Oromia Urban Planning Inistitute @oromiaurbanplanninginstitute Channel on Telegram

Oromia Urban Planning Inistitute

@oromiaurbanplanninginstitute


To see cities, towns and rural growth center of oromia region to be guided by modern plan in thier respective, livable and engine center for science, technology, industry and market.

Oromia Urban Planning Institute (English)

Welcome to the Oromia Urban Planning Institute! Our Telegram channel, @oromiaurbanplanninginstitute, is dedicated to showcasing the beauty and potential of cities, towns, and rural growth centers in the Oromia region. Our mission is to guide these areas with modern urban planning to ensure they become livable and vibrant hubs for science, technology, industry, and market activities. Who are we? We are a team of passionate urban planners, architects, and researchers who are committed to creating sustainable and prosperous communities in Oromia. Our goal is to transform the urban landscape of the region by implementing innovative planning strategies that address the needs of both residents and businesses. What do we do? Through our Telegram channel, we provide valuable insights, updates, and resources related to urban planning in Oromia. From showcasing successful urban development projects to discussing the latest trends in sustainable design, our channel is a hub of information for anyone interested in the future of Oromia's urban areas. Why join us? By following the Oromia Urban Planning Institute on Telegram, you will gain a deeper understanding of the challenges and opportunities facing Oromia's cities and towns. Whether you are a student, professional, or simply curious about urban development, our channel offers a wealth of knowledge and inspiration. Join us on this exciting journey towards creating a more vibrant, sustainable, and inclusive urban environment in Oromia. Together, we can make a difference in shaping the future of our region. Follow @oromiaurbanplanninginstitute today and be part of the conversation!

Oromia Urban Planning Inistitute

06 Jan, 12:53


Mudde 28 ,2017
OUPI.COM.
Ummattoota Naannnoo keenyaa hundaa fi Hojjettoota Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Sadarkan Jirtan Mara Baga Ayyaana Qillee bara 2017 kabajamu nagaan geessan nagaan geenye.
Ayyaanni kun kan gammachuu,kan jaalaalaa fi Nageenyaa akka Isiniif ta’u hawwaa yeroo Ayyaana kana kabajnutti Aadaa Miira gareen hojjechuun milkaa’ina hojii keenya keessatti qabnnu qabachuun; kan dhabe gargaaruu fi kan dhukkubsatee gaafachuun ta’uu qaba.
Ayyaana gaarii. Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa.

Oromia Urban Planning Inistitute

03 Jan, 11:52


Mudde 25,2017
OUPI. COM.
Inistiitiyuutiin pilaanii Magaalota Oromiyaa Bu’aa Ooditii Pilaanii Caasawaa Magaalaa walisoo Irratti mari’achaa jira,
Hojiiwwaan gurguddoo bara kana Inistiitiyuutichaan xiyyeffannoon hojjetamaa jiran keessaa Hordoffii fi Ooditiin pilaanii Magaalotaa tokkodha; Oditii Pilaanii Caasawaa magalaa Walisoo Ogeessonnii Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uralee Misoomaa fi Ogeesonnii Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa taasisan argannoon bu’aa Odiitii bakka Daayirikteera Olaanaan Inistiitiyuutii pilaanii Magaalota oRomiyaa Obbo Margaa Oliiqaa argamanitti dhiyaate irratti mari’atamaa jira.

Oromia Urban Planning Inistitute

27 Dec, 10:54


Lafa Magaalotaa Pilaanii Magaalaatiin Hogganuun Dhimma Murteessaa Ta’uun Eerame
~~~~~~~~
Leenjii fi madaalliin ogeessota pilaanii lafa magaalaa fi faayiinaansii magaalaa irratti hojjetaniif kennamaa jira.
Leenjii fi madaalliin ogeessotaa pilaanii lafa magaalaa fi faayiinaansii magaalaa irratti qindeessummaa Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaatti Waajjira Pirojektii Riifoormii Galii Magaalaatiin ogeessota magaalota Oromiyaa keessaa walitti ba’an 123 ta’aniif Yuunivarsiitii Ambootti guyyoota 45f kennamaa jira.
Leenjii fi madaalliin kunis ogumaawwan shaniin:
• Urban Plan and Land Administration
• Cadaster Survey and Mapping
• Cadaster Registry System
• Real Property Valuation fi
• Urban Finance irratti kennamaa jira.
