Shasheprep2014(Madda Hayyootaa) @shasheprep2014 Channel on Telegram

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

@shasheprep2014


Shasheprep2014(Madda Hayyootaa) (Amharic)

ሳሸሐብረፐረፕ2014 (ማዳ ሃይወታ) የቴምሼጋቷ መግለጫ አዲስ ነገር። በተንፈሳቀ ትምህርት ትምህርት ቤቱ የሚገኙ ተማሪዎች ድምጽና መረጃዎችን ለመረዳት ትምህርት ቤት ልሆነ ያለመረጠ ነገር ነው። በቴምሼጋቷ መግለጫዎችና ቋንቋዎች በአማርኛ ማንኛውም ትምህርት ቤት ውስጥ ገና የቴምሼጋቷ እና ተማሪዎች በሚገኙ ተማሪዎች እና ማፅህፈህትዎች መረጃ ለመግለጽ የምንገኝ አስተያየታችንን ይምረጡ።

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

28 Nov, 05:52


Updated

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

24 Oct, 18:38


#MoE

የ2017 ዓ.ም የዩኒቨርሲቲ ምደባ ይፋ ሆነ።

በ2016 ዓ.ም የ12ኛ ክፍል ማጠቃለያ አገር አቀፍ ፈተና ወስደው በመደበኛው ፕሮግራም ለትምህርት ሚኒስቴር ተጠሪ በሆኑ የመንግሥት ከፍተኛ ትምህርት ተቋማት ትምህርታቸውን ለመከታተል የሚያስችል የማለፊያ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎች የተቋም ምደባ ይፋ ሆኗል።

ተማሪዎች ከታች በተዘረዘሩት አማራጮች ምደባቸውን ማየት እንደሚችሉ ትምህርት ሚኒስቴር ገልጿል።

በድረ-ገፅ 👇
https://placement.ethernet.edu.et
በቴሌግራም 👇
https://t.me/moestudentbot

የተቋም ይቀየርልኝ ጥያቄ የማያስተናግድ መሆኑን ሚኒስቴሩ አሳውቋል።

@tikvahethiopia @tikvahuniversity

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

09 Oct, 03:27


https://www.facebook.com/photo.php?fbid=958751549612358&set=a.637938368360346&type=3&mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

22 Aug, 11:25


Galmeen bara 2017 kan eegalu fi xumuramu 22/12/2016- 1/13/2016 qofa waan ta'eef barattoon hundi keesanuu kana beettanii yeroon akka galmooftan cimsinee isin beeksifna .
Barattoota gara biraatiif dhufan tokkoller hin keessumeesinu!!!

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

10 Jul, 07:28


Saatii 1:00 kan konkolaataan itti bahu waan taheef oreenteeshiniin dursa kennama

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

10 Jul, 07:26


Barattoota kutaa 12ffaa Saayinsii uumamaa maraaf
Oreenteeshinii cimaaf waan barbaadamtaniif gaafa deemsa keessanii dilbata ganama saatii 12:00tti barfannaa tokko malee MB akka geessan cimsinee isin hubachiifna.
Hub: Barattoonni 'Social science' gaaf darbe itti barfate geejjiba dhuunfaan deemuu isaanii beektanii yerootti akka dhuftaniifi konkolaataan akka isin hin darbine isin akeekkachiifna

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

06 Jul, 06:09


Barattootaa kutaa 12 social science taatan deemsi gara University Dillaa guyyaa 1/11/2016 sa'aatii 12:00 waan ta'eef MB akka argamtan cimsinee isin beeksifna.

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

01 Jul, 04:51


#Barattoota_Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf
-----------------------
BBO- 23/10/2016 Qajeelfama Naamusa Qormaataa Dhaabbilee Barnootaa Olaanoo Ministeerri Barnootaa baase keewwata 35 keessaa 1-25 dhiheessuun keenya ni yaadatama. Har'a immoo , keewwata 26- 35 guutuusaa dhiheessineerra.

