Dr mohammed Ibrahim @drmohammedibrahim Channel on Telegram

Dr mohammed Ibrahim

@drmohammedibrahim


Fayyaan ummata keenyaaf!

Fayyaan ummata keenyaaf! (Amharic)

እስቲ መለይወን ለወደን ከሚካሄደው ይህ ታሪከ ቤት ዜግነት ፕሬዚዳንቁ በብዙ ወቅታዊ ስህተት እና ህይወት እናፈሰሰ "drmohammedibrahim" ጋር መሳሪያ ሲደርስ አድራና አንደኛ ሳይፈሰስ እየዓመፅ ላይ እኮም እንደገና አዲሱ የሚሆነውን ሜዳ ሲሰባሰብ ሁለት ዓላማ ተቀብነው። የመጀመሪያ እንደሆነ አይነቱይመለከተቢውን ቤተሰባችን በዩናይት ሞልተ ቢሊንካ እና ቢውቫሲካ እቅ ስክሕ የቀናውው ሰው አታንኳክቲ ሚስቃስተ ባህር እምኔና ስልሕቲ ሲሰመልን ይፍለጥ እናም ጣይትቲናቢ ሌሎቹ ወገኖችን በጥላቹ ብለሱ።

Dr mohammed Ibrahim

24 Jan, 20:28


Gorsa bareeda kana irraa barachuuf YouTube kiyya saabiskiraayiib godhaa

Dr mohammed Ibrahim

24 Jan, 20:27


https://youtube.com/shorts/5ORDRXii4eY?si=1WdaX-QItLI5bGcf

Dr mohammed Ibrahim

20 Jan, 15:19


Linkii asii olii kana tuquun ilaalaa

Dr mohammed Ibrahim

20 Jan, 15:18


Akkamitti Doktorri nama qorata beeytanii

Dr mohammed Ibrahim

20 Jan, 15:18


http://youtube.com/post/Ugkx_b6CobsUx_UJihKQ1lzX0oMYgULv_njD?si=GYHEAm8YZ6ucqGue

Dr mohammed Ibrahim

20 Jan, 15:12


This my YouTube channel

Dr mohammed Ibrahim

20 Jan, 15:12


https://youtube.com/shorts/WHhKHulICJo?si=EFDLN1guuTwZnXic

Dr mohammed Ibrahim

19 Jan, 19:23


Yeroo namni funuunu maal godhu qabna/first Aid
1.mataa nama sanii gama duubaatti ol qabu dhabuu sabaabniis dhiigni lagaa isaatti yaa'uun haqqisiisuu waan maaluuf sanumaaf mataa isaa gama fuul duratti gad qabuun fi funyaan isaa harkaan walii qabuun dhiigaa dhabuudha.
2. Morma isaa gama duuba irra wanta qabbanawaa ykn qorra kaa'uun hiddoonni dhiigan akka dhiigaa dhabaniif nu gargaaraa.


Galatoomaa

Dr mohammed Ibrahim

19 Jan, 18:43


CARRAA UUMAA
@ "Dhiirri hanga du'utti dhalchu danda'a " jechu dhageeysani.
$ Saayinsi ho maal ja'a laata !
@  caasaan seeli wal hormaataa shamarraani oomishamuu kan jalqabu yero isaan gadameessaa keessatti uumamuu jalqabanirraahi .
@ shamarraan gaafa dhalatan caasaa seelii wal hormaataa miliyoona 1-2 ta'u waliin  dhalatu.
@ yeroo dargaggummaaf ga'utti hanga 500,000 tu hafa.
@ ji'a ji'aan hanga 1000 kan ta'utu yero marsaa laguu ( menstrual cycle ) hir'achaa deema .
@ waggaa 40 booda kan hafuu lakkoofsaan xiqqaadha. Kanaf  carraan daa'ima godhachuu baayyee hir'ataa deema  ,akkasumaas laguu isaani ni dhaabbata.
$  caasaan seelii wal hormaataa / speermii/ kan dhiirota oomishamuu kan jalqabu umrii waggaa 10-13  irraa kaase hanga du'aatti.
$ dhangala'aa / ijaakuleeshinii  tokko keessaa seeliin speermii  hanga miliyoona 40 olii jira.
$ waggaa 40 irraa eegalee hammi isaa fi bocni ,dandeettin isaa hir' achaa waan deemuuf carraan daa'ima godhachuu hir'aatulle akka kan shamarraani hin ta'uu
$ kanaf carraan shamarraan daa'imaa arkachuuf qaban yeroon daangeffamaadha.
😊  kanaf taffi taffi ja'a isiinin  ja'a shamarraan 🍀😊
By -*Dr mohammed ibrahim*
Ilmoon firii jiruuti
GALATOOMA !!!!!

