SEENAA_GOOTOOTAA @seenaa_gootootaa Channel on Telegram

SEENAA_GOOTOOTAA

@seenaa_gootootaa


Seenaa gootoota Oromoo asirraa ni argattu join godhi

@BUHAARUUFIITUQILINKI

SEENAA_GOOTOOTAA (Oromo)

Seenaa gootoota Oromoo asirraa ni argattu join godhi

@BUHAARUUFIITUQILINKInnSeenaa Gootoota is a Telegram channel dedicated to sharing insightful and informative content about Oromo culture, history, and current affairs. The channel serves as a platform for Oromo people and anyone interested in learning more about the rich heritage of the Oromo community. With a focus on promoting unity, pride, and awareness, Seenaa Gootoota aims to educate, inspire, and connect individuals who share a passion for the Oromo culture

Through engaging posts, articles, videos, and discussions, Seenaa Gootoota provides a space for meaningful interactions and exchanges of ideas. Whether you are looking to stay updated on Oromo events, traditions, or simply want to connect with like-minded individuals, this channel offers a wealth of resources and opportunities to engage with the Oromo community

Join Seenaa Gootoota today to be part of a vibrant community that celebrates the beauty and diversity of Oromo culture. Stay informed, inspired, and connected through this channel and discover a world of knowledge and unity waiting for you to explore.

SEENAA_GOOTOOTAA

17 Jun, 22:07


😁😁😁 KOOTTAA KOLFAA😁😁😁

Bashannanuu ni barbaadduu? Sammuu Keessan bohaarsuu barbaaddanii jirtu? Maal eegdure Chaanaaliin keenya qophiilee bashannansiisoo fi bohaarsuu isinif qabatee dhihaatee jira. πŸ˜‚πŸ˜πŸ˜ KOTTAA KOLFAA😁

SEENAA_GOOTOOTAA

17 Jun, 21:40


😒😒😒😒

SEENAA_GOOTOOTAA

16 Jun, 21:14


Chaanaaloota Afaan Oromoo bebbeekamoo kan

Seenaa dhugaa
Afoolota Oromoo
Jechoota hayyootaa
Walaloo ajaa'ibsiisoo
Fi
Jechootaa fi ergaawwan jaalala irraa argattan kunooti

SEENAA_GOOTOOTAA

01 Jun, 12:46


#Jaal_Marroo πŸ‘

SEENAA_GOOTOOTAA

01 Jun, 12:38


"Bishaantu Afaan na jiraaf malee silaa wanaan dubbadhu" bayyeen qabaa jettee mitiiree Qurxummiin utuma beeknuu dubbachuu dhiisuu filanne malee wanti dubbatanu baay'eedha'

@BUHAARUUFIITUQILINKI
@Seenaa_Gootootaa
Join us πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†

SEENAA_GOOTOOTAA

01 Jun, 12:38


Nama si sobe Maaliif akka si sobe hin gaafatin Sababni isaas Gaaffii kee deebisuuf soba biraa si soba waan ta'eef.

@BUHAARUUFIITUQILINKI

SEENAA_GOOTOOTAA

20 May, 21:58


My heart is breaking! 😒

Guyyaa tokko keessatti Barsiisoota 20 ol dhabne 😭
Fuulli Rabbii isinitti haa tolu.
@Seenaa_Gootootaa

SEENAA_GOOTOOTAA

14 May, 06:20


😁😁😁 KOOTTAA KOLFAA😁😁😁

Bashannanuu ni barbaadduu? Sammuu Keessan bohaarsuu barbaaddanii jirtu? Maal eegdure Chaanaaliin keenya qophiilee bashannansiisoo fi bohaarsuu isinif qabatee dhihaatee jira. πŸ˜‚πŸ˜πŸ˜ KOTTAA KOLFAA😁

SEENAA_GOOTOOTAA

13 May, 20:18


Goonni Oromoo kan xaaliyaan hiitee mana hidhaa xaaliyaan keessaa toftaa xaaliyaanootatti baasuun kan malaan mana hidhaatii ba'e eenyu ?
Deebi'ii coment irratti barreessaa πŸ‘‡

@Seenaa_Gootootaa
Join godhaa πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†

SEENAA_GOOTOOTAA

12 May, 22:07


BAGA DHALATTE!
HAPPY BIRTHDAY BULLO❀️

SEENAA_GOOTOOTAA

12 May, 20:13


SEENAA_GOOTOOTAA pinned Β«Seenaa gooticha #ABUBAKAR MUUSSAA DUBBISI πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡ Abubakar Muussaa bara 1940n keessa Harargee nannoo Oborraa Leelee Gabaa, ganda Alii Arbatti dhalate. Abubakar Muussaa artistoota Oromoo walitti qabuun namoota Hawwisoo Afran Qalloo ijaaran keessa isa tokko. Hawwisoon…»

