͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸 @a4mulaa_jireenyaa Channel on Telegram

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

@a4mulaa_jireenyaa


Foormulaa Jireenyaa

Foormulɑɑ Jireenyɑɑ (Amharic)

ፍትሕናዊ ቦለናዊ ሒዝና፣ Foormulɑɑ Jireenyɑɑ አሰፋን ሕክምና፣ ሰንሰር ቅሙላ ምልክት ምለኽና ፍትሕናዊ ወይ ምዕቃቐ ቦለናዊ ሞቀዳ ዕማታቲ አለው። ይድረስ እናንተ ምግባሩን ስለምወንጧ ርዕስ ኢንፊሲያሊክ አሉን? ለአለም ፍትሕና ምርት ይከታተልን።

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

11 Jan, 18:40


Daa'imni suuraa irratti argitanu kun #Muhammad_Ibraahim jedhama. Umrii isaa daa'imummaa kanaan dhibee Tiruu hamaadhaaf saaxilamee jira. Dhibee isaa kanaafis biyya keessatti yeroo adda addaatti yaaliin godhamaafii tureera. Amma ammoo Boordiin Hospitaala Laanseet Dhibee daa'ima kanaa irratti marii taasiseen biyya keessatti wal'aanamuu akka hin dandeenyee fi gara biyya #Hindii/India deemuun wal'aansa hatattamaa argachuu akka qabu murteessanii jiru. Kanaaf ammoo baasii qarshii 6,000,000 ol hatattamatti jara barbaachisee jira. Maatiin ammoo wal'aansa yeroo dheeraaf biyya keessatti taasisaafii turaniin humni jaraa laaffatees jira. Kanaaf ammoo namoonni Rabbiin waa harka keessan kaa'e; osoo hin tuffatinii fi osoo hin sassatin kennuun lubbuu daa'ima kanaa baraarree Rabbiin Biraa mindaa nama lubbuu ilmaan namaa hundaa baraaree argattanu jechuun maqaa Rabbii guddaatiin isin gaafanna.

Acc no. CBE : 1000224032378 (Samiya Abdulkadir Ahmed)

#share gochuun keessan bu'aa guddaa qabaata ta'a.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

11 Jan, 10:14





Waan jaalattu bira gahuudhaaf
waan hin jaalanne keessa
darbuu qabda!





͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

09 Jan, 19:08


Dubartiin gowwaa yoo taate, san gubbaan abbaa manaa irra humna yoo qabaatte...Yaa sattaar🥹

😅Natti haa hafuu dhiisi.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

07 Jan, 17:11


Isiniif ergeera Dubbisa Gaarii 😍✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

07 Jan, 17:10





#HIN_GAABBU
Jawar Muhammad


#Shere waliif godhaa

Dubbisa Gaarii ✌️

@A4mulaa_jireenyaa 💚



͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

07 Jan, 14:04





✓Kitaaba Jawar Muhammad #HIN_GAABBU PDF isaa Isiniif maxxansuu?




Me like tuquun yaada keessan ibsaa

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

07 Jan, 10:39




Qaama Kee keessaa tokko
dhiifama gaafadhu osoo siin
jedhanii Maal kee gaafattaa!?



͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

07 Jan, 02:59





✓ Yeroodhaaf osoo hin taane
Jirudhaafan si filadhe 💚



͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

06 Jan, 07:48





Jaalalli dhugaa onnee
nama kamiiyyuu hin cabsu
onnee cabde fayyisa




͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

05 Jan, 15:22





✓ "Namni cal'isu, nama yaada
guddaa qabu yookiin nama
yaaddoo guddoo qabu...!!



͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

04 Jan, 19:38





"Ofirraa mureen sareef darba malee sagaggaalummaa hin dalagu" gurbaan jatte san kabjni kee mataa kiyya irra. ✌️


|

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

04 Jan, 04:58




Yoo namni tokko siif hin
jiraanne, ani siifan jira ❤️



͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

04 Jan, 02:04


°


Wanti Hunduu ni darba
Garuu Hundi hin dagatamu
.



