Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa @oromiaethics Channel on Telegram

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

@oromiaethics


Oromia Ethics Channel (English)

Welcome to the Oromia Ethics Channel, also known as 'Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa' in Oromo language. This channel is dedicated to promoting ethical values and principles within the Oromia community. With a focus on integrity, honesty, and respect, Oromia Ethics aims to create a space for meaningful discussions on moral issues and dilemmas that affect our society

Who is it for? The Oromia Ethics Channel is open to anyone who is interested in exploring ethical concepts and learning more about the cultural values of the Oromo people. Whether you are a member of the Oromia community or simply curious about ethical practices, this channel welcomes you to engage in thoughtful conversations and reflections

What is it? This channel serves as a platform for sharing educational resources, thought-provoking articles, and inspiring stories that highlight the importance of ethical behavior in everyday life. From discussing the role of traditional values in modern society to addressing contemporary ethical challenges, Oromia Ethics seeks to foster a sense of responsibility and awareness among its members

Join us on the Oromia Ethics Channel to connect with like-minded individuals, engage in meaningful discussions, and explore the rich cultural heritage of the Oromo people through the lens of ethics. Together, we can strive towards a more ethical and harmonious community where mutual respect and understanding prevail. Let's uphold the values of 'Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa' and make a positive impact on our society.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

03 Dec, 11:12


KNFMNO - Sadaasa 24,2017

Naamusa Gaarii Dagaagsuun, Dhaloota Malaammaltummaa
Hadheeffatu Horachudha!

Guddina waliigalaa biyya tokkoo keessatti humni nama baratee gahee ol'aanaa qaba. Humna kana oomishanii baasuu keessatti ammoo gaheen manneen barnootaa ol'aanaadha. Barattoonni beekumsaa fi teeknooloojii qofaan osoo hin taane; naamusa gaariin, safuu fi duudhaalee hawaasaa kabajuun akka guddatan gochuu keessatti gumaacha guddaa qabu.
Kana dhugoomsuuf ammoo hubannoo barttootaa yeroo yeroon guddisaa deemuun murteessaa ta'a. Kana keessaa tokkoo guyyaa konveenshinii qabsoo farra malaammaltummaa addunyaa itti ragga'e yaadachuuf waggaa waggaan qophaa’u sababeeffachuun dorgommii gaaffii fi deebii barttootaa gaggeeffamaa tureera.
Bara kanas barattoonni hubannoo naamusa, aadaa, safuu fi qabsoo farra malaammaltummaa irratti qaban akka cimsatanii fi malaammaltummaa fi hojimaata badaa hadheeffatanii balaaleeffataniif dorgommiin kun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, sadarkaa 2ffaa, koolleejjotaa fi kutaa magaalotaa keessatti gaggeeffameera.
Guyyaa har’aas, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti barreeffamni guyyaa farra malaammaltummaa adduynaa dhiyaatee erga irratti mari’atamee booda, barattoota sadarkaa 2ffaa kutaa magaalotaatti dorgomanii tokkooffaa bahaan jidduutti dorgommiin gaaffii fi deebiin bifa hoo'aa ta'een taasifamee jira.
Barattoota tokkoo hanga sadii bahaniif badhaasni kanneen hirmaataniif beekamtiin kan kenname yoo ta’u, kanneen tokkooffaa bahan ammoo dorgommii xumuraa mo'ataa mo'attootaa sadarkaa Naannoo Ormiyaatti gaggeeffamuuf darbaniiru.
Bifuma walfakkatuun dorgommiin gaaffii deebii barattoota kun sadarkaa Dameelee Komishinichaatti Magaalota; Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Ciroo, Naqamtee, Asallaa, Bulee Horaa, Amboo fi Gimbiitti gaggeeffama ooleera.
Sagantaan kunis guyyaa Farra Malaammaltummaa akka addunyaatti yeroo 21ffaaf, akka biyaatti yeroo 20ffaaf, akka Naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo 19ffaaf dhaadannoo “Dhaloota safuu fi naamusaa gaariin ijaaruun, Badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun yaadatamu sababeeffachuun qophaa’ee dha.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

