Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn) @gzrk4wmme0 Channel on Telegram

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

@gzrk4wmme0


Seera wallaaluun itti gaafatamummaa jalaa nama hin baasu,,s/h/h keewwata 2035(2)

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn) (Amharic)

ፉላ ሁባኖ ሰራበላ ብሊሳ (ጋማቹ ደሳለኝ) በሚገኘው መረጃ እዚህ የሚታደሰው ልዩ ውይይት ነበር። ይህ ታሪካ፣ ተጠቃሚ እና መገናኛዊ የቴሌግራም ፕጁን ለመቀየሩ ነው። ስለ እርስዎ ምክር ቤትህ ያላቸዉ ድህረ ወገኖችን እና ሰውነታቸዉን በአማርኛ እንዲሆኑ እንጠቀሙ። ይህ ፖለቲን ፕጁን በበኩላበት ርእስ ውስጥ መጪው ቢገባቸው እርስዎ ፈታ እንባኮምም። ፉላ ሁባኖ ሰራበላ ብሊሳ (ጋማቹ ደሳለኝ) የሚገኘው መረጃ እዚህ ማገናኘት ይሆንልን። ማንኛውም ሰው ውስጥ ያግኙታል። ጠቅላይቱ ዓለም ዓቁብ አንተን እና ገለአትህን እንኳን አዘንብሃለን።

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

13 Oct, 18:34


Akkam jirtu Hordoftoota fuula page kanaa?

Hubannoon seeraa gabaabinaan 'Seera itti gaafatamummaa waliigalteen alaa' irratti kennamaa jiru gara xumuramuutti deemaa jira,,,kana waan ta'eef;

1. Itti aanee hubannoon seeraa seera maaliirratti ha kennamu kan jettan ammumaan itti yaadaa kara keessaa nu beeksisaa,,,

2. Warreen logo hojjechuu dandeessan loogoo bareedaa fuula page kanaa nuuf hojjedhaa kara keessaa nuuf ergaa,,,

Walitti deebina,,,

Gammachuu Dessaaleny

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

13 Oct, 18:24


Channel name was changed to «Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)»

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

04 Oct, 07:58


BEENYAA MURTEESSUU

Beenyaan kaffalamu hanga miidhaa qaqqabeen walgituu qaba. 2091 rule of equivalence

Kaayyoon Qajeeltoo kanaa miidhamaa utuu miidhaan hin qaqqabin dura bakka turetti deebisuu osoo hin taane miidhamaa utuu miidhaan hin qaqqabne ta'ee har'a bakka jiraachuu danda'uu fi gahu kaa'uudha.

Qajeeltoon kun exception (haala addaa) nii qaba. Kwt 2098 (yeroo miidhamaan balleessaa qabaatu)

Inni biraan qajeeltoon manni murtii ittiin beenyaa murteessu, akkasumas exception keewwata 2091 ta'e kwt 2099 Discretionary mitigation qajeeltoo jedhamuudha.

2099-2103,,,2157

Garuu qajeeltoon kun hojiirra kan oolu yeroo fault based liabilityn jiraate qofadha.

Kwt kana jelatti manni murtii yeroo balleessaan raawwate nama umuriin, rakkoo sammuun fi kkfn waan raawwate hin beenneen raawwatamu qajeeltoo hojiirra ooluudha.


Inni 3ffaan OPTIONAL DAMAGES
Qajeeltoo jedhuudha. 2074 fi 2075 &2078

Filannoo mana murtiin osoo hin taane filannoo himatamaatiin beenyaa beenyaa'amuudha. Exception isaa 2074(2)& 2078(2) jala jira.


Inni dhumaa NOMINAL DAMAGES kan jedhamuudha.

Akkuma beekamu himataan hamma miidhaa qaqqabe prove gochuun dirqama isaati. As keessatti garuu himataan himata dhiyeessee hamma miidhaa qaqqabe utuu hin hubachiisin badii raawwatame qofaaf nii beenyaa'ama.
2104,,,2141,,


Miidhaa haamilee beenya'uun walqabatee manual guideline wanti ta'e Eth keessa hin jiru.

Kan faayidaa irra jiru kwt 2116 (3) qofadha.

Qarshii 1-1000 ,,,fi yeroo barbaachisetti ammoo qarshiin hafee bifa biraan beenya'uun nii dandaa'ama.,,,,




Itti fufa,,,,,

Gammachuu Dessaaleny

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

04 Oct, 07:24


Seerri itti gaafatamummaa waliigalteen alaa kan biyya keenyaa kutaa gurguddaa lamatti qoodnee ilaaluu nii dandeenya;

1. Itti gaafatamummaa; madda itti gaafatamummaaf Akkaataa isaa.

2. Beenyaa; hanga beenyaa, hanga miidhaa, gosa beenyaa, akkaataa beenyaan itti gaafatamuufi yoom akka gaafatamu hunda of keessatti qabata.

