Magarsaa Qilxuu @magarsaaqilxuu Channel on Telegram

Magarsaa Qilxuu

@magarsaaqilxuu


Hundumtuu guuteet miti
Irra keessa kolfinaa
Kan kaleessaayyu hin qoorre
Madaa keenya hin horfiinaa!
we love Our flag!๐ŸŸฅ๐ŸŸฉ๐ŸŸฅ

Magarsaa Qilxuu (English)

Welcome to Magarsaa Qilxuu Telegram channel! This channel is dedicated to celebrating our flag and promoting unity among our community. With the motto 'Hundumtuu guuteet miti, Irra keessa kolfinaa, Kan kaleessaayyu hin qoorre, Madaa keenya hin horfiinaa!', we strive to foster a sense of pride and belonging among our members. Whether you are looking to connect with like-minded individuals, stay updated on current events, or simply express your love for our flag, Magarsaa Qilxuu is the perfect place for you. Join us in spreading positivity and camaraderie while showcasing our national pride through engaging discussions and interactive activities. Let's come together and show the world how much we love our flag! ๐ŸŸฅ๐ŸŸฉ๐ŸŸฅ

Magarsaa Qilxuu

19 Feb, 17:49


Oromoon Maalitti Jirtaa?
=====================
Perezadant Eritrea ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡ท Lola xoopiyaa ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น irratti Banuuf Waraana kuma 30 gara Daangaa Ethiopia Fe'uudhan Qophii xumuranii jiru

Lola kana irratti Perezadant Tigraay Durani Dabraxiyon Eritrea ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡ท Waliin akka hirmaata jiru dhagahame jira

Perezadant Durani xoopiyaa ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น Eritrea ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡ท fi Tigraay Lola Waliin xoopiyaa ๐Ÿ‡ช๐Ÿ‡น irratti Banuudhaf Qophii Xumuruu isanii Dr.Mulatuun Al-Jaziraa Afaan English tiin Addunyaan akka nurraa dhorgitu jechuudhan Himatanaiiru

Sababa Muddamsuu kanaatiif bulchaan Impaayera Ethiopia Partilee Siyaasa Oromootin Na gargaara Lola jechuudhan Araaraaf Marii irraa jira.

Magarsaa Qilxuu

19 Feb, 17:26


Herregni Biyyummaa Waraa-naa, dippilomaasii fi polotikaa dorgomaa ta'een argama. Dhaloonni kun maal akka dhabe hubachuutu isarra jiraata. Hanga waan dhabne hin beeknetti waan argachuuf gaafannu hin beeknu. Gaaffiin polotikaa waraa-na dhalcha. Gaaffii polotikaa karaa nagaa gaafatamee deebii dhabeef deebiin ajjee-chaa juumlaa fi hidhaa juumlaa ta'e. Gaaffiin polotikaa kaleessa gaafatamaa ture deebisuuf salphaa ture. Har'a gaaffiin sun sadarkaa isaa ol bultee jira. Humna biyyummaa walabummaa mirkaneessutu itti of ijaare. Humna gaafficha deebisee nagaa lammiilee tiksutu hiriire. Humni kun utuu nii dhaabna jedhaniyyuu matumaa waan dhaabbatu miti. Humna kana dhaabuuf biyyoota ollaa Keeniyaa hanga Sudaan daboo itti waammatan. Humnichi humna kaayyoof tarsimoon socho'u waan ta'eef kattaa jabaa caalaatti jaratti ulfaate. Amma humnichi gaaffii Walabummaa fi Birmadummaa qabatee imalatti jira. Imala isaas walakkaarra ol dabarseera. Kana booda shirris ta'e humni isa dhaabu akka hin jirre ofitti amaneen dubbadha. Jarri gaaffii polotikaaf qoodama aangoo qopheeffatti, sun immoo abjuu ta'ee hafa. Biyyaa gaafattee aangoo akka coocoo qooddattee hin galtu. Dhaloonni gaaffii isaa bareechee beeka!

Magarsaa Qilxuu

19 Feb, 05:40


Namni Suura Eenyummeessaa Armaan Gadii Kanarra Irratti Argamu Gaafa Guyyaa 11/06/2017 Galgala Keessaa Naannoo Sa'a 1:00 tti Balaa Konkolaataan Lubbuunsaa Darbee Hospitaala Hoolataa Waan Jiruuf, Waraqaan Eenyummeessaa Isaa Mattuu Ganda G/ Odaa Waan Jedhuuf, Namoonni Beektanis Ta'e Kan Hin Beekne Share Gochuun Maatii Fi Firoottan Isaa Biraan Nuuf Ga'aa!

Magarsaa Qilxuu

18 Feb, 19:07


Kun Yeroo "Gootichi Sadeen Sooddoo Magaalaa Acabaraa keessaa nyaapha gugsee baase dha!

Kadireen Magaalaa keessa Shugguxi diratte qeerroo harka duwwaatti bokooktu tokko gaafa leencichi itti marsuu boolla kam seente baddii ?
IUOf

Magarsaa Qilxuu

18 Feb, 18:05


Gartuun Dhimbiibbaa tokko Solooloo irraa gantee OPDOn OPDOdhuma. "Haadholii Gadaa" Seattle fi Biyya Arabaatu gansiise. ๐Ÿ˜Š Mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo shirtuu irraa qulqullawaa jirti.

Magarsaa Qilxuu

18 Feb, 17:51


Tarkaanfii Bofa Mataa Muruu

Buraayyuu

Gareen diina Oromoo adabu har'a Guraandhala 18,2025 galgala kana toora sa'a 1:30tti  magaalaa Shaggar Sitii bulchiinsa magaalaa Buraayuu kutaa bulchiinsa magaalaa Kattaa keessatti buufata poolisii Aanaa 1ffaa naannoo manneen Fooniitti argamu boombiin haleeluun miidhaa guddaa qaqqabsiisanii jiru.

Bilxiginnaan dhukaasa boombii kanaan erga miidhaan qaqqabe Ambulaansii geessuun namootaas achii ari'aa jirti.

Bofa jabaa ilmaan Oromoo hidduu,  guddina fi nagaa Oromoo hin feene adabuun itti fufa โ—

Dhaloota hin jilbeenfanneโ—๐Ÿ’ช

Magarsaa Qilxuu

18 Feb, 12:05


Koonfirensiin fakkeessii maree araaraa ABO fi KFO Bilxiginnaa waliin walii galchu abbootii gadaa fi amantaan magaalaa Finfinnee keessatti yoo eegalu, Oromiyaa keessatti Bilxiginnaan lolaa fi miidhaa uummata irraan ga'uu itti fufe

Murni Bilxiginnaa humna sabboonummaa Oromoo cabsuun Oromiyaa  afuura Itoophiyaa uffachiisee deemsisuu akka gara aangootti dhufeen piroojektii eegaleen qe'ee fi uummatni Oromoo gaaffii siyaasaaf deebii dhabuun abiddaan gubachaa jiru.

Rakkoo kanaaf Bilxiginnaan furmaata fiduu irra waraana isaa itti bobbaasee miidhaa lubbuu fi qabeenyaa irra geessisuun dabalatatti hawaasa hunda maqaa hin taane itti maxxansuun duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa geessisaa jira.

Rakkoo kana furuuf ABO-WBO fi dhaabbileen siyaasaa biroon mareen karaa nagaa bakka qaamni 3'ffaan argamanitti haa geggeeffamu jedhanis qaamni hojii hannaa bare Bilxiginnaan karaan ani jedhe malee hin ta'u jechuun Waraana Bilisummaa Oromoo uummataan sakattaasisuu, abbootii gadaa, haadholii Siinqee, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa bobbaasuun waamicha nagaa jechuun kottaa galaa jechisiisaa ture.

Haa ta'u malee mareen araaraa fedhii Bilxiginnaa guutuu dide kan Taanzaaniyaatti marsaa 2 taa'ames ta'e, diraamaan qotiyyoo, fardaa, daa'immanii fi hawaasa bal'aa dirqiin hirmaachisuun Kaaba Shaggar, Baha Shaggar, Kibba Lixa Shaggar fi Arsii keessatti lukkeelee Bilxiginnaan geggeeffames qaamolee PP waliin duruma hidhata qabanii fi ABO-WBO'n badii naamusaan of keessaa baase qofa argachuun, akkuma ABO-WBO'n irra deddeebiin  mariin araaraa Bilxiginnaan fedhu nagaa fiduu hin danda'u jedhu nagaa fi tasgabbii uummatni fedhu osoo hin agarsiisin hafe.

Hojiin Bilxiginnaan gochaa jiru ammas kan Abiy Ahimediin itti fufsiisee aangoo irra tursu akka hin taane yeroo hubatu yeroo dhiyoo asi ammoo ABO fi KFO  Bilxiginnaa waliin walii galchuuf maqaa Koonfirensii  Maree Araaraa jedhuun Abbootii Gadaa, Jaarsolii Biyyaa, Abbootii Amantaa, Haadholii Siinqee fi namoota tokko tokko hirmaachisu har'a  Guraandhala 18,2025 ganama irraa eegaluun geggeessuuf qopha'aniiru.

Namootni Koonfirensii Fakkeessii Maree Araaraa kanaaf  paartiilee fi qaamolee hawaasaa irraa argaman guyyaa kaleessaa Hoteela Kiingii fi Ilillii buufatanii jiru.

Waltajjiin kun Hoteela Ilillii keessatti geggeeffama. Abbootiin Gadaa, Jaarsolii fi Abbootiin Amantii ABO fi KFO erga amansiisanii booda Bilxiginnaa waliin walitti akka fidan kallattiin itti kennamee jira.

Haa ta'u malee Bilxiginnaan rakkoo siyaasaa uummataa Oromoo furuuf bulchiinsa dhuunfaan ykn monopoly'n qabate gadhiisee bulchiinsa hunda hirmaachise akka ijaaramu ni godha jedhanii eeguuf Abiy Ahimed kanaan booda Itiyoophiyaa keessatti mootummaan ce'umsaa hin barbaachisu jedhus ABO'n Daawud Ibsaa piroojektii keenya Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaatu fudhatame jechuun dubbachaa jiraachuu odeessi magaalaa Finfinnee irraa argame ni addeessa.

Kun kanaan osoo jiruu, murni Bilxiginnaa gama tokkoon koonfirensii araaraa rakkoo siyaasaa Oromoo furu jechaa gama biraan ammoo duula lolaa fi saamichaa Oromiyaa keessatti itti fufanii jiru.

Ajjeechaa haadhaa fi daa'imman lama aanaa Mana Sibuu magaalaa Waankii keessatti Roobii darbe Guraandhala 12,2025 waraanni faashistii PP raawwatan qondaaltotni waraanaa fi kaabinootni PP dhoksuuf uummatni qaama miidiyaa kamiifuu   yaada akka hin laanne jechuun hawaasa magaalichaa doorsisaa jiru.

Oromiyaa bakka cufatti Bilxiginnaan maqaa galii guddisuun saamicha, dirree waraanaatti erguuf dargaggoota humnaan qabuu fi kooriidara magaalaa jechuun manneen jiraattotaa diiguu akkasumas ajjeechaa,  hidhaa  fi lola geggeessaa jiraachuu jiraattotni Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Magarsaa Qilxuu

16 Feb, 06:11


Telegramootaa  armaan Gadii kana๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡ Join godhaa hordofaa
แŠจแ‰ณแ‰ฝ แ‹ซแˆ‰แ‰ตแŠ• แ‰ดแˆŒแŒแˆซแˆžแ‰ฝ ๐‚๐ก๐š๐ง๐š๐ฅ๐จ๐œ๐ก แ‹ญแ‰€แˆ‹แ‰€แˆ‰ ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
                   ๐‰๐จ๐ข๐ง
                     ๐‰๐จ๐ข๐ง
                      ๐‰๐จ๐ข๐ง
                        ๐‰๐จ๐ข๐ง
the Telegrams ๐œ๐ก๐š๐ง๐ง๐ž๐ฅ below๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
https://t.me/magarsaaqilxuu

https://t.me/AbboomaaMitikkuuWaaqoo

https://t.me/Qalboo5
https://t.me/Falmataa_Kabbadaa430
https://t.me/BaarooTumsaa5
https://t.me/kellomedia5
https://t.me/Jaalshoddee
https://t.me/BoojiaaCaalii
https://t.me/Galaana_Gaaromsaa
https://t.me/surraagindaabaa
https://t.me/Jawarmohammed5

Magarsaa Qilxuu

16 Feb, 05:57


@BaarooTumsaa5 Join godhaa

Magarsaa Qilxuu

16 Feb, 05:34


Sarara diimaa sirnii kun qaxxaamuraa jiruu kana callisaan ilaaluun imaammata ganna 60 duraa eenyummaa Oromummaa yakka taasisee sana simaachuudhan tokkoo!

Wanti haaroomsa Aadaa jedhamuu Kan diinni murna waanbadee waliitti qabee ittiin adeemu kun guutummaan guututti akeeka Oromoo Akka hin kaanettin cabsa isa Jedhee Sana raawwiitti jiruu.
Jalqabarraatti Aadaan maali? Aadaan ni haaromaa? Aadaa saba tokkoo maaliif haaroomfamaa? eenyuutu haaromsuuf gaafatamaa qaba. Aadaa jechuun finnaa(waliin jireenya hawaasummaa) safuu fi safeeffannaa sabni tokkoo walfaana ittiin jiraatuudha. kunimmoo safuu (core believes) fi duudhaa/dhugeeffannaa/ amantaa sabni tokkoo qabuu hundaa akkaataa itti gaggeeffatuu fi jiruuf jireenya isaa guyyaa keessatti gaggeeffatuudha.
Aadaan ittiin jiraatu, itti buluu, fudhatanii ittiin qajeelfamuu malee hin haaroomsan. Aadaan hin dulloomu(jaatamuu) ykn hin moofa'uu. Gadaatu dullooma(jaatamaa). Kanaaf osoo taheeyyuu Kan haaroomfamuu Gadaadha. Gadaanis maalin? akkamiin? eenyuun? fi maalif? haaroomfamaa waan jedhuu qaba. Gadaa keessaas waan xuqamuuf hin xuqamneetu jiraa. seeraa waaqaa lafaa, Malkaa Tulluu, aadaaf duudhaa Kan hin xuqamneetu jiraa. tumaa hawaasummaa kanneen ilaalamii yeroof jijjiirama haala jireenya hawaasaa waliin adeemsisuuf haaroomfamuutu jiraa. kanaas Kan gochuu danda'uu warraa Gadaan Hulluuqee, Gadamoojii gahee waan caffeef ardaa sirnaan dhangi'aameefi warraa geettiin Hayyoomeetu, akkasumaas warraa duudhaa ykn mataa sirna warraa muudaan Yoo fudhatamee waliitti dhufee isaayyuu yeroof marsaa isaa eeganii Yoo feesisee gaggeessu.

Duureyyiin diinni waliitti fuudhee Aadaa haaromsinaa jettuu kun jalqaba waan Aadaa nibeektii? Aadaan Oromoo utuba sirna oromtichaati, sirna keessa jiruu? sirnuimti Oromoo maal Akka qabuhoo beekuu? kanahoo itti bulaniiruu? Akeeknumtiif ajandaan kuniyyuu maaliif dhufee? yeroo kanaatti waan kunii kahuun Maaf barbaachisee.

Xuxxuqaa diinni ittin xuqxee nama ilaalu kana callisanii ilaalanii akka qoosatti bira taruun of madaalchisuudha. Oromoon bar Aadaa isaa dhiigaan tikfatee as gahee, qoosaa seetee atii? seeraa Aadaa horaa irraatti bar aadaa malee quxisuun dhaaluu dhufnaan korma loonii dhabnaan korma namaan qalaa jedhee Kan of gorra'ee gahee isaaf aadaa kabachiise waan Aadaan hawaasaa tikfamuu qabuufi.

Uummanni tokko badee ykn liqimfamee kan jedhamuu wantoota isa ibsaan dhawataan Yoo dhabamsiifamaa dhufeedha. fknf Jewishonni har'aa Addunyaa raasaan kun gaafa addunyaarra bittinfamaan waan biraa illee Yoo dagataan amantaaf Afaan isaanii daa'iimmaan isaanii manaatti barsiisaa guddatuu turee. kanaaf waggaa 1048 bittinanii booda biyya isaanii dhuunfatanii sirna ofii ijaarratan, ofirraa darbanii Addunyaa tohaatan.
Kan Oromoo immoo kanumallee ilaalcha keessa galchuu dhabdee, diigumsa fi aggaammii baii eenyummaa oromummaatti xiyyeeffatee irraatti Wal faana hirmaatee dibbee tumuuf adeemsa.
*Mee seenessi waloo isiin nuuf ijaartan isa kamii?
.Seenaa weeraara susiniyoos Kan gosoota Oromoo duguugee seena waloo nuuf taasisuufi moo weeraara Seera oromummaa yakkee Kan baraa mootonni impaayeera bulchaa Kan Oromoo taasisuufi? moo duguuggaa sanyii fi Haleellaa eenyummaa Oromoo irraatti adeemsifamee kan Oromoo taasisuufi?
mee jalqaba irraatti Aadaan Oromoo bu'uurrii isaa dhugeeffannaa oromoon itti bulaaf jiraata turee qaba. akkamiin Kan optic Christian waliin ykn Christian biraa waliin ykn immoo Aadaa amantaa ammayyaa biraa waliin walfaana tokko taasistuun?

Walumaagalaatti aggaammii PPn siniitti fayyaadamtee eenyummaa Oromoo rukutuu fi Oromummaa diiguuf gootu kana keessaa harka baafachuun gamnummaadha.
Aadaan saba dhalee nuguddisee kun har'aa mitii gannaa 100n duraayyuu haaraadha. baraan haaraadha, addunyaatu hudduun duubaatti deemee malee Oromoon ammaallee durseetuma jira. warrii biraan kana dhaaluufi baree ittiin buluuf inaafa warrii qaroome, warrii alagoome immoo oromummaa cabsee balleessuuf watwaata.

kunii saraara diimaadha.
Oromiyaan lafumaa
Oromummaan nafumaa...
Kan lafaa callisnee ilaallan
Kan nafaatti nudhufaan yaa taabooree.....
kanaas argineetuma callisnaaree...

Magarsaa Qilxuu

13 Feb, 16:33


Hunda dura warraaqaa tahuuf kaayyoo galmaan gahuuf itti ifaajaa jirtuu fi kiyyoo adeemsa kee danquuf deemu addaan baaftee sirriitti hubachuu qabda. Garuu Kaayyoo ifaa mul'ata qabu keessaa baatee, kaayyoo kiyyoo dimimmisa dukkanaa keessa seenuun kee qaaniidha.
Yeroo kamiyyuu, ammoo irbaanni gantoota barabaraan qaaniidha/saalfiidha.

Magarsaa Qilxuu

12 Feb, 19:12


Waliitti guuree jira leencichi

Magarsaa Qilxuu

12 Feb, 19:10


WBOn Zoonii Giddugala Oromiyaa Cibraa Birbirsa Gooroo Tarkaanfii fudhateen Bulchaa Aanaa Caancoo Dabalatee Nama Afur Ol Erge jira
Hin Barbadinaa
IUOf

Magarsaa Qilxuu

12 Feb, 19:10


Isa Loltooti Ameerikaa Somaliyaa Keessatti Alshabaabiin Sakattaa 'aa turanitti Fayyadamuudhaan Diraamaa Hojjechuuf Yaalaa jirti PPn
American Isa Loltoonni Loojistikii Alshabab Boolla Keessaa baasaa turan agarsiisaatu akka waan Operation Solooloo Jaangilitti taasifameen Qoricha Sammuu adoochanii fi Qorichoota garaagaraa arganne Ragaaf" jetteetu Raayyaa Miidiyaa isheetiin Tamsaasaa jirti gadheen.
Diraamaa yeroon itti kufee isa Mallas Zeenaawwii fudhatee Boolla seeneen Daldaluun Fudhatama hin qabu!!

Magarsaa Qilxuu

12 Feb, 12:53


Cibraa Amaanaa Jaal Mo'ii ganamaan ajajoota waraana sirnichaa hedduu bakka isheen hin deebinetti ergeera.
Godina wallagga bahaa aanaa saasiggaa Ganda  gabaa sanbataa bakka walloo jedhamuutti ajajoota waraana sirnichaa konkolaataa tokkoon humna lafoo karaa hiisifattee osoo imaltuu humna lafoof konkolaaticha walitti qabee cagadeera ajajoota konkolaataa sanaan imaltu guutumaatti dhabamsiisee humna lafoo sanas adaba itti tolcheera.
Amma yoonaa bakka itti rukutamte jirti miseensa achumatti awwaale reeffa ajajoota Sanaa feetee deemuuf humna waammachaa jirti.
marsaa lammaffaanis itti fufa.

Lola xiiqii

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 14:08


Jijjiirraa Frequency Arraata Biyyoolessa Oromiyaa

Daawwattoota keenya kabajamoo Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa komee uummatni keenya  TVn ONM-ABO magaalaa Finfinnee fi Naannowaa ishee malee hojjechaa hin jiru jedhan irraa ka'uun Frequency haaraa qabannee rakkoo sana furuuf isiniif dhufneerra.

Kanaafuu Frequency armaan gadii
๐Ÿ‘‡

Satellite Yahsat
11958 V 27500
12594 V 27500 kanaan guuttattanii karaa keessaa fuula facebook keenya kan mallattoo cuquliisa qabu ykn email keenya [email protected] jedhuun nu beeksisuu dandeessu.

Sagalee Cunqurfamtootaa
Injifannoon Uummata Oromoof โ—

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 14:06


Waraanni Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa tarkaanfii laalessaa aanaa Sirkaa keessatti waraana PP irratti fudhate

ONM-ABO Guraandhala 10,2025
Irree fi gaachana sabaa kan ta'e Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Kibba Bahaa godina Arsii Bahaa aanaa Sirkaa magaalaa Xareetaa keessatti kan argamtu Maaybaasa Xareetaa keessatti kaleessa Guraandhala 9 loltoota Abiy Ahimed weeraruun 21  battalatti irraa yoo ajjeesu 13 ol madeessee warri hafte magaalaa gadi lakkisuun baqattee bakka Dirboo fi Collee jedhamu seenuun humna dabalataa magaalaa Gobeessaa irraa hanga dhufuufitti  mana namoota dhuunfaatti baqachuun of dhoksitee turuun  baramee jira.

Loltoota Abiy Ahimed du'an keessa itti aanaan ajajaan 1000 tokko keessa jira.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 14:06


Odeessa Gama Eritrean Irraa Dhufte
============================
Dooniiwwan sadii meeshaalee waraanaa Itoophiyaatiin guutaman dhuunfachuun dhagahame.  Dooniiwwan sadan kun Azarbaajaan irraa meeshaalee kana fe'anii gara Ethiopiatti imalaa kan turan yoo ta'u, ji'oota dura to'annoo Ertiraa jala akka oolan miidiyaalee biyya alaa fi hedduudhaan gabaafameera.

Dooniiwwan sadan kunneen meeshaalee waraanaa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Azarbaajaan irraa bite qabatanii jiru.
Ji'oota muraasa dura itti aanaan muummicha ministeeraa Itoophiyaa Obbo Temesgen Tiruneh gara Azarbaajaan imaluun waliigaltee bittaa meeshaalee waraanaa hedduu mallatteesse.

Dooniiwwan  kunneen ammoo
          ๐Ÿ‘‰Rasaasa diroonii,
          ๐Ÿ‘‰Qawwee gurraacha,
          ๐Ÿ‘‰Qawwee fageenya giddu galeessaa fi dheeraa irratti rukutuu danda'u
baatanii deemaa utuu jiranii  mootummaa Eertiraatiin to'annoo jala oolaniiru.

Mootummaan Ethiopia dooniiwwan kana harka Ertiraa keessaa gadhiisifachuuf yaalii hedduu taasisus hanga ammaatti akka hin milkaa'in akka jiru barameera.

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 14:05


Eeruu Qeerroo Midaa - Amboof
=========================
Aanaa Midaa Qanyii Gantootni Jireenyaa Rabbumaa fi Kabbadaa Qoroo/Fiqaaduu Qoroo Miseensoota Isaanii Warra Leenjii Basaa Summaa Fi Waraanaa Fudhatan Fuudhanii Mida Qanyii Galaa jiru. Jireenyaanis Fiqaaduunis Miseensa isaanii Adda Qooddatanii Aanicha Seensisaa jiru. Ammaaf Namni 150 Olii Aanicha Galaniiru. Kan Hafani immoo Ambo Gahaniiru.

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 14:05


Odeessa Gama Eritrean Irraa Dhufte
============================
Dooniiwwan sadii meeshaalee waraanaa Itoophiyaatiin guutaman dhuunfachuun dhagahame.  Dooniiwwan sadan kun Azarbaajaan irraa meeshaalee kana fe'anii gara Ethiopiatti imalaa kan turan yoo ta'u, ji'oota dura to'annoo Ertiraa jala akka oolan miidiyaalee biyya alaa fi hedduudhaan gabaafameera.

