QEERROO_PRESS @qeerroo_press Channel on Telegram

QEERROO_PRESS

@qeerroo_press


✦Humni Jabaan Addunyaa kana raasu. Kan Gabromfata jalaa bilisa si baasu, Tokkummaadha Lafa jirtutti ijaaramii, Wal ijaari!
✦ᴏʀᴏᴍɪʏᴀᴀɴ ᴡᴀʀᴇᴇɢᴀᴍᴀ ɪʟᴍᴀᴀɴ ɪsʜᴇᴇᴛɪɪɴ ɴɪ ʙɪʟɪsᴏᴏᴍᴛɪ!
ᴏʀᴏᴍᴜᴍᴍᴀᴀɴ ᴅʜɪɪɢᴀ!!
❤️💚❤️
@Sololoobot

QEERROO PRESS (English)

Welcome to QEERROO PRESS! This Telegram channel is dedicated to providing insightful and informative content in the Oromo language. From news updates to thought-provoking articles, QEERROO PRESS aims to be a trusted source of information for the Oromo community worldwide. Join us to stay connected and engaged with the latest happenings, opinions, and discussions that matter to Oromo people. Follow us on @qeerroo_press and be a part of our vibrant and dynamic community. Let's celebrate Oromo culture, heritage, and resilience together! ❤️💚❤️ #Sololoobot

QEERROO_PRESS

21 Nov, 07:49


Barattooni Wallaggaa Unvarsiitii ummata isaanii dirooniin dhumaa jiruu fi Dharraatti kannee halbeen mormi akka hoolaatti qalamaa jiranii sagalee dhageessifatuuf hiriira ba'aa jiru. Dr. Hasan prs. Univarsiitii wallaggaa loltoota itti waamee reebsisaa jira .

QEERROO_PRESS

21 Nov, 06:06


Barattoonni #Yuunivarsitiin_Arsii hiriira nagaa bahuun ummatasaanif sagalee ta'aa jiru.Students of Arsi_University are becoming a #voice for their people by holding a peaceful demonstration!

QEERROO_PRESS

20 Nov, 14:42


Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Boolee mana baruumsa Lammii kuraatti ijoollee Afaan Oromoo barattu hedduu summii nyaachisun miidhaa guddaa irraan gahaniiru.
Maatin ijoollensaanii waan irra jirtu baruu waan hin dandeenyef dhiphina guddaa keessa jiru.
Ijoollee summii nyaachisan Ambulance guuranii garri geessan hin baramne.

QEERROO_PRESS

20 Nov, 14:42


Albee mana kee jiruun
Basmaam jedhee si qalee
Harmaaf harka muraarra
Erga dachaan dabalee

Ergaa dhiiga kee qeensee
Dhudha'ee dhugee diinni
Jireenya jiraachuun kee
Bu'aan qabu maalinni?

Maal eegdaaf wal ilaalta
Haadhoo keef ta'i humna
Diinaa ciibsee si qalee
Nutis abiddaan gubna

Siiniif haa dhiisuun hafee
Cichuu qabna qabsootti
Dhimma lammii dursina
Hin deebina farsootti😭

Dirmadhu kaabaa kibbaa
Hin ilaaliin callisttee
Diina afuura kutuun
Gaafa cimtee facciste😢

QEERROO_PRESS

20 Nov, 14:18


🌿Humna Oromoo Gitu Ijaarama Jira Yoo ABO-WBO Cinaa Dhaabbattan Yeroo Boo'icha keessan yartuudha.
~Yoo Tokkoomne Abbee fi Harmeen Oromoo Yeroo yartuuf qofa imaammaan buusa

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:24


SALAALE

Boo’ichi keenya waggaa shanii oliif waan adda citee hin beeknef akka sirbaa baramaa ta’ee xiyyeeffannoo dhabnee laata?

Waggoota shanan kana guutuu uummanni Salaalee akka waan gaafa xiiqii fincilee hin fincilchiisnee, akka waan saba bal’aa of duubaa hin qabnee, kallattii garaa garaan alagaan itti hammaachuun hanqatee
Manaaf alaa gidirfamee roorroo biyya tana keessatti mul’atee hin beekne keessummeessaa jira.
Salaale Jaarraa tokkoof walakaaf alagaaf jilbiinfatee hin beekne,
Salaale tuqan malee nama hin tuqne,
Salaale shimalaan rasaasa qolatu,
Salaale gaafa gamtee namaaf birmatu,
Salaale dhukkuba Oromoo maraa dhukkubsatu,
Har’a akka waan biyya hin qabnee akka waan qomoo hin qabnee, akka waan qe’ee alagaa dhaqeetti, lafa saamamee, qabeenya saamamee, lubbuu saamamee yeroo qe’ee fi qabeenyi isaa gubatu, yeroo lubbuun kumaatamaa badheetti hafu, yeroo maatii guutuu jumlaan ajjeefaman, yeroo dirooniin samii irraa ibidda itti roobsuun lubbuu badheetti hafte awwaalchaf allaattii hanqisuun bobeessu Oromoon maaf callise? Salaale waggoota Shaniif halkaniif guyyaa boo’u, dhiigu, qe’eef qabeenyi gubatu maaf guyyaa tokko aara galfii dhabe? Salaale maaf birmannaa dhabe?

