MEDIA HAQAA @mediahaqaa Channel on Telegram

MEDIA HAQAA

@mediahaqaa


BAGA NAGAAN GARA CHANNEL @mediahaqaa NAGAAN DHUFTAN CHANNEL KUN ODEEFFANNOO WAYITAAWWAA KAN ISIN BIRAAN GAHUDHA

💬NU QUNNAMUUF💬
@MediaHaqaaDm

📚Odeeffannoo Barnootaaf📚
@MEDIA_HAQAA

💬BAKKA MARIIF💬
@BAKKA_MARII_MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA (Afan Oromo)

MEDIA HAQAA irraa kan itti fufiin kan hunda dura, isaafi, fi odeeffannoof bobbaaseenii taasisan Telegram channel tti itti fufiin. MEDIA HAQAA kan ta'ee yeroo gara kanatti odeeffannoo wayitawwaa itti fufiin dhiheeffachuu isaansi. Kanumaayyuu kun akka yoo kan itti jiratudha. MEDIA HAQAA jedhamtu kan akka hin milkoofneef hin qindeesneef adda bilisummaa isaati. Fiigichaa keessa odeeffannoo barnootaafi garaa garumsaaf waan taheefi. MEDIA HAQAA fiwwaan ittiin nuuf qunnamiisuu isa kaanii fiigichaa keessa odeeffannoo barnootaafi akka ittiin qunnamtuufi. Fiigichaa keessa akka ta'an odeeffannoo barnootaa kanaan garaa garumsa Media Haqaa jedhamu, kunoo dhaama kan itti fufiin taasisuu hin dandeenyu. BAKKA MARIIF jedhamtu weraramtuu fi godeeffannoo kana jiru kun akka hin milkoofneefi. Bakka mariif jedhamtuun MEDIA HAQAA jedhamtuun isaatti mul'isuu danda'u. Dubbii bakka mariifoofi media haqaa kan ta'ee odeeffannoofii wayitaa tti hin dhiifne keessatti bakka mariif MEDIA HAQAA jedhamtu isaatti mul'isuudha. Bakka mariif MEDIA HAQAA jedhamtu irraa dubbii wayitaatti nuun cinatti waan ta'eef. Dubbii bakka mariif MEDIA HAQAA jedhamtu kan itti fufiin yeroon kun garaa garumsa keessatti cimtuu isaatti mul'isuu danda'u. Kan godhan MEDIA HAQAA fiigichaa kan ittiin nuqaannamuu isa kaanii, odeefannoo barnootaafi bakka mariifii fi odeefannoo kana gara media haqaa tti ogeessuu isa kaanii kun odeeffannoo wayitaa tti adda dhiheeffachuu isa kanaaf. MEDIA HAQAA kan gara keessatti odeeffannoo wayitaa tti adda dhiheeffachuu isa kanaaf. Qunnamuu isa kanaan nu qunnamuufi MEDIA_HAQAA fiigichaa keessa nuuf qunnamuun isa kanaa godhee.

MEDIA HAQAA

15 Feb, 07:04


"Itiyoophiyaan Suudaaniif deeggarsa namoomaa doolaraa miliyoona 15  taasifte":– Dooktar Abiy Ahimad

Itiyoophiyaan Nageenyaa fi tasgabbii Sudaaniif tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

Yaa’iin deeggarsa namoomaa Uummata Sudaaniif dhiyeessuurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Yaa’ichi gaga’ama Sudaan dhaabuu, keessattuu wayita sooma Ramadaanaa kana waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifamuun deeggarsi namoomaa Ummata Suudaaniif akka dhiyaatu dandeessisuuf taa’amaa jiraachuu eerameera.

Itiyoophiyaa fi Sudaan biyyoota ollaa qofa osoo hin taane biyyoota hidhata cimaa qaban ta’uu Dooktar Abiy Ahimad eeruun deeggarsa namoomaa Ummata Sudaaniif kan oolu doolaara miiliyoona 15 tumsa taasisuu himaniiru.

Emireetoonni Araba Gamtoomaniis Doolaara miiliyoona 200 deeggarsa taasifteerti.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomaa Antooniyoo Guutareez, Sudaanitti nageenya waaressuuf tattaaffii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad taasiisan galateeffataniiru.

Yeroo ammaa Ummanni Sudaan %64 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu eerameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

12 Feb, 17:58


#AU #ETHIOPIA

Walgahiin idilee 46ffaan Mana Maree hojii rawwachiftuu Gamtaa Afrikaa har’a jalqabameera.

Haaluma kanaan #Itoophiyaan miseensa Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa ta’uun filatamteerti.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

12 Feb, 17:56


Gatiin imala Hajjii baranaa 90% dabaluun kuma 625 ta'eera.

Manni Maree Waliigalaa Dhimma Islaamummaa Itoophiyaa daballii gatii imala hajjii kan baranaa irratti taasifame sababa gatiin sharafa alaa garmalee dabaluu isaatin kan uumame ta’uu beeksise.

Manni marichi kaffaltii imala gara hajjiitti taasifamu birrii 625,000 akka ta’u kan kaa’e yoo ta’u, bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu  %90 ol guddachuun daballi olaanaa agarsiiseera.  

Hoggantoonni mana marichaa ibsa Guraandhala 11, 2025 kennaniin, bara darbee Hajjii raawwachuuf baasii birrii 329,000 akka ture kaasaniiru. Haa ta’u malee bara kana gara birrii kuma 625tti ol guddachuu ibsan. 

Kunis maallaqni biyya keessaa doolaara Ameerikaa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gadi bu’uu isaa daballii gatii akka taasifamuuf sababa ta’uu himan.

“Manni marichaa baasii imala Hajjii dandeettii maallaqaa ummata waliin walsimsiisuuf carraaqqii cimaa taasisus, gatiin maallaqa Itoophiyaa gadi bu’uu fi kaffaltiin tajaajilaa hundi maallaqa biyya alaatiin kaffalamuun isaa baasii ol’aanaa kanaaf gumaacheera” jechuun ibsaniiru.

Kaffaltii Hajjii irratti jijjiiramni dabalataa akka hin jirre ibsuun, hujjaajonni fedhii qaban hatattamaan akka galmaa’an dhaamaniiru.

Hajjii raawwachuuf bara kana doolaara 4,921 kan barbaachisu yoo ta’u, bara darbe garuu doolaara 5,076 akka ture eerameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

12 Feb, 17:54


Ejjennoo Ameerikaan Gaazaa akka qabattu dhiheessanii turan ammas ittuma jirachu Tiraamp himan.

Pirezidaantiin US Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi ejjennoo US Ameerikaan Gaazaa akka qabattu kanaan dura dhiheessanii turan ammas ittuma jiraachuu, mootii Jordaan Abdallaah wajjin Kibxata kana Waayit Haawusitti wayita wal argan ifatti dubbachuun isaanii himame.

Hoggantoonni lamaan yaada Traampi Paalistaayinoota miliyoona lama ta'an Jordaan dabalatee gara biyyoota birootti godaansisuudhaan Gaazaa akka fudhatan dubbatanii booda yeroo jalqabaatiif wal arguu isaaniiti kan eerame.

Jalqaba torbee kanaa Jordaanii fi Masiriin Paalistaayinoota Gaazaa keessa jiran hin fudhatan taanaan, gargaarsa akka isaanirraa dhaabuu danda'an Tiraampi yaada dhiyeessanii turan.

Baha Giddugaleessaatti michuu US Ameerikaa kan taatee fi duraanuu Paalistaayinoota miliyoonota ta’aniif  dahoo kan taate Jordaan, yaada Tiraampi dhiheessa diduu isheeti kan himame.

Mootii Abdallaah Tiraampi wajjin erga wal arganii booda, ejjennoo cimaan Jordaan Paalistaayinoonni akka hin buqqaane ta’uu dubbachuu isaanii, BBCn gabaaseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

12 Feb, 17:52


Walga’ii idilee 46ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa gaggeeffamuu eegale.

Walga’ii finfinnetti taa'amu kana irratti Ministiroonni dhimma alaa biyyoota Afrikaa, dippiloomaatonnii fi hoggantoonni dhaabbilee gamtichaa ni hirmaatu.

Manni Marichaa Ajandaalee Koreen Bakka Bu’ootaa Dhaabbata Gamtaa Afriikaa 49ffaa baatii Amajjii 2017 mari’aterratti ni mari’atas jedhameera.

Ajandaalee riifoormii dhaabbatummaa Gamtaa Afriikaa, Afrikaan Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti sochiiwwan teessoo dhaabbii bakka bu’iinsaa argachuuf sochii taasifamaa jiran, nageenyaa fi tasgabbii Ardii Afriikaa, raawwii naannawaa daldala bilisaa Afrikaa fi walitti hidhamiinsa daldalaa fi diinagdee Ardii Afrikaa, qonnaa fi jijjiirama haala qilleensaa, mirgoota namoomaa, sirna Koorniyaa fi dargaggoota ga’oomsuu akkasumas filannoo dhaabbilee fi kanneen biroorratti ni mari’atama jedhameera.

Manni marichaa akkaataa danbii ittiin bulmaataa gamtichaan filannoo komishinaroota komishinii Gamtaa Afriikaa jahanii akka gaggeessus ibsameera.

Dabalataanis Miseensonni  Mana Maree Nageenyaa fi Tasgabbii Afrikaa shanan ni filatamu jedhameera.

Itiyoophiyaan miseensummaa mana maree bara 2025-2027’tti waggoota sadiif turuuf akka dorgomtu beekameera.

Manni maree hojii raawwachiistuu ajandaalee yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 38ffaa Guraandhala 8 fi 9, 2017  taa’amu irratti dhiyaatan ni raggaasisa jedhameetu eegama.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

11 Feb, 16:37


#Oduu_Gaddaa

Lubbuun nama 26 darbeera!

Godina Wallagga Bahaa Aanaa gudayyaa Biilaa ganda ifaa Biyyaatti balaa konkolaataa muudateen lubbuun namoota 26 battalumatti darbuu ibsameera.

Konkolaataan lakkoofsi Gabatee isaa 3-A12661ET ta'e guyyaa har'aa Shaambuu irraa gara Finfinneetti Ummataa fe'ee Osoo deemaa jiruu garagaluun balaa gaheen namonni 26 yoo du’an namoota 42 irra miidhaan gahuu poolosiin ibseera.

Lubbuun namoota 26 balattalumatti yoo darbu, Lakkoofsi namoota lubbuun darbanii dabaluu akka danda’u eeraniiru.

Ka’umsi balichaa qoratamaa jirachuu ibsaniiru.

Maatii fi firoota namoota du'aniif jajjabinna hawwina!

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

11 Feb, 16:34


#Boba_aa

Gatiin boba'aa haaluma tureen itti fufa.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo oomishaalee boba’aa ji’a Ammajjii 2017 tureen daballii gatii tokko malee akka itti fufu Ministirri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo ibseera.

Haaluma kanaan:

➡️Benzila liitira tokkoo Birrii 101.47

➡️Naafxaan liitira tokko Birrii 98.98,

➡️Keeroosiinii liitira tokko Birrii 98.98

➡️Boba'aan xiyyaaraa Birrii 109.56

➡️Naafxaa gurraacha ulfaataa liitira tokko Birrii 105.97  fi

➡️Naafxaan gurraachi salphaa liitira tokko Birrii 108.30n akka gurguramu murtaa'eera.

#boba'aa #Itoophiyaa

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

08 Feb, 11:47


Tiraamp Afrikaa Kibbaarra qoqqobbii kaa'e

Pirezidaantin US Doonald Tiraamp deeggarsi maallaqaa Afrikaa Kibbaaf kennamaa ture akka adda citu ajaja pirezidaantummaa mallatteesse.

Sababni isaa maalii dha?

1ffaa- Afrikaan Kibbaa warra adii achi jiraatan irraa lafa fudhachuuf seera loogii qabu baaste jechuun ..

2ffaa- Israa'el Gaazaa keessatti duguuggaa sanyii (genocide) gaggeessite jechuun Afrikaan Kibbaa Mana Murtii Haqa Idiladdunyaa (ICJ)tti himachuusheeti.

Michuu Tiraamp fi dureessa addunyaa kan ta'e Elon Maask hiddi dhalootasaa Afrikaa Kibbaa ta'us, Tiraamp deeggaruun Afrikaan Kibbaa 'sanyii bu'uura godhachuun lafa irraa fudhataa jirti' jechuun X gubbaatti bulchiinsa Siiril Raamaafoosaa qeeqee jira.

Waajjirri Pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosan Elon Maaskitti bilbiluun Tiraamp akka irraa tasgabbeessufi seera biyyattii waa'ee lafaa ilaalchistee baaste sirnaan akka hubachiisu gaafachuu torbanuma kana ibsee ture.

Pirezidaant Siiril Ramaafoosaa garuu, seerri biyyattiin baaste uummanni bifa haqa qabeessa ta'een lafatti akka fayyadamu kan godhuudha jechuun Tiraamp seericha akka hin taanetti hubachuu himanii ture.

Seerri Afrikaan Kibbaa baaste, lafa seeran ala warra adii harka jiru beenyaa malee akki itti irraa fudhatamu akka jiru ni hima.

Kana bu'uura godhachuun Tiraamp Afrikaan Kibbaa 'garee tokkorratti xiyyeeffachuun' lafa beenyaa malee irraa fuudhun mirgasaanii sarbite jechuun qoqqobbii deeggarsa irraa dhaabuu irra kaa'e.

Afrikaan Kibbaa gita bittaa sirna Appartaayidii jalaa erga baatee booda, abbummaan lafaa gaaffii cimaa hanga ammaa deebii hin argatin jiruufi falmisiisaa ta'ee hafeedha.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

08 Feb, 09:17


"Dhiibbaan jira taanaan hojii gadhiisaa"- Komishinara KMNI

Hogganaa Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa ta'un kan muudaman Obbo Birhaanuu Adeeloo hojii haaraa itti muudaman sirnaan akka hin hojjanne dhiibbaan mootummaa irra gaha taanaan aangoo akka gadhiisan himan.

Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa akka gaggeessaniif "eeruu namni kenneen" filamuu kan kan himan Obbo Birhaanuun gaafa itti himamu fudhachuufis dhiisuufis miira wal-makaa keessa akka turan dubbatu.

Hojii mootummaarraa waggootaaf fagaatanii turanis "biyyaafi ummata tajaajiluuf" carraa gaarii ta'ee waan itti mul'ateef itti gaafatamummaa kana tole jedhanii fudhachuu himu. Komishinicha gaggeessuufis "dandeettii fi beekumsa" qabaachuu himan.

Turtii isaanii keessatti hojiiwwan bu'uuraa sadi hojjachuuf karoorfachuu himan. Isaanis sarbama mirga namaa dhaabsisuuf hubannoo uumuu, dhiibbaa alaa tokko malee “sirnaan qorachuu”, akkasumas "kanneen yakka hojjatan akka seeraaf dhiyaatan, warri miidhaan irra gahe beenyaa akka argatan gochuu" ta’uu ibsu.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Feb, 19:54


Biiroon Fayyaa Oromiyaa ambulaansota 100 ol dhaabbilee fayyaa hanqina qabaniif raabse

Biiroon Fayyaa Oromiyaa Ambulaansota 109 Ministeera Fayyaa irraa argate hospitaalota fi baankilee dhiigaa dabalatee dhaabbilee fayyaa godinaalee fi magaalota garagaraa keessatti argamaniifi hanqina Ambulaansii qabaniif raabsuu beeksise.