Waa'ee itti gaafatamummaa ( itti gaafatamummaan akkamiin fi yoom akka dhufu, maddoota isaa) kana dura gabaabsinee ilaallee jirra.

Amma immoo gabaabinaan waliigala maalummaa beenyaa ilaaluuf yaalla.

Waa'een beenyaa yeroo ka'u waa'een miidhaas walumaan ka'a. Miidhaa dantaa ykn mirga eegumsa seeraa qabu irra qaqqabu.

Manni murtii waa'ee beenyaa osoo hin murteessin dura miidhaaf hanga miidhaa baruu qabu.

Seera qabnu jalatti miidhaan qaqqabe jedhamu;

1. Miidhaa ifaa ( material damage) 2090-2104 fi

2. Miidhaa haamilee ( moral damage) 2105-2117 jedhamuun bakka 2tti qoodamu.

Miidhaan ifaa (material damage) kan jedhamu kun ammas deebi'ee bakka 2tti qoodama.

1. Miidhaa qaqqabee jiru ( present material damage)

2. Miidhaa fuula duraa (Future material damage) jedhamu.


Miidhaa qaqqabee jiru ( present material damage) kun ammas deebi'ee bakka 2tti qoodama.

1. Damnum-emergens- kisaaraa ykn baasii mudate

Qabeenyi miidhamaa gocha badii himatamaatiin jalaa hir'achuu,, barbadaa'uu fa'iin fi

Miidhamaan akka itti gaafatamu gochuu,,,fkn nama 3ffaaf itti gaafatamuu himataa faa dabalata.


2. Lucrum cessans- galii hafe

NB; miidhaa qaqqabee jiru ( present material damage) fi miidhaa fuula duraa (future material damage) gidduu garaagarummaan adda baasu guyyaa murtiin kennamuudha.

Kana malees miidhaan fuula duraa miidhaa hin qaqqabne garuu gara fuula duraatti qaqqabuunsaa kan hin oolle fi kan mirkanaa'e ta'uu qaba. 2092

Miidhaa ifaan (material damage) baratamaatti qarshiin( pecuniary) dhaan kan beenya'amu yoo ta'u, haala addaan (exception) garuu dirqama seerri kaa'e ilaalcha keessa galchuun pecuniary tti dabalata ykn jijjiiruun non pecuniary beenyaa jedhaman beenya'uun nii dandaa'ama. 2090 1&2,,,2118-2123

Miidhaa haamileetti yeroo deebinu ammoo miira ykn haamilee miidhamaan miidhaa walqabatuudha.

Aarii, gadda, jeeqamaafi kkf miidhamaa.

Akka qajeeltootti miidhaan haamilee qarshiin hin beenyaa'amu. Sababni isaas haamilee miidhamaa xuqame qarshiin tilmaamuun waan rakkisuuf. 2105

Kanaafuu manni murtii beenyaa haamilee qarshiin murteessuun dura, haalli ykn karaan mijataan haamilee miidhame deebisanii hirphuuf dandeessisu jiraachuuf dhiisuu isaa adda baasuu qaba.

Yoo haalli biraa hin jiraanne miidhaa haamilee bu'uura kwt 2106-2117 tti beenya'uun nii dandaa'ama.

Inni biraan wanti hubatamuu qabu, miidhaa haamilee qarshiin yeroo beenya'amu qarshii 1000 hin caalin malee isaa gaditti murteessuun nii dandaa'ama 2116(3)

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

17 Aug, 06:18


https://t.me/GZRK4wMmE0

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

07 Aug, 11:06


Kutaa itti aanutti Waliigala Beenyaa seera itti gaafatamummaa waliigalteen alaa ni ilaalla.


#Gammex
Itti fufa,,,

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

07 Aug, 11:06


Itti gaafatamummaa balleessaa nama biroon dhufu (vicarious liability.)

Yaadi kun keewwata 2027 (3) irratti cuunfamee kaa'amee jira.

Art. 2027
Sources of extra-contractual liability.
( 1 ) Irrespective of any undertaking on his part,
a person shall be liable
for the damage he causes to another by an offence.
(2) A person shall be liable,
where the law so provides,
for the damage he causes to another by an activity in which he engages or by an object
he possesses.
(3) A person shall be liable
where a third party for whom
he is answerable in law incurs
a liability arising out of an offence or resulting from
the law.


