Bishoftu Prosperity Party @bishoftuprosperityparty Channel on Telegram

Bishoftu Prosperity Party

@bishoftuprosperityparty


Bilisummaan Uummata Keenyaaf

Bilisummaan Uummata Keenyaaf (Afan Oromo)

Bilisummaan Uummata Keenyaaf isaatiin sagalee Qabsoo keenyaa, dhageessisuu fi naannoolee Oromoo keessaa sadarkaan itti fufuu dandeessa. Kan taateefii dinqisaa, qabsoo keenyaa sagalii keenya keessatti akka dhagitootaa fi gargaarummaa ummatootaa gammadeera. Bilisummaan Uummata Keenyaafiin qabsoo bilisummaata Oromoo tokko taaxxii lammataa keessatti bobbaase, warraaqsaa, gabroomfataa fi dhihaa ummatootaa akka jiraatanii ittiin hundeeffatanii jiran. Kan keessaa sagalee keenyaa keessatti mirga dhala namaa keessaa tokko ofiin jiraanna. Bilisummaan Uummata Keenyaafiin itti fufaa irraa bara 2020tti kaayyoo Gandaa Fuulatoo Oromoo (Oromo Liberation Front) ta'uu isaa yoo taate bu'aa tokkoo qabsoo keenyaa keessa jiraachuu dandeessu. Kan keessaa qabsoo keenyaa falmanneenis taataan keessatti kan arrabsiisee fi barakatanne putee tokko itti ta'anii jiran. Kan dandeessan qabsoo keenyaa gartuufi sagalee ummata keessa jiraachuu qabatamee addunyaa keessatti qooda fudhateetti itti fufa. Bilisummaan Uummata Keenyaafiin qabsoo keessa jiranis akkasumas tekinoloojii barruulee Oromoo keessaa amantiirraa jira. Kan keessaa sagalee keenyaa qabsoo keessa jiraatan keessatti sanyeetii fi waayee hawaasa keenyaa keessaa gadi guddata. Kan keessaa qabsoo keenyaa keessatti qorannoo ummata Oromoo fi bilisummaa keenyaa jiraatanii ittiin hundeeffatanii jiran. Bilisummaan Uummata Keenyaafiin seerreen darbe jiraachuu irra bara 2021tti qabsoo keenyaa itti fufee keessatti hedduun itti fufuudha. Bilisummaan Uummata Keenyaafiin qabsoo keenyaa keessatti ummata Oromoo fi qabsoo keenyaa keessatti sagalee keenyaa jiranii irraa gahaa dhiibduu irraa kanaaf dhiifama.

Bishoftu Prosperity Party

06 Feb, 09:28


Murtoowwan Yaa’ii Idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa!

Bishoftu Prosperity Party

04 Feb, 11:10


Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 2ffaa magaalaa Adaamaatti eegalamee jira.
***
Gamaaggamni raawwii hojii Paartii fi Mootummaa kurmaana 2ffaa bara 2017 bakka hooggansi sadarkaa Naannoo, Godinaalee, Magaalotaa fi Aanaa argamanitti gaggeeffamuu eegaleera.
Pirezidaantiin MNO Obbo Shimallis Abdiisaa galmootni imala badhaadhinaa kutannoo hooggansaa fi hirmaannaa hawaasaa cimaa ta’een dhugooma jedhanii hojiilee fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf eegalamaniin milkaahinoota argaman itti fufsiisuu fi qormaatilee muudatan maqsuuf xiiqiif qophaa’ummaa ol’aanaadhaan hojjachuun murteessaadha jedhaniiru.

Bishoftu Prosperity Party

31 Jan, 12:25


Sirni baniinsa Yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa eegalameera

Bishoftu Prosperity Party

31 Jan, 09:30


Baga Yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaatiin Isin Gahe!

Bishoftu Prosperity Party

30 Jan, 09:02


Yaa'ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa boru jalqabu irratti hirmaachuuf hoggantoonni Paartiilee michootaa biyyoota gara garaa magaalaa Finfinnee seenaa jiru.