Sagantaa walharkaa fuudhinsaa irratti hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Piroofesar Natsaanat Warqinah argamuun haasawa taasisaniin, Ambulaansota kanneen kenna tajaajila fayyaa haadholii, daa'immanii fi namoota yaala ariifachiisaa barbaadaniif oolchuuf akka gargaaru himan.

Kunis kenna tajaajila fayyaa naannichaa fooyyeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan kaasan Piroofesar Natsaannat, haata’u malee ambulaansota kana tajaajila kanneenii ala itti fayyadamuun kan gaafachiisu ta'uu hubachiisaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Feb, 15:14


Tiraamp Afrikaa Kibbaarra qoqqobbii akka kaa'u beeksisuu hordofee pirezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiril Raamafoosan dureessa addunyaa kan ta'e Elon Maaskitti bilbiluun Tiraamp akka irraa tasgabbeessu gaafatan.
Elon Maaski Afrikaa Kibbaatti dhalate.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Feb, 07:10


#Itoophiyaa #USAID

Dhaabbileen siivilii USAIDn deeggaraman qabeenyaafi maallaqa akka hin dabarsineef dhorkaman

Ejansiin dhaabbilee hawaasa siivilii Itoophiyaa keessatti argamanii fi kanneen deeggarsa maallaqa Dhaabbata Deeggarsa Misooma Ameerikaa (USAID)n argatan ''hayyama ifaa'' abbaa taayitichaa malee qabeenyaa amma hin gurgurree fi maallaqa akka hin dabarsineef akeekkachiise.

Dhaabbanni USAID'n Itiyoophiyaatti:-
   👉 Bara 2020 irraa kaasee deeggarsa namoomaa birrii biiliyoona 3.6 taasiseera.
   👉 Sirna fayyaa biyyaaleessaa Itoophiyaa cimsuudhaaf waggaadhaan doolaara miiliyoona 154   deeggarsa taasisa.

Waajjirri dhaabbilee hawaasa siivilii kun akeekkachiisa kana kan kenne Kibxata kaleessaa Guraandhala 4, 2025 ibsa ariifachiisaa baaseen yoo ta'u, kanneen akeekkachisa kana darbanii argaman irratti tarkanfin ni fudhatama jedheera.

DHiheenya marsaa lammaffaaf aangoo kan qabatan pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp, ajaja dabarsan hordofee, dhaabbanni deeggarsa miisooma idil-addunyaa Ameerikaa deeggarsa addunyaa maraatti taasisuu dhaabeera.

Bulchiinsi Tiraamp dhaabbatichi waajira dhimma alaa biyyattii jala akka galuuf karoorsuu ibseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Feb, 17:45


Lubbuun namoota 8 darbeera!

Naannoo Oromiyaa Godina Gujii aanaa Saabbaa Boruutti namoonni 8 albuuda baasuuf qotaa turan biyyeen itti garagaluun hundi isaanii lubbuun darbuu hogganaan komnikeeshinii aanicha Obbo Ashannaafii Dinquu Tikvaadhaaf himaniiru. 

Namoonni lubbuun darban kunniin albuuda mala aadaatin baasuuf osoo qotaa jiran biyyeen irra garagaluu ibsaniiru.

Jiraataan iddoo balaan mudate kana jiraatuu himu tokko, “[yeroo lafti jigu] namoonni achi jiran hedduu waan turaniif namoonni lama miidhaman akka jiraniifi kanneen miidhaman biroo jiraachuu malu sodaan jiru ni jira. Hojiin barbaaduu ammas itti fufeera,” jedhe.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Feb, 15:42


#Keeniyaa #WBO

Mootummaan Keeniyaa hidhattoota WBO irratti ‘oppireeshinii nageenyaa addaa’ eegaluu ibse

Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa Keeniyaa qaama ittisa yakkoota daangaa ce’an hojjechaa jiruun Guraandhala 3, 2025 irraa eegalee Kaawuntii Marsaabit fi Isi’oloo keessa bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) socho’utti oppireeshinii nageenyaa addaa eegaluu beeksise.

Tajaajilichi duulli kun yakkamtoota gochaalee seeraan alaan nageenya biyyaalessaa Keeniyaa irratti balaa guddaa geessisan, kan akka daddabarsa meeshaalee waraanaa, albuuda seeraan alaa baasuu fi maallaqaaf nama butuu irratti akka xiyyeeffatu ibseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Feb, 10:21


#Raashiyaa #Itoophiyaa

Raashiyaan Itoophiyaafi biyyoota biroo 4 waliin daldala maallaqaa waliinii eeyyamte.

Raashiyaan biyyoota Afrikaa sadii dabalatee Arjantiinaa, Kaamboodiyaa, Naayjeeriyaa, Tuunisiyaafi Itoophiyaaf daldala maallaqaa eeyyamuun gabaafame.

Murteen kuni jijjiiraa maallaqaafi daddarbiinsa si’eessuufi rakkoo qoqqobbii biyyoonni Lixaa furuuf yaadamee ta’uu eerameera.

Murtee kana hordofuun lakkoofsi biyyoota Raashiyaa waliin daldala maallaqaa raawwatanii gara 40 guddateera.

Kana malees, tarkaanfiin kuni jijjiirraa maallaqaa kallattii akka guddatuufi kaffaltii maallaqa biyyaaleessaa kan si’eessuu ta’uu ibsameera. AS

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

03 Feb, 16:32


Lallaba amantaa bakka hin malleetti gaggeeffamu to’achuuf qajeelfamni qophaa'aa jiraachuu ibsame

Itoophiyaa keessatti lallaba amantii bakka hin malletti geggeeffamu sirreessuufi rakkoo kana haala itti fufiinsa qabuun furuuf qajeelfamni qophaa’aa jiraachuu Biiroo Bulchiinsa Nageenyaa fi Tasgabbii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Adeemsa qajeelfama kana baasuu keessatti dhaabbileen amantaa, dhaabbileen adda addaa fi qooda fudhattoonni waajjiricha dabalatee akka irratti hirmaatan biirichi ibseera.

Biiroon Nageenyaa fi Tasgabbii Finfinnee waltajjii marii torban darbe kutaalee hawaasaa adda addaa waliin gaggeesse irratti gorsaan biirichaa Obbo Gabree Daanyaw, magaalattii keessatti lallaba amantaa bakka hin malleetti rawwatamu hir’isuun akka danda’ame dubbatan.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Feb, 14:50


Namni Hedduun dalaguuf jira Tarii  miseensi As keessaa kan Fayyadamu yoo jiraate Carraan kun jala hin darbiiniidhaafi

MEDIA HAQAA

02 Feb, 14:30


#️⃣ Memehash new code

epic_event (Tap to Copy)

Claim fast 100k Energy 💥💥
t.me/memhash_bot/start?startapp=2BADo9

MEDIA HAQAA

02 Feb, 11:57


Daa'imni Siimboo Birhaanuu haala sukkaneessaan Ajjeefamtee.

Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Meettaa Walqixxee magaalaa Eelaatti guyyaa Roobii daa'imni umurii 10 taatu Simboo Birhaanu haala sukkaneessaa ta'een Ajjeefamtee argamterti.

Daa'imni kuni barattuu kutaa tokkoffaatti, torbaan darbe kana, guyyaa Roobii Erga mana barumsaatii deebitee laaqana nyaattee booda mana isheetti fuudhani yakka qaanessuu irratti raawwatan.

Mana isheeti erga fuudhamtee booda  gudeedamtee ajjeefamte argamuun dheekkamsa kaaseera.

Maatiin miidhamtuu kanaa "wanti nu mudate nama biraa mudachuu hin qabu" kan jedhan yakka fokkisaa daa'ima isaanii xiqqaa irratti raawwatameef haqa barbaadaa akka jiran himaniiru.

Akkaataa ajjeefamte irratti poolisiin ammatti waan ifa godhe hin qabu. Hospitaallis qorannoon ifa hin goone.

Ollaan daa'ima kanaa guyyaa ajjeechaan raawwate poolisoonni dhufuun ''suuraa kaasanii deeman,'' jechuun dubbataniiru.

Maatiifi ollaan 'gudeeddiin irratti raawwatee achiitii fannifamtee' argamuu dubbatuu.

''Manni yaalaa asi ilaale jennaan gudeedatu irratti raawwate jedhani'' kan jedhan ollaan, wanti kuni hawaasa keessa rifaatuu uumuu himuun ''safuutu cabe'' jedhan.

Bulchaa Aanaa Meettaa Walqixxee Obbo Birhaanuu Ajjamaa garuu namoonni shakkaman to'atamuu dubbataniiru.

(Oduu bal'innaa hordofnee isin biraan geenna)

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Feb, 10:46


Dorgommiin xumuraa Qur'aanaafi Azaanaa idil addunyaa 2ffaan dorgomamaa jira.

Dorgommiin xumuraa Qur'aanaafi Azaanaa idil addunyaa 2ffaan qopheessummaa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaafi Waldaa Qur'aanaa Zayid Ibnuu Saabiitiin har'a Istaadiyeemii  Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Dorgommichi dubartoota Qur'aanaa dubbisan hirmaachisuun Afriikaatti lammaffaa Itiyoophiyaattimmoo kan jalqabaa ta'uun himameera.

Dorgommicharratti Itiyoophiyaa dabalatee dorgomtoonni biyyoota 60 olirraa dhufan hirmaachaa jiru jedhame.

Itiyoophiyaan dorgommii kana yeroo 2ffaaf keessummeessite.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Feb, 09:40


Dr.Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa ta’uun filaman.

Yaa’iin Paartii Badhaadhinaa 2ffaa taa’amaa jiru Ministira Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Paartichaa gochuun irra deebiin filate.

Obbo Tamasgeen Xuruneefi obbo Aadam Faaraah Pireezidaantota Ittaanoo ta'uun filaman.

Filannoon kunis tekinooloojiin deeggaramuun karaa iftoomina qabuufi ammayyaa’aan raawwatamuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa arganne ni mul’isa.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Feb, 09:27


#Affaar

"Namoonni 8 du'aniiru. Kan madaa'an 10 ol ta'u. Miidhaa guddatu irra gahe"- jiraattota

"Haleellaan kun haleellaa Dirooniiti. "Lakkoofsi nama du'ee haga ammaa saddeeti dha" - Aanaa Ellida'ar

Naannoo Affaar aanaa Ellida'ar ganda Siyaaru jedhamutti halleellaan Diroonii Jiraattota, daa'imman, dubartootaa fi qonnaan bultoota irratti du'aa fi miidhaa qaamaa geessisuu jiraattonni aanichaa himaniiru.

Odeeffannoo jiraattonni nuuf kennan, "Namoonni 8 ajjeefamaniiru. Namoonni 10 ol ammoo madaa'uun hospitaala Dubtii seenaniiru. Haleellan kan godhame Diroonii kallatti Jibuutii irraa dhufeeni" jedhaniiru

Jiraattonni odeeffannoo bal’inaan kennan keessatti maal jedhan?

"Kamisa galgala yeroo duraa namoonni sadii ajjeefaman. Sadanu dirooniin haleelaman. Kaleessa ganama osoo namoota du'an awwalaa jiran dirooniin ammas dhufe haleellaa bane.

Jalqaba, dhiira sadii kan ajjeefaman yoo ta’u, ammas yeroo sadii dhufe haleella bane. Sadan erga ajjeefamanii booda dubartootaa fi daa'immani haleele jedhaniiru.

Waliigalati lakkoofsi nama du'ee du'ee saddeet ta'a. Kan madaa'an 10 oli ta'u. Kanneen madaa'an bayyee miidhamaniiru.

Bakki haleellan kun Jibuutiif daangaadha. Dirooniin kallatti kamiin akka dhufte beekamadha. Ni mul'ata ture Jibuutii irraa akka dhufe ni beekama.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Jan, 15:02


Binnaalf Andu’aalam Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun kakuu raaawwatan

Ministirri Nageenyaa duraanii Obbo Binnalf Andu’aalam Ameerikaatti ambaasaaddara Itoophiyaa ta’uun kakuu raawwataniiru.

Binnaalf ji’a Sadaasa darbe keessa kan muudaman yoo ta’u, guyyaa ha’raa kakuu raawwachuun xalayaa muudamaa Pireezidaantii Itoophiyaa Taayyee Atsiqasillaasee irraa fudhataniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Jan, 14:59


#Finfinnee

Hoggantoota 8 dabalatee hojjettoota 74 irratti tarkaanfii fudhachuu isaa biiroon galiiwwanii magaala Finfinnee beeksiseera.

Biiroon Galiiwwanii Magaalaa Finfinnee toora bilbilaa bilisaa 7075 fayyadamuun yaada ummata irraa argame irratti hundaa’uun ji'oota jahan darban keessatti hoggantoota 8 dabalatee hojjettoota biirichaa 74 irratti tarkaanfii hanga hojiirra ari’utti fudhachuu Hogganaan Waajjira Biiroo Galiiwwanii Finfinnee Obbo Adaana Sulee ibsaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Jan, 14:54


Itoophiyaatti hakimoonni sababa mindaa isaanii gaafataniif hidhaman jiraachuu Waldaan Ogummaa Fayyaa Itoophiyaa ibse

Naannolee tokko tokkotti hakimoonni sababa mindaa isaanii gaafataniif hidhaman jiraachuu isaanii fi gaaffiin isaanii osoo hin furamiin dhiibbaa hedduu jalatti hojjechaa akka jiran waldichi ibseera. 
 
Kana malees, hakiimota biratti hoji dhabdummaan dabalaa dhufuu isaatiin alatti, kanneen “sababii dhukkuba adda addaatiin yaala fayyaa hatattamaa barbaadan, dafanii yaala sirrii argachuu waan hin dandeenyeef lubbuu isaanii dhabaa akka jiran” ibseera.
 
Waldichi rakkoowwan kanneen irratti qondaaltota waliin marii akka gaggeesse eeruun, “guddina rakkoo kanaa yoo ilaalle, ammallee qooda fudhattoota hedduu irraa deebii qabatama barbaada” jechuun cimsee ibseera.

Waldichi kana kan ibse yaa’ii waggaa ogummaa fayyaa 61ffaa fi agarsiisa fayyaa idil-addunyaa Gurraandhala 14-15 finfinneetti adeemsifamu ilalchisuun ibsa baasee kessattidha.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

30 Jan, 08:14


TulluuBoollo

Maashinni maallaqni sobaa ittiin hojjetamu, maallaqa sobaa waliin to'atame

Godina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Bachoo  Magaalaa Tullu Boolloo Ganda Burqaa keessatti  Amajjii 17 bara 2017 shakkamtooni lama maallaqa sobaatiin bittaa osoo raawwatanii eeruu hawaasaatiin Birrii kuma 43 fi 200 waliin to'atamuun isaanii ni yaadatama.

