MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY @medical_colleges Channel on Telegram

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

@medical_colleges


Qormaata exist exam fi Gaaffilee COC dhaaf nama qopheessani fi kitaabilee garagaraa link kanarraa argattu

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY (Amharic)

የጤና የቤትአገልግሎት ቤትnnየጤና ቤት እና ፈተና እንደሚወደው ጥንቃቄ አስተባባሪዎችን አስተናገድ እና የስነ-ምህረት ቤትና የተማሪዎችን ታሪኩለሪዎች መሳሪያ ለመስጠት በቤት MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY ለማስተካከል ለእናቶቻችን እና ላባሞች በባህል ነው የተለያዩ ብዙ ምርቶች በባህል የሚሰራ አገልግሎት መልኩ መጠበቅ እና ስሩጥ ነው።nnለበለጠ በልቡና የእርምጃ ምንጭፍ በቤትና በቁጥር ቤት ያላት ሳፒሊቲክስ እና ነዳጅ የተለያዩ ብዙ አመራር ለሆነ መኖሪያ ትርጉም ከሆነ አስራ እርምጃ መልኩ መጠበቅ በርስት የሚሆነውን ብራና ሀበ ቀሳው አገልግሎት ጠቃሚ አስፈላጊ አገልግሎት።nnእኛ MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY እንዴት እንደሚጠቀም የምትለዋት እውነት እና ስርጉም ለተለያዩ የጤና ቤት ዝርዝር። በትሸሽበት ወይም ተስፋ መሰረት ሊሆን የሚችል ማወቅና የመኖሪያ ምንጭፍ ልንደርስ ለማመልከት እና ለማሳመድ እንደምታስተዋል እና ለማጓን ላይ ለመመለስ የተለያዩ የጤና ቤት እና ስልክ ቦታዎች ስለሚወድድ ከፍተኛ አስፈላጊ አገልግሎት እንሆናለን።nnብዙ የውጭ ጉዞችን በአፕላይ ለመሰረት ለይዝልም የተለያዩ ቤት ጥጃችንን እና መረጃዎችን ይሰጣል።

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

21 Nov, 10:36


WAA'EE QORICHA METRONIDAZOLE
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1️⃣.Qorichi Metronidazole maali?
Metronidazole~jechuun qoricha garee nitroimidazole jedhamu ta'ee kan inifeekshinii sababa maxxantuu pirootoozawaa fi bakteeriyaa muraasaan dhufan yaaluuf gargaaruudha.

2️⃣.Qoricha Metronidazole maalif fayyadamna?
* inifeekshinii ilkaanii.
* Inifeekshinii tiruu.
* Inifeekshinii gogaa.
* Inifeekshinii onnee.
* Inifeekshinii lafee.
* Inifeekshinii sombaa.
* Inifeekshinii cabsannaalee qaamaa.
* Infeekshinii pirootoozowaa Ameebaa .
* Inifeekshinii ujummoo garaachaa fi mar'iimaanii wal-qabsiistuu.
* Inifeekshinii sammuu fi spinal kordii.
* Inifeekshinii dhukkuboota wal-qunnamtii saalaa ofi eeggannoo hin qabnen daddarbu muraasa.
* Inifeekshinii qaama wal-hormaata Dubartii ga'eettii(bacterial vaginosis) kan bakteeriyaan dhufan fi kkf wal'aanuuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Metronidazole fudhachuun durati maali godhuu qabna?
Namoonni alarjii qoricha metronidazole,Tinidazole ykn Secnidazole qabu qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
Namoonni guyyoota 14 darban keessati Alkoolii dhuganii, kan soorata ykn qoricha propylene glycol of keessaa qabu,disulfirami fi kkf fayyadamanii turan qoricha Metronidazole fayyadamuu hin qabani.
Namoonni haalota armaan gadii kan akka .......
* Dhibee tiruu.
* Dhibee kalee.
* Rakkoo dhahannaa onnee.
* Hanqina seelii dhiiga diimaa ykn dhiiga adii qabu.
* Rakkoo fayyaa sammuu fi narvii kan akka gaggabdoo, dhukkubbii mataa fi kkf qaban.
* Namoonni inifeekshinii fangasii qaamarraa qabu.
* Namoonni rakkoo dhiigaa qabaachaa turan.
* Namoonni qorichoota akka warfarin,lithium,busulfan,cimetidine ,Phenytoin fi phenobarbital jedhaman fudhatanii turan fi haalota kkf qaban qoricha Metronidazole fayyadamuun durati ogeessa fayyaa beeksisan malee qoricha kana fudhachuu hin qabnu.

