---------------------
BBO- 06/06/2017 Manneen Barnootaa Naannoo Oromiyaa keessatti argaman hundi Guraandhala 03/2017 irraa eegalee barnoota haala ho'aa ta'een jalqabuu supparvaayizarootni daawwannaarra turan himaniiru.
Barnootni Semisteera 2ffaa guyyaa bornootaa 82 qofa kan qabu yoo ta'u, hanga har'aatti guyyaa 4ffaa barnootni kennamaa waan jiruuf, ammaa achi ( 82- 4 = 78) guyyaan barnootaa 78 qofatu hafe jechaadha.
Kanaafuu, barnoota keessatti guyyaan 1 ykn wayitiin barnootaa 1 gatii olaanaa akka qabu waan beektaniif barsiisotniifi barattootni keenya qixa sirriin akka itti fayyadamtan dhaamsa keenya ta'a.
Kalaandariin Barnootaa Semisteera 2ffaa guyyaan qormaatni naannoo kutaa 6fi 8, qormaata biyyoolessaa kutaa 12 kennamu dabalataa guyyaa 97 ta'ullee, guyyoota qormaataa kanneen barnootni kutaalee hafaniif waan hin kennamneef semisteerri 2ffaan guyyaa barnootaa 82 qofa taasiseera.
#Qormaatni_Naannoo kutaa 6ffaa waxabajjii 04-06/2017.
#Qormaatni_Naannoo kutaa 8ffaa Waxabajjii 09-13/2017tti ni kennama jedhamee kan eegamu yoo ta'u,
#Qormaatni_biyyoolessaa kutaa 12ffaa immoo, Akka Ejensiin Qormaataafi Iyyaafannoo Biyyoolessaa beeksisu irratti kan hundaa'u ta'a.
#Qisaasama_Wayitii_Barnootaa_Hambisuun_Qulqullina_Barnootaa_Haamirkaneessinu!
Bara Barnootaa Milkii Haata'u!
#Oromia_Education_Bureau
#Oromia #Tolaa_Bariisoo_Gadaa
#Education