Namni biroon sun balleessaa waan raawwateef (fault based) ykn seera irraa waan maddeef (strict liability) itti gaafatamummaa dhufuudha.

2124--2136,cum 2027(3)

Seerri kun kan hogganu, nama miidhaa geessiseef nama itti gaafatamummaa baatu gidduu jiruudha.

Mata duree kana jalatti namoota sadiitu argama.

1. Nama miidhaa geessise (principal defendant jechuu dandeenya)

* ijoollee,, hojjetaa mootummaa,, hojjetaa,,

2. Nama miidhaa qaqqabeef itti gaafatamu (Vicarious defendant jechuu dandeenya)

*Maatii,,mootummaa ykn hojjechiisaa,,

3. Miidhamaa (victim)

Tumaa seeraa Kutaa kanaa bakka adda addaatti qoodnee ilaaluu ni dandeenya.

1. Kwt 2124 fi 2125

Itti gaafatamummaa maatii- balleessaa ijoolleen
balleessaniif dhufuudha.

Bu'uura s/h/h kwt 2124tiin Abbaan (father) jalqabarratti kan itti gaafatamu yeroo ta'u bakka abbaan hin jirretti ykn mucaan maatii bira hin jirretti ammoo bu'uura kwt 2125 tiin akka ykn bakka abbaa itti gaafatamoo warreen ta'an tarreeffamanii jiru.

Ijoolleen (minors) eenyuudha kan jedhuuf bu'uura seeraatiin seerri ijoollee(minor) warreen jedheeniidha. S/h/h kwt 198

* Haati ijoollee bakka Itti gaafatama abbummaa raawwachaa jirtutti, fakkeenyaaf abbaan yoo lubbuun hin jirre,,ijoollonni balleessaa yoo raawwatan kan itti gaafatamtu ta'a. (2125(a))

* Ijoolleen eegumsa ykn to'annoo maatiin alatti eegumsaaf bakka biraa utuu jiranii badii kan taawwatan yoo ta'e yeroo badicha raawwatan namuma to'annaa ykn eegumsa isaa jala turantu itti gaafatamaa ta'a. 2125 (b)

Fkn ijoolleen yeroo firaaf kennaman maatii bakka itti kennamaniifi orphanage institutions warreen jedhaman.

* Ijoolleen utuu mana barumsaa jiranii balleessaa balleessaniif Hogganaa( headmaster,,school director) itti kan gaafatamu yeroo ta'u, Leenjii ogummaa (Apprenticeship) irra utuu jiranii balleessaa kan raawwatan yoo ta'e garuu hojjechiisichi akka itti gaafatamu kwti 2125(c) n tumee jira.

Inni biraan, kwti 2126-2128 jalatti tumamanii kan jiran hariiroo mootummaaf hojjetoota isaanti state-employee.

Akkuma kwt 2126 (1) irra hubatamu, akka qajeeltootti hojjetaan mootummaa tokko balleessaa ofii raawwateef itti gaafatamaa nii ta'a. Kwt 2028 waliin walfakkaata.

Haala addaa muraa 2 fi 3ffaa jalatti kaa'ee jira.

Balleessicha kan raawwate utuu hojii mootummaa (professional fault) hojjechaa jiru yoo ta'e miidhamaan mootummaarraa beenyaa gaafachuu nii danda'a. 2126(2)

Garuu badii kan raawwate balleessaa dhuunfaan yoo ta'e mootummaan itti gaafatamuu hin danda'u. 2126 (3)

Kwti 2127 (1) ffaan professional fault ykn balleessaa hojiirraa kan jedhanu hiikkaa itti kennuuf yaaleera.

Balleessicha kan raawwate, aangoo isaaf kenname keessa ta'ee gaarii waan godhaa jiru itti fakkaachuun kan raawwate yoo ta'e professional fault jedhama. 2127(1)

Kanarra kan darbe garuu akka balleessaa dhuunfaatti ilaalama.

Mana hojii mootummaa hin ta'in keessatti professional fault wanti jedhamu hin ka'u.
Kwt 2129 fi 2130 jalatti tumamaniiru.

Isaan kun private sector jedhamu.

Kan jara kanaa professional fault utuu hin taane discharge of duties jedhama. 2131 jalatti hiikoon itti kennamee jira.

Utuu hojiisaa hojjetaa jiruu (discharge of duties) kan jedhamu, balleessaa hojiisaa 'hojjechuuf badii dalage' balleessaa jedhamudha. 2131 (1)

Inni biraan Independent workers- client

Bu'uura keewwata kanaatiin (2134) nama of danda'ee hojii hojjetu akkasumas, aangoof kallattii ofii isaatiin hojii hojjeteef ofumaan itti gaafatama.