#sher & #follow
👇👇👇
https://t.me/Medical_Colleges

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

21 Nov, 10:29


WAA'EE QORICHA CIPROFLOXACIN

⓵ Qorichi Ciprofloxacin maali?

👉 Ciprofloxacin'n qoricha gosa garee farra bakteeriyaa fluoroquinolone ta'ee kan dhukkuboota baay'ee sababa bakteeriyaatiin dhufan irraa wal'aanuuf nu gargaaruudha.

⓶ Qoricha Ciprofloxacin maalif fayyadamna?
Ciprofloxacin'n dhukkuboota kana gadii yaaluuf gargaara

👉 Infeekshinii ujummoo fincaanii (Urinary tract Infection)

👉 Infeekshinii pirosteetii (prostate infection).

👉 Michii sombaa (pneumonia)

👉 Dhibee sayinasii(sinusitis )

👉 Infeekshinii lafee fi buusaawwanii qaamaa (bone and joint infection).

👉 Infeekshinii gogaa

👉 Dhibee garaa keessaa (abdominal infection).

👉 Taayifooyidii (thyphoid fever)

👉 Garaa kaasaa (infectious diarrhoea)

👉 Dhibee anthrax infection

👉Dhibee cophxoo muraasaa fi kkf

⓷ Namoota Qoricha kana fudhachuu hin qabne

👉 Namoota #alarjii qoricha ciprofloxacin ykn fluoroquinolone antibiotic ta'e kan akka levofloxacin,moxifloxacin, norfloxacin fi ofloxacin jedhamuu qaban
👉 Ijoollee waggaa 12 gadii
👉Dubartii ulfaa fi haadha hoosistu
👉Namoota dhibee lafee fi maashaalee qaban
👉 Namoota dhibee sukkaraa, dhibee narvii, rakkoo onnee, dhibee tiruu, dhibee kalee, gaggabdoo, miidhaa mataa (head injury), hanqina potaasiyeemii (hypokalemia),fi kkf qaban

◍ Qoricha kana yeroo fudhannuu aannanii ykn itittuu fi dhugaatii kaalsiyeemii of keessa qabu waliin yeroo wal fakkaataa keessati fayyadamuu hin qabnu yeroo xiqqoof adda turree fudhachuu qabnaa

⓸ Qoricha Ciprofloxacin Akkamiti fudhachuu qabnaa?
👉Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajetti fayyadamuu qabna.
👉Qoricha guutuu isaa osoo hin alanfatini ykn ilkaaniin hin caccabsin bishaan baay'ee waliin fudhachuu qabna.
👉Qoricha kana erga jalqabnee booda yeroo hamma fudhatamuu qabu hamma xumurruutti jidduun dhaabuu hin qabnu
👉Qoricha kana iddoo hoo'aa ykn qorraa fi jiidhaa ta'ee irraa fageessinee kuusuu qabna.
👉Qoricha kana namoota biroo kan mallatoolee dhibee wajjiin wal fakkaatu yoo jiraatellee waliin fayyadamuu hin qabnuu.

⓹ Qorichi Ciprofloxacin miidhaalee(side effect) akkamii fiduu danda'aa?

◍ Alarjii
◍ Miidhaa tiruu
◍ Miidhaa Narvii
◍ Garaa kaasaa
◍ Gaggabdoo
◍ Miidhaa sammuu

👉Sababaa miidhaa(side effects) qoricha kanaatiin qaama kenya irratti mallatoolee mul'achuu danda'an
☆Dhukkubbii mataa(headache).
☆Dhahannaani onnee dabaluu
☆Mallatoolee narviin miidhamuu
☆Amallii ykn muudiin jijjiiramuu
☆Dhukkubbii cabsannaalee qaamaa
☆Garaa kaasaa /albaatii
☆Hafuuri ciccituu
☆Fincaan xiqquma finca'uu
☆Halluun ijaa ykn gogaa gara keellooti jijjiiramuu

#sher & #follow
👇👇👇
https://t.me/Medical_Colleges

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

19 Nov, 19:10


WAA'EE QORICHA GRISEOFULVIN
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1️⃣. Qorichi Griseofulvin maali?
Griseofulvin~jechuun qoricha farra-fangasii ta'ee kan inifeekshinii baay'ee sababa fangasii qofaan dhufan wal'aanuuf gargaaruudha.