Dooniiwwan sadan kunneen meeshaalee waraanaa mootummaan Itoophiyaa mootummaa Azarbaajaan irraa bite qabatanii jiru.
Ji'oota muraasa dura itti aanaan muummicha ministeeraa Itoophiyaa Obbo Temesgen Tiruneh gara Azarbaajaan imaluun waliigaltee bittaa meeshaalee waraanaa hedduu mallatteesse.

Dooniiwwan  kunneen ammoo
          ๐Ÿ‘‰Rasaasa diroonii,
          ๐Ÿ‘‰Qawwee gurraacha,
          ๐Ÿ‘‰Qawwee fageenya giddu galeessaa fi dheeraa irratti rukutuu danda'u
baatanii deemaa utuu jiranii  mootummaa Eertiraatiin to'annoo jala oolaniiru.

Mootummaan Ethiopia dooniiwwan kana harka Ertiraa keessaa gadhiisifachuuf yaalii hedduu taasisus hanga ammaatti akka hin milkaa'in akka jiru barameera.

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 14:00


Namitti salphoo Habtaamu Lamuu jedhamtu kana wa'e isee irraa dubbachu hin feedhun ture garuu garuu amma hojii aarsa isee kaffalchiisuti jirti wan ta'eef dubbadhe.
Dhiyeenyaa kaaste jaallan dirree jiranin isiin qabsoo gantaani yoo galtan mootummaan Dr Abiyyii birr Million 5 isiniif keenna jechuun bilbilaa jiraachu isee qabatamaan bira geenyerra.
Kanaaf jaaluma iseen itti bilbilaa jirtuutu biyyeen maka wan ta'eef adabadhu ta'ii jechun fedha.
Namni kun hojii akkasiif Adaneech Abeebe irraa birr bifa liqaan Million 100 akka fudhate jiruus qabatamaan beekna.

Magarsaa Qilxuu

11 Feb, 13:58


K/Abiyyii Karaa kibbaa WBO balleessuf Keeniyaa keessa utuu fiigu WBOn bahaa daandii Ethio-Jibuuti guutummati to'aachun qabeenya nyaapha kan taate keessaa barbadeessun to'aannoo isaa akkuma itti fufeeti jira.
Qabsoo hidhannoo Oromoon amma itti jiru warri akka bara leencoo lataati yaaddan yoo jiraattan abadan "Nuti Dhaloota Jiile" .
IUOf

Magarsaa Qilxuu

07 Feb, 18:50


"Eeyyee! USAID cufnee jirra. Dhaabbanni gargaarsa idil-addunyaa kun biyyoota Afrikaa dadhaboo fi gargaarsaan akka beelaโ€™an godheera.
Biyyoonni Afrikaa aadaa of dandaโ€™uu fi of dandaโ€™uu akka horatan barbaanna.
Donald Trump Dhimma USAID irratti dubbii taasisan irraa.

Magarsaa Qilxuu

07 Feb, 18:48


Shororkeessummaa gara Peresedaantummaa !

Perezidaantin Faransaay Emanuel Makroon hoogganaa sooriyaa haara'a Ahmad Al-sharaa gara biyya isaanii akka dhufu affeeranโ€ผ๏ธ

Waggaa Lamaan dura moggaasa maqaa shoorarkeessummaatin addunyaa irratti kan yaamamu Ahmad Al-sharaan hardha maqaa kabajaa perezidaantummaa argatee addunyaa hundarratti dinqisiifannaa addaa goonfate.

Hojii kee kutannoo fi cichoominaan yoo hojjeette hunduu si hawwa.

OROMIYAAN BIYYA

Magarsaa Qilxuu

07 Feb, 18:47


K/Abiyyii Qumaaricha Nyaatame Jira.
==============================
Giddu kana dhimma Keeniyaa waliin lola qinda'aa gochaa akka jiran namu quba qaba.
Waraanaa qabu ammoo gole Oromiyaa keessaa walitti qabuun gara Finfinneeti fe'aa jira.
Adeemsi PP'n itti jirtu kibbaa irraa yeroo WBO humnaan rukunnu humni WBO gidduu gala jiru birmannaaf booda deebi'a yaada jedhu qabataan jiru.
Akka yaadamee utuu hin taane humni WBO kibbaa lola waloo irratti baname haala aja'iiban irra aana jira.

Kanumaan wal qabatee Leencichi adeemsa PP'n itti jirtu dursee wan beekuf qumaara PP biyyeeti dabaluun karoora isarraa utu hin maqiin yaaddoo tokko malee duula cichoomina Kaayyoo akkuma itti fufeeti jira.

Injifannoon Abbaa Haqaaf
Oromiyaan Biyya
=============

Magarsaa Qilxuu

07 Feb, 18:34


Waraa-nni Bilisummaa Oromoo dii-nota Oromoof Oromiyaa marsee liqimsuuf malee marfamee liqimfamuuf tasumaa tasumaa hin ijaaramne! Burqaan hanguma duuchuuf itti gaman futtaafata!

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 18:13


Aleppoo irra ka'ee guyyaa kudha tokkotti(11) Damasqoo gahe. Ji'a muddee keessa abbaa irree fi caasaa isaa biyya isaa keessa gugsee baase.

Ahmad Al Sharaan nama warraaqsaati, nama siyaasaati. Lolt-uudha. Ajajaa waraa-naati. Tika waraa-naati. Waan hojjetu hunda irratti gahoomaa ta'ee hojjetaa ture. Amma mootummaa Siiriyaa isa dargaggeessa ganna 43ti.

Waan Al Sharaan hojjete dubbatamee kan dhumu miti. Qabsoo uummata Siriyaa abbaa irra walaba baasuu keessatti gahee leencaa taphateera. Qabsoo akka baha giddu galeessatti ija hawaasa addunyaa biratti badaadha jedhamu toora qabsiisuun qabsoo sabboonummaa fi abbaa biyyummaa godhee Siriyaanota mataa ol qabachiisuu yaaleera. Milkaa'inni isaaf garee isaa immoo of haaromsuu ilaacha siyaasaa fi dippilomaasii isaaniiti. Al Sharaan hanga ammaatti waan gatii baasetti milkaa'eera. Kan hafettis akka milkaa'u hawwii kooti!

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 18:12


Politikaa fi Dipilomaasiin yoo yeroo yerootti haarayaa hin deemne achumee taati. Siyaasnii fi dipilomaasiin waliin jiraatu. Yoo miidhaman yeroo yerootti yaala barbaadu. Yeroo yerootti dhidhiibbaa barbaadu. siyaasni fi dipilomaasiin haromfamaa deemuun dirqama. Kaleessa gaaffii polotikaa kuta kutaan gaaffataa turte yoo ta'e har'a gaafficha bakka tokkotti gaafachuuti qabda. Fakkeenyaaf gaaffii dhimma Finfinnee, Dirre Dawaa, naannoo Hararii Matakkal, fi fkfn. Gaafileen kun bakka tokkotti deebii argachuu qabu. Gaaffii Polotikaatiif gaaffiin bulchiinsa gaarii deebii hin ta'u. Gaafiin keenya yoomessa qabaachuu qaba. Deebiin keenyas akkasuma. Biyya gaafannee kutaa magaalaa tokkof gatii baasuun nurra hin jiraatu. Gatiin hundi Oromiyaa keessatti hammatama. Biyya keenyaaf dipilomasii keenya haaromfachuuti qabna. Hiriirri dipilomasii keenyaa inni kaleessaa harkifataadha yoo ta'e tarree dipilomasii saffisaa hiriiruutu barbaachisa. Qabsoo addunyaan itti jirtu qabsoo akkamiti kan jedhu mala dhahuunis barbaachisaadha. Hojii kaleessa hojjenneef danqaa kan ta'e galmi keenya maaliif dheerate kan jedhuufis mala dhahachuun gahee Hayyoota Oromoo fi qabsaa'otaati.

Barruun armaan gadii kun waan xiqqoo hubannoo dabaltu qabdiiti dubbisaa!

ABU MOHAMMAD AL JULAANII(AHMAD AL SHARAA)

Ahmad Al Sharaa maqaan qabsoo isaa Abu Mohammad Al Julaanii jedhamuun beekama. Bakki dhaloota isaa naannooTulluu Golan jedhamutti yoo ta'u magaala Damasqootti guddate. Abu Mohammad yeroo jalqabaaf Al Qaa-yidaatti makamuun waggoota muraasaaf qabsoo geggeessuu itti fufe. Bara 2006 suuftota Ameerikaa harkatti kufuun xumura bara 2011 mana hidhaa irra gadi dhiifame. Erga mana hidhaatii bahee warraaqsi isaa bulchiinsa Bashir Al Asad irratti akka xiyyeeffatu taasise. Itti fufee bara 2012 deggersa Al Qaayidaatiin sirna gita bittaa Asaad lo-luuf jaarmiyaa Adda Al Nusra uume. Kana gidduutti Al Baghdadi garee Al Sharaan sirna gita bittaa Asaad ittiin weera-ruuf ijaare Al Nusra fuudhee garee Islaamaan walitti makuuf karoorsee ture Al Sharaan morme. Kunis garee Al Bag-dadii fi Al Sharaa gidduutti waraa-na uume. Bara 2016tti Al Sharaan hariiroo gurmuu Al Nusraa fi Al Qaa-yidaa gidduu jiru addaa kute.

Abu Mohammad Al Julaanii(Al Sharaan) erga hariiroo Al Qaa-yidaa fi jihaa-distoota irra adda of baaseen booda garee isaa qabatee bulchiinsa Siiriyaa Asaadiin hoogganamu irratti qabsoo isaa jabeessuun seera qabeessummaa biyyoota Addunyaa barbaaduu itti fufe.

Abu Mohammad Al Julaanii (Al Sharaan) Al Nusra jaarmiyaa Hay'at Tahrir Al Sham jedhamuun walitti makuudhaan ijaaree hooggana ta'ee tajaajilaa ture. Naannowwan waraa-nan to'atan keessatti qeeqa uummataa fudhachuun hojiirra oolchuu, tajaajila uummatichaaf barbaachisu tokko tokko kennuun hojii qabsoo itti fufan!

Abu Mohammad Al Julaanii namni polotikaa jiha-distootaa moggeessuun qabsoo isaa sirna abbaa irree irratti taasise. Sababa kanaanis garee IS-IS waliin lo-la jabaa geggeessuun lol-ltoota 3000 ol walirraa galaa-fatan. Sana booda gareen isaas xiyyeeffannoo isaanii sabboonummaa sooriyaa irratti akka taasisaniif isaan jajjabeessuuf barsiisuu itti fufe. Gareen Al sharaas Al Qaa-yidoota caalee garee cimaa jedhamuun sodaatamuu jalqabe. Garee Siiriyaa keessa isa guddaas jedhame. Mootummoota warra lixaa wajjiin wal waraa-nuu dhaabuun fuula isaa kaayyoof daandii milkaa'inaa isaa irra godhate. Bara 2015 qabsoon Al Nusraa warra lixaa waraa-naa akka hin taanee fi bilisummaa Sooriyaaf qabsoo akka taasisaa jiran Aljeezeraa irratti fuula dhokfatee dubbatee ture. CIAn Alsharaa ajjee-suuf yeroo hedduu gaaddee itti milkaa'uu dadhabdus tooftaa fi tarsiimoo siyaasaa baaseen ajjee-chaa CIAtti bishaan dhangalaasee biraa kute. Ameerikaan Abu Mohaammad Al Julaanii nama dabarsee natti kenneef doolara miliyoona 10n akka laattu ibsitee turte. Boodarra garuu tooftaan qabsoo Al Sharaa qabsoo adduyaa waliin wal simateef jila itti ergitee jajjabeessite. Ergasii namni kun murxuxxee ta'ee argame. Bara 2024 Ji'a adoolessaa irra eegalee opireshina inni weera-rtoota Asaad irratti geggeessa opireshina milkaa'aa jedhamee weeddifameef.

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 17:08


M23

Gareen finciltootaa Diimokiraatik Ripabilik Koongoo keessatti argamu kan M23 jedhamu garee xiqqoodha. Hundeeffama isaa irra eegalee hanga ammaattiyyuu garee baay'ina qabu miti. Garuu waraa-na Raashiyaa keessattu Pirigooziin hoogganamaa turan Wagnaritti fakkeeffamu. Gareen kun waggoota 13 dura naannoo baha biyyattii naannoo Kiivuu jedhamu daangaa Ugaandaa fi Ruwaandaa keessatti gad of dhaabe. Irra jireessaan Ruwaandaan kan deggeramudha. (Kagameen quba qaba jechuudha) Kagameen bulchitoota Afrikaa keessa warra lixaa biratti nama amanamadha. Kagameen herrega siyaasaa isaa garee M23 kanatti dhimma bahuun asiif achii shallagata. Ani ragaan dhabeyyuu malee namni sun agent CIA natti fakkaata. Waan inni gam lamaanitti hojjetu hojii miseensichaati. Amma dubbiin dubbii Albuudichaati.

Bara 2012 baatii Adoolessaa keessa lo-la cimaa mootummaa DRC(Dimokiraatik Ripabilik koongoo) irratti banuudhaan iddoo murteessaa bakka uummata hedduu of keessaa qabduu albuudaan badhaate Gomaa to'ate. Lo-la sana irratti gaaga'ama guddaan qaqqabuu hordofee xiyyeeffannoo addunyaas argatee ture. Sana bu'uura godhachuudhaan mootummaan Koongoo dhumarratti gara mariitti galuuf walii gale. Mariin sun utuu hin milkaa'iin shira mootummaan DRC dalageen garee finciltootaa M23 irra kasaaraan qaqqabe.

Gareen kun tooftaa of ittisuu fayyadamuun magaalaa Gomaa gadhiisee bahe. Of duuba deebi'ee of ijaare. Bara 2017 humna isaanii jabeeffachuun akka haaraatti bara 2022 lol-toota mootummaa Koongoo irratti halee-llaa jabaa raawwachuun magaalaa daangaa tokko tokko qabachuun irra caalaatti akka of jabeessan isaan gargaare. Gaafa isaan duubatti deebi'an waan badan fakkaachuu hin oolle. Waan gama waraa-nan isaan irra gahe yerositti salphaayyu hin turre. Mootummaan Koongoo deggersa qabu hundaan isaan halee-lee bakka isaan qabatan keessaa ari'ee baase!

Gareen M23 gama siyaasaatiin kan gargaare walii galteef bara 2012 iddoo qaamni walabaa jirutti ta'uu isaafi mootummaan Koongoo walii galticha diig-uun dantaa ofii isaa tarkaanfachiisuu ture. Kun jara dippilomaasiin isaan gargaareera. Kanaaf mootummaan Ruwaandaa Garee M23f dahoo akka ta'uuf isaan tumsuuf daandii saaqeera. Kagameen nama amanamaa warra lixaati. Jara M23 kana bayyaannachiisuuf shoorri isaa salphaa hin turre. Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii illee waa'ee tumsa Ruwaandaa fi Ugundaa badaasaa irra hin dubbatan, yoo dubbatanis irra keessa dubbatu. Hanga qoqqobbiitti hin deeman jechuudha. Gareen kun baay'ina xiqqoo kaayyoo guddaa qabdi. Kaayyoon ishee daangaa kabachiifachuu, akka sabaatti of jiraachisuudha. Kaayyoo isaanii kana garuu sirriitti addunyaa waan fudhachiifatan fakkaatu. Torban darbe keessa magaalaa eebbifamtuu akka Jeerusaalemitti ilaalamtu Gomaa to'ataniiru. Gomaan magaala albuudni gati jabeessi itti argamudha. Sana qofaa miti magaalota naannawaa sana jiran hedduu to'atanii of harkaati qabu. Gareen kun saba isaanii tursiisuuf gatiin isaan hin baafne hin jiru. Isaaniin ballee-ssuuf mootummaan DRC hin goone hin jiru garuu ballee-ssuu hin dandeenye. Kaayyoof mul'ata qabaannaan tasuma waanti addunyaa kanarraa gadi si qabu hin jiraatu. Mul'ata keef jiraadhu. Mul'ata keef gatii baasi! Wantoonni mul'atan mul'ata kee si harkaa gatuu hin qaban!.

Atis nii qabatta!

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 17:06


Keeniyaan biyya ishee keessatti Opireshina geggeessuun mirga isheeti. W-B-On qaama kamiyyuu Oromiyaa keessatti isa halee-luudhaaf aggaamu kamiyyuu ofirraa ittisuuf mirgas dandeettis itti qaba!

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 16:43


โœจ๏ธDhugaa Oromoo dhoksuuf Miniliik humna ergisaa Ingilizootaa irraa argatee Oromoo cabse.

โœจ๏ธDhugaa Oromoo dhoksuuf H/Sillaaseen gargaarsa humna ergisaa Awuuroppaa fi Ingilizootaa  argatteen Oromoo caabse.

โœจ๏ธMangiistuun humna ergisaa raashiyaa argateen Oromoo cabse.

โœจ๏ธMallasaan humna ergisaa Americaa fi kanneen biroo argateen Oromoo cabse.

โœจ๏ธK/Abiyi ammoo humna Eeritra fi sumaale ergisaa argateen Oromoo cabsuuf yaalee milkii malee hafe
~Itti dabaluun humna faannoo itti affeeree suniis milkii hin arganne.
~ Akkasuma humna Turkii itti afferee suniis milkii dhabe kan Ijibbaataa ammoo humna Keeniyaan yaalaa jira Kunis hin milkaโ€™u.
๐Ÿ‘‰Dhugaan Oromoo duula meeqa keessa darbee bakka kana ga'ee jira.

Kan hafe Oromoon dhugaan isaa bilisummaa Oromoo
Walabbummaa Oromiyaan mirkaneessuuf dhaloota dhugaa Oromoo harka qabutu itti jira.
Jabaan waaqa!

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 16:40


Rakkoon Dandii Daldala Albuudaa WBOn Wan Adda Kuteef.

Manaajeraa fi Ajentii Dallaalotaa fi Daldaaltota kan ta'e Maqaa Ambasaaddara Xoophiyaa Jedhuun Muudamee Keeniyaa keessa jiraatu Baacaa Dabballeen Albuuda Oromiyaa Kan Seeraan ala Naayiroobii keessatti kuusee Gurguraa jiruu dha.
Jawaaris haa xiqqaatu malee harka keessaa qaba wan albuuda kanarratti kanaaf Sarar irratti waan wal beekaniif dursee Lubbuu baafate.

Dhimmi ABO-WBO Kibba Oromiyaas dhimmuma kanaan wal qabata.
Albuuda isaan Dhoksanii Halkan Konkolaataan Gara Keeniyatti fe'atan San WBO'n Kokkee qabnaan Keeniyaanis Faayidaan Ishee wan jalaa Xuqameef jecha Maqa-Balleessii PP'n Barreessitee itti kennite Dhaadannoo godhatee "WBO irratti tarkaanfii fudhachuu jalqabeen jira" jechuu dhaan dubbatus Shiricha waan beeknuuf WBO'n Callisee isaan ilaallaan aaranii Midiyaa dhaan Ololuu jalqaban. Ammaan Booda Keeniyaas ta'e Toophiyaan akka Isheen Qilleensa irraan malee Sochii Lafoo tiin wal hin quunnamne Gochuun Salphaa dha!!
Oromiyaan Biyya

Magarsaa Qilxuu

05 Feb, 16:37


Waraa-nni Bili-summaa Oromoo (ABO- WBO) waraa-na Keeniyaa waliin lola tokkollee akka hin qabnee fi isaan loluufis akeeka akka hin qabne ibse.

Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO- WBO kan ta'an Jaal Jireenyaa Guddataa yaada BBCf kennaniin ''lolli nuti qabnu mootummaa Itoophiyaa waliini. Yakki Waraa-na Bili-summaa Oromootti akka maxxanfamu kan godhu mootummaa Itoophiyaati,'' jedhan.Mootummaan Keeniyaa daangaasaa keessatti oppireeshinii waraanaa gaggeessuuf mirga qaba kan jedhan Jaal Jireenyaan, kana dura dhaabbachuuf karooras akka hin qabne ibsan.

''Mootummaa Keeniyaarratti dhukaasni gaggeessinu hin jiraatu. Ammoo gama Itoophiyaatiin yoo dhufe ofirraa qolachuun waan hin oolle,'' jedhan.

Daangaarratti humnoonni adda addaa yakkoota raawwatan hundasaa fuudhanii Waraa-na Bili-summaa Oromoo ittiin himachuun ammoo dogoggora jedhan Jaal Jireenyaan.
Mootummaan Keeniyaa Waraa-nni Bili-summaa Oromoo uummata Oromoo Booranaa kanneen Keeniyaa fi Itoophiyaa keessa jiran akka dawootti fayyadamuun yakka raawwata jechuun himate.

Waraa-nni Bili-summaa Oromoo mooraa (kaampii) dhaabbataa [naannawa sanaa] hin qabu kan jedhan Jaal Jireenyaa Guddataa ''Keeniyaama keessa jiraachuufuu [WBOn] fedhii hin qabu,'' jedhan.

''Garuu daangaan sirriitti sararame waan hin jirreef namuu gamaa gamanaa wal keessa deema. Waraa-nni Bili-summaa Oromoos haaluma kanaa akka achi keessa socho'u beekamaadha.''

Akka seera WBOtti yakki mootummaan Keeniyaa tarreesse kun fudhatama kan hin qabnee fi kan nama adabsiisu ta'uus eeran.

''Waraa-nni Bili-summaa Oromoo takkaa hojii akkasii hojjetee hin beeku. Seeratu isa dhorka. Waraa-nni keenya yoo yakkoota jedhaman raawwate adabbii hamaatu isa mudata.''

Haqi akka abbaaf deebi'u, saamichi akka hin jiraanne, ya-kki akka hin jiraanneef falmina kan jedhan Jaal Jireenyaa Guddataa ''Kaayyoo Waraa-na Bili-summaa Oromoo akka yakkaa fi saamichaatti ibsuun dogoggora,'' jedhan.

Jaal Jireenyaan yakkoota mootummaan Keeniyaa maqaa Waraa-na Bili-summaa Oromoo ittiin kaaseef mootummaa Finfinnee jiru himatan.

''Warra Finfinnee jirantu dhiibbaa kana uuma. Ammoo isaaniyyuu ya-kka jedhame keessa jiraachuu malu. Nuti warra yakka raawwatan irrattiyyuu ni duulla, faallaa akeeka keenyaa waan ta'eef'' jedhan

Magarsaa Qilxuu

04 Feb, 17:59


Akkuma Yeroo Darbee Isiniif Eerre Turretti Shira Abiyyi kara ergama isaa Biraanu Julaatin Keeniyaatti dhoksaan shiree tureen mootummaan Keeniyaa hidhattoota WBO irratti โ€˜oppireeshinii nageenyaa addaan gaggeessaa jechun ibsee jira.

Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa qaama ittisa yakkoota daangaa ceโ€™an hojjechaa jiruun Guraandhala 3, 2025 irraa eegalee iddoo qubsuuma WBOt jedhame yaadamu Kaawuntii Marsaabit fi Isiโ€™oloo keessati oppireeshinii nageenyaa addaa eegaluu beeksise.

Dhiiroo wanan isiniif ibsuu jarmiyaan ABO-WBO qaroo fagooti yaadanin wan ijaaramef taatewwan akkasi akka mudatan duurseema beeka kanaaf itti hin milkaahamu deemsichi.
Sababi isaa ammoo qabsoo ABO-WBOn gaggeessa jiru qabsoo hirkattummaa biyyoota alaan utuu hin taane Uummata isaa irratti fi biyya isaa keessatti.
Impaayerri wan qabe wan dhiisu wallaale bu'aa inni karra Keeniyaan argatu yoo jiraate hawaasaa nagaa  dararu qofa.
Qabsoon daarii Keeniyaati miti dhiiroo funyaan Finfinnee jalatti malee.

Magarsaa Qilxuu

01 Feb, 16:36


Dhiisi olaadema haadha fi abbaa jalatti hin ajjeesiin gaafa jennuu akka ati akkas taatu wan beeknuf yaa gadhee .

Magarsaa Qilxuu

31 Jan, 16:33


Itti Fufiinsa Duula Cichoomina Kaayyoo

Abaaboo Guduruu

ONM-ABO Amajjii 31,2025 WBO'n Zoonii Lixaa har'a Amajjii 31,2025 godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abaaboo Guduruu ganda Looyyaa Maloolee iddoo Amusii jedhamutti galgaleessee waraana faashistii PP irratti tarkaanfii fudhachaa jiruun injifannoo boonsaa galmeessaa jira.

Meeshaalee waraanaa hedduus dugda waraana Abiy Ahimed irraa hiikaa jira.

Lollis akkuma itti fufetti jira.

Guutuun gabaasaa kanaa akkuma nu qaqqabeen isin biraan geenya.


Injifannoon Uummata Oromoof!

Magarsaa Qilxuu

31 Jan, 16:30


Yeroo darbe naannoo Amaa-raa keessatti daa'ima Fevan jedhamtu tokko irratti namni dhuunfaa halee-llaa saalaa irratti raawwachuun miidiyaa hawaasaa kana irratti dheekkamsa guddaa uumee turuun isaa nii yaadatama. Gochi sun kan raawwatame sadarkaa nama dhuunfaattidha.