20 Nov, 20:30


(KMNFMNO,Sadaasa11/2017,Finfinnee)
Karooraa fi Kallattii Qophii Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa Bara Kanaa irratti Caasaalee Deeggarsaa fi Horddoffii Dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Waliin Mariin Gaggeeffame.
Waltajjii marichaa haasaan kan banan Komishinarri I/A/ KNFMNO fi walitti qabduun koree ayyaanichaa adde Abbaayinash Tafarraa, (9,December 2003) guyyaa biyyoonni miseensa mootummoota gamtoomanii(UN) qindoominaan malaammaltuummaa waloodhaan ittisuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf waliin hojjechuuf waliigaltee qabsoo farra malaammaltummaa walii mallatteessuun guyyichis guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa ta’ee bara baraan akka kabajamu murteessanidha. Biyyi keenyas waliigaltee qabsoo farra malaammaltummaa kana akka seera biyyattiitti raggaasisuun Sadaasa 30 (December 9) guyyaa farra malaammaltummaa addunyaa akka naannootti waggaa waggaan kabajaa jirti.

Bu’uuruma kanaan, guyyichi bara kana sadarkaa addunyaatti 21ffaaf, akka biyyaatti yeroo 20ffaa fi akka naannoo keenyaatti yeroo 19ffaaf dhaadannoo “Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun,Badhaadhina Hunda Galeessaf” jedhuun ni yaadatama jedhaniiru.

Kaayyoon guyyichi yaadatamee akka ooluuf barbaachisne inni ijoon hawwaasni miidhaa malaammaltummaafi hojimaata badaa sirritti akka hubatee qabsoo farra malaammaltummaa gaggeeffamaa jiru keessatti dammaqinaan hirmaachuun gahee isa irraa eeggamu akka bahatu taasisuudha jedhaniiru.

Malaammaltummaa ittisuuf hirmaannaa fi qindoomina hubannoo gahaa irratti hundaa’een bifa wal-irraa hincinneen gaggeessuuf; qaamolee qabsicha keessatti gumaacha olaanaa qaban adda baasuun ijaaruun, dadammaqsuunii fi qindeessuun qabsicha haala tarsiima’aa ta’een milkeessuun barbaachisaa dhas jedhaniiru adde Abbaayinash.

Haaluma kanaan, karooraa fi kallattii qophii Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa I/G/Deeskii HRNFM , obbo Taffarraa Tasfaayeetiin caasaalee deeggarsaa fi horddoffii dhimmoota naamusaa fi farra malaammaltummaa MHM, DhMM sadarkaa naannoo irraa dhufaniif dhiyaate mariin bal’aa irratti gaggeeffamee jira. Ogeessonni kunneenis karooraa fi kallatti komishinchaan kennameef kana caasaalee isaanii sadarkaa naannoo hanga gandaatti jiraniif akka gadi buusuu qaban kallattiin kennamee jira. Haala karoorichaan guyyichi bara kana MHM, DhMM. JU sadrkaa naannoo, dhaabbilee barnootaa fi leenjii, godinaalee, magaaloota, aanooleefi gandoota hundumaa keessatti haala hirmaannaa hawaasaa mirkaneesseen qophiilee garaa garaatiin bifa ho’aa ta’een ni kabajama.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

