ABDII SABAA @abdii_sa Channel on Telegram

ABDII SABAA

@abdii_sa


ABDII SABAA (Somali)

ABDII SABAA waa goob fudud oo aad ka heli doontid macluumaad dheeraad ah oo ku saabsan cilmiga iyo dhaqanka Soomaalida. Kanalkaan waxaa loogu talagalay inuu kuu siinayo warar, sheekooyin, iyo macluumaad culus oo ku saabsan taariikhda, dhaqanka, iyo cilmiga Soomaalida

ABDII SABAA waxaa loo sameeyay si loogu garto hal-abuurka iyo horumarinta dhaqanka iyo cilmiga Soomaalida. Marka aad ku darso kontiinka @abdii_sa, waxaad ka heli doontid macluumaad casri ah oo ku saabsan dhaqamada Soomaalida, waxyaabaha aad ka taqaano cilmiga Soomaalida, iyo wararka ugu dambeeyay ee ku saabsan taariikhda Soomaalida

ABDII SABAA waa goob lagu kalsoon yahay carruurta, dhalinyarada, haweenka, iyo waayeelka Soomaalida ee doonaya inay kusoo gudubto cilmiga iyo dhaqanka Soomaalida. Waxaad ku jirtaa goob fudud oo kuu dhaqma inaad kala arki karto taariikhda iyo dhaqanka Soomaalida

Haddii aad rabto inaad wax badan ka ogaato cilmiga iyo dhaqanka Soomaalida, halkan waxaad kala socon kartaa qoraallada, sawirrada, iyo wararka uu ka soo baxayo ABDII SABAA. Aqbalayaal Soomaalida, kala soco goobtaan kuna adeegso macluumaadka cilmiga iyo dhaqanka Soomaalida ee ka dhanka ah taariikhda Soomaalida. ABDII SABAA, goob fudud oo aad wax kuu ogaato cilmiga iyo dhaqanka Soomaalida.

ABDII SABAA

07 Dec, 13:32


https://t.me/FinchAirdropBot?start=108491

ABDII SABAA

07 Dec, 13:32


Gareen Adda Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) kan Dabratsiyon GabraMikaa'eliin durfamu hiriira uummataa geggeessuuf gaafate dhirkame.

Garichi Dilbata borii ganama sa'atii 2:30 irraa eegalee hanga 6:30 tti hiriira nagaa geggeessuuf gaafatee ture.

Garichi xalayaa Sadaasa 23 bara 2017 barreessee baroota dheeraaf aarsaa itti kaffallee kan hundeessine mirga fi mana maree keenya namoota dhuunfaa fi haaraan yoo diigamu hin obsinu jechuun ibseera.

Bulchiinsi magaalaa Maqalee xalayaa Jimaata kaleessaa barreesseen deebii kenneefiin koreen waloo qajeelfama kenneen magaalaa Maqalee keessatti hiriirri kamiyyuu akka hin geggeeffamne dhorkeera jedheera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

07 Dec, 13:31


https://t.me/FinchAirdropBot?start=108491

ABDII SABAA

06 Dec, 10:40


✔️Guys Bot haaraa nama 7 qofa affeerun dolara 16 kaffalu dhufee jira

✔️Dafaa jalqabaa utuu #VIRAL hin bahin itti fayyadamaa

https://t.me/FinchAirdropBot?start=108491

ABDII SABAA

06 Dec, 10:39


Maqaan Muhaammad Biriteen(Ingilizii) keessatti moggaasaan maqaa daa'imaa sadarkaa tokkooffa ta'e

Daa'imman waggaa tokko keessatti Biriteen keessatti dhalatan 4,600 ol maqaan isaanii Mohaammad jedhamee galmaa’eera.

Kanaan dura “Nooh” maqaa ijoollee baayyinaan moggafamu ture.

Maqaan mul’annoo eenyummaa hawaasaa keessaa isa tokko yoo ta’u warri ijoollee isaaniif maqaa eenyummaa isaanii waliin walqabate kennuudhaan hiika isaaniif kennu.

Akka Ogeeyyiin saayinsii hawaasummaa ykn Sooshoolojistoonni jedhanitti, warri ijoollee isaanii maqaa amantii akkasumas taateewwaniifi namoota fakkeenya ta’an irratti hundaa’uun moggaasu.

Akka ragaan Wiirtuun Odeeffannoo Biyyaalessaa Biriteen maxxansee agarsiisutti, lakkoofsi daa’imman bara 2023 dhalatan hedduun maqoolee biraarra caaluun Muhaammad jedhamuun sadarkaa olaanaa qabataniiru.

Maqaan Nooh dur daa'imman hedduu Biriteen fi Weels keessatti moggaafamaa ture amma Muhaammadiin injifatamuu BBC'n gabaaseera.

Muhaammadii fi Noohiitti aanee Oliivarii fi Joorji maqaa daa'imman dhiiraa baay'ee jaallataman sadaffaa fi afraffaadha jedhameera.

Akka gabaasaaleen jedhanitti, Biriteen keessatti daa’imman 4,600 ta’an Mohaammadiin kan moggaafaman yoo ta’u, Oliiviiyaa, Ameeliyaa fi Islaan maqaa shamarranii baay’ee jaallataman keessaa tokkoffaa hanga sadaffaa ta’aniiru.

Lilah, Raya, Hazel, Enzo fi Jaaks maqaawwan Biriteen keessatti yeroo dhiyoo asitti baay'ee jaallataman keessaa muraasa ta'uun caqafamaniiru.

Akkasumas, lakkoofsi ijoollee maqaa namoota beekamootiin moggaafaman dabalaa akka jiru kan himamu yoo ta’u, Maayili, Andirik, Roobii, Rihaanaa, Eliish, Laanaa fi Eltoon maqaawwan baay’ee jaallataman ta’uu himama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

03 Dec, 11:20


Baankonni Ityoophiyaa Birrii biiliyoona 1.3 akka samaman beeksifameera.

Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa gabaasa nageenya faayinaansii waggaa baase.

Maallaqni bara kana baankoti samaman bara darbe yeroo walfakkaatuun wal bira qabamee yoo ilaalamu birrii miiliyoona 300 akka dabale gabaasa kana keessatti eerameera.