Kaayyoon ijoo leenjii fi madaallii kanaas ogeessonni pilaanii magaalaa hubachuun magaalonni itti fayyadama lafaa akkaataa pilaanii qofaan lafarra akka buusanii fi imaammata fi tarsiimoowwan lafaa magaalaa fi dhimmoota lafaa magaalaa waliin walqabatan hubachuun haalaan hojiirra akka oolchaniif ogeessonni amanamummaa fi namuusaa olanaatiin hojii isanii akka hojjetaniif kan qophaa’ee ta’uu Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaatti Itti gaafatamtuun bulchiinsaa fi Faayiinaansii Waajjira Pirojektii Riifoormii Galii Magaalaa Aadde Selomee xilahuun himaniiru.
Dabalatanis aadde Selomeen akka jedhanitti ogeessonni leenjii kanarratti hirmaatan gama hojii Pilaanii magaalaa fi bulchiinsa lafa magaalaa irratti ogeessota ga’umsa qaban uumuun dogogoroota ogummaa waliin walqabatanii uumaman hambisuuf jecha leenjichi qophaa’uu eeraniiru.
Yuunivarsiitii Ambootti Itti Aantuu Pirezidantii dhimma akkaadamii kan ta’an Piroofesar Bizunash Miidhaksaa akka jedhanitti “lafti lafee keenyaa” kan jedhamu dhaadanoorra darbee hojii qabatamaan agarsiisuun murteessaa waan ta’eef ogeessonni leenjii fudhaachaa jiran lafa magaalaa qusannaa fi akkaataa pilaaniin magaalaa ka’uu qofaan hojiirra oolchuun tajaajila si’aataa kennuu fi magaalonni galii mataasanii maddisiisuun humna isaanii akka cimsataniif leenjii kennama jiru murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Guyyaa har’aattis leenjii daree fi dirree irratti kennamaa ture kan xumuramee fi guyyoota itti aananitti ogeessota kannenniif madalliin ga’umsa ogummaa kan kennamu ta’a.

Oromia Urban Planning Inistitute

03 Dec, 07:24


Sadaasa 24,2017.
OUPI.COM.
Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota Oromiyaa fi Inistiitiyuutiin Ispees Saayinsii fi Ji’ooispaashaalaa Itoophiyaa Karoora qindoominaa hojii waliinii irratti mari’atan.
Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota Oromiyaa fi Inistiitiyuutiin Ispeessaayinsii fi jii’ooispaashaalaa Itoophiyaa waggoottann lamaan darban irraa eegalee qindoominaan karoora hojii shan irratti waliin hojjetaa jiru.
Inistiitiyuutileenn lameen hojii waliin hojjechaa jiran bakka hooggansi Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa fi qooda fudhatootnnii Inistiitiyuutii Ispeessaayinsii fi ji’oo ispaashaalaa Itoophiyaa argamanitti mari’ataa jiru.
Barbaachisummaan marichaa hojii hanga ammatti Inistiitiyuutileen lameen waliin hojjechaa jiran keessatti ciminootaa fi hanqinoota hojii adda baasuu fi ciminoota mulatan itti fufsiisuuf hanqinoota hojii mul’atan ammo maqsuuf ta’uu Daayirikteera Olaanaan Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa Obbo Margaa Oliiqaa himaniiru.

Oromia Urban Planning Inistitute

25 Nov, 10:17


Sadaasa 16,2017.
OUPI.COM.
Manaajimeentiin Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Maanuwaalii qophii pilaanii Misooma koolidarii Inistiitiyuutichaan qophaa’aa jiru irratti Mari’ate..
Maanuwaaliin qophii pilaanii Misooma Koolidarii Daayiriktoreetii Qo’annoo fi Qorannoo Inistiitiyuutichaan qophaa’a jiru Miseensota Manaajimeentii Inistiitiyuutichaaf dhiyaatee irratti mari’atameera.
Maanuwaaliin qophaa’aa jiru kun Qophiin pilaanii Misooma Koolidarii Naannoo keenya keessatti hojjetamuu fi hojjetamaa jiru hundi karaa qulqullina qabuu fi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu danda’uun akka qophaa’an taasisuuf qooda olaanaa qaba.
Maanuwaaliin qophaa’aa jiru erga galtee yaada qooda fudhattoota maraan gabbateen booda mirkanaa’ee hojii irra kan oolu ta’a.

Oromia Urban Planning Inistitute

21 Nov, 11:08


Sadaasa 12,2017
OUPI.CO
Hooggantootnnii fi Hojjeetonnii Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa Ayyaana hundeeffama paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Sababeeffachuun sochii Ispoortii garaagaraa taasisan.