Haaluma kanaan  Barreessaan Ol'aanaa RPF(Rwandan Patriotic Front)  Weelars Gaasaamaageeraa,  Barreessaan Paartii Bilisummaa Biyyaaleessaa Aljeeriyaa  Proofeesar Abdulahakiim Been Mabriik, Bakka bu'aan Paartii Bilisummaa Biyyaaleessaa Morookoo Mohaammad Sidiiqii, Dura Taa'aa I/A Paartii AK Turkii Zaafaar Siraakaayaa magaalaa Finfinnee galanii jiru.  Wayita buufata Xayaaraa Idil-addunyaa Boolee gahanittis simannaan baga nagaan dhuftanii taasifameefii jira.

#Waadaaraa_hanga_aadeeffannaa
#Yaa'ii_idilee_2ffaa_Paartii_Badhaadhinaa

Bishoftu Prosperity Party

30 Jan, 09:02


Baga Yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaatin Isin Gahe
#Waadaaraa_hanga_aadeeffannaa
#Yaa'ii_idilee_2ffaa_Paartii_Badhaadhinaa

Bishoftu Prosperity Party

30 Jan, 05:43


Waggoota shan, turtii gabaabaa, injifannoowwan mul'atan!
Yaa'ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa, Amajjii 23-25

Bishoftu Prosperity Party

28 Jan, 17:02


Itoophiyaa Haaraa, Waadaa Amanamee fi Aadaa Jijjiirameen!

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa , Amajjii 23-25/2017

Bishoftu Prosperity Party

28 Jan, 16:38


Abjuu Itoophiyaa, Abdii Haaraa Itoophiyaanotaa!

Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa, Amajjii 23-25/2017

Bishoftu Prosperity Party

28 Jan, 08:26


Yaadama Ida’amuu Tokkummaa Sab-Daneessaa fi Ijaarsa Biyyaaf!
Baga jala bultii Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaaf nagaan geessan.

Bishoftu Prosperity Party

28 Jan, 08:23


Waadaa Hanga Aadeffannaatti!
Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa, Amajjii 23-25/2017

Bishoftu Prosperity Party

27 Jan, 13:11


Kallattii fi murtoowwan Yaa’ii jalqabaatiin darban xiyyeeffannaan hojiirra oolchaa, milkaahinoota fedhii fi faayidaa uummataa mirkaneessan galmeessaa kan jiru Paartiin Badhaadhinaa jala bultii yaa’ii 2ffaa irratti argama.
Injifannoon caalmaa, Badhaadhina waliin!

Bishoftu Prosperity Party

27 Jan, 11:19


"Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa Irratti Murtoowwan Gurguddoon Ni Murtaa’u" Obbo Adam Faaraah
Yaa’ii Paartii Badhaadhinaa 2ffaa gaggeeffamurratti murtoowwan guguddan kan murtaa’an ta’uu Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Obbo Adam Faaraah Yaa’icha ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniin, Paartichi yaa’ii isaa 2ffaa Amajjii 23-25, 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeessu akka ta'e ibsaniiru.
Yaa'iin idilee 2ffaa Paartii Badhaadhinaa murtoowwan guguddoon kan itti murta'anii fi kallattiin fuulduraatis itti kaa'am ta'uu himaniiru.

Bishoftu Prosperity Party

27 Jan, 11:19


Yaada Jijjiiruu fi Aadeffatame Guddummaa Itoophiyaaf!
**
Paartiin Badhaadhinaa mul’ata Itoophiyaa badhaatuu dhugoomsuuf qabame fiixaan baasuuf, yaadama injifataa hojiirra oolchuudhaan jijjiirama hunda galeessa mirkaneessuu irratti argama.

Bishoftu Prosperity Party

27 Jan, 11:18


Imala waggoottan shanii; turtii gabaabaa garuu ammoo injifannoowwan mul'atan kan itti galmaa'aan.

Bishoftu Prosperity Party

22 Jan, 05:46


Waadaa Hanga Aadeffannaa!

Bishoftu Prosperity Party

20 Jan, 07:42


የአረንጓዴ ዓሻራ ስራችን በፍራፍሬ እጅጉን ተስፋ ሰጪ ጅማሮ ያሳያል።
Hojiin Ashaaraa Magariisaa keenyaa gama muduraaleetiin jalqabbii abdii namatti horu agarsiisa.
Our Green Legacy initiative in fruit-bearing trees is off to a promising start.

