Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa @oromiaethics Channel on Telegram

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

@oromiaethics


Oromia Ethics Channel (English)

Welcome to the Oromia Ethics Channel, also known as 'Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa' in Oromo language. This channel is dedicated to promoting ethical values and principles within the Oromia community. With a focus on integrity, honesty, and respect, Oromia Ethics aims to create a space for meaningful discussions on moral issues and dilemmas that affect our society

Who is it for? The Oromia Ethics Channel is open to anyone who is interested in exploring ethical concepts and learning more about the cultural values of the Oromo people. Whether you are a member of the Oromia community or simply curious about ethical practices, this channel welcomes you to engage in thoughtful conversations and reflections

What is it? This channel serves as a platform for sharing educational resources, thought-provoking articles, and inspiring stories that highlight the importance of ethical behavior in everyday life. From discussing the role of traditional values in modern society to addressing contemporary ethical challenges, Oromia Ethics seeks to foster a sense of responsibility and awareness among its members

Join us on the Oromia Ethics Channel to connect with like-minded individuals, engage in meaningful discussions, and explore the rich cultural heritage of the Oromo people through the lens of ethics. Together, we can strive towards a more ethical and harmonious community where mutual respect and understanding prevail. Let's uphold the values of 'Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa' and make a positive impact on our society.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

21 Feb, 03:19


''ንብረታችሁ ሊወረስ ነው'' በማለት አስፈራርተው ገንዘብ ሲቀበሉ የተያዙ ተጠርጣሪዎች ፍርድ ቤት ቀረቡ

አዲስ አበባ፣ የካቲት 13፣ 2017 (ኤፍ ኤም ሲ) ንብረታችሁ ሊወረስ ነው በማለት ባለሃብቱን አስፈራርተው በቼክ ገንዘብ ሲቀበሉ በፀጥታ አካላት ተይዘዋል የተባሉ ተጠርጣሪዎች ፍርድ ቤት ቀርበዋል።

በብሔራዊ መረጃ ደህንነትና በፌደራል ፖሊስ በቁጥጥር ስር የዋሉት ተጠርጣሪዎቹ አዲሱ የንብረት ውርስ አዋጅ ወደ ስራ ባልገባበትና በፖሊስ ምርመራ ባልተጀመረበት ሁኔታ ላይ ተጠርጣሪዎቹ ''የጠቅላይ ሚኒስትር ጽ/ቤት እና የፋይናንስ ደህንነት ሰራተኞች ነን'' በማለት አንድን ባለሃብት አስፈራርተው 5 ሚሊየን ብር ጉቦ ተደራድረው የ1 ሚሊየን ብር ቼክ ሲቀበሉ እጅ ከፍንጅ ተይዘዋል የተባሉ 4 ተጠርጣሪዎች በተለያዩ መዝገቦች ፍ/ቤት ቀርበው ጉዳያቸው ታይቷል።

በፌደራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት ልደታ ምድብ ጊዜ ቀጠሮ ችሎት የቀረቡት ተጠርጣሪዎች 1ኛ የፌደራል ፖሊስ ኮሚሽን በሞጆ ደረቅ ወደብ የጥበቃ ኃላፊ ኢኒስፔክተር ሰለሞን ካሳ፤ 2ኛ በግል ስራ የሚተዳደሩት ተስፋ ሀታኡ ገምቴሳ፣3ኛ ጁዋር አወል ጀማል እና 4ኛ በፌደራል ፖሊስ ኮሚሽን የአይቲ ባለሙያ ረ/ኢ/ር ኩሉሌ ጉዮ ቦሩ የተባሉ ተጠርጣሪዎች ናቸው።

አዲሱ የንብረት ውርስ አዋጅ ወደ ስራ ባልገባበት፣ በፖሊስ ምርመራ ባልተጀመረበትና በጋዜጣ ባልታወጀበት ሁኔታ ላይ ተጠርጣሪዎቹ ደዘርት ትሬዲንግ ኃ/የተ/የግ/ማህበር ከተባለው ድርጅት ባለቤት አቶ ቢኒያም ሀደር እና ወኪላቸው ስራ አስኪያጅ መሐመድ እስማኤል አሊ ለተባሉት ግለሰቦች ስልካቸው ላይ በመደወል እና ጥር 05 ቀን 2017 ጀምሮ በተለያዩ ቀናት ባለሃብቶቹን በአካል በማግኘት የጠቅላይ ሚኒስትር ጽ/ቤት እና የመረጃ ደህንነት ሠራተኞች ነን በማለት በመተዋወቅ "በአዲሱ ንብረት ማስመለስ አዋጅ መሰረት በንብረታችሁ ላይ እና የባንክ የሂሳብ እንቅስቃሴዎች ላይ ምርመራ ተደርጎ ንብረታችሁ ይወረሳል፤የባንክ ሂሳብ እንቅስቃሴ እናግዳለን "በማለት ሲያስፈራሩ እንደነበረ ለጊዜ ቀጠሮ ችሎቱ አብራርቶ ነበር።

በተለይም መንግስት ሃብታቸውን እንዳይወርስባቸው እንደሚያደርጉ በመግለጽ÷ለዚህ ማስፈጸሚያነት የሚውል 5 ሚሊየን ብር በመደራደር በቅድሚያ 20 ሺህ ብር በባንክ ሂሳብ እንዲሁም በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር በቦሌ ክፍለ ከተማ ልዩ ቦታው ቦሌ ሚካኤል አኑዋር ምግብ ቤት ውስጥ አንድ ሚሊየን ብር የተዘጋጀ ቼክ ከደርጅቱ ወኪል ከሆነው ከአቶ ማሐመድ እስማኤል አሊ እጅ ሲቀበሉ በክትትል ላይ በነበሩ ጸጥታ ኃይሎች የተያዙ መሆኑን ጠቅሶ÷ የፌደራል ፖሊስ መርማሪ ለጊዜ ቀጠሮ ችሎት አቅርቧል።

መርማሪ ፖሊስ በዚህ መልኩ ተጠርጣሪዎቹ የሙስና ወንጀል የምርመራ ማጣሪያ ስራ እያከናወነ የሚገኝ ሲሆን ፥ ከእነዚህ ተጠርጣሪዎች መካከል ኢኒስፔክተር ሰለሞን ካሳ በሚመለከት የምርመራ መዝገቡን ለዐቃቤ ህግ ማስረከቡን ለጊዜ ቀጠሮ ችሎቱ ፖሊስ አስታውቋል።

በፍትህ ሚኒስቴር የሙስና ጉዳዮች ዳይሪክቶሬት ዐቃቤ ህግ በጊዜ ቀጠሮ ችሎት ቀርቦ የምርመራ መዝገቡን ከፖሊስ መረከቡን ጠቅሷል።

ዐቃቤ ህግ የምርመራ መዘገቡን ተመልክቶ በተገቢው ሁኔታ ክስ ለመመስረት እንዲያስችለው በወ/መ/ስ/ስ/ህ/ቁ 109(1) መሰረት የ15 ቀን የክስ መመስረቻ ጊዜ እንዲሰጠው ጊዜ ቀጠሮ ችሎቱን ጠይቋል።

በተጨማሪም ዐቃቤ ህግ በወንጀል ድርጊት ሊገኝ ከታሰበው የገንዘብ መጠን ወይም የደረሰው ጉዳት አንጻር ሲታይ በአዋጅ ቁጥር 434/97 አንቀጽ 4 እና በማሻሻያው አዋጅ ቁጥር 882/2007 አንቀጽ 3 ንዑስ ቁጥር 1 በተደነገገው ድንጋጌ መሰረት ከ10 ዓመት በላይ የሚያስቀጣና ዋስትና የሚያስከለክል መሆኑን ጠቅሶ ፤ የተጠርጣሪው ዋስትናው ታልፎ ክስ እስኪመሰረት ባሉበት በእስር እንዲቆዩ እንዲፈቀድለት ጠይቋል።

ተጠርጣሪው የዐቃቤ ህግ ክስ መመስረቻ ጥያቄን በመቃወም ዋስትና እንዲፈቀድለት ጠይቋል።

የግራ ቀኝ ክርክሩን የመረመረው ጊዜ ቀጠሮ ችሎቱ የተጠርጣሪውን የዋስትና ጥያቄ ውድቅ በማድረግ ለዐቃቤ ህግ የዘጠኝ ቀናት ክስ መመስረቻ ጊዜ ፈቅዷል።

Maddi:FBC

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

20 Feb, 15:47


(KNFMNO, Guraandhala  13/2017, Adaamaa)

Komishiniin Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa, raawwii hojii ji'a 7 kan Bara 2017 sadarkaa naannoo fi dameelee sagalii magaalaa Adaamaa Riizoortii Gadaatti gamaaggamaa jira.

Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa kab. Obbo Abdallaa Ogatee haasaa baniinsaa taasisaniin,  waltajjiin kun raawwiin karoora hojii Komishinii dameelee salgan dabalatee kan dhiyaate gamaaggamuu,  cimina jiru daran dabaluu fi hanqinaalee mul'atan ammoo sirreeffachaa deemuuf qophaa'e  jedhaniiru.
Akkasumas,  dameeleen hundinuu waan akka waliigalaatti Komishinichaan  raawwatame irratti hubannoo walfakkaataa akka qabaatanii fi waliirraa barataniif waltajjichi barbaachisaa ta'uu ibsaniiru.
Komishiniin ji'oottan torban kanniin keessa hojii bal'aa fi gurguddoo hojjetee jira. Kana keessaa tokko ramaddii abbootii alangaati kan jedhan Komishinarri,  hojii malaammaltummaa dursaanii ittisuu Komishinichi hojjechaa jiru qo'annoo hojimaata, qo'annoo battalaa fi walitti bu'iinsi faayidaa akka hin uumamne taasisuu keessatti gaheen keessan olaanaadha jechuun abbootii alangaa Komishinii waltajjii kanarratti argamaniif ergaa dabarsaniiru.
Abbootiin alangaa bifa haaraa tiin dameelee Komishinii keessatti ramadamanii hojjechaa jiranis gara waltajjitti bahuun hirmaattoota waliin wal baraniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

19 Feb, 14:11


https://www.facebook.com/100064064439428/posts/pfbid036qJLwGqi5RmNQWQoJ9oeemYftaHcjgqLgbtncHFihbwRkhuKHKFo42nThZ9EAKQWl/?app=fbl

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

05 Feb, 19:33


Amajjii 28 Bara 2017 - KNFMNO (Finfinnee)
Komishiniin Naamusaa Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii caasaalee deeggarsaa fi hordoffii Dhimmoota naamusaa fi farra malaammaltummaa sekteraalee sadarkaa naannoo Oromiyaa guyyaa lamaaf gaggeessaa ture xumurame.
Waltajjii kanaan xiinxallii gabaasa raawwii hojii ji’oota jahaa kan bara 2017 manneen hojii akka waliigaalaatti dhiyaatee marii bal'aan irratti taasifameera.
Hojii hanga ammaatti gama ijaarsa naamusaa fi ittisa yakka malaammaltummaatiin caasaalee kanaan hojjetame akka waliigalaatti jajjabeessaadha ta’uus, sekteroota tokko tokko biraatti hanqinni akka mul’atu gabaasa dhiyaaterraa hubatameera.
Hirmaattonni waltajjichaa raawwiin manneen hojii bifa kanaan bakka tokkotti dhiyaate mari'atamuun isaa walirraa barachuu fi hojiif kan nama xiiqeessu ta'uu ibsuun yaadotaa fi gaaffilee garagaraa kaasaniiru. Hooggansaa fi Daareektoreetota Komishinichaatiinis ibsii fi deebiin itti laatameera.
Dhuma irratti waltajjicha mariisiisuun kallattii kan kennan Komishinaroonni I/A/ KNFMNO Addee Mahibuubaa Adam fi Addee Abbayinash Tafarraatti.
Komishinarri I/A/KNFMNO Addee Mahibuubaa Adam akka jedhanitti, hirmaattonni asitti argamtan kunniin mana hojii keessan keessatti bakka bu’oota Komishinicha ta'uu keessan hubattanii, hojimaata badaa fi malaammaltummaa ittisuun biyya fi naannoo keenya gochaa kanaarra baraaruuf cimtanii hojjachuu qabdu jedhaniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

05 Feb, 12:01


(KNFMNO,Amajjii 27/2017,Baatuu)

Koreen Deeggarsaa KNFMNO Ijoollee Komishinichaan Deeggaramaa Jiran Doowwate.

Koreen deeggarsaa kun ijoollee maatii isaanii sababa dhibee HIV/AIDS tiin dhaban akkasumas maatiin isaanii harka qal’eeyyii ta’an magaalaa Baatuufi aanaa Siraarootti argaman 47 ta’an, Komishinichi deeggarsa maallaqaa fi meeshaalee barnootaa taasisuun barsiisaa jiru doowwate.

Koreen deeggarsaa Komishinara I/A/ KNFMNO fi walitti qabduu korichaa, aadde Abbayinash Tafarraan dursamu gara sana imaluun ijoollee deeggaramaa jiran kana doowwatanii jiru. Aadde Abbayinash haasaa weyita doowwannaa kana taasisaniin, Oromoon aadaa wal gargaarsaa abbootii irraa darbaa as gahe qabaa.Kana ammoo mootummaan yeroo ammaa labsii itti tolchee karaa qindaa’aa fi itti fufinsa qabuun akka naannootti bali’naan irratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Dabalaniis jijjirama ijoollee kana irratti mul’atetti hedduu akka gammadan ibsuun Komishinichi deeggarsa jalqabe itti fufaa jedhaniiru.Haa ta’u malee deeggarsa kana jalaa bahuuf maallaqa deeggarsaan argatani mursaa irraa hanga tokko qusachuun aadaa qusannoo gabbisatanii of danda’uuf carraaquu akka qabanis cimasanii dubbataniiru.

Doowwannaa kanaan,ijoolleen deeggarsa Komishiniin taasisuufiin barataa jiran haala gaarii irraa akka jiraniifi isaan keessaa yeroo ammaa kan barumsa sadarkaa lammaffaa xumuruun sadarkaa koolleejjiitti barachaa jirani, hojii daldalaa fi kan ogummaa garaagaraa irratti bobba’anii of danda’uun jireenya isaanii gaggeeffachaa jiran akka jiranis hubatameera .

Inni biraan deeggarsa Komishiniin godhuufiin meeshaalee barnootaa taasisumuuf kana irraa quschauun aadaa qusannoo gabbisatanii boru akka of danda’an jajjabeessuudha .

Bu’uurma kanaan, barattuu Itsuub Wandoseen deeggaramtuu magaalaa Baatuutti argamtu yoo taatu deeggarsa Komishiniin isheef taasisuun barumsa ishee sadarkaa tokkoffaa hanga sadarkaa lammaffatti, mana barumsaa dhunfaatti barachaa turtee jirti. Yeroo ammaa koolleejjii dhuunfaatti ‘’business management’’ barattuu waggaa tokkoffaati. Aadaa qusannan walqabatees maallaqa Komishiniin deeggaru irraa barachaa, muraasa ammoo qusachuun yeroo ammaa suuqii daldalaa banattee jireenya ishee haala gaariin gaggeeffachaa jirti.

