:19


Lammiileen Itoophiyaa 56 Jibuutii irraa gara biyyaatti deebi’an.

Qubee TV (Onkolooleessa 28, 2024) Finfinnee!
Lammiileen Itoophiyaa 56 karaa Jibuutii qaxxamuruun gara biyyoota Baha Giddugaleessaa, keessumaa gara Yaman deemuuf kaayyoo qabatanii biyyaa bahuun haala rakkisaa keessa turan gara biyyaatti deebifamuu ibsame.

Jibuutiitti Imbaasiin Itoophiyaa Dhaabbata Godaantoota Idil-addunyaa (IOM) waliin tahuun godaantota kanneen xiyyaaraan gara biyya isaanitti deebisuu beeksise.

Daandiin Itiyoo-Jibuutii-Yaman balaa garmaleedhaan kan guutame ta’uurra darbee sababa daddabarsitoota seeraan alaatiin lammiileen hedduu guyyaa guyyaan du’aaf saaxilamuu imbaasichi ibse.

Baatii tokkoon dura qarqara galaanaa Jibuutiitti bidiruun lama godaantota 320 fe’anii turan dhidhimuun godaantonni Itoophiyaa 48 lubbuun isaanii darbuu ni yaadatama.

Bidiruuwwan kunneen kan dhidhiman kaaba lixaa Jibuutii naannoo Angaaritti qarqara galaanaa irraa meetira 150 fagaatanii akka ta’e ibsame.

Qubee TV

28 Oct, 03:57


https://youtu.be/OgJ_UWYJ86g?si=jzfjOqSbF7gq3y71

Qubee TV

25 Oct, 12:14


Itoophiyaan dhibee pooliyoo irraa bilisa ta'uutti dhihaachuu UNICEF ibse.

Qubee TV (Onkolooleessa 25, 2024) Finfinnee!
Itoophiyaan “yeroo kamiyyuu caalaa dhibee pooliyoo irraa bilisa ta'uuf dhihaachuu” Dhaabbata Deeggarsaa Daa’imanii Mootummoota Gamtoomanii (UNICEF) ibsa kaleessa Onkoloolessa 24, 2024 baaseen beeksise.

Dhaabbatichi ibsa isaatiin “qormaanni hafan jiraatanis duula cimaan irra aanuu akka danda’amu” ibse.

Itoophiyaa pooliyoo irraa bilisa taasisuuf kaka’umsa mootummaa, michoota misoomaafi hojjettoota fayyaa adda duree ta’aniin bu’aa gaariin akka argame eerame.

Haa ta’u malee, ammas qormaanni hafan akka jiran eeruun, keessumaa vaayirasiin pooliyoo (CVDPV2) kan dhiheenya kana biyyoota ollaa keessatti mul’ate gara biyyaatti akka hin galleef yaaddoon guddaa jiraachuu akeeke.

Vaayirasiin pooliyoo (CVDPV2) bara 2024tti biyyoota ollaa keessatti namoota 14 irratti mul’achuu eeruun, bara 2019-2022 gidduutti namootni 65 vaayirasichaan qabamuun gabaafamuusaas yaadachiise.

Qubee TV

25 Oct, 08:33


Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi maallaqaan adabaman.

Qubee TV (Onkolooleessa 25, 2024) Finfinnee!
Yakka Haasawa jibbiinsaa tamsaasuufi walitti bu’iinsa kakaasuun kan himataman Obbo Taadiyoos Taantuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi Birrii kuma 20 adabaman.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddachi Dhimmoota Heeraafi Heera Mootummaa ramaddiin Lidataa, Obbo Taadiyoos Taantuun yakkoota itti himataman sadiin adabbii cimaan adabe.