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

07 Aug, 11:05


Akkam jirtu? Hubannoon seeraa walitti fufiinsaan kennamaa ture rakkoo addaa mudateen adda citee kan ture tooratti deebi'eera!

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

25 Mar, 17:26


https://t.me/GZRK4wMmE0

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

25 Mar, 10:14


Qaamni biraa manicharra ture kufuun miidhaa yoo geessise kan itti gaafatamu nama manicha keessa ture(occupier) yoo ta'u qaamumti manichaa kufuun miidhaa kan geessise yoo ta'e garuu kan itti gaafatamu abbaa manaati (owner)

Art. 2081.
Machines and motor vehicles
1. Owner.
(1) The owner of a machine or motor vehicle shall be liable for any damage caused by the machine or vehicle, notwithstanding that the damage was caused by a person who was not authorised
to operate, handle or drive the machine or vehicle.
(2) He shall not be liable where he proves that, at the time when the damage was caused, the machine or vehicle had been stolen from him.


Muraan tokkoffaan, abbaan machine sanaa ykn konkolaataa mootoraan socho'u sanaa namni machine sana sochoosu, ykn oofu, ykn qabu eyyama kan hin qabne yoo ta'ellee machiniin ykn konkolaataan balaa yoo geessisee argame itti gaafatamaa ta'a jechuudha.

Defence addaa seeraan tumamee jiru kan muraa 2ffaa irraa,,, yeroo balaan sun qaqqabe machine sun ykn konkolaatichi hatamee kan jiru ta'uu mirkanoofnaan itti gaafatamni abbaa machinii ykn konkolaataa hafaa ta'a.

Kwt 2082 fi 83 mata duree olitti ilaalaa turreen kan walfakkaatu waan ta'eef kwt 2084 ha ilaallu.

Art. 2084.
Collision between vehicles.
(1) Where two motor vehicles
are in collision, each of the vehicles shall be deemed
to have contributed
equally to the accident.
(2) The owner of each vehicle,
or the person responsible
for it, shall bear half the total amount of the damage
resulting from the accident.
(3) The provisions of this Article shall not apply where it is proved that the accident
was due, entirely or chiefly,
to the fault of one of the drivers.

Kan faallessu, yoo mirkanaa'e malee akka qajeeltootti konkolaataawwan 2 kan walitti bu'an yoo ta'e lamaanuu balaa dhaqqabeef walqixa akka gumaachan tilmaamama, walqixa itti gaafatamus.

Inni biraan manufactured goods ( wantoota hojjetaman) warreen ta'aniidha. 2085

Bu'aa argachuuf yaadee, mi'oota ykn wantoota hojjechuun uummataaf ifaa namni godhuun gurguru, haalaan nama itti fayyadamurra mi'oota kanaan miidhaan kan qaqqabu yoo ta'e abbaan hojjatu sun itti gaafatamaa ta'a.

Faayidaan saamunaa ittiin miiccuuf yoo ta'u namni nyaatee miidhaan irra gahe haalaan ykn faayidaa mi'ichaaf itti hin fayyadamne waan ta'eef abbaan manufactured godhe itti hin gaafatanu.

Muraa 2ffaan ammoo fkn expiry date, utuu ilaaluu qabuu maamilli utuu hin ilaalin fayyadamee miidhaa qaqqabeef abbaan manufactured godhe ammas itti hin gaafatamu.

Kwti 2086(1) itti gaafatamni bineelda, machiniifi vehicle, manufactured goods akkasumas mi'oota industirii keessaa bahaniin miidhaa qaqqabuuf namni itti gaafatamaadha jedhame, balleessaa dhabuu isaaniitiin, sababi miidhaa baramuu dhabuu isaan, miidhicha ittisuu dhadhabuu isaanii, ykn miidhichi kan qaqqabe balleessaa nama 3ffaa ta'uu isaa hubachiisuun itti gaafatama jalaa bahuu hin danda'ani.

Muraa 2ffaa jala kan jiruun ammoo balichi kan qaqqabe gartokkeen ha ta'u guutummaan balleessaa miidhamaa yoo ta'ee argame garuu itti gaatafama jalaa bahuu nii danda'u.

Kwt 2086 haga 2089 gidduu warreen jiran defence (ittisa) yaadamanii kan tumamaniidha.

Kwti 2087 other objects warreen jedhaman warreen 2071, 2077, 2081-2082, fi 2085 jalaan ala warreen ta'an yeroo isaan balaa ykn miidhaa geessisan hogganuuf yaadameeti.




