Finfinnee tube @abdi_boruu Channel on Telegram

Finfinnee tube

@abdi_boruu


Finfinnee tube irratti oduu, odeessaa fi taateewwan haaraa Itoophiyaa, Afriikaa fi guutuu addunyaa irratti ta’an argattu. Yeroo mara waan haaraa jiru baruuf

Promotional Article for Finfinnee Tube Telegram Channel (Amharic)

ፍንፍኔ ቲዩብ በተለያዩ አስተያየቶች እና ከፍተኛ ዜናዎች በተጣራው የቴሌግራም ቻናሎችን ማንኛውንም አስተያየት በመቀበል እና በማስጠንቀቂያ ያሉ አቋም እንዲሠራ ይቀርባል። ፍንፍኔ ቲዩብ በአምላክ አብዲ ቦሩ በተመሳሳይ ሙሉ የቴሌግራም ቻናሎችን ያግኙ። በፍንፍኔ ቲዩብ ሳይንሳዊው የኢትዮጵያ፣ አፍሪካ፣ እና ግዱባን ከፍተኛ እንዲሆኑ የተገኘውን መረጃዎችን በተከታታይ እና በተለጠፍሁበት ምክንያት ይከታተሉ። አሁን ለፍንፍኔ ቲዩብ ከዚህ በታች መጽናናትን እንዲሰፍሩ እና ለማስታወስ ከፈለገ በኋላ አንዳንድ ኢፌአሪዎችን በመጠቀም በማንኛውም አስተዳዳሪ ይጠቀሙ።

Finfinnee tube

27 Jan, 19:43


Sa'aatii muraasa dura naannoo Awaashitti kirkirri lafaa guddaan mudateera.

Sochiin kun Finfinnee fi magaalota biroo keessatti dhagahameera.

Miseensonni maatii jecha isaanii nuuf ergan " kan har'aa baayyee sodaachisaa ture. Yeroo dhiyoo asitti irra deddeebiin hir'atee ture. Har'a akka tasaa haala baayyee sodaachisaa ta'een nutti dhaga'ame" jedhaniiru.

Finfinnee tube

23 Jan, 19:25


Ameerikaa, kutaa Minisootaatti kan argamu yuunivarsiitii ‘Liberal Arts’ jedhamu keessatti Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti barsiifamuu jalqabe!

Obbo #Baqqalaa_Garbaa barsiisaa jalqabaa gosa barnootaa Afaan Oromoo yuunivarsiitii kanaa ta’uun ramadamanii jiru!

Warri dhamaatanii karoora kana milkeessitan galatoomaa, ulfaadhaa!

Finfinnee tube

22 Jan, 18:38


Balaan ibiddaa kutaa Kaalifoorniyaa bakka Bonsaal jedhamutti akka haaraatti ka'uun himame

Hooggantoonni Kaalifoorniyaa Kibbaa, ibidda bosonaa haaraa ka’e dhaamsuuf hojjattootaafi meeshaawwan qindeessaa jiraachuu VOA'n gabaaseera.

Raagdonni haala balaa ibiddaa qilleensi gogogaafi bubbee cimaa of keessaa qabu balaa kana hameessuu akka danda'u erga akeekkachiisaniiin booda ta'uun ibsameera.

Finfinnee tube

19 Jan, 20:37


TikTook uggura sa'aatii muraasaa booda dhiibbaa pireezidaantii filatamaatiin Ameerikaa keessatti gara hojiitti deebi'eera.

Pireezidaantiin filatamaan guyyaa boruu aangoo kan fudhatan yoo ta'u, haaluma kanaan Tiraamp yeroo ani aangoo fudhadhu kanatti Tiktok akka ugguramu hin barbaadu jechuin yaada kennuu isaanitiin tiktok akka hojiitti deebi'u taasifameera.

Finfinnee tube

18 Jan, 12:47


TikTok osoo dhorkaan irra kaa'ame hojiirra hin oolfamiin mootummaan jidduu yoo seenee malee Dilbata boru Amajjii 19, 2025 irraa kaasee Appichi hojii akka dhaabu akka dirqamu beeksiiseera.