19 Nov, 06:26


Safuu Keenya Cimsuun Malaammaltummaa Haa Ittisnu !!
Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Oromoon uummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi falasaama uummata kanaa gadi fageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hin dhumne, kanneen qaroominaaf raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha.
Safuun seera uumaa jalqaba ture, gara fuulduraattis kan jiraatuudha. Safuun seera hariiroo dhala namaa gidduu jiru, hariiroo dhala namaafi uumama gidduu jiruufi hariiroo waa hundaa, fedhiifi seera Waaqaa eeguudha. Kanaaf, safuun seera yayyabaa walitti dhufeenya uumaafi uumamaa qajeelchu, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa tiksuu to’atuudha.
Safuu eeguun dirqama jireenyaati. Safuun hintumamu, ni eegama, nikabajama. Safuun waan baay’ee of keessaa qaba. Safuu cabsuu jechuun cubbuu hojjechuudha. Cubbuu hojjachuun ammoo, nagaa namootaa ykn hawaasaa booressuudha. Safuun mirgaafi dirqama uummanni ittiin waliin jiraatuudha. Safuun seera Waaqaafi lafaati.
Safuu Oromoo keessatti inni ijoon tokko kan namni biraan itti dadhabe, jechuunis dafqa namaa nyaachuun gonkumaa dhorkaadha.Oromon hattuu hin jaalatu. Hattuudhaaf garaas hin laafu.Ni gorsa. Yoo gocha isaa irraa deebi’uu dide ammoo adabbii qoqqoobbii garaagaraa irra kaa’uufi dhaanuu irraa hanga murtii adabbii du’aatti itti kenna. Kanaafuu, Oromoon waan namaa hatuun haa turuutii kan lafatti bu’ee argame illee lafaa fuudhee bakka mul’atutti fannisee darba.Namni waa jalaa bade sunis deebi’ee barbaadee argata.
Garuu yeroo ammaa safuun kun sharafamaa dhufurraan kan ka’e gochi hannaa babal’achaa dhufee jira.Karaa qaxxaamuraan badhaadhina hin malle argachuuf jecha gochi hannaa( malaammaltummaa) raawwatama.Gochi hannaa(malaammaltummaa) qabeenyi mootummaafi uummataa harka namoota muraasaatti akka galu taasisuun guddina biyyaa miidha.Misoomni akka hin babal’anne taasisuun biyyi hiyyummaa keessa akka turtu godha.Nageenya biyyaa jeequun tasgabbii dhorka.
Kana ittisuuf ammoo meeshaan inni guddaan harka tokko tokkoo keenyaa jira. Innis:
• Ijoollee keenya safuu,aadaa fi duudhaa Oromoo afaaniin itti himuu qofa osoo hin taane ofii fakkeenya ta’uun gochaan itti mul’isnee barsiisaa naamusa gaariin bocaa guddisuu,
• Qabeenyi mootummaa fi uummataa malaammatummaa fi qisaasmaaf akka hin saaxilamne eeguufi kunuunsuu,
• Ofii keenyaa gocha kana irraa bilisa ta’uun fakkeenyummaa olaanaan tajaajila uummannii fi biyyi nurraa eegan kennuu fi
• Sodaa tokko malee malaammaltoota irratti qabsaa’uuf gocha isaanii saaxiluudha.
Kanaafuu,hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuun yakka hannaa (malaammaltummaa ) ittisuun biyya malaammaltummaa irraa bilisa taate dhaloota dhufuu haa dhaalchisnuun dhaamsa keenya.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

18 Nov, 14:48


(KNFMNO, Sadaasa 09/2017, Finfinnee)

Biiroon Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa hojii riifoormii kurmaama 1ffaa Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa gamaaggameera.

Gareen Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa irraa dhufan miseensa maanaajimantii fi dursitoota garee Koomishinichaa walitti qabuun hojiin riifoormii Komishinichaa maal irra akka jiru ilaaluun marii balaa taasisaniiru.

Buuuruma kanaan, uunkaawwan garagaraa hojii riifoormiitiin walqabatan akkaataa hojimaataatiin ittiin hojjatamuu fi hojjatamuu dhabuu isaa dookmantiiwwan jiran irraa garichaan ilaalameera.

Dhuma irratti bakka hubannoon barbaachisuttis mariin bal'aanirratti kan taasifame yoo ta'u, gareen BPSMQN irraa dhufan ciminni baayeen jiraachuu isaa kaasuun qaawwaa muraasa muul'ate fuuladuratti fooyyeeffachuun barbaachisaa akka tae dubbataniiru. Gareewwan Komishinii irraa maricha irratti argamanis hanqinalee mul'atan ofitti fudhachuun yeroo itti aanutti sirrffachuuf qophii ta`uu isaanii kaasaniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:40