Kutaa itti aanutti Itti gaafatamummaa balleessaa nama biroof dhufu ( vicarious liablity) ilaalla.

Itti fufa,,,,,
#Gammex

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

25 Mar, 10:14


Akkuma ilaalaa turre bu'uura seera hariiroo hawaasaa kwt 2027 (2) irratti itti gaafatamummaan balleessaa malee dhufu wantoota lama; taatee (activity) itti gaafatamaan keessaa qabu fi wantoota inni harka keessaa qabuun (objects) miidhaan yoo nama biraarra qaqqabe akka ta'e ilaalaa turreerra.

bu'uura muraa kwt kanaatiin objects warri jennu, animals (bineelda), ijaarsaawwan ( building ) fi maashinootaa fi konkolaattota warreen ta'aniidha.

Kanaafuu warreen olii kun nama biraarra miidhaa kan geessisan yoo ta'e abbaan qabeenyaa qabeenyota olii irrespective of fault itti gaafatamaa ta'a jechuudha.

Art. 2071.
Liability for animals.
1. Owner.
The owner of an animal shall be liable for any damage caused by the animal, notwithstanding that it has eluded his control accidentally or the damage caused was unforeseeable.


Akka keewwata kanaatti, bineeldi jedhame akka tasaa miliquun yoo miidhaa geessisellee, hin geessisa jedhamee miidhaa hin yaadamne yoo geessisellee itti gaafatamaa ta'uun abbaa bineelda kanaa hin hafuuf jechuudha.

Kwt 2071 waayee itti gaafatama abbaa qabeenyaa bineeldaa (animals) yoo ta'uu 2072 jalatti ammoo waayee eegduu (custodian) bineelda sanaa haasa'a.

Kwt 2072 jalaa kan hubatamu, eegduu warreen jedhaman, itti fayyadamuuf harkasaa kan jiru, kireeffachuun, ergifachuun, eeguuf, ykn dhimma biraaf harkasaa bineelda jirtu jechuu yeroo ta'u, wantoota olii kanaaf utuu isa bira jirtuu miidhaa kan geessifte yoo ta'e itti gaafatamaa ta'a jechuudha.

Namni bineeldi utuu eegduu (custodian) harka jiruu bineelda sanaan miidhaan irra gahe carraa sadii fayyadamuu danda'a.

1. Bu'uura kwt 2071 tiin abbaa bineelda sanaa irraa miidhaa qaqqabeef beenyaa gaafachuu ykn

2. Bu'uura kwt 2072 tiin eegduu sanarraa beenyaa gaafachuu ykn

3. Bu'uura s/d/f/h/h kwt 36 ykn bu'uura shh kwt 2155 tiin isaan lameen bakka tokkotti himachuu nii danda'a jechuudha.

Abbaan bineeldichaa garuu, nama miidhame kan beenya'e yoo ta'e eegduu sanarraa gaafatachuu nii danda'a. Bineeldichi miidhaa kan geessise balleessaa abbaa bineeldichaan hin ta'in malee ykn balleessaa itti gaafatama isaa jala nama buluun hin ta'in malee beenyaa beenya'e guutummaa isaa akka isaaf deebi'u gaafatachuu nii danda'a. (2073)

Kwt 2074 waayee bineeldota madaqanii kan haasa'u yoo ta'u, bineeldonni madaqan kunneen qabeenya namaa irra miidhaa kan geessisan yoo ta'e, abbaan bineeldota madaqanii kanaa nama miidhaan kun irra gaheef beneeldota kana gadhiisuufiidhaan itti gaafatama jalaa bahuu nii danda'a jedha.

bu'uura kwt kanaatiin Bineeldota madaqan warreen jedhaman, warreen itti fayyadamuuf, ykn gammachuuf itti fayyadamnu warreen ta'aniidha. 2074

Kwt 2077, Mana/ ijaarsaawwan

Buildings.
1. Principle.
(1) The owner of a building shall be liable for any damage due to the Building even where the damage was unforeseeable.
(2) The owner may claim compensation from the person who built the building, from the occupier or from the person
by whose fault the damage
was caused.


Kwt 2077, abbaan ijaarsaa/manaa/ manichi miidhaa qaqqabsiisu kamuuf itti gaafatamaa ta'a.

Kwt kana muraa lama jalatti ammoo, abbaan qabeenyaa manaa manicha nama hojjeterraa, nama keessa jiraaturraa, nama balleessaasaan miidhaan gaherraa beenyaa gaafachuuf mirga qaba jedha.