Dhaabbatichi ibsa guyyaa Jimaataa Amajjii 17, 2025 kenneen, Waayit Hawusiifi qaamooleen haqaa, ''TikTok akka itti fufuuf miidiyaa hawaasichaatiif ibsa bu'uura jedhamu kennuu fi mirkanneessuu dadhabaniiru'' jedhe.

Mootummaan atattamaan dhorkaa appii miidiyaa hawaasaa ittiin viidiyoowwn gagabaaboon qoodaman irra kaa'ame cabsuudhaan akka hin adabamneef jidduu seenuudhaan wabii yoo kenneef malee Dilbata boruu irraa kaasee ''appichi cufamuuf dirqama'' jedhan.

Bu'urasaa Chaayinaa kan taasifate dhaabbanni haadhoon TikTok 'ByteDance' hanga Dilbata boruutti yoo gurgurame malee miidiyaan hawaasaa kun Ameerikaatti hojiirra akka hin oolfamne Manni Murtii Waliigalaa biyyattii guyyaa Jimaata kaleessaa murteessuu hordofeeti dhaabbatichi ibsa kana kan baase.

Finfinnee tube

17 Jan, 19:56


Tiktok Ameerikaa keessatti Dilbata dhufu irraa eegalee murtee akka ugguramuu ykn Ameerikaaf akka gurguramu jedhu manni murtee Ameerikaa raggaasiseera.

Har’a Manni Murtii Olaanaa Ameerikaa seera federaala Tiktok US keessatti akka cufamu ykn akka gurguramu dirqisiisu deeggarsa isaa kenneera.

'TikTok' ol'iyyannoo dhiheessus garuu fudhatama dhabeera.

Yeroo darbe appichi "odeeffannoo dhuunfaa lammiilee Ameerikaa mootummaa Chaayinaaf dabarsee kenna waan kana ta'eef nageenyaa biyyaatiif sodaa uumaa jechuun Tiktok akka dhorkamuu ykn lammiilee Ameerikaatti gurguramuu akka qabu murteen murtaa'uu isaa ni yaadatama.

Har'a Manni Murtii Olaanaa murtii kanaan dura kenname raggaasiseera.

Murtee kana hordofuun 'TikTok' Dilbata irraa eegalee ni dhorkama.

Uggurri kun TikTok 'Appstore' fi 'Playstore' irraa akka haqamu isa taasisa.

Fayyadamtoonni haaraan 'TikTok' buufachuu hin danda'an; Fayyadamtoonni duraa ammoo haaromsu(update) gochuu hin danda'an.

Finfinnee tube

16 Jan, 10:29


#MoE #ExitExam

Bara 2017 #Walakkaatti qormaata bahiinsaa digrii jalqabaa irra deebiin qoramuuf barattoonnii fedhii qabdan galmeen Ammajjii 8-14, 2017tti kan gaggeeffamu ta'uu ministeerri barnootaa ibseera.

Galmaa'uuf 👉https://exam.ethernet.edu.et

Kanaaf Ammajii 08 hanga Ammajjii 15, 2016tti kaffaltii galmee Birrii 500.00 karaa "Tele Birr" qofaan kaffaluun galmaa'uu akka dandeessan Ministeerri Barnootaa beeksiseera.

Iyyattoonni deeggarsa dabalataa yoo barbaadan lakkoofsa bilbilaa +251 118 13 21 76 ykn email [email protected] tiin deeggarsa argachuu akka danda’an ibsameera.

Note:- Email Fi Username Keessan galmeen booda karaa poortala keessaniin kan ergamu ta'a.

Finfinnee tube

16 Jan, 10:23


Waliigaltee dhukaasa dhaabuu #Israa'el-#Hamaas booda lammiileen Falasxiin gammachuu ibsataa jiru

Gaazaatti dhukaasni akka dhaabatuuf Israa'eliifi Hamaas waliigalaniiru oduun jedhu gama Kaataarii dhagahamuu hordofee lammiileen Falasxiin karaatti bahuun gammachuu ibsataa jiru.

