Itichaa Lammii @itichaalammiiburqaa Channel on Telegram

Itichaa Lammii

@itichaalammiiburqaa


✦Humni Jabaan Addunyaa kana raasu. Kan Gabromfata jalaa bilisa si baasu, Tokkummaadha Lafa jirtutti ijaaramii, Wal ijaari!
✦ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ!
ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!!
❤️💚❤️

Galeso Faji Garbabo (Afan Oromo)

Galeso Faji Garbabo is a Telegram channel that celebrates the beauty and richness of the Oromo language and culture. With a focus on promoting language preservation and cultural heritage, this channel serves as a platform for Oromo speakers and enthusiasts to come together and engage in meaningful discussions. From language lessons to cultural insights, Galeso Faji Garbabo offers a wide range of content that aims to educate, inspire, and unite the Oromo community. Join us in our journey to celebrate and preserve the essence of Oromo identity and heritage. ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ Wolabᴏᴏᴍᴛɪ! ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!! ❤️💚❤️

Itichaa Lammii

27 Dec, 15:41


🍀 #Salaale Onoota Garaagaraa irraa #kaabinoonni hidhaatti guutamaa jiru. ✓Mootummaan humna Qawwee baatee Ummataan lolu malee Kan Ogummaan Ummata tajaajilu waan hin feenef Sababa itti guurun hidhaa jiru.
          🍀 Ona #Warra_Jaarsoo
1:-Ayyalaa Mangistu  bulchaa Aanaa W/Jaarsoo kan ture.
2:-Birahaanuu Shifarraa  bulchaa Aanaa Warra Jaarsoo kan ture
3:-Adaree Galaanoo hoogganaa galiiwwanii. Kaabinee bara dheeraa
4:-.Baarrakaa Hurrisaa.  Afaan yaa'ii duranii fi Kantibaa Qarree Gohaa Duranii
5:-Birahaanuu Balaachoo Gaafatamaa partii PP Kan ture.
6:-Buzunash Dammuu
7:-Girmaa Kabbee hoggansaa Waajjira IMX
8:-Warqee Maamadoo
9:-Abdiisaa I/Aanaa Bulchaa Aanaa Warra Jaarsoo kan ture amma bulchaa Aanaa Dagam kan ta'ee jiru.
10:-Tasfaayee.  I/G/Faayinaansii duraa
11:-Fiqiruu Asaffaa
12:-Weeyinishat Manbaruu
13:-Yaazoo Warqinaa
14:-Sintaayyoo Taaddasaa. Dargaggoof Spoortii
15:-Salamoon Baanee. Bulchiinsaf nageenya duraanii.
16:-GeetuuTacaanee.  Itti Gaafatama Waajjiraa Barnoota
17:-Mogos Damee Itti Gaafatama Isoortii fi Daragagoo Duranii
18:-Gugsaa Shifarraa Itti Gaafatama Waajjira Bishaani duranii.
19:-Ayyalaa Mangistu Gaafatamaa Qabeenya fi kunuunsa naannoo
Walumaan galatti Namni soddamatti dhiyaatu Aanaa Warra jaarsoo irraa hidhameera.
          
1:-Obbo Dajanee Jaankaa Bulchaa Aanaa #kuyyuu fi Commissioner Kaasahuun yoo hidhaman, Itti Gaafatamaan paartii Badhaadhinaa Ona yaayyaa Gullallee  Obbo #Tacaan Salamoon hojiirraa Ari'ameera.
      🍀Maaltu itti Aana?

Itichaa Lammii

27 Dec, 15:41


~Waamichaafi dhaamsa!

Wareegamaaf duti wal adda ,ilmaan oromoo humnaanis haa tahu osoo hin beekin impaayera kana suphuuf lubbuun kee bakka hin mallee fi akka hin malletti badaa jiru ,milishaa irraa hanga Raayyaa ittisa biyyaa keessa jirtaniifi firoottan namoota du'a saree fi du'a seenaa hin qabne du'aa jiraniif yeroon kun murteessaadha maatii fi firoottan isaanii asumaan wanni isin quba qabaachuu qabdan ,ilmaan kee baraaruun yeroon isaa amma .

Impaayirri jigaa jirtu kun akka sirratti hin jigneef ammuma keessaa bahi ,waraana bilisummaa oromoo naannoo kee jirutti of laadhuu mana keetti gali!

Itichaa Lammii

27 Dec, 15:41


#DUULACICHOOMINAKAAYYOO

Humni Waloo Zoonii Bahaa fi Harsadee Lixa Harargee aanaa Hancaar keessatti diina adabe

ONM-ABO Muddee 27,2024  Godina Lixa Harargee  aanaa Hancaar keessatti ganama  har'aa Muddee 27 Duula Cichoomina Kaayyoo Milkeessuuf mooraa waraana faashistii PP sadii irratti tarkaanfii fudhateen mooraa keessaa ari'ee buusuun mooricha barbadeessee jira.

Tarkaanfii jajjabduu kanas humni waloo gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Bahaa Cibraa Calii Calanqoo fi  Carcar Xirroo  humna   zoonii Harsadee waliin ta'uun mooraa sadii kan  Ittisa, Saqaa fi  Dugda Qeeransaa jedhamu irratti fudhataniin waraana maafiyaa Abiy Ahimed  irraa 52 lama ajjeesuun 23  madeessee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof ❗️

https://t.me/onm_AbO11/28462

Itichaa Lammii

27 Dec, 12:54


Rasaasi afaan qawwee WBO keessaa ba'u nan dhabin waliin jennee turre kun Akka Ture dagattus inuma si qabe Irbuu

Didaa jetti isayyuu

Itichaa Lammii

26 Dec, 22:36


akkasumas kutaa basaasaatii dhufan irratti hundaa'ee meeshaa waraanaa akkamii akka barbaachisuufi humni waraanaa hangamii kan tooftaa waraanaa kamiin leenji'e kutaa waraanaa kamirraa ramadamuu akka qabu murteessee karooricha borii kana Mormuufi deggeruu isaanii ibsatanii walii galteerra gahama sana booda Hogganaa Jaarmiyaa kanaa(Jaarmiyaa Caalaa Boruuti) kan karoora borii sana dura bu'ummaadhaan raawwachiisuuf iyyata galfateef xalayaan mirkaneessituu barreeffamee innus qophii isarraa eegamtu godhee bula jechuudha!