Hojiin hannaa kunneenis nootii maallaqaa sobaa, hanna maashinii ATM, cheekii sobaa, ergaa bilbilaa sobaa fi mala kana fakkaataniin kan raawwatame ta’uu Baankichi gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

02 Dec, 17:58


“Ajajaa WBO Zooni Jiddugaleessaa kan ture Sanyii Nagaasaa mootummaa waliin ifatti waliigaluun kaleessa gabaafameera. Qabsa’aan gameessi kun erga jaallan kaleessa waliin ture waliin itti fufuu dadhabee, murna biraa uumee obboloota isaa waliin walajjeesuu mannaa galuuf murteessuu isaatiif galatatu malaan. Garuu ammoo taarkaanfiin kun akka waan walwaraansa Oromiyaa keessaa dhaabsisuu danda’uutti fudhachuun dogongora. “ Xiinxalaa Siyaasaa, Obbo Jawaar Muhammad.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

02 Dec, 17:56


Guys Bot haaraa nama 7 qofa affeerun dolara 💸1️⃣6️⃣ kaffalu dhufee jira

✔️Dafaa jalqabaa utuu #VIRAL hin bahin itti fayyadamaa

Akkamitti akka withdraw gootan video isiniifan hojjedha jalqaba amma

🔗Jalqabuuf ➡️ CLICK HERE

https://t.me/FinchAirdropBot?start=108491

ABDII SABAA

01 Dec, 11:51


“Waliigalteen Nagaa Mootummaa fi WBO gidduutti Mallateeffame.” Mootummaa naannoo Oromiyaa

Mootummaan Jijjiiramaa garaagarummaa siyaasaa madda rakkoo nageenyafi gaagga’ama ummataa ture marii nagaatiin hiikuuf kutannoo hinreeqqifneen socho’aa turuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Waliigaltee araaraa Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltota WBO gidduutti taasiifame ilaalchisee Pireezidaanti Shimallis ergaa dabarsaniiru.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyastera.
Hayyoonni Oromoo, Abbootiin Gadaafi Amantaa, Haadholiin Sinqeefi Dhimmamtoonni nageenyafi misooma Oromiyaa, hundaa’ol ummanni Oromoo baldhaan garaagarummaan jiru marii nagaatiin akka furmaata argatu irra deddeebiin watwaataniiru.

Bu’uuruma kanaan, WBOn kutannoo MNO marii nagaa irratti qabuuf beekamtii kennee, watwaannaa dhimmamtootaaf gurra laateefi ummata keenya sababa rakkoo nageenyaatiin gadadoo keessa gale mararfatee marii nagaa adda citee turetti deebi’uun waliigaltee guyyaa har’aa kanarra gahuun keenya seenaa qabsoo siyaasa Oromoo keessatti boqonnaa guddaadha.
Waliigaltee guyyaa har’a Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifameen, kan injifate ummata Oromoo waan ta’eef hawaasa keenya dabalatee, qaamoleen marii nagaa leellisaa turtan hundi, baga gammaddan, baga gammanne jechuun barbaada.
Hoggansifi Miseensonni WBO, waldhabdee ture karaa nagaatiin furuu filattannii waliigaltee kanarra gahuu keenyaf maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin isin galateeffachuun barbaada.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa waliigaltee kanaan humnoota siyaasaa Oromoo gidduutti riqicha walhubannoo, obbolummaa, walmararfannaafi gamtaa ijaaruun gaaga’ama ummata Oromoofi walqoodinsa humnoota siyaasaa Oromootti furmaata waaraa gochuuf kutannoo nagaa hinreeqqifne hidhachuun kan socho’u ta’uu ifatti kanan mirkaneessu ta’a.

Dhumarrattis, ummata keenya dabalatee, qaamolee waliigaltee guyyaa har’aa mallatteessine irra akka geenyu nuwaliin dhaabbattan hundaan ulfina argadhaa jechaa, gara fuula duraattis, nageenyafi misooma Oromiyaa dhugoomsuu irratti akka nuwaliin hiriirtan imaanaa jechuun barbaada.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

30 Nov, 14:55


#Komii Barattoota Yuunivarsiitii Jimmaa moora JIT irraa.

Barattoonii Yuunivarsiitii Jimmaa moora inistiitiyuutii Teknoolooji Sababa bishaan torban tokkoo oliif badee jiruuf Rakkoo cimaa keessa jirra jechuun midiyaa @Abdii_Sabaa tti iyyatan.

Rakkoo bishaanii Kanaanis bishaan erga mooraadhaa badee guyyaa 10(kudhanii) ol ta'uu irraa kan ka'e barattonni qulqulinna isaanii waan eeggataniin dhabuu irra darbee, dhugaatiidhaaf qarshii isaaniitiin bitataa fayyadamaa jiraachuu isaanii komii midiyaa @Abdii_Sabaa tti dhiheeffataniin ibsanii jiru.

Akka barattonni kun jedhanitti

"Ammaa Yoonaatti rakkoon kun furamuu dhabuu isaatiin waan ittiin qulqullina qaama keenyaa eeggannu dhabuu irra dabarree, nyaataaf gara kaaffee yaroo deemnuyyuu osoo hin dhiqatin nyaannee , osoo hin dhiqatinis bahaa jirra, kun ammoo fayyaa keenya irratti miidhaa waan fiduuf qaamni dhimmi ilaallatu furmaata hatattamaa nuuf kennuu qaba " jedhan.

Qaamni dhimmi ilaalu dhimma kana xiyyeeffannoo keessa galchuunis furmaata hatattamaa akka keennuuf barattonni kunneen cimsanii gaafataniiru.

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Abdii_Sabaa_University
@Abdii_Sabaa_University

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

09 Nov, 19:34


Paakistaanitti dhohiinsa Boombii mudateen lubbuun namoota 25 darbe.

Paakistaan Bulchiinsa Baaloochiistaan Buufata Baaburaarratti dhohiinsa Boombii mudateen lubbuun namoota 25 darbuu ibsameera.

Namoota 60 olirra ammoo miidhaan qaamaa qaqqabuu eerameera.

Dhohiinsichaan namoota du'an keessaa harki caalu Loltootaa fi hojjettoota buufata Baaburaa ta'uu BBCn gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

09 Nov, 15:12


#Ads

Fayyaa courses gosa barnootaa fayyaa lama bifa hawwataa ta’een barsiisuu eegaleera!

Gosooti yeroo ammaa barsiisaa jirru “Anatomy” fi “Pathology” dha

Anatomy bifa 3D ta’een barsiisota muuxannoo ga’aa qabaniin barsiifamaa jira.