Oromia Urban Planning Inistitute

16 Nov, 12:26


Sadaasa 7,2017
OUPI.COM.
Inistiitiyuutiin pilaanii Magaalota Oromiyaa Damee kibbaa Pilaanii Haaromee gandoota Baadiyyaa 12 Godina Baale jala jiraaniif kenne.
Inistiitiyuutiin pilaanii Magaalota Oromiyaa Damee kibbaa Pilaanii Haaromee 12 godina Baalee jala jiran hojjetee xumuruun wal-harkaa fuudhinsa bakka Itti Aanaan Bulchaa godina Baalee, gageessitoonni Seekteraalee qoodaa fudhatoonni fi Bulchitootnni Gandaa argamanitti taasisuu isaa itti gaafatamaan Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa Damee kibbaa Obbo Kalifaa Haaruun himan.
Pilaaniin Haaromee qophaayee xumuramuun wal harkaa fuudhinsi taasifame kunneen karaa gurmaa’insa haaraa milkeessuu danda’uu fi lafa irraa bu’uu danda’uun xiyyeffannoo guutuun wal-ta’insa Waldaalee IMX Godina Baalee qophii pilaanii irratti gurmaa’anii, Ogeessota Inistiitiyuutii pilaanii Magaalota Oromiyaa Damee kibbaa, Hirmaachisummaa hawaasaa fi Seekteraalee qooda Fudhattootaan kan qophaa’an ta’uu Obbo Kaliifaan himaaniiru.

Oromia Urban Planning Inistitute

16 Nov, 11:43


https://youtu.be/4z-by0jVjYo?si=Lc4Wp7VKPniAuImJ

Oromia Urban Planning Inistitute

15 Nov, 11:58


Sadaasa 6,2017
OUPI.COM.
Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa Damee kibbaa Dhimma Pilaanii Haaroomee Ganda Baadiiya Gurmaa'insa haaraa irraatti haaromee Godina Balee Aanoota hunda jala jiraniif hojii hubannoo uumuu kennaa jira. Bifuma wal-fakkaatuun pilaanii Haaromee qophaa’anii xumuramniis bakka bulchitootnni gandootaa, Itti gaafatamaan Inistiitiyuutii pilaanii magaalota oromiyaa Damee kibbaa obbo Kaliifaa Haruun fi itti gaafatamaan waajira bulchiinsaa godina Baalee Obbo Muktaar aragamanitti boru wal-harkaa fuudhinsa kan taasisu ta’uu Inistiitiyuutiin pilaanii magaalota oromiyaa Damee kibbaa beeksiseera.

Oromia Urban Planning Inistitute

08 Nov, 11:35


Onkoloolessa 29,2017

OUPI.COM.

Milkaa'inoota gurguddoo argaman qixaan hubachuudhaan injifannoo caalmaaf ni hojjenna ‘ dura taa’aa Hundee paarii Badhaadhinaa fi Itti Aanaa Daayirikteera Olaanaa fi Hoogganaa Damee qophii pilaanii Inistiitiyuutii Pilaanii magaalota Oromiyaa obbo Shallamaa Abbabaa’.

Miseensotni Paartii Badhaadhinaa hundee paartii Inistiitiyuutii pilaanii magaalota Oromiyaa Konfaransii paartii kurmaana 1ffaa bara 2017 hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa yaadachuun gaggeessniiru.

Kabajni hundeeffama waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa kun milkaa’inoota gurguddoo gama siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaatiin argaman qixaan hubachuudhaan injifannoo caalmaaf hojjechuuf qophaa’ummaa jiru mul'isuun kan kabajamuu fi Qormaatilee waggoottan shanan mul’atan maqsuuf qophaa’ummaa guutuun hojjechuuf miseensonnii hundee paartii Inistiitiyuutichaa hundi kutannoon hojjechuu qabu jechuun dura taa’aan hundee paartii fi Itti aanaan Daayirikteera olaanaa fi Hoogganaan damee qophii pilaanii Inistiitiyuutii Pilaanii magaalota Oromiyaa obbo Shallamaa Abbabaa dubataniiru.

Miseensonni hundee paartii Badhaadhinaa Inistiitiyuutichaa tokko tokko Yaada kennaniin waggoottan Shanan darban akka biyyaa fi Naannoo keenyatti milkaa’inoonni gaggariin mul’ataniiru jedhanii; milkaa’inoota argaman kunneen itti fufsiisuuf kutannoo guutuun kan hojjetan ta’uu dubbataniiru..