Haaluma walfakkaatuun taateen Godina shawaa lixaa Aanaa Meettaa Walqixxee keessatti ta'e kan miira namaa jeequudha. Taateen kun sadarkaa nama dhuunfaatti osoo hin taane sadarkaa mootummaa biyya bulchuutti raawwatame. Qaama biyyan eega jedhutu daa'ima kichuu irratti gocha cigaasisaa kana raawwate. Gochi kun gocha sanyii ballee-ssuu akkasumas quucarsuun ilaalama. Yakka dhiifama hin qabne akkasiitu Oromoo irratti raawwatame, Simboo irratti taateen raawwatame taatee Oromoota irratti ta'edha. Yakka dhiifama hin qabne ta'ee Oromoo cufa biratti galmaa'ee taa'aa.

Waan Meettaa Walqixxeetti ta'e kana qofaa miti. Waggaa lama dura ilma namaa akka qotiyyootti walitti cama-danii ittiin lafa qotaniiru. Ragaa kana KFOn fuula peejii faceebookii isaa irratti saaxilee ture. Inni isaan hanqannaan ammas gocha cigaasisaa dalaguu itti fufan. Ammas yoo nuti tokkummaan kaanee ofirraa isaan hin ada-bne isaan nu adabuu hin dhiisan. Nu ada-buun isaaniif araada bara baraa ta'ee itti fufeera!

#justiceforSimbo

Magarsaa Qilxuu

22 Jan, 17:23


Irbuun Erbee Miti.

Ijoollen Sanyii Nagaasa Kaleessa nagaa barbaanna jette qawwee lafa keenyerra galte harra WBO lolu dhufte Irbuun gantee galte dhuunfate.

Magarsaa Qilxuu

19 Jan, 14:55


Dhimmi ajjeechaa sukkanneessaa ilmaan Oromoo irratti qiyyaafate ka'uumsi isaa eessa akka ta'e hubadhaa.

Magarsaa Qilxuu

19 Jan, 08:17


Lolt-uun impaayeraa ajjee-chaa seera qabeessa akka si ajjee-su barbaaddee silaa? Kan jala jirtu impaayera. Sanuu impaayera akka addunyaatti qancara. Impaayeratti na ajjee-fte jettee itti wawwaatta osoo hin taane wal taatee wawwaachifta, of kabachiifta! Gurmaa'i, wal hin tuffatiin, kutaan wal hin qoodiin, ajandaa diin-onni kee siif bocan tuffadhu, waan isaan siif jibban waan baay'ee si barbaachisu ta'uu hubadhu. Hin sodaatiin, garaa jabeessa ta'i. Xiiqii qabadhu, xiiqii kaayyoo. Biyya kee irratti abbaa ta'uuf waree-gama seena qabeessa baasuun cubbuu miti.

Magarsaa Qilxuu

19 Jan, 08:00


Kanneen akka Dammaqaa Nagaasaafaa kana nama jadhanii komachuun mataamti isaa cubbuudha!
Namni komatamu,nama namummaan itti dhaga'amu fi itti gaafatamummaan maal akka ta'e beekudha.

Kaadiroota PP ija dunuunfatanii Murna aangoorra jiru yakkarraa qulqulleessuu fi olola sobaan cubbuu ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru haalan,komachuun hafuu qaba.

Jara kana dhimma garaa fi garaa qofatu akka Saree isaan duuchisa,akka Waraabessaa isaan yuusisaa jira.
Hojiin jara kanaa Geetaachoo Raddaa 2017 "Agaaniint" nun jadhe fi Aluulaa Salamoon "Alshabaab" nuun jadhe,akkasumas Abbooy Tsahaayyee "Kana caalaa raawwatama" nun jachaa ture sana nama yaadachiisu.

Akka muuxannootti waan arginee bira darbine waan ta'eef,jara kanatti mufachuu fi itti gadduun hin barbaachisu.
Galaanichi haafa fi kos'''ii akkasii walumatti haree sokkuun isaa hin hafu.
Abbaan garaachoo fi fakkaattoonni isaanii,dhimma garaa fi garaatu isaan yaaddessa.
Cubbuun ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru,guyyaan iyyatu fi dubbatatu dhihaateera.
Dhaddacha seeraa fi seenaatti,barri yakkamtoonni dhihaatanis fagoo miti.

Magarsaa Qilxuu

19 Jan, 07:54


Waraa-na itti abdannu waan qabnuuf waa'ee Biyyaas waa'ee WALABUMMAA OROMIYAAS lafa dhiitnee dubbanna! Siifan lol-la jedhee sobee hin beeku!

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:50


Oromoo Ilmaan Ke Dhumee

Kan Arsiitti ta'eef utuu teesse gaddiitu kunoo Booranattis manaa gadii baasan haala sukkanneessaa kanaan Qeerroo kee galaafachaa jirti kaadiree fi ergamtooni impaayera.
๐Ÿ‘‰Ka'i Falmadhu
๐Ÿ‘‰Teesse Du'a Hin Eeggatin

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:50


Oromoon Guddaan kee ergamtuu impaayeran akkasitti salphaate qe'ee isaa irratti haala sukkanneessaan ajjeefamuun akkuma itti fufeeti jira.

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:50


Garaa ishee  guutachuuf jecha dhiiga ilmaan hiyyeessa kan dhangalasiisa ooltu  Boojji Coqorsaati jiraatti Galii taatetti

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:50


Walagga Lixaattis
Daa'ima kanas rasaasa itti roobsanii ajjeessan Milishaatu ajjeesse ๐Ÿ˜ข

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:49


WALLAGGA BAHAA

Wallaggaa bahaa aanaa WAAMAA hagalootti ji'a darbee keessa rasaasaa ja'an(6) itti roobsuun Ganda daakkoo keessatti kan ajjeefame

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:49


Wallagga Lixaa Gimbii
Galgala edaa sa'atii 2:00 tti Gimbii naannoo baddeessaa makkoo jedhamutti milishaan dargaggoo maqaan isaa Abbushe  jedhamu rasasa itti roobsitee ajjeeste jirti.
Mucaan kun konkolaachisaa dha

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:03


Namni Kun miseensa Paarlaamaati.
_โœ๏ธ
Namni Kun miseensa paarlaamaati, miseensii paarlaamaa jechuun immoo bakka bu'aa Uummataa ykn sagalee sabaa isaati ilaaltee Oromoo? Eenyuu Akka si fixuuf murteeffatee ka'eef barruun Kun ragaadha.

Ajjeecha sukkanneessaa Uummataa nagaa irratti video guutuu miidiyaa hawaasarra naanna'a jiru kanaan soba jedhee! Argii namichii miseensaa paarlaamaa gaafa akkanaa jedhuu ati namni tokko Akka Hin qabne Bulchiinsaa sirnichaa Keessaa agarsiiftuu tokkodha

Paarlaamaa Keessaa nama hin qabddu paarlaamaa sagalee siif ta'uu utuu hin taane isaa si fixuuf humna ijaaramee qofa qabdda.

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:03


Godinaa Shawaa Bahaatti yakka olaanaa ilmaan Oromoo rashanuu kan hogganaa ture fi ammas itti jiru Saahiba Awwaluu Abdii kan tahe namicha bulchaa godinaa Shawaa Bahaa Abbabuu Waaqoo jedhamu kanaadha.

Abbootii Gadaa Karrayyuu dhaabate rashansiisuu irra hamma Manguddoo Obbo Siidaa Taliilaa, Battee Urgeessaa namni rashansiisee isa kanaadha... kan dargaggoota laakkayamee hin dhumatu.. ammallee yoo xinnaate nama kuma 10,000 olii hidhee harka qaba namichi kuni..

Hogganoota koree nageenya Godinoota hundaayyuu erga akkasuma maqaa isaanii qabadhaa yeroon itti gaafataman ni dhufa waan taheef...

Magarsaa Qilxuu

18 Jan, 17:03


Gareen ijaarame olaadeema Oromoo dugugutti jiru kunoo ammas olaadeema kana aanaa Qilxu Kaarraa ganda Waandii Daallee bakka addaa Guutee Sillaasee jedhamtutti ilma Oromoo Indaargee Ittaanaa jedhamu haala sukkanneessan ajjeefamee jira.

Magarsaa Qilxuu

17 Jan, 19:00


"Namni suurri isaa argitankun, maqaan isaa Galaanaa Lammaa Tuuchoo jedhama. Kan inni jiraatu Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Buraayyuu naannoo Ashowaa Meedaa Anfoodha.
Namoota hedduu " ani tika mootummaati(daninnatii) jechuudhan karaa seera qabeessa gara biyya Taayilaandittin isin erga" jechuudhan qarshii 1500,000- 200,000 irraa guurratee miliqeera (badeera). Hiriyaan saa nama Caalaa Abboomaa jedhamu waliin gocha kana namoota irratti raawwataa turan. Dargaggootati hedduun namni kunii fi hiriyaan isaa qarshii miliyoonaan nurraa guurratanii badaniiru jedhan, Ana isa siif barreessa irraa qarshii 150,000 fudhatanii badan. Akkumasuma namoota ana fakkaatan maqaa tikaa himatanii saa-maniru. Uummannis namoota kana akka nuuf hordofan adaraa nuuf maxxansi"

Bilbila Galaanaa 0911276869
Caalaa Abboomaa 0911817159,
0945177864

Magarsaa Qilxuu

17 Jan, 18:56


"Ajjeechaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Itti Fufe

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa ona Horroo Bulluq Ganda Laaloo Igguu Amajji 16,2025 waraanni pp hawaasa nagaa ajjeesuu amaleeffatee ajjeesaa turee fi ammallee itti jiru Oodii keessaa osoo xaafii qulleessaa jiranii maatii obbo Balaay Filee Soorii irratti dhukaasa banuun maatii tokko keessaa abbaa fi ilma maqaan isaanii Obbo Balaay Filee Soorii fi ilma isaanii dargaggoo Bilisaa Balaay walirratti ajjeesisuun haadha warraa Obbo Balaay kan maqaan ishee Bakkashee Hinkoosaa jedhamtu ammoo rasaasaan rukutuun yeroo ammaa hospitaala Shaambuutti ergamtee du'aa fi jireenya gidduu jirti.

Harree sodaattee dibdaaba reebdi akkuman jedhamu
Onuma Horroo Bulluq Ganda Haroo Aagaa Amajji 14,2025 waraana pp fi WBO Wal loluun waraanni pp baay'inaan dhumuu sababeeffachuun waraanni pp Amajji 16,2025 uummata Ganda sanaa walitti qabuun isintu nyaachisee nutti bobbaasa jechuun uummata rakkoon adda addaa itti wal furaa jiru doorsisaa fi reebichaa hamaa irratti raawwachaa oolte."

Magarsaa Qilxuu

17 Jan, 04:20


Warri dhaabbattanii WBO wajjin diishqicha qaqqabaa jiran kun,waraana mootummaa diishqichaa wajjin booji'amani dha.

Sibiila diimeessu,sibiilarra kaa'u sibiilumaanTumu.sibiilumaan qaru,sibiilumaan muru.Murteessaan malaan waan gochuu barbaadan godhanii itti fayyadamuu dha.

WBO WBO WBO โœŠ

Magarsaa Qilxuu

15 Jan, 18:28


Hoospitaala Fiichee
"Hin dhufin jennaan diddee, diddee dhuftee taa'ii urjii lakkaa'ii!"
Ragaa qulqulluudha!
Lola guyyaa kaleessaa hidhabuu abootetti geggeeffame irratti madoon hedduu ta'e guuramee buufata fayyaa magaalaa Fiicheetti guurame Iyyee wal iyyisiisaa jira!

Magarsaa Qilxuu

15 Jan, 18:27


Daangaa Godina Shawaa Bahaa fi Arsii Bahaa Ganda Amuddee bakka Ayyaagee jedhamutti mootummaan uummata irratti meesh-aalee suura irratti argamu kana guyyaa dheengaddaa irra eegalee samii irraan itti darbataa jira! Kun yakka waraa-naa idil addunyaati!

Magarsaa Qilxuu

12 Jan, 18:02


Tooftaa Sochi Diinaa
1.Humni Baadiyaa jiru yeroo ifaan ifatti mul'atee yeroo gara magaalatti galuu humni biraan immoo riphee bosonati hafuu .
Yookiin humni biraan jijjiirraan dhokatee halkan irraa dhaqee bakka bu'uudha.
2.Guyyaa Odeessa Sochii WBO funaananii halkani irraa gara iddichatti bobbii gaggeessuu.

Magarsaa Qilxuu

12 Jan, 14:32


Ganamaan baarudan macheesse heeddu biyyeen makuun kaan harkaan qabe jira.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

12 Jan, 14:31


Godina Booranaa Moyyaaletti Ummanni hiriiraa bahuun gaaffii mirga lubbuun jiraachuu gaafachaa Jira!
   Obsi Gabrummaa nu baachisus, ilmoo teenya nu jalatti akka nyaattu garuu hin eeyyamnu jedha warri mooyyalee!

Magarsaa Qilxuu

10 Jan, 16:56


Eeruu Bobbaa Gantoota
====================
Waraanni Sanyii Nagaasaa bobbii fudhattee WBO loluuf mooraa leenjiirra yaatee jirti.
Har'a gareen tokko gara lixa Oromiyaa deemaa jiraachuu dhageenyeerra. Gareen gurbaa Amboo tokko kan Dabbaal Mootii Gaaraa ofiin jettu shawaa lixaatti bobbaatee raayyaa ittisaa fi milishaa waliin bosona keessa gara Waddeessa geessetti.
Gareen Jireenyaa gara Jibat, Incinnii fi naannoo sanatti bobba'eera.
Waaqoo Shaarkii fi Liiban Gurraachi bobbii gara kibba oromiyaa fudhatee jira.
Warra hafe hordofnee isin biraan geenya.

Magarsaa Qilxuu

10 Jan, 16:55


Keenya lolaan waaqa
Aanaa Gidaamii Bu/Qellemitti waraanni RIB ofima isheti wal rukutte namni sadi du'era bataskana Qellemitti awwalteti har'aa.

Magarsaa Qilxuu

10 Jan, 16:54


Injifannoo Booda

Magarsaa Qilxuu

09 Jan, 18:55


Tarkaanfii Bofa Morma Muruu

Mataahaaraa
===========
"Magaalaa Mataahaaraatti Leencichi itti seenuun bakka isheen uummata walitti qabdee dararaa jirtutti afuura kutee Sadii ol erge, Achi keessaa tokko gantuu diina wajjin Sochootu sirreessee ba'ee jira ๐Ÿ’ช

Magarsaa Qilxuu

09 Jan, 18:53


Odeessa goodina bahร  Oromiyaa Ona Gara mullaata Ona baddanno;
gola odaa
qumbii
guraawa
kurfaa callee fi mayyuu mulluuqe kanneen Hunda irraa waliiti qabuรนdhan bulchaa araada wajjira naggeenya jechuun Ona baaddannooti dhoksaan marriiyacha jiran
Mata dureen marii isaani akka keessaa bektooni nuuf himaaniti
1)caassaa  Abo wbo qulquulleesu 2)bilbila Namota shaakkani hidhanii sakaatau
3)ummaata naannoo gammoojjii jiran horsiisee bultootara qawee funaanu keessaatu Ona mayyuu , qumbii fi gola oddaa irraa akkata kannaan mariirra jiran.

Magarsaa Qilxuu

09 Jan, 18:53


Eeruu

Bilxiginnaan yeroo ammaa lola WBO Kara hundaan dadhabuun sakata'iinsa ijibbaata gochuuf qophee xumurarra jiraachuun,
Amajji irraa qabuun Qondaaltota Aanaa Qilxukaarra, Lata Sibuu fi Manasibuun Perezedaanti naanno BShG Ashaadal Hasan, Jeneraalota waraana dabalatee Assoosaa Hoteela Baambuutti mariyachaa turuun
BShG irraan Karaa daalatti mana Sibuu,Loomica duulo irraan lataa Sibuu,Igguu Bochiirraan Qilxukaarra seenuuf murteessuu iccitii keessoorraa ba'ee jira.

Sakattayinsa ijibbaata Oromiyaa keessa dadhabneerra jechuun Kara BShGn bifa dhoksaan karaa dudda duubaan WBOtti seenuuf gandoota moggaarra jiran keessa namoota Ganda gandarraa qabachuun sichi"uuf yaalaa jiraachuun

โ™ฆ๏ธAanaa Mana Sibuurraa

Kan Ganda Bijjiit Haftee Olaanaa
Ganda Alaltuu Gombii Biraanuu Guutaa
Ganda Guunfii Tufaa Caalii
Ganda Dangii Asaffaa Biraasa

โ™ฆ๏ธAanaa Lataa Sibuu

Ganda loomiica duuloo Absawuu Isata fi
Daani'el Tasfaayee

โ™ฆ๏ธAanaa Qilxukaarra

Ganda Igguu Bochii Saamsoon Buzaayyo
Ganda Talaamso Jaalal Malaaku
Ganda Guyyoo lalisaa Assaffa (Abbaa Haroo)
Ganda Igguu Bochii Solomon Goobana

Qabatanii socha'aa waan jiraniif qeerroon Uummanni kallatti jedhamee kanarra sochootan of eeggannoo cimsadha.

Magarsaa Qilxuu

09 Jan, 18:51


Qaaliwwan Shamarran WB0 Direerraa Dinaan kokkee wal-qabutti jiran.

Mirgaan Galaa ๐Ÿ‘Œ

Magarsaa Qilxuu

09 Jan, 18:48


Namni Du'a Filatachuuf Deemsa Isa Dhuma Ta'u Hin Dagatinaa
============================
"Qe'ee kee gadi lakkisii deemi jedhanii Maanguddoo kana dararu "Dallaa koo keessaa hin ba'u asumatti na ajjeesaa" jedhee deebisaaf.
Oromoon maal hin taane biyya isaa irratti!
Kan kaadire warra akkas gootu miti dhaamsi ani milishaaf qabu yoo jiraate akkuma amma yeroon isiin oofe namaan taphattan kana dabareen hawaasicha gahee abadan fagoo miti hojii harka keessani kan itti argattan.

Magarsaa Qilxuu

07 Jan, 08:03


~Lubbuu qaalii fi wareegamni qaamaa qalbii kan kaffalamaa jiru,Oromummaafi itoopiyummaa walitti araarsuuf osoo hin taanee oromiyaa walabaa ijaaruufi hin sobamin oromoo!

Magarsaa Qilxuu

07 Jan, 05:22


Biyyi kun kan nagaa ta'uu dandeessu nama dhuunfaa aangoo irraa kaasuun, kan biroo bakka buusuutiin miti. Kan isheen nagaa taatu yoo Oromiyaaf nagaa kennite qofaadha!

Magarsaa Qilxuu

05 Jan, 16:26


"Dhiiga qeerroo|qarree bilisummaa fi walabummaa Oromoo fi Oromiyaatiif dhangala'e Itoophiyaatti gurgurattee nutti deebite" Umar Suleemaan

Magarsaa Qilxuu

05 Jan, 15:25


Opireeshinii amma taasisaa jirru ilaalchisee,caasaaleen mootummaa dirqama keessan bakkuma teessaan teessanii,numilkeessuurratti hojjettan
Galatooma.akkasumatti itti fufa..

Magarsaa Qilxuu

05 Jan, 11:55


Biyya diiguuf qabsoofna osoo hin taane biyya ta'uuf qabsoofna! Waraa-nni keenya beenzila qabsoo bilisummaa Oromooti! W*B*On yoomiyyuu nii jiraata!

Magarsaa Qilxuu

04 Jan, 18:36


Gaaffiif deebii Jawar Mohammed Magoos Zawuduu wajjiin taasise gaarii ture.
Biyyattiin gara sirna dhablummaa fi wal waraansa hamaattis seenuu malti jechuun yaada bu'uuraa Anocracy fi Anarchy kaaseera. Mootummaan haala amma jiruun Anocracy irraa gara Anarchy tti akka nun galchineen sodaadha jadheera.

Anocracy:
Definition: (A political system that is neither fully democratic nor fully autocratic, blending elements of both. It often lacks stable governance and has weak or inconsistent institutions.)

Anarchy:
Definition: (The absence of a formal government or authority. It refers to a state of society where there is no recognized governing body or rule of law.)

Addatti Abiy Ahmed Ali nama mataa jabaatu fi sirraa'uu hin dandeenye ta'uu dabbatee,abdii irraa kutachuu kaasa. Haasaa kana keessatti bakki naaf liqinfamuu dide keessaa akka ijootti,badii Abiy gochaa jiru keessaa Jawaar harka qulqulleeffachuuf yaaluu isaati.
Fkn: Jawaar akkas jadha "Abiy Paartii TPLF keessatti qoqqoodiinsa uumee Tigraay keessatti atakaaroo dhalachuu isaatti nama gammadu fi akka milkaa'insa tokkotti ilaaludha...." jedhe.
Paartilee keessatti qoqqoodiinsa fi atakaaroo uumuu kan Abiyyiin barsiise Jawaar mataama isaa ta'uu irraanfachuu isaati. Kitaaba "Warraaqsa Butame" jadhu keessatti "ABO bakka lamatti cabsuu fi garee Araarsoo Biqilaa fi Qajeelaa Mardaasaa kan fincilsiise Jawaaridha" jadha. Shirri kun immoo mana Jawaar keessatti kan xaxamaa ture ta'usaa kitaabicha irratti odeeffameera. Jawaaris dhimma kana waan haalu miti.
Waan Abiy TPLF irratti garee Geetaachoo fi Dabaratsiyoon gochaa jiru,Jawaaris ABO irratti waan walfakkaataa dalaguu isaati. Altokko tokko balleessaa ofis amanaa yoo deeman wayya!

Magarsaa Qilxuu

04 Jan, 17:45


ONM-ABO Amajjii 4,2025

WBO'n Zoonii Lixaa Jaarmiyaa  Urjii Lolaa fi Birgeedii Faana  Eebbisaa Addunyaa har'a  Amajjii 4,2025 waliin ta'uun godina Baha  Wallagga  aanaa Haroo Limmuu seenuun tarkaanfii diina irratti fudhatanii ba'aniiru.

Guutuu gabaasaan walitti deebina

Injifannoon Uummata Oromoof โ—๏ธ

Magarsaa Qilxuu

04 Jan, 06:19


Dhuma Gantoota
===============
Ijoolle Sanyii fi Shurrubbeen birr itti nyaatan qabsoo gansiisan galchan nama 700 keessaa hanga ammatti namni 98 hidhaa cimaa waggaa 15-22 ttii itti muruun mana hidhaatii naqanii jiru.
Warra hafees mana hidhaatti darbachuuf Torchii fi reebicha hamaa irratti rawwachun qaali isaan irraa fuudha jiraachun odeessaa abbaa alangaa PP Oromiyaa irraa nu qaqqabee jira.

Magarsaa Qilxuu

03 Jan, 16:16


K/Abiyyi Finfinnee qofaatti Kutaa Woraanaa Opireeshiinii Addaa Jechuun  Kutaa Waraanaa 93ffaa Hundeeffate.

Waraanni Kun Kan Hundeeffamee
Kutaa Waraanaa kommaandoo
Mooraa Leenjii Bilaattee irraa
Buufataa woraanaa Naannawa Hawwaasaa Jiru Togaa Jedhamu fi Bishooftuu Mooraa humna Qilleensaa irraa Walitti fiduun Finfinnee qofa keessatti "Kutaa Opreeshiinii Addaa" Jechuun Saaris Worshaa gogaa cina qabsiisee jira .
Masara haaraa Ijaaramaa jiru Inxooxoo Cinatti  Kotobee Kolleejjii barsiisotaa Cinatti Bakkoota Gara shaniitti qubachiiffatee jira.

Hojiin kutaa Waraanaa kana Akka Maddi Odeeffannoo keenya jedhutti
Halkaniif guyyaa Finfinnee Sakatta'a Godhuuf.
Nama Xiqqoo Shakka Ajjeessuuf Abbaa Barbaaddee kallattumaa Dhabamsiisuu qofarratti Kan xiyyeeffataniidha.

Yeroo Ammaa Kana Adaanechi Abeebee Photo dha male Hooggansaa magaalaa Finfinnee Abiyitti harkaa qaba jechuun nu hubachiise Maddichi.

๐Ÿ‘‰Waatuu jiraa Dammaqi

Magarsaa Qilxuu

02 Jan, 16:12


Eeruu Keessoo

Beegiirraa gidaamii makiinaa 15 'n Waraanni maafiyaa pp deemaa waan jiruuf if eeggannoo!

Ginbii magaalarraa gara finfinnetti waraana maafiyaa pp makiinaa 30'n deemaa jiru jedha odeessi keessoon nu gahe if eeggannoo!

Magarsaa Qilxuu

02 Jan, 12:37


Baga Geessan Baga Gammaddan
==========โ‰ˆ=================
WBOn Zoonii lixaa jajjabee yeroo dheeraaf leenji siyaasaf waraanaan leenjisa ture guyyaa kaleessaa ayaana Amajjii 1 irratti haala ho'aan eebbisise jira.