2️⃣.Qoricha Griseofulvin maalif fayyadamna?
Inifeekshinii sababa fangasiitiin kutaalee qaama keenyaa miidhan kan akka.....
* Inifeekshinii fangasii gogaa(ringworm).
* Inifeekshinii fangasii gogaa miilaa(athlete's foot).
* Inifeekshinii fangasii gogaa mataa keessaa(fungal infection of scalp).
* Inifeekshinii fangasii qeensa qubbeeni harkaa.
* Inifeekshinii fangasii qeensa qubbeeni miilaa fi kkf wal'aanuuf gargaara.

3️⃣.Qoricha Griseofulvin fudhachuun durati maali godhuu qabna?
Yeroo qoricha kana fayyadamnu alcoolii irraa fagaachuu qabna.
Namoonnii alarjii qoricha griseofulvin qabu qoricha kana yoomiyyuu fayyadamuu hin qabu.
Yeroo qoricha kana fudhannee uffata aduu sirriti ittisu uffannu malee ifa aduu keessati mul'achuu hin qabnu qorichi kun aduun caalaati akka nama gubu godhuu danda'aa wan ta'eef.
Namoonni rakkoo tiruu qabu qoricha griseofulvin fayyadamuu hin qabu.
Yeroo qoricha kana fayyadamaa jirru gogaa infeekshinii fangasiitiin miidhame akka qilleensi gahaan bira gahu godhuu qabna. fkn infeekshinii fangasii miilaa yoo qabaanne shurraaba qulqulluu fi kophee banaa uffannee qilleensi akka sirriti bira gahu godhuu qabna.
Dubartiin ulfaa fi haati hoosiftu qoricha kana fayyadamuu hin qaban.
Ijoolleen waggaa 2 gadii qoricha kana fayyadamuu hin qaban.
Qoricha kana iddoo hoo'aa, ifa aduu fi jiidhaa ta'ee irraa fageeysinee kuusuu qabna.

4️⃣.Qoricha Griseofulvin akkamiti fudhachuu qabnaa?
Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
Qorichi kun bifa dhangala'ootiin yoo jiraate sirriti raafnee safarree fudhachuu qabna.
Qoricha kana kiiniinii guutuu isaa liqimsuu yoo dadhabnee caccabsinee bishaan xiqqo waliin bulbullee yeruma sanif fudhachuu ni dandeenya.
Qoricha kana ergaa jalqabnee booda yeroo hanga fudhatamuu qabu hanga xumurruu mallatoo dhibichaa fooyya'insa ofirrati arginani jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda'uuf.
Qoricha kana torbee hedduuf fudhachuu qabna fkn infeekshinii fangasii qeensaa guutumati wal'aanuuf ji'oota baay'ee fudhachuu qabna.
Qoricha griseofulvin yeroo dheeraaf yoo fayyadamnee gara mana yaalaa deebinee ofi ilaaluu qabna.

5️⃣.Qoricha Griseofulvin miidhaalee akkamii fiduu danda'aa?
Sababaa qoricha kanaatiin miidhaaleen adda addaa kan akka......
* Dhukkubbii mataa.
* Rakkoolee gogaa.
* Dadhabuu.
* Haqqisuu fi lolloocuu.
* Gubaa garaachaa.
* Hirriiba dhabuu.
* Jaanjahuu.
* Hoo'ii qaamaa dabaluu.
* Afaan fi laagaa keessaan a'addaachuu.
* Harkaa fi miilli dhukkubuun balbaluu.
* Mallatooleen dhiiguu garaachaa mul'isu kan akka boba'aa dhiiga of keessaa qabu ba'uu, dhiiga qufa'uu ykn haqqisuu fi kkf mul'achuu.
* Rakkoo kalee kan akka fincaan xiqquma finca'uu ykn dhabuu,miilli dhiita'uu,harganuuf rakkachuu fi kkf saaxilamuu.
* Rakkoo tiruu kan akka fedhii nyaataa dhabuu, dhukkubbii garaachaa,fincaan gurraacha'uu, halluun gogaa ykn ijaa keelloo ta'uu fi kkf saaxilamuu.
* Mallattoon dhukkuba sirna narvii, cabsannaalee qaama, gogaa fi kkf miidhaan mul'achuu fa'aadha.