Bakka buutonni Israa'elifi Hamaas kaleessa waaree booda Ministira Muummee #Kaataar wajjiin qofa qofaatti wal-arguun erga mariyatanii boodadha dhukaasa dhaabuf walii galuunsaanii kan dhagahame.

Kana hordofuun lammiileen Gaazaa alaabaa Falasxiin mirmirsaa karaatti bahanii gammachuu ibsataa jiru.

Minitirri Muummee Kaatar Al Taananin ibsa miidiyaaleef kennaniin, qaamoleen lamaan waliigalteerra gahuu mirkaneessuudhaan waliigaltichi gaafa Dilbata dhufu, Amajjii 19 irraa kaasee hojiirra akka oolus ibsan.

Hojiirra oolmaa waliigaltichaa biyyoota sadi: #Kaataar, #Ameerikaa fi #Masrii irra walitti bahe akka to'atus ifa godhan.

Finfinnee tube

15 Jan, 17:46


Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuuf waliigalan

Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuf waliigaluusaanii CBS News tti himan.
Waliigalteerra gahuunsaanii kan dhagahame, Ministiirr Mummee Kaataar bakka bu'oota Israa'eliifi Hamaas qofa qofaatti waajira ofiitti erga haasofsiisanii boodadha.

Hamaas gamasaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka fudhate BBCf mirkaneessee ture.Qondaalli Hamaas tokko BBCtti akka himetti, garichi yaada waliigaltee waraana dhaabuu dhiyaate ni fudhata.

Miidiyaan Israa'el Hareetz akka gabaasetti ammoo, Hamaas waan barbaadu yeroo dhumaaf jaarsolii araaraaf ibseera.

Finfinnee tube

13 Jan, 03:55


" Barataan hin galmoofne hin qoratamu" - Tajaajila Madaallii Barnootaa fi Qormaata

Galmeen barattoota qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa, bara 2017tiif taasifamu Kibxata, Ammajji 6, 2017 guyyaa keessaa sa'aatii 11:00tti akka xumuramu Tajaajilli Madaallii Barnootaa fi Qormaata beeksise.

Barattoonni sababoota adda addaatiin hin galmoofne guyyoota lamaan hafan kana qofatti akka galmaa'an dhaamaniiru, "kanneen hin galmoofne hin qorataman" jedhameera.

Finfinnee tube

12 Jan, 10:16


#Ameerikaa #LosAnjalas

Sababa ibidda bosona Los Anjalasitti to’annaan ala ta’een yoo xiqqaate namoonni 16 du’uun isaanii mirkanaa’ee, namoonni kuma 137 ol ta'an ammoo bakka sanaa godaananii jiru.

Manni namoota hedduu barbadaa'ee jira.

Miidhaan balaa ibiddaa bosona kanaan qaqqabe doolaara biiliyoona 135tti kan tilmaamamuu fi ni dabala jedhamee eegama.

Tattaaffiin ibidda kana to'achuuf godhamu itti fufus, iddoo beekkamaa fiilmii fi sagantaaleen TV Ameerikaa itti hojjetamani "Hollywood"tti dhihaachaa akka jiru himameera.

Guyyoota dhufan keessatti maaltu akka ta'u tilmaamuun kan hin danda'amne ta'us, jiraattonni akka baqatan ykn akka ba'uuf qophaa'an itti himamuu gabaaseera.