Itsuub Wandoseen umurii kichumaan jireenyi itti dukkaa’ee akka tureefi deeggarsi Komishiniin taasiseef garuu gara ifaa fi abdii horannaatti akka ishee ceesise ibsitee jirti. Fuula duraattis beekumsa barumsa daldalaa barachaa jirtu kanaan gabbisatteen daldala ishee cimsachuun ijoollee akka ishee deeggarsi isaan barbaachisu deeggaruu akka barbaaddus dubbattee jirti.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

21 Jan, 06:36


Milkaa’ina Qabsoo Farra Malaammaltummaatiif Hirmaannaan Dargaggootaa Murteessaadha!
Malaammaltummaa fi hojmaatni badaan miidhaa gama hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaa tiin uummata irraan geessisaa jiru ol’aanaadha. Qo’annooleen garagaraa akka agarsiisanitti dargaggoonni akkuma hawaasa biyyattii walakkaa ol ta’an caalaatti miidhaa gocha kanaaf saaxilamoodha.
Bifuma walfakkaatuun rakkoo gama kanaan mul’atu maqsuu keessattis gaheen isaanii ol’aanaa dha.
Kanumaan walqabtee dhaabanni "Transparency International" jedhamu qo'annoo gaggeesseen, sababoota gurguddoo dargaggoonni qabsoo farra malaammaltummaa keessatti hirmaachuu qabaniif ibseera.
Dargaggoonni baay’ina, humna ho’aa, dandeettii hawaasa bal’aa sochoosuu, fedhii jijjiiramaa fi waan haaraa uumuu waan qabaniif qabsoo farra malaammaltummaa keessatti hirmaachisuun barbaachisaa akka ta’e qo’annoon kun ni mul’isa.
Kanaaf, dargaggoonni aadaa, duudhaa fi safuu hawaasa kabajuun, malaammaltuummaa irraa of qusachuun, qaama malaammaltummaa raawwate saaxiluu fi ragaa bahuun milkaa’ina qabsoo farra malaammaltummaa tiif kutannoo fi ciminaan gahee isaanii bahachuu qabu.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

17 Jan, 04:29


Hojmaataan ala hojjettoota 16 akka qacaraman kan taasise hidhaa fi mallaqaan akka adabamu itti murtaa’e

Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC)- Himatamaan hariiroo faayidaa uummachuun hojmaataan ala hojjettoonni 16 akka qacaraman kan taasise hidhaa waggaa 14 fi maallaqaan akka adabamu Manni Murtii Olaanaa Godina Shawaa Lixaa itti murteesse.

Himatamaan himanni irratti dhiyaate bara 2015 Itti Gaafatamaa Qajeelcha Misoomaa Qabeenya Namaa Godina Shawaa Lixaa ta’uun wayita hojjechaa turanitti, hojjettoota buufataalee fayyaa garaagaraatti ramadamaniif beeksisa qacarrii ba’eef ulaagaa jedhame kan guutan osoo jiranuu, wahillaan isa biroo sadi waliin qindoomuu fi aangoo isaa seeraan ala fayyadamuun hojjettoota 16 isaan hin ilaallannee fi ulaagaa hinguunne akka qacaramanii fi ramadaman taasisuun, kaffaltiin miindaa Birrii kuma 700 fi kuma 32 fi 823 akka raawwatamuu fi mootummaarra miidhaan akka ga’u taasiseera jedhamuun himanni dachaa irratti dhiyaatee turuun ibsameera.

Manni murtichaas himatamaan hidhaa cimaa waggaa 14 fi Birrii kuma 10’n akka adabamu itti murteesseera.

Dabalataan himatamaan kanaan dura dirqama mirga wabii Birrii kuma 25 eeyyamameef utuu hinkabajiin, mana murtiitti waan hindhiyaanneef dabalataan Birrii kuma 200 fi kuma 80’n akka adabamu itti murteesseera.

Kana malees qacarriin hojjettootaa 16 akka dhorkamuu taasifamuun, waahillaan himatamaa waliin qindoomuun qacarrichi akka raawwatamu kanneen taasisanirratti himanni banamuun beekameera.

Maddi:FBC

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

15 Jan, 03:22


Mil'uu Qorannoo Dokumantarii Filmii Walta'insa KNFMNO fi OBN iin Qophaa'e
Komii Pirojeektii Bishaan Dhugaatii Maraaroo Sirboo Ijaarsii Eegalee Waggoota 13 Oliif Sirnaan Xumuramee Tajaajila Hin Kennine

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

09 Jan, 13:50


Labsiin qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuu fi gaafatama seeraa hordofsiisu ragga’e

Finfinnee, Amajjii 1, 2017 (FMC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’ii idilee 14ffaa har’a gaggeesseen labsii qabeenya seeraan ala horatame deebisiisuu fi gaafatama seeraa hordofsiisu raggaasiseera.

Wixineen labsichaa qabeenya mootummaa fi ummataa deebisiisuuf hanqina seeraa ture kan guutu ta’uun ibsameera.

Lammiileen hojjetanii qabeenya akka horatan kan jajjabeessu, kanneen yakkaan qabeenya horatan gaafatamtoota kan taasisu, guddina biyyaa kan saffisiisuu akka ta’e himameera.

Qabeenya namni dhuunfaa seeraan alaa fi malaammaltummaan horate kan deebisiisu ta’uun, raawwii isaarratti eeggannoo taasisuu fi qaamolee raawwachiistotaa cimsuun akka barbaachisuu fi mirgi qabeenya horachuu lammiilee akka hinsarbamne sirnaan ilaalamuu akka qabu ibsameera.

Walitti Qabduun Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa Itsagannat Mangistuun, labsichi mirga qabeenyaa horachuu fi dhaaluu heeraan ragga’ee jiru kan faallessu hinhammatamne jedhan.

Qabsoon farra malaammaltummaa akka cimu kan taasisu, qabeenya biyyaa saamamee fi seeran ala horatame deebisiisuu fi seeraa alummaa kan dhaabsisu akka ta’e akeekaniiru.

Labsichis sagalee mormii sadii fi kan sagalee hinkennine afuriin, sagalee caalmaan ragga’uu FBC iin gabaaseera.

Maddi:FBC

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

09 Jan, 04:24


Namni Dhuunfaan Barnoota Sobaan Qaxaramee Hojii Gaggeessaa Ta'ee Hojjetaa Ture Adabame.

Finfinnee, Mudde 30, 2017 (FMC)

Namni dhuunfaan digirii sobaan qaxaramee hojii gaggeessaa olaanaa ta'ee hojjetaa ture yakka malaammaltummaan himatamuun hidhaa fi maallaqaan adabamuun ibsame.

Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataatti Dhaddachi Ramaddii 1ffaa Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa shakkamicha adabuu ibsameera.

Shakkamaan kun beeksisa hojii Waldaan Aksiyoonii Daldala Hoteelootaa fi Shaqaxalee Waliigalaa Addis Faanaan Sadaasa 6, 2012 baaserratti Bara 2001 Yuunivarsiitii Koollejjii Alfaarraa gosa barnootaa Ikoonoomiksiin Digirii jalqabaan akka eebbifameetti sanada sobaa dhaabbatichaaf dhiyeessun galmaa'uu ibsameera.

Amajjii 18, 2016 eegalee hojii gaggeessaa hojii Daldalaa ta'uun hojjeteera.

Ebla 28,2014 eegalee hanga Ebla 29, 2015tti hojii gaggeessaa olaanaa dhaabbatichaa ta'uun tajaajileera.

Hojii gaggeessaa dhaabbatichaa ta'uun hojjechaa kaffaltiin mindaa fi faayidaan waliigalaa Birri kuma 700 fi kuma 15 fi 190 akka kaffalamuuf taasisuu isaan yakka gowwoomsuu cimaan himatameera.

