QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š @qubee_media Channel on Telegram

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

@qubee_media


Welcome to @Qubee_Media our channel! This is students free Telegram channel for all level!
This channel is created to help students with what we can and what we have!

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š (English)

Welcome to QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š! Are you a student looking for resources to help you with your studies? Look no further! QUBEE MEDIA is a free Telegram channel created for students of all levels. Our channel is dedicated to providing valuable educational content and resources to help students succeed in their academic journey. Whether you need study tips, exam preparation materials, or just a supportive community to share your academic struggles and successes with, QUBEE MEDIA is here for you. Join us today and be a part of a community that is committed to helping students achieve their full potential. Let QUBEE MEDIA be your guide to academic success!

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

07 Nov, 04:27


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Dirre_Dawaa
#Dire_Dawa_University

Barattoota haaraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti ramadamtaniif akkasumas barattoota sagantaa reemeediyaalii bara 2016 taatanii qabxii darbiinsaa fiddaniif guyyaan itti report taasistan Sadaasa 16 fi 17 bara 2017 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera

Wantoota galmeef barbaachisan;

- Ragaa kutaa 8ffaa fi 12ffaa
- Tiraaniskiriiptii sadarkaa lammaffaa orijinaala fi kooppii isaa
- Suuraa abbaa 3X4 jaha
- Uffata qorraa, uffata boraatii fi uffata Ispoortii

Hub:-

Bara 2016 tti seemisteera 1ffaa eegaltanii sababoota garaa garaatiin withdraw guuttanii barattoonni adda kuttan, foormii guuttan haftee isaa qabachuun deemuun isinirraa eegama.

Barattoota sagantaa reemeediyaalii haaraa bara kana ramadamtaniif yeroo biraa waamichi kan taasifamu ta'a.

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

07 Nov, 04:26


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Haramaayaa
#Haramya_University

Bara 2017 tti Yuunivarsiitii Haramaayaatti barattoonni haaraa ramadamtan akkasumas bara 2016 tti sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddan guyyaan galmee Sadaasa 9 hanga 11 bara 2017 ta'uu ibsameera.

Galmeef wantoota barbaachisan;

- Kaardii kutaa 8ffaa
- Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa
- Sartafikeetti kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
- Suuraa 6
- Uffata qorraa, ansoolaa, uffata boraatii fi uffata Ispoortii

Ragaawwan barnootaa armaan olii fi suuraawwan scan taasistanii softcopy dhaan qabachuu qabdu.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

07 Nov, 04:26


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum
#OdaBultumUniversity

Bara 2016 tti sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddan fi bara 2017 tti Yuunivarsiitii Odaa Bultumitti kan ramadamtan guyyaan galmee Sadaasa 4 fi 5 bara 2017 ta'uu Yuunivarsiitichi beeksiseera.

Wantoota galmeef barbaachisan;

- Sartafikeetti kutaa 8ffaa orijinaala fi kooppii isaa
- Bu'aa qormaata biyyaalessaa kutaa 10ffaa fi 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
- Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
- Suuraa abbaa 3X4 baay'ina isaa afur
- Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatii fi uffata Ispoortii

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

07 Nov, 04:26


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Raayyaa
#RayaUniversity

Yuunivarsiitiin Raayyaa barattoota haaraa bara kana Yuunivarsiitii Raayyaatti ramadaman, fi barattoota bara darbe sagantaa reemeediyaaliin barnoota isaanii hordofaa turanii qabxii darbiinsaa fidaniif waamicha taasiseera. Guyyaan galmee Sadaasa 2 fi 3 bara 2017 dha.

Barnoonni Sadaasa 9 bara 2017 ni eegala jedhameera.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

07 Nov, 04:26


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Hawaasaa
#Hawassa_University

Yuunivarsiitiin Hawaasaa barattoota haaraa Yuunivarsiitichatti ramadamaniif guyyaan galmee Sadaasa 9 fi 10 bara 2017 ta'uu ibseera.