°

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

03 Jan, 09:20


Namni Jaalalli isin qabeen nama irraa isin qabe wallaaltan
Namni sun Anaatii Na Jaalladhaa ☺️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

02 Jan, 08:09


Jireenyi maal isin barsiifte?
Mee Nuuf qoodaa

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

01 Jan, 08:42


Gaza fi Bakkoota biroo 😭
Haala Amma jiru.... ✌️

ቀሪው አለም እና ጋዛ

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

01 Jan, 05:51


Jiruun bara kanaa
Silas filannoodhaa
Diimtuun yoo na didde
Magaalleen Jaalladha
❤️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

30 Dec, 19:10


Garaan yaaduun jibbine
Karaatu fagaatte malee
Durbi heeruman jibbine
Dhiiratu jabaate malee😁

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

30 Dec, 05:38


Kumaatamni kufaa
Kumaatamni dhufaa
Jireenyi itti fufa 💔

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

29 Dec, 08:25


" Ayi Dhiira Ammaa "ʲᵉᵗᵗᵉ ᵈᵘʳᵇⁱ

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Dec, 18:19


Daaloteedhaa jirtuu
Mukti dhagaan taatu
Baalageedhaa jirtuu
Durbi nagaan taatu!

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Dec, 12:34


Biyya kana keessatti Akka shammarran Muslimaa Barachuuf Aarsaa kan kaffalaa jiru tasuma hin jiru.
✌️✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Dec, 12:28


Kan ani calliseef
Moo'ameetii miti.
Nama nan hubanneef
Himuu dadhabeeti malee.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Dec, 14:55


Nama Ani jaalladhutu
si qofaa tahe malee
Namni na Jaallatu hedduudha.😐

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Dec, 14:25


"Boqqolloo dhibboo dhibboo
Dhiibuu lafa maabaraa
Magaallee simboo Simboo
Siifuu lafa naan maraa "

"Kaleessa kaleen dhaltee
Reettiin gola dhaabbattii
Magaallee akkakeen hawwee
Diimtuun koora jaallattii "

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Dec, 06:50


✓ Namni Ati Jaallattu
Gaafa Nama Biraa jaalatu
Arguun nama dhukkubsa 💔

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

24 Dec, 17:45


Ambabbeessaa jiruu
Bunni buna hin taatu
Dargaggeessaa jiruu
Durbi durba hin taatu

😁

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

24 Dec, 14:12


Waadaa Naaf Galte San
Ni yaadattaa Laata!? 😉

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Dec, 16:10


Jaallattus Jibbitus
Jireenyi Kanuma 💔

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Dec, 16:06


Hanaga Ati Narraa Fagaachuuf
Yaalte Caalaan
Animmoo sitti siquuf Yaale 😒

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Dec, 12:36


Jaalaluma Jibbita!💔🥹

Gaafa dhugaan jaallattee
Amanattee; ganamtu
Gaafa jireenya keetti
Karri gaddaa banamtu

Waadaan jaalala keetii
Nyaatamee akka 'bargarii'
Nama “hireekoo” jettuun
Gaafa baate gargari...

Mogoleetu si laafa
Fuuchuu dadhabda miila
Madaa’ee dhiiga boo’ee
Onneen jaalala jiila....

“Guutuu gola onneekoo
Ishee qofa dhaalchisee
Dhugaadhaan jaallachuunkoo
Hundumarra caalchiseee

Yaadaaf yaaddoo isheetiin
Qal’adhee akka lilmoo
Egereedhaaf abdadhee
Kunuunsee akka ilmoo

Isheef jecha raata’ee
Of gatee akka raatuu
Ofii kootiin dubbadhee
Isheef ta’ee maraatuu..

Giiftii onneekoo godhee
Ofirratti muuduunkoo
Ishee qofa dhagahee
Kaaniifimmoo duuduunkoo

Ijjjikoo kaan lagatee
Ishee qofa arguunsaa
Ooyruunkoo kaaniif hongee
Ishee qofaaf marguunsaa

Jaalalaaf jiraachuunkoo
Isheedhaaf amanamee
Erguma gatii dhabee
Waadaan kiyya ganamee...

Erga haqni dhibeetii
Dirra lafaa kanarra
Hariiroo tokko-n qabu
Jaalalli kun anarraa”

Jettee walaleessita
Yookaan immoo sirbita
Amanamtee ganamtee
Jaalaluma jibbita!