Manni murtichaas ragaa dhiyaate erga qoratee booda shakkamaan yakkamaa ta'uu itti murteessera.

Haaluma kanaan yaada murtee adabbii salphisan bitaa fi mirgaa dhiyaate tilmaama keessa galchuun hidhaa cimaa waggaa 5 fi Maallaqa Birrii kuma 100 fi kuma 10 akka adabamu itti murteessera.

Maddi:FBC

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

06 Jan, 19:05


Komishiniin Naamusaa Fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Maraan Baga Ayyaana Yaadannoo Guyyaa Dhaloota Yesuus Kiristoosi Kan Bara 2017 Geessan Jechaa,Ayyaanichi Kan Gammachuu,Jaalalaafi Tokkummaa Akka Isiniif Ta’u Hawwa!!
Ayyaana Gaarii!!

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

04 Jan, 12:15


Hojjattoonni KNFMNO dameelee dabalatee hojii tola ooltummaatiin maatii harka qalleeyyiif mana jireenyaa kutaa ciisichaa 2, saaloonii 1, kushiinaa 1 fi mana fincaanii 1 qabu ijaarsisuun akkasumas meeshaa mana keessaafi hoolota 4 bituun jireenya isaanii akka fooyyeffatan gumaachaniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

03 Jan, 15:22


https://youtu.be/_-Afydb200M

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

28 Dec, 20:28


Dokumantarii fiilmiin rakkoolee pirojektii bishaan dhugaatii irratti xiyyeeffachuun walta'insa KNFMNO fi OBN iin qophaa'e Kibxata galgala (22/04/2017),sa'aatii 3:00 irraa kaasee gama OBN iin qilleensarra oola waan ta'eef hordofaa.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

28 Dec, 20:14


(KNFMNO,Muddee 19/2017,Shaashamannee)

Hooggantoonnii fi Ogeessonni Biirolee Oromiyaa Leenjii Komishiiniin
Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaashamanneetti Kenna Jiru iIratti Hirmaachaa Jiran Daawwannaa Pirojektota Misoomaa Taasisan.

Leenjitoonni daawwannaa taasisan hooggantootaa fi ogeessota biirolee Oromiyaa dhimma ijaarsaa fi to'annoo pirojektiwwan misoomaa naannichaa keessatti gahee olaanaa qabanidha. Sagantaan daawwannaa Komishinara KNFMNO,kabaj.obbo Abdallaa Ogateetiiin dursame kun hojiilee piroojektiii garaa garaa bulchiinsa magaalaa Shaashamanneettiin hojjetamaa jiran daawwatee jira.

Haaluma kanaan, hojiiwwan ijaarsaa pirojeektii manneen barnootaa, daandiwwanii,hojii misoomaa kooridariifi kkf leenjitoota kanneeniin daawwatamee jira.

Komishinarri KNFMNO kabaj obbo Abdallaa Ogatee sagantaa daawwannaa kana irratti yaada kennaniin adeemsi hojii pirojektiii caalbaasii irraa hanga pirotektichi xumuramee wal harkaa fuudhinsi raawwatamutti rakkoolee malaammaltummaafi hojimaata badaadhaaf saaxilamaadha. Kana ammoo hooggantoonnii fi,ogeessonni hojiiiwwan pirojektii abbummaan raawwataniifi raawwachiisani akkasumas kontiraaktaroinni,gorsitoonniifi to'attoonni pirojektiwwanii karaa safuufi safeeffannaa hawasichaa eeggateen hojii isaanii raawwachuun pirojeektiwwan qulqullina qaban raawwachuun hawaasa isaanii fayyadamoo taasisuuf cimanii hojjechuu qabu' jedhaniiru..Daawwannaa dirree boodas ciminaalee fi hanqinaalee hojiiwwan pirojeektii magaalicha keessatti gaggeeffamaa jiraniin wal qabatii mul'atan irraatti mariin bala'aan taasisamee jira.

Leenjicharrattis biirolee Oromiyaa jaha hormaacha kan jiran yoo ta'u guyyaa boruu ni xumurama.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

24 Dec, 14:18


https://youtu.be/GzdPVbKNjYI?si=eV0Mxxe-lj0Y_Hxq

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

24 Dec, 12:12


Malaammaltummmaan Yaaddoo Nageenyafi tasgabbiiti jedhame.

Muddee 15/2017(BBNO):- Malaammaltummaan yaaddoo nageenyaafi tasgabbii hawaasati jedhan Ogeessi Komishiinii Naamusaafi Farra malaammaltummaa Oromiyaa Obbo Tafarraa Faxxanaa.
Leenjii hubannoo uumuu dhimmi malaammaltummaafi naamusa gaarii irratti hojjattoota Biiroo Bulchiinsaafi Nageenya Oromiyaatiif kennamerratti Obbo Tafarraan akka ibsanitti Malaammaltummaan qajeeltoowwaniifi duudhaaleen bulchiinsa gaarii akka hojiirra hin oolle taasisuudhaan sirna jijjiiruufi biyya diiguu danda’a jedhan.
Ogeessa leenjii naamusaafi farra Malaammaltummaa Komishiinichaa kan ta’an Obbo Katamaa Abaataa gama isaanitiin rakkoon Malaammaltummaan biyyaafi dhaloota irraan gahuu danda’u dam-daneessa waan ta’eef qaamoleen hundiifi manneen hojii sadarkaan jiran tarsiimoo ittisa yakka malaammaltummaa cimaa ta’e qopheessuufi hojiirra oolchudhaan yakkicha ittisuu qabu jedhan.
Hirmaattotni leenjichaa hubannoo gaarii argachuu isaaniifi yakka malaammaltummaa damee nageenyaa keessatti raawwatamu irratti qabsaa’uufi ittisuudhaaf gahee isaanii bahuuf qophii ta’uu dubbataniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

24 Dec, 10:08


(KNFMNO,Muddee 15/2017,Finfinnee)
Hojjettoonni Komishinii Naamusaafi Farra Malaammantummaa Naannoo Oromiyaa Guyyaa Daa'iimman Addunyaa Kabajan.
Guyyaan daa’imman addunyaa bara kana akka addunyaatti yeroo 35ffaadhaaf akka biyyaa keenyaatti yeroo 19ffaadhaaf dhaadannoo ‘’Daa’imman Yaada Qabu, Haa Dhaggeeffannu’’ jedhuun kabajama.
Guyyaan kun daa’imman abdii biyyaa ta’an safuu,aadaa, duudhaafi naamusa gaariin ijaaruun mirgoota isaanii hundaa eeguufi kunuunsanii guddisuun dhaloota biyya jaalatu uumuu keessatti hundinuu gahee isaa akka bahatu hubannoo cimsuu irratti xiyyeeffatee kabajama.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

03 Dec, 11:12


KNFMNO - Sadaasa 24,2017

Naamusa Gaarii Dagaagsuun, Dhaloota Malaammaltummaa
Hadheeffatu Horachudha!