Gorsaalee Fayyaa Kharaa Khamiin
       Akka Arkattu Barbaadda?
      Filadhuutii Itti Dhihaadhuu
          Me Kharuma Salphaan
                      Arkattaa.
https://t.me/DrmohammedIbrahim
YouTube channel:https://youtube.com/shorts/qflrZbv6OrY?si=vJo1oXG2bUgfe5AL

Tiktok :https://vm.tiktok.com/ZMkHhP84C/

Dr mohammed Ibrahim

18 Jan, 09:05


https://vm.tiktok.com/ZMkHhP84C/ This post is shared via TikTok Lite. Download TikTok Lite to enjoy more posts: https://www.tiktok.com/tiktoklite

Dr mohammed Ibrahim

18 Jan, 09:04


Torbee kana keeysa waan harawaan gama tiktok akkaan dhufu abdiin qaba inshaa allaah follow godhaa na eegaa

Dr mohammed Ibrahim

07 Jan, 07:57


Sagantaa waa'ee jaamina halkanii irratti hojjatamte tana daawwadhaa

Dr mohammed Ibrahim

07 Jan, 07:56


https://youtu.be/-uyM1LBMtDU?si=CHwxRWrI5msgNBep

Dr mohammed Ibrahim

07 Jan, 04:50


https://youtube.com/shorts/qflrZbv6OrY?si=vJo1oXG2bUgfe5AL

Dr mohammed Ibrahim

07 Jan, 04:50


Link YouTube kiyyaati join godhaa
Galatoomaa

Dr mohammed Ibrahim

03 Jan, 13:21


Vidiyoolee dhimmii fayyaa wajjiin wal qabatan argachuuf subiskiraayiib godhaa. Link asii olii kana tuquun.
Galatoomaa kaleeysa nama 7 torba qofa sabiskiraayiib godhe kuma takka seenuu qabna family

Dr mohammed Ibrahim

03 Jan, 13:20


https://youtube.com/@drmohammedibrahimofficial.302?si=GxUkNa1Z1p8-cC57

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 17:38


Galatoomaa hanga amma nama afurii subskiraayib godhe

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 15:48


Barreeysa warri subscribe goosander link asii olii kana gad tuquun

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 15:38


Warri subscribe gootan lakkoofsa 1 barreeysaa
Galatoomaa

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 15:35


YouTube kiyya maqaan isaa Dr Mohammed Ibrahim official jedha

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 15:34


https://youtube.com/@drmohammedibrahimofficial.302?si=GxUkNa1Z1p8-cC57

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 15:27


Kabajamtootaa fi jaalatamtoota page kiyya mee link asii olii kana tuquun youtube kiyya subscribe naaf godha galatoomaa

Dr mohammed Ibrahim

02 Jan, 15:26


https://youtu.be/D5BktIC13S0?si=xo5Ga5CXiPhfmVjA

Dr mohammed Ibrahim

17 Dec, 18:48


Oduu Aagaa
Obboleeysi keenya Restam mohammed waan haaraan as bahee jira akkuma beekkamu Restam nama jabaa hawaasa isaa roga aartiitiin tajaajilaa tureedha. Sadarkaa gaazixeeysummaatti raadiyoo hanga TV tti nama tajaajilaa tureedha. Arra gorsa hunda keenya fayyaduu akkamitti akka hojjanne kiishaa keenya waa buufannu kitaaba nu barsiisuu nuuf qopheeysee yeroo dhiyootti nu biraan gahuuf qophii isaa xumuree jira.
Baga gammadde naaf jedhaan!
Galatoomaa!

