Oromia State University @oromiastateuniversity Channel on Telegram

Oromia State University

@oromiastateuniversity


Oromia State University

Oromia State University (English)

Welcome to Oromia State University's official Telegram channel, @oromiastateuniversity! As one of the leading academic institutions in Oromia State, our university is dedicated to providing high-quality education and research opportunities to students from diverse backgrounds. Whether you're a prospective student looking to join our vibrant community or an alumni eager to stay connected, this channel is the perfect place to stay updated on the latest news, events, and academic programs at Oromia State University. From scholarship opportunities to faculty achievements, we strive to keep our followers informed and engaged with all things related to our university. Join us on this exciting journey of knowledge and discovery at Oromia State University! #OSU #Education #Research

Oromia State University

18 Nov, 12:42


Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa(YNO) dabartoota maatii harka qalleeyyiif leenjii kenne
Sadaasa 09/2017
YNO
*
YNO Dubartoota maatii harka qalleeyyii ta’aniif haala hojii uummachuun hojiitti seenuu danda’an irratti leenjii kenne. I/P/Dh/ Qabeenyaafi Misoomaa YNO Dr. Riyaad Daawud haasaa taasisaniin namni ilaalcha qabu jijjiiree beekumsa argatee xiyyeeffannoon cimee yoo hojjete ofjijjiiruun akka danda’amu ibsaniiru. YNO dubartoota maatii harka qalleeyyii Magaalaa Baatuuf leenjii mata duree ‘‘Entrepreneurship and Business skills for potential human entrepreneurs’’ irratti Darektoreetii Qophii Karooraa, Gamaggamaafi Hordoffii YNO, B/Saa Tasfaayee Nuguseen kennee jira. Kaayyoon leenjii kanaas ilaalcha, beekumsaafi ogummaa hojii uumuu akka horataniif yoo ta’u, Yeroo gara garaatti leenjii kennuun akkaataa muuxannoofi fedhii isaanii adda baasuun namoota maatii harka qalleeyyii ta’aniif kan akka midhaan mana nyaataaf oolan, uffata gabaaf oolan, hoolota horsiisuufi furdisuuf, kuduraaleefi muduraalee qinxaaboon gurguruu akka danda’aniif hojjechaa kan ture yeroo ta’u, bara kanas dabalataan guyyaa har’aa YNO dubartoota maatii harka qalleeyyii 15’f leenjii kennee kan jiru yoo ta’u, kunis, akkaataa itti hojiitti seenuu danda’an ilaalchisee tooftaa hojii uummatanii daldala adda addaa keessa seenuun bu’aa irraa argachuun danda’amu irratti leenjii kenneera. Leenjii kanaanis, muuxannoofi fedhii hojii isaanii irratti bu’uureffachuun deeggarsa argataniin gara fuulduraatti cimanii hojjechuun ofiifi jireenya maatii isaanii jijjiiruu akka danda’an dhaamaniiru.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

16 Nov, 15:55


Leenjiin hoggansa magaalaa Roobetiif kennamuu eegale
Sadaasa 7, 2017
YNO
*
Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa(YNO) hoggansa magaalaa Roobeetiif leenjii kennuu eegalee.
YNO mataduree mootummaa intarpurunaraa fi kenna tajaajilaa irraatti hoggansa magaalaa sadarkaa olaanaa hanga dursaa gareetti jiraaniif kennuu eegale. Leenjii kana haasa saaqinsaa kan taasisan kantiibaa magalaa Robee Obboo Nigaatuu Mootummaa fi I/G waajjira paartii Badhaadhinaa magaalaa Roobee Obbo Jamaal Garoo akka jedhanitti, YNO humna dandeetti raawwachiisummaa hoggansaa magaalaa keenyaa cimsuufi beekumsa waqtawaa ta'e akka gonfannuuf iddoo jirrutti argamee leenjii kana waan nuuf mijeesseef galata qabna jedhan. Hoggansi leenjii kana irraa bu'aa argatee hojiin akka agarsisuuf ergaa dhaamanii jiru. Akkasumas, qindeessaa leenjii kana kan ta'an Dr Qaasim Caakisoo haasaa taasisaniin YNO uummata Naannoo Oromiyaa darbees kan biyyattii fayyadamaa taasisuu keessatti barnoota, leenjii, qorannoofi qo'nnoo fi hojii tajaajila hawwasummaa irratti xiyyeeffatee kan hojjatu yoo ta'u, leenjii kanaanis hoggansa magaalaa Baalee humnaafi beekumsa qabu akka duguugee fayyadamuu danda'u kan nu gargaarudha jedhaniiru. Leenjiin kun guyyaa sadiif kan kennamu ta'uu hubatameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

