Odaa Tarbii @wbomedia Channel on Telegram

Odaa Tarbii

@wbomedia


Join

Walabuma Media Network (English)

Welcome to Walabuma Media Network - your go-to destination for all things media-related! The channel @wbomedia is here to provide you with the latest news, updates, and behind-the-scenes insights into the world of media. Whether you're a media enthusiast, a content creator, or just someone who enjoys staying informed, this channel is for you. Join us to stay up-to-date on the newest trends, technologies, and developments in the media industry. From breaking news to in-depth analysis, we've got you covered. Don't miss out on exclusive interviews with media experts, tips on how to improve your content, and discussions on the future of media. Join Walabuma Media Network today and be part of a community that is passionate about all things media!

Odaa Tarbii

19 Dec, 08:07


Namni siyaasaa Obbo Jawaar Mohaammad turtii addatti BBC Afaan Oromoo waliin taasiseen dhimmoota garaa garaa irratti kan dubbate yoo ta'u, mootummaan Itoophiyaa amma biyya bulchaa jiruun abbaa irreedha, akkasumas walitti bu'iinsa adeemaa jiru mariin furuuf kan hin barbaadu jechuun himate.

via BBC News Afaan Oromoo https://ift.tt/0lIOeqg

Odaa Tarbii

11 Dec, 19:40


https://www.facebook.com/100071117835489/posts/633022795744976/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Odaa Tarbii

11 Dec, 19:40


#INJIFANNOO_WBO!!
Godina Salaalee Aanaa Sulultaatti haleellaa hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo bosonatti hafan kaleessa raawwataniin ajajaa poolisii aanaa Sulultaa Komaandar Laggasaa Siyyum dabalatee namoonni lama ajjeefaman jedhame.

Haleellaan kun bakka Gabaa Roobii jedhamutti kan raawwatame yoo ta'u, namoonni 2 ajjeefamuu, 2 madaa'uu fi 2 ukkaamfamuu bulchiinsi Aanichaa ibseera.

Kanneen madaa'an lamaan keessaa itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa aanichaa Sisaay Bashaadaa keessatti argamu jedhame.

Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo naannicha irra socho'uu ibsan tarkaanfii kana fudhachuu isaanii ibsaniiru.

Akkasumas, ABO-WBO'n oppireeshinii konkolaataa paatiroolii irratti xiyyeeffatee raawwateen Komaander Laggasaa Siyyum ajjeefamuu fi itti gaafatamaan paartii Badhaadhina aanichaa Sisaay Bashaadaa madaa'uu ibsee, miseensota Raayyaa Ittisa biyyaa fi poolisii biroos ajjeesuufi booji’ee fudhachuu ibseera.

Ajajni olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaan durfamu waliigalteen qondaala WBO kan ture Sanyii Nagaasaa fi mootummaa gidduutti mallatteeffame fudhatama akka hin qabne ibsuun, loltoonni WBO qabsoo itti fufuu hime.

Odeefannoo Waytaawoo argachuuf https://www.facebook.com/100071117835489/posts/633022795744976/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Odaa Tarbii

28 Nov, 20:28


Odaa Tarbii pinned «Toora Facebook keenya asiin hordofaa.👇👇👇 https://www.facebook.com/»

Odaa Tarbii

28 Nov, 20:28


Toora Facebook keenya asiin hordofaa.👇👇👇
https://www.facebook.com/

Odaa Tarbii

28 Nov, 20:27


#Hubachiisa!!
Mootummaan Biltsiginnaa oromiyaa olola sobaa ummata keenya fi WBO jiddutti hafarsuuf tattaaffachaa jiru.

Nageenyi sobaan ykn fakkeessaadhan dhufu gonkuma hin jiru. Mariin tokkollen Sirnicha wajjiin godhamaa jiru tokkollen akka hin jirre hubatamuu qaba. Garee ofii hundeeffatanii fi maqaa WBOtin saamicha gaggeessaa jiran waliin tooftaa tolfachuun ummata keenya sobuuf shirri hojjatamaa jiru hundi galma hin ga'u.