Magarsaa Qilxuu

01 Jan, 17:21


ODUU INJIFANNOO ZOONII MADDA ALBUUDAA! AMMAJJII 1

Guyyaa WBO Ammajji 1
Z/Maddaa Albuuda Berged Biftuu Barii
40- Ajjeessuun
36 -limoo kenneef
8- qacamii(boji,ee)
Gama meeshaatiin ammo
Qawwee AKM 25.
Rasaasa AKM 1500 oli
Rasaasa PKM 2500 oli
Nyorooro PKM 12
Rasaasa Diishqaa 2400 oli

Ammajji Guyyaa WBO Oolmaa dansaa!

Duula Cichoomina Kaayyoo

Magarsaa Qilxuu

01 Jan, 04:32


Amajji 1,2025 Waraa-nni Bilisummaa Oromoo kanneen falma hadhooftuutti jirtan, akkasumas Qeerroon Qilisummaa Oromoo fi uummanni Oromoo hundumtuu baga geessan!

Magarsaa Qilxuu

31 Dec, 18:33


Jaallan Koo Martii Baga Guyyaa Kabajamaa Amajjii 1 Guyyaa WBOn Isiin Gahee
Geenye ๐Ÿ™

Magarsaa Qilxuu

29 Dec, 15:15


Aanaa Ada'aa Bargaatti

Kutaa Waraana 18ffaa
~Riijimentii 5ffaan
Guutummaatti Barbadaa'eera.

Injifannoo Aja'iiba.

WBOn Haa Waaru

Magarsaa Qilxuu

29 Dec, 15:00


Daandii Guddicha Itiyoo-Jibuutii

Tarkaanfii Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoon banee jiruun guyyaa har'aa marsaa 2ffaaf Daandiin Itiyoo-Jibuutii adda citee jira.


Impaayerattii raasuun itti fufa โ—

Magarsaa Qilxuu

29 Dec, 05:16


Injifannoo Aja'iiba

Lixa Shaggar Ada'aa Bargaatti
~250 ol dhabamsiisee
~62 madeessuun
~50 booji'e.
Abbaan Haqaa Yoomu Milkaaha Dha.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

29 Dec, 05:05


"Sanyii Niqiluu" iddoo "Abarraa Buunoo" bu'uun Hogganaa Milishaa Oromiyaa Ta'eera๐Ÿ˜

Kana booda obboo milishaa jechuun hafee jaal milishaa Hayiilu Gonfa jettu ๐Ÿ˜œ

Magarsaa Qilxuu

28 Dec, 16:43


Duula Cichoomina Kaayyoo

ONM-ABO Muddee 28,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf humna harcaatuu PP maqaa sakattaa WBO jedhuun saamicha uummataa irratti bobbaate har'a Muddee 28 ganama irraa eegalee godina Gujii Lixaa aanaa Galaanaa ganda Ceekataa Dangoo iddoo addaa Wojittii jedhamtutti marsee wawwaachisaa jira.


   Guutuu gabaassaatiif walitti deebina.


Injifannoon Uummata Oromoof โ—

Magarsaa Qilxuu

28 Dec, 16:43


Irbuutti Hin Qoosiin Irraa Baradhu.

Gantuun bakka kamittuu hin milkooftu
Qabsoo jaalli meeqa itti kitimameen daldalaa turee, ummata nannoo Najjootti kan shiftee ture, Yeroo qabsoo keessa ture Jaal Hiddaa jedhamee kan beekamu qabsoo ganee erga galee osoo konkolaataan gara Finfinnee imalaa jiruu balaa Konkolaataa achitti uumammeen xummurateera.

Magarsaa Qilxuu

27 Dec, 17:47


Nu Milkeessi Waaqa ๐Ÿ™Œ

Leencichi Zoonii kibbaa
Gujii lixaa Dugda Daawwaatti yeroo amma kana dukkanaan makee waliitti diruun wal ficcisiise kaampi keessaa basee jira.

Qubsuma Diina Diigun cimee Itti Fufaa
IUOf

Magarsaa Qilxuu

27 Dec, 04:41


~Dhaloonni Imaanaa Hin Aloofne Of-Harkaa Qabu Ayyaantummaa Cichitoota Qulqulloota Kaayyoo Kaleen Tikfama!

Ayyaantummaan qulqulloota kaayyoo warri kalee dhiigaaf lafeen xurree qabsoo tattaraaree, gatiin dafqa dhiigaa jaallan keenya qaqqaalii qaanqee qabsoo bilisummaa Oromoo qabsiisuuf coccobee sun har'a tiksee fi riqicha injifannoo qabsoo keenyati. Imaanaa hin aloofneefi Irbuu hin ligidoofne gatii dhiigaaf lafee harkaa qabna.

Wadaroon jaallummaa naamusaaf sansakkaan kuulame, miciraan Oromummaa lafee angafootaan utubame, sabboonummaan dhiiga Oromootaan bakkaayyuu mirgise, safartuun gootummaafi tikseen injifannoo qabsoo bilisummaa Oromoo ayyaantummaa qulqulloota kaayyoo wareegamtoota qabsoo keenya kaleessaati. Imaanaa warra kaayyoo hinsharafnee qulqulloota qabsoo kalee nutis utuu hinsharafiin galmaan gahuuf aarsaa qabsoon gaafattu of-qusannaa tokko malee baasuuf falma gubbaa jira.

Gadaan kun gadaa ilmaan dantaa sabaaf warraaquuti, warra fiingee qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Elemoo Qilxuun afuufamte dhaale, dhaloota sagalee rasaasaa yeroo jalqabaaf qabsoo bilisummaa Oromoof jecha Harargee Xirootti dhukaate fufsiisee qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoon goolabuuf hadheeffateeti. Gadaa dhaloota waanjoo gabrummaa ganna 160 Oromoof Oromiyaarra bubbule dhiigaan buqqisee Oromiyaa walabaa ijaaruuf baroodee kokkee diina qabaa jirudha.

Dhaloonni kun ayyaantummaa qulqulloota kaayyoon tikfamee shakkii tokko malee amna dheertuu dhiigaaf lafeen itti gabbaramte injifannoon irra ni aana. Dhaloonni kun dhaloota didaa gabrummaaf tole hinjenne boorrataa booree baasu, dhaloota rasaasa qabsoo bilisummaa Oromoof dhukaate sanitti xumura tolchudha.

๐Ÿ‘‰Fiingeen Bilisummaa Oromoo Kaleessa Jaal Elemoon Afuufamte Gadaa Dhaloota Cichaa Kaayyoo Kanatti Xumura Argata!

Gadaan Kun Gadaa Dhaloota Jiileeti!

Magarsaa Qilxuu

07 Dec, 12:39


Tarsiimoo  Diinni Baasee Jiru
========================
WBO fi Deggertoota WBO Wal nyaachisuuf Hojjetaa Jiru.

Tarsiimoo Baadiyyaa Keessati:-

1ffa.Biltsiginnaan Mana Maatii Qabsaa'ootaati nyaata Soorachuu.

2ffa.joollee Maatii Qabsaa'ootaa Milishaa ganda keessatti filuu.

3ffa Namoota Koree/Deggertoota WBOn ganda Baadiyyaatti WBOf amanomoo ta'an  Hojii Uummataa akka hojjetaniif WBO'n filatee jiru Biltsiginnaanis irraa deebi'uun isaanumaan Hoji Hawaasaa keessatti filuu.

4ffa.Qeerroo Hawaasaa kana dura WBO'n Hoji Hawaasaa akka hojjetaniif filee Jiru Biltsiginnaanis isaanumaan Hoji gandaa akka Garee fi Zoonii keessatti filu.

5.Abbootii (Jaarsolii Araaraa)kana dura WBO'n akka Rakkoo Uummataa hiikaaniif Gandaa keessatti filee jiru Biltsiginnaanis dhaqxe irra Deebitee isaanumaan filuu.

6.Maandhee/Addaa Duree amanamaa WBO Loojistiksii WBO ta'ee Nama tajaajilaa ture ammas Biltsiginnaan Gandaa Baadiyyaa keessatti hojii Hawaasaa akka hojjetaniif Deebisani filuu.

Walumaagalatti Qaamoota Waraanaa WBO wajjin Hariiroo Qabu jedhanii shakkii irraa qaban Mootummaa Biltsiginnaanis Hojii Siyaasaa, Hojii Nageenyaa,Hojii Diinagdee fi Misooma addaa addaa keessatti Hirmaannaa Uummataa akka Hogganaaniif keessatti Makani filataa jiru.

Kaayyoon isaanii Maaliif ?
====================
WBO yeroo Gara gandichaa seenuuu Warra Koree tahee hojjetaa jiru Warra Mootummaan filee jiru akka Ajjeessuu, akka dararuu fi akka butee adabu gochuu barbaadu.

Karoorri isaanii WBO fi Deggertoota WBO Wal nyaachisuuf Siyaasaa Haadhooftuu hojjetaa jiru .

Kanaaf WBO yeroo Gara gandichaa seenuuu of Eeggannoo fi Hubannoon itti Adeemuu qabu.

Qaamota/Qotee Bulaa Biltsiginnaan Hojii kana keessatti Dirqamaan filte jirtu kanaaf hojii Hubannoo kennuu irratti Hojjechuu qabna.

Biltsiginnaan isaan Jaal'attee filte Utuu hin taanee Sababa isin Deggertoota WBO ta'aniif WBO wajjin walitti  buusuuf Caasaa WBO Caasaa Biltsiginnaa keessati filataa jirti.

Magarsaa Qilxuu

07 Dec, 10:16


Gareen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) kan Dabratsiyon GabraMikaa'eliin durfamu hiriira uummataa geggeessuuf gaafate dhirkame.

Garichi Dilbata borii ganama sa'atii 2:30 irraa eegalee hanga 6:30 tti hiriira nagaa geggeessuuf gaafatee ture.

Garichi xalayaa Sadaasa 23 bara 2017 barreessee baroota dheeraaf aarsaa itti kaffallee kan hundeessine mirga fi mana maree keenya namoota dhuunfaa fi haaraan yoo diigamu hin obsinu jechuun ibseera.

Bulchiinsi magaalaa Maqalee xalayaa Jimaata kaleessaa barreesseen deebii kenneefiin koreen waloo qajeelfama kenneen magaalaa Maqalee keessatti hiriirri kamiyyuu akka hin geggeeffamne dhorkeera jedheera.

Magarsaa Qilxuu

07 Dec, 10:15


#Horro_Guduruu
Magaalaa shaambuu Boruu booda Hiriyaan Jireenyaa Rabbumaa #Faqqada_Abdiisaa ykn Fakkattooni isaa Magaalaa shaambuu ni gala. waamicha Ummata dhageenyee dhufne Akka jedhaniif Bor 28/3/2017 Hiriira dirqii Waanjoo fi Waantoota adda addaa itti godhanii baasuuf sirba dirqii gochaa jirti. Faqqadaan garuu erga galee Yoo xiiqqate ji'a 6 ol tureera. jireenyaa Rabbumaa wajjiin kan Ppf Shira mooraa Qabsoo diiguuf warra hojechaa tureedha. kana malees hidhamtoota kanaan aanolee godina sana jala jiran keessatti dararaa turtes Wbo warra galeedha jettee isa faana miidiyaatti baasuudhaaf har'a Aanota hundarra bakka tokkotti walitti guuraa ooltee jirti. quba qabaadhu.

Magarsaa Qilxuu

07 Dec, 09:54


Obsaa fi murannoon murteessadha.
Irbuu shinnigaa hanga guyyaa tanaatti qabnu eeggachuun imaana Saba bahachuun Akeeka fi Kaayyoo jaalleen keenya qaqqalii Gammoojji hanga baddaa Oromiyaa keessatti nubiraa wareegamanii yaadachuun Kaayyoo isaanii galmaan gahuun dirqama Oromummaa namuu nun giddisiifne kan jaal keenya irraa fuune sana galiin gahuuf kutannoo fi murannoo cimaa qabaachuu nu gaafachiisa.Anis, atis, innis, isheenis xurreen kaleesssaa sana irraa yoo maqne Dhiigni jaalleen kaleessa nuuf jedhanii dhangalaasan,lafeen isaan nuuf jedhanii caban nuhaa gaafatu.yoo kaayyo fi Akeeka Saba keenya sharafnee Diinatti galle Dhiigni Qeerroo, Qarree,Haadholii,Abbotii fi Jaalleen keenya lolaa tahee nuhaa fudhatu.lafeen isaanii gobaa tahee nuhaa diru.Rasaasni Sabaa nun dhabin.dhalchinee jilba nun darbin,fachaafne nuuf hin biqilin .Abba torbii keenyatti dabdeen yaa galu waadaa Saba koo hin nyaadhu Yoon nyaadhee argame rasaasni WBO nandhabin.
Gadaan Gadaa xumura garbummaati.
I.U.O!
๐Ÿ’ฏJaal Guddisii yaadi๐Ÿ™

Magarsaa Qilxuu

07 Dec, 03:57


PPn Kaabinootashee Finfinnee, Shaggarii haga Aanoleetti jiranitti dirqama tokko kennitee jirti.
Innis "Namni tokko minimum Shanee sadii fi isaa ol hin galchu taanaan RIB waliin deemtanii loltu" dirqama jedhudha. Amma Kaabinoonni firootaa isaaniifi namoota beekan quunnamtii waraanaa qaba jedhanii yaadanitti bilbilachuun " Maaloo na oolchi namuma lamallee naaf argi" jechaa jiru. ๐Ÿ˜

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 18:40


Dubbiin Faallaa Taatee
===================
Jidduu Galeessa Oromiyaati Humni WBO Daran Jabaa tahuu mediyaaf ibsaniiru.

Radio fi Television VOA'n Jiraattoota Godinaalee fi Aanaalee Giddu Galeessaa Oromiyaa Haasofsiisuun Waraanni dhaabbatee Araarri bu'uun Gaarii ta'us ammayyuu Waraanni WBO Giddu Galeessaa Oromiyaa  kan Jaal Marroo Dirribaan Hogganamu  akkuma duraati cimee Lolatti jiru.

Guyyaa Har'a kan iji keenya Arge Waraani Jaal Marroo Humna Guddaatu Sochii Sochii gochaa Jira.Kan Durii Olitti baayyinaan Sochiiti Jira.Garuu Mootummaan afaan Faajii uummuun WBO Jidduu Galeessa galeera jechuun Goyyomsaa Uummata gochaa jira jechuun Dubbatan.

Waraanni Sanyii Nagaasaa Galeera kanaaf Nageenyi Shawwaa keessati ni Bu'a jechuun soba jechuun Jiraattootni hedduun Yaada isaanii VOAtiif ibsani jiru .
Dhugaa jiru hubachuuf toora Website VOA seenuun ilaala.

ABO-WBOn Haa Waaru
IUOf

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 18:38


Kaampii Bulbulaa irraa
Ijoolleen Sanyii Nagaasaa gurgurate rakkoo dhamdhamuu jalqabaniiru.

Jaallan kiyyaa erga Kaleessaa nyaata hin nyaanne, har'as guyyaa sa'atii saddeetitti nyaata maaf nuuf hin laattan jennee gaafannaan, beela duruu dandeessanii turtan jette waardiyyaan nu eegdu.

Sareen sareetti nu keenitee ofii Finfinnee keessa bashannanaa jirti.
Sanyiin nu galaafate...
Cubbuu hirbuu jaallaniirra tarkaanfanneeti.

Kaampii Bulbulaatti nu naqanii nutti Qoosaa jiru.

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 16:56


"Yomii Corquun
Yomii Qorquun"
Utuma guyyaa lama hin buliin haasa Shimalliis Naqamteeti dhimma fannoon wal qabate dubbate fudhatee shaneen fannoo waliin darraati Uummata keenya fixaa jiru jedhe langaca'aa.

Kan naanno Darraa waggaa 5n oli hawaasa keenya dararaa turee eenyu akka ta'e deebisa hawaasichumafin dhiisa.

Kun akka harka mirgaa PP akka ture kanumaan mirkaneeffachun ni danda'aama.

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 16:42


Udduun eegumsa hin qabne Tusseen sagal ciniinti jedha Oromoo.
Warri kunimmoo utuu rakoo keesso isaan hin furatiin Rakkoo Oromoo furuuf afaan mi'eeffacha asi bahaniru.
Waraani Bosonatti hafee hidhannoo hiikkate kaampitti haa galu jedhu akka wan hidhaachisan.

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 16:41


qแด€ส™๊œฑแดแดษด แดส€แดแดแดแด แด…สœแด€สŸแดแดแด›แด€ xษชษชqแด‡๊œฐ๊œฐแด€แด›แด€แด€ ABO~WBOn ษขแดแดสŸแด€ส™แด€ ษดษช แด€ส€ษขแด€แด›แด€.

Qabsoon Oromoo Baroota Hedduuf Gooboo Saamtotaa Ta'ee Jiraatee Ture Garuu Dhaloota Qaraan Qaramee Baheen Sun Akka Hin Deebinetti Diigamee Qabsoon Haqaa Akka Gaggeeffamtuuf Dhalootni Karaa Bane.

Oromoon Qabsoo Bifa Addaa Addaan Yeroo Addaa Addaatti Gaggeesseera Yeroon Inni Jaarmiyaa Jalatti Walitti Qabamee Qabsoo Bilisummaa Fi Walabummaa Isaatiif Waloon Qabsootti Jiru Kun Isa Jalqabaati.

Humna Barate, Dhaloota Gabrummaa Balfe, Dhaloota Waan Barbaadu Ta'ee Qabsicha Gaggeessuun Ammoo Dhalootni Kun Dhaloota Xiiqeffataaf Murataa Ta'uu Diinattis Firattis Agarsiise.

Sadarkaan Har'a Qabsoon Oromoo Irra Jiru Sadarkaa Ololaan, Hattuun, Fakkeessituun, Keettoon Diigamuurra Dabarteetti Qabsoon Oromoo Amma Rarraga Bilisummaa Jala Gaheera.

Oromoon Akka Sabaatti Gamtaan Jabaatee Ilmaan Isaa Jabeessee Diinota Alaaf Keessaaf Gurra Kennuu Dhiisee Gabrummaa Impaayeraa Ganna 160 Siqu Jalaa Of Baasuuti Qaba.

ABO~WBO'n Ni Injifata.
Qabsoon Gootonni Itti Wareegaman Galma Ishee Ni Geessi.
WBO' Duratti
OROMIYAAN BIYYA

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 16:40


~Humna Oromoof Oromiyaaf malu leenjisuun itti fufa!
Shakkii hin qabaatan.

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 16:07


Diraama PP Naqamtee
====================
"Naqamtee kolleejjii  fayyaa Jaatootti argamu keessaatti harka kennattoota jedhani namoota sivili leenjisa jiru yeroo ammaa rifeensa silayyu irraa hin jirree irraa aadaniiru
Akka odeeffama jirutti gidduu kana shanee harka kennatan jedhanii as baasuuf diraama tokko hojjeetama Jira.
Olola PPf itti dammaqaa

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 04:11


Daraaraan Maaliif Ajjeefame?
Tasfaayee Gabraโ€™aabiin
(Yegaazeexanyaawu Maastaaweshaa, Fuula 328-333

Waraqaawwan ciccittuu shaanxaakoo keessaa qabu keessaa tokko akkaataa ajjeefamuu Daraaraa Kafanii seenessiti. Seenichi waggoota hedduudhaaf kan ana wajjiin ture yommuu taโ€™u, ragaa isaa garuu amanuudhaaf rakkadheen taaโ€™aa ture. Bara 2000, jiโ€™a Fulbaanaa keessa, garuu akkaataa ajjeefamuu Daraaraa Kafanii ilaalchisee ragaa dabalataa waanan argadheef, akkasumas namni ragaa sana anaaf kennes duโ€™uu isaa waanan dhagaโ€™eef, seenaa isaa kuusaa kana keessatti dabaluufan murteesse.
* * *
ABOโ€™n mootummaa ceโ€™umsaa keessaa, bara 1984, erga baโ€™ee booddee haalli Oromiyaa keessa ture walxaxaafi rakkisaa taโ€™aa deemuun isaa niโ€™amanama. Keessumaayyuu, baadiyyaawwan Oromiyaa garaagaraa keessatti hookkarriifi diddaan yeroodhaa gara yerootti jabaachaa dhufeera. Naannoo Oromiyaa toโ€™annoo jala galchuudhaaf egaa, biiroon nageenyaa malleen dhahate keessaa namoota bebbeekamoo deeggartoota ABO jedhaman, abdaarota buleeyyii uummata kakaasu jedhamanii shakkaman magaalaawwan garaagaraa keessatti rukuchuudhaan hamilee uummataa cabsuufi gadi jedhee bitamee akka bulu taasisuu ture. Akkaataan raawwii mala kanaas tooftaa ogummaan dabaalameen bocamee hojiirra oolfameera. Namoonni buleeyyiin uummanni Oromoo akka abdaariitti isaan ilaalu magaalaalee Oromiyaa gurguddoo hunda keessaa adda adda isaanii rukutamuun ajjeefamaniiru. Barruu kana keessatti uummata Amboo mataa gadi qabachiisuuf eenyu akka ajjeefameefi ajjeechaan sun akkamitti akka raawwatamen isiniif seenessa.
โ€œAmborratti eenyu haaโ€™ajjeefamu?โ€ gaaffiin jedhu kanmurteeffame koreedhaan ture. Walitti qabaan koree sanaa nama yeroo sana ittigaafatamaa odeeffannoo humna ittisaa ture Jeneraal Abbaaduulaa Gammadaa yootaโ€™u, miseensummaa koree sanaa keessatti namoonni shan hirmaataniiru. Isaanis, yeroo sanatti ittigaafatamaa siyaasaa qajeelcha giddugaleessaa nama ture Jeneraal Hayilee Xilaahuun, yeroo sanatti ittigaafatamaa bobbaasaa qajeelcha giddugaleessaa nama ture Taklaay Ashabbir (Waddii Ashabbir), nama maqaan isaa hin beekamne tokko kan bakka buโ€™aa biiroo nageenyaa irraa dhufe, yeroo sanatti naannoo Ambootti nama ramadame kan qajeelchaa ittiโ€™aanaa Odaa Shaalaqaa ture Koloneel Dirribaa Makonnin, akkasumas yeroo sanatti nama ittigaafatamaa siyaasaa Odaa Shaalaqaa ture Shaalaqaa Jamaal Yusuuf turan. Yeroo sanatti qajeelchaa Odaa Shaalaqaa kan ture Umar Yusuuf dhaabbiin siyaasaa isaa shakkisiisaadha sababa jedhuun walgaโ€™ii irratti akka hin argamne murtaaโ€™ee; dhimma nageenyaatiif jedhamee guyyaa walgaโ€™ii sana gara Fincaaโ€™aatti akka ergamu taasifame.
Miseensonni koree sanaa Masaraa Mootummaa Ambootti walgaโ€™anii โ€œAmborratti eenyu haaโ€™ajjeefamu?โ€ gaaffii jedhuuf deebii kennan. Kaadhimamummaadhaaf Oromoowwan buleeyyii magaalaa Amboo sadi dhiyaatanii turan. Isaanis, Abbaa weellistuu Abbabach Daraaraa Obboo Daraaraa Kafanii, Daaqaa Mulโ€™ataafi Daandanaa nama jedhamu turan. Fudhatamummaa uummataa qabaachuu isaafi shakkamaa ABO taโ€™uu isaatiin Daraaraa Kafanii niโ€™injifate. Karoorawwan ijoo erga wixineeffamanii booddees guyyaan Daraaraan ittiโ€™ajjeefamu, saโ€™aatiiniifi iddoon murteeffamanii walgaโ€™ichi raawwatame.
Ajeechaan sunis akkaataa karoorfameen niraawwatame.
Guyyaa sana galgala Daraaraa Kafanii Laandikiruuzarii keessaa dhukaasa ittidhukaafameen balbala mana jireenyaa isaa irratti rasaasa lamaan dhahamee lubbuun isaa dabarte. Akkuma sagaleen dhukaasaa dhagaโ€™ameen Koloneel Dirribaafi Shaalaqaa Jamaal gara qajeelchaa Odaa Shaalaqaatti deemuun akkaataa karoora baโ€™eetiin Daraaraa Kafanii akka ajjeefame ibsaniifii hoomaan waraanaa ariitiidhaan magaalaa Amboo marsee sakattaโ€™insa akka taasisu haala burjaajessaa taโ€™een sardan. Koloneel Umar Yusuuf diraamichaaf keessummaa waan taโ€™eef yaada fafakkeessuu warra isa jala jiraniin isaaf dhiyaate qajeelummaan fudhatee hoomaa waraanaa ajaje. Laandikiruuzariin namoota Daraaraa ajjeesan baattee turte ofirra garagaluudhaan qindeessituu warra sakattaโ€™insa raawwatanii taate.