16 Nov, 13:27


Sirni walharkaa fuudhinsa sanada qorannoo taasifame
Sadaasa 07/2017
YNO
*
YNO Sirna walharkaa fuudhinsa sanada qorannoo Bulchiinsa magaalaa Bishoftu wajjin raawwate. Sanadni qorannoo ''Bishoftu smart city baseline study and projects implementation strategic plan’’ kan jedhu Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatiin qoratamee kan dhiyaate yoo ta’u, I/P/Dhimmoota Qabeenyaafi Misoomaa YNO Dr Riyaad Daawud haasaa taasisaniin, YNO baruufi barsiisuu cinaatti hojii qorannoo, gorsaafi leenjii dhimmoota gara garaa irratti paablik sarvaantii gahoomsuuf ergama itti kenname fudhatee adeemsisaa jiraachuu ibsuun, YNO qorannoowwan garaa garaa naannoorra darbee naannolee ollaatiif hojjechuun rakkoo hawwaasaa furuufi walitti dhufeenya jiru cimsuu kessatti hojii gurguddaa hojjachaa jira jedhan. Akkasumas haala hojiirra oolmaa bu’aa qorannoo kanaa irrattis isin cinaa dhaabbannee milkaa’ina isaatiif ni hojjenna jedhan. I/A/kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Aadde zaaraa Kadir, YNO galateeffachuun magaalaan Bishooftuu qabeenya uumamaafi namtolcheetiin kan badhaateefi gidduu gala turizimiif kan oolan akka qabdu ibsuun qorannoon YNO’n hojjatame kana galtee godhachuun waliin taanee yoo hojiitti hiikne biyya keessaafi alaaf magaalaa Bishooftuu gidduu gala turizimii taasisuun jireenya hawwaasa keenyaa mijataa gochuuu keessatti qooda qaba jedhan.
Akkasumas, I/W/P/ Mootummaa Naannoo Oromiyaa Kabajamoo Dr. Abdullaziz Daawud, YNO ergama gurguddaa itti kanname itti gaafatamummaan raawwachaa kan jiru, bu’aa qabeessummaafi gahumsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa cimsuun, imaammatoota mootummaan baasu gamaggamuu, madaaluufi yaada kennuu, akkasumas naannolee gidduutti walitti hidhaminsa uumuun hariiroo hariiroo cimaa uumuu keessatti qorannoon deeggaramee raawwachaa kan jiru ta’uu ibsuun YNO galateeffataniiru. Dabalataanis, magaalummaa namaafi itti fayyadama lafa keenyaa Lafaa keenya pilaaniin hoogganamuun Magaalonni keenya magariisa, qulqulluu fi jireenya namaaf mijooftuu ta'uu waan qabduuf, bu’aa qorannoo kanaa galtee godhannee hojiitti hiikuu irratti waltaanee hojjechuu qabna jedhan. Xuumura irratti sanada qorannichaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu wajjin sirni walharkaa fuudhinsaa raawwateera. Walharkaa fuudhinsi kunis bakka hooggattoonniifi qorattoonni YNOfi hoggantoonni magaalichaa, akkasumas keessummoonni kabajaa argamanitti gaggeeffameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

