KEELLOO MIDIYAA @keeloomidiyaa Channel on Telegram

KEELLOO MIDIYAA

@keeloomidiyaa


KEELLOO MIDIYAA (Somali)

KEELLOO MIDIYAA waa kanal telegram ah oo ka dhisan xaqiijinta wararka ugu dambeeyay ee Soomaaliya iyo adduunka. Kanalkan waxaa ku jira warar bulsho iyo siyaasadeed oo ku saabsan arrimaha caalamka, siyaasadda Soomaaliya, iyo arimo kale oo gaar ah. KEELLOO MIDIYAA waxaa loogu talagalay dadka Soomaaliyeed inay ka heli karaan wararka ugu dambeeyay ee ay ku jiraan siyaasad, dhaqan, iyo arrimaha bulshada. Kanalkan waxaa ay bilaabmeen si ay dadka ugu safraxaa u dhawaaqdaan wararka siyaasadeed ee dalka iyo adduunka

KEELLOO MIDIYAA waxaa loo samaystay si ay dadka Soomaaliyeed uga digtoonaa arrimaha siyaasadeed ee dalka iyo aduunka. Waxaa loo oggolaaday in dadka Soomaaliyeed ay ka helaan warar iyo macluumaad ku saabsan arrimaha ugu dambeeyay, siyaasaddeed, iyo bulsho ee u dhaxaysay Soomaaliya iyo adduunka

Haddaba, halkan waxaad ka heli kartaa wararka ugu dambeeyay ee Soomaaliya iyo adduunka oo dhan, siyaasad, dhaqan, iyo arrimaha bulshada oo ku saabsan dalka iyo adduunka. Isdhaaf wararka si aad u hesho macluumaad cusub ka dib markii la dabaaldagay wararka hore. KEELLOO MIDIYAA waa kanal aad u wanaagsan, fadlan ka dhiiban si aad u hesho wararka ugu dambeeyay ee Soomaaliya iyo adduunka.

KEELLOO MIDIYAA

26 Aug, 16:23


Mootummaan Federaalaa Itoophiyaa humnoonni Tigraay haleellaa isaanii cimsani itti fufan jedhe

Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa federaalaa ibsa baaseen, humnoonni Tigraay haleellaa isaanii itti fufuu hime.

Kana waan ta'eef tarkaanfiin humna waraanaa humnoota Tigraay irratti xiyyeeffate akka fudhatamu beeksiseera.

Kun kanaan otoo jiruu har'a guyyaa walakkaa magaalaan Maqalee xiyyaarota waraanaan reebamuu mootummaan Tigraay beeksiseera.

Haleellaa kanaan namoota nagaatu miidhamee jedhe.

Gama biraatiin waraanni humnoota Tigraay fi mootummaa federaalaa gidduutti taasifamu gara daangaa Afaarittis babal'atee jedhame.

Mootummaan naannoo Amaaraa immoo haleellaa humnoota Tigraay qolachuuf raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni naannichaa waraanatti akka jiran beeksise.

Mootummaan Tigraay gama isaatiin haleellaa dursa kan jalqabee bane humnoota mootummaa Itoophiyaati jechuun himata.

Humnoonni mootummaa Itoophiyaa marii nageenyaaf qophii akka hin taane mootummaan Tigraay kan himu wayita ta'u, mootummaan federaalaa immoo kan nageenya hin barbaadne mootummaa Tigraay jedha

KEELLOO MIDIYAA

26 Aug, 15:32


Mootummaan iddoolee filatamoo humna waraanaa ABUT kan haleelu ta'uu beeksiise.

Mootummaan iddoolee filatamoo humna waraanaa ABUT kan haleelu ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise Mootummaan hang ammaatti rakkoo ture karaa nagaan furuuf balbala isaa banaa taasiisee eegaa turus, ABUT haleellaa isaa itti fufuu eereera Mootummaan federaalaa haalduree tokko male marcha'uuf qophummaan qabu akkuma jirutti ta'ee, iddoolee humna waraanaa ABUT ijoo ta'an irratti tarkaanfii kan fudhatu ta'uu tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa baaseen eereera. Sababa kanaan lammiileen naannoo Tigraay keessattuu naannawaa garichi meeshaa waraanaa kuusee fi giddu leenjii isaatti dhiyoo jiraatan naannichaa aka faagatan gaafaateera.

KEELLOO MIDIYAA

25 Aug, 16:41


Hagayya.25/2022-Waldaan sikkoo Mandoo biyya yaman Magaalaa Adan jiraatan Deeggarsa lammiilee hoongeen miidhamaniif taasisan.jedhame

Waldaan sikkoo mandoo biyya yaman Magaalaa Adan hawaasa baqataa magaala adanii fi nannawa isii wajjiin ta’uun sagantaa Lammiitu lammiif tumsa jedhu qopheessuun lammiilee keenna sababa hoongeetiin gammojjii baalee keessatti balaa beelatiif saaxilamaniif, deeggarsa maallaqaa tasisuuf sagantaa qopheesse irratti qarshii 253840 walitti qabuun gara dhaabbata Sof-Omer Reliëf and Development Organization galchanii jiru.

Dura taa’aan waldaa Sikkoo Mandoo, Magaalaa Adan dargaggoo Yaaqoob Huseen hawaasa baqataa magaalaa Adanii fi naannawa isii sirna kana irratti argamuun lammilee isaanii sababa hoongeetiin beela hamaaf saaxilamaniif hanga humni isaanii hayyameen deeggarsa maallaqaa taasisanii fi walumaa galatti qaamota milkaa’ina sagantaa kanatiif shoora taphatan hunda galatoomfataniiru.

sochiin lammiitu lammiif tumsa jechuun eegalame kun kan marsaa 1ffaa akka ta’e ibsuun, sochiin lammiitu lammiif tumsa jedhu marsaa 2ffaa fi 3ffaan wal-duraa duubaan haaluma walfakkaatuun lammiilee keena sababa hoongeetiin godinaalee harargee lamanii fi godina gujii keessatti balaa beelatiif saaxilamaniif deeggarsi diinagdee akka taasifamu ibsaniiru.