#WBOn ummata keenyaf nageenyi akka dhufu onnee guutuun barbaada garuu fakkeessaa fi irra dibaadhan mageenyi dhufu waan hin jirreef ummanni keenya kana hubachuu qaba.

Nageenyi barbaadama yoo ta'e balballi #WBO nagaadhaf karri banaa akka ta'e hubatamuu qaba sana ammoo dhoksaan osoo hin taane iddoo qaamni sadaffaan 3ffaan jirutti gaafiin ummata keenya yeroo deebi'etti sanan ala sobaan akkasuma fakkeessaadhan nageenyi dhufu tokkollen akka hin jirre hubatamuu qaba.

Odaa Tarbii

27 Nov, 20:08


Mucaanke Bosona jira yoo inni dhufee harka kennate baata jedhanii mana hidhaatti ishee darban. Mucaan dhufee harka kennachuu dide. Harmee homaa hin beekne mana hidhaa keessaa baasanii rasaasa itti roobsani.

Akka salphaatti Waggaa guute.
Ni daganna malee wanti nurratti hin taane hin jiru.
https://www.facebook.com/

Odaa Tarbii

27 Nov, 20:06


https://www.facebook.com/

Odaa Tarbii

27 Nov, 20:05


Haasaa Prez Shimallis Abdiisaa dhiheenya kana Naqamteetti taasise yoon dhaggeeffadhu, dhaadannoo Abbaay Tsahaayyee ልክ እናስገባቸዋለን san na yaadachiise. Angoon quufa fiddi, quufni oftuulummaatti geessiti, oftuulummaan ammoo kufaatii saffisiifti.

Hoggansi biyya walwaraansaan raafamaa jirtuufi tan diinaggeen ishii laamsha'e harkaa qabu, kursii tumaa dhaadachuun daranuu gaaga’ama hammeessa malee bu'aa biraa hin argamsiisu.

Odaa Tarbii

27 Nov, 20:05


Adamsamuurra adamsi.
Yoo dadhabde immoo kan si adamsu ofirraa ittisuuf qophii ta’i.#Addunyaan-Kun_tola_sin_simattu

Odaa Tarbii

27 Nov, 20:04


https://www.facebook.com/

Odaa Tarbii

27 Nov, 20:04


Pirezidaantoota Oromiyaa bulchaa turan keessaa barri cabiinsi mirga namoomaa fi dimookaraasii itti hammatee fi Oromoon morma itti murame bara pirezidaantii 8ffaa Oromiyaa Shimallis Abdiisaati jedha Addi Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen.

Bara bulchiinsa Shimallis Abdiisaa Oromoon Buretti morma muramee mukatti fannifame kan jedhu ABOn, Dharratti ammoo “Basma Ab” jedhamee morma murame jedhe.

Pirezidaantoota Oromiyaa bulchaa turan Hasan Alii, Kumaa Dammaqsaa, Juneeydii Saaddoo, Abbaa Duulaa Gammadaa, Alamaayyoo Atoomsaa, Muktaar Kadiir, Lammaa Magarsaa fi Shimallis Abdiisaa keessaa, barrii bulchiinsa Shimallis Abdiisaa ummata Oromootiif bara gaddaa fi gadadooti jedhe Addi Bilisummaa Oromoo ibsa baaseen.

Oromiyaa godinoota Hoorroo Guduruu Wallaggaa fi Giddu Gala Oromiyaa Salaale keessatti gandoonni hedduun bulchiinsa mootummaa nananoo Oromiyaa jalaa bahanii too’annoo Finxaaleyyii Faannoo Amaaraa ofiin jedhan jala jiru kan jedhu ABOn, Sarbamni daangaa Oromiyaas bara pirezidaantummaa Shimallis Abdiisaatti raawwatamee jedhe.