Iddoowwan galmee;

โ€ข Barattoota Saayinsii Uumamaatiif mooraa guddichatti
โ€ข Barattoota Saayinsii Hawaasaatiif Inistiyuutii Teeknooloojiitti

Hubachiisa :-

Barattoonni gara Mooraatti yeroo deemtan;

โ€ข Bu'aa qormaata kutaa 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
โ€ข Tiraaniskiriiptii kutaa 9ffaa hanga 12ffaa orijinaala fi kooppii isaa
โ€ข Suuraa afur
โ€ข Ansoolaa, uffata qorraa, uffata boraatii fi uffata Ispoortii

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

04 Nov, 15:30


#Update
#Sagantaa_Reemeediyaalii

Ramaddiin Yuunivarsiitii barattoota sagantaa reemeediyaalii bara 2017 ifoome

Bara 2016 tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhattanii Yuunivarsiitiiwwan Mootummaatti sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan itti fufuuf qabxii seensa sagantaa reemeediyaalii barattoonni fiddan ramaddiin kan ifoome yoo ta'u,

Ramaddii keessan ilaaluuf;

Karaa Website:-

https://placement.ethernet.edu.et

Karaa Telegram Bot

https://t.me/moestudentbot

Ministeerri Barnootaa gaaffii jijjiirraa Yuunivarsiitii kan hin fudhanne ta'uu ifoomseera.

Odeeffannoo barattoota share fi join taasisaa!
@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

02 Nov, 16:03


#Sagantaa_Reemeediyaalii
#Ministeera_Barnootaa
#MoE

Bara barnootaa 2017 tti barnoonni sagantaa reemeediyaalii ni hafa oduun jedhu #soba ta'uu isaa Ministeerri Barnootaa ifoomseera.

Waggoota lamaan darbanitti hojiirra kan oolee jiru Sagantaan Reemiidiyaalii ยซBara kanatti sababa hanqina baajataatiin adda citeera ยป odeeffannoo jedhu #soba ta'uu isaa Ministeerri Barnootaa ibseera.

Odeeffannoo barattoota share fi join taasisaa!
@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

25 Oct, 19:17


#Sagantaa_Reemeediyaalii
#MoE

Ministeerri Barnootaa akkaataa qabama qabxii Sagantaa reemeediyaalii irratti fooyya'iinsa taasiseera

Bara 2015 irraa kaasee barattoonni kutaa 12ffaa qabxii 50% gadi fidan sagantaa reemeediyaaliin barnoota isaanii akka hordofan taasifamaa akka jiru ni beekama.

Bu'uura kanaanis barattoonni kunneen 70% qormaata Ministeerri Barnootaa baasu irraa fi 30% ammoo kan Yuunivarsiitiitti qophaa'uun madaalamanii walumaa galatti 50% fi isaa ol yoo fidan freshman course baratu.

Haa ta'u malee 30% irraa dhaabbilee barnoota olaanoo ykn Yuunivarsiitiiwwanitti qormaata kennamu irratti komiin ka'uu Yuunivarsiitiiwwan Mootummaa fi dhuunfaa ibsaniiru.


Kanaanis bara barnootaa 2017 irraa kaasee barattoonni sagantaa reemeediyaalii kan ittiin madaalaman 100% irraa Ministeerri Barnootaa akka qopheessu murtaa'eera.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!
@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

24 Oct, 21:09


#Kutaa_12ffaa
#Ministeera_Barnootaa
#MoE

Ramaddiin Yuunivarsiitii bara 2017 ifoome

Bara 2016 tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhattanii qabxii darbiinsaa kanneen fiddan ramaddiin Yuunivarsiitii kan ifoome yoo ta'u, karaalee armaan gadiin ilaaluu dandeessu.

Karaa Website

https://placement.ethernet.edu.et

Karaa Bot Telegram

https://t.me/moestudentbot

Hub :- gaaffii jijjiirraa Yuunivarsiitii Ministeerichi kan hin fudhanne ta'uu ibse.