Salaale har’a haati fi abbaan reeffa ilmoo ofii irraa dhorkamanii karaa irratti daawwachaa allattin marsaa oolu!
Salaale har’a namni maatii maatii achii qabu eessa ooltan yoo jettanii gaafattan oolmaan guyyaa hundaa awwaalcha guyyaatti nama kudhan ykn shaniiti.
Salaale har’a duuti waanuma salphaa fakkaatee reeffa argatanii awwaallachuun immoo carra qabeessummaa ta’e!
Salaale har’a kan humna qabu keessaa baqatee hiyyeessi qe’ee isaatti du’aaf guyyaa eeggata!

Salaale har’a qamni hidhate kamiiyyuu yoo haaloo sirraa qabaate, yoo si shakke tarkaanfii kamiiyyuu yoo sirratti fudhatame hin gaafatamu!

Salaale har’a machooftuu hidhatetu ilmoo hiyyeessaatti rasaasan harka hiikkata!
Salaale har’a nama isaa jalaa ajjeesanii “maal ta’e eenyutu ajjeesen” hin jiru!

Uummanni kuni gamtaan bahee boo’ee nagaa kadhatee akkamitti nagaa dhabe, Akkamitti birmannaa dhabe!?
“Biyya badde Harreedhan garmaaman” qe’ee gootaa har’a dabeessi uummatatti taphata!

Sirni daangaa kee fi nagaa kee siif hin eegne siif diina!

Oromoon biyya keessaaf alaa nuuf lallabaa!

Yaa uummata koo qoqqodamnee bilisoomurra tokkoomnee gabroomuu wayya jennee waadaa waliif gallee turree barri darbuu hin ooluu waliif haa birmannu!

By Etika Teferi

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


Adaamaatti gatiin namaaf bahee namni gurguramaa jira jedhan!😭
😡😡😡😡😡😡😡😡

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


🌿Dur Oromoon-1 du'ee dhageetti qaba amma Gorra'amee iyyu birmannaa dhabe😭
😭😭😭😭😭😭😭😭😭😭

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡
😭😭😭😭😭😭😭😭
😭😭😭😭😭😭😭😭
😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡😡

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


ኦሮሞኮ!!!!
😭😭😭😭😭
ኦሮሞነትህ እንደ በግ አሳረደህ።።።!!!!
😭😭😭😭
😡😡😡😡

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


#SALAALE

Boo’ichi keenya waggaa shanii oliif waan adda citee hin beeknef akka sirbaa baramaa ta’ee xiyyeeffannoo dhabnee laata?

Waggoota shanan kana guutuu uummanni Salaalee akka waan gaafa xiiqii fincilee hin fincilchiisnee, akka waan saba bal’aa of duubaa hin qabnee, kallattii garaa garaan alagaan itti hammaachuun hanqatee
Manaaf alaa gidirfamee roorroo biyya tana keessatti mul’atee hin beekne keessummeessaa jira.
Salaale Jaarraa tokkoof walakaaf alagaaf jilbiinfatee hin beekne,
Salaale tuqan malee nama hin tuqne,
Salaale shimalaan rasaasa qolatu,
Salaale gaafa gamtee namaaf birmatu,
Salaale dhukkuba Oromoo maraa dhukkubsatu,
Har’a akka waan biyya hin qabnee akka waan qomoo hin qabnee, akka waan qe’ee alagaa dhaqeetti, lafa saamamee, qabeenya saamamee, lubbuu saamamee yeroo qe’ee fi qabeenyi isaa gubatu, yeroo lubbuun kumaatamaa badheetti hafu, yeroo maatii guutuu jumlaan ajjeefaman, yeroo dirooniin samii irraa ibidda itti roobsuun lubbuu badheetti hafte awwaalchaf allaattii hanqisuun bobeessu Oromoon maaf callise? Salaale waggoota Shaniif halkaniif guyyaa boo’u, dhiigu, qe’eef qabeenyi gubatu maaf guyyaa tokko aara galfii dhabe? Salaale maaf birmannaa dhabe?

Salaale har’a haati fi abbaan reeffa ilmoo ofii irraa dhorkamanii karaa irratti daawwachaa allattin marsaa oolu!
Salaale har’a namni maatii maatii achii qabu eessa ooltan yoo jettanii gaafattan oolmaan guyyaa hundaa awwaalcha guyyaatti nama kudhan ykn shaniiti.
Salaale har’a duuti waanuma salphaa fakkaatee reeffa argatanii awwaallachuun immoo carra qabeessummaa ta’e!
Salaale har’a kan humna qabu keessaa baqatee hiyyeessi qe’ee isaatti du’aaf guyyaa eeggata!

Sirni daangaa kee fi nagaa kee siif hin eegne siif diina!

Oromoon biyya keessaaf alaa nuuf lallabaa!