Poolisiin Aanaa Bachoo qorannoosaa itti fufuun Bulchiinsaa Magaalaa Walisoo Gandaa Ayyeetuu  sakattoo ‎mana jireenyaa Shakkamtootaatti raawwateen maashinaa maallaqa sobaa ittiin  hojjetan piirintaara gosa adda addaa lama, maallaqa soba abba dhibba lamaa fi dhibba tokko walumatti Birrii kuma 75 fi 250 akkumaas qalamaa bifa adda addaa afur waliin to'achuu beeksiseera.

Namoonni biroon yakka kana keessaa harka qaban lamas  to'atamuu Komishinii Poolisii Oromiyaarraa odeeffanne

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

30 Jan, 08:12


Ameerikatti  xiyyaarri imaltootaa fi helikooptarri waraanaa qilleensarratti walitti bu'uun kufaniiru.

Balaan kun kan muudate  walakkaa magaalaa Washingitan laga Potomak jedhamutti irratti dha.

Xiyyaarri PSA Airlines Bombardier CRJ70 jedhamu kun imaltoota 60 fi balalistoota 4 kan qabu yeroo buufata xiyyaara qubatuuf jirutti helikooptara waraana namoota 3 qabatteen walitti bu'uun balaan kun muudateera.

Balaa kana hordofuun buufanni xiyyaara biyyaleessaa Roondaald Reegan wayita namoonni deeggarsa yeroo muddamaa kennanitti balalii hunda addaan kuteera.

Hojjattoonni lubbuu baraartoota iddotti argamuun hojitti kan jiran yoo ta’u, haga amma wanti argame hin jiru.

Polisii naannichaa fi qondaaltoota federaalaa dabalatee ejansiiwwan hedduun ergama lubbu baraarsaa keessatti hirmaataa jiru.

Lakkoofsi namoota du'anii hanga ammaa hin ibsamne.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

29 Jan, 14:48


Xiyyaarri waraanaa Ameerikaa F-35 doolaara miiliyoona 80 oliin bitame kufuun dhagayame

Paayileetiin xiyyaarichaa osoo hin kufin balaa kanarraa of baraaru danda'eera. Humna guddaa addunyaa kan taate Ameerikaan buufata qilleensaa waraanaa ammayyaa Alaskaa qabdi.

Buufatni humna qilleensaa kun Ellison kan jedhamu yoo ta'u, xiyyaaronni waraanaa qaaliifi ammayyaa ta'an kan itti argamuudha. Kanneen keessaa xiyyaaronni waraanaa ammayyaa F-35 54 dirqama biyyaalessaaf qophaa’aniiru.

Xiyyaarri waraanaa F-35 tokko shaakala leenjii irratti kufee ibiddi ittiqabamuu isaa AP gabaaseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

29 Jan, 10:01


#Finfinnee

Ragaan barnoota hojjattoota mootummaa 90,000 ol sakatta'amuufi

Biiroon Pabliik Sarviisiifi Misooma Qabeenya Namaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ragaa barnootaa hojjattoota fi hoggantoota waajjiraalee mootummaa 90,000 ol ta'an yeroo gabaaba keessatti qulqulleeffachuuf qophaa'uu ifoomse.

Ragaan barnootaa hoggantootaa fi hojjattoota 90,000 oli qulqulleessuun ragaa sobaa adda baasuuf karoorfachuu Itti gaafatamaan Damee Hoggansa Qabeenya Namaa Obbo Malaakuu Taammiruu himaniiru.

Gochaan kunis kenniinsa tajaajilaa magaalattii foyyeessuu keessatti gahee guddaa qaba jedhameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

28 Jan, 15:35


Abbootiin Gadaa Karrayyuu hidhamanii achi buuteen isaanii dhabamee ture gadhiifamaniiru.

Abbootiin Gadaa Karrayyuu fi jaarsolii biyyaa 20 ta'an hidhaa guyyoota 21 booda gadhiifamuu isaanii ibsameera.

Abbootiin Gadaa fi manguddoonni kunneen baatii tokko dura sirna buttaa qaluu erga raawwatan booda kan fudhataman yoo ta’u, sababiin hidhamaniif “maaliif hidhattoota WBO galchuu diddan” jedhamanii akka ta'ee maatii irraa dhagahameera.

Miseensota Gadaa Michillee hidhaa guyyoota booda gadhiifaman keessaa Roobaa Jiloo Jeenboo, Gurroo Roobaa Hanbuu fi Haldaggoo Fantaallee jedhaman kan argaman yoo ta’u, jaarsolii biyyaa irraa Abbabaa Abbulloo, Qoonjoo Jiloo Godeetti, Umaar Roobaa Ayyaanaa, Hawee Jiloo fi kanneen biroo argamu. 

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

19 Jan, 06:13


#Arsii_Lixaa

Godina Arsii Lixaa Aanaa Wandootti balaan Ibidda Bosonaa mudateera.

Balichi aanicha ganda Gootuu Olomaa  bosona gaara Abaaroo jedhamuutti  kaleessa guyyaa sa'aatii 10:00tti  mudachuun ibsameera.

Ibiddicha dhaamsuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuun ibsameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

18 Jan, 18:27


#Kataraa

Ayyaanni Kataraa bara 2017 akkaataa duudhaa amantaa isaa eeguun bifa miidhagina qabuun kabajameera.

Magaalootaa fi Aanaalee Oromiyaa hunda keessatti ayyaanni kataraa bifa hawwataa ta'een kabajameera.

Boru biyyattii guutuutti ayyaanni cuuphaa ni kabajna.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

18 Jan, 17:08


NGAT Result
⬇️⬇️⬇️
https://t.me/MEDIA_HAQAA/2807

MEDIA HAQAA

18 Jan, 04:34


#TikTok

Tiktok Ameerikaa keessatti Dilbata dhufu irraa eegalee murtee akka ugguramuu ykn Ameerikaaf akka gurguramu jedhu manni murtee Ameerikaa raggaasiseera.

Har’a Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera federaala Tiktok US keessatti akka cufamu ykn akka gurguramu dirqisiisu deeggarsa isaa kenneera.

'TikTok' ol'iyyannoo dhiheessus garuu fudhatama dhabeera.

Yeroo darbe appichi "odeeffannoo dhuunfaa lammiilee Ameerikaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna waan kana ta'eef nageenyaa biyyaatiif sodaa uumaa jechuun Tiktok akka dhorkamuu ykn lammiilee Ameerikaatti gurguramuu akka qabu murteen murtaa'uu isaa ni yaadatama.

Har'a Manni Murtii Olaanaa murtii kanaan dura kenname raggaasiseera.

Murtee kana hordofuun 'TikTok' Dilbata irraa eegalee ni dhorkama.

Uggurri kun TikTok 'Appstore' fi 'Playstore' irraa akka haqamu isa taasisa.

Fayyadamtoonni haaraan 'TikTok' buufachuu hin danda'an; Fayyadamtoonni duraa ammoo haaromsu(update) gochuu hin danda'an.

Pireezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Manni Murtii Olaanaa Tiktok baraaruun murtee ugguruuf kenname yeroo biraatti akka dabarsu gaafataniiru, garuu manni murtii murtii dhumaa dabarseera.

Uggura 'TikTok' tursiisuuf kan yaalan Tiraamp Wiixata dhufu aangoo ni qabatu. Raawwii labsichaas isaaniyyuu kennameera.

Murtee mana murtii booda Tiraamp "murtee kana anatu murteessa. Murteen na bira jira. Waanan hojjedhu ni argitu" jedheera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

15 Jan, 19:15


#Peace

Hamaas waliin dhukaasa dhaabuu irratti waliigalteerra gahuun gabaafame.

Hamaas yaada waliigaltee kana fudhachuu isaa ifatti yeroo beeksisu Israa'eel illee ni beeksisti jedhamee eegamaa jira.

Qaamota lamaan gidduutti waliigaltee irra ga’uuf Ameerikaa, Qatarii fi Masriin torban hedduudhaaf hojjechaa akka turan himameera.

Akka miidiyaaleen idil-addunyaa ibsanitti waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaatiin torbaan 6'f kan turu ta’uu ibsameera.

Hamaas namoota booji’aman 33 gadhiisuuf walii galuu isaa fi Israa’el ammoo lammiilee Falasxiin gara 1,000 gadhiisuuf walii galuu ishee bal’inaan gabaafamaa jira.

Israa’el waliigaltee kanaan walqabatee dhimmoota furmaata hin argannee fi hin xumuramne tokko tokko akka qabduu fi sa’aatii muraasa dhufan keessatti furmaanni dhumaa akka dhiyaatu Aljaziiraan gabaaseera.

Ministirri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun waliigaltee kana ni raggaasisu jedhamee eegama. Mootummaan Israa'el boru sagalee ni kenna.

Waliigaltee gama lameenii gidduutti taasifamuu kun waraana ji’oota 15'f ture akka xumuramu bal’inaan ni abdatama.

Lammiileen Falasxiin oduu waliigalticha dhagahan daandii irratti bahuu. gammachuu isaanii ibsachaa jiru.

Waliigalteen kun osoo adeemsifamaa jiruu Israa’el kaampii baqattootaa Gaazaa Bureejii haleeluun lammiilee Falasxiinota hedduu ajjeestee jirti.

Ji’oota 15 darban keessatti lammiileen Falasxiin kuma 46 ol ajjeefamaniiru, Israa’eloonni 1,200 ajjeefamaniiru, 250 ammoo booji’amaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

15 Jan, 19:14


"ji’oota jaha keessatti galii Birrii biiliyoona 16 walitti qabeera":-Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaa

Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa Itoophiyaa ji’oota jahaan darban keessatti galii Birrii biiliyoona 10 walitti qabuuf karoorfate caaluudhaan Birrii biiliyoona 16.3 ol walitti qabuu beeksiseera.

Daarektarri Olaanaan Tajaajilichaa Aadde Salaamawit Daawit ibsa har’a kennaniin, lammiilee 13,322 warqa ragaa sobaa fayyadamuun tajaajila imala argachuuf socha’aa turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsan.

Paaspoortiiwwan kuma 721 fi 623 ol akka maxxanfame ibsuudhan, isaan keessaa dhibbeentaan 98 fayyadamtootaaf kennameera jedhan.

Akkasumas lammiilee biyya alaa kuma 14 fi 367f hayyama jireenyaa yeroo fi dhaabbii  raawwatamuu fi namoota 20f lammummaan akka kennameef ibsaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

15 Jan, 19:12


"Daandiin Baaburaa Itoophiyaa-Jibuutii Yeroo jalqabaaf bu'aa argateera":- Taakkalaa Uumaa

Dhaabbatni Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii erga hojii jalqabee as yeroo jalqabaaf kurmaana dhumaa bara 2024tti bu’aa argachuu isaa hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Taakkalaa Uumaa beeksisaniiru.

“Bu’aan argame kun karoora tarsiimowaa waggoota sadii dhufaniif dhaabbaticha gara bu’aa argamsiisutti jijjiiruuf qabanneef bu’uuraa kan ta’uu dha jedhaniiru.

Hammi fe’umsaa baaburichaa waggaatti toonii miiliyoona 6.3 ta’u qaba ture. Garuu yeroo ammaa waggaatti toonii miiliyoona 2.4 qofa hojjechaa jirra akka jiru ibsameera.

Kunis hamma fe’umsa guutuu isaa keessaa 38% qofa akka ta’e ibsaniiru.

Kiiloo meetira 750 ol kan dheeratu fi Finfinnee buufata doonii Jibuutii waliin kan walqunnamsiisu pirojektiin daandii baaburaa kun walta’iinsa Itoophiyaa, Jibuutii fi Chaayinaatiin kan ijaarameedha. 

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

11 Jan, 12:29


Project kana Seenaatii Support Nu Taasisaa.

🔤Namoonni Dalagaa Jirtan Jabeessaa dalagaa Torbee 3 tu Hafe List Ta'uudhaaf kan hin dalagne Ammaa support Nu Godhaa.
⬇️⬇️⬇️⬇️
http://t.me/zoo_story_bot/game?startapp=ref1996849354

Support Nu gochuuf
🔤Start Godhaa
🔤Task keessa seenuun Telegram Qofa Join godhaa.
Daqiiqaa tokko qofaaf isa booda Balleessuu dandeessu Hanga Bonus Nu qaqqabu qofatti

MEDIA HAQAA

11 Jan, 09:43


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Warabee

➡️Barattoonii Sagantaa fooyya'iinsa (Remedial program ) haaraa bara 2017 Yuunivarsiitii Warabeetti ramadamtan guyyaan galmee  ammajjii 21-22/2017   ta'uu Yuunivarsiitichi beeksisee jira.

Wantoota galmeef barbaachisan:-

✔️Ragaa Xumura Kutaa 8ffaa hanga 12ffaa kooppii fi orijinaala.
✔️Suuraa roga 3×4: 4.
✔️Uffata qorraa, ansoola, tiraascarqiifi uffata ispoortiiti.

#share Godhaa Hiriyoota keessaniif
@MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA

11 Jan, 09:19


#Update

Aksumitti barattoonni Muslimaa hijaaba dhorkamuun galmeen qormaata biyyoolessaa jalaa darbuu himan

Barattoonni Muslimaa kutaa 12ffaa Naannoo Tigraay magaalaa Aksum keessa jiran bulchiinsi manneen barnoota hijaaba akka ofirraa baasan isaan ajajuu hordofee qormaata biyyoolessaatiif guyyaan galmee onlaayinii isa dhumaa kaleessa Amajjii 10 jalaa darbuu himan.

Barattoonni kunniin manneen barnootaa magaalattii keessatti hijaaba yoo ofirraa baasan malee qormaata biyyoolessaaf akka hin galmoofne isaan dhorkan. Kunis seera amantaa isaanii kan cabsu ta’uu himaniiru.

Barattuun maqaan ishee akka hin eeramne gaafatte tokko maqaa yaada Addis Standard’tti laatteen, “Amantiin keenya waan dhoowwuuf, qormaata biyyaalessaaf galmaa’uuf hijaaba keenya baasuu hin dandeenyu. Seera amantii keenya cabsuu mannaa barnoota keenya dhiisuu filanna,” jette.

Barsiisaan magaalaa Aksum irraa Addis Standard dubbise tokko, galmeen barattoota idilee kutaa 12ffaa qaamaan gaggeeffamu torban darbe xumuramuu isaa mirkaneesseera.

Haa ta’u malee, galmeen karaa manneen barnootaan toora intarneetii irratti gaggeeffame ifatti kaleessa sa’aatii 10:00 xumuramuu hime.

