Biiroo Barnoota Oromiyaa @biiroobarnoota_oromiyaa Channel on Telegram

Biiroo Barnoota Oromiyaa

@biiroobarnoota_oromiyaa


“We shall make Oromia flood of genius students
who score high grades in national exams”...!!!

Biiroo Barnoota Oromiyaa (English)

Are you a student in Oromia looking to excel in your studies and achieve high grades in national exams? Look no further than Biiroo Barnoota Oromiyaa! This Telegram channel is dedicated to helping Oromo students reach their full potential and become successful in their academic pursuits. With a motto of 'We shall make Oromia flood of genius students who score high grades in national exams!!!', this channel provides valuable resources, study tips, and motivational content to support students on their educational journey. Whether you are preparing for entrance exams, national tests, or simply want to improve your grades, Biiroo Barnoota Oromiyaa is here to guide you every step of the way. Join our community of motivated learners today and unlock your academic potential! Let's work together to make Oromia proud with our academic achievements.

Biiroo Barnoota Oromiyaa

20 Nov, 11:50


#share
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa

20 Nov, 11:49


MAALUMMAA PIROOJEKTII
BU'UURA BORUU
FI
IFA BORUU


#Piroojektii_Bu'uura_Boruu :- Kaayyoon Piroojektii Bu'uura Boruu inni guddaan daa'imman Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi carraa barnootaa akka argataniifi bu'uura irraa barnoota qulqullina qabu argachaa akka guddatan barsiisota gahumsaan filataman ramaduun daa'imman bu'uura cimaafi hin sochoone irratti ijaaruuf kan hojjatamaa jiru yoo ta'u, piroojektiin kun rakkoo dubbisuu, barreessuufi lakkoofsa qoyyabachuu manneen barnootaa Sad. 1ffaa keessatti mul'atu furuuf kan gargaaru yoo ta'u, bara 2014 irraa jalqabee hojiirra ooleera.

#Piroojektii_fa_Boruu :- Kaayyoon Piroojektiin Ifa Boruu ijoon, Naannoon Oromiyaa #Barattoota_Qaxalee egere biyya keenya ceesisuu danda'an kutaa 9-12tti dorgomsiisee filuun, barsiisaa gahumsa qabu ramaduun barattoota gahumsa qaban qaree baasuuf bara 2014 irraa eegalee hojiirra ooleera. #Mannneen_Barnootaa_Ifa_Boruu_Bultii_Addaafi_Manneen_Barnootaa_Addaa piroojektii biyya keenyaaf ifa mul'isaa jiran ta'uu bu'aan lafarratti mul'ateera.

Qulqullina barnootaa sirna darbe keessa jallate, #sirna_barnootaa_haaraan_bakka_buusuun hojiitti galamullee barsiisota sirna darbe keessa leenji'an immoo leenjii yeroo gabaabaatiin sirreessuun, barattootni sirna barnootaa darbeen barataa turanis yeroo gabaabaa keessatti jijjiiruun rakkoo waan ta'eef bu'aan isaa qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa irratti mul'achaa jira.
Kunis kan agarsiisu, #barnootni_hojii_sammuu_dhalootaa (barsiisaafi barataa) irratti hojjatamu waan ta'eef waggoota gabaabaa keessatti sirreessuun hin danda'amu.
#Kanaafuu_jijjiirama_barbaadamu_fiduuf_bu'uura #irraa_jijjiiraa_adeemuufi_rakkoo_yeroo_furuuf_dhaloota_gahumsa qabu akka hin dhabne sadarkaa 2ffaa irratti barataa qaxalee horachuuf piroojektootni Bu'uura Boruufi Ifa Boruu barbaachisummaan isaanii mirkanaa'eera.

Walumaa galatatti, Piroojektiin #Bu'uura #Boruu_carraa_barnootaa daa'imman keenyaaf uumuun daa'imni #tokkollee_MB_alatti_akka_hin_argame gochuufi #bu'uura #irraa_qulqullina_barnootaa_mirkaneessaa_adeemuuf_hojjatamaa_kan_jiru_yoo ta'u,
Piroojektii Ifa Boruu immoo, MB Sad. 2ffaatti barattoota qaxalee heddumminaan horachuu, gahumsaafi naamusa gaariin fakkeenya ta'aniifi ummata keenyaaf abdii ta'an qaree baasuuf hojii akka MNOfi BBOtti hojjatamaa jiru ta'uun hubatamuu qaba.

Piroojektootni lachuu rakkoo barnoota keenyaa bu'uura irraa MB Bu'uura Boruutiin, gubbarraa immoo, barattoota qaxalee MB Ifa Boruu Bultii Addaafi MB Addaatiin hiikuuf furmaata kennuun sirna barnootaa keenya bu'uura cimaa irratti ijaaruuf xiyyeeffannoon raawwataa jira.

#share
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa

16 Nov, 13:11


#share
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa

Biiroo Barnoota Oromiyaa

16 Nov, 13:06


#share
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa
     t.me/BiirooBarnoota_oromiyaa