Sadaasa 4, 2017
Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee
=====================
Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Giddu Galeessa Lixaatti Leenjiin TOT Sekteroota Godinaa Wallagga Bahaa, Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee fi Aanaalee Godina Wallagga Bahaa hirmaachise mata dureewwan adda addaa (Adeemsa Hoggansa Kenna Leenjii, Malaammaltummaa Ittisuu keessatti Gahee Safuun oromoo Qabu, Haala Gurmaa'insa kaawunsilii ittisa yakka malaammatumaa fi Qo'annoo Hojimaata idilee fi ariifachiisaa akkuma kanas sirna QBG irratti kennamaa ture xumuramee jira.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:39


https://www.facebook.com/100027618755410/posts/pfbid0vG96DP98Lauk1jBziQJ6LZTTojuHAFwhNyt48mxbSPVqJN1ucabqRG7zL8SyfS7Al/?app=fbl

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:39


https://www.facebook.com/100069358400907/posts/878616184460320/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:36


Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee Kibba Lixaa Leenjii Kennu Jalqabe.
***
Aggaaroo,Sadaasa 4,2017
Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee kibba lixaa Leenjii Leenjistotaa (TOT) Dursitoota Garee fi Ogeessota Hordoffii dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa qondaaltota naamusaa haaraa fi buleeyyii sadarkaa Godinaalee,Magaalaa fi Aanolee ( Jimmaa, I/A/Boor, Bu/Beddellee fi Magaalota :Jimmmaa, Aggaaroo fi Mattuu irraa dhufaniif laatamuu eegaleera.

Leenjiin kun guyyoota lamaaf kan turu yemmuu ta'u
Mata dureen leenjii kanaa
#Tarsiimoo_Qinda'aa_Ittisa_Yakka_Malaammaltummaa
#Qo'annoo Hojimaataa_fi_Qo'annoo_ariifachiisaa_Ittisa_Yakka_Malaammaltummaa
#Mosaajii_Haaromeen_Sirna_Qabeenya_Galmeessuu
#Adeemsa_fi_Hojimaata_Hoggansa_Leenjii
#Aangoo_fi_Gahee_Qondaaltota_Naamusaa irratti kan kennamuu dha.

Bu'aan naamusa gaarii beekuu fi dagaagsuun miidhaa Malaammaltummaas hubachuun hunduu gahee isaa  bahachuu qaama qabsoo ta'uu akka qabu barbaachisaa fi murteessaa dha.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

12 Nov, 19:59


Amanamummaan Maali?

Yaadni rimee amanamummaa jedhu ofiif, ogummaaf, hojiif, hiriyaaf, uummataaf, biyyaaf kkf waadaa seenan eeguu irra darbee hanga wareegama kaffaluutti kan fulla’udha.

Hooggantoonnii fi hojjettoonni amanamoon ergama dhaabbata(waajjira) isaanii galmaan ga’uuf, haalota kam keessattiyyuu, amanamummaan hojjechuufi kutannoo qabaachuu qabu.

Ibsituuwwan Amanamummaa:

• Ogummaaf amanamuu,
• Seeraa fi qajeelfamaan hoogganamuu,
•Yeroo kamiyyuu dhaabbataaf, maamilaaf, miiltoowwaniif amanamuu fi ajajamuu,
• Iccitii dhaabbataa, hojjattootaa fi maamilaa eeguu,
• Safuu fi aadaa hawaasaa kabajuu,
• Qabeenya dhaabbataa sirnaan itti fayyadamuu fi sa’aatii hojii kabajuu,
• Dhaabbata(waajjira) tokko keessatti namoonni ykn gareen wayita qabeenya mootummaa irratti hanna(malaammatummaa) raawwatan battalumatti saaxiluu ta’a.
Kanaafuu,amanamuun carraa guddaa waan ta’eef, haala kam keessattuu wayita itti gaafatamummaan nutti kennamu,malaammaltummaa irraa bilisa taanee amanamummaadhaan hojjechuutu nurraa eegama.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

