Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court @mmoghb12 Channel on Telegram

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

@mmoghb12


East Harerghe Zone High-Court

East Harerghe Zone High-Court (English)

Are you interested in staying updated on the latest news and legal proceedings in the East Harerghe Zone High Court? Look no further than the Telegram channel Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court, with the username @mmoghb12. This channel is dedicated to providing you with timely and accurate information regarding court cases, judgments, and other legal matters in the East Harerghe Zone. Whether you are a legal professional, a concerned citizen, or simply someone who wants to stay informed about the justice system in the region, this channel is the perfect resource for you. Join now to be a part of the conversation and stay informed about the latest developments in the East Harerghe Zone High Court.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

14 Feb, 17:22


Koreen too'annoo, hordoffii fi deeggarsa kilaastara Bahaa Hawaasa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa waliin marii gaggeesse.

(Gurraandhala 7/2017,MMOGHB, Harar) Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti Koreen too'annoo, hordoffii fi deeggarsaa kilaastara Bahaa haala kenniinsa tajaajila Waliigalaa irratti hawaasa Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa waliin marii bal'aa gaggeessaniiru.


Itti gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa kabajamoo Obbo Oliyaad Yaaddessaa, daareektara daareektoreetii Qophii Karoora Baajata, hordoffii fi gamaaggama Mana Murtii Waliigala Oromiyaa kabajamoo Obbo Mitikkuu Tarrafaa fi Daareektara daareektoreetii Bulchiinsa Qabeenya Namaa Mana Murtii Waliigala Oromiyaa kabajamoo Aadde Muluu Taaddasaa maricha hogganuun kan gaggeessan yoo ta'u yaadaa fi gaaffileen hawaasa Mana Murtichaatiin ka'uun hanqinootaa fi ciminoota jiran irratti bal'inaan mari'achuun korichi yaadaa fi gaaffilee mana keessaa ka'aniif deebii kennuun maricha goolabaniiru.


Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

13 Feb, 19:30


Mana Murtii Aanaa Dadaritti leenjiin dandeettii cimsuu dambii kafaltii abbaa seerummaa lakk.8/2016 bahe irratti kennameera.

(Gurraandhala 6/2017, MMOGHB, Harar) Mana Murtii Aanaa Dadaritti Dambii kaffaltii tajaajila Abbaa Seerummaa lakk.8/2016 bahe irratti leenjiin hubannoo cimsuu abbooti seeraa fi Ofiseeroota seeraa mana murtii Aanichaatiif kennameera.

Dhiyeessiin dambichaa karaa pireezdaantii Mana Murtii Aanaa Dadar kabajamoo obbo Geetinnat Lishaaniin erga dhiyaatee booda dambicha irratti abbootii seeraa fi offiseerri seeraa gaaffiilee marii bal'aa irratti kaasuun dambichi karaa guutuu ta'een akka hojiirra ooluuf kallattiin fuula duraa kaa'amuun leenjicha goolabaniiru.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

07 Feb, 17:40


Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaatti Galmeelee Diigame, Fooyya'ee fi qajeelfamaan gad deebi'e irratti Abboottii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa waliin mariin gaggeeffameera.

(Amajjii 30/2017, MMOGHB, Harar) Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaatti Galmeelee Diigame, Fooyya'ee fi qajeelfamaan gad deebi'e irratti Abboottii Seeraa Mana Murtii Ol'aanaa waliin mariin bal'aan gaggeeffamee jira.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