Bishoftu Prosperity Party

15 Jan, 12:02


በጎንደር ከተማ እየተካሄዱ ያሉት የፋሲለደስ እድሳት እና የኮሪደር ልማት ሥራዎች እድገት እጅግ አበረታች ነው። በሥራው ለተሳተፉ ሁሉ በተለይም በክብር ለተሞሉት እንግዳ ተቀባይ የጎንደር ነዋሪዎች በሙሉ ከልብ የመነጨ ምስጋናዬን ለመግለጽ እወዳለሁ።

The progress of the renovation works at Fasilides and the corridor development initiatives in the city of Gonder is truly encouraging. I extend my heartfelt appreciation to everyone involved, including the gracious and hospitable residents of Gonder.

Bishoftu Prosperity Party

14 Jan, 12:28


የበጋ ስንዴ እርሻችን በጥሩ ሁኔታ እየሄደ ነው።

Summer wheat productivity progressing very well.

Bishoftu Prosperity Party

11 Jan, 16:48


የሶማሊያ ፌደራል ሪፐብሊክ ፕሬዝዳንት ሀሰን ሼክ መሃሙድ ይፋዊ ጉብኝት ለማድረግ እንኳን ወደ ኢትዮዽያ መጡ እላለሁ።

I warmly welcome President Hassan Sheikh Mohamud, President of the Federal Republic of Somalia, on his working visit to Ethiopia.

Bishoftu Prosperity Party

11 Jan, 08:52


Maaddii Guutuu Badhaadhina Maatiitiif!
***
Carraalee jiran hundatti gargaaramuudhaan oomishaalee gosa adda addaa iddoo xiqqaa fi haala salphaa ta’een oomishuun sagantaa Maaddii guutuu dhugoomsuuf sochiin taasifame baadiyyaadhaa hanga magaalaatti bu’a qabeessummaa mirkaneessaa jira.

Bishoftu Prosperity Party

10 Jan, 10:19


Daandiin Nagaa Injifataadha!
****
Waliigaltee nagaa Mootummaa fi WBO gidduutti taasifame bu’uureffachuun miseensonni WBO Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti karaa nagaatiin harka kennataniiru.

Daandii nagaa filachuun qoroomina.

Bishoftu Prosperity Party

10 Jan, 06:52


Hojiin Ashaaraa Magariisaa, diinagdee magariisaa itti fufiinsa qabu ijaaruun galma misooma gama kanaan qabame dhugoomsuu keessatti gahee ol'aanaa kan qabuu dha.
Diinagdee magariisaa biyya keenyaatti ilmi Abbaa Gadaa Abbichuun eegalchiise fiixaan baasuun ammoo galmi yaadaame akka milkaa'u gochuurra darbee badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu keessattis qooda ol'aanaa qabaata
#Yaadaa_hanga_Waadaa

Bishoftu Prosperity Party

09 Jan, 09:37


Waadaa Hanga Aadaa

Hojiileen gama hundaan eegalaman aadeffatamanii gudduummaa biyyaa akka mirkaneessaniif hojjachuun murteessaadha. Badhaadhinni hirmaannaa lammiileetiin dhugooma!

#Yaadaa_hanga_Waadaa

Bishoftu Prosperity Party

09 Jan, 08:58


Milkaahina Inisheetiiviiwwanii Badhaadhina Biyyaatiif!
Tarkaanfilee addaa qixaan hojiirra oolchuun galmoota imala badhaadhinaa dhugoomsuuf murteessaadha.
Inisheetiiviiwwan bu’a qabeessummaan isaanii mirkanaahe baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolaa jiru.
#Badhaadhina!

Bishoftu Prosperity Party

08 Jan, 15:32


Horata Badhaadhinaa, fooyya’iinsa jiruu fi jireenya uummataa!

Bishoftu Prosperity Party

08 Jan, 12:25


Horata kaleessaa, cimina keenya har’aa fi abdii egereetiif!

Bishoftu Prosperity Party

06 Jan, 10:34


“Barsiifata dhiifamaa fi araaraa dhaloota Kiristoos irraa dhaalle, galaa imala jireenya keenyaa taasifnee fayyadamuu qabna” Obbo Kaffaaloo Tafarraa
**
Hordoftoota amantaa Kiristaanaa naannoo fi biyya keenyaa maraan baga guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa, yaadannoo dhaloota Iyyesuus Kiristoos kan bara 2017 tiif nagaan ittiin isin gahe.