Boolla buutee bahuudhaaf
Oliif gadi godaata
Lama miidhamuu jiilee
Onneenkee si sodaata..

Addunyaa jaalalaarraa
Xumurattee gadaakee
Kophaa jiraachuu feeta
Kulkulfataa madaakee!

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

22 Dec, 11:55


An Daa'ima
Ganaa kichuu
An hin beeku
Jaalalaa f michuu ☺️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

22 Dec, 11:24


💔 Jaalalli Carraadha
Garuu....
Jabeessuu fi Laaffisuun
Filannoo keeti.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

22 Dec, 11:01


Namni tokko tokko Yeroo
hunda dhiifama waan isaaf
gootuuf Waan si miidhu itti hin fakkaatu.

      
JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam ✌️
   

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

21 Dec, 06:35


Diinni Jaalalaa inni guddaan
Hanqina yerooti 🥰

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

20 Dec, 18:30


Dubartiin kitaaba yoo dubbiste, social media irratti hedduu hin mumullattu yoo tahe, yeroo haasooftu galma nama bilchaataatu isii irraa calaqqisa yoo tahe waanuma nikaa kiyya qabdu natti fakkaatti.

Benatish sister koottu siin eegaaraa. Dhufeera naan ja'ikaa🥹

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

06 Dec, 18:19


✰"Dukkana guddaa keessa ifa xiqqoon darbuu dandeessa"

🌷 @A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

06 Dec, 12:56


Salaata Juma'aa guyyaa har'aa
Masjiid Al Aqsaa


JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam ✌️
                  

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

06 Dec, 12:49


✰ “Kaleessa caalaa bortu
sitti dhihoodha.”


🌷 @A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

05 Dec, 17:22


✓ Dhiirri Areeda hin qabne Qaama miidhamtoota keessatti ramadama, naan jedhe hiriyaan koo tokko 😁

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

05 Dec, 11:47


Wanta boosseefii dhabde
Kolfaa geggeessuun Falaa
Jerjertee hin gammadin
Hin gaddinis namana
Hunduu bulee siif galaa

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

05 Dec, 07:43


✰ Nama tokkoo ol jaalatta taanaan keessa kee kan jiru memory cardii dha malee Onnee miti.

      Roobart Mugaabee.

🌷 @A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

04 Dec, 16:39


QAJEELFAMOOTA DADAMMAQIINSA JIREENYA ILMA NAMAATIIN WALQABATAN:

➊. Kaayyoo ofiitiif bitamuu!
➋. Xiyyeeffannoo qabaachuu!
➌. Galma ofii beekuu!
➍. Ejjennoo qabaachuu!
➎. Jalqaba haaraan eegaluu
➏. Karaa salphaa adeemuu
➐. Mul'ata qabaachuu
➑. Waan addaa uumuu
➒. Beekumsa ofiitti fayyadamuu
➓. Ofitti amanamummaa qabaachuu
Ati yoo of hin kakaafne homtuu si hin kakaasu!

@A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

04 Dec, 16:26


Jijjiiramni tokko tokko
nama dhukkubsa
garuu barbaachisaadha.°


JOIN US: ❯❯ @seyfal_islaam ✌️
                  

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

04 Dec, 07:27


Haadhummaan jaalala.
Jaalala qulqulluu.
Jaalala hin haalamne.
Haadha jechuun
jaalala qulqulluu namaaf kennuu danda'uudha.
Jaalala namootaa jaallachuun namoota akka isaan
guddataniif gammachuudhaan
arguu jechuudha.

#Ooshoo

🌷 @A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

03 Dec, 16:06


Rooban jaalladha jetta garuu
dibaabee kee banatta.Aduun
jaalladha jetta garuu bakka
gaaddisaa barbaadda.Qilleensan
jaalladha jetta garuu foddaa kee
cufatta.

Kanaafiidha yeroo ati sin jaalladha
anaan jettu kanan sodaadhuuf.

#William_Shakespeare

🌷 @A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

03 Dec, 16:00


Maraatummaan maraatummaa caalu,isa osoo namni siif hin beekin maraattuu fi isa erga ati fayyitee namoonni immoo waa'ee maraatummaa kee dhaga'aaniidha!

