DHANGAA OROMUMMAA

@haqummaaf


Hundinuu jira nooraa❤️💚❤️
Ispoortii, odeeffannoo haqaa, amanamoo, Kitaabbilee asoosamaa, xiinsammuu, walaloo, weedduu jaalalaa suurawwaan mimmiidhagoo hunduma nubiraa argattuu

Yaadaaf 👉 @firaaol4 nuquunnamaa

DHANGAA OROMUMMAA

23 Oct, 06:47


Bilisummaa Sammuu!

GORSA QAJEELTOO MILKAA'INA JIREENYAA:
1. Eessaan dhufe, Eessattin deema,
Maaliifin uumamee bari.
2. Seera uumaa (natural law) kabaji.
3. Yeroo hunda dhugaa dubbadhu, haqaan hojjedhu.
4. Amala gaarii, namooma, amanamummaa, naamusa kkf qabaadhu.
5. Jibba dhala namaa kamuu ofirraa balleessi.
6. Nama miidhuu irraa fagaadhu
7. Karaa qaxxaamuraa fi daba cubbuu irraa fagaadhu.
8. Amantii qabaadhu, Rabbi kadhachaa sodaadhu
9. Haadhaa fi abbaa, maatii keetiif tola oolii gammachiisi.
10. Hiriyaa gaarii filadhu
11. Mul'ata qabaadhu
12. Baradhu, barreessi, dubbisi, beekkumsa horadhu.
13. Hanga duututti barataa ta'i.
14. Dubbachuu fi hojjechuu dura hubachuu bari.
15. Jaarsolii fi Manguddoo irraa beekkumsa argadhu.
16. Du'a akka hin oolle yaadadhu.
17. Taa'uu hin baay'isin sochoo'i, deemii dalagi.
18. Nama qormaata irra furmaata; Boo'icha irra moo'icha irratti xiyyeeffadhu.
19. Waan dabre yaadachaa hin oolinii dhiisi fuuldura ilaali.
20. Keessummaa ykn nama hayyuu waliin haasa'i irraa baradhu
21. Seenaa namoota gaggaarii fi milkaa'anii dabranii dubbisi.
22. Gufuu si mudatu osoo hin dhiphatin akka carratti fayyadami; kufaatiif harka hin kennin obsi.
23. Oduu dhaggeeffachuu fi Miidiyaa hawaasummaa online baay'isin.
24. Namoota si caalan irraa baradhu malee itti hin hinaafin.
25. Namoota gowwaa, hamaa, jibbaa, hinaafaa, haasida, fakkeessaa, sobaa, abdi kutataa kkf irraa fagaadhu.
26. Hedduu dubbachuu hin baay'isin
27. Waan namni akka siif tahu feetu dursii namaaf tahi.
28. Qorichoota si macheessan dhaabi
29. Halkan yeroon (sa'aa 3 - 4) hirriiba rafi
30. Ganamaan dammaqi
31. Ispoortii hojjedhu
32. Nyaata gosaa (kudraa fi mudraa baay'isi; cooma, soogiddaafi sukkara hir'isi) fi hamma isaa hanga danda’ame madaalii nyaadhu.
33. Namootaaf dhiifama gochuu aadeffadhu, araaramaa fi waliigalaa ta'i.
34. Miira dorgommii fi naman caalaa ofirraa balleessi.
35. Fedhii, hawwii fi miira kee daangeffadhu.
36. Fudhataa osoo hin taane kennataa ta'uun beekkami. Nama rakkataa gargaarii arjaa ta'i.
37. Waan fedhii itti hin qabne hin hojjetin
38. Waan dhala namaa fayyaduu fi yoomuu itti yaadatamtu dalagi.
39. Yoomuu hin boonin, of hin tuulin, fiinxaalessa hin ta'in dhala namaaf jiddugaleessa ta'i.
40. Ofii gaarii ta'ii "Cubbuu fi Irbuu" irraa fagaadhu. Baŕreessaa: Anwar Ahmed Via Shamil N Mohammed

#erga koo
Bilisummaa sammuu keetii; Dabarsitee namaaf hin kenniin.Gaafa bilisummaa sammuu keetii dabarsitee namaaf kennite, Qaama biraatiin to'atamta!