Qaamonni miiraa Shananiifi kanneen hin beekamne hafani, waraanni dirqamicha fudhatee eegumsaaf bobba'eefi kan duraan haala karaa to'attuuf bobba'es tasumaayyuu imalicha irratti wal hin dhaban, yoo daguungoraan wal dhabdeen kanneen akka miilli kiyya lamaan wal rukutuu, gufuun lafaa miilla kiyya rukutuu, arrabni daguungoraan ilkaaniin ciniinamuu, harki ija keessaa bookee baasuuf osoo tattaafatuu ijatti quba suuquufi kkf hedduun mudachuu danda'u garuu lola ta'ee jaarmiyaa kana keessatti yaaddoo uumuu hin danda'u. Kana jechuun immoo miidhamni isa tokkoo jaarmiyaa kanaaf akka walii galaatti miidhaa akka ta'e ni amanu kanaaf wal mararfatu wal jaal'atu malee wal hin abaaran wal hin jibban wal hin miidhan. Seexxa'uu ykn jibbuun kan isaan keessatti uumamu fkn harki qulqullina isaa osoo hin eeggatin waan jaarmiyaa miidhu tokkoon gara afaaniitti yoo deeme ykn gara ijaatti yoo deeme himatanii kara seeraa caasaadhaan harka ofirraa dhaabsisanii hojii qulqullina isaa akka eeggatu godhan!

Kana jechuun halkan yeroo jaarmiyaan kun irribarra jiru harki waan biraa quba kaa'ee afaanis ta'u ija ittiin tuquu danda'a, jaarmiyni yeroo hojii mootummaatti harkaafi fuulli dursanii dhiqamanii akka qulqullaa'an ajajee qulqulleessa afaanillee qulqulleessu!
Akkasittiin an nam-tokkee muti ofiin muree ofiin murteessee murtiin koo kun yoo hojiirra ooluu baate cabseen si bal'eessa nama jedhu miti. Ati ana ala kana ilaaltee nama tokko sitti fakkaachuu danda'a dhugaa isaa yoon sitti hime garuu Seelota Biiliyoonaa ol ta'an kan tokkoon tokkoon isaanii waan hojjetani qabaniifi ajaja guutuutti raawwatanii seera beekanii naamusa qabaatanii hojii guyyuu isaanii geggeessanin of keessaa qaba.

Baakteeriyoota gosa garaa garaa kan ijaan hin mul'anne harka koo irra Biiliyoonitatti lakkaawamu kan miidhaa fidan qofaa miti kan hojii hojjetanii akkuma an lafa qotee lafa irraa jiraadhu isaanimmoo ana qotanii anarraa jiraatantu jira. Fuula kootirra Baakteeriyoota lakkaawwamanii hin dhumne kan jireenya isaanii geggeeffachuuf fuuluma kootti fayyadamanii bishaan argataniifi kanneen akkuma an lafa kanaaf miidhagina ishee eegaa itti fayyadamutti miidhagina fuula kiyyaa naaf eegaa natti fayyadamantu jira. Fangasootaafi kanneen ati quba hin qabne kan baay'ina uummata addunyaa kanaa dachaa meeqa ta'antu na waliin jaarmiyoomii kaan mormee kaan deggeree, kaan lolee kaan tolee, kaan shiftoomee kaanis waraanomee akka fedhanitti jiraachuu kan barbaadan garuu an Jaarmiyaa seeraafi sirna qabu ta'uu kiyyarraa kan ka'e warra dhorkamuu qaban dhorkee warra lolamuu qaban lolee warra adabamuu qaban adabee ofii kootii seeraaf bitamee isaanillee seeraan biteetin wajjin jiraataa jirraan baana!

Seelota hunda akka Miseensa Jaarmiyaatti akka hin daarre akka hin xaarre godhee warra Orgaanizimoota sel qeenxee narratti hirkatanii jiraataa jiranimmoo qubsiiseen sirnaafi seeraan Sooraa jira.
Yeroo tokko tokko qubattootni kun seeraan ala gaafa narratti wal horan miidhaa geessisuuf yaaluun yoo jiraateyyuu furmaata seeraa itti barbaadeetin tasgabbeessee ofirraa isaan eegaa ofirratti isaan eegaa jiraataa jira.”

Namni nama yaada itti cabsatu of biraa hin qabne, qacaleen akka Caalaa Boruu kophoomnaan kophee/qalama baafatee yk Bilbila isaa banee ‘Note’ seenee tanattanee barreessa. Yoo dubbisaan jiraateef tuni barruu anniisaa qabduudha jedheetin yaada. Anii fii Biiftuu Hundarraa Gadaa paarlaamaa dhuunfaa akkanaa kopha-kophaatti kanuma qabnutu, Bakka tokkottis waliif dhiyaanna paarlaamaa, Mana xiqqoo ka nuuf akka Galmaa...

Itichaa Lammii

26 Dec, 22:36


Wal coqqolla, Waliin waliif walumaan mormina. Wajjin galaana yaadaa daakna, wajjin sussuknee wajjin kaanna. Bona guutuu inuma fiinna, Dhukkee kaafna. Ganna gannas roobaa fii hurrii keessa yaana, Wajjin teenya wajjin kaanee wajjin deemna. Utuu deemnuufaa mucucaanna, Hin kufna hin kaana, Ni kaana ni kufna, Takka takka ciifnee achumaa dhoqqee laaqna. Walitti tallaamna, Paarlaamaa nam-lamaa, Waliin qabna, Walitti gamna. Ani Abdiisaan, Abdiisaan Tummee fii Biiftuun Hundarraa, Hundarraa Gadaas, Waliin Gadaa baana, Yaadaan kaanna, Gaara baana, Dachaa buuna, waliin duuna, Gaddaa baana, Gadaa baanna, Guddaa taana, Yaada nyaanna, Yaada banna, Ilaalcha banaan cufa yaadaa waliif banna..!

Kan nagaan nu oolche nagaan nu haa bulchu,
Horaa bulaa deebanaa!🙏😉

Itichaa Lammii

26 Dec, 22:36


Jaarmiya!

“Ogeessi mana ijaaru lafa mitiree, muka mitiree, quncee micciiree sorata maree mana ijaare. Ogeessi nama ijaare oguma cimaa qaba inni ana ijaare immoo maalin sitti himaree!

Bakkan oole akkan ooletti oolee gad ciisee irribaaf yeroon cinaacha lafaan gahu akka waan Korri Sabaa jaarmiyaa tokkoo taa'amaa jiruutti ilaali. Ganama Torban darbe, baatii darbe, waggaa darbe, kaleessaafi eda galgala akka wal fakkaataniifi walitti hidhatanitti hanqina, daguungora, badii, ciminaafi gaarommina akkaataa walitti hidhatuun gad fuudhamee xiinxalama.

Karoorri kan yeroo dheeraa kan yaroo gabaabaa, raawwiin kan karoora yeroo dheeraa, kan yeroo gabaabaa, hanqinaaleen jiran hunduu sakatta'amanii wantootni badii ta'an haala komiitiin dhihaatanii gaaffileen gaafatamuu qaban miseensota hundaafuu carraan ni kennama gaafatamanii, ajandaa keenya keessa jira moo hin jiruu osoo hin daangeffamin gaaffileen gaafatamuu qaban gaafatamanii deebii itti kennamee, kan deebiin ammatti itti kennamuu hin dabdeenye gara fuulduraatti akka itti kennamuuf carraan kennameefii karoorri kanaan duraa kan yeroo dheeraafi kan yaroo gabaabaatis kan hin raawwatamin harkifamanii dhufan akka gara fuulduraatti hojjetamuu kanneen danda'aniifi kanneen kan yeroon itti darbe yoo hojjetamanis faaydaa hin qabne gaabbiidhaan qabamanii darbu.