Manni Murtichaa yakkamaan kun abbaa ijoollee 6fi maanguddoo umrii waggaa 70 ta’uu isaanii yaada adabbii salphisan dhiyaatan tilmaama keessa galchuun adabbii cimaa waggaa 6fi baatii 3fi Birrii kuma 20'n akka adabaman itti murteesse.
Maddi: FBC

Qubee TV

24 Oct, 11:25


Manni Barumsaa sadarakaa 1ffaa Baddannoo Abbaa Qabeenyaa Yaadataa Juneeydiin Ijaarame eebbifame.

Qubee TV (Onkolooleessa 24, 2024) Finfinnee!
Manni Barumsaa sadarakaa 1ffaa Baddannoo Qarshii Miiliyoona 60 oliin Abbaa Qabeenyaa Yaadataa Juneeydiin Ijaarame eebbifame.

Godiina Haraargee Bahaatti kan Ijaarame manni Barumsaa sadarakaa 1ffaa kun, hundeessaafi Abbaa dhaabbata Biraayitan kam ta’an Abbaa qabeenyaa Yaadataa Juneeydiin ijaarsifame.

Eebba mana Barumsaa kanaa irratti argamuun kan eebbisiisan Af yaa'ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa'aadaa Abdurahaman, Obbo Yaadataa Juneeydiifi Nammoonni affeeraman hedduun bakka argamanitti eebbifame.

Qubee TV

24 Oct, 09:16


Diinagdeen dijitaalaa Itoophiyaa bara 2028’tti omisha waliigalaa biyyattiif Birrii tiriiliyoona 1.3 akka gumaachu ibsame.

Qubee TV (Onkolooleessa 24, 2024) Finfinnee!
Diinagdeen dijitaalaa Itoophiyaa bara faranjootaa 2028’tti omisha waliigalaa biyyattiif Birrii tiriiliyoona 1.3 akka gumaachu ibsame

Waltajjiin marii diiagdee dijitaalaa Itoophiyaarratti xiyyeeffatee Itiyoo-teelekooiifi dhaabbata GSMA jedhamuu gaggeeffamaa jira.

Waltajjii marichaarratti Hoji Raawwachiistuu Olaantuu Itiyoo-Teeleekoom Firehiiwot Taammiruu, Qondaala Dhaabbata GSMA Joon Giyuustii dabalatee qaamoleen qooda fudhattootaa biroon hirmaatan.

Waltajjicharratti gabaasni ce’umsa diingdee dijitaalaa Itoophiyaa kan ifoome yoo ta’u, Itoophiyaatti invastimantiiwwan teeknooloojii moobaayilaafi fooyyessiin Teelekoom, damee qonnaa, maanufaakchariingii, tajaajila ummataafi dameewwan biroon guddina saffisaa galmeessaa jiraachuun eerame.

Qubee TV

24 Oct, 06:00


https://youtu.be/cKnKjmwQKrA?si=VgNBHxqmr4SAZJcJ

Qubee TV

23 Oct, 10:56


Finfinneetti lafti heektaara 14.3 caalbaasii liiziitiin gugurtaaf dhiyaate

Qubee TV (Onkolooleessa 23, 2024) Finfinnee!
Magaalaa Finfinneetti iddoo qarqara misoomaatiif gadhiifame dabalatee lafti heektaara 14.3 ta'uu caalbaasii liiziitiin gurgurtaaf dhiyaachuu bulchiinsi magaalichaa beeksise.

Odeeffannoon biiroo bulchiinsa lafaa magaalattii ifoomse akka agarsiisutti, caalbaasiin kuni Onkololeessa 08 hanga 21, 2017 ALI kan turuudha.

Iddooleen caalbaasiif dhiyaatan kunneen kutaalee magaalattii Araadaa, Yakkaa, Nifaas Silk Laaftoo, Kolfee Qaraaniyoo Aqaaqii Qaallittii, Addis katamaa, Lammii Kuraa, Lidataa, Gulalleefi Booleetti argamu.

"Iddoowwan misooma qarqaraatiif qulqulleeffaman dabalatee bakkeewwan garagaraa 285 yookiin iddooleen misoomaa heektaara 14.3 caalbaasiif dhiyaataniiru," ibsichi jedhe.