Pirezidaantiin bulchiinsa Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa kabaja hundeefama paartii Biltsiginnaa waggaa 5ffaa irratti waamicha nageenya taasisaniin, “ummanni keenya ummata Paartii Badhaadhinnaatiif qabsaa'eedha, paartiin kun injifataa akka ta'u kan isa taasise, gaafii bu’uuraa ummata irraa ka'e gama siyaasaa, diinagdee, hawaasummaa, ijaaramuu, akkasuma gaafii eenyummaa, sabummaa isaa, ummanni gaafate deebisuuf yaada moo'ataa Ida'amuu qabatee paartii Hundaa'ee dha” jedhan.

Addi Bilisummaa Oromoo yaada obbo Shimmalis Abdiisa kana qeequun, paartiin Biltsiginnaa paartii gaafii bu'uuraa ummata Oromoo deebisuuf qabsaa'e osoo hin taane paartii seerawaa hin taane, kan afaan qawweetiin ijaarame, fi filannoo malee aangoo mootummaa qabatee dha jedhe.

Barri Biltsiginnaa bara gaafiin Oromoo inni bu'uuraa itti deebi'e osoo hin taane, bara lammiileen Oromoo mirga namummaa itti dhaban, bara Oromiyaa dirree dhiigaa taate, bara aangoof jechu ummata Oromootti duula duulchisan, bara WBO Ittin balleesina jedhani Faannoo hidhachiisan, bara Oromoo qalchiisanii maatii namni irraa qalame hiriira baasani hin qalamne, hin ajjeefamne jechisiisan, bara diinagdeen biyyaa burktaa'e lammiileen biyyatti wabii nyaataa dhabaniidha jechuun ibse.

Mootummaan waraana Oromiyaa keessatti adeemsifamaa jiru xumura itti godhuu dide kan jedhu ibsi ABO, garuu ammoo waamicha nagayaa jechuun ummata nageenya dheebotetti qoosa jechuun qeeqee jira.

Waxabajjii 20 bara 2021 Faannoon akka hidhatu walii galtee mootummaa naannoo Amaaraa wajjiin kan mallatteesse Pirezidaanti Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa ta'uu eerun, qaama ofii hidhachiisaniin ummata Oromoo ficcisiisaa jiru jedhe.

Walgahii bakka bu’oota ummataa irratti, “Fannoon ni lola eyyaama eenyu hin barbaadu, Faannoon gaachana kenya, bakka barbaannettis bobbaasuu dandeenya” jechuun kan dubbatan hooganaa Pirezidaant Shimallis Abdiisaa MM Dr. Abiyyii Ahimad jedhan ibsi ABO.

“Nuti Faannoo waliin wal dhabdee hin qabnu, sababa Faannoo ittiin lolluufis hin qabnu” jechuun waliin jireenyaa fi aantummaa Faannoof qaban ifatti kan dubbatan Field Maarshaal Biraanuu Juulaa Galaalchaa hooganaa Waraana walii galaa Itoophiyaati jedha ibsichi.

Hanga yoomitti ajandaa waraanaa ofii uumaniin dhiiga ummata qulqullutti qoosama kan jedhu ibsi ABO, ammas taanaan badii fi balleessaa Oromoo fi Lammiilee Oromiyaa irratti raawwatamaa turee fi jiruuf kan adda durummaan itti gaafatamu murna Biltsiginnaa fi Pirezidaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdisaati jechuun ibsee jira.https://www.facebook.com/

Walabuma Media Network

21 Sep, 19:55


🇭🇹tps://www.facebook.com/100071117835489/posts/575981581449098/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Walabuma Media Network

04 Jan, 13:10


Oduu: Waliigaltee #Itoophiyaa fi #Somaalilaand hordofee wal-gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti mul'achaa jiru akka tasgabbaa'u #Ameerikaan waamicha taasifte

Waliigaltee “seena qabeessa” Itoophiyaafi Somaaliilaand gidduutti mallatteefame hordofuun wal gaarreeffannaa Gaanfa Afrikaatti umamuu danda’u akka qabanaa’uu Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa gaafateera.

Dubbi-himaan ministeerichaa Maatiw Millar ibsa Roobii miidiyaaf laateen, gabaasni Gaanfa Afrikaatii bahaa jiru Ameerikaa kan yaaddeessu ta’uu himeera.

