Geerarsa Oromoo @geerarsa Channel on Telegram

Geerarsa Oromoo

@geerarsa


Geerarsi afaan oromoo kunooti itti dhiyaadha.
πŸ–€β€πŸ€ ❀🟒❀

Geerarsa Oromoo (Oromo)

Geerarsa Oromoo kan biyya alaa akka takkaa dhiyaatan. Kan jedhu 'geerarsi' kan jirtu qabiyyeenya afaan Oromoo akka namaatti dhiyaate tajaajiltiin daldalaa argatan. Kan hojiirra osoo hin taane, wanti hojii keessan deebiin kunoo kan akka mootummaatti argatan qindaa'ame akka taasifamu qabiyyeenya afaan Oromoo. Kan hojii keenya kunoo dabalatee itti eebiseen gadaa fi aadaa Oromoo tajaajila qabiyyeenya afaan Oromoo akka namaatti dhiyaate. Kan hojii keessan deebiin kunoo hundi qindeesu qabiyyeenya afaan Oromoo. Gara tajaajilootiin daldalaa ajaa'ibaa gaafata. Kan hojii eebisuun kan sagalee afaan Oromoo qabiyyeenya namatti dhiyaate. Kan hojii keessan deebiin kunoo akka hojiitti argatan gara qaqqabeenya afaan Oromoo. Kan hojii keenya kunoo hojiitti qabiyyeenya afaan Oromoo namaatti dhiyaate. Kan hojii keessan deebiin kunoo kan akka hojii keessan argatan qabiyyeenya afaan Oromoo. Kan hojii keenya kunoo hojiitti qabiyyeenya afaan Oromoo namaatti dhiyaate. Kan hojii keessan deebiin kunoo kan akka hojii keessan argatan qabiyyeenya afaan Oromoo. Kan hojii eebisuun kan sagalee afaan Oromoo qabiyyeenya namatti dhiyaate.

Geerarsa Oromoo

19 Nov, 06:08


Taphi TronKeeper kun bifa haaraan garee haaraa jalatti gurmeessuu jalqabeera $TRONARX hiruu eegaleera.

Akka haaraatti seentanii taphachuudhaan USDT, TRX, TON, TRONARX argachuu dhaan yoo 5 ol argattan USDT irraa kan hafe gara Bytbit ykn Binance fa'atti USD dhaan dabarfachuu dandeessu..

Gareen haaraa kunooπŸ‘‡

https://t.me/TronKeeperBot/app?startapp=522224414

Geerarsa Oromoo

07 Jul, 11:29


⭐️ Telegram stars

Akkuma beektan TikTok'n namootni hedduun Kennaa coin TikTok jedhamu kanaan jireenyi isaanii akka jijjiiramu gargaareera.

TikTok hordofuun Telegram ammoo Gift Coin haaraa, Telegram Stars jedhamu, kan maamiltootni Telegram kennaa isaanii gara maallaqaatti jijjiiruuf dandeessisu dhiyaateera.

Kana beeksisuuf Telegram waan Airdrop fakkaatu Major jedhamu kan namoota affeeruun salphaatti Telegram Star Coins argachuuf isin dandeessisu baasee jira.

Yeroo nama 1 affeertan urjii 15⭐️⭐️ argattu

Kana akka airdrop hin ilaalinaa, qarshii dhugaa waan ta'eef jarana, ammuma jalqaba πŸ’₯πŸ‘‡πŸ»πŸ‘‡

https://t.me/major/start?startapp=522224414

Geerarsa Oromoo

03 May, 06:33


Okkolaan gaara jibbaa,
Naafti irraan gadee jibbaa
Ballaan qilleensa jibbaa ,
Suuloon awwaara jibbaa
Kan waaqayyo isa jibbe
Maal haadhasaaf najibbaa
Anoo firakoof dhibbaa

Hattuun horii qalattee
Yaa horii jimmaa jettee
Yartuun ilmaas dhalattee
Yaa tokkichummaa jettee
Tokkichummaaf du’uuree
Shaniif du’a ooluuree
Gubaalessi aaraaree
Gubataan daraaraaree
Namni aaree gubatee
Biyya abbaasaaf aaraaree

Kuti kutiin handaaqoo
Lafa garbuutti yaatee
Duti dutiin garaakoo
Nadaddarbuutti kaatee
Nan daddarbiin yagaraa
Barri ni darbaa hadaraa
Utaalaan fuuloo kutaa
Didaan luugama kutaa
Namni ilma gahe qabu
Roorriftuu ofirraa kutaa

https://t.me/geerarsa πŸ‘ˆπŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†

Geerarsa Oromoo

19 Apr, 17:12


Attamiin karra banuu
kakasaniitu malee
Akkamiin dhiira ganuu
kakataniitu malee
Kakaksees karran banuu
Ittuman diiga malee
Kakadhees dhiiran ganuu
Ittuman dhiisa malee !!

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

18 Apr, 17:15


Leenci barii dhalaaree
Yoo tuttuqaan hammaate
Deemsi marii qabaaree
Anuu beeka malakoo
Maafan oola manakoo
Anuu beekaa qurxiikoo
Akka ijoollee durbiikoo
Natu beeka malashii
Deemeen guba garaashii!"

https://t.me/geerarsa πŸ‘ˆπŸ‘†

Geerarsa Oromoo

29 Jan, 10:48


Kabalaan cabe dhoohee πŸ’£
Ka goshoo dhabe booyee😭

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

27 Dec, 10:11


Jiguu diddee karchalleen jiguu diddee
Inni utubaan she hoomii kan
Dhaaban ishi ho woddeessaa
Jaarsattiin Du'uu diddee
Jaarsa yaa ilma balleessaa

Firri waasii nu didee
Kaan alagaatti geessaa
Kaan wol keessaa

Wolal gubbaan hurriidha
Nan yaade ka mucaa koo
Ishee funyaan furriidha

Karchalleen dukkanaa
Nutu keessaa quphanaa
Karchallee ya tafkiisaa
Poolisii ya qaldiisaa

Guyyaa kolfee taphsiisa
Halkan akka kanniisaa
Aduun dhiinaan badiisaa
Maaltu keessaa gadi ciisa!

