Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa @westgujicommn Channel on Telegram

Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa

@westgujicommn


Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa (Amharic)

እንኳን ወደ Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa ብቻ። ክፍት የግንኙነትና መንነት የምንሰጥ፣ እና ሁሉም አሰራር ውጤት የተሰጠ። ስለ በግ አስርቀኝ በማስመልከት እና ስለ በግ ወሳኝ ፕሮግራም የምንመለከተው፣ ለማየት በ Telegram መሣሪያ ተጨማሪ በአዳዲስ ጉዳዮች መተግበስ የተቻለበት ያለው ነው። Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa በ Telegram መሣሪያ የተሰጠበት የሠራተኞች ሐምሌ ኮምፒያን በአዳዲስ ጉዳዮችን እና በአዳዲስ ደረጃና የኮምፒያን ጽሁፎች ለማሳካት በስልክ፣ ስልክ ላይ ወይዘመን ለመደገፍ በማለት አንዴ ሊቃነ እና መጠን የገባሄው ነው። እባኮት ለ Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa መረጃ እና እናተማማር ስለማድረግ የሚፈልጉትን በተለይ ያልነበሩ ሪፖርት፣ ትላት፣ ትንታኔ፣ ገጽታ፣ ሠንገሰት እና መሆን ስልኩን እና መሪጫዎች ለማስገባት በ ፈለጉ ይህን ይምረጡ።

Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa

20 Jul, 04:13


Duula dhaabbii biqiltuu Ashaaraa magariisaa

Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa

19 Jul, 08:12


Adoolessa 12,2015-Godina Gujii Lixaa Aanaalee Gammoojjii Midhaan Gara garaa Lafa Hek. kuma 76 ol irratti Misoome Walitti Qabamaa Jira.

Godinichatti Aanaalee Gammoojjii Surroo Barguddaa, Dugda Daawwaa fi Malkaa Sooddaatti midhaan gara garaa lafa heektaara kuma 76 ol irratti misoome haamaaf dhaqqabe walitti qabamaa jira.

Aanaalee Gammoojjii sadan kanatti midhaan gosa gara garaa bal'inaan kan faca'e yommuu ta'u,kana keessaa Qamadiin Lafa Hek. kuma 10 ol yommuu ta'u yeroo ammaa hamaaf gahee kombaayineraan walitti qabamaa jira.

Hawaas duraan beela keessa ture amma waan ofii isaatiif oomishe dhandamaa jiraachuuf milkaa'ina kanaaf deeggarsi oogummaa osoo walirraa hin citin gaggeeffamaa turuu Itti gaafatamaa waajjira Qonbaa Godinichaa Obboo Maamedi Baallii ibsan.



Bulchaan Godina Gujii Lixaa, Obbo Adulaa Hirbaayyee, keessattuu hawaas horsiisee bulaa gogiinsa dandamatee waan oomishe walitti qabachuu eegaluu ibsan.

Qonnaan bultoonni carraa roobaa argametti fayyadamuun midhaan facaasan yeroo jalqabaatiif kombaayinaraan walitti qabachaa akka jiranus Obbo Adulaan dubbataniiru.

Kominikeeshiinii Godina Gujii Lixaa

26 May, 07:56


Gamaggamni Hojii Torbaanii Gaggeeffamaa Jira.

Karoora bara kanaa xumuruuf karoora kurmaana xumuraatiifi harcaatii kurmaanota darbee guyyoottaan hafan 70 keessatti xumuruuf addatti karoorri qophaa'uun kan yaadstamuudha.

Haaluma kanaan sekteraaleen hundi karoora isaanii qopheeffatanii raawwii keessa galanii jiru.

Godinichattis gabaassi hojii karooricha giddu galeessa godhatee toebaan torbaaniin gaggeeffamaa jira.haaluma kanaan gabaassi raawwii hojii qindaa'ee torbaan torbaaniin manaajimentii sekteraalee hundaatiif dhihaataa jira.gabaassa hojii torbaan torbaaniin dhihaataa jiruunis raawwiin hojii fooyyeen jiraachuu ibsamee guyyoottaan hafe keessatti karoora qabame milkeessuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjatamaa jira jedhamee jira.

1,965

subscribers

2,357

photos

7

videos