#Dubbisaa!
#Keewwata 26- Haala kamiiniyyuu qormaata hatuun qormaata irraa ariisisa; seeranis ni gaafachiisa.
#Keewwata 27- Qindeessaan qormaataa tokko naamusa qormaataa kabajsiisuuf yeroo socho'u irratti ololuu yaalun qormaata irraa nama ariisisa.
#Keewwata 28- Barattootni qormaata akka hin fudhanne kan kakaasu qormaata hin fudhatu, seeranis ni gaafatama.
#Keewwata 29- Sanadoota, chaappaa, waraqaa eenyummaa sobaa qabatee kan argame qormaataa irraa ni ari'ama, dhimmi isaas ni qoratama.
#Keewwata 30 - Qormaata akka hatamuufi qisaasamu matta'aa kennuu kan yaale qormaata hin fudhatu.
#Keewwata 31 - Barataa biraatif gargaarsa barbaachisaa hin taane kennuu yaaluun, kennuun, qaamaan mallattoo adda addaa dabarsuu yaaluun barattoota lachuu qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatamu.
#Keewwata 32- .Waraqaa qormaataa hatuufi dhoksuun qormaata irraa ariisisa. Seeranis ni gaafatama.
#Keewwata 33- Barataa birootiif 'passward' fi maqaa dabarsanii kennuun qormaata irraa ariisisa. Seeraanis ni gaafatamu.
#Keewwata 34 - Waliin gurmaa'un qormaata hatuun, hatuuf kakaasuun qormaata hunda hin fudhatan, seeraanis ni gaafatamu.
#Keewwata 35- Gareen qindoomuun barattootni biroo akka jeeqan, jeeqsisan, qormaata hatuufi hachisiisuu yaale qormaata kennamaa jiru irraa ni ari'amu. Seeranis ni gaafatamu.

#HUBACHIISA:- Barattootni keenya seeraafi naamusa qormaataa kabajuun hojjachuu akka qabdan ergaa biiroo keenyaati
#Tasgabbiin_yaadaafi_qalbiin_ofitti_amanamummaan,_olola_sobaatiin_otuu_hin _eeqamin_qormaata_keessan_qofa_irrsatti_yoo_xiyyeeffattan qabxii olaanaa galmeessisuu akka dandeessan dhaamsa keenya dabarsuu barbaadna.

#CARRAA_GAARII_ISINIIF_HAWWINA!

CARRAA GAARII !!

Tolla Berisso official 💠

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

29 Jun, 16:33


#Keeweata20-Ta'e jedhamee ragaa sobaa kennuun qormaata si'a sanii akka hin fudhanne taasisa.
#Keewwata21- Barreeffamaan yaadannoo adda addaa harkarratti, waraqaa xixiqqaarratti, huccuu uffatan irratti, qaama isaanii kamirrattuufi waraqaa sooftii, teessoo irratti, keeyya kutaarratti(wall) barreessuun qormaata si'a san kennamaa jiru irraa ariisisa.
#Keewwata22- Nama qormaata lennu qaamarratti miidhaa geessisuun qormaatni hunduu akka haqamu taasisa.
#Keewwata23- Qormaata hatuuf nama/namoota kan gurmeesse qormaata hin fudhatu,
#Keewwata24- Meeshaalee kutaa qormaataa akka hin seenne dhoorkaman kamiyyuu, teeknikaafi elektirikaala ta'an, walitti suphuun itti fayyadamuufi yaaluun akka hin qoramne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama.
#Keewwata25- Kompitara itti fayyadaman qormaataaf qofa waan ta'eef, faayiloota hin heyyamane keessa galuun, ragaa qaama biraatiif erguu yaaluun qormaata akka hin fudhanne taasisa. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama.
. . . itti fufa

Har'aaf asumarratti yoo dhaabnu, keeyyatoota qajeelfamichaa hafan 10 yeroo itti aanutti qabannee dhihaanna. Nu hordofaa.
#CARRAA_GAARII !

Oromia Education Bureau 💠

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

29 Jun, 16:33


Barattoota Qormaata Biyyoolessaa Fudhachuuf Qophaa'an Hundaaf Ni Fayyada!
-----------------------
#Qajeelfama_Naamusa_Qormaataa_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo_Ministeerri_Barnootaa_Bsaseen Hogganamuun Barattoota Keenya Bu'a Qabeessa Taasisa.

Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa qajeelfama naamusa qormaata biyyoolessaa dhaabbilee barnootaa olaanoo ittiin bulchu kan qabu yoo ta'u, kaayyoon walii galaatis barattoota marsariitiirratti(online) qoraman adeemsa qormaataa keessatti seera kabajanii akka qoraman guchuun sirna haqa qabeessa, amanamaafi walsimaa ta'e diriirsuudha.