👂kanaafuu yeroo mallatoolee kanneen ofirrati arginee qoricha kana yeruma san fayyadamuu dhaabnee gara mana yaalaa deemuu qabna.

Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
#sher & #follow
👇👇👇
https://t.me/Medical_Colleges

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

18 Nov, 10:26


WAA'EE QORICHA FLUCONAZOLE
^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^^
1.Qorichi Fluconazole maali?
♦️Fluconazole~jechuun qoricha farra-fangasii ta'ee kan dhukkuboota baay'ee sababaa fangasiitiin dhufan wal'aanuuf gargaaruudha.

2.Qoricha Fluconazole maalif fayyadamna?
♦️Dhukkuboota baay'ee kan sababa fangasiitiin kutaalee qaama keenyaa weeraran kan akka.....
👉Dhibee fangasii afaanii.
👉Dhibee fangasii sombaa.
👉Dhibee fangasii laagaa.
👉Dhibee fangasii qaama wal-hormaataa.
👉Dhibee fangasii affuuffee fincaanii.
👉Dhibee fangasii dhiigaa fi kkf wal'aanuuf gargaara.
♦️Akkasumas namoota dandeettii dhibee ofirraa ittisuu qaama isaanii sababaa adda addaatiin gadi bu'e irraa dhibee sababaa fangasiitiin dhufu ittisuuf gargaara.

3. Qoricha Fluconazole fudhachuun durati maali godhuu qabna?
♦️Qoricha kana fudhannee konkolaataa konkolaachisuu fi hojiilee ulfaatoo hojjachuu hin qabnuu hamma haala qoricha kanaa adda baafannuu.
♦️Namoonni alarjii qoricha kanaa qabu gonkuma fayyadamuu hin qabu.
♦️Namoonni qoricha Fluconazole fudhachaa jiru yeroo wal fakkaataa keessa qorichoota biroo kan akka...........
👉Vitaaminii A , Theophylline, methadone, fentanyl,tolvaptan,fi kkf.
👉Qorichoota farra bakteeriyaa, farra fangasii,ykn farra virasii.
👉Qorichoota dhiiga xaliilchuu.
👉Qorichoota farra-kaansarii.
👉Qorichoota kolestiroolii.
👉Qorichoota Sukkaaraa kan afaaniin fudhatamuu.
👉Qorichoota dhibee onnee fi dhiibbaa dhiigaa.
👉Qorichoota dhibee busaa.
👉Qorichoota dhibee sombaa.
👉Qorichoota dhibee sammuu.
👉Qorichoota farra dhukkubbii
👉Qorichoota gaggabdoo.
👉Qorichoota dhibee asmii fi kkf. Waliin fayyadamuu hin qabnuu.
♦️Namoonni dhibee tiruu ykn kalee, hanqina elementii potaasiyeemii dhiiga keessaa, rakkoo onnee, allargii qorichoota farra fangasii kan akka ketoconazole,intraconazole,micokonazole,posaconazole,vericonazole fi kkf qabu ogeessa fayyaa beeksisuu malee fayyadamuu hin qabuu.
♦️Namoonni rakkoo bullaa'insaa nyaata Sukkaaraa fi aannanii qabu qoricha kanaa bifa dhangala'ootiin yoo jiraatee gosa sukkaaraa sakroosii wan of keesssaa qabuuf fayyadamuun durati ogeessa fayyaatiif himuu qabaa.
♦️Dubartiin ulfaa daa'ima ishii miidhuu wan danda'uuf fayyadamuu hin qabduu.
♦️Haati hoosistuu rakkoo qabaachuu dhabuu isaa ogeessaa gaafatee mirkaneeffatu malee fayyadamuu hin qabduu.