Barattoonni kunneenis Osoo hin galmaa'in akka hafan ibsameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

10 Jan, 16:43


👀Yuunivarsiitii Barattoota Remedial Bara 2017 Waamicha Taasisan

✔️MizanTep_University
✔️Yuunivarsiitii_Jigjigaa
✔️DirreDawaa_University
✔️Yuunivarsiitii_Qabiirdahaar
✔️Yuunivarsiitii_Aarbaa_Minci
✔️Yuunivarsiitii_Aksum
✔️Yuunivarsiitii_Diillaa
✔️Yuunivarsiitii_Bulee_Horaa
✔️Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum
✔️Yuunivarsiitii_Haramayaa
✔️Yuunivarsiitii_Wachamoo
✔️Yuunivarsiitii_Bahaardaar
✔️Yuunivarsiitii_Gondar
✔️Yuunivarsiitii_Booranaa
✔️Yuunivarsiitii_Wolayitaa_Sooddoo
✔️WalloUniversity
✔️Yuunivarsiitii_Mattuu
✔️Yuunivarsiitii_raayyaa
✔️Yuunivarsiitii_Madda_Walaabuu
✔️Yuunivarsiitii_Injibiraa
✔️Yuunivarsiitii_Asoosaa
✔️Yuunivarsiitii_Dabaarq
✔️Yuunivarsiitii_Waaldiyaa
✔️Yuunivarsiitii_Maqdalaa
✔️SamaraUniversity
✔️Yuunivarsiitii_Arsii
✔️Yuunivarsiitii_Jinkaa
✔️Yuunivarsiitii_Wallagaa
✔️Yuunivarsiitii_Salaalee
➡️Yuunivarsiitiileen Armaan Olitti HeeramanYuunivarsiitiiwwan Barattoota Isaaniitiif Waamicha Taasisanidha.

#MEDIA_HAQAA_UNIVERSITY

MEDIA HAQAA

09 Jan, 15:17


Paarlaamaan labsii qabeenya deebisiisuu hanga waggaa 10 duubatti deebi’ee hojjatuu raggaasise

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya deebisiisuu raggaasiseera. Labsiin har’a Amajjii 09, 2025 raggaasifame kun mootummaan qabeenya madda isaanii hin ibsamne akka to’atuufi deebisiisuuf aangoo kan kennuudha.

Seerri haaraan kun liqii baankii, aksiyoonaa, boondii fi qabiinsa diinagdee qaban biroo dabalatee qabeenya waggoota kurnan darban keessatti argaman tilmaamni isaanii Birrii miiliyoona 10 ol ta’an irratti kan xiyyeeffatuu dha.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

08 Jan, 20:22


Daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalate

Godina Jimmaa Aanaa Oomoo Naaddaatti daa'imni Kiiloo giraama 6.2 ulfaatu dhalachuu ibsame.

Daa'imni kun Hospitaala sadarkaa jalqabaa Naaddaatti yaala baqaqsanii yaaluun dhalachuu Ispeeshaalistiin yaala Baqasanii yaaluu Hospitaalichaa Dooktar Dassaalenyi Tasafaayee himaniiru.

Yeroo ammaa daa'imniifi haati sadarkaa gaariirra jiraachuu ibsameera.
 
@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

08 Jan, 11:23


MEDIA HAQAA pinned Deleted message

MEDIA HAQAA

08 Jan, 11:23


💵Link Asii Gadii Cuqaasuun Banaatii Hojjadhaa Ni Kaffala Check Gooneerra.
🔤Invite Nama Gochuu qofaan isiniif Kaffala.
⬇️⬇️⬇️
https://t.me/lucky_gems_official_bot/app?startapp=27YM2WTgreoC87XxvBUG7sCrtBfqt1zWjnLJ3u53iXW8EfV

MEDIA HAQAA

07 Jan, 17:50


#Boba_aa

Beenzilli liitira tokkoo birrii 101.47 yoo galu, Naafxaan (diizilli) liitira tokkoo birrii 98.98 ta'ee jira.

Guyyaa har’aa gatiin gurgurtaa oomishaalee boba’aa dabaleera.

Ministeerri Daldalaa fi Hariiroo Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa Muddee 29, 2017 galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee magaalaa Finfinneetti gatii gurgurtaa oomishaalee boba’aa hojii irra ooluu beeksiseera.

Haaluma kanaan:

➡️Benzila liitira tokkoo Birrii 101.47

➡️Naafxaan liitira tokko Birrii 98.98,

➡️Keeroosiinii liitira tokko Birrii 98.98

➡️Boba'aan xiyyaaraa Birrii 109.56

➡️Naafxaa gurraacha ulfaataa liitira tokko Birrii 105.97  fi

➡️Naafxaan gurraachi salphaa liitira tokko Birrii 108.30n akka gurguramu murtaa'eera.

#boba'aa #Itoophiyaa

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

07 Jan, 07:57


🎉Hordoftoota Amantii Kiristaanaa Hundaaf Baga Guyyaa Ayyaana Dhaloota Iyyasuus Kiristoosin Isin Gahe.

Ayyaana Gaarii!!

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

06 Jan, 17:01


Walaloo Afaan oromoo
Kanneen bifa Addaa
Dubbistee Bohaaruu
Amma Ni Barbaaddaa Taanaan
Ammuma Maal Eegdaa

                      ⬇️⬇️⬇️
JOIN US @Wiirtuu_Wolaloo
JOIN US @Wiirtuu_Wolaloo

MEDIA HAQAA

06 Jan, 06:46


Du’aan boqochuu Obbo Bulchaa Dammaqsaa hordofee Dooktar Abiy Ahimad gadda isaanitti dhaga’ame ibsan

Du’aan boqochuu Obbo Bulchaa Dammaqsaa hordofee Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Gadda Isaanitti dhaga’ame ibsan. Dooktar Abiy ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, waan danda’an hundaan biyyasaaniifi Afrikaa kan tajaajilan, ejjennoosaaniitiin cimaa, ummattoota walitti dhiyeessuuf kan dhama’an, waan dhugaadha jedhanii itti amanan eessattuu yoomiyyuu kan dubbatan turani jedhan.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Jan, 17:48


https://t.me/MEDIA_HAQAA/2754

MEDIA HAQAA

05 Jan, 17:10


Kitaaba Hin Gaabbu Jedhu
Jawaar Mahaammad

⬇️⬇️⬇️
https://t.me/MEDIA_HAQAA/2753

MEDIA HAQAA

05 Jan, 16:54


Aanaa Awaash Fantaallee ganda Saaburee keessatti manneen barnootaa lama kirkira lafaatiin miidhamaniiru.

Manneen barnootaa kunneenis mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Ungaayituu fi mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Saaburee ti.

Akka waajjirri misoomaa fi ijaarsa magaalaa aanichaa ibsetti dareelee barnootaa 12 m/b sadarkaa 1ffaa Ungaayituu keessaa jaha fi Dareelee barnootaa m/b sadarkaa 2ffaa Saaburee 16 keessaa saddeet foddaan isaanii irraa caccabee jira.

Akkasumas Kutaawwan kunniin babbaqaqanii haala jiguu keessa jiru.

Manni Barumsaa Ungaayituutti sababa Kirkira lafaatiin dareewwan barnootaa akka malee erga miidhamaniin booda muka jalaa fi dunkaana keessatti barattoota barsiisaa tureera.

Guyyaa Kibxata Muddee 22, 2017 ganama sa’aatii 2:30 irratti kirkirri lafaa kun bifa hammaataa ta'een waan muudateef barattoonni sana booda rifachuudhaan mana barumsichaatii ba’aniiru.

Manni barumsichaa maatii isaanii waamee erga haasofsiisee booda "Ijoolleen keenya nu bira yoo turani wayya" jedhanii, adeemsi baruu fi barsiisuu dhaabbatee jira.

Gandoota aanichatti argaman 6 keessaa 4 kirkirri lafaa yeroo baay’ee mudachuu isaa hordofuun jiraattonnis bakka fooyya’aa ta’etti qubachiifamaa akka jiran himameera.

Gama biraatiin ammoo kirkira lafaa aanaa Hanrukaatti mudateen manni barumsaa tokko miidhameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Jan, 15:48


Konkolaattoonni boba’aa fe’anii dhokatanii turan to’ataman

Bootteewwan Boba’aa fe’anii iddoolee garaagaraatti dhokachaa turan to’atamuu Abbaan Taayitaa Boba’aa fi Inarjii beeksise. Biiroon Daldalaa Naannoo Afaarii fi qaamoleen nageenyaa hordoffii taasisaa turaniin bakkeewwan dhokatanii akka bahan taasiifamuu eerameera. Boba’aa Finfinnee dabalatee naannolee garaagaraaf dhiyaachuu qabu Naannoo Afaar bakka Saardoo Admaas jedhamutti dhoksaa osoo jiranuu to’annoo jala ooluun ibsame

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Jan, 23:31


Daqiiqaa muraasa dura kirkirri lafaa uumamee ture Rektar iskeelii 5.0 ta'uu heerameera

MEDIA HAQAA

04 Jan, 16:39


#UniqeCryptoZone💵

➡️Channel Kana Yoo Seentan Hundumaa Ni Argattuu.
✔️Odeeffannoo Crypto
✔️Airdrop Garaagaraa
✔️Daily Combo Garaagaraa
✔️Airdrop Filataman
✔️Baruumsa Airdrop
✔️Addunyaa Crypto

Seenuudhaaf

⬇️⬇️⬇️
https://t.me/UniqueCryptoZone

MEDIA HAQAA

04 Jan, 15:55


#Asbeks_Maalii?
➡️Dhuguma Ni kaffalaa?
➡️Hojjachuuf Ulfaataadhaa?
➡️Maallaqaa Irraa Baafattaniittuu?

➡️Mee Namoonni Hojjattan Comment Jalatti deebii kana nuuf deebisaa?
@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Jan, 01:21


Kirkirri Lafaa Akkuma itti fufetti jira

MEDIA HAQAA

03 Jan, 18:50


Volcano Hafaritti dhohe Kana fakkaata.
@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

03 Jan, 18:50


#Earthquake

Har'a galgala sa'aatii 2:01 irratti kirkirri lafaa humna(Reektar ) Iskeelii 5.5 ta’e akka mudate taateewwan kirkira lafaa addunyaa irratti raawwataman kan hordofu qorannoo ji’ooloojii Yunaayitid Isteetis (USGS) beeksiseera.

Kirkirri lafaa kun Awaash irraa fageenya km 44 irratti akka mudate gabaafameera.

Kirkirri lafaa galgala kanaa kan yeroo kamiyyuu caalaa ol'aanaadha.

Sochiin isaa Finfinnee fi magaalota biroo keessatti guddaa dhaga'ameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

03 Jan, 10:01


Aanaa Dulachaatti Volkaanoon dho'e

Naannawaa tibbana kirkirri lafaa itti mudataa ture keessaa Aanaa Dulachaa Gaara Doofan irratti Volkaanoon dhowuun eerame.

Dhohiinsa Volkaanichaa hordofee jiraattota naannawichaarra miidhaan akka hingeenyeef tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Naannoo Afaaritti Bulchaan Godina Gaabii Rasuu Abduu Alii Faanaa Dijitaaliif ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan hojiin jiraattota buufata yeroo qubsiisuu hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Kirkirri lafaa irraa deddeebiin mudachuun itti fufuu kaasanii, dhohiinsi Volkaanoo har’a uumamuu fi kirkirri turees kan duraan mudachaa tureerra cimaa ta'uu himaniiru
@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Jan, 17:36


#Somaaliyaa #SuudaanKibbaa

Humna elektirikii Itoophiyaa irraa fayyadamuuf gaaffii dhiyeessan

Biyyoonni ollaa Itoophiyaa lama, Sudaan Kibbaa fi Somaaliyaan, fayyadamummaa humna elektirikiif gaaffii dhiyeessuu isaanii Humni Elektirikii Itoophiyaa beeksise.

Biyyoota dhiyeessii elektirikii argachuuf Itoophiyaaf gaaffii dhiyeessaaniif adeemsaan deebii kennuuf hojjetamaa jiraachuu Hoji Raawwachiisaa Olaanaa Humni Elektirikii Itiyoophiyaa Ashabbir Baalchaa ibsaniiru.

Adeemsa hanga ammaatiin biyyoonni ollaa Sudaan, Jibuutii fi Keeniyaa Itiyoophiyaa irraa fayyadamtoota humna elektirikii ta’uu eeruun, dhiyeenyattis gara Taanzaaniyaa gurguruuf diriirsi bu’uuraalee misoomaa xumuramuu dubbataniiru.

Itoophiyaan humna elektirikii maddisiistu keessaa 90% fedhii biyya keessaaf, 10% ammoo biyyoota garaagaraaf dhiyeessaa jiraachuu himaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Jan, 11:52


#Faayidaa

Lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa 'Faayidaa' ulaagaa ta’uu eegale

Baankileen magaalaa Finfinnee keessatti argaman maamilli lakkoofsa herreega baankii banachuuf waraqaan eenyumaa diijitaalaa Faayidaa ulaagaa jalqabaa ta’uu beeksisan.

Hojimaanni kunis har’a Amajjii 01, 2025 eegalee hojiirra oola jedhame.

Akkaataa qajeelfama Baankii Biyyaalessaan guyyaa har’aa eegalee baankileen magaalaa Finfinneetti argaman hundi hojimaaticha hojiirra oolchuu jalqabuu ibsameera.

Ulaagaan kunis adeemsa keessa guutuu biyyattii naannolee hunda keessa akka hojiirra oolu eerameera.

#mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Jan, 08:33


#January 1/2025
Akka Lakkoofsa Gregorian Calendar Barri 2025 Seeneera
.
@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Dec, 19:25


#December 31-2024
#Kirkirri Lafaa Akkuma Itti Fufetti jira Guyyaa Har'a Jechuun kibxata Halkan Sa'aatii 4:21 Irratti kirkirri lafaa Uumamee ture.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Dec, 16:04


#WAAMICHA
#Yuunivarsiitii_Injibiraa

Bara 2017 Sagantaa Sirreeffamaatiin barattoonni Yuunivarsiitii Injibraatti Ramadamtan Guyyaan Galmee Amajjii 26-27/2017 ta'uu beeksiseera

➡️Yeroo Gara Mooraa deemtan:-
✔️Ragaa Barnootaa kutaa 8ffaa-12ffaa Orjinaalaaf Koppii
✔️Tiraaniskiriiptii Kutaa 9ffaa-12ffaa Orjinaalaaf Koppii
✔️Suuraa Gabaabaa 3×4 Afur
✔️Uffata halkanii,Uffata Boraatii,Hidhannoo Sport,Uffata Firaashaa qabachuu qabdu.

ODEEFFANNOO BARNOOTAA Argachuuf
⬇️⬇️⬇️
@MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA

31 Dec, 14:08


#Kirkirri Lafaa Akkuma Itti Fufetti jira.
Bakka kana namoonni beektan mee Comment jalatti Barreessaa meeqan keensattu beeka

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

30 Dec, 20:54


#December 29-2024
#Kirkirri Lafaa Akkuma Itti Fufetti jira Guyyaa Har'a Jechuun Wixata Halkan Sa'aatii 5:50 Irratti kirkirri lafaa Uumamee ture.
Kan Nageenyaa nuuf yaa ta'u
.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

07 Dec, 18:57


#Update

"Ibsaa guutuu biyyaatti deebi'aa jira" - Giddugala To'annoo Humna Biyyaalessaa

Giddugalli To'annoo Humna Biyyaalessaa, "Humni ibsaa galgala kana sababa tasgabbii dhabuu sistamaatiin addaan citee ture deebi'aa jira" jechuun beeksiseera.

Akka wiirtichi jedhetti voolteejii sirnichaa tasgabbeessuu fi humna addaan cite suuta suutaan deebisuuf hojjetamaa jira jedheera.

Finfinnee keessatti ibsaan naannolee fi magaalota naannoo tokko tokkotti addaan deebi’uu eegaluu ibsaniiru.