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 04:11


Sakattaโ€™insa cimaa guyyaa sana gaggeeffameen poolisoota qawwee qabatanii argaman illee dabalatee namoonni hedduun toโ€™annoo jala oolan. Amboon halkan sana sakattaโ€™insaan goolamaa bulte. Koree Abbaaduulaa jala kan turan Koloneel Dirribaafi Shaalaqaa Jamaal diraamicha milkaaโ€™inaan goolaban.
Daraaraan niโ€™duโ€™e!!!
Duโ€™uudhaaf sagaleedhaan injifachuu isaatiin ajjeefame!
Buโ€™aan isaa garuu faallaa taโ€™ee argame. Uummanni Amboo diraamaa halkan hojjetamaa bule hundumaa hubachuu isaa obboroodhaan baโ€™uun Adda-bahaa-bahiitti beeksifate. Sirna Awwaalchaa Daraaraa irratti uummanni jigee yaaโ€™e. Miira gaabbiitiin kanneen dhaadatan malee namoonni booโ€™an hin turre. Seenaa Magaalaa Amboo keessatti sirni awwaalchaa uummanni hanga sana baayโ€™atu irratti argame raawwatamee kan hin beekne yootaโ€™u, uummannis, โ€œYaa Daraaraa! Guyyaa tokko akka sinyaatan nibeekna turre. Waaqayyo lubbuukee haasimatu! Diinonni keenya guyyaa harโ€™aa Daraaraawwan hedduun dhalatanii akka bulan wallaaluun isaanii akkam yoo gowwoota taโ€™anidhaa!?โ€ yeroo jedhu dhagaโ€™ame. Sirni awwaalcha isaas iyya guddaan kan guutame ture.
* * *
ADWUI gadhiisee godaanuukootiin waggaa tokkoon dura halkan tokko bilbilakoo irratti naaf bilbilame.
โ€œEenyu jedhu?โ€ jedheen gaafadhe.
โ€œShaalaqaa Jamaalin jedhama. Ati ana hinbeektu; ani garuu sin beeka.โ€
โ€œTole maal sigargaaru?โ€
โ€œDhimma tokkoof waanan sibarbaaduuf yoo sitti tola taโ€™e galgala saโ€™aatii lama irratti Raas Hoteelitti siโ€™argachuun barbaada.โ€
โ€œDhimma maaliitiif nabarbaadde?โ€
Bilbilaan hintaโ€™u, yeroo walโ€™arginen sitti hima.โ€
โ€œGaariidha! Maaliinan sibeeka?โ€™โ€
โ€œAni waanan sibeekuuf dhufeetan sidubbisa.โ€
Gaazexeessaa waanan taโ€™eef haalonni akka kanaa hedduun namudatu waan taโ€™eef bilbilli Jamaal hagas mara qalbiikoo hinharkisne ture. Yeroo beellamaattis, namni dheeraa qalโ€™aan, rifeensi isaa keessa seene, ijawwan isaa qaariโ€™anii xiyyeeffannoon nama ilaalaniifi gaddaan haguugame tokko dhufee erga harka naqabatee booddee โ€œShaalaqaa Jamaal Yusuufโ€ akka jedhamu natti hime.
Saโ€™aatii lamaaf wajjiniin turtii taasisne.
Waantan armaan olitti isiniif seenesse hundumaa erga natti himee booddee waraqaawwan maramoo lama baasee natti hiixachaa akkas naan jedhe; โ€œmaqaawwan akka hindaganne. Qabxiilee ijoo taโ€™an waraqaawwan kana irra siif kaaโ€™eera. Amman ani Itoophiyaa keessa jirutti seenaa kana barreessuu hindandeessu. Seenaa kana namoonni beeknu baayโ€™ee muraasa waan taaneef dhimmi kun yoo ifa baโ€™e haala salphaan toโ€™annoo jala naโ€™oolchu. Kanaafuu, seenaa kana qabadhuutii turiitii yeroo barbaachisaa taโ€™etti waliin mariโ€™annee ifa baasna. Abbaa Abbabach, Daraaraa Kafanii akkamittiin akka ajjeesne uummanni Itoophiyaa beekuu qaba. Kanuma ceephoo buufannaankoo; obboleessakoo!โ€
Shaalaqaa Jamaal akkuma kana jedhee xumureen wuskii buusifate afuura tokkoon dhudhaโ€™e. Fuulli isaa laastikii gubate fakkaateera. Gaabbiin keessa onnee isaatii akka gubaa jiru hubachaa yoon jiraadhes; gola Kinfee nan beeka waan taโ€™eef Shaalaqichi diraamaa narratti hojjechaa jiraachuu dandaโ€™a; waraabduu sagalees bobaa isaa jala dhoksee jiraachuu dandaโ€™a jedhee shakkuunkoo hinhafne. Kanuma qulqulleeffachuuf yoo nagargaare jedheetan gaaffiiwwan tokko tokko dhiyeesseef.
โ€œAni kaadiree ABUT akkan taโ€™e otoo beektuu naโ€™amntee akkamitti icitii kana hundumaa natti himuu dandeesse? jedheen gaafadheen.
โ€œSiโ€™amanuu dhiisuun hindandaโ€™amuโ€ jedhe qoma dhiibee; โ€œYeburqaa Zimmitaa barreessuukeetiin Abbaaduulaafi Kumaan akka diinaatti akka siโ€™ilaalan nan beeka. Waddii Imbayitayyis cabsee lixaa ABOti siin jedhaโ€ฆ Sibihaat Naggaatu isarraa qolachaa jira malee inni nama ajjeefamuu qabudha siin jedhu. Maaliif akka isaan sijibban waanan beekuuf sishakkuun hindandaโ€™amuโ€ฆ Yeroo dhiyoo kana immoo nama Eertiraa taโ€™uukee dhagaโ€™eeraโ€ฆโ€
Isa amanuuttan kaโ€™e. Waddii Imbayitayyi namni jedhamu Jeneraalli ABUT; qondaala olโ€™aanaa Koloneel Gammachuu jedhamu wajjiin dhimmuma kitaaba kanaa irratti akka walitti buโ€™an dursee dhagaโ€™ee waanan tureef Jamaaliin amanuuttin luuccaโ€™e. Taโ€™uyyuu, fuulakoorraa miirummaan tokkoyyuu akka hinmulโ€™anneef of eeggachaan gaaffiikoo ittifufe.

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 04:11


โ€œGocha raawwattetti kan gaabbite yoomidha?โ€
โ€œGaafuma awwaalchaa sana!โ€ jedhe ariifatee; miiruma sanaan ittifufeโ€ฆ
โ€œโ€ฆ Ganama sana uummanni Amboo akkuma galaanaatti yemmuu jigee yaaโ€™u; sodaan akkuma busaatti nahurgufe. Ani Oromoodha. Ajaja ABUTโ€™iin lammiikoon ajjeese. Aadaan abbootiikootii akkas hinturre. Diinakeeyyuu Guddifachaadhaan maatiikee godhatta malee haadhookee hinโ€™ajjeestu. Ganumsa akkanaa eessaan fidee? Uummanni Amboo barii sana dheekkamsaan yemmuu iyyaa gara awwaalchaatti jiguโ€ฆ maal jedheen sitti hima?... jechan ittiin ibsu hinqabuโ€ฆ lubbuukoon tuffadheโ€ฆ guyyaa sana Daraaraa Kafanii hinduune; kan duโ€™e anadha. Agartee, ani sareen ture malee nama hinturre. Akkuma Jeneraal Taaddasaa Birruu mudannoo tokkoon tasa geeddaraman; anis uummata Oromoo lammaffaa deebiโ€™ee ganuu dhiisuudhaaf waadaan ofiif seeneโ€ฆโ€
Daqiiqaawwan muraasaaf callisaan erga turreen booddee;
โ€œAmma ABO wajjiin hojjechaa jirataa?โ€ jedheen isa gaafadhe.
โ€œAni sindhoksu. Walittidhufeenya qabna!โ€
โ€œAkkaataa ajjeefamuu Daraaraa ittihimtee?โ€
โ€œBarreeffamaan isaaniif ergeera. Nageenyakootiif jecha miidiyaadhaan hindabarsan. Seenaa kana caalaa hammaataa taโ€™e dhagaโ€™aa ooluu waan dandaโ€™aniif akkaataa ajjeefamuu Daraaraatti ajaaโ€™ibsiifachuu dhisuu dandaโ€™u. Siin sittan hima, kanin kana murteesseef ati barreessaa waan taateef xiyyeeffannoo addaa kennuufii dandeessa jedheetani. Akkuman siin jedhe garuu amman ani Itoophiyaa keessa jirutti icitiin kun dirqama eegamuu qabaโ€ฆโ€
Kanumaan addaan baane. Addaan baโ€™uu keenyaan dura garuu waraqaa inni anaaf kenne nan deebiseef.
โ€œMaali?โ€ naan jedhe.
โ€œHunduma isaa sammuukoo keessatti galmeeffadheeraโ€ jedheen deebiseef.
Dhugaakoo hinturre. Jamaal faana erga addaan baanee booddee namoonni nahordofan jiraachuu dandaโ€™u jedhee waanin shakkeefi waraqicha kanin deebiseef. Jamaal wajjiin akkuma addaan baaneen, yeroodhuma sana achi maqeen waantota waraqicha irratti barreeffaman otoon hindagatiin akka naaf taโ€™utti waraqaa cittuu tokko irratti galmeeffadhe. Shaalaqichi hoogganaa dhimma nageenyaa Kinfee irraa kan ergame yoo taโ€™es anarraa waanti argate waan hinjirreef yaaddon natti hindhagaโ€™amne ture.
* * *
Egaa waggoota shan booddee hiriyaankoo tokko Imala naaf erge irratti Shaalaqaa Jamaal Yesuuf duโ€™uu isaa naaf caqase. Walumaagalatti dhukkubsatee duโ€™uu isaa natti hime malee ibsoota biroo argachuu hindandeenye. Egaa seenaan gaddisiisaa taโ€™e kun yeroon itti ifa baโ€™u nigaโ€™e jechuudha. Ittigaafatama ogummaakootii baโ€™uufi seenaa โ€œInjifachuuโ€ Dararaa Kafanii seenessuuf waraqaawwankoo ciccittuun walitti qabuu jalqabeโ€ฆ

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 04:09


โ€œQawwee Agarii Tulluu maaltu baata? Yoo Agarii malee..โ€ Jedhe #Weellisichi!๐ŸŽถ

Magarsaa Qilxuu

06 Dec, 04:08


Sareen hinumaa Dutti Gaalii Hinumaa Demaaa

Magarsaa Qilxuu

05 Dec, 18:07


Injifannoon Boonsaa Harsadee

WBO Zoonii Harsadeetti har'a waraana faashistii PP

15 ajjeesuun
12 madeessee loltoota 4 booji'eera.  Gama meeshaatiin
Bireena 1
Kilaashii raashiyaa 8
Jororoo bireena 1 fi hidhannoo 8 irraa hiikeera.

Injifannoon Uummata Oromoof โ—

Magarsaa Qilxuu

05 Dec, 15:47


Waliif Qoodaa
Bakka Lollii Adeemsifamaa Jirutti Uummanni Keenyaa Sochii Keessan Dhaabaa!

Magarsaa Qilxuu

05 Dec, 15:45


Najjoof Shawaa Kaabaa Bilbilaa mirkaneeffadha wan diinni itti jiru.

Magarsaa Qilxuu

05 Dec, 15:44


Jaallan Qaali Keessa Ta'e Hin Dubbadhu Kan Jechaa Ture Amma Adanechiif Hayiluuti Haa Dabbatu

Magarsaa Qilxuu

05 Dec, 15:42


โ˜†Torbee tokkoof gadhiisi xiqqoo argattee nyaatas irraatti nyaatte sammuu boharsiita.
Guyyaa itti aanuu iddoo tokkootti waammamte qawwee fi hidhannoo dhiigan dhufee si irraa fuunanname kuusa (manaa) tokkoo keessa ka'aama.

โ™คIttii aansee "namuu hiriiraan dhabbadhuu" jedhamee rifeensaa dhadhaa uummatni oromoo laaqe si dibee si bareechee sanaa murtuu tokkoon ofi irraa qulqulleessifte,kaambiitti sassaabbamtee yeroo xiqqoof boqonnaa fudhatta.

โ™คSanaa booda haroomsa torbee lamaa fudhattee milishaaf RIB waliin taate dhuftee natti dhukaasta....
   
    Dhumaa irraatti "Kaayyoo kanaa irraa yoon maqee rasaasni WBO nan dhabiin" jettee irbuu fuute sanaan waxalamtee milishaan waliin wal hammaattee ciifta.
       Kanuma!

Magarsaa Qilxuu

05 Dec, 04:40


Bu'aa Impayeera

Taayyee Danda'aa mirga wabiin gadii bahee erga baheen booda humna tikaan butame achii buutensaa hin baramiin jira.
Kana gaa warri impayeera kana faarsitan.
Hidhadhu falmadhu