Guddina waliigalaa biyya tokkoo keessatti humni nama baratee gahee ol'aanaa qaba. Humna kana oomishanii baasuu keessatti ammoo gaheen manneen barnootaa ol'aanaadha. Barattoonni beekumsaa fi teeknooloojii qofaan osoo hin taane; naamusa gaariin, safuu fi duudhaalee hawaasaa kabajuun akka guddatan gochuu keessatti gumaacha guddaa qabu.
Kana dhugoomsuuf ammoo hubannoo barttootaa yeroo yeroon guddisaa deemuun murteessaa ta'a. Kana keessaa tokkoo guyyaa konveenshinii qabsoo farra malaammaltummaa addunyaa itti ragga'e yaadachuuf waggaa waggaan qophaa’u sababeeffachuun dorgommii gaaffii fi deebii barttootaa gaggeeffamaa tureera.
Bara kanas barattoonni hubannoo naamusa, aadaa, safuu fi qabsoo farra malaammaltummaa irratti qaban akka cimsatanii fi malaammaltummaa fi hojimaata badaa hadheeffatanii balaaleeffataniif dorgommiin kun manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, sadarkaa 2ffaa, koolleejjotaa fi kutaa magaalotaa keessatti gaggeeffameera.
Guyyaa har’aas, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti barreeffamni guyyaa farra malaammaltummaa adduynaa dhiyaatee erga irratti mari’atamee booda, barattoota sadarkaa 2ffaa kutaa magaalotaatti dorgomanii tokkooffaa bahaan jidduutti dorgommiin gaaffii fi deebiin bifa hoo'aa ta'een taasifamee jira.
Barattoota tokkoo hanga sadii bahaniif badhaasni kanneen hirmaataniif beekamtiin kan kenname yoo ta’u, kanneen tokkooffaa bahan ammoo dorgommii xumuraa mo'ataa mo'attootaa sadarkaa Naannoo Ormiyaatti gaggeeffamuuf darbaniiru.
Bifuma walfakkatuun dorgommiin gaaffii deebii barattoota kun sadarkaa Dameelee Komishinichaatti Magaalota; Adaamaa, Shaashamannee, Jimmaa, Ciroo, Naqamtee, Asallaa, Bulee Horaa, Amboo fi Gimbiitti gaggeeffama ooleera.
Sagantaan kunis guyyaa Farra Malaammaltummaa akka addunyaatti yeroo 21ffaaf, akka biyaatti yeroo 20ffaaf, akka Naannoo Oromiyaatti ammoo yeroo 19ffaaf dhaadannoo “Dhaloota safuu fi naamusaa gaariin ijaaruun, Badhaadhina hunda galeessaaf” jedhuun yaadatamu sababeeffachuun qophaa’ee dha.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

20 Nov, 20:30


(KMNFMNO,Sadaasa11/2017,Finfinnee)
Karooraa fi Kallattii Qophii Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa Bara Kanaa irratti Caasaalee Deeggarsaa fi Horddoffii Dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Waliin Mariin Gaggeeffame.
Waltajjii marichaa haasaan kan banan Komishinarri I/A/ KNFMNO fi walitti qabduun koree ayyaanichaa adde Abbaayinash Tafarraa, (9,December 2003) guyyaa biyyoonni miseensa mootummoota gamtoomanii(UN) qindoominaan malaammaltuummaa waloodhaan ittisuufi olaantummaa seeraa mirkaneessuuf waliin hojjechuuf waliigaltee qabsoo farra malaammaltummaa walii mallatteessuun guyyichis guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa ta’ee bara baraan akka kabajamu murteessanidha. Biyyi keenyas waliigaltee qabsoo farra malaammaltummaa kana akka seera biyyattiitti raggaasisuun Sadaasa 30 (December 9) guyyaa farra malaammaltummaa addunyaa akka naannootti waggaa waggaan kabajaa jirti.

Bu’uuruma kanaan, guyyichi bara kana sadarkaa addunyaatti 21ffaaf, akka biyyaatti yeroo 20ffaa fi akka naannoo keenyaatti yeroo 19ffaaf dhaadannoo “Dhaloota Safuu fi Naamusa Gaariin Ijaaruun,Badhaadhina Hunda Galeessaf” jedhuun ni yaadatama jedhaniiru.

Kaayyoon guyyichi yaadatamee akka ooluuf barbaachisne inni ijoon hawwaasni miidhaa malaammaltummaafi hojimaata badaa sirritti akka hubatee qabsoo farra malaammaltummaa gaggeeffamaa jiru keessatti dammaqinaan hirmaachuun gahee isa irraa eeggamu akka bahatu taasisuudha jedhaniiru.

Malaammaltummaa ittisuuf hirmaannaa fi qindoomina hubannoo gahaa irratti hundaa’een bifa wal-irraa hincinneen gaggeessuuf; qaamolee qabsicha keessatti gumaacha olaanaa qaban adda baasuun ijaaruun, dadammaqsuunii fi qindeessuun qabsicha haala tarsiima’aa ta’een milkeessuun barbaachisaa dhas jedhaniiru adde Abbaayinash.

Haaluma kanaan, karooraa fi kallattii qophii Guyyaa Farra Malaammaltummaa Addunyaa I/G/Deeskii HRNFM , obbo Taffarraa Tasfaayeetiin caasaalee deeggarsaa fi horddoffii dhimmoota naamusaa fi farra malaammaltummaa MHM, DhMM sadarkaa naannoo irraa dhufaniif dhiyaate mariin bal’aa irratti gaggeeffamee jira. Ogeessonni kunneenis karooraa fi kallatti komishinchaan kennameef kana caasaalee isaanii sadarkaa naannoo hanga gandaatti jiraniif akka gadi buusuu qaban kallattiin kennamee jira. Haala karoorichaan guyyichi bara kana MHM, DhMM. JU sadrkaa naannoo, dhaabbilee barnootaa fi leenjii, godinaalee, magaaloota, aanooleefi gandoota hundumaa keessatti haala hirmaannaa hawaasaa mirkaneesseen qophiilee garaa garaatiin bifa ho’aa ta’een ni kabajama.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

19 Nov, 06:26


Safuu Keenya Cimsuun Malaammaltummaa Haa Ittisnu !!
Aadaan calaqqee jiruufi jireenya saba tokkooti. Oromoon uummata aadaa, duudhaa, seenaafi ooltee bultee gabbataa qabuudha. Keessumaa aadaafi falasaama uummata kanaa gadi fageenyaan yoo ilaalan barnootaaafi iccitii jireenyaa lakkaa’amee hin dhumne, kanneen qaroominaaf raacitii ta’anii tajaajilaa jiran hedduudha.
Safuun seera uumaa jalqaba ture, gara fuulduraattis kan jiraatuudha. Safuun seera hariiroo dhala namaa gidduu jiru, hariiroo dhala namaafi uumama gidduu jiruufi hariiroo waa hundaa, fedhiifi seera Waaqaa eeguudha. Kanaaf, safuun seera yayyabaa walitti dhufeenya uumaafi uumamaa qajeelchu, sirneeffamaafi naqatoo uumamaa tiksuu to’atuudha.
Safuu eeguun dirqama jireenyaati. Safuun hintumamu, ni eegama, nikabajama. Safuun waan baay’ee of keessaa qaba. Safuu cabsuu jechuun cubbuu hojjechuudha. Cubbuu hojjachuun ammoo, nagaa namootaa ykn hawaasaa booressuudha. Safuun mirgaafi dirqama uummanni ittiin waliin jiraatuudha. Safuun seera Waaqaafi lafaati.
Safuu Oromoo keessatti inni ijoon tokko kan namni biraan itti dadhabe, jechuunis dafqa namaa nyaachuun gonkumaa dhorkaadha.Oromon hattuu hin jaalatu. Hattuudhaaf garaas hin laafu.Ni gorsa. Yoo gocha isaa irraa deebi’uu dide ammoo adabbii qoqqoobbii garaagaraa irra kaa’uufi dhaanuu irraa hanga murtii adabbii du’aatti itti kenna. Kanaafuu, Oromoon waan namaa hatuun haa turuutii kan lafatti bu’ee argame illee lafaa fuudhee bakka mul’atutti fannisee darba.Namni waa jalaa bade sunis deebi’ee barbaadee argata.
Garuu yeroo ammaa safuun kun sharafamaa dhufurraan kan ka’e gochi hannaa babal’achaa dhufee jira.Karaa qaxxaamuraan badhaadhina hin malle argachuuf jecha gochi hannaa( malaammaltummaa) raawwatama.Gochi hannaa(malaammaltummaa) qabeenyi mootummaafi uummataa harka namoota muraasaatti akka galu taasisuun guddina biyyaa miidha.Misoomni akka hin babal’anne taasisuun biyyi hiyyummaa keessa akka turtu godha.Nageenya biyyaa jeequun tasgabbii dhorka.
Kana ittisuuf ammoo meeshaan inni guddaan harka tokko tokkoo keenyaa jira. Innis:
• Ijoollee keenya safuu,aadaa fi duudhaa Oromoo afaaniin itti himuu qofa osoo hin taane ofii fakkeenya ta’uun gochaan itti mul’isnee barsiisaa naamusa gaariin bocaa guddisuu,
• Qabeenyi mootummaa fi uummataa malaammatummaa fi qisaasmaaf akka hin saaxilamne eeguufi kunuunsuu,
• Ofii keenyaa gocha kana irraa bilisa ta’uun fakkeenyummaa olaanaan tajaajila uummannii fi biyyi nurraa eegan kennuu fi
• Sodaa tokko malee malaammaltoota irratti qabsaa’uuf gocha isaanii saaxiluudha.
Kanaafuu,hundi keenya gahee nurraa eegamu bahachuun yakka hannaa (malaammaltummaa ) ittisuun biyya malaammaltummaa irraa bilisa taate dhaloota dhufuu haa dhaalchisnuun dhaamsa keenya.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