Qajeelfama kana keessatti barattoota naamusa qormaataa cabsaniifi tarkaanfii fudhatamuu qaban #keewwata35 ta'an tarreffamaniiru.

#Keewwata1- Barataan dhugaatii alkoolii dhugee machaa'e gara mooraa qormaataa galuu hin danda'u. Qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoramu.
#Keewwata2- Barataan ykn barattootni barsiisaa dirqama isaa bahaa jiru sodaachise/sodaachisan qormaata si'a san kennamaa jiru hin qoraman.
#Keewwata3- Wiirtuu qormaataaf hin heyyamane, meeshaa qormaataaf hin heyyamamne keessa galanii argamuun dhoorkaadha.
#Keewwata4- Barataan waraqaa eenyummaa gate hin qoramu,
#Keewwata5- Barattootni qaama qormaata kennuufi bulchuun yeroo gaafataman waraqaa eenyummaa isaanii ibsu agarsiisuu, sakattaa'amuun dirqama ta'a.
#Keewwata6- Dubartiin uffata fuulaatiin fuulli isaanii hin mul'anne yoo ta'e, dubartii/dhiirri qormaata kennitu/kennu, dubartiin/dhiirri balbal irratti sakattaatu/ttaa'u fuula irraa fudhattee akka agarsiiftuufi eenyummaa adda baafachuu dirqama. Barattuun ajaja kana hin kabajne, gara qormaataa hin seentu, qaama nageenyaa achi jiruun to'annaa jala ooltee dhimmi ishee qoratama.
#Keewwata7- Yeroo qormaataa kabajuun barbaachisaadha. Garuu, qormaatni kennamuu erga jalqabee daqiiqaa 20 booda baratan dhufe qormaata si'a sanii qoramuu hin danda'u.
#Keewwata8- Qormaata kennamaa jiru daqiiqaa 30 dursanii bahuun dhoorkaadha.
Barataan didee bahu yoo jiraate qormaatni isaa/ishee ni haqama.
#Keewwata9- Barataan mataa isaa uffataan, dhahannaa dabbasaatiin, maaskii fuulaatiifi bifa namoota biroo goyyomsuufi rifachiisuun of dhoksuu yaale qormaata hin fudhatu.
#Keewwata10-Barataan qormaata erga dubbisee booda waan dhukbsate fakkaatee kutaa qormaataatii bahe/baate qormaata hin fudhatu/ttu. Qaama nageenya achi jiruun to'annaa jala oolee/ttee dhimmi qoratama.
#Keewwata11- Barataan ta'e jedhee, qormaatni hatame jechuun barattoota jeequu yaale qormaata hin fudhatu, ni dhoorkama.
#Keewwata12- Barataan qormaata fudhatu tokko kutaa itti ramadameen ala qoramuu hin danda'u. Kan yaalu yoo jiraate to'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama.
#Keewwata13- Yeroon qormaataaf kenname erga xumuramee booda barreessuun dhoorkaadha. Barreessuu yoo dhaabuu baate immoo, barsiisaan qormaata kennu of eeggannoo afaanii kennuu qaba. kanaanis yoo dhaabuu baate, waraqaa deebii irratti mallattoo addaa gochuu ni danda'a.
#Keewwata14- Gara kutaa qormaataa galamu sakattaa'amuu kan dide qormaata hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama.
#Keewwata15 - Barataan barsiisaa qormaata kennuufi hojjattoota haala mijeessan arrabse, sodaachiseefi abaare qormaata si'a sanii hin fudhatu. Dhimmi isaas ni qoratama.
#Keewwata16 - Bilbila qabatanii galuun dhoorkaadha. Kan qabatee argame qormaata irraa ari'ama. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama.
#Keewwata17- Waraqaa eenyummaa barataa biraa qabachuun, bakka bu'anii qoratamuuf yaalun dhoorkadha.
Kan yaalee argame qormaata sadi walitti aansee jiru hin fudhatu. To'annaa jala oolee dhimmi isaa qoratama.
#keewwata18- Qormaatni qisaasame jechuun odeeffannoo dogoggoraa barataan kenne of eeggannoo afaaniittu kennamaaf.
#Keewwata19- .Yeroo dhimmi yakkaa qoratamu yaadannoo qabachuun, kaalkuleetara, bilbila harkaa, meedhaalee sagalee waraabaniifi suuraa kaasan qabachuun dhoorkadha.

