sababiin isaa kanaan dura gurbaan Urgeessaa Daammanaa jedhamtu osoo inni qaama hir'uu ta'ee jiruu buddeen haa nyaattu jettee akka ishiin koomishiinii gumruuk galtee hojjettuuf haala mijeessee galchee ture.garuu mucaan waan naamusa hin qabneef achiis naamusaan ariiyatamee deebihee dhufe.gurbaa Urgeessaa jedhan sanillee bakka deemu hundatti ergamtuu barumsa hin qabne jechuun arrabsuudhaan nama oolmaa guddaa ooleefi sana salphisaa oolti.kun amaluma gurbaa kanaati.nama kaleessa du'a oolche har'a deebitee carraa argatteen maqaa balleessiti.yeroo ammaa qarshii uummata boossee kadhattee walitti qabatte sana ittiin dhugaa machaa'aa mag Buraayyuu keessa jiraachaa achittis qaama mootummaa olii faanan hojjedha jettee aanga'oota magaalaa sana hoogganan jala galtee dargaggoota tola ooltummaa yeroo dheeraa magaalaa sanatti hojjechuudhaan fakkeenyummaa gaarii qaban hedduu wal nyaachisaa jirti.
Amma dhiyoo kana immoo ani qaama hir'uudha, sirna kanaafan dhiige minisqirxoo jechuun oliif gadi fiigdee osoodhuma boossu karaa namaa gara waajjira gumruukitti akka deebite hojjettu murtaa'eefi jira. gurbaan ammas amala hojii hojjatanii jiraachuufi guddachuu waan hin qabneef achis yeroo muraasa booda ni ariiyamti.
4.Silashii ykn Obsaa Fayyeeraa, mucaan jedhamtu kun immoo, mag Ambootti intelejensii warra federaalaa nama biyya isaanii Darajjee kan jedhamu jala teessee, maqaa isaatiin uummata doorsisaa, qarshii hammana fidi hin fiddu taanaan sin hiisisa jettee uummata shororkeessaa oolti. kanumaan gurbaan kun yeroo dhiyoo ji'a 2 hin caallee as dubartii albuuda daldaltu wayii basaasanii, hattoota akkashii waliin ta'uun qarshii guddaa niitiin accountii irraa qabduufi albuuda ishiin baattee deemtu mag gudaritti saamuudhaan booda irratti baramee yeroo muraasa mana hidhaa seentee, namoota duubashii jiraniin akka fedhetti nan baasistan taanan isinis anuma faana boolla seentu jettee gaafa isaan doorsistuutii, mana hidhaatii akkuma ta'etti baasisani.
5.Dirribii Dajanee, kunis riifti vaalii Ambootti Time keeper turte, mucaan kunis naamusa kan jedhame gonkumaa hin qabdu, maayyimiidhas, achuma riiftiitti level barattee CoC darbuu hin dandeenye. yeroo Time keeper turtetti ani Daninnatii dha, sinan hiisisa, yoo hidhamuu hin barbaanne qarshii hamma kana fidaa jettee ijoollee rakkisaa turte. kana warri dhaabbaticha hoogganuu sirriitti beeku. kanumaan hojjetootaanis akkasuma jettee gaafa doorsistuutii booda hojiirraa gaggeessan.
Gurbaan kun mana nyaataafaa seentee nyaattee dhugdee machoofteetu dhumarratti ani hin kaffalu, ani daninnatiidha jettee osoo uummata rakkiftuu yeroo hedduu mag Ambootti hidhamteetti. yeroo ammaa mag Buraayyuu amaluma wal fakkaatuun jiraachaa jirti.
Egaa jarreen kun hundi hojii hin qabani, maqaa gandummaa jedhuufi Generaal Haayiluutiin of ijaartee FB irratti sobdee qaama mootummaa of fakkeessanii warra jiraachaa jiranidha.hojiin isaan yeroo ammaa xiyyeeffannoodhaan irratti hojjechaa jiran.
1.Namoota dhalataa biyya isaanii ta'e qofaa faarsanii akka bakka hundatti aangoo qabatu gochuu.
2.Namni laga isaanii hin taane yoo aangoo irra jiraate, yoo qaawwaa irratti argatan doorsisanii waa fayyadamuu, kan akka lafaa fi gurmii garaa garaa keessa galuudhaan.
yoo faayidaa sana dhaban immoo FB irratti waliin irratti duuluu, maqa balleessuu, kana kan godhan immoo hundi isaaniiyyuu account feekii ta'e tokkoon tokkoon isaanii 30, 30 ol banatanii qabu, sana fayyadamuudhaan olola sobaa irratti banu.
ITTI FUFA........