21 Jan, 18:00


#Aggaaroo
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Manneen Murtii Godina Jimmaa Waliin Atoomuun Sirreeffamtoota Seeraa, Mana Sirreessaa Aanaa Gommaaf deeggarsa taasiseera.
-------------------------------
(Amajjii 13,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa Manneen Murtii Godina Jimmaa waliin atoomuun sirreeffamtoota seeraa Mana Sirreessaa Aanaa Gommaaf deeggarsa taasiseera.
Sirna deeggarsa taasisuu kanaan 'firaashii' ciisicha sirreeffamtoota seeraaf oolu,meeshaalee qulqullinaa dubartootaa fi nyaata daa'immaniif oolu gumachi taasifameera.Sirna deeggarsa taasisuu kana irratti Pirezidaantii MMWO, Kab.Obbo Gazaalii Abbaa Simal,Pirezidaantii Itti Aanaa MMWO,Kab.Obbo Badrii-tamaam Umar,Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Jimmaa,Kab. obbo Toofiiq Shamsuu, Kantiibaan Magaalaa Aggaaroo Kab.Obbo Naziif Mahaamadamiin fi Itti gaafatamtoonni Manneen hojii mootummaa dhimmi ilaallatu argamaniiru.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

19 Jan, 16:24


AANAA KOMBOLCHAATTI GAMAAGGAMNI RAAWWII HOJII MANNEEN MURTII AADAA GAGGEEFFAMEE JIRA.

(Amajjii 11/2017,MMOGHB, Harar) Manni murtii Aanaa Kombolchaa fi waajjirri gurmaa'insa Ummataa Aanaa kombolchaa waliin ta'uun gamaaggama raawwii hojii ji'a jahaa(6) gaggeessuun ibsamee jira.

Gamaaggamicha Bulchaan Aanaa kombolchaa kabajamoo Obbo Nuuraddiin Abraahiim haasawa baniinsaa gochuun kan eegalchiisan yoo ta'u,hojiiwwan manneen murtii Aadaa Aanaa kombolchaatiin ji'oota jahan(6) darban kana keessatti hojjatame dhiyaachuun ciminootaa fi hanqinoonni adda bahan mariif akka ta'utti dhiyaatee jira. Hirmaattoonni mana keessaa yaadaa fi hanqinoota hojii keessatti mudatan kaasuun dhuma irratti yaadota ka'an irratti itti gaafatamtuun waajjira Gurmaa'iinsaa fi bakka buutuun Hawaasaa miseensi caffee oromiyaa Aadde Hindii Musxafaa fi kabajamoo itti gaafatamaan waajjira abbaa alangaa Aanaa kombolchaa Lalisaa Raggaasaa dhimmoota naamusaa fi rakkoo hubannoo wajjiin wal qabatu adda baasuun kallattii kennanii jiru.

Dhuma irratti Pirezdaantii mana murtii Aanaa Kombolchaa kabajamoo Awwal Sufiyaan rakkoowwan mana keessaa ka'anii fi komii hawaasa irraa dhiyaachaa ture kallattii naamusaatiin kan jiru kallattuma naamusaan ilaalamuu akka qabuu fi dhimmoota hubannoo wajjiin wal qabatu hubannoo kenname kana galtee godhachuun furamuu akka qabu kallattii xumuraa kaa'uun gamaaggamicha kan goolaban ta'uusaa Manni Murtii Aanichaa ifoomsee jira.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/@MMOGHB irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

18 Jan, 15:08


Baga Ayyaana Cuuphaa Nagayaan Geessan!

Pirizdaantiin Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kabajamoo Obbo Bukaar Kadiiroo Ayyaana Cuuphaa Bara 2017 Sababeeffachuun Hordotoota Amantaa Kiristaanaa maraan baga ittiin isin gahe jechuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Ayyaanni kan jaalalaa, kan gammachuu fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwaa irra deebiin baga maatii fi firoottan keessan waliin nagayaan geessan jedheera.

Ayyaana Gaarii!


Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ YouTube:https:www.youtube.com/@MMOGHB irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

18 Jan, 11:00


Baga Ayyaana Cuuphaa Nagayaan Geessan!

Manni Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa Hordotoota Amantaa Kiristaanaa maraan baga ayyaana Cuuphaa Bara 2017 Nagayaan Geessan jechaa Ayyaanichi kan gammachuu, kan jaalalaa fi kan milkaa'inaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.

Ayyaana Gaarii!