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

29 Jun, 16:30


Orientation barattoota 12ffaa haala qormaata Interaansii akka Mana barnootaatti guyyaa 24/10/2016 waan kennamuuf ganama sa'aatii 2:30 Mana Barnootaatti akka argamtan cimsinee isin beeksifna .

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

25 Jun, 02:52


#BEEKSISA. (Waxabajjii 17/2016)
1- Barattoota #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhatan Hundaaf
2- Barattoota Kutaa12ffaa #Dubartii_Ulfaafi_Harma_Hoosisan Hundaaf
-----------------
Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattoota kuma 700 oliif kennamu keessaa barattootni kuma 240 ol (35%) ol kan Oromiyaa ta'uun beekamaadha.

Kanuma bu'uura gochuun barattootni keenyaa gara iddoo(Yunivarsiitii) qormaataa deemun dura seeraafi naamusa qormaataa beekuu qaban gamanumaa hubachuun barbaachisaadha.
Barataan qormaataaf gara Yunivarsiitii deemu hundi:-
- Moobaayilii harkaa,
- Meeshaalee qara qaban kamiiyyuu,
- Meeshaalee elektirooniksii (sagalee waraaban, suuraa kaasaniifi )kkf. qabatanii gara iddoo qormaataa seenuu yaalun guutumaa guututti qormaatarraa kan haqsiisuufi battalumatti to'annaa seeraa jala kan oolchu ta'uu,
- Qormaata walirraa ilaaluufi garagalchuunfi qormaata hatuun yakka ta'uu,
-Turtii guyyaa sadiitiif qofa kan ta'u uffata guyyaafi halkanii qabatanii seenuu, (baay'isuu hin qabdan),
- Rakkoo mooraa Yunivarsiitii keessatti isin qunnamuu danda'uuf sodaa tokko malee battalumatti qaama dhihootti argattaniif beeksisuun furmaata argachuu dandeessu,
- Manatsirii ijaa (eye glass) rakkoo ijaatiif isiniif ajajame kaawwattanii seenuu ni dandeessu. Kanas dursitanii qaama isin simatuuf beeksisuu qabdu.
-Iddoo qormaataa/Yunivarsiitii keessatti, wacuun, iyyuun, sagalee namoota biroo jeequun fayyadamuun dhoorkaa ta'uu beekuu,
- Ajajaafi qajeelfama giddu galli qormaataa baasu kabajuun dirqama ta'uu beekun barbaachisaadha.
- Barattootni '#online'n qoraman mana isaaniitii deddeebi'anii waan qormaniif yeroo qormaataa kabajuun xiyyeeffannoo kennuufii qabu,
- Qormaaticha yaadaafi qalbiin tasgabbaa'anii hojjachuuf gamanumaa of qopheessuu qabu.

GUYYAAN QORMAATAA
#Barnoota Saayinsii Hawaaaa
Adoolessa 3-5/2016
#Barnoota Saayinsii Uumamaa
Adoolessa 9-11/2016 kan kennamu ta'a

#Baratttootni_dubartootaa:
#ulfaa,_guyyaan_dahiinsaa gaheefi
#dubarttootni_daa'ima_harma hoosisan hundi bara barnootaa 2017 itti qophooftanii akka #barataa_idilee/Regular/taatanii qormaata fudhachuu ni dandeessu.
Sababa ulfaafi harma hoosisuutiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 kan hin fudhanne, bara dhufu 2017 barataa idilee taataanii akka qoratamtan isin beeksifna.

#Hubachiisa:- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaata_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo Bahe Bal'inaan Waan dhiheessinuuf nu hordofaa!

Carraa_Gaarii !

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

24 Jun, 15:59


#BEEKSISA.
1- Barattoota #Qormaata_Biyyoolessaa_Kutaa_12ffaa Bara 2016 Fudhatan Hundaaf
2- Barattoota Kutaa12ffaa #Dubartii_Ulfaafi_Harma_Hoosisan Hundaaf
-----------------
BBO-Waxabajjii 17/2016 Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 akka biyyaatti barattoota kuma 700 oliif kennamu keessaa barattootni kuma 240 ol (35%) ol kan Oromiyaa ta'uun beekamaadha.

