Jechi STEM jedhu kuni gabaajee(Acronmy) yoo ta'u jecha afaan Ingiliizii hiika "Jirma" jedhu qaba. Jirmi egaa qaama biqiltuu kan dameeleefi firii akkasumas baala utubee baatu yoo ta'u guddinaafi bu'a qabeessummaa biqiltuu sanaaf daran murteessaadha. Jechi STEM jedhu kuni yoo hiikkatu"Science, Technology, Engineering and Mathematics" jedhamuun muummeewwan gurguddoo afur kan guddina biyya tokkoof darbees addunyaaf murteessaa ta'e of keessaa qaba.
Saayinsiin dameelee lamaaninuu(uumamaafi hawaasaan) qorannoowwan hedduun kan jireenya ilma namaa salphisuun mijeessudha. Teeknolojiin ammoo argannoowwan adda addaa kan hojiilee seektaroota kanneenii saffisiisaniifi bu'a qabeessa taasisan kan yeroodhaa gara yerootti guddachaafi fooyyeffamaa adeemudha. Engineering ammoo muummee barnootaa beekumsa caasaa ijaarsawwan adda addaa nama gonfachiisudha. Mathematics(Herregni) ammoo dandeettii yaaduu ilma namaa cimsuun shallaggiiwwan garagaraa jireenya guyyuu keessatti maayii nama baasan shaakaluufi hojjachuuf kan nama gargaaruudha. Egaa, hiika isaanii xiqqoo hanga kana yoo jenne(hiikni STEM kana qofa osoo hin taane dachaa meeqa himoota kanneenitti deebi'a. Ani hanguma beekumsiifi yeroon koo na dandeessisen barreesse) gahee isaan qaroomaafi guddina biyyootaafi ummattootaa keessatti qabaachaa turan muraasa gabaabbinaan ilaalla.
1. Qarooma Kuush:- Ummanni Kuush wiirtuu mootummaa isaanii Kaaba Baha Afrikaa bakka amma biyya Misir jedhamu taasifachuun kutaalee addunyaa hedduu keessatti hambaalee qarooma adda addaa gumaachuun darbaniiru. Fakkeenyaaf, karaa ijaarsaa(engineering) piraamidiiwwan biyyoota akka Misir, Sudaan, Peeruu, Meeksikoo, Raashiyaafi Chaayinaa keessatti ijaaraman beekumsa STEM isaan qabaachaa turaniifi bu'aa inni isaaniif qabaate agarsiisa. Gama kaaniin siidaawwaniifi iddooleen awwaalchaa akkasumas ijaarsawwan biroo kan caasaan ijaarsi isaanii precision addaa qabu, akkasumas tiyooramiiwwan herregaa hedduu gumaachaniiru; amma fail godhee duubatti deebinusπ₯(bal'ina isaa barreeffama qorannoo mata dureen isaa "Hangafummaa Qaroomaa, Kufaatiifi Egeree
Oromoofi Gurraachotaaβ jedhu ani bara 2021 qopheesserraa karaa telegram Channel #Galaa_Sammuu ni argattu)
2. Warraaqsa Industiriifi Inlaayitmantii biyyoota Awurooppaa!
Warraaqsi industiriifi Inlaaytimantii biyyoota Awurooppaa kanneen akka Ingiliiz, Faransaayiifi kkf keessatti jaarraa 18ffaafi 19ffaa keessa gaggeeffame xiyyeeffannoofi bu'uurri isaanii lammiileen barnoota STEM kanaan akka dhangi'amaniif ture. BZW kanneeniin dura sochiiwwan akka reenasaansiifi rifoormeeshiin illee religious conservativeness hambisuun lammiileen akka gara saayinsiitti dhufaniif taasifamaa turaniiru. Egaa sochii kanaan kunoo awurooppaan guddina saayinsiifi teeknolojiitiin addunyaarratti maqaa qabdu taatee jirti.
3. Warraaqsa Zooniziimiifi STEM
Yihuudonni addunyaarratti akka callee cittee bibittinnaa'anii turan kan deebi'uun bara 1958 abbaa biyyaa ta'an warraaqsa zooniziimiitiini. Warraaqsi kunis, aadaa, duudhaafi amantii akkasumas sirna ofiitiin gurmaa'uun beekumsa STEM ammoo barnootaan gabbifachuudha. Akkaataa kanaan duudhaafi eenyummaa isaaniin jiraachaa STEM dhaan ammoo mataa addunyaarra taa'aniiru. Ijaarsaafi beekumsa military qabaniin Iron dom tolchanii missile Hizbollah fi Hamaas irraa itti gadi dhiifamu samii keechatti bishaan itti naqaa ooltiπ Kuni hunduu bu'aa STEM tii beeki! Malee humna waaqayyoon miti!
4. Warraaqsa aadaafi communism Chaayinaa!
Chaayinaan bar-kurneewwan muraasa dura mukukkula hiyyummaan waxalamaa akka turte seenaan ni hima. Bara mootii Maa'oo Zee Doongiin booda warraaqsa aadaatiin ilaalcha Konfishaaniziimiin ijaarsa hawaasummaa cimsatanii STEM ammoo hayyoota isaanii kaan Jaappanitti, kaan Raashiyaafi kaan ammoo Ameerikaatti ergachuun barsiifatanii biyyatti deebifachuun giddugala hunda keessatti KG irraa kaasuun gabbisaafi gahoomsaa guddisafatan! Har'a kunoo dinagdee addunyaarraa 2ffaa ta'e ijaaruun, Afrikaa guutuufi Laatiin Ameerikaanillee utuu hin hafin harkatti galfattee jirti.