Rakkoon jiru guutummaatti furmaata hin arganne.

Hanga rakkoon guutumatti furmaata argatutti obsaan eeggadha jedheera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Dec, 12:33


#Update

Obbo Taayyee Danda’aan hidhaa waggaa tokko booda gadhiifamanii maatii isaanitti makaman.

Hidhaa waggaa tokko booda kaleessa mana hidhaa Qilinxoo irraa yeroo bahan balbalatti qaamolee nageenyaan fudhatamanii gara Waajjira Qorannoo Yakkaa Federaalaatti kan geeffaman Taayyee Danda’aa, har’a gadhiifamanii maatii isaanitti makamuu haati warraa isaanii Addis Standard’tti himan.

Haati warraa isaanii Aadde Sintaayyoo Alamaayyoon, “ganama isa gaafanne erga deebine booda guyyaa walakkaa nutti bilbilee baheera kottaa na fudhaa nuun jedhe. Nuti qaqqabuu waan hin dandeenyeef maatiin dhiyoo jiru dhaqee fudhatee amma mana galeera,” jedhan. 

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Dec, 10:24


Qondaaltonni WBO Jaal Sanyii Nagaasaan durfamu Kantibaa Adaanech Abeebee waliin mari’ate

Qondaaltonni Waraana Bilisummaa Oromoo Jaal Sanyii Nagaasaan durfamu Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin mari’ateera.

Jilichi hojiilee misoomaa magaalaa Finfinnee erga daawwatee booda Yaadannoo injifannoo Adwaatti Kantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee waliin mari’ateera.

Aadde Adaanech hoggantoota kanneen simachuun baga nagaan dhuftan jedhaniiru.

Waamicha mootummaa fi ummataaf deebii hoggantoonni kunneen kennan galateeffataniiru.

Jaal Sanyii Nagaasaan gama isaaniin, simannaa taasiifameef galateeffachuun miidhaa fi gadadoo ummatarra gahaa jiru hambisuuf daandii nageenyaa filachuu isaanii himuu ragaan

(Waajjira Kantibaa magaalaa Finfinnee)

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Dec, 08:48


Tigraay Keessatti Kanneen Shamarree Butanii Ajjeesan Adabnii Itti Muramee Jira

Bulchiinsa naannoo Tigraay magaalaa Adwaa keessatti shamarree ol adeemtuu umriin 16 Maahleet Teklaay Eeggatanii kan ajjeesan namoonni lama adabbii du’aa fi hidhaa umrii guutuu irratti muaramee jira.

Manni murtii Godiina Maqalee wiixata kaleessa murtii kenne kanaan himatamaa 1ffaa Awwat Haagoos kan umriin 24 du’an, himatamaa 2ffaa Naahoom Fitsuum kan umriin 20 hidhaa umrii giituun akka adabaman murteessee jira.

Abbaan Maahleet Obbo Taklaay Girmaay murtii kana akka fudhatan ibsanii hojii irra akka olfamuufis gaafatanii jiru.

Waajirri Abbaa Alangaa kan magaalaa Maqalee gama isaan murtiin kennamee kun midhaan dubartoota irratti raawwatamuu akka itti hin fuufneef baruumsa kenna jedhe.

Bulchiinsii Naannoo Tigraay torban dabree miidhaan Dubartoota irra ga’u akka dhaabatu akkasumas midhamtootaaf murtiin haqaa akka kennamuu gochuuf waltajjii qopheessee jira jedhe

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Dec, 13:39


Obbo Taayyee Danda’aa wabiin akka gadhiifaman murtaa'e

Deetaa Ministeera Nagaa kan turan fi miseensi Caffee Oromiyaa Obbo Taayyee Danda’aa mirgi wabii eegameefii akka gadhiifaman manni murtii heeyyamuunsaa himame.

Ganama har’aa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti dhaddacha ijibbaataatti dhiyaachuu BBC’tti kan himan haati warraa Obbo Taayyee, Aadde Sintaayyoo Alamaayyoo dhaddachichi Obbo Taayyeef mirga wabii heeyyamuu himaniiru.

“Har’a Mana Murtii Ijibbaataatti dhiyaannee ture. Isa sana manni murtii mureefira” jedhan.

Dabalataan “Maallaqa 20,000 (birrii) qabsiisanii yookiin nama waammatanii akka bahuu danda’an murteessera. Adeemsa godhamuu qabu gochuudhaaf sa’aatii 8:00 irratti nubeellamaniiru” jedhan.

Bara darbe keessa aangoorraa erga kaafamanii booda to’annoo jala kan oolan Obbo Taayyeen, hookkara kakaasuufii farreen nageenyaa deeggaruun akkasumas labsii meeshaa waraanaa cabsuun himanni irratti banamuun isaanii kan yaadatamuudha.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Dec, 09:40


#Shirkaa

Godina Arsii Aanaa Shirkaatti namoonni sagal hidhattootaan ajjeefaman

Naannoo Oromiyaa Godina Arsii Aanaa Shirkaatti haleellaa hidhattoonni Kamisa darbe raawwataniin dubartootaa fi maanguddoota dabalatee yoo xiqqaate namoonni sagal ajjeefaman. Jiraattonni ajjeechaa kanaaf Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) himatan.

Jiraataa aanichaa tokko yaada VOA’tti laateen, obboleessi isaa quxusuu hidhattootaan manaa fudhatamee lagatti ajjeefamuu hime. Jiraataan kan biraa ammoo namoota afur hidhattootaan butamuufi eessa buuteen isaanii hanga ammaatti akka hin beekamne himeera.

Viidiyoon awwaalcha jumlaa agarsiisu addatti mirkanaa’u baatuus miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodamaa tureera.

Gorsaan ajajaa WBO Jireenyaa Guddataa yaada VOA’tti laataniin, gareen hidhattootaa kun ajjeechaa tibbanaa irratti hirmaannaa qabaachuu haalaniiru. #VOA

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Dec, 13:30


Araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO zooni G/G gidduutti mallatteeffame.

Guyyaa har’aa Hooggansa Olaanoo Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO zoonii G/g gidduutti walii galteen Araaraa mallatteeffameera.

Waliigaltee kanas gama Mootummaa Naannoo Oromiyaan kan mallatteessan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi gama WBOn ammoo qondaala olaanoo WBO kan ta’an jaal Sanyii Nagaasaatu mallatteesse.

Ajajni Waraana Bilisummaa Oromoo Zoonii Giddugaleessaa Sanyii Nagaasaan durfamu jaarmiyaa hidhattootaa Jaal Marroo ykn Kumsaa Dirribaan hogganamu irraa adda bahuu isaa gabaasuun keenya kan yaadatamuudha.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Dec, 11:06


💵Airdrop Tokko Jidduu kana Xummurama.

🔔Airdrop Kana Hojjachaa Jirra Airdrop kun Reward Qaba Yeroo Invite Nama Taasifnu.
⬇️⬇️⬇️
As Cuqaasaa

Start Gochuun Reward Kana Nuuf Arjoomaa.

MEDIA HAQAA

30 Nov, 08:36


#Update

Namoonni dubartii tokko mukatti hidhanii reebsisan hidhaa hanga waggaa 7 irratti murtaa’e

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti namoota dubartiin haadha ijoollee sadii taate tokko abbaa warraasheetin gara jabinaan akka reebamtee miidhaa qaamaa cimaa akka gahu taasisuun himataman hidhaa cimaan adabamaniiru.

Viidiyoon gocha kana mul’isu ji'a tokkoon dura miidiyaarratti qoodamuu fi gabaasun keenya ni yaadatama.

Kanumaan hordofee namoota yakka kanaan shakkaman himatamtoonni:-

👉1ffaa - Galgaloo Waariyoo [abbaa warraa miidhamtu],
👉2ffaan- Jaarsoo Boruu,
👉 3ffaan- Galgaloo Jaatani fi
👉 4ffaan- Dhibaa Goollicha jedhaman to’annoo jala oolanii turan. 

Himata irratti dhiyaateen miidhamtuun waldhabbii ishiif himatamaa 1ffaa (abbaa warraashee) gidduu jiruun himatamtoonni 2ffaa fi 3ffaan jaarummaan taa'uun miidhamtuun akka mukatti hidhamte abbaa warraatin reebamtu taasisuun miidhaa qaamaa cimaa irraan gahuu ibsameera.

Himatamaa 4ffaan ammoo hogganaan Waajjira Nageenyaa fi Milishaa Ganda Qaqalloo yoo ta'u, miidhamtu osoo hin reebamiin dura gargaarsa yeroo gaafattu gargaaruu diduu fi erga reebamte booda milishaa ajajuun ishee hiisisuu isaatin himatameera.

Manni Murtii Aanaa Waacillee dhaddacha Sadaasa 19, 2017 ALI ooleen himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa irratti adabbii hidhaa cimaa waggaa 6 fi ji'a 4, himatamaa 3ffaa irratti ammoo adabbii hidhaa cimaa waggaa 7 fi ji'a 2 murteesseera.

Akkasumas himatamaan 4ffaa adabbii hidhaa cimaa waggaa 4 fi qarshii 5,500 irratti murtaa'eera.

(kominikeeshinii aanaa Waacilee)

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

30 Nov, 05:31


#Taarifa

Finfinneetti tajaajila geejjibaa baabura salphaa irratti daballiin taarifaa taasifameera.

Tajaajilli amma jiru birrii 10 ka ture yoo ta'u, gara birr 20 akka dabalu beekkamera.

Dabalaa taarifa geejjibaa baaburaa kun muudde 1/2017 kan eegalu ta’uu odeeffannoo Biiroo Geejjibaa Finfinnee irraa argame ni agarsiisa.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

29 Nov, 08:32


➡️Yoo nu deeggartan Omtuu sinirraa Hin Hir'atu.

🔝Hanga Ammaatti Nama 52 Qofatu Start Godhe.

Namoonni hedduun Garuu start Hin Taasisne Maal Eegduree Start Gochuun 🛍TOP Keessa Na Seensisaa.
⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️⬇️
Namoonni Hojjachaa Jirtan Sirritti Hojjadhaa Namoonni Hin Eegaliin Asumaan Support Nu Godhaa

👉Link Project Kana Start Godhaa.
⬇️⬇️⬇️
https://t.me/nordom_gates_bot/open?startapp=JDns7p

MEDIA HAQAA

27 Nov, 19:06


"karameellaa siif kenna" jechuun namtichi daa'ima waggaa 9 gowwomsuun gudeede hidhaa waggaa 14'n adabame.

Magaala Yirgaa-caffeetti namtichi dhuunfaa daa'ima waggaa 9 dirqiin gudeede hidhaa waggaa 14 itti murtaa'eera.

Namtichi kun gudeeda kana kan raawwate gaafa guyyaa 10/9/2016 tilmaamaan naannoo sa'aatii 4tti magaala Yirgaa Caffee ganda Kaarra bakka addaa beetakiristaana Qiddis kidaana mihrat jedhamuun waamamutti dha.

Miidhamtuun dhuunfaa daa'imni waggaa 9 tun barattuu yoo taatu, barumsa dabalataaf waamamte osoo barattee deebi'aa jirtuu mana dhugaatii keessa taa'uun koottu Karameella fudhadhu jedhee waamun, karameellaa daasta jedhamu akkuma nyaatteen of wallaaluu ishee ibsameera.

Achiin booda daa'ima waggaa 9 tana gudeeduun yakka kana dalageera.

Yakkamaan kunis hidhaa waggaa 14 itti murtaa'uu poolisiin magaalichaa beeksiseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

27 Nov, 10:44


Birriin tiriiliyoonni 3.25 karaa #Teeleebirriin daddabarfamuu ibsame

Appilikeeshinii Itiyoo Telekoom waggaa sadii dura Caamsaa 2021 gara hojiitti seene ‘Teeleebirrii’ hanga ammaatti Birrii tiriiliyoonni 3.25 daddabarsuu Itiyoo-Teelekoom beeksise.

Itiyoo Telekoom sirna daldala dijitaalaa fi mala gabaa elektirooniksii irratti bakka bu’oota indaastirii omishaa fi qooda fudhattoota waliin marii gaggeesseera.

Marii kana irratti hojii raawwachiistuun dhaabbatichaa Firehiiwoot Taammiruun akka ibsanitti, Itoophiyaatti Teeleebirriin daddabarsa maallaqaa dijitaalawaa saffisiisuu keessatti gumaacha olaanaa bahachaa jira.

Yeroo ammaas fayyadamtoonni appilikeeshiniichaa miiliyoona 51.3 qaqqabuu eeruun, appilikeeshinichi erga hojiirra ooluu eegalee Birrii tiriiliyoonni 3.25 ittiin daddabarfamuu dubbataniiru.

Itiyoo Teelekoom ‘Dijitaal Itoophiyaa’ galmaan ga’uuf tattaaffii eegaleen qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin walta’iinsaan hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

26 Nov, 07:59


Mootummaan karoora mindaa xiqqaa murteessuuf ture sodaa rakkoo uumaa jedhuun harkifachiiseera.

Mootummaan guutummaa biyyattiitti sadarkaa mindaa xiqqaa hojiirra oolu murteessuuf yaadaa jiraatus, miidhaan isaa bu’aa isaa caalaa sodaa jedhuun murteessuu irraa of qusateera jechuun gaazexaan Ripportaraa dubbisiiseera.

Qondaalli mootummaa olaanaa dhimmichatti dhihoo ta'an tokko, "seeraan mindaa xiqqaa murteessuun hojii dhabdummaa fi rakkoo hawaasummaa fiduu waan danda'uuf, haala kana ilaaluun barbaachisaa waan ta'eef harkifateera" jedhan.

Kana malees, mootummaan mindaa xiqqaa seera yoo baase, hojjechiistonni hojjettoota ogummaa qaban ni filatu, Kunis hojjettoota mindaa xiqqaa argatan irra caalaan isaanii hojii ala gochuudhaan rakkoo hawaasummaa uumuu danda'a jedhaniiru.

Pireezdaantiin Konfedereeshinii Waldaalee Hojjetoota Itiyoophiyaa (KWHI) obbo Kaasahun Fooloo gama isaaniitiin, konfedereeshinichi mootummaan daangaa mindaa xiqqaa murteessuuf hojii gaggeeffamaa jirus ta'ee qorannoon gaggeefamuu isaa akka hin beekne ibsaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

25 Nov, 05:11


#NORDOM

📌Maqaan Isaa Nordom Jedhama.

📊Airdrop Haaraa Karaa ittiin Maallaqa Argachuu dandeessanidha.

➡️Project Kana Namoonni Fayyadaman Baayyee Xiqqoodha Project Nama Xiqqoo of keessaa Qabu Maallaqa hedduu argachuu dandeessu.

Namoonni Hojjachaa Jirtan Sirritti Hojjadhaa Namoonni Hin Eegaliin Asumaan Support Nu Godhaa

👉Link Project Kana Start Godhaa.
⬇️⬇️⬇️
https://t.me/nordom_gates_bot/open?startapp=JDns7p

MEDIA HAQAA

23 Nov, 09:28


#ODUU_AMMEE

➡️Kara Deemaa jedhamuun kan beekamu Injinar Daani'eel Gammadaa viidiyoowwan gadadoo uummanni Salaalee keessa jiru ifoomsuu hordofee mootummaan hidhuuf barbaadaa jiraachuu himame

📈Kaleessa halkan mana jireenyaa isaa humnoonni nageenyaa fi humnoonni tikaa mootummaa marsanii akka bulan dhagahamee jira.

