Hospitaalli Ispeeshaalaayizdii Sammuu Amaanu’eel bara baajataa 2017 ji’oota 6 jalqabaa keessatti daa’imman dabalatee namoota 66,741 ta’aniif tajaajila yaala sammuu kennuu beeksiseera.
Kunis deddeebiin, ciibsanii yaaluu fi yaala hatattamaan kan kennaman yoo ta’u, isaan keessaa kutaaleen hawaasaa 36,300 tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa irraa fayyadamoo ta’uu isaaniis ibsameera.
Hospitaalichi hojiirra oolmaa karoora isaa ji’oota 6 jalqabaa bara baajataa 2017 ALI bakka bu’oota hawaasaa waliin gamaaggameera.
Gamaaggama raawwii hojii kanarratti gabaasni dhiyaate akka agarsiisutti, ji’oota 6 darban keessatti dhukkubsattoonni yaala sammuu argatan keessaa 64,256 tajaajila yaala dedeebi’anii yaalamuu kan aragatan yoo ta’u, isaan keessa daa’imman 257 akka argaman ibsameera.