4.Qorichaa Fluconazole akkamiti fudhachuu qabnaa?
♦️Akkaatuma ogeessi fayyaa ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
♦️Qoricha kana soorata waliin ykn soorata maleesi fayyadamuu ni dandeenya.
♦️Qoricha kana iddoo hoo'aa, ifa baay'ee qabu ,iddoo baay'ee qorraa fi jiidhaa ta'ee irraa fageeysinee kuusuu qabna.
♦️Qoricha dhangala'oo(syrup) yoo ta'ee sirriti raafnee safarree fudhachuu qabna.
♦️Qoricha kana ergaa jalqabnee booda yeroo hamma fudhatamuu qabu hamma xumurruu jidduun dhaabuu hin qabnuu dhukkubichii qorichaan wal- baree wan cimuu danda'uuf.

5.Qoricha Fluconazole miidhaalee akkamii fiduu danda'aa?
♦️Sababaa qoricha kanaatiin miidhaaleen adda addaa kan akka....
👉Onneen sardaan dhahachuu.
👉Gaggabdoo.
👉Rakkoolee gogaa.
👉Xannachii Hormoonii adreenalii qaama keessaa hir'achuu.
👉Dhukkubbii mataa.
👉Haqqisuu/Balaqamsisuu .
👉Dabbaramuu(dadhabuu).
👉Garaa kaasaa.
👉Gubaa garaachaa.
👉Miirri dhandhamaa jijjiiramuu.
👉Rakkoolee tiruu kan akka fedhii nyaataa dhabuu, dhukkubbii garaachaa,dadhabuu, fincaan gurraacha'uu,halluun gogaa ykn ijaa keelloo tahuu fi kkf saaxilamuudha.
♦️Kanaafuu yeroo mallatoolee kanneen ofirrati arginee qoricha kana yeruma San fayyadamuu dhaabnee gara mana yaalaa deemuu qabnaa.

#sher & #follow
👇👇👇
https://t.me/Medical_Colleges

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

17 Nov, 05:07


Link asiin gadii seenuun bilbila keessan itti galchuun password dhuunfaa keessanii itti godhachuu 500ETB argachuu dandeessu
👇👇👇👇
The Pocket Money Event Has Started!
Claim your free 500 ETB and withdraw instantly with VIVAGAME!
Don’t wait—click now to claim! https://www.vivabonus.top?id=MjE1NTE4NzYzNTU1NjM1Mg==&from=OTI4MzczNTc2|MjE1NDI2NDM0NDQyODU0NA==&lang=en&cid=hbcp&channel=web&cid=hbcp&channel=web

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

15 Nov, 08:24


WAA'EE QORICHA DICLOFENAC SODIUM 50MG
~\\
1️⃣
.Qorichi Diclofenac maali?
Diclofenac~Jechuun qoricha garee farra dhukkubbii fi kulkula/infilameeshiinii (Nonsteroidal anti-inflammatory drugs) jedhamuu ta'ee kan dhukkubbii,kulkula, dhiita'uu fi kkf hir'isuuf gargaara.

2️⃣.Qoricha Diclofenac yeroo yaalaaf fayyadamnu bu'aalee akkamii qaba?
     ︎Dhukkubbii mataa.
     ︎Dhukkubbii qaamaa.
     ︎Dhukkubbii yeroo marsaa laguu.
     ︎Dhukkubbii dugdaa.
     ︎Dhibee osteoarthritis.
     ︎Dhibee rheumatoid arthritis fi kkf yaaluuf gargaara.
3️⃣.Qoricha Diclofenac yaalaaf fudhachuun durati maali godhuu qabna?
Namoonni alarjii qoricha Diclofenac,Ibuprofen fi qorichoota garee NSAID jedhaman qabu gonkuma qoricha kana fayyadamuu hin qabuu.
Qoricha Diclofenac yeroo yaalaaf fayyadamaa jirru qoricha Aspirin fi qorichoota garee (NSAID) ta'an kan akka qoricha Ibuprofen,Indomethacin fi kkf fayyadamuu hin qabnuu.
Namoonni qoricha Diclofenac yaalaaf fudhachaa jiru haalota akka tamboo xuuxuu fi alkoolii dhuguu irraa fagaachuu qaba
Alcoolii baayyee waliin qoricha kana fayyadamuu hin qabnu garaacha keenya rakkoo guddaaf nu saaxiluu wan danda'uuf.
Namoonni dhibee onnee ,dhiibbaa dhiigaa, madaa'uu garaachaa, asmii, tiruu, kalee, Istirookii fi kkf qaban ogeessa fayyaa gaafatu malee  qoricha Diclofenac fayyadamuu hin qabuu.
Qoricha Diclofenac fayyadamuun Rakkoolee cicimoo akka dhiiguu garaachaa fi mar'iimaaniif nama saaxiluu waan maluuf qoricha kana kan hin baay'ifne hamma xiqqaa bu'aa qabeessa qofa ofi eeggannoon fayyadamuu qabnaa.
Qoricha Diclofenac yeroo yaalaaf fudhachaa jirru qorannaa fayyaa onnee fi kalee akkasumas dhiibbaa dhiigaa
Keenyaa deddeebinee yeroo hunda ofi ilaaluu(to'achuu) qabna.
Dubartiin ulfaa fi haati hoosistuu qorichaa kana fayyadamuu hin qabduu ogeessa fayyaa gaafatuu malee.
Ijoolleen waggaa 18 gadii qorichaa Diclofenac kana fayyadamuu hin qabduu.
Qoricha kana iddoo hoo'aa fi jiidhaa ta'ee irraa fageeysinee kuusuu qabna.