Sammuu kiyya keessatti gareen yaada faallaa dhiheessan hedduudha, kanneen hanqina koo qofa funaananii fidanii ittiin walgahii kana jeeqanis baay'eedha, kanneen cimina koo qofa funaananii ittiin of na fudhachiisuuf yaalanillee lakkoofsa hin qaban, kanneen hammeenyaafi bineensummaa kiyyaan guutamanii ragaa naaf dhiheessanis ni jiru isaan kun hundiyyuu gaaffiin isaanii deebii gahaa akka argatuufi ilaalchi isaanii gara fuula duraatti ajandaa mo'ataa ta'ee karaan isaan agarsiisan karoora gara fuulduraa keessatti akka hammatamuuf baay'ee tattaafatu. Walgahii kana keessa Abbaan hirrummaa hin jiru hundumtuu dabaree-dabareedhaan gaaffii isaa dhiheeffata, kan deebii kennus gaaffilee hedduu walitti qabee yeroo tookkotti deebii kenna osoo hin taane yeroo gaafatametti deebiseeti inni gaafate sun gaaffii qaxxaamuraa yoo qabaate ammuma qaxxaamursee deebii kennameef fudhatama dhabsiisuu danda'a jechuudha.

Waltajjii yaadaa kan an osoo irribni nan fudhatin ciisee daqiiqota muraasaaf geggeessaa jiru kun Caalaa Boruu yk Abdiisaa Tummee qofaa irratti miti quba hin qabdu ta'a malee guyyaa keessaa yeroo wayii atis ni geggeessita beeki.

Waltajjiin kun egaa badii isaatiif sammuun adabamee waan bal'eesse sana kan danda'u sirreessee, kan hin dandeenye itti gaabbiin of adabee, daguungora isaatiif dhiifama of gaafatee qaama alaati irratti daguungora raawwate yoo ta'es akkaataa isarraa eegamutti karoora gara fuulduraa keessatti sirreessuuf karoorfateeti, waan hanga ammaatti jiru ka xumuruu qabu xumureeti ka itti aanu Boru maal gochuu akka qabu ganamaa kaasee hanga galgalaatti, eenyufaa waliin wal arguu akka danda'u namoonni kun maal ta'uu danda'u maaltu gidduu seenee karoora kana gufachiisuu akka danda'uufi karoorichi maal akka of keessaa qabu akkasumas qophiin dursaa har'a utuu hin rafin godhamuu akka qabuu irratti qophaa'a. Karoora gara fuulduraafi ka boriitis waliin ilaaleeti guduunfa jechuudha.

Egaa karoora bor raawwatamu kanaaf qaamonni miiraa(Qondaaloti) warri shananii isin beektaniifi kan isin hin beeknes (qaamni namaa qaamota miiraa Shanan irraan alatti ka waan ittiin argu ija malee dhoksaan ni qaba, gurraan alattis ka dhagahu ni qaba, gogaan alattis ka qaqqabu ni qaba Arrabaan alattis ka dhandamu ni qaba) hundumtuu qophii barbaachisaa godhaanii kan amma qophaawuu qabu kutaan odeeffannoo ragaalee jiran keessaa kan karoora boriitiif barbaachisan itti gaafatamummaa guutuun qoratee karoora borii kana keessatti waan isarraa eegamu guutuutti raawwata, kutaan tikaas akkasuma, kutaan basaasaas waan of harkaa qabu xinxaalee waliin gahee, kutaan diinagdees karoora borii kana maal maaltu barbaachisaa, maallaqa hangamtu gahaadhaa, baasiin dabalataa meeqa jedhee xiinxalee maallaqa ramadee, kutaan Waraanaatis odeeffannoolee kutaa tikaafi kutaa Odeeffannoo

Itichaa Lammii

26 Dec, 22:33


Inbox
Mootummaan Impayera itoophiyaa Barattoota Yunibarsitii jiran irratti murtee abaarama ykn qanfaachisaa dabaarsan.

Innis Bideena tokko Fi Dabboo tokko Baraata sadii akka keennamuuf murteessan.

Aja'ibaa sobdee qulqullinaa barnoota jechuun Barattoota kuffisaa turte  amma immoo nuti  qorumsaa darbinee sababa qoonqoo keenyaf   barnoota dhisne akka galuuf akkana nu Shira kana nuratti murteessani akkas nu godha jiru jedhu barattoonni yunibarsitii.!!

Itichaa Lammii

26 Dec, 20:01


#inbox
Odeessa Bishooftuu
kaabinooni guyyaa waajjira hin ooltu Hoteelota keessaa siree qabattee hoji raawwachiiftota bilbilaan ajajajaa oolti.
Hooggantoonni waajjiraalee maraa waajjira hin seenan.
Yoo abbaan dhimmaa dhaqee gaafate leenjiidhaaf fagoo deemanii jiru ji'aa gadi hin galan jedhu warri hoji raawwachiiftotaa.

Kantiibaa ,Itti aanaa kantiibaa, Itti gaafatamaa waajjira kantiibaa fi itti gaafatamtoonni sekteroota maraa erga waajjira seenuu dhiisanii turaniiru.
Kunis sodaa WBOtiifi.

Itichaa Lammii

26 Dec, 19:47


~Dhaloonni Imaanaa Hin Aloofne Of-Harkaa Qabu Ayyaantummaa Cichitoota Qulqulloota Kaayyoo Kaleen Tikfama!

Ayyaantummaan qulqulloota kaayyoo warri kalee dhiigaaf lafeen xurree qabsoo tattaraaree, gatiin dafqa dhiigaa jaallan keenya qaqqaalii qaanqee qabsoo bilisummaa Oromoo qabsiisuuf coccobee sun har'a  tiksee fi riqicha injifannoo qabsoo keenyati. Imaanaa hin aloofneefi Irbuu hin ligidoofne gatii dhiigaaf lafee harkaa qabna.

Wadaroon jaallummaa naamusaaf sansakkaan kuulame, miciraan Oromummaa lafee angafootaan utubame, sabboonummaan dhiiga Oromootaan bakkaayyuu mirgise, safartuun gootummaafi tikseen injifannoo qabsoo bilisummaa Oromoo ayyaantummaa qulqulloota kaayyoo wareegamtoota qabsoo keenya kaleessaati. Imaanaa warra kaayyoo hinsharafnee qulqulloota qabsoo kalee nutis utuu hinsharafiin galmaan gahuuf aarsaa qabsoon gaafattu of-qusannaa tokko malee baasuuf  falma gubbaa jira.

Gadaan kun gadaa ilmaan dantaa sabaaf warraaquuti, warra fiingee qabsoo bilisummaa Oromoo Jaal Elemoo Qilxuun afuufamte dhaale, dhaloota sagalee rasaasaa yeroo jalqabaaf qabsoo bilisummaa Oromoof jecha Harargee Xirootti dhukaate fufsiisee qabsoo bilisummaa Oromoo injifannoon goolabuuf hadheeffateeti. Gadaa dhaloota waanjoo gabrummaa ganna 160 Oromoof Oromiyaarra bubbule dhiigaan buqqisee Oromiyaa walabaa ijaaruuf baroodee kokkee diina qabaa jirudha.