Dr mohammed Ibrahim

05 Dec, 07:36


Gorsa fayyaa gama fb ,telegiram , tiktok kennu itti deebiyee waaniin jiruuf hamilee keeysan na barbaachisa.
Galatoomaa

Dr mohammed Ibrahim

05 Dec, 07:32


FAAYIDAA HARMA HOOSISUUN QABDU
1.HAADHAAF
_akka dafee gadameessi bakka deebiyu godha.
_dhiiga yeroo dhala xiqqeeysuuf
_ulfaatina yeroo ulfa duratti D eebiyuuf gargaara
_daa'ima addaan fageeysanii da'uuf nama gargaara.
_akkasuma carraa kanserii harma fi kan ovaariin qabamuu xiqqeeysa.
2.FAAYIDAA DAA'IMAAF QABU
_dandeeyti dhukkuba ofirraa ittisuu no dabalaaf
_akka garaachi fi mar'imaan daa'ima sirnaan hojjatuuf gargaara.
_dhukkuba gurraa wajjiin wal qabatan ykn infeekshinii gurraatiin akka daa'imni hin qabamneef gargaara.
_akkasuma carraa garaa yaasaa fi infeekshinii kalee, sombaa wajjiin wal qabataniin qabamuu xiqqeeysa.
_ akkasuma carraa ijoollummatti kanseriin qabamuu fi dhukkuba sukkaaraan qabamuu gadii xiqqeeysa.

3. YEROO KAMII HAATII HARMA HOOSISUU HIN DANDEENYE.
_haatii dhukkuba sombaan qabamtee osoo hin wal'anamiin yoo argamte.
_harma haadha irraa yoo i nfeekshiniin adda addaa ykn madaan jiraate.
_yoo haatii qoricha ykn wal'aansa daa'ima miidhu fudhachaa jiraatte.
Hub: kan gorfamu haati takka ji'a jahaaf akka harma qofa hoosiiftuudha.
Galatoomaa!
Barreessaan: Dr Mohammed Ibrahim

Dr mohammed Ibrahim

03 Dec, 18:21


# BUBUQQA'U RIFEENSAA#
👋 Rifeensi agarsiiftu bareedinna keessaa isa tokkoo ,keessattuu dubartootaaf .
# Guyyaa guyyaan rifeensi lakkoofsan 50-100 ta'u , nama tokko irraa ni buqqa'aa ,garuu haaraawaan waan bakka buufamaniif rakkoo hin fidu.
# Rakkoon kan dhufu yoo kan buqqa'uu fi kan margu wal simachuu baatedhaa.
👗 SABABOOTA NAMA SAAXILAN
-- seena maatii ykn kan dhaalan dhufuu/ hereditary :- dhibbantaa guddaa kan qabatuu fi yeroo baayyee rakkoon kun gama abbaatin ykn haadhatiin kan jiraatu ta'e rifeensi suuta suutan akkuma umriin dabalaa deemun haphachaa ykn mola'aa deemaa
-- Sababa garagaraatiin hormooniin qaama jijjiiramuu, fknf yeroo ulfaa, dhaabbachuu marsaa laguu, rakkoo xannacha taayirooyidii fi kkf
-- Dhibeewwan garagaraa kan rifeensa keenya miidhan, fknf kan infeekshiinii akka faangasii,baakteriyaafa'an dhufan
-- Qorichoota tokko tokko ,kan dhukkuboota biroof kennaman fknf kan dhibee onnee , olka'uu dhiibbaa dhiigaa ,sukkaaraa kaanserii , dhippinna fi kkf fudhataman
--- Hanqina nyaata madaalawaa ta'ee
---yaalaa calaqqee mataadhaf fayyadamuu/ radiation therapy
---yaaddoo fi dhippinna baayyeehamaa ta'ee
--haala tolfannaasirreeffannaa rifeensaa tokko tokko / hair style , waan nama qabuun mataa hidhachuu koophii yeroo baayyee keewwachuu ,haalluu rifeensaa kan keemikaalota akka ammoniyaa , peroxide fa'a of keessaa qaban dibachuu
--- Tamboo aarsuu
👦 AKKAMITTI OF GARGAARUU DANDEENYAA
$ Nyaata madaalawaa, keessattu pirootiiniin ( hanqaaquu, atara, baaqeelaa, qurxummii, oocholonii fi kkf ) vaayitaaminii A,B,C ( kaarootii, qaaraa, moosee, burtukaana,papaya fi kkf ) badhaadhan sorachuu.
$ yero yero dhaan rifeensa ofii qulqulleeffachuu ( torbanitti guyyaa 3-4) ammaas shampoo fi filaa ilkaan babaldhaa qabu fayyadamuu .
$ Rifeensa yeroo sirreeffannu haala ykn style rifeensa keenya harkisuu fi dhiibbaa uumu fayyadamuu dhiisuu .
$ wanta nama qabu/ dhippaea ta'e mataatti godhachuu dhiisuu.
$ Haalluu rifeensaa isaa keemikaalota armaan olitti jenne qabu fayyadamuu dhiisuu .
$ Yaaddoo fi dhippina hamaa ta'e hir'isuu
$ tamboo aarsuu dhiisuu
$ Qorichoota dhukkuboota biroof fudhataman gorsa ogeessaa fayyaan male fudhachuu dhiisuu
🌻 YAALAA

