Yaadota Haaraa Shimallis Abdiisaa Afaanii Baate (Ibsa ABO-WBO)
Abiy Ahimad ammas, ibsa hiikaa hin qabne kan yaada wal faallessuu fi dhaadannoo keessisaa duwwaatiin guutame, karaa Shimallis Abdiisaatiin kan dabarfate yoo tahu, haasaan gamtokkee waltajjiirraa qofa darbu kan Naqamteetti taasifame kun kaleessa miidiyaa sirnichaan tamsa ee jira. Yaadonni haaraa ifa tahan kunneen kunooti:
1. Marii Nagaatiif Ammas Fedhii Fakkeessaa,
Shimallis seenessa dulloomaa sirnichi waaee nagaarratti oofaa ture, ammas irra deebi ee dubbate.
Akkauma irra deddeebiin ibsine, wanti sirnichi "nagaa" jedhee waamu, humna ummatni hammeenya mootummaadhaan irratti raawwatu ittiin ofirraa ittisu tokkicha irraa mulquudha. Waamichi nagaa fakkeessee Orweliyaanii kun sababani itti fufeef, akka dhaadatan humni waraanaa isaanii bittinaahaan sun injifannoo argamsiisuufii waan dadhabeef qofa. Gochoonni isaan bifa wal irraa hin cinneen taasisan kan mirkaneessan, sirnichi haaluma kamiinuu lola deemaa jiru kana karaa nagaan furuuf fedhii akka hin qabne dha.
2. Bulchiinsi WBO Dachee Oromiyaa Irra Dagaagaa Dhufuusaaf Beekamtii Kennuu
Shimallis ifatti amanee kan fudhate: bulchiinsa sadarkaa Aanaa fi Gandaatti jiru, WBOn haala amansiisaa taheen fudhachuu isaati. Jecha isaatiin “WBOn caasaalee mootummaa sadarkaa Gandaa fi Aanaatti jiran diigeera” jedheera.
Hima kana Afaan Oromoo qajeelaatti yeroo deebifnu, Bilxiginnaan bulchiinsa aanaa fi gandaa WBOf dhiiftee baduu, fi qoodni/dhiibbaan WBOn Oromiyaa guutuu keessatti qabu ammoo guddachaa dhufuu irra deebiidhaan kan mirkaneesse.
3. Dirqama Nageenya Eeguu Gara WBOtti Dabarsuu
Shimallis, dubbii isaa Naqamtee kanaan, itti gaafatamummaa mootummaa isa jalqabaa—daangaa biyyaafi nageenya ummataa tiksuu—ofirraa dabarsee WBOf kennee jira. Jecha isaatiin, “WBOn
lootee seentota/weerartoota alarraa dhufanii haleellaa raawwatan naannichaa irraa ittisuu dhiise” akkasumas “waraana mootummaa gargaaruu malee mogolee laaffisuu hin qabu” jedhee jira.
Waan Bilxiginnaan jechaa jirtu hubadhaa yaa sabaa! WBOn sadarkaa aanaa fi gandaatti bulchiinsa fudhachuu; akkasumas itti gaafatamummaa dangaa biyyaafi nageenya ummataa fudhachuu akka qabu Shimelis Abdiisaa ifaan lafa kaaheera. Kanas Afaan Oromoo qajeeltoottii yeroo jijjiirru, Shimallis dubbii isaa kanaan, WBOn itti gaafatamummaa bulchiinsa Oromiyaa akka fudhatu akeekee jira.
Kun waan qajeelaa. WBOn, ummata isaa waliin, nageenya naannichaa mirkaneessuuf qophii dha. Har`as, akka daballoonni Bilxiginnaa hafarsan otoo hin taane, WBOn daangaa biyyaafi nageenya ummataa tiksaa jira. Kana garuu kan godhu bobbaafi karoora ofii baaseen malee, karooraafi qindoomina waraana Bilxiginnaa boru ummata keenya ganu waliin godhamuun miti.
4. Himannaa Sobaa Waa'ee Loojistikii Marii Nagaa
Shimalli, akkuma amalasaa, dhimmoota xixiqqaa, kan akka dhiyeessii haasaa nagaaf godhame, irratti illee, himannaa buʼuura hin qabne dhiyeesse. Jilli WBO marii nagaaf gara Taanzaaniyaatti akka imaluuf, mootummaan xiyyaara ergee akka haala mijeessetti dubbate. Kun soba adii dha.
Imalli jila kanaa guutummaatti michoota idil-addunyaatiin kan deeggarame yoo tau, xiyyaaraa fi hilikooptera qabeenyummaan isaa kan Waldaa Fannoo Diimaa Idil-Addunyaa (ICRC) tahe fayyadamuun kan raawwatame ta'uun ifatti beekama.
Akka gaaritti wal yaadachiisuuf, jilli sirnicha bakka bu uun garas imalee ture illee bifuma walfakkaatuun kan deeggarame ture.
Ummata keenyaf hoggansa fedhiif dantaa isaa calaqqisuu fi nageenya isaa eegutu malaaf. Sanatu gita Oromooti. Sun “hooggansa” Paartii Bilxiginnaa kan adiin gurraacha jedhee sobaa oolu keessaa hin jiru. Qabsoon haqa, bilisummaa, dimokraasii fi gaafatamummaa dhugoomsuuf taasifamu raafama tokko malee itti fufa!