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

18 Jan, 11:00


Baga Ayyaana Cuuphaa Geessan
****
Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa hordoftoota amantaa Kiristiyaanaa maraan baga ayyaana cuuphaan isin gahe jechaa ayyaanichi kan nagaa, gammachuu fi milkaayinaa akka isiniif ta'u hawwii qabu ibsa.
Ayyaana Gaarii !!
--------------------------
#Daayireektoreetii_Dhimmoota_Komunikeeshinii_MMWO

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

17 Jan, 17:47


#MANA_MURTII_AANAA_MIIDHAGAA_TOLAA

(Amajjii 9,2017,MMOGHB, Harar) Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti Mariin koree fooyya'insa Sirna Haqaa geggeeffame.

Aanaa Miidhagaa Tolaatti koree fooyya'insa Sirna haqaa aanicha Dhimmoota kenna Tajaajila Haqaa Qaamoolee haqaa aanichaatiin kennamaa jiru, qindoomina qaamolee haqaa jiddu jiru irratti marii bal'aa erga gaggeessaniin booda ciminootaa fi haqinoota jiru adda baasuun marii bilchina qabu gaggeessuun hanqinoota mul'atan gara ciminaatti jijjiiruuf sirritti irratti hojjatamuu qaba jechuun kallattii fuulduraa kaayuudhaan maricha haala miidhagaa ta'een goolabaniiru jechuun Manni murtii Aanaa Miidhagaa Tolaa gabaaseera.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

17 Jan, 16:19


#MANA_MURTII_AANAA_CINAAKSAN

(Amajjii 9/5/2017,MMOGHB, Harar) Godina Harargee Bahaa Aanaa cinaaksanitti mariin koree fooyya'insa sirna haqaa gaggeeffame.

Marii kanaanis ciminaalee fi hanqinaalee sektaroota miseensa koree foyya'insa sirna haqaa Aanaa cinaaksan bira jiran gadi fageenyaan kaasuun erga irratti mariyatameen booda hanqinaalee jiraniif kallattii furmaataa ka'uun maricha kan goolaban ta'uusaa Manni Murtii Aanichaa ifoomseera.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

09 Jan, 12:02


#MANA_MURTII_AANAA_MEETTAA
===========================
(Amajjii 1/2017,MMOGHB, Harar) Mana Murtii Aanaa Meettaatti gamaaggamni raawwii hojii kurmaana 2fffaa hawaasa Mana Murtii Aanaa waliin gaggeeffamee jira.

Gamaaggamicha irratti haasawni baniinsaa karaa piresdaantii MMA Meettaa Kabajamoo Obbo Kadiir Usmaa'iliin erga taasifame booda adeemsaaleen B/B KTAS, B/B ON, fi Dursaa garee humna Namaa fi Bulchiinsaa faaynaansiin walduraa duubaan cuunfaa raawwii hojii Gita isaanii jalatti hojjatame erga dhiyeessan booda dhuma irratti kabajamoo piresdaantiin guutummaa gabaasichaa dhiyeessanii yaadota mana keessaa ka'an dhaggeeffachuun hanqinoota raawwii hojii keessatti mul'ataniif kallattii fuula duraa laachuun gamaaggamicha kan goolaban ta'uusaa Manni Murtii Aanichaa ifoomseera.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/@MMOGHB irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

08 Jan, 17:16


Manni Murtii Aanaa Miidhagaa gabaasa kurmaana 2ffaa Mana Marii Aanichaatiif dhiyeesse.

(Muddee 30/2017, MMOGHB, Harar) Godina Harargee Bahaa Aanaa Miidhagaa Tolaatti yaa’ii idilee Manni Marii Aanichaa marsaa 42ffaa waggaa 6ffaa kurmaana 2ffaa bara 2017 gaggeesserratti gabaasni Mana Murtii Aanichaa dhiyaachuun ibsamee jira.

Manni Marii Aanaa Miidhagaa Tolaa yaa’ii idilee isaa marsaa kanaatiin gabaasa Mana Murtii Aanaa Miidhagaa Tolaa kurmaana 2fffaa bara 2017 ilaalee sagalee guutuun mirkaneessee kan jiru ta'uusaa Manni Murtii Aanichaa ifoomseera.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/@MMOGHB irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

08 Jan, 16:21


Manni Murtii Aanaa Cinaaksan gabaasa kurmaana 2ffaa Mana Marii Aanichaatiif dhiyeesse.