18 Nov, 14:48


(KNFMNO, Sadaasa 09/2017, Finfinnee)

Biiroon Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa hojii riifoormii kurmaama 1ffaa Komishinii Naamusaafi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa gamaaggameera.

Gareen Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa irraa dhufan miseensa maanaajimantii fi dursitoota garee Koomishinichaa walitti qabuun hojiin riifoormii Komishinichaa maal irra akka jiru ilaaluun marii balaa taasisaniiru.

Buuuruma kanaan, uunkaawwan garagaraa hojii riifoormiitiin walqabatan akkaataa hojimaataatiin ittiin hojjatamuu fi hojjatamuu dhabuu isaa dookmantiiwwan jiran irraa garichaan ilaalameera.

Dhuma irratti bakka hubannoon barbaachisuttis mariin bal'aanirratti kan taasifame yoo ta'u, gareen BPSMQN irraa dhufan ciminni baayeen jiraachuu isaa kaasuun qaawwaa muraasa muul'ate fuuladuratti fooyyeeffachuun barbaachisaa akka tae dubbataniiru. Gareewwan Komishinii irraa maricha irratti argamanis hanqinalee mul'atan ofitti fudhachuun yeroo itti aanutti sirrffachuuf qophii ta`uu isaanii kaasaniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:40


Sadaasa 4, 2017
Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee
=====================
Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Waajjira Damee Giddu Galeessa Lixaatti Leenjiin TOT Sekteroota Godinaa Wallagga Bahaa, Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee fi Aanaalee Godina Wallagga Bahaa hirmaachise mata dureewwan adda addaa (Adeemsa Hoggansa Kenna Leenjii, Malaammaltummaa Ittisuu keessatti Gahee Safuun oromoo Qabu, Haala Gurmaa'insa kaawunsilii ittisa yakka malaammatumaa fi Qo'annoo Hojimaata idilee fi ariifachiisaa akkuma kanas sirna QBG irratti kennamaa ture xumuramee jira.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:39


https://www.facebook.com/100027618755410/posts/pfbid0vG96DP98Lauk1jBziQJ6LZTTojuHAFwhNyt48mxbSPVqJN1ucabqRG7zL8SyfS7Al/?app=fbl

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:39


https://www.facebook.com/100069358400907/posts/878616184460320/?mibextid=rS40aB7S9Ucbxw6v

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

13 Nov, 18:36


Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee Kibba Lixaa Leenjii Kennu Jalqabe.
***
Aggaaroo,Sadaasa 4,2017
Komishiinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa Damee kibba lixaa Leenjii Leenjistotaa (TOT) Dursitoota Garee fi Ogeessota Hordoffii dhimmoota Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa qondaaltota naamusaa haaraa fi buleeyyii sadarkaa Godinaalee,Magaalaa fi Aanolee ( Jimmaa, I/A/Boor, Bu/Beddellee fi Magaalota :Jimmmaa, Aggaaroo fi Mattuu irraa dhufaniif laatamuu eegaleera.

Leenjiin kun guyyoota lamaaf kan turu yemmuu ta'u
Mata dureen leenjii kanaa
#Tarsiimoo_Qinda'aa_Ittisa_Yakka_Malaammaltummaa
#Qo'annoo Hojimaataa_fi_Qo'annoo_ariifachiisaa_Ittisa_Yakka_Malaammaltummaa
#Mosaajii_Haaromeen_Sirna_Qabeenya_Galmeessuu
#Adeemsa_fi_Hojimaata_Hoggansa_Leenjii
#Aangoo_fi_Gahee_Qondaaltota_Naamusaa irratti kan kennamuu dha.

Bu'aan naamusa gaarii beekuu fi dagaagsuun miidhaa Malaammaltummaas hubachuun hunduu gahee isaa  bahachuu qaama qabsoo ta'uu akka qabu barbaachisaa fi murteessaa dha.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

12 Nov, 19:59


Amanamummaan Maali?

Yaadni rimee amanamummaa jedhu ofiif, ogummaaf, hojiif, hiriyaaf, uummataaf, biyyaaf kkf waadaa seenan eeguu irra darbee hanga wareegama kaffaluutti kan fulla’udha.

Hooggantoonnii fi hojjettoonni amanamoon ergama dhaabbata(waajjira) isaanii galmaan ga’uuf, haalota kam keessattiyyuu, amanamummaan hojjechuufi kutannoo qabaachuu qabu.

Ibsituuwwan Amanamummaa:

• Ogummaaf amanamuu,
• Seeraa fi qajeelfamaan hoogganamuu,
•Yeroo kamiyyuu dhaabbataaf, maamilaaf, miiltoowwaniif amanamuu fi ajajamuu,
• Iccitii dhaabbataa, hojjattootaa fi maamilaa eeguu,
• Safuu fi aadaa hawaasaa kabajuu,
• Qabeenya dhaabbataa sirnaan itti fayyadamuu fi sa’aatii hojii kabajuu,
• Dhaabbata(waajjira) tokko keessatti namoonni ykn gareen wayita qabeenya mootummaa irratti hanna(malaammatummaa) raawwatan battalumatti saaxiluu ta’a.
Kanaafuu,amanamuun carraa guddaa waan ta’eef, haala kam keessattuu wayita itti gaafatamummaan nutti kennamu,malaammaltummaa irraa bilisa taanee amanamummaadhaan hojjechuutu nurraa eegama.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

01 Nov, 12:40


በሀሰተኛ ቼክና ፊርማ ከንግድ ባንክ 89 ሚሊየን ብር ሊያወጣ ሲል ተይዟል የተባለው ግለሰብ ላይ ክስ ተመሰረተ

****

(የፌ.ሥ.ፀ.ሙ.ኮ ጥቅምት 20/2017 ዓ.ም አዲስ አበባ) ተመሳስሎ በተሰራ ሀሰተኛ ቼክና ፊርማ ከኢትዮጵያ ንግድ ባንክ 89 ሚሊየን ብር ሊያወጣ ሲል በባንኩ ሰራተኞች ማጣሪያ በክትትል ተይዟል የተባለው ግለሰብ ላይ ክስ ተመስርቷል፡፡