Bulchiinsi magaalichaa bara 2016 ALI iddoolee misoomaa akkasii marsaan sadiin caalbaasiin hawaasaaf dhiyeessuu eereera.

Maddi: Addis Standard

Qubee TV

23 Oct, 08:59


Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baarseloonaan Baayern Muunik waliin morkiin har'a taasisu ni eegama.

Qubee TV (Onkolooleessa 23, 2024) Finfinnee!
Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa marsaa 3ffaan taphni har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee Baarseloonaan Baayern Muunik waliin taasiisuu ni eegama.

Galgala sa’aatii 1:45 eegalee Atilaantaan – Seeltiik, Birasti -Baayervarkuusan waliin ni taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Atleetiikoo Maadriid - Liil, Beenefikaa – Feeyinuurd, Maanchiister Siitii – Ispaartaa Piraag, RB Leebziing Liiverpuul waliin ni taphatu.

Akkasumas Reed Buul – Daayinaamoo Zaagreeb, Yaang Booyis – Inter Miilaan waliin ni falmatu.

Tapha eda taphatameen Riyaal Maadriid galchii 5fi 2'n Boorushiyaa Doortumand, AC Miilaan galchii 3fi 1'n Kilaba Biruuj, Arseenaal galchii 1fi 0'n Shaakaataar Doonesikii, Astoon Viilaan galchii 2fi 0'n Booloonyaa yoo injifatan, Juuventis Istuut gaartiin injifatame.

Qubee TV

22 Oct, 14:00


Kaffaltiin paartileen siyaasaa beekamtii argachuuf kaffalan gara birrii 15,000tti ol guddate.

Qubee TV (Onkolooleessa 22, 2024) Finfinnee!
Paartileen siyaasaa boordii filannoo irraa beekamtii yeroo argachuuf kaffaltiin kaffalan akka ol guddatu taasifamuu Boordiin Filannoo Itoophiyaa beeksise.

Akkaataa kanaan, maallaqni paartileen yeroodhaaf beekamtii argachuuf kaffalan 100 ture gara 15,000 kan guddate yoo ta’u “beekamtii guutuu” argachuuf 200 kaffalamaa kan ture gara birrii 30,000tti ol guddachuu boordiin filannoo beeksise.

Boordiin filannoo biyyaalessaa ibsa guyyaa har’aa baaseen, kaffaltiin paartiileen siyaasaa waraqaa ragaa yeroof ta’u argachuuf kaffalan Onkololeessa 11, 2017 ALI irraa kaasee gara birrii 15,000 guddisuu beeksise.

Akkasumas, Gatiin paartileen siyaasaa beekamtii guutuu argachuuf kaffalaa turan 200 turuu eere. Kana malees, paartiileen jijjiirama sanadaa raawwatan kanaan dura birrii 30 kaffalaa turan kana booda 5,000 akka kaffalan taasifamuu odeeffannoon boordichi ifoomse ni mul’isa.

Qubee TV

22 Oct, 12:13


Yaa’iin Waliigalaa CAF Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurame.

Qubee TV (Onkolooleessa 22, 2024) Finfinnee!
Yaa’iin 46ffaa Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa (CAF) Finfinneetti gaggeeffamaa ture murtoowwaan garaagaraa dabarsuun xumurame.

Yaa’icharratti Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaasee, Pireezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa miilaa Afrikaa Dooktar Paatiriis Mootiseepeefi Koree Hoji Raawwachiistuu CAF, Pireezidaantii FIFA Jiyaanii Infaantiinoofi Federeeshinii Biyyoota miseensa CAF'fi qooda fudhattoonni biroon argaman.

Yaa’ichaan raawwii hojii waggaa, baajataa, Faayinaasiifi Odiitirratti gabaasni dhiyaachuun mari’atame.