(Muddee 30/2017, MMOGHB, Harar) Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti yaa’ii idilee Manni Marii Aanichaa marsa 13ffaa waggaa 6ffaa kurmaana 2ffaa bara 2017 gaggeesserratti gabaasni Mana Murtii Aanichaa dhiyaachuun ibsamee jira.

Manni Marii Aanaa Cinaaksan yaa’ii idilee isaa marsaa kanaatiin gabaasa Mana Murtii Aanaa cinaaksan kurmaana 2fffaa bara 2017 ilaalee sagalee guutuun mirkaneessee kan jiru ta'uusaa Manni Murtii Aanichaa ifoomseera.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/
YouTube:https://www.youtube.com/@MMOGHB irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

05 Dec, 17:10


Affeerraa Yaada Uummataa
-------------------------
(Sadaasa 24,2017 MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)-Dorgomtoota Gargaaraa Abbaa Seeraa kallattiif dorgomaa jiranii fi calallii irratti argaman kan maqaan isaanii armaan gaditti tarreeffame naamusa isaanii ilaalchisee yaada uummataa walitti qabuun barbaachisaa ta'ee waan  argameef naamusa dorgomtooota kanaa irratti yaada fi odeeffannoo qabdan lakk.bilbilaa 0903571457 irratti ergaa/ SMS/  barreessuun ykn FB MMWO kana irratti inbox gochuun ykn qaamaan MMWO,Waajjira Gumiitti argamuun yaadaa fi odeeffannoo qabdan akka nuuf gumaachitan gaafachaa dorgomoota calallii irra jiran keessaa nama meeqatu fudhatama kan jedhu yeroo dhiyootti kan beeksifnu ta'uu ni hubachiifna.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

30 Nov, 16:39


Manni Murtii Aanaa Kombolchaa paanaalii odiitii galmee murtiin boodaa marsaa 1ffaa gaggeessaa jira.

(Sadaasa 21/2017,MMOGHB, Harar) Manni Murtii Aanaa Kombolchaa paanaalii odiitii galmee murtiin boodaa marsaa 1ffaa kan kurmana 2ffaa keessa raawwatamu gaggeessaa jira.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

30 Nov, 16:38


Manni Murtii Aanaa Qarsaa paanaalii odiitii galmee murtiin boodaa marsaa 1ffaa gaggeessaa jira.

(Sadaasa 21/2017,MMOGHB, Harar) Manni Murtii Aanaa Qarsaa paanaalii odiitii galmee murtiin boodaa marsaa 1ffaa kan kurmana 2ffaa keessa raawwatamu gaggeessaa jira.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

30 Nov, 16:38


Guyyaan kabaja Ayyaana Farra Malaammaltummaa 19ffaan "Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun Badhaadhina Hunda Galeessaaf" mata duree jedhuun Manneen Murtii Aanota Godina Harargee Bahaa hundarratti kabajameera.

(Sadaasa 21/2017,MMOGHB,Harar) Guyyaan kabaja Ayyaana Farra Malaammaltummaa 19ffaan "Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun Badhaadhina Hunda Galeessaaf" mata duree jedhuun Manneen Murtii Aanota Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal'oo, Jaarsoo, Baabbilee irratti kabajameera.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

20 Nov, 19:31


Koreen Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa Daawwannaa Hojii Mana Murtii Aanaa Baabbileetti Gaggeessee Jira.

(Sadaasa 11/2017,MMOGHB, Harar) Koreen Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa Pireezidaantii Mana Murtii Ol'aana Kabajamoo Obbo Bukaar Khadiirootiin duurfamu guyyaa har'aa daawwannaa hojii (Supervision) Mana Murtii Aanaa Baabbileetti gaggeessee jira.

