Lamaan isaanii taphattoota dirree irratti tackles wal makan baay'eedha.
Roonaaldiinihoo, Meesii, Neeymaar, Moo Saalaa, Riibeerii, Daani Alvees... baay'een rukutamaniiru, kufaniiru;
Madaa'anii dirree bahan.
Gariin har'as hammeenya qabatanii lamaan isaanii baandota dirree irratti kan dubbatan yoo ta'u, warri akka Mo Salah ammoo dhimmichi xumuramee har'a deebi'ee fiduu hin barbaannu jedhu.
Garuu hundi isaanii ittisa guddaa ta'uu isaanii himan.
Adabbii gocha isaanii wajjin wal madaalus argataniiru.
Pepeen bara 2009 taphoota kudhaniif dhorkamee ture;
Kaardii diimaa 17 fi kaardii keelloo 212 arge.
Raamoos kaardii diimaa 20 fi kaardii keelloo 200 ol argateera.
Kanaaf, seenaa maafiyaa lamaan dirree irra jiran ykn leencota lamaan dirree irra jiran ija simbirrootiin qoranne.
Har'aaf turtii keenya asitti xumurree, galataa fi qeeqa isin dubbistootaf dhiifnee!
Hanga torbee dhufu sagantaa seenaa biraa qabannee deebinutti waan gaarii isiniif hawwina!!👋
Ani @PYSCHO_19 ture
Share ➡️ @Liveisporti
Share ➡️ @Liveisporti