Yeroo galmooftanitti namoota gosa lamaanuu galmaa’aniif discount taasisnee jirra!

Fayyaa courses akkuma galmooftaniin daree kan isin seensisnu yoo ta’u qulqullina barnoota keenya barattoonni hanga ammaa galmaa’an jaalatanii jiru! Ragaa ba’anii jiru 🥰Testimonies

Online lafa feetan taa’uun sa’atii feetan barnoota fayyaa bifa hawwataa ta’een baradhaa, Gireedii keessan fooyyeffadhaa! Hubannoo keessan cimsadhaa! Qormaata keessaniif of qopheessaa!

Gosoota biroo yeroo dhihootti ni eegalla!

Galmaa’aa carraa kanatti fayyadamaa!

@Fayyaa_Courses

https://t.me/Fayyaacoursesbot/start

Akkaataa itti Galmooftan baruuf

https://t.me/fayyaa_courses/9

ABDII SABAA

07 Nov, 19:37


👉SOMETHING BIG IS COMING💬

Wanti guddaan tokko dhufaa jira jedhanii jiru.
Maal isinitti fakkaata?

Ammalle hin eegalle taanan dafii eegali👇👇👇

https://t.me/PAWSOG_bot/PAWS?startapp=J9xJqqk2
LFG!
PAWS is the new top dog! 🐾

ABDII SABAA

06 Nov, 18:11


Komii hawwaasa Godina Gujii lixaa Aanaa Abbayaa Ganda Ladoo.

Daandiin magaalaa Gaango'aa irraa Gara Ladoo geessu sababa labsii uggura geejjibaan wal qabatee cufamuurraan Kan ka'e hawwaasni hedduu rakkachaa jiraachuu isaanii himan.

Kana hordofee hawwaasni oomisha oomishee karaa gara gabaatti geessu dhabuu irraan Kan ka'e oomishni oomishamellee qisaasa'aa jiraachuun uumanni rakkoof saaxilamaa jiraachuu heeran.

Rakkoon kun waggaa tokko akka lakkofsisees Kan Himan yoo ta'u Qaama dhimmichi ilaallatuttis iyyattanii furmaata akka dhaban himaniiru.

Haawwaasni kun furmaata atattamaa barbaannaas jedhaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

06 Nov, 09:29


''Injifannoo ajaa'ibaa argadheera,'' jedhan Doonaald Tiraamp.

Kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Traamp walgayii Filooriidaatti geggeeffameen deeggartoota isaaniif injifannoo isaanii beeksisaniiru.

Tiraamp kun bara warqee Ameerikaa ta'a jedhan.

"Kun ummata Ameerikaatif injifannoo guddaadha. Ameerikaa ammas guddittii akka goonu nu dandeessisa," jedhan.

@abdii_sabaa_university

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

06 Nov, 06:57


#Oduu_Ammee

Doonaald Tiraamp Pirezidaantii Ameerikaa ta’uun injifatan!

@abdii_sabaa_university

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

06 Nov, 06:56


Filannoo pirezedaantii Ameerikaa irratti Doonaald Tiraampiifi Kamalaa Haaris naannoo garaa garaatti adda addaan dursaa jiru.

Yeroo ammaa kana Doonaald Tiraamp 230 irra 210n dursaa jira

Filannoo kana abbaa injifatu murteessuuf yeroo dabalataa waan fudhatuuf kaadhimamoo lamaan carraa injifachuu qabu

Tilmaamaa eenyutu injifata?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

05 Nov, 19:51


#update

Israa’elitti Erga Gaalant ari’amee booda ummanni bifa Viidiyoo irratti mullatutti hiriira mormii geggeessaa jiru.

Natanyaahoon ministeera humna ittisaa biyyattii erga ari’ee booda Israa’elitti hiriirri mormiifi diddaan dhohe. Yeroo ammaa kanas ummanni karaa irratti bahuun mormii dhageesisaa jiru.

Natanyahoonis erga diddaan dhohee booda kiriyaa gadhiise ba’uun isaa gabaafameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

05 Nov, 19:51


#Oduu_Ammee

Natanyaahoon sababa wal amantaa dhabuutiin jechuun ministeera humna ittisaa biyyattii Yoo’aav Gaalaant aangoo irraa ari’an!

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

05 Nov, 15:10


Filannoo Ameerikaa bara 2024f sagalee kennuun ifatti eegalameera

Filannoo pirezidaantii Ameerikaa irratti guyyaan sagalee kennuu eegamaa ture eegaluu isaa hordofee bakkeewwan hedduutti sagalee kennuun ifatti eegalameera.

Filattoonni naannoo garaa garaa filachuuf gara filannootti qajeelaa jiru.

Eenyutu injifata laata? Tiraamp moo Haaris?

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

05 Nov, 15:10


Odeeffannoo barnootaan walqabatan qofa bakka tokkotti argachuuf

👇👇👇👇👇👇👇👇👇
@Abdii_Sabaa_University
@Abdii_Sabaa_University

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

04 Nov, 15:03


Ramaddiin sagantaa “REMEDIAL”ifoome.

Ramaddiin barattoota Bara 2016 barnoota sagantaa Rimiidiyaalaa(sirreeffamaa) darbanii ifoomeera

Barattoonni:
➡️ marsariitii: https://placement.ethernet.edu.et irratti 
Ykn Telegram: https://t.me/moestudentbot irratti bu’aa isaanii ilaallachuu ni danda’u.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

02 Nov, 05:12


Oduu Ammee: Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Injibaar Humna Faannootiin Ugguraman Deeggarsaa fi Deebii Nageenyaa Gaafatan

Barattoonni Oromoo Yuunivarsitii Injibaar waamicha Yuunivarsitii hordofuun gara mooraa isaanii deebi’uuf daandii irratti osoo jiranii humna Faannoo jedhamuun waamamuun ugguraman. Taateen kun barumsa isaanii cimsee kan midhe yoo ta'u, sodaa fi dhiphina guddaa barattootaafi maatii isaaniitti fidaa jira.