🌷 @A4mulaa_jireenyaa ✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

03 Dec, 09:20


Siifan Hasan 😍✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

29 Nov, 17:43


Dubbattanii yoo waliif hin galle, callistanii yoo wal hin dhageeffanne, kabajjanii yoo wal hin guddisne, walii keessan irra kan halaalaa dinqisiifachuu irra yoo xiyyeeyfattan guyyaa eegu jirtan malee gargar yaatanii akka kiyyaatti "single" tahuuf teessan.😑🤗

Wantoonni olii kun bu'uura jaalalaati🍭

:¨·.·¨:
 `·.  
@Jaalala_qulqulluu

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

27 Nov, 08:47


Namoonni kitaaba PDF Qabdan keessaan naaf ergaa Dhugaa isinin Jaalladha 😍

Asirratti naaf ergaa 👉 @seyfal_islam

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Nov, 18:59


Sagantaa Gamaaggamii Kitaabaa marsaa 3ffaa irfan excellence centeriin qophaa'e

Mata duree kitaabaa: የኢስላም ድል አድራጊነት
Kitaabicha kan nuuf gamaaggamu: Ustaaz Ayub shaafii

Guyyaa sanbata guddaa sadaasa 29 bara 2017 (December 8/2024)

Sagantaan Ganamaa sa'aa 03:00 irratti jalqaba.

Hundi keessan affeeramtanii jirtu.

#irfan_excellence_center
#3rd_round

በIRFAN EXCELLENCE CENTER የተሰናዳ 3ኛ ዙር የመፅሐፍ ዳሰሳ መርሐ ግብር
የመፅሐፍ ርዕስ፦ የኢስላም ድል አድራጊነት
የሚዳስስልን፦ ኡስታዝ አዩብ ሻፊ

እለተ እሁድ ማለትም ህዳር 29/2017
ከጠዋቱ ከ3:00 ጀምሮ!!

ሁላችሁም ተጋብዛችኋል!!

#irfan_excellence_center
#Round_3rd

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Nov, 10:17


Osoo kitaaba hin dubbisin yoo dubbatte namni si nuffa.
Kitaaba dubbistee yoo calliste callisuun keeyyuu ergaa qaba.
Namni kitaaba hin dubbisne yoo callise nama mukeessa.
Namni kitaaba dubbisummoo guyyaa guutuu yoo haasa'eyyuu hin nuffamu.
Kitaaba dubbisuun ilaalcha ofii daandii sirrii qabsiisuudha.
Arraba ofii dubbii gaarii leenjisuudhasi
!

Haa dubbisnu!

✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Nov, 07:45


Ammuma Murteessi!
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬
✓ Waa'ee kaleessaa yaaduu dhiisi! Amma murteessi! Murtoon tokko jireenya kee bara baraan jijjiiruu dandaʼa! Sa'aatii kana irraa eegaluun waanan danda'u hunda nan raawwadha (nan godha) jedhii murteessi!

Nama kutannoo hin qabne namni barbaadu hin jiru! Kutannoo hin qabdu taanaan ofiifis warra jaallattuufis homaa gochuu hin dandeessu. 

Namni duubatti deebi'u ni qisaasama! Wantoonni ati barbaaddu hundi sodaa kee duuba ta'uu isaa beekuun murannoo qabaachuu qabda! Duubatti deebitee homaa jijjiiruu hin dandeessu; amma yoo jalqabde garuu xumura kee miidhagsuu dandeessa; Nama fooyya'aa ta'uu qabda! 

Ammuma murteeffadhu Waanuma murteeffatte keessa jiraatta waan ta'eef! Yeroo kee qaalii kana bakka hintaanee fi namoota hin taane wajjin hin qisaasessin. Hiriyaa filadhu bakka ooltus adda baafadhu.


✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

26 Nov, 07:33


.
Namni tokko tokko yeroo inni callisuu baay'isu haalli jireenya dadhabsiisee, Heedduu dubbachuudhaan gatii guddaa kaaffalee dubbiiwwan inni naamaa woliin dubbate caalaatti kan inni keessoo ofitti qabatee ofii isaa woliin wol dhaggeeffate erra caalaatti waan itti toleef malee

Hiriyoottaniif namoota isaan marfaman hundayyuu dagatee Akka hin taane
#Takka_turee_nuuf_gala


✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Nov, 15:18


Nama kamiifuu of hin xiqqeessin.
Ofiif gatii kenni humna kee eegi.
Wantootaa fi namoota jireenya si keessaa xuuxan irratti invest hin godhin.