% Yalali isaa yeroo baayyee sababoota rakkoo kanaf nu saaxilan adda baafachudhan isaan yaalu ta'aa , kanaaf mana yaala deemu oogeessa mari'achiisuun baayyee barbaachisaa dha .
% yeroo tokko tokko namoonni garagaraa sababaa rakkoo kana fide oso hin beekin caldhisaniituma qorichotaa akka minoxidil , finasteride , phenylephrine fa'a kan fayyadaman agarta. Garuu kun dongoggoraa , qoricha kamuu gorsa ogeessa fayyatiin alaatti fudhachuun hin qabdan.
HUB :Yalli isaa ji'a 6- waggaa 1 fudhachuu danda'a waan ta'eef obsuun barbaachisaadha
Galatoomaa
Fayyaan lubbuu teenyaf

Dr mohammed Ibrahim

27 Oct, 11:07


gorsa waaee fayyaa wajjiin wal qabatan maal fa,i barachu barbaaddu

Dr mohammed Ibrahim

26 Oct, 11:34


akkami nagaya keessanii

Dr mohammed Ibrahim

14 Oct, 11:26


Seenaa dhugaa..
Gurbaa tokkotu guyya dura inni fuudhee jaarti isaati fi haadha Isaati wajjiin nyaata nyaachudhaaf wajjiin gad taa’an.
Jaarti isaatif Nyaata hedduu Saanatti qiceeti Isiidhaan nyaadhu jacha yaada isaa gudda gama isitti as deebise.
Haadha isaatif ammoo nyaata waaxiqqo qiceeti haadha isaa duuyda itti gale jaarti isaa fuula
Keeysa laalutti seene.
Jaartin isaa tun nama hayyumma qabu Fi Diin qabuudha isa laalteeti Na hiiki jatteen?!
Isii kadhate akka murtii tanarraa deebitu eega isiin didde booda sababni na hiiki jatteef maali ja’en?
Hiddi wal hata ,ilmoo sirraa dhale akka haadha tee ati xiqqeysite kanatti aniis xiqqeeyfamu hin fadhu jatteen.!!