Dhaloonni kun ayyaantummaa qulqulloota kaayyoon tikfamee shakkii tokko malee amna dheertuu dhiigaaf lafeen itti gabbaramte injifannoon irra ni aana. Dhaloonni kun dhaloota didaa gabrummaaf tole hinjenne boorrataa booree baasu, dhaloota rasaasa qabsoo bilisummaa Oromoof dhukaate sanitti xumura tolchudha.

👉Fiingeen Bilisummaa Oromoo Kaleessa Jaal Elemoon Afuufamte Gadaa Dhaloota Cichaa Kaayyoo  Kanatti Xumura Argata!

Gadaan Kun Gadaa Dhaloota Jiileeti!
Gamtaa WBO

Itichaa Lammii

26 Dec, 19:46


Waan Dhuka qabu kana Dubbisaa mee!
=================================
"Aabboo yaa sanadii
Biyya Kee roobe
dhakaan Aannan Adii "
Yoo dalagaan Warra Ayyaantuu bara keenyaa jedhu dhageechanii beektu ?
Gabaabinaan Dubbiin isaa akkana:-
👉Ayyaantuu Qaccee Warra Mutuluu Raayyaa kan ta'e Katoo Bantii Jiloo jedhamutu Jiddaa ka'ee siiba qaxxaamuree ,Goona keessaa qubate.Magaalaa Maqii irraa gara harka lixa Biifutti biyya Seera jedhamtu achitti buufata godhate.Lafa namaarra waan qubateef lafa maqaa isaatin waamamtu argachuuf baalabbata yeroo saniitti nama ergate.
#Waliin dubbii Ayyantichaatifii Baalabbatichaa
**Ayyanticha ;Lafan Galma irratti ijaarradhu naa kenni
**Baalabbaticha,;Lafti hin jirtu.
**Ayyan..;lafti hin jirti naa kenni ammaa kan irra jiru lafumaa
**Baal....,hin jirtu siin jedhe hin jirtu .
**Ayyan,,sirraa dhabee deemuree
**Baal,, yoo deemte Maarree Waaqatu Rooba dida moo Laga Maqiitu addaan cita?
**Ayy..Hayyee deeme jedhee waaqatti dhaammate waaq argii dhaga'i, lafa jirtuu hin jirtu naan jedhe ,waan naan deemu hin beeku ati hin wallaaltu lafa osoon qabuu kadhattu na goote bakka ati na qubachiiften qubadha jedhee dallansuun deeme. Arsii laale godaane.
Biyya Foosho jedhamtu buufate ,otuu inni achi jiruu galmeen baalabbatichaa hojjiirra oole.
Waggaa tokkoof waaqni hin roobne.
Lagni Maqii addaan cite. #Goona Maaltu kana fidee wal Gaafate .deebis walii kenne .#Dallansuu ayyantichaa ta'uurratti walii galan .Baalabbaticha dubbisanii Ayyanticha Araarfachuu fi kiisuu akka qabanirratti walii galan .Arrab-qareechi ajabiin Foosho buufata ayyantichaatti of arguun lallabatan ,"Dhugaatu Si barbaade
naa koottu bakkatti naa gali "....
"Erga dhugaan na barbaaddee sii dhufe sii gale" ...
Faradoon ajjabiin ayyanticha fuutee
Seeratti deebite
Ayyantichi Akkuma dirree San ga'een
"Yaa waaq araar jedhe" eebbifate ,kadhate.
#Waaqa Adii Roobu agartanii ?
Bona kaakkee Ganna godhe
Lagni Maqii dheebuu baasu ofiifuu dheebotee daaraa bukkise garaan jiidhe.
Doloollon quuftee irraan tufte
Sagaleen Raachaa na dhageeffadhaa jedhe
Amane moo hin Amanne ?
#Baalabbaatichi "Lafa Wantaa 5 sii kenne" jedhee arrambattii keessatti lallabe. Dacheen Goonaa Jiituu biyya quufaa quufa ofitti deebise, Galma Ijaarratee.
#Galma Warra Abbaa Seeraa ....Dandeechu har'a dhaqii laali.
Guutii hunda erga xummuree boodagaa kan inni #Arsii Boqqojjiitti imale .Laga Kataaraa Cinaa buufate
Bara baay'ef Roobni caame ture ,hongeen sa'aa nama miidhera .#Biyya naa waama jedhe waamsifate .Daa'aa-Daa'imni wal ga'eef biyyi akka falamuu qabu itti hime , jalaa dhaga'anii kormaan falan. Ardii Biluun ga'ee
Samii ciincan ga'e .
Dallansuun ayyantumma Malkaa Tulluu dhiisi kiisidhaan Araara ta'ee ,kinoo Roobni Cabalaqee sa'aa namni ,mukaa magri quufe.
#Manguddoon Arsii Walitti yaatee Shillimaata jedhaniinii Lafa Wantaa 9 kennaniif.
Arsii Boqojjii
Laga Kataaraa Maddii
#Warra Abbaa Seeraa jedhii Gaafadhu Isliminnaa fudhachiisan .
Haata'u dhugaan dhugaadhan osoo gara Dirree sheek Huseen muudaf deddeebi'uu geettin isaa geeche.
Akka dabruu hin dandeenye beekera,kan nama dinqummoo guyyuma muudaf deeme achumatti ta'uu galeef ,gumaa'ee deeme, achi ga'ee waan inni eegee turetu raawwate .
Akka seera muslimaatti fi dirree muudatti namni achitti Geettin geeche achumatti totolfama .Sheekonni mari'attee babbareechudha osoo deemanuu "Samiidhaa waan akka Hurrii fakkaatu saaphaphuu waaqaa jedhan itti gadi dhufee harkaa fudhate.
Sheekonni waan itti bu'e wallaaltee ,manni miidhagina namaaf qophaa'e banaa hin taa'u jechuun biyyee itti deebisanii. Akka seera amantii islaamatti dhagaa irra dhaaban.
Dubbiin as jirti #dhagaa kanatu akka dhagaa warra kaanii ta'uu didee ,biqila
dheerinni isaa guyyaarraa guyyaatti dabalaa deeme .
Sheekonni waan kana argaa oolan itti inaafan ,itti aaran ,"akkamitti sheekoonni bebbakamoon asitti awwalaman dhagaan isaanii osoo taa'uu kan sheeka as dhihoo dhufee kun adda ta'ee biqila"? jedhanii cacabsanii balleechuu akka qaban walii galan ,burruusa guurratanii itti ba'an ni tuman ,akkuma isaan takka rukutaniin cabuu dhiisee dheerina dabala.