Namoonni waan baay'ee si gochuu kan danda'an yoo ati isaaniif hayyamte qofa.

Kanaafiidha daangaa, of jaallachuu, of adabuu fi of kabajuu kan si barbaachisu.
Yeroo hunda of filachuu qabda.

Sababa sodaa diduu fi gatamuu keetiin gatii xiqqaa of gochuun namoonni akka waan salphaatti si ilaalan qofa si taasisa.

Ati gatii qabda!

✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Nov, 15:17


Jijjiiramte Naan jettu

Eeyyee, jijjiirameera. Garmalee jaalala, gaarummaa, xiyyeeffannaa fi dhiifama namootaaf kennuu dhiiseen jira. Humna isaaniif malu deebisee nan kennaaf. Dursi koo ana. Ofittummaa fakkaachuu danda'a, garuu waanan isaaniif godhe booda wanti ani argadhe mufannaa isaanii qofa.
#Unknown

✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Nov, 11:07


Namoonni group bara 2023 April dura bantanii qabdan 👉 @seyfal_islam irraan na dubbisaa. Group keessan miseensa qabaatuus qabaachuu baatuus Rakkoo hin qabu.

Gatii bareedaan isinirraa binna.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Nov, 04:34


✉️ "Yaada guddaa yaaduuf dirqama nama guddaa ta'uu hin qabdu, Nama guddaa ta'uuf garuu yaada guddaa yaaduu qabda."
— Dr. Mayles munroe.

🔗
✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Nov, 04:30


• Barachuu qofa miti, shaakali!
• Dubbisuu qofa hin godhin, hubadhu!
• Jijjiiramaa qofa ta'in, jijjiiri!
• Walitti dhufeenya qofa hin godhin, leellisi!
• Waadaa qofa hin seenin, mirkaneessi!
• Qeequu qofa miti, jajjabeessi!
• Yaaduu qofa miti, xiinxali!
• Fudhachuu qofa miti, kenni!
• Arguu qofa miti, yaadatti qabadhu!
• Abjuu qofa hin abjootin, hojjedhu!
• Dhaga'uu qofa miti, dhaggeeffadhu!
• Dubbachuu qofa miti, gochaan argisiisi!
• Himuu qofa miti, argisiisi!
• Argamuu qofa hin miti, jiraadhu!


✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Nov, 02:23


Waanta tokko argattee akkaa sirka turu yoo barbaaddee fuldura namaattii hin dubbatin namni si dhagahu hundii siif hin jaallaguu!!👍👊👇join https://t.me/Yaadadhugalageefadhu

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Nov, 11:04


Gubachaa kolfina
Akkuma Akaayii garbuu
Maal goonaree yaa qomoo
Amma barri sobaa darbuu!

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Nov, 10:44


"Kan dandeessu dhaani" jennaan
Akka gowwaan niitii dhaane
Kunoo qaama gowwaan
Waan hin taane meeqa taane

"Sa'a abbaan gaanfa cabse
Ormi ija balleessa" silayyuu
Qaawwa saaqne yoo cufin
Caalaan dhufuufi ammayyuu

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Nov, 10:32


●●●Anaa fi sihi●●●●

Ofii keef dhugaa Balleessitee, Barri kun Bara sobaati hin jedhin.
Bara jechuun Anaa fi sihi.

Barri Gaariin ykn Ajaan hin jiru.
Yoo nu gaaromne ni gaaroma.
Yoo nuti ajanne ni ajata.
Yoo nuti dhugaa dubbanne
Barichis bara dhugaa taha.
Yoo nuti jibbine barris numa fakkaata.

Kanaaf:- Ati hanga dandeesseen Gaarii fi nama dhugaa ta'i.