Ayyaana guddaa hordoftoota amantaa kiristaanaa biratti gammachuu fi ulfina guddaadhaan yaadatamu keessaa tokko kanta’e guyyaan yaadannoo dhaloota Iyyasuus Kiristoos ilmaan namaatiif boqonnaa jireenyaa haaraa saaqee imala kan eegalchiise, balbala jibbaa fi hammeenyaa cufuudhaan riqicha jaalalaa kan ijaare yoo ta’u, wal qooduurra tokkummaa, walirraa fagaachuurra obbolummaa barsiisuudhaan daandii araaraa fi dhiifamaatiif bu’uura kan kaa’e dha.

Bishoftu Prosperity Party

04 Jan, 16:56


'ገበታ ለትውልድ' በጅግጅጋ

Bishoftu Prosperity Party

04 Jan, 12:49


𝗪𝗮𝗴𝗴𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘀𝗵𝗮𝗻; 𝘁𝘂𝗿𝘁𝗶𝗶 𝗴𝗮𝗯𝗮𝗮𝗯𝗮𝗮, 𝗶𝗻𝗷𝗶𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝘄𝘄𝗮𝗻 𝗺𝘂𝗹’𝗮𝘁𝗮𝗻.

Bishoftu Prosperity Party

04 Jan, 12:39


Horata kaleessaa, cimina keenya har’aa fi abdii egereetiif!

Bishoftu Prosperity Party

03 Jan, 19:02


𝗝𝗶𝗷𝗷𝗶𝗶𝗿𝗮𝗺𝗮 𝗔𝗮𝗱𝗮𝗮, 𝗚𝘂𝗱𝗱𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗜𝘁𝗼𝗼𝗽𝗵𝗶𝘆𝗮𝗮𝗳!
Badhaadhinni hojii qabatamaadhaan dhugooma. Imalli fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf eegalame akka galma gahuuf induustiriiwwan babal’isuun madda carraa hojii taasisuudhaan gamatti, aadaa hojii irratti jijjiirama bu’uuraa fiduudhaan guddummaa Itoophiyaa mirkaneessuuf sochiin bu’a qabeessi godhamaa jira.

#Badhaadhina

Bishoftu Prosperity Party

29 Dec, 17:16


Milkaahina Inisheetiiviiwwanii Badhaadhina Biyyaatiif!

Bishoftu Prosperity Party

26 Dec, 12:43


“Badhaadhinni tokkummaa biyyaalessaa cimsuu fi obbolummaa sab-daneessa dagaagsuuf xiyyeeffannaan hojjataa jira”Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah

Bishoftu Prosperity Party

26 Dec, 12:24


Paartiin Badhaadhinaa Yaa’iisaa 1ffaan Itiyoophiyaa gargaarsa qamadii jalaa baasuuf galma qabate milkeesseera’ - Pirezidaantii Itti aanaa Paartii Badhaadhinaafi Ministira Muummee Itti aanaa Obbo Tamasgeen Xurunee

Bishoftu Prosperity Party

18 Dec, 16:51


በአማራ ክልል ሕዝባዊ ሠልፍ እየተካሄደ ነው
****************
በአማራ ክልል የተለያዩ ከተሞች "ሠላም ለሁሉም ሁሉም ለሠላም" በሚል መሪ ሀሳብ ሕዝባዊ ሠልፍ እየተካሄደ ነው።
እየተካሄደ በሚገኘው ሕዝባዊ ሠልፍ ሰልፈኞቹ "ሠላም ተጠምተናል"፣ "ሠላም የጋራ ሐብት ነው"፣ "ከሠላም ዕጦት ያጣነው እንጅ ያተረፍነው የለም"፣ "መንግስት በተደጋጋሚ ያደረገውን የሠላም ጥሪ እንደግፋለን"፣"ንፁሀንን በግፍ መጨፍጨፍ አረመኔነት በመሆኑ እናወግዛለን" የሚሉና መሠል መፈክሮችን እያሠሙ ይገኛሉ።

Bishoftu Prosperity Party

17 Dec, 08:13


Nageenya ni waaressina, Misooma ni dhugoomsina!

Bishoftu Prosperity Party

16 Dec, 17:09


#Marii Biyyaalessaa, Furmaata Rakkoolee Keenyaa!
============
Mariin biyyaalessaa garaagarummaa fi rakkoolee kallattii garaa garaatiin mul’atan furee walhubannaa fi tokkummaa cimaa ta’e lammiilee gidduutti uumuudhaan ijaarsa biyya waloo dhugoomsuu keessatti gahee guddaa qaba.