Wanni nama rifachiisu dubartiin gariin oggaa jaarsi isii haadha isaarra isii caalchise waan injifatte seeteeti Sammu nagayaatin rafti..ammoo akkuma ati namatti dalaydun galata galfamta jachu ni irraanfatte.
Isarraa hiikkamteeti jaarsa tokko kan haadha isaatti tola oolu rabbiin kanneef.
Amata hanga takka booda rabbiin ilmaan kanneef.
Guyyaa tokko gaala yabbatteeti Ilmaan isii moggaa deemanii kamiitu irra tola itti oolaa irrattu wal dorgamaa wajjiin deemu jiran.
Kararratti gurbaa nama guddaa tokko ka rakkinarraa kophee malee lafa deemu argite ka namni tokko isa cina hin jirre.
Joollee isiitin gurbaa San natti fidaa jatteen.
Kuno jaarsa isii ka isiin halkan duraa na hiiki jatteen sani..na beeyte jirtaa jatteen?
Ani jaartii tee ta na hiiki sin jatte sani hiddi wal hata siin hin janne ilmaan kiyya laal hangam takka akka tola natti oolan ati immoo if laali ilmaan kee eysa si bira kutan haadha teeti xiqqeysite galanni akkanatti siif deebi’e jatteen.!!
Ilmaan isiitin tola itti oola rabbiin Sawaabatti nuuf haa barreysu jatteen.!
Cufa jaartitif..
Akkuma dalaydutti galata galfamta jachuu yaadadhu.
Akka jaarsi kee haadha isaatti tola oolu godhi ,irrattis isa gargaari.
Akkasuma atis Yaa Abbaa manaa;
Haadha fi Abbaa keetif gara laafi isaanirratti hin rakkisin..jaartiin teetis akka haadha fi Abba isitti tola ooltu isii gargaari.
Jireenyi gabaabadha ..namuu guyyaa tokko waan facaafate ni murata.!!
https://t.me/Sharefabdumalik

Dr mohammed Ibrahim

08 Oct, 17:35


Ummata Qashtii jaalala malee hin beeyne ,jaalala fi kabajaan an isiniif qabu waan hangana ja’amee ibsamu miti.
Lafa nagayaa naaf bula.
Hunda keeysanu isiniin jaaladha.
Fayyaan Faaya!

Dr mohammed Ibrahim

06 Oct, 16:57


Why are men more exposed to kidney stones than women?

1. Because men have high uric acid levels,
2. Because they eat foods that are high in protein and sodium,
3. Because they have a hormone called testosterone,
4. These are the reasons mentioned because they have more muscle weight than women.

If you have kidney stones or urinary tract, it can be treated without surgery in simple and minimal treatments.

The modern treatment is also being given by qualified urinary tract surgery sub specialist doctors at Ethio-Istanbul General Hospital.

Call 0962212223 / 0965212223 to get the treatment.

▎Why Are Men More Prone to Kidney Stones?

1. Elevated uric acid levels
2. High intake of protein and sodium
3. Influence of testosterone
4. Greater muscle mass

If you have kidney or urinary tract stones, they can often be removed using minimally invasive procedures, avoiding the need for major surgery.

Urologists at Ethio-Istanbul General Hospital offer advanced treatment options.

For more information or to schedule a consultation, call 0962212223 or 0965212223

Dr mohammed Ibrahim

27 Sep, 16:28


Mala uumamaa (marsaa laguu) fayyadamuudhaan ulfa hambisuu dandeenyaa?

Guyyaa marsaan laguu itti dhufe (GUYYAA ISA JALQABAA IRRAA KAASNEE ) guyyoota 14 lakkoofna, guyyaan kun guyyaa itti hanqaaquun oovaarii irraa gadi dhiifamtu (ovulation) dha. Guyyaa kana fuuldura guyyaa sadiif, guyyaa kana booda guyyaa lamaaf walumaa galatti guyyaa shaniif qunnamtii irraa of qusachuu qabna. Haa ta'u malee carraan baay'ee xiqqoo guyyootuma kanaa alas ulfa ta'uu danda'a. Kanaafuu guyyaa sana fuuldura guyyaa shan sana boodas guyyaa shan of qusachuun caalaatti fiixaan ba'umsa kenna.

Fakkeenya 1. Marsaan laguu gaafa Fulbaana 1 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 11 haga 16; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e fulbaana 9 haga 19 walqunnaamtii saalaa irraa of qusachuu qabna.