#Yeroo_ Gaarii Qabaadhaa 🌹

☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆☆

✎ @seyfal_islam1 🇵🇸✌️
@A4mulaa_jireenyaa 🇵🇸✌️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Nov, 10:17


Roorroon Hammaatus
Fira ormatti hin komatanu.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Nov, 08:48


Obboleesso Rabbi si haa tiksu, Jaalalaa fi quuqama ati saba keetiif qabdu aarsaa qaqqaalii si kafalchiisee jira.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

23 Nov, 04:42


Jaarsatti heerumte
Qarshii isaaf jecha
Waggootaf jiraatte
Du'asaa eeggachaa

Darbuu jaarsaa eegaa
Boru osoo jajjuu
Wanti yaadde marti
Jalaa ta'e abjuu

Duuti jaarsaf dhufe
Ishuma fudhatee
Ishee boolla keessa
Inni irra dhaabbatee

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

14 Nov, 16:22


Guyyaa Hunda si Arguu Baadhus
Guyyaa hundayyuu sin jaalladha Habibti
😍

@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

14 Nov, 15:53


Bilchina jechuun Akka inni si sobaa jiru osoo beektuu Seeqattee kolfitee bira Darbuudha.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

13 Nov, 16:52


Dhiira kaayyoof siingiloome
Gadheen Durba dhabe Seeti 😜

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

13 Nov, 09:19


Gotcha keef
Jibbi deebii hin ta'i
Yaada keef
Kun ergaa Koo haa ta'i

Duumessa ilaaltee
Dibaabeen michoomtus
Anarraa fagaattee
Hundatti fakkoomtus


Aduuf Rooba jalaa
Tokkoon ni dhaanamta
Milkii ilaallachaa
Milkooma saamamta

Bor guyyaa gaabbita
Jecha kee sirbita

Bor fixxeensa Arraabda
Kakaaf barbaaddaa

Maaf,,,,??

Heerri Uumaa
Baran qabu
Dharan labu

Hundumaa dabarsaa
Hundumaarra marsa
Guyyaadhaan mullisaa
Guyyaadhaan miliqsa

@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

13 Nov, 09:00


Akka dhuftu beeka
Hin deemtaa keen eega
Garuu,,,,,
Deddeebiin Nan jeeqin
Jiruu Koo hin mooqin

#Kalaas 😏
@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

13 Nov, 08:46


Na jaallatta taanaan
Na filatta taanaan
~
Jechaaf bakkan kenniin
Shakkii kee xiqqeessi
Amanamtuu ta'ii
Waadaa kee jabeessi

Jaalala keessa koo
Lapheetti qabadhu
Yaaddoon hin dhippatiin
Kolfiitii taphadhu!
~
An si ganee
Hulaa banee
~
Cabsee yoon argame
Waadaa gaafa sanaa
Si'iin osoo hin taane
Miidhamaatu anaa!

@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

13 Nov, 08:42


Rakkoo mara darbitee
Ga'uudhaf bakka guddaa
Dhokfadhu iccitii kee
Hin himatiin waan hundaa
~
Ejjennoo jabeessuudhaa
Kan galma keen si ga'uu
Dhufee sitti fakkeesseef
Namni hunduu firan ta'uu
~
Imala kee beekkadhuu
Adeemi suuta suutaa
Ilaallachaa ejjedhuu
Bineensa afaan buutaa
~
Galma kankee ni geessaa
Hin adeemiin caraanaa
Qoraattin dhoqqee keessaa
Eeggadhu si waraanaa.......!

@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

11 Nov, 17:52


Kiya culture clothes 👕👗🧥
Address: jimma merkato abajifar building 2nd floor room no 202
Call 📞 0986481288 / 0917019756
@kiyacultureclothes
For more information
https://t.me/kiyaculturecolthes

@jennah430

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

02 Nov, 17:34


waadaan at naaf galte
Inni gaafa duraa
Hadha eessa Deeme!?
Meerre eessa jiraa!?

Lafa jijjiirattee
Natti jijjiiramtee?
Moo....
Nama Akka kootii
Kan biraa Argatte?