Oromia Urban Planning Inistitute

08 Nov, 08:09


Onkoloolessa 29,2017.
OUPI.COM.
Inistiitiyuutiin Pilaanii Magaalota Oromiyaa Leenjii Dandeettii Raawwachiisummaa Miseensota Paartii Badhaadhinaa kennaa ture kallattii fuulaa dura ka’uun guddunfe !
Leenjiin kunis Mata duree "Humna Abjuu Guddina Amansiisaf" jedhuun mataa dureewwan garaagaraa irratti guyyoota 3ndarbaniif kennamaa turee jira.
Leenjiin kennamaa turee dandeettii raawwachiisummaa miseensota cimsuudhaan imala badhaadhina biyya keenyaa galmaan gahuu keessatti iddoo guddaa kan qabu ta’u Dura taa’aan hundee Partii Badhaadhinaa Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalota Oromiyaa fi Itti Aanaa Daayirikteera Olaanaa fi Hooganaan Damee qophii pilaanii Inistiitiyuutichaa obbo Shallamaa Abbabaa himaniiru,
Dabalataaniis guduunfa leenjicha irratti yaada kennanin Miseensi leenjii kana irraa hubannoo aragatee kaka'umsa cimaadhaan tokkummaa fi miiraa qajjeltummaa gaarii qabuun tajaajila qulqulluu fi dhaqabaamaa hawaasaaf kennuun Imaala Badhaadhinaa Biyya keenyaa dhugoomsuuf kutannoo Cimaan hojjechuu qabu jechaan obbo Shallamaan dubbataniiru.
Hirmaattotni leenjii kanaa fudhachaa turaanis yaada kennaniin hubannoo leenjii kanaan argatan hojii qabatamaadhaan agarsiisuudhaan badhaadhina biyyaatiif xiiqiin akka hojjatan dubatanii jiruu

Oromia Urban Planning Inistitute

07 Nov, 17:08


Qooddatoota Haala Dandeessisoo Magaalomsuu Oromiyaa

Omisha Beekumsa Magaalomsuu: Omishti beekumsaa, murtee sakatta’iinsa haalota kallattii hundaan jiran irratti hundaa’e kennuuf daran murteessadha. Adeemsa kufaatii magaalomsuu numuudate keessaa bahuuf, giddugalawwan “data” magaalaa funaanan, haalan kuusan, xiinxalanifi tamsaasan hundeessuu, akkasumas kanneen jiran waliin tumsaan hojjechuun barbaachisaadha. Amaloota aggeessummaa magaalaa yeroo ammaa barbaannu horachuufis, hoggansi sadarkaan jiru, hordofuu, mari’achuu, dubbisuu, qorachuufi xiinxaluu amaleeffachuu qaba.

Hammatoo Seeraa Ammayyaa Magaalomsuu: Adeemsa magaalomsuu karaa qajeelchuuf hammatoo seeraa yabbuun murteessadha. Hunda dura garuu, hoggansi sadarkaan jiru mataa isaatin, seerota hojiirra jiranifi qajeelfamoota diriirfaman kabajuu qaba. Ittaansun, seeronni itti fayyadama lafaa, mirga abbaa qabiyyummaafi misooma magaalaa qajeelchaa jiran, fedhii ammayyaa magaalaa waliin deemufi dhiisuu isaanii adda baafachuun dirqama. Haata’u malee, hoggansa keenya, seerotaafi hijimaatilee haaraa hojiirra oolchuu mitii, kanneen hangaa ammaa jiran qofaaf amanamu osoo danda’ee, magaalomsuu irratti raajii hojjechuu akka danda'amu hubatamuu qaba.

Al-seerummaa hanga ammaa tureefi fedhiin fafa kana ittifufsiisuu edu hanga jirutti, rakkoo magaalaafi magaalomsuu kamiiyyuu hinhiiknuu; bara baraaf magaalaa mijataa ijaaruun hin danda'amu. Hammatoo seeraa tarkaanfataan, adeemsa seeraa walxaxoo kan salphisuufi birokiraasii dhedheeraa gabaabsun sakaallaa misooma magaalaa kan muru. Caasaa seeraa dhaweessummaa (entrepreneurship)fi invastimantii jajjabeessu, akkasumas sektaroota dhuunfaa adeemsa cehumsa magaalaa keessatti qooda akka qabaatan hawwatu kan diriirsuudha.

