Murni Bilxiginnaa humna sabboonummaa Oromoo cabsuun Oromiyaa afuura Itoophiyaa uffachiisee deemsisuu akka gara aangootti dhufeen piroojektii eegaleen qe'ee fi uummatni Oromoo gaaffii siyaasaaf deebii dhabuun abiddaan gubachaa jiru.
Rakkoo kanaaf Bilxiginnaan furmaata fiduu irra waraana isaa itti bobbaasee miidhaa lubbuu fi qabeenyaa irra geessisuun dabalatatti hawaasa hunda maqaa hin taane itti maxxansuun duguuggaa sanyii fi mancaatii qabeenyaa geessisaa jira.
Rakkoo kana furuuf ABO-WBO fi dhaabbileen siyaasaa biroon mareen karaa nagaa bakka qaamni 3'ffaan argamanitti haa geggeeffamu jedhanis qaamni hojii hannaa bare Bilxiginnaan karaan ani jedhe malee hin ta'u jechuun Waraana Bilisummaa Oromoo uummataan sakattaasisuu, abbootii gadaa, haadholii Siinqee, jaarsolii biyyaa fi abbootii amantaa bobbaasuun waamicha nagaa jechuun kottaa galaa jechisiisaa ture.
Haa ta'u malee mareen araaraa fedhii Bilxiginnaa guutuu dide kan Taanzaaniyaatti marsaa 2 taa'ames ta'e, diraamaan qotiyyoo, fardaa, daa'immanii fi hawaasa bal'aa dirqiin hirmaachisuun Kaaba Shaggar, Baha Shaggar, Kibba Lixa Shaggar fi Arsii keessatti lukkeelee Bilxiginnaan geggeeffames qaamolee PP waliin duruma hidhata qabanii fi ABO-WBO'n badii naamusaan of keessaa baase qofa argachuun, akkuma ABO-WBO'n irra deddeebiin mariin araaraa Bilxiginnaan fedhu nagaa fiduu hin danda'u jedhu nagaa fi tasgabbii uummatni fedhu osoo hin agarsiisin hafe.
Hojiin Bilxiginnaan gochaa jiru ammas kan Abiy Ahimediin itti fufsiisee aangoo irra tursu akka hin taane yeroo hubatu yeroo dhiyoo asi ammoo ABO fi KFO Bilxiginnaa waliin walii galchuuf maqaa Koonfirensii Maree Araaraa jedhuun Abbootii Gadaa, Jaarsolii Biyyaa, Abbootii Amantaa, Haadholii Siinqee fi namoota tokko tokko hirmaachisu har'a Guraandhala 18,2025 ganama irraa eegaluun geggeessuuf qopha'aniiru.
Namootni Koonfirensii Fakkeessii Maree Araaraa kanaaf paartiilee fi qaamolee hawaasaa irraa argaman guyyaa kaleessaa Hoteela Kiingii fi Ilillii buufatanii jiru.
Waltajjiin kun Hoteela Ilillii keessatti geggeeffama. Abbootiin Gadaa, Jaarsolii fi Abbootiin Amantii ABO fi KFO erga amansiisanii booda Bilxiginnaa waliin walitti akka fidan kallattiin itti kennamee jira.
Haa ta'u malee Bilxiginnaan rakkoo siyaasaa uummataa Oromoo furuuf bulchiinsa dhuunfaan ykn monopoly'n qabate gadhiisee bulchiinsa hunda hirmaachise akka ijaaramu ni godha jedhanii eeguuf Abiy Ahimed kanaan booda Itiyoophiyaa keessatti mootummaan ce'umsaa hin barbaachisu jedhus ABO'n Daawud Ibsaa piroojektii keenya Mootummaa Ce'umsaa Biyyoolessa Oromiyaatu fudhatame jechuun dubbachaa jiraachuu odeessi magaalaa Finfinnee irraa argame ni addeessa.
Kun kanaan osoo jiruu, murni Bilxiginnaa gama tokkoon koonfirensii araaraa rakkoo siyaasaa Oromoo furu jechaa gama biraan ammoo duula lolaa fi saamichaa Oromiyaa keessatti itti fufanii jiru.
Ajjeechaa haadhaa fi daa'imman lama aanaa Mana Sibuu magaalaa Waankii keessatti Roobii darbe Guraandhala 12,2025 waraanni faashistii PP raawwatan qondaaltotni waraanaa fi kaabinootni PP dhoksuuf uummatni qaama miidiyaa kamiifuu yaada akka hin laanne jechuun hawaasa magaalichaa doorsisaa jiru.
Oromiyaa bakka cufatti Bilxiginnaan maqaa galii guddisuun saamicha, dirree waraanaatti erguuf dargaggoota humnaan qabuu fi kooriidara magaalaa jechuun manneen jiraattotaa diiguu akkasumas ajjeechaa, hidhaa fi lola geggeessaa jiraachuu jiraattotni Oromiyaa bakkoota adda addaa irraa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.