Dursee miliquun otoo hin qabamin akka hafe ibsame.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

22 Nov, 18:04


Godina Shawaa Lixaa aanaa Dandii magaalaa Giinciitti barattoonni ajjeechaa suukkaneessaa humnoota finxaaleyyii Faannoon raawwatamu mormuun hiriira bahan.

Barattoonni hiriira bahan ajjeechaa nurraa haa dhaabbatu, daangaan Oromiyaa cimsee haa eegamu, milishoota finxaaleyyii Amaaraa Oromiyaa keessa jiran hiikkachiisaa, mootummaan itti gaafatamummaa nageenya uummataa eeguu sirnaan bahuu qaba dhaadannoo jedhu faa dhageessisan.

Hiriira kana irratti barattoonni Mana Barumsa Giincii Sadarkaa 2ffaa fi Mana Barumsa Artist Haacaaluu Sadarkaa 2ffaa akkasumas Qeerroofi Qarree magaalatti hirmaataniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

22 Nov, 07:27


Hiriira Balaaleffannaa Uummata keenyaa salaaleef
Galgalaa yunivarsiitii Arbaa minchitti ta'ee Jira.

Yuunivarsiitii Arba minchitti barattoonni ajjeechaan saba keenya irratti garee Faannoon taasifamaa jiru nurraa haa dhaabbatu jechuun lagannaa nyaataa taasisuun akkasumas  sagalee diddaa dhageessisaniiru.

Haa ta'u malee poolisonni mooraa keessatti dararaa nurran gahaa jiru jechuudhaan hirmaattonni hiriirichaa himan.

Barattoonnii kunneen akka jedhanitti ''galgala kana Ijoollee keenyaas qabani fuudhanii deemaniruu eessa akka jiraniif maalirra akka jiran hin beeknu yeroo hamma kanammoo humna addaa nutti waamani mooraa keessaa nuu doorsisaa jiru"jechuudhaan haala keessa jiran himan.

Reebichi barattoota irra gahaa jiru Yunivarsiitiiwwan garagaraa keessatti cimee akka itti fufee jiru barattootni himaa jiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

22 Nov, 07:25


#Oduu_Ammee

Yuunivarsitii Dirree Dhawaatti barattoota uffata gurraacha uffataniifi barattoota hiriira balaaleffanna taassisan poolisoonni adamsa jiru.

Ajjeechaa Salaaleetti garee fiinxaaleyyiin taasifame sababeeffachuun Yuunivarsitii garaa garaatti barattoonni hiriira balaaleffanna taassisuun saba isaanii akka horiitti ciibsamanii qalamaa jiraniif sagalee ta’aa jiru.

Kanuma sababeeffachuun  Yuunivarsitii Dirre Dhawaatti barattoonni karaa nagaan sagalee isaanii dhageessisanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa kana Yuunivarsitichatti barattoota hiriira balaaleffannaa kana irratti hirmaatan kaaffee seenanii akka hin sooranne dhorkuu, barattoota uffata gurraacha uffatan adamsuufi dorsisaa jiraachuu odeessa keenya moorichaa irraa odeeffannee jirra.

Poolisoonni yeroo ammaa kana barattoota uffata gurraacha uffatan adamsanii qabaa kan jiran yommuu ta’u barattoonni gama isaaniitiin “Lammii keenya akka horiitti qalameef gadduullee nu dhorkan” jechuun gocha moorichaa kanatti akkaan gaddu himaniiru.

Barattoonni hanga karaa nagaan gadda isaanii ibsatanitti qaamni nageenyan eegsisa ofiin jedhu tarkaanfii akkasii fudhachuun safuudha!

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 19:18


"Dargaggeessii ajjeechaan irratti raawwatame Darajjee Amaara Tasfaa jedhama. Barnoota kutaa 10ffaa isaa xumuree gara maatii isaa deeme ture"" - Jiraattonni

Ajjeechaa gara jabinaa dheekkamsa kaase kana irratti jiraattonni maal jedhu?

Tibbana kana godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti dargaggeessi tokko hidhattootaan qabamee bifa sukkanneessaa fi gara jabinaan yeroo ajjeefamuu viidiyoon agarsiisu miidiyaa hawaasaa irratti erga mul'atee booda namoota hedduu dallansiiseera.

Jiraattonni naannoo sanaa dhimmicha ilaalchisee BBC Afan Oromoo'f yaada kennaniin, "ajjeechaan kun kan raawwatame hidhattoota Faannoo naannoo sana keessa socho'aniin" jedhaniiru.

Taateen kun ji'a 2 dura akka ta'es ibsaniiru.

Dargaggeessi ajjeefame kun eenyu?

Dargaggeessi Daani'eel Gammadaa jedhamu godina Shawaa Kaaaba aanaa Darraa imaluun maatii nama du'ee haasofsiisuu isaa ibseera.

Dargaggeessi ajjeechaan irratti raawwatame Darajjee Amaara Tasfaa akka ta'ee fi barnoota kutaa 10ffaa xumuree gara maatii isaa kan deeme ta'uu ibseera.

Viidiyoo suukaneessaa kana irratti kan mul'atu barataa kutaa 10ffaa kanaan dabalataatti, hiriyaan isaa Kamaal Huseen guyyuma sanatti ajjeefamuun ibsameera.

Guyyaa haleellaan kun raawwatame jiraattonni naannoo sanaa gara gaara Bakajammaatti baqatanii turan. Darajjee fi kanneen biroo garuu qe'ee isaanitti kan hafaniif beeyladoota dawooti hafan eeguuf ture.

Hidhattoonni naannoo sana jiran Darajjee fi Kamaal irratti dhukaasa banuu isaanii jiraattonni himaniiru.

Abbaa Darajjee kan ta'an Obbo Amaara Tasfaa Tolaa argee dubbiseera kan jedhu Daani'eel, "Guyyaa sana ari'uun itti dhukaasani miila isaa erga rukutanii booda, gara iddoo Sarkulaa jedhamutti geessan. Naannoo sanatti irra baay'innaan Faannoon kan socho'u"  jedhan.

Darajjeen gara jabummaadhaan ajjeefamee reeffi isaa bineensatti kan darbatame naannoo sanatti kan jedhan abbaan kun, ajjeechaa ilma isaa dhaga'anis reeffa argatanii awwaaluu akka hin dandeenye ibsaniiru.

Haadhaa fi abbaan Darajjee sababa du'a ilma isaaniitiin rakkoo fayyaa sammuu isaanii sarbamuu ibsamee jira.

"Haati Darajjee sammuun ishee waan miidhameef hin dubbattu. Waan godhan hin beekan. Nama kamiifuu deebii hin kennan" kan jedhame.

Darajjeen maatii keessaa daa'ima quxisuu waan ta'eef obbolonni dhiiraa fi durbaas gaa'ila godhatanii manaa waan ba'aniif haadhaa fi abbaa isaa gargaaruuf isa qofaa akka ta'e hubatameera.

Mormiin barattoota yunivarsiitii maali ture?

Barattoonni yunivarsiitii adda addaa ajjeechaa gara jabinaa kana argan guyyaa har'aa hiriira bahaniiru.

Nyaata isaanii dhiisani ka'uun gaddaa fi dheekkamsa isaani ibsaniiru.

Haqni akka mirkanaa’u, itti gaafatamummaan akka mirkanaa’uu fi yakkamtoonni seeratti akka dhiyaatan gaafataniiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa dhimmicha dhagahee qorannoo akka eegalee fi gara fuulduraatti bu'aa isaa kan ifoomsu ta'uu ibseera.

#Salaalee #Darraa #BBCAO

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 09:57


Yuunivarsitii Finfinnee mooraa kiiloo 6tti barattoonni saba isaaniif sagalee ta’uun ajjechaan ummata nagaa irratti taasifamaa jiru akka dhaabbatu gaafataniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 09:44


Yuunivarsitii Madda walaabuu mooraa Shaashamanneetti barattoonni lagannaa nyaataa taassisuun darara saba isaani irra ga’aa jiruuf aanter agarsiisaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 09:44


Yuunivarsitii Amboo mooraa walisootti barattoota hiriira nagaa ba’uun Saba isaaniif sagalee ta’an irratti reebichi taasifamuu maddeen keenya moorichaa irraa odeeffanneerra.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 09:43


Yuunivarsitii Salaaleetti barattoonni lagannaa laaqanaa taasisuun akkasumas hiriira balaaleffannaa ba’uun ajjeechaa lammiiwwan nagaa irratti taasifamaa jiru mormaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 09:43


Yuunivarsitii Haramaayaatti barattoonni lagannaa nyaataa taassisuun saba isaaniif sagalee ta’aniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Nov, 08:18


Hiriira balaaleffannaa

Yuunivarsitii Arsiitti Ajjeechaa tibba kana ummata nagaa salaalee irratti garee Fiinxaaleyyiin raawwatame balaaleffachuun barattoonni lagannaa nyaataa taassisuun hiriira balaaleffannaa geggeessaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

14 Nov, 09:00


BGI Itiyoophiyaan mana barumsaa magaalaa Baatuutti ijaare eebbisuun hawaasaaf dabarsee kenneera.

"BGI Ethiopia" sirna eebbaa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa galma Abbaa Gadaa Magaalaa Baatuutti eebbiseera.

Ijaarsi mana barumsichaa ji'oota 6 keessatti kan xumurame yoo ta'u bara barnootaa haaraatti barattoonni barnoota eegaluu isaanii himameera.

Hojii gaggeessaan 'BGI' Hervee Milhaawud akka jedhanitti, manni barumsaa kun Birrii miiliyoona 9'n ijaaramuun, daa’imman 600 dabareen fayyadamoo taasisa jedhaniiru.

BGIn itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuuf bara kana pirojektoota barnoota, fayyaa, fi bishaan dhugaatii qulqulluu irratti Birrii miiliyoona 70 ol baasuu hojii gaggeessaan olaanaa eereera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

13 Nov, 13:07


"Namni isa caalu hin jiru" - Tiraamp

Pireezidaantiin Ameerikaa filatamaa Doonaald Tiraamp godaantota waraqaa ragaa hin qabne miliyoonaan laakkaa’aman biyyaa ari’uuf waadaa galan raawwatuuf hoji gaggeessaa Toom Hoomaan muude.


Paatroolii Daangaa Ameerikaa ta'uun kan muudaman abbaan Taayitaa kun, yeroo tokko itti aanaa daayreektaraa waajjira muummee Immigireeshinii fi Gumuruuka biyyattii kan turaniidha.

Tiraamp, 'daangaa keenya eeguu fi to'atuf namni isa caalu hin jiru,'' jedhan.

Kana malees, dhimma immigireeshinii irratti ejjennoo hundee kan qabu Isteevan Miler jedhamu waajjiricha keessatti itti aanaa gochuun muudaniiru.

Tiraamp yeroo aangoo qabatan hojiin jalqabaa godaantota waraqaa ragaa hin qabne hedduu biyyattii keessa jiran biyyaa ari’uu akka ta’e himamaa tureera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

13 Nov, 08:51


Eloon Maaski Hogganaa Kutaa Raawwii Mootummaa Ameerikaa Ta’uun Muudaman

Abbaan Qabeenyaa Dhaabbata Teeslaa fi Fuula Hawaasummaa “X”(Tiwiitara duraanii) Eloon Maaski, Doonaaldi Tiraampiin Hogganaa Kutaa Raawwii Mootummaa Ameerikaa ta’uun muudamaniiru.

Eloon Maaski turtii hoggantummaa isaaniin Paartiin Rippaabilikaan imaammatoota baasu ilaalchisuun gorsaa fi qajeelfama kennuun akka sirreeffamu taasisu jedhameera.

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaaf Eloon Maaski Doolaara biiliyoona 1 ramaduun paartii rippaabilikaanii deeggaraa turuun ni yaadatama.

Dabalataan Pireezdaanti Tiraampi qopheessaa miidiyaa “Fox News” fi miseensa duraanii Waraana Ameerikaa Peet Heegseeziin Ministira Raayyaa Ittisaa Ameerikaa taasisuun yoo muudan, Joon Raakloofiin ammo Daayrektara Odeeffannoo Biyyaalessaa taasisuun muudaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

12 Nov, 15:43


Atileet Simboo Alamaayyoon Atileetii dubartii cimtuu taate filatamte!

Atileet Simboo Alamaayyoon Atileetii dubartii cimtuu waggaa 20 gadii badhaasa bara Faranjootaa 2024'f kaadhimaman sadi keessaa tokko ta'uu Federeeshiniin Atileetiksii Addunyaa beeksise.

Atileet Simboon badhaasaa Atileetii cimtuu abdannaa qaban kan waggaa 20 gadii bara 2024’f kaadhimaman keessaa Atileet Simboo Alamaayyoon ishee tokko taateerti.

Atileet Simboon fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii waggaa 20 gadii Peeruu Magaalaa Liimaatti gaggeeffameen meedaaliyaa warqee argamsiisuun kan yaadatamuudha.

Gama biroon Atileetiin Sarbiyaa Anjeeliinaa Toopich Utaalchaan, Atileetiin Chaayinaa Yaan Ziizyuun darbannaa eeboon Atileetoota Simboo waliin filannoo xumuraaf darbaniidha.

Kaadhimamtoonni sadan kunneen ga’umsa olaanaa bara kana dorgommiiwwan garaagaraarratti agarsiisaniin badhaasa xumuraaf darbuu ragaan Federeeshinii Atileetiksii Addunyaarraa argame ni mul’isa. #FBC

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

09 Nov, 07:19


Daldaltoonni meeshaa alaa galchuuf maallaqa biyyaa alaa mataasaaniitiin bitachuun dhorkame

Ministirri Maallaqaa Itoophiyaa meeshaaleen akka zayitii nyaataa, shukaara, ruuzii fi aannan daa'imman sooratan eeyyama sharafa alaa tokko malee (Franco valuta) karaa gumuruuka biyyattii kallattiidhaan akka galuu danda'an murteessuu isaa beeksise.

Murteen kun kan darbe gatii meeshaalee akkaan dabale tasgabbeessuuf ta'uu eere ministeerri kun gama miidiyaa hawaasummaa isaarratti.

Lammiileen Itoophiyaa eeyyama jireenyaa biyyoota alaa qaban, mirgi Franco valuta akka eeyyamamuuf gaafachuusaanii hordofee tarkaanfiin kun fudhatame.

Haalota kunneen ilaalcha keessa galchuun zayitii, shukkaara, ruuzii fi aannan ji'oota ja'an itti aananiif eeyyama sharafa alaa tokkollee osoo hin gaafatamin namuu karaa gumuruukaa galfachuu akka danda'u eeyyamameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

08 Nov, 08:54


Puutiin Tiraamp waliin haasa'uuf qophii ta'uu ibsaniiru!

Pireezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, Pirezidaantii Rippabilikaan Ameerikaani amma filataman waliin mari’achuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Raashiyaa Doonaald Tiraampiif ergaa baga gammaddanii erganiiru.

