Imalli Saffisaa Addunyaan gara Tekinoolojiitti taasisaa jiru guyyaa guyyaan geeddaramaa kan jiru yoo tahu, xiyyeeffannoo kenninee yoo faana tarkaanfachuun dirqama tahaa jira.
Haaluma walfakkaatuun torbaan kana ajandaa miidiyaalee idil-addunyaa tahee kan ture #DeepSeek kan caalu #qwen kan jedhamu dhaabbata daldalaa guddicha #Alibabatu hojjate jedhameera.
Sirni AI Qwen kunis Afaan Oromoo #Deepseek caalaa akka hubatuu fi qindeessu ragaan suuraan asii gaditti qabsiifame ragaa natti fakkaata.
Imala guddina Tekinoolojii kana Afaan keenyaan argachuun hawaasa keenyaaf milkaa'ina Afaan keenyaaf ammoo guddina beeki.