Walaloon Jaalala @walaloon_jaalala Channel on Telegram

Walaloon Jaalala

@walaloon_jaalala


Chaanaalli kun yeroo hundumaa Walaloowwan filatamoo fi ergaa guddaa qaban kan siniif dhiyeesaudha.

Yaada qabdan kamiifuu bot kana fayyadamaa
@Walaloo_bot


https://telega.io/?r=l9NDCHx-

Walaloon Jaalala (Amharic)

የእውነተኛ እና ምሽት ያላት ፋይሉትን ሰፈናዊ ሁኔታ ብዙ በተለያዩ ምሽትና ፋይ እንዲሆን እና ማስታወቂያ ድምጻችሁን ወደ ዋላሎቹ ተመሳሳይ ታሪኩን በከፍተኛ ስጦታ እንቀምጥላችሁ። ብዙዎቹ መረጃ ከመሳሪያ ርዕሰ ስጦታ እና ከፍተኛ ስጦታ በቅ ነውና ማህበረሰብ ወደ ላቀቅ ሰራዊት መቼና ከፍተኛ ስጦታ ሊባልን እንነጋለን።

Walaloon Jaalala

17 Nov, 06:50


Badhaafamaa

https://vm.tiktok.com/ZMhtFJ7uW/

Walaloon Jaalala

16 Nov, 18:28


Si amanuu dadhabuukoof
si hordofuu jalqabuukoof
na hin komatin waareefi waarii
ana miti, waaqatti aari!☝️

Guyyaa keessaa, guyyaa tokko, of dagadhee
utuun ka'ee, si amanee, siif kakadhee,
ni fudhattaa onnee guutuu?
achi ilaaltee kolfa hin duutuu?*🥴

"Bakka feetus waanta feetus hundaa godhi!"
utuun jedhee, hiiqxee deemuuf qabdaa fedhii?
mee "Waaq" jedhi!🥴

Hin fakkaatu!

Maaliif akkan si'n amanne
akka dhabdee na hin komanne
atis ni beekta rakkicha
sababnikoo waa tokkicha!
👇
Komannaakee kan fudhatu 'Waaqa' jedhee
shakkiikootti akkan cichu kan na godhe,
gabaabaadha, deebiin gaaffiif hibbookeetii
sababnikoo miidhagaafi simbookeeti!🤗
sin amanu dhimmakeeti! 🙄

Aga Guda

Walaloon Jaalala

16 Nov, 15:01


Haal dureen hin gaafatu
Hin barbaadu ulaagaa
Jaalalli akkasumaani
Waa hin qabu herreega

Lama tokko godhee
Waaliif baachisa ba'aa
Tasa nuffii hin qabu
Jaalalli in danda'a

Gaarummaas agarsiisa
In Jibba hoo hammina
Salphinaaf hin ijaajjuu
Namaaf ta'a jabina

Jaalalli hin lafafu
Hin baasu icciitii
Inni kan gammaddu
Waanta hamaan miti

Of tuuluu hin beeku
Hin qabu of bokoksa
Balleessaa hin lakkaawu
Jaalalli in obsa

Ofittummaa jibbee
Dursa gaarii-waloo
Jaalalli hin dallanuu
Hin kuufatu haaloo

@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

15 Nov, 17:02


Beektaa ...
Qu**aa keen si arge
Halkan qixxee keessa
Manaa gadi baatee
Galbii jala teessa

Ani akka hattuu an akka ayyaanaa
Osoon sirra marsuu qoreen na waraana!
"Maal taate sareeko maaliif qullaa teessa"
Gateettiikee duubaan kana sitti Odeessaa,
Quboota harka koo diriiran deebisee
Dubbii arrabarraan kokkeetti achi hirkise!

"Sareen kun maal ta'a kosiirra ishee kaa'ee
Diida dhaabataafi galbii jala taa'ee"
Naan jedhe ayyaannikoo!
Afuura koo qabee yaadakoos duuchadhee
Ofirran deebi'e abjuunis mufadhee.