“Nuti [Ameerikaa] waahillan birootti dabalamuun waldhabdee Gaanfa Afrikaatti dabalaa jiru kun guddaa kan nu yaaddeessu ta’uu ibsina,” ibsichatu jedhe.

Dubbi-himaan kuni waliigalteen Itoophiyaafi Somaaliilaand kuni fudhatama qabamoo hin qabu kan jedhu ifatti osoo hin deebisin “qaamoleen dhimmichi ilaallatu marii nageenyaa akka gaggeessan waamicha taasifna” jedheera.

Gabaasa

https://www.facebook.com/100077394851493/posts/390811750175317/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Walabuma Media Network

01 Jan, 06:22


Jawaar Mohammed Waa'ee laptop obbo lammaa magarsaaf kenne irratti maal jedhe?

https://vm.tiktok.com/ZM6yTrans/

Walabuma Media Network

31 Dec, 21:21


#Follow gochuun hordofaa akkasuma guutuu vedio kanas asi jalaa argattu.

https://vm.tiktok.com/ZM6yTrans/

Walabuma Media Network

31 Dec, 21:16


Jawaar Mohammed yeroo dheertuu booda har'a gaafii deebii godhe jira. Maal jedhe itti dhihaadha.

https://vm.tiktok.com/ZM6yTmAqw/

Walabuma Media Network

07 Nov, 18:12


Oduu gammachiisaa

Daqiiqaa 30 boodaa nu eegaa.

Walabuma Media Network

27 Oct, 19:18


Uummata Oromoo miidhama ulfaata sababa lola Oromiyaan isa mudataa jiru jalaa oolchuuf, gareen wal waraanan lameen karaa dhugaa ta'een araaramaanii nagaa buusuu qabu jedhe Waldaan Maccaa fi Tuulamaa.

Rakkoo Uummanni Oromoo keessa jiruuf falli waraana dhaabanii araara buusuudha kan jedhu Waldaan kun, hammam Nagaa fi Araarri murteessa ta’uu Aangawoonni Mootummaa olaanoon illee irra deddeebiin dubbataa turanis, hojiin mul’isuu hin dandeenye jedhe.

Haguma dhimmi araaraa bubbuleen Lubbuun namaa fi qabeenyi manca'aa jiraachuu yaadachiisuun, gareen wal waraanan lameen badii ummata irra gahaa jiru kana hubatanii, lola deemaa jirutti xumura akka godhaniif waamicha dhiyeesse.

“Dhimmichi dhimma garee lameeniti jedhanii callisaan ilaaluu hin ta’u” kan jedhu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa, yoo gareeleen lameen araara didan, ummanni Oromoo, hayyoonnii fi hawaasni addunyaa dubbicha ilaalee, karaa nagaan argamu akka falatuuf dhaame.

Waldaan Maccaa fi Tuulamaa rakkoo nageenyaa Oromiyaa ilaalchisuun ibsa baaseen, lola Oromiyaa waggootaaf walitti fufiinsaan geggeeffamaa jiruun miidhaan ulfaataan Uummata mudataa jiraachuu ibse.

Roorroo fi rakkoo gama dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaatiin uummata irra ga'aa turee fi jiru, uummata gargaaree hiikuun kaayyoo waldichaa isa duraati kan jedhu ibsi kun, biyyi keenya yeroo ammaa waraanaan nagaa dhabdeetti, uummanni keenyas beelaa fi dhibeen midhamaa jira, haalli mul’atu yaaddessaa dha jedhe.

Seeraan ala nama hidhuu, ukkaamsuu fi miliqsuun, akkasumas reebichii fi ajieechaan dhufaa darbaa mootummoota Itoophiyaatiin raawwatamu kan baratame ta'ullee, addatti waggoota afurii asitti Oromiyaa keessatti haalli kun hammaatee itti fufuu, namni ukkamfamaa, hidhamaa, reebamaa, fi ajjeefamaa jiraachuu ibse.

