"Waraanni Nagaa, Bilisummaan Gabrummaa, Wallaalummaan Humna"
Ergaa George Orwell Kan Yeroon hin Daangessine
(Ibsa ABO-WBO)
Sirni Abiy ilaalcha ummanni nagaa irratti qabu micciiruuf jecha hiriira garaa qajeeltummaan
ummanni keenya nagaaf gaggeessaa jiru butuu itti fufeera.
Fedhii ummanni keenyaa nagaa
waaraatiif qabu kabajuu irratti ejjennoo cimaa kan qabnu ta’us, maalummaa sirnichaa isa dhugaa
fi diraamaa fakkeessaa maqaa nagaan qopheesse saaxiluu fi ummaataaf ifoomsuunis barbaachisaa
tahuu hubachiisuu feena.
Ummanni keenya nagaa dhugumaanuu isaaf maluuf haa hiriiru iyyuu malee, hiriirri sirnichi hin raggaasifne ykn siyaasaaf oolfachuu hin danda’u jedhee amanu, biyyattii
bakka inni tohatu kamittuu akka hin hayyamamne ifa galaa dha.
Wanti sirnichi nagaa jedhee
waamu, qooq-lamee Orweeliyaaniin waraana/lola jechuu dha. Akkuma irra deddeebinee ibsine, waamichi nagaa kun kan nagaa miti; duula ololaa kan hidhannoo hiikkachisuu qofa kaayyeffate; duula ummata irraa ittisa isaa mulquuf qophaa’ee dha.
Sirnichi miidhaa ummatarraan gahaa jiru luugama/to’annaa tokko malee daran jabeessee akka itti fufu kan taasisu dha. Kanaafuu ammas
irra deebinee akka armaan gadiitti wal yaadachiiifna:
1. Sirni kun sirna warraaqsa keenya butee gantummaa agarsiise, itti bahi warraaqsichaa dimokiraasii akka hin taane kan gatachiise, wareegama Qeerroo kumaatamaa warraaqsicha
keessatti gati kaffale kan xureesseedha.
Sana booda faallaa yaada warraaqsichaatii, kanneen
sirnicha tajaajilan qofa filachuun, bakkoota jiran namoota wallaalaa dantaa sabaa hin beekneen
guute.
Marroo hunda waan kabajamaa tahe hunda butuu amala isaanii waan taheef, ammas waamicha ummata nagaatti fakkeessanii, gaaffii ummata keessa jiru kana butuudhaan ajandaa
dhuunfaasaanii kan warraaqsichuma butaniif sanaaf oolfachuuf dhama’a jiru.
2. Itti milkaa’uu baatu, sirni kun sirnuma waggaa jaha dura sagalee Oromoo ukkaamsee waraana
irratti labsuun duula isaa eegale sani. Miseensota WBO sirnicha amananii nagaan deebi’an akkamitti akka dararaa ture, itti aansun mormitoota Oromoo gurmaa’anii jiran diiguuf maal gochaa akka turan, ajjeechaa suukanessaa Artist Hacaaluu Hundeessaa, Battee Urgessaa, fi kanneen biroo
hedduu haala gaddisiisaa taheen yaadanna.
Ifa gochuuf, hawaasni Oromoo yaada mataasaa qabaachuuf bilisummaa hin qabu, gaaffii gaafachuu hin danda’u, mul’ata fooyya’aa hawwuuf nagaa hin qabu; gabrummaa jalatti qabamee jira.
Sirni mormii hidhannoo seera qabeessa ta’e, jeequmsa waliin wal fakkeessee ilaalu, fedhiinsaa aangoo jabeeffachuu qofa dha.
3. Sirni Abiy Ahmed qabeenya humna namaa fi qabeenya dinagdee keenya saamuudhaan sirna
dorgomaa hin qabne dha.
Dargaggoonni keenya Yuunivarsiitii irraa kuffifamuun dirqisiifamanii
gara mooraa waraanaatti geeffamani, dandeettii fi mul’anni isaanii karaatti hafe.
Akka carraa, kanneen maatii qabeenya qaban irraa dhufan loltoota/kaadiroota sirnichaa isaan qabaniif maallaqa
guddaa erga kaffalanii booda gadhiifamuu danda’u.
Gama kaaniin ammoo, sirnichi qabeenya ummataa barnootaa fi bu’uuraalee misoomaarratti baasuu dhiisee, paarkiiwwan, ibsaa daandii
cinaa, fi riizoortii irratti qisaasessa-pirojektoota mootummaa hin ilaallanne, kan egeree ummata
keenyaaf oomishaa hin daballe, fi fedhii hatattamaa hawaasa keenyaa giddu galeessa hin qodhanne
hojjeta.
Qabeenyi biyyatti hundi fedhi nam-tokkee Abiy Ahmed tajaajiluuf jedhameet umrii
torbanoota muraasaf fakkeessaa misoomaa uumuudha.
4. Sirni kun sirna egeree biyyattiitiif karoora qajeelaa beekamaa tokko hin qabne, federaalizimii
sabdaneessaa biyyoottiirratti ejjennoo micciiramaa qabaachurraa kan ka’e caaseffama amma
diriire jiru kana diiguuf kan hojjechaa jiru dha.
Karaa marii biyyoolessaa jedhamu dabalatee
yaaliiwwan taasifaman hundi, yaalii aangoo Abiy Ahmad wiirtuurratti gadi jabeessuudhaan aangoo naannoolee sharafuu fi hanqinoota jiran wajjiinuu wantoota ummattoota biyyatti walitti
qabanii jiran balleessuuf kan taasifaman qofa akka tahan ifatti mul’ata.