DaaBee.
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

14 Nov, 15:52


Lookoo giiftii durbaa
Giiftii abdii gurbaa
Ato inumaraftaa yeroo bonni boonu, yeroo gannis gannu
Tarii biyyoo awaala reeffaa sirra firfirsinnuu?
Maaltu si dammaqsu beeka kam gaafannu?
Bunaa qalaa qalluu? Waa sii dhibaafannuu?
Kan ilka siif cabsuu Dhaabaa Wase kaasnuu?
Moo…Galma Abba Gachiitti moora sii ilaalchisnu?
Maalumaa sii mallu? Beeka kam sii dhaqnu
Mana aadde Maammitee…moo mana Haadha Hasanuu?
Beeka kam gaafannu?
Maali hoodi akkanaa?... Ka’uun maa si dida
Abaarsaa tainnaa? Dubbii akka hoodaa
Abaarsaa fi sookkoo kan Kumsaa Morodaa
Dur yeroo bara ’saa, galgala guyyaa hundaa
Nyaataa lafee seene mokotaan of waadaa
Bulee...yeroo barihu
Seeraa biyaa ilaaluuf dhaqee yommuu taa'u
Silaa tokko tokkoo nan sugaayee hin beeku
"Seerrii natti badee...
Dubbiin gototame,” yommu Kumsaa yakku
"Nyaataan dhukubsadha…., galgalaa fi ganama
Mokota laaftootiin of waada buleenii dhageessuu yaa jamaa
Kaniin ka'e dhufe;
Malee... seera dabsuuf miti, matumaa, matumaa
Koon eega hin sugoofnee...
Egaa… isini habuusuree mootii biyya ormaa!"
Jedhee abaare jedhu Kumsaa ilmi Moroda
Si qaqqabe laata sookkoon akka hoodaa?
* * *
Tarii…, hin qabduu laataa, muuziqaa dammaqsu
Kan bifa kee saadee, miidhaga kee faarsu
Kan miira kee qaree irribaa si kaasu
Garuu jira miti…?
Orkeestraan Waachaa Baandiin karaa Koomboo?
Maestro Tamsgeen; kompoosar Ashanaa,
Obbo Ashanaa Booboo
Gaafa Mikaeli, yookaan gafaa Aabboo;
Masqala Mucucoo, masqala Qoraattii
Ajjeesaa gafarsaa fi ateetee dubartii
Dhandha-qabaa gurbaa yookaan intalattii
Yookaan mana deessuu yookaan cidha irratti
Gaafa Huumbaa Waaqaa, gaafa Bismillaahii, …
Yookaan Beqidme zaattii,
Barcuma gooftaafa fi yookaan doombii jaartii
Birraa fi arfaasaa yookaan bonaa fi ganna
Kan naa-gamtee hin beeknee xurumbaa obbo Ashanaa
Bara-baraan kana, qooqi hin geeddaramu tokkuma caraanaa
Tarii…rafee si raffisee yaadalloon fajaje
Raatuu si taasisee akka saawwa baajee
Sinsinni ajjeese, of si dagachiisee…?
Akka waan barri ejjee?!
* * *
Dhiiro…!
Intalli haa dammaqxuu mee harka-harkaan dafaa
Biyya Dhaaba Wasee…,
Biyya Mardaasaa ti dhirrii hin jiruun fafa!
Biyya Abiishee Garbaa, biyya Oliiqaa ti, biyyaa Abdiisaa ti dhiirri hin jruun kolfa!
* * *
Lakkii mee qaanayi
Dammaqii ol ka'i
Mee fuula dhiqadhu
Qullaa kee dhokfadhu
Diinatu si gudeedaa
Maqaa abbakeetu badaa!