Akkaataa Haalli kun itti uumame

Tibbana, Onkoloolessa 14, 2017, barattoonni kunneen waamicha Yuunivarsitii Injibaar irraa dhiyaate hordofuun gara mooraa isaanii deebi’uuf osoo adeemaanii adeemsi muraasni wayita hafeefitti magaalaa Amanu’eel ga’anii humnoota Fiinxaaleyyii Faannoon akka duubatti deebi’an dirqisiifaman. Barattoonni kunneenis of duuba deebi’uun magaalaa Dabra Maarqoos kan bulan yoo ta’u barattoonni gariin ammoo magaalaa Amanu’eel konkolaataa keessa bulan.

Akka barattoonni kunniin miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himanitti “Ganama isaa qaamni komaand poostii magaalaa Dabira maarqosii fi bulchiinsi Yuunivarsitii Dabira maarqos Nageenya keessaniif jecha jechuudhaan Yuunivarsitii Dabira maarqos keessatti nu galchee guyyoota lamaa fi sadii gidduutti haala mijataa uumnee Yuunivarsitii keessan isin galchina nuun jedhanii turan. Garuu hanga guyyaa har'aatti barumsa manaa baaneef osoo hin argatin karaa irratti danqamnee akka jirru qaamni dhimmi isaa ilaallatu akka nu hubatu barbaanna” jedhaniiru.

Barattoonni kun caalaatti barattoota waggaa dhumaa (GC) waan ta'aniif yeroo ammaa, akka barumsa irraa duubatti hin hafneef yaaddoo guddaa keessa jiru. “Barattoonni Mooraa Yuunivarsitii galanii jiran guyyaa gaafa Onkoloolessa 18 kaasanii barachaa jiru nuti garuu as keessatti erga galfamnee namni deebi'ee haala nuuf mijeessee gara barumsaatti akka deebinu nu gargaaru dhabamuunsaa miidhama qoorqalbii nurraan gahaa jira.” Jedhaniiru barattoonni kunniin


Yaaliin Deeggarsa Gaafachuu fi Deebii Qaamolee dhimmi ilaallatuu

Bakka bu’oonni barattoota kanaa Pirezidaantii mooraa Dabra Maarqoof dabalatee qondaaltota adda addaa qunnamuun deeggarsa gaafachuu isaanii qoodaniiru. Haa ta’u malee, barnootaa isaaniif furmaati hatattamaa akka hin jirreefi homaa isaan gargaaruu akka hin dandeenye itti himameera.

Barattoonni kunniin irra deddeebiin aangawoota mooraa Yuunivarsitii Isaanii Yuunivarsitii Injibaariifi bakka bu’oota barattootaa bira ga’uuf yaaliin godhamus, deeggarsa tokkollee taasisuufi hin dandeenye.

Akka barattoonni kunniin miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himanitti yeroo ammaa kana irratti namni konkolaataa sakatta’uun dabarsungaree Fiinxaaleyyii kana yommuu ta’u, barattoota oromoo agarraan akka hin maarre sababa dhaadataniif yeroo ammaa yaaddoo nageenyaafi barboota dhabuutiin karaatti miidhamaa jiru. Barattoota kana keessa shamarranillee ni jiru.

Barattoonni kunneen gara Yuunivarsitii Injibaaritti nagaan koomad poostiin ajjabamuu akka deebi’an, achitti barnoota isaanii addaan osoo hin citin akka itti fufaniif eegumsaa fi gidduu seenuu qaamolee mootummaaf waamicha dhiyeessaa jiru.

Hawaasni bal’aan akka odeeffannoo kana hordofuufi qaamni dhimmi ilaallatu akka barattoota kana deeggaruuf miidiyaan @Abdii_Sabaa cimsee dhaama.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

01 Nov, 16:07


#update

Naqamteetti namoota yakka gudeeddiin shakkaman jaha to’ataman

Namoota tibbana magaalaa Naqamteetti shamarran lama walcinaatti gareedhaan gudeeduufi yakkicha viidiyoo waraabanii miidiyaa hawaasummaa irratti qooduu keessaa harka qabaachuun shakkaman jaha to’atamaniiru.

Waajjira dhimma dubartootaa fi daa’immanii magaala Naqamteetti ogeettii seeraa kan ta’an Aadde Shawaayyee Didhaa BBC’tti akka himanitti, shakkamtoonni kunneen Roobii ganama to’annaa jala oolan.

Haata’u malee, “shakkamaan gudeeddii kana raawwate fi maqaa Gammachuu yookan Maammee jedhamuun beekamu yeroodhaaf miliqee barbaadamaa jira,” jedhan.

Shakkamtoonni yakka kana keessatti qooda qabu jechuun to’ataman jahan Kamisa darbe mana murtiitti dhihaatanii turaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

01 Nov, 13:05


#Warshaan simmintoo #Lammii_Naashinaal oomisha gabaaf dhiyeessuu eegale

Baatii tokkoon dura Ministira Muummee Abiy Ahimadiin eebbifamee hojii kan eegale warshaan simmintoo Lammii Naashinaal oomisha gabaaf dhiyeessuu eegaluu beeksise.

Naannoo Amaaraa keessa kan argamu warshaan kun oomisha gabaaf dhiyeesuu saffisaan kan eegale gabaa simmintoo sadarkaa biyyaatti jiru tasgabbeesuuf akka ta’e ibsameera.

Warshichi oomisha gabaaf dhiyeessu sadarkaa isaa kan eeggate akka ta’uuf laaboraatoorii ammayyaa ijaaruufi ogeeyyii ramaduun gahumsaan hojjechaa jiraachuu beeksiseera.

Lammii Naashinaal guyyaatti simmintoo kuntaala kuma 150 oomishuu akka danda’u ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

31 Oct, 17:25


Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa 'Naannoo Qilleensa Ertiraarra akka hinbalaliine dhorkameera' odeeffannoon jedhu soba-Daandicha

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa 'Naannoo Qilleensaa Ertiraarraa akka hinbalaliine dhorkameera' odeeffannoon jedhu soba ta’uu Daandiin Qilleensichaa beeksise.

Daandichi dhimmicha ilaalchisuun ibsa baaseen, gama miidiyaalee hawaasummaa tokko tokkoon odeeffannoon Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Naannoo Qilleensaa Ertiraarraa akka hinbalaliine dhorkameera jedhu tamsaafamaa jiraachuu hubachuu beeksiseera.

Ta’us, daandichi Naannoo Qilleensaa Eertiraa akka fayyadamuuf Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii biyyattiirraa eeyyamni kan kennameef ta’uu fi naannoo qilleensaa Ertiraa balalii idileef fayyadamaa jiraachuu mirkaneesseera.