Yaa uummata koo qoqqodamnee bilisoomurra tokkoomnee gabroomuu wayya jennee waadaa waliif gallee turree barri darbuu hin ooluu waliif haa birmannu.!!!!
❤️💚❤️
😡😡😡
😭😭😭

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


በዚህ ሊንክ እየገባችው X ላይ ቲውት አድርጉ ለህዝባችው ድምጽ ሁኑ ።
Link:
https://qubeemn.org/stopgenocidalwar/

#OromoBloodCries #EndOromoGenocide #JusticeForOromos
#OromoBloodCries

#highlights #highlights

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


| Genocide in Silence |
The #Oromo people are being slaughtered while state censorship hides their cries. This is not just oppression it’s #genocide. Speak up, share the truth, and demand justice. #OromoBloodCries

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


X Campaign Wednesday, Nov 20, 2024

🚨 *Bloodshed Behind Censorship: The Oromo 🚨 Genocide*

In Ethiopia, a systematic campaign of slaughter and inhumanity is unfolding against the Oromo people. Entire communities are being massacred, silenced by the suffocating grip of state censorship. The government’s blackout on internet, media, and communication hides atrocities that amount to crimes against humanity.

This is not just repression it is genocide in the shadows. While the world looks away, the blood of innocents stains the hands of those in power. It is our collective moral duty to shatter the silence, expose the truth, and demand an end to these unspeakable crimes.

👇🏾
Warri quuqama sabaa qabdan Twitter X banadhaatii saba kessaniif sagalee ta'aa.
Linkii armaan gadii kana tuqxanii tweet gochuun itti hirmaadhaa, saba kessaniif sagalee tahaa.
Galatoomaa!
Link:
https://qubeemn.org/stopgenocidalwar/ 

#OromoBloodCries #EndOromoGenocide #JusticeForOromos
#OromoBloodCries

#highlights #highlights

QEERROO_PRESS

20 Nov, 09:08


Dhumaati Oromoo
================
Duguuggaa Sanyii Jabaatu Oromoo irrati Raawwataa Jira.

Rakkoon Oromoo maqaa Mootummaa Oromoo jedhuun Habeshaan Ija Addunyaa jalaa dhoksitee Oromoo lafa irraa fixaa Jirti.

Waa'ee Rakkoo Oromoo Furuuf WBO Qofaa hin eeginaa.Sabni Oromoo Marti WBO Tumsuu hidhachisuu ,hidhachuu fi Jajjibeessuun cinati Tumsa Yaadaa fi Diplomaasii gochuu Barbaachisa.

Dhumaati Oromoo ilaalchisee Oromoon Hojii Advokeesii fi Diplomaasii Deggersa Addunyaa jabaa Argachuuf Namni Ani Oroomodha Ofiin Jettee yaaddu Biyya Alaa fi Biyya Keessaa jirtu ka'ii Walkaasi teessee hidhii hin xuuxiin dur falmachuu beekta tooftaa Qabsoon Gaafatu mara Fayyadamtee Rakkoo Oromoo akka Addunyaatiif ibsitu walkakaasi.

Namni Oromoo akka waltumsinee Rakkoo Hamtuu kana keessaa Wal baafnu Waamichaa s Ayyootaa Oromoo,Artistóta , Community, Afooshaa, Abbooti Amantaa, Diaspora, Jaarmiyaan Siyaasaa, Miidiyaa Oromoo maraaf Waamichaa Godhaa. Utuuman iyyuun Gubadha jettee xaaxeen bisingaallee.Oromoon ammunma ija bisingaa illee maaliif waliif iyyuu maaf dhiise dhiiroo? Xaaxeen xaaxoftee ibida irraati lafa buutee Gubaa ibidaa irraa qabbaneeffattiim.Oromoon dhukkubi Qalma shukkaa amma yoomiitti obsee akka hoolaati ciisee qalama? Kanaaf Rakkoo Oromoo tibbana keessa jiruAddunyaatiif Bifa barbaachisuun himaa. Duguuggaa Sanyii Oromoo irrati Raawwataa jirtuuf Caljettanii hin taa'inaa.

Mootummaa fi Faannoon Wal ta'anii Oromoo fixaa jiru iyyaa iyya dabarsaa.Oromoon Amma yoomiitti ciisee qalama, Mana sitti Gubuu, Qabeenya Kee Saamuu, si hidhuu, Gibiraa Namni kaffalu hin Dandeenye sitti murani, akka hin jiraannee sigodhani.

ilmi Oromoo abbaan Kee utuu Ofii hin baratii rakkattee sibarsiise maal eegaa jirta? Waan Sabni Oromoo keessaa jiru Qoradhuu.

Kan Mootummaa Keessaa hojjetaa jirtus, kan Mootummaaf hojjetaa hin jirres, Qaamni ani Oromoo dha ofiin jettee yaaddu mee Waan Sabni Oromoo keessa jiru Qoradhuu. Maaltu Furmaataa jedhii of Gaafadhu.

Yoo Har'a Rakkoon sibira hin geenye ta'e boor maatii kee Ykn fira Kee bira akka ga'us Amantaa Guutuun qaba.

Itti yaadi akka itti Wayyaanee ofirraa darbine sanati.!!!!
❤️💚❤️
😡😡😡