Addunyaan kun ilma namaatiif qixa kennamte.Qixaan itti gargaarami.Gatiin kee siin haa madaalamu.Bara jireenyaa kee burjaajiin hin dabarsiin.Of ta'ii jiraadhu.Ati nama guutuu taatee dhalannaan; nama guutuu ta'ii jiraadhu.
Yoo jaallattan #Share #like #Comment

@segnigudeta @WABIISG

DHANGAA OROMUMMAA

23 Oct, 05:40


https://t.me/fadewalletbot/app?startapp=f92e3c72a08946adb61f24ee53c3a018

DHANGAA OROMUMMAA

22 Oct, 12:27


Guyyaan waamicha barattoota remedial Bara darbee fi barattoota Bara kana kutaa 12ffaa fudhachuun milkaa'an Yuunbarsiitii salaale tti ramadamtan hundaaf guyyaan galmee onkoloolessa 21 fi 22 ta'uu Yuunbarsiitiichi beeksiseera

DHANGAA OROMUMMAA

22 Oct, 05:38


Namooti duubatti hafoon Sodaa keessa jiraatu, hin bir'atu.
Namooti dammaqoon ammoo jaalala keessa jiraatu. Sababni isaa sodaan, fi jibbi tajaajiltoota du'aati.

Jaalalli dhangaa namoota dammaqooti. Namooti duubatti hafoon sodaa akka dhangaa jiruutti ilaaluun waraanni hedduun uumamaniiru.

Olaantummaa ofiif sodaachuuf sodaachuun waldiddaa hedduuf karra saaqeera. Dhalli namaa waggoota 3K keessatti waraana 5K ol geggeesseera.

Waan addaa waan uumu itti hinfakkaatu. Kun jireenya maraannaa namoota duubatti hafooti.
Namoota dammaqoof jaalalli amantiidha. Namooti dammaqoon ilaalcha warra duubațti hafoo hundeen ciree buqqisuu qaba.

@highlight
#Osho meeqan keessantu yaade?

@haqummaaf

DHANGAA OROMUMMAA

19 Oct, 18:51


#Jireenya
Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jeechuun carraa isaanii komatu!.

Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa hin jiraaneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jette yaaddu gahi argami

Jireenyi dorgommii miti, namni hunduu daandii mataa isaa qaba. Akkaataa filannookee, humnakee, sonakee fi amaleefannaa keeti jiraachuu itti fufi. Namni baayyeen jireenya mataa isaa dhiisee, abjuu isaa milkeessuu dhiisee waa’ee jireenya namaa cinqamaa oola

#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

@haqummaaf

DHANGAA OROMUMMAA

19 Oct, 10:16


https://t.me/blum/app?startapp=ref_zybiYTPd7m
Join me on Blum and let's earn together! Use my invite link to join the fun. 🌟

DHANGAA OROMUMMAA

17 Oct, 05:55


Kitaaba "Yaadi Duroomi/Think and Grow Rich" jedhu irraa barnoota 10 " hojiilee Napoleon Hill addunyaa irratti beekamoo ta'an keessaa isa tokkodha.

1. Fedhii/Desire/.
Napoleon Hill kitaaba isaa "Think & Grow Rich" jedhu keessatti wanti hundi fedhii irraa eegala. Jireenya kee keessatti akkamitti waan tokko akka barbaaddudha.

Kana galmaan gahuu yoo dandeesse malee fedhii hin qabdu jechuudha. Garuu waan ati taatu suuraa dhugaa kan ta'e fedhii kee isa gubaadha, fedhiiiin kee garuu fedhii gubaa ta'uu qaba. Fedhii kee galmaan ga'uuf yeroo murteessite immoo Egaa, karaa tokkoon fedhiin sadarkaa yaadaafi gocha walitti hidhudha.

Yaada → of kennuu (ykn fedhii) → gocha

"Wanta sammuun ulfooftee amanuu dandeessu kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a."

Kana duras yeroo meeqa

2. Amantii/Faith/.
Amantiin humna yaadaa fi miira keetii mul’isuu, wantoota abdatte jabeessitee qabachuudha.

Amantiidhaan waan hin danda'amne uumuu dandeessa. Garuu yaadni gadhee aarii, jibba ykn hinaaffaa faayidaa qabnu kamiyyuu yoo amantii qabaanne ajjeesa. Kanaaf waan galmaan gahuu barbaaddu hunda irratti ilaalcha gaarii qabaachuu qabda. Yeroo ofii fi abjuu keetti amantu waanuma fedhe galmaan gahuu dandeessa.