Yaadni Tiraamp kanaan dura waa’ee Yukireen dubbatanii fi hariiroo Raashiyaa waliin qaban gara turetti deebisuuf jedhu xiyyeeffannoo barbaada jechuun isaanii Puutiin biratti jaallatama ta’eera.

Prezidaantiin Raashiyaa ergaa gammachuu dabarsan keessatti, Tiraampiin waliin haasa’uuf qophii ta’uu beeksisaniiru.

Filannoon dura Tiraampii fi prieezidaantiin Yukreen Zalaaniskiin wal arguun, Raashiyaan waraana Yukreen irratti taasiftu akka dhaabanii fi deeggarsi Ameerikaa irra deddebin Yukreeniif goote sirrii akka hin taane dubaatani turan.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

06 Nov, 18:42


#Adaamaa

Yakkamaan haggantuu mana restooraantii ajjesee barbaadama jira.

Namicha hoggantuu mana Restooraantii billaa foon muruun bakka shan waraane ajjeese to'annoo jala oolchuuf gargaarsi ummataa akka barbaachisu poolisiin beeksiseera.

Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Dambalaatti hoggantuu mana nyaata(Restooraantii) kan taatee billaan bakka shan waraanee ajjeesuu isaatiin poolisiin shakkamaa kana barbaadaa jiraachuu poolisiin Adaama ibseera.

Shakkamaan kun dubartii ganna 24 hoggantuu mana nyaataa (Restoorantii) turte bakka shan waraanee ajjeesuun achi buuteen isaa dhabamuu fi ammallee poolisiin hordofaa akka jiru itti gaafatamtuun Waajjira Kominikeeshinii Kutaa Poolisii Magaalaa Adaamaa kan ta’an Inispeektar Worqinesh Galmeecha himaniiru .

Shakkamaan Abduraaman Daawud, Hoggantuu "Mana dhugaatii fi Restooraantii Iteetee" Haasset Darribee jedhamtu gaafa guyyaa Onkoloolessa 23, 2017 sa'aatii 6:30tti osoo foon muraa jiru, waldhabdee uumame hordofuun billaa harkaa qabuun bakka shan waraanee lubbuun ishee akka darbu godheera.

Namichi dhuunfaa kun gocha kana erga raawwateen booda  naannoo sanarraa kan bade yoo ta’u, shakkamaa fi miidhamtuun sababa hojiitiin yeroo baay’ee walitti bu’aa akka turan ibsameera.

Odeeffannoon miidiyaa hawaasaa irratti tamsa'aa jiru dhugaa akka hin taanee fi hawaasni guyyaa poolisiin hordoffii fi qorannoo gaggeessaa ture irraa eegaluun poolisii waliin tumsuun nama kana to'achuun akka irra jiraatu ibsaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

06 Nov, 09:59


⚠️ALERT

⚠️OFR Online Platform❗️

🚫Bakkuma Jirtan Turaa Gabaasa Isaa Qabannee Isiniif Dhihaanna.

@MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA

06 Nov, 09:17


#Ethiopia #USA

Ministirri Muummee Dr.Abiy Ahimad Doonaald Tiraampiif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Ergaa fuula X isaanii irratti maxxansaniin Ministirri Muummee, "yeroo aangoo keessan keessatti hariiroo biyyoota lamaan gidduu jiru daran cimsuuf waliin hojjenna" jedhaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

06 Nov, 09:17


"Injifannoo ajaa'ibaa gonfadheera" - Tiraamp

Doonaald Tiraamp ''Injifannoo ajaa'ibaa gonfadheera,'' jedhan.

Kaadhimamaa paartii Rippabilikaanii kan ta'an Traamp waltajjii Filooriidaatti geggeeffameen deeggartoota isaaniif injifannoo isaanii beeksisaniiru.

Tiraampis barri kun bara warqee Ameerikaa ta'a jedhaniiru.

"Kun ummata Ameerikaatif injifannoo guddaadha. Ameerikaa ammas guddittii akka goonu nu dandeessisa," jedhan.

Dhimma daangaa hiikuuf waadaa seenuun, paartiin isaa fi inni seenaa kan hojjetaniif sababa qaba jedhaniiru.

Tiraamp ''Ameerikaan aangoo kanaan dura hin argamne nuuf kennite,'' jechuun paartiin isaanii Dimookiraatota irraa Mana Maree Seera(Seeneetii) to'achuu isaa beeksisaniiru jechuun BBCn gabaaseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

06 Nov, 06:59


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Jigjigaa

🎉ODEEFFANNOO BARNOOTAAF
⬇️
@MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA

06 Nov, 06:57


#Oduu_Ammee

➡️Doonaald Tiraamp Pirezidaantii Ameerikaa ta’uun injifatan!

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

05 Nov, 13:26


#Waamicha
#Yuunivarsiitii_Odaa_Bultum

✉️Yuunivarsiitiin Odaa Bultum Barattoota Haaraa(Freshma Bara 2017) fi Bara 2016 Sagantaa Fooyya'iinsaa Fudhachuun Qabxii darbiinsaa Argataniif waamicha Sadaasa 5-5/2017 Taasiseera.
➡️Guutummaa Isaa Suura Olii irraa dubbisaa

➡️ODEEFFANNOO BARNOOTAAF
⬇️
@MEDIA_HAQAA

MEDIA HAQAA

05 Nov, 11:27


Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif liqii biyya alaa kennite

Liqiin biyya addunyaaf haara taate Sudaan Kibbaaf Kenname an ijaarsa daandii biyyoota lamaan walqunnamsiisuuf kan ooludha.

Liqiin kun waggoota 10 keessatti qoqqodame kan deebi’u yoo ta’u, Doolaara America’s miiliyoona 738 oli dha.

Daandiin kiiloo meetira 220 daangaa Sudaan Kibbaatti ijaaramuuf kontiraaktarootaa fi gorsitoota Itiyoophiyaan akka raawwatamuuf biyyoonni lamaan waliigalteerra gahuu isaanii ibsamee jira.

Liqiin kun bifa maallaqaa dheedhii fi boba’aan akka deebi’u eerameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Nov, 15:00


Ramaddiin barattoota sagantaa fooyya'iinsaa(Remediyaalii) ifoome.

Bara barnootaa 2016tti barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii seensaa sagantaa fooyya'iinsaa fidaniif ramaddiin ifoomeera.

Haaluma kanaan barattoonni remediyaalii:-

Marsariitii: https://placement.ethernet.edu.et 

Telegraamiidhaan:- https://t.me/moestudentbot irratti ilaaluu akka dandeettan ministeerri barnoota beeksisee jira.

Barattoonni akkaataa waamicha dhaabbilee irraa bahuun sagantaa remediyaalii akka hordofan dhaamameera.

Ministeerri Barnootaa gaaffii jijjiirraa dhaabbataa akka hin fudhanne ibseera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

04 Nov, 11:59


#Ameerikaa 

Filannoo Pireezidaantummaa Ameerikaa guyyaa boruu sagaleen kennamuuf duulli nafiladhaa har'a raawwata.

Filaannoon Ameerikaa kun ummata biyyattii qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti filannoo xiyyeeffannoo olaanaa qabuudha.

Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Hariis Pireezidaantii Ameerikaa ta'uuf duula filannoo guyyaa dhumaarra gahaniiru.

Guyyaa Dilbataa Hariis uummata deeggarsaaf baheef dubbii goote keessatti waraana Gaazaatti xumura gochuuf wan dandeessu hunda akka gootu himte.

Tiraamp gama isaan waliin dhahuu adeemsa filannoorratti gaggeeffamaa jira jedhu ragaa osoo hin dhiyeessiin komate.

Oduun sobaa fi waliin dhahuun filannoo Ameerikaa burjaajii hamaa uumuu BBCn gabaaseera.

Filannoon guyyaa boruu kan gaggeeffamu ta'a.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Nov, 21:27


⚠️#Kirkira lafaa Halkan sa'aatii 6:04 irratti naannoo Affaar naannoo Awaashitti kirkirri lafaa mudateera.

Raafamni kirkira lafaa kun naannoo Finfinnee naannolee adda addaatti dhaga'ameera. Keessattuu namoonni Gamoo Abbaa darbii Irraa Jiran Sirritti dhagahameera.

Jimaata halkan sa'aatii 3:55 irrattis naannoo Awaashitti kirkirri lafaa mudateera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Nov, 19:07


🔤Marii paanaalii Irreecha Hora Dungee  mata duree 'Irreecha Haaromsa Aadaa keenyaaf' jedhuun geggeefame
Onkoloolessa 23, 2017
Yuunivarsiitii Jimmaa


🔤Irreecha Hora Dungee guyyaa borii magaalaa Jimmaatti kabajamu ilaalchisee mariin paanaalii Yuunivarsiitii Jimmaatti Iddoo Abbootiin gadaafi Haadholiin Sinqee, qarreefi  qeerroon argamanitti qopheessummaa Yuunivarsiitii Jimmaatiin gaggeeffame.

🔤Saganticha irratti haasaa baga nagaan dhuftanii kan taasisan Dr. Zarihuun Asaffaa bakka bu'aa Pirezidaantii Ittaanaa Qorannoofi Tajaajila Hawaasaa Yuunivarsitii Jimmaa haasaa taasisaniin Irreechi duudhaa ganamaa akka Oromootti tokko nu godhuufi eenyummaa keenyaati jedhaniiru. Yuunivarsiitiin Jimmaas akkuma kana duraa qorannoofi qo'annoo Irreecha irratti taasisuun addunyaaf mul'isaa ture ammas xiyyeeffannoon hojjata jedhan.

🔤Saganticha irratti Yaada ka’umsaa marii kan dhiyeessaan Yuunivarsiitii Jimmaa Muummee Foklooriifi Ogbarruu Oromootti barsiisaafi qorataa kan ta’an  Profeesara Gargaaraa Kaamil Mohaammadiin dhiyaateera.

🔤Saganticha irratti Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siiqqee fi hirmaattonni  akkaataa kabaja Ayyana Hora Dungee guyyaa borii kabjamuufi  Seenaa, Aadaa, Duudhaaleen Irreechaa tokkummaan ummata Oromoo fi aadaa isaa dagaaguu danda’u irratti marii gaggeeffameera.

🔤Haasaa cufiinsaa sagantaa maarii paanaalii  Daarikteera dhabbata qorannoo Oromoo Dr. Dheeressaa Dheebuutiin sagantichi goolabameera

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Nov, 18:04


#WalaayittaaSooddoo

Itiyoo Telekoom tajaajila Neetwoorkii dhaloota 5ffaa (5G) Magaalaa Walaayittaa Sooddootti jalqabsiise.

Saganticha jalqabsiisa tajaajilichaarratti Hoji Raawwachiistuu Itiyoo Telekoom Firehiiwot Taammiruun, tajaajilli interneetii dhaloota 5ffaa teeknoolojii olaanaa jabana kanaa ta’uu dubbataniiru.

Tajaajilichi Dijital Itiyoophyaa galmaan ga’uun maddiitti carraa hojii lammiileef akka uumuu ibsaniiru.

Dabalataan, sochii diinagdee hawaasaa kan saffisiisu fi faayidaalee hedduu akka qabu kaasaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Nov, 15:54


Mohaa woldaa Aksiyoona Indaastirii dhugaatii lallaafaa 

Mohaa woldaa Aksiyoona Indaastirii dhugaatii lallaafaa maamiltoota isaaf badhaasoota hedduu qopheesse jira.

Isaan keessaa inni jalqabaa carraan  konkolaataa elektrikaa vools waagan ID 4 magaalaa hawaasaatti abbaa carraa qaqqabeera.

Abbaan carraa obbo ermiyaas biraanuu badhaasa isaanii Onkoloolessa 23 bara 2017 magaalaa
hawaasaatti sagantaa badhaasaa addaa qophaa’e irratti fudhataniiru.

Kanaan dura magaalaa Finfinnee naannoo kotobee naannoo ganda 04  badhaasni konkolaataa elektrikaa BYDn abbaa carraaf ba’uun isa ni yaadatama.

Ammaas badhaasoonni heedduun abbaa carraa eegaa jiru.

Oomisha Peepsii dhandhamachaa carraa keenya haa yaallu! haa injifannu! miriindaafi 7-upiin nama gomjaassisuu, ni badhaasisu.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

02 Nov, 12:27


Telegram Premium
Telegram Star

Gatii Madaalawaan Ni Argattu Nu Biraa

Telegram Premium
➡️Kan Ji'a 3
➡️Kan Ji'a 6
➡️Kan Waggaa 1

Airdrop Hojjachuudhaaf Telegram Premium Baayyee murteessaadha Akkasuma Hojjii Kam keessattiyyuu Telegram Premium Baayyee nu barbaachisa Yeroon booda Airdrop Telegram Premium Malee Akka Dhaabbatu Shakkii Hin qabu sababni isaa Channel Boost Gochuuf Dirqama ta'a jira

Bitachuudhaaf
         👇
@of_beekuu

MEDIA HAQAA

01 Nov, 19:00


#Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, aanaa Waacaaleetti haleellaa hidhattootaan raawwatameen namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Haleellaa har'a ganama aanaa Waacaalee keessatti raawwatameen bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee namoonni hedduun ajjeefamaniiru.

Bulchaa Aanaa Alaltuu kan turanii fi torbaan lama dura bulchaa Aanaa Waacaalee ta'uun kan muudaman obbo Nugusee Kooruu ajjeefamuun isaanii mirkanaa'ee jira.

Jiraataan aanichaa yaada isaa Raadiyoo Dochee Vilaa'f kenneen "Hogganaa aanaa dabalatee namoonni hedduun du'aniiru. Hammi miidhaa gahee hanga ammaatti beekkame natti hin fakkaatu." Jedhaniiru

Namoonni miidhaman hospitaala seenuu isaanii himameera.

Magaalaan guddoon aanichaa Muka xurii, Finfinnee irraa kiiloo meetira 82 fagaattee argamti.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Nov, 14:50


#Koontaa

Guyyaa har'aa balaa sigiga lafaa Koontaatti muudateen lubbuun namoota 6 darbeera.

Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Godina Koontaa Aanaa Amayaa ganda Caaree Dooqqeetti balaa Sigigaa lafaa mudateen lubbuun namoota 6 darbuu Poolisiin naannichaa beeksiseera.

Gandichatti rooba cimaa kaleessa galgala roobe hordofee sigigni lafaa har’a ganama sa’aatii 2:00tti mudachuun ibsameera.

Namoonni lubbuun darban lama maatii tokko keessa, namoonni  biroon 4 maatii tokko keessaa ta’uun eerameera.

Hanga ammaatti reeffii nama tokko qofti argamuun ibsameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Nov, 14:48


#Update

Naqamteetti namoota gudeeddii dubartoota lamaaniin shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessaa harka qabaachuun shakkaman jaha to’atamaniiru.