11 Nov, 14:51


Piropozaalli Qorannoo Dhiyaate
Sadaasa 03/2017
YNO
*
Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaatti (YNO) piropozaalli qorannoo (Academic Research Proposal Defense) mata duree garaa garaa irratti guyyaa har'aa dhiyaatee jira. Piroppoozaalli qorannoo kunis, “Quality research and consultancy for institutional transformation” yaada jedhuun guyyaa har'aa bakka hayyoonni yuunivarsiitichaa argamanitti dhiyateera. Seensa sagantaa dhiyeessii piropozaaala qorannoo kana irrattis I/P/Dhimmoota akkaadamikii Dr.Nigusee Taaddasaa akka dubbatanitti, piroppozaalli qorannoo dhiyaatu kun gara fuulduraatti rakkoowwan adda bahaniif furmaataafi jijjiirama sirrii fiduu keessatti gahee guddaa waan qabuuf beekumsa qabnuun qulqullina barnootaa milkeessuufi qo’annoofi qorannoon rakkoo jiru furuu keessatti hayyuun hunduu tumsa isarraa eegamu haalaan bahuu qaba jedhan. Akkasumas, 'qorannoo qulqullina qabuufi gorsa jijjiirama jarmiyaaleef' yaada jedhuun Piropozaala dhiyaate irratti hayyoonnii YNO qeeqaafi yaada qaban haala qulqullinaa piropozaala qo'annichaafi bu'aa qabeessummaa isaatiifi jijjiirama inni fiduu danda'u irratti yaada isaanii ibsuun goolabanii jiru.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

05 Nov, 11:08


Gamaggamni raawwii hojii kurmaana tokkoffaa gaggeeffame
Onkoloolessa 26, 2017
YNO
*
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa(YNO) gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bakka hoggantonniifi hojjettootni YNO argamanitti gaggeessee jira. Jalqaba irratti gamaggama raawwii hojii kana ilaalchisee haasaa baninsaa kan taasisan Kabajamoo Dr. Garramuu Hulluuqaa, pirezidaantii YNO yommuu ta'an, gamaggama rawwii hojii kurmaana tokkoffaa kana keessatti hoggansiifi hojjetaan hundumtuu ani maalan fakkaadha jedhee of ilaaluu akka qabuufi harcaatii hojii jiru irratti xiyyeeffatee xiiqiidhaan kutannnoo walfakkaatuun hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.
Gabasaa kurmanaa 1ffaa bara 2017 kan dhiyeesaan Daayirektaraa qophii karooraa, hordooffiifi gamaggamaa YNO Obboo Tasfayee Niguusee yoo ta'an, gabaasa dhiyeessan keessatti hojiiwwan gurguddoo akka YNO’tti rawwataman, hojiiwwan KPI, hojiiwwan waloo, inisheetiviifi tola ooltummaa dameewwan adda addaatiin rawwataman, hanqinootaafi ciminoota isaanii waliin erga dhiyeessanii booda yaadaafi gaaffii hirmaattotaan dhiyaatee deebiin hoggantootaan ergaa keennamee booda, Piresidaantiin YNO, Kabajamoo Dr. Garramuu Hulluuqaa kallattii hojii gara fuulduraaf isa ammaa caalaa waloon kaanee dandeettii qabnu duguugnee qulqullina, ariitiifi kaalqa itti daballee, ogummaa qabnu gara madda galiitti jijjiiruun guddina dhuunfaa, kan Yuunivarsiitiifi kan biyya keenyaa daraan cimsuu qabna jechuun sagantaa guyyaa har'aa goolabaniiru.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