Haaluma kanaan odeeffannoon gama miidiyaalee hawaasummaan dhimmicha ilaalchisuun tamsaafamaa jiran soba ta’uu akeekeera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

29 Oct, 20:41


Barattoonni Musliimaa Magaala Finfinnee Keessatti Barumsa Dhorkaman

Barattoonni Musliimaa Manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa magaalaa Finfinneetti argaman, Umer Semeter fi Yekkaatit 23tti haguuggii fuulaa (Niqaaba) uffachuu isaaniif barnoota irraa ari’aman.

Manneen barnoota kanniinitti komii barsiisota tokko tokkoo irraa ka’uun, barattoonni kunneen akka daree barnootaa hin seenne dhorkamanii guyyoota 15 oliif mana barumsaa dhaquu hin dandeenye jedhe maddeen keenya.

Manni Maree Dhimmoota Islaamaa Magaalaa Finfinnee dhimma kana gidduu seenuun, murteen akka kennamu gaafateera. Barattoonni kun waggootaaf nagaan barachaa kan turan yoo ta’u, gochi dhiheenya kana raawwatame waldanda’uu hawaasa keessa jiru jeequuf sodaachisaa akka ta’es manni marichaa cimsee dubbateera.

Barattoonni ammallee daree akka hin seenne dhorkamaniiru. Kuni immoo barattoota irratti dhiibbaa cimaa qabaachuu mala, sababiin isaas barnoota isaanii keessatti hirmaachuu dhabuun xiinsammuu fi firii isaanii irratti miidhaa geessisas jedhameera.

Manni Maree Olaanaa Dhimmoota Islaamummaa barattoota kana hatattamaan gara barnootaatti akka deebisu Waajjirri Barnootaa magaalattii gaafateera.

Barattoonni sababa niqaabi dhorkameef Maaskii uffatanillee hin danda’amu ofirraa baasaa akka jedhaman barattoonni kunniin gabaasaniiru. Gochi kun sa’atii ammaa hawaasa muslimaa biyyattii mufachiise kan jiru yommuu ta’u gama marsaalee hawaasaa dhaadannoo “Niqaabasees ni uffatti, barnoota isees ni baratti jedhu” dhageessisaa jiru.

Femenistoota dabalatuun hordoftoonni amantaa biroollee “gochi kun gocha mirga namaa sarbuuti” jechuun gocha shamarran muslimaa irratt manneen barnoota kanniin raawwatame qeeqaa jiru.

Abbootiin amantaa gama isaaniitiin gocha kana gocha jibbaati malee dubartiin fuula ishee dhoksuun barachuu ishee hin dhorku jedhaniiru.

Dhimmi kun hanga yoonaatti furmaata kan hin arganne yommuu ta’u hordofuun kan isiniin geenyu ta’a.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

28 Oct, 11:42


Sababoota lolaa, jijjiirama qilleensaafi dhabamuun talaalliitiin dhibeen busaa guutuu biyyaatti daran babal’achaa jiraachuu gabaafame

Itoophiyaa lolli, jijjiiramni qilleensaafi dhabamuun talaallii dhibeen busaa daran akka babal’atu taasisaa jiraachuu Niiw Yoork Taayms gabaaseera.

Naannoon Oromiyaa keessuma godina Wallagga Lixaa lakkoofsa namoota qabamaniitiin guddaa galmeessiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

25 Oct, 16:53


Shakkamaan Taaksii Birrii biiliyoona 25 ol miidhaa qaqqabsiisuun himatame balleessera jedhame

Shakkamaan Barakat Allellinyi jedhamu taaksii Birrii biiliyoona 25 ol miidhaa qaqqabsiisuun himatame balleessaa raawwateera jedhame.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi 1ffaa Yakka Malaamaltummaa Barakat Allellinyi yakka himatameen balleessaa raawwachuu isaa itti murteesseera.

Manni murtichaa ragaa Ittisaa Himatamaan dhiyeesse qorachuun ragaa Abbaa Alangaa waliin madaaluun dhaddacha har’a ooleen himatamaan badii raawwachuu isaa mirkaneessuun murtee balleessummaa itti murteesseera.

Haaluma kanaan yaada bitaa mirgaa qorachuun murtee adabbii kennuuf Onkololeessa 27, 2017'tti beellameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

25 Oct, 11:49


Yaadni Itiyoophiyaan Yaa’ii BRICS irratti kaafte fudhatama argateera – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen

Yaadni Itiyoophiyaan Yaa’ii BRICS 16ffaa irratti kaafte hedduun isaa fudhatama argachuu Daayrektarri Jeneraalaa Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen ibsaniiru.

Yaa’ichaan cinaatti mariin waloo hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin taasifamuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan qooda naannawaa Baha Afrikaatti qabduun walqabatee biyyoonni hedduun Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qaban agarsiisuu dubbataniiru.

Ergaawwan Itiyoophiyaan waltajjii BRICS irratti dabarsite harki caalu fudhatamu argachuu isaa ibsaniiru.

Akkasumas yaadni Itiyoophiyaan dhiyeessite ajandaa waltajjichaa ta’uu eeraniiru.

Mariin waloon gaggeeffames hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin qabdu caalmatti cimsuuf carraa kan uume marii daraan bu’aa qabeessa ta’uu Ambaasaaddar Reedwaan himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

25 Oct, 08:22


Bu'aa Ramaddii Yuunivarsitii Ministeerri Barnootaa Beeksise, hanga ammaa dalaguu Diduun isaa Barattoota Mufachiise

Kaleessa Ministeerri Barnoota Itiyoophiyaa barattoonni bu'aa ramaddii Yuunivarsitii isaanii karaa marsariitii https://placement.ethernet.edu.et fi Telegram bot https://t.me/moestudentbot jedhuun ilaaluu ni danda’u jechuu ifoomse. Haa ta'u malee barattoonni hedduun dogongora sarvarii irra deddeebiin mudateen waltajjiiwwan kanaan argachuu akka hin dandeenye Miidiyaa Abdii Sabaaf gabaasaniiru.