Caamsaa 30, 2003
Dr. Zalaalam Abarraa
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

14 Nov, 15:52


Giiftii Gabaa Somboo
*
Bifti kee akka hoodaa kan arganii hin quufne
Amalli kee raajii kan tasa nama hin quuqne
Guddoo lammii gaarii qomoo sanyii hortuu
Sooree marxoo jaawwii qabbanee ulfaattuu
Giiftii lookoo durbaa kan miidhaga caaltu
Raftee maa dagattee maaf irribaa hin kaatuu?
* * *
Lookoo qaama naatoo
Guntuti daamatoo
Kan gunfurri Koomtoo
Mormi kee hiixatee garaa Waaqaa tuqaa
Sarbaan kee diriiree goodaa calalaqaa
Giiftii Gabaa Somboo, giiftii warra Leeqaa
Ati maaf hin kaatu, kaan rafeewoo indammaqaa?
Giiftii raftee hin kaane, durba irribi dage
Maaliif raftee hin kaatu maaf qalbiin si muge?
Raftee hin dammaqxu waggaa dhibba raftaa
Damqxes hin mugdaa, yoom ija banattaa?
Dunquqquu seenaa kee ciistee amuummattaa
Egeree hormaata kee maaf bacancarsiistaa?
Xaa’oo gadameessa maaf jiraa gogsita?
Bara baraan raafuun hooda hin ta'u laata?
Maaltu siyaa dammaqsu...?
Bunnii haa danfuu laataa…? Kan goodaa Saasiggaa?
Si dammaqsaa laataa? Kotteen farda Diggaa?
* * *
Goomattuutu milkii kee si gaadi'ee tarii?
Tosha tarkaanfattee dur obboroo barii?
Qaalluu kam sii dhaqnu...? Giiftii booka futuruu
Du'a maalii rafta bara dhufee taru?
Ofii hin damaqxuu kan si kaasu hin jiruu
Ilmaan hamajaajii cilaattii si dibuu, daara si sararuu
Qullaa keettii kolfuu maqaa si gurguruu
Kolfa ukkaamama bobaa si qirqiruu.
Gunfura kee haaduu
Hamilee si gudeeduu
Tarii..., obboleessa hin qabduu…?
Dhiira qoma dabbasaa, dhiira qoma bidiruu
Kan gaachana ta'u, kan roorroo kee aaru
Kan shaanfoon diina diru, kan diree geeraru
Obboleessa hin qabduu, lammii fira dhiigaa?
Moo….? Yoo si gudeedanu luka qabuuf fiigaa?
* * *
Giiftii sin gaafadhaa…, giiftii booka futuruu!
Dhiirri maaliif dhibe kan roorroo kee aaru?
Attam dhiirri dhiba...? Dhiirri attam hin jiru?
Sibuu... dhiirri hin jiruu?
Moo...? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyu...
"Muka garbuu bobeessuu... dubbii darbu odeessuu?"
Amuumaa dhiirri hin jiruu?
Moo....? Ammayyuu…, akkuma durii duruu?
Ammaayyuu ...,
"Wadaroon muka yaabuu…? Yoo citte luka dhaabuu?"
Waamaa dhiirri hin jiruu?
Moo….? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyuu...,
"Lafti ’saa akka bowwaa tii...? Namni,saa akka gowwaa tii?"
Ammayyuu...?
Waayee…, "Abbaan qoyyaas haadha Qoyyaas dhungatee?
Waayee..., biyya Moxee ti baaltiin guddatee!
Marraaguma odeessaa, waayee baaltii qoruu?
Gobbuu Sayyoo dhiirri hin jiruu?
Moo...? Ammayyuu akkuma durii duruu?
Ammayyuu....,
"Muka nuugii bobeessuu…? Dubbii xuurii odeessuu?"
Dhiiro...., Abaaloo dhiirri hin jiruu?
Abaaloo gamanaa, Abaaloo gamasii…,
Warra deessee mooti
Wal uffannee koorra akka belee kootii”
Jechuu itti dhiisani…!
"Abaaloo Saasiggaa warra Kasee Ittaanee
Duroo nama turree hardha gadhee taanee?
Jedhanii mammaakaa…,
Booka xuxxuxachaa yaadaan gaabbii qoruu?
Maal akkam dhirri hin jiru?
Kan gidiraa kee furu
Kan rakoo qalee muru.
* * *
Tarii waan dhokattutu jiraa, irriba dawattee?
Qaanii Warra Leeqa ka’een hin argu jettee
Awwaala abbooti, dargageessi yoo diigu
Iddo Odaaf ulmaayii, alaleen yoo margu
Dheebu abbaa warra keessummaa diddigu
Luxu fi biqiltuun, yommuuttii coolligu
Tadhumaan egere yommu didee gogu
Galma qaallu keessa qeesiin yoo dalagu
Asoosama fi seenaan yommuttii wal rigu
Ka’e arguu mannaa, naafoo wayyaa muguu
Jettee lafa dhooftee akka muka jigu?
Anoo hin argu jettee dubbii akka falfalaa
Silaa…, "Harkumaan qaranii harka nama qalaa”
Sissiqee, sissiqee jibbo nama dhaalaa!
Qeyeen Dibaaba dhaa, durillee dibaaba hardha inMikaela
Waraabi laga saa durille bishaanii, bishaanuma taliila
Amala sinsinnaayee…, hardhammoo inxabalaa
Abbaateefaatu ittiin seexana aboota, jinni ittiin kabalaa!
Kana arguu saalfattee
Raftee achumaan haftee?
* * *