ክሱ የተመሰረተው በፌደራል ከፍተኛ ፍርድ ቤት ድሬደዋ ምድብ ወንጀል ችሎት ነው።

በፍትሕ ሚኒስቴር ድሬደዋ ቅርጫፍ ጽ/ቤት የፌደራል ዐቃቤ ሕግ በተከሳሹ ላይ የሙስና ወንጀሎችን ለመደንገግ የወጣውን አዋጅ ቁጥር 881/2007 አንቀጽ 23 ስር የተመለከተውን ድንጋጌ መተላለፍ የሚል ክስ አቅርቦበታል።

ይህ ክስ የቀረበበት ተከሳሽ የአዲስ አበባ ከተማ የጉለሌ ክፍለ ከተማ ወረዳ 10 ነዋሪ ነው የተባለው ሐጂ ረሺድ ሺፋ ሠዒድ ይባላል።

ዐቃቤ ሕግ በተከሳሹ ላይ ባቀረበው ክስ ላይ እንደተመላከተው ተከሳሽ የሌላውን ሰው መብት ወይም ጥቅም ለመጉዳት፣ ለራሱ ወይም ለሌላ ሰው ተገቢ ያልሆነ ጥቅም ለማግኘት ወይም ለማስገኝት በማሰብ ሚያዝያ 11 ቀን 2016 ዓ.ም ከቀኑ 8፡30 ገደማ በድሬዳዋ ከተማ ቀበሌ 6 በሚገኘው በንግድ ባንክ ፈረስ መጋላ ቅርንጫፍ በመቅረብ ከአየር ጤና ቅርንጫፍ የሂሳብ ቁጥር የተጠቀሰበት ለገብረግዚ ጸሀዬ እና ሰለሞን ገብሬ በሚል ተመሳስሎ በተሰራ እና በተፈረመ የቼክ ለክፍያ ይዞ መቅረቡ በክሱ ተመላክቷል።

ተከሳሹ በአንደኛው ቼክ ላይ 45 ሚሊየን ብር እንዲሁም በሌላኛው በቼክ ቁጥር ደግሞ 44 ሚሊየን ብር በጥሬ ገንዘብ ለክፍያ የታዘዘ በማስመሰል በድምሩ 89 ሚሊየን ብር የሚያወጡ ቼኮችን ይዞ በባንኩ በመቅረብ ክፍያ እንዲፈጸምለት መጠየቁም ተጠቅሷል፡፡

የባንኩ ሰራተኞች የቼኩን ትክክለኛነት በማጣራት ላይ እያሉ ወጥቶ የተሰወረ ሲሆን፥ በተደረገ ጥብቅ ክትትል በመስከረም 10 ቀን 2017 ዓ.ም አዲስ አበባ ከተማ በቁጥጥር ስር የዋለ መሆኑ ተጠቅሶ መንግስታዊ ወይም ህዝባዊ ድርጅት ሠነዶችን አስመስሎ ማዘጋጀት፣ ወደ ሀሰት መለወጥ ወይም በሀሰተኛ ሰነድ መገልገል ከባድ ሙስና ወንጀል ተከሷል፡፡

ዐቃቤ ሕግ በክስ ዝርዝሩ ላይ የ3 የሰው ምስክሮችና በባንኩ ቀርቧል የተባሉ ቼክና ለክፍያ ተሞልተዋል የተባሉ ፎርሞችን በሰነድ ማስረጃነት አያይዞ አቅርቧል።

ተከሳሹ የክስ ዝርዝሩ ከደረሰው በኋላ ክሱ እንዲሻሻልለት የመጀመሪያ ደረጃ የክስ መቃወሚያ በጽሑፍ ማቅርቡን ኤፍቢሲ ዘግቧል።

ፍርድ ቤቱም ተከሳሹ ያቀረበውን የክስ መቃወሚያና የዐቃቤ ሕግ መልስ መርምሮ ብይን ለመስጠት ለጥቅምት 26 ቀን 2017 ዓ.ም ተለዋጭ ቀጠሮ ሰጥቷል።

Madda: KNFMF

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

29 Oct, 10:59


Hojii Mootummaa Karaa Hin Malleen Gaggeessuun Yakka Malaammaltummaati!
=========================
Gochoonni yakka malaammaltummaatiin nama gaafachiisan matta’aa fudhachuu fi kennuu, qabeenya mootummaa qisaasuu qofa fakkaachuu danda’a. Haa ta’u malee, gochaawwan malaammaltummaa kan hin fakkaanne garuu yakka malaammaltummaa ta’an hedduutu jira.

Akka seera yakkaa Itoophiyaa bara 1996 tumamee fi labsii lakk. 881/2007 kew. 13 tiin hojii mootummaa, dhaabbilee misooma mootummaa fi jaarmiyaalee uummataa karaa hin malleen qajeelchuu ykn gaggessuu ykn raawwachuun yakka malaammaltummaa tiin kan nama gaafachiisu ta’uusaa ibsameera.

Yakki kun raawwatame kan jedhamu, gaggeessaa fi hojjataan mana hojii kamiiyyuu bu’aa hin malle ofii argachuuf ykn nama biraa argamsisuuf yaaduudhaan aangoo fi itti gaafatamummaa itti kenname seeraan ala fayyadamuun hojiilee bittaa, gurgurtaa, dhiyeessii, daldalaafi waliigaltee hojii kamiyyuu kan raawwate yoo ta’ee fi kkf dha.

Kana malees, akkaataa aangoo fi itti gaagatamummaa isaatti wantoota akka eegu ykn ittisu amaanaan itti kennaman, eeguu dhiisuun karaa kamiinuu mootummaafi uummatarra miidhaa yoo dhaqqabsiise yakka kanaan kan gaafachiisu ta’a.

Gama biraatiin, dhaabbilee qabeenyummaan isaanii kan isaa ykn kan firasaa ta’e waliin waliigaltee daldalaa ykn kan biraa raawwachuun bittaa fi gurgurtaa yoo raawwatee fi yakkoota kanaa olitti ibsaman kanniin yoo raawwate, hidhaa cimaa waggaa 7 hanga 15 fi qarshii kuma kudhanii gadi hin taanee fi kuma dhibba lamaa hin caalleen ni adabama.

Kanaafuu, hojjattoonni maanneen hojii kamiyyuu hojii karaa hin malleen qajeelchuun ykn gaggessuun ykn raawwachuun yakka malaammaltummaa miidhaa guddaa mootummaa fi uummatarraan geessisuu fi kan itti nama gaafachiisu ta’uusaa beekuun irraa of qusachuun, qabsoo farra malaammaltummaa keessatti gahee keenya haa bahannuun dhaamsa Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaatti.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

22 Oct, 12:47


Safuun Bu’uura Ittisa Yakka Malaammaltummaati
=========================
Malaamaltummaan ol’aantummaa seeraa, bulchiinsa gaarii, dimookiraasii, mirgoota namoomaa, guddina dinagdee fi tasgabbii biyyaatiif danqaa hamaadha.

Ka’umsa gocha kanaa ilaachisee hayyoonni yaada garaa garaa kennaniiru. Kanniin keessaa tokko kan tae, ka’umsi malaammaltummaa inni ijoon dhaloota aadaa, duudhaafi safuu hawaasichaa barsiisaa guddisuun dagatamaa deemuurraan kan ka’e mucucni naamsaa mudachuusaati. Lammiin aadaa fi safuu hawaasa isaa beekuufi kabaju naamusa qaba. Maatii,hawaasaa fi biyya isa guddisan deebisee saamee rakkoolee wal xaxaadhaaf akka saaxilamtu hin taasisu. Dhaloonni naamusaan bocamee guddate egeree biyya isaatiif yaada, amanamaa dha, seera kabajee akka kabajamus taasisa. Hojimaata eegee hojii isaa raawwata. Karaa dhugaa qabatee duudhaa fi safuu saba isaa eeguun hanna irraa fagaatee haqaan hojjeta.