Itichaa Lammii

26 Dec, 19:46


Isaan rukkatta itti baay'ifnaan #olsiqee baajii baase .Baajiin gara tokko Dhiiga buuse, Baajin gara tokkommoo Aannan buuse ,Baajin gaafa Loonii dagla ba'e jechuudha.
Dandeechu Dhaqii laali
Isa kanagaa Ayyaantuun haadhe Warra Sheek Huseen
Aabboo yaa sanadii
Biyya Kee roobe
Dhakaan Aannan Adii jedhanii
Oogliyaa damee shek Huseen ittiin faarsatu .
Ittiin jajatu .
#Ayyaantuu Tuulama ,Galaan
Warra Kuraa Jiddaa
Qaccee Mutuluu Raayyaa
#Katoo Bantii Jiloo.

Galmeen seenaa quba haa qabaatu...🥺
Warra Kuraa Jiddaa irraa! 🙏

Itichaa Lammii

26 Dec, 19:46


ABOWBOn akkasiin Diina isa ajjeesuuf dhufte #Boojiyee Waraana Keessa dhaabbatee wallaansa Madoo Suphuu #Bilxiginnaaf taasisaa jira. ABOWBOn Gaachanni #Sabaa fi #Sablammii gaanfa Afiriikaa Bara baran mo'ee waaree dagaagee dhanga'ee Haa Jiraatu jedhimee se'a tokko!!

Itichaa Lammii

26 Dec, 19:21


IRBUU!!

Gaafa mee gaafa gaafaa
Gaafuma irbuu seente
Irraa maqu irran dabu
Xurree kanarraa jettee
     Of amansiistee sammuu
     Guddina irbuu bartee
      Bu'aa fii miidhaa isaa
     Kan darberraa agartee
Erga eegaltee daandii
Xurree irbuun qajeele
Garaan kee daba yaadee
Maalif hamaa kajeele
       Irbuun bar qajeeltoodha
       Daandii irrat kan si tiksu
       Ati xurree irraa maqnaan
       Diina godhee si dhiigsu
Kanaafuu hin sharafin
irbuun lubbuudhaan gitaa
Lubbuun suuqii hin jiru
Utuu jiraatee hin bittaa
        Eega ciniinte rasaasa
        Ciniinnadhuu eegi irbuu
        Garaan kee sin dharra'in
        Gantootaa wajjin sirbuu
Akkuma ilkaan kee qabe
Rasaasicha jabeessee
Sammuun kees haa qabatu
irbuu seente hammeessee
        Akka qoosaatti hin laaliin
         Waa'een irbuu hin cimee
         Baayyeetu isa sharafee
          Boolla hin galletti dhidhimee

Jaal Gurraacha󱢏

Itichaa Lammii

26 Dec, 19:20


Gabaasa Tarkaanfii ONM-ABO Muddee 26-2024 itti dhiyaadhaa!
� Guutuu Tarkaanfii  Lixa Shaggar Aanaa Noonnoo Keessatti Birgeediin Bakakkaa fi Ibiddaa Fudhatan

� Dhaamsa Itti Gaafatamaa Damee Dantaa Waraanaa ABO-WBO Jaal Eebbisaa Raatessaa �

Itti Dhiyaadhaa�
Arraata  Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
https://t.me/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa�

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 20:58


Oduu Tarkaanfii ONM-ABO Onkoloolessa 21-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
https://t.me/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa�

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 20:53


SI YAADANNA!

Guyyoonni lakkaa'amanii torbanitti dabarsuun, torban immoo ji'ootaan ga'anii, ji'oonnis waggootaan lakkaa'amanii dabaree dabareen walitti dabarsuun guyyaa abaaramtuu sana ga'an. Guyyaa dukkanooftuu jiruufi jireenyi natti golgolaa'e sanatu godaannisa kiyya tumatee folloqsuuf qaxxisa. Cabaafi eelaa keessoo diiguun waan ta'e hunda na yaadachiisuuf wirriiqqata. Guyyicha arguuf osoon fedhii hinqabaatiin yeroon yerootti darbatee dabarsuun yaada natti duulchisuuf ifaaja.

Egaa, waanan jedhu dhabee afaan na ukkaamfamuun akkaataan itti ibsu jechoota najalaa hanqisus, daandii Jaallan kaleessaa waan hin sharafneef gootummaan kee bara baraan onnee koofi onnee saba guddaa kana keessa jiraata. Seenaa kaa'uun kaayyoo kee galmaan ga'attee jirta.

Garaan kiyya obsa fixatee barumaan ciniinnachaa jiraata. Gadoon na keessatti kuufamee na qirqira. Yaada na balleessee yaaddoo na yeelalchiisa. Gaddi jireenya dhaalee gadadoon na gadoocha. Iji koo dhiiga rooba. Akka waanan sagalee kee dhaga'uun gurra qeensaa hafe. Taa'ee ka'us yaanni waa'eedhuma keeti. Sekoondiif illee ija duraa nan baddu. Akka waanan si arguu iji na sirba. Ati garuu, ni baate malee hingalle.
Shira firaafi ormaan nyaatamte. Dhiiga keeti si kenne. Cichoominaafi murannoo ati agarsiiste dhalootaaf fakkii bara baraati. Kaayyoo jalqabde galmaafi xumuraa itti gooteetta. Hin komatamtu. Imaanaa sabaa sirnaan ba'atteetta. Gufuufi gufaata qabsoo kee keessatti si mudatan mara qabsoodhumaan furaa daandii haqaa irratti of kitimte. Siifi fakkaattota keetu qabsoo bilisummaa Oromoo itichee asiin ga'e. Umurii ijoollummaan kichuutti cittus sabichaaf bu'aan ati buuste lakkoofsaan oli. Osoo xiqqoodhuma ishee lafa kanarra turteetta ta'ee silaa waan raajii arginee dhageenya.

Egaa Waaqaan hin lolan. Waan hunda isatu harkaa qaba mitiiree? Akka inni godhetu ta'a. Isaan ala jiraachuun jireenya waan hintaaneef, waanuma inni jedhu tole jennee fudhachuu qofa. Bara tokko immoo boojuun nuuf deebi'ee, gumaan keefi Jaallan keetii dachaa dachaa dachaan yeroo itti ba'u inuma jira. Hangasitti immoo of duuba hin jennu.

Daandiirraa maqxee irbuu Jaallanii hinsharafne. Imaanaa gootota kalee galmaan geesseetta. Saba kee akka mataa keetti jaallattu lubbuu kee ishee tokkittii of wareegdee aarsaa of kaffalte. Gatii ati baafte seenaan galmeessee jira. Gootako, saba ofiif dhabamuu caalaa wanti nama gammachiisu hinjiru.

Ejjennoo dhugaan garbummaa balfitee daandii haqaarratti wareegamte. Gootummaan kana caalu hinjiru. Si'achi anatu garakee dhufa malee tasuma gara koo hindhuftu. Jajjabina ati namaaf gootu fira mitii alagaanuu ragaa ba'a. Namni nama dagata. Ati garuu, sammuu keessaa nadhabdee hinbeektu. Gumaa kee anaafi saba ati jaallattu kanatu baasa. Kaayyoo ati irratti wareegamteef, wareegamnee galmaan geenya!