Gurmaa’insa Dhaabbilee (Institutional Arrangements): Gaggeessummaan magaalaa horatameefi hoggansi magaala argame, akkasumas seerrifi hojmaanni diriire gurmaa’insaan lafa qabachuu qaba. Gurmaa’insi dhaabbileefi caasaa mootummaa qabnu, walxaxiinsa magaalotaa dabalaa dhufe waliin ammayyaawaa deemuu qaba. Kun, qindoomina qaamolee mana qopheessaa gidduu jiru fooyyeessuu, manaajaroota magaalaa ogummaa bulchiinsa bu’a qabeessa ta’e hidhachiisufi dandeettii dhaabbilee ijaaruu kan gaafatu ta’uun hubatamuu qaba.

Gama birootin, gurmaa’insa ganda baadiyyaafi magaalaa irraa kaasee hanga naannootti jiru sakattaanee, tarsiimodhaan hogganuun adeemsa magaalomsuu keenya ittiin sirreesuufi ariifachiisuuf gargaaramuu qabna. Keessattuu Giddugala Guddina Baadiyyaa (GGB) Haaromee kuma torbaa ol qabnu keessatti ijaarru akka carraa guddaatti fayyadamuun dhimma murteessaadha.

Qindoominaafi Hirmaachisummaa: Milkaa’inni adeemsa Magaalomsuu Haaraa Oromiyaa qindoomina sektaroota garaagaraa, fkn, seektara mootummaa, damee dhuunfaa, misoomaa, ummaataa, dhaabbilee barnootaa, dhaabbilee qorannoofi qo’annoo keessafi gidduu jiruun kan murtaa’udha.

Bu’uura kanaan, gaggeessitoonni qindoomina irratti milkaa’an fedhiiwwaan garaagaraa biratti amanamummaa waan argataniif, bu’a qabeesummaa pirojektoota magaalaa dhugoomsuu ni danda'u.

Oromia Urban Planning Inistitute

06 Nov, 07:15


Leenjiin " Humna Abjuu, Guddina Amansiisaaf" jedhu Kennamaa jira
****
Leenjiin "Humna Abjuu, Guddina Amansiisaaf " jedhu miseensota Paartii Badhaadhinaa IPMOf Kennamaa jira.

Leenjichis kan barbaachiseef miseensota paartichaa hubannoo walfakkaataa qabaachuun guddina fi waligalte biyyaalleessaa uumuu keessatti gahee irraa eeganu akka ba'ataniif ta'uu dura taa'aa hundee paartii IPMO fi I/A Daay. Olaaanaa fi qindeessaan damee qophii pilaanii Obbo Shallimaa Abbabaa himaniiru.

Leenjichis guyyoota walitti aanan sadiif kan geggeeffamu ta'a.

Oromia Urban Planning Inistitute

03 Nov, 13:41


Caaseffama Dinagdee Oromiyaa Imala Magaalomsuu Keessatti

Rakkoolen magaalomsuu keenyaa, gama tokkoon bu’uura seenaa irraa yoomaddu, gama birootin, akkaataa adeemsa haaraa itti hogganne irraa kan maddu jedhu Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa, barreeffama mataduree “Sakatta’iinsa Adeemsa Magaalomsuu: Barbaachisuummaa Hammatoo Haaraa Oromiyaa” jedhuun tibbana baasaniin. Pirezidaantiin MNO, yaadama magaalomsuu haaraa mootummaan isaanii qabate yeroo ibsan, akka hoggansa jijjiiramaatti, maddoota rakkoolee lameen irraa barannee, daba jiru meelchuf, caaseffama dinagdee, faca’iinsa bu’uuraalee misoomaafi haala humnoota misoomaa naannoo keenyaa irratti sakatta’iinsa adeemsisuun gulantaa irra jirru baruun dirqama jedhu. Nutis qoddatoota sadan keessaa “caaseffama dinagdee” akka armaan gadiitti isiniif dhiyeessina.

Caaseffama Dinagdee Oromiyaa

Magaalonni naannoo keenyaa lakkoofsan hedduu ta’anis amala magaalaa hinqaban. Lakkoofsaan 700 ol ta’anis, qubsuma walitti dhihoo qabaachuun ala wanta magaalaa isaan jechisiisu hinqaban. Ummata keenya keessaa jiraataan magaalaa %22 hincaalu. Lakkoofsi kun akka addunyaatti qofa osoo hintaane akka biyyaattuu gadi aanadha. Gama birootin, jiraataa magaalaa qabnu keessaa %40, hojii qonnaa, mala jiruufi jireenyaa kallattiin magaalaa hintaane irratti kan bobba’edha.