Naannoo Oromiyaatti sirni baniinsaa ajandaa walitti qabuu guyyaa har’aa ifatti gaggeeffameera.

Waltajjiin ajandaa walitti qabuu kun muddee 12/2017 irraa eegalee kan gaggeeffamu yoo ta’u, bakka bu’oota hawaasaa aanaalee 356 irraa walitti bahaniin ajandaaleen marii akka dhiyaatu ni eegama.

Naannichatti waltajjii ajandaa walitti qabuu gaggeeffamuuf, hayyoonni yuunivarsiitiiwwan 48 irraa babba’an mariiwwan gaggeeffaman kan qindeessan yoo ta’u, qindeessitoonni naannichaa 356 ammoo adeemsichaaf deeggarsa akka taasisan ibsameera.

Bishoftu Prosperity Party

16 Dec, 17:07


#Miseensonni WBO waamicha nagaa owwaatan karaa nagaatiin galan.
===========
#Godina_Booranaa Bahaatti walii galtee nageenya waaressuu MNO fi WBO gidduutti taasifame bu’uureffachuudhaan miseensonni WBO waamicha nagaa owwaatanii karaa nagaatiin galanii jiru.

Miseensonni WBO kunniin karaa nagaatiin yemmuu galan qaamolee hawaasaa adda addaatiin Magaalaa Nageellee Booranaatti simatamaniiru.

Bishoftu Prosperity Party

09 Dec, 11:17


Waliigaltee nageenya waaressuuu Mootummaa Naannoo Oromiyaafi WBO gidduutti raawwatame hordofee Aanaalee Godina Wallagga Bahaa kanneen akka Waamaa Haagaloo,Sibuu Sireefi Eebantuutti Miseensonni WBO galaa jiraachuu ibsameera.

Miseensonni kunneen wiirtuu qophaa'efitti galaa kan jiran yemmuu ta’u, hawaasni simannaa taasisaafii jira.

Bishoftu Prosperity Party

09 Dec, 11:16


Simannaaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Magaalaa Shaakkisootti!
***

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad, Godina Gujii Magaalaa Shaakkisoo dhaqan.

Wayita Magaalaa Shaakkisoo gahaniis Abbootii Gadaa dabalate Uummata Godina Gujii fi Magaalaa Shaakkisootiin simatamaniiru.

Bishoftu Prosperity Party

08 Dec, 15:43


#Aanaa Ada'aa Bargaatti Miseensoonni WBO Galan Simannaan Taasifamee
=========
Waliigaltee nageenya waaressuu Mootummaa fi WBO gidduutti taasifameen miseensonni WBO iddoowwan garaa garaatti argaman karaa nagaatiin galuu irratti argamu.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada'aa Bargaatti Miseensonni WBO waliigaltee nageeya waaressuu MNO fi WBO gidduutti mallatteeffame bu'uureffachuun galaaa kan jiran yemmuu ta’u hawaasaanis simannaan taasifameefii jira.

Bishoftu Prosperity Party

08 Dec, 15:42


Itoophiyaa hunda keenyaa ni bu’uuressina-Obbo Adam Faaraah
***
Miiraa fi fiinxaalessummaarraa of qoqqobuun tokkummaa cimsuun Itiyoophiyaa kan hunda keenyaa taatee ni bu’uuressina jechuun Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookirsii Obbo Adam Faaraah ibsan.

Obbo Adam Faaraah Guyyaa Sabaa fi Sabalammootaa 19ffaa ilaalchisuun eergaa baga geessanii fi hawwii gaarii dabarsaniiru.

Bishoftu Prosperity Party

07 Dec, 12:45


#Shawaa_kaabaa
Walii galtee nagaa MNO fi qondaaltoota WBO gidduutti taasifame hordofee miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru. Haaluma kanaan godina Shawaa kaabaa Aanaa Dagamii fi kuyyuutti garaagarummaa yaadaa marii fi marabbaan hiikuun saaxilamummaa hawaasa keenya hir'isuu irra darbee dararaa fi hammeenya Oromiyaa keessa jirutti xummura gochuu qabna jechuun miseensoonni WBO galaa jiru.