Yoomiyyuu nan dhabdu
An kan keeti-n jennee !?
Hadhas An sin eega
Abdii hin kutanne

Atoo Akkana hin turree
Eenyutu si gorsee?
Badiikoo natti himi
Yoon sitti balleesse

Nan dhoksin nattimi
Yoo Na jibbitellee
Baruma naaf wayyaa
Yoo Maaluu ta'ellee

Nan eega deebiikee
Eegalee Ammaraa
Ana Abdii keeti
Bakkuman jirurraa

Abdii Idriis

@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

20 Oct, 13:57


Jaalalli yeroo aartullee waliif yaaduudha...🤩

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

20 Oct, 13:42


"Ummati kun du'a goota isheetiin kan duutu osoo hin taane, du'a goota isheetiin kan jiraattu dha!!"

"هذه الأمة لا تموت بموت الرجال، بل إنها تحيا بموت الرجال!!"

Dubbii oonnachiiftuu kan diinota abdii kutachiiftu.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

20 Oct, 13:39


Boqonnaafii gammachuu dhugaa yoo barbaadde nama si amanee sirratti if dhiiseef amanami. Keessattuu bakka isaan hin jirretti.
#Ni_Boqatta♡

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

15 Oct, 20:38


Beenu
~
Dhiisi jennaan didde
anaan na dhaga'uu
Namni hundi garuu
akka koo siin ta'uu
~
Beenu erga feetee
barbaadi kan biraa
Rabbi kan naaf uume
anaafis ni jiraa

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

15 Oct, 20:02


Y o o m i ?

Kan yaadni wal tumsee,
Qalbii naaf dagalu,
Miirrikoo gamtoomee,
Alaa anaaf galu?

Y o o m i ?

Kan faanni boqotu,
Barbaachi dhaabbatu,
Argatee gammadee,
Naftikoo gabbatu

Moo wantichi,

Dachee kana irratti,
Argachuu fi dhabuun
Dabaree naqattee,
Dhokachoo taphatti?

                         😒

✍️...
@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

09 Oct, 18:49


Suuraa kanarraa maal hubattan?
Hubannoo keessan nuufis qoodaa.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

08 Oct, 13:51


السلام عليكم ورحمة الله وبركاته
Beeksisa
****
Akkaadaamiin barnoota Islaamaa Ibn Abbaas sagantaa barumsa gannaa kan Certificate Tafsiira Qur'aanaa xumuree Dilpata darbe barattoota isaatiif waraqaa ragaa kennee jira.

Amma immoo Dippiloomaa Tafsiira Qur'aana Kabajamaa Afaan Oromootiin Waggaaa Lamaaf barsiisuuf galmee eegalee jira.

Barumsi kan jalqabu yoo Rabbiin jedhe gaafa Fulbaana 30/2017 ta'a. Galmeenis hanga gaafa sanaatti itti fufa.

Gosoonni barnootaa barataman kanneen armaan gadii ta'u:
****
1. Tafsiira Qur'aanaa guutuu,
2. Aqiidaa,
3. Usuul Attafsiir,
4. Fiqhii,
5. Hadiisa,
6. Tarbiyaa,
7. Siiraa fi
8. Lughaa hammata.

Xiyyeeffannaan olaanaan Tafsiiraaf kan kennamu ta'a.

Ulaagaalee barattoota irraa barbaadaman:
**
. Qur’aanaa Ilaalchaan qara’anii xumuruu,
. Afaan Oromoo sirriitti barreessuufi dubbisuu,
. Qorumsa yeroo isaa eeganii qoramuu,
. Sagantaa barnootaa irratti argamuu danda’uu.

Odeeffannoo guutuu argattanii galmaa'uuf Telegraamii armaan gadii seenaa:
https://t.me/markazibnabbas/672

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

25 Sep, 18:53


Raajii Fuggisoo Jireenya Keenyaa!

➨Inni beeku hin dubbatu; Inni dubbatu hin beeku!
➨Inni waa'ee Zakaa qara'e waan zakaa baasu hin qabu; inni waan baasu qabu ammoo waa'ee zakaa hin beeku.
➨inni dhimmoota #Haydii/laguudhaan wal qabatanu beeku dhiira; dubartiin jarri haydiin jaratti dhufu dhimmicha quba hin qabanu.
➨inni bulchuu beeku carraa bulchuu hin qabu; inni carraa bulchuu qabu bulchuu hin beeku.

... mee itti fufaa isinis....