SEENAA_GOOTOOTAA

12 May, 20:10


Chaanaaloota Afaan Oromoo bebbeekamoo kan

Seenaa dhugaa
Afoolota Oromoo
Jechoota hayyootaa
Walaloo ajaa'ibsiisoo
Fi
Jechootaa fi ergaawwan jaalala irraa argattan kunooti

SEENAA_GOOTOOTAA

07 May, 22:51


😁😁😁 KOOTTAA KOLFAA😁😁😁

Bashannanuu ni barbaadduu? Sammuu Keessan bohaarsuu barbaaddanii jirtu? Maal eegdure Chaanaaliin keenya qophiilee bashannansiisoo fi bohaarsuu isinif qabatee dhihaatee jira. πŸ˜‚πŸ˜πŸ˜ KOTTAA KOLFAA😁

SEENAA_GOOTOOTAA

03 May, 17:25


Seenaan asii olii πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘†πŸ‘† kun kan #Jaarraa_Abbaa_Gaadaati

SEENAA_GOOTOOTAA

03 May, 17:20


ufaa bara 1973 Finfineetti jalqaban xumuruuf gara Finfinnee akka dhufu affeerranii Finfinnee deeme. Haa ta'u malee, sabboontonni Oromoo dhaaba Maarkisisti-Leeninistii Dargii wajjin dhaaburratti waan qabamaniif dhaaba Oromoo hundeessuu kanarratti xiyyeeffachuu waan hindanda'mneef gara biyyaatti deebi'e. Qawwee muraasaa fi rasaasaa Elemoon faa awwaalan fudhachuun Waraana Bilisummaa uumee qabsoo itti fufe. Goolii Diimaa Dargii namoonni hedduun baqatanis waraana kanatti makaman.

Yeroo muraasa booda waldiddaan sababnii isaa ifa hinta'in waraana Jarraa Abbaa Gadaa fi qabsaawota Finfinneerraa dhufan gidduutti waan ummameef addaan ba'an. Waraanni lamaan addaan ba'us lamaanuu maqaa "Adda Bilisummaa Oromoo" jechuun waammama. Bara 1985, Jaaraa Abbaa Gadaa fi hiriyoonni isaanii waraana kan saanii Adda Islaamummaa Bilisummaa Oromoo (AIBO) jechuun moggaasan.

AIBOn mootummaa ce'umsaa Itoophiyaa kan bara 1991 ijaarame keessatti hirmaatee ture. Bara 1992, mootummaa ce'umsaa keessaa ba'uun gara gaarren Harargeetti deebi'ee qabsoo itti fufe. Bara 2005, maqaa AIBO jedhu gara Adda Bilisummaa Dimookiraatawaa Oromiyaa jedhutti jijjiirani.

Du'uusaa
Jaarraa Abbaa Gadaa biyya Yaman magaalaa sana'aatti dhukkubsatee yaallamaa ture gaafa Bitootessa 4, 2013 du'aan darbe. Reeffi Jaarraa Abbaa Gadaa gaafa Bitootessa 7, 2013 gara biyyaa deebi'e. Gaafa Bitootessa 8, 2013, reefisaa magaalaa Wataritti awwallame. Jaarraan qabsoo Oromoo keessatti gumaacha godheen yoomiyyuu yaaddatamaa jiraata. Artistoonni hedduunis kabaja Jaarraaf sirboota hedduu baasaniiru.

SEENAA_GOOTOOTAA

03 May, 17:20


Seenaa Duubaa
Jaarraa Abbaa Gadaa Baha Oromiyaa, konyaa Gaara Mul’ataa ganda Mudiir Gooroo keessatti abbaasaa Ibraahim Hamiid fi harmeesaa Moominaa Eeboo irraa bara 1936 dhalatan. Yeroo umuriin barnootaf ga'us mana barumsaa galanii barachuu eegalan.

Mana barumsaa sadarkaa olaanaa Harar keessatti yeroo baratan, baratoonni saboota biroo akka Amaaraa, Hararii fi kkf yeroo ayyaanaa walaloo fi sirba aadaa sirbanii ummata isaani bashannansiisu ture. Baratoonni Oromoo garuu, sababa hacuuccaa, dhiibbaa fi jibbiinsa irratti geggeeffamurraa kan ka'e hirmaannan afaanii fi aadaa ofii guddisuu hinyaaddamu ture. Kun itti dhaga'ame Jaarraa Abbaa Gadaa, barattoota Oromoo walitti gurmeessun dhaaba "Waldaa Barattoota Oromoo" jedhamu hundeesse. Jaarran karaa dhaaba barattootaa kanaatin, ijoollen Oromoo wal akka baran, hacuuccaa ummata Oromoorratti hojjatamu akka hubatan, afaansaanii fi aadaasaanii akka guddisan dadammaqasaa ture. Namoota yeroo sana dhaaba kana keessa turan keessa pirofeesar Mahammad Hasan, Xahaa Alii Abdii, Jamaal Alii Abdii faadha. Dhaabni kunis jajjabaatee, bara 1961tti mana siinimaa Hararitti, agarsiisa aadaa Oromoo geggeesse.

