Dr Nafyad Getu @dr_nafyad_getu Channel on Telegram

Dr Nafyad Getu

@dr_nafyad_getu


Healthy.
Odeeffannoo fayyaa mana keessan taa'aa argadha.
Fayyaa hin dhabinaa!

Dr Nafyad Getu (Amharic)

የዶክተር ናፍያድ ጌቱnnየእርስዎን የቴሌግራም አማርኛ ካነበብኩህጀግና አዲስ ተመን እና ኤክስፉሴን ስለነዚሁ ዋኪመላክሚስታዊ ገጽ ትገኛላችሁ። ለትምህርትና ለጤና የጋራ ስነስርት አስፈላጊ ፕሮፌሰንሲያንን ከመሰምታቸው ፧፧ከክትትድ እንሰራለን ። nnእዚሁ ገጽ የወቅታዊ ወኪል መረጃን ከመነጋገሩ በፊት ጠበቃችሁ። ለትእ᪺ ዋኪመላክሚስታዊ ሰነፍ እዚሁ ትንሽ መረጃን ለመነጋገር መጢጥ እዚሁ ገጽ ይጀምራል። nnለትምህርትና ለየግብጽ መንገድ ይቅርብ መስራትም አሉ። በመጠበቅም የትምህርትን መምሪያ ጊዜ እንሰማም ።

Dr Nafyad Getu

20 Nov, 20:01


"Furmaata Singiggoo/gubaatii laphee fi qara laphee(Gastroesophagial reflux disorder/GERD)

Rakkoon kun kan dhufu rakkoo laafachuu huutuu garaachaarraan kan ka'e Asiidiin garaachaa haayidirookiloorik asiidii jedhamu gara ujummoo nyaataa laphee keenya keessa jirutti(Esophagus)ol darbuurraan kan ka'e rakkoo dhufudha. Kanaaf namoonni baay'een miira gubaatii qara laphee jalaa fi laphee gara bitaaf saaxilamu. Mallattoo kan biraan kanneen akka nama haqqisiisuuf lollociisiisuu danda'a. Namoonni baay’een rakkoo kana Onnee nu dhukkuba jedhanii himatu.
Mee namoonni rakkoo kana qabdan maal gochuu qabdu/hin qabdan?
1.Yeroo raftan boraatii fayyadamaa
2.nyaata hedduminaan hin nyaatinaa
3.yeroo hirribaa sahaa 2-3 dursaa irbaata nyaadhaa
4.yeroo raftan kallattii bitaan rafaa
5.shunkurtaa diimaa dheedhii soorachuu dhiisaa
6.alkoolii dhuguu dhiisaa/hiri'isaa
7.Buna baay'inaan dhuguu dhiisaa
8.sigaaraa aarsuu dhiisaa
9.nyaata zayitii itti baay'ate/qimamii/urgeessituun itti baay'ate soorachuu dhiisuu
10.ulfaatina qaamaa hir'isuu
11.cuunfaa birtukaanaa fi loomii baay'inaan fayyadamuu dhiisuu
12.chokkolaataa baay'inaan soorachuu dhiisuu
13.dhiphina/aarii hir'isuu
14.nyaata xixxiqqeessa nyaadhaa
Akkasumas qorichi madda asiidii kanaa hir'isu waan jiruuf fayyadamuunis gaariidha.

Namoonni qaamaan dhuftanii yaalamuuf nu marisiisuu barbaaddan
Teessoon : Finfinnee , Hayat , Derartu adebabay
Lakk. 0909102009

Fayyaa hin dhabinaa

👇👇👇👇👇👇
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆 join and share please 👆👆