Bishoftu Prosperity Party

06 Dec, 13:47


“Wal dhabdee siyaasaa afaan qawweetiin hiikuuf adeemsi deemame aarsaa hedduu kaffalchiiseera” Qondaala ol’aanaa WBO Sanyii Nagaasaa
***
Wal waraansa bu’aa hin qabneen dararaa ummata Oromoo hammeessuun sirrii waan hin taaneef waamicha ummataa owwaannee gara daandii nagaatti dhufneerra jedhan qondaalli ol’aanaan WBO Obbo Sanyii Nagaasaa ibsa miidiyaaleedhaaf kennaniin.

Waliigalteen Nagaa WBO fi MNO gidduutti taasifame kun wal hubannaa fi wal amantaa ol’aanaadhaan hojiirra oolaa jira, kanaafis miseensonni WBO kumaatamaan lakkaahaman karaa nagaatiin galaa jiraachuun agarsiiftuu guddaadha akka ta’e ibsaniiru.

Bishoftu Prosperity Party

06 Dec, 13:46


#Godin Qeellam Wallaggaa!
= = =
Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Daalle Waabaraatti waliigaltee araaraa Waraanaa Bilisummaa Oromoofi Mootummaa Naannoo Oromiyaa gidduutti tibbana taasifame hordofee miseensonni garichaa galaa jiru.

Bishoftu Prosperity Party

06 Dec, 07:50


“#Afaan_qawweetiin rakkoon furamu kamuu waan hin jirreef waamicha ummataa owwaannee daandii nagaa filanneerra” Miseensotaa fi qondaaltota WBO

Bishoftu Prosperity Party

06 Dec, 05:45


Bu’uura waliigaltee nagaa Mootummaa fi WBO gidduutti taasifameetiin miseensotni WBO karaa nagaatiin galaa kan jiran yemmuu ta’u, iddoowwan garaa garaatti simannaan taasifamaafii jira.

Bishoftu Prosperity Party

05 Dec, 14:04


Garaagarummaan siyaasaa bu’uuraan furamuu kan danda’u afaan qawweetiin osoo hin ta’in qabsoo karaa nagaa qofaani.

Bishoftu Prosperity Party

04 Dec, 11:49


#Imalli Gara Nageenyaa Itti fufee jira!
============
#Waliigaltee nageenya waareessuu MNO fi Qondaaltoonni WBO waamicha nageenyaa fudhatan taasisan hordofee guyyaa kaleessaa irraa kaasee imalli nageenyaaf gara nagaatti jalqabe har'as itti fufee jira.

Haaluma kanaan, guyyaa har'aa miseensoonni WBO aanaalee Shawaa Lixaa gara garaa irraa wiirtuu qophaa'efitti imalaa jiru. Ummannis simannaa hoo'aa taasisaafii jira.

Bishoftu Prosperity Party

03 Dec, 17:51


#Aadaa fi Duudhaa Wal Gargaarsaa Ganamaa Uummanni Oromoo Qabu Itti fufsiisuuf Buusaa Gonofaa Cimsuun Murteessaadha.
===========
#Bishooftuu; Kutaa Magaalaa #Dhibaayyuu Aanaa #Dirreetti sosochiin gumaata Buusaa Gonofaan taasifameen Midhaan gosa gara garaa #Kuntaala 798 fi mi'eessituu adda addaa gumachamee jira.

Buusaa Gonofaan aadaa fi duudhaalee wal gargaarsaa ganama Qabnu caalmaatti cimsuun rakkoolee hawasummaa gara garaa ittiin furuu fi nyaata barattootaa manneen barnootaa keessatti jalqabame itti fufsiisuu Irratti Karaa xiyyeeffateen Xiyyeeffannoo addaan Itti kenname Hojjetamaa Kan jiru ta'uu isaa ibsamee Jira.

Bishoftu Prosperity Party

03 Dec, 16:31


#Deebii_Waamicha_Harmeef Kenname 🕊️
===========
#Waliigaltee nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Qondaaltoota WBO waamicha nagaa fudhatan gidduutti taasifame hordofee guyyaa har’aa miseensonni WBO kallattii hundaan galuu itti fufanii jiru.

Ummanni nageenya dheebootee nagaaf watwaataa turees, WBO kallatti hundarraa gara giddu-galeessaatti dhufaa jiruuf simannaa taasisaa jira.