Maatii ati keessaa baate si dagachuu waan hindandeenyeef, eelaa keessoo keenyaa laboobu osooma iji kee argee maal jetta laata? Jechootatu si duraa badaa laata? Shakkii kooti. Haati kee biyya hambaatti yaada keen bifa buqqistee gadadamti. Obboleeyyan kee fi maatiin kee hundi si yaadataa jiraanna. Eelaa nutti taate. Jechoota meeqa filadhee yoon barreesse illee bakki nan ga'u. Asumarrattin dhaaba. Nagaatti ilmako!

Boolla kee bookni haa guutu!
Fuulli Waaqaa sitti haa tolu!

Bara baraan si yaadanna!
Ana abbaa kee Jaal Gumabaas Sabaati.
Injifannoon uummata Oromoof!

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 20:49


Qophii Addaa ONM-ABO Onkoloolessa 20-2024 itti dhiyaadhaa!
Arraata Biyyoolessa Oromiyaa:-
Twitter:-
https://twitter.com/ArraataO
Telegram:-
https://t.me/onm_AbO11
YouTube:-
https://www.youtube.com/channel/UCFaKSG_I_GRhpw-VNhBEKbw
Rumble:-
https://rumble.com/c/ONM
Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa Afaan Saba Oromoo fi Qabsoo Bilisummaa Oromooti.
Yaadaa fi qalbii guutuun hordofaa�

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 20:47


Channel photo updated

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 20:26


#Oduu_Ammee
#Finfinnee
Shirri tika PP itti fufee jira
Magaalaa Finfinnee naannawaa Markaatoo bakka addaa 'Shinkurt barandaa' jedhamutti balaan abiddaa guddaan mudateera.

Hojjattoonni ittisa balaa abiddaa namaafi qabeenya irra miidhaan guddaan akka hin qaqqabneef tattaaffii gudda

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 18:38


Waggaa Shanaan kana jeessa jabina WBOn alatti waan diina rifaasisee Diinaa moonaa Qabsoo keessatti ijaarrateen WBO cabsuu yeroo kamiin olitti Aggaammii walitti fufiinsaan godhee milkaa'u dadhabuu isasti.
Diinnis warra waadaa sobaa galeefi Gulalleetti galchee warra irbuu hin sharafnuu jedhaan hidhaa hamma lubbuu kennaan warri irbuu sharaafaan immoo aangoof Qabeenya ittin horataan karoorrii QBO fi WBO hoggansa malee hambisuuf itti yaadamee tooftaan shirring xaxamee sun yeroof moonaa Qabsichaatti raafama fiduuf yaalanillee hin milkoofne. Caalaattuu Hoggaantoota Qaroo fi Mul'ata Qabaan hedduutu miixuu yeroo muddamaa sana keessa biqile... Diinni ni badaaf WBO egaa turee jiraachuu impayerichaaf sodaa ta'uu kan dubbatan ta'ee mul'atee...

Yeroo qormaanni Qabsoo keessatti simudatuu..
1. Lootee seentuu
2. Hayyaan Laallattu
3. Kanneen Qacalummaa
    siyyaasaa qaban Fuula midiyaa hawwasaa irratti ba'uun Xiinxalaa of fakkeessu yaalu...

Oromoon ni falmatee, waraana ofii ijaarratee, biyya isaa sodachisuu irratte ijaramtee keessatti kabajaa qawween dhabee qawweea deefachuutti xiyyeeffate irraas milkaa'ee, kanatu adda ta'ee namoota hedduutti gaaffi ta'e...

Booyyee fi yeeyyiinis Carraa argataanii midhaan sabichaa sammachuuf Imaaltuu qabsichaa of fakkeessanii  Qabsootti makamu...
Olooltuu fi bololtuu hundumaa Dandaa'ee Rooba rasaasaa fi humna lafoo fi qilleensaa danda'ee WBO inni ammaa ammatti lubbuu sabaaf wareegaa jiru, Galma Kaayyichaa ga'uuf humni isaa hanqisuu hin jiru...
    ============
Gootota Wareegama.
Jaallaan Cufaa
Qabsoo Haqaa!!!
Sabaa Qabsichaaf jaarraa ol dhiiga ilmaasaatiin Falmatuu Amanamaa Ta'ii..

   Jaa Jaal Siinaan Tumsaa

           Baaroo Tumsaa

Galeso Faji Garbabo

21 Oct, 18:38


KIBBA BAHA OROMIYAA:

Godina Arsiitti Maanguddoon waggaa 180 ol jiraatan du'aan boqotan

Umurii dheeraa nama aja'ibsiisu jiraachuun beekamtii adda addaa kan argatan maanguddoon Oromoo obbo Daaluu Jaarsoo du'aan boqotan.

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nansaboo Ganda Gataa Diriiri kan ta'an obbo Daaluuu Jaarsoo Waggaa 181 booda kaleessa Onkoloolessa 20,2024 lubbuun darban.

Hanga jiraatan kana keessatti baayyina maatii 500 olii horaniiru jedhame. Kanaanis nama jalqabaa maatii hedduu horate ta'aniiru. Obbo Daaluu Jaarsoo ilkaan fayyaa akka qaban, isuma dhiyeenya waan akka akaayii nyaachuu akka danda’an himamaa ture.

Dhaabbata galmee dinqisiisoo Afrikaa irraas badhaasa beekamtii umurii dheeraa jiraachuu fudhataniiru. Namni tokko waggaa hanga kana jiraachuu baramaa miti. Inumaa jaarraa tokko lakkoofsisuun bara ajaa'iba ta'etti isaan jaarraa lama jiraachuuf jala gahanii ture. Maatii isaanii maraaf jajjabina haa laatu jennna.