Walaloon Jaalala

13 Nov, 19:06


Chaanaala Telegiraamii ajaa'ibaa hordoftoota keenya hunda affeerru tokko qabna. Chaanaalli kun odeeffannoowwan Teeknooloojiin wal qabatan irratti waan haaraa fi dhalootni beekuu qabu guyyuun lakkisa. Sin fayyada jennee waan amanneef sin afeerre.

Link'n isaa kunooti
👇
https://t.me/BayissaaTech

Walaloon Jaalala

13 Nov, 14:24


Dhugaadha kan jettu,
Kan ati dubbattu,
Yoo jiraate;
Dhugaan jaalaladha,
Jaalalli du'uudha,
Du'uun jiraachuudha,

Jiruu ofii ganuu,
Nam-biraaf jiraachuu,
Ba'aasaa baatanii,
Ofirraa boqochuu!
-dha!
~
Gadaa
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

13 Nov, 12:45


Hamma ati miidhagdu
Sitti himuu kan na rakke
Deebitee of jaallatteetu
Na jibbitaan shakke.

Tarii yoon sitti hime...

Seeqni kee akka biiftuu
Dacheef dungoo ta'uu
Simboo dubbii keetiin
Beekaa hunda booji'uu...

Akka Urjii samiirraa
Iftee calaqqisuu
Akka iliillii birraa
Addunyaa urgeesssuu...

Qal'inni mudhiikee
Soonsa infaasisuu
Dhiirri si mil'atee
Gorora hawwii cobsuu...

Kan harka dhiqatee
Uumaan qofaatti uume
"Safartuu miidhaginaa"
Jedhee itti hime....

Gita akkati hin qabne
Dachee bal'oo kanarraa
Tarii ani sitti himee
Yoo dhageesse narraa

Sumarraa jaalalli si qabee
Of jaallachuu eegalta
Miidhaga keen mo'amtee
Anaan na dagatta.

Kanatu na rakkee
Sitti himuu miidhagakee!

Si dhoksuun utuma natti cimuu
Akkati bareeddu ani sittin himu!

✍️ Amaanu'eel Naggaa
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

13 Nov, 05:20


Yoo birraan barakaa hin taane
Gannii abdii hin himatu
Yoo garaan waliif hin naane
Arrabnii hamaa hin dubbatu

nama jaalatan dheekkamu
Nama jaalatan gorfatu

Malee...

Kan jibbaniif dhimma hin qaban
Qajeelchuuf hin dadhaban
Otuu arganii callisuu
Balleessa waliin Eebbisu

Biruk Tamirat
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

12 Nov, 18:30


Walaloon Jaalala pinned «Siitkoomii Maatii Ilaalaa Kutaa 7ffaa https://youtu.be/jKKf2spKyyc?si=3rucGYOGHHcJOHDN»

Walaloon Jaalala

12 Nov, 12:37


Siitkoomii Maatii Ilaalaa
Kutaa 7ffaa

https://youtu.be/jKKf2spKyyc?si=3rucGYOGHHcJOHDN

Walaloon Jaalala

11 Nov, 05:14


-"Harmee-"