Nageenya waaraa mirkaneessuuf waliigalteen nageenya buusuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi WBO waamicha nageenyaa fudhatan gidduutti mallattaa'e qabatamaan hojiirra oolaa jira. Oromiyaan dirree misoomaa fi nageenyaa malee dirree jeequmsaa hin taatu.
#Nagaan_waamara

Bishoftu Prosperity Party

18 Nov, 10:54


#Ol'aantummaa Yaadaa; Badhaadhina hunda-galeessaaf
==========
#Bishooftuu; Ayyaanni hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa Shanaffaan Magaalaa Bishooftuutti Dhaadannoo "Ol aantummaa yaadaa :Badhaadhina Hundagaleessaaf!!' jedhuun marii paanaaliitiin kabajamaa jira.

Paanaaliin miseensotaa fi deeggartoota kutaalee hawaasaa gara garaa hirmaachise kun, injifannoowwanii fi qormaatilee imala badhaadhinaa waggoottan shanan darbanii irratti marii kan taasisu yommuu ta’u, badhaadhina hunda galeessa itti fufiinsaan mirkaneessaa deemuun abjuu akka biyyaatti qabatame dhugoomsuu keessatti qormaatilee yeroo kamiyyuu mudachuu danda'an irra cehuun qabsoo gara fuul duraatti miseensotaa fi deeggartoota akkasumas, hoggantoota paartichaarraa eegamu akeekuun kaka’umsaa fi xiiqii uumuurratti kan fuulleeffateedha..

Bishoftu Prosperity Party

18 Nov, 10:52


#Dhiiga Bakka Bu'u Kenninee; Lubbuu Bakka Hin buune Ni Baraarra"
==========
#Bishooftuu; Magaalaa Bishooftuuttii Waggaa 5ffaa hundeeffama Paartii Badhaadhina sababeeffachuudhaan uummanni bal'aan dhiiga Arjoomaa jira.

Bishoftu Prosperity Party

17 Nov, 10:09


#Ol_aantummaa Yaadaa; Badhaadhina Hunda Galeessaaf!
=============
#Bishooftuu; Kabaja ayyaana hundeeffamaa Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa sababeeffachuudhaan sochiin ispoortii hundaan kabajamee Jira.

Jiraattoonni Magaalaa Bishooftuu jala bultii kabaja ayyaana hundeeffama Paartii Badhaadhinaa waggaa 5ffaa kana tokkummaan bahuudhaan sochii qaamaa taasisuudhaan kabajanii jiru.

Bishoftu Prosperity Party

08 Nov, 16:25


#Tajaajilli Lammummaan Furtuu Rakkoolee Hawaasummaati
=============
#Bishooftuu, Hirmaattoonni Konfiraansii Kurmaana 1ffaa fi Hundeeffama Paartii Badhaadhinaa Waggaa 5ffaa Irratti hirmaatan lammiilee sababa hanqina dhiigaatiin lubbuu isaanii dhaban baraaruuf #Dhiiga Arjoomuu, #Mana_harmeef Ijaaruuf Maallaqaa Walitti sassabuun Ijaarsa isaa Jalqabsisuu, Nyaata Barattootaaf ooluu Walitti Qabuun Arjoomuu fi Miidhaan Harka Qalleeyyii gahe sassabuu Irratti hirmaatanii jiru

Bishoftu Prosperity Party

08 Nov, 16:16


“#Daneessummaadhaan Gara Guddummaa Itoophiyaatti”
===========
#Bishooftuu; Hundeeffamni waggaa 5ffaa Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Aanoolee #Dhibaayyuu fi Calalaqaatti kabajamee jira.

Boqonnaa jijjiiramaa haaraa saaquudhaan seenaa hiyyummaa kaleessaa milkaahina hunda galeessaan bakka buusee fayyadamummaa ummataa dhugoomsuuf hojjachaa kan jiru Paartiin Badhaadhinaa yaadama tarkaanfataa ta’e hojiirra oolchuudhaan Itoophiyaa badhaatuu dhugoomsuuf Paartii onnatedha.

Miseensotni Paartii Badhaadhinaa sadarkaa garaa garaatti argamanis guyyaa hundeeffama waggaa 5ffaa kana sababeeffachuun koonfiransii gaggeessaa jiru.