Galeso Faji Garbabo

20 Oct, 19:10


~Mukni Ija Qabu Mukeen Isa Marsanii Jiraniin Hin Moorkatu, Callisee Guddina Itti Fufa!
~~~~~
Uumamni waa'ee guddinaa waan hedduu nu barsiifti, keessattuu mukeen irraa waan guddootu baratama. Mukni guddinarra jiru tokko guddachuuf mukeen biroon hin Moorkatu ittiinis hindorgomu fakkaachuufis of-hindhiphisu. Guddinni mukicha ofitti-amanamummaa fi wal'aansoo of-irratti hirkannoo of guddisuuf taasisu qofatti murta'a.

Mukni kamiyyuu xiyyeeffannoo guddinaaf qabu humna dhokotaa keessoo isaarratti hunda'a. Hidda isaa lafa keessa gadi fageessee guddatee samii dhaqqabuun xiyyeeffannoo mukichaati. Maleessaa haalota naannoo isaa marsanii jiraniin guddinnisaa hindaanga'u.

Quba qabaadhu! Imaltuun qabsoollee kanarraa adda miti. Safartuun imaltuu qabsoo keenyaa humna dhokotaa akka ibidda saafaa onnee keenya keessaa belbeluun malee gatii ykn ulaagaa haalonnni nu marsanii jiran nuuf ka'an ykn nuuf kennaniin miti.

Xiyyeeffannoonkee guddina ofiikee irratti haata'u, gaafas waan hindanda'amne dandeessisuuf ulaa kamuu cabsitee darbita. Namoota biroon dorgomuun dorgee ala nama baasa. Abjuuf mul'ata namaallee maseensa.

Kanaaf, mo'aa mo'attootaa ta'uuf atis akkuma mukaa callisaan hiddakee lafa keessa gadi fageeffachuun gara kaayyoof akeeka milkeessuuf fedhii dhuunfaakee awwaalteetti tarkaanfadhu. Mukni ija qabu gadi jedha jedhu mitiiree?

Galeso Faji Garbabo

20 Oct, 19:10


𝐁𝐫𝐞𝐚𝐤𝐢𝐧𝐠 𝐍𝐞𝐰𝐬
𝐆𝐚𝐧𝐭𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚 𝐀𝐁𝐎 𝐖𝐁𝐎 𝐭𝐢𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐥𝐝𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐭𝐮𝐫𝐭𝐞𝐞 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐢𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐚𝐫𝐚𝐦𝐮𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐦𝐨𝐨𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐚𝐭𝐢 𝐝𝐞𝐞𝐛𝐢𝐭𝐞𝐞 𝐚𝐦𝐦𝐚𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐛𝐢𝐟𝐚 𝐭𝐢𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐰𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚 𝐚𝐫𝐟𝐚𝐧𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐨𝐛𝐛𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐣𝐢𝐫𝐭𝐮 𝐨𝐝𝐞𝐞𝐬𝐬𝐢 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐧𝐮 𝐪𝐚𝐪𝐚𝐛𝐞𝐞𝐭𝐭𝐢 𝐞𝐫𝐠𝐚𝐦𝐚 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐛𝐨𝐛𝐛𝐚𝐭𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐭𝐮 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚 𝐚𝐦𝐦𝐚 𝐭𝐚'𝐞𝐞𝐧 𝐢𝐬𝐢𝐢𝐧𝐢𝐢𝐟 𝐪𝐨𝐝𝐚 𝐡𝐚𝐲𝐲𝐚𝐭𝐚𝐚𝐧 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚.
𝐰𝐚𝐫𝐚𝐚𝐧𝐚 𝐝𝐢𝐫𝐫𝐞𝐞 𝐣𝐢𝐫𝐮 𝐬𝐨𝐬𝐨𝐛𝐛𝐢𝐢𝐧 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐦𝐨𝐨𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐢𝐢𝐧𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐝𝐚𝐪𝐬𝐮𝐮
𝐪𝐞𝐞𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐛𝐢𝐥𝐢𝐬𝐮𝐦𝐚𝐚 𝐟𝐢 𝐦𝐚𝐚𝐝𝐡𝐞𝐞 𝐬𝐚𝐬𝐚𝐛𝐮𝐮
𝐟𝐢 𝐤𝐤𝐟 
𝐡𝐨𝐣𝐣𝐞𝐜𝐡𝐢𝐬𝐮𝐮𝐟 𝐠𝐚𝐫𝐚 𝐠𝐨𝐝𝐢𝐧𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐚𝐫𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐠𝐚𝐝𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐛𝐨𝐛𝐛𝐚'𝐮𝐮𝐟  𝐣𝐢𝐫𝐭𝐢
𝐇𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐠𝐮𝐝𝐝𝐮𝐫𝐮𝐮
𝐰𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚 𝐛𝐚𝐡𝐚𝐚 𝐠𝐨𝐝𝐢𝐧𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐟𝐮𝐝𝐡𝐚𝐭𝐭𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧 𝐛𝐨𝐛𝐛𝐚𝐚𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐣𝐢𝐫𝐭𝐮 ,𝐀𝐤𝐤𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐢𝐬𝐡𝐢𝐢 (𝐁𝐚𝐚𝐣𝐚𝐚𝐣𝐢𝐢) 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 (𝐉𝐚𝐚𝐟𝐚𝐫) 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐚𝐚𝐧𝐚𝐚 𝐛𝐞𝐠𝐢𝐢 𝐛𝐮𝐥𝐜𝐡𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐦𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐤𝐨𝐛𝐨𝐫 𝐛𝐢𝐫𝐠𝐞𝐞𝐝𝐢𝐢 𝐛𝐚𝐤𝐚𝐤𝐤𝐚𝐚 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐮𝐫𝐭𝐞 𝐦𝐢𝐬𝐞𝐞𝐧𝐬𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 40𝐤𝐚𝐧 𝐨𝐟 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐮 ...𝐡𝐨𝐫𝐫𝐨𝐨 𝐠𝐮𝐝𝐮𝐫𝐮𝐮𝐟𝐢 𝐰𝐚𝐥𝐥𝐚𝐠𝐠𝐚𝐛𝐚𝐡𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐡𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐟𝐢 𝐣𝐚𝐫𝐫𝐞𝐞𝐧 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐣𝐚𝐛𝐞𝐞𝐬𝐬𝐚𝐚..

𝐈𝐭𝐭𝐢 𝐟𝐮𝐟𝐮𝐮𝐧
𝐆𝐢𝐦𝐛𝐢𝐢
𝐝𝐚𝐦𝐛𝐢𝐝𝐨𝐥𝐥𝐨𝐨 𝐠𝐨𝐝𝐢𝐧𝐚𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐤𝐚𝐧𝐚 𝐥𝐚𝐦𝐚𝐚𝐧 𝐚𝐦𝐦𝐨𝐨 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐢𝐭𝐭𝐢 𝐠𝐚𝐚𝐟𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐪𝐚𝐛𝐬𝐨𝐨 𝐢𝐬𝐡𝐢𝐢 (𝐃𝐚𝐲𝐲𝐚𝐚𝐬) 𝐦𝐚𝐪𝐚𝐚𝐧 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐨𝐨𝐭𝐚 𝐢𝐬𝐡𝐞𝐞 𝐙𝐚𝐝𝐝𝐢𝐢𝐧𝐞𝐞 𝐝𝐡𝐚𝐥𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐠𝐚𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐦𝐮𝐠𝐠𝐢𝐢 𝐤𝐚𝐧 𝐭𝐚𝐡𝐞 𝐦𝐢𝐬𝐞𝐞𝐧𝐬𝐚 𝐧𝐚𝐦𝐚 40 𝐤𝐚𝐧 𝐨𝐟 𝐣𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐪𝐚𝐛𝐝𝐮  𝐡𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐭𝐢𝐤𝐚𝐚 𝐡𝐨𝐣𝐣𝐞𝐜𝐡𝐮𝐮𝐟 𝐛𝐨𝐛𝐛𝐚𝐡𝐮𝐮𝐭𝐭𝐢

Galeso Faji Garbabo

20 Oct, 14:23


Waamicha
Jaarmayaa ABO-WBO Idil-Addunyaa GY-FDG
Sadaasa 09/2024,
Irraa hin hafinaa!!

Galeso Faji Garbabo

20 Oct, 13:24


~SOCHII SOMAALE.ONKOLOLESSA 2024.

Magaalaa jijjigaatti onko 10/2024 halkan rakkoo uumamee. Akka jedhamutti humna addaa naannoo somaaleetu RIB magaalicha keessa jiruutti marsee waan jedhudha.