Magarsaa Qilxuu

04 Dec, 17:59


~Warri Har'a Gaa'ela Shiraa Waliin Godhate Boruu Wal Yakkee Dhaddacha Seeraa Wal Dhaaba, Quba Qabaadhu!
~~~~~~
Seenaa Impaayeera Itoophiyaa keessatti bulchitoota impaayeera Itoophiyaa kan kaleessa uummata cunqurfamaa Oromoo humnaan hacuucanii bulchaa turanis haata'anii warri har'a bara keenya somba ekeraa Miniilikiin harganan warri qeerroofi qarree kumaaf kitila dhiiga dhangalaasanii lafee cabsuun maqaa Oromoo dhahatanii aangoo siyaasa impaayeerattii dhuunfatan qabsoo bilisummaa Oromoo sakaaluu irraa duubatti jedhanii hinbeekan.

Summii shiraa tokkummaa Oromoo ittiin diiguuf isaan gargaaru hogayyuu bocuufi facaasuurraa dhaabbatanii hinbeekan. Har'as seenaan seenaa dabaluun gareen jibbaafi inaaffaa jaarmiyaa ABO-WBOf qabu dambiifi seera jaarmiyaa kabajuu dhabuun naamusaafi sansakkaa waraanummaa lafa kaa'ee fuudhaaf heeruma siyaasaa faashinni irra darbetti waliigaluu murna abbaa irree Oromoof Oromiyaa ajjeesaafi ajjeesisaa jiru waliin ifatti gaa'ila godhatee jira. Haata'u malee haga ammatti gaa'ela shiraa murna abbaa irree waliin tolfamee milkaa'ee hinargine.

Murni abbaa irree fakkeessaafi sossobbaan beekamu qabsaa'oota danuu baabura qabsoorraa harcaaseera, kanniin akka isaan jedhanitti adeemuu didan hedduus nyaateera kanaaf, seenaatu ragaadha. Fknf Leencoo Lataa, Gollicha Dhengee...Diinaraas fa'aa kaasuun nidanda'ama. Gariin ammoo yakkamuun mana hidhaatti darbamanii jiru. Har'as gareen mufattootaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoon daldalaa turan kan Sanyii Nagaasaan hoogganamu jibbaafi inaaffaa ABO-WBOf qaburraan kan ka'ee gaa'ela murna PP waliin godhateera. Gareen kun kaleessaa Oromoo ajjeesaa, hiraarsaafi gidirsaa ture har'as murna Biltsiginnaa uummata Oromoo duguugaa jiru waliin amalasaa itti fufuuf waliigaltee ifatti mallatteessee jira.

Quba qabaadhaa! Bultiin shiraan ijaarame umurii hinqabu. Guyyaa jarri lachuu wal yakkuun dhaddacha seeraa waldhaabuun mana hiraarsaatti waldarban fagoo miti. Laal!Danuumma qabsoo bilisummaa Oromoo danquuf dhama'an keessaa qabsoon bilisummaa Oromoo daran kan kaleessaa caalmaatti mandi'uun diina garaa gubee fira gammachiisuurratti argama. Sadhaatuma gantuufi galtuun moonaa qabsoo keessaa harca'aa adeemtu qabsoon bilisummaa Oromoo guddachaa, dagaagaafi galma abbalame dhaqqabaa adeema.

Magarsaa Qilxuu

03 Dec, 19:11


Mirkaneesseera
Hiriyyoota keessan affeeruudhaan  Namoota 7 ol affeerraan kallattiin
Finch 1000 = 1 USDT baafachuu dandeessu๐Ÿ‘‡
https://t.me/FinchAirdropBot?start=124896

Magarsaa Qilxuu

03 Dec, 19:00


Diraama Hayiluu Gonfaa ganna  lama itti dhama'aa ture harra isiin dawwachiisu dhiisaati uummata keenya daanga Amaraatin wal-daangessanif gurra kennaa faannoon sochii gochaa jirti.

Magarsaa Qilxuu

03 Dec, 18:23


Mogor keessaa Galgaleese gugsaa jira abbaan haqaa!

Milkeessi Uuma

Magarsaa Qilxuu

03 Dec, 17:34


Ajajaan olaanaan waraana pp colonel Abarraa jedhamu ifatti waraana faannootti makame jira.

Inni haadha garaa kan keenyaa yoo irraa barateef jedheen isiniif dhoobe.
Oromoon Irra Dibaaf Holola PP Dhiisi Hidhannoo Kee Jabeeffadhu.

Magarsaa Qilxuu

03 Dec, 17:32


Suuraa Diina Rifaasise.
====================
Qondaaloni Birgeedi fi Lolan Lolchiisoni WBO Giddu Galatti Wal Arguun Haal-Duree Jiru Hundaa Waliin Mari'aatan Jiru.
Kunimmoo Waraanni Dhihaa fi Giddu Gala Oromiyaa Akka Wal Hin Argiinef Hojii Badaa Warra Irratti Hojjeeta Turan Cabsan Erga Irra Aanan Ta'uusati.
Qondaaloni Kun Waraanni Marroo Dhidheessa Oli Hin Darbuu Barri Nun Jedhame Sanas Warra Seenaa Godhee Dha.
Ammaan Booda Wan Ta'uuf Deemu Kan Waliin Ilaallu Ta'a.
Oromoon Hidhannoo Kee Jabeeffadhu Warra Hidhate Ammoo Wan Dandeessun Cina Dhaabbadhu.
Oromiyaan Biyya.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

02 Dec, 19:10


Mirkaneesseera
Hiriyyoota keessan affeeruudhaan kallattiin Finch = 0.001 USDT baafachuu dandeessu๐Ÿ‘‡

https://t.me/FinchAirdropBot?start=124896
Farm what you know, Claim what you trust

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 17:39


Jaal Gollichaa karaa nagaan galee W/Bahaa saasiggaatti akka ajjeefamee beektu!๐Ÿ‘‡

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 17:31


Gantoonni gantummaan isaanii gaafa irratti baramu diina kaleessa michoomfatanii waliin shubbisaa turanitti galu. Duraanuu qabsoo sabichaa hudhuu kaayyeffatanii waan ba'aniif isaan akkasii yoo qabsicha keessaa ba'an qabsoon Oromoo duratti tarkaanfata. Qabsaa'aan ajaja dhaabaa hinfudhanne gantuudha. Gantuun ayyaanlaallattuudha. Ayyaanlaallattummaan immoo faayidaa dhuunfaa qofaaf shurshuruudha.

Sanyii Nagaasaa, Shurrubbee fi fakkaattonni isaanii gantoota qabsoo Oromooti. Hundeen isaanii gadi fagoo waan hintaaneef duraanuu qilleensatu asiifi achi isaan bubbutaa ture. Har'as, sababa diinummaa kaleessa qabaniin fiiganii galan.

Sobdoonni ganda warra dhugaa dubbatanitti hindhiyaatan. Sobni ija guuttee dandeessee dhugaa waan hinilaalleef fakkiin gootota dhugaafi gaaddidduun madaallii walqixxummaa baatu gonkuma itti hin dhiyaatu. Gonfoo kijibaa isaan mataarra naqatanis, biiftuu dhugaa bilisummaa Oromoof baate dhaamsuu hindanda'an. Kanaaf fiiganii galan.

Citaan tokko luqqa'eef manni hin dhimmisu. Ayyaanlaallattoota qabsoo keessa jiraniif gurra kenninee gantummaafi shira diinaa hindhugoomsinu. Irbuu keenya qabannee fuulduratti aggaamna.

Injifannoon uummata Oromoof!

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 17:23


Haqa tana numa dubbanna...

Miidiyaaleen mootummaa fi qaamoleen uwwisa miidiyaa hawaasaa mootummaan ijaarrate akka jedhanitti Har'a Shimallis Abdiisaa ABO-Shanee jedhee kan duraan xiqqeessee waamu WBO wajjin akka waan waliigaltee mallatteessaniiti xarari'aa oolan. โ€œMuuu...โ€ jenneen.

Maxxansi Addis Standard Afaan Oromoo hamma tokko har'a natti tole. โ€œMootummaan #Oromiyaa garee hidhattoota #WBO irraa adda bahe waliin waliigaltee nagaa mallatteesse

Mootummaan Naannoo Oromiyaa garee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) irraa adda bahe, kan ajajaa zoonii giddu galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaan durfamu waliin waliigaltee nagaa mallatteessuu beeksise.

Balโ€™inni waliigaltee Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa fi ajajaa WBO Zoonii Giddu Galeessaa duraanii Sanyii Nagaasaa gidduu mallattaaโ€™e kanaa hanga ammaatti ifatti hin ibsamne.

Jiโ€™a Fulbaana darbe Sanyii Nagaasaan gareen isaanii kana booda jaarmiyaa WBO Kumsaa Dirribaa ykn Jaal Marrootin hogganamu jalatti akka hin sochoone ibsanii turan. Mootummaa waliinis mari'achuuf fedhii akka qaban himanii turan.

Yeroos Waajjirri Sab-qunnamtii ABO-WBO, Sanyii Nagaasaan jiโ€™oota dura โ€œsababa gocha gantummaatiinโ€ garee kana keessaa ariโ€™amuu ibsee ture. WBOn dhimma waliigaltee araaraa har'a mallatteeffame ilaalchisee hanga ammaatti waan jedhe hin jiru.โ€œ jedhe.
Kana jechuun dhugaa jiru, Qaamni Shimallis faana waliif mallatteese Waraana Bilisummaa Oromoo akka bakka hin buune ifa godha.

Isayyuu... Waraanni Bilisummaa Oromoo kan inni wajjin lola qabu addatti Sirna Mootummaa Itoophiyaati malee, Shimallis qofa miti. WBOn kan inni wajjin wal lolaa jiru Oromiyaa adoo hin taane Itoophiyaa ta'uun ifa. Shimallis Piresidaantii Oromiyaa yoo ta'eyyuu MM-Itooophiyaa miti. P.M Itoophiyaa Abiy Ahmad achitti hin agarre an Shimee malee. Shimeen Oromiyaa bulcha jira moo Itoophiyaa bulchaa jira duuba? Sanyiinfaa duraanuu Itoophiyaa osoo hin taane Oromiyaa wajjin wal lolaa akka jiran nu hubachiisan moo 'kkam?

*

Suuraalee jaraa irraa kan hubannu ammoo... waan nuti irraa baranne namni gaafa dirree qabsoo jiru akka ajaa'ibaatti bareedu simboo san achumatti dhiisee gala jechuudhaam!๐Ÿค”
Gaaf kaayyoorraa maqxee gantee galtu namumti bareedaan dirree qabsootti inumaa diyaaspooraa faffakkaatu... Namni ati duraan isa beektuyyuu isa miti nama biraa sitti fakkaata. Saree roobaa faa fakkaatan. Gariin yoo galu namummaa gatee kaartoona roobni itti roobee basabbasee aduun immoo itti bahee goggosse fakkaata. Kan duraaniirra kanaaf ragaan Goollichaa fi Sanyiidha.

Waan nama taajjabsiisu Abbaa Gadaa fi Haadha Siinqee jechuun warri of moggaasee si cina dhaabbatu isa dirree qabsoo gaaf ati jirtus takkaa gargaarsa/tumsa siifis qabsoo bilisummaatiifis taasisee hin beeknetu si waliin suuraa kaka'a.

Inni biraan... Namoota si arrabsaa, Si xiqqeessaa, Si tuffachuun sitti qoosaa turan waliin nyaattee jireenya sammuun kee siin lolaa jiraattu of tuffachaa jiraatta.

Akka Paartiittis haa ta'u, Akka gareettis yk akka dhuunfaattis haa ta'u.. Waan jala murree beekuu qabnu mootummaa wajjin walitti dabalameen karaa nagaan qabsaa'a faa jettee yaadda yoi ta'e mee? Ati akka nama dubartii HIV-AIDS qabdu wajjin sagaagaluuf kondoomii fudhatee wajjin ciisee ta'uu kee sirriitti beekuu qabda.
Kana jechuun...
1 ffaa,
Sagaagalaaf yoo ta'e malee, Fedhii gabaabduu second 5n hin caalle argachuuf yoo ta'e malee bu'as hin qabu. Sagaagaluu malee Ulfeessuu akka hin dandeenye beekuu qabda. (Qabsoon kee akkana)

2 ffaa,
Boodarra miiraan mo'amtee, Sagaagala keessa akka tasaa sitti minyaa'ee kondomii ofirraa baastee itti fufta, Isa booda atis Vaayirasii HIV-Aids saniin qabamta jechuudha. Kana jechuun ishii wajjin wal fuuchuus.. Yoo dhalchitellee tarii... Mucaa Kondomii miliqxes argachuu dandeessa. Garuu mucaan sunis Vaayirasii HIV-Aids fudhatee akka dhalatus hin dagatinimmoo malee...

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 14:16


ยซKan galli ishee hinoolleef,qoda bukoo gogsitee deemtee?ยป Jedhe jaarsi jaartiidhaan๐Ÿ–•

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 14:14


Akka Qinqaniin Yaate Galtu Baati Lama Dura Hoggansi Keenya Isiniif Himee Turee Isiintu Hin Qalbeeffaneef Malee.

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 14:14


Nu Milkeessi Waaqaa

Salalee ona kuyyuuttii Birgeedonni gumaa baasa Jiru

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 14:13


Shira xaxamaa turee fi ammas shira kiyyeeffamee hojjetamuuf galame sanitti qaamni qabsoo Bilisummaa Oromoo tinnisu fi sochoosu Gamnummaa fi bilchinaan irratti hojjechuu qaba.

Ammoo kan qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbatu fi bakka hin buune akkanatti galee ifaan ifatti gama diinaa goree beekamuun dansa!

#Aluta_Continua!โœŠ

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 10:11


Murtoo cimaa jarmiyaa Guddichi Oromoo ABO-WBOn gantoota irratti fudhateen qinqaanin qabsoo Oromoo quucarsaa turte wal guurun gara qe'eeti deebitetti.
Amma kan hafuu xiqqoo dha.
Isammo walumaan kan argiinu ta'a.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

01 Dec, 10:10


Gantuun Ofkaltee Hin Beektu.

Maqaa Waraanaa Bilisummaa Oromoon bobbaate hawaasicha dararaaf saamaa turte gara qe'ee ergataa isheeti PPti kan galte hundaa PPn walitti guurun deema faannoo naf lolaa yeroo jettuti hedduunshe mooraa PP keessaa baqatte badaa wan jirtuuf hawaasi keenya iddo gantooti kun dhokachaa jirtu saxiluun odeessa kennaa jenna.
Umurii Gantuu fi Saamtu Gabaabsun Dirqaama Keessan Bahaa Dha.

https://www.facebook.com/profile.php?id=100084357483893

Odeessa Qabdan Kara FB keenyaan Eeruu nuf kaa'uu hin dagatinaa .

Oromiyaan Biyya
IUOf

Magarsaa Qilxuu

30 Nov, 19:02


Magaalli Amboo raafama hamtuu keessa jiirti. Saboontootni Ofeeggannoo cimaa godha.

Magarsaa Qilxuu

30 Nov, 17:45


Qurxummichi wal horuu itti fufee jira.WBO'n Zoonii Kaabaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti kaadhimamtoota haaraa barnoota siyaasaafi waaranaa laachuufiin ebbiisisee jira .

IUOf

Magarsaa Qilxuu

30 Nov, 17:29


Drone Akka Yaadametti Dhimma Baasu Dinnaan Rokeettidhan Giddu Gala Oromiyaati Qabeenya Fi Lubbu Hedduu Barbadeessa Jira K/Abiyyi.

Haaluma Kanaan Konyaa Salaalee Ona Yaayyaa Gullallee , Dallaatti fi Rimeetti iddoo addaa Gaara Qacamaa Jedhamuuti  WBO_ABOtu keessaa jiraa jechuun rokeetti fi meeshaa gurguddaa Dagama irraa itti darbachaa Oolera.
Darbanna kananis midhaan ,qabeenyi ummataa fi akkasumas qabeenyi uumama miidhamuun barameera.

Magarsaa Qilxuu

30 Nov, 16:42


Yaadota Haaraa Shimallis Abdiisaa Afaanii Baate (Ibsa ABO-WBO)

Abiy Ahimad ammas, ibsa hiikaa hin qabne kan yaada wal faallessuu fi dhaadannoo keessisaa duwwaatiin guutame, karaa Shimallis Abdiisaatiin kan dabarfate yoo tahu, haasaan gamtokkee waltajjiirraa qofa darbu kan Naqamteetti taasifame kun kaleessa miidiyaa sirnichaan tamsa โ€Œee jira. Yaadonni haaraa ifa tahan kunneen kunooti:
1. Marii Nagaatiif Ammas Fedhii Fakkeessaa,
Shimallis seenessa dulloomaa sirnichi waaee nagaarratti oofaa ture, ammas irra deebi โ€Œee dubbate.

Akkauma irra deddeebiin ibsine, wanti sirnichi "nagaa" jedhee waamu, humna ummatni hammeenya mootummaadhaan irratti raawwatu ittiin ofirraa ittisu tokkicha irraa mulquudha. Waamichi nagaa fakkeessee Orweliyaanii kun sababani itti fufeef, akka dhaadatan humni waraanaa isaanii bittinaahaan sun injifannoo argamsiisuufii waan dadhabeef qofa. Gochoonni isaan bifa wal irraa hin cinneen taasisan kan mirkaneessan, sirnichi haaluma kamiinuu lola deemaa jiru kana karaa nagaan furuuf fedhii akka hin qabne dha.

2. Bulchiinsi WBO Dachee Oromiyaa Irra Dagaagaa Dhufuusaaf Beekamtii Kennuu
Shimallis ifatti amanee kan fudhate: bulchiinsa sadarkaa Aanaa fi Gandaatti jiru, WBOn haala amansiisaa taheen fudhachuu isaati. Jecha isaatiin โ€œWBOn caasaalee mootummaa sadarkaa Gandaa fi Aanaatti jiran diigeeraโ€ jedheera.

Hima kana Afaan Oromoo qajeelaatti yeroo deebifnu, Bilxiginnaan bulchiinsa aanaa fi gandaa WBOf dhiiftee baduu, fi qoodni/dhiibbaan WBOn Oromiyaa guutuu keessatti qabu ammoo guddachaa dhufuu irra deebiidhaan kan mirkaneesse.
3. Dirqama Nageenya Eeguu Gara WBOtti Dabarsuu
Shimallis, dubbii isaa Naqamtee kanaan, itti gaafatamummaa mootummaa isa jalqabaaโ€”daangaa biyyaafi nageenya ummataa tiksuuโ€”ofirraa dabarsee WBOf kennee jira. Jecha isaatiin, โ€œWBOn

lootee seentota/weerartoota alarraa dhufanii haleellaa raawwatan naannichaa irraa ittisuu dhiiseโ€ akkasumas โ€œwaraana mootummaa gargaaruu malee mogolee laaffisuu hin qabuโ€ jedhee jira.

Waan Bilxiginnaan jechaa jirtu hubadhaa yaa sabaa! WBOn sadarkaa aanaa fi gandaatti bulchiinsa fudhachuu; akkasumas itti gaafatamummaa dangaa biyyaafi nageenya ummataa fudhachuu akka qabu Shimelis Abdiisaa ifaan lafa kaaheera. Kanas Afaan Oromoo qajeeltoottii yeroo jijjiirru, Shimallis dubbii isaa kanaan, WBOn itti gaafatamummaa bulchiinsa Oromiyaa akka fudhatu akeekee jira.

Kun waan qajeelaa. WBOn, ummata isaa waliin, nageenya naannichaa mirkaneessuuf qophii dha. Har`as, akka daballoonni Bilxiginnaa hafarsan otoo hin taane, WBOn daangaa biyyaafi nageenya ummataa tiksaa jira. Kana garuu kan godhu bobbaafi karoora ofii baaseen malee, karooraafi qindoomina waraana Bilxiginnaa boru ummata keenya ganu waliin godhamuun miti.
4. Himannaa Sobaa Waa'ee Loojistikii Marii Nagaa
Shimalli, akkuma amalasaa, dhimmoota xixiqqaa, kan akka dhiyeessii haasaa nagaaf godhame, irratti illee, himannaa buสผuura hin qabne dhiyeesse. Jilli WBO marii nagaaf gara Taanzaaniyaatti akka imaluuf, mootummaan xiyyaara ergee akka haala mijeessetti dubbate. Kun soba adii dha.

Imalli jila kanaa guutummaatti michoota idil-addunyaatiin kan deeggarame yoo tau, xiyyaaraa fi hilikooptera qabeenyummaan isaa kan Waldaa Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) tahe fayyadamuun kan raawwatame ta'uun ifatti beekama.

Akka gaaritti wal yaadachiisuuf, jilli sirnicha bakka bu โ€Œuun garas imalee ture illee bifuma walfakkaatuun kan deeggarame ture.
Ummata keenyaf hoggansa fedhiif dantaa isaa calaqqisuu fi nageenya isaa eegutu malaaf. Sanatu gita Oromooti. Sun โ€œhooggansaโ€ Paartii Bilxiginnaa kan adiin gurraacha jedhee sobaa oolu keessaa hin jiru. Qabsoon haqa, bilisummaa, dimokraasii fi gaafatamummaa dhugoomsuuf taasifamu raafama tokko malee itti fufa!

Magarsaa Qilxuu

30 Nov, 16:41


Kutaan Waraanaa 38ffaa WBO balleessuf Giddu Galatti K/Abiyyi Bobbaase Keessaa Kan Lubbuun Hafe Nama 240 Qofa.
Dhugaa Jirtu Boji'aamtota Irraa Caqasii.
Oromoon Kan Gumaa Baastu Yoo Hidhatte Qofa Kanaaf Hidhannoo Kee Jabeeffadhu Yoos Abbaa Biyyaa Taata.
WBOn Haa Waaru
IUOf

Magarsaa Qilxuu

29 Nov, 19:56


Kallattii ololaa OPDOn uummata Oromoo itti burjaajesuuf qabattee as baatee jirtu keessaa tokko, " WBofi Faannoo Goojjam waligaltee tolfatan" kan jedhu dha. Gantoota OPDOn akka buchulloota ishee/German shepherd/ funyoo sibiilaa mormtti diruun harkisaa deemaa ooltu sun illee ololuma kana deemisisuu yoo barbaaddu argaa jirra.

Haata'u malee WBOn abbaa fedhe waliin tumsa tolfachuuf mirga qabaatus, waan OPDOn afuuftu kun osoo dhugaa ta'ee uummata Oromoof ibsuu homtuu isa hin daangessu.

Uummata OPDOn homaa hin hubatu jechuun tufattu kun, yeroo drabe Dharraa irratti bukoo ishee gadi jigsuun akkatti saaxile arginineerra. Qixa hawwaan sanaa poletishaaniin OPDO yaada iisaa ibsatu jiraa? Shimallis Abdisaa daqiiqaa tokko keessati waan dubbatu wal jalaa dhoofti. Donqoroo dha.

Osuma ta'ee, OPDOn BI'adeen waliin maabara qabaachaa WBOn abbaa fedhe faana tumsa tolfachuu maaltu dhorka? Faannoos tahe humni kamuu OPDO irraa uummata Oromoo miidhu eessaarraa dhufuu danda'a? #Qoshaashaa

Magarsaa Qilxuu

29 Nov, 19:52


Yashii Dammallaash dorgommii sagalee Aydool irratti qaphaa'aa ture murteessituu ta'uun beekamti. ergasii sirba qeenxee tokko gadhiiftus fudhatama hin arganne,sagaleenshees gaarii hin turre.
Amma sirba ittiin beekamuu dandeessu Faannoo jadhu gadhiifteetti.

Utuu dubbannuu FAANNOO jachuun afaan amaaraas hin turre,kan sabni tokkos dhuunfaatti ittiin beekamus hin turre. Bara H/Sillaasee afaan ittiin baratan,hojjatan fi afaan Mootummaa afaan Amaaraa waan turef, Faannoon mallattoo diddaa ummata Itiyoophiyaa guutuu ture. dur akkas jachuunis faaruu kanaan dhaadatu ture.....
(Faannoo ka'i duuli,faannoo ka'i duuli
Akka Hochii miini,akka Cheguveraa....
"แ‹แŠ– แ‰ฐแˆฐแˆ›แˆซ ! แ‹แŠ– แ‰ฐแˆฐแˆ›แˆซ !
แŠ แŠ•แ‹ฐ แˆ†แ‰บ แˆšแŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฐ แ‰ผ แŒ‰แ‰ฌแˆซ !.....")
Faannoo maqaan jadhu,maqaa humna amaaraan butamedha.

Akka Yashii Dammallaash sirbiteetti,Faannoon kan Qubee Gi'izii tolche,Qaroomina fide,seenaa kuma sadii qabu,saboota biroo doofummaa keessaa baase,madaala namummaa kan ta'e....jattee sirbiti.
Nama maqaan abbaashee Dammallaash (แ‹ฐแˆ แˆ˜แˆ‹แˆฝ) Gumaa dhiigaa deebisuu akka jachuu wayiiti. Magaalaama Finfinnee keessa teessee kana sirbiti!
Humni maqaa Faannoo kanaan socho'u garuu,morma Oromoo qal''''ee kan mukatti diru,konkolaataa keessatti jumlaan Oromoo rasaasaan gubu,dhukkubsataa Ambulaansii keessaa baasee kan haaduudhaan qal'''u,dheengadduma Salaalee keessatti morma dhala namaa Basimaab jedhee eebbisee kan qal''''e,yakkoota sukkaneessaa raawwachuun alshabaabiin dorgomu kana faarsuun mataamti isaa shoroorkeessummaadhaโ€ผ
Artistoonni Oromoo, sirba qabsoo sirbitan jadhamanii kan adamsaman fi hidhaman gara hin qaban.

Magarsaa Qilxuu

29 Nov, 18:43


ummata albee finxaaleyyiitirraa hafe haala kanaan meeshaa gurguddaadhan fixaa jiru Darraatti. namoota kaleessa bakka tokkotti fixan keessaayi

Ummata ofiif lafarraa fixuudhaaf karoora itti baafatanii duularra jiru yoo jennu ragaa waliini. Yaa Oromoo guddicha โ€ฆ

Magarsaa Qilxuu

26 Nov, 16:22


"Gumaa dhiigaa dhiigaan baasu

Birgeedichi battalaan cafaqaa jira, Salaalee walakkeessa kuyyuu fi dagamitti.๐Ÿ’ช

Magarsaa Qilxuu

26 Nov, 16:18


Warri waggotii 6n darban kana keessa ija banatan โ€œOromoo fi Oromoon wal fixeโ€ jedhanii boohu. Reefu sitti mulโ€™achaa jira malee Oromoon jaarraa walakkaa oliif gatii ulfaataa baasama as gahe. Hanga mirgi hiree murteeffannaa saba Oromoo dhugoomutti nagaan hinjiru; walbarbadeessuun daran babalโ€™atee/ jajjabaatee itti fufa.

Magarsaa Qilxuu

26 Nov, 16:13


Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii wallaggaa damee Gimbii irraa


Kun ibsa ejjennoo barattoota Oromoo  Mooraa Yuuniversiitii wallaggaa damee gimbii haala yeroo ammaa uummatni  keenya Ummatni Oromoo keessa jiru irratti hundaa'uun kan kennameedha. Akkuma beekamu uummatni Oromoo erga jaarraa 19ffaa keessa Minikii 2ffaan humnaan cabee kaasee roorroo, hacuuccaa, dararamnii fi gidiraan Itoophiyaa mataa Oromoo irratti erga kufee hanga ammaa uummatni Oromoo osoo aara hin galfatin guyyaa har'aa ga'ee jira. Innumaayyuu bara Oromoon biyya bulchaa jira jedhan keessatti  mirgootni Namoomaa fi Dimookiraasii uummatichaa cabuun ajjeechawwan suukkanneessaa ija namaaf hin  tolle raawwachuun akkasumas mirga lubbuun jiraachuu dhabuun qe'ee isaa irratti akka looniitti qalamaa jira.

Kana callisanii ilaaluun waan biroo maaltu uummatichaaf godhama. Uummatni Oromoo uummata adda isaa rasaasaaf kennee sirna nama nyaataa waggaa 27 biyya kana akka garaa isaatti uummata Oromoo daa'imaa hanga beekaa isaa, abbaa hanga haadhaa fi ilmaan Oromoo duguugaa ture aangoo irraa kaasuun murni amma jiru aangoo irra jiru qaxxaamuraan aangootti akka ba'u taasise. Bu'aan isaa kan amma argaa jirru ta'e. Kan durii seenaan baranne, har'a garuu gocha isa irra caalu ijaan argaa jirra. Kanaaf nuti barattoonni Oromoo uummatni keenya furmaata haarawaa akka argatu cimisinee gaafanna. Dabalataan qaamni har'a daangaa Oromiyaa cabsuun uummata Oromoo qe'ee isaa irraa buqqisuun gocha farra namoomaa irratti raawwachaa jiru Faannoo dha.Humni kun dursa irratti Bilxiginnaa irraa hidhannoo argachuun wal tumsaa turan. Ajjeechaan kun kan yeroo Bilxiginnaa fi Faannoon hidhata waliin qabanii  jalqabe hanga ammaaatti dhiigni uummata qulqulluu uummata Oromoo akka galaanaa lolaa jira. Kanaaf Bilxiginnaan gaaffii keenya rakkoo uummatni keenya keessa jiru kanaaf dhiheesine furmaata hin laatu taanaan qabsoon barattoota Oromoo itti fufa. Nuti baratoonni oromoo Yunivarsiitii wallaggaa damee gimbii  dhimma Oromoo fi oromiyaan keessa jirtu irratti ibsa ejjennoo  kan armaan gadii baafnee jirra.

1. Mirgi  yaada keenya bilisaan ibsachuu nuuf haa eegamu.
2. Barattoota Oromoo adamsuuf yaaluun hattatamaan haa dhaabbattu
3. Lolli uummata Oromoo irratti labsame dhaabbachuu qaba.
4. Mirgi hiree murteeffanaa uummata oromoo haa kabajamu.
5. Daangaan Oromiyaa kabajamuu qaba.
6. Ajjeechaan ilmaan Oromoo irraa  haa dhaabbatu.
7. Bilxiginnaan rakkoo Oromiyaa keesssa jiru karaa nagaan furuuf kutannoo dhugaa qabaachuu qaba.
8. Saba biroo uummata Oromoo keessa jiran maqaa Miliishaan hidhachiisuun uummata Oromoo ajjeesisuun haa dhaabbatu. Isaan erga dachee Oromiyaa irra jiraatanii uummata Oromoo irraa adda baasanii qofaatti hidhachiisuun hatattamaan dhaabbatee isa hidhatan haa hiikkatan.
9. Dirreen Dimookiraasii bal'achuu qaba.
10. Mirgi lubbuun jiraachuu uummata Oromoo kabajamuu qaba.
11. Gaaffiin Oromoo deebifamuu dhabuun lafa irra harkifachaa as ga'e nuuf deebi'uu qaba.
12. Hidhaa fi dararri daangaa darbe uummata keenya irraa haa dhaabbatu.
13. Hayyoonni fi Aartistoonni Oromoo saba Oromoo akka ogummaa isaaniitti saba isaaniif sagalee haa ta'an.
14. Qeerroo fi Qarreen Oromoo har'a hiriira ba'uun kan galan qofa osoo hin taane qabsoo fininsuun dararama amma jiru goolabsiisuu qabu.
15. Qeerroo Oromoo fi Abbootii warraa maqaa raayyaa ittisa impaayerattiitti guuruu fi maqaa gachaana sirnaan uummata Oromoo jumlaan duulsisuun haa dhabbatu
16. Eenyummaan kaabinoota fi hooggantoota waraana Itoophiyaa fi sadarkaa Oromiyaatti haa hordofamu.

Sadaasa 25,2024

Finfinnee, Oromiyaa

Magarsaa Qilxuu

26 Nov, 12:06


Dambii Dollo
===========
Dambi Dollooti reeffa lafa tulee jira leencichi.
Kan irraa haftee Hospital deemun mirkaneeffadhu

Magarsaa Qilxuu

25 Nov, 18:17


Kaayyoon haleellaa godinaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin wal daangeessan irratti Faannoo Amaaraatiin banamee kaayyoo jijjiirama demoogiraafii ummataa, hawaasummaa fi siyaas-diinagdee naannicha keessatti fidu fi bulchiinsa Addaa Amaaraa hundeessuuti jedhame.

โ€œWallagga keessatti godina Addaa argachuu barbaanna, Wallaggaa Gandoota 20 ol keessatti dhalattoonni Amaaraa baay'ee waan ta'aniif bulchiinsi Addaa Angar Guutee irratti akka nuuf hundaa'u barbaanna. Mirgi godina Addaa ta'uu keenya nuuf haa kabajamu jechuun dhalatoonni Amaaraa hedduun gaafataa jiru. Guca mallattoos sassaabani galchani jiruโ€

Haasaan kun namoota humna Finxaaleessa Faannoo deeggaraniin fuula miidiyaa hawaasaa TikTok jedhamu irratti dubbatame.

Humnoonni Finxaaleeyyii Amaaraa golga Itoophiyaa jedhu jalatti dhokachuun ilaalchaa sirnoota durii tarkaanfachiisan weerara daangaa raawwachuun ummata Oromoo buqqaasuun, dhalattoota saba Amaaraa Gondarii fi Goojjam irraa fidanii qubsiisaa jiraachuu isaanii ragaaleen OMN godinaalee weeraraman keessaa walitti qabe ni mul'isa.

Oromiyaa lixaa Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti gandoota weeraraman irratti bulchiinsi Addaa Amaaraa Angar Guutee keessatti akka hundaa'u akkasumas Shawaa Kaabaa Aanaan Dharraa bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa jalatti akka caasseefamu gaafataa jiru.

Kaayyoon gaafii kanaa naannoolee irraa lafa balโ€™aa humnaa fi hidhaannoon deeggaramani fudhataa jiran irratti bulchiinsa addaa hundeessuun seera qabeessa taasisuudha.

Kanaaf Faannoon Amaaraa qabiyyee lafa Oromiyaa saamee eenyummaa Oromoo balleessuf weerara daangaa kallatti Afurii oliin Oromiyaa irratti banee Oromiyaa dhiigsaa jira.

Godina Wallagga bahaa; irraa Aanaaleen akka Giddaa Ayyaanaa,  Kiiraamuu,  Limmuu, Guutoo Giddaa,  Angar Guutee fi Galiilaa  irratti weerara banee jira.

Aanaa Kiraamuu keessaa gandoonni akka Lalistuu Somboo, Wattii, Margaa jireenyaa, Caffee Soorumaa fi Caffee aananii dabalatee Gandoonni 13 humna finxaaleessa kanaan qabamani jiru.

Horroo Guduruu Wallaggaatti ammoo Jaartee Jaardagaa, Amuuruu, fi Abee Dangoorroo aanota weeraramanidha.

Aanaa Amuuruu keessa gandoota Migir joojoo, Lummaa, Shonkoor, Cidhatti, Saammoo Ilaamoo, Harar Jaarsoo, Harar Saammoo, Gabaa Amusii fi magaalaa Haroo dabalatee gandoonni 16 humna kanaan weeraramani jiru.

Godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaatti weerara humna finxaalessa faannootiin raawwatamaa jirun hanga ammaatti, gandoota baadiyyaa Aanaa Amuruu 21 keessaa, 16, Aanaa Kiiramuu keessaa gandoonni 13, Aanaa Horro Bulluq keessaa gandoonni 7, aanaa Jaartee Jaardagaa keessaa gandoonni 8 walumaa galatti gandoonni 44 ol bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa jalaa bahuun to'annaa Faannoo jala galani jiru.

Godina Shawaa Bahaatti Aanaan Fantaallee fi Boosat Aanota Gartuu ajjeechaa kanaan weeraramaniidha.

Fantaalle irraa Arroollee araddaalee akka Eddoo Guddoo, Eddoo Qalโ€™oo, Irraan buutee, Borbor, Malkaa Jiloo, Haroo Arbaa, Ulaagaa, Xininjii, Qonyee, Micci, Wanjii, Doddotii Guddoo, Harooreessa balโ€™aa, Harooreessa Qalโ€™aa, Funyaan booraa, Funyaan waangayyoo, fi Qorkeedha.

Aanaa Boosat ganda Borcataa keessaa araddaawwan akka Siiquu, Koysoo, Mindaa, Gaardaa Qal'aa, Handoodee, Garba Adii, Seera'ee, Boorticha, Maqidallaa fi Qaawwa Bubbisaa ykn Qarsaa Abbaa Bunee akkasuma lafoonni akka Dudga Daalacha, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa fi Qilee Arbaa weerara Faannoo jala jiru.

Shawaa Kaabaa irraa Aanonni akka Qimbibiit fi Dharraa Aanota humnota kanaan weeraramaniidha.

Aanaa Dharraa irraa gandoonni akka Deenyuu Wabeensoo, Jirruu Daadaa, Tuutii, Iluu Goodaa Caffee, Baabbuu Dirree, Sarar-qullaa, Saalaash, Maakaftaa Mannayyoo, Warree Mannayyoo, Baayitii, Mana Lagoo, Gabroo, Barreessaa, Hoomaa Bonnayyaa fa'a weeraramani jiru.

Aanaa dharratti โ€œye dharraa Asmellaash Komiteโ€ jedhu hundeessanii Aanaa Dharraa Oromiyaa jalaa baasuun mootummaa naannoo Amaara jala galchuuf hojjataa jiru.

Magarsaa Qilxuu

25 Nov, 16:01


Injifannoo Guduruu
================
Leencichi abdii sabaa aanaa Guduruu ganda Biqiltuu Fayyiinaa irratti injifnnoo guggubdu ergamtu PP irratti fudhateen injifannoo gonfatee jira
Injifannoo kanaan
~AKM - 27
~Bireena - 1
~Bombii - 19
~Hidhannoo - 17
~Rasaasa PKM - 570
~6 -Ammoo Harkaan Qabee jira.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

25 Nov, 16:00


Lata Sibuu fi Qilxu Kaarratti Basaastonni PPn bobbafte harka leencichaa buute jirti.

Magarsaa Qilxuu

25 Nov, 15:54


Hogganaan komaand posti Salaalee
Jeneral Tesfahe Ayyalew Wal Gahii magaala Guddattu Tuuti irratti uummataf Faannoo walin Gaggeesse irratti Dubbaate keessaa muraasa

Nuti amma kan Gara Aanaa Darraatti Dhufneef faannoo waraanuf osoo hin taane Shanee Darraa keessaf Darbee Salaalee Guutu keessaa Qulqulleessuf Waan Dhufneef Waraanni faannoo Darraa keessaa Jirtan ammatti Uummatarrattis ta'ee mootummatti Akka hin Dhukaafne kan isinitti Dhufee ammoo Gurmuun ofirra Qoladhaa Jechuun ifaan ifaatti Dubbate.

Mataan Faannoo Namiicha Abiyy Ahmed Jedhamu sani kan Jennuufi kanaaf

Magarsaa Qilxuu

25 Nov, 15:51


#Walloo Kallattii Harxummaa Furseen Dhukaasni Deema Jira quba wal qabaadha!

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 18:47


~Hunda caalaa sirnarratti haa xiyyeeffanu oromoo!

Ilaa ammas xiyyeeffannoon qabsoo ABO-WBO buqqaasa sirna farfattoota minilik ,sirna haaressituu siidaa garboomfataa akka tahe hin dagatinaa!

Hundeen akeeka garboomfataa acuuccaa mirga hiree murteeffannaa oromoo irratti bara dheeraaf sirna minilikin kan gadi dhaabbate har'as yeeyyii gogaa hoolaa uffatte fakkaachuun akeeka dulloota isaanii waan bakkaan gahachuuf adeeman fakkaatu.

Ejjennoo hin daddaaqamne ,haala yeroon kan hin raafamne waraanni bilisummaa oromoo ,xiiqeffatee sirna jaarraa hedduuf oromoorratti wal furaa ,yeeyyii gogaa hoolaa uffateen sobamaa ,eelaa barabaraan hin dagatamne oromoorratti dalage buqqisuuf ejjannoo sibiilarra jabaa tahe qabatee ,qaanqeen xiqqoon laboobde daran ifuuf waanti abdii namatti horu hedduudha.

Keessumaa dhamaatiin uummata keenyaa seenaa keessatti kan dagatamuu miti!

Horaa bulaa!

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 18:30


~Gochaa Sukkanneessaa tibba Kana Ummata Darraa irratti rawwatameef Qorannoo taasifame!

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 18:27


๐Ÿ€ Oromiyaa Godinoota Garaagaraa keessatti bifa adda ta'een dargaggeessi dirqiin mooraa leenjii waraanatti guuramaa Jira!

Kun Dargaggeessa G.jimmaati.

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 18:15


~Lixa Shaggar Aanaa
Meettaa Walqixxee
Magaalaa Goorootti
#Jim godheera.

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 18:06


~#RISAA

~Bishooftuutti polisiin
#Dajanee jedhamu ol
ergameera.

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 17:40


Mana Sibuu
Lixa Wallaggaa Mana Sibutti humna pp konkolaata 6n deemtu itti qabsiisee afuura kutee jira.

Magarsaa Qilxuu

24 Nov, 16:41


Naqamteen Itti Dammaqi

Kan suuraa argaa jirtanif fakkaatoni isaan kunneen guyyaa borii irraa kaasun drama cimtuu tokkon isiniif dhufaa jiru.

Innis hawwaasi magaalaa Naqamtee maqaa Koriderii fi saamicha maqaa gibiraan mufii cimaa keessa seene wan jiruuf mufii hawaasicha gara dabarsuuf kunoo Shaneen harka kennechaa jiru jechuun human hair (Wiggi) itti hidhuun magaliicha keessatti hojii dramaati wan jiraniif hawaasi akka itti dammaqxan fi qabsoo keessan akka finiinsitan isiniif dhaamna.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

15 Nov, 16:46


Injifannoo Lataa Sibuu

Lataa sibuu kaampi ganda Sombootti leencichi bariin itti seenun diinaa hedduu biyyen makuun kaampi duwwaatti hambiisera
IUOf

Magarsaa Qilxuu

14 Nov, 17:24


Nagaa dheebotte taanan maalif milishaan manarraa deeme si dirqisiisa akkati hiriira baatuf?
Oromoon Hidhannoo kee jabeeffadhu yoos kabajamte ollaan kees si kabajaa.
American harra aduunya raastu wan hidhatteef malee wan hojii dhiiste hiriira bahaa ooltef miti.

Magarsaa Qilxuu

14 Nov, 10:49


Maddii Albuudaa
~Barii barraaqaan eegale qulleessuti jira!
     !Milkeessi Uumaa!!!

Magarsaa Qilxuu

14 Nov, 10:49


~Kaleessas qawweedhaan harqoota garbummaa baachiisan har'as akkasuma
Jaallatee miti qawweetu duuba jira.

Magarsaa Qilxuu

13 Nov, 17:38


Milishaan Sirna PP
1. Dargaggoota baadiyyaa irraa  gara Magaalaa deemaan daandii gurguddaa Magaalaa Seenuu irratti qabaa jiru.
2.  Namoota Hospitaala  keessatti  nama dhukkubsatu bira jirus qabaa jiru. 
3. Barattoota kuta 12 qoramanii qabxiin jalaa hafte yeroo isaan tiranskirptii fudhachuuf gara mana baranoota deemaan mana barnoota keessa taa'anii adamsaa jiru akkasumas ganda keessa deemuun adaamsa jiru.
4. Barattoota kollajjii gara garaa irraa maatii ilaaluuf maatii bira deemaanis qabanii gara Adda Waraanatti guuraa waan jiraaniif ofeeggannoo godha.

Magarsaa Qilxuu

13 Nov, 17:05


Namuusa Qawween ittin qabamtu sanaan cuuphamteetta waan ta'eef, namuusa sanaan waan qawween hojjechuu qabus baratteetta, lafa inni itti bu'aa buusuu sanatti sirnaan fayyadamte taanaan ati warraaqaa warraaqsichaaf amanamee qabsoo sana galiin ga'uuf socho'u sanadha.
Jaal Booree Lammii

Magarsaa Qilxuu

13 Nov, 16:53


A soldier's performance is measured not only by his ability to shoot a gun but also by his discipline.
If a soldier kills and plays with the corpse or captures and tortures it, that person is a shifta, not a soldier.
    The OLA is known for its greatest ethic of caring for captives.
   
             
          WBOn Haa Waaru

Magarsaa Qilxuu

12 Nov, 17:03


Dharraa Amaratti kutuuf jette PPn fannoo wal taate haala kanaan Uummata keenya Dararuutti jirti.

Magarsaa Qilxuu

11 Nov, 17:42


Jaal Hambisaa Seenaa
Ajajaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa

Ergaa Gababaa Guyyaa Yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9 2024 Karaa Zoom Godhee.

Magarsaa Qilxuu

11 Nov, 17:38


Jaal Rabbirraa Bilisummaa
Ajajaa WBO Zooni Madda Albudaa

Ergaa Gababaa Guyyaa Yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9 2024 Karaa Zoom Godhee.

Magarsaa Qilxuu

11 Nov, 17:37


Jaal Qeerransoo Waayyu
Hogganaa WBO Zoonii Kaabaa(Walloo)

Ergaa Gababaa Guyyaa Yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9 2024 Karaa Zoom'n Godhe

Magarsaa Qilxuu

11 Nov, 17:27


Jaal Shoddee Kuufataa
Ajajaa Waraanaa Bilisummaa Oromoo Zoonii Dhihaa

Ergaa Gababaa Guyyaa Yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa Sadaasa 9 2024 Karaa Zoom Godhe.

Magarsaa Qilxuu

11 Nov, 08:59


๐ŸŒฟQaqaaliwwan Laga Mogar #Meetta_Roobi Keecha Watwaachisa jiru

#Milkeessi
โค๏ธ๐Ÿ’šโค๏ธ
๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช๐Ÿ’ช

Magarsaa Qilxuu

11 Nov, 08:59


Let's go
Trump Warren Jallattan
๐Ÿ‘

Magarsaa Qilxuu

10 Nov, 17:40


Injifannoo Daawwaa

Gujii Lixaa aanaa Dugdaa Daawwati Cibraan Mataa Gafarsaa loltoota impayeera rasaasan waadun
~19 Biyyoon Makee
~13 Ammoo madoo dandammii hin qabneen adabee jira
IUOf

Magarsaa Qilxuu

10 Nov, 15:01


Injifannoo Addaa Bonayyaa
======================
Wallaggaa Bahaa aanaa Waayyu Tuqaa magaalaa Bonayyaati injifannoon addaa galmaa'e jira.
Kana barbaadna nuniis.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

10 Nov, 11:45


Ajajaa WBO zoonii kibba baha Oromiyaa Jaal Sabaa'if Galgoo ergaa gababaa guyyaa yaadanno Fincila Diddaa Gabrummaa irratti argamuun ergaa gababaa hawwaasa isaaf dabarsee.

Magarsaa Qilxuu

10 Nov, 06:18


Injifannoo Waayyuu Tuqaa
======================
G/W/B aanaa Waayyu Tuqaa ganda Haroo Caalsiis keessatti leencichi injifannoo boonsaa argateen
~4 Ajjeese
~6 Harkaan yoo Qabu
Gama meeshaan ammoo
~AKM 6
~SKS 3 irraa fuudhun mooraa qabsoof gumaache jira.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

10 Nov, 06:17


Sadaasa 9; Yaadannoo Guyyaa Fincila Diddaa Gabrummaa(FDG) Waggaa 19ffaa haala ho'a ta'en jaarmiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoon kabajamee.

FGDn waggoota 19 dura ilmaan Oromoo qaroo fi muratoodhan qabsiifamee kumoota of faana hiriirsuun gaggeeffame qabsoo bilisummaa Oromoo sadarkaa addaatti ol kaasuu, mooraa qabsichaa gabbisuu fi itichuu akkasumas irree tokkummaa sabaa jabeessuu keessatti milkii boonsaa argamsiise.

Goototni Oromoo warraaqsa kana keessatti wareegaman jaalalaa fi kabaja bilisummaa sabaa, lammiilee Oromiyaa  fi walabummaa biyya isaaniif qaban akkasumas jibbaa fi hadheeffannaa gabrummaa fi gabroomsaaf qaban agarsiisuuf lubbuu takkittii qaban otoo hin mararfatin seenaa jiraataa galmeessanii wareegaman. Kanaanis mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo.

Harโ€™a wayta guyyaa yaadannoo FDG waggaa 19ffaa Sadaasa 9 kabajnu gootota muratoo mirga sabaa fi biyya isaaniif jecha wareegamaniin boonaa fi dhaadataa, kabajaa hundaa olii isaaniif qabnus ibsaa yoo tahu, gama biraatiin ammoo akeekni isaan irratti kitimaa tahan sun ammallee galii isaa maayii waan hin geenyeef galfatni nurra jiraachuu ofitti beeknee galmaan gaโ€™uuf waadaa qabsoo irra deebinee haareffanna.

Harโ€™a wayta guyyaa yaadannoo FDG waggaa 19ffaa Sadaasa 9 kabajnu gootota muratoo mirga sabaa fi biyya isaaniif jecha wareegamaniin boonaa fi dhaadataa, kabajaa hundaa olii isaaniif qabnus ibsaa yoo tahu, gama biraatiin ammoo akeekni isaan irratti kitimaa tahan sun ammallee galii isaa maayii waan hin geenyeef galfatni nurra jiraachuu ofitti beeknee galmaan gaโ€™uuf waadaa qabsoo irra deebinee haareffanna.

Injifannoon Uummata Oromoo bal'aaf.

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 17:37


Godina harargee lixaa Aanaa Gumbii Bordooddee Magaalaa Koraan Keessatti Obboleettii teenya tun maqaan ishii Faaxumaa yuusuf jedhamti,  jiraattuu Aanaa Gumbii Bordoddee magaalaa Kooraati.
Kaleessa galgala yeroo malee deemaa jirta jechuun qabamtee hidhamtee har'a guyyaa keessaa naannoo sa'aatii 6:30'tti milishaa maqaan isaa Xayyaar jedhamu, kan asiin gaditti suuraa isaa mul'atuun rasaasaan dhawamtee ajjeefamtee jirti.

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 17:24


~WBOn, Abukaattoo Gadaa Gurraachoota Hortee Kuush Orom-Durii; Angafticha Nagaaf Wal-Qixxummaa Lallabu Kaleessaati!
~~~~~~~~
Gadaan gurraachoota Bahaa Afriikaa guddichi hortee Kuush- Orom-durii, kaleessa uumamaa Ardii kamiifuu mirgaaf wal qixxummaa lallabaa turte deebisee har'a hundeen gadi dhaabuuf jaarmiyaan ulfina qabeessi ABO-WBO, korommiiwwan naamusaaf sansakkaan cuuphamte gaarreniif lageen Oromiyaa keessatti horsiisuun teessoo Impaayeeraa raasee gabrummaa seenaa taasisuuf daandii injifannoorra bu'ee jira.

