Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa @bpsmqno2015 Channel on Telegram

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

@bpsmqno2015


Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa (Oromo)

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa is a Telegram channel dedicated to providing valuable public services and information to the people of Oromia. With the username @bpsmqno2015, this channel serves as a platform for engaging with the community, sharing important announcements, and promoting unity within the region. Who is it? Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa is a public service organization that strives to improve the lives of the people in Oromia through various initiatives and programs. What is it? It is a Telegram channel that allows for direct communication with the community and dissemination of important information in the Oromo language. Whether you are looking for updates on government services, community events, or opportunities for growth and development, Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa is the go-to channel for all your needs. Join us today and be a part of a thriving community that is dedicated to making a positive impact in Oromia. Stay informed, connected, and empowered with Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa on Telegram!

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

22 Feb, 07:34


Waajjirri PSMQN A/Liiban Cuqqaalaa Leenjii Kenna Tajaajilaa irratti Hooggansaa fi Hojjetaa hundaaf leenjii kennee jira.
Hooggansa kr=dhi=43 Du=4 W/g=47 Rw=dhi=40 Du=4 W/g=44
Hojjetaa kr= Dhi=405 Du=152 W/g=563 Raw Dhi=306 Du=134 W/g= 440
Walumaagalatti Leenjii kan fudhate Dhi=346 Du=138 w/g=484 bakka Itti A/bulchaa fi Hoogganaan Waajjira PSMQN jiranitti gaggeeffamee jira.

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

14 Feb, 13:48


https://www.facebook.com/biiroopsmqno.mqn

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

01 Feb, 12:22


https://www.facebook.com/100063960363420/posts/792753122866693/?mibextid=ixwQO8lDlY4Yu974

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

30 Jan, 15:33


Amajjii 21/2016
Biiroon Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa raawwii hojiiwwan caasaa biirichaa ji'oota jahan darbanii bakka hoggantootni Waajjiraalee PSMQN godinaaleefi Bulchiinsa Magaalotaa argamanitti Magaalaa Adaamaatti geggeessaa jira.

Biirichi raawwii hojii ji'oottan jahan darbanii kan caasaa biirichaa hanga Aanaatti jiruu bakka hoggantootni Waajjaraalee PSMQN godinaalee fi Bulchiinsa Magaalotaa hirmaatanitti kan geggeessaa jiru yommuu ta'u gabaasa raawwiin hojii caasaa biirichaa Biiroon PSMQN Oromiyaa dhiyeesse irratti mariin taasifamaa jira.

Kabajamtoota maamiloota keenya, odeeffannoo dabalataa jiru booda kan isiniif maxxansinu ta'a!
#BPSMQNO'tti Daayirektoreetii Dhimmoota Kominikeeshinii

Biiroo Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa

24 Jan, 17:16


Amajjii 15/2016
Oromiyaa dijitaalomte uumuuf ogeeyyiin Tekinoolojii Qunnamtii Odeffannoofi Ragaa Qabeenya Namaa gahee isaanii sadarkaa olaanaadhaan bahachuu akka qaban Biiroon Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa hubachiiseera.
Leenjiin shaakala hojii dijitaalaayizeeshinii (digitalization in practice) irratti xiyeeffachuun ogeeyyii Tekinoolojii Qunnamtii Odeeffannoofi ogeeyyii Ragaa Qabeenya Waajjiraalee Paabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa godinalee Hor/Gud/Wallaggaa, Gujii Bahaa, Boorana Bahaafi Aanaalee godinaalee kanaa 33 ta'aniif Amajjii 14-15/2016'tti kennamaa ture wayita xumuramu, Itti Aanaan Hogganaafi Itti Gaafatamaan Damee Siviil Sarvisii biirichaa Ob.Yaaqoob Taaddasaa akka hubachiisanitti, Oromiyaa dijitaalomte uumuuf ogeeyyiin Tekinoolojii Qunnamtii Odeffannoofi Ragaa Qabeenya Namaa Naannichaa gahee isaanii sadarkaa olaanaadhaan bahachuu qabu.
Mul'ata Oromiyaa dijitaalomte uumuuf karoora Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabatee hojjataa jiru milkeessuuf Biiroon Pabliik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa abbootii adeemsaa, dursitoota garee, fi ogeeyyii Misooma Qabeenya Namaa fi ogeeyyii Tekonoolojii Qunnamtii Odeeffannoo caasaa biirichaa, akksumas, manneen hojii mootummaa sadarkaa adda addaatti argamanuuf Sirna Odeeffannoo Siviil Sarvisii Qindaa'aa (ICSMIS) irratti leenjii kennaa turuu isaa Ob.Yaaqoob dubbataniiru.
Leenjiin shaakala hojii dijitaalaayizeeshinii amma geggeeffamu kun hojii Oromiyaa dijiaalomte uumuuf raawwatamu akka ta'e kan eeran Ob.Yaaqoob, ogeeyyiin leenjichatti hirmaatan hundi gadi bu'uun hojii kana miira itti gaafatamummaa olaanaatiin raawwachuu akka qabanu hubachiisaniiru.
Biyyi keenya guddachuuf wantoota shaniif xiyyeeffannaa kennitee hojjataa kan jirtu yommuu ta'u, isaanis qonnaa, industirii, TQO, Albuudaa fi turuzimii ta'uu Ob.Yaaqoob addeessaniiru.
Dhimma mootummaan itti xiyyeeffate keessaa TQO'n qaroomina Addunyaa faana adeemuuf murteessaa waan ta'eef, ogeeyyiin isaan ilaallatu ciminaan hojjachuu akka qaban Ob.Yaaqoob hubachiisanii, hoggansi manneen hojii deggersa barbaachisu hunda akka taasisu waamicha dabarsaniiru.
Ogeeyyiin leenjichatti hirmaatan yaada kennaniin, leenjii dijitaalaayizeeshinii fudhataniin hubannoofi dandeettii guddaa argatan hojiitti hiikuuf kutannoon kan hojjatan ta'uu dubbataniiru.
Leenjichatti ogeeyyiin ragaa qabeenya Namaafi ogeeyyiin TQO Waajjiraalee Pabliik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa godinaalee sadiifi aanaalee 33 keessaa baba'an 140 ta'an hirmaataniiru.

3,450

subscribers

148

photos

2

videos