Akka waliigalaattis, ummanni naannoo keenyaa harki caalufi dinagdeen keenya qonna aadaa irratti gar-malee kan hirkatedha. Magaalonni babaldhachaa dhufanis, qonni damee murteessoo dinagdee naannoo keenyaa ta’uun itti fufeera. Haata’u malee, humna namaa amma kanaa liqimsus, gaheen qonni omisha waliigalaa naannoo (GDP) keessatti qabu %44 kan hincaalle ta’uun isaa, caaseffama dinagdee keenyaa, yaadama magaalomsuu haaraa naannoo keenyatti madaqsuuf yaadnun walsimsiisun hojii baldhaa kan nurraa barbaadu ta’uu agarsiisa. Imala kana karaatti deebisuun dura, ilaalcha egeree akeeku, yaadamaafi beekumsa magaalomsuu bara teknoolojii olaanoo (high-tech) horachuun dhimma bakka hinbu’amne ta’uu hoggansaafi caasaa mootummaa sadarkaan jiru ciimsee hubachiisun barbaada.
Caaseffamni dinagdee keenyaa boodatti hafaafi dhukkubsataa ta’ee osoo jiruu, qaamoleen qonna irratti raawwii ajaa’ibaa galmeessaa akka jirrutti seenessuu eegalan nimul’atu. Warra kana caasaan dinagdee keenyaa ammas hedduu boodatti hafaa ta’uufi reefu tuqaa jalqabbii irra jiraachuu keenya irra deebin yaadachiisun barbaada. Fakkeenyaaf, osoo roobni waqtii tokko hafee caasaan dinagdee keenya dandamataa? Osoo weerarri hawwaannisaa ka’ee, dhukkubni daddarboo biqilaa/beeyladaa faca’ee, caasaan dinagdee qabnu too’ataa? Dhugaan jiru, har’as hirkattummaa roobaa jala jiraachuu keenya; mana kuusaa omisha ofirraa hafee itti dilbeessinu kan hinqabne ta’uudha; mala akkasumas dandeettii ittisaafi dandamannaa weerara ilbiisafi dhukkubaa kan hinhoranne ta’uu isaati. Dinagdeen keenya har’as dinagdee ji’oota sadiiti kan jennu asirraa kaaneti.
Amalli caaseffama dinagdee keenyaa inni biroo al-idilee ta’uu isaati. Qorannoon bara 2014 bahe akka muldhisutti, ummata keenya keessaa %90 hojii dhunfaa hinidiloofneen jiraata. Lakkoofsi ummata jiraataa magaalaa keenya gadi aanaa ta’us, sababoota garaagaraa irraa kan ka’e haala walirraa hincinneen guddachaa dhufeera. Haata’u malee, caasaa dinagdee carraa hojii gahaa umuu dhabuu irraa kan ka’e hojidhabdummaan dargaggoota magaalaafi gartokkeen magaalaa yaaddoo guddaa ta’ee hafeera.
%43.8 ummata keenyaa dargaggoota umurii 15-29 gudduu jiran ta’us, hedduu isaanitti ogummaafi dhaweessummaa waan hinhorreef, omishaafi oomishtummaa tokko malee akka qisaasaman ta’eera. Gama birootin, dargaggoonni keenya, carraa hojii dameelee akka maanufaakchariingii, ijaarsafi teknoolojii odeeffannoo yeroo ammaa dagaagaa jiran keessatti akka hinbobbaane, hanqina ogummaa baldhaafi rakkoo qophaa’ummaa kan qaban ta’uun isaa dhimma tarkaanfii hatattamaa barbaadudha.
Walumaagalatti karoora bara 2050’tti, ummata keenya %50 jiraataa magaalaa taasisuuf qabanne dhugoomsuu akka dandeenyu dirqama yaadama magaalomsuu haaraa hojiitti hiikun caasaa dinagdee keenya ceesisuu qabna.

Oromia Urban Planning Inistitute

27 Oct, 11:25


https://youtu.be/JBVgdsg9s5c

Oromia Urban Planning Inistitute

14 Oct, 07:17


Onkoloolessa 4,2017
OUPI.COM
Guyyaan Alaabaa Sirnoota gara garaan akka Naannoo Oromiyaatti kabajamaa jira
Guyyichi mata duree “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaa fi Olka’iinsaa Itiyoophiyaaf” jedhuun kabajamaa jira.