Fakkeenya 2. marsaan laguu gaafa Caamsaa 22 yoo dhufe, hamma ta'e of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 3 haga 8; sirriitti of eeggachuudhaaf yoo ta'e Waxabajji 1 haga 11 of qusachuu qabna.

HUB:
1. Mala kana fayyadamuuf marsaan laguu yeroo inni ji'a ji'aan dhufu walfakkaataa ta'uu qaba.
2. Malli ittisa dahumsaa kun walumaa galatti dandeettiin ittisuu isaa haga warra kanneenii ( qorichoota) hin gahu.
Galatoomaa.

Dr. Gurmeessaa
(Ispeeshaalistii Dhibee Keessoo)
Fayyaan Faaya.
Link telegiraamii kiyya seenaa join godha
https://t.me/DrmohammedIbrahim

Dr mohammed Ibrahim

03 Sep, 18:47


“Narcissism” maal akka tahe ni beeytanii?

Narcissism jechuun rakkina xiin sammuu yoo tahu yeroo kanatti faa namoota baay’ee irratti waal mullatu waan taheef yoo beeytan gaariidha ja’eeti. Narcissism jechuun namoota hisaaba ala of jaalatan fi of faarsan kan of malee jedhaniidha.

Hiikkaa isaa afaan oromoottillee beekuu baadhu namoota narcisstic tahan amaloota kophaa qabu, amaloota namoonni kun qaban isiniif tarreessa -

1. Attention namaa hedduu jaalatan , yeroo hundaas faarfamuu jaalatan.
2. Gaafa Rabbi si kaase rakkina isaanii tokko isaaniit himte , akka adawwiitti si ilaalan si jibban
3. Feeling isaanii malee kan namoota biroo haajaas irraan qaban hubachuufis hin yaalan
4. Yeroo baay’ee of faarsuu jaalatan. Yeroo haasawanis tahee akkasuma yeroo waa post godhan of faarsan fakkeenyaf “laal mee akkan itti bareedu” “namni na gehu ni jiraa dhiiro?” Fi kan kana fakkaatan fayyadamuu dandeyan. Yoo maqaa fb banataniihu dhiira yoo taate “tokkicha oromoon qabdu” faa jaani baafachuu fedhan. Yoo dhalaa taates “mirroo queen , beauty girl” maal maal jaanii if faarsuu jaalatan 😊 tun ta namni hedduun qabu tanaafin ballise.
5. Osoo humaa waan dalagan hin qabaatin akka nama waan guddaa hojjateetti if laalan , akkasitti akka laaltuus sirraa eegan. Akkasitti laaluu dhabuu kee beeynaan siin oodan.
6. Sitti fayyadamanii waan ofii fedhan san arkachuu jaalatan. Kana keeysatti ati yoo miidhamtes isaan ofii saaniitif fayyadamnaan haajaan qaban.
7. Namni deemu kun hundi nutti hinaafa jaanii yaadan, sababniis bakka guddaa waan ofii kennaniif waan xixiqo hunda ka hinaaffaaf isaanin jaan godhanii fudhatan.

Namoonni amala akkanaa qaban yoo dandeyame amala isaanii jijjiiruu yookaan ammoo yaalamuun gaariidha kun rakkina xiin sammuuti ni yaalama. Social media kanarrattis namoota akkanaa baay’ee agarra. Kanaafin post godhuu jaaladhe.

Dr mohammed Ibrahim

24 Aug, 18:41


As wr wb kabajamtoota hordooftota kiyya waan xiqqoo beeynurra keeysattu quraana rabbii isiin barsiisuuf imo irratti room banamee waan jiruuf link asii gadii kanaan join godha.
We're talking about hurufaa quraana haa barannuu. Click the link to join us! https://s.imoim.net/vzhA6I?from=copy_link

Dr mohammed Ibrahim

08 Aug, 21:33


Akkam jirtan Oromoo?

Daa'imni suuraa irratti argitan kun maqaan isaa #Hamiltan_Miftah jedhama. Kan dhalate Godina harargee lixaa Aanaa Habroo magaalaa #galamsooti.