Faallaa kanaatiin, kan safuu hawaasaa hin beekne ykn dagate, sabaa fi biyya isaatiif hin yaadu. Qaawwaa argate hundatti fayyadamuun qabeenya mootummaafi uummataa saammatee karaa qaxxaamuraan duroomuu irratti xiyyeeffata. Kun ammoo miidhaa wal xaxaa ta’an hedduu hawaasa bal
aa fi biyya irraan geessisa.

Kanaafuu, hundi keenya safuun bu’uura ittisa yakka malaammaltummaa ta’uu isaa hubannee ijoollee keenya safuu fi aadaa keenya barsiisaa guddisuun dhaloota biyyaaf yaaduu fi malaammaltummaafi hojimaata badaa hadheeffatee balaaleffatu haa horannu jenna. Akkasumas hojjettoonniifi hooggantoonni sadarkaa garaa garaa irra jirru malaammaltummaa irraa bilisa taanee haqaa fi amanamummaadhaan hawaasa keenya tajaajiluun jaalala biyyaaf qabnu haa mirkaneessinuun dhaamsa Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaati.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

17 Oct, 19:14


(KNFMNO,Onkoloolessa, 07/2017,Finfinnee)
Leenjiin Ijaarsa Dandeetti Guyyoota Lamaaf Mata Dureelee Garaa Garaa Irratti Hojjettootaaf Kennamaa Ture Xumurame.
Leenjichi Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaatiin(KNFMNO) Qophaa’ee , Biiroon Pablik Sarviisii fi Mimsooma Qabeenya Namaa Oromiyaa (BPSMQN) mata dureelee ''mosaajii karooraafi gabaasa raawwii hojii hojjetaa fi kenna tajaajila mootummaa akkasumas qophii istaandaardii kenna tajaajilaa'' jedhu irraatti guyyoota lamaaf hojjettoota Komishinichaatiif kennee jira.
BPSMQN dhufuun hojjettoota Komishinichaatiif leenjicha kan kennan Obbo Kabbadaa Mulugeetaa,mootumaan kenna tajaajilaa fooyyessuudhaaf yeroo garaa garaati riifoormii kenna tajaajilaa jijjijiiraa turee jira.Garuu kenna tajaajilaan wal qabatee rakkooleen gurguddoon ammallee akka mul'achaa jiran qorannoon mirkanaa’ee jira. BPSMQN kanaaf furmaata kan ta’an kenna tajaajilaa tekinoolojjiin deeggaraman haaraa uumme hojiirra oolchee jira. Komishiniinis dhimmoota rakkoolee kanaan wal qabatan irratti hojii bal’aa hojjechaa waan jiruuf hubannoo hojjettootaa isaa cimsuun babaachisaa ta'eef waan argameef leenjiin kun qindeessummaa Komishiniin qophaa'ee jira jedhaniiru.
Waltajii leenjichaa haasaan kan goolaban, KNFMNOtti Gag/Ol/Ija/Naam/Ho/Qind/Naam/Farra Malaammaltummaa obbo Jamaal Hajii, tajajilaa ammayya'aa kennuun hojjattoota tekinooloojiidhaan gahoomsuun dhimma yeroon gaafatu waan ta'eef kun cimee itti fufa .Hojjettoonni naannichaa sadarkaa sadarkaan jiran hundis gama isaaniitiin, maamilli kiyyaa jiraachuuf kiyyaaf murteessaa jedhanii amanuun tajaajila maamilli isaan irraa eeggatu karaa haqa qabeessaa fi malaammaltummaa irra bilisa ta’een kennuu qabu jedhaniiru.
Kana irra darbees saba gahaa malee dhimma lafa irra harkisuun abbaa dhimma deddeebisuun bu’uura seera malaammaltummaatiin nama adabiisa jedhaniiru.Komishiniinis gama isaatiin uummanni mirga isaa maallaqa isaatiin akka hin bitane kallattii garaa garaatiin hojii hubannoo uumuu bal’aa hojjechaa tureera. Ammas leenji dandeettii argate kana akkaa hidhannoo guddaatti fayyadamee caalmaatti cimsee itti fufa jedhaniiru.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

16 Oct, 10:02


(KNFMNO,Onkoloolessa, 06/2017,Finfinnee)

Hojjettoonni Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa Leenjii Ijaarsa Dandeettii Fudhachuu Jalqaban

Leenjiin kun mata dureelee ''mosaajii karooraafi gabaasa raawwii hojii hojjetaa fi kenna tajaajila mootummaa akkasumas qophii istaandaardii kenna tajaajilaa'' jedhu irraatti guyyoota lamaaf kennamaa jira.

Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Oromiyaa

15 Oct, 07:48


Malaammaltummaan Gufuu Guddinaati!
=========================
Malaammaltummaan bifa isaa jijjiirratee babal’achaa akka jiru qorannoowwan adda addaa akka addunyaa, biyyaa fi naannoo keenyaatti gaggeeffaman ni mul’isu. Babal’achuun malaammaltummaa kun ammoo hojiiwwan invastimentiis ta’ee misoomaa hojjachuuf gufuu guddaa ta’a.

Malaammaltummaan kallattii hedduun guddinni diinagdee biyyaa akka lafarra harkifatu taasisa. Invastimentii biyya keessaa fi alaarraa galuufis hudhaa guddaadha. Abbootiin qabeenyaa haqaan hojjatanii ofiifis bu’aa argatanii misoomaa fi guddina biyyaaf qooda gumaachuu danda’an qabeenya isaanii biyya akkasii keessatti dhangalaasuu hin barbaadan. Biyya malaammaltummaan keessatti hammaatetti biyyoonni fi dhaabbileen liqii fi deeggarsa kennanis waan amantaa irraa hin qabneef liqiis ta’ee deeggarsa hin kennan.

Yeroo tokko tokko galii mootummaan bifa ashuuraa fi gibiraatiin biyya keessaa argachuu qabu kafaltootaa fi sassaabdoota galii jidduutti waan malaammalamuuf hammi galii karooraa gaditu sassaabama. Kanaan walqabatee daldallii seeraan alaas waan babal’atuuf daldaltoota seera qabeessa ta’an haamilee ajjeesa. Kun ammoo miidhaan guddina hawaas diinagdee biyyattii irraan geessisu baay’ee guddaa dha.

Gama birootiin baajanni mootummaan bittaa meeshaalee ijaarsa bu’uraalee misoomaa fi hojiilee biroof ramadu malaammaltummaan saaamamuun dhimmoota guddina biyyaa si’achisan kanneen gufachiisa. Gareen muraasni qabeenya biyyattii duguugee malaammaltummaan waan dhuunfatuuf, qoodiinsi qabeenya biyyattii qixxummaa akka hin qabaannee fi mirga uummanni bal’aan qabeenya biyya isaa irraa fayyadamuu qabu akka sarbamu taasisa.

Bakka malaammaltummaan babal’atetti qisaasamni qabeenyaa, humna namaa fi yeroo hojii waan baay’atuuf oomishaa fi oomishtummaa sakaaluun gufuu guddina misoomaa ta’a.

Miidhaa malaammaltummaan guddina diinagdee biyyaa irratti qaqqabsiisu bal’aa fi kan qaama hundumaa bira ga’uudha. Kana waan ta’eef, qaamoleen hawaasaa hundumtuu dhimma kanarraa bilisa of gochuun irratti qabsaa’uu fi ittisuun furmaata filmaata biraa hin qabneedha. Kanaafuu, yeroo kamiyyuu caalaa hawaasni keenya milkaa’ina qabsoo farra malaammaltummaa keessatti gahee isaa akka bahatu Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Naannoo Oromiyaa dhaamsa isaa dabarsa.