Finfinnee tube

11 Jan, 18:05


Afaan Oromoo Itoophiyaatti afaan hojii federaalaa haa ta'u kan jedhu gaaffii ijoo uummanni Oromoo yeroo dheeraf gaafataa tureedha.
Hanga yoonaa maaf milkaa'uu dide? Maaltu danqaa ta'e? https://bbc.in/3E0IpEG

Finfinnee tube

11 Jan, 17:55


Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud waldhabdee cimaa waggaa tokkoo booda Finfinneetti simataman

Finfinnee tube

10 Jan, 14:48


# Tuuta qaanqee ibiddaa fakkaatuu samiirra socho'aa turan caccabaa hawaa ta'uu akka danda'an ibsame

Waldaan Saayinsii Hawaa Itoophiyaa kaleessa galgala naannoo sa’aatii 1:30tti kutaalee Kibba fi Kibba Lixaa Itoophiyaa irratti tuuta qaanqee ibiddaa fakkaatuu walhordofaa samiirra socho'aa turan caccabaa hawaa ykn dhagaa meetiyoor ta’uu akka danda’an beeksise.

Godinaalee #Gujii fi #Booranaa keessatti qaanqeen kun samii keessa balali’aa turuu kan eere dhaabbatichi, wantoonni kunneen gara kallattii Kibba Itoophiyaatti wayita saffisaan socho’an mul’achuu ibseera.

Taateen kun taatee uumamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf hojiin qulqulleessaa hojjetamaa jiraachuu eereera.

Dhiheenya kana #Keeniyaa, bulchiinsa Maakunii ganda Mukukuu jedhamutti sibiilli guddaan bal’ina meetira 2.5 fi ulfaatina kiiloo giraama 500 qabu samiirraa kufuu ni yaadatama.

Finfinnee tube

06 Jan, 10:11


"Ani Afaan Oromootiin dubbadhaa!..." jechuun Oromoo bakka bu'anii Paarlaamaa keessatti guddina Afaan Oromootiif shoora isaanii kan bahatan, Ogummaa Siyaas-Diinagdee qabaniin hanga Baankii Guddicha biyya kanaa Awash ijaaruu gahee isaanii kan bahan Obbo Bulchaa Dammaqsaa hayyuu ulfoo turan. Boqochuun isaanii Gadda Guddoodha.
Maatiifi Firoottan hundaaf jajjabina hawwaa, Nagaan boqodhaa.!

Gameessa siyaasaa fi qabsa’aa, akkasumas hayyuu diinagdee kan turan Obbo Bulchaa Dammaqsaan umurii isaanii 94’tti du’aan addunyaa kanarraa boqotan.

Obbo Bulchaan bara Haayilasillaasee kaasee siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa taasisaa kan turan yoo ta’u, waggoota 20 dura paartii Sochii Dimokraatawaa Federaalawaa Oromoo (OFDM) hundeessuun beekamu.

Gama diinagdeetin waggaa 30 dura bara 1994 baankii dhuunfaa yeroo ammaa kana biyyattii keessatti milkaa’inaan maqaan isaa ka’u Baankii Awaash hundeessuun, boodarras hojii gaggeessaa baankichaa ta’uun tajaajilaniiru.

Finfinnee tube

03 Jan, 18:00


Kirkira Lafaa tibbana irra deddeebiin mudachaa jiru hordofee Naannoo Affaaritti abiddi lafa keessaa ol danfuu jiraataan himan.
Hurki lafa keessaa abidda tufu kuni kan mudate Godina Gabii Rasuu Aanaa Dulaasaa Ganda Sagantoo jedhamuttiidha.
Baatii muraasa darbe Gaara Fantaalleefi Naannoo Affaaritti kirkira lafaa irra deddeebiin mudatu, Finfinneettis dhagahamaa yaaddoo uumeera.
Haa ta'u malee, hanga yoonaa qabeenyarratti yoo ta'e malee lubbuu irratti miidhaan dhaqqabsiise yoo jiraate wanti gabaafame hin jiru.

"Kaleessa naannoo sa'aatii 11tti jalqabe. Kan danfu kuni aara abidda qabuu fi olka'iinsa guddaa qabu.
''Fagoorraa mul'ata. Sagalee guddaadhaan gara samiitti oldanfaa jira. Jimaata ganama naannoo sa'aatii afurii ammoo danfi kan biraa haaraan jalqabee jira" jedhan.

