# BUBUQQA'U RIFEENSAA#
👋 Rifeensi agarsiiftu bareedinna keessaa isa tokkoo ,keessattuu dubartootaaf .
# Guyyaa guyyaan rifeensi lakkoofsan 50-100 ta'u , nama tokko irraa ni buqqa'aa ,garuu haaraawaan waan bakka buufamaniif rakkoo hin fidu.
# Rakkoon kan dhufu yoo kan buqqa'uu fi kan margu wal simachuu baatedhaa.
👗 SABABOOTA NAMA SAAXILAN
-- seena maatii ykn kan dhaalan dhufuu/ hereditary :- dhibbantaa guddaa kan qabatuu fi yeroo baayyee rakkoon kun gama abbaatin ykn haadhatiin kan jiraatu ta'e rifeensi suuta suutan akkuma umriin dabalaa deemun haphachaa ykn mola'aa deemaa
-- Sababa garagaraatiin hormooniin qaama jijjiiramuu, fknf yeroo ulfaa, dhaabbachuu marsaa laguu, rakkoo xannacha taayirooyidii fi kkf
-- Dhibeewwan garagaraa kan rifeensa keenya miidhan, fknf kan infeekshiinii akka faangasii,baakteriyaafa'an dhufan
-- Qorichoota tokko tokko ,kan dhukkuboota biroof kennaman fknf kan dhibee onnee , olka'uu dhiibbaa dhiigaa ,sukkaaraa kaanserii , dhippinna fi kkf fudhataman
--- Hanqina nyaata madaalawaa ta'ee
---yaalaa calaqqee mataadhaf fayyadamuu/ radiation therapy
---yaaddoo fi dhippinna baayyeehamaa ta'ee
--haala tolfannaasirreeffannaa rifeensaa tokko tokko / hair style , waan nama qabuun mataa hidhachuu koophii yeroo baayyee keewwachuu ,haalluu rifeensaa kan keemikaalota akka ammoniyaa , peroxide fa'a of keessaa qaban dibachuu
--- Tamboo aarsuu
👦 AKKAMITTI OF GARGAARUU DANDEENYAA
$ Nyaata madaalawaa, keessattu pirootiiniin ( hanqaaquu, atara, baaqeelaa, qurxummii, oocholonii fi kkf ) vaayitaaminii A,B,C ( kaarootii, qaaraa, moosee, burtukaana,papaya fi kkf ) badhaadhan sorachuu.
$ yero yero dhaan rifeensa ofii qulqulleeffachuu ( torbanitti guyyaa 3-4) ammaas shampoo fi filaa ilkaan babaldhaa qabu fayyadamuu .
$ Rifeensa yeroo sirreeffannu haala ykn style rifeensa keenya harkisuu fi dhiibbaa uumu fayyadamuu dhiisuu .
$ wanta nama qabu/ dhippaea ta'e mataatti godhachuu dhiisuu.
$ Haalluu rifeensaa isaa keemikaalota armaan olitti jenne qabu fayyadamuu dhiisuu .
$ Yaaddoo fi dhippina hamaa ta'e hir'isuu
$ tamboo aarsuu dhiisuu
$ Qorichoota dhukkuboota biroof fudhataman gorsa ogeessaa fayyaan male fudhachuu dhiisuu
🌻 YAALAA
% Yalali isaa yeroo baayyee sababoota rakkoo kanaf nu saaxilan adda baafachudhan isaan yaalu ta'aa , kanaaf mana yaala deemu oogeessa mari'achiisuun baayyee barbaachisaa dha .
% yeroo tokko tokko namoonni garagaraa sababaa rakkoo kana fide oso hin beekin caldhisaniituma qorichotaa akka minoxidil , finasteride , phenylephrine fa'a kan fayyadaman agarta. Garuu kun dongoggoraa , qoricha kamuu gorsa ogeessa fayyatiin alaatti fudhachuun hin qabdan.
HUB :Yalli isaa ji'a 6- waggaa 1 fudhachuu danda'a waan ta'eef obsuun barbaachisaadha
Galatoomaa
Fayyaan lubbuu teenyaf