Itti dabaluuns hawaasni baqataa magaala adanii fi naannawa ishee tumsa lammiilee keennaaf taasifamu kan marsaa 2ffaa fi 3ffaatis haaluma baratameen akka irratti hirmaataniif waamicha taasisanii jiru.

KEELLOO MIDIYAA

23 Aug, 05:09


Godina Kaaba Shaggar aanaa Dagam keessatti waraanni garee maafi'a bilxiginnaa manguddoo tokko ajjeesuun dhaga'ame



ONM-ABO Hagayya 22,2022 Oromiyaan dachee abbaan irree akka barbaadetti ajjeesuu, hidhuu, saamuu fi reebuu erga taate addatti waggoottan afur lakkoofsistee jirti.

Waraanni ilmaan Oromoof naasuu hin tokko hin qabne godina kaaba Shaggar aanaa Dagam ganda Hannaa Jirruu Gadam keessatti kaleessaa jechuun gaafa Hagayya 21, 2022 bariidhan aanaa Dagam irra bobbaa'uun manguddoo dhufeera addunyaa Gammadaa jedhamu mana isaa biratti Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hidhata qabda jechuun rasaasaa sadii itti roobsanii ajjeessan.

Manguddoon ajjeefame kun nama nagaa fi qonnaan bulaa siyaasa kam irra iyyuu bilisa ta'e akkasumas manguddoo hawaasa ollaa isaa biratti kabajaa qabaachuun akka jaarsa biyyatti namoota tajajilu ta'uu ibsaniiru.


Torbanoota darbanis doorsifni garaagaraa dabballoota murna bilxiginnaan kan irratti adeemsifama turee fi meeshaa mootummaaf galchi yeroo jedhanittis, meeshaa maalii qabna, kan qabnu isintu nu harkaa fuudhe jedhee yaada isaa dhiheeffatus guyyaa kaleessaa kana qaanii tokko malee gar jabummaan ajjeessan jechuun maatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

KEELLOO MIDIYAA

22 Aug, 20:30


Eebba Kitaaba Ulee Gabrummaa Cabsite Kan Ustaaz Umaralfaaruuq Sheikh Aliyyii barreefame kaleessa haala hoo'aan biyya Jarmanitti adeemsifamee jira.

Dhugaa dubbachuuf hawaasa biyya Jarmaniif galatatu barbaachisa. Galatooma haala akka kanaatiin kitaabicha eebbisuu keessaniif.

Kitaaba bitachuu fi eebbisuun qofti gahaa miti. Kitaaba barreessaan bareesse dubbisutuu kitaabicha kitaaba taasisa. Kitaaba kana bittani mana hin kaayinaa. Dubbisaa ergaa fi kaayyoo barreefameef qalbisaa.

Hog-barruun Oromoo laboobee haa dagaagu!!

Ustaaz baga milkooytan
!

KEELLOO MIDIYAA

22 Aug, 13:38


Hagayya.22/2022-Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii fiigichaa walakkaa maraatoonii Biraaziiliifi Arjentiinaatti gaggeeffameen milkaa’an.

Dorgommii fiigichaa walakkaa maraatoonii Biraaziil Riyoo Dii Jeneri’oo fi Arjentiinaa Boonas Ayirasitti gaggeeffameen Atileetonni Itiyoophiyaa milkaa’aniiru.

Dorgommii figicha walakkaa maraatoonii dhiiraa Riyoo Dii Jeneri’ootti gaggeeffameen Atileet Asaffaa Baqqalaa sa’aatii 1fi daqiiqaa 3fi sekondii 52n 1ffaa ba’uun injifateera.

Bifuma walfakkaataan dorgommii walakkaa maraatoonii dubaraa Riyoo Dii Jeneri’oon atileet Mastaawat Fiqree sa’aatii 1fi daqiiqaa 13fi sekondii 4 1ffaa yoo baatu, Faantuu Galaasaa sa’aatii 1fi daqiiqaa 13 fi sekondii 7n 2ffaa ba’uun xummurteetti.

Gama biraan dorgommii fiigichaa walakkaa maaraatoonii dhiiraa Arjentiinaa Boonas Ayirasitti gaggeeeffameen atileet Garbaa Baayyataa sa’aatii 1 fi sekondii 29 1ffaa yoo ba’u, Dinqaalam Ayyalaa 2ffaa ba’uun xummuree jira.

Dorgommii dubartootaan atileet Attaalaay Annimuut sa’aatii 1fi daqiiqaa 7 fi sekondii 59 2ffaa yoo baatu, Zawdituu Adaraawu 5ffaafi Addisaalam Balaay 9ffaa ba’uun xumuruu madden maraatoonii Riyoo Dii Jeneri’oofi Boonas Ayiras irraa argame ni mul’isa.

KEELLOO MIDIYAA

22 Aug, 06:19


ODUU HAARAWA:Hagayya.21/2022

Magaalaa Gudaritti ummanni ajjeechaa nu gaha jechuun daandiilee cufuun dhagahame
.

Godina Shawaa Lixaa magaalaa Gudar keessatti Yakka ajjeechaa dargaggoota lama irratti loltootni mootummaa geggeessaniin wal qabatee magaalaa gudar keessatti ummanni daandii gara lixaa fi finfinnee deemu cufuun mormii gaggeessaa jiraatuu maddeen keenna ifoomsanii jiru.