3. Duub-deebii ofumaan kennuu/Auto suggestion/
Kun dandeettii sammuu kee fedhii kee isa gubaa jiru irratti xiyyeeffachuu keeti sammuu kee isa dammaqaa jalaa akka dhugaatti akka fudhatu gochuudha. Auto-suggestion yaada/mirkaneessuu ofii keetiin, ofiif kenniteedha. Kaayyoo fi hawwii kee barreessi yaada gaarii dhugaa jireenyaa ta'een irra deebi'i.

4. Beekumsa addaa/Specialized Knowledge/
Amma yaada = hawwii = gocha akka ta'e beekna

Ogummaa murtaa’e kaayyoo ijoo, daldala ykn hojii kee wajjin walqabatu horachuu hin dhiisin. Namoonni ga’umsa gadi aanaa qaban yeroo baay’ee erga mana barumsaa gadhiisanii booda barumsi akka xumurame amanu. Dhugaa dubbachuuf, barnoonni hundi beekumsa qabatamaa akkamitti akka argattu akka barattu si gargaaruuf kan yaadamanidha. Kaayyoo kee galmaan ga’uuf beekumsaa fi karoora hojii kee barachuu fi fooyyessuu qabda.

5. Yaada/Imagination/
"Wanta sammuun ulfooftee amanuu danda'u kamiyyuu sammuun galmaan gahuu danda'a." Humna of kakaasuu guddisuu qabda kana gochuuf karaan hundarra gaariin yaada (imagination) dha. Yaadni karoora kee irratti tarkaanfii fudhachuuf ifaafi of kakaasuu kenna.

6. Karoora qindaa’aa/Organized Planning/
Yeroo hundumaa milkaa’uuf karoora qindaa’aa akkamitti akka barbaachisu nan dubbadha. Kitaabni "Think & Grow Rich" jedhamu kaayyoo kee galmaan ga'uuf gurmaa'uu fi hojiiwwan kee karaa milkaa'inaaf nama geessuun karoorfachuu akka qabdu eereera.

7. Murtee/Decision/
Harkifachuun faallaa kutannoo waan ta’eef diina warra milkaa’ina hawwan hundaati.Namoonni milkaa’an hundi murtoo baay’ee dafanii godhu, garuu baay’ee suuta jedhanii jijjiiru. Akkasumas namoonni hin milkoofne hundi murtoo baay’ee suuta jedhanii murteessu, dafanii fi yeroo baay’ee jijjiiru.

Karoora jireenya keetii kaasi, wantoota jireenya kee keessatti argaman galmaan ga’uuf wantoota irratti xiyyeeffachuu qabdu baafadhu. Kunis amala, barumsaa ykn dandeettii murtoo ta’uu danda’a. Namoota kaayyoon isaanii qofti siifi abjuu kee fooyyessuuf ta’e obsuu dhiisuuf daftee murteessuu dandeessa.

8. Itti cichuu/Persistence/
Ciminaan amaloota milkaaʼina argachuuf qabaachuu qabdu keessaa isa tokkodha. Kan hin milkoofne fi kan milkaa'e kan adda baasu kutaa amala nama tokkoo isa guddaadha. Kanaaf baay'een keenya milkaa'ina dura harka kennina. Garuu yeroo ciminaa fi murannoo barattu gara badhaasa injifannootti fuulduratti dhiibuu dandeessa.

9. Humna sammuu/Power of Master Mind/
Gareen ijoo jechuun garee namoota lamaa kan kaayyoo, karooraa fi abjuu isaanii galmaan ga’uuf wal deeggaraniidha.

10. Sammuu dammaqaa/Conscious Mind/
Kutaan sammuu dammaqaa keetii yaada fi hubannoo kee maalummaa isaanii osoo hin ilaalin fudhata fi kuusa. Yoo karaa sirrii deemne rakkoo keenya furuu danda'a. Sammuun kee humna ajaa'ibaa, dinqii fi humna guddaa addunyaan beektudha. @segnigudeta @WABIISG

https://t.me/Dirree_beekumsa

DHANGAA OROMUMMAA

16 Oct, 05:01


Akka Abdii hin kutanne Abdii kutadhu.

Yoo abdii hin kutanne, ammallee carraa of harkaa qabda, abdii kutachuun jalqaba kufaatii keenyaati.


Dadhabee na arguu dandeessa
Akkan cabe arguu dandeessa
Akkan dadhabe arguu dandeessa
Kufaatii koo arguu dandeessa
Dhabee na arguu dandeessa
Dhukkubsadhee  na arguu dandeessa garuu yoomiyyuu abdii  kutadhee na  arguu hin dandeessu!

Akka jaalattee hin jibbine jibba jibbi.