Har’a galgala kana naannawaa sa’aatii 2:01 Awwaash Fantaalleetti kirkirri lafaa Reektar Iskeeliin 5.3 mudachuu Yuuniversiitiin Finfinnee beeksise.

Finfinnee tube

31 Dec, 04:43


#EarthQuake

Galgala kana naannoo Awaash Fantaaleetti sochiin lafaa irra deddeebiin kan mudate yoo ta'u, raafamni isaa hanga finfinneetti sirritti dhaga'ameera.

Jiraattonni manneen waliin jireenyaa finfinnee sochii cimaan akka itti dhagahame akeekaniiru.

Finfinnee naannoo Ayaat, Xaafoo, Arraabsaa, Jamoo... naannoleen biroo irra deddeebiin sochiin dhagahamaa tureera.

naannawa Awaash immoo kirkirri lafaa kun baay’inaan mul’achaa akka jiruu fi sodaa akka qaban ibsaniiru.

Finfinnee tube

27 Dec, 19:32


''Waliigalteen Moqadishoo waliin irra ga'ame Itoophiyaan karaa Galaana Diimaan ulaa galaanaa argachuu qofa osoo hin taane karaa Garba Hindii hanga Galoo Galaana Edanitti daandii galaanaa akka qabaattu ni dandeessisa,'' jechuun aanga'aan Itoophiyaa tokko waayee waliigaltee Ankaaraa ibsaniiru.
Ministirri Haajaa Alaa Somaaliyaa ammoo Somaaliyaan handaara Galaana Diimaa qabdurraa Itoophiyaaf kenniteetti jedhamuun dhara jedhu.
👇👇👇
https://bbc.in/4gz1wUU

Finfinnee tube

12 Dec, 17:15


#JawarMohammed

"HIN GAABBU"!

Sirna Wayyaanee karaa nagaa qabsaa’uu fi fedhii isaatiin ala sirnichi akka jijjiiramu dirqisiisuu keessatti ga’ee adda duree fudhataa kan ture Jawaar Mohammad yeroo darbe kitaaba bal’aa barreessaa ture jechuun isaa kan yaadatamuu dha.

Ameerikaa taa'uun qabsoo karaa nagaa sirna TPLF kuffisuuf gahee olaanaa taphate,

Jijjiiramni dhufeera' jedhanii erga gara biyyaatti galanii booda ajjeefamuu Hacaaluu Hundeessaa hordofee rakkoo waliigaltee dhabuu sirna awwaalcha irra kan ka'e ji'oota hedduu hidhamanii akka hiikaman kan yaadatamuudha.

Erga hidhamee bahee booda jireenya isaa Keeniyaa fi Itoophiyaa deddebi'a turus, yeroo isaa harka caalu garuu Naayiroobii keessatti dabarsa jira.

Keeniyaa keessatti akka Itoophiyaatti namoonni baay’een isa qunnamuuf/gaafachuuf waan hin dhufneef, haala mijataa itti yaadanii, dubbisanii fi kitaaba isaanii qopheessan akka uumameef hubatamuun danda'ameera.

Kitaabni isaa "HIN GAABBU" jedhu torbee har'aa Kamisa magaalaa Naayiroobitti ni eebbifama.