Yuunivarsiitii isin gahe Group keenya irratti barreessuun nama iddoo wal fakkaataa gahe barbaadaa.

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

21 Oct, 19:38


#Kutaa_12ffaa
#MoE

Bara 2016 tti qormaata kutaa 12ffaa fudhattanii qabxii seensa Yuunivarsiitii barattoonni fiddan ramaddiin yeroo dhiyootti akka ifoomu Ministeerri Barnootaa ibseera.

Barattoonni qabxii seensa Yuunivarsiitii fiddan, hanga ramaddiin ifoomutti obsaan akka eegdan Ministeerichi beeksiseera.

Nutis akkuma kana duraa wanti haaraa akkuma gadhiifameen isin biraan geenya join fi share taasisaa!

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

18 Oct, 22:47


Telegram Subscribers guddifachuuf

Inbox ๐Ÿฅท๐Ÿฝ @Khaveen

__
Channel keessan nu waliin tolaan beeksifachuuf nu qunnamaa.

1k ---10k
20k ---40k
50k ---100k

@Khaveen

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

17 Oct, 15:05


#Sagantaa_Reemeediyaalii
#Yuunivarsiitii_Salaalee
#Selale_University

Yuunivarsiitiin Salaalee barattoonni bara 2016 sagantaa reemeediyaaliin barnoota isaanii hordofaa turan amma irraa kaasee qabxii isaanii walii galaa karaa online ilaaluu akka danda'an ifoomse.

Kanaanis link kanaa gadi jiru tuquun Username keessan galchuun ilaaluu dandeessu;




#Sagantaa_Reemeediyaalii
#Debark_University

Yuunivarsiitiin Dabaarq barattoota sagantaa reemeediyaalii bara 2016 qormaata karaa Ministeera Barnootaa kenname fi karaa Yuunivarsiitichaa kenname qabxii isaanii ilaallachuu akka danda'an ifoomseera.

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

15 Oct, 21:44


#Update
#Kutaa_12ffaa
#Sagantaa_reemeediyaalii

Ministeerri Barnootaa qabxii darbiinsaa barattoota sagantaa reemeediyaalii dhaga'uu hin dandeenyee ifoomseera.

Kanaanis bara 2016 tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatanii Yuunivarsiitii Mootummaatti (baasiin isaanii Mootummaa dhaan haguugamee) barachuuf qabxiin darbiinsaa;

โ–บ Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa barattoota dhiiraatiif 600 keessaa 192
โ–บ Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa barattoota Shamarraniif 600 keessaa 186
โ–บ Sagantaa Piripaatooriitiin Dhiirota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaatiif 700 keessaa 224
โ–บ Sagantaa Piripaatooriitiin Shamarraniif Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa 700 keessaa 217 fi isaa ol ta'uu Ministeerichi ibseera.

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

14 Oct, 00:26


#Yuunivarsiitii
#Freshman

Mooraa ykn Yuunivarsiitii keessatti Qabxiin ykn ยซGradeยป akkamitti hojjetama?

GPA ykn CGPA jechuun maal jechuudha?

#Share taasisaa!

Akkuma beekamu grading system Yuunivarsiitiiwwan biyya keenya keessaa hedduu wal fakkaataa dha.

Tokkoon tokkoon Seemisteeraatti;

โบ 20% ykn 30% keessaa Test, Quiz, Group work ykn Assignment ta'uu danda'a.

โบ 20% ykn 30% keessaa ammoo qormaata Mid dha.

โบ 50% keessaa ammoo qormaata Final dha.

Tokkoon tokkoon koorsii xumura seemisteeraa sadan isaayyuu walitti ida'aamee, bu'aan ida'ama isaa kan koorsiiwwan hunda seemisteera sana keessa jiran waliin walitti ida'aamee hiramee gireediin hojjetama.