Akka keewwattoota waayee bineeldotaaf tumamee jiruu osoo hin taane asitti wanti wanti waldhahee jiru,
Manichi kan miidhaa geessise utuu namni biroon keessa jiruu yoo ta'eedha.

Akkas jechuun manichi kan miidhaa geessise utuu abbaan manaa (owner) manicha ofiin qabatee ykn itti fayyadamaa jiruu yoo ta'e kanaaf tumaan seeraa ifatti jira garuu manichi kan miidhaa geessise utuu namni biraan itti fayyadamaa jiruu fkn possessor faa ta'e tumaan seeraa kallattiin hin jiru.

Kwt 2080, mana tokkorraa wanti socho'aan kufee miidhaa nama biraarraan yoo geessise namni manicha keessa jiraatu itti gaafatamaadha.

Kara biraa manichi gartokkee ykn guutummaan isaa kufee miidhaa kan geessisu yoo ta'e garuu bu'uura kwt 2077 tiin hogganama.

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

14 Mar, 11:36


Akkam jirtu?
Seera itti gaafatamummaa waliigalteen alaa (Tort law) irratti hubannoon kennamaa jiru akkuma itti fufetti jira.

Har'a dhimma (case) dhiyeenya murtaa'eefi barsiisaa ta'e isiniif qooduuf Gara afaan oromootti hiikee dhiyeesseera!

Dhimmichi kan murtaa'e Dhaddacha ijibbaataa mana murtii waliigalaa naannoo kibba lixa (south west) Itiyoophiyaatti.

Maqaan walfalmitootaa jijjiirameera.

Aadde Tigist Haadha ishee kan taate Aadde Roman irratti " Himatamtuun (haadhishee) ga'ee dhaala du'aa abbaa kootii (obbo Wondimmuu) utuu naaf hin qoodin guutummaasaa qabattee waan jirtuuf gaheekoo akka naaf qoodduuf itti naaf ha murtaa'u jechuun mana murtii olaanaa bench -Sheko jedhamutti himata dhiyeessiti.

Kun kanaan utuu jiruu giddu-lixaa obbo Temesgen ammoo " Du'aan ykn Obbo Wondimmuun utuu hin du'in dura qabeenya isaanii kan himatamtuu waliin horatan gahee isaanii keessaa 75% dhaamoodhaan naaf dabarsanii waan du'aniif bu'uura dhaamootiin naaf ha raawwatu jechuun gidduu gala.

Himatamtuun deebiishee keessatti himata himattuu guutummaa guutuutti amanteetti.

Kun erga ta'ee manni murtii olaanaa kunis dhaamoo jedhame kana qorachuu eegala.

Dhaamochi dhaamoo ifaa (public will,,kwt 881) dha.

Ragooleen giddu lixaa dhiyaatanii,,bifuma walfakkaatuun kan isaan ragaa bahan,, dhaamoon sun bakka arfan isaanii bakka tokkotti argamanitti kan hin dubbifamneefi kan hin mallattoofne ta'uu isaa jecha ragoolee irraa qulqullaa'uu danda'eera. Dubbifameera, mallattaa'eeras! Garuu bakka hundisaanii bakka tokkotti argamanitti miti malee!
Kara biraa dhaamochi ragoolee arfaniif bakka adda addaatti dubbifameefii bakka adda addaatti itti mallatteessani jechuudha.

Manni murtichaas " kaayyoon kwt 881 'dhaamoon ifaa bakka dhaamoo kennaa fi ragooleen afur jiranitti dubbifamuufi ta'uu kanaas ibsamuufi hundi jaraa akkasanaan itti mallatteessuu qabu kan jedhamee ulaagaan kwt 881 (2) fi (3) jalatti kaa'ame waan biraaf osoo hin taane jechi dhaamoorra kaa'ame jecha du'aa ykn dhaamo kennaa ta'uu isaa shakkii akka hin qabaanneef" jechuun dhaamoon dhaamame FUDHATAMA qaba (valid) jechuun murteesse.

Himattuun kana komachuun oliyyata gara mana murtii waliigala naannawaa uummattoota kibba lixa itiyoophiyaatti gaafattus manni murtichaa murtii mana murtii jalaa cimseera!

Dhumarratti oliyyattuun (himattuun jalaa) dhimmichi dogoggora bu'uuraa hiikkaa seeraa waliin walqabate qaba jechuun gara mana murtii dhaddacha ijibbaata Naannawaa sanaatti dhiyeeffachuun manni murtichaas nii dhiyeessisa jechuun waamamaa (giddu-lixaa jalaa) waamsisuun erga walfalmisiisee booda murtii kanaa gadii kennee jira.