4️⃣.Qoricha Diclofenac yaalaaf akkamiti fudhachuu qabna?
Akkaatuma ogeessi fayyaa nuuf ajajeti sirriti hubannee fayyadamuu qabna.
Qoricha Diclofenac doosii hamma xiqqaa bu'aa qabeessa ta'ee yeroo gabaabaa qofaaf fayyadamuu qabna.
Qoricha diclofenac guutuu isaa osoo hin alanfatini ykn ilkaaniin hin caccabsiin bishaan  burcuqoo 1 walin fudhachuu qabna.
Qoricha Diclofenac Sooratan durati sa'ati 1 ykn soorataan booda sa'atii 2 turree fayyadamuu qabna.
Namoonni ga'eessi guyyaa tokko keessati ykn sa'atii 24 keessati qoricha Diclofenac miligiraama {50~150mg}  qoqodnee yeroo 2 ykn 3 fayyadamuu ni dandeenya.

5️⃣.Qorichi Diclofenac miidhaalee akkamii fiduu mala/danda'aa?
     ︎Haqqisuu/Lolloocuu.
     ︎Dadhabii cimaa.
     ︎Garaa kaasaa.
     ︎ Gubaa onnee.
     ︎Tempireechari qaamaa dabaluu.
     ︎Fedhii nyaataa dhabuu.
     ︎Garaan goggooguu.
     ︎Dhukkubbii mataa fi qaamni hurkuu fa'adha.
     ︎Dhiibbaan dhiigaa dabaluu.
     ︎Gurra keessaa sagalee dawwalaa dhaga'uu.
     ︎Nyaanni namarraa dalaguu dadhabuu fi kkf mul'achuu.
     ︎Rakkoon gogaa mul'achuu.
     ︎Rakkoolee onnee kan akka dhiitahuu, yeroo gabaabaa kessatii ulfaatina qaamaa dabaluu ,harganuu dadhabuu fi kkf mul'achuu.
     ︎Rakkoolee kalee kan akka fincaan xiqquma finca'uu ykn finca'uu dadhabuu, yeroo fincaanani rakkachuu ykn dhukkubuu, harkaa fi miilli dhiita'uu, dadhabiin itti dhagahamuu fi kkf mul'achuu.
     ︎Rakkoolee tiruu kan akka haqqisuu, garaa yaasaa, fincaan halluu gurraacha qabu fincaanuu, halluun gogaa fi ijaa keelloo (jaundice) ta'uu fi kkf saaxilamuudha.
     ︎Rakkoolee dhiiguu garaachaa Kan akka dhiiga qufa'uu , haqisaa buna fakkaatu haqqisuu fi kkf saaxilamuudha.

Kanaafuu yeroo mallattoolee armaan olii kana ofirrati argine qoricha kana yeruma san fudhachuu dhaabnee hatattamaan gara mana yaalaa deemnee ogeessa fayyaa beeksisuu qabna.     

   Fayyaa ta'aa. Horaa bulaa.
#sher & #follow
👇👇👇
https://t.me/Medical_Colleges

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

09 Nov, 11:04


MoH blueprint for Pharmacy Students Licensure Exam

MEDICAL COLLEGE OF PHARMACY

09 Nov, 11:03


Choice of initial drug therapy for hypertension