Uummanni Oromoo guddichi Gaanfa Afriikaa, abbaan falaasama sirna Gadaa, abbaan dilbii seenaaf duudhaa, guuzi aadaaf safuu, angafni qaroomina Addunyaa durii, inni ilma namaaf uumama maraaf nagaaf walqixxummaa lallabu; Uummanni Oromoo yeroo inni waanjoo harqoota gabrummaa ganna 160 cabsee biyya qananiituu dachee Oromoo waanjoo gabrummaarraa qulloofte Oromiyaa guddoo Gaanfa Afriikaatti gadi dhaabu fagoo miti! Oromoo jajjabaadhu, booruun baqaquufii!

Quba qabaadhu! Oromoof Oromiyaa giddugala falaasamaa, siyaasaa, hawaas-dinagdee, saayinsiifi teeknooloojii, barnootaa taate dhiigaaf lafeen ijaarree guddummaa keenya kaleessaatti ni deebina!

Faajjiin Mo'ichaa Dhugaa Gurraachoota Hortee Kuush-Orom-Durii Lallabu Shakkii Tokko Malee ABO-WBOn, Gadi Dhaabbachuuf Jira!

Oromiyaan Biyya Guddoo Gaanfa Afriikaati!

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 17:17


"Jijjiramicha haqaaf falmatu ijoollee Dambii Dolloo jajjabduu WBO ๐Ÿฅฐ๐Ÿค๐Ÿ‘‡

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 17:06


Waggoota muraasa dura komiiwwan ABO irratti dhiyaachaa turan keessaa:

WBOn lafa gammoojjii fi bakkoota dhageettiii hinqabne kesssatti qofaa lola; warraaqsi qeerroo Oromoo qawweetiin deeggaramuu hindandeenyeโ€ฆqabsoon Oromoo dhageetti dhabe; WBOn mulโ€™achuu hindandeenye; qabsoon ABOtiin gaggeeffamu โ€œdadhabaadhaโ€โ€ฆ

Murna shiraa fi Oromoo fayyaaleyyiitiin komii yeroo ammaa dhiyaachaa jiru:

Guutuun Oromiyaa lola gaagaโ€™aa taโ€™e keessa seenee jira; ummatni rakkateโ€ฆ.

Sadarkaa barbaachisutti warraaquu hanqachuu fi jabaatanii falmachuun  edda komatamee, filannoo sadaffaan ni jiraa? Addunyaa kana irratti  ummatni/ biyyi otoo hin rakkatiin ifatti ceehe hin jiru kanaaf hidhadhuu loli Qeerroo ๐Ÿ™Œ

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 17:03


Salaale Ona Kuyyuu fi hidhabuu Abootetti K/Abiyyi drone darbateen.
Ona kuyyuutti mana baruumsaa yoo diigu
Hidhabuu Abootetti ammoo mukarra buuftee simbirroo tokkoof jarikaa bishaanii tokko rukutte.

Hawwaasi keenya haala dandeessanin iddoo tokkoti waliitti qabamu irraa of qusadhaa.
Kana goonan ofumaa dollar ๐Ÿ’ต gubaa namichi.

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 17:01


~Xurreen Kaleessa Dhiigaaf Lafee Jaallaniin Tattaraaramte Imaanaadha; Har'a Abbaafi Ilmaan, Intalaafi Abbaan Tikfamuutti Jira!

Maaliif qabsichi nu marara beektuu? Laal! Qabsoo Bilisummaa Oromoo duuba Abbaaf Intala, Abbaaf Ilma, Obboleessaaf Obboleettii akkasumas, Obboleessaaf Obboleessatu jira; kanaaf qabsichi akka malee nu marara, quba qabaadhaa!

Har'a maatiin hacuuccaafi rirriittaa murna abbaa irreen mana ba'e kun dantaa ofii awwaalee dantaa sabasaa qaalii tiksuuf hidhannoo sammuufi mudhii jabeeffatee falma hadhooftuu dirree qabsoo gubbaatti diina waliin  gaggeessuutti jira.

Kana malees, qabsoo gaggeeffamuun sirna abbaa irree afaan qawween mirga abbaa biyyummaa Oromoo sarbuun dantaa sabichaa bu'aan sharafate harkaa micciiranii fuudhuun Oromiyaa walabaa waanjoo gabrummaarraa qulloofte dhaloota dhaalchisuudha!

Qabsoon Bilisummaa Oromoo Dhugaa Kanaaf Akka Malee Nu Marara!

๐Ÿ‘‰Hinsharafnu!

โœ๏ธBarii Bilisummaa

Magarsaa Qilxuu

07 Nov, 16:20


Namni Kun Birgeedi Ibiddaa Jelaa Harka Diinaa Seenee Wan Jiruuf Jaallan Qabsoo Kallattinis Ta'u Haal Kallattiin Quunnamaa Jirtan Ariitin Quunnamti Keessan Akka Addaan Kuttan Dhaamna.

Magarsaa Qilxuu

06 Nov, 16:40


~Ilmaan Oromoo Impaayeera Itoophiyaa Tiksuun Du'a Seenaa Hinqabne Du'aa Jiraniif Har'as Dhaamsa Qabna!
~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~~
Ilmaan Oromoo waraana murna gabroofataa ta'uun tajaajilaa jirtan ammoo 'Wareegama hin malle kaffaluu' irratti argamtaniif har'as dhaamsa qabna.

Wanni hunduu yerootti tola, booda gaabbiin quba nyaachuurra ammuma maladhaa. Gamni namaa utuu yeroon jiruu ariifatee 'Moonaa Qabsoo Bilisummaa Oromootti' of-gabaasaa! Du'a seenaa hinqabne dhamdhamtanii ilmaaniif maqaa abbaa keessanii hinxureessinaa.

Uummata cunqurfamaa Oromoo, saba keessaniif waardiyyaa ta'uun siidaa seenaa gola onnee uummata keessan qaaliitti ijaarachuun gaafatama seenaaf seeraa of baraaraa.

๐Ÿ‘‰Quba Qabaadhaa! 'Seenaan' gaafatamuurra 'Seeraan' gaafatamuu woyya!

Oromummaan Dhiiga, Oromiyaan Biyya!

Magarsaa Qilxuu

04 Nov, 19:14


Injifannoo Aja'ibaa Daarimuu.
========================
Leencichi Abdii Uummata Oromoo WBOn Godina Ilu Abbaa Boori aanaa Daarimuu kaampi Beenaa 1ffaatti barii barraaqan itti seenun rasaasan goobe jira.
Injifannoo kanaan
*75 - biyyeen makee
*82 - madoo dandammii hin qabnee
*6  - yoo booji'uu
Gama meeshaan ammoo
~Bireena - 2
~Isnayiiperi - 2
~AKM - 60
~Rasaasa kumootamaaf Boombii harkaa heddu funaanun mooraa qabsoo gabbiise jira.
IUOf
Qubsuuma Diinaa Barbadeessun Itti Fufa....

Magarsaa Qilxuu

03 Nov, 17:56


Injifannoo Warra Jaarsoo

WBOn Zoonii giddu galaa lola cimaa godheen aanaa Warra Jaarsoo ganda Abbuu Keekuutti waraana impayeera kanaa
27 - Ajjeesun
39 - Ammoo madoo dandammi hin qabneen adabuun injifannoon xumureera.
IUOf
Qubsuma Diina Barbadeessun Itti Fufa...

Magarsaa Qilxuu

03 Nov, 17:55


Sadaasa 3/2024

Sirni Bilxiginnaa miseensota RIB dhalattoota Sabaan Oromoo ta'an isin WBO waliin hidhata qabdu baduuf jettu jechuun nama 7 ajjeesuun dhaga'ame..

Oduun keessoo isaaniitii iccitiin nu qaqqabde akka ibsutti halkan edaa Sadaasa 2/2024 godina Lixa Shaggar aanaa Dirree Incinnii bakka Nancorree jedhamutti dhalattoota Oromoo nama 7 ajjeesanii gatan.Akkuma beekamu mooraa Waraana sirna pp Sabaan walqooduun kan walirratti duulaa jiran yoo ta'u dhalattoonni Sabaan Amaara ta'an dhiibbaa gochuun ilmaan Oromoo sirnicha keessa jiran maqaa Waraana bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabdu jedhuun ajjeesisaa akka jiran odeessa keessoo isaaniitii arganneen mirkaneeffanneerra.

Magarsaa Qilxuu

03 Nov, 16:08


Miira abdii kutannaaa pp fi muddamsuu pp .
Akka eeruu qabatamaan nu qaqqabetti PPn zoonii giddu galeessa kaaba lixa shaggar fi zoonii giddu galeessaa keessatti miira abdii kutannaa guddaa keessa waan seenteef uummata nagaatti meeshaa gurguddaa gara aanolee akka
Darraa
Warra Jaarsoo
Hidhabuu Abootee fi
Yaayyaa Gullalleetti furguggisaa jiraachuu dhag'amaa jira.
Har'aan guyyaa sadaffaa dha.
RIB magaalaa fiichee kaaampii waraanaa ishee bakka komaandoo jedhamu keessa dhaabdee meeshaa gurgguddaa kan fegeenya dheeeraa hanga km 300 oliitti rukutuu danda'u erga dhukaasuu eegalte.
Meeshaa kana GPS fi kompaasii fayyadamuudhaan gara sochii fi qubsumni wbo jirutti furguggisaa jirti.

KEEESSUMAA YEROO ADUUN BAHU DHUKAASTI. SABABNI ISAA IMMOO DUUMESSSI BUUNAAN BAKKA JEDHAME RUKUCHUU WAAN HIN DANDEENYEEF. 
Waraanni bilisummaa oromoo zoonii kaaba lixa shaggar kanneen aanaa Darraa , Warra Jaarsoo , Hidhabuu abootee fi Yaayyaa Gullallee keessa shochootan of eeggannoo cimaa godhaa.
Walitti qabamtanii bakka tokko hin turiinaa.
Eeruu bilbilaan fudhattee bakka eerame rukutaa waan jirtuuf of eeggannoo gochuun dirqamadha. Haxxee hidhuu hin dagatiinaa.
Bilbiloota basaastotaa sakatta'uu hin dagatiinaa.
Kan eeruu kennaa jiru hawaasa keesssa warra jiran basaastota PPn bobbaastedha waan ta'eef.
IUOf

Magarsaa Qilxuu

03 Nov, 16:06


Naqamtee Qabsaa'on Haqaa Haalan of Tiksaa
Akkuma yeroo darbee eeruu isiniif qoodne turre gantooni haaromsa PPn fudhatte hojii diinummatti seenaa akka jurtu isiniif eerree turre.
Kanumaan wal-qabatee diinoon yeroo amma Naqamtee keessatti hawwaasa jumlaan gara mana hidhaati wan guuraa jirtuuf hunduu of tiksaa

Magarsaa Qilxuu

02 Nov, 19:40


Injifannoo Boonsaa Ada'aa Bargaa.

Utuu isiin kan Wacaalee Boochan hin fixatiin leencichi biyyaa kan dharaaf gadii hin jenne kaampi diinaa Ada'aa Bargaati Argamu itti lixe horfuun injifannoo aja'iiba galmeesse jira.
Haaluma kanaan lola hamaa diina irratti fudhateen
190 - Ajjeese
150 - Madeessun
45 - Faayyati Yoo Booji'uu Gama Meeshan Ammoo 
PKM - 1
Sniper - 2
AKM - 170 fi
RASAASA -10,000 ol funaanun mooraa qabsoof galii godheera.
IUOf
Qubsuma Diina Barbadeessun Cimsee Itti Fufa....