Oromia Urban Planning Inistitute

14 Oct, 06:43


Onkoloolessa 4,2017.
OUPI.COM.
Haaromee: Motora Cehumsa Baadiyyaa Oromiyaa!
Haala baramaa baadiyyaa keenyaa jijjiiruuf sababoota dirqisiisoo hedduutu jiru. Dhiibbaalee adda addaatiin, baadiyyaaleen Oromiyaa gama hedduun magaalotarratti hirkachuuf saaxilamaniiru. Jiruufi jireenyi bu’uuraa magaalaa, baroota hedduuf baadiyyaa adiyyoomsuu irratti hundaa’ee ture har’as guutummaatti hinjijjiiramne. Hariiron tokko qorqee tokko ‘sooru’ kun, gara walitti dhufeenya gar-lameenuu fayyadamoo taasisutti cehuu qaba.
Ummanni keenya %78 jiraataa baadiyyaati; godaansi baadiyyaarra gara magaalatti taasifamu itti fufus, lakkoofsi ummata baadiyaa ammas dabalaa jira. Kunis gama tokkoon lafti baadiyyaa dhiphachaa, oomishtummaan isaa gadi bu’aafi mancaatiin qabeenya umamaa dabalaa akka dhufu taasisus xiyyeeffannoo barbaachisu hinarganne. Gama birootin, magaalonni keenya, godaantota baadiyyaa ogummaa carraa hojii magaalaatti argamu madaalu hinqabneen akka guutaman dirqisiisee jira. Hanqinni bu’uuraalee misoomaa, dhiyeessii tajaajila hawaas-dinagdee adda addaa akkasumas sochiin dinagdee daangeffamaa, jiraattota baadiyyaa godaansa, hojii hiikuu, tajaajiloota hawaas-dingdeen ala ta’uu, jedhees hiyyummaafi boodatti hafummaaf saaxileera. Kun akkuma jirutti ta’ee, fedhiin bu’uuraalee misoomaa, tajaajila hawaas-dinagdee jiraattota baadiyyaa ariitiin dabaluu irratti argama. Gama birootin, qubsumni jiraattota baadiyyaa irra caalaan faffaca`aa ta’uun isaa, dhiyeessiifi dhaqqabummaa tajaajila hawaas-dinagdee baadiyyaa daran rakkisaa taasiseera.
Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa, rakkoolee hammaachaa dhufan kanniin hiikuu qofa osoo hintaane, baadiyyaa gara carraa motora cehumsa caasaa hawaas-dinagdee qabatamaatti ceesisuun akka danda’amu, kuni ta’uu dhabnaan, madda gaaga’amiinsa siyaas-dinagdee akkasumas hawaasummaatti kan ce’u ta’uu hubachuun sochiitti galeera. Oomishtummaa lafaa dabaluu (dhiyeessii galtee qonnaa, tajaajila ogummaafi eegumsa naannawaa), ogummaa dagaagsuu (qonnaan bulaa hojii qonnaa aadaa irraa dhaale cinaatti ogummaa adda addaa horachiisuu), akkasumas qubsuma ummata baadiyyaa dhiyeessifi qaqqabummaa tajaajiloota hawaas-dinagdee mootummaan guutuu edu danquuf fala kaa’uf imaammata, tarsiimoo, karoorafi sagantaa cehumsa baadiyyaa qopheessee raawwitti galaa jira. Haaluma kanaan, lafa teessuma mootummaa gandaa/araddaa, Adoolessa bara 2016 hojiitti galeefi argama Giddugala Guddina Baadiyyaa (GGB) cehumsi hawaas-dingdee baadiyyaa itti addeemsifamu ta’eefi moggaasa maqaa HAAROMEE jedhuu kennameef gandoota naannichaa hunda keessatti kan hundeeffaman ta’a.
Sagantaan kun toora qabiyyee sadi irratti hundaa’e:
Bu’uuraalee Misoomaa: gama kanaan, misooma bu’uuraalee misoomaa akka daandii, dhiyeessii bishaan qulqulluu, anniisaa/ibsaa, neetwoorkii qunnamtiifi wiirtuu leenjii ogummaatif duursa kennu. Dandii yoofudhanne, baadiyyaafi magaalaa, baadiyyaafi gabaa gurguddaa, lafa omishaafi GGB (dhaabbileen tajaajila itti mandheeffatan) walqunnamsiisun guddina dinagdee kan si’eessu ta’a. Bu’uuruma kanaan, akkaata barbaachisummaafi fedhii iddoodha iddootti jiruun, aburraan pilaanii daandii baldhina meetira 30, 20’fi 15 qabu hojjatamee qophii ta’eera.