Dhimmi kun barattoonni ramaddii egeree barnootaa isaanii murteessu hawwii guddaan eegaa waan jiraniif, miiraa fi xiinsammuu isaanii akka miidhu taasiseera. Rakkooleen teeknikaa akkanaa yeroo beeksisni murteessaan jiruufi yeroo baay’inni namoota fayyadamanii ol ka’e keessatti, deddeebi’anii mul’achaa jiru. Kunis, gahuumsa tajaajila dijitaalaa Itoophiyaa irratti yaaddoo guddaa uumaa jira.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

25 Oct, 07:34


Magaalichatti shakkamaan ragaa sobaa qopheessaa ture  to'atame

Magaalaa Finfinneetti shakkamaan ragaa sobaa qopheessaa ture to'atamuu Poolisiin magaalichaa beeksise.

Shakkamaan kun kutaa magaalaa Lidataa Aanaa 3'tti ragaalee sobaa garaa garaa osoo qopheessaa jiruu to'atamuu himeera.

Adeemsa seeraa eeguun sakattoo mana jireenyaa shakkamaatti taasifameenis ragaaleen sobaafi meeshaaleen ragaa sobaa ittiin qopheessu to'atamuu ibseera.

Ragaalee barnootaa to'ataman keessa ragaan barnootaa kutaa 8ffaa, 10ffaa, 12ffaa, Dippiloomaa, Digriifi Digriin lammaffaa keessatti kan argaman ta'uu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul'isa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

24 Oct, 13:17


Ramaddii Yuunivarsitii barattoota qormaata biyyaalessaa darbanii karaa
https://placement.ethernet.edu.et
https://t.me/moestudentbot
Ilaaluun akka danda’amu ministeerri barnootaa beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

24 Oct, 13:17


https://placement.ethernet.edu.et

ABDII SABAA

24 Oct, 12:39


#Tonfilx

X empire jia'a 2 guutu hojjeettanii garuu dollar 20 illee irraa hin arganne😁

Garuu utu Airdrop kana jalqabdan ta'ee dollar 30$ ol irraa hojjechuu dandeessuu guyyaa 1 qofa keessatti kunimmoo realdha!!

Airdrop Kun Token isaa walitti qabachuun gara dollar ykn TON swap gochuun yerooma sana withdraw gochuu dandeessu!!

Project Kun dhugaadha waan ta'eef Amma jalqabaa!!


Jalqabuuf 👇👇👇
https://t.me/tonflixwallet_bot?start=1024352999

ABDII SABAA

24 Oct, 12:10


Naannoo Amaaraatti ji’oota sadan darban keessa lubbuun namoota 37 dhibee busaatiin darbe

Naannoo Amaaraa tti ji’oota sadan darban keessa dhibee busaatiin lubbuun namoota 37 darbuu insitutiin fayyaa hawaasaa addeesse.

Naannichatti ji’oota sadan darbe keessa namoonni 600,000 ol dhibee busaatiin qabamuun lubbuun namoota 37 darbuu qindeessaan ittisa dhibee busaa Obbo Daamxee Laankariin wabeeffachuun VOA gabaaseera. 

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

23 Oct, 12:53


Baankiin biyyaalessaa reetii dhalaa ol kaasuun qaala’iinsa gabaa too’achuuf karoorfate

Qaala’iinsa gabaa jijjiirama imaammata diinagdee guddaa hordofee mudate furuuf bara 2024 keessa dhala liqii guddisuu itti fufuuf karoorfachuu baankiin biyyaalessaa beeksise. Baankichi ji’a Adoolessaa keessa dhala ijoo gara 15%tti  ol kaasuun qaala’iinsa jireenyaa 29% ture gara 17.5%tti gadi buusee ture.

Bulchaan baankii biyaalessaa Maammoo Mihratuu (PhD) marii Fandii Maallaqa Addunyaa Waashingtanitti gaggeeffamerratti, “wanti salphifamu hin jiru,” jedheera. “Too’annoo imaammata maallaqaa kana of duraaf itti fufsiifna.”

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

22 Oct, 12:32


Saafaarikoom gahee gabaa telekoomii #Itoophiyaa keessa qabu 5.5% gahuu ibsame

Dhaabbatni Saafaarikoom Itoophiyaan hayyama tajaajilaa argatee hojii erga eegale ji'oota 22 keessatti lakkoofsa maamiltootaa gara miiliyoona 4.6tti guddisuun, gahee gabaa telekoomii biyyattii keessaa qabu dhibbeentaa 5.5 geessisuu ibsame.

Dhaabbatichi waggaa sadiin dura hayyama erga argateen booda gabaa yeroo dheeraaf dhaabbata Itiyoo Telekoomiin qabamee ture irratti bobba’uu ni beekama.

Gama biraatiin dhaabbatni Itiyoo Telekoom yeroo gurgurtaa aksiyoona jalqabaa tibbana ifoomsu akka beeksisetti, dhaabbatichi maamiltoota miiliyoona 78.3 qabaachuun gabaa telekoomii biyyattii keessatti qoodni inni qabu dhibbeentaa 94.5 ta’uu ibsameera.

Waggoota dheeraaf gabaa telekoomii biyyattii dhuunfatee kan ture Itiyoo Telekoom amma aksiyoona isaa dhibbeentaa 10 ummataaf gurguruu eegaluusaa beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

22 Oct, 12:00


Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen balaa Ibiddaa Markaatoo naannawa shammaa taraatti mudatee ture miidhaa caalu akka hin qaqqabsiifne to'achuuf qaamolee hirmaannaa taasiisan hunda galateeffataniiru.

Balicha too'annoo jala oolchuuf hirmaannaa kan taasistan,loojistikii baay'ee dhiheessitanii kan nu deeggartan fi miidhaa kanaa ol qaqqabuu malu hir'isuuf qaamolee tattaaffii taasiiftan hundaa maqaa koo fi bulchiinsa magaalaatiin isin galateeffachuun barbaada jedhan

Miidhaa qabeenya irra gahee gaddisiisaadha. Ka'uumsa balichaa qorachuun kan beeksisnu yoo ta'u,hawaasni balaa walfakkaataan akka hin muudanneef of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisu dhaamaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

22 Oct, 05:02


Balaa ibiddaa Magaalaa Finfinnee Markaatoo naannoo Shammaataraatti mudateen miidhaa qabeenyarra ga'eera.

Balaa ibidda halkan sa’a 1 irraa eegaluun hanga sa’a 6:00 markaatootti mudatee tureen qabeenya irra miidhaan guddaan qaqqabeera.