Guddinaafi Misooma Kubbaa miilaa Afrikaa cimsuu, bu’aa qabeessummaa kubbaan Miilaa Afrikaa sadarkaa Addunyaatti qabu guddisuu, bu‘uuraalee misoomaa Ispoortii babal’isuu, hanga faayinaansii misooma kubba miilaaf ramadamuu guddisuun qabxiilee ijoo yaa’icharratti ka’aniidha.

Qubee TV

21 Oct, 17:53


Pireezidaantiin FIFA Yaa'ii CAF irratti hirmaachuuf Finfinnee galan

Qubee TV (Onkolooleessa 21, 2024) Finfinnee!
Pireezidaantiin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa Jiyaanii Viincheenzoo Infaantiinoon Finfinnee galan.

Jiyaanii Viincheenzoo Infaantiinoon Yaa'ii Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuu ibsameera.

Pireezidaantichi waayita buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Geediyoon Xiimootiyoos, Pireezidaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Dooktar Paatiriis Mootiseeppeefi Pireezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Isaayyaas Jiraan simannaa taasisaniif.

Qubee TV

21 Oct, 17:24


Balaa Ibiddaa Finfinnee Markaattootti mudate to'achuuf hojjetamaa jira jedhame.

Qubee TV (Onkolooleessa 21, 2024) Finfinnee!
Balaa Ibiddaa Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaa Markaattoo Naannawaa Shamaa Taraa jedhamutti mudate to'achuuf hojjetamaa jiraachuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Finfinnee beeksise.

Balicha to'achuuf konkolaattoonni Ittisaa Balaafi ogeeyyiin bobbaafamuu Ogeessi Hariiroo Ummataa komishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoon ibsan.

Ka'umsiifi miidhaan balichi qaqqabsiise qulqullaa'ee ummataaf kan ifoomu ta'uu Obbo Nigaatuun FBCtti himan.

Qubee TV

21 Oct, 15:06


Tapha michummaa Kubbaa Miilaa CAF Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffame suuraan.

Qubee TV

21 Oct, 07:34


Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Antooniyoo Guutareez marii Gamtaa Afrikaafi UN irratti hirmaachuuf Finfinnee galan.

Qubee TV (Onkolooleessa 21, 2024) Finfinnee!
Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez Itoophiyaatti marii Gamtaa Afrikaafi UN irratti hirmaachuuf Finfinnee galuu isaanii ibsame.

Antooniyoo Guutareez gara Finfinnee kan dhufan waltajjii marii olaanaa Gamtaa Afrikaafi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii sadattaffaa irratti hirmaachuuf akka ta’e eerame.

Waltajjii har’a Onkoloolessa 21, 2024 eegale kana Komishinara Gamtaa Afrikaa Muusaa Faaqii waliin ta’uun dura taa’ummaan akka geggeessanis ibsame.

Waltajjichi raawwii hammattoowwan tumsa dhaabbilee lamaanii kan gamaaggamu yoo ta’u, akkasumas nageenyaafi tasgabbii dabalatee dhimmoota adda addaa irratti bal’inaan ni mari’atuun jedhame eegama.

Qubee TV

21 Oct, 06:24


Barreesssaa Olaanaa FIFA'fi Pireezidaantii Itti Aanaa CAF Finfinnee galan.

Qubee TV (Onkolooleessa 21, 2024) Finfinnee!
Barreesssaa Olaanaa FIFA Laarsi Niilsi Maatiyaasiifi Pireezidaantii Itti Aanaa CAF Suleemaan Waabari Yaa’ii Waliigalaa 46ffaa CAF irratti hirmaachuuf Finfinnee galan.

Keessummoonni lameen wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee ga’anitti Ministir Deetaa Ministeeara Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Huuriyaa Alii, Daayrektara Jeneraala Dhimmoota Pirotokoolii Ministeera Dhimma Alaa Obbo Malaakuu Badhaadhaafi qondaaltota olaanoo mootummaan simataman.