Daa'imni kun Dhalate ji'a lama(2) qofatti dhibee kanaan qabame. Ergasii kaasee maatiin isa wallaansisuuf jedhanii Hospitaala itoophiyaa jiru hundarrra naanneysanii qabeenya waan qaban itti fixatanii hanga lafa gurgurutti deeman.

Amma immoo biyya alaa deemee akka wallaanamu waan murtaa'ef baasiin biyya alaa geeysuf gaafatame guddaa fo humna maatiiti ol waan taheef, yaa saba koo waan dandeeysaniin na gargaaraa ilma koo nasf wallaanaa isiniin jedha abbaan daa'ima kanaa obbo #Miftah_Ahmed.

Namoonni gargaaruu barbaaddan lakk. Herreega baankilee armaan gadii tanaan gargaaraa :-👇👇👇👇👇

Waan dandeeysaniin daa'ima kana akka wallaansa argatu taasisaa.

1. MIFTAHA AHMED UMER
Commercial Bank (CBE)
1000562633198

2. MIFTAH AHMED ACT FOR NABEKI MIFTAH ,
Bankii Hojii Gamta Oromiyaa (CBO)1000093034817

3. WAZIR ALIYI ABDI
Bankii Rammis
1010015411601
kanaaf waan qabnuun biraa haa dhaabbannu nama gaargaaruf nama ta’uun qofti gahaadha.

Rabbiin haa fayyisu 🤲

~ Abdisa Fast

Dr mohammed Ibrahim

25 Jul, 16:37


Oduu aagaa
Kilinikni irfan home care ykn yaala manaa manaa yeroo gannaa kanaatti ijoollee dhaqna hin qabatiin gatiin salphaan manaa manaati deeme hojjachaafii waan jiruuf Bilbila asii gadii kanaan nuuf bilbilaa.
0923956444
0915994331

One step irfan home care team!

Dr mohammed Ibrahim

21 Jul, 15:16


👉Dr. Abdi Mohammed Miseensa Caffee yoo tahu har'a Gaaffii Ummata Harargee takka osoo hin hanbisini harcaasin Miseensa Caffee irratti kaasuudhaan bakka bu'ummaa ummaata isaa hojiin mirkaneeseeti jira .
1.Rakkoo Bishaan Dhugaati Aannaale hararghe Baha fi Lixaa keessaa jiraan Bakkanisa oromooti hangaa bishaan Awaashiti .
2. Rakkoo Ijaarsi Xumuramu Dhabu Siidaa Calanqoo Lolaa.
3. Rakko Daandii Aannalee Hararghe baha, magaalaa mayaa fi lixaa hanga Awaashiti
4. Rakkoo Bulchinsi Magaalaa riifoormii jala galu dhabuu aannaale hararghe baha kan akkaa magalaa Kombolcha , magalaa Calanqoo .
5. dandii xiyyara magalaa mayaa ijaarsa isa'a akkaa egalamu
6. Rakkoo fayyaa aanaalee hararghe baha, magalaa mayaa keessaa jiru .
7. Barbachisumaa Eco-tourism kan akka haroo haramaya fi holaqaa Aannaa malka balloo guddina dinagdee fi misoomaa biyyaatif murteessaa waan tahef xiyyeeffannaa akkaa argatu .
8. Iddoo olmaa dargaggoota fi ispoorti godinaa Harargee baha, magalaa Mayaa fi lixa akkaa xiyyeeffannaa argatu .
9. Rakkoo gabaa jimaa furmaata fi xiyyeeffannaa akkaa argatu
Mottummaan gaafilee kana fi kaneen biroo karoora bara 2017 keeysatti xiyyeefannaa kannee akka irratti hojatu gaaftanii jiruu .
👉Gaaffiin ummaataa haayyoota beekkumsa sayiinsawa qabanin hoggaa dhiyaatu heddu namatti tola. 👌

👉Dr Abdi Mohammed Guddaa Galatoma!🙏