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

22 Sep, 07:08


"Rakkinni Keenya Dhaba Osoo Hin Taane: Waan Qabnu Itti Fayyadamuu Wallaaluudha!"

Bishaanii fi Ibiddi wantoota faallaa walii ta'an lamaanidha. Garuu lamaanuu faayidaa fi miidhaa mataa jaraa qabu.

➨Bishaan: dhugiitiif, dhiqannaaf, humna ibsaatiif, geejjibaa fi faayidaalee hedduu argamsiisuu akkuma danda'u fe'umsaan kan nama ajjeesu, lolaa ta'ee kan qabeenyaa fi lubbuu namaas barbadeessu isuma.
➨Ibidda: inni kunis akkuma isa duraati. Kan qabeenyaa gubee barbadeessus isuma. Akkasumas nyaata ittiin bilcheeffannee kan nyaannuu fi qorra qaama keenya irratti dhiibbaa geessisu ittiin qolachuuf kan ittiin how'a argannuu fi faayidaalee biroos kan ittiin argannu isuma.

Walumaa galatti an akka natti fakkaatutti "Rakkinni Keenya Dhaba Osoo Hin Taane: Waan Qabnu Itti Fayyadamuu Wallaaluudha!"

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

18 Sep, 05:57


Gootummaadhaan Jiraachuun; Gootummaadhaan Du'uu Caala Ulfaataadha!

☝️☝️☝️☝️☝️

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

16 Sep, 18:32


Hojii Eegallee Jirra.
ስራ ጀምረናል!
We have started work!
#Abudi_Skate_Zone!

Jimma, Merkato, Bikiltu Building, 4th floor.

Come an have joyful time with us!
Sport + Fun!

for more information;
Tg: @a_haliiiim
📲 +251945323370

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

09 Sep, 02:50


Kanneen keessaa mee nama beektu maqaa abbaa waliin kaa'i.

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

02 Sep, 11:27


'Qoraanin deema' jedhii
Gowwoomsii jara manaa
Kottu si eegaan jiraa
Bakka beellamaa sana!

Ijjikoo karaa laalti
Si arguudhaaf dharraatee
Furtuun jireenya kiyyaa
Si qofatti rarraate!

Sabboontittii baadiyyaa
Tiksituu aadaaf safuu
Dhugaan si jaaladheera
Abadan sirraa-n hafuu..!

Shurrubaan kee dheeraa
Dugda keessa ciisa
Seequun kee tokkichi
Gadda meeqa kiisa!

Wal'aansa kee barbaada
Onneen koo dhiiga cobsa
Ogeettii jaalalaa koo
Akkamiinan si obsa?

Dhangaa jaalala dhugaa
Sumarraan dhandhamadha
Ijaan gaafan si arge
Dhibeerraan dandamadha!

Giiftii guddisa tolte
Gameettii haadha danuu
Bir'annaa kana biraa
Waan si waliin badanu!

Akka dheengadda dhufte
Baattee 'qodaa' bishaanii
Har'as funyoo fudhadhuu
Gowwoomsadhu isaani!

Tokkittii waan ofiikoo
Miidhagduu haadha surraa
Hin mul'atu, hin sodaatin
Homaa hin beekamu nurraa!

Hawwiin si eegaan jira
Mi'ooftuu akka dammaa
Qalbii koo nan raasinii
Dafii naaf kottu amma!

✍️...
@A4mulaa_jireenyaa 🌷

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

02 Sep, 11:13


Dubartoonni sooreyyiin maaliif abbaa warraa hin qabanu garuu🤔

͙͙Foormulɑɑ Jireenyɑɑ 🇵🇸

02 Sep, 09:51


An fakkeessuun beeku
Dhugaan sitti hima
Si godhachuuf ture
Michuu kiyya cimaa

Kabajaan siif qabu
Ija biroon laaltee
Gaarii An siif godhe
Gowwummaa koo seete

Gaafan An siif yaadu
Ati natti qooste
Gaafan sitti siqu
Ati narraa fagaatte

Wanta dhugaan taane
Soba fafakkaattee
Irra keessa Kolfaa
Miira kootiin xabatte

Ati addaan hin beektu
Kabajaa fi sodaa
Nattin siqin gonkumaa
Ati Arra booda