01 Nov, 12:40


በሀሰተኛ ቼክና ፊርማ ከንግድ ባንክ 89 ሚሊየን ብር ሊያወጣ ሲል ተይዟል የተባለው ግለሰብ ላይ ክስ ተመሰረተ

****

(የፌ.ሥ.ፀ.ሙ.ኮ ጥቅምት 20/2017 ዓ.ም አዲስ አበባ) ተመሳስሎ በተሰራ ሀሰተኛ ቼክና ፊርማ ከኢትዮጵያ ንግድ ባንክ 89 ሚሊየን ብር ሊያወጣ ሲል በባንኩ ሰራተኞች ማጣሪያ በክትትል ተይዟል የተባለው ግለሰብ ላይ ክስ ተመስርቷል፡፡

ክሱ የተመሰረተው በፌደራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት ድሬደዋ ምድብ ወንጀል ችሎት ነው።

በፍትሕ ሚኒስቴር ድሬደዋ ቅርጫፍ ጽ/ቤት የፌደራል ዐቃቤ ሕግ በተከሳሹ ላይ የሙስና ወንጀሎችን ለመደንገግ የወጣውን አዋጅ ቁጥር 881/2007 አንቀጽ 23 ስር የተመለከተውን ድንጋጌ መተላለፍ የሚል ክስ አቅርቦበታል።

ይህ ክስ የቀረበበት ተከሳሽ የአዲስ አበባ ከተማ የጉለሌ ክፍለ ከተማ ወረዳ 10 ነዋሪ ነው የተባለው ሐጂ ረሺድ ሺፋ ሠዒድ ይባላል።

ዐቃቤ ሕግ በተከሳሹ ላይ ባቀረበው ክስ ላይ እንደተመላከተው ተከሳሽ የሌላውን ሰው መብት ወይም ጥቅም ለመጉዳት፣ ለራሱ ወይም ለሌላ ሰው ተገቢ ያልሆነ ጥቅም ለማግኘት ወይም ለማስገኝት በማሰብ ሚያዝያ 11 ቀን 2016 ዓ.ም ከቀኑ 8፡30 ገደማ በድሬዳዋ ከተማ ቀበሌ 6 በሚገኘው በንግድ ባንክ ፈረስ መጋላ ቅርንጫፍ በመቅረብ ከአየር ጤና ቅርንጫፍ የሂሳብ ቁጥር የተጠቀሰበት ለገብረግዚ ጸሀዬ እና ሰለሞን ገብሬ በሚል ተመሳስሎ በተሰራ እና በተፈረመ የቼክ ለክፍያ ይዞ መቅረቡ በክሱ ተመላክቷል።

ተከሳሹ በአንደኛው ቼክ ላይ 45 ሚሊየን ብር እንዲሁም በሌላኛው በቼክ ቁጥር ደግሞ 44 ሚሊየን ብር በጥሬ ገንዘብ ለክፍያ የታዘዘ በማስመሰል በድምሩ 89 ሚሊየን ብር የሚያወጡ ቼኮችን ይዞ በባንኩ በመቅረብ ክፍያ እንዲፈጸምለት መጠየቁም ተጠቅሷል፡፡

የባንኩ ሰራተኞች የቼኩን ትክክለኛነት በማጣራት ላይ እያሉ ወጥቶ የተሰወረ ሲሆን፥ በተደረገ ጥብቅ ክትትል በመስከረም 10 ቀን 2017 ዓ.ም አዲስ አበባ ከተማ በቁጥጥር ስር የዋለ መሆኑ ተጠቅሶ መንግስታዊ ወይም ህዝባዊ ድርጅት ሠነዶችን አስመስሎ ማዘጋጀት፣ ወደ ሀሰት መለወጥ ወይም በሀሰተኛ ሰነድ መገልገል ከባድ ሙስና ወንጀል ተከሷል፡፡

ዐቃቤ ሕግ በክስ ዝርዝሩ ላይ የ3 የሰው ምስክሮችና በባንኩ ቀርቧል የተባሉ ቼክና ለክፍያ ተሞልተዋል የተባሉ ፎርሞችን በሰነድ ማስረጃነት አያይዞ አቅርቧል።