Magarsaa Qilxuu

02 Nov, 19:37


Jaal Abdii Dhugaa Hogganaan WBO Zoonii Giddu Galaa Lolli Finfinneetti Of-qopheessi jechuutti jira.
Waaqi nu haa milkeessu

Magarsaa Qilxuu

01 Nov, 18:32


โ™ฅ๏ธAmmaa Kan Gidduu galessaa Jiru Saanyii Nagasaa Uttuu tanee Jaal Abdii Dhugaadha Fulduri Oromoo ifaa jabadhaa Oromoo koo Nutti isin cinaa dinaa hale*laa Jira๐Ÿ’š

Magarsaa Qilxuu

01 Nov, 18:12


Guyyaatti yeroo sadii nyaachuu otoo hintaane โ€œhappiness, harmony fi human excellenceโ€ tu barbaachisa jedhe philosopher Abiy Ahimad.

Kashlabbeen akkasiitti yaadu ummata Miliyoona 130 yeroo gaggeessu hedduu nama gaddisiisa.

Magarsaa Qilxuu

01 Nov, 18:10


Mulโ€™atni keenyi ummata guyyaatti yeroo sadii nyaatu arguu miti; namni garaa guuttatee jiraachuuf hin uumamne jedha Abiy ( Iyesus Ethiopia).Jesus dhagaa gara daabbootti akka jijjiiru sexanaan yeroo qorametti (Mathew 4: 1-11), ilmi namaa daabboo qofaan hinjiraatu; ilmi namaa jecha Waaqayyoo hordofuu qaba jedhee dubbate. Abiy dhaamsa jesus kana liqeeffachuun, beeloftus ykn garaankee qullaa taโ€™us gammachuutiin na hordofi jedhee labsaa jira. Abiy Ahimad donqoroo ( arrogant) qixa Jesus tti ofilaalu dha. โ€œAni fayyisaakeeti; na hordofi. Garaakee guttachuuf fiiguun gatii hinqabu; ani gaggeessaa Waaqayyo na erge waan taโ€™eef callisiiti na hordofi,โ€ jechaa jira Abiy.

Hubachiisa: Akeekni barreeffama kanaa madda ilaalcha Abiy saaxiluun sadarkaa itti inni of ilaalu (the level of his arrogance) ibsuu dha; dhaamsa amantaa lallabuu miti.

Magarsaa Qilxuu

31 Oct, 17:43


โ‡๏ธโ€Oromoon meeshaa (raw material) gara Somaaleetti jijjiiramuuf ofqopheesse dha.โ€
~60ta fi 70ta keessa hoogganootni Somaalee akkatti Oromoo hubatan ture (Madda: kitaaba Prof Mohamad Hasan)

โ‡๏ธโ€Oromoon uummata gaarii dha; summii Oromoo keessatti biqilaa deemu buqqaasanii dhabamsiisuu ykn tohachuun yoo dandahame, yeroo dheeraaf biyyatti nagaan gaggeessuu ni dandeenya.โ€œ
~Yaada hoogganoota TPLF ture ( Ammas warri TPLF akkasitti akka yaadan ragaa qabatamaan ni jira).

โ‡๏ธโ€Kan Amaara jibbuu fi kaayyoo keenya dura dhaabbatu ilaalcha ABO fi TPLF ti. ABO/ TPLF injifachuun aangoo mootummaa gidduugalaa yoo dhuunfanne, ummatni Oromoo rakkoo tokko malee nujalatti bula.โ€
~Yaada/ Ejjennoo hoogganoota Faannoo ti

Qaamoleen kunneen Oromoo irratti ilaalcha walfakkaataa qabaachuun kun maal irraa madda? Sabni โ€œguddaanโ€ kun maaliif akkasitti tuffatame garuu?

Magarsaa Qilxuu

31 Oct, 17:41


Wallaalummaan hanqina/ dhabiinsa beekumsaa (muuxannoo jireenyaa, ogummaa ykn barumsaa) ti. Ofitti amanamummaan beekumsa irraa bilisa taโ€™e ammoo oftuulummaa( arrogance) jedhama. Namni oftuulummaan keessatti darare akka waan hundaa beekutti (โ€˜jack of all tradesโ€™ taโ€™etti ) ofhubata. Namni akkasii barsiisuu malee barachuufis banaa miti. Of sakattaโ€™ee wallaalummaa isa keessatti daraaree jiru carraan itti argu/ hubatu baayyee dhiphaa dha. Kan nama ajaaโ€™ibu namootni gad-buโ€™oon akkasii โ€œofitti amanummaanโ€isaanii baayyee guddaa dha. Dhimmoota hundaa irratti beekumsa guutee dhangalaโ€™u akka qabanitti of ilaalu. Kanaafi yeroo media irratti ol bahan saalfii tokko malee hunda-beekeyyii (philosopher, economist, engineer, historian, doctor,โ€ฆ) taโ€™anii kan xiinxala balโ€™aa kennani. Abiy Ahimad โ€œmisooma koridara fi urban quality of lifeโ€ irratti xiinxala dheeraa yeroo kennu yoo dhageeffattu, hiikkaan makmaaksa โ€œ buqqeen yeroo argatte dhagaa cabsitiโ€ jedhuu sirriitti siif gala. Dhugaa dubbachuuf donqooroo (arrogant) fi wallaalaa (ignorant) akka Abiy Ahimad barbaadanii argachuun ni ulfaata.

Magarsaa Qilxuu

29 Oct, 17:27


Irree fi gaachannii Oromoo WBO'n zoonii GG konyaa kaaba Shaggar tarkaanfii laalessaa Ona
#Dharraatti
#Abootee fi
#Warra_Jaarsotti fudhateen diina irratti olaantummaa dirree lolaa goonfachuu beeksise!

Magarsaa Qilxuu

29 Oct, 17:05


Shanee Shimee๐Ÿคญ

Magarsaa Qilxuu

28 Oct, 17:05


Birgeedin Ibiddaa injifannoo boonsaa galmeessun meesha fi lubbuun waliitti guure jira
Qubsuuma diinaa buqqiisun itti fufa ......

Magarsaa Qilxuu

28 Oct, 17:04


Galii birr 100 hin guunne kanfaalu deeme kana hunda ofiitti ida'e galaa.

Rakkoon kana caale jiraa?

Uummatni oromoo saamicha hamaa keessa haga yoomitti daddiisaa?
Waliin ta'i silmii kana ofiirraa harcaasi gatii

Magarsaa Qilxuu

28 Oct, 17:03


Injafnnoon Akkuma Itti Fufeeti Jira

~Birgeedii Barii Bilisummaa injifannoo addaa galmeesse!
   *Dishqaa 2
   *PKM 8 fi
qawweelee, rasaasa hidduu diinarraa hiikanii mooraa  qabsoof galii taassani jiru.
   IUOf!
Golee Oromiyaa Hunda Keessati Diina Adabuun Cimse Itti Fufa....

Magarsaa Qilxuu

24 Oct, 18:32


Faannoo harโ€™a Arat kilo dhuunfatee jiru injifachuu irratti qofa qiyyaafatamuu hinqabu. Diigamuu sirna Biltsiginnaatti aansee Arat Kilo dhuunfachuuf humnoota of ijaaraa jiran (Faannoo  fi TPLF) ilaalcha keessa galchuun qophii jabaa taasisuu irratti hojjechuu feesisa. Qaawwa uumamu keessatti akka sabaatti injifatanii bahuuf fageessanii yaaduu, dursanii qophii amansiisaa taโ€™e taasisuu, irree humnoota Kaabaa  dura-dhaabbachuu fi cabsuu dandeessisu ijaarrachuu barbaachisa. 

Kaayyoon  jaarraa walakkaa oliif wareegamni qaaliin itti baafame milkiin akka guduunfamu ni barbaadna taanaan:
1. Bakka sagal dhaabbachuu dhiifnee WBO waliin hiriiruu qabna. Oromiyaa/ Oromoo keessatti waraanaa fi waraanummaa daran jajjabeessuu feesisa
2. Akka sabaatti OPDOn diina nu liqimsuuf as deemaa jiru irraa Oromoo baraaruuf dandeettii itti qabdi abjuu jedhu ofkeessaa haxaahanii baasuu feesisa. Warri qarqara taaโ€™ee yeroo eeggachaa jirus galaana hamaa as adeemaa jiru jalaa Oromoo baraaruu hindandahan.
3. Sabboontotni humna  waraanaa fi tika mootummaa Biltsiginnaa keessa jiran harka lafa jalaan wal ijaaranii WBO gargaaruu ykn WBOtti  makamuu ittifufuu qabu. Meeshaan waraanaa baayโ€™inaan harka WBO akka galu haala mijeessuu fi keessoo mootummaa diiguu irratti hojiii qabatamaa (sabotage) hojjechaa deemuutu irraa eegama.

Hatattamaan hanqinoota jiran guuttachaa fi fooyyeffachaa akka sabaatti qindoominaa sadarkaa olโ€™aanaatiin gara warraaquutti ceehuun yoo hin dandahamne, ammas qumaaricha nyaatamuuf deemta Oromoo.

Magarsaa Qilxuu

24 Oct, 08:56


#Eebbifamtoota๐Ÿค™

W*B*On Zoonii lixaa kaadhimamtoota haaraa barnoota saayinsii waraana fi siyaasaa akkasuma leenjii ga'umsa qaamaa dirree irratti  yeroo dheeraaf kennaafi ture xumursiisuun kaleessa onkoloolessa 23,2024 ebbisiisuun dirqama dachaaf bobbaasee jira.
Osooma  Biraanuu Juulaa fi Dirribaa Mokkonnon W*B*O funaana jirraa fi ji'a lama sadii booda ni balleessina jedhani kan eebbisiisan yoo ta'u,fuulduras kaadhimamtoota haaraa simate  akka leenjisuuf jiraanis ibsan.

Magarsaa Qilxuu

22 Oct, 17:54


๐Ÿ€Ummanni keenya dhimma #nageenyaf egeree Oromoof Oromiyaa irratti marii waraanasaa waliin tolchu itti fufee jira.

Magarsaa Qilxuu

21 Oct, 10:48


ONLF Hirmaannaa Marii Biyyaalessaa  addaan kute

ONM-ABO Onkoloolessa 21,2024 Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaden ( ONLF) adeemsa Marii Biyyoolessaa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa isaa  addaan kutuuf murteessuu isaa beeksise.

Jalqaba irratti hunda hammatee fi iftoominni mirkanaaโ€™us, tarkaanfiin tibbana paartiin biyya bulchu naannoo somaalee gama tokkoon hirmaattota filachuu, waliigaltee paartilee siyaasaa waliin taasifame cabsuu fi sagalee adda addaa cinaatti dhiisuun adeemsa kana laamsheessee jira jedha paartichi ibsa kaleessa baaseen.

Malli addaan baasuu kun kaayyoo Marii Biyyaalessaa kan qooda fudhattoota walitti fiduun hundee waldhabdee furuuf yaadame kan faallessuudhas jechuun komee qaban ibsan.  Kana malees, qooda fudhattoonni siyaasaa ijoo Amaaraa, Oromiyaa, fi Tigraay hundinuu waan hin jirree fi waldhabdee adeemsifamaa jiruun mariin amma taasifamaa jiru gama tokkoon taโ€™uu fi nagaa dhugaa argamsiisuu dadhabuun marichi  balaadhaaf saaxilama.

  ONLF Marii dhugaa, hunda hammate, fi iftoomina qabu kan Itoophiyaaf nagaa waaraa fiduu dandaโ€™uuf kutannoo qabaachuu isaa itti fufa jedhan.  Hanga adeemsi akkanaa deebiโ€™ee hojiirra oolutti ONLF buโ€™uura amma jiru keessatti hin hirmaatu jechuun Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen ibsee jira.

Magarsaa Qilxuu

20 Oct, 17:30


Odeessa
Tarkanfii WBOn fudhate hordofee Jalduu fi Dambii Doolloo irraa network'n citeera.

Magarsaa Qilxuu

20 Oct, 17:27


๐๐ซ๐ž๐š๐ค๐ข๐ง๐  ๐๐ž๐ฐ๐ฌ
๐†๐š๐ง๐ญ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š ๐€๐๐Ž ๐–๐๐Ž ๐ญ๐ข๐ข๐ง ๐๐š๐ฅ๐๐š๐ฅ๐š๐š ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž๐ž ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š ๐ข๐ซ๐ซ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐›๐š๐ซ๐š๐ฆ๐ฎ๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐ ๐š๐ซ๐š ๐ฆ๐จ๐จ๐ซ๐š๐š ๐๐ข๐ข๐ง๐š๐š๐ญ๐ข ๐๐ž๐ž๐›๐ข๐ญ๐ž๐ž ๐š๐ฆ๐ฆ๐š๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐›๐ข๐Ÿ๐š ๐ญ๐ข๐ค๐š๐š๐ง ๐ฐ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š ๐š๐ซ๐Ÿ๐š๐ง๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐›๐จ๐›๐›๐š๐ญ๐ž๐ž ๐ค๐š๐ง ๐ฃ๐ข๐ซ๐ญ๐ฎ ๐จ๐๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐ข ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž ๐š๐ค๐ค๐š ๐ง๐ฎ ๐ช๐š๐ช๐š๐›๐ž๐ž๐ญ๐ญ๐ข ๐ž๐ซ๐ ๐š๐ฆ๐š ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐ž๐ง ๐Ÿ๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐ญ๐ž๐ž ๐›๐จ๐›๐›๐š๐ญ๐ž๐ž ๐ฃ๐ข๐ซ๐ญ๐ฎ ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š ๐š๐ฆ๐ฆ๐š ๐ญ๐š'๐ž๐ž๐ง ๐ข๐ฌ๐ข๐ข๐ง๐ข๐ข๐Ÿ ๐ช๐จ๐๐š ๐ก๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐ญ๐š๐š๐ง ๐ก๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐š๐š.
โ—พ๐ฐ๐š๐ซ๐š๐š๐ง๐š ๐๐ข๐ซ๐ซ๐ž๐ž ๐ฃ๐ข๐ซ๐ฎ ๐ฌ๐จ๐ฌ๐จ๐›๐›๐ข๐ข๐ง ๐ ๐š๐ซ๐š ๐ฆ๐จ๐จ๐ซ๐š๐š ๐๐ข๐ข๐ง๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐š๐๐š๐ช๐ฌ๐ฎ๐ฎ
โ—พ๐ช๐ž๐ž๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐›๐ข๐ฅ๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฆ๐š๐š ๐Ÿ๐ข ๐ฆ๐š๐š๐๐ก๐ž๐ž ๐ฌ๐š๐ฌ๐š๐›๐ฎ๐ฎ
โ—พ๐Ÿ๐ข ๐ค๐ค๐Ÿ
๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ข๐ฌ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ ๐š๐ซ๐š ๐ ๐จ๐๐ข๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐š๐ซ๐ฆ๐š๐š๐ง ๐ ๐š๐๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐›๐จ๐›๐›๐š'๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฃ๐ข๐ซ๐ญ๐ข
โ—พ๐‡๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐ ๐ฎ๐๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ
โ—พ ๐ฐ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š ๐›๐š๐ก๐š๐š ๐ ๐จ๐๐ข๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐ค๐š๐ง๐š ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐Ÿ๐ฎ๐๐ก๐š๐ญ๐ญ๐ž๐ž ๐ค๐š๐ง ๐›๐จ๐›๐›๐š๐š๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐ฃ๐ข๐ซ๐ญ๐ฎ ,๐€๐ค๐ค๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š๐ง ๐ช๐š๐›๐ฌ๐จ๐จ ๐ข๐ฌ๐ก๐ข๐ข (๐๐š๐š๐ฃ๐š๐š๐ฃ๐ข๐ข) ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š๐ง ๐๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ข๐ฌ๐š๐š (๐‰๐š๐š๐Ÿ๐š๐ซ) ๐๐ก๐š๐ฅ๐š๐ญ๐š๐š ๐š๐š๐ง๐š๐š ๐›๐ž๐ ๐ข๐ข ๐›๐ฎ๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ง๐ฌ๐š ๐ฆ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐ค๐จ๐›๐จ๐ซ ๐›๐ข๐ซ๐ ๐ž๐ž๐๐ข๐ข ๐›๐š๐ค๐š๐ค๐ค๐š๐š ๐ค๐š๐ง ๐ญ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ž ๐ฆ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š 40๐ค๐š๐ง ๐จ๐Ÿ ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐š ๐ช๐š๐›๐๐ฎ ...๐ก๐จ๐ซ๐ซ๐จ๐จ ๐ ๐ฎ๐๐ฎ๐ซ๐ฎ๐ฎ๐Ÿ๐ข ๐ฐ๐š๐ฅ๐ฅ๐š๐ ๐ ๐š๐›๐š๐ก๐š๐š ๐ค๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ก๐จ๐ซ๐๐จ๐Ÿ๐Ÿ๐ข ๐ฃ๐š๐ซ๐ซ๐ž๐ž๐ง ๐ค๐š๐ง๐š ๐ฃ๐š๐›๐ž๐ž๐ฌ๐ฌ๐š๐š..

๐ˆ๐ญ๐ญ๐ข ๐Ÿ๐ฎ๐Ÿ๐ฎ๐ฎ๐ง
โ—พ ๐†๐ข๐ฆ๐›๐ข๐ข
โ—พ๐๐š๐ฆ๐›๐ข๐๐จ๐ฅ๐ฅ๐จ๐จ ๐ ๐จ๐๐ข๐ง๐š๐š๐ฅ๐ž๐ž ๐ค๐š๐ง๐š ๐ฅ๐š๐ฆ๐š๐š๐ง ๐š๐ฆ๐ฆ๐จ๐จ ๐š๐ค๐ค๐š ๐ข๐ญ๐ญ๐ข ๐ ๐š๐š๐Ÿ๐š๐ญ๐š๐ฆ๐š๐š๐ญ๐ญ๐ข ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š๐ง ๐ช๐š๐›๐ฌ๐จ๐จ ๐ข๐ฌ๐ก๐ข๐ข (๐ƒ๐š๐ฒ๐ฒ๐š๐š๐ฌ) ๐ฆ๐š๐ช๐š๐š๐ง ๐๐ก๐š๐ฅ๐จ๐จ๐ญ๐š ๐ข๐ฌ๐ก๐ž๐žโ›” ๐™๐š๐๐๐ข๐ข๐ง๐ž๐ž ๐๐ก๐š๐ฅ๐š๐ญ๐š๐š ๐ฆ๐š๐ ๐š๐š๐ฅ๐š๐š ๐ฆ๐ฎ๐ ๐ ๐ข๐ข ๐ค๐š๐ง ๐ญ๐š๐ก๐ž ๐ฆ๐ข๐ฌ๐ž๐ž๐ง๐ฌ๐š ๐ง๐š๐ฆ๐š 40 ๐ค๐š๐ง ๐จ๐Ÿ ๐ฃ๐š๐ฅ๐š๐š ๐ช๐š๐›๐๐ฎ ๐ก๐จ๐ฃ๐ข๐ข ๐ญ๐ข๐ค๐š๐š ๐ก๐จ๐ฃ๐ฃ๐ž๐œ๐ก๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐›๐จ๐›๐›๐š๐ก๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข

Magarsaa Qilxuu

20 Oct, 12:08


Aangawootni OPDO gaafa foon/ whisky quuftu ,โ€œ Yoom akka laayyooti as geenyeโ€ฆ kumaatamaan wareegama itti baafneโ€ jechuun dhaadatti. Gaafa sirriitti saamtee gootaraa ishee guuttatu ammoo biyya ijaarra, แŠ แˆจแŠ•แŒ“แ‹ด -แ‰ขแŒซ-แ‰€แ‹ญf duuna gara jechuutti ceeti.

Magarsaa Qilxuu

18 Oct, 17:44


Rifaatu Jalduu fi Fayyiisaa.

Jaldutti Gantuu Kadiree kaabinee fi Milishaa Fayiisaa Leellisaa birr Simintoo nyaachisa bahee leencichi abbaa haqaa gaafa itti seene biyyeen makee kaan rifeerii fudhachiisu  Dammaqaa fi Fayisaan rifatun motummaa isaanitti iyyaacha jiru.

Magarsaa Qilxuu

18 Oct, 09:35


Ayyaanlaallattuun,
Bu'aa bahii qabsoo dandamachuu hin dandeessu!

ni ganti!

Magarsaa Qilxuu

18 Oct, 09:33


๐Ÿ‘‰Qabsoon hadhooftuudha,waan taheef jarjartee itti hin seenin,yeroo sitti ulfaatu gantuu taataa!๐Ÿ‘ˆ

Magarsaa Qilxuu

18 Oct, 09:31


~Namni Kaayyoo Guddaa Galmaan Gahuuf Dhalate Matumaa Waan Xiqqootti Of Hin Murteessu!
~~~~~~
Guddinniifi milkaa'inni akka salphaatti hindhufu. Ammoo daandii qaxxaamuraanis hin argamu, argamus umurii hinqabu. Galma gahiinsi wanta guddaa rakkinaaf bu'aa ba'ii ulfaataa wal'aansoon qabuun dhugooma. Abdiin wal'aansoo hinqabne shakkisiisaadha. Wanni abdachiisaan ifaajee hedduun booda galma barbaadame dhaqqaba.

Kanaaf, gaafa haalonnni rakkisoon nu mudatan gammachuun simanna. Kaayyoo guddaan haalota rakkisoof wal xaxoo gara hiree gaariitti jijjiiruun argama. Laayyootti wanti argamu rakkina qofa.

Dandeettiin ajaayibaa kaayyoo guddaa galmaan gahuuf oolu wal'aansoo gadi fagoo keessaa waraabama. Wal'aansoo yogguu taasiftu ogummaa horatta, hubannaa habbuuqqatta, beekumsa gonfatta, akkasumas cichoominaaf murannoo sibiilarra jabaatu gabbifatta. Wal'aansoon anniisaa injifannooti.

Gaafas bubbee jabaa imaltuu qabsookee irratti mudatu ni dheensita utuu hintaane cichoominaaf murannoon keessa dhaabbattee hubannaaf ogummaan irra aanuun faajjii mo'ichaa mirmirsita. Wal'aansoon bidiruu milkaa'inaati. Wanta guddaa galmaan gahuun humnaaf yeroo akkasumas yaada guddaa gaafata.

Kanaaf, wanta xiqqootti of-hin murteessin, kaayyoo guddaa galmaan gahuuf itti waamamte milkeessuun dhalootaaf seenaa olkaa'i.

Magarsaa Qilxuu

18 Oct, 09:29


~Reefuu bartaayii bakkuma hunda deddeemuun gaariidhaam ugaa๐Ÿซก

Magarsaa Qilxuu

18 Oct, 09:11


WBOn Zoonii Madda Albuuda aanaa Wadaraa irratti Injifannoo laleessaa diinaa irratti fudhateen
AKM 13 fi
Rasaasa PKM 800 dhuunfate jira.
IUOf
Injifannoon Itti Fufa

Magarsaa Qilxuu

17 Oct, 18:39


Faan*noon Alleebbachew Qeerroon Garafnnan Garaa kaambi RiB ceekatti baqacha Jirti.

Magarsaa Qilxuu

16 Oct, 19:01


~Xurreen Qabsoo Bilisummaa Oromoo Kaayyoo Qulqulleetti Jaarmiyaa ABO-WBOn, Gundunfaa Argata!
~~~~~~~~
Quba qabaadhu! Maraamartoo gabrummaa uummata keenya jaanjesse luugamee amna dheebuu bilisummaaf walabummaatti geessuuf ammatti irree jabaa kan qabu jaarmiyaa ulfina qabeessa ABO-WBO, qofa! ABO-WBOn, Jaarmiyaa hayyuuf qaroon ijaarame diinatti dhukaasuu qofa utuu hintaane maaliif akka dhukaasuu qabu dursee beekudha. Jaarmiyaa, Guddinaafi dagaagina afaan, aadaa, seenaa, sabboonummaa, Oromummaafi gootummaa Oromoof dursa kennee hojjetaa jiru abbaa dhaloota qubeeti.

Uummanni Oromoo akka sabaatti kana ta'uu hubatee mirga abbaa biyyummaa barootaaf dhabe deebisee gonfachuuf akeekaa, kaayyoo qulqulleetti jaarmiyaa ulfina qabeessa ABO-WBO, jala hiriiruun bilisummaa abbaletti milkaa'uun dirqama. ABO-WBOn, ammatti waraana haqaa, haqaan of kitimee falma hadhawaa dirree Oromiyaa cufatti taasisaa jiru kumaaf kitila hiriirsee falmatti jira. Kanaanis, impaayeerattii raafama siyaasaafi goolama dinagdee hamaaf saaxiluun maraamartoo keessa galchuu danda'eera.

Uummanni keenyas ammatti jaarmiyaa qaroo dhiigaaf lafee qaqqaaliwwan haqaa irratti ijaarame ABO-WBO, waliin hiriiruun waan waliin akka walootti dhabe gonfachuuf gabrummaatti xumura tolchuu qabaan dhaamsa keenya.

Quba Qabaadhu! Xurreen Qabsoo Bilisummaa Oromoo Kaayyoo Qulqulleetti Jaarmiyaa ABO-WBOn, Gundunfaa Argata!