Yaa'ii paartii Badhaadhinnaa 2ffaa irratti Pireezidaantii Paartichaa fi Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad waggoota 6n darban keessatti hidhaman dararame hin jiru jechuun dubbatan.
Haasaa kana hordofuun xiinxaltoota siyaasaa dabalatee qeeqxoonni mootummmaa yakkoonni Itoophiyaa keessatti raawwatamaa turan salphaa miti jedhan.
Xiinxallaan Siyaasaa Jawaar Mohaammad, yaada dhimma kanaan wal qabsiisee barreesseen, waggoota jahaan dura namni qabamee manneen hidhaa akka Maakalaawii keessatti dhoksaan dararamaa ture, waggoota jahan Biltsiginnaa keessatti ammoo viidiyoo waraabbamaa dararamee ajjeefamaa jedhe.
Itti fufuun Jawaar Viidiyoo Sukaneessaa Godina Gujii Aanaa Gooroo Doolaa keessatti dargaggeessa tokko irratti loltoota mootummatiin dararaa irratti raawwatame fi haasaa Ministirri mummee yaa’in paartii Badhaadhinnaa irratti taasise wal bira maxxansuun kam amannaa jechuun gaafate.
Walumaa galatti Itoophiyaa keessatti yakkoonni sadarkaa yakka waraanaatiin ilaalaman jiraachuu isaa qorattoonni Komishiinii mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani ibsani mootummaan Itoophiyaa waakkachuu itti fufee jira.