28 Oct, 12:14


Simannaan barattoota haaraaf Taasifame
Onkoloolessa  18,2017
YNO
*
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa (YNO) barattoota haaraa digirii tokkoffaafi lamaffaatiif simannaa taasise. Simannaa barattootaa kana irratti argamuun haasa baga nagaan dhuftaanii kan taasisan I/A pirezidaantii dhimmoota akaadamiksii Dr. Nigusee Taaddasaa yoo ta’an, YNO yuunivarsiitii keessan ta’uu beektanii filattanii waan dhuftaniif galatoomaa baga nagaan dhuftan erga jedhanii booda, YNO’n humna dandeettii raawwachiisummaa mootummaa cimsuuf hojiiwwaan hojjatu keessaa tokko barnoota yoo ta’u, qulqullina barnootaa guddisuuf hojiiwwan bal’aa hojjatee wagga waggaan barattoota simachaa jira jedhaniiru. Guyyaa har’aas barattoota bara barnootaa 2017 haaraa galmaa’aniif hubannoo waliigalaa koorsiiwwan waloo, seerotaafi  danbii ittiin bulmaata barattoota YNO, itti fayadama manaciisichaa, daree barnootaafi mana dubbisa kitaaba dijitaalaa(digital library) irratti hubannoon bal’aa  kara dayireektarootaa dhimmi kun isaan ilaallatuun kennameera. Dabalataanis, miseensoota gumii GDAAASO walaloo ergaa dabarsuufi boohaarsu dhiyeessuun barattoonni miseensa gumii isaanii akka ta’an daayirektara waliin ta’uun affeeraniiru.
Barattootni simannaa kana irratti argamanis simannaa taasifameef galateeffatanii yeroo kanatti qophiin simannaa kun barataan mirgaafi dirqama isaa beekee akka socho’u kan taasisu ta’uu himanii gaaffiiwwan gara garaa ifa akka isaaniif ta’u barbaadan kaasuun karaa daayireektaroota dhimmi isaa ilaallatuun deebiin itti kennameera.
Dhuma irrattis I/A pirezidaantii dhimmoota akkaadamiksii Dr. Nigusee Taaddasaa  barattoonni qormaata bahinsaa dhuma barnootaa irraatti kennamuuf amma irraa jalqabee qopha’uu akka qabaniifi qophii taasisan keessattis gaaffii qaban barsiisotaafi muummee barnootaa isaanii waliin itti dhiyeenyaan mari’achuu akka danda’an himanii  bara barnootaa gaarii akka isaaniif ta’u hawwuun sagantichi golaabameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

24 Oct, 11:20


Notice

Oromia State University

16 Oct, 11:58


Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa(YNO) fi dhaabbata ‘Centre for Humanitarian Dialogue’ jidduutti mariin waliin hojjechuu taasifame.
Onkolooleessa 06/02/2017
YNO
*
Piresidaantiin Yuunvarsiitii Naannoo Oromiyaa, Dr. Garramuu Hulluuqaa, Yuunvarsiitiin Naannoo Oromiyaa dhaabbilee biyya keessaafi alaa wajjin qindoomee hojjechuuf karri isaa banaadha jedhan. Keessattuu, dhaabbata akka ‘Centre for Humanitarian Dialogue’ (CHD) wajjin marii bal'aa hayyoota hirmaachise dhimmoota nageenyaafi deeggarsa namoomaa uwwisa miidiyaan deeggarree qopheessuun hawwaasni bal'aan irraa fayyadamaa akka ta'uufi hubannoo dhimma nageenyaa irratti shoora olaanaa qabaata jedhan.
Gorsaan olaanaa Dhaabbata ‘Centre for Humanitarian Dialogue’ kan ta'an ambassador Jens Petter Kjemproud, lammii biyya Switzerland, Henry Dunant erga hundeeffamee hojiilee gargaarsa namoomaafi ijaarsa nagaa irratti hojii guddaa hojjechaa jira jedhan  
Damee Itoophiyaa fi Suudan Kibbaatti  hoogganaan Dhaabbata Dhimmota Namooma (Centre for Humanitarian Dialogue) kan ta'an obboo Misgaanaa Asaffaa dhaabbanni isaanii seminaarota adda addaa dhimmoota nageenyaafi deeggarsa namoomaa irratti waliin qopheessuu, Mariilee dhimma nageenyaafi ijaarsa nageenyaa irratti waliin qindeessuufi dhimmoota ijaarsa dandeettii irratti YNO wajjin hojjechuuf karoora akka qabu marii taasisan irratti ibsanii jiru.
 
𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

14 Oct, 19:19


Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa (YNO) Qormaata seensaa barattoota barnoota digirii sadaffaa barachuuf galmaa’aniif kenne
Onkoloolessa 4, 2017
YNO
*
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa qormaata seensaa barattoota barnoota digirii sadafffaa barachuuf galmaa’an kan NGAT (National Graduation Admission Test) darbaniif qormaata yuunivarsiitichaan qophaa’e kenneera. YNO humna danddeettii raawwachiisummaa mootummaa cimsuuf hojii hojjechaa jiru keessaa barnoonni isa tokko yoo ta’u, sagantaa digirii 3ffaa muummeewwan sadiin (PhD in Management and Leadership, PhD in Development Studies, and PhD in Public Management and Policy) barsiisuu eegaluuf qophii barbaachisu raawwatee barattoota 24 qormaata qoree jira. Qormaanni kunis, yuunivarsiitichi qulqullina barnootaa eegsisuufi barattoota gahumsa qaban horachuuf hojii rawwatamuu qabu keessaa isa tokko ta’uu Dr. Caala Dachasaa (Dean for School of Graduate Studies, Research, and Publications) ibsaniiru.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

14 Oct, 10:02


“Alaabaan  Keenya  Tokkummaa  Biyyaalessaaf, Birmadummaa Fi Olka’iinsa Itoophiyaaf!
Onkolollessa 4, 2017
YNO
*
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa guyyaa Alaabaa marsaa 17ffaa akka biyyoolessaafi naannootti kabajamaa jiru mooraa yuunivarsiitii keessattis bakka hooggansaafi hojjettoonni argamanitti bifa ho’aa ta’een kabajameera.
Kabajaa guyyaa alaabaa kana irraatti ergaa gababaa kan dabarsan pirezidaantin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluqaa guyyaa alaabaa kana bara baraan dhadannoo addaa addaatiin kan kabajaa turre yoo ta’u, kan baraanaa dhaadannoo “Alaabaan  Keenya  Tokkummaa  Biyyaalessaaf, Birmadummaa fi Olka’iinsa Itoophiyaaf!” jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, nutis lammii biyyaa keenyaaf akka dhaabbata tokkootti dhaadannoo kana fudhachuun tokkummaafi birmadummaa biyyaa eegsisuuf, hojiiwwan hojjachaa jirru bu’aa qabatamaafi misooma biyyaa dhugoomsuu akka danda’uuf kutannoon hojjechuuf guyyaa waadaa galludha jedhaniiru. Sagantaa kana irratti faaruun Alaabaa Itoophiyaafi Naannoo Oromiyaa faarfachuun alaabaan fannifameera.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

10 Oct, 18:04


Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa (YNO) Dhaabbataa African Center for Governance and Economic Management (ACGEM) Waliin Marii hojii Gaggeesse.
Fulbaana 30, 2017
*
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaafi ACGEM Marii waliin hojjechuu dandeessisu taasisan. Marii waajjira Pirezidaantii Yuuniversiitii Naannoo Oromiyaatti gaggeeffame kanan qabxiileen waliin hojjechuu dandeessisan irratti gadi fageenyaan mari’atameera.
Pirezidaantiin YNO Dr. Garramuu Hulluuqaa ergamaa fi hojiiwwan YNO hojjachaa jiru irratti ibsa bal’aa erga kennaniin booda hojiiwwan Qorannoo, Leenjii, barnoota, rifoormii akkasumas Pirojektoota waloofi dhimmoota bulchiinsa gaarii irratti akka waliin hojjachu danda'amu kaasaniiru.
Haaluma wal-fakkaatuun hoogganaan ACGEM kan ta’an Professer Okey Oneeyjaakuwee haasawa taasisaniin dhaabbanni isaan hoogganan Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa waliin hojiiwwan gurguddaa hojjechuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!

Oromia State University

04 Oct, 08:05


Baga Ayyaana Irreechaa Bara 2017tiin Isin Gahe!
Irreechi bara kanaas kan Milkii, Nageenyaa, Jaalalaa fi Tokkummaa nuuf haa ta'u!
እንኳን ለኢሬቻ በዓል አደረሳችሁ!
በዓሉ የሰላም፣ የስኬት፣ የፍቅርና የአንድነት ይሁንልን !
መልካም በዓል!
Baga Ayyaana Irreechaa Bara 2017tiin Isin Gahe!
Irreechi Mallattoo, Duudhaa fi Miidhagina Oromummaati!

Oromia State University

30 Sep, 14:37


Beeksisa
Barattoota Buleeyyii fi Haaraa Digrii Lammaffaa fi Sadaffaa Hundaaf