Dubartootni ulfaallee manni irratti gubatee haati fi ilmoon bakkeetti hafaa jiru, Mannii fi qabeenyi Ummataa saamamaa fi manca’aa jira, bakka bakkatti manneen barnootaa cufamanii daa’imman barnootaan ala ta’aa jiru jedhe.

Oromiyaa keessa nagaan hin jiru, Nagaa malee immoo jireenyi hin jiru kan jedhu Waldaan Maccaa fi Tuulamaa, Uummata nagaa dhabuun jireenya dadhabsiise, beellii fi dhibeen adda addaa kanneen akka Busaa fi Koleeraa itti dabalamuun fixaa jiraachuu yaadachiise.

Humni namaa silaa hojjetee biyya misoomsu, kaan waraanaan, kaan beelaan, kaan immoo dhibee waraanni, beelli fi caamsaan fideen dhumaa jiru jedhe.

Isaan sababa kanaan qabeenyi duraa barbadaahee, jireenyi isaanii manca'ee, qe’ee ofiirraa buqqa’anii dirreerra faca’anis danuu tahuu yaadachiisuun, Oromoon waliif rifachuu qaba jedhe.

Miidhama uummata Oromoo mudataa jiruuf bu’uurri ijoon wal-waraansa Oromiyaa keessatti deemaa jiru tahuu kan akeeku ibsi Waldaa Maccaa fi Tuulamaa, falli jiru waraana dhaabanii araara buusuu tahuu hubachiisa.

Rakkoo Oromiyaaf nagaa fi araarri murteessa ta’uu Pirezidaantii biyyattii, Ministira Muummee fi Pirezedaantii Oromiyaa dabalatee, Aangawooti olaanoo biyyattiillee waan irra deddeebiin dubbataa turanidha, haata’u malee dubbii afaaniirra darbee nagaa barbaadamu hojiin mul’isuun hin dandaa’amne kan jedhu waldaan kun, Haguma dhimmi araaraa bubbuluun, lubbuun namaa fi qabeenyi manca' aa jiraachuu yaadachiise.

Miidhama ulfaata sababa lola Oromiyaan uummata mudataa jiru hambisuuf, gareen wal waraanan lameen karaa dhugaa ta'een araaramaanii nagaa buusuu akka qaban gaafateera.

Haata’u malee dhimmicha dhimma garee lameenii qofa godhanii callisaan ilaaluun hin barbaachisu jedhe. Yoo gareeleen lameen araara didan, ummanni Oromoo, hayyoonnii fi hawaasni addunyaa dubbicha ilaalee, karaa nagaan argamu faluu akka qabuuf gaafate.

Kana malees Ummanni Oromoo buqqaatii, du' aa fi gadadoo barmaatilee godhachuu akka hin qabne dhaamuun, yeroo gosti isaa, lammiin isaa miidhamu walii rifachuu fi wal gargaaruun akka barbaachisu waamicha godheera.

Walabuma Media Network

27 Oct, 19:17


"Godina Shawaa Lixaa aanaa Ilfataa ganda Hidhabuu Sandii keessatti Onkololeessa 17, 2023 ganama naannoo sa’aatii 2tti maatiin kun osoo buna dhugaa jiranuu waraanni mootummaa itti seenee manaa gad yaase.

Sababa gara qe’ee warra kanaatti imaleefis maalif akka isaan barbaades nutti hin himne jedhu maatiin kunneen.

Manaa gadi gaafa nu yaasan tarii qorannoodhumaaf nu barbaadu jennee gadi yaanef jedhan. Achumatti namoota shan bakka tokkotti rasaasaan fixe jedhu.

Nama lama immoo madeesse jedhan. Gochaan waraanni mootummaa uummata nagaa irratti raawwate gar jabinaan kan guutame akka ta’e himu maatiin.

Warra ajjeefaman keessaa abbaa fi ilmi keessatti argamu. Irra caalaan namoota ajjeefamanii umriin waggaa 50 olii yoo ta’an hanga 10 warra qabantu jiru.

