Raawwii Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Kurmaana 1ffaa Bara 2017
*********
(Onkoloolessa 17, 2017 MMWO, Caffee Araaraa, Finifinnee)-Manneen Murtii Oromiyaa hanqinaalee kenna tajaajilaa abbaa seerummaa fi bulchiinsa keessoo keessatti mul’atan bu’uura irraa furuuf karoora tarsiimoo Sirna Karoora Bu’aa Irratti Xiyyeeffateen qopheeffachuun erga hojiitti seenanii waggaan Afur xumuramee waggaa 5ffaan eegalamee jira. Haaluma kanaan, karoora bara 2017 irratti hoggansaa fi Hawaasa Manneen Murtii sadarkaan jiran waliin mariin taasifamee; hojilee hojjetamuu qaban, Agarsiiftuu, Ragaa ka’umsaa fi Mannii akkasumas bu’aalee bara kana eegaman irratti erga walii galameen booda hoggansa sadarkaan jiru waliin sirni Sanada Waadaa Hojii Waliif Mallatteessuu raawwatamee gara hojiitti seenamee jira. Bu’uuruma kanaa, dhimmoota Ijoo Tarsiimoo Afran(1ffaa,Qulqullina Kenna Tajaajila Abbaa Seerummaa Fooyyessu, 2ffaa, Dhaqqabamummaa, Si’oominaa fi Bu’a qabeessumma Tajaajila Abbaa Seerummaa Dabaluu, 3ffaa,Bilisummaa, Itti Gaafatamummaa fi Iftoomina Manneen Murtii mirkaneessuu,4ffaa Gaarummaa Bulchiinsa keessoo fi Dandeetti Raawwachiisummaa Manneen Murtii Cimsuu) irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Kurmaanni 1ffaa akka Manneen Murtiitti yeroo boqonnaa Abbootii seeraa yoo ta’e illee kuufama galmee maqsuuf hojii yeroo gannaa karoorfachuun hojii hojjetameen raawwiin gurguddoon kurmaana kanaa haala armaan gadiitiin qindaa’ee jira.
-----------------------------------
Haaluma Kanaan, Si’oominaa fi bu’a qabeessummaa Tajaajila Abbaa seerummaa fooyyessuu ilaalchisee Yeroon gannaa yeroo boqonnaa Abbootii Seeraa ta’us dhimmootni dhihaatan furmaata akka argataniif ol’aantummaan seeraa akka mirkanaa’eef karoorri hojii ganna addatti qophaa’uun Gumiidhaan mirkanaa’ee hojii hojjetameen Manneen Murtii sadarkaa sadanitti dhimmoota sochii irra turan Galmee 128,268 keessaa Galmeen 92,051 (%71.76) furmaata argatee jira. Galmee akka waliigalaatti murtii argatan kana keessaa Galmeen 89,092(%96.79)daangaa yeroo kaa’ame keessatti murtii argateera. Akka waliigalaatti Galii tajaajila abbaa seerummaa irraa Qr. 96,364,696.26 mootummaaf galii ta’ee jira. Dhaddachi Maatii fi Daa’immaniis dhimmoota 25,007 dhihaate keessaa 17,690(%70.74) irratti furmaatni kennamee jira.
---------------------------
Dhaqqabamummaa Tajaajila Abbaa seerummaa dabaluu ilaalchisee dhimmoota 6,066 irratt abbootii dhimmaa 19,785 Viidiyoo Konfereensiin keessummeessun baasii abbaa dhimmaa Qar.158,280,000 tti tilmaamamu hambisuun danda’amee jira. Tajaajila E-faayiliingiitiin dhimmootni 31,999 keessummeeffamee abbootiin dhimmaa 35,975 tajaajila argachuun baasiin abbaa dhimmaa Qar. 71,950,000tti tilmaamamu hanbisuun danda’ameera. Tajaajilli Abukaatoo bilisaa namoota harka qalleeyyii 4,349 kennamee baasiin Qar.21,745,000 tti tilmaamami abbootii dhimmaa irraa hambisee jira.
-------------------------
Tajaajilli Deggersaa fi Gorsa Seeraa (komii barreessuu, Deebii bareessuu fi kkf) bilisaa namoota 14,208 ta’aniif kennamee baasii Qar. 14,208,000 tti tilmaamamu hambisee jira.Dhaddachi dhaabbii fi naannawaatti itti siqeenyaan dhimmootni 1906 keessummeeffameera.Dhimmootani 6,238 Jaarsummaatti qajeelfaman keessaa dhimmootni 4114(%69.16) xumura argateera.
---------------------------------------
Manneen Murtii Aadaa sadarkaa jalqabaa dhimmoota 149,833 dhihaateef keessaa 109,161(%72.86)tti furmaata kennee jira. MM Aadaa Ol-dabarfatee dhimmoota 6,112 dhihaateef keessaa 4305 (%70.44) irratti furmaata kennee jira. Akka Waliigalaatti Manni Murtii Aadaa hundaa’uun uummatni aadaa fi duudhaa isaa ganamaatti deebisaa jiraachuu isaa irra iyyuu baasii abbootii dhimmaa tilmaama Qar. 567,330,000 abbootii dhimmaa irraa hanbisee jira.
Mana Murtii Aadaa cimsuu hedduun kan hojjetame yoo ta’u Konfereensiin Mana Murtii Aadaa Oromiyaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamee qorannoo lama karaa IKQSO fi OSU dhihaate irratti mariin gaggeeffamee jira. Murtiilee barsiisoon Mana Murtii Aadaa jildii 1ffaan kan Murtii barsiisoo 80 of keessatti hammate yeroo jalqabaatiif maxxanfamee eebbifameera.