DHANGAA OROMUMMAA

13 Oct, 07:37


Godina salaaleetti network har'a deebiteetti ummanni salaale Baga gammdaan ❤️

DHANGAA OROMUMMAA

10 Oct, 06:13


Baga guyyaa Fayyaa
#Sammuu Addunyaa geessan.

October, 10 guyyaa fayyaa sammuu addunyaati. Fayyaa sammuu bakka hojiitti'( Mental health at workplace) jedhuun kabajamaa jira.

Hojiin namatti baay'achuun, hojii namatti kenname qixa sirriin bahachuu dadhabuu, namoota waliin hojjatan waliin walii galtee dhabuu, kanfaltiin hojii keenyarraa argannu quubsaa ta'uu dhabuu, naannoon hojii keenyaa mijataa ta'uu dhabuufi sababoonni biroo wantoota fayyummaa sammuu ilma namaa hubaniidha.

Kanaafuu iddoo hojiitti wantoota sammuu keenya tasgabbeessuu danda'aniifi hojii hojjannu nu jaalachiisuu danda'an raawwachuun fayyummaa sammuu keenyaa haa eeggannu. Kitaaba Fayyaa Sammuu bitadhaa. Mental Health Matters! Let's shatter the silence! @segnigudeta @WABIISG

DHANGAA OROMUMMAA

08 Oct, 15:50


Qabxiin seensa sagantaa fooyyessa dandeettii bara 2017 ifoome

Haaluma kanaan:-

1.Barattoota dhiiraa Saayinsii Uumamaa fi Haawaasummaan qormaata 600 keessa 204,

2.Barattoota Shamarranii Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa 192,

3.Barattoota dhiiraa naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa 192,

4.Barattoota Shamarranii naannolee guddattootaa fi naannawaa Horsiisee bulaarraa Saayinsii Uumamaa fi Hawaasummaan qormaata 600 keessaa 186,

5.Barattoota dhiiraa qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa 160,

6.Barattoota Shamarranii qaroo dhabeeyyii Saayinsii Hawaasummaan qormaata 500 keessaa 155,

7.Barattoota dhiiraa sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 238,

8.Barattoota Shamarranii sagantaa qophaa’inaa Saayinsii Uumamaan qormaata 700 keessaa fudhataniif qabxiin seensaa 224 ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni mul’isa.



@haqummaaf

DHANGAA OROMUMMAA

06 Oct, 11:18


UMMANNI OROMOO ALAA FI KEESSA JIRTAN HUNDI BAGA AYYAANA IRREECHAA BARA 2024 NAGAAN GEESSANII OFKALTAN


UUMMATA QULQULLUU🥰

DHANGAA OROMUMMAA

29 Sep, 08:29


#Seenaa_Qaba!

Gaaf tokko namoonni konkolaataa uummataan karaa deemu turan. Isaan keessaa dargaggeessi ganna 24 abbaa isaa waliin ture.
Dargaggeessichi sagalee ol kaasee dubbata. Fuulli isaa gammachuudhaan ifeera. "Abbaa, ilaa! Ilaa mukkeen sun gara booda keenyaatti fiiguu!" jedha karaa foddaa mukeen ala jiran ilaalee. "Argitee ijoollee muka jala taa'an sana?" jedha. Afaan isaa walitti hin qabatu. "Ilaali abbaa! Duumessa sana ilaali; nu waliin fiigaa jira!" jedha sagalee guddaan. Haasaan isaa kan dargaggeessa waggaa 24 hin fakkaatu. Nama sammuun darbe fakkaata. Ni waca. Sagalee gammachuun guddisee haasa'a.
Namoonni gocha mucichaatti aaran obsi isaanii dhume. Abbaa mucichaatiin, "Ilma kee kana maaliif dokteratti hin geessitu?" jedhan. Maraatuu itti fakkaatee.
Abbaan mucichaas, "Geesseeraam! Doktera biraa dhufaa jirra. Mucaan koo dhaloota isaatii eegalee qaro-dhabeessa ture. Amma waldhaanamee fayye. Yeroo jalqabaaf arguu isaati. Kanaaf gammadee akkanatti haasa'a!" jedhee deebiseef.
Namni hundumtuu seenaa mataa isaa qaba. Haala namaa otoo hin hubatiin itti murteessuun gaarii miti. Hamma dandeenyetti wal hubachuu barbaachisa. Wanti baay'een akka nutti fakkaatu miti.
#deemsiittifufa!
Eebbisaa Baay'isaa

https://t.me/Dirree_beekumsa

DHANGAA OROMUMMAA

27 Sep, 10:13


Waan Kana Itti Yaadi!
Bara haaraa kanaaf guyyoota siif kenname hundumaa sirnaan irratti hojjechuuf Sammuu kee qopheessi!
Altokko waan kana itti yaadi, dogoggora kee hundaaf yaada garaa kee geeddari! Guyyoota dabarsite keessatti bu'aa hojii Keetii herreegi! Waan guddaa hojjettee yoo jiraatte galateeffadhu.

