Qaamni biraa manicharra ture kufuun miidhaa yoo geessise kan itti gaafatamu nama manicha keessa ture(occupier) yoo ta'u qaamumti manichaa kufuun miidhaa kan geessise yoo ta'e garuu kan itti gaafatamu abbaa manaati (owner)
Art. 2081.
Machines and motor vehicles
1. Owner.
(1) The owner of a machine or motor vehicle shall be liable for any damage caused by the machine or vehicle, notwithstanding that the damage was caused by a person who was not authorised
to operate, handle or drive the machine or vehicle.
(2) He shall not be liable where he proves that, at the time when the damage was caused, the machine or vehicle had been stolen from him.
Muraan tokkoffaan, abbaan machine sanaa ykn konkolaataa mootoraan socho'u sanaa namni machine sana sochoosu, ykn oofu, ykn qabu eyyama kan hin qabne yoo ta'ellee machiniin ykn konkolaataan balaa yoo geessisee argame itti gaafatamaa ta'a jechuudha.
Defence addaa seeraan tumamee jiru kan muraa 2ffaa irraa,,, yeroo balaan sun qaqqabe machine sun ykn konkolaatichi hatamee kan jiru ta'uu mirkanoofnaan itti gaafatamni abbaa machinii ykn konkolaataa hafaa ta'a.
Kwt 2082 fi 83 mata duree olitti ilaalaa turreen kan walfakkaatu waan ta'eef kwt 2084 ha ilaallu.
Art. 2084.
Collision between vehicles.
(1) Where two motor vehicles
are in collision, each of the vehicles shall be deemed
to have contributed
equally to the accident.
(2) The owner of each vehicle,
or the person responsible
for it, shall bear half the total amount of the damage
resulting from the accident.
(3) The provisions of this Article shall not apply where it is proved that the accident
was due, entirely or chiefly,
to the fault of one of the drivers.
Kan faallessu, yoo mirkanaa'e malee akka qajeeltootti konkolaataawwan 2 kan walitti bu'an yoo ta'e lamaanuu balaa dhaqqabeef walqixa akka gumaachan tilmaamama, walqixa itti gaafatamus.
Inni biraan manufactured goods ( wantoota hojjetaman) warreen ta'aniidha. 2085
Bu'aa argachuuf yaadee, mi'oota ykn wantoota hojjechuun uummataaf ifaa namni godhuun gurguru, haalaan nama itti fayyadamurra mi'oota kanaan miidhaan kan qaqqabu yoo ta'e abbaan hojjatu sun itti gaafatamaa ta'a.
Faayidaan saamunaa ittiin miiccuuf yoo ta'u namni nyaatee miidhaan irra gahe haalaan ykn faayidaa mi'ichaaf itti hin fayyadamne waan ta'eef abbaan manufactured godhe itti hin gaafatanu.
Muraa 2ffaan ammoo fkn expiry date, utuu ilaaluu qabuu maamilli utuu hin ilaalin fayyadamee miidhaa qaqqabeef abbaan manufactured godhe ammas itti hin gaafatamu.
Kwti 2086(1) itti gaafatamni bineelda, machiniifi vehicle, manufactured goods akkasumas mi'oota industirii keessaa bahaniin miidhaa qaqqabuuf namni itti gaafatamaadha jedhame, balleessaa dhabuu isaaniitiin, sababi miidhaa baramuu dhabuu isaan, miidhicha ittisuu dhadhabuu isaanii, ykn miidhichi kan qaqqabe balleessaa nama 3ffaa ta'uu isaa hubachiisuun itti gaafatama jalaa bahuu hin danda'ani.
Muraa 2ffaa jala kan jiruun ammoo balichi kan qaqqabe gartokkeen ha ta'u guutummaan balleessaa miidhamaa yoo ta'ee argame garuu itti gaatafama jalaa bahuu nii danda'u.
Kwt 2086 haga 2089 gidduu warreen jiran defence (ittisa) yaadamanii kan tumamaniidha.
Kwti 2087 other objects warreen jedhaman warreen 2071, 2077, 2081-2082, fi 2085 jalaan ala warreen ta'an yeroo isaan balaa ykn miidhaa geessisan hogganuuf yaadameeti.
Kutaa itti aanutti Itti gaafatamummaa balleessaa nama biroof dhufu ( vicarious liablity) ilaalla.
Itti fufa,,,,,
#Gammex