Haati buleettiin tun manguddoo waggaa 50ti. Gochaa garjabinaa kanaan abbaa warraa fi ilma ishee dhabde.

“Gaafan maaloo na jalaa hin ajjeesin jedhee watwataa ture anas qawwee mudhiirra na dhaabee sin ajjeesa jedhee natti dhaadataa ture” jetti.

Booda reeffa namoota dhumanii kaafnee manatti gaaf galchinu sagal nutti deddeebi’anii du’uuf jiraachuu isaanii mirkaneefachaa turan jetti.

Miseensonni waraana mootummaa bakkanatti gochaa gara jabinaa hamaa raawwatan battala rasaasni jalaa dhumetti illee nama uleedhaan reebanii ajjeesuu himu maatiin.

Maatiin miidhamtootaa reeffa isaanii awwaallachuufis dhorkamnee turre jedhu.

Gochi gara jabinaa hidhattoota mootummaa qe’ee tana godaannisa hamaa itti dhiisee darbe kun naannichatti rifaatuu guddaa uume.

Waajjirri dhimmoota kominikeeshinii aanaa Ilfataa ajjeechaawwan kan ilaalchisee yaada karaa miidiyaa hawaasaa maxxanseen mootummaan olaantummaa seeraa kabajchiisaa jira. Namni nagaa ajjeefame kan jedhu oduu sobaati jechuun haalee ture.

Sababa gochaa gar jabinaa waraanni mootummaa raawwate kanaa ijoolleen kikichuun waggaa kudhanii gadii dabalatee warri of hin dandeenya kurnaniin lakkaawaman warra Abbaa isaanii malee hafanii jiru. "

Walabuma Media Network

12 Oct, 03:37


Ummanni oromoo saba Amaara kanneen oromiyaa keessa jiraachaa finxaaleyyii waliin hiriirani jiranif of eeggannoo fi dhaamsa dabarsani jiraniif dhaggeeffadhaa Share godhaa.

👇👇👇
https://vm.tiktok.com/ZMjQ8M4U6/

Walabuma Media Network

12 Oct, 03:30


Warra umurii isaanii guutuu mirga Oromoof, dhugaa Oromoof jecha aarsaa meeqa kaffalaa turanii fi kaffalaa jiran kanneen mana hidhaatti uguranii YouTuberii tokko (Abbaan Gingilchaa) Hoteela abbaa Urjii 4 qabaniifii, Bodyguard'dhaan eegsisaa kabaja guddaadhaan Irreecha yoo irreefachiisan argeen baay'ee na aarse, baay'ee nadhibe.

Jarri kun Osoo haal duree mootummaan kaa'e fudhatan akkuma nama hundaa bor ganama hidhaa irraa ni bahu. Bahuu qofa miti suufii babbareedaa uffatanii, eegduun ramadameefii socho'uu danda'u ture. Isaan garuu waadaa saba keenyaaf galle hin haallu jechuun maatii isaanii dirree irratti facaasanii mana hidhaa filatan.

Warra "Dhugaa ummata keenyaa hin nyaannu" jedhee aarsaa kaffalaa jiru kanneen dagannee warra waan mootummaan jedhe fudhatee jala fiigaa jiruuf harka rukkutuu maaliif akka filanne nadhiba.

http://www.facebook.com/WalabumaMediaNetwork

Walabuma Media Network

10 Oct, 15:40


#Waraana

Yeroon Hamaas jiraattonni magaalaa Ashqalon magaalattii gadhiisuun akka ba'an akeekkachiiste ga'aa jira.

Gareen hidhattoota Falasxiin haleellaa Israa’el Gaazaa irratti  raawwatteef deebii jabaa kennuuf jirattonni magaala Ashaqaloon gadhiisanii akka ba'an akeekkachiiftee kan turte yommuu ta'u yeroon isaa ga'eera.

Ashqooliin alattis bilbilli akeekkachiisaa Beersheva fi Tel Aviv keessatti dhaga'amaa akka jiru himama.