ተከሳሹ የክስ ዝርዝሩ ከደረሰው በኋላ ክሱ እንዲሻሻልለት የመጀመሪያ ደረጃ የክስ መቃወሚያ በጽሑፍ ማቅርቡን ኤፍቢሲ ዘግቧል።

ፍርድ ቤቱም ተከሳሹ ያቀረበውን የክስ መቃወሚያና የዐቃቤ ሕግ መልስ መርምሮ ብይን ለመስጠት ለጥቅምት 26 ቀን 2017 ዓ.ም ተለዋጭ ቀጠሮ ሰጥቷል።

Madda: KNFMF

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

29 Oct, 10:59


Hojii Mootummaa Karaa Hin Malleen Gaggeessuun Yakka Malaammaltummaati!
=========================
Gochoonni yakka malaammaltummaatiin nama gaafachiisan matta’aa fudhachuu fi kennuu, qabeenya mootummaa qisaasuu qofa fakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee, gochaawwan malaammaltummaa kan hin fakkaanne garuu yakka malaammaltummaa ta’an hedduutu jira.

Akka seera yakkaa Itoophiyaa bara 1996 tumamee fi labsii lakk. 881/2007 kew. 13 tiin hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa fi jaarmiyaalee uummataa karaa hin malleen qajeelchuu ykn gaggessuu ykn raawwachuun yakka malaammaltummaa tiin kan nama gaafachiisu ta’uusaa ibsameera.

Yakki kun raawwatame kan jedhamu, gaggeessaa fi hojjataan mana hojii kamiiyyuu bu’aa hin malle ofii argachuuf ykn nama biraa argamsisuuf yaaduudhaan aangoo fi itti gaafatamummaa itti kenname seeraan ala fayyadamuun hojiilee bittaa, gurgurtaa, dhiyeessii, daldalaafi waliigaltee hojii kamiyyuu kan raawwate yoo ta’ee fi kkf dha.

Kana malees, akkaataa aangoo fi itti gaagatamummaa isaatti wantoota akka eegu ykn ittisu amaanaan itti kennaman, eeguu dhiisuun karaa kamiinuu mootummaafi uummatarra miidhaa yoo dhaqqabsiise yakka kanaan kan gaafachiisu ta’a.

Gama biraatiin, dhaabbilee qabeenyummaan isaanii kan isaa ykn kan firasaa ta’e waliin waliigaltee daldalaa ykn kan biraa raawwachuun bittaa fi gurgurtaa yoo raawwatee fi yakkoota kanaa olitti ibsaman kanniin yoo raawwate, hidhaa cimaa waggaa 7 hanga 15 fi qarshii kuma kudhanii gadi hin taanee fi kuma dhibba lamaa hin caalleen ni adabama.

Kanaafuu, hojjattoonni maanneen hojii kamiyyuu hojii karaa hin malleen qajeelchuun ykn gaggessuun ykn raawwachuun yakka malaammaltummaa miidhaa guddaa mootummaa fi uummatarraan geessisuu fi kan itti nama gaafachiisu ta’uusaa beekuun irraa of qusachuun, qabsoo farra malaammaltummaa keessatti gahee keenya haa bahannuun dhaamsa Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaatti.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

22 Oct, 12:47


Safuun Bu’uura Ittisa Yakka Malaammaltummaati
=========================
Malaamaltummaan ol’aantummaa seeraa, bulchiinsa gaarii, dimookiraasii, mirgoota namoomaa, guddina dinagdee fi tasgabbii biyyaatiif danqaa hamaadha.

Ka’umsa gocha kanaa ilaachisee hayyoonni yaada garaa garaa kennaniiru. Kanniin keessaa tokko kan tae, ka’umsi malaammaltummaa inni ijoon dhaloota aadaa, duudhaafi safuu hawaasichaa barsiisaa guddisuun dagatamaa deemuurraan kan ka’e mucucni naamsaa mudachuusaati. Lammiin aadaa fi safuu hawaasa isaa beekuufi kabaju naamusa qaba. Maatii,hawaasaa fi biyya isa guddisan deebisee saamee rakkoolee wal xaxaadhaaf akka saaxilamtu hin taasisu. Dhaloonni naamusaan bocamee guddate egeree biyya isaatiif yaada, amanamaa dha, seera kabajee akka kabajamus taasisa. Hojimaata eegee hojii isaa raawwata. Karaa dhugaa qabatee duudhaa fi safuu saba isaa eeguun hanna irraa fagaatee haqaan hojjeta.