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

28 Nov, 18:12


Worra diinaa rarraasuu
Gaafa lolaaf kutate
Worra biidhaa wol baasu
Gaafa woliif murate!!


https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

27 Nov, 15:58


Worra dhadha dhuguu akka bishaaniti
Worra dhabaan quufu balbala isaanitti
Jabeenni kee gaara qabeenyi kee marga
Hayyuun kee dubbate dhuka dubbii arga!!

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

15 Nov, 10:00


https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

29 Jun, 05:25


Legend's never die
Jun 29 πŸ’”

Geerarsa Oromoo

10 May, 17:14


Nafxanyaan humnaan itti galee lafa isaa qotachuu jalqaba.
Abbaan lafaa argee faayilii itti bana. guyyaan beellamaa geenyaan lachanuu dhiyaatan. Abbaan seeraa akkana jedhe 'Indeet tascanniqaalle ye nuguseen nafxanyaa poolis balu wosdaachut isaruut be quraanyaπŸ‘’' Abbaan lafaa karchallee sidaama keessa Woggaa 3 murtee tokkoon ala erga turee gaafa ilmaan isaa manaa itti beela'an akkana jechuun geerare...

Jiguu diddee karchalleen jiguu diddee
Inni utubaan she hoomii kan
Dhaaban ishi ho woddeessaa
Jaarsattiin Du'uu diddee
Jaarsa yaa ilma balleessaa
Firri waasii nu didee
Kaan alagaatti geessaa
Kaan wol keessaa
Wolal gubbaan hurriidha
Nan yaade ka mucaa koo
Ishee funyaan furriidha
Karchalleen dukkanaa
Nutu keessaa quphanaa
Karchallee ya tafkiisaa
Poolisii ya qaldiisaa
Guyyaa kolfee taphsiisa
Halkan akka kanniisaa
Aduun dhiinaan badiisaa
Maaltu keessaa gadi ciisa!

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

06 May, 17:45


Bara quufaa gugguufuu
Nyaara guuraa dhudhuufuu
Guddaan xinnicha gaadee
Madaan xannacha yaadee
Alagaaf kooluu galuu
Hinjiraan quuroo dhaluu
Sobanii wal takaaluu
Baraan walirra ilaaluu
Hinjirreen kana caaluu
Yoom kan nama dhaalu?

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

23 Apr, 12:07


Akkasiin akkas taanee
Fal'aanan raafuu haanee
Otoo akkashii beeknuu
Wallaalaa raatuu taanee
Qixxaa eelee sibiilaa
Qixxeeffata ilmoo dhiiraa
Qixxaa nyaataa guddannee
Qixxee namaa dubbannee
Hamma namaas hubannee!

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

10 Apr, 17:08


Geerarsa Oromoo

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

02 Apr, 17:40


Geerarsa Oromoo
https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

22 Mar, 09:22


Qumxaa machallaa godhe
Balasiin abbaa godhee
Waanuman yaade godhee
Hodhemoo… nan barreesse?
Tolchemoo… nan balleese?
Abbaa koo yaa abbaa koo
Wayyaa kee kuula maru
Natu kuula marsiise
Maqaa kee duulli haabaru
Natu duula barsiise.
Qoteen baase maqaa kee
Akka guuboo dinnichaa
Hordeen dhaabe maqaa kee
Akka muka birbirsaa

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

22 Mar, 09:12


Galab galab nagodhaa akka galabaa garbuu
Akka waan narraa darbuu
Akka ameessa dhalee
Akka dabeessa gahee
Ameessi dhaleen gurraa
Muchi doomeensalphinaa
Ilmi dhalateen gurraa
Ni daboomeen salphinaa
Mucaan kee dabeessaaree
Galees waa odeessaaree

https://t.me/geerarsa

Geerarsa Oromoo

17 Feb, 07:01


Attamiin karra banuu
kakaksaniitu malee
Akkamiin dhiira ganuu
kakataniitu malee
Kakaksees karran banuu
Ittuman diiga malee
Kakadhees dhiiran ganuu
Ittuman dhiisa malee
Mee takkaan raajii raajaa nadheen areedan qabduu
Kan haadhoo re’ee raajaa
Durbi dur hin geerartuu
Kan baranaasoo raajaa
Okkolaan gaara jibbaa,
Naafti irraan gadee jibbaa
Ballaan qilleensa jibbaa
Suuloon awwaara jibbaa
Kan waaqayyo isa jibbe
maal haadhasaaf najibbaa
Anoo firakoof dhibbaa
Hattuun horii qalattee
yahorii jimmaa jettee
Yartuun ilmaas dhalattee
ya tokkichummaa jettee
Tokkichummaaf du’uuree
lamaaf du’a ooluuree
Gubaalessi aaraaree
Gubataan daraaraaree
Namni aaree gubatee
Biyya abbaasaaf aaraaree
Kuti kutiin handaaqoo
Lafa garbuutti yaatee
Duti dutiin garaakoo nadaddarbuutti kaatee
Nan daddarbiin yagaraa
Barri ni darbaa hadaraa
Utaalaan fuuloo kutaa
Didaan luugama kutaa
Namni ilma gahe qabu
Roorriftuu ofirraa kutaa


https://t.me/geerarsa