Sababa karaan mijataa hin taaneef konkolaataawwan ittisa balaa ibiddaa fayyadamuun rakkisaa waan ta’eef helicoptera fayyadamuufis yaaliin taassifameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Oct, 13:22


Ramaddiin Yuunivarsitii barattoota qormaata biyyaalessaa darbanii ganam harraa karaa @moestudentbot barattoonni ilaallachaa akka turan odeeffanneerra.

Haa ta’u malee yeroo ammaa kana dalagaa hin jiru.

Ministeerri barnootaa gama isaatiin ramaddiin yeroo dhihootti akka ifoomu beeksiseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

21 Oct, 12:57


Gaazexeessaa OBN kan turan Firaa’ol Taaddasaa dhibee tasaan du’aan addunyaa kanarraa boqochuu ibsameera.

Gaazexeessaa Firaa'ol Taaddasaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti dhalatee guddate.

Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa achumatti kan barate yoo ta'u sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Fiichee Sadarkaa 2ffaatti barate.

Yuunivarsiitii Finfinneetti digirii jalqabaan gosa barnoota 'Sociology' barate.

Digirii jalqabaa kan biroo Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinoolojii Adaamaarraa Siivil Injinariingii barateera.

Bara 2000-2002'tti Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet keessatti hojii gaazexeessummaan qacaramee hojjetaa ture.

Qophiilee inni hojjetaa ture keessaa qophii Daawwitii, gaaffiifi deebii, fayyaan faayaa, gumaata egereefi kanneen biroo qophiilee jaalatamoo turani.

Bara 2002 FBC gadhiisuun dhaabbata Piroomooshinii Faayaa jedhamu keessa qacaramuun hojjetaa ture.

Sana booda Oromiyaa Biroodkaastiing Neetwoorkitti qacaramuun gita adda addaarra hojjetaa ture.

Gaazexeessaa Firaa'ol Taaddasaa dhibee tasaan addunyaa kanarraa darbeera.

Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet maatii, Firoottanii fi hiriyoota isaaf jajjabina hawwa.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

19 Oct, 19:31


Haroo Caamootti balaan dhidhimuu Bidiruu mudachuu hordofee hojiin lubbuu baraaruu gaggeeffamaa jiraachuu ibsame.

Aboloo Arfacoo irraa gara Magaalaa Arbaa Mincitti namoota 16 fi muuzii fe’uun bidiruun imalaa turtee Haroo Caamoorratti balaan dhidhimuu mudachuu Qajeelchi Poolisii Godina Gaamoo beeksiseera.

Oduu kun hanga qindaa’etti namootaa bidiruttiin imalaa turan keessa lamaa lubbuun baraaramuu qajeelchichi FBC’f mirkaneesseera.

Balichi guyyaa kaleessaa naannawaa sa’aatii 10:30tti mudachuu Itti Gaafatamaan Diviizhinii Hariiroo Ummataa fi Ijaarsa Maqaa Gaarii Qajeelchichaa Komaandar Rattaa Takluu ibsaniiru.

Yeroo ammaas hojiin lubbuu baraarsaa gaggeeffamu itti fufuu eeranii, ka’umsi balichaa humnaa ol fe’uun ta’uu mala jedhaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

18 Oct, 13:45


Israa’eel Somaaliilaanditti mooraa waraanaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsite

Israa’eel Somaaliilaanditti Mooraa Waraanaa ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsuu miidiyaaleen garaagaraa gabaasan.

Haleellaa Finciltoonni Hawutii Galaana Diimarratti raawwatanii fi yakkoota naannawichatti raawwataman qolachuuf Israa’eel Mooraa Waraanaa Somaaliilaanditti ijaaruuf fedhii qabaachuu ibsameera.

Kanaafis Israa’eel Somaaliilaandiif beekamtii kennuun hariiroo dippiloomaasii kan uumtu ta’uu ‘Middle East Monitor’ gabaaseera.

Afrikaa Bahaatti Naannawaa tarsiimowaa keessaa tokko kan taate Somaaliilaandi, daddabarsi daldala Galaanaa addunyaa keessaa tokko 3ffaan bakka itti raawwatuudha jedhame.

Nageenya Galaanaa, daddabarsa namootaa seeraan alaa, yakka shororkeessummaa fi kanneen biroo to’achuuf bakka ijoo ta’uu ibsameera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

18 Oct, 11:31


Libaanos Iraan 'dhimmakoo keessa seente' jechuun himatte

Himannaan akkanaa Libaanosii fi Iraan gidduutti waan baratame miti.

Ministirri Muummee Libaanos Najiib Mikaatii haala hin eegamneen Iraan dhimma biyyasaanii keessa seenuu qeeqan.

Kan isaan mufachiise ammoo haasaa Afa-yaa'iin paarlaamaa Iraan waa'ee kibba Libaanos irratti taasise ta'uu ibsan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

18 Oct, 11:30


Komii Barattoota Yunivarsiitii Haramayaa

Yunivarsiitii haramayaattii barattoonni koolleejjii Fayyaatti barachaa jiran komii barsiisota irraa qaban dhiheeffatan.

Barattoonni kunneen akka jedhanitti barsiisonnii keenya sirnaan nu barsiisaa hin jiranii ofuma keenyaaf dubbisuu irraan Kan hafe barnoota gahaa argannee hin beeknu Kan jedhan yoo ta'u Qaama dhimmichi ilaallatuttiis iyyattanii akka turan heeran.

Deebiin isaan argatanis barsiisaa tokkoon akkasitti barsiisi jechuu hin dandeenyu akka jedhaniin himan.
Kanaafuu haalli keenninsa baruuf barsiisuu yunivarsiitichaa keessumayyuu Damee fayyaa irratti miidhaa fidaa akka jiru barattoonni kunneen hima.

Maarree Barattoonni kunneen miidhaa keenninsa baruumsaatiin irra gaha jiru hordofee  furmaata akka barabaadanis dubbatan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

17 Oct, 17:56


#Xiyyeeffannoo

Wayita hammaa kana Magaalaa Baalee Roobee fi Baalee Gobbaa keessattii yaaddoo hamaan haawaasa muudaachaa akka jiru jiraattonni himan

Dhimmii yaaddeessaan Kunis maatii hedduun ijoollee isaanii dhabaa akka jiranii fi Namoonnii Hanna daa'immanii irratti bobba'anii hojjechaa jiran hedduumaachuun heerameera.