Faallaa kanaatiin, kan safuu hawaasaa hin beekne ykn dagate, sabaa fi biyya isaatiif hin yaadu. Qaawwaa argate hundatti fayyadamuun qabeenya mootummaafi uummataa saammatee karaa qaxxaamuraan duroomuu irratti xiyyeeffata. Kun ammoo miidhaa wal xaxaa ta’an hedduu hawaasa bal
aa fi biyya irraan geessisa.

Kanaafuu, hundi keenya safuun bu’uura ittisa yakka malaammaltummaa ta’uu isaa hubannee ijoollee keenya safuu fi aadaa keenya barsiisaa guddisuun dhaloota biyyaaf yaaduu fi malaammaltummaafi hojimaata badaa hadheeffatee balaaleffatu haa horannu jenna. Akkasumas hojjettoonniifi hooggantoonni sadarkaa garaa garaa irra jirru malaammaltummaa irraa bilisa taanee haqaa fi amanamummaadhaan hawaasa keenya tajaajiluun jaalala biyyaaf qabnu haa mirkaneessinuun dhaamsa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaati.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

17 Oct, 19:14


(KNFMNO,Onkoloolessa, 07/2017,Finfinnee)
Leenjiin Ijaarsa Dandeetti Guyyoota Lamaaf Mata Dureelee Garaa Garaa Irratti Hojjettootaaf Kennamaa Ture Xumurame.
Leenjichi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaatiin(KNFMNO) Qophaa’ee , Biiroon Pablik Sarviisii fi Mimsooma Qabeenya Namaa Oromiyaa (BPSMQN) mata dureelee ''mosaajii karooraafi gabaasa raawwii hojii hojjetaa fi kenna tajaajila mootummaa akkasumas qophii istaandaardii kenna tajaajilaa'' jedhu irraatti guyyoota lamaaf hojjettoota Komishinichaatiif kennee jira.
BPSMQN dhufuun hojjettoota Komishinichaatiif leenjicha kan kennan Obbo Kabbadaa Mulugeetaa,mootumaan kenna tajaajilaa fooyyessuudhaaf yeroo garaa garaati riifoormii kenna tajaajilaa jijjijiiraa turee jira.Garuu kenna tajaajilaan wal qabatee rakkooleen gurguddoon ammallee akka mul'achaa jiran qorannoon mirkanaa’ee jira. BPSMQN kanaaf furmaata kan ta’an kenna tajaajilaa tekinoolojjiin deeggaraman haaraa uumme hojiirra oolchee jira. Komishiniinis dhimmoota rakkoolee kanaan wal qabatan irratti hojii bal’aa hojjechaa waan jiruuf hubannoo hojjettootaa isaa cimsuun babaachisaa ta'eef waan argameef leenjiin kun qindeessummaa Komishiniin qophaa'ee jira jedhaniiru.
Waltajii leenjichaa haasaan kan goolaban, KNFMNOtti Gag/Ol/Ija/Naam/Ho/Qind/Naam/Farra Malaammaltummaa obbo Jamaal Hajii, tajajilaa ammayya'aa kennuun hojjattoota tekinooloojiidhaan gahoomsuun dhimma yeroon gaafatu waan ta'eef kun cimee itti fufa .Hojjettoonni naannichaa sadarkaa sadarkaan jiran hundis gama isaaniitiin, maamilli kiyyaa jiraachuuf kiyyaaf murteessaa jedhanii amanuun tajaajila maamilli isaan irraa eeggatu karaa haqa qabeessaa fi malaammaltummaa irra bilisa ta’een kennuu qabu jedhaniiru.
Kana irra darbees saba gahaa malee dhimma lafa irra harkisuun abbaa dhimma deddeebisuun bu’uura seera malaammaltummaatiin nama adabiisa jedhaniiru.Komishiniinis gama isaatiin uummanni mirga isaa maallaqa isaatiin akka hin bitane kallattii garaa garaatiin hojii hubannoo uumuu bal’aa hojjechaa tureera. Ammas leenji dandeettii argate kana akkaa hidhannoo guddaatti fayyadamee caalmaatti cimsee itti fufa jedhaniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