Bishoftu Prosperity Party

01 Nov, 16:33


#Tola_Ooluun_Namaa fi Waaqa Biratti Jaalatamaa dha."
=============
#Bishooftuu, Hoggansi Magaalaa Bishooftuu Leenjii #Marsaa 3ffaa Mata duree Humna Abjuu; Guddina Amansiisaaf jedhu Irrattii guyyoota 10'f fudhachaa Ture xumura leenjii Irratti lammiilee sababa hanqina dhiigaatiin lubbuu isaanii dhaban baraaruuf #Dhiiga Arjoomuu fi #Mana_harmeef Ijaaruu Maallaqaa Walitti sassabuun Ijaarsa isaa Jalqabsiisanii jiru.

Bishoftu Prosperity Party

01 Nov, 16:23


"#Tokkummaan Hojjechuun Abjuu Biyya Cimtuu fi Fudhatamummaan Ishii Mirkanaa’e ijaaruu Jalqabamee Ni Dhugoomsina!
===========
#Bishooftuu; Leenjiin Marsaa 3ffaa Mata duree Humna Abjuu; Guddina Amansiisaaf jedhu Irrattii hoggantoota Paartii Badhaadhinaa Sadarkaa Magaalaa , Kutaa Magaalotaa fi Aanootaa fi Hirmaachise Guyyoota 10'f kennamaa ture Karaa Milkaa'ina Qabuun xumuramee Jira.

Bishoftu Prosperity Party

21 Oct, 17:36


#Aanaa_Dirree
=========
#Bishooftuu:- Duula Hirkattummaa Irraa Gara Oomishtummaatti ce'uu Godhamaa Jiru Mirkaneessuuf Carraawwan hedduu qabnu tokkummaan Gara dinagdee Damdaneessaati jijjiiruun Badhaadhina Maatii haa dhugoomsinu!

Kanuma Dhugoomsuuf Inisheetiviiwwan addaa addaa Kutaa Magaalaa Dhibaayyuu Aanaa #Dirree Keessatti Misoomaa jiru kan abdii namatti horuudha.

Bishoftu Prosperity Party

21 Oct, 17:32


#Bishooftuu:- Misooma koriidarii Saffisaa Jira.
Hojiin Misoomaa Magaalaa Bishooftuu bu'uura sochii Dingdee gama hundaa utubuuf saffisa,qulqullina fi baay'ina isaa karaa eeggàteen Hojjetamaa jira!

Bishoftu Prosperity Party

21 Oct, 17:31


#Ida’amuun Daandii fi Furtuu Rakkoo Keenya Ittiin Hiikkanuu dha!
===========
#Yaadamni Ida’amuu dhimmoota hedduurratti cimina qabnu fayyadamuun, qisaasama hir’isnee kaayyoo waloo keenya kan ittiin dhugoomsinuufi birmadummaa biyya kan ittiin mirkaneessinu daandii qajeelaa ta’uun ni hubatama.

Karaa dammaqiinsaati yeroo jennu, rakkina jireenyaa hunda ilaalchaaf/idology/ kennuudhan sana sharafanii jiraachurra kan darbe qajeeltoo fi haalawwan qabatamaa fi wayitawaa ta’an walitti araarsuun deemuu haalli dandeessisuu fi qophaa’ummaan jiraachun barbaachisaa waan ta’eefidha.

Daandii kana hordofuun keenya, fedhii ummataa fi birmadummaa biyyaa wajjin walitti araarsudhaan deebisuufi kunis daandii qaroominaa fi badhaadhinaatti makamuuf kan nu dandeechisu ta’uun hubatamuu qaba.

Bishoftu Prosperity Party

20 Oct, 16:50


#Tumsa Misooma koriidarii Magaalaa Bishooftuu
==========
#Bishooftuu; Ministeerri Galiiwwanii Feederaalaa fi Komishiniin Gumuruka Fedaraalaa Waliin ta'uun Misooma Koridarii Magaalaa Bishooftuu tumsanii jiru

Ministeerri Galiiwwanii Feederaalaa fi Komishiniin Gumuruka Fedaraalaa Waliin ta'uun Hojii Misoomaa Korriiderii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuuf Meeshaalee Adda Addaa Tilmaamaan Qarshii 40,000,000 olitti tilmaamamuun deeggaranii jiru.