Sababni Rakkoo mootummaa finfinnee fi Jijjigaa gidduutti dhalateef, teessoon mootummaa naannoo somaalee Godeetti galu; Jijjigaan ammoo federaala jala akka galu irratti waliif mallatteessanii amma immoo musxafeen waliigaltee kana diigee jiraachuu isaatu madda rakkichaa tahuu himama.

Kanumaan hordofee lafoota harargee bahaan waldaangeessu, Aanaa gooroo guutuu bakkoota akka Bikkee fi Goota jedhaman irratti humni Somaalee onk 15,16,17/2024 lola bantee dhukaasa turte. Goota iddoo jedhamu kanatti guyyaa afuriif lolli godhamaa jira, bikkee iddo jedhamu guyya kaleessa onk 18 horii Oromoo hedduu saamanii jiru.Hawaasni isaanis keessumaa somalee gosti ISA huccuu alabaa jibuutti qabu uffachuu dhan dhaadannoo “nuti Itoophiyaa jalatti hinbulluu; jibuuti jalatti bullaa” jedhu dhaadachuutti kan jiraanii dha yeroo kana keessa.

Magaalaa Dire Dawaa keessattis qophii guddaa godhuu irratti argamu murni Somaalee kuni. Onk 15 gajaraa waliif qoodaa turanii kan jiranii dha. Meeshaan waraanaas bifa kotorobaaddiin seensifamaa kan jiruu dha. Qajeelfamni murna Somaalee gosa ISA kuni jibuutii irraatti kennamaa jira.
  ~Warri dirree haala jiru itti dhiyeenyaan hordofaa!

Galeso Faji Garbabo

19 Oct, 16:01


WBOn Zoonii Kibba Bahaa fi Zoonii Bahaa waliin ta'un waraana faashistii Bilxiginnaa du'aa fi madoon adabuu beeksisan

ONM-ABO Onkololeessa 19,2024 Irree fi  gaachanni sabaa WBOn godina Arsii Bahaa aanaa Shanan Kooluu  keessaatti diina sakattaa WBO jedhuun humna guddaan godina Lixa Harargee aanaa Hancaar fi aanaa Daaroo Labuu akkasumas aanaa Shanan Kooluu irraa bobbaate guyyaa kaleessaa Onkolooleessa 18,2024 fi guyyaa har’aa Onkoloolessa 19,2024 ganama sa'atii tokko hanga guyyaa sa'atii 6:23 haleellaa geggeesseen injifanno boonsaa galmeesee jira.

Haaluma kanan Onkolooleessa 18,2024 gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn humna waloo Zoonii Kibba Bahaa fi Zoonii Bahaa aanaa Shanan Kooluu ganda Caphii Qammee iddoo addaa Qorii jedhamu irratti haleellaa taasiseen hedduu du'aa fi madoon adabuun galaa isheen fe'attee deemaa turte harka yoo buusu, lolaa guyyaa har’aa Onkolooleessa 19,2024 haaluma wal-fakkaatuun aanuma Shanan Kooluu ganda Campii Qammee iddoo addaa Qorii jedhamtutti haleellaa geggeesseen loltootaa Bilxiginnaa 20 ajjeesuun 50 madeesseera.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 2 hidhannoo guutuu waliin irraa hikuun moonaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godhee jira.

Akka gabaasni  dirree lolaa ibsutti loltoonni faashistii PP lolaa kana irraa hafte gara aanaa Hancaar irraa hanga magaalaa Machaaraatti ganda aanaa Shanan Kooluu ganda Qorii irraa hanga magaalaa aanichaatti akkasumas Gaara Dindin irraa hanga magaalaa Hancaaritti osoo wal hin dhuunfanne akkuma baqattetti harca’aa osoo reeffa ishee hin guurrattin dachaatee jiraachuun barameera. 

Injifannoon Uummata Oromoof !

Galeso Faji Garbabo

17 Oct, 19:39


~Namni Kaayyoo Guddaa Galmaan Gahuuf Dhalate Matumaa Waan Xiqqootti Of Hin Murteessu!
~~
Guddinniifi milkaa'inni akka salphaatti hindhufu. Ammoo daandii qaxxaamuraanis hin argamu, argamus umurii hinqabu. Galma gahiinsi wanta guddaa  rakkinaaf bu'aa ba'ii ulfaataa wal'aansoon qabuun dhugooma. Abdiin wal'aansoo hinqabne shakkisiisaadha. Wanni abdachiisaan ifaajee hedduun booda galma barbaadame dhaqqaba.

Kanaaf, gaafa haalonnni rakkisoon nu mudatan gammachuun simanna. Kaayyoo guddaan haalota rakkisoof wal xaxoo gara hiree gaariitti jijjiiruun argama. Laayyootti wanti argamu rakkina qofa.

Dandeettiin ajaayibaa kaayyoo guddaa galmaan gahuuf oolu wal'aansoo gadi fagoo keessaa waraabama. Wal'aansoo yogguu taasiftu ogummaa horatta, hubannaa habbuuqqatta, beekumsa gonfatta, akkasumas cichoominaaf murannoo sibiilarra jabaatu gabbifatta. Wal'aansoon anniisaa injifannooti.

Gaafas bubbee jabaa imaltuu qabsookee irratti mudatu ni dheensita utuu hintaane cichoominaaf murannoon keessa dhaabbattee hubannaaf ogummaan irra aanuun faajjii mo'ichaa mirmirsita. Wal'aansoon bidiruu milkaa'inaati. Wanta guddaa galmaan gahuun humnaaf yeroo akkasumas yaada guddaa gaafata.

Kanaaf, wanta xiqqootti of-hin murteessin, kaayyoo guddaa galmaan gahuuf itti waamamte milkeessuun dhalootaaf seenaa olkaa'i.
Jaal Gamtaa Wbo

Galeso Faji Garbabo

17 Oct, 15:23


WBOn Birgeedii Murtii Guutoo Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti tarkaanfii fudhachuun waraana PP 10n booji’e

ONM-ABO Onkoloolessa 17,2024 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo Birgeediin Murtii Guutoo Zoonii Giddu Galeessaa godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu mooraa waraana PP ganda Kilbee keessatti har’a Onkoloolessa 17,2024 barii barraaqan  mooraa isheetti  dhaquun dhukkee irraa kaaseera.

Lola jabaa ganamaan magaalaa Jalduu irraa kiilomeera 3 hin faganne irratti taasifameen loltootni faashistii PP hedduun du’aa fi madoon kan adabamte yoo ta’u, loltootni 10 harkaan qabamtee jirti.

Lola kanaan qawwee AKM 15, rasaasaa fi qophii  waraanaa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchee jira.

Injifannoon Uummata Oromoof !