16 Oct, 10:02


(KNFMNO,Onkoloolessa, 06/2017,Finfinnee)

Hojjettoonni Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Leenjii Ijaarsa Dandeettii Fudhachuu Jalqaban

Leenjiin kun mata dureelee ''mosaajii karooraafi gabaasa raawwii hojii hojjetaa fi kenna tajaajila mootummaa akkasumas qophii istaandaardii kenna tajaajilaa'' jedhu irraatti guyyoota lamaaf kennamaa jira.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

15 Oct, 07:48


Malaammaltummaan Gufuu Guddinaati!
=========================
Malaammaltummaan bifa isaa jijjiirratee babal’achaa akka jiru qorannoowwan adda addaa akka addunyaa, biyyaa fi naannoo keenyaatti gaggeeffaman ni mul’isu. Babal’achuun malaammaltummaa kun ammoo hojiiwwan invastimentiis ta’ee misoomaa hojjachuuf gufuu guddaa ta’a.

Malaammaltummaan kallattii hedduun guddinni diinagdee biyyaa akka lafarra harkifatu taasisa. Invastimentii biyya keessaa fi alaarraa galuufis hudhaa guddaadha. Abbootiin qabeenyaa haqaan hojjatanii ofiifis bu’aa argatanii misoomaa fi guddina biyyaaf qooda gumaachuu danda’an qabeenya isaanii biyya akkasii keessatti dhangalaasuu hin barbaadan. Biyya malaammaltummaan keessatti hammaatetti biyyoonni fi dhaabbileen liqii fi deeggarsa kennanis waan amantaa irraa hin qabneef liqiis ta’ee deeggarsa hin kennan.

Yeroo tokko tokko galii mootummaan bifa ashuuraa fi gibiraatiin biyya keessaa argachuu qabu kafaltootaa fi sassaabdoota galii jidduutti waan malaammalamuuf hammi galii karooraa gaditu sassaabama. Kanaan walqabatee daldallii seeraan alaas waan babal’atuuf daldaltoota seera qabeessa ta’an haamilee ajjeesa. Kun ammoo miidhaan guddina hawaas diinagdee biyyattii irraan geessisu baay’ee guddaa dha.

Gama birootiin baajanni mootummaan bittaa meeshaalee ijaarsa bu’uraalee misoomaa fi hojiilee biroof ramadu malaammaltummaan saaamamuun dhimmoota guddina biyyaa si’achisan kanneen gufachiisa. Gareen muraasni qabeenya biyyattii duguugee malaammaltummaan waan dhuunfatuuf, qoodiinsi qabeenya biyyattii qixxummaa akka hin qabaannee fi mirga uummanni bal’aan qabeenya biyya isaa irraa fayyadamuu qabu akka sarbamu taasisa.

Bakka malaammaltummaan babal’atetti qisaasamni qabeenyaa, humna namaa fi yeroo hojii waan baay’atuuf oomishaa fi oomishtummaa sakaaluun gufuu guddina misoomaa ta’a.

Miidhaa malaammaltummaan guddina diinagdee biyyaa irratti qaqqabsiisu bal’aa fi kan qaama hundumaa bira ga’uudha. Kana waan ta’eef, qaamoleen hawaasaa hundumtuu dhimma kanarraa bilisa of gochuun irratti qabsaa’uu fi ittisuun furmaata filmaata biraa hin qabneedha. Kanaafuu, yeroo kamiyyuu caalaa hawaasni keenya milkaa’ina qabsoo farra malaammaltummaa keessatti gahee isaa akka bahatu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa dhaamsa isaa dabarsa.