Dr Nafyad Getu

20 Nov, 20:00


Furmaata Singiggoo...
👇👇👇👇👇👇👇

Dr Nafyad Getu

07 Oct, 18:39


🫡

👇👇👇

@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆👆 join 👆👆👆

Dr Nafyad Getu

05 Oct, 18:56


Baga geessan!
Irreecha Hora Finfinnee
Outfit design :- Faya fenet

👇👇👇👇
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆👆👆👆👆👆

Dr Nafyad Getu

29 Sep, 16:16


Rifeensi naannoo qaama saalaa faayidaa maalii qaba?
Akkuma beekamu mallattoo saal-lammeessoo dhiiraaf dubaraa keessaa tokko rifeensa naannoo qaama saalaatti biqilchuudha. Darbee darbee sababa hormooniin irraan kan kahe namoonni hin qabne hedduun jiru.
Namni hedduun Rifeensi kun gaafa gurguddatu ni ciratu. Namoonni tokko tokko kanumti yeroo hunda arguu hin barbaanne ykn yeroo yeroon haadan/ciran jiru.
Faayidaan rifeensa kun fayyaa naannoo qaama saalaaf kennu :-
1.rigata yeroo wal-qunnamtii saalaa ni hir'isa
2.shamarraniif ho'ina uumuun naannoo qaama saalaa jiisuun fedhii isaanii ni dabala dhukkubbii yeroo wal-qunnamtii saalaa ni hir'isa.
3.xuriiwwan tokko tokkoof baaakteeriyaa fi fangasii naannoo qaama saalaa miidhan tokko tokko to'achuu keessattis qooda qaba. Xannachii dhangala'aa furdaa dhangalaasuu kan ujummoo rifeensaa jalatti argamu(sebacious gland) jarmoota nurraa lolu keessatti qooda qaba.

Kana yeroo jennu rifeensa naannoo qaama saalaatti qaama saalaa hin ciratinaa Jenna osoo hin taane, namoonni akka miidhaa qabutti akka hin ilaalle jechuufi.

Odeeffannoo fayyaa dabalataaf bilbila keessaniin erga gabaabaa 7719 irratti ok jedhaa ergaa galmaa'aa
Fayyaa hin dhabinaa.

👇👇👇👇👇

@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆#Join 👆👆

Dr Nafyad Getu

11 Sep, 19:31


Happy new year🌻🌻
Eebba haaraan waggaa haaraa jalqabneerra!

👇👇👇

https://t.me/Dr_Nafyad_Getu
https://t.me/Dr_Nafyad_Getu
https://t.me/Dr_Nafyad_Getu

👆👆 join godhaa.🙏🙏🙏

Dr Nafyad Getu

06 Sep, 19:57


Warra Qe’ee😍!
Finfinnee!

👇👇👇👇

@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu


👆👆 join and share 👆👆

Dr Nafyad Getu

20 Aug, 14:16


Maaltu si argate Kichuutti haadhoko😢
Jireenya Biyya lafaa har’a wal argitee bor wal dhabdu 😢!
Dhiyoo qaamaan Wal arginee turre , keessaanis natti haasahaa ture , amma lubbuun isaa darbe jechuu dhagahee baayyeen rifadhe !
Nagaan boqodhu Kebek !

👇👇
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆👆👆👆👆

Dr Nafyad Getu

18 Aug, 14:06


Monday vibe😍
Ayantu❤️

@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

Dr Nafyad Getu

08 Aug, 17:19


16 years back 😂( Suuraa waggaa dura kaafame 🙄)
As keessaa Nafyad isa kam ?🫣

👇👇👇

@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆👆👆👆👆👆

Join please🙏

Dr Nafyad Getu

06 Aug, 17:47


Eegumsa gogaa daa’imman reefu dhalatanii

Gogaa daa'imman reefuu dhalatanii kunuunsuun fayyaa isaa eeguu fi dhimmoota gogaa barame irraa eeguuf barbaachisaa dha. Gorsa kunuunsa gogaa daa’imman reefuu dhalataniif gargaaran muraasni kunooti:

1. Qaama isaanii dhiquu (Bathing)

Torbanitti guyyaa 2-3 dhiquun akka waliigalaatti gahaadha. Bishaan xiqqoo ho’ee fi saamunaa daa’imaa ykn qulqulleessituu salphaa fi urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Yeroo hedduu dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababni isaas gogaan daa'imaa jiidhinsa akka dhabuu (gogu) danda’a.