Yakka gudeeddii kana kan raawwatan lamaan keessaa tokko Lalisaa Dirribaa kan jedhamuu fi dargaggoonni viidiyoo waraabuun miidiyaa hawaasummaa irratti qoodan shan to’annoo jala ooluu ibsameera.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaachuun yaanni irraa fuudhamuus himan. #BBC

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

01 Nov, 07:25


🥸JIJJIIRRAA_BIIROO
Passport Finfinnee Gotaaraadhaa Fudhachaa Kan Turtan Onkoloolessaa 25/2017 Irraa Eegalee Bakka Passport Fudhattan Jijjiirameera

➡️Immigration Addabaabaayii Saarisii Qayyi Masqalii Cinaatti argamuu Kan fudhattan Ta'a

🆓ODEEFFANNOO PASSPORT Waliin Wal qabatu Argachuuf
👇👇👇
https://t.me/ImmegrationAndCitizenshipService

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Oct, 15:49


👉Adduunyaa_Kiriiptoo
Namoonni Hojjii Online Barbaadan Kamiyyuu Koottaa Nu Waliin Hojjadhaa Nu Waliin Duroomaa.

Addunyaa Nu Gatteetti Dafaa Koottaa Osoo ishiin Nun Gatiin Haa Dhaqqabnu.

🪙Nu waliin Himala Eegaluuf
👇👇👇
https://t.me/HojjiiOnline
https://t.me/HojjiiOnline

MEDIA HAQAA

31 Oct, 15:40


‘Xiyyaarri Itoophiyaa balaliidhaaf qilleensa Eertiraa akka hin fayyadamne hin dhorkamne’ - Daandii Qilleensa Itoophiyaa

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qilleensa Eertiraa irratti akka hin balaliine dhorkameera jedhamee odeeffannoon tamsa'aa jiru soba ta'uufi ammallee balalii idileef qilleesa Eertiraa fayyadamaa jiraachuu beeksise.

Daandiin qilleensichaa balaliidhaaf qilleensaa Eertiraa akka fayyadamu Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Eertiraa irraa hayyamni kan laatameef ta’uufi naannoo qilleensaa kana balalii idileef akka fayyadamaa jiru mirkaneesseera.

Haaluma kanaan dhimmicha ilaalchisee odeeffannoon marsaalee hawaasaa irratti naanna’aa jiru dogoggora ta’uu daandiin qilleensichi ibseera. #AS

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

31 Oct, 10:31


Ministirri Muummee FDRI dokta Abiy Ahimad gaaffiilee miseensoota mana maree bakka bu'ootarra dhihaataniif deebii fi ibsa kennaanii jiru.

Muumichi ministeera Dr. Abiy Ahimad gaafilee gaafatamaniif ibsaa bal'aa fi deebii kennan keessatti maal jedhan:-

▶️ Bara baajataa kana lammiilee kuma 700'f carraa hojii biyya alaa uumuuf karoorfameera.

▶️Bara bajataa 2016 Itoophiyaatti guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.1 galmaa'eera. Bara bajataa kana ammoo guddinni dinagdee dhibbeentaan 8.4 akka galmaa'uu ni eeggama.

▶️Baatiiwwan sadan darban galiin birrii biiliyoona 180 walitti qabameera.

▶️ Buufanni Xiyyaaraa haaraan waggaatti namoota miiliyoona 130 imalchiisuu danda’u ijaaruuf qorqnnoon xumuramuusaa himaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaarota haaraa 124 bituuf ajajee Afriikaarraa daandii qilleensaa isa guddicha ta’uusaa ittifufsiisuuf dachaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

▶️Ji'oota sadan darbanitti invastimantiin kallattiin alaa dhufu dhibbeentaa 6.4 guddina galmeessuun danda'ameera.

▶️ Dhiyeessii lafaa, kenniinsa tajaajilaa fi dameewwan birootiin haala mijataa uumuun guddinna invastimantii kallattiin alaa dhufu dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru.

▶️Bara bajataa kana pirojeektoonni Indastirii gurguddoon 72  hojii ni jalqabu jechuun Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ibsaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

29 Oct, 13:34


#KITAABILEE ADDA ADDA FI  ODDEEFFAANNOO WAA'EE UNIVERSITY BARATTOOTAAF  HALAA SALPHAAN AKKA ISIIN DHAQAABUUF LINK ASI GADII KANAA JOIN GODHA.       
1.all exit exam  
2.freshman course note
3.account  note  exit exam
4.pharmacy note. exit exam
5.computer science note  exit exam
 6. Medical laboratory
➛ Medwifery exit exam
➛ Nurse exit exam
➛ Health officer exit exam
➛ pharmacy  exit exam
➛ Accounting and economic exit exam
➛ level 1 - level 4 exit exam
👇👇👇👇👇👇👇
https://t.me/Mediashow43

MEDIA HAQAA

26 Oct, 19:13


#Itoophiyaa #Maaleezhiyaa

Dureeyyiin Maaleezhiyaa carraalee invastimantii Itiyoophiyaan qabdutti fayyadamanii Invast akka godhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waamicha dabarsaniiru.

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad garee jila ministirootaa waliin ta’uun Maaleezhiyaa Kuwaalaalaampuur daawwataniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

26 Oct, 09:02


Israa'el Iraan irratti haleella geessite !

Waraanni Israa'el har'a ganama Iraan irratti haleellaa raawwachuu beeksiseera. Haleellaan kun haleellaa misaa'ela balistikii Iraan kanaan dura Israa'el irratti raawwatteef deebii kennuudhaan ta'uu raayyaan ittisa biyyaa beeksiseera.

Balaan Iraan fi Israa’el waraana guutuu keessa seenuu fi naannoon Baha Giddu Galeessaa jeequmsa adda addaa keessatti kufa jedhame sodaatamaa ture amma baay’ee hamaateera.

Israa'el haleellaan kun dhaabbilee waraanaa irratti akka ta'ee fi madaalama ta’uu ibsiteerti.

Haleellaan marsaa sadiin raawwatame kun haleellaa Iraan raawwatteef deebii kennuun karoora ishee xumuruu ibsiteerti.

Yeroo darbe Iraan haleellaa misaa’ela balistikii 200 ol Israa’el irratti erga banteen booda Israa’el deebiin kamiyyuu rakkoo hamaa akka fidu akeekkachiiftee turte.

Kanuma waliin, haleellaa Israa’el har’a deebii kennuuf raawwatteef Iraan deebii bira yoo raawwatte haleellaa walfakkaatu akka itti fuftu ibsiteerti.

Ameerikaan gama isheetiin haleellaa Israa’el yeroo ammaa raawwatte akka hin beekne fi harka keessaa akka hin qabne ibsiteetti. Iiraan haleellaa wal fakkaatu kana irratti deebii(haaloo) akka hin baane ibsiteetti.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

23 Oct, 17:40


#BRICS

Yaa’iin ‘BRICS’ 16ffaan bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti Ruusiyaa magaalaa Kaazaanitti taa’amaa jira.

Hooggantoonni biyyoota garagaraa, pirezidaantonni akkasumas ministiroonni dhimma alaa yaa’icharratti hirmaataniiru.

Yaa'ii kana irratti Tumsa dinagdee fi Teeknooloojii biyyoota miseensotaa gidduu jiru irratti ni mari'atama.

Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota ‘BRICS’ haaraa kan ta’an Emereetota Araba Gamtoomanii, Iraan, Gibxii fi Saa’udii Arabiyaan yeroo jalqabaaf yaa’ii kanarratti hirmaachaa jiru.

Yaa’iin hooggantoota biyyoota miseensa ‘BRICS’ waggaa waggaan kan taa’amu yoo ta’u, A.L.Atti bara 2023 Afriikaa Kibbaa Johaanisbargitti taa’amuunsaa niyaadatama.

Walgahiin kun dura teessoo ‘BRICs’ yeroo kanaa kan taate Raashiyaadhaan gaggeeffama.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

22 Oct, 10:26


Suuraa: Balaa ibiddaa 'Markaato Shamma Taraa' halkan edaa mudateen booda guyyaa har'a suuraa armaan olii irratti kan argitan kana fakkaata.

Balaan ibiddaa kun manneen qorqorroo fi konteenaroota irraa eegaluun, gara gamoo giddugalaa gabaa duraanii jedhutti kan ceehe yoo ta'u, kutaa gamoo gara tokko guutumatti miidhee jira

Hanga ammaatti miidhaan nama irra gahe hin jiru.

Balaa ibiddaa galgala edaa mudate hamaa ta'us, hammi miidhaa gahee hin ibsamne.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

22 Oct, 09:13


#BRICS+

Yaa’iin BRICS 16ffaan har’a Raashiyaatti eegala.

Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahimad (Dr.) Yaa'ii kanarratti hirmaachuuf Kaazaan galaniiru.

Hogganaa Itoophiyaa dabalataatti:
- Pireezidaantii Yunaayitid Arab Emireets Sheek Mohaammad bin Zaayid Al Nahyaan,
- Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii,
- Pireezidaantii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Raashiyaa magaalaa Kaazaan galaniiru.

Pireezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinping, akkasumas Pireezdaantiin Masrii Abdul Fattaah Al-Siisii, hoggantoonni biroo fi bakka bu’oonni biyyootaa gara Raashiyaa imalaa jiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Oct, 17:43


"Ibiddi cimaadha; ammallee hin dhaamne; namoonni qabeenya isaanii guurataa jiru" - namoota bakka sanatti argaman irraa

Finfinnee naanno Markaatto "Shaama taraa" jedhamuun beekkamutti balaan ibiddaa mudateera.

Ibiddi kun daqiiqaa hedduu turus, to'achuun akka hin danda'amne miseensonni maatii keenya bakka balaan kun itti dhaqqabe jira himaniiru.

"Ibiddichi cimaadha. Bakka sanatti balaa ibiddaa to'achuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus, dhaamuu hin dandeenye. Hojjettoota balaa tasaa iddoo sana jiraniif gargaarsi barbaachisaadha, bishaan qofaan kan dhaamuu miti," jechuun himaniiru.

Itti dabaluunis, "Namoonni naannoo sana jiran ibiddi kun waan dhaama hin jirreef qabeenya isaanii achii fageessaa jiru," jedhaniiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

21 Oct, 07:25


Booranatti dubartiin haadha ijoollee sadii taate mukatti hidhamtee bakka ummanni dhaabbatee ilaalutti abbaa warraatiin reebamuun miidhaa cimaan irra gaheera.

Godina Boorana Bahaa aanaa Waacileetti dubartiin haadha ijoollee sadii lafa gabaatti mukatti hidhamtee abbaa warraasheetiin reebamtee midhaan cimaan irraa gahuun hospitaala seente jirti.

Irra caalaatti haleellaa kana sukaneessaa kan taasise ammoo murtiin kun jaarsoliidhaan ajajamee lafa gabaa bakka namni hedduun dhaabbatee ilaalutti reebichi hamaan yoo irratti raawwatamu viidiyoon miidiyaa hawaasa irratti mul’achuusaati.

Ulfaatinna jireenyaa irraa kan ka'e, abbaan manaa ishee horii dhabanii jennaan ijoollee isaa fi haadha warraasaa dhiisee raayyaa ittisa biyyaa seene. Naannoo waggaa afurii olii akka tures himu.

Erga achii deebi'ee boodas si’a hedduu waldhabbiin baayyatee jalaa baatee yeroo hedduu akka deebite maatiin miidhamtu kanaa himeera.

Boodarra rakkoon isaanii fooyya’iinsa dhabee jennaan jalaa baatee warra gosa abbaasheetti baqatte. Jaarrooleen Boorana wal dubbisanii dubbiikee manuma keetti siiqorra gali jedhaniin. Isheen ammoo na ajjeesa dubbii tana sirritti naaf ilaaltan malee hin galu jettee didde,” jedhu maatiin warra miidhamtu.

Jaarroliin dubbii kana ilaalan intalti dubbii jaarsaa fudhachuu waan diddeef mukatti hidhamtee akka reebamtu murteessan jedhameera.

Haati ijoollee kun garmalee miidhamuun mana yaala galuu dandeesse jirti.

Biiroon Dhimma Dubartootaa fi Daa’imman Oromiyaa gocha gara jabinna irratti raawwatamee hadheeffatee balaalleeffate jira.

Qaamolee miidhaa suukkaneessaa kanarratti hirmaatan hunda irratti tarkaanfiin barsiisaan akka fudhatamuuf hojjatamaa jiraachus ibsameera.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

19 Oct, 19:32


🙏Komii Dargaagootaa Salaalee Aanaa Warra jaarsoo.

Salaale Shawaa kaabaa Aanaa Warra jaarsooti Saamichii fi Hannii Daraan hammaatee jiraa Jedhu Jiraattonni

Muudama  Haaraa Aanaa Warra jaarsooti Taasifameen Hojjattoonni Qacaraman kun Samichaa fi Hanna daangaa hin qabnee Kan safuu fi dhageettii gurra namaatti hin tollee  ifaan ifaattii hojjachaa jiraachuu Jirattoonni Heeran.

Namoota Yakka Hannaa fi Samichaa irratii Boba'anii jiraan kana Seeraan Tarkaanfiin irratii fudhataamuu qabaas Jechuun Himan.

Kanaafuu Media Haqaa Gocha Badaa akka kanaa Balaaleffachaa Qamni Dhimmi ilaallatu Furmaata waaraa Akka kennu jenna.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

17 Oct, 13:29


Yakka seeraan alaan namoota deddeebisuun kanneen balleessaan hidhaa cimaa waggaa 25 gahuun adabaman

Kanneen yakka seeraan ala namoota deddeebisuun balleessaadha jedhamanii galmee 13'n himataman hidhaa cimaa waggaa tokkoo amma waggaa 25tti adabamaniiru.

Galmee himataa 13'n himatamanii murteen kan irratti kenname:-

- Takkaa W/Maariyam hidhaa cimaan waggaa 25 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 28, galmee himataa kan biraatiin ammoo hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6 ,

- Lammaa Tamaaroo hidhaa cimaa waggaa 10,

- Mallasee Kaahsaay hidhaa cimaa waggaa 11 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 76,

- Dammaqech Maagujii hidhaa waggaa 15 fi  adabbii maallaqaa birrii kuma 30,

- Simi’oon Tawaldee hidhaa waggaa 3 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 4 fi 500,

- Yohaannis Fissihaayyee hidhaa waggaa 5 fi baatii 7 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 7 fi 500,

- Haannaa Diinoo hidhaa waggaa 3 fi baatii 3 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 2 fi 500,

- Gargaaraa Saajin Mahaammad Ahimad hidhaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma8,

- G/Tinsaa’ee Hagos hidhaa cimaa waggaa 16 fi baatii 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 80,

- Abdul Shikur Yimaam hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 11,

- Muhiddiin Amaan Mahaammad hidhaa waggaa 10 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 11,

- Abdulaziiz Raahimatoo Daanteeboo hidhaa waggaa 5 fi adabbii maallaqaa birrii kuma6,

- Zalaalam Birhaanuu hidhaa waggaa 5 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 3,

- Naardoos Haabtee Dabalee hidhaa waggaa 4 fi baatii 5 fi adabbii maallaqaaa birrii kuma 3 fi 500,

- Fireehiywoot Balaay Girmaa hidhaa waggaa 6 fi adabbii maallaqaa birrii kuma 110, adabamanii jiru.

@mediahaqaa

MEDIA HAQAA

16 Oct, 21:03


Kirkirri Lafaa finfinnee fi Naannawaa Ishiitti Muudate Rectal Iskeelii 4.6 Ta'uu Imame

@mediahaqaa