Dhaamoo ifaan (public will) tokko gatii qabaachuuf bakka dhaamo-kennaan (testator ) fi ragaan nama afur argamanitti dubbifamuufi akka sanaan itti mallatteeffamuu akka qabu manni murtichaa kaaseera.

Kunnneen utuu hin guutamin dhaamoon dhaamame bu'uura shh kwt 881 (2)&(3) tiin dhaamoo kufaadha jechuun ibsa dabalataa kaa'eera.

Kana qofaa utuu hin taane, dhaamoon ifaan bakka dhaamo kennaan, fi bakka ragooleen arfanuu argamanitti hin dubbifamneefi dubbifamee akka xumurameen akka sanaan jara oliin hin mallattoofne dhaamoo kufaa akka ta'e murtii mana murtii waliigala dhaddacha ijibbaata federaalaa lakk galmee 59268 jildii 11ffaa caamsaa 3, 2003 murtaa'erraa hubachuun akkuma danda'amu dhaamoon bu'uura shh kwt 881 (2)&(3) tiin hin taasifamne kufaadha jechuudhaan manni murtii dhaddacha ijibbaata naannawaa kibba-lixa itiyoophiyaa dhaamoo ifaa giddu-lixaan dhiyeeffate kana kufaa godheera. Dhumarrattis himattuun (mucaa du'aa) dhaaltuu kophaa du'aa abbaa isheetii akka taate murteesseera.

Seera ifaan barreeffameefi hiikkaa hin barbaanne akka fedha ofiitti hiikkuun hin dandaa'amu!

Galatooma,,,
Via,,zu

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

12 Mar, 11:56


2069 (1) A person who exposes another to abnormal risk, by using or storing explosive or poisonous substances, or by erecting high-tension electric transmission lines, or by modifying the lie of the
land, or by engaging in an exceptionally dangerous industrial activity, shall be liable where the danger he has created materializes, thereby causing damage to another
.

Keewwati kun hojii balaafamaa ilaallata.

Yaadi waliigalaa keewwatichaa,

Namni tokko waan dho'u, summii warreen ta'an hojiirra oolchuu, ykn kuusuun ykn sarara humna elektirikaa cimaa ta'e diriirsuun ykn uumama lafaa jijjiiruun ykn hojii industirii balaafamaa ta'e hojjechuun hojiinsaa kun ammoo nama biraarratti miidhaa kan qaqqabsiise yoo ta'e miidhaa qaqqabeef itti gaafatama ta'a jechuun kaa'a.


Muraa 2ffaa irratti ammoo kana kan godhe mootummaas ykn hojiin kun abbootii taayitaan kan eyyamameef yoo ta'eyyuu itti gaafatama jalaa bahuu hin danda'u.

Wanti dho'u maalif dho'e,,, waan barbaadeef ha dho'u (hawaasa fayyaduufis yoo ta'e) garuu dho'ee miidhaa yoo geessise itti gaafatama nii hordofsiisa.

Summii (summii fayyadu kan akka aramaaf fayyadu faas yoo ta'e) miidhaa kan geessise yoo ta'e itti gaafatama nii hordofsiisa.

Kwt 2070,,, balleessaan yoo jiraate malee qabeenyaa ollaa irra sababa balaa qaqqabeef miidhaan yoo qaqqabe itti gaafatama hin hordofsiisu jechaa jira.
Amaariffi isaa "በአደጋ ምክንያት የደረሰ መበላሸት" yoo jedhu English isaa ammoo,,,,,,," property is reduced" jedha.
Kanaafuu guutummaan guutuutti kan hojii ala ta'e yoo ta'e itti gaafatama fiduu mala?


Gaaffiin yoo ka'e ballisnee ilaalla!

Itti fufa,,,,

#Gammex

Fuula Hubannoo Seeraa Bilisaa (Gamachu Desalegn)

12 Mar, 11:56


Keewwati 2027 (2) fi kwt 2066---

Keewwatichi Waa'ee namni tokko balleessaa isaa malee haala inni itti gaafatamummaa fudhatu kan ibsu yoo ta'u kunis, seeraan ifatti yoo tumame qofa raawwatiinsa kan qabaatuudha.

Yeroo akkasii kana namni himatamaa ( itti gaafatamaa) himatu kaninni mirkaneessuuf (prove) gochuuf dirqama qabu, balleessaa osoo hin taane miidhaa fi hidhata (causation) qofa akka ta'e hafuura seerichaarraa hubachuun nii dandaa'ama.