2. Kunuunsa Daayipparii (Diaper care)

Bakka daayipparii qulqulluu fi goggogaa taasisuun shiffee daayippariin wal qabatan ittisuuf gargaara. Daayippariin erga jiidhee ykn xuraa’ee booda hatattamaan jijjiiruu qabna. Qulqulleessuuf haxooftuu lallaafaa ykn bishaan ho’aa fi huccuu lallaafaa fayyadamuu dandeenya. .

3. Jiidhina gogaa isaanii eeguu

Erga dhiqnee booda, uffata lallaafaadhaan gogaa daa'imaa suuta gogsaa. Gogaan jiidhinsa gahaa akka qabaatuuf dibata daa’immanii kan urgooftuu hin qabne fayyadamuu qabna. Dibata gogaa namoota gurguddoof oomishame fayyadamuu hin qabnu.

4. Ifa aduu

Ifa aduu kan humnaa ol gubu irraa fageessuu qabna. Ifa aduutti baasuuf ganama sa’aatii 3-4 ykn sa’aatii boodaa sa’aatii 10-11 gidduu aduu hin gubne keessatti tahuu qaba. Innis daqiiqaa 20-30 gahaadha.

5. Filannoo Uffata

Uffata lallaafaa, qilleensa galchuu danda’u kan huccuu uumamaa kan jirbii irraa hojjetame filadhu. Uffata dhiphaa ykn uffata gogaa daa’imaa jajjabaataa ta’ee gogaa daa’imaa quncisuu danda’an uffisuu hin qabnu.

6. Kunuunsa qeensaa

Qeensa isaaniin akka gogaa isaanii hin quncifneef yeroo yerootti ciruu barbaachisa. Innis qortuu isaaniif hojjetameen osoo gogaa naannoo qeensa isaanii hin muriin tahuu qaba.

7. Finniisa Daa'imaa fi shiffeewwan gogaa

Daa’imman reefuu dhalatan finnisa ykn shiffee adda addaa qabaachuu danda’u, kunis yeroo baay’ee miidhaa kan hin qabnee fi ofuma isaaniitiin kan dhiisanidha. Oomishaalee garagaraa fayyadamuu ykn garmalee dhiquu irraa of qusachuu qabna, sababiin isaas haala kana hammeessuu danda’a. Yoo yaaddoo qabaattan ogeessa fayyaa daa’immanii mariisisaa.

Daa'imni hundi adda akka ta'e, gogaan isaaniis fedhii addaa qabaachuu akka danda'u yaadachuun barbaachisaadha. Waa’ee kunuunsa gogaa daa’ima reefuu dhalatanii ilaalchisee yaaddoo addaa ykn gaaffii yoo qabaattan, gorsa dhuunfaa keessaniif ogeessa daa’immanii ykn ogeessa eegumsa fayyaa mariisisuun gaariidha.

Fayyaan Daa'immaniif!

@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

👆👆 join please 👆👆

Dr Nafyad Getu

05 Aug, 20:00


Baayyee nama gaddisiisa!
Artist Kedir yaalii isaaf biyya alaatti utuu process gochaafii jirruu lubbuun isaa boqochuu isaa dhagaheen hedduun rifadhe!

Artist Saliha Sami , Habtamu Lamu, Hawi Temam fi Dr Xahaa waliin jalqabaa kaasnee yaalii isaaf haala mijeessaa turamus Hanga yaadne nuuf tahuu hin dandeenye !
Si oolchuu hin dandeenye , nagaan boqodhu 😢😢!

👇👇👇
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu
@Dr_Nafyad_Getu

#join_Please
👆👆👆👆👆👆👆