Gireediin ida'aama Koorsiiwwan sana hundaa erga walitti ida'aamee booda qabxiin argamu sun department filachuuf gahee ni qabaata.

๐Ÿ‘‰ GPA jechuun qabxii ykn gireedii Seemisteera hunda irratti galmeessisnudha.

๐Ÿ‘‰ CGPA jechuun ammoo avereejii qabxii ykn gireedii jechuudha.

Barattoota qabxii seemisteera jalqabaatiin qofa department filatam jechuunis department kanneen akka Law kan seenanis GPA seemisteera sanaa qofti kan ilaalamu yoo ta'u, warreen Seemisteera 2ffaa irratti filataniif garuu kan seemisteera lamaanii walitti ida'aamee erga lamaaf hirame booda CGPA sanaan department filatu.

Department filachuuf yeroo baay'ee qorumsi entrance kutaa 12ffaa 20% irraa kan qabamu yoo ta'u, CGPA ammoo 50% irraa qabama akkasumas iddoo tokko tokkotti 30% irraa qormaanni jira.

Maalumaafuu mee akka seeraan hubattaniif kan Yuunivarsiitii tokkoo kan seemisteera jalqabaa fakkeenya fudhannee haa ilaallu;


Critical Thinking.......... 5ECTS
General Psychology............ 5ECTS
Economics ..................  5ECTS
Communicative English I .... 5ECTS
Geography ..............5ECTS
Mathematics...........5ECTS
Physical fitness (pass or fail)

Walumaa galatti 32 ECTS ta'a, garuu Physical fitness waan hin qabamneef 30.

Fakkenyaaf barataan Tolaa jedhamu,

1. Critical Thinking - 77 (B+)
2. General Psychology - 82 (A-)
3. Economics - 59.9 (C)
4. Mathematics - 42 (D)
5. Communicative English I - 68 (B-)
6. Geography - 64 (C+)
7. Physical fitness - 70 (P)

As irratti wanti hubachuu qabdan,

A+ jechuun 90-100 yoo ta'u 4 qabata
A jechuun 85-90 yoo ta'u 4 qabata
A- jechuun 80-85 yoo ta'u 3.75 qabata
B+ jechuun 75-80 yoo ta'u 3.5 qabata
B jechuun 70-75 yoo ta'u 3 qabata
B- jechuun 65-70 yoo ta'u 2.75 qabata
C+ jechuun 60-65 yoo ta'u 2.5 qabata
C jechuun 50-60 yoo ta'u 2 qabata
C- jechuun 45-50 yoo ta'u 1.75 qabata
D jechuun 40-45 yoo ta'u 1 qabata
F jechuun 40 gadi dha.

Fide haa jennu, kana grade isaa yeroo hojjennu, ECTS sana grade dhaan baay'isuu qabna, kanaanis;

5ร—3.5    = 17.5
5ร—3.75  = 18.75
5ร—2      = 10
5ร—1       = 5
5ร—2.75  = 13.75
5ร—2.5    = 12.5

Ida'aamni isaa 120 keessaa 77.5 ta'a kanas baay'ina ECTS 30'f hirra sunis 2.58 dhufa. Qabxiin Tolaa 2.58 jechuudha.

Seemisteera jalqabaa irratti, GPA'n;
        
1.75-4.00      โžกPromoted
1.50-1.75      โžกWarning
1.00-1.50     ๐Ÿ”ซAcademic dismissal
0.00-1.00     โŒComplete dismissal ta'a.
   
Kuni tarii Yuunivarsiitii dhaa Yuunivarsiitiitti garaa garummaa qabaachuu danda'a.

Wanti gaaffii isinitti ta'e yoo jiraate karaa group keenya irratti gaafadhaa!

Channel keenya join taasifachuun odeeffannoo barnootaa dhugaa argadhaa!