Aayyooko haadha dhiiraa
Ya ishe anaaf jiraattuu
Lubbuu takkittii qabdu
Dabarsuun kan naaf laattu
~
Waan hunduma dandeessee
Bu'aa ba'iidhaf eelaa
Osoo harmeenko jirtuu
Ani hin agarre beela
~
Bifa ijoollummaashe
Anaf jecha fixattee
Kan hintaane ta'uudhan
Namaan na qixxeessitee
~
Mee maal jedhu wa'eeke?
Aayyooko kan na deesse
Dukkana sana keessaa
Fiddee asiin nageesse
~
Fuulli si daalacha'ee
Anaaf jecha cabdee
Ana uffisuudhaf
Ofii daara dhabdee
~
Ji'a sagal guutuu
Garaattii na baattee
Ofii osoon nyaatiin
Anaaf nyaata laatte
~
Abshir haadhakoo
Siif qaqqabee aayyoo
Dhamaatiinke addaa
Anaaf miti laayyoo
~
Biqiltuunke xiqqoon
Siif taatii aara galfii
Gorsikee duraaniis
Arraan na gahuufii
~
Osoon lafa ta'ee
Ati narra deemtee
Kaffalamen dhumuu
Aayyoo oolmaan kankee
~
Umurii kankoo guutuu
Sichi sin gammaachiisa
Ani ilmi kankee aayyoo
Sichiin si qanaansiisaa

✍️ Ikbal Rashad
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

10 Nov, 17:05


Namni biraa
Ollaa-fira
Kan si beeku hamma hubate qofa
Keessikee si duwwaaf sirnaan ifa!

Kanatti,
waan alaan yaadamuurra ennaa fagaattu
tasumee se'amta waan ittum-dhufee jiraattu
nama diimataa bule namatti hin fakkaattu!
* * *
Kanaa'ol Badhaadhaa
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

10 Nov, 14:36


Addunyaan na jajuyyuu
Harka naaf kennuyyuu
Addunyaan koo si'i
Sitti gale kooluu
Addunyaan na malee
Ani simaleen oolu

Kaachuu
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

10 Nov, 06:09


(Xumura🤔!)

Hammam jabaatus,
Hammam qabaatus,
Hunduu ni tara,
Hin jiraatu bara-bara!

Deemee deemee,
Sokkee fagaatee,
Faanni ilma namaa,
D u ' a t t i maqa,
Xumurris achuma,
Hunduu achi dhaqa!
...
Gadaa ✍️
@Walaloon_Jaalala

Walaloon Jaalala

09 Nov, 13:41


@Kaachuupromotion

Irratti chaanaalota gurguruu fi Bituu barbaaddan kamuu iyyaafachuuf @Walaloo_bot fayyadamuun nu qunnamaa.

Walaloon Jaalala

09 Nov, 10:02


Verified airdrop

Namoota dursanii seenaniif kennaa addaa qaba.

https://t.me/bums/app?startapp=ref_niOSqL1Z
Hey buddy! Check out BUMS!

Join now and level up from a bum to the king of the streets!

Walaloon Jaalala

09 Nov, 06:19


Mil'adhee si dhabee
Si arguuf agabee
yaadannoodhaaf seeqaa
Hin dhuuftaakee eegaa

Gaafan si yaadadhuu....

Hin fiigiin arganee
Afurri na cita
Hin dhiigiin dhukkubaan
dhiignikoo itita

Abdii koo kutadhee
Mudhiikoo hidhadhee
Hidhaasaa jabeessuuf
Maqaakee hadheessuuf

Murteessee yoon ka'uu
Qalbiin koo yoo na'uu
Hunduu bitaacha'ee
Hin rafne qaajja'ee

Guyyaan natti dhiiti
Dukkanicha keessaa
Dhiiti immoo bariiti
Gaarummaan kee kalee
Dhiphuudhaan na hiiti

Pilaaneetii yaadaa
Samiitti achi ergee
Aduu jaalala-keet
Tasgabbii na dhorkee!

Eeyyeen erga sanaa
Erga gaafasiitii
Gaadidduu yaadakeen
Qaawwikee na miiti,

Suma Sanaaf....😍
Anaa keeti..✍️
@Walaloon_Jaalala