Haleellaa qilleensaa Israa'el Gaazaa fi naannawa ishee irratti taassisteen lubbuun namoota qulqulluu hedduun badee jira.

Waldhabdee Hamaas fi Israa’el gidduutti Dilbata darbe eegale keessatti lakkoofsi namoota du’anii garee lameen irraa 1,750 ol gaheera.

Odeeffannoo dabalataaf nu hordofaa.https://www.facebook.com/WalabumaMediaNetwork

Walabuma Media Network

01 Oct, 18:32


Follow gochuun hordofaa.

https://www.facebook.com/100071117835489/posts/363903902656868/?mibextid=Ew1nDRTySroIIJQ7

Walabuma Media Network

18 Sep, 17:35


Walabuma Media Network pinned «Guyyaa Har'a Seenaan galmaa'e jira. Shiftoota Faannoo Aanaa Fantaalle iddoo Qorkee jedhamtu dhunfatani waggoota dheeraaf turan guyyaa har'a guutumatti buqqifamani jiru. Link Fb kana seenuun hordofaa. https://www.facebook.com/sona.oromia.1422/videos/1283…»

Walabuma Media Network

18 Sep, 17:24


Guyyaa Har'a Seenaan galmaa'e jira. Shiftoota Faannoo Aanaa Fantaalle iddoo Qorkee jedhamtu dhunfatani waggoota dheeraaf turan guyyaa har'a guutumatti buqqifamani jiru.

Link Fb kana seenuun hordofaa.

https://www.facebook.com/sona.oromia.1422/videos/1283714662518056/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Walabuma Media Network

05 Jul, 22:04


https://www.tiktok.com/@maamesabaa1/video/7252441577585380613?_r=1&u_code=e2j6ikdk2b8ibl&preview_pb=0&sharer_language=en&_d=e6lkfdjeflg458&share_item_id=7252441577585380613&source=h5_m&timestamp=1688594654&user_id=7118724294649349125&sec_user_id=MS4wLjABAAAAGvaqSJh7vuOoKkr9ordC21kE5q0QbJzL9QLXS5_4MzmxE7jqpzjQWPy_BhwjbBnT&social_share_type=0&utm_source=telegram&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7250679095724476166&share_link_id=b9d0ed3c-3d55-48cc-a839-a249a456908d&share_app_id=1233&ugbiz_name=Main&ug_btm=b8727%2Cb2878

Walabuma Media Network

05 Jul, 22:03


https://www.tiktok.com/@maamesabaa1/video/7252411767274360069?_r=1&u_code=e2j6ikdk2b8ibl&preview_pb=0&sharer_language=en&_d=e6lkfdjeflg458&share_item_id=7252411767274360069&source=h5_m&timestamp=1688594602&user_id=7118724294649349125&sec_user_id=MS4wLjABAAAAGvaqSJh7vuOoKkr9ordC21kE5q0QbJzL9QLXS5_4MzmxE7jqpzjQWPy_BhwjbBnT&social_share_type=0&utm_source=telegram&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7250679095724476166&share_link_id=f75d01b0-4379-4969-b047-07402750acfa&share_app_id=1233&ugbiz_name=Main&ug_btm=b8727%2Cb2878

Walabuma Media Network

05 Jul, 21:59


https://www.tiktok.com/@maamesabaa1/video/7252448140215782662?_r=1&u_code=e2j6ikdk2b8ibl&preview_pb=0&sharer_language=en&_d=e6lkfdjeflg458&share_item_id=7252448140215782662&source=h5_m&timestamp=1688594372&user_id=7118724294649349125&sec_user_id=MS4wLjABAAAAGvaqSJh7vuOoKkr9ordC21kE5q0QbJzL9QLXS5_4MzmxE7jqpzjQWPy_BhwjbBnT&social_share_type=0&utm_source=telegram&utm_campaign=client_share&utm_medium=android&share_iid=7250679095724476166&share_link_id=cf46e931-f9e7-4caa-9462-5be7dd468e7f&share_app_id=1233&ugbiz_name=Main&ug_btm=b8727%2Cb2878