Daawwannaa isaanii kanaan haala waliigalaa kenniinsa tajaajila Abbaa Seerummaa Manni Murtii Aanaa Baabbilee kennaa jiru sadarkaa irra jiruu fi adeemsaalee sadarkaan jiran dubbisuun gamaaggama geggeessanii jiru. Dabalataaniis qaamolee Mana Murtii Waliin hidhata qaban dubbisuun hariiroo jiru irratti mariisisan yoo ta'u Dhuma irratti Hojjettoota Mana Murtii waliin mariin bal'aan erga gaggeeffameen booda kallattii fuula duraa kaa'uun dawwannaa hojii isaanii kan guyyaa har'aa xumuranii jiru.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

20 Nov, 16:52


Manni Murtii Aanaa Gooroo Muxii haala hojii waliigalaa irratti hawaasa Mana murtii waliin marii gaggeesse.

(Sadaasa 11/2017, MMOGHB, Harar) Manni Murtii Aanaa Gooroo Muxii haala hojii waliigalaa irratti hawaasa Mana murtii waliin marii bal'aa gaggeesse jira.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

18 Nov, 16:10


Bu'aa Qormaata Barreeffamaa
------------------------
(Sadaasa 9,2017 MMWO,Caffee Araaraa,Finfinnee)-Dorgomtoota  Gargaaraa Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Kallattii irratti dorgomaa jirtan, bu'aa qormaata barreeffamaa kan isiniif ifoomsine ta'uu beeksisaa, adeemsa itti aanu yeroo dhiyootti kan isiniif maxxansinu ta'uu ni hubachiifna.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

16 Nov, 17:23


Manni Murtii Aanaa Gooroo Guutuu qulqullina kenna tajaajila Abbaa Seerummaa fooyyeessuuf hawaasa Mana Murtichaa waliin marii gaggeessuun ibsame.

(Sadaasa 7/2017, MMOGHB, Harar) Manni Murtii Aanaa Gooroo Guutuu qulqullina Kenna tajaajila Abbaa Seerummaa Foyyeessuuf Galmee diigaman, fooyya'anii fi Qajeelfamaan gadi deebi'an irratti bu'aa xiinxalaan argame irratti barruun qopha'ee gara bakka bu'aa KTAS kabajamoo obbo Birhaanuu Gabreetiin dhiyatee mariin bilchaataan kan gaggeeffame yoo ta'u akkasumaas rakkoo hojmaata badaa waliin wal qabatee jiru bu'ura irraa furuuf xiinxalli hojmaata badaa irratti godhame manaaf dhiyaatee mariin bal'aan irratti erga godhamee kallatti fuula duraa kaayuun maricha goolabaniiru jechuun Manni Murtii Aanaa Gooroo Guutuu gabaaseera.

Kominikeeshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa

Odeeffannoo Manni murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa tamsaasu argachuuf:Toora facebook:https://www.facebook.com/profile.php?id=100069113653886&mibextid=ZbWKwL
Telegiraamii:https://t.me/MMOGHB12
Tiktok:https://vm.tiktok.com/ZMMtHoT6n/ irratti nu hordofaa.

Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa-East Harerghe Zone High Court

15 Nov, 16:32


Sirni Eegalchiisa Mana Harka Qalleeyyii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin Ijaarsi Isaa Gaggeeffamu Godina Hararge Bahaa, Aanaa Dadar, Bulchiinsa Magaalaa Qobbootti Gaggeeffame
—————————-
(Sadaasa 5,2017, MMWO, Caffee Araaraa, Finfinnee)- Sirni eegalchiisa mana harka qalleeyyii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatiin ijaarsi isaa gaggeeffamu Godina Hararge Bahaa, Aanaa Dadar Bulchiinsa Magaalaa Qobbootti gaggeeffameera. saganticha irratti argamuun ijaarsicha kan jalqabsiisan Pirezidaantii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Harargee Bahaa kabajamoo Obbo Bukhaar Kadiirooti.
Sagantichi bakka hoggansi bulchiinsa magaalichaa fi maatiin harka qalleeyyii argamanitti gaggeeffame.Manni Murtii Waliigalaa Oromiyaa tajaajila abbaa seerummaa kennuun cinaatti tajaajila tola ooltummaa gara garaa irratti kan hirmaatu ta'uun isaa ni beekama.