Finfinnee tube

12 Dec, 14:54


Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduu ''araari seena qabeessi'' taasifamuu Pirezidantiin Turkii Reseeph Xayyiib Erdogaan himan.
Dureen biyyoota lamaanii Ankaaraatti guyyaa Roobii marii taasisan irratti Erdogaan jaarsummaan hirmaataniiru.
Itoophiyaan waliigaltee ulaa galaanaa bulchiinsa Somaalilaand kan Somaaliyaan qaama kiyya jettu waliin raawwachuun Somaaliyaa waliin erga ishee buusee waggaaf deema.
Erdogaan dhibdee kana xumuruuf dureewwan Itoophiyaafi Somaaliyaa waliigaluu isaanii ibsuun Pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaamud fi Ministira Muummee Itiyoophiyaa Abiy Ahmad jajataniiru.
Erdogaan wali galtee araaraa taasifame kanaaf hoggantoota biyyoota lamaanii galateeffachuu ibsa waloon gaazexeessitootaf kennaniin ibsanii, waldhabdee isaanii furuufis labsii waloo irratti walii galuu isaanii beeksisaniiru.
"Nageenyaa fi tumsa Somaaliyaa fi Itoophiyaa irratti hundaa'e jalqabbii haaraa taasisuuf tarkaanfii jalqabaa fudhanneerra" jedhan Erdogaan.
Abdiin Ankaaraa inni guddaan "golee Afrikaa" Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti nagaa fi tasgabbii uumuudha jedhan.
Turkiin waliigalteen kun tumsaa fi badhaadhina walkabajuu irratti hundaa'eef bu'uura cimaa kan uumu ta'uu amanta qabdis jedhan.
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad waldhabdee naannoo fi siyaasaa bara baraa Somaaliyaa fi Itoophiyaa gidduutti uumamu furuuf tattaaffii Turkiin goote kan jajatan yoo ta'u, biyyi isaanii yeroo hunda "michuu dhugaa Itoophiyaa ta'uun" yeroo hunda itti fufti jedhan.
Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimadis tattaaffii Turkii kan jajatan yoo ta'u, marii nagaa jaarsummaa Ankaaraan taasifame ''marii maatii'' biyya isaaniifis ta'e biyya ollaa Somaaliyaaf bu'aa mo'ataa ("win-win") argamsiise jedhan.
Akka Labsii Ankaaraatti, gama lachuu haala mijeessituu Turkiin hanga baatii Fulbaana 2025tti marii teeknikaa eegaluu fi ji'a afur keessatti akka xumuramu waliigalaniiru.
Biyyoonni lachuu walabummaa naannoo Somaaliyaa kabajuu mirkaneessuu irraatti walli galuu fi Itoophiyaanis karaa nagaan ulaa galaana argachuu akka dandeessu beeksisaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Somaalilaand kan Somaaliyaa irraa addaan bahuu labsite waliin waliigaltee erga raawwatte booda waldhabdeen Ityoophiyaa fi Somaaliyaa hammaate.

Finfinnee tube

19 Nov, 16:13


Filannoo pirezidantummaa Sadaasa 13 bara 2024 Somaaliilaand gaggeessiteen kaadhimamaan paartii mormituu Abdirraahimaan Mohaammad Abdullaahii (Iroo) injifachuu Komishiniin Filannoo Somaaliilaandi ibse.

Obbo Abdirraahimaan kaadhimamaa paartii Waddaanii yoo tahan, morkataa jabaa tahuun dhiyaatan.

Paartii Kulmiyyee bakka bu’uun kan dorgoman pirezidantiin Somaaliilaand amma aangoorra jiran Musee Bihii injifatamaniiru.

Wanti ifa ta'e tokkoofi eenyullee filatamu kan irratti waliif galan waliigaltee Somaalilaand Itoophiyaa waliin mallatteessite kan hin mormine ta'uusaaniiti.

Filannoon Somaaliilaand kun silaa bara 2022 taasifamuu qaba ture. Ta'us, yeroos Boordiin Filannoo Somaalilaand dhimma ‘’maallaqaafi teknikaan’’ filannoo dheeresse.

Aangoon pirezidantiifi miseensota paarlaamaas waggoota lamaaf dheerate. Kunis paartilee waliin muddama uumee ture.

Inumaa paartileen pirezidantii ta’uuf dorgomaa jiran Musee Bihiitiin si’achi akka pirezidantiitti hin ilaallu jedhaniis turan. Booda mariin furame.

Finfinnee tube

06 Nov, 15:13


Doonaald Tiraamp filannoo mo'achuu hordofee miira deeggartootasaa
"Injifannoo ajaa'ibaa'! Pirezidantii kessan 45ffa fi 47ffaa gootanii na filachuu keessaniif galatoomaa!" jechuun deeggartootatti dubbatan Doonaald Tiraamp.