Balleessuu dhiisuun himatamaa akka ittisaatti (defence) dhiyaachuu yoo baates garuu balleessaan (fault) miidhamaa akka ittisaatti dhiyaachuu akka danda'u yaada waliigalaa kutaa xiqqaa kanaarraa hubachuun nii dandaa'ama.

As keessatti maddi itti gaafatamummaa seera dha.

Kan biraan qabeenyi to'annoo isaa jala jiru miidhaa kan dhaqqabsiise yoo ta'e ,,, ha jedhu malee taatee (activities) fi objects hunda kan walqabate osoo hin taane kanneen seerri ifatti tumeen wal qabatee miidhaan yoo qaqqabe qofa itti gaafatamummaa hordofsiisa jechuudha.

Sanas ta'u sana himataan kaninni mirkaneessuuf dirqamu;

1. Taatee himatamaan keessatti hirmaate ykn qabeenyi to'annoo himatamaa jala jiru miidhaa geessisuu fi kunis seeraan ifatti kan dhorkame ta'uu isaa mirkaneessuu,

2. Sababoota olii kanaan miidhaan qaqqabuufi

3. Hidhata miidhaa tarree 2ffaa fi sababa tarree 1ffaa irratti eeramanii walqabsiisuun mirkaneessuu qaba.

Kana utuma jennuu himatamaan tasumaa ittisa hin qabu jechuu miti.

Ittisa waliigalaaf kan addaa nii qabaata.

Kanas baayyee isaa tokko tokkoon keewwattootaa jalatti teechifamanii jiru.

2066 haga 2089 tti.

Fakkeenyaaf kwt 2066 ha ilaallu.
Haala dirqisiisaa keessatti miidhaa geessisuu!

"A person shall be liable for any damage he deliberately causes to another in order to save himself or another from an imminent damage to person or
property"


Kwt lammaffaan isaa kun ammoo ittisa (defence) tumameedha.

"No liability shall be incurred where the damage is due to the victim's fault".

Keewwati 2087 haga 2089 tti jiran ammoo ittisa (Defence) waliigalaa keewwattoota kutaa xiqqaa kana jala jiraniiti.

"Object" warri jedhamaniifi akka kutaa xiqqaa kanaatti warreen itti gaafatamummaa hordofsiisan, kanneen kwt 2071, 2077, 2081 fi 2085 irra warreen ifatti kaa'amaniidha.

Kwti 2066 kaninni himatamaadhaan jechaa jiru, "yoo ati hin balleessinellee namni ta'e gocha ati gooteen miidhameera waan ta'eef beenya'i " jedhaani jira.

Yaadi kun kwt 75 seera yakkaa waliin walfaallaadha.

Keewwatichi faayidaa (interest) himatamaa fi miidhamaa madaalawaa gochuuf tumame.

Kanaafiyyuu namni itti yaadee of ykn nama 3ffaa balaa beekamaaf balaa ammee ta'e jalaa ooluuf/chuuf/ yaadee nama ykn qabeenyaa nama biraarratti miidhaa geessise itti gaafatama jalaa ooluu hin danda'u jechuudha.

Inni biraan yaadi activities ykn gocha jalatti kufu miidhaa qaamaa kwt 2067 jala jiruudha.

Keewwatichi; 2067(1) A person shall be liable where by his act he inflicts bodily harm on another.

Himatamaan akka ittisaatti ykn defence tti yaadi inni kaafachuu danda'u yoo jiraate yaada kwt 2067 (2) fi 2086 (2) irra jiruudha.

Yaada akka ittisaatti ka'uu malu kwt 2067 (2) jala jiru;

"No liability shall be incurred where the act causing the harm was ordered by law or was done in legitimate self-defense, or where the harm is due solely to the victim's fault".

Yaadi self defence seera yakkaa kwt 78 fi 79 irratti ifaan kaa'amee jira.

Kanaafiyyuu seeraan osoo hin eyyamaminiif, of ittisuuf osoo hin ta'in ykn utuu miidhamaan balleessaa hin qabaatin namni qaama namaarra miidhaa geessise bu'uura kwt kanaan itti gaafatama jechuudha.

Kwti 2068 fedha ofiitiin balaa tilmaamamu ofitti fudhachuun walqabata.

Kanaafuu haala addaan ykn seera spoortii cabsuu cimaan yoo jiraate malee namni tapha spoortii keessatti taphataan tokko isa tokko ka miidhe yoo ta'e itti gaafatamummaa hin hordofsiisu.,,,

NB: keewwati kun taphataa biraa qofa osoo hin taane Daawwataas hin dabalata.


Inni biraan miidhaa bara ammaa babalina teeknoolojii waliin dhufaa jiruuf fala kaa'u kwt 2069 irra yaada jiruudha.