Barumsa sadarkaa lammaffaa akkuma xumureen, Akkaadaamii Barumsa Waraanaa Harar galee barachuu jalqabe. Yeroo gabaabaa booda, bulchiinsi akkaadaamichaa, amantiisaa akka hinshaakalle waan dhorkeef, bakka bilisaan jiraachuu ta'usaa waan hubateef, barumsa addaan kutee ba'e.

Qabsoo Hidhanoo
Bara 1966 qabsaawota Baalee kan gabrummaa hadhooftuu lolanitti makamuuf loltoota 12 fudhatee gara Baalee deeme. Baaleettis Fincila Jeneraal Waaqoo Guutuutiin hogganamu sanitti galee qabsoo jalqabe. Fincila Baalerrattis lola gurguddaa hedduu keessatti hirmaateera.

Akkuma mootummaan Fincila Baalee too'annoo jala oolcheen, Jaarraan leenjii fi meeshaa waraanaa gahaa qabaachuun murteessaa ta'uu Isaa waan hubateef achumaan gara Somaaliyaa deeme. Mootummaan Sumaalee qabsoo Baaletiif gargaarsa gochaa ture, haaluma kanaan Jaarraas simatan. Boodarra garuu, bara 1969 Mootummaan Ziyaad Baarree kan Somaaliyaa maqaa Oromootin qabsoo hayyamu dide. Ziyaad Baarreen Oromoonni maqaa Somaaleetiin yoo qabsaa'an malee gargaarsa akka hinarganne ibsan. Akka Ziyaad Baarree jedhutti Harargee, Arsii, Baale fi Sidaamoon Somaaleedha, Oromoo miti. Kanaaf Maqaa Somaaleetiin malee gargaarsa takka qabsoo biraatiif hingodhan.

Jaarraan Abbaa Gadaa yeroo kana gara biyya Arabaatii gargaarsa barbaacha Yaman deeme. Bara 1970 Yaman Kibbaa magaala Eden gale. Yamanittis, Oromoota kan biroo kan Elemoo Qilxuu, Huseen Sura fi kkf walarguun waa'ee qabsoo Oromoo mari'atan; dhaaba Oromoof qabsaa'us hundeessuf murteessan. Mootummaa Yaman waliin marii kan godhe yoo ta'u mootummaan Yamanis gargaarsa gochuuf abdii kennaniif. Baruma sana keessa gara Iraaqis deemee qaamoota mootummaa waliin marii godheera.

Huseen Suraa, Jaarraa Abbaa Gadaa, Elemoo Qilxuu fi hoggantoonni kan biroo Kaayiroo, Bagdaad fi Damaasqoo dhaquun marii geggeessan. Mootummaan Iraaqii fi Sooriyaa meeshaa waraanaa keennuufiif, Filisxeemonni Sooriyaa keessa jiran leenjii waraanaa kennuuf waadaa galan. Erga qophiin barbaachisu xumuramee booda, loltoonni 36 biyyatti deebi'anii qabsoo waraana kan eegalan leenjii waggaa tokkoo fudhatan. Maqaan loltoota kanaas Qeerroo Ganamaa jedhamaee moggaafame.

 Baruma kana Jaarraan Qeerroo Ganamaa hogganuudhaan meeshaa waraanaa fudhatee gara biyyaa qajeele. Qeerroo Ganamaa 36n hogganuudhaan Jaarraan doonii yaabbatanii Sumaaleetti wayita bu’an, waraanni Sumaalee isaan marsee isaan qabe. Bara 1970tti Somaaliyaa keessatti mana hidhaa Mandheeraa jedhamutti waggaa shan hidhaan dabarsan. Waggaa shan hidhaa keessa turee achii ba'ee gara Moqaadishoo geeffame. Moqaadishootti Ziyaad Baarre ofumasaatii Jaarran Adda Bilisumma Sumaalee Dhihaa (maqaa Ingiliffaa Western Somale Liberation Front - WSLF beekkama) akka makamu gaafatan. Jaarran garuu kana fudhachuu dide. Bara 1975 hoggaa mana hidhaatii bahe qabsoon biyyatti galauu akka qabu waan amaneef gara biyyaa seenee qabsoo jalqabe.

Sabboontonni Oromoo Finfinnee jiran, labsii dhaaba Oromoo haarawa hundeessuu, kan Elemoo Qilxu