Yoo itti gaddite gatii dhiisi malee waa'ee waan darbee utuu gaabbituu yeroo kee hin balleessin! Murteessii jireenya haaraa jalqabi! Boqonnaa isa jalqabaa irratti uumaa kee galateeffadhuu eegali.

Isa itti aanu hundumaatti mo'icha galmeessita. Sammuu kee beekumsa baachisi malee oduu bara si'anaan hin butuchin. Gurra kee gara barsiisa gaariitti qabi! Humna kee immoo waan hundee qabu irratti bobbaasi!

Yoo dandeesse amala nama wajjin si jiraachisu horadhu. Nama naamusa qabu ta'i. Nama rakkate gargaaruu hojii kee godhadhu!

Maxxansa kana yoo jaalatte share gochuu qofaan hiriyoota kee onnachiisi! Kaayyoon jireenya dhala namaa tokko namoota biroof taajajila kennuu, waan gaarii yaaduu fi gargaaruudha.

@haqummaaf

DHANGAA OROMUMMAA

27 Sep, 09:55


Baga Ayyaana masqalaa geessan


Ayyaana Gaarii🙏

DHANGAA OROMUMMAA

26 Sep, 16:53


Hmstr yeroo ammaa kanarra jira. Gatiin isaa baayyee gad buheera. Ammas gaduma deemaa jira.

Project akkanatti dadhabbii guddaa qabuufi bu'aa hin qabne akkasii argee hin beeku.

Dogs 🐕 hojjedhaa jennee kan itti isin kadhachaa turreef , bu'aa akka qabu waan barreefi.

Warri dogs 🐕 irraa fayyadamtan maal jettuuni.???

Thanks 🐕

DHANGAA OROMUMMAA

26 Sep, 14:40


Yuunbarsiitiin salaale waamicha barattoota remedial Bara 2016 qabxii darbinsaa argatan guyyaa waamicha Haga isin beeksifnutti obsaan nu eegaa jedhan


@haqummaaf

DHANGAA OROMUMMAA

25 Sep, 12:59


Waamicha barattoota kutaa 12ffaa mana barumsa Bultii Addaa WMOf
(WMO-Fulbaana 15/ 2017)

Baga bacaqii gannaa baatanii booqaa birraa nagaan isin gahe jechaa barattootni kutaa 12ffaa mana barumsaa Bultii Addaa WMO Fulbaana 21/ 2017 gara mooraa mana barnootaatti deebi’uun fulbaana 22 barnoota idilee akka eegaltan beeksisaa guyyaa jedhameen ala barataa dhufu manni barnootaa kan hin keessummeessine ta’u cimsinee isin beeksisna. Via WMO
Tokkummaan Misoomaaf!


@haqummaaf

DHANGAA OROMUMMAA

24 Sep, 12:45


NotPixel

✔️ Project haara Notcoin dhan qopha'ee dha.

➡️ START
➡️ Let goo isa jedhu click godha
➡️ Suuraa bifa adda addaatin jiran kaasuu dhan PX walitti qabadha (akkataa hojji isa video isiniif hojjedha)

🔈 NotPixel Beta Version irra yeroo ture akka inni dhufa jiru isiniif gadhisen ture amma gutumma guututti waan jalqabeef sirritti hojjedha!

Note: project kun akkuma Lost Dogs Notcoin dhan kan jalqabsifamedha, Token nuti irra arganu $NOTPX jedhama.

📌 Akka boodati hin hafnef jalqaba kana kassa seeran hojjedha.

https://t.me/notpixel/app?startapp=f1178243575

DHANGAA OROMUMMAA

23 Sep, 14:51


#Yuunivarsiitii Debreberhan

Yuunivarsiitiin Debre Berhan galmeen bara barnootaa 2017 barattoota idilee digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa jiran fulbaana 29 fi 30/2017 akka raawwatamu beeksise.

Yeroon galmee adabbii onkoloolessa 1/2017 yeroo ta’u; Waxabajjii 4, 2017 barnoonni akka eegalu himama.

@tikvahyunivarsiitii