Daa'iimman kunneen wayita isaan mana barnootaa deemaniifi galan akkasumas konkolaataa miilla sadii ykn baajaajii qabatanii Mana barnootaa deemuudhaan maatiin keessan akkan isin galchinuuf nu ergan jedhanii daa'imman hedduu fudhatanii akka badan haawwaasnii fi maatiin himan.

Qaamnii seeraa magaalaa Roobees Maatiin of eeggannoo cimaa akka taasisaniif gorsa kennaa akka jiran heerameera.

Kanaafuu haawwaasnii Ijoollee keessan wayita kana barnootaattii ergitan kophaa akka gadi hin lakkisnee fii of eeggannoo barbaachisu mara akka gootaan jechaa dhaamsa keenya Dabarsuu jaallanna.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

16 Oct, 20:40


Oduu amma jiraattoota irra nu qaqqabeen yeroo sadaffaaf kirkirri lafaa finfinneefi naannawa isheetti mudateera!

Tibba kana kirkira lafaa Awaash Fantaalleetti mudataa jiruun Finfinnee dabalachuun bakkoota garaa garaatti kirkirri kun dhaga’ama jira.

Daqiiqaa muraasa duras Finfinneetti mudachuu kirikiraa jiraattoonni miidiyaa @Abdii_Sabaa tti himaniiru.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

16 Oct, 17:42


STARSFI⭐️

☑️ Erga eegalamee torban lama keessatti fayyadamtoota miliyoona lamaa ol argachuu danda'eera.

☑️Akkuma MAJOR, hunduu asitti Star walitti qabuudha.

☑️Guyyaa Guyyaan Task hojjechuu, SPIN taphachuu fi DAILY COMBO fudhattu

☑️Waa'een airdrop kanaa akkuma durii X ykn Twitter irratti baay'ee dubbatama.

Guyyaatti yeroo Lama qofa seenuu waan dandeessanif Ammuma Eegalaa👇👇👇👇

https://t.me/starsfibot/starsfi?startapp=1024352999

ABDII SABAA

16 Oct, 14:57


Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibiddaan lubbuun namoota 94 darbe

Naayijeeriyaatti taankariin boba’aa dhowuun balaa ibidaa uumameen lubbuun namoota 94 darbuun ibsame.

Konkolaataan boba’aa fe’uun imalaa ture tasa dhowuun balaa ibiddaa hordofsiiseen miidhaa olaanaan ga’uun gabaafameera.

Haaluma kanaan lammiilee lubbuun darbanitti dabalataan namoota 50 irraa miidhaan qaqqabuun eerameera.

Baatii Fulbaanaa darbe Naayijeeriyaa Bulchiinsa Niijaritti konkolaataan boba’aa fe’e konkalaataa beeyladoota fe’e waliin walitti bu’uun lubbuun namoota 59 darbuu BBC’n gabaaseera.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

16 Oct, 12:23


Dooktar Abiy Komishinarri Komishinii Hojii Gamtaa du'aan boqochuutti gadda itti dhaga'ame ibsan.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Komishinarri Komishinii Hojii Gamtaa Itiyoophiyaa Dooktar Geetaachoo Mallas du'aan boqochuutti gadda itti dhaga'ame ibsan.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

15 Oct, 11:15


Komii Barattoota Yunivarsiitii Walayittaa sooddoo.

Barattoonni yunivarsiitii walayiittaa sooddootti baratan komii qaban dhiheefatan.

Komiin isaaniis gama nyaataa fi bishaaniitti Kan xiyyeefate yoo ta'u bara darbee fi bara kana hedduu rakkachaa akka jiran heeran.

Barattoonni kunneen akka jedhanitti haalli keenninsa nyaataa mooraa sana keessaa barattootaaf Kan hin mallee fi miidhaa irraan gaha akka jiru dubbatu.

Kana malees bishaa dhugaatis ta'ee Kan qulqullina argachaa akka hin jirree himaniiru.

Kanaafuu qaamni dhimmichi ilaallatu fuurmaata nuuf haa keennus jechuun komii isaanii dhiheeffatan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

14 Oct, 14:31


Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara akka Afrikaatti jalqabaa ta’an fudhachuufi

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara A350-1000 jedhamu akka Afrikaatti jalqabaa ta’e fudhachuuf ta’uu beeksiise.

Xiyyaarri kun maamiltootaaf tajaajila baay'ee fooyya'aa kennuuf kan dandeesisudha jedhame.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara imaltootaa A350-1000 jedhaman akka Afrikaatti kan jalqabaa ta'e "Ethiopia land of origins" jedhamuun moggaafame baatii Onkoloolessaa kana keessa dhaabbata Erbaas(Airbus) irraa kan fudhatu Hojii gaggeessaan olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasew ibsaniiru.

Xiyyaarri A350-1000 jedhamu kun daraan ammaayyaa fi teessoo 400 kan qaba yoo ta’u, maamiltootaaf tajaajila olaanaa kennuuf teeknooloojii ammayyaa kan guuttate ta'uu eeraniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara Faranjootaa 2035tti waggaatti imaltoota miiliyoona 67 geejjibsiisuun waggaatti galii Doolaara biiliyoona 25 argachuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammaa xiyyaarota 147 qabuun iddoowwan ga’umsaa idil-addunyaa 139 fi biyya keessaa 22 uwwisaa jiraachuu TOI gabaaseera.


SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡

ABDII SABAA

14 Oct, 11:22


Nama bakka Geetaachoo Raddaa buufamu irratti mootummaa federaalaa waliin haasa’aa jirra’ - #ABUT

Gareen Dabratsiyoon Pirezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannoo #Tigraay Geetaachoo Raddaa aangoorraa kaasuu hordofee nama bakka isaanii buufamu irratti mootummaa federaalaa waliin mari’achaa jiraachuu itti gaafatamtuun waajjira ABUT Fatlawarq G/Igzi'aabheer ibsan.

"Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo kan muudame waliigalteedhaan waan ta'eef, qaamni tokko pirezidaanticha irraa amantaa yoo dhabe aangoo irraa kaasuun rakkoo hin qabu. Eenyu bakka bu’uu qaba kan jedhu irratti mari’anna" jechuun ibsan.

Haata’u malee “bulchiinsa yeroo naannichaa irratti fonqolcha mootummaa akka raawwatametti odeeffannoon tamsa’u dhugaa miti” jedhan.

SABA GUDDAA WAAN TAANEEF MIIDIYAA GUDDAATU NUUF MALA!

📡 MIIDIYAA @ABDII_SABAA 📡