๐Ÿ“ฑ๐Ÿ“ฑ๐Ÿ“ฑ๐Ÿ“ฑ๐Ÿ“ฑ

@Qubee_Media โœ…
@Qubee_Media โœ…

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

10 Oct, 12:56


#Waamicha
#Madda_Walabu_University
#Yuunivarsiitii_Madda_Walaabuu

Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota buleeyyii idileetiif waamicha taasiseera.

Kanaanis barattoonni idilee digirii jalqabaa fi digirii lammaffaa waggaa 2ffaa fi isaa ol ta'an guyyaan galmee Onkoloolessa 11 fi 12 bara 2017 ta'uu beeksiseera.

Barnoonni Onkoloolessa 13 bara 2017 ni jalqaba.

Barattoota hundaaf galmeen kan gaggeeffamu karaa online website kana irratti http://estudent.mwu.edu.et/auth/login yoo ta'u, Kaampaasiiwwan barnoota keessan itti hordoftanitti qaamaan argamuun galmaa'uun isinirraa eegama.

Barattoota haaraa fi sagantaa reemeediyaalii Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti barachaa turtanii darbitaniif guyyaan galmee gara fuulduraatti kana ifoomu ta'a.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Mediaโœ…
@Qubee_Mediaโœ…

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

09 Oct, 12:54


#Sagantaa_Reemeediyaalii
#Freshman
#Kutaa_12ffaa

Bara 2016 tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhattanii qabxii darbiinsaa fi qabxii seensa sagantaa reemeediyaalii barattoonni fiddan filannoo Yuunivarsiitiiwwanii hanga Fulbaana 30 bara 2017 tti karaa bakka bu'oota Manneen Barnootaa keessanii akka guuttan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Yeroo ramaddiitti deeggarsa barattoota barbaaddaniif iyyata keessan https://student.ethernet.edu.et irratti qofaa akka ergitan Ministeerichi beeksiseera.

Madda :- Tikvah University

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Mediaโœ…
@Qubee_Mediaโœ…

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

09 Oct, 12:54


#Sagantaa_Reemeediyaalii
#Kutaa_12ffaa

Bara 2016 tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhattanii qabxii darbiinsaa barattoota hin fidneef qabxiin seensa Sagantaa reemeediyaalii ifoomeera.

Kanaanis barattoonni Yuunivarsiitii Mootummaatti baasii Mootummaan sagantaa reemeediyaalii barattan;

โ€ข Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa Dhiirotaaf 600 keessaa 204 fi isaa ol
โ€ข Barattoota Saayinsii Uumamaa fi Hawaasaa Shamarraniif 600 keessaa 192 fi isaa ol kan fidan sagantaa reemeediyaaliin barnoota isaanii itti fufuu danda'u.

Akkasumas filannoowwan hundaan jechuunis dhaabbata dhuunfaa ykn Yuunivarsiitii Mootummaatti sagantaa reemeediyaaliin barachuuf ammoo akka baay'ina gosa barnootaa fudhataniitti 31% fi isaa ol fiduu qabu.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Mediaโœ…
@Qubee_Mediaโœ…

QUBEE MEDIA ๐Ÿ“š

04 Oct, 11:53


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Jinkaa
#Jinka_University

Yuunivarsiitiin Jinkaa barattoota idilee buleeyyiitiif waamicha taasiseera. Kanaanis galmeen Onkoloolessa 4 fi 5 bara 2017 akka taasifamu ibseera.

Barnoonni kan jalqabu Onkoloolessa 6 bara 2017 dha

Bara 2016 tti sagantaa reemeediyaaliin barnoota keessan hordofaa turtanii qabxii darbiinsaa kan fiddan, akkasumas bara 2017 tti barattoonni haaraan Yuunivarsiitii Jinkaatti ramadamtan yeroo biraa waamichi kan taasifamu ta'a.

Odeeffannoo barattoota kutaa 12ffaa, waamicha Yuunivarsiitii fi kanneen biroo argachuuf share fi join taasisaa!

@Qubee_Media โœ”๏ธ
@Qubee_Media โœ”๏ธ

19,416

subscribers

184

photos

1

videos