Kanuma bu'uura gochuun barattootni keenyaa gara iddoo(Yunivarsiitii) qormaataa deemun dura seeraafi naamusa qormaataa beekuu qaban gamanumaa hubachuun barbaachisaadha.
Barataan qormaataaf gara Yunivarsiitii deemu hundi:-
- Moobaayilii harkaa,
- Meeshaalee qara qaban kamiiyyuu,
- Meeshaalee elektirooniksii (sagalee waraaban, suuraa kaasaniifi )kkf. qabatanii gara iddoo qormaataa seenuu yaalun guutumaa guututti qormaatarraa kan haqsiisuufi battalumatti to'annaa seeraa jala kan oolchu ta'uu,
- Qormaata walirraa ilaaluufi garagalchuunfi qormaata hatuun yakka ta'uu,
-Turtii guyyaa sadiitiif qofa kan ta'u uffata guyyaafi halkanii qabatanii seenuu, (baay'isuu hin qabdan),
- Rakkoo mooraa Yunivarsiitii keessatti isin qunnamuu danda'uuf sodaa tokko malee battalumatti qaama dhihootti argattaniif beeksisuun furmaata argachuu dandeessu,
- Manatsirii ijaa (eye glass) rakkoo ijaatiif isiniif ajajame kaawwattanii seenuu ni dandeessu. Kanas dursitanii qaama isin simatuuf beeksisuu qabdu.
-Iddoo qormaataa/Yunivarsiitii keessatti, wacuun, iyyuun, sagalee namoota biroo jeequun fayyadamuun dhoorkaa ta'uu beekuu,
- Ajajaafi qajeelfama giddu galli qormaataa baasu kabajuun dirqama ta'uu beekun barbaachisaadha.
- Barattootni '#online'n qoraman mana isaaniitii deddeebi'anii waan qormaniif yeroo qormaataa kabajuun xiyyeeffannoo kennuufii qabu,
- Qormaaticha yaadaafi qalbiin tasgabbaa'anii hojjachuuf gamanumaa of qopheessuu qabu.

#Baratttootni_dubartootaa:
#ulfaa,_guyyaan_dahiinsaa gaheefi
#dubarttootni_daa'ima_harma hoosisan hundi bara barnootaa 2017 itti qophooftanii akka #barataa_idilee/Regular/taatanii qormaata fudhachuu ni dandeessu.
Sababa ulfaafi harma hoosisuutiin qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 kan hin fudhanne, bara dhufu 2017 barataa idilee taataanii akka qoratamtan isin beeksifna.

Barattootni dubartootaa daa'ima harma hoosisan immoo, barana qormaata fudhachuun dirqama yoo ta'e, #dubartii_daa'ima_isiniif_qabdu takka(Gargaartuu) fidachuun of bira tursiisuun qormaata fudhachuuu ni dandeessu.

#Hubachiisa:- #Qajeelfama_Naamusa_Qormaata_Dhaabbilee_Barnootaa_Olaanoo Bahe Bal'inaan Waan dhiheessinuuf nu hordofaa!

Carraa_Gaarii !

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

18 Jun, 08:09


Barattoota kutaa 12ffaa hundaaf
Admiishiniin keessan waan dhufee jiruuf kiliraansii keessan xumuruun gaafa sanbata xiqqaafi sanbata guddaa qofa MBtti argamtanii akka fudhattan isin hubachiisaa guyyaawwan hojii sababa qormaataaf jecha kan isinii kennuu hin dandeenye tahuu isin beeksifna
#MB

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

13 Jun, 17:48


New

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

13 Jun, 06:49


Haaluma kanaan kutaan 9ffaafi 10ffaa gaafa 12-17/10/2016 yoo tahu kutaan 11ffaa 18-20/10/2016 ta'a.

Shasheprep2014(Madda Hayyootaa)

13 Jun, 06:48


Barattota Kutaa 9-11tti
Qormaanni xumura seemisteera 2ffaa bara 2016 kan eegalu gaafa Roobii 12/10/2016 tahuu isin beeksifna.
#MB