Tajaajila Hawaasummaa: tokkoon tokkoon Haaromee, GGB tajaajila bulchiinsaa (waajjiraalee sektarootaa, iddoo turtii abbootii dhimmaa, kaafteeriyaa, galmoota ummanni dhimma itti bahu, lafa dhaabbii konkolaataa), tajaajila hawaasummaa (manneen barnootaa, keellaa fayyaa, mana fincaanii), lafa mana jireenyaa (abbaa m2 500 - “biogas” fi manduubee qabufi abbaa m2 200), wiirtuu geejjibaa, akkasumas lafa banaafi iddoo magariisaa haara-galfii kan hammate ta’uun isaa jiraattota baadiyyaatif tajaajila sadarkaa magaalatti kennamu qe’eetti dhiyeessuun naannawa guutummaa qabu kan umufidha.

Oromia Urban Planning Inistitute

14 Oct, 06:43


Wiirtuwwan Dinagdee: wiirtuwwan dinagdee Haaromee, gola xixiqqoo tarsiima’aa sochii hawaas-dinagdee baadiyyaa kakaasuf tajaajilanidha.Tajaajiloonni dinagdee kanneen akka giddugala dabarsa beekumsa qonna ammayyaafi dagaagina ogummaa (itti fayyadamaafi suphaa maashinoota qonnaa, ijaarsa manneen GGB, kurfeessa omishaalee qonnaafi kkf), golee industirii maanifaakchariingii xixiqqaa, agarsiisa qonna hammayyaa (hoorsiisa beeyladaa, lukkuu), lafa gabaa banaafi daldalaa (dhiyeessii boba’aafi galtee ijaarsaa dabalatee) fi dhaabbilee tajaajila faayinaansii (liqiifi qusannaa) kennan wiirtuu kanatti dhiyaatu. Mootummaan haala adeemsi kun umutti gargaaramuun, carraa hojii baldhisuufi invastimantii qonnaan bulaa jajjabeesu, hundaa’ol, qonnaan bulaan beekumsa qonnaa aadaa irraa dhaale cinaatti, ogummaa dabalataa akka horatu dandeessisuu irratti kan hojjatu ta’a. Kanaanis si’attummaafi damdaneessummaa dinagdee baadiyyaa akkasumas godaansa gara magaalatti taasifamu daran hirdhisuu kan mirkaneessu ta’a.
Inisheetiviin Haaromee, aadaa, duudhaa, diraa hawaasummaafi akeeka egeree ummata Oromoo irraa ka’a. Milkaa’ina karoorichaatif kalaqa, ogummaafi ammayyummaa qonnaa babaldhisuu, bu’uuraalee misoomaa diriirsufi tajaajila hawaas-dinagdee (bulchiinsa gandaa/araddaatin) giddugala tokkotti dhiyeessu akka tooftatti fayyadama. Gara birootin, hirmaannaa hawaasni araddaa/gandaa adeemsa murtee sagantaa kanaa keessatti taasisu baldhisuufi buleessummaa (itti fufiinsa) hawaas-dinagdeefi naannaawaatif duursa olaanaa kenna. Sagantaan haala qabatamaa keenyafi muuxannoowwan gaggaarii idil-addunyaa irraa ka’uun qophaa’e kun, deemee deemee qaawwa misooma baadiyyaafi magaalaa gidduu jiru cufuu, baadiyyaafi magaalaa waldeeggarsaan misoomsufi jiruufi jireenya ummataa ammayyoomsuun cehumsa hawaas-dinagdee baadiyyaa jedhees magaalaa milkeessuu akka galmaatti kan kaawwate.
Maddi Fuula Face book ; Shimmallis Abdisaa Perizidaantii MNO.

Oromia Urban Planning Inistitute

10 Oct, 15:14


Waldaalee IMX qophii pilaanii iratti boba'anii hojjechaa jiraniif yeroo yeroon hubannoo uumuun qulqullina hojii dabaluuf qooda olaana qaba.

Oromia Urban Planning Inistitute

10 Oct, 15:04


Leenjiin Waldaalee Hojii Qophii Pilaniirratti gurmaa'uun hojjechaa jiraniif kennamaa jiru Waldaalee IPMO Damee Bahaattis itti fufee jira